Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 2

Guyyaa 12/12/2013

Waliigaltee Gurgurtaa Mana Jireenyaa


W/Kennataa(Kan gurgure):- Obbo Fayisaa Hordofaa Bultoo (Lammiin Itiyoophiyaa)
Teessoo:- Bul/Mag/Holataa/ganda 01
W/Fudhataan :- Obbo Rattaa Zarihun Qixxaataa (Lammiin Itiyoophiyaa)
Teessoo:- Godina Shawaa Lixaa/Aanaa Jalduu,Gandaa Haroo Dhakaa Dhaabaa
Nuti waliigaltee kennataa fi waliigaltee fudhataan Maqaa fi teessoon keenyaa armaan olitti kan
caqafame guyyaa har’aa seera duratti kan ragga’u waliigaltee Gurguurtaa mana Jireenyaa kana
bu’uura S/S/Lakk. 1678/1731/2005/2266 tiin dirqama tokko malee fedhii keenyaan
raawwanneerra. Daangaan manichaa
Bahaan:- Daandii
Lixaan:- Mana jireenyaa Taammiruu
Kaabaan:- Daandii

Kibbaan:- Mana Ljireenyaa Baalchaan kan daangeeffamu Gandaa Gafarsaa


Noonnoo, Magaalaa Buraayyuu Iddoon addaa isaa Beeroo jedhamu keessatti kan argamu
bal’inni isaa kaaree meetirii 200 kan ta’e mana jireenyaa qorqorroo baallee 25 mana kutaa lama
qar. 1,500,000(Qarshii miliyoona tokkoo fi kuma dhibba shan)n gurguree Haala Kaffaltii
ilaalchisee guyyaa har’aa guutummaasaa kanan fudhadhe yammuu ta’u,waliigalee mana
jireenyaa kana sanada isaa waliigalee dabarsee kan kenne ta’uu koo mallattoo koonan
mirkaneessa.
Anis waliigaltee fudhataan mana jireenyaa kana waligaltee kennaa irraa dirqama tokkoo malee
fedhii kootiin iddoo mana jireenyaa armaan olitti Gandaa fi iddoo addaa akkasumas daangaa fi
bal’inni ibsame kana jaaladhee qar. 1,500,000(Qarshii miliyoona tokkoo fi kuma dhibba shan)
kaffaluun kanan bitadhe yammuu ta’u haala kaffaltiisaa ilaalchisee guyyaa har’aa
guutummaasaa kaffaluun waliigalee mana jireenyaa kana sanada isa fudhachuuf kanan bite ta’uu
koo mallattoo koonan mirkaneessa.

Namni walii galtee kana diigu yoo jiraate, maatii fi namoota garagaraa irra qaamni 3ffaan
yoo dhiyaate ani waliigaltee kennataan itti darbee falmee waliigaltee kana bakkatti deebisuuf
dirqama galeen jira.
Waliigaltee kennataa fi waliigaltee fudhataa keessaa tokko yoo akka waliigaltee kanaatti
raawwachuu baate mootummaaf qar. 100,000(qarshii kuma dhibba tokko) kan waliigalteen jalaa
diigameef qar. 150,000(qarshii kuma dhibba tokkoof kuma shantama ) kaffaluun akka lakk
bu’ura s/h/h 1731/2005/2266/18 89/1890 seeraa duratti kan ragga’u ta’a malee hin diigamu.

Yeroo waliigalteen kun taasiifamu ragoleen jiran.


1. Obbo Qarsaa Masqalaa, Teessoon /Bul/ mag/ bur/ ga/ Gafarsaa Noonnoo
2. Obbo Margaa Waaqjiraa ,Teessoon /Bul/ mag/ bur/ ga/ Gafarsaa Noonnoo
3. Obbo Baalchaa Kusoo , Teessoon /Bul/ mag/ bur/ ga/ Gafarsaa Noonnoo
Nuti ragooleen gurgurtaa mana jireenyaa waliigaltee keennaa fi fudhataa yommuu
raawwatan arginee dhageenyee erga nuuf dubbifamee booda ragummaaf mallatteessineerra.
Mallaattoo waliigalte kennaa Mallaattoo waliigaltee fudhataa

1. ------------------------------------------ 1. --------------------------------

Mallattoo Ragoolee
1. ---------------------------------------
2. ---------------------------------------
3. ---------------------------------------

You might also like