Cuunfaa Kitaabaa - 006

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 6

Hawi Youth Development Initiative

Cuunfaa Kitaabaa - 006


Hawi Anoletiin

Odeeffannoo Bu’uuraa

Maqaa Kitaabichaa : - How to Win Friends and Influence People

[Hiriyoota Moo’achuufii Namootarratti Dhiibbaa Uumuu Danda’uu]

Kan Barreesse : - Del Carnigie ( Del Kaarniigee)

Bara Itti Barraaye : - Maxxansa duraa 1936, Maxxansa Lammataa 1981

Dheerina Kitaabichaa : - Fuula 291

Kaayyoo Ijoo Kitaabichaa

Barreessaan kitaabichaa Ameerikaa keessatti bara dheeraadhaaf Yunivarsitii keessa


barsiisaa ture. Bara dheeraa barsiisaa ture keessatti wanti inni hubate tokko yoo
jiraate waan kamiyyuu caalaa barattoonni isaa akkamiin akka namoota biroo waliin
jiraachuuf hariiroo gaarii qabaachuu qaban barsiisuun murteessaa ta’uu isaati.
Kanaaf, ofumaa maafan kitaaba sana ani hin barreessine jedhee kitaaba kana
barreesse. Kaayyoon kitaaba kanaa inni guddaanis akkamiin hariiroon nuti namoota
biroo waliin qabnu cimuu akka danda’u, hiriyoota keenya akkamiin akka aaneffachuu
dandeenyu akkasumas namoota irratti dhiibbaa gaarii (positive influence) akkamitti
godhuu akka dandeennu addeessudha.

Barnootawwan Ijoo Kitaabichaa

1. Namoonni akka si jaalatan yoo barbaadde, ifatti isaan hin qeeqin

Yeroo heddu namoota qeeqxa yoo ta’e, kanneen ati yeroo hunda qeeqxu sunneen
si dhageeffachuudhaaf fedhii hin qabaatan. Namni ati qeeqxu suni amala kee

1
sana waan beekuf miira keessa galee siif deebii kennuudhaaf qophaa’a ta’a
malee qeeqa kee akka waan gaariitti fudhatee ittiin of sirreessuudhaaf hin
carraaqu.Namota qeequun baay’ee salphaadha. Kan nama dhibu miirafii ilaalcah
ofii keessaa bahanii namoota kan biroo hubachuu dandahuufii sanarras dabranii
dhiifama godhuu dandahuudha. Kanaafuu, jireenya kee keessatti namoota biroo
qeequu keetin dura, waan godhan maalif akka godhan hubadhu, akka ilmoo
namaatti namuu hanqina akka qabu hubadhu, yoo dandeette immoo ifatti yookin
nama fuulduratti nama hin qeeqin.

2. Namoota Waan gaarii hojjatan jajjabeessi, faarsi, si biratti akka gatii


qaban itti agarsiisi - Ilmoo namaa ta’ee kan jjabeeffamuu, faarfamuufii maqaa
gaaridhaan kaafamuu hin barbaanne hin jiru. Hundi keenyayyuu yoo nu
hamileessaniifii jecha gaaridhaan nu ibsan ni jaalanna. Ilmoon namaa Adduunyaa
kanarratti waan guddaa akka hojjatu wantoota kakaasan keessaa inni tokko
beekkamtii argachuufii waan gaariidhaan amqaan waamamuun sababa isa
jalqabaati. Nama faarsuu yookin namaaf gatii kennuu yogguu jedhamu garuu
waan namni suni hin qabne kijibaan tuuluu jechuu miti.

Gatii namaa kennuun, nama faarsufii beekkamtii namaaf kennuun ‘ Baay’ee


Galatoomi’, ‘ Si hubachuu dhabuu kootif dhiifama naaf godhi’, ‘ Baay’en Si
Dinqisiifadha’ jechoonni ejdhan ni gahu. Wanti guddaan waan jennu kana onnee
qulquurraafii haqaan jechuu keenna. Faranjiin waan Golden Rule jettuun qabdi,
Seera Warqii tahe jechuu isiiti – Akkaataa namoonni biroo akka si kuunsan
barbaadduti atis namoota biroo akkasumatti kunuunsi jetti (Treat others the
way you want others to treat you.). Ofii nama harki akka dhahamuuf barbaadu
tahaa, yoo namoonni waan harka nama dhoofsisu hojjatan nama fuula guuru hin
ta’in.

3. Seeqadhu, Fuula hin guurin

Wantoota nuti yeroo heddu akka salphaatti ilaallu garuummoo kan baay’ee
faayda qabeessa ta’an keessaa inni tokko seeqachuu (smile) dha. Seeqachuun
miira gammachuu namatti hora, rakkoof gadadoo jiruu irraanfachuuf, dukkana
keessatti fia arguuf akkasumas namoota waliin jiraannu biratti akka
jaalatamnu, fudhatama gaarii qabaannufii kabajamnu nu taasisa. Fakkeenyaaf
nama tokko karaatti argitee fuula ifaa, seeqataafii gammachuudhaan

2
guutameen yoo dubbiste, namni sun gammaduudhaan ala carraa hin qabaatu.
Seeqachuun maagneetiidha, namoota ofitti hawwachuudhaaf maagneetii si
tajaajilu. Kanaafuu, osoo seeqachuu dandeessuu maalif fuula guurta?
Seeqadhu!

4. Namootatti Kan Akka Maqaa Isaanii Itti Mi’aawu Akka Hin Jirre Beeki

Jireenya keenya keessatti namoota akaakuu garagaraatiin wal qunnamna.


Namoota tokko tokko waan hunda isaanii sirriitti beekna. Maqaa isaanii irraa
kaasee hanga gosa isaanii, maatii isaanii, firoottan isaaniifii kkf osoo nu
gaafatanii sirriitti tarreessina. Faallaa kanaatiin namoota yeroo
gabaabaadhaaf wal argine, yookin immoo hiriyoota yeroo dheeraa dura addaan
fagaanne maqaa isaanituu ni irraanfanna ta’a. Namni ati waliin barattee
sadarkaa guddaa gahe tokko har’a wal argitanii osoo maqaa kee dagatee maaltu
sitti dhagahama?

Akka koo yoo taate ni aarta ta’a. Mee faallaa saniitiin yaadi, kan sadarkaa
guddaarra gahe osoo si ta’ee hoo? Tarii inuman irraanfadhe jetteet akka
salphaatti laaltee bira kutta ta’a. Garuummoo nama irraanfatame saniif wanti
sun baay’ee akka aarsu hin hubanne ta’a. Eeyyen, namni maqaa isaa baay’ee
jaalata. Abalu jedhamee waamamurra maqaa ofiitiin waamamuun isa/ishee
gammachiisa. Namaan yoo wal bartu maqaa nama sanaa sirriitti qabadhu. Yoo
agartus maqaadhaan waami. Yoo namni sun gammachuun wahii isa mudate
maqaadhaan waamii gamamchuu kee ibsiif, yoo gaddi isa mudates maqaa waamii
gadda kee ibsiif……Maqaan ofii daymarra mi’aaya!

5. Dhageeffataa Gaarii Ta’i

Kitaabota kanaan dura isiniif axeerare keessattis dhimmi dhageeffataa gaarii


ta’uu kun irra deddeebi’ee ka’ee jira. Dhageeffataan namaa namoota
hubatuufis, ofiiyis hubatamuufis carraa bal’aa qaba. Namni uumama isaa irraa
of jaalataadha. Haasaa isaa keessatti , ana, ana jechuu heddummeessa.
Dhageeffatamuu barbaada, hubatamuu barbaada. Kanaaf immoo nama
isa/ishee sirriitit dhageeffatu barbaada. Ati nama qalbii guutuun nama
dhageeffattu taanaan, salphaatti namoota biratti jaalatamaafii kabajamaa
tahuu dandeessa. Qalbii guutuudhaan nama dhageeffachuuf immoo wantoota
murteessoo ta’an keessaa inni tokko xiyyeeffannaa guutuu haasaa nama nutti

3
haasa’uu sanarratti godhuudha. Osoo namni namatti haasa’u, haasa’a sanaaf
deebii qopheeffachuun, jidduudhaan nama haasa’u san addaan kukkutuun
akkasumas qalbiidhaan gara biraa qaarinee bakka haasa’amaa jiru sana
hubatuuf rakkatuun wantoota sirriitti dhageeffachuu nu dhoorkan keessaa
akka tahan yaadachuun barbaachisaadha.

6. Waan Namoonni barbaadan beeki, waan isaaniif barbaachisaa ta’e haasa’i


Uumamaan namootni waa’ee ofii waan gaarii dhagahuu jaalatu. Hamma fedhe
osoo dheerateeyis waan isaanii taanaan afaan bananii si dhageeffatu. Atis waan
barbaaddu tokko dhugoomfachuudhaaf karaa faallaa deemurra bifa waan
sanarraa namoonni sun fayyadamoo itti ta’uu dandahaniin itti argisiistee
salphaatti waan feetu dhugoomsuu dandeetta.

7. Hin Mormin / Mormii Dhiisi - Mormiin kamiyyuu dhumni isaa hin bareedu.
Namootni wal morman dhibbeentaan 99% wal dhibdeedhaan xumuru. Mormiin
waliigalteerra nama hin geessu. Kanaaf, waan mormitee galmaan gahuu hin
dandeenne tokko maalif dhiibda? Irraa dhaabadhu. Mormiirra wal hubachuu,
miira tasgabbaawaadhaan waliin mari’achuu akkasumas bira walii taruutu
barbaachisa. Kanaaf, hariroo jiruu hiriyoota, maatiifii hawaasa keessa
jiraattuun waliin qabdu keessatti nama Mormii jaalatu hin ta’in.

8. Akkaataa Dogongora Namootaa Itti Hin Himtuun Bilchaataa Godhi

Namootatti dogongora isaanii kallattiidhaan yeroo itti himtu, anatu sirra


hubataadha yookin immoo anatu sirra beekaadha jechuu agarsiisa. Kunimmoo
namni sun salphamatti akka dallanuufii deebii faallaa ta’e akka qopheeffatu isa
taasisa. Kunimmoo walitti bu’iinsa uuma. Kanaaf, namootatti kallattiidhaan
dogongora isaanii itti himuu osoo hin ta’in bifa isaan hin quuqneniifii bifa immoo
dogongora isaanii san irraa ittiin of sirreessuu dandahaniin akka ta’u godhuutu
barbaachisa.

Saniif jalqaba namootni dogongora raawwatan dogongorri isaanii sun ilaalcha


itti amanan irraa madduun mala waan taheef, ilaalcha keenyaan ala ilaalchi
biraatis jiraachuu isaa amannee, ilaalcha sana kan kabajnu ta’uu keenyafii
garuummoo ilaalchi akkanaatis osoo ilaalamuu danda’ee waan jedhu dhiyeessuu
ni dandeenya. Fakkeenyaaf hiriyaan kee jarjaraa yoo ta’e, jarjara isaa sana yoo
jibbitanii akka fooyyessu feetan kallattiidhaan yoo itti himtan aaree isin

4
jibbuun isaa ni mala ta’a. Garuu, jarjara isaa sana kallattiidhaan osoo hin
abaarin, suuta ilaallataa ejjachuun hammam faayda qabeessa akka ta’e itti
himuun ni danda’ama.

9. Yoo Dogongorte, Amanii Dhiifama Gaafadhu

Nama ta’ee kan hojjatu hundi dogongoraadha. Dogongorri immoo dhuma jiruutii
miti. Dogongorri eddoo irraa baratani malee eddoo kufanii itti hafanis miti.
Kanaaf, yoo waan tokko dogongorte, dogongora san amanuus tahee dogongorri
kee nama Biraa miidheera yoo ta’es dhiifama gaafachuu irraa of duuba hin
jedhin. Nama dogongora ofii ifatti amanu nama hedduutu jaalata. Kanaaf, osoo
akkas gootee sammuu keetif nagahaaf tasgabbii sooruu dandeettuu kijibuun,
fakkeessuun yookin waakkachuun morkaafii badii biraa keessa yoo si seensise
malee faaydaa siif hin qabu.

10. Namoota Jijjiiruu yoo barbaadde, jalqaba waan gaarii isaanii haasa’i
Wanti hiriyaan kee, hojjataan kee yookin immoo namni sitti dhiyaatu tokko akka
waan ati hin feene / akka jijjiiramu feetu tokko dhugoomsuuf maloota si
fayyadan keessaa inni tokko utaaltee waan jijjiiramuu qabu sanarratti seenuu
miti. Jalqaba, nama sirreessuu barbaaddu san wantoota gaarii isarratti beektu/
argitu tokko tokkoon itti lakkaayi. Amaloota mimmiidhagoo nama sanirratti
beektu itti tarreessi. Ergasii, osoo kanas itti dabaltee/ osoo kana jijjiirtee
waan jedhu itti ida’i. Na amani, gammachuudhaan si simata;

Xumurarratti - Har’as Baga Gammadde!

Kitaaba kana dubbisuu keetiin waan hedduu akka baratte an shakkii hin qabu. Har’a
kitaaba JAHAFFAA xumurteerta. Marsaa itti aanuttis kitaaba biraatiin walitti
deebina. Kitaaba kana erga dubbisteen booda yaada anaafis tahee hordoftoota
kootiif qabdu yoo qabaatte naan gahuu hin irraanfatin.

Na Qunnamuudhaaf Gama

hawianole@gmail.com yookin

Fuula Feesbuukii - Hawi Anoletiin na qunnamuu dandeetta.

Kanuma, Keenyas Oluma!

5
6

You might also like