Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 40

Baafata

Qabiyyee Fuula
Boqonnaa Tokko: Xiinhima (Syntax)..............................................................................................2
1.1. Garee Jechootaa.............................................................................................................2
1.2. Garee Jechootaa Afaan Oromoo.......................................................................................8
Boqonnaa Lama: Gaalee............................................................................................................16
2.1. Maalummaa Gaalee....................................................................................................16
2.2. Ulaagaa Gaalee............................................................................................................16
2.3. Miseensota Gaalee.......................................................................................................17
2.4. Gosoota Gaalee............................................................................................................21
2.5. Gaalee caatoo/dhaanqee/ isaan agarsiisuu...................................................................27
Boqonnaa Sadii: Maalummaa Himaa........................................................................................29
3.1. Caasaa Himaa..............................................................................................................30
3.2. Kutaawwan himaa.......................................................................................................31
Boqnnaa Afur: Maalummaa Ciroo...........................................................................................34
4.1 Gosoota ciroo...................................................................................................................34
Boqonnaa Shan: Eennaafi Akhima(Tense and Voice)..............................................................36
51. Eennaa..............................................................................................................................36
5.2. Akhima(Voice)...............................................................................................................39
Kitaabilee Wabii........................................................................................................................42

Boqonnaa Tokko: Xiinhima (Syntax)


Jechi ‘syntax’ jedhamu maddi isaa Giriik irraa yoo ta’u; jechoota ‘syn’ fi ‘taxis’ jedhamaniirra
uumame.’Syn-‘ waliin qubachuu (setting out together) jechuu yoo ta’u; ‘taxis’ jechuun ammoo
tooftaa qindaa’uu (systematic arrangement) jechuudha. Kanaafuu xiinhima jechuun saayinsii
waa’ee ykn akkaataa jechoonni sirnaan walitti qindaa’anii gaaleefi hima uuman kan qoratudha.

1
In linguistics, syntax is the study of the rules, or ‘patterned relations’ that govern the way
words combine to form phrases and phrases combine to form sentences. syntax deas with
the way in which we can carve up sentences into smaller constituent parts which consists
of single words or of larger units of two or more words, and the way in which these units
can be combined and/or arranged.(Yule 1997:4)

Kanaafuu, sagaleeleen afaan tokkoo, seera afaan sanaatiin walitti qindaa’anii latii ykn jecha
akkuma uuman hunda; jechootni adda addaas sirna afaanichaatiin walitti qindaa’anii gaalee ykn
hima ijaaruu danda’u jechuudha.
Egaa, gara gaalee ykn himaatti osoo hin ce’iin fuula dura waa’ee gaaleewwan jechootaa
afaanicha keessatti argaman hamma tokko addaan baafachuun baay’ee barbaachisaa dha.

1.1. Garee Jechootaa


Jechoota akkuma jirutti qorachuurra hayyootni afaanii, murnaa murnaadhaan qoodanii ilaaluu
filatu. Akkataan itti murnaatti hiran kun fedhii ykn kaayyoo qorattootaarratti hundaa’a.
Fakkeenyaaf, hayyootni galmee jechootaa qopheessan jechoota duraa duuba qubeetiin
gurmeessuu/qindeessuu filatu. Hayyootni seer lugaa ammoo, jechoota birkiilee dubbii/garee
jechootaa (parts of speech) qoodanii ilaalu.
1.1.1. Qoqqooddii garee jechootaa hayyoota seerlugaa duudhawaan
Fakkeenyaaf, hayyootni seerlugaa duudhawaa garee jechootaa (parts of speech) bakka saddeetitti
qoodu. Kanuma bu’uureffachuudhaan Dr. Abdusamad: kitaaba seerlugaa Afaan Oromoo jedhu
fuula 51 irratti garee jechootaa akka armaan gadiitti kaa’eera.
Isaanis: - 1. Maqaa (noun)
2. Bamaqaa (pronoun)
3. Maqibsa (Adjective)
4. Gochima (verb)
5. Gochibsa (adverb)
6. Wal qabsiiftuu (conjunction)
7. firoomsee (preposition)
8. Raajeeffannoo (interjection)

2
Haa ta’u malee, hayyootni seerlugaa ammayyaa (modern grammarians) garee jechootaa kana
gara shaniitti gadi buusanii ilaalu. Kunis kan ta’uu danda’e; haalli qooddii warra seerluga
duudhawaa (traditional grammarians) ulaagaa hiikaa qofarratti hundaa’a jechuudhaan qeequ.
Akkaataa hayyoota kanaatti fakkeenyaaf, maqaan yeroo hiikamu, jechoota namaaf, bakkaaf,
meeshaaf, gochaaf, ykn yaadaaf moggaasaman maqaa jedhamu jedhu. Hiikni kun hiikkaa
tilmaamaa (notional) ti. Sababiin isaas, jechootni gochaafi, yaadaafi, haala miiraa (ykn, jaalala,
gadda) fi kkf moggaafamu yoo kan maqaa jedhamu ta’e, gareen jechootaa kanneeen biroonillee
kanuma jalatti ramadamu jechuudha. Yaada kana ilaalchisee Aarts,(1997:25) waa jedhu qaba.
A problem with a notional definition of nouns is that it leaves a great numbers of
words unaccounted for. Which could also be said to belong to the class of nouns,
but which do not denote people, animals and things or place… How ever, our
definition would become so stretched and vague that we would end up with little
more than a list of nouns.

1.1.2. Qoqqooddii garee jechootaa hayyoota seerluga Ammayyaan


Jechoota gareetti qoqqooduuf ulaagaa hiikaa qofarratti hundaa’uun gahaa akka hintaane
tilmaamuun nama hinrakkisu. Kana waan ta’eefis, hayyootni ammayyaa jechoota gareetti
qoqqooduuf ulaagaa armaan gadii sadanitti dhimma ba’u: isaanis
1. ulaagaa xiinjechaa : Ulaagaa xiinjechaa jechuun maxxantoota jechootni maxxanfatan
ilaaluun jechoota gareetti qoqqooduuf kan gargaarudha
2. Ulaagaa xiinhiika. Kun hiika jechoonni sun qaban, wantoota isaan bakka bu’aniifi
tajaajila isaanii iaaluun jechoota gareetti qoqqoodhuudha.
3. ulaagaa xiinhimaa ; Kun ammo jechootni hima keessatti bakka isaan qubatan ilaaluun
jechoota gareetti qoqqooduudha.

Fakkeenyaaf,ulaagaa kanatti fayyadamuun garee jechaa bamaqaa jedhu maqaa jalatti galchanii
jiru. Maaliif kan jedhu sababa armaan gadii dubbisi.

I. Bamaqaanis waan hedduun amaluma maqaa qaba

3
A Hiika - jechoonni iddoo maqaa ykn (bakka maqaa) ittiin gargaaramnu bamaqoota
jedhaman” Fkn. Isa, ishee, nuti Isaan, Keenya , Kana fi kkf.
B. ulaagaa xiinjechaa
 Akkuma maqaa matima ni fudhata
Fkn.1. Inni deeme = Isa - inni - isa + ni = inni
2. Isaan deeman
3. isheen barattuudha
 Mallattoo danuu fudhachuu
Bamaqaan tokkoo tokko mallattoo danuu ni fudhatu.
Fkn Lammeessaafaa
Qeenxee danuu
Isa/lshi isin
Ana nu

 Mallattoo dhiirdhal fudhachuu


Mallattoo dhiirdhal fudhachuu maxxanfachuu ykn jecha adda addaa ta’uu dandaa’a
Fkn Dhiira Dhalaa
Isa ishee
Keenya teenya
Kiyya tiyya

C. ulaagaa xiinhimaan yoo ilaalle akkuma maqa hima keessatti dura ykn giddutti dhufu.. Iddoon
itti hima keessatti galan(bakka matimaafi miltootti ykn gara jalqabaafi gara gidduu himaatti.
Fkn. 1. Ani( dura himaatti) Ani barataadha
2. Ana (gidduu himaatti) Inni kitaaba gaarii anaaf bite
2. Jechootaa akkamii walin walitti akka qindaayan
- Maqaa, maqibsi, xumuraafi durduubee
Fkn. a. Maqaa waliin - mana isaa
b. maqibsi waliin - isa guddaa
c xummura waliin. - si yaame
d. durduubee - isatti himi

4
* Bamaqaan dhuma himaarratti hin galani.
Maqaafi bamaqaan maaliin gargar ta’an?
 Uunkaan walfakkaatu
 Qubatanis wal fakkaatu- lamaanuu dhumarratti hingalan.
 Gaaraagarummaa isaan egaa haala itti kornaayaafi danummaa fudhatan irrattidha.
Lamaanuu hinfudhatu garuu haala itti fudhatanirratti adda adda.
Egaa,ulaagaalee armaan oliirratti hundoofnee yoo ilaallee maqaafi bamaqaan garaagarummaa
guddaa hinqabani. Kanaafuu, garee tokko jalatti ramadamu nidanda’u.
Wal qabsiiftuu
Gama biraatiin immoo, walqabsiiftuu hayyoonni caasluga duudhawaa akka garee tokkootti
ramadan; walqabsiiftuu ammoo gara garee jechaa durduubeetti makuun ni danda’ama.
Walqabsiiftuun waan hedduun duurduubee fakkaatu. Walfakkeenyaafi adda addummaa isaanii
haa ilaallu
A. ulaagaa xiinHiikaan “jechoonni jechoota, murnoota jechootaatiifi himeen adda addaa
walitti qarqaban walqabsiiftuu jedhamu” Murnoonni jechoota kun gaalee, ciroo, ykn hima ta’u
nidandaa’u.
B.ulaagaa xiinjechaan :- horteedhaaf uunkaa isaanii hin jijjiirani.jechoota haaraa Uumuufis
bu’uura hinta’an; kanaan durduubee wajjiin wal-fakkaatu.
C. ulaagaa xiinhimaa: –qubata isaanii ilaaluuf bakka lamatti qooduun, nugargaara.
a. Walqabsiistuu hirkachiistuu (subordinating conjunction )
b. Wal qabsiictuu gichisiistuu (co-ordinating conjuction)
Qabsiistuu hirkachiistuu ( Qh) hima tokko keessa yoo jiraate himni sun hima biraa waliin akka
walqabatu ta’a. Kanaafuu, himni duraa akka mata ofii danda’ee hin dhaabbanne taasisti
jechaadha. Garaagarummaan durduubeefi walqabsiistuu hirkachiistuu, durduubeen maqaafi
bamaqaa waliin yoo galu qabsiistuu hirkachiistuun immoo, xumuraafi maqaa waliin gala.

Qabsiistuu hirkachiistuu
Fkn. 1. akkuma deemteen dhufe
2. Osoo kaatuu kufe.
3. yoon dhufun si waama.
4. kan roobu fakkaata.

5
5. waan mufateef irbaata hinyaanne.
Maqaa ykn bamaqaa waliin yoo galan
1. yoo naaf jette gati
2. Waan Caaltuu natti hinkaasin
3. Kan warra isaaf yaaduun se’e
4. Odoo kootii isatti hinhimu.
Qabsiistuu gichisiistuu (co-ordinating conjuction.):- jechoota, himoota, gaaleewwan ykn mit-
himoota lama ykn lamaa ol, kan gareen isaanii walfakkaatu, kan walitti hidhu qaamni kun
qaamota waliiti hidhaman kam waliinuu walitti qindaayuu nidanda’a.
Fk. 1. Caalaafi caaltuun mana deeman
2. Caala ykn caaltuu naa waami.
3. Caalaa moo caaltuu barbaadda?
II. Raajeffannoo
Kana malees, gareen jechootaa raajeffannoo kan yaada miiraa waanta keessa ofiitti dhagaahame
ittiin ibsatan hayyoota caasluga duudhawaan akka garee jechaatti qoodamee jira. Haa ta’u malee,
hayyootni baay’een akka isaan qaama himaa keessatti argamanii sanaa hintaane irratti
waliigalu.Fakkeenyaaf, Aarts (1997:46) yaada itti aanu kana kenna.”If you think about it, they
are not really part of the sentences in which they occure, but literally thrown in (inter-jected)”
jedha. Ulaagaa sadaniin yoo ilaallu
A. ulaagaa xiinHiika:- sagaleen hamilee bifa garaagaraatiin nama keessatti uumame haala kan
ibsuudhaaf futtaafattu raajeffannoo jedhamti. Gadda tuffii, qishina, kadhaa, aarii, jajuu, naasuu
ibsuudhaaf gargaaramna.
B. ulaagaaxiinhimaa- qaamni akka rajeffannootti beekaman hima keessatti bakka dhaabbataa
hin qaban. Jalqaba ; gidduufi dhuma himaattis ni dhufu
Fkn 1. Ilma koo ishoo baga!
2. Ishoo, baga ilma koo! Baga ilma koo ishoo
C. ulaagaa xiinjechaa- Maxxantuu hortees ta’e maxxantuu uumamtee hin maxxanfatu. Garee
kana xiinxaluuf sadarkaa dubbii irratti malee sadarkaa jechaatti xiinxaluun rakkissaadha.
Kanaafuu akka garee jechaatti hinkaawamani.

III. Gochibsii/Xumibsii (adverb)

6
a. gochibsii ulaagaa xiin himaan osoo ilaallee xumuribsiin akkuma jedhame xumura dura
qofa hindhufu; yeroo tokko tokko jalaqaba himaarra; yeroo kan xumura ibsuuf dhufe
irraa fagaatee argina
Fknf 1. caalaan kaleessa hattuu qabe (gochima ibsurraa fagaatee aragama)
1. Kaleessi guyyaa gabaati(jalaqaba himaarratti gochibsiin yoo dhufu
2. Caalaan baay’ee gabaabaadha (baay’ee kan jedhu kun gochima osoo hintaane maqibsii
‘gabaabaa’ jedhu ibsa.
Yeroo kaan ammoo jechoonni akka gochibsaatti nu taajaajilan maqaafi durduubeedha
4. Tolaan Finfinnee deeme (maqaa)
5. Boontuun uleedhaan bofa ajjeefte(durduubee)
Jechoota ammoo gareetti kan qoodnu uunkaadhaan malee tajaajilaan miti. Osoo tajaajilaan
qoodnee afaan tokko keessa gareen jechaa baay’ee heddummachuu danda’a.
Fknf ‘farsoo garbuu’ kan jedhu keessatti ‘garbuu’ kan jedhu akka maqibsiitti nu tajaajile; garuu
garee jechaa isaa maqibsii hinjennu. Gareen jechaa isaa maqaadha.
Gochibsii ulaagaa xiinjechaan
Adeemsa jecha haaraa uumuu keessattti baay’inaan hin hirmaatu. Gochibsiin AO irra deddeebii
qofaan jecha haaraa uumuu danada’a.
Fkn ganama- ganama ganama
Dafee daddafee
A.ulaagaa xiinhiikaan
Jechoonni xumura dura bu’uu dhaan akkaata, yeroo, bakka, meeshaafi sadarkaa gochi tokko itti
raawwatame kan ibsan gochibsoota/xumur ibsii jedhamu. Gaaffilee Akkamitti? Yoom? Eessatti?
meeqa? … jechuudhaan gaafatamaniif deebii kan kennan jechuudha. Ulaagaa kanaan yoo
ilaalame gochibsiin waan jiru fakkaata
Haata’u malee ulaagaa sadan jiran keessaa ulaagaan xiinhiikaa isa laafaadha. Ulaagaa gurguddoo
kan jedhaman u. xiinjechaafi xiinhimaati
Kana jechuun ammoo jechoonni kun afaanicha keessaa badan jechuu osoo hintaane garee jechaa
biroo jala galan jechuudha. Jechoonni dur gochibsii jennee beeknu kun maqaafi durduubee jala
galan.

7
Fkn Finfinnee, suuta, ganama, galgala, barii, kaleessa, boor, har’afi kkf garee jechaa maqaa jala
galan; jechoonni uleedhaan; fardaan, fikkf ammoo garee jechaa durduubee jala galan. hundi,
muraasni, baay’eefi kkf ammoo maqibsii jala galan.

Kanaafuu, gareen jechaa Afaan Oromoo ulaagaa armaan olii sadiiniin ilaalamanii jiraachuun
isaanii mirkanaa’e kanneen armaan gadii qofa akka ta’e hayyootni yaada dhiyeessu. Isaanis:-
1. Maqaa – bamaqaa
2. Durduubee
3. Xumura
4. Maqibsi

1.2. Garee Jechootaa Afaan Oromoo


A. Maqaa
Hiika – jechoota namaaf, bakkaaf, meeshaaf, yaadaaf, gochaaf maggaafaman maqaa
jedhamu.
1. Ulaagaa xiinjechaa
ulaagaan kun jechoota gareetti qoqqooduuf dhamjechoota isaan maxxanfatan
ilaaluudha.ammaaf maqaan maal akka maxxanfatu haa ilaallu
A. . Maqaan matima maxxanfata
Mallattoo matima ta’uu kan ibsu jechuudha. Xumurri ammoo hinfudhatu.
Fk. Farda – fardi Citaa – citaan
Farda dinnaa – fardi diimaan
Mana – manni
B. Mallattoo danuu fudhachuu : Maqaan fufiilee danuu ni fudhata.
Fk. Mana – Manneen
Nama namoota
Maqibsiin irra deddeebiin ykn maxxanfachuun danooma. Maqaa garuu maxxanfachuun
danooma. Kanaafuu, warruma danoomu biraattuu garaa garummaan unkaa nijira jechuudha
C. Mallattoo kornaayaa fudhachuu
Mallattoo yemmuu jennu maxxanfachuu qofa ta’uu dhiisuu danda’a. Jechoonni uumaman dhiira
ykn dhalaa ta’uu beekamuuf mallattoo fudhata. Uumamaan dhiira ykn dhalaa ta’uu isaani kan

8
gargar hinbaasne mallattoon (neutral) ta’e fudhatu. Yemmuu kana mallattoon kornaaya ibsu
xumura irratti mul’ata malee jechicha irratti hinbeekamu ykn hinmul’atu.
Fkn 1. Obboleessa – Obboleetti
2. Jaarsa - jaartii
3. Hiyyeessa - Hiyyeetti
4. Garbicha - Gorbitti
5. Aduun lixxe
6. Mana guddaa ijaare
Ofii isaani Maqaa miti garuu mallattoo kornaayaa nifudhtu. Jechoonni tokko tokko waanuma
wal-fakkaatu tokkoof dhiiraaf Maqaa tokko, dhalaaf Maqaa biroo nilaatu. Fkn. adaadaafi wasiila.
Adaadaan oboleetti abbaa yoo taatu wasiilli obboleessa abbaati. dhirsaafi niitii, intalaafi gurbaa fi
kkf.
Mallattoo uumamteefi walhortee – kunniin maxxantuu yeroo, kornaaya, ramaddii, maqlaaleefi
lakkoofsarratti hundaa’eetti. Jechoota faca’insa isaanii ilaalanii ramaduu caasaa guddaa keessatti
iddoo galu sanatti tajaajilli inni qabu maal akka ta’e kan ilaallatudha. Fkn dura, gidduu dhuma
himarratti galuun tajaajila adda addaa kanaan dura ilaaluuf yaalii goone kennuu dandaa’a.
Kanarratti hundoofnee garee jechaa bakka ramaduu dandeenya.
D. Yaasaan garee jechaa biraarraa uumamuu/uumamsa maqaa)
Maqaa jalqabuma afaanicha keessa jiru malee maqaan haaraa garee jechaa biraarraa uumamuu
danada’a.
I. Uumamsa maqaa: Maqaan garee jechaa adda addaarraa yoo uumamau
1. Maqaan maqaarraa yoo uumamau
Maqaa mul’ataa dhamjecha maqaa dhokataa
Fkn dubartii -ummaa dubartummaa
Daa’ima -ummaa daa’imummaa

2. Maqaan maqibsarraa
AO keessatti dhamjechoonni – ummaa, ina,fi eenya jedhaman maqibsarra maxxanuun
garee jechaa maqaa hinmul’anne uumu.
MI Dhamjecha maqaa haaraa uumame
a. umma
gaarii -ummaa gaarummaa
gamna - ummaa gamnummaa
kashalabbee -ummaa kashalabbummaa

b. -ina

9
diimaa -ina diimina
qal’aaa -ina qal’ina
c. –Eenya
Nagaa -eenya nageenya
Hamaa -eenya hammeenya
Dhiyoo -eenya dhiyeenya
3. Maqaan xumurarraa yoo uumamu

AO keessatti dhamjechoonni –aatii, -uu, -aa/tuu,-sa- umsa, -a jedhaman maqibsarratti


maxxanuun garee jechaa maqaa hinmul’anne uumu.
Gochima/xumura Dhamjecha maqaa haaraa uumame
a. Kuf- - aatii kufaatii
b. Nyaat- -uu nyaachuu
c. ibse- -aa ibsaa
d. Deem- -sa deemsa
e. Bar- -umsa barumsa
f. Mal -a mala
g. Qale -ii qalii
h. Erbe -ee erbee
i. Fiige -cha fiigicha/choo
j. File -maata filmaata

Gareen jechaa nu hinbeekne tokko yoo akka matimaatti ykn Akka antimaatti nu tajaajile ykn
dhamjechoota uumamsa maqaaf nu gargaaran kana maxxanfatee kan jiru yoo ta’e jechi sun
maqaa ta’uu mirkaneeffachuu danadeenya.
2. Maqibsoota
Hiika - jechoonni maqaalee faana bu’uudhaan waayee Maqaa saanii odeeffannoo dabalataa nuuf
kennan maqibsoota (addeessota) jedhamu.
Fkn. 1. Farda gurraacha 2. Namicha dheeraa
Ulaagaa xiinjechaa
1 dhamjecha danuu fudhatu
Fkn qeenxee danuu
Gurraacha gugurraacha
Dheeraa dhedheeraa
2. dhamjecha kornaayaa nifudhata
Dhii dha
Gurraacha gurraattii
Dheeraa dheertuu

10
Qal’aa qal’oo
3. Uumamsa maqibsaa: Maqibsiin garee jechaa adda addaarraa yoo uumamu

Maqibsiin garee jechaa adda addaarraa uumamuu danda’a


1. Miqibsiin gochima irraa yoo uumamu

Gochima dhamjecha uumamtee maqibsii uumame


a. -aa/tuu
Sodaate -aa/tuu sodaataa/tuu
Fokkise -aa/tuu fokkisaa/tuu
bareede -aa/tuu bareedaa
b. -Eessa/ttii
Soore -essa/ttii sooressa/ttii
bule -essa/ttii

C. ulaagaa xiinhimaa( hima keessatti bakka qubataa)


 Iddoo -Iddoon itti galuu caasaa guddaa keessatti jidduutti ykn waan ibsu ykn addeessu
sanatti aanee gala. Duraafi dhumarratti hingalu. Durarratti yoo gale garuu, maqibsi
ta’ee odoo hinta’iin Maqaa ta’eeti. Garu keessa beekettiidhaan Maqaan takka takka
nihaqama.
 Jechoota waliin qindaawu -Jechoota akkamii waliin walitti qindaa’a yoo jenne
maqibsiin Maqaa, (maqibsi) durduubee, xummura walin qindaa’ee caasaa olaanaa
ijaaruu dandaa’a.
Fkn – mana guddaa bite - Maqaa
- mana guddaatti gale – durduubee
- mana guddaadha - xumura
- buleessa/ttii maqibsii
 Egaa gaaffiin asitti ka’uu malu Maqaafi maqibsi maaltu adda godha? Ykn maaltu
tokko godha? Kan jedhudha.Hiikaarratti garaagarummaa hin mul’atu. Uunkaarratti
kornaaya fudhachuurratti garaagarummaan jira. Kana malees, mallattoo kornaayaa
yoo fudhatanis haalli itti fudhatan garaa garummaa qaba. Dabalataanis haalli
mallattoo danuu itti fudhatanis garaagarummaa guddaa qaba. Mallattoo matimaa
fudhachuurrattis garaagarummaa guddaan nimul’ata.
Ulaagaa xiinhimaa
o iddoo- Maqaan duraafi jidduutti hoo galu maqibsiin gara gidduu qofaatti gala

11
o waliin qindaa’ina jechoota lamaanii yoo ilaallu; Maqaa, durduubeefi xummuraa waliin
qindaa’a. Garuu maqaan jecha baay’ee (very) jedhu waliin kan hingalle yoo ta’u, maqibsi
jecha kan waliin nigala
Fk Baay’ee fagoodha - nijedhama
Baay’ee karaadha - hin jedhamu
Garuu jechi baay’ee jedhu kun maqaa dursee hingalu malee maqaa booda dhufuu
danada.a. fkn ‘nama baay’ee’ jechuu danadeenya

3. Durduubee
1.ulaagaa xiinHiikaa– jechoonni of danda’anii ykn xumura jechoota irratti maxxanuun madda
sududaa ykn akkaataa gochi itti raawwate ibsan durduubee jedhamu. Akkasumas, durduubeen
jecha qofaarratti osoo hin ta’iin gaalee irrattis maxxanu nidanda’u.
2.ulaagaa xiinjechaa(dhamjecha durduubeen maxxanfatu)
Akkaataa mallattoo hortee fi uumamtee itti fudhatu kan ilaallatudha. Durduubeen mallattoo
hortee hin fudhatu hinmaxxanfatu.
Fk - gara
- Irraa - mallattoo ramaddii lakkoofsaafi saalaa hinfudhatan.
- itti
- Durduubeen jechoota haaraa uumuudhaaf hingargaaran.
Sababa kanneeniin durduubeen Maqaa maqibsaa fi xumura irraa adda ta’u.
Fk Maqaa = nama + ummaa
Maqibsa = guddaa + ina
Xumuraa = nyaat + aa
Jechoota haaraa yemmuu uuman durduubaa (irra itti, gara) garuu jecha haaraa uumuuf
maxxantuu biroo idaa’achuu uumuu hindandaa’ani.
3. ulaagaa xiinhmaa(bakka qubataa)
 Iddoo:- Caasaa guddaa keessatti iddoo durduubeen itti galu ykn jechoota akkamii
faana akka galan/ akka qindaa’an kan agarsiisudha.

 Jechoota waliin qindaa’u:-

12
Durduubee, Maqaafi bamaqaa dura ykn duuba galuudhaan gaalee ykn hima ijaaru.Fkn. (1)
Caaltuun kaleessa Finfinneedhaa galte. Maqaa waliin qindaa’ee gaalee durduubee uume.
Fkn. (2). Tolaan gara manaa deeme.
Hima armaan olii kessatti jechi gara jedhu durduubee oggaa ta’u maqaa dura gale.
A – durduubee Maqaa booda gale

Fkn 3 Tolaan gara mana barumsaa deeme.


Fkn 4. Isatti kenni.
Hima armaan olii keesatti jechi Isa jedhu bamaqaa oggaa ta’u; itti kan jedhu immoo,
durduubeedha. Kanaafuu, durduubeen maqaan, maqibsi, xumurrifi bamaqaan mataa isaanii
danda’anii yoo galan durduubeen garuu mataa ofii kan danda’an miti. Kanaaf qubaata irratti
kanneen kana irraa adda jechuudha.
Fkn.gurmuu jechootaa itti kenni jedhu keessa beekamaan namni itti kennamu beekamaadha
malee itti qofaa isaa hin dhaabatu.
4.Gochima/ Xummura
A. ulaagaaxiinHiika “jechoonni gocha namni ykn wanni tokko raawwate, haala namni ykn
wanni tokko keessa jiru ykn mudannoo isa qunname ibsan xumura jedhaman:
Fk.1. Caalan barsiisaa dha
2. Dammituun Finfinnee deemte.
3. Tolaan leenca ajjeese
 Hi’eentaa kan mul’isan Afaan Oromo keessatti:
Hin …… Fkn nyaate hin nyaat- ne
Miti…….. Fkn kooti koo miti
B. ulaagaa xiinjechaa
1. Mallattoo henna (tense marker) fudhachuu.
Fk a. Tolaan gara manaa deeme (perfect)
b. Tolaan gara manaa nideema (imperfect)
2. dhamjecha danummaa ni maxxanfata
Fk. a. Jarri kaleessa deeman
b. nu kaleessa galle
3. dhamjecha koorniyaa ni maxxanfata.

13
Fkn. a. Tolaan deeme (koorniyaa dhiiraa =dhamjecha dhokataa)
b. Caaltuun deemte (koorniyaa dubaraa –t-)
Xumura ta’insaa keessaa kan kornaaya argisiisu tur- qofa.Fakkeenyaaf,dhiiraaf ture dhalaaf
immoo turte jenna.
4. Uumamsa gochimni: Gochimni garee jechaa adda addaarraa yoo uumamu
Gochimeessa maxxanfachuun jechoonni garee adda addaa gochima uumuu danda’u.
a. Gochimni maqaarraa yoo uumamu
Jechoota gochimeessa gochima uumame
Fkn nama - oom- namoome
Fira -oom- firoome
Qulqulluu - aa- qulqullaa’e
daalacha - aa- dalachaa’e
b. Gochimni gochima irraa yoo uumamu
(-siis -At- - am-)
Taasifataa/causative
Fkn 1. mure -siis- mursiise
Bite -siis- bichisiise
Deeme -siis- deemsise
Dhamjechoota ollaan dhiibbaan irra ga’e malee jechoonni kun hunduu dhamjecha –
siis- jedhu maxxanfatan
DHamjecha taasifamaa

Fkn 1. mure -am- murame


Bite -am- bitame
argame -am- argame

dhamjecha taasifataa: gocha tokko ofiif kan raawwataudha.


Fkn 1. mure -at- murate
Bite -at- bitate
fide -at- fidate
C. ulaagaa xiinhimaa(bakka qubataa)
 Iddoo :- dhuma hiimaarratti gala
Fk. Caaltuun deemte
- Jechoota waliin qindaa’u
1. Maqaa, maqibsifi durduubee waliin
fkn Maqaa maliin [barsiisaa dha]
fkn Maqibsii waliin [ gaarii dha ]
fkn durduubee waliin [ konkolaataadhaan dhufe]

14
Boqonnaa Lama: Gaalee
Yeroo adda addaa (1.gaaleen hima rarra’ee hafe 2. gaaleen tuta himootaa matimaafi
xumura hinqabnedha) jedhanii namoonni adda addaa yoo hiikan dhageessee beekta ta’a.
yaadni kun garuu guutummatti dogoggora. Kunimmoo gaaleen hima rarra’ee hafe jechuun
gaaleen hima yaada jedhu of keessaa qaba. Himni ammoo matimaafi xumura of keessaa qaba;
gaaleen garuu yoomiyyuu matimaafi xumura walfaana hinqabaatu. Hiikni inni lammaffaa
ammoo gaaleen matimas ta’e xumura/gochima of keessaa hinqabu yaada jedhu qaba.
Fknf [Tolaan leenca ajjeesse] kan jedhu kana keessatti matimni ‘Tolaan’ jedhu gaalee maqaa yoo
ta’u; [leenca ajjeese] kan jedhu ammoo gaalee gochimaa/xumuraati. Himni kun matimas
gochimas of keessaa ni qaba. Kanaaf hiikni kunis dogoggora.

2.1. Maalummaa Gaalee


1. Gaaleen gurmuu jechootaa mat-himaafi xumura walfaana hinqabnedha.
2. Gaaleen jechoota lamaafi isaa ol kanneen akka qaama tokkoottti waliin socho’anirraa kan
ijaaramuudha(Caasluga AO)
3. Gaaleen wal hammannaa jechootaati (Adunyaa B.)
Ibsoonni kun sadanuu gaaleen jechoota lamaafi isaa olirraa ijaaramuu kan ibsan fakkaatu.
Haata’u malee gaaleen jecha tokkorraas ijaramuu danda’a
Fknf Inni [sangaa] bite.
Inni [sangaa diimaa] bite.
Inni [sangaa diimaa guddaa] bite.
Inni [sangaa diimaa guddaa sana] bite.
Caasaaleen Mallattoo [ ] keessa kaa’aman hundi kan gaalee tokkooti. Jechi sangaa jedhu
kun qofaa isaas, jechoota sana waliinis Gmti. Jechi kun gaalicharra jiraachuun dirqama.
Yoo inni dhibe hiika duraa dhaba. Kun ammoo jechi sangaa jedhu kun mataa gaalee sana
ta’uu agarsiisa.
2.2. Ulaagaa Gaalee
Qaamni jecha tokkoo akka inni gaalee ta’e beekuuf ulaagaleen jiru. Qaama gaalee tokko ijaaran
beekuudhaaf ulaagaa gaalee sanii beekuun barsaachiisaadha. Ulaagaleen kunneenis kanneen
arman gadiiti.

15
A. Miseensoonni galee tokko waliin sochu’u qabu.
Fk. 1. Dammi fayyaa namaaf gaariidha
Fayyaa namaaf dammii gaariidha
a. Barattoonni barumsaan cicccimoo guyyaa kaleessaa badhaafaman
b. Guyyaa kaleessaa barattoonni barumsaan cicccimoo badhaafaman
Kan gurraacheffaman miseensota qaama gaalee tokko ijaran waan ta’aniif waliin socho’an
B. qaamni biraa gidduu galuu hinqabu.
Fkn. 1. Tulluun mana citaa bite. Hima kana keessatti jechi Mana citaa jedhu gaalee tokko
dha.Kanaafuu, yoo Tulluun mana guddaa citaa bite* jennee hima ijaarre seerlugaan dogongora.
Sababiin isaas miseensota gaalee tokkoo gidduu qaamni biraa hingalu waan ta’eefidha.
Kanaafuu, miseensonni gaalee kun akkaataa armaan gadiitiin qindaa’uu qabu. Tulluun mana
citaa guddaa bite.
Kana jechuun manatti, guddaarra “citaatu itti dhiyaata. ‘mana citaa Tulluun bite’ jechuun ni
dandaa’ama. Garuu seerlugaan sirrii miti. Yaanni hima babalisuuf dabalamu warra gaalee tokko
ijaaran gidduu seenuu hinqabu.
C. Miseenoonni gaalee tokko ijaaran bakka bu’aa tokkoon bakka bu’uu nidanda’u Fkn. 1.
1.Caaltuun sa’a aannanii bitte. 2.Tolaanis .
a. [Gurbaa diimaa dheeraan sun] barataadha
b.[ Inni] barataadha. .
D. Hiika waliin qindaa’anii dabarsan jiraachuu qaba. Fkn
a) sangaa diimaa
b) sangaa booruu
Fakkeenya (a) keessatti sangaa mataa oggaa ta’u, diimaan ammoo, waa’ee sangaa sanaa kan
addeessu miiltoodha. Fakkeenya (b) jalatti garuu sangaan boorawuu hindanda’u, booruunis
sangaa ibsuu hindanda’u. Kanaafuu, gaalee uumuu hindandaa’anii
2.3. Miseensota Gaalee
Gaaleen tokko miseensa tokko ykn isaa ol qabaachuu mala. Kana jechuun gaaleen mataa
qofaarra ykn mataafi miiltoorraa ykn ammoo mataa, miiltoofi murteessituu irraa ijaaramuu
danda’a. tokkoo tokko miseensota kanaa armaan gaditti haa ilaallu.

1. Mataa (head) – mataa jechuun qaama akka giddu galeessa baataa hiika gaalee sanaatti
tajaajilu jechuudha.Caasaa sanaa kan hoogganuufi waa’een isaa dubbatamuu dha.

16
Miseensota gaalee keessaa kan baay’ee barbaachisaa ta’eefi caasicha keessaa hafuu
hindandeenyedha.
Mataan gaalee Afaan Oromoo keessatti bitaanis mirgaanis argamuu danda’a yaada armaan olii
kana daran ifa taasisuf mee fakkeenya armaan gadii haa ilaallu.
Fkn. 1) Intala diimtuu dheertuu
2) sangaa bite
3) Tolaadhaaf
Akkuma armaan olitti eeruuf yaalame, jechootni jala sararaman mataadha. Fakkeenya tokkoffaa
keessatti mataan gara bitaa jira. Fakkeenyota 2ffaafi 3ffaa keessatti immoo, gama mirgaatiin
argama.
Mataawwan kun hafnaan jechoonni hafan bakkaafi tajaajila duraa hin qabaatan
Jechoota armaan gadii keessatti mataa gaalichaati kan jettu jala sarari.
a. Baay’ee bareedaa h. namaaf gaarii
b. Fiigichaan cimaa i. barumsatti laafaadha
c. Barataa cimaa j. kaleessa guyyaa
d. Nama gaarii k. qawweedhaan
e. Finfinnee deeme l. farsoo garbuu
f. Cimaadha m. aannan sa’aa
g. Gara fInfinnee n. Adaamaa bulcha
2. miiltoo (complement)- miiltoon, qaama biraa kan guutuu taasisu jechuudha. Kanaafuu,
miiltoon jecha dimshaashaa, jiraachuun isaa ruqa (element) biraatiin barbaadamu
jechuudha. Yaada kana ifa taasisuuf fakkeenya armaan gadii haa ilaallu.
Fakkeenya a) biddeena xaafii
b) kaleessa dhufe
c) uleedhaan
Jechoota armaa olii keessatti kan jala muraman miiltoodha. Jiraachuun miiltoo kanneenii mataa
gaaleewwan kanneenii kan ta’an, jechoota jala hin sararaminiin kan barbaadamu dha.
Walumaagalatti mataafi miiltoon hariiroo cimaa qaban.
Jechoota armaan gadii keessatti miiltoo gaalichaati kan jettu jala sarari.
a. kophee haaraa g. saanduqa keessa
b. bofa ajjeese h. abbaa fakkaata

17
c. buna Jimmaa i.kaleessa Finfinneetti
d. farsoo garbuu j. mana keenya
e. akkuma obboleettii k. waa’e barumsaa
f. fardaan dhufe l. huccuu obboleessaaf miicce
miiltoo bakka 2tti qoodna
1. miiltoo sad 2ffaa: mataa waliin hariiroo cimaa qaba
yeroo hedduu mataatti aanee dhufa
fkn mana citaa guddaa

m sad 1ffaa m sad 2ffaa


fiigichaan cimaa dha( mataa -dha)

m. sad 1ffaa m.sad 2ffaa


Murteessituu/determiner
Murteessituun yeroo baay’ee maqaa waliin galee lakkoofsaafi beekamtummaa kan agarsiisudha.
Mataa gaalee tokkoo ifa gochuuf qaama caasicha hammatuudha. Murteessitoonni jechoota
qabiyyees jechoota tajaajilaas ta’uu danda’u.
fkn Ijoollee lama, qaruuraa tokko, namoonni lamaanuufi kkf ta’uu danada’u.
tajaajllaan bakka 3tti qoodna
1. Murteessituu akeektuu : waan tokko wantoota keessaa adda baasanii eeruuf gargaara.
Isaanis: kun,kunneen, sun,sana, sunneen –cha/tti fi kkf
2. Murteessitu ammamii: isaan kun ammoo baay’ina ykn hanga wantootaa eeru: - lama,
muraasa, xiqqoo, baay’ee, si’a tokko, bamaqaalee hinmurtoofne yoomiyyuu, kamiyyuu,
eenyuyyuu of jalatti hammata.
3. Murteessituu abbummaa: abbaan qabeenyaa tokko eenyuun akka ta’e kan
agarsiisanidha. Fkn koo. Keenya, keessan kan (isaa, isaanii, ishee, abaluu)
4.2.1. Hariiroo Miseensota gaalee ijaaranii
Jechoonni waliin qindaa’aniif gaalee hin jedhaman.
Hariiroo kana haala lamaan ilaaluu nidandeenya. Isaanis:-
1. Hariiroo dalgee
2. Hariiroo irraa jalaa

18
Hariiroo Dalgee
Hariiroo dalgee jechuun adeemsa walfaana hiriiruu miseensota gaalee keessatti, hariiroo waliin
ykn walitti aanee qubachuu danda’uu jechootaa kan argisiisu jechuu dha. Kana jechuun
dubbataan afaan tokkoo yeroo jechoota walitti qindeessee himoota ijaaree ergaa ittiin dabarfatu,
jechoota waan ta’aniif qofa walitti fida osoo hin taane, kan walfaana deemuu dandaa’an walitti
qindeesseeti. Fakkeenyaaf namni Afaan Oromoo dubbatu, akkataa armaan gadiitti gaalee
hinqindeessu.
gurracha Tolaan bite guddaa kaleessa farda
Jechootni armaan olii hariiroo dalgee waan waliin hiinqabneef, haala kanaan ollaa walii
qubachuu hindanda’ani. Afaan Oromoo keessatti haala isaan ittiin hiriiruu danda’an akka
armaan gadiiiti. Fknf Tolaan kaleessa farda gurraacha guddaa bite.
Gama biraatiin hariiroo dalgee jechootni gaalee ijaaruu keessatti qaban bakka duwwaa himoota
armaan gadii keessatti argamu jechoota adda addaatiin bakka buufnee ilaaluu dandeenya.
1) Saree 1 guddaan 2 ciniine.
Fakkeenyaaf, lakkoofsa ‘1’ mucaa’dhaan, lakkoofsa ‘2’ ammoo ‘gurraachaa’n yoo bakka buufne
yaada hiika qabu nuuf kennuu dhiisuu danda’a. Yoo jecha ‘gurraacha’ jedhu lakkoofsa tokko
mucaa’ammoo lakkoofsa lamaaf bakka buufne hiika guutuu nuuf kenna. Innis ‘saree gurraacha
guddaan’ gaalee maqaa oggaa ta’u, mucaa ciniine kan jedhu ammoo gaalee xumura ta’a
jechuudha. Gabaabumatti, kun kan nutti argisiisu hariiroo dalgee keessatti jechootni bifa hiika
qabeessummaatiin walfaana hiriruu isaaniiti.
Hariiroo Irraa jalaa
Akkuma gaalee hundeessuu keessatti, jechootni (miseensonni), hariiroo dalgee qaban, hariiroo
irraa jalaatiinis ni ijaaramu. Kana jechuun, hariiroo jechootni, gaalee wajjin, gaaleen immoo
himaa wajjin qaban kan ilaallatu dha. Karaa biraatiin, himni qaama olaanaa gaaleerra caaluufi
gaalee of jalatti hammatu dha. Akkusumas gaaleen kan jecha irra caaluufi kan jecha of jalatti
hammatu ta’uu isaati.
Fakkeenyaaf, Tolaan farda bite kan jedhu himadha. Himni kun gaalee maqaa “Tolaan” jedhufi
gaalee xumuraa farda bite jedhu of jalatti hammata. Gaaleen maqaa immoo, jecha ‘Tolaa’ jedhuf
mat- mul’istu /-n/ of jalatti hammata. Gama biraatiin gaaleen xumuraa gaalee maqaafi xumura of
jalatti hammata. Isaanis: ‘farda’ fi ‘bite’ kan jedhu dha. Kun egaa hariiroo irraa jalaa jechootni

19
qaban kan argisiisudha. Yaada kana ibsuuf, hima armaan olii mee caasaa dhaanqeetiin keenyee
haa ilaallu.
Tolaan farda bite
H

Gm GX

M mur Gm X

Tolaa n farda bite

Yaada hariiroo dalgee (linear relation) fi hariiroo irraa jalaa (hierarchical relation) jechootni
gaalee ijaaruu keessatti qaban hubachuuf caasaa dhaanqee armaan gadi haa ilaallu.
A

B C

D E F G

Akkuma caasaa dhaanqee armaan oliirraa ilaaluun danda’amutti, D fi E, F fi G, akkasumas B fi


Cn hariiroo dalgee walii isaaniitiin qabu. A fi B, akkasumas B fi Dn ammoo, hariiroo irraa jalaa
qabu. Sababiin isaas, D fi En miseensa battalaa (immediate constituent) B ti. E fi Gn miseensa
battalaa (immediate constituent) C ti. B fi C ammoo miseensa battalaa A waan ta’aniif.
Kanarratti D fi E, F fi Gn jalee A ti, garuu miseensa battalaa miti. Gabaabumatti hariiroon irraa
jalaa hariiroo bitaa(dominate)fi jaleeti jechuu dha. Hariiroon irraa jalaa,hariiroo akaakayyuu-
abbaa-ilma gidduu jiru ennaa fakkaatu; hariiroon dalgee immoo,hariiroo ilmaan abbaa tokkoo
jidduu jiru waliin kan wal fakkaatudha.

2.4. Gosoota Gaalee


Baay’inni gosa gaalee afaan tokkoofibaay’inni garee jechaa afaan tokkoo wal qixa akka ta’e
kanaan dura ilaallee jirra. Gareen jechaa Afaan Oromoo ammoo afur ta’uu ilaallee jirra. Kanaaf
gosti gaalee AOs afuri jechuudha.isaanis
a. Gaalee Maqaa

20
b. Gaalee Maqibsii
c. Gaalee Durduubeefi
d. Gaalee Gochimati jechuudha
1. Gaalee Maqaa(noun Phrase)
Gaaleen maqaa jechuun gaalee mataan maqaa ta’e jechuudha. Mataan gaalee kanaa yeroo hunda
gama bitaatti argama. Mataa qofaarraa ykn mataafi miseensota biroorraa ijaaramuu danda’a.
Miiltoon gaalee maqaa:- maqaaa, gaalee maqaa, gaalee maqibsii, maqibsii, murteessituufi
ciroodha.
Caaseffama Gaalee Maqaa
1. Maqaafi maqaarraa fkn mana dhagaa
2. maqaarraa fkn mana
3. Maqaafi maqibsiirraa fkn farda gurraacha
4. Maqaafi murteessituurraa fkn huccuu sana
5. Gaalee Maqaafi maqibsiirraa fkn mana citaa guddaa
6. Maqaafi gaalee maqibsiirraa fkn mana guddaa sana
7. Gaalee Maqaafi gaalee maqaarraa fkn bishaan Amboo qaruuraa lama
8. Maqaafi ciroorraa fkn Tolaan sangaa ati argite bite
9. Gaalee Maqaafi gaalee maqibsiirraa fkn mana citaa bareedaa sana
10. Gaalee Maqaafi maqaarraa fkn aannan sa’aa goromsaa
Hub: gaaleen maqaa kutaawwan himaa lameenuu( matimaafi waahima) jalatti ni argama. Sb isaa
maqaan akka matimaafi waahimaattis dhufuu waan danda’uuf.
Gaalee maqaa caatoon yoo agarsiifnu
Fknf bishaan Amboo qaruuraa lama
GM
GM GM m lama
M M m
Bishaan Amboo qaruuraa
2. Gaalee maqibsii
Gaaleen maqibsii jechuun gaalee mataan maqibsii ta’e jechuudha. Matimaa fi waahima jalaa
ba’uu danda’a.

21
miiltoon gaalee maqibsii:- gaalee maqibsii, maqibsii, durduubee, gaalee durduubeefi
murteessituudha. Maqaafi gochimni miiltoo gaalee maqibsii hin ta’an
Caaseffama Gaalee Maqibsii
1. Maqibsiifi maqibsiirraa fknf diimtuu dheertuu
2. Maqibsiifi murteessituurraa fknf gowwaa sana
3. Murteessituufi maqibsiirraa fknf baay’ee furdaa
4. Gaalee durduubeefi maqibsiirraa fknf fiigichaan cimaa
5. Gaalee maqibsiifi maqibsiirraa fknf diimtuu dheertuu bareedduu
6. Gaalee Maqibsiifi Gaalee maqibsiirraa fknf diimtuu dheertuu bareedduu sana
7. Gaalee durduubeefi gaalee maqibsiirraa fknf akkuma Daraartuu fiigichaan cimtu

Gaalee maqibsii caatoon yoo agarsiifnu


Fknf akkuma Daraartuu fiigichaan cimtuu

GMI
GDD GMI MI
DD M GDD cimtuu
akkuma Daraartuu M DD
fiigicha -an
3. Gaalee Durduubee
Mataan gaalee kanaa durduubeedha. Gosa gaalee kanaa gosoota gaalee biroorraa kan
adda godhu mataan gaalee durduubee qofaa isaa gaalee ta’uu hin danda’u.
sababni isaa durduubeen qabiyyee mataa ofii waan hin qabneef.
Mirgaan ykn bitaan argamuu danda’a. of danda’ee ykn hirkatee argamuu danda’a.
Fknf 1.Akka obboleessaa( of danda’ee) 2. Finfinneetti( hirkatee)
Gaalee durduubee keessatti guuttuun jiraachuun dirqama. Guuttuun miiltoo hafuu hin
dandeenyedha.Fknf
1. Eeboodhaan
2. Fal’aanaan
3. Adaamaatti
4. Akka haadhaa ( kan gurraacha’an mataa gaaleewwan kanaati)

22
Gosoota gaalee 2tti qoodnee ilaaluu dandeenya
1. Of danda’oo: waa’ee, gara, keessa, jala, amma, akkuma, akkafi kkf dha
Duruubeewwan of danda’oon jecha dura ykn duuba galuu danada’a; garuu kan duraa duuba ykn
kan duuba dura hin galan; bakka dhaabbataa qabu.
2. Hirkatoo: jecha of danda’ootti fufamuun gama mirgaa( dhuma caasichaa)irratti
aragamu: isaanis –dhaan, -tti, -n, -f, -anfi kkf (fknf uleedhaan, fardaan)
isaan hirkatoon kun hundi duubgaadha ykn jecha duuba galu.
Bakka galumsaa ilaaluunis 2tti qoodna
1. Durgaa: jecha dura warrra galan: akka, akkuma, waa’e , gara, ol fi kkf dha
2. Duubgaa: jecha booda galu: -dhaan, -n, keessa, jala, gadifi kkf dha
Caaseffama Gaalee Durduubee
1. Durduubeefi gaalee maqaaraa fknf gara mana dhugaatii
2. Gaalee maqaafi gaalee durduubeerraa fknf tarkaanfii tokko gara manaatti
3. Maqaafi durduubeerraa fknf haadha waliin
4. Durduubeefi gaalee Durduubeerraa fknf amma Finfinneetti
5. Durduubeefi ciroorraa fknf erga gabaan galtee
6. Gaalee Durduubeefi gaalee Durduubeerraa fknf akka kaannisaa gurmuudhaan
7. Murteessituufi Gaalee durduubeerraa fknf si’a lama biyyatti
Garee jechootaa keessaa maqaafi durduubeetu baay’inaan gaalee durduubeef miiltoo ta’ee
tajaajila. Guuttuun gaalee durduubee qixuma mataa barbaachisadha.
Maqibsiifi gochimni gaaleedurduubeef miiltoo ta’anii hin tajaajilan
Gaalee maqibsii caatoon yoo agarsiifnu
Fknf tarkaanfii tokko gara manaatti

GD

GM GD
DD -tti
M mu DD
Tarkaanfii tokko gara M
mana

23
4. Gaalee Gochimaa
Gaalee mataan isaa gochima ta’e jechudha. mataan gaaleen gochimaa yeroo hundaa gama
dhumaa (mirgaa)tti argama.Gochimni gariin mataa qofaarraa gaalee ijaarrachuu danada’a. kaan
ammoo mataa qofaarraa ijaarrachuu hin danda’an. Kun ammoo akaakuu gochima sana irratti
hundaa’a. Kana ifa gochuuf gosoota gochimaa haa ilaallu.
Gosoota gochimaa: gochima bakka afuritti qooduu dandeenya.
1. Gochima hafoo
2. Gochima darboofi dachaa darboo
3. Gochima ta’umsaafi
4. Gochima raawwatamaadha
I. Gochima hafoo(intransitive verb)
Gochimoonni kun antiama kallattii kan hin barbaannedha. Gochi antima irratti hin darbu.
Kana jechuun garuu antima qabaachuu hin danda’u jechuu miti. Maqaan ykn gaalee maqaa
antimaa ta’ee hin dhufu; garuu gaaleen durduubee akka antimaatti dhufuu danda’a.
Fkn 1. Caalaan dheerate. a. caalaan akka malee dheerate.
1. Boontuun rafte. b. Boontuun sireerra rafte.
2. Tulluun dulloome. c. Tulluun baay’ee dulloome.
II. Gochima darboofi dachaa darboo( transitive and double transitive)
Gochima darboo: Gochima gochi raawwatame antima irratti darbudha. Gochima antiama malee
hin dhaabbannedha. Raawwatamaan kun gaalee maqaa ta’a. Fknf
1. Boontuun huccuu miicce
2. Caalaan muka mure
3. Boonsaan sangaa bite
Gochimoonni darboofi dacha darboo kun mataa qofaarraa ykn mataafi miiltoo irraa gaalee
ijaarrachuu danda’u.
Dachaa darboo: gochima darboo waliin kan wal fakkaatu ta’ee; Gochimni kun ammoo antiama
kallattiifi al kallattii kan qabudha. Fknf
1. Boontuun huccuu haadhaaf miicce.
2. Boonsaan kitaaba caaltuuf bite.
III. Gochima Ta’umsaa(stative verb)
Gochimoonni kun maalummaa ykn abbummaa waan tokkoo kan eenyu akka ta’e kan himudha.

24
Isaanis: ‘dha, ti, ta’e fi fakkaata’ gochimoota jedhamanidha.
1. Caalaan barataadha.
2. Boontuun obboleettii kooti.
3. Tolaan abbaa fakkaata.
4. Elemoon barsiisaa ta’e.
Gochimoonni kun qofaa isaanii gaalee ijaarachuu hindanda’an. Gaalee ijaarrachuuf guuttuu
barbaadu.fkan kana gadii ilaali.
1 ‘Caaltuun barsiistuu taate’ jechuu dadeenya; garuu Caaltuun taate? Jechuu hindandeenyu.
Gaaffii Maali? jedhu waan kaasuuf guuttuu barbaachisa.
3‘Boontuun dha’ hima jedhu qabaachuu hindandeenyu.Sababiin isaas gaaffii Maalidha? Jedhu
kaasa waan ta’eefidha.Haaluma wal fakkaatuun Waaqni kan roobuu fakkaata. Jechuu
dandeenya; garuu, Waaqni fakkaata jechuu hin dandeenyu. Sababiin isaa, Maali fakkaata?
gaaffii jidhu kaasa. Elemoon ta’e.Himoota armaan olii keessatti jechoonni (murnaan jechoota)
kun yoo keessaa hafan hiika guutuu qabaachuu hindanda’an.
Gochimoonni kun gaalee ijaarrachuuf guuttuu barbaadu.
IV. Gochimoota Raawwatamaa: akaakuu gochima kanaawaanta gochaan irratti
raawwate sana xiyyeeffachuun gaalee isaanii ijarratu. Fkn kana gadii ilaali
1. Sibiilli diimate
2. Sangaan qalame
3. Farsoon qal’ate
Gochimoonni gurraacha’an kun gaalee ijaarrachuuf miiltoo hin barbaadan
Caaseffama Gaalee Gochimaa
Gochimni gaalee maqaa, gaalee maqibsiifi gaalee durduubeef miiltoo ta’ee hin tajaajilu. Garuu
isaan gaalee gochimaaf miiltoo ta’anii tajaajilu. Gochimnis miiltoo ofiif ta’uu danda’a.
caaseffama gaalee gochimaafi fakkeenya armaan gadii ilaali.
1. Gochima irraa fknf deeme
2. Gaalee maqaafi gochima irraa fknf mana citaa ijaare.
3. Gaalee Durduubeefi gochima irraa fknf Finfinneetti gale.
4. Gaalee maqibsiifi gochima irraa fknf fiigichaan baay’ee cimaadha.
5. Maqaafi gochima irraa fknf muka mure
6. Murteessituu, maqibsiifi gochima irraa fknf baay’ee gaariidha

25
7. Mu +GD +GD+G= Si’a lama uleedhaan mataa keessa rukkute
8. Ciroofi galee gochima irraa fkn sangaan ati gurgurte sun didaadha
9. Gochimafi gochima irraa fknf dhufee jira
10. GDD+GM+G Fknf qottoodhaan muka guddaa mure
11. Fi kkf irraa ijaaramuu danada’a.
Gochimni matima malee garee jechaa kamuu faana yoo hiriiree mataa ta’a. matimniifi
gochimni ammoo wal faana yoo dhufan gaalee ta’uun hafee hima ta’u jechuudha.

2.5. Gaalee caatoo/dhaanqee/ isaan agarsiisuu


Kun hima ykn gaalee gosoota gaaleetti, jechatti gad xixiqqeessanii caccabsuudha. Himni kamuu
caasaa dhaanqeen yoo adda babba’u jalbarra gaalee maqaafi gaalee gochimaatti qoodama.
Gaaleen durduubeefi maqibsii kanneen jalaa ba’u.

Fakkeenya kanaa gadii ilaalii kan hafe dalagi


1. Namichi [ [ qawweedhaan] [ hattuu ajjeese ]

GG

GD GG

m M G
M DD hattuu ajjeese
Qawwee dhaan
2. Gurbaan diimaa sun fardaan dhufe
H

Gm Gmg
G
GM GMI GDD dhufe

m mm MI mu M dd
Gurba -n diimaan sun Farda -an

26
3. Buna jimmaa qalqalloo lama gara manaa geessi
4. Sangaa furdaa gabbataa qonnaaf bite
5. Gurbaa diimaa dheeraan sun barataa cimaadha
6. Xurunesh Akka Daraartuu fiigichaan cimtuudha
7. Boontuun kitaaba abbaa isheef bitte
8. Abbaan keenya keessummootaaf hoolaa qale
9. Akka caalaa barumsaan cimaa
.
Boqonnaa Sadii: Maalummaa Himaa
Himni gurmuu (qindaayina) jechootaa, matimaafi xumura qabaatee, yaada guutuu dabarsu, kan
qub-guddeessaan eegalee sirna tuqaaleetiin xumuru fi kan fudhatama qabu, jechuun
nidanda’ama. Ciroo of danda’afi himni tokkodha. Sababiin isaa,lamaanuu ergaa guutuu dabarsuu
danda’u waan ta’eef. Armaan olitti ciroon hima hima keessatti hammatame jenneerra Seerluga
keessatti caasaan olaanaa hiika qabu himadha. Caasaa olaanaa kana oggaa ijaaran, himootni
walgitanii dhaabbachuufi walirratti hirkatanii dhaabbachuu danda’u. Yoo xiyyeeffannoo qixa
laanneef walgichisiifna. Yoo xiyyeeffannoo walcaalsifne immoo, walirratti hirkachiifna. Egaa
qaamni hirkate sun qofaatti ergaa guutuu hindabarsu. Himni immoo ergaa guutuu dabarsuu qaba
jedhameera. Kanaafuu, qaamni hirkate kun hima keessatti ciroo hirkataa jedhama jechuu dha.
Himoota armaan gadii yeroo of danda’aniifi hirkatanii walitti dhufan qalbeeffadhu.
Fkn A) Tolaan furdaadha.
B) Tolaan humna hinqabu.
1. A fi B of dandeessisuun- Tolaan furdaadha, guru humna hinqabu.
2. A fi B hirkachiisuun:- Tolaan furdaa ta’us, humna hinqabu. Kan jala sararame ciroo hirkaataa
ta’uu isaa hubadhu. Egaa walumaagalatti, himoota caasaafi tajajila isaaniirratti hundoofnee
bakka adda addaatti qooduu nidandeenya.Yeroof xiyyeeffannoo keenya waan hintaaneef kutaa
ittaanutti dabrina.
Mathima Dachaa

Himni mathima dachaa qabaachuu danda’a. Mathima dachaa kan jedhamu hima tokko
keessatti maqaa tokkoo ol kutaa mathimaa keessatti, argamuudha. Fakkeenyaaf, himni
asiin gadii mathima dachaa qaba.

27
Waariyoofi Gelleen tokkoffaa ba’an.

Hima isa jalqabaa keessatti mathima qeenxee waan tureef xumurri isaa “ba’e” ture.
Yeroo mathima dachaa ta’utti immoo xumurri isaa gara “bahan”tti jijjiiramee jira.

Gochima Dachaa

Himni tokko gochima dachaa qabaachuu ni danda’a. Gochimni dachaa garee gochimaa
keessatti gochi tokkoo ol yeroo ibsamuudha. Fakkeenyaaf himni asiin gadii gochima
dacha of keessaa qaba.

Waariyoon tokkoffaa ba’ee badhaafame.

Hima kana keessatti xumurtoota lamatu jira. ‘bahe’fi ‘badhaafame’ kan jedhan.
(gochaawwan garaa garaa lama jiraachuu agarsiisa. Kanaaf himni tokko mathimaafi
gochima dacha qabaachuu danda’a. himoonni ulaagaa caasaafi ulaagaa tajaajilaarratti
hundaa’uun gareewwan garaagaraatti ramadamuu danda’u. xiyyeeffannoon boqonnaa
kanaa xiinhima waanta’eef caasaafi qaamolee himaa, keessummmattuu hima
salphaarratti ta’a.

3.1. Caasaa Himaa


Afaan Oromoo caasaalee himaa bu’uura ta’an qaba. Kanneen akka:

A. Mathima + Xumura
Fkn. Caalaan dhufe.
B. Mathima + Antima (maqaa) + xumura
Fkn, Sabbooqaan uffata miicce.
Toltuun nyaata qopheessite.
Himoota lamaa keessatti jechoonni “uffataa”fi “nyaata” jedhan antima ta’u. Sababn
isaas xumurtoonni lachuu xumuroota ce’eniiti.

C. Mathima+Ibsa maqaa+ Xumura


Fkn, Inni bareedaadha.
Isaan dhedheeroodha.
D. Mathima + Ibsa xumuraa + xumura
Fkn, Isaan sirriitti dubbatan.

28
Isheen daddaftee barreessiti.
E. Mathima+ maqaa+ xumura
Fkn, Isaan barsiisotadha; isheen barattuudha.
Himoota lamaan “E” jala jiran keessa “barsiisota” fi “barattuu” jechoota jiran maqaa
ta’anii tajaajila itti guutii kennu. Sababni isaas xumuroota himoota kana lamaani gocha
kan agarsiisan osoo hintaane xumuroota ta’iinsaati.

Hojii 1: Hojii Garee

Garee xiqqaan ta’uun himoota asii gadii dubbisaa. Jechoonni himoota kana keessa jiran
tartiiba sirriin hintenye. Duraaduubummaa jechootaa hima keessatti qaban
gargaaramuun sirreessaatii irra deebi’aa barreessaa.

1. Mana barnootaa Qananiin deemte gara.


2. Barataa kutaa Boonsaan 3ffaa ti.
3. Afaan Oromooti barsiistuu Araareen.
4. Nyaata gafarsaafi hardiidoo Leenci adamsee.
5. Mana barnootaa keenyaa miseensota hedduu qaba.

Hima haala caasaa gaalee inni qabuun bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya. Isaanis
Kutaa I Kutaa II
Uunkaa -gaalee Maqaa -gaalee xumuraa
Seerluga -mattima -waahima
tajaajila -Nama ykn wanta -maaltu akka ta’e, akka dubbatame ykn dhimmi isaa dubbatamu
akka raawwatame ibsa.
Fkn.1. Inni deeme
2. Manni Tolaa baayyee fagoodha.
Afaan biyyaatti kanaa keessatti amalli xumuraa mathima hambisuu ni dandaa’a.
Fkn.1.Deeme. yoo jenne mathimni jecha kanaa akka inni, jecha jedhu ta’e beekamaadha.
Mathimni hima keessatti jalqabarratti akka dhufu beekamaadha.
2. Ergan kafana miicadhee boodan dhufa
3. Caaltuun laagana booda walgalii qubdi

29
3.2. Kutaawwan himaa
Jechootni waliin qindaa’an bakka qubatanitti tajaajila adda addaa qabu. Tajaajilli isaanii kunis;
Mathimaykn Waahima ta’uu danda’a.
1. Matima (gulummoo)
Matimni (subject) gama biraatiin gulummoo jedhamees nibeekama. Hiikni isaas miseensa himaa
kan waa’ee raawwataa gocha himaa sanaan eeramee ykn himichi waa’ee maalii akka ta’e kan
mul’isudha. Yaada kana daran ifaa taasisuuf, mee fakkeenya armaan gadii haa ilaallu.
1. Sabboonaan leenca ajjeese.
2. Leenci Sabboonaa ajjeese.
Himootni armaan olii miseensota isaan irraa ijaaraman tokko. Gochi hima lamaanuu keessatti
hojjetame tokko innis jecha ajjese kan jedhuun kan ibsamedha Haata’u malee hiikaan garuu adda
adda. Garaagarumaan hiikaa akka jiraatu kan godhes raawwataan gocha ajjeesuu gaggeesse
hima-1 fi hima-2 adda adda ta’uu isaati. Hima jalqabaa keessatti gocha ajjeessuu kan raawwate
Sabboonaa oggaa ta’u; isa lammataa keessatti immoo Leenca kan jedhudha. Jechoonni lamaan
kun matima jdhamu.
2. Waahima
Waahima jechuun tajaajila seerlugaa ykn kutaalee himaa keessaa isa lammeessoo ta’ee; kan
gocha matimaan raawwatame mul’isu jechuudha.Akka Dr. Abdulsamad jedhutti “Waahimni,
jecha tokko ykn tokkoo olirraa ijaaramuun nimala. Jechoota waahima ijaaran keessaa,
muummichi, fi’ila (verb) jedhama” (1993:35). Akka hayyuun Aarts, 1993 jedhuttimmoo, fi’illi
ykn xumurri waahimaa (predicator) jedhama. Waahima (predicate) jechuun egaa, qaama himaa
kan matima of keessaa hinqabne oggaa ta’u; waahimaa(predicator) jechuun ammoo; xumura kan
gocha matimaa sanaan raawwatame ibsudha. Yaada kana daran ibsuuf, mee fakkeenya armaan
gadii haa ilaallu.
1a. Sabboonaan leenca ajjeese.
2a. Leenci Sabboonaa ajjeese
Fakkeenya armaan olii keessatti qaamni himaa jala sararame waahima dha. Jechi himeen lameen
keessatti ajjeese jedhu immoo; waahimaadha. (Aarts, 1993:70) akka jedhutti “Predicates are
Verb Phrases and Predicators are verbs” jedha.

30
Egaa walumaagalatti himni tokko yoo xiqqaate matimaafi aantima qabaachuu akka qabu
beekamaadha. Kana ilaalchisee Dr. Abdulsamad, 1993:22 kan armaan gadii jedha. “Himni
kamuu kutaalee lama qaba.Kutaalee lameeniis, matimaafi waahima jedhaman. Matimni kutaa
waa’een isaa hima keessatti dubbatamu hoggaa tahu, kutaan waa’ee matimaa dubbatu ammoo,
waahima jedhama”jedha.

Aantima/irraawwatamaa
Aantimni irraawwatamaa jedhamees nibeekama. Hiikni isaas kan gochi tokko irratti raawwatame
jechuudha. Aantimni kunis aantima fuullee (direct object)fi aantima dalgee (indirect object)
jedhamee bakka lamatti qoodama.
Aantima Fuullee
Akkuma maqaan isaa ibsu, qaama jechaa kan gochi tokko kallattiin irratti raawwate kan ibsudha.
Fakkeenyaaf, hima Boonaan kitaaba Beekaaf kenne jedhu keessatti qaama gochi kennuu
kallattiin irratti raawwate kitaabadha. Kanaafuu, jechi kun aantima fuullee hima kanati. Yeroo
hima si’aawaa gara hima ceelaatti jijjiirru aantimni fuullee gara matimaatti jijjiirama.
Fkn. 1. Hima si’ataa Qeerransi re’ee nyaate.
2. Hima ceelaa Re’een qeerransaan nyaatamte.
Akkuma fakkeenya armaan oliirraa mul’atutti, jechi fuullee jedhu hima isa jalqabaa keessatti
aantima fuullee oggaa ta’u; hima isa jalqabaa keessatti garuu matima ta’ee mul’ata.
Aantima Dalgee
Aantimni dalgeen kallattiin osoo hinta’iin al-kallattiin kan gochi irratti raawwatamu kan ibsu
oggaa ta’u; gochi sun eenyuuf ykn maaliif akka raaewwate kan mul’isudha. .”The indirect object
identifies to or for whom or what the action of the verb is performed”. Fakkeenyuma duraan
kenname hima Boonaan kitaaba Beekaaf kenne jedhu keessatti kallattiin gochi kennu kan
ilaallatu kitaaba oggaa ta’u; al-kallattiin garuu gochi kennuu kun kan raawwatame Boonaadhaafi.
Kanaafuu, jechi Boonaaf jedhu aantima dalgee ta’ee tajaajila.

Boqnnaa Afur: Maalummaa Ciroo


.

31
Akkuma gaaleen walitti qindaayina jechootaarraa uumamu, ciroonis walitti qindaayina
jechootaarraa uumama. Ciroon egaa, gurmuu jechootaarraa kan uumamu, kan ergaa guutuu
dabarsu ykn dabarsuu dhiisuu danda;u jechuudha. Gama biraatiin ciroo jechuun hima hima
keessatti hammatame jechuun ni dandaa’ama.

4.1 Gosoota ciroo


Ciroon caasaarratti hundaa’ee gosa lama akka qabu hayyootni irratti waliigalu. Isaanis: ciroo of
danda’aafi ciroo hirkataadha. Ciroo hirkataan, ciroo hiika guutuu hindabarsine, kan hiika guutuu
dabarsuuf qaama biraarratti hirkatu jechuudha. Faallaa kanaan, ciroo of danda’aan, ciroo of
danda’ee dhaabbatee hiika guutuu dabarsu jechuudha.
Fkn 1) Dameen waan dhukkubsateef, mana yaalaa deeme.
Hima armaan olii keessatti kan jala sararame ciroo hirkataa dha. Ciroon kun mat- himaafi
xumura mataa isaa qaba. Isaanis: Damee kan jedhuufi dhukkubsate kan jedhudha. Ciroon kun
caasaa gadi fagoo (deep –structures) keessatti of danda’ee kan dhaabbatu ture. Isaanis:-
b) Dameen dhukkubsate
c) Dameen mana yaalaa deeme
Yeroo himoota (ciroo of danda’oo) kana walitti fidnee ergaa dabarsinu, isa tokko hirkachiifnee,
isa biraa immoo of dandeessifnee hima xaxamaa ijaarre jechuudha. Kan hirkachiif neefis isa of
danda’ee dhaabbateef xiyyeeffannoo kenninee ergaa dabarfachuu waan barbaanneefidha

Ciroon gaaleerraa addadha. Himni of danda’ee dhaabbatee ergaa guutuu


dabarsa.Gaaleefi ciroon garuu kutaa himaa xiqqaadha.

Ciroon gurmuu jechootaa ykn gaaleewwanii ta’ee mathimaafi kuthima kan qabudha.
Gaaleewwan maqaafi xumura qabaachuu yoo danda’aniyyuu akka ciroowwanii
mathimaafi kutima hin qaban. Ciroon muraasni yaada guutuu yeroo dabarsan kaan
immoo ergaa hin xumuramin dabarsu. Kanarratti hundaa’uun, ciroowwan bakka lamatti
qoodamu.: ciroo of danda’aafi ciroo hirkataa.

1 Ciroo of Danda’aa

32
Ciroo of danda’aan kan of danda’ee dhaabbatee erga guutuu dabarsuufi hima kan
ta’edha.
Fakkeenyaaf, Himni “Inni obbolootasaa waliin mana barumsaa deeme,” jedhu ciroo of
danda’aadha. Sababni isaa ergaa guutuu dabarsuu danda’a; of danda’ees himadha.
Fakkeenyoti ciroo of danda’aa biroon:
- Harsadiin bakka bashannanaati.
- Nagariin miseensa gumii ispoortiiti.
- Kumaan kaleessa dhufe.
- Bara dhufu qorumsa kutaa saddeettaffaa fudhanna.
- Gaaddisaan qaama dhiqate.
Ciroowwan armaan olii hundumtuu ergaa guutuu dabarsu. Kanaafuu, ciroo of danda’aa
jedhamu. Akka himaattis barreeffamuu danda’u. (Qubee guddaan eegalanii fayyadama
tuqaa sirriidhaan daanga’uu danda’u).
2 Ciroo Hirkataa
Ciroon kunis akkuma ciroo of danda’aa mathimaafi kutima yoo qabaateyyuu, ergaa
guutuu hin dabarsu. Himas ta’uu hin danda’u.
Kanaafuu, ciroo hirkataa jedhama, kan eegalus walqabsiistota hirkatoodhaanidha.
(Fkn, waan, akka, utuu, sababa …) ciroon “waan oboleessa isaa waliin mana barumsaa
deemeef” jedhu, ergaa ykn yaada guutuu hin dabarsu. Sababni isaas, walqabsiistuun
“waan” jettu jalqaba irra jirtu, ciroo kanatti aanee bu’aan wayii jiraachuu waan
agarsiisuuf oolti.
Fakkeenyota ciroo hirkataa biroo:
- Sababa kana caalaa eeguu waan hindandeenyeef,
- Guyyaa Sanbataa yoo hojjette,
- Akka bar’een,
- Yoo daftee geese,
- Waan ji’i ishee ga’eef,
Ciroowwan armaan olii kun dubbisaadhaaf odeeffannoo guutuu hin kennan. Ergaa
guutuu waan hin dabarsineefis hima ta’uu hin danda’an. Qaama himaa kan itti hirkatanii
ergaa guutuu dabarsan waan barbaadaniif ciroo hirkataa jedhamu
Gaaffilee Madaallii

33
Ciroowwan armaan gadii ciroowwan hirkataa ykn of danda’aa ta’uu isaanii adda baasi.
Inni jalqabaa siif hojjetameera.
1. Yoo yeroodhaan geese, ciroo hirkataa
2. Hiriyyaakee ta’uun koo nagammachiise ________________
3. Erga galgala galgala hojjechuu eegalee __________________
4. Waanan kaleessa sitti hime ____________________
5. Yeroo Yaa’abelloo deemtu, __________________
6. Kuulanii maatiin ishii baay’ee gorsu. __________________
7. Daraaraan mucaa harka qalleessaati. ___________________
8. Lookoon gorsa ogeeyyii fayyaa waan argateef ________________
9. Maatiin (ogeeyyiin) karoora maatiitti fayyadamu. _______________

Boqonnaa Shan: Eennaafi Akhima(Tense and Voice)

Himoota armaan gadii ilaaluudhaan, waan isaan irratti tokko ta’aniif gargar ta’an adda
baasi.
1. Ishii Sanbata dheengaddaa gabaa deemte.
2. Ishiin sanbata dhufu gabaa deemti.
3. Ishiin guyyaa guyyaa sanbataa gabaa deemti.

51. Eennaa

Eennaan yeroo itti gochi tokko raawwate yookaan raawwatu ibsa.


Fkn, eennaa darbe, eennaa ammaa, eennaa dhufu. Eennaan walitti dhufeenya
dubbatamaa jiruufi yeroo gochaan tokko itti raawwate kan ibsuudha (Klein 1994).
Yeroo itti dubbatamaa jirutti hundaa’uudhaan yeroon ibsamaa jiru kan darbe
(Eennaa darbe: Inni dubbiseera). Eennaa dubbatamaa jiruu wajjiniin kan wal simu
(eennaa ammaa: inni dubbisaa jira). Ykn yeroo itti dubbisaa jiru booda kan raawwatu
(eennaa dhufu: Inni ni dubbisa). Ennaalee bu’uuraa sadiitu jiru.Isaanis: eennaa
darbe, eennaa ammaafi eennaa dhufu.

I. Eennaa Ammaa (Present Tense)

34
Eennaa ammaa kan fayyadamnu, waanti nuti ibsinu yeroo itti dubbachaa jirru waliin kan
walirra oolu yoo ta’e eennaa ammaa jedhama.
Eennaan ammaa akaakuu sadiitu jiru. Isaanis:
A. Eennaa Ammaa Salphaa (Simple Present Tense): Eennaa gocha irra
deddeebiin raawwatu (simple present tense) akkasumas, dhugaa waliigalaafi
gocha ammaa agarsiisudha. Dabalataanis, waan jaallannu yookaan jibbinu ittiin
ibsachuuf gargaara.
Fkn: 1. Inni Finfinnee jiraata.
2. Ishiin haadha ishii jaallatti.
3. Isaan yeroo hunda galgala galgala TV ilaalu.
4. Inni ijoollee lama qaba.
5. Ishiin afaan Ingilizii barsiisti.
6. Isaan ganama ganama sochii qaamaa hojjetu.
7. Ani Ciroottin gala.
B. Ennaa Amsiqaa (present continuous tense): gocha yeroo ammaa fufeenyaan
raawwatamu ibsa.
Fkn. 1. Isaan qayyabataa jiru.
2. Ishiin huccuu miiccaa jirti.
3. Ani asoosama duhbbisaan jira.
4. Inni deemaa jira.
5. Isaan namoota walitti araarsaa jiru.
C. Eennaa Ammaa Murteessaa (Peresent Perfect Tense): -Eennaan kun gochaalee
yeroo darbe raawwataman kan yeroo dubbatamu sana waliin wal qabatu ibsuuf
gargaaramna.
Fkn. 1. Ani cireekoo nyaadheen jira.
2. Lookoon barnoota diploomaa ishii xumurtee jirti.
3. Inni iyyannoo isaa galfatee jira.
4. Biliiseen boqonnaa da’umsaa fixxee jirti.

II. Eennaa Darbaa (Past Tense)


Eennaa darbaan gocha ykn ta’umsa yeroo darbe raawwate kan agarsiisudha. Eennaa
darbaa kan fayyadamnu, yeroo gochi ykn ta’umsi raawwatame yeroo itti ibsamaa jiru

35
dursee raawwatudha. Eennaan kun ta’umsi ykn gochaan raawwatame sun xumuramuu
isaa yookaan itti fufaa turuusaarratti hundaa’uudhaan qoqqoodamuu danda’a.
A. Eennaa darbaa salphaa (Simple past tense): Eennaan darbaa salphaan waan
yeroo darbe raawwate, kan agarsiisudha. Eennaan kun gocha yeroo darbee
keessaa eegalee yerooma darbe keessa xumurame agarsiisa.
Fkn: 1. inni kaleessa hiriyoota isaa waliin taphate.
2. Caaltuufi Hiikaan sila laaqana isaanii nyaatan.
3. ishiin galgala fiilmii eelaa ilaalte.
B. Eennaa Tarsiqaa (Past continuous tense): Eennaa gocha yeroo darbee keessa
fufiinsaan raawwateme kan ibsudha.
Fkn. 1. Yeroo ishiindhufte, roobaa ture.
2. Moosisaan ganama fiigicha shaakalaa ture.
3. Lookoon bariin kaatee mana barumsaa deemaa turte.
C. Eennaa darbaa murteessaa (Past Perfect Tense)
Gocha biroo dursee raawwachuu isaa irratti xiyyeeffate ibsa.
Fkn. 1. Utuu hin rafin dura hojii manaa hojjennee turre.
2. Utuu ciree hin nyaatin dura nafa dhiqatee ture.
3. Osoo hin iyyatin carraa barnootaa argatee ture.
III. Eennaa Dhufu (Future tense):
Eennaan kun gocha ykn ta’umsa gara fuula duraatti raawwatu ibsa. Eennaa dhufu kan
fayyaadamnu, gocha ykn ta’iinsa yeroo itti dubbatamaa jiru booda raawwatu ibsuufidha.
Eennaan dhufu gochi ykn ta’umsi sun itti fufeenyaan raawwachuu ykn al tokko kan
raawwatamu ta’uusaarratti hundaa’uudhaan qoqqoodama.
A. Eennaa Murannaa(Simple future tense): gocha gara fuul-duraatti
raawwatamuun isaa hin oolle garuu yeroo itti raawwatamu kan adda bahee hin
beekamiin ibsa.
Fkn. 1. Ani nan deema.
2. Hora har-sadee daawwachuudhaan guyyaa dhaloota ishii ni kabajatti.
3. Caalaan bara dhufu fuudha.

B. Eennaa Dhufsiqaa (future continous tense)

36
Eennaa gochi itti fufaan yeroo dhufu keessa raawwatamu ibsa.
Fkn, 1. Torban sadan dhufuuf Madda Walaabuun daawwadha.
2. Bariisaa Caalaan sa’aa lama hafan fayyadamee barsiisa.
3. Qananiisaan waggoota itti aanan lamaaniif Oromiyaa bakka bu’ee fiiga.

Eennaa himoota armaan gadii adda baasi.


1. Mucaakoo waliin Jimmaa deeme. ______________
2. Ani laaqanakoo nyaachaan jira. _______________
3. Bokkaan halkan guutuu roobaa ture. ____________
4. Haatikoo guyyaa hunda mana waaqeffannaa deemti. ___________
5. Isheen konkolaachisummaa barattee jirti. ____________________

5.2. Akhima(Voice)

Gaaffiilee kakaastuu

Himoota armaan gadii ilaali garaagarummaa himoota kanneenii himi.


1. Fayyeeraan biqiltuu dhaabe.
2. Baargamoon Fayyeeraadhaan dhaabame.
Akhima jechuun akkaataa hima tokkoo mathima ykn antima irratti xiyyeeffachuun gocha
raawwate ibsinudha. Akhima bakka lamatti qooduun ni danda’ama. Isaanis: Akhima
mat-marratti xiyyeeffateefi anthimarratti xiyyeeffate jedhamu.
I. Akhima mat-himarratti xiyyeeffate(Active Voice)
Fkn, a. Leenci harree nyaate.
b. Caaltuun bishaan waraabde.
c. Ogeessi fayyaa dhukkubsataa yaale.
d. Tikseen loon galche.
e. Boontuun laaqana qopheessite.
Hub. Akhima mathimarratti xiyyeeffate keessatti xiyyeeffannoon ergaa himichaa gocha
mathimaan raawwatame irratti malee, waa’ee anthimaa miti.

II. Akhima Anthimarratti Xiyyeeffate (Passive Voice):

37
Fkn, a. Harree waraabessi nyaate.
b. Bishaan Caaltuun waraabde.
c. Dhukkubsataan ogeessa fayyaan wal’aaname
d. Loon tikseedhaan galan.
e. Laaqanni Boontuudhaan qophaa’e.
Hub. Himoota olii keessatti kan xiyyeeffatame Anthimadha.
Gaaffii armaan gadii deebisi.
Himoota Akhima agarsiisan kanneen, mathimarratti xiyyeeffataniifi anthimarratti
xiyyeeffatan, tokkoo tokkoo isaaniif himoota fakkeenya ta’an shan shan barreessii
hiriyaa keef dubbisi.

Goolaba
Xiinhimi akkaataa itti himoonni jechoota, gaaleewwaniifi ciroowwan irraa ijaaraman
xiinxala. Himni Afaan Oromoo keessa jiru hundumtuu mathimaafi kutima qabaachuu
qaba. Gaalee ibsa maqaa, gaalee gochibsaafi gaalee durduubee of keessaa
qabaachuu danda’a. Danaan caasaa himaa kan agarsiisu, akkaataa gaaleewwan walitti
dhufanii hima ijaaruu danda’aniidha. Caasaan himaa tokko yoo xinnaate gaaleewwan
lama of keessaa qabaachuu qaba. Gaalee maqaafi gaalee gochimaati. Afaan Oromoo
keessatti duraa duubummaan jechoota hima tokko keessaa, mathima, Antimaafi
gochimadha.

Gaaleen maqaafi gaaleen gochimaa walitti dhufuun ciroo uumu. Akaakuuwwan ciroo
lamaan, ciroo of danda’aafi ciroo hirkataadha.
Ciroon of danda’aa qofaa isaa of danda’ee dhabbachuudhaan ergaa guutuu waan
dabarsuuf hima jedhama. Ciroo hirkataan immoo odeeffannoo guutuu hin taane, kan
dabarsuufi akka himaatti of danda’ee kan hin dhaabannedha.
Eennaan yeroo taateen tokko itti raawwate ibsa. Yeroo gochi tokko itti raawwate yeroo
itti gochi ibsamaa jirurratti hundaa’uudhaan murtaa’a. Akaakuuwwan eennaa bu’uura
ta’an sadan:- eennaa ammaa,aannaa darbeefi eennaa dhufudha. Tokkoon tokkoon
isaanii akaakuuwwan eennaa xixiqqaatti qoodamu. Qoodamiinsi kunis gochi sun al
tokko tokkoon itti fufiinsaan raawwachuusaarratti hundaa’a.

38
Gaaffiilee Madaallii
1. Maalummaa xiinhimaa jecha mataa keetiin ibsi.
2. Ciroo hirkataa, ciroo dhaabbataafi hima maaltu walfakkeessaa? Kan adda isaan
godhuhoo?
3. Gaaleefi ciroo hirkataa maaltu adda godhaa?
4. Miseensonni gaalee eenyu fa’ii? Tokko tokkoo isaaniif fakkeenya dhuunfaakee
fudhachun ibsi
5. Hima, ciroofi gaalee maaltu adda godhaa?
6. Akaakuuwwan gaalee ibsuudhaan tokkoon tokkoon isaaniif fakkeenya kenni.
7. Garaagarummaa ciroo of danda’aafi ciroo hirkataa ibsuudhaan fakkeenyaan
agarsiisi.
8. Hima salphaa tokko barreessuudhaan mathimaafi kutima isaa adda baasii
agarsiisi.
9. Himoota gaalee ibsa maqaafi gaalee gochibsaa qaban sadii ijaari, sana booda
danaa caasaa himaa gargaaramuudhaan caasessii tokkoon tokkoo jechaaf
garee isaanii agarsiisi.
10. Gaaleewwan maqaa, gochima, maqibsii, gochibsiifi durduubee ijaari.
11. Himoota eennaa ammaa, eennaa darbaafi eennaa dhufu agarsiisan sadii
barreessi.

Kitaabilee Wabii

Addugna B. (2010) NATOO. Finfine Mega Printing Press.


Komishini Aadaa fi Turizimi Oromiya (1995).Coosluga Afaan Oromo. Finfine Artistik
Printingii Interprizii.
Lightfoot, D. &Fasold, R. (2006).The structure of sentences. In R. Fasold& J. Connor-
Linton (Eds.), An Introduction to Language and Linguistics. Cambridge, UK:
Cambridge University Press.
Moats, L. C. (2010). Speech to Print. Language Essentials for Teachers. Baltimore, MD:
Paul Brookes Publishing Company.
Rosa, A. &Escholz, P. (1994).The Writer's Brief Handbook. New York, NY: Macmillan
Publishing Company.

39
Klein, Wolfgang. 1994. Time in Language. London: Routledge.
Yenenesh Samuel. 2008. Seensa Afaaniifi Xinqooqaa: Reading For Ethiopia’s
Achievement Developed Technical Assistance (READ TA) . Finfinnee, Itoophiyaa
Yule, G. (2006). The study of language. Cambridge: Cambridge University Press.

40

You might also like