Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Walaloo illee nan barreessa wa’ee maal barreessu

Kan na dhibu ana jaalalli maaf nama rafisuu

Ciisaaf teessumaa nama dandeessisuu

Jedhe jalqabu akkasin si barreessu?

Jaalalli kee onnee koo yaa ciibsuu

Sittan gammada kenna kooti siitu

Ergan si barre si arge onnen koo baqee

Seente jaalalaan laphee koo keessaa

Akka leenca baroode akka qeerransa harqe

Akkami godhen dhiisa akkamin caalisaa

Yommun ta’ee yaade haala qaqee

Barbaaden dhabe maali kuni falisaa?

Kenna rabii na kenne uumamaa mara keessa ati naf adda

Nan jedha siifu koo baay’een si jaaladha.

Yene wud yene alenta

Anchi hiko nesh yeigzer sitota

Noralewu iyaferkush yene maketa

My wife my life you are always my gift

God bless you Nurilgn yene lihilt

Haati warra kenna waaqati

Keessattu koo siifun badhaasa addati

Gaarumaa kee himuf jechatu na hanqata

Naf jiraadhu seenaa koo galata narra qabda.

Yoon maal jedhe maal dubbadhe

siiyin si gammachiisa

Jaalallee ,kenna moo seenaadha?

Caaltuu,Obsee moo Dammeetu si ibsa

Kamiin si waamu kan sin madaalu

jecha isa kami mee filadhu sin filachiisa.


Si jijjiiruu maqaa haadha milkiiti

Jaalala ijjoolummaa kan barii ganamati

Waliin jiraanna amma jiraanutti

Gammachuu malee gaddi

Argachuu malee dhabuun

Hin jiruu kuni kenna rabiiti

Hunda caalaa jiraachuu nuf wayya

Kenna uuma keenyatti gammadati

Bagumaan kee ta’e atis kan koo

Osoo diinni argu ni jiraanna

Jireenya gammachuufi badhoo

Kiristoos qabna hinqabnu yadoo.

Jedhe si barreesse jecha si tarreesse

Amman beekutu kana na oofkachi yoon balleesse.

Obboleetti koo hawwii

Akkam jirta si haa ga’uu nagaan rabbi

Jiraachuu keetti diinnoni kee of fiixan gabbiin

Nutti obboloonni kee gammadne gammadi

Oomtuu si xuquu haamtuun sitti bu’uu

Osumaa addanuu warren masaanuu kee eebbi kee hin gu’uu

Jabaadhuu kormee koo onneetuu intalaa laggaasaa

Nama jabaatee eebbi isaa dachaa laatee gabbataa

Mee waa si gaafadhuu sirra waa qaqqadhuu

Dhaamsa qabda obbolee keef erga qabdu dhaamadhu

Ani si jira sin jetti obbolee kee siifun rabbii gadiiti

Oomatuu yaadoo hin qabattin Jabaadhu kayyoo qabadhu malee atumtii

Anis si jira jedha obboleessi kee raggooni

Osoo nufi yesuus qabdu si hin argattu rakkooni

Waa qabdeetti jabaadhu oomaafuu hin seesini


Yoo oomtuu jiraachuu baatees bitaaf mirga keettin

Yesuus hoo qabda maaltu si hankaksaa ga’uuf galma

Innoo haalan si dhiisu iddoo kee dhaabatee si falma

Walaloo barreessuulle muuxannoo isa hin qabu

Xiqqoo si ibsuf jecha xiqqoo ishee sif hin dhabu

Eebba qabu dandeessu koo obbolee quxxis

Waaqayyoo inni sif na kenne si naf haa guddisuu

Si eebbisa qabadhuu eebba hangafa

Haamajaajiin kee osoo si gaddu kufe karaatti hafa

Waaqayyoo sif haa kennu ilaameefi ilaameen jiraachuu

Soddaa waaqa keessa jiraatee umurii dheerachuu

Si haa oolchuu gooftichi galfataa isa nyaachuu

Si haa kennu qooda isaa isa gammachiisa jiraachuu

You might also like