Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 105

Cagginoo

Cagginoo

CAGGINOO
(Bissii Walaloo)

Caalaa Warquu Laayyeetiin

Sabbata, Finfinnee, Oromiyaa 2021


Cagginoo

©Caalaa Warquu Laayyee 2022 GC

Mirgi Barreessaa Seeraan Eegamaadha!


Kitaaba kana eeyyama barreessatiin ala maxxansiisuufi raabsuus ta‟ee
waraabanii gara diijitaalawaa kamittuu jijjiiruun akkasumas madda
osoo hin eeriin miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun seeraan
dhoowwadha! Dhimma waloof madda wabeeffachuun ni danda‟ama.

Teessoon barreessaa:
E-Mail- caalaawarquu2021@gmail.com
Facebook/fuulbarruu- Chala Worku
Telegram- https://t.me/ Simbirtuu
Lakk. Bilbilaa: 0931479606

Gulaaltonni:
1 Bilisummaa Shibbiruu waloo, barreessaafi gulaalaa
2 Walqixxee Indaalee gaazexeessaa, barsiisafi barreessaa
3 Abdiisaa Ejjetaa barreessaa, gulaalaafi barataa Fayyaa
Cagginoo

YAADANNOO

Gootota Oromoo Oromummaaf jecha bara dukkanaa sana keessa


dungoo nuuf ta‟uun ofii baqanii dhuman, warra lubbuu qaalii tokkittii
baatu deebi hin qabne aarsaa gochuun wareegaman, akkasumas warri
duudhaafi eenyummaaf akka „coqorsa karaa keessaa‟ isinitti
haqatame,warra Oromummaa tursuuf jecha baddaafi gammoojjii,
qorraaf aduu otoo hin jenne bosonaafi bosonuu firoomfatan, warri ulee
hammeenyaa dandeessanii aarsaa taa‟uun kaayyootti cichitanii
dhalootaan geessan barruun kun Yaadannoo keessan naaf haa taatu.

I
Cagginoo

GALATA

Maatiin koo na waliin dadhabdan naa jiraadhaa wanti galata caale hin
jiru GALATOOMAA! Akkasumas namoonni kitaabakoo jalqabaa
„WAADAA GADAMEESSAA’ irratti na cinaa dhaabbattan dabalatee
Daraartuu Abarraa Barsiisaa, Ayyaantuu Muullataa Itichaa,
Bilisummaa Shibbiruu, Abdulkaaliq Abdulqaadir, Kumaa Margaa,
Tolasaa Badhaadhaa, Galataa Tsaggaa, Ifaargan Guddataa, Dr Jeelaan
Qaasiim peresidaantii yunivarsiitii Madda Walaabuu hoospitaala
reeferaala Gobbaa (MWU GRH), MohaammadAwwal, Dr Ahimad
Yaasiin, Dr Aaddisuu Gaaroomaa, Hooffola Ayaanaa lecturer, Sanyii
Beenyaa lecturer, Muujiib Abdella midwifery department head,
Keenbon Siyum lecturer, Aadam Ismaa‟el academic research head,
Aalleeliny Tasew registrar head, Anuwar Tahir nursing department
head, Nuurii Hajii pereesidaantii barataa, Kennasaa Qalbeessaa itti
aanaa, Dureessa Dinqaa, Naafirom Abeebe, Biruuk Esheetu, Leencoo
Nugusee, Ibsaa Baayisaa, Obsaa Milkeessaa, Abdulqadir Mohamad,
Issaa Alemnewfi warri maqaan keessan hin dhahamiin hundi
galatoomaa.

Qola kitaaba kanaa itti dadhabee yeroo isaa aarsaa gochuun miidhagsee
kan naaf hojjate Tolasaa Badhaadha Hundee hedduun galateeffadha.
Kitaaba kana huuba keessaa guuruun kitaaba gulaaluu irratti warra na
gargaaran Bilisummaa Shibbiruu, Walqixxee Indaaleefi Abdiisaa
Ejjetaa galatan isiniif galcha.

II
Cagginoo

Bafata Fuula
YAADANNOO ......................................................................................................................... I

GALATA ................................................................................................................................. II

SEENSA ................................................................................................................................. VI

1. WAAN DHUGAA JAALATTUUFI ! .............................................................................1

2. QILEE HAA BUUTU DHARRI! ....................................................................................3

3. GUYYAA ABAARAMTUU .............................................................................................4

4. SAKAALLAA KUTUUF UTAALI ! ...............................................................................7

5. HAWWEERAA? ...............................................................................................................9

6. NAN DUBBADHA......................................................................................................... 11

7. IBIDDATU GAARA QABE! ........................................................................................ 14

8. NA HIN GAAFATIIN! .................................................................................................. 17

9. HIREEKOO? ................................................................................................................... 19

10. CAGGINOO! ................................................................................................................. 21

11. NAMA DHUGAAF BAHE ......................................................................................... 25

12. LEENCA ........................................................................................................................ 27

13. KEESSUMMAA DUKKANAA ................................................................................. 30

14. WAL MALEE MAAL DHABNE? ............................................................................ 32

15. COQORSA KARAARRAA ......................................................................................... 36


III
Cagginoo

16. NAAF HIN GADDIINAA! ......................................................................................... 38

17. MIILTOO JIRUU KOOTII! ....................................................................................... 40

18. KAN SODAATAN SODAADHA .............................................................................. 43

19. GANDAAN OF HIN WAAMNU.............................................................................. 45

20. GAANFUREE HAADHA MANAAKOO ................................................................ 47

21. OFTA'UU ! .................................................................................................................... 49

22. SI KOMADHE FINFINNEE! .................................................................................... 51

23. GOOTA DHUGAAF DHAABBATU........................................................................ 53

24. MAALAN HAFE? ........................................................................................................ 54

25. MADAA MOGOLEE ................................................................................................... 56

26. FILANNOO ................................................................................................................... 57

27. IRBUU GOOTAA ........................................................................................................ 59

28. AARTII .......................................................................................................................... 60

29. JOORAAKOO ............................................................................................................... 64

30. YEROO........................................................................................................................... 66

31. DUR BARII LAFAA.................................................................................................... 68

32. GUBAAN GUBAA FIDA............................................................................................ 69

33. GALMA DHALOOTAA.............................................................................................. 70

IV
Cagginoo

34. QALBEEFFADHU ...................................................................................................... 71

35. GAARA DHUGAAN TUULAME ............................................................................. 72

36. BARA DHUGAAN BADDE…................................................................................... 73

37. UJUBA WARRA KEENYAA .................................................................................... 75

38. QE'EE KEENYA DURII............................................................................................. 77

39. MARARTEE KOO....................................................................................................... 79

40. TUR AMMAAN SI BALLEESSAA.......................................................................... 80

41. AMMA DIDE GARAANKOO ................................................................................... 82

42. DIMIMMISAA LAFA BARII .................................................................................... 84

43. HARKA HIN LAADHU! ............................................................................................ 85

44. LOLAAN FINFINNEE YAASE ................................................................................ 87

45. AKKAM SIIF TA'U? ................................................................................................... 89

46. GANNI ROOBA QAQAWWEESSEE ..................................................................... 93

47. DHIISNEE SHAGGARII BAANEE ......................................................................... 94

V
Cagginoo

SEENSA
Oromoon uummata kabajamaafi jaallatamaa angafa Gaanfa Afrikaa
yoo ta‟u, hundeen isaa Kush irraa kan dhufeedha. Qaroomni Afrikaa
yemmuu ka‟u jalqaba irratti maqaa warra kush dhahu. Angafni kuush
Oromoodha. Osoo dhugaan kana ta‟ee jiruu, seenaa warra guddaa kana
maqsu. Seenaa haalaanis seenaan afaan qaba ni lallaba. Yoo afaan
ukkaamsannillee funyaaniin dubbata. “Seenaa Rirmi Hin Nyaatu”
Haacaaluu Hundeessaatu jedhe. Seenaan warra guddaa kanaa
fagoodha; seenicha gara maqsuun urjii samiirraa lakkaa‟uuf yaaluu,
galaana hidhuufi uumaadhaan morkuu ta‟a.
Inaaffaa alagaatiin malteen itti yaadamee akka urjii samiirraa addaan
bittinnaa‟ee, wal dhabee qananii isaa akka dhabuuf irratti hojjatamaa
ture. Akkuma karoora isaanitti milkaa‟anii qananii Oromoofi sirna isaa
saamanii kan ofii fakkeessuun waan keenya nu wallaalchisan. Nutis
sakaallaa barootaaf dhalootarratti xaxamaa ture hiikuuf guduunfaa sana
barbaacha walkuffisnee; cancala alagaa jalatti jilbeeffachuuf dirqamne.
Guyyaa adii ifa keessatti wal dhabnee, gaadii alagaa jalatti erga kufnee
hanga har‟aatti hin hiikkanne. Hidhaa sana hiikkachuuf kaayyoofi
yaada tokko qabannee tirachuun akkasumas wal argachuun furmaata.
Oromoon waan irratti wal dhabe hin qabu, waan waliin dhabe qaba.
Bara sirna isaatiin bulaa tureetti gadadoo argee hin beeku. Uummata
ollaa isaa waliin nagaafi tasgabbiin jiraatu akkasumas naamusa gaarii
qabu, kan addunyaa tanaaf nagaa hawwaa ture ta‟uu Sirni Gadaa
ragaadha. Uummanni kun qabeenyaan kan badhaadhe, uummata
qanaanii qabu, uummata dafee dammaqe, uummata qaroomaa,
eenyummaa isaa baree dhaloota dhaalchisaa dhufe ta‟uu seenaan ragaa
baha.
Qaroomina isaa keessaa muraasni Sirna Gadaa bara fagoo
dimookiraasii warra Dhihaaf hangafa, dhaha mataa isaa kan qabu,
amantii, falaasama xiinsammuu, aartiifi afoolaan dhaloota barsiisaa
dhufe. Kalaqa uummata kanaa keessaa aartiin isa tokko. Aartiin
VI
Cagginoo

jalqabuma uummata bal'aa kana keessatti dagaagee dhalootaa


dhalootatti darbaa dhufe. Oromoon gaddaafi gammachuu, akkanuma
roorroofi gootummaa isaa bifa afoolaa yookaan aartiin ibsata.
Anas ayyaanafi ayyaantummaa warra Oromtichaatu natti hafee
aartiidhaan afuura baafadhe. Aartii akka hambaa seenaatti ilaaluun ni
danda'ama. Barruun „CAGGINOO’ jedhu kun akka kalee itti turre,
akka har'a itti jirru, akkasumas boru akka taanu ergaa walaloon kun
ofkeessatti qabatee jiruudha. Ani itti gaafatamummaa koo baheera,
dubbisuun kan keessani dhangaa kana dhama isaa isintu beekaa
hoodhaa na harkaa simadhaa. Dubbistootaaf dhaamsin dhaamu waan
warra keessanii biraa hin dhabaminaa dhangaa isiniif qophaa'e
dhandhamaa!

Dubbisa gaarii…..

VII
Cagginoo

1. WAAN DHUGAA JAALATTUUFI !

Humnas qabaattee miti,


kan bishaan si dadhabu.
Bareeddees kaarruu miti,
kan biyyi siif gaggabu!

Atoo hoogganaas miti,


hin baranne doofadhaa.
Xuriiyyuu hin dhiqattuu,
uffannikee moofadha.

Faannikee babbaqaqaan,
saantima fayyaa galchaa
Dibatteen haxaawwattu
fuulli keetuu daalacha.

Si jaalatu si faarsu,
akka koodee tiruutti
Teessoorraa ol siif jedhu
akka mootii biyyaatti!

Dulloomtee raagdeefoo,
haarrii hin biqilchine.
Sooreessa siin jechuuf,
qottee hin dilbeechine!

Waa'eedhumtikee kuni,
raajiidha nama dhiba!
Iccitiin isaa hin baramu,
akka qixxaa irra dibaa!

1
Cagginoo

Warri biyya bulchanuu,


warreen qondaalaaf mootii
Amma kee hin kabajamu,
warri akka soddaa kootii.

Maal? akkamiitti, maaf?


jennee gaafannus kalee,
Iccitiin isaa as dhiyoodha,
hubannee reef nuu galee!

Dhugaaf kakattee duutaa,


bubbee nagaa bubbista.
Gad jeettee harka fuutaa,
xiqqaaf guddaa dubbista.

Maalumattuu hin sharaftuu,


dhugaadhaaf dhagaa baattaa,
Qooqxee midhaan lagattee,
garaakee duwwaa kaatta.

Guddaa ormaa hawwitee,


xiqqaa kan kee hintuffattu,
Garaan kee gaarii yaadaa,
hamaa namaan dubbattu.

Dhoksaan nuun si jaallannu,


kan lubbuu siif wareegnuufi,
Icciitii biraa hinqabnu;
Waan dhugaa jaalattuufi!

2
Cagginoo

2. QILEE HAA BUUTU DHARRI!

Ni fakkeessan malee,
qunceen arba hin hiitu;
Ni odeessan malee,
gaangeen samiin dhiittu !
Haa odeessaa ooluu,
namni yaada odeessa;
Haa fakkeessaa ooluu,
namni yaada fakkeessa!

Dhuguma gaangeen utaaltee


kotteedhaan samii geessii?
Qunceenis dhugum wal hiitee
arba hidhuu dandeessii?
sakaaltee of jala keessii?
Maaf jedhuu, Maaf odeessuu?
waan hintaane maaf fakkeessu!
Maaliif sobaan nu waaduu?
hamma yoom cilee addeessuu?

Shaggarii xaafii calleessanii,


Gondaritti cidiin ija buutii?
Jiraatanis fakkeessanii
namaaf hafaaree duuti?
Itti dhiisaa lakkisaa,
fakkeessuu beeku jarrii;
Itti dhiibaa harkisaa,
Qilee haa buutu dharri!
3
Cagginoo

3. GUYYAA ABAARAMTUU
Jabaan sirbee geeraruu,
tasa bahee dhabame;
Osoo didee weeraruu,
kiyyoo diinaan qabame.

Gaddi nurra bubbulee,


kolfuun nurraa godaane.
Madaan keenya kulkulee,
dhukkubsachaa baane.

Gammachuun nurraa sokkee,


gaddaan onneedhaa cabne.
Maal guyyaa abaaramtuun,
guyyaa qaalii itti dhabne!

Godaannisa kan taate,


dafnoo guyyaan ekeraa;
Seenaa kee xureessite,
nurraa nyaatte mararaa.

Kibxannillee ni beekta,
hayyuu dukkanatti hiite;
Siinis seenaaf olkeenya,
hedduu Oromoo miite.

Roobiiniis boo'ichaan oole,


guyyaa gootni awwaalame;
Kamisa biyyoo dhandhame,
kaayyoon isaa sakaalame!

4
Cagginoo

Guyyaa geggeessaa gootaa,


boo'ichaan dabaalame;
Dacheen nutti dukkanaa'ee,
halkan-guyyaan wallaalame.

Jimaatnis nuun deebisne,


kichuu dukkanaan dhabne;
Sambatni maal nuun jette?
torbanoota onnee cabne.

Atillee maaf hin galchiin?


dilbanni guyyaan hoodaa;
Garuu inni maal godhaa,
dafnootu dhufa boodaa!

Kan inni manaa baa‟eef,


roorronis nurraan hafne;
Oliif, gadi naannofna,
ammayyuu galleen rafne.

Gootni du'ee hin jedhinaa,


ati hin duune yaa jabaa;
Maqaankee jaarrotaaf
boollaa olii waamama.

Hin duune onnee keessaa,


kan jiruun ol ni geessa!
Kan du'e kan si dhokse;
warra dhugaakee maqsee!

Seenaan gootichaa jiraa,


falmee darbe qoodasaa;

5
Cagginoo

Du'aan of biraa dhabnus,


maaltu beeka boodasaa.
Nutoo maal jirra jennaa,
jabaan sunuu ni du'ee;
Gootichi nu hin komatuu?
kaayyoon isaa yoo gu'ee.

Maal ture dhaamsi isaa,


gumaan isaas hin baane;
Kaayyoonis galman geenye,
kan keenyas jiruun taane.

Si taajjabe yaa dachee,


dachee garaa jabaattu;
Sin komadhe yaa biyyoo,
kan goota filtee nyaattu;
Sin abaaree guyyittii,
yaa guyyaa abaaramtuu!

6
Cagginoo

4. SAKAALLAA KUTUUF UTAALI !

Kufaatii kee dudubbattee,


ollaan akka hin dhageenye;
“Nan danda'a!” jedhii itti himi,
akka moo‟amuu hin dandeenye.

Gadditee gadda faarsurra,


kolfaan gammaduu wayya.
Utaali hanga dandeessu,
meeluun miilaas ni fayya.

Miila madaa'ee dhiiguu,


gufuun itti hedduumatti!
Qottoodhaan itti fiiguu,
muka jigee ciisuuttii!

Ganni hiyyeessaan tolu,


manatu itti dhimmisaa.
Duumeessaan fuula guura
yandootu isa dhiphisaa

Kufaatii kee faarsitees


ati garuu, hin gaddinii
Dhaba keef of aarsitees
milkii hin dhabdu maddiini

Nama kaayyoof okkolu


naafa se‟ullee namni
Waan ilaalchaa isaaf tolu

7
Cagginoo

filee jiraata gamni

Jilbeenfattee daakkattee
akka soortu aayyoonii
Jilba namaa luqqaastee
galma geessi kaayyoni!

Sareen manaa dutteedhaaf,


imala hin dhaabu gaalli.
Jajjabaadhu abdii hinkutiin
mijachuu baattus haalli.

Eelayyuu sitti qotan,


kuftee keessa hin ciisinii,
Hangam sakaallaa butan,
tarkaanfachuu hin dhiisinii.

Dadhabdee ofirra hintaa‟iin,


hamma dandeessu yaali.
Dadhabaafuu humna taataa,
gatantaruun hoo maalii?!
Harkisaan malee hin citu,
Sakaallaa kutuuf utaali !

8
Cagginoo

5. HAWWEERAA?

Akkuma kee duriitti,


cooma adii murachuu;
Qalbiin koo na hawwiti,
bookaf, aannan unachuu.

Silaa nan hawwan ture,


kofoo jiinsii uffachuu.
Akka garaa koo ta'uu,
kophee filee godhachuu.

Anis nyaachuu nan fedha,


nyaata gaariifi madaalamaa;
Fileen jiraadhaan jedha,
akkuma ilmaan namaa.

Baay‟een hawwaa ture,


siree gaarii tolfachuu;
Waan garaan koo fedhu
too‟annoo jala oolfachuu

Qalbiin koo na kajeela,


bashannanaafi jireenya;
Otoon qabaadheen jedha,
konkoolaataafi qabeenya.

Fedhiin koo kan na keessaa,


waaliyaaf uskii dhuguu ;
Yaada koon wal falleessaa
liqimsullee naaf hin sugu.

9
Cagginoo

Miira koo dhaggeeffadhe,


soba kolfee qasa'uu;
Laphee irraa gad deeffadhe,
akkan fedhe basha'uu.

Hawwii qofaan misoomee,


yaadee baroota dheeraa;
Abjuu sobaan duroomee,
an si ta'uuf Hawweeraa?

10
Cagginoo

6. NAN DUBBADHA

Nan dubbadha hin dhiisu,


dubbachuufan uumame;
Funyaaniin illeen xiixa
yoon afaan ukkaamfame.

Silaa atumti of beektaa?


meeqa karaatti hambiste.
Guyyuun addunyaa jeeqxa,
galmaaf, kaayyoo hanqistee!

Ukkaamamee raafamnaan,
aannanuu baarree cabsa;
Dhidhiitamee dhaanamnaan,
muktiyyuu qara jaamsaa.

Keessatti hn dhukkubsadhu,
madaa koo nan baafadhaa;
Haa yaa'uu karaa cabeen,
anis nan obbaafadhaa.

Gurraachi hanga yoomi,


kan adiidhaan dhiitamu?
Uuman qixa nuuf laate,
mirgi horiin hin bitamu

Jechaan natti roorrisaa


akka waan naaf baatu hiree
Irbaata ofii bulfaterraa
akka waan naaf laatuu ciree

11
Cagginoo

Naaf kufii na sagadi


sirraan baasa cubbuukee
Natu jannata si galcha,
yoos boqatti lubbuunkee! ”

Jedhee natti roorrisa,


waraanaan na doorsisa!
Waadee gubee na aarsa,
halkan-guyyaa na joorsa.

Isa uumaan naaf laate,


qarookoo narraa jaamse
Afuura akkan baafanne,
afaan kiyya ukkaamse!

An yoomuu nan dubbadha,


mirga uumaan naaf laate;
Du‟ayyuu hin sodaadhu,
lubbuun dhalannaan duute.

Uumaan adii beeketuu,


gurraachan hubannemoo?
Ammallee nan dubbadha,
maaliifan hin dubbannemmoo?
Utuu waaqniyyu loogee,
akkamiin hin muufannemmoo?

Hammeenya isaas danda'ee,


yommuun obsee callisu;
Waaqumaan safeeffattee,

12
Cagginoo

namni maaliif nan dhiisu?

Firaaf alagaa hin qabu,


kan hidhee na garafu;
Kan du'ee otoo galee,
eenyummaakoo hin sharafu.

Guyyaan ni jijjiirama
har‟a koo hin ilaalu anii
Yoomiyyuu nan dubbadha
afaan nan cuqqaalani!

13
Cagginoo

7. IBIDDATU GAARA QABE!

Gamaa gamanaa ka'ee,


laboobee gaara labe
Biyyi dhaamsuuf yaa'e,
arraba ibiddaa bosona qaqqabe

Hamma humna keenyaa,


oliifi gadis ni kaanne;
Akkamitti akka dhaamu,
furmaata isaa barbaadne.

“Baala mukaa irra buufnuu


moo bishaan itti naqnu?
Moo biyyee itti haguuguudhaaf
gasoo qabannee dhaqnu?
Walumaan dhaamsu wayyaa,
maaf teessuu ilmaan aayyaa?”
jennee…..
Hundi namaas ni birmate,
ibidda dhaamsuuf dhaqe;
Kaanis bishaan qabate,
kaan boba‟aa itti naqe!

14
Cagginoo

Baay‟een ibidda dhaamsuuf,


hamma dandeenyu yaalle;
Nuti inuma dhaamsinaa,
waan qabsiisu wallaalle!

Humna itti hin qusanne,


dafqa cobsaa ukkaamsine;
Akkasumaan dhamaane,
ittuu ibidda ni qabsiifne!

Yaada dadhabna malee,


dhaamsa ibiddaa ilaallee
Yaaliidhaaf nutti hin hafne
humna fixannetti caalle

Edaa…..
Gaafa balaan uumame,
hamajaajii hin dhabu;
Diina qabaachuu ofiimmoo,
namni baay‟een quba hin qabu.

“Boba‟aa itti facaasnuumoo


cidii haa geessinuu laata?”
Dinni numa keessa taa'ee
nu gubuuf mari‟ata!

15
Cagginoo

Kaan boba‟aa itti facaasa,


nutimmoo yaada dhamaane;
Otoo ofkeessa hin ilaaliin,
waa lama dhabduu taane!

Osoo ibidda hin dhaamsiin,


humni keenya gubate;
Utuu homaa hin hambisiin,
kumni keenya dhumate!

Qorachuutti gad teenye,


nama ibidda qabsiise;
Diina of cinaa keenyee,
waliyyuu nu dhabsiise!

Biyyi dhaabbatee nahee hafe


namuu wal hin sakattaane
Gariin namaa dadhabee laafee
warra qe‟een badduu taane

Erga laboobee dhumee,


barbaanna ganda biraa!
Edaa yaada dhamaana,
kan qabsiise asuma jira!

16
Cagginoo

8. NA HIN GAAFATIIN!

“Eessa kee si dhukkuba,


garaakee si guggubaa?
Keessatti gad si dhiigaa,
moo mataatti ol si fiiga?

Garaan gadi si teessisaa,


nyaattee ol si deebisaa?
Qoonqoon nyaata fudhataa,
gurraafi ijji siif hubataa?

Amma akkam mee sitti,


keessikee hin qabbanoofnee?
Wayyaa qabdaa ofitti,
sammuun sin tasgabboofnee?”

Jettee ana hin gaafatiin,


deemi natti hin dubbatiin!
Dur situ na gaafataa,
moo anatuu si hubata?

Waanan ta'e situ beeka,


ammas sumatu na jeeqaa?
Atumti kun maaf nattin furtu,
kan qalbiikoo addaan hirtu?

17
Cagginoo

Ani dur maalan ta'e?


nagaan siin dhabe malee;
Waan ayyaanni koo hin feene,
situ natti falfale!

Amma ulfinaan deemta,


moo dubbii na barbaadda?
Daangaa natti dabarteetu
lubbuu baasiif na gaaddaa?

An argaakee hin barbaaduu


ijakoo dura hin dhaabbatiin,
Maal taate naan hin jedhiin
Waanan ta’e nan gaafatiin!

18
Cagginoo

9. HIREEKOO?

Barbaade sin arganne,


qajeelee karaa muree;
Ija qalee suman eegaa,
dhufaatii keetu ture…

Siifan uleen dhaanamee,


siifan aduun nyaatame;
Siifan joora siif raakamee;
siifan qorraan waadame;
Gufuun miila na dhooftee,
rakkoon qaama na sooftee!

Maalumaaf na joorsitee,
qorra keessa na dhaabda?
Yoon fuulduraan si eegee,
kortee duuban na yaabda!

Kaan manatti barbaadda,


barbaadeyyuu sin dhabe;
Garam qajeeltee laata?
maaltu narraa si qabe?

Koochoo baase samiirra,


barrisuu akka simbiraa?
Otoon xiyyaara koree,
nan qaqqabaa sibira?

Mee eenyuun iyyaafadhaa?


yaaddoon qalbii koo ciree;
Eessattan si argadhaa?
19
Cagginoo

situ na joorsa Hiree!

Nyaadhus nattin bu'u,


dhugus dheebuu nan baasu!
Si keessatti hin agarre,
naaf hin qabdu naasuu.

Waaniin barbaade argaa?


jiruun jooraa naaf game;
Sanyiin faca‟e margaa?
hireefan hiraarfame!

Afatni koo naaf mijaa'ee,


yoom naaf tola sireenkoo?
Mul'anni koo milkaa'ee,
Yoom qajeelta hireekoo?

20
Cagginoo

10. CAGGINOO!

Marii malee baanee,


salphannee kolfa taane;
Abdiin dhaamee dukkanaa'ee,
kaayyoon boollatti hunkutaa'e!
Biqiltuun dhaabne gogee,
utubaan manaa, cinaatti jige;
Cidhas naqannee ilma fuusisne,
ilmoo arganne „Foggii‟ jennee moggaasne,

Kunoo bara sana


bara Foggiin dhalate;
Jabbiin haadha wallaaltee,
fardi kooraan gangalate;
Kormi korma koree gaanee,
raaddeen keenya maseente!
Otoo nuuf darbaa eegnuu
gadadoon ulaan seente!

Sangaan manatti dhalate,


wal waraanee wal jifate!
Wajjin dheeduu lagatee,
waanjoo cabsee baqate!
Malkaa keenya lagannee,
doloollotti irreeffanne!
Afaan waliis wallaallee,
dabaas hin sirreeffanne!

Halkan nutti dheeratee,


guyyaa adiin nutti dhiyee;
Birraan nurraa fagaatee,
21
Cagginoo

ganni baatii gaadiyee


Ifa arguuf dharraanee;
ija banachuun nu dhibe!
Alagaanis nu dhaanee,
daangaa keenya dhaalee!

Waanyoon nu weerare,
budaan qasa'ee kolfee;
Dinni keenya geeraree,
quba ijatti nu horfee!
Jiruun nutti hadhaa'ee,
harmaguusa caalee!
Mataan gad nu cabee;
ijji keenya lafa ilaalee!

Barri nuu darbuu didee,


qananiin hawwii taate!
Dhugaan awwaalamee,
sobni tulluutti ol baate!
Madaan nu dhukkubee,
gannaan nu kulkulee;
Ilkaan seequu wallaalee,
deegni nurra bubbulee;

Goonni keenya lugnoomee,


lugnimmoo weeddifame!
Adda baasuun nu dhibee;
callaan girdii fakkeeffame!
Keenyaan waamamuun hafee,
maqaa haaraan moggaafame;
Dhugaa faarsuun yakka ta'ee,
dharri ol ka'ee dhaadheffamee!

22
Cagginoo

Cubbuun girgijii guutee,


haqummaan badii taate!
Jiruun roorroo nuu gamee,
galaanni yaaddoo nu nyaate.
Wal qabannee tattaafannee,
dandamachuuf yaallus;
Ka'uudhaaf dhidhiitannee,
gama ce'uuf utaallus;
Ofumaa wal gufannee,
mucucaannee qilee buune,
Qileetti waliin dhidhimnee,
ittuu gufannee wal huune!

Malatuu nu dhibeem!!!!!!
Eessa garam jalaa baqannu?
gamana dukkanat-ija baasa;
Yookaan eessa dhokannuu?
gidduu bishaantu ciisa;
Gamatti utaaluuf jennaan,
gamaa bineensa yuusa;

Cagginoo ganda dhaqne,


waktii dhibeef dukkanaa;
Baattoo deegaaf gadadoo,
baatii yaaddoof rakkinaa;
Yandoon roobaa nu tumee,
lolaan guutee dambali'ee;
Lagni yaa'a irraa goree,
dirree keessa faca'e!

Egaa...

23
Cagginoo

Gaafa lafaa ol kaane,


yoo sakaallaa hiikkanne!
Jechaan waliigallee,
afaan tokko dubbanne;
Cagginoon kun yoo darbe;
gamtaas ni jabeeffanna,
Yoo dhibee nurraa dhiibe;
malkaattis irreeffanna,
Ifni biiftuu yoo dhufe,
ennaa cagginoon lufee
Barroo darbe dubbanna;
gaafas heera heerranna!

Wal marree wal sakaalle


faffacaanee wal wallaalle
Cagginoo ganda hin dhaqnu
karaa dhugaarraa hin maqnu
Mucucaannee kufnee
gufannee akkan cabne
Cagginoo manaa baanee
guyyaan akka wal hin dhabne

Alaa galuun nu dhibe,


afaan walii wallaalle;
Ofi gabaa of dhaabne,
wal gurguruuf faddaalle!
Ofumaa wal gaadinee,
cancalaan wal sakaalle!
Agartuu of hidhanii,
akkamiin lafa argu?
Cagginoo facaasani;
sanyiin biqilee hin margu!

24
Cagginoo

11. NAMA DHUGAAF BAHE


Bineensi si nyaate hin yuusu,
lafa geesse hin dhageenye;
Joorees bu'aa hin buusu,
abdii kutees hin teenye.

Har'as barbaachan dhiisne,


lubbuun jirtamoo duutee?
Erga si dhabnee hin ciisne,
nama bade eessa buute?

Wayi bineensi nyaatee,


jiraa namni dhaga‟e?
Hin dhufnehoo deebi‟ee
miilli isaa erga bahee;
Baahee karaatti hafemoo,
bakka yaade gahe?

Eessuma dhaqeetii,
eessatti dhabamee?
Lafti itti dhiiteetii,
kiyyoodhaan qabamee?

Gaafa itti yaadanii


garaa nama nyaata
Gaafa manaa bahu
maal himatee laata?

25
Cagginoo

Ergaa hin dabarfannee,


maatiitti hindhaammannee?!
Mee eenyutu beekaa,
deemee garam gahee?
Yoom deebi'aa laata?
namni dhugaaf bahe!

26
Cagginoo

12. LEENCA
Osoo gatiikee beeknee,
silaa mukarra hin bultu.
Baratu badeef malee,
daggalatti hin galtu!

Barbaaddu lafaan dhooftee,


mataa gubbaarra teessaa;
Mootiidha maqaan keetuu,
hamma dubbattu geessaa.

Silaa ati mootiidhaa,


hundumaa ni ergattaa;
Barcuma guuttee teessee
cooma fuutee muratta
Bakka garaa kee geessee
booka guuttee unatta

Diinni si bira hin ga‟u


kabajaan dabaalamtaa
Karaa keen farri hin ba‟uu
maqaa ulfinaan waamamta

Aduun dirra kee hin nyaatu,


maasaraa keessa galta!
Kan feetetti hammaattee;
kan feetettimmoo tolta!

Miila keetis dhiqanii,


dibanii si nyaachisuu!
Waraabessaan wal loluun
waan takka hin barbaachisu.
27
Cagginoo

Qorriif, aduun si nyaatee,


oliif, gad si hin kaachisu…

Ilaa.........
Ilaa mee yaa mootiikoo,
ajajaa warra guddaa;
Ati ulfeeffamaadhaa,
mootii mootota hundaa.
Waan tokko si gaafadhuu?
hundumaa ni dandeessaa;
Beekaafi wallaalaa hin jettuu,
hundayyuu ni dhageessa!

Garuu hanguma yoomiitti?


roobaf aduun dhaanamta,
Gogaan kee miidhagaadha;
duutullee barbaadamtaa!
Eelaa diinni siif qoteen
bara meeqa waadamtaa?

Guddaa taatee otoo jirtuu


hanga yoom daggala teessaa?
Mararaa kaayyoo baatu
waa‟een kee kun na madeessa

Baankileen biyya keenyaa,


maqaa keen moggaafamu;
Warshaalee bebbeekamoon,
maqaa keen oomishamu!
Gamoo babbareedoonis,
maqaa keen ijaaramaa;

28
Cagginoo

Warri sodaatamaaniis,
kabaja keen waamama!

Si beekna
Akkanan waamamuukee,
dhageenyee quba qabna;
Maaf hin beekne ni beeknaa,
akkamiin beekuu dhabna?

Egaa yaa Leencotakoo,


dhaamsa tokkon siif dhaama.
Har'aan booda maqaakee,
mootii jedheen si waamaa.

Eeyyeen ati mootiidhaa,


daggalli siif hin malu;
Waangoo maasaraa yaasii,
leenci maasaraa haa galu.
Hunduu si'iin of waama,
guddisee yoo dhaadhessu;
Hanga yoom kaa mootiikoo,
mee kan bosona teessu?

Kabajamoo leenca koo,


addunyaan tun keessani!
Sanyii warra guddaa,
hamma maqaas ni geessani.

Maqaan keetuu mootiidhaa,


hooggansas ni dandeechaa;
Teessoon kee maasaraadhaa,
kan baroodu LEENCAA!

29
Cagginoo

13. KEESSUMMAA DUKKANAA

Wanti ayyaana hin qabne,


maali deegduun akkasii?
Fardaaf okaa adda baasu,
kuttuu akka maqasii.

Sireerraa waldarbanii,
abjuun sirra imimsu.
Maalinni laata waansaa,
inni habbuuqee liqimsu?

Ni maraatte malee jarri,


qimmiidde wal qirqirsiti;
Kun jaalala maal beekti,
jibba arrabaan firfirsiti?

Kan bokokee waliin oode,


ciniinee wal madeessee?
Garaa jaalala akka koodee,
garam ofirraa fageessee?

Ugguum……
Dirree keessa naanna'ee,
akka gugsii garmaamuu!
Moo abbaa qe'ee itti ta'ee,
qe'ee eenyuutti wal waamu?

30
Cagginoo

Nagaatti yaa namakoo;


sihaa baasu karaankee!
Lamuu hin gorin karaakoo,
an hin daldaalu gabaakee!

Siichi...
Waatii koof maatiikoo,
yeroonaan galfadha.
Lafti dukkanoofnan,
karra koon cufadha.
Maalan beekee bulcha?
yookan karrakoo yaasaa;
Shillimii ijakoo ilaalee,
bulguu ta'eetoo yuusa!

Argees sirraa hin goru,


halkaniin karra banaa
Maal keessa isaa beeku?
keessummaa jabanaa!

Akka lixxu wallaalee,


maaf iftuun hin dhufne?
Erga nagaa barbaadee,
osoon karra hin cufne!

Dukkana uffatee deemaa,


mana koo ol hin galchu.
Keessummaa dukkanaa,
hin gorin si hin bulchu!

31
Cagginoo

14. WAL MALEE MAAL DHABNE?

Warra guddaadha turre;


warra moora dubbisu.
Warra eebbaan magarsee,
warra abaaree kuffisu!

Dur ennaa durii sana,


hiinee wal hin sakaalle;
Afaan keenya tokkicha,
afaan walii hin wallaalle.

Bara afaan walii beeknu,


afaan tokko dubbanna;
Gorsa walii dhageenya;
waamnu waliif owwaanna…

Lalistuu Bonaa, Gannaa;


qe'een keenya qabbana;
Gaaddisa walii oollaa,
otoon nyaatiin gabbanna.

Miila meellanneen cabne,


nama nu kaasuun dhabne;
Qilleensa nagaa suufnaa;
ijumaan midhaan quufnaa!

32
Cagginoo

Abbaan keenya fagaatee,


erga nurraa godaanee;
Budaan jaraa nu nyaatee,
ibiddaaf cidii taane!

Abbaa tokkorraa dhalanne,


obbolaan koodee tiruu;
Haadhaniis tokko taanee,
kan wal jaalatu hin jiru!

Fira adda adda dhiibee,


garaa addaan nu fageesse;
Adda baasuun nu dhibee,
diimaf adii wal fakkeesse!

Qabeenya warra keenyaa,


qixa qooddachuuf malle;
Akkaataa gahee keenyaan,
mariidhan walii hin galle;

Daayimaandiis qabaannee,
albuuddan gatiin qaalii;
Yoo waliif gatii hin laannee,
obbolummaan nuuf maalii??

Ragaa orma waammatee,


kuun quba waliitti horfaa;
Waan hoodaa nu godhatee,
biyyi nu marsee kolfaa!

33
Cagginoo

Otoo nyaannuu huuqqanna!


nyaannee gabbina dhabne,
Kan ormaa maal dubbana;
unumtuu wal dadhabne !!

Wal dhaga'uun nu dhibee,


ol jennaan gadi yaanaa;
Nutuu afaan wal wallaallee,
wal dhibnee akkam taana?

Numatu wal daldala,


nutu hidhee wal gidirsa;
Numatuu wal faddaalaa,
qimmiidees wal qirqirsaa!

Diina keenyaaf sonaa'ee,


bool'atti wal caccabsine;
Orma garaan qabbanaa'ee,
huunee wal gaggabsinee;

Dhaabbitti guggubannaa,
erga dheengaddaa hin rafne;
Keessatti dhukkubsannaa,
cabnee waliittuu hafne!

„An cabu‟ waliin jennee,


caba wal hin dhidhiibnee!
Mana waliis lagannee,
qe'eerraa waluu dhiibnee;

Egaa mee yaa obbolee.....


Koottaa wal mari'annaa,

34
Cagginoo

waliin dhaabbata tollaa;


Nutoo waliin miidhagna!
cabnus waliin okkollaa.

Koottaa ni araaramnaa,
wallaalaas in gorfannaa;
Kan darbe waliif dhiisnaa,
kan boruuf wal abdannaa!

Kufnus walumaan kufnee,


cabnus walumaan cabnaa.
Dhabnus walumaan dhabne,
kan qabnus waliin qabnaa.

Dhaabnee wal-hin buqqisnu,


riqicha jibbaa diignaa;
Xaxnee wal hin kuffisnu,
hidhaa waliirraa hiiknaa!
Daandii jaalalaa ijaarraa,
du'a irraa wal baraarraa;
Hiinee wal hin garafnu,
binnee wal hin sharafnu.

Garaa afatee haa ciisuu,


ekeraa hin yaaddeessinuu!
Kan muufate haa dhiisuu,
dhaabiin wal hin raateessinu!

Gaddi kee gadda kootii,


cabas waliinuu cabnee;
Horree waliinuu qabnaa,
Wal malee maal dhabne?

35
Cagginoo

15. COQORSA KARAARRAA

Hundi otoo itti goree,


miila itti haxaawwatu.
Faana qulqulluuf xuriin,
kophee irratti kaawwatuu!

Isaanis irraa hin gorree,


innis ofirraa hin didu;
Lakkiisaa narraa goraa,
utuu jedhee maal fidu?

Hacuuccaan bara baraan,


maalif itti baay'atee?
Baatee gatantaraa,
ba'aa itti ulfaate!

Hunduu irra dhaabbatee,


dhoqqee ofirraa dhiqaa!
Coqorsi karaa keessaa,
garamiin jalaa siqaa?

Saawwaniis sirraan hafne,


mataa keetirraa dheeduu!
Kotte duudaan sirra yaati,
mataa keetirra deemu!

Lafa birraa bariisifadhu


amma yoom as teessaa?
Teessoo kee jijjiirradhuu,
hin taa'iin karaa keessa!

36
Cagginoo

Yoom bara dabarfattaa,


gaarummaan maaf siin maluu?
Yoom rakkoo obbaafattaa,
dhugaan kee maaf siin galuu?

Maalif sirraa hin goranii?


cubbuu keetu balleessa;
Moo xuriituu irraa hin bahu?
sitti diban maleessaa !

Moo ayyaanatu baree?


muuda dhoqqeef awwaaraa;
Bakka kee jijjiirradhuu,
Yaa coqorsa karaarraa!

37
Cagginoo

16. NAAF HIN GADDINAA!


Lubbuu koo wareegeetan,
kaayyoo koo jiraachisa;
Seenaa gaarii dalageen,
dhaloota dhufu dhaalchisa.

Irbuu gootaa yoon gane,


bor dhaloonni maal jedha?
Siidaan naaf haa dhaabbatu,
lubbuukoon aarsaa godhaa.

Dungoo ta'een boba'a,


dukkanni seenaa haa ta'uu;
Dhaamsakoo naaf dhaga'aa,
kayyoon koo galma haa ga‟uu.

Ani baqeetan dhumaa,


kan hafe ifa haa bahu;
Ifa hawwaa jiraachuun,
anarratti haa gahu.

Madaan abbootii keenyaa,


anumarratti haa qooruu;
Seenaan koo jiraatadhaa,
dhaloonni itti haa boonu.

Lubbuu du‟a hin oolleef,


dhiitamaa hin jiraadhuu;
Kaayyoo koon tiksee galchaa,
waadaa lammii hin nyaadhu.

38
Cagginoo

Daandii koo irraa maqxanii,


akka hin taasisne laayyoo;
Maallaqaan sharaftanii,
hin gurgurinaa kaayyoo.

Rasaasan na waadanii,
na faggeessan sin biraa;
Waan deebi'u hin se'uu,
an bakka dhugaan jiraa.

Duuba hin deebi‟iinaa;


sodaattanii gidiraa.
Gootaaf gadda hin taa‟anii,
naaf hin gaddinaa yaa firaa!

(Lubbuu Qaalii Dhugaaf Wareegamte sanaaf)

39
Cagginoo

17. MIILTOO JIRUU KOOTII!


Bakka deemu hundatti,
kan na biraa hin hafnee;
Yommuun bahe karaatti
kan dadhabee hin rafnee…

Miiltoo na hin nuffine,


kan na waliin raata'u;
Bakka garaan koo yaade,
kan na waliin naanna'u.

Imaltuu karaa dheeraa,


taatee na waliin baatee;
Hidhattee galaa jiruu,
miiltoo anaaf taatee…

Anaaf suma waliin,


deemsi koo naaf tola;
Garaan koo na didus,
keessa koon wal lola.

Kanaaf filatamtee,
kan caaltee argamte;
Erga si dhabdeeti,
onneen na sardamtee…

Si na baase deegaa,
fuutee anaan deemte;
Madaalakoo eegaa,
kaastee naan qajeelte!

40
Cagginoo

Si waliin imallaan,
dadhabee hin mukaa'u;
Miiltoo gaarii waliin,
deemsi kan milkaa'u.

Tabbas hin nuffitu,


deemsi siin salphata;
Yommuu sitti hirkatu,
qaamni koo gabbata.

Gaarreen qaxxaamurtee
geessee lafa hundaa;
Suluula qaaritee,
bu'aa bahiif randaa…

Taatee naaf argamtee,


utubaa lafee dugdaa;
Tirsitee naan deemtee,
taatee abdii guddaa.

Otoo atii hin jirree,


akkam ta'u laata?
Nama si hin qabne,
bineensatuu nyaata.

Miiltoo na hin nuffinee,


hidhata qaama koo;
Otoo ati hin jiraannee,
badeera jiruun koo.

Utubdee na dhaabdee,
akka dhaaba dallaa;

41
Cagginoo

Waliin deemsi tolaa,


wal tirsinee gallaa.

Kan na biraa hin hafne;


akka eegduu mootii.
Kan na gatee hin rafne,
Miiltoo jiruu kootii!

42
Cagginoo

18. KAN SODAATAN SODAADHA

Yoo barbaadde na hidhi,


dandeessu na ajjeesi.
Yoo barbaadde garafii,
dirrakoo na madeessi.
Galaana Diimaas ta'ii,
feetu harii na balleessi.

Sodaachuun kalee hafee,


utuu kichuun hin cabiin;
Nagaan manaa bahee,
osoo karaatti hin hafin

Har'a dhiiga kan boo'uf,


kalee sodaachuu kooti;
Haqni akka fiixee lilmoo,
qal'inaan dhara mooti.

Wanti sodaatan du'a,


du'us lafa hin sileessu;
Ameessiyyuu ni gu'aa,
galaa seenaa hin xureessu!

Leenca humnaan roorrisu,


qamuun malaan ajjeeftii;
Dabeessa dhalchuun farra,
jedha abbaankoo duratti.

Karaatti harraabdee fixxii,


addaggeen damma hin baattu;
Kaayyoo galma hanqistee,
43
Cagginoo

kan galaa seenaa nyaattu.


Maali kan na yaaddessuu?
sodaanuu haa sodaattuu!

Qawwee abbaa boraafattee,


abjuun sodaachaa hin raftuu;
Sodaa du'aa sirreerra ooltuus,
dachee gubbaatti hin haftuu!

Galaa sabakoof tolchan,


karaa qixxeettin nyaadhu;
Dhugaa baadheen imala,
kanaafan hin sodaadhu.

Kan baatani hin cabne,


ulfaataan gogaadhaa;
Badiin hambaan qabnee,
Kan sodaatan sodaadhaa!

44
Cagginoo

19. GANDAAN OF HIN WAAMNU

Wallaggatti dhaladhu,
Shawwaas taatu Jimmii;
Amantii feete qabaadhuu,
Oromummaatti dhimmii!

Wallos ta'i ganda biraa,


Adaamaas taa'i Karrayyuu;
Hidda keenyat walitti jiraa,
kaleessas ta'u har'ayyuu.

Harargee yookan Iluu,


Galamsoos taa'i Gimbii;
Alagaan nuuf hin hiluu,
keessa isaa marge jibbii.

Maccaas taatu Tuulamaa,


yoo taates Arsiif, Baalee;
Kiristaanas ta'ii Islaama,
amanuun ofiifi malee…

Shira diinni qopheesse,


amantiif kutaan qoodee;
Maaltu garaa madeessee?
kan firri firaan oode?!

Adeemsa karaa fagoo,


jalqabni tarkaanfi tokkoo;
Warra naaf dhukkubsatu,
firakoo gaafa rakkoo!
Kanaafan isin godhadhee,
45
Cagginoo

lukaa fi luqqeettuukoo;
Walirraa handhuuramee,
hidda keenyatu tokkoo!

Nu birmatee walitti fiigaa,


naaf situ waliif dhiigaa;
Hidda keenyatu firaa,
numatu waliif jira!

46
Cagginoo

20. GAANFUREE HAADHA MANAAKOO

Barbaacha keetan marmaara,


giiftii duree warra mootii;
Siifaan jooree jawwaara,
sidhabnaan dhabamuu kooti!

Qalbiin baatee na rarraatee,


ija qalee suman eegaa;
Onneen koo sidharraatee,
dhufa keetis rabbi beeka.

Eenyuut-hidhee natti kabaa,


narraa diigame soraankoo;
Nyaadhuus gabbina hin qabuu,
eessan naaf deebi'a coraankoo?

Suman qabaa siinan boonaa,


na bareechi akka lootii;
Sin dharra'ee sin araadee,
qalbiin saree nama gootii!

Simalee eenyuun qabaa?


fira aantee gaafa golfaa;
Gammachuun koos keeti,
sumatu seeqee naaf kolfaa!

Kan waliin dabarsinee,


gadadoof gammachuudha;
Yoo dhabnes, yoo qabaannes,
walumaan qooddachuudha!

47
Cagginoo

Adeemsa karaa dheeraa,


jalqabni tarkaanfiidhaa;
Dhabakeen mankaraaraa!
jiruun anaaf gaaffiidhaa?!

Dammakoon siin jedhaa,


damma keessaa walalaa;
Sin dharra‟aa sin fedhaa,
giiftii goota jaalalaa!

Waqtiin Gannaa sun lufee,


birraa wal yaaddi garaanii;
Jaalala keenya bituuf moo?
nurraa dharraati gabaanii!

Akka dhallaadduu lagarraa,


siif na raafamti garaankoo;
Ganni baanaan wal agarraa,
Gaanfuree haadha manaakoo!

48
Cagginoo

21. OFTA'UU !

Qamadii yoo facaasan,


garbuu irraa haamuu?
Dheeratus Gabaabbatus,
abbaadhumaan of waamu!

Soorummaakeen beekamtee,
yoo taateeyyuu tujaara;
Eenyummaa kee jijjiirtee,
akka hin taane kisaaraa!

Ilma warra abbaa mootii,


taatus ilma „nugusaa‟;
Isatu jireenya kootii,
of beekuun hunda dursa!

Sooranni kee ciree,


ta'uyyuu „piizzaf, keekii‟
Xiyyaaraan samii ooltus,
dacheerra bultaa beeki!

Akka warrakoo malee,


orma ta'uu hin danda'uu;
Of dhiisee orma hin ta'u,
gurri kooyyuu hin dhaga'u.

Ani yoomuu anumaa,


atis ammaan of ta'ii;
Gurra lamaan sirra jiru,
tokko ofumaan dhaga'i.

49
Cagginoo

Hundumaa jala fiigdee,


hin fakkaatiin girrisaa;
Of ta‟i yoo siif gale,
kan of ta‟eti bilisaa.

Didi waanjoo alagaa,


kiyya wayya jedhiitii;
Kan ormaa bulee bada,
of ta‟uun kan ofiiti!

Hin qabatiin beellama,


adiin hin amanamtuu;
Yoo of taate walaba,
ormaan hin kabalamtuu!

Haqa yoo haqaaqanis,


haqni dhara hin qabaatuu;
Fakkaachuuf yaalaniis,
Ofta'uun hin fakkaatu!

50
Cagginoo

22. SI KOMADHE FINFINNEE!

Na dhageessaa Finfinnee?
hamii miti sittan himaa;
Sa'a keenya elmannu,
kan garaa baaste rimaa.

Maal nuuf hiltee beekta,


ol adeemtuu kichuu kuttee;
Afaan bineensaa naqxe,
ilmoo haadha irraa buttee

Ati bar nuuf summiidhaa,


ciibsitee fayyaa dhibde;
Ormaaf soora lubbuu,
dhiqxee dibata dibdee!

Kan quufee sirraa galuu,


alagaaf qottee laattaa;
Qomoo kee lammii kan kee,
jiraa dhaabbataan nyaatta!

Silaa koomiis hin beektu,


waan nu gootes yaadattee;
Fira kee achi dhiibdee,
alagaammoo haammattee!

Nutu walirraa fottoqee,


numatuu lafee tokkoo;
Kan dursee waldhaqqabuu,
guyyaa gidiraaf, rakkoo.

51
Cagginoo

Hammeenyikee baay‟atee,
kaan hiitee dukkanattii;
Kaan lubbu balleessitaa,
jabaas naqxe biyyoottii.

Si taajjabee dadhabee,
imaanaa firaa nyaattaa;
Alagaa dhoksaan soortaa,
keenyammoo biyyoof laattaa…

Kaan jiraa boolla buustee,


dhugaa dhaabbiin awwaaltaa!
Waan nu gootee dubbadhuu,
ni beekta; maaf wallaaltaa?

Sin taajjabe dhugumaa,


sin jibbe akka diinaa;
Yomuma unuuf tolta?
keenya taatee argina!

52
Cagginoo

23. GOOTA DHUGAAF DHAABBATU


Kan kaayyoo hin sharafnee,
faayidaa dhuunfaaf jecha;
Dhaloonni siin dhaadataa,
kaayyoo keetiitti cichaa.

Dhugaan si duukaa hiriirraa,


kaayyoo kee nu ceesisaa;
Karaa keerra yoo deemnee,
isatu galma nu geessisaa.

Sobaaf bakka hin qabaanne,


falmataa kaayyoof haqaa;
Hayyuuf beeka gochaatii,
miti fakkeessaa maqaa.

Kaayyoo otoo hin sharafnee,


hin dhaabbanne lafa raqaa;
Galma faajjii bilisummaa,
karaa santuu nuun dhaqa.

Gurrii kee gaarii dhageeffata,


waca bookeef bakkan laattuu;
Injifannoon kan keetumaa,
goota dhugaaf dhaabbattuu.

53
Cagginoo

24. MAALAN HAFE?

Deemeera karaa muree,


hanga miillikoo laafuu?
Okkolees yookaan foqoqee,
galma kaayyoorraa hin hafuu.

Ganda ormaa abuuree,


saroonni natti duttee;
Raatuunis natti kolfee,
nyaara walitti buttee.

Odeessituun maqaa koo,


gandarraa bunaan dhugaa;
Halkan waari dheeressuu,
anaan hirriiba mugaa.

Har'i akka kaleessaa mitii,


boru guyyaa biraatii;
Jiraannee iftaan eegnan,
samiirraa karaan jiraatii!

Beela'ees dheebodheeraa,
dhukkee lafaa dhandhamee;
Rakkoof gidiraa argeeraa,
jiruun deegaa naa gamee.

Jooree jawwaaree beekaa,


biyya hambaas naanna'ee;
Deemsi faana koo nyaatee,
dhaabbiittan siif raata'ee!

54
Cagginoo

Maalan hafe seetaa?


halkan hirriiba hin rafuu;
Guyyaas boqonnaan qabu,
warra na joorseef safuu!

Gobaaf qoreen na diree,


na madaa‟e faannikoo;
Maalan hafe hin hafnee,
na dabee cinaachikoo!

55
Cagginoo

25. MADAA MOGOLEE

Mee eenyun komadhaa?


kan fidee sitti na diree;
Osoon fayyaa koo deemuu,
ta'een jira irbaata siree;
Kulkula madaan fayyine,
situ onnee na ciree!
Harka bal'iseen eegaa,
waan uumankoo naaf hire.

Dhugaa jaalalaaf jedheen,


soba keenan gowwoomee;
Jaalala keef bitameen,
dhaabiin siif garboomee!
Handhuuraa koo qabattee,
loltuu jaalalaan na mootee;
Injifannoon na too‟attee,
hin dubbadhuu kan na gootee!

Xiyya jaalala keetiin,


onnee koo na waraante;
Raabsa dhiigaakoo dhaabdee,
dallanuun na caraantee!
Waan ati naaf gooterra,
kan ana gootetu caalaa;
Si ibsuun natti ulfaataa,
jecha kamtu si maadaala?
Miila koo na sakaaltee,
jalan fiiga okkolee;
jilba koo na qabattee,

56
Cagginoo

Akka madaa mogolee!


26. FILANNOO

Filannoo sababeeffatanii,
yoo fakkaatan gaggeessaa;
Ummatas dhaggeeffatanii,
biyyaafis bu'aa qabeessaa.

Rakkataas gargaaranii,
mana ijaaruufiin bayeessa;
Erga filannoo darbanii,
akka hin diigne maleessa!

Daandiis isiniif baasnaa,


bishaaniif, ibsaan guutee;
Kira sassabduu kaasnaa;
of bulchita bakka buutee.

Hin teessan mana kiraa,


gamoo guddaa ijaarrattu;
Nu fillannaan hunduu jiraa;
deegaf rakkoo obbaafattu!!

Dimookiraasin kakatanii,
sossobanii of filsiisuu;
Erga filannoo darbanii;
waan hin jirre himsiisuu!!

Lafa mootummaarraa ka'aa,


lafa hanqisaa ijaarradhaa;
Akka carraa keessanii ta'aa;

57
Cagginoo

feetan samiirra jiraadhaa?!

Dimookraasiin akkanaa,
harka qabanii filsiisuu;
Ragaa golga duubaan,
waan hin argin himsiisu!!

58
Cagginoo

27. IRBUU GOOTAA

Riqicha sabaa ta'uun,


bool'a takka buutanii;
Seenaatu ragaa bahaa,
akka haqaaf duutanii…
Oromummaa tirsuufii,
amantiin wal hin qoonne;
Imaanaa keessan fuunee,
seenaa keessaniin boonne.
Warra soba hin beekne,
kan hin fafakkeessine;
Gootummaafi hayyummaan,
kan of hin dhaadheessine.
Onnee keessa nu jirtuu,
baraan isin yaadannaa;
Galmee seenaa gubbaarraa,
maqaa keessan faarfanna!
Nu dhaloota seenaatii,
diinni kutaan nun hirtuu;
Duutanii hin dhokattaan,
galmee seenarra jirtuu!
Xurree jaallaan kalee,
qabannee imalaa jirraa;
Abadaan hin maqnu,
irbuu goototaa irraa!

59
Cagginoo

28. AARTII
Muul‟ata biiftuu addunyaa,
ibsituu duudhaaf, aadaa;
Haa dagaagu dameen isaa,
akka gaaddisa Odaa.

Dubbii qolaa hiikee,


gameessi hubataa;
Quuqqaa garaa ofii,
baaseetuu dubbataa.

Waca miira laatuu,


simbirroo kiilolee;
Faaruu gurra hatuu,
filannoo sagalee;
Jechaan Dabaalamee,
waamichatti tolee;
Mukuu badduu baasa,
mataatti ol soqolee…

Kaadhima waliigaltee,
gammachuun simatuu;
Araara wal dhabdee,
jaarsa kan filatuu;
Fuutu dhaamsa gaarii,
sinbirtuu barii kaatu,
Caama afoo barii;
biiftuu obboroo baatu…

60
Cagginoo

Sagalee jaalalaa,
weeddisa ganamaa;
Bohaarti galgalaa,
kennaa dhala namaa;
Calaqqisa hangaasuu,
samiirraa dirrisu;
Gugeefi allaattii
mukarraa girrisu…

Qilleensa qabbanaa,
kan birraa bubbisu;
Ragadaaf, Shaggooyyee,
utaalee shubbisu;
Sagalee jaalalaa,
namatti weeddisa;
Dhageettidhaaf tolee,
kan gurra harkisuu;
Filannoo jechootaan,
uumama hawwisu!

Urgaa foolii gaarii,


miira hundi suufuu;
Sochii itti uumee,
kan morma urgufuu;
Arrabaan mi'eessee,
dhandhama kan tolchu,
Hirriibaa dammaqsee,
shubbisiisaa bulchu!

61
Cagginoo

Danbalii lolaasee,
jechoota yaasisaa;
Dhageettii kakaasee,
gurra hooqqachiisaa!
Arraba saaqsiisee,
duudaa dubbachiisa!

Hidhannoo Zinnaaraan,
sodaattuu lolchiisa;
Onnee itti afuufee,
lugna onnachiisa;
Gaachana ta‟eefii
eeboo qolachiisa!!
Kooraa itti fe'ee,
farda gulufsiisa!

Mi'aa akka dammaa,


nadhii coba sammuu;
Soora qalbii namaa,
dubbisee dhandhamu;
Sammuudhaan kalaqee,
kan qalamni mirgisu;
Gumgummii bakakkaa,
akka bokkaa dirrisuu;
Lubbuu itti dheeressee,
tursiisa qalbii gabbisu;

Gowwaa gammachiisee,
kan kophaa dubbisu;
Gamna shubbisiisee,
62
Cagginoo

dhaabitti hambisu;
Miiltoo karaa dheeraa,
bakka yaadde gahuuf.
Kan si biraa hin hafne,
addunyaa abuuruuf;
Aartii haa utubnuu,
aartiin jiruu keenyaa!
Seenaaf duudhaa kalee,
aartiidhaan dhageenya.

63
Cagginoo

29. JOORAAKOO

Baddaan sitti hin qorrinee,


gammoojjiin sitti hoo'ee;
Wallaalaan sitti kolfee,
beekaan sumaaf boo'ee?

Daakaa galaana guddaa,


bubbee bidiruu raasee;
Jooraa kutataa gurbaa,
kan roorroon manaa baase!

Risaa shimbira nyaatee,


joobira lafa raqaa;
Sifaana qalbiin kaatee,
marmaartu daandii haqaa!

Ceetanmoo Laga Gibee?


bidiruu irra yaatanii;
Anaan malli na dhibee,
isinoo akkam taatani?

Allaattii ganda keenyaa,


risaa koochoon barrisu;
Qaalluu jabana keenyaa,
isa deega farrisu!

Abjuun bara beelaa,


biddeen biddeen jetti!
Bara bofti nama hidde,
lootuun nama kajeelti!

64
Cagginoo

Bara rakkoon sitti hammaatte,


abjuudhaan eelee dhaabdaa;
Halkan qullaa garmaamtee,
bineensa yuusu yaabdaa.

Halkan yuusaa bineensaa,


soona boqonnaa allaatti;
Guyyaa huursaa qilleensaa,
danbali'aa obonboleettii…

Arfaasaan bajjii baasee,


maasiikoo randa gamaa;
Si karaarraa nakaasee,
Jooraakoo mootii namaa!

65
Cagginoo

30. YEROO

Tolaadhaaf tokko,
Milkeessadhaaf kuma;
Raggaasaaf hin jiruu,
warra kaan jalaa dhuma.

Qabeenya gatii qaalii,


warra beekkateef warqii;
Ofirraa baasee gataa,
wallaalaan akka „carqii’!

Badhaasa diinagdee,
walqixxee kan qoode;
Qabeenya hin ergifamne,
warra firaaf koodee;

Hiyyeessaaf xiqqoo,
dureessotaaf baay‟ee;
Kan gabaadhaa bitan,
hin jiru akka laayyee;

Waan horii qabuuf,


sooressaaf eebbisuu;
Waan laatu dhabeef,
hiyyeessarraa hir'isuu;
Yoo nama hanqateefis,

66
Cagginoo

shammataan qunxuruun;
Yoo guutee dirbabees,
kan hin taane gurguruun!
Yeroon qabeenya keeti,
har'a ittiin hojjadhuu;
Boruuf hin hanbisin,
galaa kee tolfadhuu.

67
Cagginoo

31. DUR BARII LAFAA

Yemmuu lafti bari'u,


yoo mataan aduu baatu;
Yoo ifni dukkana ari'u,
yommuu hirriibaa kaatu…

Uumatti nagaa dhaamaanii,


uumamas nagaa gaafatanii;
Hunduu milkiin qajeela,
guyyaaniis milkii tola!

Bullee nagaan nu oolchi,


barii lafaa barii barraaqaa;
Baanee nagaan nu galchii,
safuu yaa uumaa waaqaa!

Kun hunduu har'a hafee,


nutuu akka jirruutti jirraa;
Fafacaanee wal wallaallee,
taanee urjii samiirraa!

Hunduu yemmuu barii ka'uu,


uumamaan wal hin dubbisu;
Galma yaadees hin qabu,
akka bubbee birraa bubbisuu.

68
Cagginoo

32. GUBAAN GUBAA FIDA

Booba'ee gubachuufoo,
gubatanii maal baasuu?
Dafanii dhumachuuf moo,
dhumanii daaraa kaasuu?

Gubanii bobeessudhaaf,
aarri mana qaqeessaa;
Gulufanii fiiguudhaaf,
fiigdes eessa geessaa?

Dubbatanii baafachuudhaa,
ukkaamsatanii maal diduu;
Geeraranii dhaadachuudha,
gumgumaniis maal fiduu?

Malaa malaan dhoosanii,


maaf wajjiin dhukkubsatuu?
Dubbii garaatti nyaatanii,
hammamiif guggubatuu?

Lammaffaa hin dhaga‟uu,


bishaan ta'eetan didaa;
Maalan aara hin boba'u,
Gubaan gubaama fidaa!

69
Cagginoo

33. GALMA DHALOOTAA

Mana tokko ijaaraa,


citaa wal hin saamnu!
Tokkumti nuuf haa kabuu,
ajjeertuu laman waamnu!

Galma dhugaa onsinee,


mana ijaarre hin diignu;
Waan sabaa fakkeessinee,
dantaa dhuunfaf hin fiignu!

Kaayyoon keenya tokkicha,


kophaa kophaan bubbisnu;
Diiguumsa hin tarreessinu,
dhaloota haa dubbisnu!

Utubnee wal gargaarree,


galma dhalootaa ijaarraa;
Adda wal bittinneessinee,
wal dhabnee maaf kasaarra?

70
Cagginoo

34. QALBEEFFADHU

Kurkuriin kotte duudaa,


fardeen hin dhageessisu;
Maseenummaa gaangee,
hammeenyi ittin beeksisu!

Awwaash dhangalaanaan,
ganna nama hin ceesisuu;
Darbatanii hin gaabbanii,
gaabbiin as hin deebisuu.

Qaaraa harkaan dhaabanii,


booddeenshee nama gubaa!
Gobaan namaaf dhaabanii,
abbuma horde huba!!

Nama nama balleessuuf,


tarii ofumaaf baduu;
Hojiin uumaa raajidhaa,
inni akka namaan yaadu!

Ofan balleessa jedhee,


kan of goomatu hin jiru;
Abbaan ofitti hin dabsu,
qalbeeffadhu yaa tiruu!

71
Cagginoo

35. GAARA DHUGAAN TUULAME

Biyyoon irra tuulamuus,


dhugaan diigee ol bahaa;
Sobni sobaan kuulamuus,
dagaagee eessa gahaa?

Iyyee hanga humnakoo,


laagaa kootii baqaqee;
Yartuutu garaaf jedhee,
dhaamsa hayyuu gad naqe!

Goota hayyuun eebbisee,


gantuun maal isa gootee?
Yoo xinnoo turteef malee,
shirri yoom dhugaa moote?!

Malkaanis hin owwaattuu,


yoo dharaan lallabanii;
Gaara dhugaan tuulamee,
shiraan gad hin qabanii!

72
Cagginoo

36. BARA DHUGAAN BADDE…

Akka bofa daggalaa,


mataa keessa nu tumuu;
Kam dubbannee kam dhiisna?
waa‟een keenya hin dhumuu!

Akka kurupheef, bosonuu,


barumaan adamfamna;
Jiraachuun mamii taate,
waraananis marfamna!

Eeenyummaa keenyaaf,
guyyaan doorsifamna;
Biyyuma keenyarratti,
alagaadhaan dhiitamna!

Jireenyaan hin duunuu,


kan du‟e obbaafatee;
Mar‟immaan keenya dhumee;
garaan keenyas gubatee…!

Atis maaliif callistee?


yaa uumaa dubbadhuumee!
Dhugaa maaliif dhoksitaa?
haqa keenya hubadhuumee!

73
Cagginoo

Ni dhageessaa dachee?
hin gungummiin callistee;
Samiinis as dhiyaadhu!
maaliif dhugaa jalliste?

Dhugaa irratti duunaa,


sobaan hin kakanne;
Qe‟uma keenyarratti,
jiraachuu rakkanne!

Garagalchoo jabanaa,
buqqeen dhagaa cabsaaree?!
Lubbuu du‟a hin oolleef,
sodaaf seenaan dabsaaree?

74
Cagginoo

37. UJUBA WARRA KEENYAA

Eessa nu jalaa dhaqee,


duudhaan warra keenyaa?
Warra mooraa gaafannee,
bakka isaa dhageenya.

Safuun bakka hin jiru,


kallachisoo hatame;
Bokkuun warra keenyaa,
bakkeerratti gatame!

Deemnee haa gaafannuu,


warra ekeraa dubbistu;
Dhaloonni gaadi'amee,
fala nuuf haa himtu.

Maalumatu nutti galee?


nyaannee suga dhabne;
Kan alagaa haa hafuu,
nuyyuu walii gamnee;

Wal dhaga'uu nu dhibee,


ol jennaan gadi yaana;
Afaan walii wallaallee,
falannee faloo baana;

75
Cagginoo

Bakka safuu keenyaa,


ujuba kabajaaf male;
Bakka uumaa durii,
lafa awwaala kalee…

Qotanii badduu baasan,


ujuba warra keenyaa;
Ekeraas bakkaa kaasan,
duunus boqonnee teenyaa?!

76
Cagginoo

38. QE'EE KEENYA DURII

Dur Finfinneetti yaasnee,


loowwan hora obaafanna;
Boolee Bulbulaa qonnee,
qamadii facaafanna.

Warra guddaadha kalee,


ammuma maqaa geenyaa;
Irraa nu kaasan malee,
Calcalliin ciibsaa keenyaa;

Akkamitti dubbanna?
daakuut afaan nu jiraa;
Har'aaf bulfachuu wayyaa,
ni baasna guyyaa biraa;

Yoo hunda dubbataniis,


garaan duwwaatti hafaa;
Samii keessa barristuus,
allaattii reeffii lafa.

Qe'een warra guddaa sun,


akka hin taane qe‟ee onaa;
Har'a nu ukkaamsan malee,
bor haqaan nimoona.

77
Cagginoo

Finfinnee handhuura koo,


diinatuu irraa geeraraa;
Ooyiruu abbaan gatee,
hawwaannisa weeraraa!

Ijji shillim yoo jettuu,


erga hundinuu rafee;
Finfinneetti bu'anii,
hora obaasuun hafee;

Gafarsatti gadi buunee,


qoraan cabsachuun hafe,
Irreeffachuus ni dhiisnee;
irreen keenyas nu laafee!

78
Cagginoo

39. MARARTEE KOO

Osoon gugee ta'ee,


gugee bosona keessaa;
Gaara duuba naanna'ee,
dhokadhee gala geessa

Samiirratti ol baheen,
ergaa fuudhee barrisaa;
Warra firaaf aantee koo,
waliin gaheen dubbisaa…

Lafa hunda naanna'een,


biyya keenyarra marsaa;
Laga gamaaf gamanaan,
dhaamsa koo siif dabarsa.

Qorraaf aduu otoon jenne,


kan deegaan naaf dararame;
Siif hin qabu onnee gaabbii,
of caalaa naaf mararame!

Yoon gaddes si naaf dhiigaa,


gaafa gidiraaf, rakkoo;
Hiddakoo hidda dhiigaa,
fira aanteef marartee koo!

79
Cagginoo

40. TUR AMMAAN SI BALLEESSAA

Yoo namaaf tola ooluun,


si, fakkaate gowwummaa;
Garaatti hammeenya yaaddus,
yoo seete qaruuxummaa…

Nama ijaan hin agarre,


kan gurraan hin dhageenye;
Kan afaan ukkaamfamee,
yoo gargaaruu hin dandeenye…

Galaa gootaf geessanii,


karaa gubbaatti nyaatan,
Gosa ofiirraa baqatanii,
kan diina jala kaatan,

Jallaa akka muka qottoo,


mummuree sanyiisaa fixu;
Mana lammii lagatee,
kan mana gumaa lixu!

Akka gufuu karaa keessaa,


kan kaayyoorraa nu kuffisu;
Koodee garaa hammeessaa,
kan ormaaf alagaa dubbisu!

80
Cagginoo

Lafa keessaa cittuu lafaa,


nama jiru dhibduu namaa;
Nafa keessaa ajooftuu nafaa,
gaarii jiru yoo taate hamaa,

Arraba lafee cabsee,


fira addaan fageessu!
Kan dubbiin gaggabsee,
koodee garaa jabeessu!

Akkeessaa akka baraa,


fakkeessaa akka jaraa!
Sesseeqaa garaa duubaa,
affeellaa garaa gubaa!

Ammaan bakkaa si kaasaa,


dhiibeen achi si fageessaa;
Ammaan badduu si baasaa,
Tur ammaan si balleessaa!

81
Cagginoo

41. AMMA DIDE GARAANKOO

Miliqqaa koo caba lafee,


na dhukkuba dhidhiibbansaa;
Na qarxamse maalan hafe?
nama gubaa ciniinnaansaa!

Madaa koo laalee hin boo'uu,


boo'an furmaanni hin dhufu;
Dhiyaa barii waakkannaan,
barumtuu namaa hin lufu.

Imimmaan duguggadhee,
boo‟ees furmaatan dhabe;
Obseen taa'a ittiin jennaan,
garaa koos nan dadhabe;

Ciniinnaa tafkiif, geergo,


tukaanaaf akka injiraanii;
Wal geenyi mana koodha,
buufanni nyaattuuwwanii;

Kanaafan guggubadhaa,
of hooqee of folloksee;
Himachuun ana dhibee,
keessa kootti of dhoksee;

Ilmi abbaatti hin baane,


ibiddi daaraa dhalchaa!
Barana akka hin taane,
liqaa fuutan nuu galcha!

82
Cagginoo

Dammis mi'aa fixata,


hadhaa dammaas argeeraa;
Obsi hamma obsan qabaa,
amma daangaa darbeeraa!

Silmiidhaan ciniinnamee,
walakkaa handhuurakoo;
Hamma obsaa obseeraa,
Amma dide garaankoo!

83
Cagginoo

42. DIMIMMISAA LAFA BARII

Dukkanatuu hammaata,
qorra dacheetti buusee;
Ifni eessa jalaa baqataa,
guyyaa hurriin wal kuuse…

Nuu hin bari‟uu laataa,


qorrasaa dandamannaa;
Mataan biiftuu baatee,
aduu qamqaamannaa;

Kan bari'ees ni dhihaa,


kan dhiyees ni bari'aa;
Shillimiin akka hin rafne,
dukkanatti akka hin hafne…

Dukkannichiis ni bari'aa,
dukkanni barii jalaa;
Diilallaa obbaafannee,
qorri baqatee galaa!

Qorriis nuuf darba ta‟aa,


yookaan maal beekna tarii?
Dukkanaa'ee nuuf ifaa,
Dimimmisaa lafa barii!

84
Cagginoo

43. HARKA HIN LAADHU!

Gaarri mul'atu halaalaa,


irra ijaajjeen gad ilaalaa;
Irree jabaanan utaala,
daandii sirrirran imala.

Barri tollaan qamadiisaa,


qorra buusnan yaa badiisaa;
Gaara gubbaan gadi laalaa,
nan arreeda nan utaalaa!

Boqqolloo shuuraa baasee,


reefu asheetee corqaa;
Falfaleen irraa yaasee,
cabsadhee biraa sokkaa;

Inaaftuuf hamattuukoo,
akkan kufeen yooman cabe?
Jibbituukoo goomattuukoo,
har'a gahee maalan dhabe?

Situu du'aa bool'aa kaase,


dhiiga lammii kan lolaasee;
Situu badduutti nu baase,
korma bookkisu kolaasee.

Muu! doorsisaa nama ormaa,


gad hin dhiisu cita mormaa;
Haqa qabna haqaan moonaa,
walii galuun yoona yoonaa!

85
Cagginoo

Haamileen yoom na cabe,


sumatuu nagaa dhabe;
Inni hidhee na sakaale,
firuummaa koo na wallaalee?

Abdii kutee tasa hin dhiisu,


siree jibbee lafa hin ciisuu!
Beelan obsa gumaan nyaadhuu,
cita garaa, harka hin laadhuu.

86
Cagginoo

44. LOLAAN FINFINNEE YAASE

Kan Galaan Finfinnee yaase,


galaanni haree yaasuufi;
Dhukkuba Birbirsa Gooroo,
goojjamiin calaasuufi;
Dorrobaa sa'a keenyaa,
kan rimaa wajjiin duutee;
Jajjabaa nama keenyaa,
kan jiraa bool'a buutee!

Shaggarii aduun baatee,


alana jarruu naate;
Baqattee biyyaa kaate,
jarri kan kolfaa taatee;

Finfinnee Tufaa Munaa,


Galaan keessaa yaasanii;
Abbichuu fardaan dhufa,
warra Axalee Jaatanii;
Ammas rakkootti jirraa,
isiinoo akkam taatanii?

Warra sooddoo, warra hoodaa,


warra qaalluuf, ayyaantuu;
Maallimni rooba roobsisaa!
qulqulluummaan waaqatti aantu!

Bara dhugaan nuu galte,


Odaan kufeellee ka'ee;
Keenya dhugaatu caale,
irreen diinaa laamsha'ee!
87
Cagginoo

Har'as dhugaan tirattee,


kanaaf Awwaash ol tufee;
Faajjii keenya dhaabbanna,
bara Gadaatuu dhufee!

Sirna du'aa bool'aa kaasee,


warra badduutti nu baasee;
Korma lammii kan kolaasee,
Lolaan Finfinnee Yaasee!

88
Cagginoo

45. AKKAM SIIF TA'U?

Akka Laggasaa Wagii,


du'ee siif wareegamuu?
Akka Nadhii Gammadaa,
as buutee siif dhabamuu?
Akka Eebbisaa Addunyaa,
lafarra harkifamuu?
Akka Maammoo Mazammiir,
guyyaa siif fannifamu?

Moo…
Akka Abbabaa Biqilaa,
miillakoo duwwaa fiiguu?
Akka Badhoo Dilgaasaa,
gurmuu diinotaa diiguu?
Akka Goobana Daaccee,
diina lammiitti firoomuu?
Akka Qadiidaa Wannabee
biyya gurguree duroomu?

Akka Agarii ilma Tulluu,


qawweedhaan dadhabamuu?
Moo akka Abishee Garbaa,
jaarsummaan siif sobamu?
Akka Baalchaa Saafoo,
lolee diina dachaasuu?

89
Cagginoo

Akka Garasuu Dhukii,


ka'ee baandaa mancaasuu?
paastaa harkaa harcaasuu?
Boora itti kaachisuu?
baandaa biyyoo nyaachisuu?

Akka Waaqoo Guutuu,


garbummaa buqqisuu?
Hangan du'utti lolee,
ilmaan itti guddisuu?
Akka Elemoo Qilxuu
diina biyyarraa qoluu?
Akka Alamuu Qixxeessaa,
lammii tokkoomsee loluu?

Akka Abdiisaa Aagaa


hidhaa cabsee sii ba'uu?
Koloneel Aliyyii Cirrii ta'ee,
xiyyaara lafaan dha'uu?
Akka Taaddasaa Birruu
Maandeellaa siif leenjisuu?
Akka Usmaayyoo Mussaa,
geeraree siif weeddisuu?

Akka Qeerroo Nageessoo,


qeerrummaan kolaafamuu?
Akka Leenjisoo Diigaa,
summidhaan ajjeefamuu?

90
Cagginoo

Akka Bakar Waaree lolee,


miila tokko siif laadhuu?
Akka Hajii Aadam Saadoo,
waraqaa iccitii nyaadhuu?

Akka Haacee Hundeessaa


rasaasaan siif gubadhuu?
Akka Daadhii Galaan,
gaaffii sabaa gaafadhuu?
Akka qeerroo Oromoo,
diinatti iyyee caraanuu?
Akka dhaloota qubee,
qalamaan diina waraanuu?

Mee kaa Yoomi?....


Kan hidhaan kun hiikamuu,
kan sakaallaan kutamuu;
Kan dhugaan bade galu,
kan lammiin walii malu;

Kan facaase daraaree,


asheetee firii godhata?
Boraatiin naaf tolee,
cinaachi koo boqata?
Abjuun naaf milkaa'ee,
hirriibni na fudhata?

91
Cagginoo

Mee akkam siif haata'u?...


Waan siif ta'un dhabe,
qaamaf qalbiidhaa cabee;
Yogguman maal siif ta'e,
kan biiftuun dhugaa baatu!
Ooyiruu abbaan qotee,
kan alaa dhufaan nyaatu?!
Dhiigakoo dhangalaasee,
daangaa keetiin sararuu?
Lafee koo itti caccabsee,
galma keetiin ijaaruu?

Yoon akkam siif ta'e laata?


kan walaboomtee dhaga'u!
Waanan siif ta'un dhabee,
Ani hoo akkam siif ta'u?

92
Cagginoo

46. GANNI ROOBA QAQAWWEESSEE


Ajjeerraa mana keenyaa,
ganna Ganna dhimmisaa!
Allaattiit koree saaqee,
kanaaf rooba firfirsaa!

Birraan nuuf haa bari'uu,


galabaa ajjeerrannaa;
Ganna yaadda‟uun hafee,
dhimmuullee ofbaafanna!

Bubbisaa buubbee baraa,


dubbisaa dubbii garaa;
Harqaa akka qeerransaa,
huursaa akka qilleensaa…

Bona hoo'a isaan jibbee,


ganna dilallaan jibbee;
Tokkoyyuu namaan tolu,
kan qimmiidee nu qoccolu!

Gaara marsee duumessaa'ee,


roobee jiisuuf hahanga'ee!
Biiftuu baatu gaaddiddeessee,
Ganni rooba qaqawweessee!

93
Cagginoo

47. DHIISNEE SHAGGARII BAANEE


Akkanaan kaane seetaa,
kan Boolee buqqifamne;
Qawwee warra faranjiitiin,
Burraayyuutti dhiibamne!

Loowwaniis ni dhumanii,
bara jarri nutti dhufanii;
Akka hin taaneetuu jiraa,
na dhageessaa yaa firaa?

Maccaattis in iyyanne,
Sikkoo-Mandootti baqanne;
Wayi yeroo nuu laatee,
salphaatti kaane seetee?
Finfinnee keessaa yaane,
lubbuuf baqannee baane!

Kanaan gahe jedhanii,


asittis yoom nu dhiisaani?
Dacheerraa nu duguuguuf,
jarri yoom nurraa ciisaani?

Xuxxuqaan bara sanii,


ammayyuu nurraa hin hafne;
Halkan daandisaa bullaa,
ergasii gallee hin rafnee!

Eenyummaan keenya,
bara jaraan saamamee;
Qe'een keenya onee,
94
Cagginoo

diinan nurraa dhaalamee;


Firri firaan oodee,
alagaan sakaalamee!
Firaa fi alaagaatuu,
waliisaa wallaalamee!

Guuraraa Lataa beektaa,


akkatti fannifame?
Hin ka'u jennaan mitii,
kaan jiraa awwaalame?

Nama keenya gariin bitani,


kan dide qawween fixani;
Gariin faayidaaf nu ganee,
diina jalaa karra bane!

Salphaatti harkan kennine,


dubbiin hammaannan malee;
Kanaaf warri Tuulamaa,
Finfinnee dhiisee galee!

Akkasiin buqqifamne,
Finfinnee irraa kaane;
Kuun Gafarsatti gallee,
Dhiisnee Shaggarii baane!

____//____

XUMURAMEERA

95

You might also like