Caljedheen Si Ilaala

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Caljedheen si ilaala!

Boqonnaa ijakoo saaqqannaa Afaankoo simboon maqaa keetii

Miidhaginnikee adda Icciitiin tawaahidoo gad of qabuukeeti

Dhoksaa qullaa ofii, amantiifi hojii keeti anaaf jabinnikoo

Siinan dhaggeeffadha, situ naaf haaromsa guutuuu afuurakoo

Maqaankee jaalala, Lapheef laphee bitee harkisa alaalaa

Qubeewwan hiikkaa waliin akka wal naa simuuf calliseen si ilaala

Caljedheen si ilaala!, Durbee dhaadannookoo boqonnaa ijakoo!

Wanta dachee caalaa midhagina keetu warqii tuffachiisa

Fuulakee ormi hinbeeku, simboon kankee ammo hiikkaa maddisiisa.

Galateeffannaa Efreem, Laphee Iriyaaqoos, siinan mariisisa hundaa icciitiikoo

Sitti himuuf innin yaade dhoksaan yaadaa kootii si biraam deebinkoo

Caljedheen si ilaala! Durbee Gaddisakoo, Manakoo galgalaa

Ijakoo saaqen garakee ilaala koolun sitti gala.

Hundi taraniiru, danuun si faarsanii ce’an galaanicha.

Hundaaf gaddituukoo, riqicha Gannataa yaa haadha mootichaa.

Ati warqii miti, dureessa qofaarra hinjiraattu filattee.

Ana isa xuraawaa, rakkataa karaarraa ilaaltee natti gorte.


Otoon sin qabaannee, diinotakoo guyyuuf ta’eera laaqana.

Haadhakoo! Seenaakoo jijjiirtem, isa egereefis si qofaan amana.

Sitti asaasudhaaf manakee nan dhufa sin amaleeffadhee

Araadakoo guyyuu, haaromsa afuurakoof ani sin filadhe.

Ba’aakoo baattadhee suuraakee jalatti gaafan jilbeenfadhu.

Argadheen deebi’a dhabiinsa kootifis lammaaffaa hinrakkadhu.

You might also like