Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 9

Hawi Youth Development Initiative

Cuunfaa Kitaabaa - 010

Hawi Anoletiin

Odeeffannoo Bu’uuraa

Maqaa Kitaabichaa : - Autobiography of Martin Luther King Jr.

Seenaa Jireenyaa Maartin Luutar King

Kan Barreesse : - Cleyborne Carson

Bara Itti Barraaye : - 1998

Dheerina Kitaabichaa : - 416

Kaayyoo Ijoo Kitaabichaa

Maartiin Luutar King Jr. qabsaayaa mirga dhala namaa, biyya Ameerikaa Naannoo

Atlaantaa jedhamtutti bara 1929tti dhalate. Hanga lubbuun jirutti Ardii Ameerikaa

keessatti cunqursaan Ummata gurraacharratti raawwatu dhaabbatee

walqixxummaan akka dhugoomuuf qabsoo hadhaawaaf obsa fixachiisaa gaggeesse.

Maartiin qabsoo isaa goolabee bu’aaf bahii qabsoo keessatti keessa dabre hunda

harka ofiitiin barreessuudhaaf carraa hin arganne. Osoo qabsoo hogganuu bara

1968, dhalatee waggaa 39 qofa jiraatee ajjeefame. Namoonni hedduun seenaa isaa

ilaalchisee kitaabota garagaraa barreessaniiru. Isaa keessaa kanneena armaan gadii


keessatti argamu;

1
I. Martin Luther King Jr.: A Life, by Marshall Frady (2002)

II. The Autobiography of Martin Luther King, Jr., edited by Clayborne

Carson (1998)

III. Parting the Waters: America in the King Years, 1954-63, by Taylor

Branch (1988)

IV. The Heavens Might Crack: The Death and Legacy of Martin Luther King

Jr., by Jason Sokol (2018)

V. The Promise and the Dream: The Untold Story of Martin Luther King, Jr.

And Robert F. Kennedy, by David Margolick (2018)

VI. The Seminarian: Martin Luther King Jr. Comes of Age, by Patrick Parr

(2018)

Kitaabota kanneen tokko tokkoon isiniif cuunfee dhiyeessuudhaaf na rakkisus,

kitaaba haati manaa Maartiin Luutar nama Cleyborne Carson jedhamuun akka

barraawu goote bu’uura godhadhee cuunfaa qabsoo inni gaggeessaa tureefii

barnootawwan ijoo irraa argachuu dandeennuu walqabasisee isiniif dhiyeessuudhaaf


nin yaala. Barreessaan kitaabichaa barruuwwan yeroo garagaraatti Maartiin Luutar

barreesse bu’uura godhateet kitaabicha barreesse. Irra hedduun waan kitaaba

keessatti eerames jireenya guutuu Maartiin Luutar akka calaqqisutti kan

dhiyaatedha.

1. Maartiin Luutar Nama Amantii Cimaa Turu Isaa

Maartiin Luutar King amantii isaa irratti ejjannoo ifa tahe qaba. Nama amantaa
tahuu isaas ifatti raga bahe. Waa’ee amantii isaas yommuu dubbatu akkana jedha .’

2
Ani Bataskaana ( Church) keessatti guddadhe, abbaan koo Kiristaana, barsiisaa

amantiiti, akaakayyuun kootis barsiisaa amantiiti, abaabayyuun kootis barsiisaa

amantiiti, obboleessi kootis barsiisaa amantiiti, abbeeraan kootis barsiisaa

amantiiti, kanaaf anis barsiisaa amantii tahuudhaan ala carraan ani qabu hin turre.

Amantii isaatti agrgaaramuudhaan cunqursaaf jibbiinsa sakaalee Ummata qabe

hiikudhaan obbolummaa namoomaa facaasuu akka dandahes ni dubbata Maartiin

Luutar.

Maartiin bu’aa bahii jireenyaafii qabsoo gaggeessaa ture keessatti yeroo hunda

Rabbiin ni kadhatas ture. Ameerikaa keessatti eddoowwan garagaraa keessa

naannawuudhaan barumsa amantii barsiisaas ture. Sadarkaan barumsa isaatis

ol’aanaa kan ture yommuu ta’u, umrii 15tti koolleejjii seenee hamma sadarkaa

Doktorummaa gaheera. Amantii isaa keessatti waan keessi isaa hin fudhatiniifii

falmuuf muratee ka’e keessaa inni ijoon, yoo diinni kee bitaacha kee rukute mirga

kee itti kenni isa jedhus akka ture Maartiin ni dubbata. Tasuma Ummata nu

cunqurse, cunqursaa akka nutti dabalaniif hin cal’isnu, yookin cunqursa sanas aamin

jennee hin fudhannu ejjannoo jedhus qaba.

2. Umrii Ijoollummaa

Maartiin Luutar maatii qabeenyaan jiddugaleessa tahan, kanneen jiruu gaarii


jiraatan keessatti dhalate. Ummanni gurraachi naannoo itti dhalatee san jiranis

qabeenyaan sadarkaa jiddu galeessa irratti argamu. Jireenya isaa keessatti

taatewwan ijoollummaadhaan isa mudatan keessaa kan baay’ee isa gaddisiisan waan

lama. Tokkoffaan umrii ijoollummaa isaatin aakkayoon isaa du’uu isheeti. Ishee

baay’ee waan jaalatuuf du’a isheetti baay’ee gadde. Inni lammataa immoo yeroo kan

waahila isaa ijoollummaatiin walqabateedha. Osoo barumsa hin seenin dura daa’ima
xiqqaa kana waliin hiriyaa turan, waliin taphatu. Inni Adiidha. Yeroo Umriin isaanii

3
jaha gahee barumsa seenan mana barumsaa gargaraa seenan. Yeroos cunqursi waan

tureef Adiif Gurraachi mana barumsaa tokkotti hin baratan, konkolaataa yoo

yaabbatan adiin duuba akka taa’uf dirqama, dukkaanni meeshaa irraa bitatanis

akkasumas loogiidhaan kan guutameedha. Hiriyaan isaa xiqqaan sun guyyaa tokko

Maartiin Waliin yommuu wal argu, har’aan achi waliin hin taphannu jedheen. Maartiin

maalif jennaan, abbaan koo waliin hin taphatin naan jedheeras jedheen. Yeroo

jalqabaatiif, umrii isaa waggaa jahatti galee waa’ee kanaa abbaa isaa gaafate.

Abbaan isaas waan jiru hunda ibseef. Sammuun Maartiin yeroo san irraa eegalee

cunqursaaf gargaarummaan jidduu Adiif Gurraachaa jiru kuni isa dallansiisuu eegale.

3. Mormii Konkolaataa Montgomery

Bara 1955 ALA Ameerikaa Naannoo Alaabaamaa, Montgomeriitti taaten tokko

dhalate. Taaten kunis dubartiin Roozaa Paarks jedhamtu konkolaataa ummataa /

public bus/ yeroo yaabbattu barcuma fuulduraa irra teette. Sirna sana keessatti

fuuldura kan taa’u adii qofa. Gurraachi osoo barcumaan duwwaan fuulduras jiraatee

duubarra malee fuuldura taa’uun isaa hin hayyamamu. Akka gadi aanaatti lakkaa’ama.

Kanaaf Duuba taa’uu qaba. Isheen garuu, tasuma eddoo sanaa hin ka’u Jettee

fuulduruma san teesse. Ka’i jennaanis ni didde.

Ergasii humnaan qabanii hidhan. Sanaan walqabatee mormiin bal’aan walitti fufiinsa

qabu gaggeeffame. Mormiin naga qabeessi walqixxummaa gaafatu babal’ate. Yeroo


gabaabaa keessattis miirri qabsoo Ummata gurraachaa dabalaafii babal’ataa dhufe.

Maartiin Luutaris mormii sana akka hogganuuf filatame. Yeroos Umriin isaa 26 ture.

Ummanni 40,000 caalu mormii sana irratti kan hirmaate yommuu tahu hanga seerri

dabe jallate sirraawutti gurraacha kan tahe hundi akka konkolaataa hin yaabbanne

waliigalame.

Mormii haala kanaan guyyoota 381f walitti aansee gaggeeffameen booda Manni
Murtii cunqursaan konkolaataa irratti godhamu guutumaan guututti akka haqamuufii

4
eenyumtuu eddoo barbaade akka taa’u murtaa’e. Murteen kuni hojiirra ooluu yeroo

eegaletti garuu warri ol’aantummaa Ummata Adii leellisu murtee kana fudhachuu hin

barbaanne. Bataskaana Ummata gurraachaa Afur barbadeessan. Boombii

dhukaasanii Ummata gurraacharra miidhaa qaqqabsiisan. Kana kan hogganaa ture

immoo dhaaba finxaalessaa ol’aantummaa Ummata Adii faarsu kan Ku Klax Klan

jedhamu ture. Mormiin kun falmii Ummata gurraachi walqixxummaadhaaf godhe

keessatti ija addaatiin ilaalama. Tokkoffaan qabsoo qindaaye keessatti isa jalqabaa

tahuu isaati, lammaffaan immoo gabaasni mormii sanii miidiyaawwan hedduudhaan

gabafaamuufii dhimmichi xiyyeeffannaa guddaaa argachuu isaati, sadaffaan immoo

Maartiin Luutar King hogganaa qabsoo kanaa tahee argamuu isaati.

4. Qabsoo Karaa Nagahaa Irratti Cichuu

Maartiin Luutar wanta adda isa godhu keessaa inni tokko haala kamiyyuu keessatti

tahee qabsoo karaa nagahaa filachuu isaati. Diina isa barbadeessuuf dhufus karaa

naga qabeessaan keessummeessuu isaati. Namoonni hammuma fedhe waan kee badaa

haasa’anis, si xinneessuuf yaalanis, si abaaranis ati yoomuu ol jettee kabaja keetiin

jiraachuu dandahuu qabda. Gadi buutee isaan wajjiin lola keessa seenuu hin qabdu

ejjannoo jedhu qaba. Ejjannoo kana immoo Qabsaawaa warra Hindii Mahatma

Gaandii irraa akka dhaales ni dubbata. Qabsoon nuti gaggeessinu kan naamusaan

guuttame tahuutu irra jiraata.

Mormiin keenya gara humnaafii lolaatti akka hin geeddaramne godhuu dandahuu

qabna. Kan humnaan nutti dhufe humnaan osoo hin ta’in humna xiinsammuutiin (force

of soul) injifannee irra aanuu dandahuu qabna ilaalcha jedhus qaba Maartiin Luutar.

Jiruu isaa keessatti yeroo hedduu hidhameera, manni isaa boombiidhaan

barbadayeera, waraanameera, lubbuudhumti isaas warra isa jibbu harkatti baddee

jirti. Adii qofa osoo hin tahin Ummanni gurraachis Osoo hin Hafin isa mormaafii
qeeqaa turanis ni jiru. Haa ta’u malee inni abdii hin kutanne, isaanittis dallanee lola

5
hin barbaachisne keessa waliin hin seenne. Suni hundi dabree walqixxummaan akka

dhuftu qofa yaadaa, miiraan isaan caalee, jaalala bu’uureffatee, haqaaf falmee

falmisiisaa ture.

5. Abdii Muruun Tasuma Barbaachisaa Tahuu Dhabuu Isaa

Maartiin Luutar haasaa isaa keessatti wantoota yeroo gargaraatti dubbateefii

hojiidhaan argisiise keessaa inni ijoon yoomuu taanaan abdii kutuun barbaachisaa

tahuu dhabuu isaati. Akkuma beektan, akkuma qabsoo keenyarrattis walumaan

argine qabsoon bu’aa ba’ii hedduu qabdi. Keessattuu harqoota gabrummaa jala

taa’anii, yeroo namni hedduun hin dammaqinitti, yeroo mootummaan biyya bulchu

faalla dhaabatutti nama abdii qabu tahuun salphaa miti. Harqootni gabrummaa sun

caccabee bilisummaadhaan akka dhufu amanuuniifii ummata waliin qabsaa’anis

amansiisuun salphaa miti.

Har’a gufuun guddaan nu mudatus, ani yoomuu abdii qabaachuu koo irraa of duuba

hin deebi’u, Abdiin qaba, Abdiin koo immoo Abdii Abjuu Ameerikaa / American

Dream / kan bu’uureffateedha jechuudhaan irra deddeebi’ee dubbata, Maartiin

Luutar. Bara 1963tti, osoo qabsawonni akka Maalkoom X isa morman hiriira mormii

guddaa magaalaa Waashingtan DCtti Ummata bifaan osoo adda hin qoodin waamee

ture. Guyyaan suni seenaa keessatti guyyaa mormiin milkii ol’aanaan itti xumurame

tahees galmaahefii jira. Guyyaa kanatti namoota kuma dhibba lamaa oltu argame
jedhama. Haasaa guyyaa sana taasiseen Maartiin Luutar akkana jedhe…’ Abjuun

qaba, guyyaa tokko ijoolleen xixinnoon Ameerikaa adiif gurraacha jedhanii osoo wal

hin foo’in harka waqabatanii jaalalaaf gammachuudhaan waliin ni taphatu. Ilmaan koo

afranis halluu bifa isaaniitiin osoo hin ta’in eenyummaa namoomaa isaaniitiin guyyaan

itti madaalaman ni dhufa.’ Jedhee haasaan inni taasise haasaa seena qabeettii

taatee galmee seenaa irra teetteerti. Abjuun isaa dhugoomuun shakkii akka hin
qabnes yeroo biyyi Gaanaa cunqursaa warra adii jalaa walaboomtu dhaqee mil’ate

6
gurraachi Ameerikaatis bilisoomuun isaa akka hin oolle amane. Abjuun isaa kunis hin

fashaloofne, rakkoof hanqinoonni jiraatanis, cunqursa kaleessa Ummanni gurraachi

Ameerikaa irratti godhamaa turerra haalli amma jiru baay’ee baay’ee

wayyaawaadha. Sun hundis dabree Ameerikaan Pirezidaantii Gurraachaanis hamma

buluutti gahuu dandeettee jirti.

6. Ejjannoo Hin Daddaaqne Qabaachuu

Eenyummaan namaa inni haqaa haala mijataa keessa yeroo jirataa jirutti ejjannoo

irraa calaqqisu qofa osoo hin ta’in, yeroo rakkoof hamtuu keessatti ejjannoo inni

qabatuudha. Eenyumtuu yeroo bilisaa waan fedhe dubbachuu danda’a, garuu yeroo

cinqii, dhugaa waliin hiriiruun garuu salphaa miti. Kana immoo qabsoo keenya

keessattis, jireenya dhuunfaa keenya keessattis waanuma hundi keenya

beeknuudha. Namni gaafa rakkoo/ gaafa qabsoon hammaattu si gatee, gaafa wanti

hundi sirraaye akka waan siin firoomee fakkaatee si cinaa hiriiru nama ejjannoo hin

qabne. Borus wanti fooyya’aan yoo jiraate si gatee deemuun isaa hin hafu.

Kanumaan walqabatee qabsoo keessatti, jechaaf gocha diinota keenyaa qofa osoo

hin ta’in, cal’isa hiriyootaa keenyaatis ni yaadanna jedha Maartiin yoo dubbatu.

Dhugaa dubbachuun salphaa miti, aarsaa qaba, waan nama dhabsiisu qaba, waan nama

sodaachisu qaba, yeroodhaafis tahu. Tahus, yoo haqa irratti cichitee, rakkoo

dhufuun malu hunda cabsitee haqa waliin dhaabbatte, yeroof gaaga’amaaf


saaxilamtus booddeen kee garuu milkaa’aa tahuun isaa hin oolu. Murteen harka kee

jira.

Haqa filattee, waliin cichuudhaafis tahee akka qilleensaa gamaaf gamana butamuun

murtee keeti. Kanaaf waan tokko afaan keetii baasuu keetiin dura itti yaaduun

barbaachisaadha. Amala ta’ee namoonni tokko tokko yeroof qilleensan waliin

shubbisuu filatu, akka gaararraa garaaf garana gegeeddaramu, waan ahr’a dubbatan
boru irra hin deebi’an, gaafa ati irree, maallaqaaf aangoo qabdu si waliin hiriiru,

7
gaafa sun si harkaa miliqe akkuma barbaachisummaa isaa arganiin sitti garagalu.

Seenaa qabsoo keenyaa keessatti waan ta’e ilaaluun kanaa fakkeenya gahaadha.

7. Jiruu Kaayyoo Jiraachuu – Namni kaayyoo jiraatuf hin qabne, kaayyoo

du’uufis hin beeku, kanaaf jiraachuufuu ulaagaa hin guutu jedha Maartiin yoo

dubbatu. Kaayyoof jiraadhu, jireenya kee keessatti maalif akka jiraattu beekis

jedha. Kaayyoon suni haa xinnaattus, haa guddattus barbaachistuudha. Nyaatanii

dhuguudhaaf qofa hin jiraatamu, ofirras dabranii namaaf tola ooluun, kaayyoo

guddaa taheef jiraachuun akkasumas waan keessi keenna itiin gammadu hojjachuun

baay’ee barbaachisaadha. Yaadrimee kana kitaabota asiin duraa irratti irra

deddeebidhaan waan ilaallef gabaabumattin dhiisuu barbaada.

8. Ajjeechaa Maartiin Luutar

Maartiin Luutar qabsoo dheeraa gageesseen injifannoowwan hedduu galmeessisuu

dandaheera. Waan hunda caala Ummanni gurraachi Ameerikaa gabrummaa caasaa

mootummaa hundee godhate akka diigamuufii walqixxummaan akka dhugoomuuf

Ummata ofii kakaaseera. Mormiiwwan walitti fufiinsa qabaniif milkiidhaan

xumuraman hedduu hogganeera. Kanneen keessaa hiriirri Mormii Bilisummaa bara

1963 magaalaa Waashingtan DCtti gaggeeffame seena qabeettiifii kan milkiin

xumuramte turte. Namoonni hedduun hiriira mormii san irratti haasaa kan godhan

yommuu ta’u miidiyaawwan hedduutu mormii sana gabaase. Kuni ajandaan


walqixxummaa isaanii daran akka babal’atuufii biyyattii guutuu akka waliin gahuuf

carraa guddaa kan uume, akkasumas Mootummaanis gama ofiitiin tarkaanfii

seerawwan walqixxummaa labsan baasuudhaaf dirqameera.

Mormiin Maartiin Luutar yeroo dhumaatif irratti argame Naannoo Tenesse magaalaa

memphis jedhamtu keessatti ture. Kan achitti argame mormii Ummanni gurraachi

achitti argaman qopheessan irratti argamuuf ture. Galgala keessaa akka biyya
keenyaa sa’aatii 12tti hoteela Looreen jedhamu keessatti Ebla 4 bara 1968tti nama

8
James Earl Ray jedhamuun rasaasaan ajjeefame. Ajjeechaa isaatiin walqabatee

mormii ka’een akka biyyaatti namoonni hedduun kan ajjeefaman yommuu ta’u

qabeenyi hedduunis barbadaayeera. Namtichi ajjeechaa sana raawwates hidhaa

umrii waggaa 99tiin adabameera. Ebli 7 bara 1968tis Ardii Ameerikaatti guutumatti

guyyaa gaddaa tahee ooleera.

Walumaagalatti seenaan Maartiin Luutar King keessa dabre dheeraa tahus, bu’aa

bahii jireenyaa isaa keessaa waan hedduu barachuu akka dandeennu shakkii hin

qabu. Inni jireenya qabsoo fakkeenyummaa qabu hojjatee dabreera, dhaloota itti

aanufis waan gaarii dabarsee dabreera. Ameerikaanis of ilaaltee, seerota ofii

jijjiirattee biyya walabummaan keessatti dhugoome tahuuf yaalii guddaa gootee

jirti, godhaas jirti. Waggaa waggaadhaan Amajjiin 21 Ameerikaa guutuutti guyyaa

Maartiin Luutar King tahee kabajama.

Eegaa, gama kootiin wantin har’a isiniif qabadhee dhufe kana fakkaata. Hangam

irraa akak barattaniif itti gammaddan ani hin beeku. Kan qabu kan kenne dony’a hin

jedhamu jedha Oromoon. Waan humnaa isinirraa hin qusanne. Yaadni keessan maal

akka fakkaatu naan gahuu yoo barbaaddan teessoo asii gadii kanaan na argachuu

dandeettu.

hawianole@gmail.com yookin

Fuula Feesbuukii - Hawi Anoletiin na qunnamuu dandeettu.

Kanuma, Keenyas Oluma!

You might also like