Professional Documents
Culture Documents
TRINITY
TRINITY
(SILLAASEE)/TRINITY/
Sillaasee jechi jedhu Afaan Oromootti “Sadan-tokkummaa” hiika jedhu laata. Afaan
Ingiliffaan “Trinity kan jedhamu yeroo ta’u kunis ‘Three-in unity’ yookiin sadan
tokkummaan kan jedhu ibsa fooyya’aa ta’e laata. Jechi sadan-tokkummaa (sillaasee) jedhu
Macaafa Qulqulluu keessatti tasumayyuu hin argamu. Haa ta’u iyyuu malee barumsi
yaadicha ibsu ni arganna.
Amantii Kiristiyaanaa irraa kan hafe amantaa addunyaa kana irraa kam iyyuu keessatti “Qaama
Sadii kan Qaban Waaqa Tokko” barumsi jedhu hin argamu. Kunis barumsa isa guddaa
Kiristiyaanummaa amantaalee biroo irraa adda isa godhu dha.
Jechichi yeroo ibsamu Waaqayyo sadii qaama tokko jechuu utuu hin ta’in; Waaqa tokko
qaama sadii jechuudha. Qaamonni sadummaan mul’atan kunis ‘Abbaa’,’Ilma’ fi
‘Hafuura Qulqulluu dha’ (Mat 28:19).
Qaamonni sadanuu amala waaqummaa wal-qixa ta’e qabu. Jechuunis:
Qaamonni sadanuu wal-qixa:-
Bara baraan jiraachuutiin
Uumaa ta’uutiin
Waan hunda beekuutiin (omniscient)
Yeroo /si’a/ tokkotti bakka hundumaatti argamuu (omnipresence) fi kkf dhaan guutummaatti
wal qixxummaa qabu.
Karoora waaqummaa Waaqayyoo hundumaa keessatti tokkoon tokkoon qaama sadanii
hirmaannaa qabu. Akkasumas karoora tokko keessatti tokkoon tokkoon qaamaa ga’ee
mataa isaanii kan ta’e adda addaan qabu. Kana irratti hundaa’uun: Abbaa- Karoora
kan baasu (the planner)
Ilma- Karoorichi kan ittiin galma ga’u (agent)
Hafuura Qulqulluu- Karoorichi gara hojiitti akka dhufuuf humna kan itti godhu (Revealer)
Fkn 1
Abbaa – Biyya lafaa uumuu jaallate
Ilma-Abbaan karaa isaa biyya lafaa uume
Hafuura Qulqulluu – Hojicha raawwachiisaa ture.
Caqasoota (Xiqsoota) Ibr 1:1-2, Qol 1:15-17, Yoh 1:3, Uma 1:2
Fkn 2
Abbaa – Biyya lafaa fayyisuu jaallatee ilma isaa erge.
Ilma – Biyya lafaa fayyisuuf foon uffate.
Hafuura Qulqulluu – Yesuus karaa Hafuura bara baraa ofii isa dhiyeesse. Kutaa Macaafaa
(xiqsoota) Yoh 3:16, Yoh 1:14, Ibr 10:5, Ibr 9:14
Amanaan tokko dursee hubachuu kan inni qabu yoo jiraate “sillaasee” (sadan-tokkummaa)
jechi jedhu maqaa Waaqayyo ittiin waamamu akka hin taanee dha. Sillaasee (sadan-
tokkummaa) jechi jedhu mata duree barumsa waa’ee “Waaqayyo tokko qaamaan sadii” ti
malee maqaa Waaqayyo ittiin beekamu miti. Hiikni jecha sillaasee jedhuus sadan-
tokkummaa jechuu akka ta’e haa beeku (quba haa qabaatu). Namni jecha sillaasee jedhu
yeroo jalqabaatiif itti fayyadame geggeessaa Waldaa Kiristiyaanaa kan ture
“Turturiyaan” ‘Terturian’ (Dh.K.B 160-220) kan jedhamu dha.
Turtuliyaan bara isaa keessa kan ka’an waa’ee dhimma tokkummaa sadanummaa
Waaqayyoo irratti warra bitaa itti galee fi gaaffii warra kaasaniif, keessumaa immoo
Piraagziyaas (Praxeas) waantota ganuu ta’anii fi qaama sadiin kan mul’ate waaqa tokkicha
ta’uu isaa ibsuuf jecha sadan-tokkummaa (trinity) jedhu yeroo jalqabaaf itti fayyadameera.
Barumsi sillaasee gara barumsa hundeetti akka guddatu kan godhe, Waldaa Kiristiyaanaa
yeroo garaa garaatti wal-gahii goote irratti ibsa amantii fi murtoo isheen dabarsaa turte
dha. Yeroo sanatti Waldaan Kiristiyaanaa hundumtuu wal-gahii akka gootuuf wantoota
kakkaasan keessaa dhimmoota bu’uuraa sadiitu jiru.
1. Moonaarkiyaanizim (Monarchianism)
1.1 Of jijjiiruu (modalistic Monarchianism) –Kunis barsiisa waaqni qaama tokko kan qabu
ofii isaa jijjiruun akka qaama sadii ta’ee hojjete malee qaamni sadii hin jiru jedhu dha.
1.2 Ulfeessuudhaan Waaqa gochuu (Adoptionistic Monarchianism)-Yesuus ofii isaatii
Waaqa miti. Garuu Waaqayyo yeroo inni cuuphametti ol ol isa qabee isa ulfeessuu isaatiin
waaqa isa godhe barsiisa jedhu dha.
2. Ariyaanisim (Arianism)
Yesuus gonkumaa amalaan waaqa miti uumama Abbaati malee; Abbaa wajjin jalqabatti hin
turre.
Yeroo sanatti kanneen kanaa olitti tarreeffaman barumsootni keessummaa ta’an
babal’achaa waan dhufaniif, Waldaan Kiristiyaanaa immoo barumsa isa dhugaa
eeggachiisuuf jettee bara 325 Dh.K.B magaalaa Niiqiyaatti wal-gahii walii galaa
godhachuun “Yesuus Kiristoos Abbaa isaa
Wajjin wal-qixa kan ta’ee fi amala waaqummaa qaba jechuun murteessite”.
Akkasumas bara 381 DH.K.B Hafuurri Qulqulluun Waaqa, qaama mataa isaa kan qabu,
amala waaqummaa isaatiin Abbaa fi Ilma waliin wal-qixa akka ta’e murtoo dhageessifte
(dabarsite). Egaa yeroo kanaa kaasee Waldaa Kiristiyaanaatiin barumsi sillaasee
(qaamolee sadii Waaqayyo tokkoo) irratti barumsi ciminaan kennameera.
Namoonni wanta tokko amanuuf (fudhachuuf) karaalee adda addaa fayyadamu. Isaanis:-
Rationalism /sababa barbaaduu/:- ragaalee qabatamoo ta’aniin yookiin sababoota argachuun
amanuu.
Empiricism /yaaliin dhugoomfachuu/:- Fakkeenyaaf qaamota miiraatiin fayyadamuun,
qaqqabachuun, dhandhamuu fi kkf mirkaneessuu.
Faith /amantii/:- Dubbii Waaqayyoo qofti wantoota hafuuraa irratti murtoo gochuuf aboo akka
qabu amanuun fudhachuu.
Sababoota qabatamoo ta’anii fi yaaliidhaan kan bira hin ga’amne wantoota hafuuraa kan
nu ittiin hubannu, dubbii isaa keessatti kan barreeffaman hundumaa mamii tokko malee
amannee fudhachuudhaani.
Barsiisa sadan-tokkummaa (the Doctrine of trinity) haalaan hubachuuf maalummaa
amaloota waaqummaa (Divine essences) qayyabachuun barbaachisaa dha. Amaloota
waaqummaa kan nuyi jennu; amaloota Waaqayyo qofti qabaachuu danda’uu fi Waaqaa
gad kan ta’ee fi Waaqa guutuu kan hin taane kam iyyuu qabaachuu kan hin dandeenye
dha.
Egaa Macaafa Qulqulluu keessatti qaamolee garaa garaa sadii Abbaa, Ilma, Hafuura
Qulqulluun jiraachuun isaanii ifaa yeroo ta’u qaamoleen kun sadanis Waaqa guutuu ta’uuf
amaloota kanneen armaan gaditti tarreeffaman guutuutu irra jira jechuu dha.
1. Hundumaa beekuu (Omniscience):- hundumaa beekuun amala Waaqayyo qofti qabaachuu
danda’u yeroo ta’u; qaamoleen sadanuu amala kana ni guutu.
Abbaa: 1Sam 2:3, Far139:1-5, Rom 11:33,
Ilma: Yoh 2:24,25, Luq 6:8, Yoh 16:30
Hafuura Qulqulluu: 1Qor 2:10
4. Uumaa ta’uu:
Abbaa: Uma 1:1, Isay 40:28, Isa 44:24
Ilma: Yoh 1:3, Qol 1:15-17, Ibr 1:10
Hafuura Qulqulluu: Uma 1:2, Iyo 33:4, Far 104:30
5. Bara baraan jiraachuu /eternity/:
Abbaa: Isa 41:4, Isa 44:6, Far 90:2
Ilma:Mul 1:17, Mul 22:13
Hafuura Qulqulluu: Ibr 9:14 (eternal Sprit)
Yaadachiisa:- Bara baraan jiraachuun Waaqayyoo bara bara kanneen warra uumama
ta’anii irraa kan adda isa godhu; Bara barri Waaqayyo bara bara isa darbe fi akkasumas
bara bara isa dhufu (kan turee fi kan jiraatu) yeroo ta’u; nuuf kan kenname bara barri garuu
yeroo itti uumamnee kaasee kan jiru bara bara isa gara fuula duraa qofaa dha.
Sillaasee (Sadan-tokkummaa) Kakuu Moofaa Keessatti
Waaqayyo qaama sadii kan qabu Waaqa tokko dha erga jennee, inni bara Kakuu Moofaa
keessattis isuma waan ta’eef ofii isaa qaama tokkoo ol haala ta’een ibsee argachuun nu irra
jira.
Namoota baay’eetti barumsi sillaasee (sadan-tokkummaa) barumsaa fi mul’ata Kakuu Haaraa
qofa isaanitti fakkaata. Waaqni garuu bara Kakuu Moofaa keessattis Waaqa tokko yookiin
qaama lamaa ol ta’uu isaa bifa agarsiisuun mul’ateera.
Haa ta’uyyuu malee Waaqayyo Israa’eloonni naannoo isaanii kan jiran amala waaqeffannaa
warra ormaa fi waaqayyoolee isaanii warra baay’ee sana irraa akka of eeggatan gochuu fi
tokko ta’uu ofii isaa cimsee itti dubbata ture. Kes 6:4 (Waaqa tokko malee qaama tokko hin
jedhu).
Kunis sababii inni ta’eef olitti akka tuqametti ormoonni ollaa isaanii waaqolee hedduu
(polytheists) waan qabaniif ture. Akka amantii ormootaatti wantoonni hundinuu
fakkeenyaaf; galaanni, dirreen, gaarri, samiin, bakakkaan, bokkaan fi kkf’n tokkoon
tokkoon isaanii waaqa mataa isaanii qabu jedhanii yaadu turan. Amantii kana
(henotheism) irraa Israa’eloonni akka of eeggataniif Waaqayyo kophaa isaa Waaqa waan
hundumaa akka ta’e isaan akeekkachiisa ture ( Isa 45:22, Far 96:5).
Caqasoonni (Xiksoonni) Kakuu Moofaa baay’een isaanii Waaqayyo qaama tokkoo oliin
mul’achuu isaa ni ibsu.
1. Seera Uumama 1:1 Waaqayyo (Elohim)
“…Waaqayyo bantiiwwan waaqaa fi lafa uume..”, dubbisni akkas jedhu Macaafa isa duraa yookiin
jalqabaa (original) keessatti Elohiin bantiiwwan waaqaa fi lafa uume jechuudhaan ibsa.
Macaafa seera uumamaa keessatti baay’ee isaanii Museen Eelohiim jedhee kan inni
barreesse ture. (Bakkeewwan Eelohim jedhamanii barreeffan Macaafa qulqulluu Afaan
Amaariffaa hiikaa haaraa (Adisu Medebegna tirgum) irraa ilaali.
Jechi Eelohim jedhu jecha Afaan Ibraayisxii yeroo ta’u innis lakkoofsa hedduuf kan tajaajilu
dha.
Eel- Waaqa aangoo qabeessa (baaqqee yookiin qeenxee)
Eelohim- Waaqota aangoo qabeeyyii (lakkoofsa baay’ee) miira jedhu kan ibsu yeroo ta’u,
kunis dhuma himichaa irratti, uume jecha jedhuun cufamuun isaa Waaqayyo tokkichi
qaama tokkoo ol ta’een akka mul’ate ni agarsiisa.
2. Seera Umamaa 1:26 Waaqayyo (Eelohiim) akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis
nama in uumna jedhe.
Jedhe- qeenxee (baaqqee) agarsiisa
Bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis-lakkoofsa baay’ee agarsiisa.
Namoonni baay’een Waaqayyo ni uumna jedhee kan inni wajjin mari’ate ergamoota
wajjini dha jedhu.Waaqayyo garuu eenyu wajjin iyyuu hin mari’atu. Itti dabalees
ergamoonni hojii uumuu irratti kan hirmaatan utuu hin ta’iin ofii isaaniitii iyyuu uumama
(Isa 40:13-14, Isa 44:24, Efe 1:11)
3. Seera Uumamaa 3:22 Waaqayyo Gooftaan namni… nu keessaa akka isa tokkoo ta’e
… jedhe.
Jedhe-qeenxee (baaqqee)
Nu keessaa akka isa tokkoo-lakkoofsa baay’ee
4. Seera Uumamaa 11:7 Waaqayyos kottaa gad buunee … afaan isaanii waliin in
maknaa jedhe.
Jedhe-lakkoofsa baaqqee
Kottaa gad buunee/waliin in maknaa-lakkoofasa baay’ee
Qaamota lamaa ol ta’uu ibsa. Qaamolee lama qofa utuu ta’anii koottu! Gad buuna jedha malee
kottaa gad in buuna hin jedhu ture.
5. Raajii Isayaas 6:8
A. Eenyuunan ergaa- lakkoofsa baaqqee (qeenxee)
Eenyutus ergaa nuuf dhaqaa- (lakkoofsa baay’ee)
B. Kutaalee Macaafaa (caqasa) kanneen biroon haala ifaa ta’een waaqa yookiin Gooftaa
kan jedhaman qaamonni garaa garaa jiraachuu isaanii ni ibsu.
1. Farfannaa 45:6
Waaqayyo! Teessoon kee kan bara baraati (qaama tokko), Waaqayyoon kee dibata
gammachuun si dibe (qaama biraa). Kunis qaamni tokko Waaqayyoo Abbaa Yeroo ta’u ;
qaamni Waaqaa inni biraan immoo Gooftaa Yesuus yeroo inni fooniin turetti akka dibe
agarsiisa.
1. Faarsaa 110:1 Waaqayyo Gooftaa kootiin …
Yesuus Yihuudonni akka yaadan nama qofa (Ilma Daawwit qofa) utuu hin ta’iin Gooftaa
Daawwit qaama Waaqayyo tokkichaa keessaa isa tokko ta’uu isaa ibsuuf kutaa Macaafaa
kana akka ragaatti itti fayyadameera (Mat 22:41-46).
2. Isaayaas 48:12-16 Haala baay’ee dhinqisiisaa fi nama ajaa’ibuun qaamni sadan kutaa
isaan itti ibsamani dha.
Ani isa jalqabaa fi isa boodaati - Gooftaa Yesuus
Waaqayyo Gooftaa – Waaqayyo Abbaa
Hafuura Isaa – Hafuura Qulqulluu (guutummaa lakkoofsichaa of eeggannoon dhubbisi)
C. Ergamaa Waaqayyoo /The Angel of Yahiweh)
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos foon uffatee gara biyya lafaa dhufuu isaan dura bara Kakuu
Moofaa keessatti ofii isaa namootaa fi karaa adda addaa mul’iseera. Mul’achuun isaa kunis
sirna Afaan waaqummaatiin “Theophany” mul’achuu Waaqummaa (qaama Waaqa ta’e
tokko) jedhama.
Macaafni Qulqulluun Waaqayyo Abbaadhaan tokko illee kan arge akka hin jirree fi arguus
akka hin dandeenye ni dubbata (Yoh 1:17). Garuu Abbaan kan inni ittiin mul’atu qaamni
biraan Ilma (Yesuus Kiristoos) dha (Yoh 6:46, 14:9, Qol 1:15-17, Ibr 1:3).
Yesuus Kiristoos (Waaqayyo Ilmi) bara Kakuu Haaraatti fooniin mul’achuu isaa dura
duraan dursee bara Kakuu Moofaa keessatti haala garaa garaatiin dhala namaatti ni
mul’ata ture. Kunis inni qaama Waaqayyoo isa biraa ta’uu isaa ifa godhee mul’isa.
Yesuus bara Kakuu Moofaa keessatti (Theophany)niin karaa inni ittiin mul’ate keessaa inni
tokko ergamaa Waaqaa fakkaachuudhaani.
Ergamaa fakkaatee kan inni mul’ates amala waaqummaa isaatiin malee, amala ergamaatiin miti.
Sababni isaas Yesuus Waaqa malee ergamaa miti (Ibr 1:1-14).
Qalbeeffadhu! Caqasoota (kutaalee Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabannu bifa ergamaan
kan mul’ate qaama Waaqaa kan ta’eedha malee ergamoota keessaa akka isa tokko akka
inni hin taane amala Waaqummaa inni agarsiisu irraa kaanee beekuu dandeenya.
Ergamaan Waaqayyoo (The Angel of Yahiweh)
I. Ofii isaa Waaqa jedhee waama
II. Ani Waaqa Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoob jedhe
III. Sagada (Waaqeffannaa) ni fudhata ture. Ergamoonni warri kaan garuu sagada hin fudhatan
ture.
IV. Taayitaa (aboo) eebbisuu isa kan Waaqaa (Ani) qaba.
V. Waaqayyo waan ta’eef aarsaa Waaqayyo qofaaf ta’u ni fudhata ture kkf
Amaloonni olitti ibsama amala Waaqayyo qofti qabu yeroo ta’an uumamni tasuma iyyuu
amala kanneen qabaachuu hin danda’an. Uumamni tasuma iyyuu amala kanneen
qabaachuu hin danda’an.
Kutaalee Macaafa Qulqulluu kanaa gaditti caqafaman sirriitti hubannoon qayyabadhu.
1. Umama 16:7-14 (dursitee dubbisi)
A. Sanyii kee guddaa nan baay’isa (lakk: 10)
B. Maqaa Waaqaa isa isheetti dubbachaa turee ( lakk :13)
C. El-Ro’i Waaqayyoon in arge
2. Uumama 22 (dursitee dubbisi)
A. Waaqayyos… (Lakk: 1 fi: 11 wali biratti ilaali)
B. Ergamaa Waaqayyoo (lakk: 11) mucaa kee isa tokkicha anaaf hin mararsiifanne
Waaqayyoon akka ati sodaattu ani beeka. (Lakk: 12)
C. Yaahwee-Yir’ee-Waaqayyo ni arga (lakk: 14)
D. Eebbisuu isa kan Waaqummaa (gosa dandeettii eebbisuu isa kan Waqqayoo qofaa) (lakk: 15)
3. Uumama 31:11-15
A. Ergamaan Waaqayyoo abjuutti (lakk: 11)
B. Waaqayyo inni Beetel ana dha. (Lakk: 13, isa (Uma 28:12-22) wajjin wal bira qabii ilaali.)
4. Uumama 32:22-30 (dursitee dubbisi)
A. Namni tokko hanga boruun baqaqutti (lakk: 24)
B. Ati Waaqayyottis namattis namattis marmite (Lakk: 28)
C. Ani Waaqayyoon fuulleetti nan arge (lakk: 30)
D. Pheeni’eel – Mul’achuu Waaqayyoo (fuula Waaqayyoo) jechuudha. (Lakk: 30)
Hos 12:2-6)
5. Ba’uu 3:2-6 (dursitee dubbisi)
A. Ergamaa Waaqayyoo … mul’ate (lakk: 2)
B. Waaqayyo Museen ilaaluudhaaf akka itti dhiyaate yammuu arge; (lakk: 4)
C. Ani Waaqayyoo isa kan abboota keetii, Waaqayyo isa kan Abrahaam. Waaqayyo isa
kanYishaaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoob. Lakk: 6 D. Museen Waaqayyoon ilaaluu sodaate.
(Lakk: 6)
E. Kan jiruuf kan jiraatu (Jihoovah ykn Yaahiwwee)n Ana dha. Lakk: 14
F. Waaqni Ibrootaa mul’ate. (Lakk: 18)
6. Seera Lakkoofsaa 22 (dursitee dubbisi)
A. Yeroo sagadanii hin dhorkine. (Lakk: 31) Mul 19:10, 22:8
B. Lakk 35 fi 38 wal-bira qabdee ilaali.
C. Boqonnaa 22, 35, fi boqonnaa 23:3-7 wal bira qabuudhaan ilaali.
7. Abboota Firdii 2:1-5 (dursitee dubbisi)
A. Ani biyya Gibxiittii isin baaseera. (Lakk: 1)
B. Gara biyyan abboota keessaniif kakkadheetti (lakk: 1)
C. Isinii wajjin kakuun gale (lakk: 1)
8. Abboota Firdii 6:11-25 (dursuun dubbisi)
A. Waaqayyo si wajjin (lakk: 12)
B. Waaqayyos gara isaatti gara galee; (lakk: 14)
C. Waaqayyos dhuguma ani si wajjin nan ta’a… jedhe. (Lakk: 16)
D. Kan anatti dubbachaa jiru akka si ta’e; (lakk: 17)
E. Aarsaa (kennaa) ni fudhata. (Lakk: 18) Lew 2:24)
F. Israa’eloonni ergamaa Waaqayyoo eenyuun akka ta’e hubannoo qabu turan (Lakk: 22)
9. Abboota Firdii 13 (dursitee dubbisi)
A. Maano’aan aarsaa (kennaa) utuu hin ta’in nyaata dhiyeessuufii barbaade. (Lakk: 16)
B. Ergamaan Waaqayyoo garuu waa’ee aarsaa gubatuu isa yaadachiise (Lakk: 16)
C. Maano’aan Waaqayyoon akka itti mul’ate hin beekne ture (Lakk: 16)
D. Maqaan koo dinqisiisaa dha (Lakk: 18) isa (Isa 9:6) irraa wajjin wal-bira qabii ilaali.
E. Waaqayyoon waan argineef du’uu keenya (Lakk: 22)
F. Qalma gubatuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu ture (Lakk: 23)
Aarsaa yookiin kennaa kan fudhatu Waaqayyo qofa akka ta’e yaadadhu.