Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 8

DAMBII ITTIIN BULMAATA GAMTAA IFAA FUGUG

KEEYYATA 1: MOGGAASAA FI TEESSOO GAMTICHA


A, gamtaan kun “ Gamtaa Ifaa Fugug” jedhamuun beekkama
B, teessoon gamtichaa magaalaa Harar mooraa Koollejjii fayyaa fi wallaansaa
keessa taha
KEEYYATA 2: KAAYYOO GAMTICHAA
A, barattoonni fugug irraa dhufan walitti dhufeenya cimaa uumuun gamtaa cimaa
akka ijaarrataniif.
B, barattoonni miseensa gamtichaa tahan rakkinoota gama barnootaa,
hawaasummaa fi diinagdee fi siyaasaatiin isaan mudatu tokkummaan akka
furataniif.
C, barattoonni arra mooraa yunivarsitii keessa jiran turtii mooraa keessaatiin
gama barnootaatiin milkaawoo, sochiiwwan garagaraa kan hawaasaaf bu’aa
qaban gama tokkoon hawaasaa fayyadan gama biraatiin hojii boru hawaasaaf
hojjattuuf dandeetti mana barumsaatti hin argamne isaan gonfachiisan
hojjachuun hawaasa keenya osoo hin baratin nu barsiise tajaajiluu
D, hawaasni keessaa baane gama hirmaannaa barnootaa,siyaasaa fi diinagdeetiin
duubatti waan hafeef haala kana keessaa akka bahaniif carraaquu
KEEYYATA 3: ULAAGAA MISEENSUMMAA
Gamtaan Ifaa Fugugsadarkaamiseensummaalamaqaba.

Sadarkaanlamaaniis:-

1.Sadarkaamiseensummaadhaabbataa(Activemembers)

2.Sadarkaamiseensummaakabajaa(Honararymembers)

UlaagaaleesadarkaaMiseensummaadhaabbataa

1.SabaanOromootahuuqaba.

2.JiraataaFugugtahuuqaba.
3.MiseensootaGamtaaIfaafugugwaliinhojjachuuf

fedhiifimurannoomataaisaakanqabutahuuqaba.

4.Buusiimiseensoonnigamtichaabuusanakkasumaasdirqamootabirooqixxeenbahachuudhaafkankutanno
oqabu.

Ulaagaaleesadarkaamiseensummaakabajaa

1.MiseensootayeroobarahojiiisaanittiGamtaaIfaafugugkanaafwaanaddaahojjatan.

2.Namootaaddadureedhaangamtichakanaafdeeggarsayaadaafiqabeenyaataasisan.

KEEYYATA 4: MIRGAA FI DIRQAMA MISEENSOTA


Miseensa gamtaa ifaa fugug tauu isaatiif mirgi armaan gadii kennameera kuniis
gamticha gara fuulduratti ofuuf fayyadan.
1, miseensonnimirgafiluu fifilatamuun akkasumaas akka iddoo irra jiranin
gamticha bakka buaniin walgahiif mariilee addaa irratti hirmaachuuf mirga
guutuuqaba
2, miseensoonni kamiyyuu yaada isaa bilisaan waltajjiirratti yookiin qamaan
,xalayyaan fi kara birootiiniindhiheeyfachuufmirgaguutuuqaba.
3, miseensoonni hundi dandetti isaaniitiin waan gamticha ni fayyada[ni guddisa]
jedhee yaade/dde kamiyyurawwachuufmirgaguutuqaba.
4, miseensoonni kamiyyuu aadaa ,saafuu jiruu fi jireenya haala hawaasummaa
ummata fugug ibsuuf barreeffame gamtichaaf olkaauu yoo barbade
gumaachuuindandaayookanagochuufdeggarsiisa
barbaachisedeeggarsagaafachuufmirgaqaba.
5, miseensoonni haala hojii gamtichaa irratti shakkii
yooqabaatanwalgahiiwaamsisuuf mirgaqabanyoo
lamasadaffaanmiseensotaayaadichafudhatan.
6, tajaajilli yookiin buaan gamtaan ifaa fugug miseensota isaatiif kennu yoo kan
jiru tae miseensoonnihundiqixxeefayyadamuuqaban. 7, miseensoonni waan
dubbifamu kan gamtichi qabu yoojiraateergifataniidubbisuufmirgaqabu. 8,
miseensi tokko miseensummaa isaa haquu fi gamticha kana fedhii ofiitiin
gadlakkisuuf mirga qaba. Garuu kana gochuuf torbee lama dura xalayaan
gamticha gaafachuu qaba.

Miseensoonni miseensa tauu isaaniitiif


dirqama armaan gadii qaba.
1,miseensoonni hundi dambii ittiin bulmaataa gamtichaa kabajuu fi kabachiisuuf
dirqama qaba.
2, miseensoonni gamtichaa hundii gamtichaaf qabsoo godhamu kamiyyuu
,guddisuufiis ta’ee cimsuuf hojjachuuf dirqama qaba.
3, miseensoonni hunduu qabeenya gamtichaa waan tae hunda haala seera
qabeessa ta'ee qofaan fayyadamuu qabu.
4.miseensoonni gamtichaa,gamtaa kana cimsuuf buusi buusuun gamticha
Cimsuuf dirqama qaba.
5, miseensoonni yaamicha gamtichaa irraa gara isaaniitti taasifamu kabajuu
qabu,fudhachuusqabu.
6, miseensooni gamtichaa kayyoo fi g alma gamtichaa milkeessuuf ,akka gamtichi
firii buusu gochuuf tattaffii cimuutaasisuufhojjechuuqabu.
7, miseensoonni gamtichaa wal kabajuu fi wal jaalachuuf akkasumas walirraa
baruu ,wal barsiisuu fi rakkataa isaanii gargaaruuf dirqama qabu.
8, miseensoonni kamiyyuu waan hamilee gamtichaa cabsu hojjachuus ta,ee
hojjachisuu irraa of eeguu qaba.
KEEYYATA 5: WANTOOTA MISEENSUMMAA NAMARRAA MULQAN
1,hojii itti kenname sababa quubsaa ta,een hojjachuu dhabuu. 2,Gocha
aadaa,duudhaa fi haala jireenya hawaasa fugug kan faalleessu yoo hojjatee
argame
3, wantoota tokkummaa oromoo miidhu yoohojjateyookindeeggare.
4. Seera GIF fi seera biyyattii waan faalleessu yoo hojjatee argame.
KEEYYATA 6: CAASEEFFAMA GAMTICHAA
A, Gamtichi yaa’ii waliigalaa, boordii hoji-raawwachiiftu, koreelee dhaabbii fi
miseensota qaba
B,Miseensonni sadarkaa dareetti bakka bu’oota mata ofii ni qabaatu
KEEYYATA 7 : YAA’II WALIIGALAA
7.1 Caasaa yaa’ii waliigalaa
A, Yaa’iin waliigalaa miseensota boordii hoji-raawwachiiftuu, durataa’ota koreelee
dhaabbii,fi bakka bu’uuta dareelee irraa kan ijaaramedha.
B, Barri hojii yaa’ii waliigalaa waggaa 2
C,yaa’iin waliigalaa qaama olaanaa gamtichaati
7.2 Aangoo yaa’ii waliigalaa
a, miseensota boordii hojiraawwachiiftu ni filata,kanneen naamusa gamtichaa
cabsan aangorraa ni kaasa.
B, raawwii hojii miseensota boordii hoji-raawwachiiftuu, fi koreeleen dhaabbii
hojjatan ni gamaaggama.
C, Dhimmoota waliigalaa kan akka buusii miseensummaa, akkaataa adeemsa
filannoo qaamota garagaraa, murtii beekamtii akka badhaasaa fi waraqaalee
ragaa kennuu irratti yaada boordii hoji-raawwachiiftuun dhihaate ni raggaasisa.
D, hariiroo gamtichi qaamolee garagaraa waliin godhu irratti murtii ni dabarsa
E, bajata waliigalaa kan gamtichaa ni raggaasisa
KEEYYATA 8: BOORDII HOJI-RAAWWACHIFTUU
Qaama hojiraawwachiiftuu gamtichaa isa olaanaadha
8.1 Miseensota boordichaatii fi akkaataa filannoo
A, Boordichi miseensota 6 kan qabu yoo tahu isaaniis:
1/ durataa’aa gamtichaa 2/ ittaanaa 3/ barreessaa 4/ abbootii herregaa 5/
hogganaa dhimma alaa
B, Filannoon boordichaa tooftaa filannoo yaa’iin waliigalaa lafa kaahuun waggaa
2(tti) al tokko filamu
C,Barri hojii boordichaa waggoota lama
8.1 aangoo fi itti gaafatamummaa boordii hojiraawwachiiftuu
A, itti waamamni boordichaa yaa’ii waliigalaatiifi.
B,
KEEYYATA 9 : QONDAALTOTA GAMTICHAA
9.1 DURA TAA’AA
A, walitti qabaa boordii hoji-raawwachiiftuu gamtichaaati.
B, dhimmoota garagaraa gamticha ilaallatan irratti bakka bu’aa gamtichaa ta’a
C, yeroo yaa’iin waliigalaa gaggeeffamu yaa’icha ni durssa
D, sochii qaamoleen gamtichaa raawwatan ni hordofa bakka sirreeffamni
barbaachisutti ni sirreessa
D, hojiilee garagaraa miseensonni akka hojjatan barbaachisu ni kenna
E, ajandaa walgahii barreessaa gamtichaa waliin tahuun ni qopheessa
F, abbootii herregaa gamtichaa waliin tahuun akkaawuntii gamtichaa ni sochoosu
G, wixinee karoora waggaa gamtichaa ni dhiheessa, gabaasa raawwii hojii
gamtichaa ni dhiheessa.
G, hojiilee biroo yaa’ii waliigalaan itti kenname ni hojjata.
9.2 ITTI AANAA
A, yeroo dura taa’aan hin jirre bakka bu’uun ni hojjata
B, hojiilee koreen dhaabbii hojjatu ni toohata, hojii isaanii ni gamaagama
C, Hojiilee biroo kan yaa’ii waliigalaatiin ykn dura taa’aa gamtichaatiin itti
kenname ni raawwata
9.3 BARREESSAA
A, sochiilee gamtichi gaggeessu hunda bifa dokimantiitiin ni qqopheessa
B, ajandaa yaa’ii waliigalaa dura taa’aa waliin ni qopheessu
C, yaadota haaraya garicha ni fayyada jedhee itti amane qopheesee boordichaaf
dhiheessuun hojiirra akka oolu ni taasisu
9.4 ABBOOTII HERREGAA
A, dura taa’aa gamtichaa waliin akkaawuntii gamtchaa ni sochhoosu
B, koree dhaabbi dhimma diinagdee waliin tahuun maddoota galii garagaraa irraa
gamtichi galii akka argatu ni hojjata
C, pirojektoota garichi hojjatuuf karoora faaynaansii ni baasa
KEEYYATA 10 : KOREELEE DHAABBII
Gamtichi koreelee dhaabbii armaan gadii qabaata.
1, KDH dhimma barnootaa
2, KDH dhimma diinagdee
3, KDH dhimma siyaasaa
4, KDH ijaarsaa fi dhimma miseensummaa
5, KDH dhimma hirmaannaa shamarranii
Gahee hojii koree dhimma barnootaa.
A, sagantaaleen tiitooriyaalii barattootaaf akka qophaahu haala ni mijjeessu
B, hojii barnootaarratti ganna hojiilee hojjataman ni karoorsu, hojiirra ni oolchu
C, qabxii miseensota garichaa dabaluuf tooftaalee biroo kan dandeettii barattoota
keenyaa gabbisan baasuun hojiirra ni oolchu
Gahee hojii koree dhimma diinagdee:
A, galiin miseensotarraa argamu yeroon akka galu abboottii herregaa waliin
tahuun ni mirkaneessu
B, maddoota galii biroo barbaaduun galiin gamtichaa akka dabalu ni taasisu
C, hojiiwwan garagaraa kan galii argamsiisan akkasumaas kaayyoo gamtichaa
galmaan gahan akka hojjatamaniif haala ni mijjeessu
Gahee hojii koree dhimma siyaasaa:
A, dhimmoota siyaasaa kan faayidaa gamtichaatiis tahee faayidaa hawaasa
keenyaa tuquu malan hordofuun boordiidhaaf dhiheessuun furmaata barbaaduu
B, carraawwan gaggaarii gama siyaasaatiin uumaman gamtichi seeraan akka itti
fayyadamu ni taasisu
C, hojiiwwan garagaraa gamticha hojjatu ajandaa siyaasaa paartii kamiyyuu
deeggaruu irra bilisa akka tahe ni mirkaneessu
D, dhiibbaawwan gama bulchinsa mooraatiin barataa keenyarra gahu gamtaan
akkamitti qolachuu akka qabnu karaa seera biyyattii hordofeen fala ni barbaadu.
Gahee hojii koree dhimma miseensummaa:
A, dambii ittiin bulmaataa kanarratti hundaahuun namoota ulaagaa
miseensummaa guutan miseensummaa galmeessuu
B, maalummaa fi kaayyoo garichaa tooftaa garagaraatti fayyadamuun namni
miseensa tahuu dandahu hubannoo akka argatu gochuu
C, miseensota galmaawan keessaa kan dirqama isaa hin raawwatin addaan
baasuun yaa’ii waliigalaatiif ni dhiheesu
Gahee hojii koree dhimma shamarranii:
A, hirmaannaan shamarranii xiqqaa tahurraan kan ka’e koreen xiyyeeffannoo isaa
dhimma kanarratti godhate dhaabbatee sababoota hirmaannaa shamarranii
xiqqeessaan irrisuu
B, shamarran hirmaannaa qofa osoo hin taane gara gaggeessummaatti akka
dhufan jajjabeessuu
KEEYYATA 11: AKKAATAA ADEEMSA HOJII
11.1 adeemsa hojii yaa’ii waliigalaa
A, yaa’iin walii gala waggaatti yeroo lama walgahii idilee qabaata;dhuma
semisteeraa 1ffaa fi dhuma waggaa irratti.
B, walgahiin torbaan lama dursee beeksifama
C, walgahiin miseensi walakkaa fi isaa ol yoo argame walgahichi ni gaggeeffama;
kun yoo tahuu baate guyyoota 5 keessatti walgahiin biraa ni yaamama
D, murteen sagalee caalmaadhaan raggaasifama
11.2 Adeemsa hojii boordii hoji-raawwachiiftuu
Boordiin hoji-raawwachiiftuu yeroo barbaachisetti torbaan 1ykn lamatti
walgahuun deemsa gamtichaa ni gamaaggamu.
B, boordichi bakka miseensi hunduu argameetti gaggeeffama
B, boordichi dhimmoota murtii koree barbaadu sagalee guutuun raggaasisee
hojirra oolcha.
KEEYYATA 12: FOOYYA’INSAA FI HOJIRRA OOLMAYA DAMBICHAA
1, Dambichi wixineeffamee yaa’ii walii galaan erga raggaasifame hojirra oola
2, dambichi akka fooyya’u yoo barbaadame qabxiin fooyya’uu qaba jedhamee itti
amaname gara nama dhunfaatiin ykn gareen qophaahee qabxiin isa bakka bu’u
dhihaatee yeroo walgahiin yaa’ii waliigalaa gaggeeffamu dursee boordii
hojiraawwachiiftuuf kennamuudhaan yaa’ii walii galaaf dhihaatee raggaasifama.

You might also like