Warra Biyyaa by Isaaf

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 7

WARRA BIYYAA

BIYYAAFF JIRAATAN
Nagaa Fi Ayyaanni Waaqayyoo Isiniif Haa Baay’atu
Bara itti namoonni addunyaa kanaa lammuummaa biyyoota
dinaagdeedhaan guddatanii argachuuf dv guutaani milkoomanii;
kanneen biroo immoo namoonni karaa seeraan alaa biyyaa
isaanii irraa goodanuudhaan yeroo balaa bineensaa, hongee fi
galaanaan saaxilamani keessaa jira. Karaa tokkoo gammachuu
karaa biraa immoo dhiphinni adduunyaa keenya dabaree
dabareedhaan itti wal furaa dhufeera. Mana tokkoo mo'ichaa
mana biraa immoo bo'icha ; ijoollonni biyyaaf boqonnaa kennu
kaaniif immoo badii dabalaa dhufaniiru. Kan wal badhaasa kan
wal baleessaa oola. Biyyii biyya irratti ka'eera wal waraaneera.
Baay'eenis qe'ee isaa irraa goodaneera. Warra godaanan keessaa
Kanneen lubbuun baraaramaniis jiraachuudhaaf gaaffii kooluu
galtummaa biyyoota gara garaa gaafachaa jiru. Godaansi
seeraan alaa dinaagdee, hawwasummaa, aadaa amantii fi nagaa
biyyoota irraatti dhiibbaa waan fiduuf biyyootiin tokko tokko
kanneen akka biyya Israa’el eeyyama kooluu galtummaa
dhorkachuun godaantota biyyaa ishee keessaa aari’aa
jiraachuuniifi kanneen biroo immoo carraa kooluu galtummaa
kennuuf balbala isaanii banani simaachuun haala addunyaa
dhiyeenyaa kanaa ture.
Namni kamuu biyya qaba, tokko tokko biyyoota lama qaba,
kan biraa immoo biyya dhaba. Tokko biyyaaf jiraata kan
immoo biyya gurgurata.
Egaa isin si’achi warra Waaqayyoof qulqullaa’anii wajjin warra biyyaa,
warra mana Waaqayyoo tis malee, orma , nama biyyaa diidaas miti.
Efe 2:19

1. Warra biyyaa(fellowcitizens)
A.Warra biyyaa jechuun maal jechuu dha?
Warra biyyaa jechuun afaan Girikiitiin
Sympolites(Soompoleetace) eng. fellowcitizens)
jechuu dha.
=> hiikaan isaa warra magaala tokkotti dhalate,
lammummaa kan qabu, warra amantaa tokkon bulu,
Ijoollee Waaqayyoo, Orma, nama Biyya Diidaas
kan hin taane jechuu dha.
Orma jechuun maal jechuu dha?
Hiikaa jechaa fi jechaatti hiikame:
Maddi isaa jechoota afaan ibrayisxiitii irra dhufe.
!Zoor(eng. Alien) hiikaan isaa nama biyyaa biraa
(galaa), kan hojii gagaragagalummaa irratti
hirmaatu. Nama garaa namaaf hin laafne, nama
bu’aa irratti hirkaatee socho’u.
!Nokri (eng. Stranger): nama fira siif hin taane,
hidda dhiigaa walirra kan qabne, alagaa
!Xenos (guest) keessummaa, ,
!Paroykos( eng. Foreigners, sojourn) , amba,
kan mana hin qabne, alatti kan galuu, yeroo
murta’eef mana irraa kan fagaate
Hiikaa hafuuraa
! Nama waaqayyoon hin beekne Efe 4:18
! Nama argamuu fi ayyaanaa waaqayyoo irraa
fagaate
! Nama Mucaa Waaqayyoo hin taanee nama
kristoositti hin amanne,
! Nama namummaa haaraa isa kristoosiin
uumame hin uuffanee jechuudha
Erm 51:2 orma isa akka nama midhaan qilleensatti kennee
gingilchuutti,
biyyaattii gingilchee balleessu itti nan erga;
A. Haala jireenya warra ormaa
1. Yaada waa'ee hin baafnee duukaa bu'u
Efe 4:17, Egaa si'achi akka warra saba Waaqayyoo
hin ta'iniitti yaada waa'ee hin baafne duukaa buutanii
akka hin jiraanne maqaa gooftaatiin cimsee isinaan
gorsa.
Rom 8:5-8 Yaada isaanii fedha foonii irra
dhaabaniiru, Akka fedha fooniitti yaadu
Seera waaqayyootiii wajjin walii hin galan
Waaqayyoof hin abboomaaman
Waaqayyoon garaa ciibsuu hin danda’an
2. Sammuun isaanii dukkaneeffameera Efe 4:18
2 Qor 4:4 Inni hamaan waaqayyicha bara
si'anaa yaada warra hin amaniini sanaa
jaamseera.
3. Jireenya isa Waaqayyoo kennu keessaa gad
baafamaniiru Efe 4:18
Jireenya keessaa maaliif gad baafamaan ?
" Sababii waaqayyoon beekuu hin barbaadneef
" Sababii mata jabina isaaniitiif
4. Jireenya gad-dhiisii jiraatu efe 4:19 maaliif?
Of qabuu waan dadhabaniif
Kajeellaadhaan gowwomfanii manca'aniiru
Wanta nama xureessu hundumaa in hojjetu in
ga'as hin jedhan
Haala jireenya warra biyyaa
! Abdii qabu
Kristoos wajjiin ulfaachuudhaaf waan Kristoos
argatu argachuudhaaf jiru Rom 8:17
! Isa Yesus dhugaa ba'eetti, dubbii
Waaqayyoottis jabaatanii dhaabatu Mul 20:4
gatii barbaachisuus ni kafalu hanga wareegama
lubbuu kafalanitti dhaabatu
Fakkeenyaaf
Loltuun daangaa biyyaa eegu yoo fudhanne
hanga wareegama lubbuu kafalutti dhimma
biyya isaaf dhaabatee lola.
2. Warra Mana Waaqayyo
(members of God's household)
A. Hiika warra mana Waaqayyoo
Warra mana Waaqayyoo jechuun maal jechuu dha?
afaan Girikiitiin oikeios(oykios) eng God's
household
Hiikaan isaa maatii Waaqayyoo, warra mana
keessaa, fira dhihoo, kan hojii gargaaru
Mat 12:30 Eenyu illee gara koo yoo ta'uu dhaabaate
mormituu koo ti, akkasumaas na gargaaree kan
walitti hin qabne, in bittimsa

B. Haala jireenya warra mana Waaqayyoo


1. Garaa Qulqulluudhaan waliif yaadu
(care, anxious about)
Fil 2:20 ani nama akka kootti garaa qulqulluudhaan waa'ee
keessaniif yaadu isa malee hin qabu.
Phaawuloos ximootiwoosin gara warra filiphisiyoositti erguu
barbaadeetu kana dubbate.
2 Qor 11:28 Phawuloos Waldaa kristaanaaf yaada'eera.
28 Kana malees, guyyaa guyyaatti waldoota Kristiyaanaatiif yaadda'uun
anatti ulfaachaa jira. 29 Namni tokko in dadhaba yoo ta'e, ani immoo isaa
wajjin hin dadhabuu ree? Namni tokko cubbuutti yoo kuffifame, waa'ee
isaatiif garaan koo ana hin gubatuu ree?
1 Tas 2:11 Nus tokkoon tokkoo keessan akka itti abbaan ijoollee isaa
ilaalutti isin ilaaluu keenya gaarii gootanii in beektu.
2. Wal simatu (Hospitality)
(Wal jajjabeessuu,wal gargaaru)
! ...Guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa!Ibr 3:13
! Warra Waaqayyoof qulqullaa'an rakkina isaaniitti
gargaaruu keessaa qooda qabaadhaa! Keessummoota
simachuutti dhimmaa! Rom 12:13
! Wal simaachuu keessatti namoonni guungummii malee
keessummoota simachuu haa jaallatan 1 phex 4:9
! Fakkeenyaaf namni namoota simachuun kan ibsamee
Gaayos
! Gaayos inni nuyi, namoota waldaa kristaanaa kana
hundumaas mana isaatti simate,nagaa isiniif erga.. Rom
16:23
3. Wal barsiisu, wal gorsu
Qol 3:16 Dubbiin kristoos akka badhaadhummaa isaatti isin
keessa haa jiraatu;Ogummaa hundumaan wal barsiisaa wal
gorsaas
4. Waliif danda'u
! Waliif danda'aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif
dhiisaa Qol 3:13
! Wal hin hammeessinaa obboloota ko! Yaq 4:11

3. Mana Qulqulluummaa Waaqayyootti


ijaaramuu (built in holy temple)
1 Hundee Kristoos irratti ijaaramuu
Kristoos hundee ergamootaa fi Raajootaa ti.
20 Isin Hundee ergamootaa fi raajootaa irratti ijaaramtaniittu,Kristoos immoo ofii isaatii dhagaa golee
qajeelchu dha.
2 Akka dhagoota jiraatootti ijaarsa mana isa hafuuraa sanaaf ta'uu
1 phex 2:5 Isinis luboota qulqullummaa ta'uudhaaf; aarsaa hafuuraa isa karaa Yesus Kristos Waaqayyo duratti
fudhatamu dhi'eessuudhaaf, akka dhagoota jiraatootti ijaarsa mana isa hafuuraa sanaaf ta'aa!
3 Kristoosin walitti qabamuu
21 Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan walitti qabamee. ...
4 Mana qulqulluummaa Waaqayyoo ta'uuf gooftaatti guddachuu
21 ...mana Qulqulluummaa Waaqayyoo ta'uudhaaf gooftaatti in guddata.
5 Iddoo jireenya Waaqayyoo ta'uu
22 isiniis immoo isumaan mana isa Waaqayyoo hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii itti ijaaramuu keessan.
2 Phex 1:4 Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii,
dhagna hafuuraa isa kan Waaqayyoottii hirmaattuu akka taataniif abdiin gati-jabeeyyiinii fi gurguddoonni nuuf
kennamaniiru.
Egaa warra biyyaa jechuun nuyi namoota karaa Kristoos Waaqayyoo wajjin nagaa
argannee, warra mana Waaqayyoo, warra ijaarsaa mana Qulqulluummaa Waaqayyoo
taanee jechuu dha.
Waldaa kristaanaa komachaa maaliif deddeebina. Rakkoo keenya nama nutti himu dhabne
malee rakkoo baay'ee qabna
wal qoqqoodna tokkoon ati mucaa biyyaa kooti jennee kaanee erga teesifnee,ofitti qabne
madaaqsina kan immoo alagoomsinee qullaa mana gad ari'anna
waan dubbannu irratti waliif hin gallu, yaada tokkoon akkeekannee tokkuummaadhaan
rawwaachuuf hin qophoofnu, kanaaf gargar baanee jiraanee yoom gaarii waliif yaadne
gad of deebisuun, warra kaan of irra caalchisaanii lakka'uun, warra kaanitti waan tolu
yaaduun hin jiru qooda kanaa Yaada Ofiittummaa ykn of dhiibuudhaan hojjenna sagaleen
Waaqayyoo akka waliif gallu, tokkummaa akka qabaannu, waliif akka tolu nu gorsa nuti
garuu warra diidaa walitti taane.
1 Qor 1:10 Obboloota ko,isin hundumti keessaan waan dubbatanitti akka waliigaltan,
yaada tokkoon akeekkataanii tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftaan malee
isin gidduutti gargar ba'uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya Yesus kristoosiin isinaan gorsa.
Fil 1:1-4
3
Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakka'aa malee, yaada ofittuummaatiin
yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa.
4
isiin keessaa adduma addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti
tolu duwwaa hin ilaalin!
Walumaagalatti nuyi warri biyyaa, warri mana Waaqayyoo, orma,warra diidaas
walitti hin taanu, waamicha ulfinaatti waamamee kristoos wajjin waan hojjennuuf
kootta wal hin bittimsinuu yaada qulqulluu waliif haa qabaanuu, wal haa
jajjabeessinu, wal haa barsiifnu, wal haa gorsinu, abdii qabnutti fi sagalee
waaqayyootti haa jabaannu.

You might also like