Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 117

H U D H A A

H U D H A A

Kamisee, 2021

Abdii Zarihuun [i]


H U D H A A

©Abdii Zarihuun Baqqalee


Mirgi barreessaa safuu fi seeraan eegamaadha!

Gulaala 1ffaa 2021

Teessoo barreessaa

Abdii Zarihuun Baqqalee

Bilbila: 0919960125/ 0955131886

E-mail: abdizerihun2@gmail.com

Facebook: Abdi Zerihun

Telegram: @Halluutube

Youtube: Halluu Tube

Qeeqaa fi yaada keessan waanan eeguuf, karaa teessoo


armaan olii kana na qaqqabsiisu hin dhiisiinaa! Dogoggora
koo anatti, jabina koo namootatti naaf himaa.

YAADA GULAALTOTAA

Abdii Zarihuun [ ii ]
H U D H A A

Barruu kana xiyyeeffannoo barbachisu itti


kennee dubbiseera. Akka ilaalamuu qabuttis
ilaaleera. Barruu taatee sababeeffatee dhamsa
ogummaa nama sooruu fi xurree
milkaa’umsaarratti nama akeekudha. Bu’aa
ba’iin taatonni asoosama kanaa dabarsan jabina
kalaqa barreessaa kanaaf ragaadha.
Abdii Zarihuun barreeffamoota asoosamaa dhamsa qaban barreessee fuula
facebook isaarratti dubbiftootaafgumaachuun kan beekamu jabaa dhaloonni
qubee of gidduudhaa qabdudha. Barruu isaa kana dubbisuun itti bohaaraa akka
irraa barattan isin affeereera.

Ifargan Guddataa (Bsc in Computer Science, Barsiisaa Yuunivarsiitii Haramayaa)

Barruu Hudhaa jedhu kana wayitan dubbise


egereen ogbarruu Oromoo abdii kan namatti horu
ta'uu isaan hubadhe. Sababni isaas, akkaataan
. barreessaan kun coba yaada isaatii kalaqa isaa
waliin qindeessee dhiyeesse natti toleera. Ergaan
asoosama kanaas akkaataa qor-qalbii namaa
hawwatutti qindaaye. Isinis barruu kana
dubbisuun oladeemaa keessan kana jabeeffadhaa

Shuumii Abarraa (BA in Sociology, Economics, Barreessaafi gulaalaa)

Galata

Abdii Zarihuun [ iii ]


H U D H A A

Hundumaa dursee isa nagaa guutuu naaf kenneef,


Eenyummaakoo akkas godhee jalqabbii yaada kanaa kan na
keessa kaa'ef waaqayyoof galanni haa ta'u.

Itti dabalee maatiikoo, Abbaa koo Zarihuun Baqqalee fi


haadhakoo Tsigee Qannaa jaallalli isin naaf qabdaniifi
utubaan isin naaf taatan cimsee na dhaabeera. Umurii naaf
dheeradhaa.

Hiriyaakoo Ifargan Guddataa gorsikee kaka'umsa namatti


uuma. Akkasumas na onnachiiseera. Ogeessa seeraan
dubbatu, Jajjabinnii fi tumsi ati anaaf goote hedduudha.
Gulaaluunis ta'e karaa adda addaatiin dadhabbiin ati kitaabni
kun akka akkas ta'u goote danuudha. Beekaakoo guddaa
galatoomi. Hamtuun si hin argin.
Marsimoy Dejene jabduu fi ogeettii namaa! Yaanni kee ati
hubannaan dubbattuu fi gorsikee ati naaf hiixachaa turte of na
ilaalchiseera. Siinan boona. Jiraadhuu bara quufi.

Abdii Zarihuun [ iv ]
H U D H A A

Shuumii Abarraa yaadaa fi tumsi ati kitaabni kun akka as


gahuuf naaf gootee fi kitaaba kana yeroo kee irraa qooddee
gulaaluun na bira dhaabbatteetta. Baay'een si galateeffadha.
Akkasumas hiriyoonikoo yaada keessan utuu naaf hin qusatin
na jajjabeessitanii fi na deggertan Lammii Malkaamuu, Iso
Tiya, Yidneqachew Warquu (kaachaaluu), Gurmeessaa
(gurmee), Abdii Magarsaa fi namoonni an maqaa keessan
hin dhoofnellee hedduutu jiru. Galanni keessan guddaadha.
Naaf jiraadhaa!

Seensa

Abdii Zarihuun [v]


H U D H A A

Yeroo baay'ee namoonni waanta isaan hudhu waliin


wal'aansoo obsaaf yeroo hin qabne wal qabu. "Har'a yookiin
situ na galaafata yookiin ammoo anatu si obbaafata" yaada
jedhuun ammuma ittii addaan bahuu barbaadu.

Loltuun sodaatamaa fi cimaan tokko meeshaa isaa guuttatee


lola ture. Loltuu kana qaamaan bira gahee lolee eenyuyyuu
mo'achuuf carraa hin arganne. Kanaaf diinonnisaa yeroo
baay’ee fanjii lafa keessa awwaaluun akka inni ittiin du'uuf
kiyyeessanii gaadu turan. Guyyaa tokko lolatti utuu jiranii
akka tasaa ta'ee namoonni garee isaa ta'an duubatti jalaa
hafan.

Qobaa isaa hanga danda'ame erga loleen booda itti cimnaan


baqachuu filate. Gara dudduubaatti deemsa jalqabe. Utuma
deemuu miilli isaa mirgaa fanjii awwaalamee jiru irra ejjete.
Yeroo kanatti loltuu jabaan kun baay’ee nahe. Dudduubaan
diinni isaa ajjeesuuf isa barbaada. Gareen isaa dhufanii isa
gargaaru jechuuf naannoon inni jiru diinota isaatiin
weerarameera. Hudhaa baay’ee cimaa keessa seene. Ni
hudhame! Ta'us loltuun kun nama qoosaatti abdii kutatu hin

Abdii Zarihuun [ vi ]
H U D H A A

turre. "Diinonnikoo dhufnaan na ajjeesu. Yaaliin godha,


yookiin utaaleen walakkaa gubadhee lubbuu kootiin
xiqqooma baraarama" hin jenne. Loltuu obsa itti beeku ture.

Yeroo dheeraaf miillasaa iddoo sanaa hin sochoofne. Namni


dhufee furmaata kennuuf garuu hin argamne. Miilli isaas
daran dhukkubuu jalqabe. Utuu dhaabbatuu gara sa'aa 16 ta'u
waan tureef beelli isa qabatte. Dhaabbachuun baay’ee itti
cime. "Bofi munnee lixe, harkisan hin cita, gadhiisan hin
lixa" isa jedhan ta'e. Yoo miilla irraa fuudhe fanjiin dhuka'ee
lubbuun isaa darba. Akka duraatti obsuuf humni isaa
dhumeera. Kan duraarra caalaatti hudhame. Obsaan
jajjabaatee yeroo muraasaaf erga irra dhaabbateen booda isa
dhumaaf dhaabbii dadhabe. Kanaan booda duddaan lafatti
kufe. utuu didee miixatuu hudhaa kanaaf mo'ame. Erga inni
duddaan kufees wanti uumame hin turre.

Fanjichi qodaa duwwaa (fanjii dhuka'u kan of keessaa hin


qabne) ture. Maal jechuu barbaadeeni; - Loltuun kun wanta
isarraa barbaachisu utuu hin hambifatiin raawwatee jira.
Nutis wanta nu hudhee jiruuf yeroo kenninee kan nu hudhe

Abdii Zarihuun [ vii ]


H U D H A A

sirriitti baruutu nurra jiraata. Obsuu fi waanta waliin


wal'aansoo qabnu beekuutu nurra jiraata. Hudhamuun
raawwatamanii to'atamuu miti. Hudhaan galaana rakkinaati.
Sochiifi tattaaffii yoo hin goone nama liqimsa. Hudhamteef
harka hin kenniin. Waanta si hudhe harkaa bahuuf obsaan
tattaafadhu.

••••••• Dubbisa Gaarii! •••••••

Abdii Zarihuun [ viii ]


H U D H A A

-1-
Haalli jireenya dhala namaafi akkaataan jireenyaaf carraa
dhala namaa tokko miti. Hawwiifi mul'anni namaas tokko
miti. Akkuma kana amalli namaafi kaayyoon jireenya namaas
adda adda. Gariin bakka amma irra dhaabbatu akka galma
isaatti fudhata. Gariin ammoo galma isaafi kaayyoof mul'ata
malee callisee jiraata. Kanneen akkanaaf jireenyi nyaatanii
dhuganii fuudhanii ilmaan godhatanii du'uudha. Faallaa
kanaammoo isa kaayyoof mul'ata qabuuf jireenyi galma
yaadeefi mul'ata jijjiiramarratti qabu bira gahuu taati.

Namni karaa deemu tokko lafa itti deemaa jiruu fi lafa itti
dhaabbatu yoo hin beekne kara deemaa jechuurra jooraa
jechuuniitu isa ibsa. Dachee kanarratti jireenyi kan itti toluufi
jiraachuutti kan gammadu abbaa mul'ataa qofa. Abbaan
mul'ataa du'a hin hawwu! Abbaan mul'ataa hin taa'u! Taa'uun
isaaf dhibaa'ummaadha. Abbaan mul'ataa abdii hin kutatu!
Abbaan mul'ataa hin hinaafu. Abbaan mul’ataa of ta'ee jiraata.
Abbaan mul'ataa ofiif guutee biyyaaf dhimmisa!

Abdii Zarihuun [1]


H U D H A A

Abbaan mul'ataa hin ariifatu. Obsi ifa isaati; akka hin


gufanneef obsaan deddeebi'a. Hundeen isaa jabaataadha
humni xiqqaan isa hin jigsu. Wanti mul'ataa fi kaayyoo malee
shoggarame dhuma isaa carraatu murteessa.

Barri isaa bara 2009 A.L.Htti. Birraan bari'ee ganni darbee


abaaboon daraareera. Sinbirroonni sagalee isaanii
dhageessisaa dachettiirra naanna'u. Uumamni harki uumaa
tottolchee babbareechee dachettiirra kaa'e hawwannaan isaan
ittiin nama ofitti waaman kana hin jedhamu. Ganama bariitu
duumessa bareedaadhaan weerarame. Jalqabbiifi tarkaanfiin
ji'a kana keessa heeddumata. Inni tarkaanfate deemsa isa hafe
yeroo itti jalqabuufi dachettiin babbarreeddee milkaa'ina
simattudha. Qotee bulaan yeroo itti duddaan hirkatee aannan
unatu, daldalaan yeroo itti guddachuuf hiixatu, barataanis
yeroo itti,

"Yaa Tolaa, yaa Tolasaa


Yaa ijoollee lakkuu gamaa

Abdii Zarihuun [2]


H U D H A A

Yaa Biloo yaa Bilisee


Ijoollee obboo Guutamaa
Maayeddu na dhaga'aa!
Yee! Namni hin jiruu qe'ee
Birraa bari'e taa'uu
Yeroon barnootaa gahee!"
jedhee yeroo wal waamee barumsa isaa itti jalqabudha.

*****

Wallagga lixaa godina Qellem wallaggaa keessa biyyi


jaalalaafi gaarummaan guutamte tokko jirti. Obbo
Firoomsaan godina Qellem wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo
ganda Tibbee jedhamtu keessatti argamu. Obbo Firoomsaan
dhalooti isaanii achuma keessa ture. Abbootii isaaniirraa kan
dhaalan jaalalaan jiraachuufii yeroo rakkinaatti wal
gargaaruun jiraattota naannoo sanaa waliin jaalala uumuun
jiraatu. Egaa akka guddina magaalaa fi wantoota magaalaan
tokko guddachuu ibsu keessaa biyyattiin isaan keessa jiraatan
ulaagaa waan ishee guuchisu hin qabdu.

Abdii Zarihuun [3]


H U D H A A

Inni guddate bakka guddataa ta'etti waan baqatuuf guddachuu


biyyaaf jijjiiramni dhabame. Kana jechuunkoo kanneen
qabeenyaan fooyya'an bakka ibsaa, bishaan fi karaa mijataan
jirutti waan keessaa deemaniif biyyattiin tuqaa ka'umsaa taate.
Jaarsoliifi namoonni naannoo sana jiraatan biyyattiin utuu hin
guddatin turuu ishii irraa kan ka'e jecha tokko dudubbatu.
"Biyyi kun, keessumattuu isheen Tibbee jedhamtu kun utuu
finfinneedhaaf maqaan hin mogga'iniifi hin hundeeffamin
Tibbee jedhamtee hundeeffamte" jechuun dhadhageettii
dudubbatu.

Wantoonni mootummaan gochuu danda'uufi guddinni


barbaachisu haa daangeffamuyyuu malee namni biyyattii
kana seene hangam yoo keessa tureyyuu biyyattii kana
quufuu hin danda'u. Magariisummaan ishee dachee dammaafi
aannanii, oksijiinii fayyaalessaan kan faayamte. lafa isheerra
waanti barbaade yoo bu'e biqilee sanyii kan ta’u, seeraaf
aadaa oromoon wal danda'uun kan jiraattu biyya jaalalaa
jedhamuun beekamti.

Abdii Zarihuun [4]


H U D H A A

Namoonni dacheettiira jiraatan filatamanii waan achirratti


uumaman fakkaatu. Xiqqaan guddaaf kabaja qaba. Guddaan
safuufi duudhaa aadaa oromootiin jiraata. Kan kufe kaasuuf
malee kan ka'e gad deebisuuf yeroo hin qaban. Gosaa fi
amantiin utuu wal hin qoodin gaafa gammachuu waliin
nyaatanii dhuganii gammadu. Yeroo gaddaattis walitti
birmatanii wal bira dhaabbatu.

Obboo Firoomsaan biyyattii kana keessatti nama kabajamaafi


jaallatamaa uummata biratti kabaja qabuufi namni isa waliin
jirachuu fedhudha. Haadha warraa isaanii aadde Kuulanii
waliin biyyuma sana keessatti bultii ijaarratan. Waliin
hojjechaa, wal gargaaraa, wal bira dhaabachaa fi waliin ta'uun
qarriffaa rakkinaarraa of eegaa maatii jiraatu turan. Haa ta'u
malee, haadha warraa isaanii aadde Kuulanii wajjin erga wal
fuudhanii waggaa 8ffaatti dhala dhiiraa argatan. Kanumarraa
ka'uun maqaa isaa Roobeeraa jechuun moggaafatan.

Roobeeraan mucaa tokkicha waan ta'eef baay’ee jaalatu turan.


Barumsa isaatti baay’ee jajjabeessu. "Jabaadhu mucaakoo,
bor situ haara na galfachiisa. Jabaattee naaf barattee 1ffaa

Abdii Zarihuun [5]


H U D H A A

gaafati baatu nutimmoo waanati feete si badhaafna" jechaa


jajjabeessaa barumsa isaatti cimsanii guddisan. Mucaan
isaanii Roobeeraanis akkuma guddisa isaanii amalli isaa kan
namatti tolu, xinnummaa isaatii kaasee yaada ijoollee isaa
oliifi isaa gadii xiinxaluun kan keessaa gaari ta'e fudhata.

Amma yeroo kanatti barataa kutaa kudha tokkooti. yeroo


boqonnaa isaatii barsiisaa xiinsammuu bira deemuun gorsa
fudhata. Barsiiftuu Boodaneen baay’ee isa jaallatti. Amala
isaa fi yaadaa isaa, akkasumas bareedina isaa dinqisiifatti.
Kan ishee fooyya'aa waan ta'eef, malee namni isa hin
jaallanne baay’ee miti. Ijoolleen Roobeeraatti haasa'an
hunduu cal jechuu isaarraa kan ka'e mucaan kun haasaa koo
tilmaama jechuun of eeggannoo gochaa dubbatu.

Roobeeraafaan barattoota kutaa 11ffaa baratan turan.


Barattoonni daree Roobeeraafaa baay’ee wal jaallatu. Guyyaa
boqonaatti qophii addaa addaa, qophii hin jeeqamneef kabaja
qabu tokko qabu turan. Qophichis qophii falmii, baacoo,
agarsiisa, beekumsaan wal dorgomuu fi kkf ture. Guyyaa
tokko qophii isaanii kanarratti dabareen qabxi-qabaa

Abdii Zarihuun [6]


H U D H A A

Roobeeraa, Siifanii fi Keenboon ture. Kanneen qophii har'aa


irratti dhiyaatan keessaa Hawwiin tokko turte.

Hawwiin mucaa bareedduu mataan ishee dugdarra gahu, ijji


ishee akka qaraa nama waraanu, kan ilaaluudhaaf namatti
tolu, calala bishaanii fakkaata. Durba amala qabeettiifii
haasaan irraa bareedu, akkasumas kan ejjennoodhaafi ofitti
amanamummaadhaan haasoftu turte. Haasaa hin baay'iftu.
Daftee hin haasoftu. Yaadni isheen namaaf laattus addadha.
Qeensi miilla isheetii uumaan waan addunyaa kanarraa
kanshee qofa caalchisee kalaqe fakkaata. baay’ee addaata.
Akkaataan dubbiifi ejjennoon ishee dhiira of tuffachiisa.
Yeroon qophii Roobeeraa fa’aas nii geesse.

Qabxii qabdoonni gara fuulduraatti achi bahuun maqaa


waaman. Hawwiin dursitee deemaa dhuftee hunda isaanii
harka qabdee dhaabachuu jalqabde. Kanneen Hawwii wajjin
qoramanis fuulduratti bahaniiru. Utuu itti hin yaadin ijji
Roobeeraa Hawwii irra bu'e. Yaada isaatti har'a maaltu kana
na ilaalchise jechuun ishee dinqisiifachaa of gaafata. Mata
dureen qophichaas Roobeeraadhaan kan qophaa'e yoo ta’u,

Abdii Zarihuun [7]


H U D H A A

"Jaalala jechuun maal jechuudha? Hiika mataa keetii


kenni" kan jedhu ture. Kanneen Hawwii wajjin jiran
dhiyeessanii erga xumuranii booda Hawwiin dhumarratti
yaada akkas jedhu laatte.

"Jaalala jechuun kuusaa tokkummaa fi walitti dhufeenyaa


keessaa kan bahe, herreega beektotaatiin fuudhamuuf
beekamuu kan hin dandeenye, eenyummaafi maalummaa
namaa kan hin ilaalle, waanta akka takaallaatti namatti
dhufuufii waliin jiraachuuf karaa dheeressuudha. Kana
malees, utuu ati hin eegin lafa eegamutti si eegee dirqamaan
kan si xaxudha." jettee deebitee teesse.

* * * * *

Abdii Zarihuun [8]


H U D H A A

Roobeeraanis baay’ee dinqisiifachaa yaadni isheen


dhiyeessite sun bareedina isheetii waliin maramee onneesaa
keessa kaa'ame. Kan isheen “… kana malees …” jettee
dhiyeessite baay'ee isa ajaa'ibe. Roobeeraan takka taa'ee
sagaleesaa ol kaasee "kana malees" jedhe. Daree guutuun
daqiiqaa lamaaf kolfaan bohaaran.

Xumurarratti gaafa qabxii kennuun gahu Roobeeraan "1ffaa


kan bahe Hawwii Gammachuu" jedhee ajandaa yookaan
baruulllee qabxii itti qabu teessumarra kaa'ee harka rukuteef.
Kanneen hafanittis sadarkaa himee saganticha xumuran.

Dhumarrattis erga bahanii booda Hawwiin hiriyoota ishee


wajjin gara manaa utuu galaa jirtuu sagaleen "Hawwii" jedhu
dhaga'amnaan dudduuba ilaalte. Sagalichis kan Roobeeraa
ture. Utuusheen jalaa hin qabin "si'a tokko sitti haasa'uu?"
jedhe. Hawwiinis rakkoo hin qabu jettee ijoollee biraa gara
isaa deemtee "Oo Roobeera, maalif na barbaaddee?" jetteen.

Abdii Zarihuun [9]


H U D H A A

Roobeeraan xiqqoo seeqee sekondii 20 kan ta'u ija ishee


keessa ilaale. Hawwiinis nii seeqxe. Roobeeraan, "Ati garuu
gaafa uumamte na bareechi jettee uumaatti himatteettaa?"
jedhe rifeensa mataasaa qaqqabachaa. Hawwiinimmoo
kolfitee, "Baay’ee galatoomi atillee baay’ee bareedda amalli
kees nama hawwata" Jetteen. Roobeeraan "Maal akka ta'e hin
beeku malee waantati raawwattu hunduu akka waanati
kankoo taatee na boonsa" jedhe.

Hawwiinimmoo "Roobeeraa! ijoolleen na eegaa jiru dhiifama


waan na waamteef natti himi" jette. Kana gidduutti mucaan
hiriyaa isaa, Keenbooniifi barataa kan biraan wal lolanii utuu
wal reebaa jiranii arganii hunduu gara sanatti fiige.
Roobeeraaf Hawwiinis utuu haasa'anii hin xumurin gara sana
deemanii achi turan.

Abdii Zarihuun [ 10 ]
H U D H A A

- 2-

Hawwiin durumayyuu Roobeeraa gaafa argitu ni sodaatti


turte. Sodaa isa waliif nahaa, sodaa isa ija fedhii, eeyyee!
Sodaa isa kan gaarummaa sana. Isa waliin haasa'uu utuu
barbaadduufaa carraa hin arganne. Galgala sanaa kaaftee
sammuun ishee maal akka yaadu haa wallaaltu malee
gammachuutu keessa ishee guute.

Boriisaa Roobeeraafaan mana barumsaa utuu hin dhaqiin


waayee Keenboonif jecha barfatanii gara mana barumsaa
imalan. Yeroo isaanii waan hin eegneef waardiyyaan takka
ala tursee seensise. Gaafa daree seenuu deeman barsiisaan
Afaan oromoo isaanii waan hafeef Hawwiin bakka isaa
buutee barsiisaa turte. Roobeeraafaan balbalarra ga'anii
Keenboon utuu balbala hin rurrukutin miillasaa ol seensise.
Yeroo kana Roobeeraan harkisee gadi baasee "Balbala
rurrukunna" jedheen. Keenboonis "Barsiisaan hin jiruum"
jedheen.

Abdii Zarihuun [ 11 ]
H U D H A A

"Haa ta'u, yaada koo naaf eegi" jedhee suuta balbala


rurrukute. Hawwiinis balbala bantee seeqxee "Maalif garuu
kan barfattan?" jetteen. "Kan har'aa nuuf dhiisi, itti hin
deebinuu" jechuun ol seenan.

Hawwiin barattoota gaaffii Afaan Oromoo gaafachaa turte.


Barattoonni duraan waan yaalanii dhabaniif gaaffii lama
Roobeeraaf Keenbooniin gaafa gaafattu lamaanuu
Roobeeraatu deebise. "Si'a sadii harka walitti rukutaafii" jette.
Daree guutuun isa isheen si'a sadii jette huursanii kolfan.
Keenboonimmoo "Si'i sadiimmoo maalifgaa innoo gaaffii
lama deebisee?" jedhe. Hawwiinis "Roobeeraadhaam" jettee
ijasaa keessa ilaalte. Kana gidduutti balballi rurrukutame.
Hawwiinis 'seenaa' jette. namni seene garuu hin jiru. Gadi itti
baatee gaafa ilaaltu daayreektara ture. Daayreektarris "maal
qabdu?" jedhee gaafate. "Afaan Oromoo wal barsiisaa jirra"
jennaan dhiisee deebi'e.

Abdii Zarihuun [ 12 ]
H U D H A A

Boqonnaan gaafa gahu Hawwii fi Siifan burtukaana daree


isaanii fuulduraa tokko jala taa'anii haasaa jalqaban. Hawwiin
akkas jette Siifaniin "Dareen keenya kun akkam tokkummaafi
jaalala qabaa garuu”? Siifanimmoo "kun wanta nama
boonsuufii barumsa nama jaallachiisudha" jette.

Utuusaan kana haasa'anii Roobeeraafi Keenboon dhufanii


"Jirtuu?" jedhaniin. Siifan "Jirra biyya keenyaaf" jette.
Hawwiinimmoo "Mee turimee dura walii keenyaaf jiraannaa"
jette. Roobeeraanimmoo "Waliif jirachuun biyyaaf
jiraachuudhaam bareedduu" jedhe. Siifanis yaada isaatti
gammaddee "Sirriidha" jette.

Keenboonimmoo "Anoo ofiifuu ganaadhaa isin yoom biyyaaf


jiraachuu geessanii?" jedhe. Hawwiinimmoo "maaltu sitti
hir'ate?" jetteen. Keenboonimmoo "lakki gurbaa kaleessa na
loletu na aarsaa jira" jedhe. "Mucaa kofalchiisaa kana akkam
goonaa?" jette Hawwiin. Roobeeraan gidduutti haasaa butatee
"Kansaa anaaf dhiisi mee kankoo herregi" jedhee" jedhaamee
deemaa jirraa" jedhanii Roobeeraaf Keenboon ni deeman.

Abdii Zarihuun [ 13 ]
H U D H A A

Hawwii yaada ishee keessa "Kansaa anaaf dhiisii, mee


kankoo herregi" jedhu deddeebi'uu jalqabe. Silas waanta
barbaadan karaa argatan barbaadu mitii? Eeyyee! Utuma hin
turiin yeroon gahee gaafa bilbilamu hunduu gara daree
seenan.

Dabareen kan barsiistuu Boodanee ture. Isheenis akkuma ol


seenteen Hawwii waamtee “Gabatee gurraacha kana
qulqulleessi" jettee haxooftuu itti laatte. Kana gidduutti
dudduubaan haxooftuun Hawwii harkaa butame. Kan harkaa
butes Roobeeraa ture. Hawwiin "Kenni Roobeera" jennaan
Roobeeraan sagalee gadi qabee "Waliif jiraachuu sila jennen
sitti agarsiisaa jira bar" jedheenii deemee haxaawuutti ka'e.

Barsiiftuu booddaneen dhuftee "Roobeeraa eenyutu si ajaje


siinimmoo?" jetteen. Roobeeraan immoo "Lakki gabatee
gurraachatu ana malee jedhe" jennaan akka amala isaanii
daree guutuun kolfan.

Abdii Zarihuun [ 14 ]
H U D H A A

Jaalalli hiriyyummaa Keenbooniif Roobeeraan waliif qaban


kan nama hinaafsisudha. Bakka Roobeeraan jiru Keenboontu
jira. Bakka Keenboon jiru Roobeeraatu jira. Wal yaadu. Wal
hin nuffan. Iccitii dhuunfaa ofii wal dhoksan hin qaban.
Miidhamni Roobeeraa Keenbooniin dhukkuba. Caba
Keenboon Roobeeraatu kulkulfata. Jaalala hawwataa waliif
qabu.

Guyyaan boriis naannna'ee isaan qaqqabe. Barumsa isaanii


boqonnaa duraa erga barataniin booda boqonnaatti daqiiqaa
qaban Hawwiifaa waliin dabarsuuf burtukaana jalatti
argaman. Hawwii, Siifan, Roobeeraafi Keenboon burtukaana
jala taa'anii tapha tokko taphatu turan. Taphichis akkas ture.
Walitti naanna'anii geengoo uumanii isaan keessaa namni
tokko junuunfatee gadi jedhee ija qabata. Kanneen hafan
immoo qubeessaa tokko dabareedhaan walitti kekkennanii
walitti daddabarsu. Inni gad jedhee junuunfatee jiru sun
taphachiisaa jedhama.

Abdii Zarihuun [ 15 ]
H U D H A A

Utuu isaan qubeessaa walitti daddabarsanii "dhaabi!" jedha.


Yeroo kanatti kanneen qubeessaa walitti daddabarsan
bakkuma jirutti dhaabu. Abbaan dhumarratti qubeessaan
harkatti hafe ykn irratti "Dhaabi!" jedhame adabbiidhaaf
qophaa'a. Filannoo lamatu qophaa'aaf. "Dhugaamoo dirqama
filatta?" jedhamaan. Dhugaa yoo filate taphachiisaan gaaffii
barbaade gaafata. Gaaffii gaafatames sodaa malee dhugaasaa
hima.

Dirqama yoo filate taphachiisaan waan barbaade ajaja.


Adabamaanis diduu hin danda'u. Roobeeraafaanis walitti
naanna'anii tapha kana taphatu turan. Siifan gadi jettee
junuunfattee akka hin arginetti ija ishee qabatte. Hawwii,
Keenbooniifi Roobeeraan qubeessaa walitti daddabarsuu
jalqaban. Marsaa lama erga walitti daddabarsaniin booda
sadaffaarratti Siifan "Dhaabi" jette. Gaafa ol jettee ilaaltu
qubeessaan Keenboon irratti dhaabbate.

Siifan - "Dhugaamoo dirqama filatta?"

Keenboon - "Dhugaa"

Abdii Zarihuun [ 16 ]
H U D H A A

Siifan - "Shamarran keessaa yeroo jalqabaatiif kan si


dhungatte eenyu jedhamti. Eessa kee si dhungatte?"

Keenboon - "Kan yeroo jalqabaaf na dhungatte haadha kooti.


Maddii koorra na dhungatte"

Siifan "kkkkk hhhh"

Roobeeraa "kkkkkkkkkk"

Hawwii "hhhhh kkk hin ta'u seeraan deebisi"

Siifan "Eeyyee hin ta'u seeraan deebisi"

Keenboon "Hin yaadadhu dhugaa biiftuu natti fakkaata.


Maddiikoorra na dhungatte"

Siifan "Tole ija qabadhu" Keenboonis akkuma ajajame ija


qabatee gadi jedhe. Siifan, Hawwiifi Roobeeraan qubeessaa
walitti daddabarsuu jalqaban. Marsaa sadii naanna'ee walitti
daddabarsanii arfaffaa irratti Keenboon "Dhaabi!" jedhe.
Gaafa ija banatee ilaalu qubeessaan Roobeeraa irratti
dhaabbate. Keenboon "Dhugaamoo dirqama filatta" jedheeen.

Abdii Zarihuun [ 17 ]
H U D H A A

Roobeeraanis takka itti yaadee, "dursa Keenboon dhugaa


waan filateef dirqama naaf haa ta'u" jedhe. Keenboonimmoo
takka itti yaadee "Deemii rifeensa mataa Hawwii maddii
ishiirraa harkaan ol qabii maddii ishee irra sirriitti
dhungadhu" jedheen. Roobeeraanis sossodaachaama lafaa
ka'ee gara Hawwii deemee rifeensa ishee dhedheeraa maddii
ishiirra ciisu irraa ol qabee maddii ishee irra "Cambaa"
godhee dhungatee "karaa mirgaas nan dhungadha mitii?"
jedhe. Siifanfaanisi itti kolfanii "Lakki si gahaa koottu
deebi'i" jedhaniin. Akkasumaan utuu taphatanii yeroon gahee
gaafa bilbilamu gara dareetti deebi'an.

Abdii Zarihuun [ 18 ]
H U D H A A

-3-
Galgala kana Hawwiin yaada hedduun guutamte. Gurbaa
yeroo baay’ee waliin haasa'uufillee carraa dhabde amma
walitti dhufeenyi waan cimeef carraa kana maaliinan
guddifadha jettee yaaduu jalqabde. Utuma yaadduu yaadi
tokko dhufeef "Kennaa warqee mormaa kennaa godhee yoon
kenneefoo laata? Oh! Ergan godheemmoo xalayaa waliinan
godha" jettee yaada kanarratti murteessite. Akkuma jettes
xalayaa barreessitee waraqaadhaan martee warqee mormaa
sana keessa keessee fuutee mana barumsaa dhufte.

Mana barumsaa geessee lafa dur teessu dhiiftee lafa


Roobeeraafaan jiran naannoo isaanii teesse. Garuu itti kennuu
sodaattee si'a meeqa aggaammattee deebifatti. Waan gootu
buuftee baaftee yaaddee Siifanitti himuu murteessite. Gaafa
boqonnaan gahu dhugaadha hin seene. Roobeeraan
burtukaana sana jala akkasaan taa'an waan beekuuf,
Keenboon waliin haasaan Hawwiifaa waan suusii itti ta'eef
burtukaana jala taa'anii eegan.

Abdii Zarihuun [ 19 ]
H U D H A A

Hawwiifanis nii dhufan. nagaa wal gaafatanii tataa'an.


Hawwiin yaadaan fagaattee dhiphuun of rakkisuun ishee
ammallee hin dhaabatin jira. "Akkam godheen utuu eenyullee
na irratti hin barin itti kenna?... Waamee woliin deemuu?
Moo asumatti itti haa kennu?" Gaaffiin jedhu yaadashee
keessatti murtoo barbaada. Kana gidduutti Hawwiidhaaf
yaadni tokko dhufeef. “har'a tapha bareedaa tokko akka
taphannuuf isiniif fideen jira, haa jalqabnu. Ija keessan
qabadhaa” jette. Tole jedhanii ija qabatan suuta jettee
xalayicha giiphii Roobeeraa keessa keessee akkanni beekuuf
immoo suuta dhungattee gurrasaatti "Kankoo" jettee deemtee
teesse. Ija banadhaa jetteenii waan isinitti mul'ate natti himaa
jennaan. Roobeeraan harka baasee "Xalayaa" jedhe.
Siifanimmoo "Kan maalii?" jette. Gidduutti Hawwiin
"Kansaa maal si galche kankee natti himi" jetteen.
Keenboonimmoo "Geemiima arabaa nu godhaatii nutti
taphadhaakaa. Inni sitti mul'ate maaf natti hin mul’atu, moo
isan nama loleefi?" jedhe.

Abdii Zarihuun [ 20 ]
H U D H A A

Siifanimmoo "Turi nutis obsineema eegnaa" jette.


Akkanumaan osoo haasaa wal harkaa fufuudhanii taphatanii
yeroon geenyaan gara dareetti deebi'an. Barumsi
xumuramnaan gara mana isaaniittis galan.

Abdii Zarihuun [ 21 ]
H U D H A A

Roobeeraan Gara manaatti erga galee xalayyicha hiikuuf


sardame. suuta jedhees xalayicha hiike. Xaliyyicha keessas
isa jiru sana argee miira gammachuutiin barreeffamicha bane.
Barreeffamichis xalayaa bifa walalootiin qophaayedha.

Xalayaa jaalalaa - Roobeeraadhaaf

Eegumsan dadhabe

Kanaafan dirqame

Dursee sitti himuufan

Ofiikoo sardame

Gaafuman si argu

Garaan na boora'a

Boqonnaan argadhu

Yaadaanan naanna'a

Baasee sitti himuuf

Baay’een si sodaadhe

Abdii Zarihuun [ 22 ]
H U D H A A

Callisee taa'uufis

Baay’een si jaalladhe

Waanan jedhun beeku

Atumti naaf bari

Malee natti ulfaate

Maaloo na gargaari

Garaan kee maal yaada

Kankoo suma bira

Wan tokko naaf himi

Dinnaan abdiin muraa!

Akkan si jaalladhe

Sitti himuu kanatti

Deebiisaa naaf fidi

Burtukaana jalatti!

Abdii Zarihuun [ 23 ]
H U D H A A

Kennaa xiqqoo kanas maqaa jaalalaatiin guddaa godhii naaf


fudhadhu. Nagaa naaf ta'i"

- Hawwii irraa -

Roobeeraan miira gammachuutiin irra deddeebi'ee erga


dubbisee booda gammachuu isaa waan godhu wallaale. Takka
ala baha takkammoo ol gala, takka uffata jijjiirrata,
takkammoo dhaqnasaa isaa dhiqata. Waan butu wallaale.
Gammachuunsaa dachaa ta'e. Sa'atii muraasaa booda yaada
deebifatee, "anis xalayaa yoon barreessehoo?" jedhe.
"Lakkimmoo haasaa'oo beekaa haasaama kootiinan fixa"
jedhee yaadota hedduun guutame. Hawwiin erga keessa isaa
bubbultee dhiirarraan kan hafe dubarri kan biraan Hawwii
caalaa homaa itti hin fakkaatu.

Abdii Zarihuun [ 24 ]
H U D H A A

Ijoollonni baay'een “Roobeeraan maal ta'e?” jedhu.


Roobeeraan kanaan dura mandara bohaarsu callisee earphone
gurratti kaa'atee mana isaanii fuuldura taa'a. Nagaa irraan kan
hafe haasaa kan biraa namatti hin haasa'u. Haati Roobeeraa
"maalinnii mucaa koo an dabtara kana baay’ee hin dubbisiin
gowwaa si godhaa boqonnaa fudhadhu siin hin jennee" jettiin.
Roobeeranimmoo "Harmee kana miti namni yaadu waan
gaarii arga jennaan torban tokkoof yaadeen waan argamu arga
jedheeni" jedhee haadhasaa xiqqoo bohaarse.

Roobeeraan ganamni mana barumsaa deeman gaafa gahu


dhugaa hin seene. Ganamaan ka'ee gara mana barumsaatti
qajeele. gaafa gara mana barumsaa gahu waardiyyaa malee
barattoonni namni tokkollee hin jiru ture. Balbala mooraa
erga seenee booda gara daree seenuuf yeroo ka'utti akka
namni hin jirre waan amaneef sagaleesaa xiqqoo ol kaasee
"yes... yes... yes... Hawwiin..." jedhee gara dhumaa
keenyaniitti aanu gaafa ilaalu baay’ee rifate. Hawwiin
yaadaan dhiphachuu irraan kan ka'e galgala sa'aa 12tti raftee

Abdii Zarihuun [ 25 ]
H U D H A A

hojii manaa waan dagatteef ganamaan mana barumsaa


deemtee hojii manaa hojjechaa jirti.
Roobeeraan gaafa ishee argu baay’ee rifate. ija isaa isa akka
balalchaa boba'uufi namatti tolu sana gadi qabate. Hawwiinis
ija isaa keessa ilaaluu sodaattee calliftee barreeffama
barreessite. Kaleessa naannoo walii kan taa'an har'a
Roobeeraan karaa duubaa isheerraa fagaatee cal jedhee taa'e.
Gara daqiiqaa lama erga taa'anii booda gaafa Roobeeraan
ilaalu Hawwiin gadi jetti. Gaafa Hawwiin ilaaltu Roobeeraan
gadi jedha. Utuma jedhanii yeroo sadaffaaf ijji Roobeeraaf
Hawwii si'a tokko wal irra bu'e. Hawwiin sagalee ishee isa
akka aannanii hin quufamne sanaan "Roobeeraa" jette.

Roobeeraan ammoo takka cal jedhee yaadee "na dursiteem"


jedhe. Hawwiinimmoo "rakkootu jiramoo na baqattehoo"
jettee lafaa kaatee dhaabatte. Roobeeraanis "waanan
rifadheefan si sodaadhe" jedhe. Hawwiinimmoo "eenyuun?
anamoo?" jettee of ilaalte. Roobeeranimmoo "dhiifama!"
jedhee gara isheetti deeme. Isheenis lafa taa'aa turtee gara

Abdii Zarihuun [ 26 ]
H U D H A A

isaa deemte. Gaafa isa bira geessu Roobeeraan warqee


mormaa isheen kenniteef uffatee jira. Gammaddee
haammatte. Lamaan isaanii walitti marmanii akka haadhaaf
ilmoo gargar baatee walitti deebitee walittii bahuu didan.

Hawwiin "Roobeeraa" jette.


Roobeeraanimmoo "Ooko" jedhe.
Hawwii:- "Na jaallattaay?"
Roobeeraa:- "Sin jaalladha yoon jedhe kan sobanis kan
taphatanis sin jaalladha jechuun nama baay'eetu jecha kanatti
fayyadama. An garuu akkan itti sitti himu ganaa yoon itti
yaade malee akkan itti ibsun dhaba" jedhe.

Hawwiinimmoo "Roobeeraako ati kennaa adda ta'e kan


uumaakoorraa naaf kennamtedha malee kan an itti yaadee
yookiis itti yaaddee walitti dhufne miti guyyaan har'aa kun
naaf guyyaa addaadha." ittiin jette.

Abdii Zarihuun [ 27 ]
H U D H A A

Roobeeraanimmoo "Ati akkamitti akka naaf kennamte naaf


gaaffiidha. Kun anaaf abjuu ture. Anis jaalalli namaa takkaa
nan qabin jaalalli kee humnaan na mo'ate. Jaalalli keenya kun
deebii ati gaafa qophii barattootaa laatte sana keessaa isa
tokkoof isa angafaati" jedhe. Waliin dudubbachuun itti
fufan....

Akkuma amala isaanii boqonnaatti lafa burtukaanaatti wal


agarra jechuun deemanii taa'an.

Keenboon mana barumsaa akkuma gaheen fuula isaarraa


miirri aarii nii mul'ata. Gara roobeeraa deemuun "maal
taateeti kan utuu nan waamin deemteef" ittiin jedhe.
Roobeeraanis "atimmoo akka nama abbaa murtii takka
baratee gaaffii baayyifta. Yoo xiqqaate hoogganaa ofii kootii
ta'uu hin danda'uu an?" jedheen.

Keenboonimmoo:- "Ufff haasaa isa akkasii utuu hin taane


tapha kee yaadeera. maalif garuu ati akka durii hin taphattu"
jedheen.

Abdii Zarihuun [ 28 ]
H U D H A A

Roobeeraa:- "Har'a dhiifamaa wajjin waajjira comedy irraa


walgahiif gara waajjira Y.X.R.J (yaada xiinsammuu rakkoo
jaalalaa) na ergani kanaafi" jedhe. Akkanumatti taphaan
aariin keenboon irraa galee barumsa isaanii jalqaban.

Akkuma jedhan Roobeeraaf Hawwiin boqonnaatti burtukaana


daree isaanii fuulduraa jalatti wal argan. Keenboon akka tasaa
ta'ee akka mana barumsaatti barataa dandeettii addaa qabu
jedhamuun walgahiif waamamee mana barumsaarraa
ergameera. Siifanimmoo mana barnootaa hin dhufne.

Abdii Zarihuun [ 29 ]
H U D H A A

Roobeeraaf Hawwiin kophaa isaanii waan garaa isaanii


waliin haasa'aa burtukaana jala waan taa'aniif ijoolleen kan
biroon bareedinaafi wal fakkeenya isaaniirraa kan ka'e
ilaaluun kolfaafi akkaataa waliin taphannaa isaanii
ajaa'ibsiifatu. Ijoolleen daree isaaniis wal jaallachuu isaanii
gaafa baran "Ijoolleen kun wal jaallatan" jechuun kanneen
dhiiraas durbaas torban tokkoof mata duree haasaa isaanii
godhatan. Kan duraan Roobeeraa hawwuu fi kan duraan
Hawwii hawwaa ture hinaafuun isaaniis hin oolle. Guyyaa
har'aa kana Roobeeraaf Hawwiin burtukaana jala taa'anii
qilleensa nagaa biqiltuu naannoo sanaarraa darbataman
unachaa haasa'u turan.

Roobeeraa:- "Hawwiiko addunyaa kanarraa guyyaan har'aa


guyyaa maalii jedhee akkan moggaasu naan galu"

Hawwii:- "Anaan garuu maal jedhee akkan itti


gammachuukoo ibsadhutu na dhiba" jettee haasoftee utuun
xumurin Roobeeraa ofitti qabdee dhungatte. "kanaan xinnoo
naaf ha yaratu" jette.

Abdii Zarihuun [ 30 ]
H U D H A A

Roobeeraanis itti siqee maddii ishee isa burtukaana kana yoo


cuffatanuu hin quufamne dhongoon haleele. Bilbilamnaan
lamaan isaaniituu miiltoo waan hin qabneef “gaafa gallu
waliin galla” jedhanii gara daree seenan.

Gara manaa galuun gaafa gahu lamaan isaaniituu wal eeganii


wal cina bu'anii haasa'aa kolfaa waliin deemu ture. Hawwiin
harkasaa qabattee takka achi harkisaa as harkisaa deemti.
mana Hawwiifaatti dhiyaachuu namni yaadate hin jiru.

Abdii Zarihuun [ 31 ]
H U D H A A

Jalqabbii fedhii fi bu'aa hawwii isaanii jalqabaatiin


gammachuudhaan boora'anii gaafa tokko haasa'u inni tokko
dhaggeeffataa ta'ee, Gaafa tokko dhaggeeffatu inni
tokkommoo dubbachaa woliin ta'anii addunyaa haaraa tokko
uummatanii woliin bar'isaa, Gammachuu keessa isaaniitti
uumame jechoota babbareedoo fayyadamuun woliif ibsaa
Utuma deemanii lamaan isaanii walitti hirkachaa walitti
siqanii gidduu isaanii mixiin hin baatu ture. Haati
Hawwiimmoo manaa baatee gara dunkaana mana isaanii
fuulduraa deemaa utuu jirtuu gaafa gadi baatu waan raajii
argite. Haati Hawwii, Hawwii fi Roobeeraa wal biratti
akkuma argiteen dinqisiifattee afuura dhokfattee bira geesse.

Abdii Zarihuun [ 32 ]
H U D H A A

Hawwiin akkuma haadha ishee argiteen naatee quba ishee isa


abguudduutti aanu ilkaaniin ciniinte. Haati Hawwiis callistee
dhaabattee Hawwii ija keessa ilaaluu jalqabde. Hawwiidhaaf
yaadni tokko dhufe. Akkas jette "Harmee eessa deemta?
koottu mucaa kanaan wal bari. barataa daree kootii 1ffaa
narratti bahudha. Animmoo isarratti lammaffaadha.
Barsiisaan hojii tokko waan nutti kenneef isa mari'achaa jirra.
Kitaaba ergifachuufis asiin bahe" jettee harmee ishee
haasaadhaan amansiifte. Haaluma kanaan wal barsiisuun gara
manaa wal biraa galan.

**** *

Abdii Zarihuun [ 33 ]
H U D H A A

-4-

Abbaan Hawwii obbo Gammachiis jedhama. Haati Hawwii


aadde Ulfinee jedhamti. Hawwii baay’ee jaallatu. Sababni
isaas ishee malee mucaa hin qaban. Isheen hamma Roobeeraa
turuu haa dhiiftu malee mucaa dhabaan argamteedha. Warri
Hawwiifaa of haa jiraachisan malee qabeenya irraa hafaa
jedhamee yaadamu hin qaban ture. Hawwiin mucaa
bareedduu waan taateef ija namaatiin hawwatama qabdi.

Obboo Gammachiis hiriyaa isaanii tokko waliin baay’ee wal


jaal'atu turan. Hiriyaan isaanii kun qabeenya waan qabuuf
baay’ee isaan bira dhaabbata ture. Gaaf tokko haati manaan
hiriyaa isaanii kun itti heerumtee waggaa ja'atti irraa duute.
Hiriyaan Obboo gammachuu kun sanyii koo kan ittiin jedhan
dhala illee waan irraa hin arganneef gadda guddaan guutamee
baay’ee miidhame.

Abdii Zarihuun [ 34 ]
H U D H A A

Maarreegaa yeroo kanatti Obbo Gammachuun hiriyummaa


isaanii kana itti agarsiisuu yaadanii ha ta'u "firummaa keenya
cimsinee itti fufuu qabna" yaada jedhuun waadaa tokko waliif
seenan.

Innis abbaan Hawwii "gaafa mucaankoo barumsa xumurtu


Siifan kenna" jedhanii Waadaa kana seenaniif. Hiriyaan
isaanii ammoo "hanga jirtutti qabeenyan qabuun si biran
dhaabbadha, kankoo jechuun kankeeti" jechuun Waadaa
hiriyyummaa waliif seenan.

Gaaf tokko abbaan Hawwii ala taa'a ture. Hawwiinimmoo


baruulee ishee dubbifti turte. "Hawwiiko mee tokkittiiko
kottumee" jedhee Hawwii ofitti waamee “sin gorsaa taa'i
mucaakoo” jedheen. Hawwiinis "tole" jettee teesse.

Abdii Zarihuun [ 35 ]
H U D H A A

"Hawwiikoo ati mucaa bareedduudhas amala qabeettiifi hojii


beekta. Haasaallee akka jaarsaa haasofta. Nuti abdiifi
kaayyoo sirraa qabna. Ijoollee si'anaatti hin dhiyaatin. Nuti
abbaa qabeenyatti si heerumsiisnee ofiis karaa kee
fayyadamna. Kanaaf mucaa isa koobeeraamoo Roobeeraa
jettu sanayyuu ijoollee bara kanaa waan ta'eef itti
dhiyaachuukee hin barbaadu. Qayyabannaa yoo ta'e kophaa
kee dubbisi" jedheen.

Abdii Zarihuun [ 36 ]
H U D H A A

Hawwii:- "Abbaakoo baay’een si jaalladha sin kabajas, an


ammallee taanaan barumsatti cimee gaafan hojii argadhu ofii
kootii isin gargaaruun barbaada malee heerumaaf iddoo hin
qabu. Anaaf barumsi hamman iddoo danda'ame gahutti
miiltoo kophaa kooti. Kanaaf kana yaadakee keessaa balleessi.
Roobeeraan mucaa gaariidha. Akka ijoollee baraas miti. Inni
nama barumsatti xiyyeeffatuuf nama kaayyooo barumsaa
qabudha! Nama akkasii argattee osoo hin taane
barbaaddeeyyuu argachuun yeroo kanatti rakkisaadha.
Kanaaf wajjin qayyabachuuf malee yaada biraaf miti.
Abbaako atis barumsa kootti akkan cimuuf waan
barbaachisaa ta'een na bira dhaabadhu" jetteen. Abbaan
Hawwiis haasaashee dinqisiifatee yaadasaatti "ani
hammasheen barattee fixxutti gammachuu hin godhadhuu?"
jedhee ofitti haasa'a. Takka turee "tole deemi booda
haasofnaa" jedheen.

*****

Abdii Zarihuun [ 37 ]
H U D H A A

-5-
Hawwiifi Roobeeraan har'a sa'atii 2tti beellama qabu.
Hawwiin ganamaan kaatee ciree qopheessitee, waan
hundumaa xumurtee, maatii ishiis hirribarraa kaaftee ciree
erga nyaatanii booda "har'a mana barumsaatti hojiifi beellama
addaan qaba" jechuun uffata jijjiirratte. Dur uniform kan
uffattu amma uffataa aadaan faayamtee, kan duriirra daran
bareedina goonfattee adii geeba fakkaattee qajeelte.
Baredinni ishee har'aa dhiirota ishee gaafachiisa isoo hin
taane "kun yoon gaafadhe na harrabsiti" jechuun dhiirota of
tuffachiisa. Karaan isheen jalqabde ka'umsa isheerraa utuu
hin fagaatin Roobeeraaf bilbilteefii "eessa jirta? an manaa
ka'eera" jetteen. Roobeeraanis "lafa beellamaattin si eegaa
jiraa kottu" jedheen. Hawwiinis lafa beellamaa deemuuf
deemsa jalqabde. lafi beellama isaaniis iddoo hawwataa lafa
daraaraa namni hin jirreefi namatti toludha ture. Utuu lafa
beellamaa hin gahin karaan nama sodaachisuufi biqiloota
gurguddaan weerarame tokko nii jira. Hawwiin jaalala
dhugaa Roobeeraatiin waan mo'amteef sodaa tokko malee

Abdii Zarihuun [ 38 ]
H U D H A A

iddoo nama naasisu keessallee sodaa malee dabartee lafa


beellamaatti dhiyaatte. Gidduuma kanatti dudduubaan harki
tokko ija ishee cimsee qabe.

Iyya guddaa hamma isheen iyyuuf kaatutti hin gad dhiifne


ture. Isheenis amma waan sodaatteef "nan iyya" ittiin jette.
Kan ija ishee qabe garuu Roobeeraadha ture. Sagaleesaa
bareechee "Hawwiiko" jedheen. Yeroo kana Hawwiin
gammachuun guutamtee gaafa inni harka irraa fuudhu wanti
agarte hunduu abjuu itti ta'e. Roobeeraan har'a akka ishee
uffata aadaa uffatee bareedee, Abaaboo lafa kaa'e harka
isaatiin fuudhee miilla ishee jala jilbeenfatee "jaalalan siif
qabu jireenya koo keessatti yarachaa deema osoo hin taane
akka bishaan qodaa duwwaatti naqamuu guyyaa guyyaatti
dabalaa deema. Jijjiirama kana faana anis of jijjiiree yookiin
yaadakoo jijjiiree hin argamne. Hawwiikoo kennaa kana
seenaadhaaf godhadhu. Namni raawwateefan raawwadha
osoo hin taane jaalala koo akkaataan ittiin siif ibsu naaf galuu
dideeti yookiinis dhabeeti." jedheen.

Abdii Zarihuun [ 39 ]
H U D H A A

Hawwiinis waadaa kana harkaa fuuchuun dura jecha


abbaashee hoogganuu dadhabdee yaadashee keessa
naannessiti. Abbaafi haatishee amaanaa tokko haa didduyyuu
malee itti kennaniiru.

Isa irratti dabaluun ammas amaanaa lammaffaa godhattee


fudhachuu ishiiti.

Sagaleeshee gadi qabdee "Roobeeraako onnee koorraa sin


jaalladha" ittiin jettee abaaboo kennameef kabajaan fudhattee
lafa beellama isaanii deemuun taphachuu jalqaban. Taphni
isaanii tapha hayyootaa kan fakkaatu jaalala dhugaa
agarsiisaa gaarummaa kan mul'isudha. Hawwiin walaloo
barreessuu baay’ee jaallatti. Sammuu ishee waan guutes
ammuma walitti fiddee uumti. Utuu taphataniis Hawwiin
gidduutti lafaa kaatee "walaloon siif walalessaa seeraan na
hordofi" jettee. Lafaa ol kaate.

"Roobeeraa jaalalleeko

Sin jaalladha dhugaadhaan

Haa baayyatuyyuu malee

Abdii Zarihuun [ 40 ]
H U D H A A

Sirkaan fudha adaraadhaan

Jaalallikee faayadha

Dabala bareedinaa

Akkamittan siif ibsa

Inni kankoo adduma

Jechootan hin qusadhu

Dubbadhees hin fixadhu

Haa beekus haa wallaalus

Ha jal'atus ha tolus

Maaliinan si'iif ibsa?

Jecha jaalalaa keessaa

Maqaa addaawoo qabaa?

Tarii at yoo dhageesse

Irra deddeebi'uutu

Jechicha xiqqeessise

Dhiisuufis hin danda'u

Himuufis jechan dhaba

Abdii Zarihuun [ 41 ]
H U D H A A

Dhumasaa maaliin ibseen

Akkamiin bira darba

Maddiirra na dhungadhu

Irraa naaf ha yaratuu

Sabboonaa koo bareedaa

Siif jecha nii jiraatu"

Ittiin jette. Innis kanisheen jette maddii bareedaa sanarra


tokko aleeleef. Guyyaa gaafa sanaa nagaadhaan wal biraa
galan.

*****

Abdii Zarihuun [ 42 ]
H U D H A A

-6-
Guyyaa tokko dilbatarra abbaan Hawwii keessummaa
fudhatee manatti gale. Gaafa sana akka tasaa ta'ee Hawwiin
mana hin jirtu turte. "Haadha Hawwii" jedhe har'a akka durii
ofiin ol galuu dhiisee. Haati Hawwiimmoo "oo… dhufe"
jettee, "har'ammoo maaltu ta'e laata kan balbalarra
dhaabbatee na waamu" jettee gadi itti baate. "Keessummaa
dubbisi ittiin jedhe". Haati Hawwiis harka fuutee dubbiftee
"nooraa! Oluma seenaa..." Jetteenii erga teessiftee boofa
"Haasa'aa an deemeen buna danfisaa" jennaan keeessummaan
isaanii "lakkisaa! hin barbaachisu. Dhimman dhufeef
raawwadheen iddoon deemu qaba. Deebi'aa taa'aa" jedhe.
Haati Hawwiis deebi'anii taa'an. Abbaan Hawwii
"Dubbadhaa" jechuun marii isaanii jalqaban. Akka inni
Hawwii fuuchuuf waan gaafatame hunda nan kenna, waan
barbaachisus isiniifan guuta jedhe haadha Hawwiitti himan.
Haati Hawwiis dhimma kana dura keessa waan beektuufi
qarshii akka maatiitti isaan barbaachisu waan barbaadduuf
tole jettee yaada isaanii cimsite. Jaarsummaa akka erganiif

Abdii Zarihuun [ 43 ]
H U D H A A

waadaa waliif galanii wal geggeessan.

Hawwiin Roobeeraa maatii ishee waliin mana isaanii


geessitee erga wal barsiiftee amallisaa waan namatti toluuf
baay’ee isa jaallatu. Kanumarraa kan ka'e shakkiin homaa
isaan keessa hin buufanne ture. Gaafa inni mana isaanii hin
dhaqin oolu "maal ta'ee hin dhufnee?" jechuun Hawwii
gaafatu. Roobeeraan gaafa mana Hawwiifaa deemu isaanuma
biratti Hawwii baay'ee qayyabachiisa. Hawwiinis erga
Roobeeraa faana deemuu jalqabdee waan hundumaatti
karoora godhattee jiraachuu jalqabde. Hojii isa durii caalaa
barumsa ishees akka gaariitti hordofti turte. Kan hin beekneef
Roobeeraaf Hawwiin akka obbolaatti ilaalamu. Sababni isaas
maatiin isaaniillee sababa Roobeeraa fa'iin wal baruun hiriyaa
wal godhatan. Roobeeraaf Hawwiidhaa yeroon waan
mijatteef isaanis wal bira oolu. walittii hin bahan turan.

Guyyaa tokko Roobeeraa fi Hawwiin mana Hawwiifaa


fuuldura gaaddisa taa'anii qayyabatu turan. Isaanis ija keessa
wal ilaalaa walitti kolfaa wal rurrukutaa miira gammachuutiin
tattaphachaa kitaaba dubbisu.

Abdii Zarihuun [ 44 ]
H U D H A A

Akka tasaa ta'ee Hawwiin kitaabarraa waa argitee


Roobeeraadhaan "kana ilaali" jetteen. Roobeeraanis
"maalidha laata?" jedhee gara kitaabaa ilaale. Kana gidduutti
haati Hawwii "Hawwii kottuu kana naaf kennimee" jetteen.
Hawwiinis "Tole dhufe harmee! Roobeera asumatti na eegi
amman deebi'a" jettee deemuuf yeroo jettu, Roobeeraan "anis
galeen deebi'a" jedhee wal biraa deeman. Utuu wal bira
oolanii bulanii wal hin quufan. Ammas Qaamaan wal biraa
galan malee yaadaan wal bira jiru. Haati Hawwiis "uffatan
ofirra buusee boqodhu naaf kenni nan rafaa" ittiin jette.
Hawwiinis uffata kenniteefii ofii isheetii nyaata qopheessuuf
uffata jijjiirrachuuf kutaa ishee seentee suuraa Roobeeraa
ilaaluu jalqabde. "Baguma koo ta'e" jechuun sagalee
gammachuu keessa isheetti dudubbatti. Roobeeraanis erga
manatti galee yaadnisaa Hawwii bira qofa ta'e. Nyaata
baay’ee hin nyaatu, utuu halkan halkanis barnoonni jira ta'ee
nii fedha ture. Yaada baay'isa. Iddoo tokko yoo ilaale hamma
Daqiiqa kudhanii olii ilaalaa tura. Ajab dhibee JAALALAA!

Abdii Zarihuun [ 45 ]
H U D H A A

Haati Hawwiifaa jaarsummaa lammaffaa keessummeessuuf


qophii irra jiru. Hawwiin ammayyuu wanta ta'aa jiru hin
dhageenye. Roobeeraan har'a yeroo jalqabaaf haadha isaarraa
dhaga'uu isaati. Halkan keessaa sa'a afur ture. Haati
Roobeeraafi abbaan Roobeeraa waliin dudubbatu turan.
Roobeeraanis callisee ciisee dhaggeeffata ture. Haati
Roobeeraa "Abbaan Hawwii akkamittiin mucaa bareedduu
ijoollee dheengadda dhalatte kana nama hammana ga'uuf
kennuuf deemaa?" jette.

Abbaan Rooberaammoo "rakkoo qarshiitiif jecha mucaa kana


kennuu isaaniitti baay’een gadda. Ammahoo jaarsummaan
lammaffaayyuu bor ganama dhufuum" jedhe. Roobeeraan
kana gaafa dhaga'u lafti isa hin liqimsu yookiin samaa'iin isa
hin fudhatu, mataa isaa isa akka arbuu hurruubee jiru sana
harka isaa keessa galchee utuu hooquu sagaleen hooqqaa
isaatii haadha isaa biratti dhaga'ame. Haati Roobeeraa "maal
mucaakoo tokkichakoo maal si ta'ee mataan? atoo woggaa
kana jijjiirama na jalaa agarsiisaa jirtaa" jetteen.

Abdii Zarihuun [ 46 ]
H U D H A A

Inni garuu sagaleen haadha isaatii xiqqoon isheetuu gurra isaa


biraan hin dabarre. Yaadaan haasa'a ture "Hawwiiko atis utuu
natti hin himin na awwaalaa jirtaa? Maaf akkas na goota? si
malee eenyuttan obsaa? Dhiiga keenyatoo wal baree, haasaan
keenya akkasumaan ta'ee? Moo balleessaan qabus maalif
natti hin himne? Ani si dhabuu hin fedhu. Maal ta'a utuu hin
deemiin funyoo meetira lama osoo naaf bittee?" jedhee
halkan sana yaadaan dhiphachaa bule.

*****

Abdii Zarihuun [ 47 ]
H U D H A A

-7-
Haati Hawwii har'a ganamaan kaate. Hawwii hirribaa
dammaksitee "ka'i buna danfisi. Dafi har'a keessummaa
qabnaa" jetteen. Hawwiinimmoo "keessummaa maaliitii
harmee?" jetteen. "Lakki keessummaa abbaa kee dubbisuu
dhufudha" jetteen. Tole jettee Hawwiinis buna danfiftee
waanta hojjetamu hunda hojjettee xumurtee, nyaata nyaattee,
dabtara ishee fudhattee ala keessee bishaan dhuguu ol seente.

Roobeeraan bari'uu lafaa dhugaa hin seene. Miirri aarii edaa


waan keessaa bade hin fakkaatu. Daddarbatamaa utuu
Hawwii hin waamin mana Hawwiifaa bira darbe.

Hawwiin bishaan dhugdee dabtara qabattee gaafa gadi baatu


Roobeeraan deemee fagaateera. Sagalee ishee akka ulullee
iyyu sanaan ol kaaftee dhageessiftee "Roobeeeraaa!" jette.
Gaafa gara galee ilaalu Hawwii ture. Baay'ee waanta
sodaateef dhaabatee eege.

Abdii Zarihuun [ 48 ]
H U D H A A

Isheenis fiigdee Qaqqabdee "Maalif nan waamne? rakkootu


jiramoo of jajeen ilaala jettee Rooobeeeraaa?" jettee, "sittin
haasa'aa jiraam naaf deebisi" ittiin jette.

Roobeeraan yaada lamaan wal falmii jalqabe. "Itti himuu?


Yoon itti hime maal naaf deebifti. Lakki itti hin himu, kan na
dhoksite tariimmoo hin beektuu ta'aa? Waan hundumaafuu
gaafa gallun itti hima" jechuun falmii yaada isaa gidduu
tureef yeroo kennuuf murtoo godhe. Robeeraan Hawwiin
akkas jedhe "Hawwiiko har'a waan natti barfateef deemteetta
jedheen yaade, yoon balleesse dhiifama" Hawwiinimmoo
"Sobaa wayii guyyaa meeqan si dhiisee deeme? moo hiriyaa
kan biraan qaba? Roobeera amallikee jijjiirameera. Rakkoon
wayiis jira. Garuu an sammuu kee rakkisuu hin barbaadu
kanaaf siif dhiiseera. Lammaffa itti hin deebi'in" jettee
maddii isaarra dhungatte. Innis sodaachaama dhungate.
Hawwiittis gaaffii itti ta'e. Garuu dhiisuu filatte. Roobeerattis
gochi ishee fi yaadi isheen isaaf qabduuf wanti hojjetamaa
jiruuf dhaga'amaa jiru bita itti gale.

Abdii Zarihuun [ 49 ]
H U D H A A

"Maalumaafuu gaafa gara manaatti gallun gaafadha" jedhee


wajjiniin mana barumsaa deeman.

******

Haati Hawwii nyaata qopheessitee mana ho'iftee kessummaa


eegaa jirti. Abbaan Hawwiis hirribaa ka'ee waliin
keessummaa eegu turan. Keessummaan isaaniis ni dhufan.
Jaarsolii gurguddoo fi abbaan qabeenyaa gurguddaan har'a
mana Hawwiifaa oolan. Dhimmi isaan irratti mari'atanis
waayee Hawwii ture. Jaarsoliin beellama qabachuu irratti
yeroo cidhaa as butuuf abbaa Hawwiifaa irra deddeebi'anii
dubbachuun dirqamsiisan. Abbaan Hawwiifaa garuu mana
barumsaa kutaa 12ffaa xurtee waggaa haaraatti ji'a arfaffaa
akka cidhi isaanii ta'u jala sararee itti hime. Jaarsoliinis
isarratti walii galuun hammasitti wanta xumuramuun ta'u
akka xumuran walii galan.

Abdii Zarihuun [ 50 ]
H U D H A A

Abbaan Hawwiis haati Hawwiis waraqaa waadaa irratti nii


mallatteessan. "Bakki irra gulufsiisanis argameera, luugamnis
qopheeffameera. Garuu fardi gulufsiisan ganaa bitama"
akkuma kanaa ammayyuu Hawwiin gudii kana hin
dhageenye.

*****

Roobeeraafaan gaafa mana barumsaatii gara manaa galuun


gahu wal eeganii Karaa irra bu'anii gara manaatti qajeelaa jiru.
Roobeeraan akkamittiin akka gaafatee amansiisu yaadaan
dhiph'ata. Bosona bareedduu fi gidduu deemuun namatti tolu,
biqilaa bunaa hedduu of keessa qabu keessa bahanii galu
turan. Erga achi gahaniis Roobeeraan gaafa haasaa jalqabu,

"Hawwii ati na jaallattaa?" jedhe. Hawwiitti bitaa itti galee,


"sitti himeen jiras sitti agarsiiseen jiras. Ati garuu maal akka
ta'e hin beeku malee har'a baay'ee na shakkita" ittiin jette.

Abdii Zarihuun [ 51 ]
H U D H A A

Roobeeranimmoo "eda galgala" jedhee addaan kute. Hawwiin


xiyyeeffannaadhaan waan hordofaa jirtuuf "ii…! eda galgala
maalan godhe?" Jetteen. Roobeeraanis wanta jiru hundumaa
baasee itti hime. Hawwiinis wanta kana gaafa dhageessu
afuura fudhattee lafatti kuftee achumaan hafte. Roobeeraan
baay'ee nahe. Hawwiin du'aaf jireenyishee walii hin beekamu.

Utuuma naasuun dhiphatuu namni qottoo baatu tokko itti


dhufe. Roobeeraanis "amma yoo miidhamtemmoo ragaa natti
ta'aa laata?" Kan jedhu sodaan keessa isaa buufate. namichi
qottoo baatee gara isaa dhufes "maal taate?" jedhee utuu hin
gaafatin qottoo kana naaf qabi jechuun fiigee mana isaatii
bishaan meeshaatti fide. Suuta jedhanii fuulatti akka ishee
facaasaan Roobeeraan itti hime. Sababni isaas bishaan kun
yoo tortorse warri Hawwiifaa akka irratti hin barreef sodaa
qaba. Namichis akkuma Roobeeraan jedhe godhee fuula
isheetti facaase. isheen garuu ka'uu hin dandeenye.

Abdii Zarihuun [ 52 ]
H U D H A A

Si'a lama itti facaasanii sadaffaa irratti of bartee ija banatte.


Erga lafa kuftee ol kaatee garuu maal akka ta'e hin wallaalte.
Roobeeraa harka bitaan qabattee "maalan ta'ee?" jette.
Namichis "homaa miti, dhukkuba kana durumaa qabdaa?"
ittiin jedhe. Kanarratti wanta ta'eef maalif akka ta'e yaadatte.
Hamma mana bira geessutti Roobeeraa irraa harkashee hin
fuune.

Takka Ofitti qabdi takka nii dhungatti. Kennaakoo ittiin jetti.


Jechi "kennaa" jedhu deddeebi'ee afaan isheerra dhufa. Gaafa
manatti dhiyaatan gaaffii tokko Roobeeraa gaafatte.
"Roobeeraa an siif malee eenyuuf akkan hin kennamne
waadaan siif gala atis akka nan ganne waadaa naaf gali" ittiin
jette. Lamaan isaanii booyichaan waadaa ijoollummaa waliif
galan. Waadaa ijoollummaa haa ta'uyyuu malee waadaan
isheen har'aa imimmaan ija keessa bu'uun ragaa taatee
seenamte. Hawwiin Roobeeraa irraa imimmaan haqxi,
Roobeeraan ishee irraa haqa. Utuu akkasumaan jiranii
dirqamanii guyyaa gaafasii wal biraa galan.

Abdii Zarihuun [ 53 ]
H U D H A A

-8-
Hawwiin akkuma manatti galteen manni keessi ho'aa ture.
Jaarsoliin dhufanii haa galaniyyuu malee akka namni mana
isaanii dhufe hin beeksisa. Isheenis wanta kana hubachuun
itti hin cimne. Roobeeraan "yaada waaqaatiin ala waanti ta'u
tokkollee hin jiru yaada keetiin itti dhiphachuu dhiisi.
Dhugaadhaan jaalalakee naaf ibsuu nii barbaadda yoo ta'e
wanta ta'eef wanta ta'uuf jiru hundumaatti obsi" jedhee waan
gorseef obsuu filatte. Utuu nama tokkotti hin haasa'in gara
kutaa ishee seentee ciifte. Harmeen Hawwii "maal taate
intalakoo? maaltu si dukaakessaa?" jetteen. Hawwiinis,
"homaa hin taane harmee, ofumaadha" jettee of jajjabeessuu
yaalte. "As bahikaa laaqana haa nyaannuu" jechuun waaman.
Hawwiinis "tole" jechuun gara laaqanaatti dhiyaatte. Laaqana
waliin nyaachaa Abbaan Hawwii haasaa jalqabe. Akkas jedhe
"Hawwiiko yeroo darbe wantan siif hime sun jaarsoliin
deddeebi'anii na gaafachaa jiru. Anis biyyaa wajjin
buluwootii jedheen tole jedheera. Tokkittiiko atumti na
gammachiisii argami" jedhe.

Abdii Zarihuun [ 54 ]
H U D H A A

Hawwiin garuu boo'icha malee homaa deebisuu hin


dandeenye. Laaqana nyaachaa jirtu addaan kuttee kutaa ishii
seentee cufatte. "Mucaa xiqqoo ganaa guddattu jaarsa
guddaatti heerumsiisuuf" haasaan jedhu naannoo biyyattii
guutee haasa'amuu jalqabe. Hawwiin jecha Roobeeraa qofa
kabajuu malee yaada eenyuuf illee deebii laachuuf yeroo hin
qabdu. Rakkoo kanarraa kan ka'es barumsa ishee jibbisiise.

Roobeeraadhaan "garuu atis adaraa jaalalakee natti agarsiisuu


yoo barbaaddee barumsa kee seeraan hordofi na faana hin
dhiphatin na waliin hin rakkatin" ittiin jette. Roobeeraanis
yaadaashee kabajuun utuu dhiphachuun irra jiruu barumsa
isaa seeraan itti fufe.

Yeroo argattetti Roobeeraa waliin turuu filatti. Kan ishee


yaaddessu sun gaafa isa bira deemtummoo itti caala. Kan
ishee sodaachisu gorsaa, taphachiisaa fi waan hundumaan kan
ishee gammachiisu takka tureen of biraa dhabaa yaaddoo
jedhudha. Mana barumsaa yeroo deeman wal bira taa'u.
Ijoolleen isaan ilaaltu hundi ijatti waan isaan bareedaniif.

Abdii Zarihuun [ 55 ]
H U D H A A

Warri dhiiraa yeroo hunda Hawwii akka tisiisa madaa


argattee itti deddeebi'uun rakkisu. Hawwiin garuu jaalala isa
Roobeeraaf qabdu eenyuttillee himtees agarsiiftees hin beektu.
Deddeebi'ee yaadaan dhiphatti. Ofitti baay'attee yaadota
garaa garaa fudhattee sammuusheetti duulti. "Maalifan
uumamee? An akka nama tokkoo maalifan mirga qabaachuu
hin dandeenye? Uumaan gaafa na uume mirga narraa fuudhee
dirqama qofaan walakkaa namummaa naaf kennee walakkaa
narraa fudhatemoo? Ofiikoorratti mirga hin qabu. Jireenyi
koo harka namaa jira. Maalif an Hawwiif kaayyoo kootiif hin
jiraadhu? Kun waaqaan xiiqeffachuu hin ta'in malee bor na
heerumsiisu taanaan har'a qoricha dhugeen du'a malee fedhii
koo ala eenyummaa koo hin gurguru" jettee of ceepha'aa
murtoo ofiif barbaaddi.

Abbaafi haatishee yeroo hunda "Ati naqatamtuudha jabaadhu


malee" jechuun lafa itti ho'isu. Isheen garuu gaafa waayee
isaa itti kaasan ni aarti, ni dheekkamti. Rakkoo kanaa irra kan
ka'e torban tokkoof dhukkubsattee sireerra ciifte.

Abdii Zarihuun [ 56 ]
H U D H A A

Garuu Roobeeraan deemee dubbisuu baay’ee sodaate. Obsuu


waan dadhabeef gaafa Guyyaa 6ffaa mana isaanii deeme.
Haati Hawwii "noori mucaakoo, Ati maalif baddee?"
jedhaniin. Roobeeraanimmoo "jiraam" jechaa nagaa gaafatee
"Hawwiinoo?" jedhee gaafate. Haati Hawwiis "ishiin
dhukkubsataa jirti. Tokkittiinkoo maal akka isheen taate
hubachuu hin dandeenye. Erga gaafa dhukkubdeetii haasoftee
taphattee hin beektu" jedhan.

Roobeeraan hidhii xuuxee "eessa jirti?" jedhe. Kana gidduutti


Hawwiin sagalee isaa dhaggeesse. Torban tokkoof iyyitee
dubbachuu kan hin dandeenye sagalee damma fakkaatuun
guddiftee "Roobeeraa!" jettee waamte. kan owwaate garuu
Roobeeraa utuu hin taane harmeen Hawwii ililleen lafa
macheessan. Jaalalli kun garuu furtuudhas! Harmeen Hawwii
deemanii Hawwii maddii ishee keessa dhungatanii Roobeeraa
illee dhungoo hin illeef. Shakkiin garaa isaanii keessa haa
bu'u malee gammadaniiru.

Abdii Zarihuun [ 57 ]
H U D H A A

Hawwiin "Harmee hin fixxaa maddiisaa eeggedhu" jetteen.


Roobeeraan saaqee kolfe. Harmeen Hawwii "taphadhaa
ijoolleekoo wantattii tokkon deemee badduu baasaa" jedhanii
deeman. Hawwiifi Roobeeraan taphaan utuu mana
macheessanii Hawwiin "Roobeera harmeen si hanbifteeettii
maddiikee?" jechuun siree irra teessee sagaleefi ilkaan ishee
wal simate kanaan itti kolfiti. Roobeeraan ammoo "maal taate
ati hamma kana akkasitti utuu hin dubbatiin kan turte?"
jedheen.

Isheenimmoo "callisimee ati haasa'uun sirran jiraatu. Hamma


kana maal eegda? kan dhuftee nan gaafanne" jetteen.
"eenyutu natti hima jetteeti ati hin aarin obsi siin hin jennee
an" jedheen. Hawwiinimmoo "obseera garuu nan dadhabe.
Boo'ichan hin qabadhu. Haa obsuyyuu malee uumamuu
koofaattin gadda. Maalifan ofirratti aangoo hin qabu? jedheen
yaada" jette. Kana gidduutti Siifaniifi ijoolleen hiriyootashee
dhufan. Roobeeraanis ariitiidhaan Keenbooniin bilbilee
waame.

Abdii Zarihuun [ 58 ]
H U D H A A

Mana Hawwiifaa ho'isanii baay’ee taphatu. "Hawwii maal


taate" jedhe Keenboon. Hawwiinimmoo akkanni taphachaa
jiru bartee "<fonqaadhakaa>" ittiin jette. Kana gidduutti
Siifan sagalee aariif dheekkamsaan "fonqaan maali afaanuma
keenyaan hin haasoftanii?" jette. Hundi isaanii Roobeeraa ija
keessa ilaalaa taran.

Dabareen haasaa kansaa waan ta'eef, Roobeeraanimmoo


takka cal jedhee turee "hawwi maal taate" jedhee gara
Hawwii ilaale. Keenboon dabareen isa waan ta'eef utuusheen
hin dubbatin dursee "ana dabareen turi nan deebisaa" jennaan
gara Keenbooniin ilaalan. "Hidhaa turtemoo Hawwiin kan
akkas huuqqatte?" jedhee gaaffii irratti gaaffii dabaleef.
Dabareen Hawwii waan ta'eef hundisaanii Hawwii ija keessa
ilaalan. isheen garuu hunda keessaa Roobeeraa ilaalaa
"qufaatu na qabe, mataa na cabsa, garaan na dhukkuba,
haasa'uu hin danda'u" isaaniin jette. Keenboon dursee
"maalinni dhukkubni akkasii? tarii huccuu liqimsitee laata?"
ittiin jedhe.

Abdii Zarihuun [ 59 ]
H U D H A A

Isheenimmoo "eeyyee huccuu Roobeeraan natti kenne tokko


liqimseera" jette. Siifanimmoo "isatu onneetti si
rakkateeree?" ittiin jette. Akkasumaan utuu taphatanii galgalli
geenyaan wal biraa gara mana mana isaaniitti galan.

*****

Abdii Zarihuun [ 60 ]
H U D H A A

-9-
Dukkana waaqni ifattii gargar baase yeroo hojiisaa waan
raawwateef dabareesaa ifaaf bakka gadhiisuu jalqabe. Hanga
Karaa deemuun isarra jiraatu erga deemeen booda hafteen
isaa ifaan liqinfame. Laftis nii bari'e. Roobeeraan erga
sinbirroon ganamaa iyyitee hirribni itti mi'aawuu jalqabe.
Mana barnootaa waan hin deemneef waanti akkani dafee
ka'uuf sababa ta'u hin turre.

Hamma danda'amaa ta'e erga rafee booda haati isaa


cireedhaaf dammaksite. Akkuma ciree isaa nyaatee xumureen
ganamaan mana Hawwiifaatti qajeele. Hawwiin haati ishee
gabaa waan deemtuuf Roobeeraa waamtee muka mana
Hawwiifaa fuuldura taa'anii akka nama kitaaba dubbisuu
waa'ee borii mari'atu. Kana utuu haasa'anii dabaree dabareen
wal haammatanii wal dhungatu. Harmeen Hawwii bar'iira
gahanii waan shakkii qabaniif dhokatanii dhaggeeffachaa
ilaalu ture.

Abdii Zarihuun [ 61 ]
H U D H A A

Dabareen Hawwii waan ta'eef Hawwiin "Kennaakoo" jettee


ofitti qabdee maddiisaa lamaanirra dhungatte. Haammattees
ittii bahuu didde. Xiqqoo turtees nii gadhiifte. Gaafa of
fuuldura ilaalan Harmeen Hawwii isaan ilaalaa jiru. Harmeen
Hawwiis kana gaafa argan amanuu hin dandeenye. Sababiin
isaas mucaa isaan akka obbolaatti ilaalantu kana irratti
argame. Roobeeraan utuusaan gad jedhanii mataa qabatanii
bira darbee manatti gale. Hawwiin lafa jirtuu kaatee kutaa
ishee seentee balbala cufatte. Haati Hawwii balbala Hawwii
si'a lama reebdee si'a sadaffaa gaafa balbala rurrukuttu
Hawwiin sadaffaa irratti irraa bante.

Harmeen Hawwiis erga dheekkamanii irraa fufuttaafatanii


booda akka isheen lammaffita Roobeeraa biratti hin argamne
itti himanii akeekkachiisa kennan. Hawwiin utuu hin
reebamin, utuu dhukkubbiin itti hin dhaga'amin fuula
isheerraa boo'ichatu mul'ata. Ifi isheen hamma tokko argitee
dukkana abbaaf haatishee isheedhaaf qopheessaa jiran ittiin
irraanfattu guyyaa har'aa raawwattee dukkanoofte.

Abdii Zarihuun [ 62 ]
H U D H A A

Abjuu ishee sossodaachisu kan hiikuuf, ba'aafi rakkoo


isheetti ulfaatu kan qooddatuuf, nama qaba jettee iccitii ishee
kan itti himattu har'a daangaa isaan gidduutti ijaaran.

Roobeeraaf Hawwiin borumtaasaa kaasanii walitti haasa'uu


hin dandeenye. Roobeeraan erga guyyaa gaafasii jalqabee
waan sodaateef isheetti haasa'uu dhiise. Hawwiin ammoo na
jibbe jettee waan yaaddeef, namni na arges maatii kootti
himuu danda'a yaada jedhuun itti haasa'uu sodaatte. Garuu
guyyaa gara guyyaatti waa'eemasaa dhiphatti. Yaadni ishii isa
bira.

Roobeeraafaan gaafa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaan


fudhatamu keessa waan waliin oodaa turaniif qormaata irratti
namni wal yaadate hin jiru. Hawwiin galgala kaaftee hanga
ganamaa booyichaan isheetti bari'a. Roobeeraan haa
dhiphatuyyuu malee torban qormaataa kana dhiphinatti of hin
kennu jedhee sammuu isaa amansiisa. Garuu yaadaan maal
akka ta'uuf jiruuf yaadda'a. Haa dhiphatuyyuu malee namni
irratti beeku hin jiru.

Abdii Zarihuun [ 63 ]
H U D H A A

Erga qormaata fudhatanii xumuranii boodas wal yaadanii


dhiisuus wal obsuus hin dandeenye. Hawwiin Roobeeraa lafa
itti argitee itti dubbattu dhabdee yaadaan dhiphatti.
Roobeeraan akka durii mana Hawwiifaa deemuu dhaabeera.
Maatiin isaaniis rakkoon kun erga uumamee akka alagaatti
wal ilaalu. Heerumni Hawwii yeroon isaa nii dhiyaate.
Harmeen Hawwiifaa wanta qophaa'uun ta'u jalaa qophaa'aa
jiru. Hawwiin nii huqqatte. Yaadaan maraachuu malee
foormii jaalalli gowwaa nama godha jedhan keessaa waan
isheen hin guunne hin jiru. Yaadaan naanna'aa oolti.

Rooberaan erga qormaata biyyoolessaa fudhatees qalamaa fi


dabtara lafa hin kaa'u. Innis gowwumaarra darbee raata’e kan
jedhaniin ta'eera. Yeroo hundaa nama qayyabatu fakkaatee
xalayaa barreessaa oola. Garuu nama ittiin Hawwiitti Kennu
dhabee rakkata. Ofii isaatii bilbila haa qabaatuyyuu malee
maatiin Hawwii Hawwii irraa bilbila waan fuudhaniif Karaa
Kanas cufaa ta'ee argame.

Abdii Zarihuun [ 64 ]
H U D H A A

Xalayaan kanaan dura barreesse utuu jiruu utuuma Hawwiin


hin argin kun moofa'eera jedhee kan biraa barreessa. Kun
gowwummaa jaalalli fidu!

* * * * *

-10-
Gaaf tokko Hawwiin teessee karaa Roobeeraa argattu

Abdii Zarihuun [ 65 ]
H U D H A A

barbaaddi turte. Utuuma yaadduu yaadni tokko dhufeef.


Yaadichis "bilbila bitadheen cimeema Roobeeraadhaaf
bilbila" kan jedhu ture. Yaada kanaafis sammuushee
amansiiftee qarshii waayee isheetiif namicha abbaa
qabeenyaa irraa kennameef keessaa qarshii 4000 fuutee,
deemtees bilbila tokko bittee gara manaatti deebite. Garuu
akka jalqaba yaadde utuu hin taane sodaan itti daga'ame.

Bilbiluufii nii sodaatte. Lakkoobsa bilbilaa isaa sammuu


keessaa beekti ture. Garuu bilbiluuf onnee dhabde. Kanaan
booda karaa Facebook ergaa barreeffamaa (text) barreessuufii
filatte. Facebook kanaan dura waan hin fayyadamneef haaraa
banattee fayyadamuu jalqabde. Eenyummeessi Facebook
ishees suuraa hin qabu ture. Maqaa Roobeeraan Facebook
ittiin fayyadamu duraan kan beektu "Hawi Roba" jedha ture.
Garuu Hawwiin har'a si'a meeqa barbaadduyyuu ykn search
gootuyyuu wanta suuraa isaa qabu hin arganne.

Garuu maqaa "Hawi Roba" jedhu tokko argattee "Add friend"


gootee "Hi!" jetteen. daqiiqaa muraasa booda "hi" kan jedhu
deebi'eef. "Lakki kennaan koo akkas naan hin jedhuu tarii

Abdii Zarihuun [ 66 ]
H U D H A A

nan barre. Sababa suuraatiif ta'a" jettee suuraa bareedaa tokko


post goote. "Akkam ati" jetteen. Garuu kan Roobeeraa hin
turre. Mucaa amallishee namatti toluufi barattuu akkumashee
turte.

Hawwiin amalaafi haalli mucattii baay’ee itti tollaan wal


baranii bilbila walii kennanii walii bilbilla jedhan. Akkuma
jalqabde Hawwiin Facebook Roobeeraa iyyaafachuu hin
dhiifne. Itti fufte utuu barbaadduu kan Keenboon argatte
Keenbooniin "hi" jette. Keenboonis deebisuufii dide. Ammas
irra deebitee ana Hawwiidha jettee wanta ishee ibsu itti himte.

Keenboonis akkuma argeen "akkam nagaadhaa?" jechuun


nagaa gaafate. Isheen garuu nagaa qofa gaafattee "Facebook'n
Roobeeraa maaliin jira. maqaa isaa naaf ergi" jetteen.
Keenboonis “Black life” jedha jedhee ergeef.

Abdii Zarihuun [ 67 ]
H U D H A A

Dhamaatii kanneen booda Hawwiin gammachuudhaan


"search" gootee kan jalqaba irra jiru tuqxe. "profile picture'n"
isaa suuraa gurraacha ture. "Add friend" gootee "profile" isaa
ilaaluu jalqabde. "Profile" isaa jalaa BIO'n isaa akkas jedha
ture. "Balleessaa malee hidhamuun balleessuuf nama kakaasa,
hidhaanis yeroo mara adabbii balleessaa hin ta'u" kan jedhu
ture. Hawwiinis kana arguun imimmaan ija irra gugguute.
Roobeeraan gaafa argu dhugaa hin seene. Ariifatee
deebiseefii "messagen" ergaaf gaafa jedhu "Hi" kan jedhu
arge.

Ergaawwan isaan kara keessaa haasawan akka kanaa gadiiti.

Hawwii :- Hi

Roobeeraa:- Akkam jirta fayyaa keetii?

Hawwii:- Ani nagaadha yaada keerraan kan hafe.

Roobeeraa:- Anillee nagaadha baga nagaan dhufte garuu si


yaadeera isa obbolummaa. Isa jaalalaammoo abbaa
qabeenyaatiifan dhiise.

Abdii Zarihuun [ 68 ]
H U D H A A

Hawwii:- Siifan bilbilaa narraa kaasi.

Roobeeraan:- Tole

Ariitiidhaan bilbila isaarratti bilbilteef. Innis irraa kaasee


nagaa wal gaafan. Hawwiin "kennaakoo maalif qofaatti na
dhiifte? An si malee eenyuunan qabaa? Ati ifa kootiim siin
ala du'an filadha. Abbaaf haatikoo hamma kee naaf hin gahan.

Ati anaaf ija kooti

Kanan ittiin ilaalu

Ati anaaf ejjennaa koo

Kanan ittiin utaalu

Ati anaaf dugda kooti

Qaama koo kan hoogganu

Anaaf ati tokkodha

Wal irraa adda hin baanu"

Abdii Zarihuun [ 69 ]
H U D H A A

Roobeeraa:- "Anillee jaalala dhugaan siif qaba garuu na


keessatti hiika dhabe. Waan hundumaa caalaa nagaa ta'uu
keetu na boonsa. Sin jaalladha. Qormaati akkam hojjettee?"

Hawwii:- "Maalan hojjedha rakkookoo beekta, kan


qormaataa dhiisi. Ati waan hundumaaf dhiifama naaf godhi"
jetteen.

Roobeeraa:- "Dhiifama siif godheera. Garuu anaaf ati wal


arguun keenyayyuu cimaa jiraa" jennaan Hawwiin haasaa
irratti kuttee.

Abdii Zarihuun [ 70 ]
H U D H A A

"Amma eessa jirta" jetteen. Roobeeraan "mana keenya


fuuldura" jedheen. Hawwiin ammoo "amma abbaankoo mana
hin jiru haadha kootiin Siifan biran deema jedheen baha. Wal
arginaa mana keessanirraa xiqqoo fagaadhuu gadi bu'ii
Qilxuffee jalatti na eegi" jetteen. Qilxuun uffee bakka
seenaati. Qilxuu guddaa gaaddisa bal'aa qabu yoo ta'u. kara
deeman biyya Nuunnuu jedhamuu gara biyya tibbee
jedhamtu kanatti gaafa dhufu utuu qilxuu kana jala hin
buufatin hin darbu. Akka namoonni naannochaa dubbatanitti
maqaan Qilxuffee jedhu kan mogga'eef bara duriitti
Maanguddoon umuriidhaan dullooman tokko karaa utuu
deemtuu dadhabbiidhaan humni harkaa dhume. akka taate
taatee muka kana jala geessee achi jala boqotte. Kanumarraa
ka'uun maqaa muka kanaa "Qilxuu uffee" jettee moggaafte
jedhama.

Garaan wal jaallatee wal barbaadee wal dhabe, walirraa


fagaatees wal dharra'e. Wal argachuuf gahee isaanii
raawwachuun bakka beellamaatti wal argatan. Gaafa wal
argan walittii bahuu dadhaban.

Abdii Zarihuun [ 71 ]
H U D H A A

Hawwiin boo'icha jalqabde. Roobeeraan boo'icha ishee


dhowwuun "heerumni kee qaata dhiiyate waadaan keenya
dhadhaa abidda lixe ta'aa jira" jedheen. Hawwiinimmoo "an
simalee du'een bada malee jiraachuu hin danda'u. Kanaaf an
yoomiyyuu kanuma keeti, sin jaalladha onneerraa ati kennaa
kooti" jetteen. Roobeeraanimmoo "baay’een si galateeffadha
hudhama kana keessaa hin baata jedheen abdiin jira. Garuu
karaan bahamu hin cima. Rakkisuus danda'a. Hawwii ofii
guuttachuuf yeroo jedhan du'atu ofiin namatti dhiyaata.
Adaraa waanan sitti himu wanti barbaade haa ta'u ati
lubbuukee du'aaf hin kennin. Obsa guddaan siif hawwa wanti
hunduu karoora waaqayyoo malee hin ta'u" jedhee adda
Hawwii isa akka biiftuu ifu dibata malee wal qixxaatee jiru
sana mataa ishee isa uumamaan luuccaa dheeraa sana irraa ol
qabee ofitti qabee dhungate.

Hawwiinis "Tole gorsakee fuudheera" jettee saaqxe.


Roobeeraa "Eeyyee! akkasitti bareedda... Yeroo hundaa kolfi"
Hawwii "anoo baay’een si yaadeyyuu…”

Abdii Zarihuun [ 72 ]
H U D H A A

“Gad natti jedhimee sin dhungadhaa!" jettee maddii isaarra


dhungatte. "Jaallachuuf dhungachuun cubbuu miti. Wanta
jaalala keessatti gadhee ta'e hojjechuutu cubbuudha malee.
Animmoo si waanan jaalladheef cubbuun godhe miti,
waaqnis garaa nutti hin jabaatu. Maddi jaalalaa, jalqabni
jaalalaa fi jaalalli mataansaayyuu isa mitiiree. Kanaaf jaalala
keenyatti kan hinaafu hundi nama faayidaa mataasaatiif
deemudha. Yoo uumaa keenya kadhanne kadhati keenya hin
dhaga'ama jedheen yaada" jettee, walii bilbilla jedhanii
jaarsummaa malee Qilxuu uffee jalatti araaramanii gara mana
mana isaanii galan. Bilbilaan wal arguun wal dudubbisuun
wal arguu itti fufan.

* * * * *

Abdii Zarihuun [ 73 ]
H U D H A A

Roobeeraan firiin qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa


bor gad dhiifama waan jedhameef maal akka deebi'uuf eegaa
jira. Hawwiinis kan isheef utuu hin yaadda'in kan Roobeeraa
eegaa jirti. Guyyaan qormaata gad dhiifamuus nii geesse.
Qabxii Roobeeraa kan dura ilaale Hawwii ture. Baay’ee
gammaddeef. Akka mana barumsaa godina sanaatti tokkoffaa
bahe. Qabxiin Roobeeraa 626 ture. Kun gammachuu tokko!

Hawwiin garuu sababa rakkinichaatiif dhiphachaa waan


turteef dubbiftees iddoo itti laattee waan hin hojjenneef hin
darbine ture. Qabxiin deebi'eef 290 ture. Abbaan Hawwiifaa
silumayyuu akka isheen heerumtu waan barbaadaniif baay'ee
gammadan. Hawwiin gammachuuf gadda wal keessaa itti ta'e.

Roobeeraafaa biraa hafuu isheetti baay’ee gaddite. Barumsa


kan biraa barachuuf haatiif abbaan ishee "heerumtee isa bira
teessee baratta. Inniyyuu qabeenya waan qabuuf waanati
feete si barsiisa. Homaa barumsaaf hin dhiphatin" jedhuun.
Hiriyoonni ishee hundi darbaniiru.

Abdii Zarihuun [ 74 ]
H U D H A A

Isheen garuu wanta dhiphattuuf utuu isheen daree keessatti


yaada yaadduu daqiiqaan qormaataaf kenname irratti dhuma.
Kan isheen duwwaa itti kennitellee baay’eedha. Harmeen
Hawwiifaa uffata bituu jalqabaniiru. Hawwinis teessee
yaaddoodhaan mala maltu yaaddi. Guyyaa bulee bari'u waan
haaraa eegdi garuu guyyaa ergaa haaraa fi rakko ishee furuuf
fidee dhufu hin argine.

Taa'umsi ishee rakkiseera. Roobeeraan "online" irra yoo hin


jiraanne teessee fiilmii ilaalti. Fiilmiin biyya kanaa isheen
ilaaltu hundi gaariidhaan jalqabee gidduun isaa gadhee ta'ee
dhumarratti gaarii fiilmii ta'u qofa ture. "Yaa rabbi xumura
keenya akka fiilmii itoophiyaa godhi" waan jettu natti
fakkaata. Asoosamoota baay’ee dubbifti. Sammuun ishee
obsaafi haasaadhaan qaramuu dadhabeera.

** ***

Abdii Zarihuun [ 75 ]
H U D H A A

-11-
Guyyaan har'aa oduu haaraa qabattee waan bariite fakkaatti.
Bilbila ishee irratti miskoolii 17 "kennaa" jedhu ganama
hirribaa kaatee agarte. Ariifattee itti bilbiluuf dirqamte.
"Hello! kennaakoo guyyaan har'aammoo maaliin bari'e
laata?" jetteen. Roobeeraanimmoo "Hawwiiko naaf gammadi
carraa biyya alaatti barachuu naaf bahee jira!" jedheen. "Oh!
Congrats! Baga gammadde kennaakoo" jetteen. Hawwiin
afaaniin akkas jettee haa gammadduyyuu malee kophummaan
isheetti dhaga'ame isa dhumaaf baay’ee ishee yaaddesse.

*****

Dukkanni bakka gadhiise dabareensaa gaafa gahu ifaan wal


jijijjiira yeroon wal qixa isaaniif lakkaa'ama. Inni gaarii
hojjetu ifaan deddeebi'a kan waan ciiggaasisaafi hamaa
hojjetus dukkana dayeeffata. Dukkana keessa gaarummaan
hin jiru jechuu miti. Ifa keessas wanti hamaan hin godhamu
hin jedhamu.

Abdii Zarihuun [ 76 ]
H U D H A A

Garuu ifni yoomuu kan warra gaarii godhaniiti.


Dukkannimmoo kan warra hamootaati. Iftii fi dukkanni kun
yeroo wal harkaa fuudhanii walitti daddabarsanii Roobeeraan
guyyaan deemsa isaatii boriin galeera. Harmeen Roobeeraa
gammachuudhaan qophaa'anii mana isaanii namni hin dhaqne
harmee Hawwii, Hawwii fi abbaa Hawwii malee hin jiru.
Roobeeraan bor ganama deemuuf qophii irra jira.

Fulbaana gaafa guyyaa 17 Roobeeraan karaa deemuuf


qophaa'eera. Hawwiin galgala sana hirribni gara ijasheetti
dhufu hin argamne. Hudhaa jireenyi yeroon harkisee irratti
darbate yookiin hudhee badduu hin baafne yookiin hiikkatee
furmaata ishiif hin laanne.

Caba ishiin cabde lafa isheen miidhamte beekee namni


dhidhiibuuf nama tokko ture. Amma garuu innis lafa
barbaadamee argamuu hin dandeenyeef hiixatamee
qaqqabamuu hin dandeenyetti ol butamaa jira. Kana caalaa
maaltu abdii nama kutachiisaa?

Abdii Zarihuun [ 77 ]
H U D H A A

Halkan gaafasii sa'a ja'a gaafa ta'u kormaan abaaramaan


tokko fagoorra "kukkuluu kuu…" jedhee Hawwii hirribaa
dammakse. Hawwiin kaatee yeroonkoo sirrii mitii? jettee irra
deebi'uun teelee gaafatte. Anas kan naafin galle halkan
sanaan kan deebise waardiyyaa ta'uun shakka malee teeleen
hojjechaa waan bultu nattin fakkaatu. Waardiyyanimmoo
maalitti beekee sa'atii erga. Tarii teeleedhumatu dagatee achi
bulee message deebiseef ta'a malee gaafa message'n Hawwiif
deebi'us saa'atiin ja'umadha. Deebitee rafte.

Sa'aa 11:00 gaafa ta'u Roobeeraan ka'ee bilbila fuudhee


maqaa kennaa jedhu bilbila isaarraa baafatee message
barreessuu jalqabe. "Nagaan naaf jiraadhu. Rakkinaafi
dhiphina obsaan dabarsi! An waantan hafuu hin dandeenyeef
deemaan jira. Uumphaa" message jedhu barreesseefii ergeef.

Hawwiin silumayyuu rafaa waan hin jirreef kaatee akka


nama fincaan dhaquu balbala banattee yaadaan "yaa kotte
lafa barbaadamaan koo jiruun na gahi! yaa lafaa gabaabadhuu
malee kennaakoo bira nan hankaassin!

Abdii Zarihuun [ 78 ]
H U D H A A

yaa yeroo dhaabadhu natti hin barfachiisin! Yaa agartuuko


sodaattee nan qaanessin! yaa garaako raafamtee nan rakkisin!
yaa onneeko naaf obsi nan jarjarsin!" jechaa fiigdee bakka
konkolaatichi jiru utuu deemtuu karaarratti walitti dhufan.
Boo'ichaan miilla Roobeeraa irratti kuftee boossee dhiisuu
didde. Abbaa Roobeeraa manatti nagaa itti waan dhaamaniif
haati Roobeeraa wajjin waan turteef Hawwii haa sossobdu
malee Hawwiin tole jettee boo'icha hin dhiifne.

"Eessa deemtaa tokkichakoo?


Eessa dhaqxaa ifakoo?
Eenyutti na laattee? Garaama kutatteey?
Simalee an hiika qabaay?"
… jechuun gaafa boossu harmeen Hawwiis boo'uu jalqaban.
Roobeeraan Keenbooniin waamee "mucaa kana adaraa sitti
kenneera rakkoo itti dhufaa jiru kanaaf furmaata
barbaadaafii" jechuun Hawwiitti xalayaa tokko itti kenne.
Konkolaataan deemuu waan geesseef namoonni waliin jiran
deemuu woyya jedhan.

Abdii Zarihuun [ 79 ]
H U D H A A

Hawwiin garuu ni didde, naannoo sanas mana booyichaa


goote. Uffata Roobeeraa qabdee itti maramtee haammattee
dhungattee nagaa itti dhaamtee geggeessite. Utuu boossuu
hamma Roobeeraan fuula ishee duraa dhabamutti daabattee
ilaalte.

******

Itti caalee daran sodaachise malee Hawwiin rakkoo itti


dhufaa jiruuf furmaata hin arganne. Furmaanni isheen argatte
yoo jiraate, guyyaa tokko manaa baatee gara magaalaa
deemtee summii (qoricha nama ajjeesu) bitatte. "yoon
furmaata dhabe, mirga uumaan naaf kennameen hawwee
Hawwiin koo uumamaan yoo narraa fudhatama ta'e, jireenyi
kun kankoo miti. Jiraachuunis naaf hin malu. An dirqama
uumamaaf harka hin kennu. Summii kana dhugee du'een
eenyummaa ko lafarraa balleessa" jettee sammuu isheetti
haasoftee of amansiifte. Summii bitte sanas pilaastikii
gurraachaan martee kutaa ishee keessa siree jala keesse.

* * * * *

Abdii Zarihuun [ 80 ]
H U D H A A

-12-
Yeroon isheen deemsa Roobeeraa ariitiin harkiftee fidde
yeroo cidha Hawwiis dachaadhaan ariifattee dhiyeessite.
Heerumni Hawwii torbeetti galeera. Hawwiin harmeefi abbaa
isheetti haasa'uun saalfii itti ta'eera.

Teessee akka nama argee dubbisuufii Walaloo barreessiti.

"Gaafan deemsakee dhagahe

Nattin fakkaanne waan jabaatu

Yammuutii deemuuf kaatu

Hin amanne onnee kootu!

Meeqa mammari'anne

Mariilee seenaaf ta'an

Amma kophaakoon ta'e

Suuraan kee nan dubbisan"

Abdii Zarihuun [ 81 ]
H U D H A A

… jechaa imimmaan fuula ishee irra karaa afuriin yaa'ee


hidhii ishee gajjallaatti walitti bu'ee akka burqituu reef bahaa
jirtuu morma ishee jalaan dhimmisa. Suuraa Roobeeraa
ilaaltee quufuu dadhabde. guyyaatti suuraa afurii ol ergaaf.
Suuraa afur ilaaluun si'a afurii ol boossi.

Suuraa Roobeeraa waliin ka'an keessaa sodaa malee tokko


fuutee walaloo ishee keessaa tokko waliin gadhiifte (post
goote). Walalochis akkas jedha.

"Yaa yaada garaa ofii

Wallaalee ta'us beekaa


Yoon fakkaadhellee gowwaa
Kankoo natu falmata
Ilaalaa hin bu'u bowwaa!

Biyyi lafaa hin guutu


Wal keessa borca malee

Abdii Zarihuun [ 82 ]
H U D H A A

Akka yaadetti jiraachuu


Eenyut danda'e yaalee!

Isa qabeenya qabu


Dhukkubatu rakkisa
Utuu kan nyaatu qabuu
Wanta gogaa nyaachisa!

Isa fayyaa qabummoo


Hin jiru wanti nyaatan
Utuuma hojjetanii
Xiqqaadha kan argatan!

Kan jaallateef fedhasaa


Kan kadhateef deebiisaa
Kan argateef firiisaa
Kan fudhateef bu'aasaa
Ta'ee wal hin qixxaatu

Abdii Zarihuun [ 83 ]
H U D H A A

Jireenya akkas jabaatu


Qobaatti nama gatu
Rakkootti nama darbatu!

Gaaffiidha Hawwii arguun


Fedhanii bakka gahuun
Kan uumaan kenne fudhachuu
Kan didames falmachuu!

Amma yeroon gahutti


Rakkina kennamus fudhachaa
Hamma yoonaa geenyeerra
Jirra hunda baachaa!
Jirra bullee barii arguuf
Fuulduratti tarkaanfachuuf
Ha didu iyyuu malee
Fedhii ofii guuttachuuf!

Abdii Zarihuun [ 84 ]
H U D H A A

Bu'aan jaalala dhugaa


Firiinsaa seenaa kooti
Jaalladheen dhamaaf ta'een!
Roobeeraaf dhaamsa kooti"

… jettee fuula Facebook ishee irratti maxxansite. Roobeeraan


akkuma argeen jalqaba walaloon kun galuufii dide. Irra
deddebi'ee gaafa dubbisu fuulli isaa imimmaan ta'e. Rakkina
furmaata hin qabneef jaalala dhumni isaa hin beekamne
walaloo kana keessa akka jiru hubate. Innimmoo comment
jalatti Walaloo akkana jedhu dhiyeesseef.

"Duumessaa'eef hin roobu


Dhiisuufis carraa qaba
Jaalala koo Siif ibsuuf
Jechaaf akkaataan dhaba
Obsi hamma yerootti

Abdii Zarihuun [ 85 ]
H U D H A A

Yeeroon waa hin jijjiirti


Kan abdatan utuu jiruu
Kan jibban deddeebiti
Gaafa karooraaf ka'u
Hin yaadamneetu ta'a
Hojiinsaa gaarii waan ta'eef
Hawwii bakkaan nii ga'a"
… jedhee walaloo gabaabduudhaan ergaa guddaa dabarfate.
Hawwiinis Walaloo fi gorsa inni gorsu utuu dhaga'uu baattee
jajjabinaafi cimina hanga kana hin argattu. Yaaddoon waan
gochaa wal'aalchisee, teessu taa'aatu dhukkuba. Dhaabattu
miillatu hollata. raftu ijatu sirba. Deemtu nagaa hin argattu.
Haasoftu sagaleetu bada. Maal hidhaafi sakaallaa hamaan
akkasii! Uumaan illee rakkina ishee kana ilaalee dhukkuba
yeroo itti fide kana irraa hin fuudhu.

Abdii Zarihuun [ 86 ]
H U D H A A

Hawwiin gaafa rakkina kanaan dhiphattu cubbuu nama


hundumaa waan fudhatte fakkaatti. "Maalif garuu?" jecha
Keenboon yeroo baay’ee itti fayyadamu sammuu ishee
keessa naannessiti. "Moo an Heewwaaniinan turee" jettee of
dhiphifti.

*****

Kaleessi dheengaddarraa yeroo fuudhee, har'immoo


kaleessarraa yeroo fuudhee Hawwiin har'a galgala abbaa
qabeenyaaf kennamuuf sa'atiif daqiiqaa yeroon lakkaa'amutu
hafe. Harmeen Hawwiifaa qophii ho'isanii manni isaanii
baayyina namaaf sagalee jiippaasiitiin ho'ee babbareedeera.
Nama waamanii mana isaanii keessa mana cidhaa ilma "Bill
Gates" fakkeessaniiru.

Namni har'a achitti wal gahes waanuma nama qarshii "fandii"


fudhachuuf lafa caccabsaa jiru fakkaata. Hawwiin kutaa
isheetii gad hin baane.

Abdii Zarihuun [ 87 ]
H U D H A A

Waayiloonni Hawwii Siifanfaan Hawwii bira olii gadi


jooranii "ati mushurraadhaam shirshir" jedhi jedhuun. Isheetti
garuu abjuu itti fakkaata. Abbaan Hawwii lafa jaarsolii bira
taa'ee haasa'a. gadi darbee Hawwii hin ilaalle. Hawwiin
Siifanfaatiin narraa bahaa jette balbala itti cufatte. Siifanfaan
biraa deemanii hojii jalqaban. Galgallis gaheera.

Har'a sa'atii 4 booda abbaan qabeenyaa Hawwii fudhatee gara


mana isaatti gala. Amma sa'atiin galgalarraa 1:30 dha.
Hawwiin abdii dhumaa kutattee du'a filachuuf akka kaate
eenyullee hin beeku ture. Kutaa ishii teessee boohaa. "Maalif
garuu?'" jetti.

Takkammoo harka ishee gara waaqaatti kaaftee, "Yaa uuma


isa ganama na kalaqxee afuura natti baafattee, Sin kadhadha
an maalifan akka nama tokkootti ija kee duratti ilaalamuu
didee? Eessatti na geessaa jirta? Maalif na uumte? Adaraa
cubbuu kootiif yoo ta'e naaf dhiisi. murtoo hamaa kana narraa
kaasi. Akka fedhakoofi naman jaalladheef laatamee akkan
jiraadhuuf Hawwiikoo naaf guuti.

Abdii Zarihuun [ 88 ]
H U D H A A

Waaqa rakkoo dhageessu kana sitti kennadheera. kanaan ala


of ajjeesuuf murteesseera" jettee boo'ichaaf imimmaaniin
fuula dhiqachaa uumaatti boossee kadhatti.

Hawwiin gaafa haati isheef abbaan ishee dhufan sobdee of


jajjabeessiti. Haati ishees itti deddeebitee jabaadhu mucaakoo
jettiin. Daqiiqaa lama utuu bira hin turin ammoo lafa hojiitti
deebiti. Sagaleen "Haadha Hawwii" jedhu alaa dhaga'amnaan
haati Hawwii "ooo dhufe" jedhanii ala bahan. Kan isaan
waame Keenboon ture. Harmeen Hawwii Keenboon nama
taphatu waan ta'eef nii jaallatu.

"Si'umaa edaa eessatti baddee reef dhuftaa?" jedhanii "kottu


seenimee mucaakoo, Hawwii deemii naaf gorsii naaf
taphachiisi. Adaraa akka nan qaanessine itti himii naaf gorsi.
Fuullishee sirrii mitii" jedhanii. Kutaa Hawwii rurrukutanii ol
seenisan. Waan nyaatamuuf dhugamu kennaniifii
"taphadhaagaan" jedhanii biraa deeman. Keenboonis akkuma
jedhame seenee haasofsiisee gorsee taphachiisee waliin
tattaphachaa turanii gidduutti haati Hawwii dhufan.

Abdii Zarihuun [ 89 ]
H U D H A A

Keenboonimmoo "jedhaagaan Hawwiiko cidhi keessan cidha


Abrahaamiif Saaraa isiniif haa ta'u jajjabaadhu" jedhee "natti
dhihe" jechuun lamaansaaniitti nagaa dhaamee deeme.
Hawwiin isa duraarra erga Keenboon dhufee taphachiisee
deebi'ee fuullishee xiqqoo ife. Haati Hawwiis miira
gammachuutiin gara hojiitti deebite. Yeroon qophiin itti
jalqabamuuf mushurraan gadi baatu dhiyaachaa dhufe.

Hundumtuu bahuu mushurrattii eega. Jaarsoliin qe'ee sanaa


yaa'anii toora galanii taa'anii kolfanii taphatu. Dargaggoonniif
qeerroon naannoo sanaas yaa'anii faarsuu, sirbuuf gadi baha
mushurrattii eegaa jiru. Haadholiin naannoo sanaas sagalee
isaanii wal qixxeessanii ililchuuf naannoo tokko nama
shaniin naannoo tokkommoo nama lamaan naannoo tokkos
nama afuriifi akkasuma akkasitti taa'anii eegu.

Egaa kan hafe yeroon lafa itti qophiin jalqabamurra gahuu fi


mushurraan gadi bahuu qofa. Akkuma eegame sekendoonni
lakkaa'amanii daqiiqaafi sa'atiinis dhumanii yeroon itti
mushurraan gara alaatti baatu geesse.

Abdii Zarihuun [ 90 ]
H U D H A A

Waayiloonni ishees isheetti marsanii gadi baasuudhaaf gara


kutaa isheetti qajeelan. Akkuma balbala irra gahaniin
"Hawwii" jechuun waamanii utuu deebii hin eegin "balbala"
nuuf bani jedhan. Kan isaan jalaa qabu garuu hin argamne.
Hanga danda'an balbala dhiibanis nama isaaniif banu hin
dhaban. Gara Haadha Hawwiitti deebi'uun "balbala nuttii
banuu didde nu dhagahuu hin dandeenye" jedhanii haadha
Hawwiitti himan. Haati Hawwiis suuta jechuun Abbaa
Hawwii gurratti jettee hasaastee waammattee waliin gara
kutaa Hawwii deeman.

Abbaan Hawwiifi haati Hawwiis irra deddeebiin


waamaniyyuu Hawwiin jalaa qabuu hin dandeenye. Kanaan
booda namoota ollaa ciccimoodha jedhanii yaadan
waammachuun balbalicha humnaan dhiibanii cabsanii banan.
Akkuma ol seenaniin raajii ta'ee jiru amanuu dadhaban. Haati
Hawwii akkuma Hawwii mataan lafatti kuftee jirtuufi qoricha
afaansheerra yaa'u arganiin "uu! uu! uu!" jechuun iyyan.
Namoonnis lafa kutaa Hawwiitti dacha'an.

Abdii Zarihuun [ 91 ]
H U D H A A

Hundumtuu raajii kana utuu raajeffatuu Keenboonfaanis


sagalee iyyaa kana dhaga'anii dhufan. "Kaasaa lafaa mana
yaalaatti geessinaa" jechuun "shufeera konkolaataatti
bilbilaa" jechuun sagalee dhadhageessisu. Kana gidduutti
Keenboon "Konkolaataa eeguun ofumaa yeroo fixuudha"
jedhee Hawwii saggoo isaarra kaawwatee fuudhee mana
yaalaatti qajeele. Abbaan Hawwii "kan bannerra badduu
ba'uun hin tolu" jechuun keessummootaan "ol deebi'aa taa'aa"
jechuun Keenboon faana bu'e.

Isaanis "kan dhufneef erga badee taa'umsi keenya maal bu'aa


buusa" jechuun miira naasuufi sodaan gootameen namoota
isaanii waammachuun gara mana isaaniitti galan. Haadholiin
naannoo sanaafi Haati Hawwiifaas Keenboon faana bu'uun
haati Hawwii "wayyoo mucaako natu si nyaate, wayyoo
tokkittiiko natu si galaafate, utuun kana beekee ofiikootiin
boolla lixa malee maaltu kanatti na seensise, Hawwiiko hin
du'in kophaan ta'aa! Hin deemin tokkittiiko waadaan sii gala
lamuu sin dirqamsiisuu!" jechaa boo'aa karaarra deemu.

Abdii Zarihuun [ 92 ]
H U D H A A

Abbaan Hawwii Keenbooniin "jabaadhu... deemi mucaakoo


hospitaalumatti geessinaa" jedhan. Keenboonimmoo "koottaa
karaa kanaan sichi hospitaalatti hin geessinu. Kan dhuunfaa
asii kun nama cimaa fi gaariidha" jedheen. Abbaan Hawwiis
"tole deemi jabaadhuu" jedhaniin. Akkuma achi gahaniin
ogeessa yaalaa sana lafa hojiitti argatan. "Seensisi" jechuun
Keenboon kutaa yaalii baatee akka seenu ajaje. Maatii
Hawwiifi namoota hundumaan "ala turaa" jechuun ol seenee
balbala itti cufe.

Akkuma ol seeneen afaanshee samuunaadhaan miicuun


sooftiidhaan irraa haxaa'ee "nuuf milkaa'eera" jechuun
ogeessi yaalaa, Keenbooniifi Hawwiin sadan isaanii walitti
marmanii wal hammatan. Ogeessi yaalaa sunis, "deebi'ii rafi,
dogoggorri yoo uumame bor hojiikoorratti dhiibbaa fidaa"
jechuun Hawwii ajaje. Hawwiinis akkuma ajajamte deebitee
ciifte. Keenboon ogeessa yaalaatiin "galatoomi, oolmaakee
nama baasu na haa godhu" jedheen. Ogeessi yaalaammoo
"rakkoo hin qabu. Garuu akkamitti tole siif jette?"

Abdii Zarihuun [ 93 ]
H U D H A A

Keenboon "akkuman mana isaanii deemeen haati ishee kottu


Hawwii jajjabeessi taphachiisi jennaan kutaa ishee seeneen
qorichichi homaa akka hin goone ergan itti himeen booda,
yeroon itti gadi baatu gaafa gahu afaanumatti naqadhuu ofirra
dhangalaasii ijakee junuunfadhuu lafarra ciisii nama qoricha
dhugee akkas ta'e fakkaadhu jennaaniin rakkoo kana keessaa
bahuu waan barbaadduuf yaada qaxxaamuraa utuu naaf
dhiyeessitee naan hin mormin tole jette" jedheen.

Ogeessi yaalaa sun, "ammas ganaa nu hafa. Daqiiqaa


muraasa booda akka Hawwiin reef of barteetti waliin haasofta.
An deemeen maatii ishee seensisa" jechuun wantoota dhugaa
fakkeessan qorichootaafi meeshaalee garaa garaa teessuma
irra kaa'ee "Amma jalqabi, ol seensisuun deemaa jira"
jedheen. Akkuma deemee balbala baneen "haati Hawwii
"meerre mucaankoo eessa jirti?" Jechaa Hawwii bira akkuma
gahaniin harka Hawwii tokko lapheetti qabatanii "Hawwiiko
maal taatee na jalaa deemtaa? Nattin himattuu? Anammoo
eenyutti na dhiiftee deemuuf turtee?

Abdii Zarihuun [ 94 ]
H U D H A A

Hawwiikoo maaloo lammaffita na dhiiftee hin deeminkaa!"


Gaafasheen jettu Hawwiin imimmaan karaa afuriin ofirra
lolaasaa "hin deemu harmee! Hin deemu! Atis lammaffaa
fedhakoo malee akka dabarsitee nan kennine namoota kana
duratti waadaa naaf gali" jette. Haati Hawwiis "sin kennu!
Sin nyaadhu. Lammaffa sin galaafadhu mucaakoo. Atumti
naaf fayyi kan bade gadi ha badu malee sichi waanan ta'e
ta'een akka garaakee siif ta'a mucaako" jette. Abbaan
Hawwiis harkashee isa tokko ofitti qabee boo'a ture.
Hawwiinis gara abbaashee ilaaltee "atoo abbaako" jette.

Abbaan Hawwiis "kan fedhe natti haa afu. Lammaffaa akkas


of hin godhin mucaakoo lammaffaa akkas sin godhu" jedhee
boo'ichaaf haasa'uu dadhabe. Gidduutti ogeessi fayyaa dhufee
"ammaaf fuutanii galuu dandeessu garuu irra caalaatti
sammuun ishee dhiphachaa waan tureef qorichichi dafee
sammuu ishee seenee gaggabse. Kanaaf dhiphachuurraa of
eegi" jechuun sobee gargaarsa dhoksaa kana tola Hawwiif
oole.

Abdii Zarihuun [ 95 ]
H U D H A A

Isaanis halkan keessaa sa'a 8tti fudhatanii gara manaatti galan.


Akkuma manatti galaniin keessummoonni isaanii akka
sokkan warra mana turerraa dhaga'an. Galgaluma sana oduu
gammachiisaa kana Keenboon Roobeeraattis himee
gammachiise.

*****

Bultii muraasa booda abbaan Hawwii haadha Hawwii waliin


mari'achuun Hawwiin magaalaa finfinnee deemtee "Rift
Valley University" akka barattu walii galuun murteessan.
Akkuma jedhames hiriyaa dubaraa tokko waliin gara
magaalaa finfinnee deemtee mana kireeffatanii barumsa
achitti eegalan.

Maati isheefi fi maatii Roobeeraafaa Hawwiin utuu hin


deemin walitti araarsitee deemte. Biyyi maatiin kun jiraatan
hundi dinqisiifattoota Hawwiifaa waan ta'an natti fakkaata.

Abdii Zarihuun [ 96 ]
H U D H A A

Hawwiin gadhee jiru dabarsitee gammachuu argattuunis


boonaa har'a gahuu isheetti kan gammaddu taatee amma
waan fooliin nama guutuu ishee irraa urgaa'u itti fakkaachaa
baruumsashee itti fufte. Gammachuumashee kana ibsachuuf
fakkaata. Walaloo akkas jedhu barreessitee fuulaa facebooka
ishee irratti maxxansite.

"OBSADHA
jaalalarratti obsa
Isa hunda danda'u
Kan rakkoo hunda dabarsee
Galmichaan nama ga'u
Hammeenyaan kan hojjetan
Dhumnisaas hammeenyuma
Karaa dhugaan dhugaaf yo bulan
Gaarii ta'ee argama
Kadhata haqa qabuuf
Uumaatti yoo iyyite

Abdii Zarihuun [ 97 ]
H U D H A A

Gaafuma si uumetu
Rakkoo keef deebii laate
Murtoo hamaa murteessuun
Hamaatti nama gata
Yaada waaqaa daangessuun
Hamootaaf deebii laata
Obsanii baachuun furmaata
Baachuun garuu hin ulfaata
Rakkinni hin dhabamu
Biyya lafaatu isumadha
Salphaatti hin darbamu
Obsuun garuu furmaatadha
Imimmaan hin haqamneef
Boo'uun of tortorsuudhaaf
Jireenya geengoo kanaaf
Du'a murteeffachuudhaaf
Kaayyoo of keessaa qaban
Haalotaan dagachuudhaaf

Abdii Zarihuun [ 98 ]
H U D H A A

Qormaatni hin dhibamu


Obsuudhaan kan darbamu
***********

Abdii Zarihuun [ 99 ]
H U D H A A

-13-
Hawwiin erga Finfinnee jiraachuu jalqabdee namoota
baay’eetu ishee hawwa. Yeroo hunda hordofu. Gaafa ishee
ilaalan miira isaanii hin qabatan. Dubbattu dubbiin ishee kan
mi'aawu, deemtu nama hawwattu, ejjettu ilaallattu, sagalee
ishee dhugan hin quufamneef tapha ishee imimmaan nama
buusisu uumaatu uumamaan ishee badhaase.

Gaaf tokko Hawwiin akkuma amalashee mana barumsaatii


baatee gara mana isheetti galaa utuu jirtuu namoonni ishee
hordofan baay'ee waan ta'aniif kutata kutataan wal hin beekan
turan. Haa ta'u malee warri dursa ishee qaqqaban utuu isheen
hin argin bira gahanii kabalanii afaan ishii fi ija ishii hidhanii
baajajii keessa buusanii fuudhanii deeman. mucaa "Abbaa
birrii" jedhamu tokkoof hiikanii kutaa manaa tokko keessa
ishee buusan. Abbaan birrii kunis dubara baay’ee ijaan ilaalee
yoo itti bareedde qarshii isaatiin nama akka fedhetti ajajata.
Durba baay’ees akkanaan miidheera. Dhukkuba HIV/AIDS
tiin qabameera.

Abdii Zarihuun [ 100 ]


H U D H A A

Hawwiin uummata biyya ishee biratti kabajaafi seeraan kan


guddatte har'a dirqamni tokko ifa itti dukkaneessee ishee
marseera. Hawwiin si'a lama gara ishiitti gaafa dhiyaatu si'a
lamaanuu iddoo lama ciniintee ofirraa darbatte. Isa sadaffaa
garuu kabalee joonjesse. Waan dadhabdeef nii gaggabde.
Dursa garuu iyyaa waan turteef sagaleenshees nii laafe.

Abbaan birrii gara isheetti yeroo dhumaaf utuu adeemaa jiruu


balballi rurrukutame. Balballi rukutames waan humnaan
dhahameef hin baname. Kanneen balbala banan sunis fira
Hawwii utuu Hin taane diina Hawwiidha ture. Lammii
jedhama. Mucaa yeroo hundaa bilbila bilbiluuf mana
barumsaatti beektu tokko na jaalladhu jedhee yeroo baay’ee
xalayaa itti ergee dadhabe tokko ture.

Lammii namni jedhamu kun isheen tole jechuu dinnaan innis


har'a Hawwii dudduubaan ijoollee baay'ee fudhatee hordofaa
ture. Garuu akka abbaan birrii qabe waan bareef kutatasaa
fudhatee kan balbala bane gurbicha Lammii ture. Abbaan
birrii yeroo kana baay’ee nahe.

Abdii Zarihuun [ 101 ]


H U D H A A

Hiriyoota Lammii keessaa obboleettii mucaa isa tokkoo irratti


Abbaan birrii ji'a lamaan dura gocha Hawwii irratti
raawwatamuuf ture kana mucattii irratti raawwatee mucattii
dhukkuba HIV AIDS qabsiise jechuun odeeffamaa ture.
Yeroo hedduuf barbaadaa turaniyyuu argachuu waan
dadhabaniif har'a garuu abbaan birrii harka isaanii keessa gale.

Hammanni laafee of wal'aalutti reeban. Hawwiin daqiiqaa


xiqqoo booda of barte. Gaafa lafaa kaatu garuu abbaan birriii
reebamee ciisa ture. Gochi tokkoyyuu akka irratti Hin
raawwatamne of ilaaluun mirkaneeffatte. Lammiifaanis
akkamittiin akka irraa baasan itti himnaan baay’ee
gammaddee hunda isaanii itti maramtee dubbifte. Haa ta'u
malee waayee jaalalaa isheef kaasaa waan tureef fuulduratti
maal akka ta'u waan hin beekneef nii yaaddofti.

Lammiinis itti deemee "duriyyuu sin jaalladha maaloo na


hubadhu. Deebiikee eegeen dhabe" jedheen. Hawwiinimmoo
wanta gootu buuftee baaftee utuu yaadduu yaada tokkorratti
murteessite.

Abdii Zarihuun [ 102 ]


H U D H A A

"Tole Kottaa haa deemnu" jechuun mana ishee fuuldura


geessite. Isaanis "maaltu ta'a laata" jechuun dhaabbatanii
eegu turan. Uffata jijjiirattee gadi baatee hoteela tokko
naannoo isaanii jiru deemanii buna dhugaa haasaa jalqaban.
Iccitii hunda Roobeeraa wajjin dabarsan itti himtee
"Roobeeraa dhugaadhaanin jaalladha. Waliin guddanne.
Waadaa qabna. Ganuu hin danda'u" jetteen. Seenaashee erga
seeraan dhaggeeffatee booda "si hubachuu dhabuu kootiif
dhiifama. Waanan kana hunda hin beekneefan deddeebi'ee si
rakkise" jedhe. Hawwiin deebii kana tasumaa hin eegne ture,
baay’ee gammaddee. "Waan na hubatteefis na gargaarteefis
galatoomi" kanaan booda fira waliif taana jechuudhaan wal
biraa galan.

*****

Jireenyi wanta hamaa qofa of harkaa hin qabdu.


Gaarummaanis harkashee jira. Yeroo hundas hamaa qofa
namaaf hin hiixattu. Gaarii illee laachuu itti beekti.
Mudannoodhaan jireenya jechuu hin dandeenyu.

Abdii Zarihuun [ 103 ]


H U D H A A

Madannoo malees jiraachuun hin danda'amu. Guyyaa


muraasa booda Hawwiin haala dabarsite hunda yaaddee
"borimmoo maaltu dhufaa laata?" jechuun tilmaamti.
keessumaa kan gaafa diinni ishee diina isheerraa ishee baasee!

Roobeeraan guyyaan galumsasaa dhiyaateera. Hawwiinis


finfinneematti qophooftee akka eegdee simattuufii akka
kennaa guddaa qopheessituuf itti himte.

Rakkinni kun hunduu darbee ijji wal utuun ilaalin bubbule


wal ilaaluuf, hudhaa fi eelaa baay’ee dabarsee, karaa wal
bubuusaa deemee, rakkina baqatee rakkina kan hin seenne
rakkina hirmaatee guyyaa kana arguuf kan baay’ee dhama'aa
ture bor wal arguuf aggaammiirra jiru.

Hawwiinis dhufaatiin Roobeeraa bor ganama sa'aa 4:00 tti


waan ta'eef har'a qophii irra turte. Kennaa qopheessiteefis
waraqaadhaan ukkaamsitee (samsitee) jajjabinaaf qophaa'ina
guddaadhaan eegaa jirti.

Abdii Zarihuun [ 104 ]


H U D H A A

Haati Hawwii Hawwiifi ilaaluu dhuftee Hawwii bira jirti.


Haati Roobeeraaf abbaan Roobeeraas mucaa isaanii
simachuuf Finfinneetti argamu. Roobeeraanis akkuma
jedhame sa'a afur irratti Finfinnee gahe. Maatiin Roobeeraaf
Hawwiifaan buufata xiyyaaraatti wal argan. Hawwii fi
Roobeeraan akkuma wal argataniin harkisaaniyyuu walittii
isaan baasuu dadhabe. Namoota isa simatan hunda erga
dubbiseen booda Hawwiin "har'a mana koo qophiin sababa
isaatiif qophaa'e waan jiruuf hundumtuu waliin galla" jette.

Gara manaattis wal fudhatanii galan. Hiriyoonni isaanii


baay'een Keenboonfaanis Siifanfaanis simannaa Roobeeraaf
achitti argaman. Roobeeraan dhaqna (qaama) isaa dhiqatee
boqonnaa erga fudhatee booda nyaatanii, dhuganii utuu
tattaphatanii aduun dukkanoofte. Isa dhumaa yeroo kennaan
Hawwiin Roobeeraaf qopheessite hiikamuu gahe.

Kana gidduutti abbaan Roobeeraa "Kennaan qaba" jedhe.


Dursa abbaa Roobeeraatiif carraa kennan.

Abdii Zarihuun [ 105 ]


H U D H A A

Giiphii isaanii keessaa harka seensisanii qubeelaa lama


baasanii tokko roobeerraatti tokkommoo Hawwiitti Kennan.
Namni hundumtuu iyyee harka walitti rukute. Roobeeraan
abbaa isaa obboo Firoomsaa ofitti qabee dhungatee qubeelaa
itti kenname quba Hawwiitti kaa'e.

Abdii Zarihuun [ 106 ]


H U D H A A

Hawwiinis dabareeshee qubeelaa itti kenname kokkolfaa


quba isaatti keesse. Iyyanii, fooricanii ililchan. Hawwiinis
dabaree ishee kennaa ishee hiikuu deemte. Kan hiiku garuu
Roobeeraadha jedhame. Roobeeraanis fuula nama hundumaa
duratti hiikuuf achi bahe. Ol fuudhee erga namootatti
agarsiiseen booda teessumarra kaa'ee ni hiike. Kennaan
ishees barreeffama qubee gurguddaan barraahee, qalama
diimaadhaan barreeffamee bareedee taa'ee jiru, “HUDHAA”
jedha ture. Hundumtuu ka'ee iyyee hin sirban, Hin wacan, hin
gammadan. Roobeeraafi Hawwiin waadaa jaalalaa fuula
maatii isaanii duratti waliif seenan. Namni hunduu hin waca,
hin iyya. Kennaan Hawwii inni dhumaas ofiishee Roobeeraaf
kennaa gootee kenniteefi HUDHAA jechuun keenyan
manichaa irratti si'a torba barreessanii maxxansan.

HUDHAA!

Xumurameera!

Ergaa Asoosamichaa

Abdii Zarihuun [ 107 ]


H U D H A A

Haa xiqqaatu malee akkasin kanarraa waa barattan shakkii


Hin qabu. Hudhaan akkuma akkaataa isaatti hudhaadha.
Hudhaa kan fidu keessaa tokko rakkina. Rakkinni ofii
isaayyuu hudhaadha. Gaafa dhiiban nama rakkisa, nama
hudha! Hin dadhabsiisa, kiyyootti nama galcha, du'a nama
filachiisa. Garuu jaallalli jiraannaan abdii namaaf kenna.
ABDII jechuun karoora Hawwii gaarii fuuldura ofii jiruuf
yaada gaarii ofiif qabnu nii raawwata jennee obsinee eegnuu
fi rakkina ittiin dandeenyudha.

kanaaf abdiin tooftaa mo'umsaati; obsimmoo riqicha isaati.


Kanaaf jaalala haa qabaannu. Jaalalli cubbuu miti. “Namni
jaalala hin qabne akka dibbee kosh kosh! jedhuuti” jedha
macaafni qulqulluun. Tooftaan mo'umsa jaalalaa, abdii fi
obsadha.

Seenaasaa dhiyeessuuf utuu hin taane irraa baradhaa yaada


jedhuun akkanatti kanan qopheesse yoo ta’u, kitaaba kana
karaa dandeessaniin namoota karaa danda’ameen waliif
daddabarsuu fi qaqqabsiisuu yaalaa.

Abdii Zarihuun [ 108 ]


H U D H A A

Waan dubbftaniif Galatoomaa!

Abdii Zarihuun

2021/2013

Abdii Zarihuun [ 109 ]

You might also like