Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 3

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa, National Youth Movement for

Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD) Freedom and Democracy (NYMFD)

Amajjii Tokko Guyyaa WBO Bara Haraawaa 2016 Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo
Ibsa Gababaa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarsee Jira.
Qeerroo Bilisummaa
Oromiyaa
Waan hundumaa dursaa Uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Wanjoo garbummaa
Uummata keenyarratti afaan qawween dirqamaan fe’amee jiruu hin fudhannuu jechuun ‘’Qabsoo hadhaawaa’’
kan Wareegama qaalii itti kanfalaa jirruu keessatti hirmaannaa guddaa gochuun Lubbuu keessaan bakka bu’aa hin
qabnee utuu hin mararsiifatiin kennuun falmachaa jirtanii fi Warannii bilisummaa Oromoo (WBO’n) jiruu fi
jireenya isaa saba isaa bilisoomsuuf of Wareegee Lubbuu isaa iddoo buusaa hin qabne saba isaaf kennuun bakka
jireechaa daggala godhatee diinaan falmaa hadhaawaa gaggeessa jiruu fi hoogantootni qabsoo Bilisummaa
Oromoo fi Jaarmiyaaleen Hawaasaa fi siyaasaa wal utubuun uummata keessan waliin falfachaa jirtan hundaan
Baga guyyaa Uummata Oromoo fi Waraana bilisummaa Oromoo biratti guyyaa seenaa qabeessa kana geessaan.
Barrii kun Kan Bara Xummura abbaa irree, kan injifannoo , bilisummaa fi Bara Walabummaa Oromiyaa itti
mirkaneeffannuu Oromiyaan diinaan bara dheeraa diigamaa fi samaama turte itti ijaaramtu, bara nagaa fi
gammachuun uummata keenyaaf deebii’u kan milkii fi jaalaalaa nuuf akka ta’uu hawwii keenya ibsina. Ammas irra
deebi’uun baga ittin nu ga’ee jechuun haala akkan ulfaataa qabsoo hadhooftuu kan goototni keenyaa irratti
wareegamaan galiin ga’uuf diina hanga afaaniitti hidhatee fi waraana kallattiin uummata keenyaarratti labsee
fuldura dhaabbatne falmachaa utuu jirruu guyyaa Seenaa qabeessa guyyaa WBO Amajjii Tokkoo kan bara haaraa
2016 Sochii Warraaqsaa biyyooleessaa Oromiyaa kan Warraaqsaa Xummura Garbummaa (FXG) irraa geenyee
jirruu golee Oromiyaa cufa keessatti finiinsaa ibsa kana uummataa Oromoo hundaaf dabarsuuf dirqamnee jirra.

Gabaabumatti barootni darban addaatti barri 2014 Seenaa uummata Oromoo keessatti bara qabsoon dhugaan kan
Uummata keenyaaf barnoota siyaasaa ta’ee fi qaroominaa Uummata keenyaa ol kaasee bara Warraaqsii FDG
Qeerroo Gootota dargaggoota Barattoota Oromoon durfamuu golee Oromiyaa keessatti finiinee uummata
Oromoo dirree qabsootti hiriirsiise fi wareegamaa qaaliin itti kanfalamuun uummaatni keenyaa dargaggoota isaa
cina dhaabbachuun dirqamaan afaan qawween doorsifamaa fi ajjeefamaa hin jirannuu jedhechuun murtii isaa
falmatee wal falmachiisuun mirga isaa kabachiisuun yeroo kamiyyuu caalatti warraaqsaa FDG jabeessuun eegalee
ta’uun yaadatama.

Barri 2015 Seenaa Oromoo fi qabsoo Bilisummaa Oromoo keessaatti seenaa addaa bara qabsoon Warraaqsaa FDG
Xurreen Warraaqsaa bara 2014 Qabsiifamee ija godhachuun gara ‘’Warraaqsaa Biyyooleessa Oromiyaa FDG’’ tti
jijjiraamee, mootummaa abbaa irree wayyaanee itti gaafatama seeraa fi seenaa jala galchuun sadarkaa idil
Addunyaatti warraaqsaa hawwannaa guddaa saboota olla irraa argatee, bara Oromoon Gamtaan mirga isaa
kabachiifachuun Amantaan, Ilaalcha Siyaasaan,Gandaa fi haala fedhee kamiin iyyuu wal hin qoodiin Wareegama
Qaalii Dachaan kan yeroo kami caalatti kanfaluun , duula hidhaa,ajjeechaa jumlaa, (duuguuginsa sanyii/genocide)
uummata keenyaa irratti gaggeeffamaa jiruuf utuu bakka hin kenniin mirga uumamaan qabnuu fi mirgootni
dimookiraasii fi mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf kabajamuu qaba jennee bara Oromoon gamtaan hiriiree

www.Qeerroo.org qeerroo2011@gmail.com
mirga isaaf falmachaa jiruu fi Xurreen Bilisummaa fi injifannoo itta galmaa’uu egaaleedha. Yeroo kanatti Uummatni
fi Qeerroon dargaggootni Oromoo mootummaa wayyaanee EPRDF aangoo irraa buusuuf kurkursaa jiru ta’uun kan
beekamuu fi Bara mootummaan Abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO Uummata Oromoo irratti waraana
labsee, uummataa siivilii waraanaa jiruu ta’uun beekamee jira. Uummatni Oromoo gamtaa isaa fi tokkummaa isaa
dhugaatti diinaaf mirkaneessuun harka isaa duwwaa gaaffii mirgaa karaa nagaa dhiyeeffanneef hanga deebiin nuuf
kennamutti duubatti hin deebinu jechuun Sochii ‘’Warraasaa Biyyooleessa Oromiyaa FDG’’ irraa Gara Sochii
Warraaqsaa ‘’Fincila Xummura Gabrummaa (FXG)tti’’ ol guddisuun diinaan waldhaasoo guddaa gochaa guyyaa
WBO Ammajjii Tokko bara haarawaa 2016 Warraaqsaan Sadarkaalee Qeerroo bilisummaa Oromoo, Uummataa
Oromoo haqaa isaaf ilmaan isaa cina dhaabbatee falmachaa jiruu fi Sadarkaa Maadhee ABO biyyaa keessatti
ijaaramanii jiranitti Guyyaa seena Qabeessa kana yeroo Warraaqsaan kabajachaa jirruutti gootummaa fi injifannoo
guddaatu kan nutti dhagaa’amaa jiru ta’uu ibsuu barbaadna!!
Dhumarratti uummata Oromoo hundaa , Jarmiyaalee siyaasaa Oromoo hundaa fi dhaabolee Hawwaasummaa
Uummata Oromoo hundaaf dhaamsaa itti aanu kana irra deebi’uun dabarsina:
1. Uummatni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo Qabsoo Waarraaqsaa Biyyooleessa
Oromiyaa finiinsuun mootummaa abbaa irree akka nama bishaan nyaatee hoomacha qabachuu dadhabuu
teessoo mootummaa raasaa kan jirruu ta’uu hubachuun falmii keenyaa tarsiimoo sochii Warraaqsaa FXG
yeroo yeroon aanjeffachuun gaggeessaa jirruutti dhimma ba’uun motummaa wayyaanee EPRDF hanga angoo
Oromiyaa irratti qabuu fi Oromiyaa gadi lakkisee bahuuu fi Uummatni Oromoo bilisoomuu fi Oromiyaan
Walaboomtutti Warraaqsaa FXG jabeessuun utuu wal irraa hin kutiin kan itti fufunu ta’uu gadi jabeessuun
waamicha dabarsina!!
2. Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo midhaan uummata keessanii boqonnaa isin dhorkatee karaa ijaaramee fi
danda’amuun rakkoo ulfataa uummata keenya irratti fe’amee jiru maqsuuf tattafachaa jirtan Waamichaa
Sochii warraaqsaa FDG bara 2014’ irraa eegaluun isiniif gochaa tureen addatti kan bara 2015 isiniif goonee
irraa qooda fudhannaan fi hirmannaan keessan muldhatu galatni uummataa baldhaa Oromoo falmachaa jiruu
bilisummaa haa ta’uu!! hanga dhumaatti harka wal qabannee karaa kallattii fi al kallattii ta’een mootummaa
abbaa irree biyyaa keenya fi saba keenya cabsee bituu barbaaduu fi tattafatu of irraa qaarisuuf tumsii
keenyaa dachaan jabaatee itti fufuu qaba!! Sochii amma itti jirruun ummata keenya tuffatamuu jalaa baasuun
Oromoon mirga isaa kabachiifachuuf goota ajjeechaa, hidhaa fi waraana hin sodaanne ta’uu mirkaneeffanne
jirra, uummata keenyaa bilisoomsuu fi Oromiyaa Walaboomsuuf wal cina dhaabbachuun falmachuun keenya
caalmatti akka itti fufuuf ammas irra deebi’uun waamicha jaarmiyaalee qabsoo bilisummaa Oromoof qabnuu
haaromsinee jirra!!
3. Gurmuun hawaasa Oromoo fi beektootni Oromoo biyyaa keessa fi biyyaa hambaa jirtan Mootummaan abbaa
irree wayyaanee kabajaa fi tuffii uummata Oromoo Miliyoonaa 45 olitti lakka’amuuf qabu argisiisuun guyyaa
saafaa Uummata Oromoo dhukaasee ajjeesaa (yakka genocide) nurratti rawwachaa jiraachuu, Uummata
karaa nagaa gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffatne maqaa Shororkeessitoota jedhuun bittaa
aangoo dheereffachuuf fiigaa jiraachuu argaa waan jirtaniif, Ogummaa fi dandeettii keessan, Qabeenyaa
keessanii fi humna keessan walitti qindeessuun guyyaa qabsoo bilisummaa Oromoo warraaqsaa FXG cina akka
dhaabbattanii fi kanneen dhaabachaa jirattan hanga dhumaatti harka walqabachuun akka dhaabbannuu fi
gootichaa waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jabeessuu, humneessuu fi jiraachisuu irratti gumaacha guddaa
isin irraa eegamuu akka bahattan waamichaa keenya dabarsina!!
4. Waraanni bilisummaa Oromoo WBO’n Sochii isaa jabeessuun diina uummata Oromoo rasaasaan reebee
afaan nu qabachiisuu baraduutti eenyummaa WBO argisiisaa jirtan daran jabeessuun waraana uummata
Oromoo irratti bobbaafame uummata goolaa jiru kana akka adabbii cimaa fi haalaa feesisuun heeluun gumaa
uummata keenyaa baasuufi waamichaa guddaa dabarsina!!
5. Uummattootni cunqurfamoon biyyaatti hundii bifa ijaarameen jabaachuun wal ijaaruun mirga saba isaanii
kabachiisuuf Warraaqsaa muldhataa fi sochii ifa ta’ee banuun abbaa irree dura dhaabbachuun bilisummaa

www.Qeerroo.org qeerroo2011@gmail.com
saba isaanii, kabajamuu mirgoota namummaa fi Dimookiraasii godina baha Afrikaa keessatti fiduun uummata
mirgi isaa kabajamee fi naannoo tasgabbii qabduu keessa jiraachuuf abbaa irree wayyaanee EPRDF
dhabamsiisuuf akka sochootaan wwaamicha keenya dabarsina.
Dhumarratti Uummatni Guyyaan Seenaa qabeessi guyyaan WBO Amajjiin Tokkoo barri haarawaan 2016
Biyyaa keessatti Warraaqsaa Xummura Gabrummaa (FXG) gaggeessuun sadarkaa Uummata Oromootti,
Qeerroo Dargaggoota Barattoota Oromoo fi madheelee ABOtti bifa adda ta’een kabajama jira. Gabaasaa
guutuu fulduratti kan uummata keenyaaf dhiyeessinu ta’uu asuuman isin yaadachiifna jechuun , Qeerroon
Bilisummaa Oromoo Amajjii Tokkoo Guyyaa WBO ilaalchisuun dhaamsa bara haarawaa 2016 uummata
Oromoo falmataa sabaa, uummataa gootaa mirgaa isaa dabarsee diinaaf hin lannee kan keessaa fi alaa
hundaaf dhaamsa keenya dabarsine jirraa!!
Injifannoo Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajjii 1/2016

www.Qeerroo.org qeerroo2011@gmail.com

You might also like