Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Bu’aaleen woraqataa ariitiidhaan gadi bu’aa dhufuusaaniitiin wol qabatee midiyaaleen hawaasaa

addunyaa haaraa oduu ittiin gabaasanu mul’achuu eegaleera. Midiyaaleen hawaasaa jalqaba kan
eegalan wonti namoonni baayyeen itti amanan bilisa jechuudhaani, haatauuyyu malee woggoottan
kurnan darban keessatti wontootni baayyeen jijjiramaniiru. Seenaawwan garaagaraa dubbisuufi
dhaggeeffachuuf wontootni barbaachisan hundi harka keenyarra jiru. Midiyaaleen hawaasaa
baayyinaan maddoolee oduu ta’aniiru, haaluma kanaan worreen interneetii fayyadamanu keessaa
parsantaa 68 kan ta’anu karaa odeessa feesbookii, twetterii fi instagraamiitiin oduu argatu. Odeessaa
keessatti dadhabinni midiyaalee hawaasaa odeessi hundinuu qabatamaa ta’uuf dhiisuusaa beekuu
dhabuu keenya. Midiyaleen hawaasaa adduynaa saffisa ol aanaa qabuudha, kanaaf oduun sekoondii
keessatti tamsa’uu fi vaayrasiisaatiin tamasa’uu danda’a. fakkeenyaaf feesbookiin marsariitii bu’uura
politikaa qabu isa olaanaa ta’eera. Oduun addunyaa irra baay’een karaa feesbookiitiin fayyadamaa irraa
gara fayyadamaatti daddarba. Mata dureewwan oduu tokko tokko baay’ee ifatti mul’atu. Irra baay’een
namaa guutuudhuma mata dureeyyuu osoo hin dubbisin tuqanii, sana booda barreeffamichi ariitiidhaan
qoodama, haaluma kanaan oduu sobaa kan jennu sun midiyaalee hawaasaa gubbaatti dadcdarba.
Akkaataa “fuula gargaarsa feesbookiitiin” oduun sobaa kan ta’an adda baasnee beekuufis akka ilaalcha
hawaasaatti mallattoolee fayyadamna. Biyyoota “qaama sadaffaa bilisa” wojjin hojjetaniif odeessi sobaa
worreen odeeffannoo qulqulleessaniin soba ta’uun isaa barame “news feedii”dhaan sadarkaa gadiitti
ilaalamu. Namoonni bayyeen mata dureewwan oduu daddabarsaa oolu, sababnisaas oduu sobaa ta’uu
danda’a jedhamee waan shakkamuuf. Gaazexeessitoonni baay’een qulqullummaa oduu adda baasanii
qooduu isaaniitiif itti boonu. Bara midiyaa hawaasaa haaraa kana keessa gaazexeessitoonni tokko tokko
ariitii daldalaa wojjin tarkaanfachuuf dhiibbaatu itti dhagahama, kanaaf yeroo baay’ee oduu
dhugummaan isaa 100% hin beekamne qooduuf yeroo jedhan kiyyoo keessa seenuu danda’u.
midiyaalee hawaasaa fayyadamuun reppoortii gochuu ilaalchisee wonti faayida qabeessa isa taasisu
oduun ariitiidhaan tamsa’uu isaati. Odeessichi sirrii yoo ta’e oduchi piriintii godhamee hanga bahutti
eeguu keessaniin dura oducha qooduuf yaada filatamaa ta’uu danda’a. piroopposaala kana hundaaf
miidiyaaleen hawaasaa gaazexeessitota tamsaasa qabiyyee bal’aa qabuuf saaxiluu isaaniiti.
Hordoftoonni keenya barreeffamni oduu tokko hanga woraqatarratti bahutti malee
qabduu/kolbaa/biinkoo tuquudhaan oducha ariitiidhaan tamsaasuu danda’u. woltajjiileen miidiyaa
hawaasaa garuu, hordoftoonni ragaalee arganu isa kamiin to’achuu danda’u , kana jechuun woltajjiileen
midiyaa hawaasaa like(jaallachuun), share(qooduun) fi retweet comment(yaada kennuun) fi kan kana
fakkaataniin daddarbu. Dubbistoonni odeeffannocha wolin hin hirmaanne yoo ta’e hin qoodamu.
Kanaafuu gaarummaan midiyaalee hawaasaa fayyadamuu akkuma odeeffannoon baheen dandeettii
odeeffannocha qooduu qabaachuu keettifii gaazexeessaa ummataa ta’uu danda’uu keeti. Yeroo ammaa
kana barruulee hawaasaa isa olaanaa keessaa inni tokko tiwiittteriidha. Yeroo tokko tokko tiwiiitteriirraa
maaykroobloogiin oduu daddabarsuufii hordoftoota gidduutti mariin akka uumamu godha. Namoonni
baayyeen akka jedhanitti odeessi har’aa yeroo baayyee boru ni irraanfatama. Wonti nuti barannu yoo
jiraate guutuu seenichaa utuu hin dubbisin mata duree qofa ilaallee guutummaa guutuutti dhugaa
ta’uusaa utuu hin murteessin harka kennachuu hin qabnu. Feesbuukii gubbaatti mata duree sobaa
dubbisee seenichi maal akka ta’e yookiin dhugaa akka ta’e utuu hin adda hin baasiin worra
daddabarsurraa hin ta’in.
Yeroo ammaa kantti gaazexeessumman miidiyaalee hawaasaa oduufi odeeffannoowwan tamsaasuuf
karaa filatamaa ta’ee as baheera. Wonti hundinuu faayidaaf miidhaa mataasaa qaba.
Gaazexeessumman moobaayilii irratti hundaa’e faayidaaf miidhaa mataa isa qaba. Ariifataafi deebii kan
kennuudha. Hordoftoota ariitiidhaan woliin gahuu danda’a. gaazexeessitoonni gaazexaafi televiiziyoona
woliin hidhata qaban gaazexeessummaan barruulee hawaasaa kabaja gaazexeessummaa gadi buuseera
jedhanii yaada kennu. Yeroo ammaa kana tokko tokkoon tom, dick fi harry maaykii tokko bituun
woraqaa eenyummaarra kaa’uun akka gaazexeessatti of ilaalu. Akkasummammoo poortariin oduu
heeyyama hin qabne yeroodhaa gara yerootti baay’achuun wolqabatee gochoonni badii kanneen akka
saamichaa, oduu sobaa fi arrabsoo fi kkf hordofsiiseera. Sababa kanaafis gaazexeessummaan maqaa
badaa argateera. Yeroo dhihoo kanaa as, kaashmiiritti poortaalonni oduu feesbuukii baayyachuu
isaaniitiin PIL mana murtii J&K tti dhiyaatee ture. PIL akka himetti odeessaawwan barruulee hawaasaa
irratti hundaa’an ariitiidhaan baay’achaa dhufaniiru. Sababoonni kunneen oduuleen sobaafi gochoonni
safuu cabsan akka baay’atan gochuu keessatti itti gaafatama qabu. Manni murtii J&K kan PIL fi abbaa
murtii Pankaj Mital fi abbaa seeraa Darin kan of keessatti qabatu qajeelcha mootummaadhaa kennera.
Keessattuu poortaalonni oduu akkanaa akka galmaa’aniifi heeyyama akka fudhataniif adeemsa seeraa
jararraa eegamu agarsiisuun mootummaan deebii akka kennu qajeelcha kenneera. Barruulee
hawaasummaa irratti poortaalota oduu ariitiin to’achuun barbaachisaadha. Heeyyamniifi galmeen
dirqama ta’uu qaba. Poortaalota oduu akkanaatiin worri wolqabatanuufi gaazexeessitoonni
beekumsaafi dandeettii gaazexeessummaadhaan wolqabatu qabaachuun isaanii mirkanaa’uu qaba.
Barruuleen hawaasaa gaazexeessummaadhaaf meeshaa murteesaa ta’aniiru, kunimmoo faayidaaaf
miidhaa qaba. Gaazexeessitoonni hordoftoota isaaniitii gorsa gaarii kennuu irratti odeeffannoo kennuu
danda’uu isaaniitiif baayyyen namaa odeeffannoo isa sirrii ariitiidhaan argachuuf yaalu.
Gaazexeessitoonni reppoortii isaanii namoota isaan kabajaniif jireenya isaanii qooduu isaaniitiif dhiibbaa
uumaa jiru. Gaazexeessitoonni kan abdiin irratti gatamu ta’uudhaaf hordoftoota isaanitti baay’ee kan
saaxila bahanu ta’uusaanii waan gaariidha. Bu’aaleen woraqataa ariitidhaan gadi bui’aa addunyaa haraa
wolqabatee barruuleen hawaasaa addunyaa oduun ittiin daddarbu ta’ee mul’achaa jira. Miidiyaaleen
hawaasaa jalqaba kan eegalan kan namoonni baay’een bilisa ta’uu danda’u jedhanii itti amananiidha.
Haata’u malee, woggoottan kurnan darban keessatti wontootni baayyeen jijjiiramaniiru. Seenaawwan
garagaraa dubbisuufi dgaggeeffachuufi ragaaleen barbaachisan harkarra jiru. Miidiyaaleen hawaasaa
baayyinaan maddoolee oduu ta’aniiru, haaluma kanaan worreen interneetii fayyadamanu keesa
persantaa 68% kan ta’anu karaa seenan feesbuukii, tiwiitterii fi in staagraamiitiin oduu argatu. Odeessaa
keessatti dadhabinni midiyalee hawaasaa odeessi hundinuu dhugaa/qabatamaa ta’uuf dhiisuusaa isaa
beekuu dhabuu keenya. Miidiyaaleen hawaasaa addunyaa ariitii olaanaa qabuudha, kanaaf oduun
sekoondii keessatti tamsa’uu fi karaa vaayrasii isaatiin tamsa’uu danda’a.

You might also like