Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 5

Muummee Saayinsii Hawaasaafi Barnoota Afaanii

Sagantaa Doktoreetii Barmoota Afaan Oromoo (D.Ed)

Abbaltii Garee

Maqaa Koorsichaa: Aloola/Internships (AfOE 921)

Mata Duree Abbaltii: Sassaaqa Barruu

Kan Itti Kennamu: Dastaa Dassaaleny (Phd.)

Qopheessitoonni: 1. Baqqalaa Habtee LWE: GSR/8035/13

2. Yeneenash Saamu’eel LWE: GSR/9229/13

3. Zalaalam Amantee LWE: GSR/2818/13

Yunvarsiitii Finfinnee

Bitootessa, 2022

1
Odeeffannoo Barruu Sassaaqame
Mata Duree Joornaalii: The Language Learning Journal
Mata duree Barruu: Meanings attributed to literature in language education.
Barreessituu: Emilia Luukka
Bara maxxansaa: 2021
Jildiifi lakkoofsa: hinqabu

Sassaaqa Barruu

Mata Duree Barruu Xiinxalame

Mata dureen barruu kanaa ‘Ga’ee og-barruun barnoota afaanii keessatti qabu qorachuu’ irratti
xiyyeeffata. Kunis, barnoota afaanii keessatti qorannoodhaaf dhimma murteessaadha. Mata
dureen kun bal’aafi dimshaaashadha. Akkuma ogbarruun akaakuu gara garaa hammatu,
hayyoonni gara garaa karaa gara garaa hiika itti kennu. Akaakuun isaaniis, og-barruu
barreeffamaafi afoola ta’uu danda’a. Haata’u malee, qorattuun kun og-barruu hojiilee kalaqaa
hammachiistus afoolaafi ogbarruu barreeffamaa keessaa tokkorratti haalaan hinxiyyeeffanne.
Mata dureefi qabiyyeen barruu dhihaates walmadaalawaa miti. Sababiinsaas, mata durichi kan
qarannoo bal’aaf affeerudha. Kanaafuu, mata durichi daanga’aa miti jechuudha. Mata durichi
dimshaasha ta’us, gahee/hiikni og-barruun afaan barsiisuu keessatti qabu dhimma qoratamuu
qabu waan ta’eef, hedduu barbaachisaadha.

Axereeraa/Abstract

Axereeraan barruu kanaa haala bilchina qabuun qindaa’ee jira. Kutaa kana keessatti: kaayyoo,
malleen qorannoo, xiinxala, argannoofi yaboon dhihaatanii jiru. Innis, kaayyoon isaa ga’ee
ogbarruun afaan Ingilizii akka afaan alaatti barsiisuu keessatti qabu adda baasuurratti kan
xiyyeeffatedha. Qorannichi mala saxaxa qorannoo feenoomenologikawaatti/phenomenological
research design yaad-rimee barnoota afaanii, og-barruufi ga’ee isaa barnoota keessatti hojiirra
kan oolchedha. Qaaccessi qorannoo feenoomenologikawaa/phenomenological af-gaaffii
gamisaan qindaawaa muuxannoo ogbarruutti fayyadamuun afaan barsiisuu barsiisotaa
shanirratti xiyyeeffate xiinxalame. Xiinxalli af-gaaffii moosaajii/software qorannoo akkamtaa
fayyadamuun kan gaggeeffamedha.

1
Xiinxalli akka agarsiisutti, og-barruun afaan barsiisuu keessatti ulfaataa, kan barsiisonni hangi
tokko irraa baqatan, barnoota walmaddeessaa kan cimsu, meeshaalee barachuufi dagaagina
namoomaa cimsuuf kan oolu ta’uu agarsiisa. Iddattoon fudhataman barsiisota dubaraa afuriifi
dhiira tokko yoo ta’an, haalli filannoos barsiisota bar-gaaffii qorannoo duraan gaggeeffamerratti
‘og-barruu daree barnootaa isaanii keessatti akka fayyadaman ibsan turani. Argannoon tures,
duudhaalee ogbarruun darbaniifi bu’aa afaan barachuu keessatti qabu walmadaalaadha.
Walumaagalatti, axereeraan barruu kanaa caaccuulee barruun tokko qabaachuu qabu jechoota
filatamoofi hawwatoon cuunfamee dhihaatee jira.

Ka’umsa/Qaawwaa Qorannichaa

Barruun kun ka’umsa qorannichaa ibsee jira. Sana duras, gama qorannoo kanaan argannoowwan
kana dura bira gahaman tarreessee jira. Kunis, gaheen og-barruu barnoota afaanii keessaatti
kallattiilee ilaalchaa gara garaan ilaalamee jiraachuu ibseera. Fakkeenyaaf, afaan barachuun
dagaagina namoomaaf akkasumas aadaa gara garaa barachuu keessatti ga’ee og-barruun qabu
olaanaa ta’uunsaa ibsamee jira. Haata’u malee, hiikni barsiisonni afaan barsiisuu keessatti
ogbarruuf kennan hinxiyyeeffatamne.

Qorannoo kanaaf ka’umsa kan ta’e, yaboowwan qorattoota akka (Turunen,1992) fi (Paran,2008)
kennamedha. Innis, hiikni og-barruun afaan barsisuu keessatti qabu hangi ibsamuu qabu osoo
hinibsamiin hafuudha. Kanaafuu, ka’umsi qorannoo dhihaate quubsaafi amansiisaadha.
Sababiinsaas, qorattoota ishee dursan bu’uureffachuun qaawwaa jiru adda baafattee jirti.

Kaayyoo Qorannichaa

Kaayyoon qorannichaa mana barumsaa olaanaa sadarkaa lammaffaa Finiish keessatti ga’ee
ogbarruu fayyadamuun afaan Ingilizii akka afaan alaatti barsiisuu keessatti qabu qorachuurratti
xiyyeeffata. Kaayyoo sana galmaan ga’uuf, qorattuun mata duree irraa ka’uun daangaa
qorannoo, mala qorannoofi qaaccessa qorannoo adda baastee jirti.

Mala Qorannoo

Qorannoon kun akaakuu qorannoo akkamtaa keessaa tokko ta’ee mala


feenoomenologikawaa/phenomenological approach hojiirra kan ooledha. Iddattoon filataman
mala kaayyeffatamaatti/purposive dhimma bahamuuni. Kunis, barsiisota qorannoo qorattuu kana
duraa keessatti ‘Daree barnoota afaan alaa keenya keessatti og-barruu ni fayyadamna’ jedhanii

2
bargaafiif deebii kennan dubartoota afuriifi dhiira tokko filatte. Muuxannoon hojii barsiisota
kanneeniis garaa gara ture. Meeshaaleen odeeffannoo funaanuuf qorattuun dhimma itti baate
quubsaa hinfakkaatu. Sababiinsaas, af-gaaffii gamisaan qindaa’aa qofaatti fayyadamte.
Dabalataan, mala daawwannaafi sakatta’a ragaalee fayyadamuun cimsuun nidanda’ama ture.

Mala Funaansa Ragaalee

Qorattuun ragaalee funaanuuf odeeffannoo af-gaaffii gamisaan qindaa’aa fayyadamteetti.


Ragaalee xiinxaluuf moosaajii/software mala qorannoo akkamtaa ATLAS.ti. jedhamutti
dhimma baateetti. Malli iddattoo mala kaayyeffataati. Barsiisota dubartootaa umriifi muuxannoo
og-barruutti fayyadamuun afaan barsiisan afuriifi dhiira tokko kan hirmaachiste ture.

Sakatta’a Barruu

Kutaa kana keessatti yaad-rimeen dhimmoota mata dureen walqabatan dhihaatanii jiru.
Qorannichi yaadrimeewwan barnoota afaanii, ogbarruufi ga’ee inni barnoota keessatti qaburratti
kan caaseffamedha. Jalqaba, mata dureen “barnoota afaanii akka ilaalcha mala baruu barsiisuutti’
kan jedhu jalatti kaayyoon guddaan barnoota afaanii: barattoota ga’oomsuu, jijjiirama
namoomaafi hawaasummaafi hawaasa dimokiraatawaa uumuu akka ta’e eeramee jira.
Lammaffaa, mata dureen ‘Malleenya feenoomenologikawaa ogbarruu barnoota afaanii keessatti’
kan jedhu jalatti sababa qorattuun malleenya kanatti dhimma baateef eeramee jira. Sadaffaa,
mata duree ‘Muuxannoo ogbarruu barsiisotaa barnoota alaa keessatti’ kan jedhu jalatti
yaadrimeewwan gara garaa ka’anii jiru. Fakkeenyaaf, barsiisonni haala yoomessa gara garaa
keessatti fayyadamni ogbarruu isaanii addaa adda ta’uu ibsa. Kanarraan kan ka’e, barsiisonni
umrii waggaa 30 gad ta’an daree keessatti ogbarruu fayyadamuurratti hanqina akka qaban ni
eera. Darbees,barsiisonni umrii waggaa 50fi ol ta’an ogbarruutti fayyadamuun barsiisuurratti
fooyya’oo akka ta’an ni ibsa.

Xiinxala Ragaalee

Ragaaleen qorannoo kanaa iddattoowwan qorannoo ‘Sakatta’aa fayyadama ogbarruu barnoota


afaanii keessatti’ kan jedhu qorachuu keessatti barsiisota muuxannoo ogbarruu fayyadamuu
qaban dubartoota afuriifi dhiira tokkorraa odeeffannoon funaanname. Barsiisonni kunneen
muuxannoo barsiisummaa waggaa 15-30 kanneen qaban turani. Ragaaleen qorannoo af-gaaffii
gamisaan qindaa’ee barsiisota afurirraa bilbilaan, barsiisa tokkorraa immoo kallattiin

3
fudhatamuutu ibsama. Ragaaleen af-gaaffiin funaanaman mosaajii qaaccessa qorannoo
akkamtaatti dhimma bahuun xinxalamee jira. Ragaalee xinxaluuf barsiisota shananiif koodiin 1-5
kennamuun, koodii kanatti aansuun yaadrimeewwan barsiisonni kunneen kaasan akkaataa ergaa
isaaniirratti hundaa’uun qoqqoodamuun bifa walitti dhiheenya yaadaa qabaniin qoqqoodamuun
dhihaatanii jiru. Yaadrimeewwan ga’ee ogbarruun afaan barsiisuu keessatti qabuun walqabatan
bakka saddeetitti qoodamuun mala qorannoo feenoomenologikawaan xinxalamuun dhihaatanii
jiru.

Xiinxalli ragaalee yaaxxina maleenya feenoomenologikawaan/phenomenological approach


deeggaramee kan dhihaatedha. Yaaxxinni kunis kan hayyuu Juha Pertula (1996) jedhamuun
maddeefi Lehtomaa (2005) n kan ibsame kan walitti hidhatiinsa yaadaa xiinxaluuf ooluun
hojiirra kan ooledha. Kutaa cuunfaa/ibsa/discussion keessatti kaayyoon qorannichaa milkaa’uun
eerameera. Qorattuun argannoo ishee ragaalee funaannaman bu’uureffachuun bu’aa qorannoo
ishee ibsitee jirti. Ragaaleen funaannaman karaa quubsaa ta’een hiika argatanii jiru.

Haala Wabeeffannaa

Wabiileen akkaataa wabeeffannaa walfakkaataa (APA) hordofuun barreeffamanii jiru. Gabaasa


barruu keessatti yaadonni wabeeffaman akkaatuma wabeeffamuu qabaniin (tartiiba eeguun)
dhihaatanis wabii jalatti dhihaachuurratti harcaatiin mul’atu nijira. Fakkeenyaaf, Lauri Rauhala
(2005) wabii keessatti hinhammatamne.

Barbaachisummaa Barruu

Barruun sassaaqame ga’ee ogbarruu fayyadamuun afaan barsiisuun qabu irratti xiyyeeffata. Kana
keessatti bu’aaleefi danqaaleen jiranis ka’aniiru. Bu’aan barruu kanaa akka argisiisutti,
ogbarruutti fayyadamuun afaan barsiisuun: dandeettii seerlugaa, dubbisuu, barreessuu,
dubbachuufi dhaggeeffachuu shaakalchiisuurra darbee ogummaa jireenyaa kan barsiisudha.
Jijjiirama gama yaad-sammuu, qaamsammuufi ilaalcha barattootaa kan gabbisudha.

Wabii
Luukka, E. 2021. Meanings attributed to literature in language education. The Language
Learning Journal.
https://doi.org/10.1080/09571736.2021.1922491

You might also like