Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 4

Aadaafi Seenaa: Oromoon Yayyaba Shananiin abuurratee, maaliif wantota shaniin qooda?

17 Caamsaa 2021

Urjii, aduu, adeessa, dacheefi bishaanMADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa,'Oloo keessa saditu jira, jaloo keessa lamatu jira. Oloo keessa urjii, ji'aafi aduutu jiru.
Jaloo keessa ammoo dacheefi bishaantu jira'Oromoon wantoota hedduu shanitti qoodee ilaala, uumaa
waliinis walqabsiisa. Fakkeenyaaf, Gadaan Oromoo shan, Odaa shan, jaarsoliin dhimma biyyaa ilaalan
shanee jaarsaa jedhamu, shanan seera baastotaas jiru - walumaagalatti 'Yayyaba Shanan Waaqaa'
jechuun falaasama wantoota shanitti hiruutiin beekama, Oromoon.Uummanni Oromoo maaliif
wantoota shanitti qooduu filate? Falaasamni lakkoofsa shan duuba jiru maali? Wantoonni Oromoon
shanitti qoodee ilaalu maalfaadha?Walumaagalatti duudhaan lakkoofsi shan jiruufi jireenya Oromoo
keesatti qabu maali? kanneen jedhanirratti yaada hayyootaarraa iyyaafanneefi dubbisnerraa kana
qindeessineerra.

Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?

Sirni Gadaa sirna badaaf qoricha ture

Falaasama lakkoofsa shan duuba jiru

Hayyuun Seenaa Oromoo Obbo Dirribii Damissee Oromoon lakkoofsa shanirratti maaliif hundaa'e,
maaliif iddoo guddaa kenneef kan jedhurratti wayita yaada kennan: ''Oromoon beekumsa uumaafi
uumama irratti qabu wayita ibsu Waaqayyo dura bishaan walaabuu uume, bishaan kanas bakka lamatti
addaan baase. Isaan lamaan oloofi jaloo godhe. Isaan kunneen ammoo bakka shanitti yayyabe jedha,''
jedhan.

Obbo Dirribiin itti fufuun, ''Kun yayyaba shanan waaqaa jedhama. Oloo keessa saditu jira, jaloo keessa
lamatu jira. Oloo keessa urjii, ji'aafi aduutu jiru. Jaloo keessa ammoo dacheefi bishaantu jira. Kanaaf,
yayyabni Waaqaa shani jedhee amana Oromoon,'' jedhan.

Oromoon mallattoowwan Yayyaba Waaqaa shanan wayita ibsu uumaafi uumamaan walqabsiisa kan
jedhan Obbo Dirribiin, keessattuu akkaataan uumama dhala namaa ammoo iddoo guddaa qaba jedhan.

''Qubi harka namaa shan, qubi miillaas shan, Lubi yookiin gogeessi Gadaa Shan, Odaan seerri tumameefii
beekames Shan.''

Kana malees, Oromoon haala waldhibdee kamiyyuu keessatti murtee dhugaa ni kenna jedhee kan itti
amanu garee jaarsolii Shanacha jedhamu qaba jedhan Obbo Dirribiin.

''Jaarsoliin kunneen hawaasaafi caasaa Gadaa keessatti kanneen iddoo qabaniifi lakkoofsaan shan kan
ta'an yoo ta'u, dubbiin yeroo baayyee isaan bira hin darbu.''''Yoo dubbiin cimee isaan bira darbe ammoo
gara qaama Salgee jedhamuutti dabarsu, garuu yeroo baayyee Shanee jaarsaa bira hin
darbu.''Namoonni kunneen caasaama Gadaa keessa kan filaman yoo ta'u, garuu dirqama abbootii
Gadaati jechuu miti jedhan Obbo Dirribiin.''Sirna Gadaa Oromoo keessatti Jaarsoliin shanan
kunneenakka mana murtii waliigalaatti ilaalamu. Namoota amantiirratti, aadaarratti, safuurratti adda
duree ta'aniifi amanamoo ta'antu filatamu.''

Odaan Oromoo biratti hiika maalii qaba?

Waa'ee Gadaa wantoota shan

Warri durii maaliif abbaa warraa maqaan hin waaman?

Hayyuun Antirooppoolooji fi Qorataan Seenaa Oromoo Dr Gammachuu Magarsaa kitaaba isaanii,


''Sacred Knowledge Traditions of the Oromo of the Horn of Africa'' jedhu keessatti waa'ee duudhaa
lakkoofsa shanii wayita ibsan, ''Oromoon seera uumaafi uumamaarratti hundaa'uun seera 'Yaayyaa
Shanan' jedhu abuurrate,'' jedhan.

Falaasama wantoota shanitti ramaduu (Pentadic Classification), Yaayyaa Shanan jedhamu kanaan
Oromoon ijaarsa qe'ee, caasaa hawaasummaa, daangaa bulchiinsaa, Sirna Seeraafi Heeraa, Sirna
Siyaasaa akkasumas duudhaa amantii isaa shanitti qoodee gaggeeffata jedhan, Dr Gammachuun kitaaba
isaanii keessatti.

Manguddoota Booranaa yeroo sirna Gadaa.

MADDA SUURAA,ERIC LAFFORGUE/ART IN ALL OF US

Ibsa waa'ee suuraa,

'Oromoon seera uumaafi uumamaarratti hundaa'uun seera 'Yaayyaa Shanan' jedhu abuurrate'

'Namni bu'uura shanirraa ijaarame'

Akkaataa falaasama Oromoo kanaan namni guutuun tokko uumama Waaqaa biyya lafaarra jiru bakka
bu'a kan jedhan Dr Gammaachuun, namni wantoota bu'uuraa shan: gogaa, foon, dhiiga, lafeefi yaada
isaarraa kan ijaarameedha jedhan.

Caasaan bu'uura qaama dhala namaa akkuma uumama addunyaa bakka bu'u, Oromoon wayita mana
ijaarratus kana ilaalcha keessa galcheeti jedhu Dr Gammachuun kitaaba isaanii keessatti.
''Uummati Oromoo dur dur wayita mana ijaarratu jalqaba bifa geengoo ta'een godha. Achii booda
utubaa manaa gidduu dhaabee bakka shanitti kuta. Kunis qaama namaa dhalootarraa hanga du'aatti kan
bakka bu'uudha. Gogaa, foon, dhiigaafi lafeen kutaalee shananiin bakka buufamu, utubaan ammoo
yaada dhala namaa qajeelchudha.''

Dr Gammachuun seerota Yaayyaa shanan jalatti ibsan keessaa shanan seera-baastotaa Abuduroo (Five
Ancestral legislators) isaan tokko.

Akka isaan jedhanitti, namoonni seera ganamaa Oromoo baasan kunneen maqaa Yaayyaa jedhu akka
maqaa aangootti kan itti maxxanfamu yoo ta'u, isaanis Yaayyaa Golloo Goboo, Yaayyaa Boruu Biloo,
Yaayyaa Mannee Leeqaa Jaarsoo, Yaayyaa Gallee Annoofi Yaayyaa Baabboo Galleessa jedhamu.

Maqaan namoota kunneenii bakkaa bakkatti garaagara ta'uu mala kan jedhan Dr Gammachuun, garuu
seerota namoonni kunneen baasantu karaa hayyuutiin dhalootarraa dhalootatti darbaa yoona ga'e
jedhan.

Akka Oromoon dhugeeffatutti Yaayyaa Golloo Goboo Seera Golaafi Seera Gosaa (seera keessoo Oromoo
fi Seera Ollaa waliin), Yaayyaa Boruu Biloo Seera Rakoo, Yaayyaa Mannee Leeqaa Jaarsoo Seeraa
Duulaafi Seera Adamoo, Yaayyaa Gallee Annoo Seera Horaa, Seera Horii fi Seera Marraa Bisaanii,
Yaayyaa Baabboo Galleessa Seera Dhawaa-Dhibaayyuu baasaniiru.

Seerota kunneentu walitti qindaa'anii seera biyyaa ta'anii, heera Oromoon ittiin qajeelee jiruufi
jireenyasaa gaggeeffatee akka sabaatti jiraatuuf bu'uura ta'e jedhan Dr Gammachuun kitaaba isaanii
keessatti.

Gama kaaniin, mootummaan Itoophiyaa maqaa 'Shanee' jedhu moggaasee ofumaasaa shororkeessaa
jedhee farrajuun dhibdee siyaasaa mariin hiikuurra ittuu hammeessuu kan agarsiisu ta'uu kan ibse Addi
Bilisummaa Oromoo (ABO), jechi 'Shanee' jedhu Gadaa Oromoo keessatti duudhaa kabajaa qabaachuu
hime.

''Jechi 'Shanee' jedhu Sirna Gadaa keessatti kabaja guddaa kan qabuudha. Jiruufi jireenya Oromoo
keessatti duudhaa kabaja qabuudha. Jecha kana fuudhanii shororkeessummaatti farrajuun aadaafi
duudhaa sabichaa gadi buusuudha.''
Mootummaan garuu garee Shanee jedhee waamu shororkeessummaan farrajuusaa malee, 'Shanee'
Sirna Gadaa keessatti duudhaa kabajaa qabu xiqqeessuusaa wanti akeeke hin jiru.

You might also like