Mohammed

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 33

SEENSA

Islaamummaan jaarraa 7ffaa keessatti ani raajiidha ofiin


jechuudhaan, kan ka‟e Muhaammadiin deggeruudhaan
Kiristiyaanummaa fi Macaafa qulqulluun erga mormuu eegalee
baroota lakkoobsiseera. Hordoftootni isaa ilaalcha dogoggoraa
kiristiyaanota irratti qaban akka hubatan taasisuuf , akkasumas
ilaalcha waa‟ee Islaamummaaf qabnu ifa taasisuuf madda
Islaamummaa kan ta‟e waa‟ee eenyummaa Muhaammad
qorachuun dirqama. Muhaammad Islaamummaa nama
bu‟uuresse yeroo ta‟u, hordoftootni isaas akka raajiitti isa amanu.
Barreeffama kana keessatti Muhaammad dhugumaan “Raajii
dhugaa dhaa” isa jedhu madaallee ilaalla.

Waaqayyo hafuuraa fi raajota gara keenya dhufan kan


isa(Waaqayyo) biraa ergaman ta‟uu isaanii jireenya isaaniitiin,
firii isaan kennaniin, akkasumas wantoota madaalamuu qabu
hundaan qorree akka ilaalluuf nu abboomeera(Maat. 7:15-16 fi 24:
24-25, 1Tasa. 5:19-22, 1Yoh. 4:1, 2Qor. 11:14).

Waaqayyo raajota kaasee erguu akka danda‟u Kiristiyaanotni waan


amananiif Muhaammad raajii Waaqayyoo ta‟ee ka‟uuf carraa hin qabu
ture hin jetnu-kana jechuun garuu namni kamiyyuu raajii ta‟uu
Muhaammad callisee fudhachuu qaba jechuu miti. Akkas yoo ta‟e garu
gowwomfamuu fi abboomamuu diduu dha. Raajotni Waaqayyo biraa
ta‟uu fi dhiisuu isaanii akka qorree ilaalluuf abboomamneerra. Kanaaf
Muhaammad raajii dhugaa ykn raajii sobaa ta‟uu isaa qorree ilaaluun
nuuf ta‟a.

Barreeffama kana keessatti barumsa Muhaammad barsiise,


gochoota inni raawwate, akkasumas raajii inni dubbate Quraana
keessaa, Hadisii(Kitaaba gochaaawwan Muhaammad raawwatee
fi dubbii inni dubbate kan keessatti barreeffamee dha.)
fi caaffata waa‟ee seenaa jireenya Muhaammad dubbatu Macaafa
qulqulluu waliin wal-bira qabuudhaan Muhaammad raajii maalii akka
ta‟e qoratna.

MUHAAMMAD RAAJII WAAQAYYOO ISA DHUGAA


DHAA?

1, Barsiisaa fi sakkoo/naamusa jireenya hafuuraa Muhaammad.

Quraanni caaffata macaafota Yihudootaa fi


kiristiyaanotaa mirkaneessu akka ta‟e dubbachuudhaan, Muhaammadis
deemsa isaan raajota dhugaa akka hordofe dubbata. Haa ta‟u malee
garuu dhugumaan Quraanni caaffata Macaafa qulqulluu mirkaneessuu
dhaa? Dhugumaan Muhaammadis raajota dhugaa hordofeeraa?

Quraanni Suura/Boqonnaa 4:47 keessatti “ Kan duratti isin bira jiru


kan mirkaneessu isa ta‟e Quraanatti amanaa” jedha. Suura/ Boqonnaa
10:37 keessatti waa‟ee Quraanaa yeroo dubbatu “ Isa dura kan ture(
Caaffata qulqul‟aa‟aa) kan mirkaneessuu fi waan caaffaticha keessa jiru
kan ibsu, isatti shakkii kan hin qabne yeroo ta‟u Gooftaa addunyaa
kanaa biraa kan ergameedha. Suuraa/Boqonnaa 10:94 keessatti immoo “
isa gara keetti gad-bu‟e kana kan shakkitu yoo taate, warren si dursanii
Caaffata qulqul‟aa‟aa sana dubbisan gaafadhu. Suura/Boqonnaa 16:123
keessatti immoo “ Amantiin Ibraahim sirrii waan ta‟eef isa hordof”
jedha. Akkasumas Suura 27:76, 4:136, 2:285, 43:43-45, 6:89-90, 42:15
dubbisi

Akka luqqisii Quraanaa armaan oliitti ergaanii fi hojiin


Muhaammad raajota dhugaa isa dura turan waliin wal-
fudhachuu /simuu qaba. Muhaammad hordoftootni isaa akka
fakkeenya isaa fudhataniif barsiiseera. Garuu Muhaammad
sakkoo/naamusa jireenya hafuuraa gaarii qaba turee? Quraanni
Suura 3:31 keessatti “ Itti dubbadhu! Allaa kan jaal‟attan yoo
taatan na duukaa bu‟aa, Allaan isin jaal‟ataati” Suura 33:21
keessatti immoo “ nama Allaa fi guyyaa dhumaa sana hawwuuf,
akasumas Allaa karaa hedduu kan kaasu ergamaa
Allaatiin eegumsa gaariitu ta‟aaf”. Raajotni dhugaan Macaafa
qulqulluu keessatti hijii hatnaan, gowwomsaa, ejjaa fi waaqeffatnaa
ormootaatiin mormaniiru. Egaa Muhaammad karaa raajota kanaa irra
adeemeera? Barsiinii fi hojiin isaa Macaafa qulqulluu ni mirkaneessaa?
Mee yaada kana waliin haa ilaallu.

A, MUHAAMMADII FI WAAQA-TOLFAMAA

Macaafa qulqulluu keessaa Seera Ba‟uu 4:4-5 keessatti “Bifa


fakkeenyaa kamiin of-duratti hin qabaatin, hin sagadiniif, hin
waaqessinis” jedha. Akkasumas 1Mooto. 19:18 ,2Mooto.18: 1-4.
Kutaaleen Macaafa qulqulluu armaan olitti ka‟aman kun bifa
fakkeenyaa kamiif taanaan isaaniif sagaduun , qoomma‟uufiin,
ixaana aarsuufiin, akkasumas jejatnaa amantii dhiyeessuufin akka
hin danda‟amne dubbata. Hadisii yeroo dubbifnu garuu Muhaammad
bifa tolfamaadhaaf waaqeffannaa akka dhiyeesse argina.

Saalim namni jedhamu isa abbaan isaa dubbate akkas jedhee


ibseera “Ergamaan Allaa gara makkaa dhufee tawufiid yeroo
taasise jalqaba dhagaa gurraacha dhungachuudhaan, sana booda
marsaa torba isa naannaa‟amu keessaa marsaa
ffaa
sadii raamaa taasise ( Saahii Al-Buhaarii Jildii 2 , Kitaaba
26ffaa lakkoobsa 673) Akkasumas lakkoobsa 675, 676, 679 fi 680.

Abiis Biin Raabiyaan akka jedhetti immoo :- Umar dhagaa


gurraacha sanatti dhiyaatee erga dhungateen booda „ Ati dhagaa
akka taate, eenyuun iyyuu miidhuu ykn fayyaduu akka hin
dandeenye shakkii tokko hin qabu, ergamaan Allaa yeroo si dhungatu
osoon hin argine ta‟e si hin dhungadhun ture”( Saahii Al-Buhaarii Jildii
2ffaa, Kitaaba 26ffaa lakkoobsa 667).
Duuka-buutuu Muhaammad kan ta‟e kun Umar- Yeroo
Muhaammad dhagaa sana dhungatu osoo hin argine ta‟ee dhagaan sun
dhagaa waan ta‟eef, miidhaa fiduu waan hin dandeenyeef hin dhungatu
ture. Hubatnaan kun garuu Muhaammad jalaa dhokatee ture.

Muhaammad akka raajota warra darbanii, Waaqayyo tokkicha


kan waaqessu osoo ta‟ee maaliif waaqa-tolfaatti sagada? Maaliif
dhagaa gurraacha sana dhungate? Maaliif hordoftootni isaa
fakkeenya isaa akka fudhataniif barsiise?

B, Muhaammad barsiisa sobaa barsiiseera.

Abboommota kurnan keessaa tokko hin sobin isa jedhu yeroo


ta‟u ( Seera Lewo. 19,: 11-12, Seera Ba‟uu 20:16, Maat. 19:18)
barsiisa Muhaammad keessatti garuu kan arginu faallaa
abboommii kanaati. Qurraanni Musiliimotni amntii isaanii isa
dhugaatti hanga hin buunetti musiliima warra hin taane waliin yeroo
jiraatan miidhaa isaan irra ga‟u hambisuuf jecha sobuu akka danda‟an ni
barsiisa.(Quraana Suura/Boqonnaa 16: 106)

Ari‟atam karaa amantii itti dhufu ambisuuf jecha sobuu qabuu?


Rakkina isaanitti dhufu irraa Waaqni isaan waaqessan isaa
oolchuu hin danda‟uu? Yoo isaan oolchuu dhiises Waaqa isaaniif
amanamoo ta‟uun isaan irraa hin eegamuu? Muhaammad waa‟ee
dargaggoota (Saadiraaq, Missaaq fi Abdinaagoo) Waaqa isaaniif
hanga du‟aatti amanamanii hin beekuu? Dargaggootni kun yeroo
rakkinni isaan irra ga‟e of-oolchuuf jecha sobuu hin barbaadne.
Kan nama dhibu inni isaan waaqessan Waaqayyo isaanii ibida
boba‟u keessaa isaan oolcheera (Raajii Daani‟eel 3:16-18 fi 27).

Muhaammad hordoftootni isaa akkoa soban taasisuu irra darbee


iyyuu Waaqayyo sobaadha jechuudhaan komata. Akka jecha
Muhaammaditti Waaqayyo kan nama gowwomsuu fi kan addaan
nama qooduu dha( Suuraa/Boqonnaa 4:42,3:54, 8:30). Quraana
keessatti Allaan musiliimota kijibee ture( Suuraa/Boqonnaa 8:43
akkas jedha “ Allaan abjuu kee keessatti isaan sana xiqqeessee
osoo sitti hin argisiifne ta‟e ni sodaatta turte…”

Maaliif Allaan dhugaamatti hedduu ta‟uu isaanii erga itti


agarsiiseen booda humni fi jabinni isaa diinota isaaniin ol akka ta‟e
itti mul‟isuu hin danda‟u turee? Kan isaan itti amanatan umna Waaqa
isaanii(Allaa) osoo hin taanee human ofii isaaniitti jechuudhaa?

Macaafni Qulqulluun sobuun amala Waaqayyoo akka hin taane


dubbata. Sobni Seexana waliin kan walitti hidhatuu dha( Ibroota
6:18, Seera Lakkoobsaa 23:19, Yohaannis 8:44). Yeroo mootiin
Sooriyaa Israa‟el waliin wal lolaa ture- hojjetaa Waaqayyo kan ta‟e
Elsaayii fi gargaartuu isaan basaaftota jechuudhaan mootiin
Sooriyaa ajjeesisuuf waraana yeroo itti ergetti, gargaartuun Elsaay
waraana danuu isaan marse sana sodaatee ture. Haa ta‟u malee
Waaqayyo waraana danuu xiqqoo taasisee itti hin argisiifne. Yeroo
gargaartuun Elsaay waraana danuu sana argee sodaachuudhaan “ attam
goona”yeroo jedhetti Elsaay “ kna nu waliin jiru kan isaan waliin jiru
waan caaluuf hin sodaatin” ittiin jedhe. Elsaayis “ yaa Waaqayyo haa
arguuf ija isaa akka bantuuf sin kadhadha” jedhe. Waaqayyos ija nama
sanaa baneef, innis Konkolaataa fi Fardeen ibiddaa naannoo isaa marsee
jiru arge” ( 2Mootota 6:15-17).

Muhaammad sobuun ni danda‟ama jedhee barsiisuu qofa osoo


hin taanee mormitoota isaa ajjeesuuf iyyuu sobatti fayyadameera.

Jaabiir Biin Abdullaahii akka jedhetti:-“Ergamaan Allaa „Kaab


Biin Al-Ashiraafii isa Allaa fi ergamaa isaa miidhe eenyutu naaf
ajjeesa?‟ yeroo jedhetti Mahaammad Biin Maasilaamaan ka‟ee „ yaa
ergamaa Allaa! Akka ajjeefamu ni barbaaddaa?‟jedhe. Nebiyyuu
Muhaammadis „eeyyee‟ jedhe, Mahaammad Biin
Maasilaamaanis „egaan akkan isa sobuuf naaf iyyami‟
jedhe. Nabiyyuu Muhaammadis „ ni dandeessaa dubbadhu‟ jedhe”(
Saahi Al-Buhaarii JIldii 5ffaa kitaaba 59ffaa lakkoobsa 369,
akkasumas JIldii 4ffaa Kitaaba 52ffaa lakkaabsa 270-271).

…Iibin shihab akka dubbatetti sobni wantoota sadiif


iyyamameera:- Yeroo lolaatti, Namoota walitti araarsuuf,
akkasumas abbaan- manaa fi Haati-manaa yeroo waliin
haasawan(walii galuuf jecha) soba walitti dubbachuu ni
danda‟u(Saahii Musiliim Kitaaba 032 lakkoobsa 6303-05, akkasumas
Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaaKitaaba 49ffaa Lakkoobsa 857). Abbaan
manaa fi haati-manaa dhugaa walitti hin dubbatan yoo ta‟eef gaa‟el
maaliiti? Waaqayyo Efeesoon 4:25 keessatti dhugaa walitti akka
dubatnu nu abboomeera. Kanaaf Muhaammad abboommii Waaqayyoo
irra daddarbeera, hordoftootni isaas akkas akka godhan ajejeera,
akkasumas Waaqayyoon sobaa jedheera. Akka Macaafa Qulqulluutti
yoo ta‟e kan sobuu fi nama gowomsu diyaabiloosiidha/ Seexana.

C, Muhaammad hojii sagaagalummaa raawwateera.

Macaafa qulqulluu keessatti haadha-manaa nama kan biraa


hawwuun dhorkaa akka ta‟e Waaqayyo dubbateera(Seera Ba‟uu
20:17,Keessa deebii 5:21, Maat. 52728). Quraanni garuu

Muhaammad dubartii nama kan biraa akka fuudhuuf Allaan


miira isaa akka kakaase dubbata.Kunis namni Muhaammad akka mucaa
isaatiitti guddise tokko haada-manaa isaa akka hiiku gochuu dhaan
Muhaammad akka ishee fuudhu taasiseera(Kana jechuun Muhaamma
haada-manaa ilma isaatii fuudhee jechuudha). Sababii maaliitiif Allaan
cubbuu gadhee kana akka inni raawwatu akka ajeje yeroo dubbatu,
namootni haada-manaa nama guddisan tokkoo fuudhuu akka danda‟anii
fakkeenya ta‟uuf akka ta‟e dubbata(Suura 33:37). Muhaammad dubartii
hawwe tokko fuudhu sababii barbaadeef, namni dubartii isaa akka hiiku
gochuun isaa nama kan biraaf barumsa haa ta‟uuf jecha jedhanii
barumsa kana fudhachuun baay‟ee ulfaata. Muhaammad loltootni isaa
dubartoota lola irratti booji‟an waliin saal-quunamtii akka raawwataniif
iyyameera(Haadaha- manaa isaanii kan hin taane waliin jechuu dha).

Israa‟elootni dubartoota lola irratti booji‟aman fuudhuu ni


danda‟u garuu dabarsanii gurguruu, akkasumas fedha foon
isaanii ba‟uuf jecha itti xabachuu akka hin dandeenye(saal-
quunamtii seeraan alaa irratti raawwachuu akka hin dandeenye)
Waaqayyo isaan dhorkeera. Dubartoota fuudhuuf barbaadan
kana immoo hanga isaan gadda maatii isaanii xumuranitti
guyyaa 30f eeguu qabu. Kunis kan ta‟uuf namichi ishee fuudhuu
yaade sun, osoo ishee hin fuudhin saal-quunamtii akka ishee
irratti hin raawwatneef, akkasumas Israa‟eloota warren biroo
waliin walitti dabalamuun akka ishee hin rakkisneef ta‟a (Seera
Keessa deebii 21:10-14). Muhaammad garuu hordoftootni isaa
dubartoota bakka lolaatti booji‟an waliin saal-quunamtii seeraan
alaa akka raawwataniif iyyameera(Suura/Boqonnaa 4:24, 23:5-
6,33:50, 70:29-30).

Muhaammad Saajjatoota lama qaba ture. Isheen jalqabaa nama


biyya Koptik Maariyaa Biintuu Shaamuun
Uum Iibraahiim yeroo taatu- isheenis ajejaa loltuu
Alksaanderiyaa fi Misir kan ta‟e Al-muqaawuqiis iraa akka
kennaatti kan kennamtee dha. Isheen lammaffaan
immoo Riihanaahi Biintuu Amiru ykn Biintuu Zayid kan
jedhamtu yeroo taatu, isheenis Muhaammad booji‟amtootaBaanii
Ku’aaraadiih keessaa kan inni filatee dha( Seenaa Kitaaba seenaa
Nebiyyuu Muhaammad dubbatu irraa kan fudhatamee dha.- The
Seerah of Prophet Muhammad (S.A.W ). Muhaammad Alii Al-
Haabii Al-Atahaariitiin kan qophaa‟e, AL Firdoos El T Dii,
Londan , Maxxansa jalqabaa 2001, Kutaa 2ffaafuula 32-33)

Akka Abdul Aziiz dubbatetti:- Anaas akkas jedhe


“Akkuma ergamaan Allaa Kaahabaariin lolee mo‟een
booji‟amtootaa fi boojuu sassaabbatne. Dihaayyaan namni jedhamu
immoo gara ergamaa Allaa dhufee „ Yaa ergamaa Allaa ! shamarran
booji‟aman kana keessaa hojjettu naaf hojjettu tokko naaf kenni‟ jedhee
gaafate. Muhaammadis dhaqii tokko fudhadhu jedhe. Innis
nama Saafiyaa Biinti Uyaa’iin jedhamtu fudhate. Namni biraan tokko
immoo gara ergamaa Allaa dhufee yaa ergamaa Allaa! Saafiyaa Biinti
Uyaa’iin isheen ati Diihayaaf kennite Miidhegsituu bulcha
sabaKu’aaraayizaanaa kan ta‟e kan An Naadiir waan turteef, isheen
siif malee nama kan biraatiif hin taatu‟ ittiin jedhe. Akkuma kanaan
Diihayaan dubartitti wajjin gara Muhaammad dhufe.

Muhaammadis ishee ilaalee Diihayaadhaan „Ishee dhiisiiti kan


biraa abbaa feete fudhadhu‟ ittiin jedhe. (Saahii Al-Buhaarii jildii
1ffaa kitaaba 8ffaa lakkoobsa 367)

Jaabiir akka dubbatetti immoo “ Namni tokkoo gara ergamaa


Allaa dhufee „ Hojjettuu mana koo keessaa naaf hojjettu tokko
waliin saal-quunnamtii nan raawwadha garuu akka isheen
ulfooftu immoo hin barbaadu‟ ittiin jedhe. Muhaammadis
deebisee „Yoo feete aziilii taasisi garuu kan isheetti murtaa‟etu
raawwatama‟ ittiin jedhe. Namichis yeroo muraasa booda
deebi‟ee akka hojjettuun isaa sun ulfoofte itti hime.
Muhaammadis kan isheetti murtaa‟etu ta‟a jedhee sitti himeera
mitii ittiin jedhe” (Saahii Musilim kitaaba 008 lakkoobsa 3383)

Abu Sayid Al-kudrii akka dubbatetti immoo “ Yeroo


lola Haanaayiin ergamaan Allaa lola akka lolaniif waraana
gara Awutaasiitti erge. Akkuma kanaan lola sana keessatti
dubartoota booji‟anii turan. Haa ta‟u malee sababii Abbootiin-
manaa(dhirsoonni) isaanii waaq-tolfamaa waaqessaa turaniif,
yeroo sana namootni Muhaammad faana adeemaa turan
booji‟amtoota sana waliin saal-quunnamtii gochuun itti ulfaatee
ture. Sana booda inni ol-jedhaan “Allaan” waa‟ee kana irratti „
Dubartoota boojite waliin saal-quunnamtii gochuu ni dandeessa‟ jedhee
iiti dubbate”( Suura 4:24, Saahii Musiliim kitaaba 008 lakkoobsa 3422,
akkasumas lakkoobsa 3371)

Kanaaf waaqni Islaamummaa keessatti waaqeffamu ergamaan


isaa(Muhaammad) dubartii haadha-manaa isaa hin taane waliin
saal-quunnamtii akka raawwatuuf iyyameera jechuudha(
keessumatti haadha-manaa ilma ofii isaati guddise waliin).
Akkasumas Muhaammadii fi hordoftootni isaa dubartoota lola
irratti booji‟aman waliin saal-quunnamtii akka taasisaniif
iyyameeraaf. Egaa fedha-foonii(saal-quunnamtii) ba‟uuf isa
abboommii Waaqayyoo cabse Muhaammadiin akkamitti rajii
Waaqayyo isa jiraataati jechuu dandeenya?

D, SAAL-QUUNNAMTII JENNATA KEESSATTI

Macaafa qulqullu keessati (Luqaas 20:34-36) Gooftaan keenya


Yesuus Kiristoos namootni mootummaa Waaqayyoo keessatt Kan
fuudhanii fi heeruman osoo hin taanee akka ergamoota
Waaqayyoo akka isaan ta‟an dubbateera. Roomee 8:14 keessatti
immoo mootummaan Waaqayyoo mootummaa mootummaa
qajeelummaa fi kan nagaati malee, kan nyaataa fi dhugaatii akka
hin taane dubbata. Quraanni garuu faallaa isa kanaati. Innis
namoota mootummaa Waaqayyoo(Jennata) galaniif dubartootni
takkaa dhiira bira hin ga‟in, kan ija gurguddatan, mimmiidhagoo
kan ta‟a, baay‟ee kan nama hawwisiisan akka qophaa‟anii jiran
dubbata. Suura/Boqonnaa 44:54 fi 52:20 keessatti “Ija kan tolan
kan miidhagan, adaadii kan ta‟an isaniif kennina” jedha.

Suura/Boqonnaa 55:56 “Namnis ta‟e jinniin kan itti hin bu‟in, ija
hatanii dhiira kan ilaalan jiru. Keessa isaaniitti amala gaarii kan qaban
bifa gaarii kan qaba dubartoota 70tu jiru. Gurraachinnii fi addeenyi ja
isaanii baay‟ee kan nama arkisu 72 immoo dunkaana keessatti
qopheeffamanii jiru. 74 immoo warra eenyu iyyuu itti hin bu‟iniidha.
Suura/Boqonnaa 56:22-24 keessatti ija kan tolan, baay‟ee kan miidhagan
gatii isaan (warra jennatattigalan) biyya lafaa irratti hojjetaniif
qopheeffaman.

Suura/Boqonnaa 78:31-33 keessatti “warra of-eeggataniif bakki fayinaa


qophaa‟eera, akkasumas dubartootni armi isaanii dhadhaabatu isaaniif
qophaa‟aniiru”

Abu Ureeyiraan akka dubbatetti “ Ergamaan Allaa akkas jedhe


„warra jalqaba jennatatti galan dubartoota warra ija tolanii fi
mimmiidhagoo keessaa lama isaaniif qophaa‟anii jiru( Saahii Al-
buhaarii Jildii 4ffaa kitaaba 54ffaa lakkoobsa 476 fi 469, akkasumas
kitaaba 55ffaa lakkoobsa 544ffaa, Saahii Musiliim kitaaba 040ffaa
lakkoobsa 6793,6795 fi 6798).

Abdullaahi Biin Qu’aas akka jedhetti :- Jennata keessa


dubartootni hedduun warri fayyan kan dhaqanii do‟atan
akkasumas itti gammadan gamoo yoo xiqatte bal‟ina M 96000
qabu keessa akka jiran Muhaammad akka dubbate ibsa.

Isa nabiyyu Muhaammad dubbate Anaas akkas jechuun ibsa


“Namootni jennata keessa jiraatan hundi akka isaan saal-
quunnamtii gochuu danda‟aniif umni adda Allaa biraa isaniif ni
kennama. Innis akkas jedhe „ Nmani duguma Jennata keessatti
saal-quunamtii gochuu ni danda‟aa?‟ Muhaammadis “
Namoota jennatattii galaniif saal-quunnamtii gochuu akka danda‟aniif,
nama tokkoof human nama dhibbaatu kennamaaf‟ jedhe( Al-Tiirmiidiihi
lakkabsa 2459)

Egaan akka barsiisaa fi jecha Muhaammaditti yoo ta‟e miiraa fi


fedhiin foonii yeroo biyya lafa kana irra jiraatnu qabnu hundi
Jennata keessas ni jira jechuu dha. Muhaammad Allaan namoota
warra jennatatti galan dhaabatanii kan eegan dubartoota akka
qopheesse, hordoftootni Muhaammad immoo isaan kana waliin
saal-quunnamtii gochuu akka danda‟an Allaan naaf
mirkaneesseera jedha. Kun immoo bakka jireenya Waaqayyoo lafa ta‟e,
akkasumas bakka namootni tokkummaa fi jaalala Kirkistoosiif qaban itti
ibsanitti cubbuun biyya lafaa fi kan foonii achitti argama jechuudha.
Muhaammad waaqa irraa baaf bu‟e kan inni jedhu Quraanni, akkasumas
Haditiin Jenaati ykn Mootummaan waaqayyoo baaay‟ee kan nama
jibbisiisuu fi bakka cubbuun guute ta‟uu isaati.

Allaan ijoollee dubaraa fedhii foonii ykn saal-quunnamtii qofaaf


bara-baraan Jennata keessa jiraatan qopheesseera jechuun nama hin
dinquu? Jennati inni Muhaammadii fi Quraanaan ibsame kun cubbamaa
ta‟uu namaa, akkasumas fedhiin foonii maal akka ta‟e kan ibsuudha
malee wa‟ee qulqullummaa kan dubbatu miti. Barsiisa isaa isa yaada
fooniin guutee fi amala isaa isa hammeenyaan guute kanaan attamittiin
Muhaammadiin raajii dhugaadha jechuu dandeenya?

E,MORMITOOTA ISAA IRRATTI IJAA BA‟UU FI AJJEESUU


ISAA

Macaafa qulqulluu keessatti amntootnis ta‟e raajotni darban


namootni akka isaan simataniif lola akk hin kaafne , sababii
amntiitiif mormiin yoo irratti ka‟ellee ijaa baafachuu akka hin
qabne ifatti barsiisa. Waaqayyo inni isaan waaqessan isaaniif
waan loluuf, ijaas waan isaaniif ba‟uuf ofii isaaniitii ijaa
baafachuu akka hin qabne dhorkamaniiru(Seera Lewootaa 18:18,
Maatiwos 5:39 fi 44, Maatiwos 26:52, Maatiwos 22:39-40,Efeeson
6:12, Ibroota 10:30). Ibroota 10: 30 keessatti- Ijaa baasuun kan
kooti, gatii nama hundaa mataa isaatti nan deebisa akka jedhe
ni beekna. Quraanni immoo faallaa kanaa uumaa fi amantii ofiif loluun
barbaachisaa akka ta‟e barsiisa.

Suura/Boqonnaa 4:74 keessatti-Warri jireenya darbitu isa hin


banneen jijjiirratan karaa Allaa irra adeemu. Warri karaa rabbi
irra adeemanii mo‟an immoo gatii guddaa argatu jedha.
Suura/Boqonnaa 4:890 irratti immoo “ warra amantii irraa booda
deebi‟an- isaan qabaa, booji‟aa, lafa itti isaan argitan hundaatti isaan
ajjeesaa, firootas isaan keessaas hin baafatinaa. Suura/Boqonnaa 5:51
keessatti “ Isin warri amantan! (Musiliima taatan) Yihudootaa fi
Kiristiyaanota keessaa fira hin baafatinaa, nmani kana godhu yoo
jiraates inni isaan keessati ykn Musiliima miti- Allaan saba hamaa hin
sirreessu”. Suura/Boqonnaa 8:39 irratti immoo “Dhugaan hanga
argamutti, amntiin hundi kan Allaa hanga ta‟utti lolaa”jedha.

Suura/Boqonnaa 9:73 keessatti immoo “Ati yaa nabiyyu warra


garagalanii fi ganan loli, garaas itti jabaadhu,bakki jireenya
isaanis gahaannami”. Akkasumas Suura 2:190-191fi 193,
2:216,4:95.8:12 fi 65, 9:5,14 fi 29, 47:4,48:29,59:2 fi 4-5,61:4,66:9
irratis Quraanni haaluma wal-fakkaataadhaan namootni
Islaamummaa hin hordofnee fi hordoftootni amantii kan biraa
ta‟an akka ajjeefaman ni ajeja.

Iibin Umar akka dubbatetti “Ergamaan Allaa akkas jedhe „Hanga


namootni hundinuu Allaa qofaatu waaqayyoodha, Muhaammad
immoo ergamaa isaati jedhanii amma labsanitti, isas hanga
kadhatanitti, kennaas hanga fidanitti akkan loloof na ajejeera.
Kana yoo godhan lubbuu fi qabeenya isaanii oolfachuu
danda‟u.”(Saahii Al-buhaarii Jildii 1ffaa, kitaaba 2ffaa, lakkoobsa 25,
akkasumas kitaaba 8ffaa lakkoobsa 387, Saahii Musiliim kitaaba
001 lakkoobsa 0029-0030 fi 0032-0033).

Akkasumas yeroo ergamaan Allaa Kaayibaariin lolee to‟atetti-


Lafti sun kan Allaa, kan ergamaa isaatii fi qabeenya musiliimota
hundaa waan
ta‟eef Yihudoota achi keessaa baasuuf yaadee ture. Haa ta‟u malee
Yihudootnis Muhaammad raawwatee achi keessa akka isaan hin
baafneef – Isaaf bitamuu, hoomisha isaanii keessaas walakkaa isaa
Muhaammadii fi musilimootaaf kennuuf gaafatan. Ergamaan Allaas
“Waan jettan yoo raawwattan, akkasumas hanga nuti isiniif iyyamne
qofaatti as turuu dandeessu.” isaaniin jedhe. Isaanis hanga
gaafa Umar gara Taayimaa fi Arihaatti isaan ari‟etti achuma jiraachaa
turan (Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaa kitaaba 39ffaa lakkoobsa 531).

Umar Bii Al-Kitaab akka jedhetti “ Ergamaan Allaa akkas jedhe „


Kiristiyaanotaa fi Yihudoota biyya Arabaa hunda keessaa nan
baasa, Musilimoota irraa kan hafe eenyullee keessa hin
jiraatu”(Saahii Musiliim Kitaaba 019 lakkoobsa 4366).
Muhaammad irraa kan hafe raajiin aangoo gargaaramuudhaan
namoota amansiisuu ykn amantii isaanii jijjiiruu yaade hin jiru.
Raajotni Waaqayyoo waan isaan mudachaa ture hunda
Waaqayyotti himu turan ykn waan isaan mudate keessatti
qoramanii darbu malee raajotni ijaa baafatan akka turan Macaafni
qulqulluun nutti hin dubbatu.

Seera Lakkoobsaa boqonnaa 12 keessatti yeroo obboleessii fi


obboleettiin Muse Museen morman ,akkasumas boqonnaa 14
keessatti immoo yeroo sabni Israa‟el Musee fi Haaron irrati ka‟an
argina. Bakka lachuu keessatti iyyuu qooda Musee ta‟ee yeroo
Waaqayyo Musee dhaaf falmu argina. Seera Lakkoobsaa 16
keessatti immoo Museen mormii isa irratti ka‟e yeroo
Waaqayyotti dhiyeeffatu, yaada mataa isaatii dubbachuu irraa
yeroo inni of-eeggatu argina.

Kunis kan agarsiisu Museen Waaqayyo hojjetuuf kana sirriitti kan


beeku, Waaqayyoo isaas kan dhaga‟uu fi kan faraduu danda‟u
akka ta‟ee dha (Seera Lakkoobsaa 16:1-35).

Seenaa armaan olii keessatti akka ilaalletti Museen mormiin


yeroo namoota kan biroo irraa isatti ka‟u Waaqayyoon kadhachuu
malee isaan hin lolle. Eenyuun iyyuu ajjeesuu fi ijaa ba‟uuf yeroo
inni yaalii geggeessu hin arginu. Kunis eenyu akka isa waame,
eenyuunis akka tajaajilu waan beekuuf kan inni muddamaa ture warra
isaan mormaniif malee waa‟ee taayitaa ofii isaatii hin turre. Waaqayyo
hojjettoota isaaf kan falmu Waaqayyo isa jiraataa dha. Karaa biraa
immoo Muhaammad warra isaan morman hunda yeroo inni ajjeesuu fi
adabu argina. Muhaammad raajii Waaqayyoo isa dhugaa osoo ta‟e,
Waaqayyo inni isa waame akka Musee fi raajota warren biroof gochaa
ture maaliif isaaf loluu hin dandeenye?

Raajotni Waaqayyo Kakuu Moofaa keessatti argaman hundi


mormii adda-addaa, ariyatnaa fi du‟a keessallee
darbaniiru.Raajota Waaqayyoo kana keessaa Waa‟ee ofii isaatiif
loluu fi falmachuu kan yaale tokkollee hin turre. Muhaammad garuu
mormii fi qorumsa sababii amantii isaatiif isatti dhufu kamiin iyyuu
fudhachuuf tole hin jetne.

Galagalchiiyyuu Waaqa isaa bakka bu‟uudhaan warren isaa fi


waaqa isaan morman irratti akka ijaa ba‟uuf waaqani isaa akka
isa ajeje dubbata. Waaqni Muhaammad waaqessu waa‟ee
Muhaammadiifis ta‟e waa‟ee ofii isaatiif falmuudhaaf humnaa fi
dandeettii hin qabuu turee?

Jaabiir Biin Abdullaahi akka dubbatetti “ Ergamaan Allaa „


eenyutu Kaab Biib Al-ashiraaf isa Allaa fi ergamaa isaa miidhe kana
naaf ajjeesa?‟ jedhe, Mahaammad Biin Maasilaamaa namni jedhamu „
Yaa ergamaa Allaa ! Akkan ajjeesu ni barbaaddaa?‟jedhee gaafate.
Muhaammadis „eeyyee‟ jedhe. Mahaammad Biin Maasilaamaanis
deebisee „ Egaa akkan isa gowomsuuf naaf iyyam‟ jedhee gaafate.
Nabiyyuu Muhaammadis „ni dandeessa raawwadhu” jedhe”( Saahii Al-
Buhaarii jildii 5ffaa kitaaba 59ffaa lakkoobsa 369)

Gosa warra Madiinaa keessaa kan taate, amntii tokkollee kan hin qabne
garuu kennaa walaloo kan qabdu Asmaa dubartii jedhamtutu ture.
Maqaaan abbaa-manaa ishees Yaaziid Bii Zaayid jedhama ture.
Dubartiin kun Muhaammadiin simachuu warra Madiinaa, Isaaf
abboomamuu isaanii fi, akkasumas miidhaa inni isaan irraan ga‟ee
mormuudhaan loluu dhiisuu isaaniitiif walaloodhaan isaan arrabsite.
Muhaammad waan dubartiin ku jette gaafa dhaga‟e “ Intala
Maaraawaa kana eenyutu naaf dhabamsiisa” jedhee gaafate.

Galagaluma sana gosa abbaa-manaa ishee warri ta‟anii fi hordoftoota


Muhaammad keessaa namootni kan biroon dhokatanii mana ishee lixan.
Dubartiin kun ijoollee shan(5) qabdi turte., ijoollee ishee keessaa inni
dhumaa arma ishee qabatee qoma ishee irra rafee ture.

Namoota ishee ajjeesuu dhaqan keessaa tokko suuta jedhee


mucicha arma ishee irraa addaan baasuudhaan, lafa isheen
ciiftutti goraadeedhaan waraanee ishee ajjeese. Guyyoota itti
aananitti eenyullee gocha suukanneessaa kanaaf akka ijaa isaan
hin baanetti, namootni Muhaammad tarkaanfii fudhachuu
eegalan. Gocha Nabiyyuu Muhaammad kanaan
eenyullee mormuu hin dandeenye, abbaan-manaa isheellee ittiin
mormuu hin dandeenye (Iibin ishaaq, seenaa jireenya Muhaammad(The
Life Of Muhammad), E Gulaaumiin kan hiikame, Oxfordii Yuupii,
1955,2004, fuula 675-676).

Gosa Madiinaa keessaa kan ta‟e, maqaan isaa Abu Ufaak kan
jedhamu nama waggaa 100 tokko jiraatetu ture. Namni kun
waaqa-tolfamtuu “ Maanaat” jedhamtu waliin walitti dhufeenya
kan qabu yeroo ta‟u, dhoksaa Muhaammadis kan bakkee baasu,
jabina namoota Madiinaa, ormaaf kan hin jilbeenfatne ta‟uu isaanii
ibsuudhaan, garuu ajeja abboommii amntii Muhaammad baaseen sabni
jabaa ture kun bakka lamatti akka gargar qoodame walaloo isaa keessatti
barreessee ture.

Muhaammad gaafa kana dhaga‟u “ Jaarsa kana eenyutu naaf


ajjeesa” jedhee gaafate. Lola Baadir keessatti irmaatee kan ture
namni Saaliim Iibin Umaayerjedhamu “ Jaarsa kana nan ajjeesa
ykn immoo anatu isa dursee du‟a” jechuudhaan Muhaammadiif
waadaa seene.
Sana booda akka tasaa ta‟ee gaaf tokko sababii ho‟ai cimaa irraa
kan ka‟e osoo jaarsi kun badhee irra rafuu argate. Akkuma isa argeen
goraadee baatee ture garaa isaa keessa baasuudhaan siree isaa waliin
walitti maxxansuudhaan “yaa diina Allaa” jedhee sagalee guddaadhaan
iyye.

Namootni isa waliin turanis ariitiidhaan gara mana keessaatti ol isa


galchan ( Iibin ishaaq fuula 675 fi Iibin Saad, garee kitaabota warren
gurguddaa keessaa kan ta‟e( Kitab Al Tabaqat Al Kbir/ Book Of The
Major classes).

Gooftaa Yesuus namoota akkasiitiin “ Isin kan abbaa keessan kan


Seexanaati; Fedha abbaa keessaniis gochuu barbaaddu; Inni
jalqabumaa jalqabee ajjeessaa dha; Dhugaan isa keessa waan hin
jirreef dhugaatti jiraachuu hindandeenye; yaada ofii isaa irraa
soba dubbata; sobaadha abbaa sobaatis” jechuudhaan Yohaanis
8:44 irratti akeekkachiisa.

F, MUHAAMMAD WAA’EE FAYINAA OFII ISAATIIF


SHAKKII QABA; WAAQA WAAQESSUTTIS
AMANAMUMMAA HIN QABU.

Raajotni Muhaammad dura turan Waaqayyo isa tajaajilan irratti


amanamummaa qabu turan. Dhuma ofii isaanis kan
beekan turan. Inni isaan itti amanan dhugaa waan ta‟ee badhaasaa fi
ulfina isaan eeggatu beeku turan; Kanaaf amantii hin sochoone qabu
turan ( Yohaannis 6:68-69, Yohaannis 10:28-30, Yohaannis 11:25-
27, 1Yohannis 4:16, Romee 8:18). Waa‟ee dhuma jireenya isaatiis kan
raafamuu fi na‟u Seexana qofa(Maarqos 1:24). Muhaammad garuu
waa‟ee Waaqa isa hojjetuuf kanaa shakkii guddaa qaba ture. Mee yaada
kanatti fufee jiru Quraana keessaa haa ilaallu:-
Suura/Boqonnaa 46:9 “Ergamoota keessaa ani nama addaa miti;
anis ta‟e isinis maal akka taanu hin beeku. Isa gara kootti gad-bu‟e
malee kan biraa hin hordofu, ani isa nama sodaachisuudha malee kan
biraa miti. Nebiyyu Muhaammad akkas jedheera “ Ani yoon ergamaa
Allaa ta‟eyyuu, Allaan maal akka ana irratti raawwatu hin barinan jira;
dhumni eenyuuyyuu maal akka ta‟e murteessuu hin danda‟u; kun immoo
nagaddisiisa..”jedheer ( Saahii Al-buhaarii Jildii 5ffaa Kitaaba
58ffaa lakkoobsa 266).

Erga Muhaammad waa‟ee eenyummaa waaqa waaqessuu itti


amanamummaa guutuu hin qabu ta‟e, nuti immoo attamittiin
ergaan isaa sirriidha jechuu dandeenya? Attamittiinis
Muhaammad raajii sirriidha jetne fudhachuu dandeenya? Namni
ofii isaatiif wabii hin qabne, hordoftoota isaatiif wabii maalii
kennuu danda‟a?

G,ILAALCHA MUHAAMMAD DUBARTOOTAAF QANU FI


DUBARTOOTA ISAA

Muhaammad erga haati-manaa isaa Kadijaan duutee booda,


ijoollee isaa akka isaaf guddiftuuf nama gorora-liqimsite, abaaan-
manaa kan irraa du‟e dubartiiSaawudaa jedhamtu fuudhee ture .
Akkuma kanaan Muhaammad qabeenyaanis ta‟e taayitaadhaan yeroo
guddachuu eegalu, ijoollee dubaraa mimmiidhagoo ta‟an kan ofii isaa
taasisuu jalqabe. Kun immoo Saawudaa ishee isa cina
dhaabachuudhaan ijjoolee isaa guddisuudhaan isa gargaaraa turte, bifne
ishee sababii umuriitiif hir‟isaa waan dhufeef ishee tuffachuu,
baddubaasa iyyuu akka inni ishee hiikuudhaaf yaalii gochaa ture seenaan
ni yaadata. Kutaan Quraanaa kanatti fufee jiru kunis Muhaammad akka
ishee hin hiikneef erga Saawudaan isaa wajjin walii galtee
taasiftee kan gad-bu‟eedha. Suura 4:28 innis akkas jedha “ Yoo
dubartiin tokko abbaan-manaa ishee fuula irraa achi deebifachuu isaa
argitee, deebi‟anii immoo isaan giduutti tokkummaan yoo uumame
yakki isaan irra hin jiru.”
Bara taayitaa Iibin Abbaasitti At-Tiirmudii namni jedhamu akka
dubbatetti “ Saawudaan yeroo Muhaammad na hiika jettee sodaatetti
ergamaa Allaatiin akkas jette „Na hin hiikin qooda kanaa guyyootan si
wajjin dabarsu dabarseen Aayishaaf kenna‟ittiin jette. Kana booda
kutaan Quraanaa Suura 4:28 gara Muhaammaditti gad-bu‟e. Kan kan
nuti argatne:- (Kabajamoo dubartoota Nabiyyuu(The Honorable Wives
of the Prophet); Araamii Abdul Ahaad, Mana Maxxansaa fi Raabsaa
Daarusalaam; Riiyad, Jiiddahi, Shaarjaahi,Laahor,Londan,Hiiyusten,
New Yoork, Maxxansa jalqabaa Onkoloolessa 2004 fuula 64-65).

Akka Aayishaan dubbattettii “Ergamaa Allaa gammachiisiif jecha


Saawudaan guyyaa ergamaan Biint Zaamaa jedhamu itti ishee
do‟atu dabarsitee Aayishaattiif kennite” (Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaa,
kitaaba 47ffaa,lakkoobsa 766). Akkasumas Saahii Musiliim kitaaba 008
lakkoobsa 3451).

Namoota biroodhaaf fakkeenya guddaa ta‟uudhaaf kan waamame


ergamaan Allaa haadha-manaan isaa (Saawudaa) sababii umuriin ishee
dheerateef, miidhaginni ishee durii hir‟achuu irraa kan ka‟e yeroo isheen
Muhaammad na hiikuu barbaada jettee sodaattuu fi yaaddoftu kanatti-
Jabaadhu ani si hiikuu hin barbaadu, guyyaa anisii wajjin dabarsuu
barbaadus dabarsee nama biraaf hin kenu jedhee ishee jajjaabeessuun isa
irra hin turree? Yeroo rakkina isaatti isa wajjin kan rakkatte kana guyyaa
ulfinaa fi taayitaa, akkasumas dubara mimmiidhagoo umuriin ijoollee
ta‟an argatetti, akka qodaa cabaatti ishee ilaaluun kun hojii
gaariidhaa?. Yeroo tokko immoo dubartoota isaa keessaa
isheen Uumuu Salaamaa jedhamtu Muhaammad itti dhiyeenya addaa
Aayishaa waliin waa qabuuf, hordoftootni isaa guyyaa itti Muhaammad
gara Aayishaa dhaqu eegachuudhaan kennaa isaaf waan fidaniif
dubartoota isaa keessaa isheen Uumuu Salaamaa jedhamtu dubartoota
isaa warren biroo bakka bu‟uudhaan gocha kana irratti mormii
dhiyeessite turte.

Muhaammadis “ Adaraa kee waa‟ee Aayishaatiif na hin rakkisin,


sagalee waaqa irraa kan naaf dhufu hunduma caalaa yeroo siree ishee
keessa jiru qofaa dha” ittiin jedhe (Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaa kitaa
47ffaa lakkoobsa 755). Muhaammad ilaalcha
addaa Aayishaadhaaf taasisu dhoksuuf jecha Quraanni Allaa biraa kan
naaf dhufu yeroo ani siree ishee irra jiru qofa jechuun isaa baay‟ee kan
nama dinquu dha.

Inni kan biroon immoo Allaan Muhaammadiif ilaalcha adda


gochuudhaan dubartii hanga barbaade akka fuudhu gochuu isaati ( Suura
33:50). Kunis Allaan seera isaa isa nama tokkoof hanga dubartii
afuriitti(4) jedhu diiguu isaati( Suura 4:3).

Keessumatti seera Allaa isa namni tokko dubartii 4 fuudhuu danda‟a,


isaaniin immoo wal-qixatti bulchuu qaba jedhe eeguu dadhabuu isaa fi
dadhabbii mataa isaa dhokfachuuf jecha isa inni abbaan-manaa tokko
dubartii isaa yoo jibbe ishee hiikuu danda‟a jechuudhuun inni
Muhaammad kutaa Quraanaa isa gargaaru qopheesse immoo isa kami
irrayyuu kan ammaatuudha (Suura 4:128-129).

Muhaammad yero dubartii abbaa-manaa isheetiif hin abboomamne


reebuu fi miidhuun ni danda‟ama jedhee labsii baasetti- Abbaa-manaa
akkana godhe sababii isaa gaafachuun akka hin danda‟amne
akeekkachiiseera. Umer Iibin AlKitaab waa‟ee kanaa yeroo dubbatutti
“ Muhaammad namni dubartii isaa yeroo reebu maliif akka reebu
gaafatamuu hin qabu” jedheera (Sunaan Abu Daawud kitaaba
11ffaa lakkoobsa 2142). Suura 4:34 „Dhiirotni bulchittota dubartootaati;-
Allaan isaaniin dubartoota irra caalchisaa uume. Dubartootni warri
mimmiidhagoon abboota-manaa isaaniitiif haa abboomaman. Isaan kana
yoo sodaattanis ifadhaa, isaan waliin hin rafinaa, isaan reebaa. Yoo kan
isiniif ajejaman ta‟an immoo isaan miidhuudhaaf karaa hin barbaadinaa;
Allaan hunduma irratti guddaadha” jedha.

Abdallaa Iibin Abuduhubaab akka dubbatetti “ Uumar gar


ergamaa Allaa dhaqee „dubartootni abboota-manaa isaanii irratti
jabaataniiru‟ jedhe. Muhaammadis akka isaan reebaniif ajeja
kenne. Dubartootni hedduunis gara maatii Muhaammad
dhaquudhaan waa‟ee abboota manaa isaanii dubbachuu eegalan.
Ergamaan Allaas „ Dubartootni hedduun warri gara maatii kiyya
dhufanii waa‟ee abboota-manaa isaanii dubbatan isaan nama
gaarii miti‟ jedhe‟ (Sunaan Abu daawud kitaaba 11ffaa lakkoobsa
2141).

Mahaammad Bii Qu’as isa Ayishaan dubbatte yeroo ibsu:- “


Muhaammad akkas jedhe „Dukkanni ani fuula koo duratti ilaalaa
ture gaaddidduu kee turee?‟ Anis Eeyyeen jedhe. Qoma koos na
rukute, innis na dhukkube. Isaana booda immoo „ Allaa fi ergamaan isaa
osoo sitti hin murteessin waan si dhiisan sitti fakkaataa? ittiin jedhe” (
Saahii Musiliim Kitaaba 004 lakkoobsa 2127)

Iikiriimaan akka jedhetti:- Aayishaan akkas jette „ Dubartiin


tokko reebicha abbaa manaa isheetii irraa kan ka‟e miidhama
ishee irra ga‟e natti himuudhaaf gara koo dhufte‟ Ayishaanis
yeroo dubbattu “„ ani dubartii akka dubartoota warra
amantootaatti ergamaa Allaatiin rakkinni irra ga‟e hin argine ;
ilaalaa ! gogaan dhagna isheetii bifa jijjiirrateera” jette.

Abdur Raahimaan abbaan-manaa dubartii reebamte kanaa; haati-


manaa isaa gara Nabiyyuu dhaquu ishee yeroo dhaga‟etti;
ijoollota isaa dhiiraa lama warreen nama kan biroo irraa godhatee
fudhatee gara Nabiyyuu dhaqquudhaan akkas jedhe “ Allaaf jedhiiti yaa
ergamaa Allaa Dubartiin kun ni sobdi ! ani nama jabaa fi ishee
boqochiisuu kanan danda‟uudha, garuu naaf hin ajejamtu, gara abbaa-
manaa ishee isa duraa, Riifaatti deebi‟uu barbaaddi” jedhe. Ergamaan
Allaas dubartittiidhaan “ Fedhiin kee erga kana ta‟e osoo Abdur
Raahimaa waliin saal-quunnamtii hin raawwatin
gara Riifaatti deebi‟uu akka hin dandeenye beekuu qabda” ittiin jedhe.
(Saahii Al-Buhaarii Jildii 7ffaa kitaaba 72ffaa lakkoobsa 715).
Dubartii akkas miidhamtee haqa barbaacha gara isaa dhufte
kana- Raajii dhugaadha kan ofiin jedhu Muhaammad dubartii
kana akka rakkisuuf gara abbaa-manaa ishee goree yeroo dubbatu
sirriidhaa? Murtoon isaa kunis murtii maaliiti?

Muhaammad yeroo dubbatu “ dubartootni uumama isaaniiti


jalqabanii jal‟oota; sammuun isaanii walakkaa kan dhiiraati;
dadhabbii fi hir‟inaan kan guutamanii dha; fedhii dhiiraa
gammachiisuuf kan uumamaniidha; akkasumas yeroo dhaala
hirmaatan isaan walakka dhiiraa argachuu qabu” jedha. Suura 2:282
keessatti “ yeroo raga bahan dhiira yoo ta‟e nama lama; yoo dhiirri
tokko qofa ta‟e immoo bakka dhiira tokkoo dubartootni lama
itti haadabalaman- yoo isheen tokko hirraanfattee isheen tokko haa
yaadachiiftuu”. Kna jechuun immoo dubartiin tokko amma dhiira
tokkoo hin geessu jechuudha.

Abu Sayid Al-Kudirii akka dubbatetti:- Naniyyuun akkas jedhe “


Ragaan dubartii tokkoo hanga walakkaa ragaa dhiira tokkoo
mitii? Dubartootnis „ eeyyee‟ jedhan; Muhaamadis deebisee “
Sababiin isaas sammuun dubartii hir‟uu ykn hanga sammuu dhiiraa
waan hin geenyeef akkas ta‟uu danda‟e”ittiin jedhe( Saahii Al-Buhaarii
Jildii 3ffaa kitaaba 48ffaa lakkoobsa 826).

Akka Muhaammaditti yoo ta‟e hedduun dubartootaa Waarra


gahaannam keessa jiraataniidha. Kunis kan ta‟uu danda‟e sababii
Waaqa isaanii hin galateeffannee dha moo yookiis maal jedhamee
yeroo gaafatamu Muhaammad “ Hojii gaarii abbaan-man isaanii hin
galateeffatan. Yooma isin gaarii hojjettanillee gaarii isin hojjettan arguu
waan hin barbaadneef, ani waan gaarii tokko hin argine jedhu” jedhee
deebise ( Saahii Al-buhaarii Jildii 2ffaa kitaaba 18ffaa lakkoobsa
161, akkasumas Saahii Al-buhaarii Jildii 1ffaa kitaaba 2ffaa lakkoobsa
29, Saahii Al-buhaarii Jildii 7ffaa kitaaba 62ffaa lakkoobsa 125) keessatti
argachuun ni danda‟ama.
Abu Sayid Al-Kudir yeroo dubbatu:- Yeroo tokko ergamaan
Allaa akkas jedhee “ Yaa dubartootaa! Hedduun keessan
gahaannam keessa akka jirtan waanan argeefan aarsaa
dhiyeessaa.” Isaanis “ Attamitti kun ta‟uu danda‟a yaa ergamaa
Allaa” jedhanii gaafatan. Innis “ Isin yeroo hunda ni abaartu, abboota-
manaa keessanis hin galateeffattan; beekumsaa fi amniitti uumama
dadhabaa ta‟e akka keessanii hin argine..” jedhee deebiseef. Isaanis
deebisanii “ Yaa ergamaa Allaa beekumsaa fi amantii keenya keessaa
kan hir‟ate maloo dha?” jedhan . Innis “ ragaan dubartoota lamaa akka
raga dhiira tokkoo mitii?” jedhe isaniis dhugaa akka ta‟e
dubbatan. Innis deebisee “ kun beekums dubartii hir‟uu akka t‟e kan
ibsuudha. Akkasumas dubartiin yeroo xuriin irra jiru(dhiigni ji‟aan
isheetti dhufu) soomuu fi kadhachuu hin dandeessu mitii?” jedhe.
Isaanis hin dandeessu jedhanii deebisaniif. Innis “ Kun immoo amntiitti
dadhabduu ta‟uu ishee argisiisa” isaaniin jedhe (Saahii Al-buhaarii Jildii
1ffaa kitaaba 6ffaa lakkoobsa 301, akkasumas Saahii Al-buhaarii Jildii
2ffaa kitaaba 24ffaa lakkoobsa 541, Saahii Al-buhaarii Jildii 3ffaa kitaaba
31ffaa lakkoobsa 172; Saahii Musiliim kitaaba 001 lakkoobsa 0142).

Abuu Hureeyiraan akka dubbatetti:- Nabiyyuun akkas jedhe “


Gara gahaannam nan ilaale; hedduun nama achi keessa jiruus
dubartoota turan.”( Saahii Al-buhaarii Jildii 7ffaa kitaaba
62ffaa lakkoobsa 126), akkasumas Saahii Musiliim Kitaaba 036
Lakkoobsa 6596-6601, Saahii Al-buhaarii Jildii 7ffaa kitaaba
62ffaa lakkoobsa 124, Saahii Al-buhaarii Jildii 4ffaa kitaaba
54ffaa lakkoobsa 464, Saahii Al-buhaarii Jildii 8ffaa kitaaba
76ffaa lakkoobsa 456).

Kanumatti dabaluudhaan Muhaammad dubartootni fedhii saal-


quunamtii dhiiraa gammachiisuudhaaf meeshaa uumamaniidhaa
jedhee dubbata. Waa‟ee kanaaf yeroo dubartoota sodaachisuuf
dubbatu “ Yeroo dhiirri haada-manaa isaa gara sirreetti waamu,
yoo ishee kan diddu taate ergamootni hanga lafti bariitutti
abaarsa ishee irratti gad-roobsu” jedha (Saahii Al-buhaarii Jildii
7ffaa kitaaba 62ffaa lakkoobsa 121 fi 122, Saahii Al-buhaarii Jildii
faa ffaa
4 kitaaba 54 lakkoobsa 460, Saahii Musiliim kitaaba 008
lakkoobsa 3367).

Suura 2:223 keessatti immoo “ Haat-manaa keessan isiniif akka


hooruu keessaniiti ; gara hooruu keessaniis akka barbaaddanitti dhaquu
dandeessu; Lubbuu keessaniif immoo hojee garii dursaa , Allaas
sodaadhaa, Warra isaani waliin saal-quunnamtii raawwattan ta‟uu
keessanis haa beekan.

Rakkachuu dhiirotaatiif sababiin dubartii akka ta‟e; akkasumas


Hewaan irraa kan ka‟e abbaa-manaa isaaniitiif amanamoo miti” jedhee
Muhaammad dubbateera (Saahii Musiliim kitaaba 008 lakkoobsa 3471-
3472, Saahii Musiliim kitaaba 036 lakkoobsa 6603-6604, Saahii Al-
Buhaarii Jildii 4ffaa kitaaba 55ffaa lakkoobsa 611)

Nama Haadholee fi obboleeyyan keenya irratti, jal‟innii fi yakki


akkasii irratti akka raawwatamuuf barsiise kana, Raajii Waaqayyo isa
hundumaa danda‟uuti jetnee fudhachuun baay‟ee ulfaata.

H, Mul’atni Muhaammad naaf dhufe jedhe:- Yaada ofii isaa


keessaatii? Waaqayyo biraa dhufee? Moo yookiis Seexana
biraati?

Mul‟atni Muhaammad naaf dhufe jedhu kana eessaa akka ta‟e


hubachuudhaaf, mee dursa shaakala inni uumama ergamaa
jedhame waliin qabaachaa ture haa ilaallu.
Akka Aayishaan dubbatetti “ Muhaammad akkuma amala isaa
holqa Hiiraa jedhame keessa taa‟ee osoo waaqeffatuu….Ergamaan gara
isaa dhufee akka inni kitaaba dubbisuuf gaafate. Muhaammadis “
Dubbisuu hin danda‟u” jedhee deebiseef.

Waa‟ee kanaa Muhaammad danbalee yeroo dubbatu “ Ergamicha


akkaataa umna koo lo ta‟een udhee na qabe. Sana booda erga
gad-nadhiisee ammas akkan dubbisuuf na gaafate. Anis
“dubbisuu hin danda‟u” jedheen deebiseef. Yeroo ani kana
jedhetti ammas jabeessee na qabuudhaan ammas akka ani dubbisuuf
na gaafate. Ammas “dubbisuu hin danda‟u” jedheen deebiseef. Ammas
yeroo saddaffaadhaaf udhee na qabuudhaan akkas naan jedhe “ Maqaa
Gooftaa isa hundumaa uumeetiin, isa nama dhiiga irraa uumeetiin
dubbisi” naan jedhe.(96: 1-3). Sana booda ergamaan Allaa naasuu
guddaadhaan qabamee gara manaatti deebi‟ee gale. Gara Kadijjaa
Biinti Kuwildiim dhaquudhaan “ Na dhoksi, Nadhoksi” isheedhaan
jedhe. Isheenis hanga naasuun irraa deemutti ni dhoksite(Saahii Al-
Buhaarii Jildii 1ffaa kitaaba 1ffaa lakkoobsa 3 fi jildii 9ffaakitaaba
87ffaa lakkoobsa 111).

Muhaammad haala isa mudate kana haadha-manaa isaatti yeroo


himu “ Yaa Kadijjaa! Ifatu natti argama; sagaleenis natti
dhaga‟ama; marraatuun ta‟eyyuu jedheen sodaadha” (
Iibin saad fuula 225).

Hafuurri gara Muhaammad dhufe kun Waaqayyo biraa osoo


ta‟ee, maaliif ofii isaa sirriitti hin ibsuuf? Maaliifis is hudhee qabe?
Maaliifis dubbisuu akka inni hin dandeenye baruu dadhabe? Akka inni
dubbisuu hin dandeenyes erga beekee maaliif dubbisi jedhee isa
hiraarsa? Dubbisi yeroo ittiin jedhamu sanattis Muhaammad kitaaba
baatee turee? Yoo baatee kan jiru ta‟e immoo , Dubbisuu‟oo hin
danda‟uu maaliif kitaaba baatee dhaqe?

Maaliifis erga Hafuura sana waliin wal-argee tasgabbaa‟uu


dadhabe? Tarii na‟uun isaa wanti akkasii kun kan isa mudate
yeroo jalqabaatiif ta‟uu ni danda‟a. Garuu maliif hafuurri kun
jabaadhu jedhee isa jajjabeessuu dhiise? Maaliif Muhaammad
nagaa fi gammachuudhaan hin guutamne?

Macaafa qulqulluu keessatti Waaqayyo akkasumas ergamaan


Jibiriil namoota waliin haasa‟aniiru. Namootni sun garuu osoo
isaan akka Muhaammad sadaatanii fi na‟an hin arginu.
Ergamootnis eenyuun iyyuu humnaan dhiphisuudhaan itti hin
dhiyaatne. Namootaa fi warra ergaa isaan baatan san fudhatan
dandeettii isaanii sirriitti ni beeku turan.

Seera Uumamaa keessatti yeroo Waaqayyo Nohiin haasofsiisetti(


Seera Uumamaa 6:9-22, Boqonnaa 7, 8, 9 fi 10) osoo Nohi sodaatee
raafamuu hin arginu. Waaqayyo aangoo gargaaramuudhaan
Nohiin hin dhiphifne; caalaattiyyuu Nohi wanta Waaqayyo akka
inni hojjetuuf isa irraa barbaadu sirriitti hubatee ture.

Waaqayyo yeroo addaa-addaatti Ibiraahimiin haasofisiisaa ture


(Seera Uumamaa Boqonnaa 12-18tti). Dubbii namatti toluu fi
gammachiisu malee Waaqayyo biraas ta‟e karaa Ibiraahimiin gocha
namatti bitaacha‟u tokko illee hin arginu. Ibiraahimiin sana bira
darbeeyyuu ulfina fuula Waaqayyoo argachuu irraa kan ka‟e, sodaachuu
osoo hin taane waa‟ee ilma obboleessa isaa Looxiyyuu Waaqayyo waliin
mari‟achaa ture( SeeraUumamaa 18:22-23). Akka hiriyyaa isaatti
Waaqayyo wajjin haasawaa ture.

Waaqayyo Musee wajjin dubbachuudhaan(Seera Ba‟uu boqonnaa


3- 34) yeroo inni abboommii itti kennu fi isa ajejeef immoo wanta
barbaachisu yeroo inni qopheessu argina. Waaqayyo ofii isaa
Museetti erga mul‟isee booda, maaliif gara Misiritti akka isa ergu itti
dubbateera. Museenis sababii Waaqayyo isatti mul‟ateef hafuura fedhii
fi ofitti amanamummaan guutame. Isaayaasis erga sagalee Waaqayyoo
dhaga‟een booda waaqayyootti dhiyaachuudhaaf cubbuu isaatti
qullaa‟uu isaa malee osoo isatti bitaachawuu hin arginu( Isaayaas 6).

Dhufaatii Muhaammadiin waggoota dhibba-ja‟aan(600) dura


ergamaan Jibiriil gara Maariyaamitti ergamee ture(Luqaas 1:26-
38). Kutaa kana keessatti ergamichi dubbii isaa nagaadhaan akka
eegale; Maariyam immoo nagaa sana irraa kan ka‟e akka naate;
ergamichis hin sodaatin jedhee akka ishee jajjabeesse; ergaa isa
dhufeefis hafuura tasgabbiiadhaan akka isheetti dubbate; isheenis
naasuu irraa tasgabb ooftee, gaaffii akka isa gaafattee fi
ergamichis mallattoo Waaqayyo biraa ergamuu isaatii akka itti
dubbate ni argina. Haasawaan isaanis rakkoo kan qabu hin turre.
Maariyaam jalqaba irratti kan naate yoo ta‟ellee, ergamichi ishee
jajjabeesse malee ishee hin dhiphifne- umnaanis ishee hinqabne. Iheen
immoo tasgabbaa‟uu irrayyuu dabartee akka jecha kee naaf haa ta‟u
jechuudhaan addaa-adda ba‟an.

Kunis gara Muhaammad kan dhufe ergamicha Jibiriil erga ta‟ee,


maaliif akkaataa Maariyaamitti dhiyaatetti Muhaammaditti hin
dhiyaatne?dhiyeenyi isaa maaliif jijjiirame? Maaliif eenyummaa
isaa, eessaa akka dhufee fi ergaa maalii fidee akka dhufe itti
beeksisuudhaan; yeroo inni sodaatu immoo isa jajjabeessuu
dhiise? Maaliif Muhaammadiin hanga hudhee qabutti ga‟e?
Maaliif isa dhiphise? Maaliifis isa naasisuudhaan holqa sana keessaa
akka inni fiige ba‟u taasise? Maaliifis hanga inni akka nama maraatee
ta‟utti nagaa fi tasgabbii isa dhowate?

Yeroo ergamaan Allaa dubbatu dhaga‟ee Jaabiir Biin


Abdallaan akka dubbatetti “ Osoon karaa irra adeemuun sagalee
dhaga‟e. Gara samiittis ol jedhee yeroon ialaaletti kunoo
ergamaan inni Holqa Hiiraa keessatti natti mul‟ate samii fi lafa
gidduu teessuma kaa‟atee taa‟ee ture. Kana iraas kan ka‟e sababiin
na‟eef gara haada-manaa kootti ol galeen “ ucuudhaan na dhoksaan”
ittiin jedhe. Isaanis na dhoksan..”( Saahii A-buhaarii jildii 6ffaa kitaaba
60ffaa lakkoobsa 448).

Shaakala raajotni darban warren Waaqayyo fi ergamoota waliin


dubbataniiru, wal arganiiru jedhaman kan hin beekne, Muhaammad
garuu simannaa inni wanta isatti mul‟ate sanaaf taasise, soda fi nagaa
dhabuu isaa yeroo ialaallu akkamittiin inni gara Muhaammad dhufe
hafuura Waaqayyooti jechuu dandeenya?
Mul‟atni Muhaammad yeroo hunda fedhii fi hawwa isaa qofaaf akka
ta‟e, kan isa taajjabde haat-manaa isaa Aayishaan iyyuu akkas
jechuudhaan ture kan isheen ibsite “Gooftaan kee fedhii fi hawa
kee guutuudhaaf jarjara”(Saahii Al-Buhaarii jildii 6ffaa kitaaba
60ffaa lakkoobsa 311) .

Muhaammad haadha-manaa mucaa ofii isaatii guddise yeroo


fuudhuu barbaadetti Suura 33:37 waaqa irraa gad naaf bu‟eera jedhe.
Yeroo dubartii afur(4) fuudhuu barbaadetti immoo Suura 33:50 naaf
bu‟e jedhe. Akkasumas yeroo dubartoota isaa keessaa Saawudaa akka
addaatti ilaaluu barbaades Suura 4:128 naaf bu‟ee jedhe. Kutaa Quraana
Muhaammad kanneen kana fakkaatan isa haqni keessa hin jirre
kana ilaaluudhaan attamittiin Quraanni Waaqayyo isa nama wal hin
caalchifne bira dhufe jechuu dandeenya?

Muhaammad kutaa Quraanaa tokko-tokko kan inni waaqa irraa


gad naaf bu‟e jedhe, erga namootni kan biroon dubbisuudhaan yaada
itti kennaniin booda akka ta‟e yeroo dubbifnu immoo- yaad isa inni
Quraanni waaqa irraa gad naaf bu‟e jedhe sana gatii dhabsiisa.

Bulchaa mootummaa Islaamummaa isa lammaffaa kan ta‟e


Umer(Kaaliif) dhimmoota sadii irratti jechi Allaa akka bu‟uuf
Muhaammadiin erga akeekkachiiseen booda Muhaammadis
Allaa biraa gad-naaf bu‟e akka jedheHadisii irratti barreeffamee
argina:-

1, Kaabaa inni Makkaa keessatti argamu bakka kadhatnaa akka


ta‟u(Suura 2:125)

2, Dubartootni Muhaammadii fi walumaa-galatti dubartootni


hundumtuu akka haguuggatan/ Hiijaab akka uffatan
abboomuu(Suura 24:30-31,33:59, 33:53)

3, Akkasumas immoo yoo Muhaammad dubartoota isaatti


gadduudhaan osoo isaan bira hin ga‟in ji‟a tokko yoo ture “
Gooftaan isaa dubartoota isaan irra caalan kennuuf danda‟a” Suura
66:5; Saahii Al-buhaarii jildii 1ffaa kitaaba 8ffaa lakkoobsa 395, Saahii
Al-buhaarii jildii 6ffaa kitaaba 60ffaa lakkoobsa 10 fi 313,
akkasumas Saahii Musiliim kitaaba 031 lakkoobsa 5903) keessatti
argachuun ni danda‟ama.

Kutaa Hadisii kanatti fufee jiru keessatti immoo Muhaammad


nama ija jaamaa tokko erga argee booda, kutaa Quraanaa isa
duraan waaqa irraa gad naaf bu‟e jedhee tureef yaada isa
fooyyessutu naaf dhufe jechuu isaa argina.

Zaayid bin Taabit:-Nabiyyuun akka inni


barreessuuf Zaayiditti yeroo himu “ Amantootni warri mana
isaanii ta‟an, warra Allaaf lolan waliin wal-qixa miti” Zaayid itti
fufuudhaan „ yeroo Muhaammad yaada kana na
barreessisiisu Iibin um Maaktuum dhufee „ Yaa ergamaa Allaa !
umna osoon qabaadhe ta‟e, Allaaf nan lolan ture‟ jedhe. Kana kan
inni jedheefis jaamaa waan tureefiidha. Battaluma sanatti waa‟ee
kanaatiif jecha yeroo Allaan ergamaa isaatiif Quraana gad buusu,
miilli ergamaa Allaa miilla koo irra waan tureef, ulfaatinni
isaas waan dabalaa dhufeef, miilli koo waan na caccabe natti fakkaatee
ture. Sana booda Allaan yaada kanatti fufee jiru ibse “ Namoota qaama
hir‟uu irraa kan hafe”kan jedhu dubbate(Suura 4:95,Saahii Al-Buhaarii
jildii 6ffaa kitaaba 60ffaa lakkooobsa 116 akkasumas lakkoobsa 117-118 fi
Saahii Al-Buhaarii jildii 4ffaa kitaaba 52ffaa lakkoobsa 85).

Muhaammadii fi hordoftootni isaa waa‟ee madda Quraanaa


yeroo dubbatan “ Quraanni akkaata lamatti waaqa irra akka gad
bu‟etti ibsu:- Inni jalqabaa gabatee-walitti qabataadhaan ji‟a
Ramadaan keessa, mana Liqinaawu isa gara samiitti dhiyoo jiru
keessatti halkan isa guddaatti Jibiriiliif gad bu‟e. Toorri kitaabichaas
akkuma kanatti ture.
Inn lammaffaan immoo waggoota 23 keessatti akka
barbaachisummaa isaatti karaa Jibiriil nabiyyuu Muhaammadiif kan
kennameedha”( Quraana qulqulluu mana maxxansaa Nejaash Addis
Ababaatti kan maxxanfame:- Maxxansi jalqabaa 1961, Maxxansi
lammaffaan 1997, Maqidim lakkoobsa 8ffaa). Ragooleen armaan olitti
ilaalle yaada isa Quraanni gabatee waaqa irra jiru irraatii gad bu‟e isa
jedhu kan shakkii keessa galchuu dha.

Muhaammad waliin Holqa keessatti wal arguudhaan waggoota 23


iif Quraana gad isaaf buusa humni ture, Waaqayyo biraa
ta‟uu isaa Muhaammad kan shake qofa osoo hin taanee, kutaan
Quraanaa Muhaammad gad naaf bu‟e jedhuyyuu fedhaa fi hawii isaa
qofa kan calaqqisiisuu fi erga namootni kan biroon yaadaa fi
ilaalcha mataa isaanii itti kennaniin booda waaqa irraa gad
naaf bu‟e jechuun isaa baay‟ee kan nama dinquu dha.

I, Xinqolaa fi xibaaraan miidhamaa turuu Muhaammad

Macaafni qulqulluu xiqolaa fi xibaarri namoota Waaqayyoo isa


dhugaatti amanan irraatti akka hin hojjetne dhugaa ba‟a( Seera
Lakkoobsaa 23:23, Luqaas 10:17-20).

Kutaa Hadisii armaan gadii keessatti xinqolaa fi xibaarri


Muhaammad irratti hojjetamuudhaan, waan godhu hanga
wallaalutti akka inni ga‟ee ture nutti dubbata. Dubartoota isaa
wajjin illee osoo hin ciisin waan isaan waliin ciise itti fakkaachaa ture.

Akka Aayishaan jettetti:- “Xinqolaan ergamaa Allaa irratti waan


hojjetameef, osoo dubartoota isaa waliin hin cisin waan isaan
waliin saal-quunnamtii taasise itti fakkaachaa ture”( Saahii Al-buhaarii
jildii 7ffaa kitaaba 71ffaa lakkoobsa 660-661 fi 658, Saahii Al-buhaarii
jildii 4ffaa kitaaba 53ffaa lakkoobsa 400).
Kutaalee Quraanaa armaan gadii keessatti hojjettootaa fi
hordoftoota Muhaammad Seexxannii fi hojiin seexanaa isaan
miidhuu akka hin dandeenye dubbata.

Suura 16:98-100tti yeroo Quraana dubbiftutti abaaramaa isa ta‟e


seexana irraa of-eeggadhu; Inni warra amananii fi gara gooftaa isaaniitti
warra siqan irratti aboo hin qanu. Aboon isaa isaaf waarra ajijamanii fi
deggertoota isaa qofa irratti kan hojjetuudha, Akkasumas Quraana Suura
20:65-70 dubbisaa.

Kutaan Quraanaa kun dhugaa erga ta‟ee ,


maaliif Muhaammad xinqolaa fi xibaaraan miidhamaa ture? Waaqni
Muhaammad waaqessu dhugaa erga
ta‟ee maaliif hanga Muhaammad waan godhu wallaalutti callisee
isa ilaale? Muhaammad dhugaadhaa fi amanamaa kan ture yoo ta‟e
immoo attamittiin Allaan salphina akka kanaatti dabarsee isa kenna?
Gaaffiin ka‟uu qabu inni kan biraan immoo Muhaammad namni yeroo
tokko keessatti ofii isaa wallaalee ture; attamittiin jecha inni Quraanni
Waaqayyo biraa gad naaf bu‟e jedhee dubbatu kana amanamummaa
/dhugaa qaba jetnee fudhachuu dandeenya?.

J, Raajii Muhaammad kanneen hin raawwatamin

Seera Keessa deebii 18: 20-22 keessatti raajiin osoo ani itti hin
dubbatin dubbatu /maqaa waaqa biraatiin raajii dubbattu haa
ajjeefamau. Yaada keettis isa Waaqayyo biraa ta‟e attamittiin
beekuu dandeenya kan jettu yoo taate- Raajiin sun dubbatee yoo
raawwatmuu dhiise; dubbii sana Waaqayyo hin dubbatne;
Raajichuma sanatu ija jabummaadhaan dubbate waan ta‟eef isa hin
sodaatin.

Mee kanatti fufuudhaan immoo raajii Muhaammad


dubbatee Quraanaa fi Hadisii keessatti barreeffamanii jiran haa
ilaallu:-
Quraana Suura 48:27 “ Yoo Allaan abjuu ergamaa isaatii dhugaa
taasise, Allaan kan fedhu yoo ta‟e; naamusa godhattanii, mataa
keessan aaddachuudhaan, gabaabsachuudhaan, akkasumas kan hin
sodaatne yoo taatan; Masgiida ulfina qabeessatti ol seenuu dandeessu
isa jedhe dhugaa taasiseeraaf.”

Raajiin armaan olitti ilaalle kun akka raawwatamuuf,


Muhaammad mirga ofii isaa dhiisuudhaan waaqeffattoota waaqa-
tolfamaa kan ta‟an warra Makkaa waliin
waliigaltee “Wallgaltee Hudaayibiiyaa” isa jedhame mallatteessuutu
irraa ture. Walii galtee kana keessatti waaqeffattoota waaqa-tolfamaa
makkaa keessaa warra gara Islaamummaa dhufan deebisuuf waliigaluu
irrayyuu darbee; maqaa ulfinaa isaatii isa ergamaa Allaa jedhameyyuu
galmee sana irraatti akka hin gargaaramneef walii galee ture.

Al Miiswaar Biin Maakraahiimaa fi Maarwaan akka jedhanitti:-


“ Muhaammadii fi duuka-buutotni isaa gara Kaabaa akka hin
seenneef yeroo warri Makkaa dhorkatanii turan; ergamaan Allaa „
As kan dhufne eenyuun iyyuu loluuf osoo hin
taane Umraa raawwachuudhaaf
dhufne‟isaaniin jedhe. Suhaayil namni jedhamu immoo deebisee
„Walii galtee nagaa waliif mallatteessuu qabna‟ jedhe. Muhaammadis
barreessaa isaa waamuudhaan „ Maqaa Allaa isa gara-laafessaa fi araara
qabeessa ta‟een jedhii barreessi‟ jedhe. Suhaayilis immoo deebisee „
Gara laafessa inni ati jettu naaf hin galu yoo ta‟eyyuu akkuma duraan
barreessaa turtetti Yaa Allaa maqaa keetiin jedhii barreessi‟ ittiin jedhe.
Nabiyyuu Muhaammadis “ Waligalteen nagaa kun kan ta‟u ergamaa
Allaa Muhaammad wajjin kan ta‟uu dha”. Suhaayilis deebise “ Osoo
ergamaa Allaa taatee jiraattee Kaabaa(Bakka teessuma dhagaa
gurraachaa) do‟achuu irraa si hin dhowinu turre; si hin lolluus turre.
Kanaafiyyuu Mahaammad Biin Abdallaa jedhii barreessi” ittiin jedhe.
Nabiyyuu Muhaammadis “ Isin yoo kan hin amanne ta‟ellee ani ergamaa
Allaati. Mahaammad Biin Abdallaa jedhii barreessi”. Sana
booda Suhaayil “ Nu keessaa gara keessan kan dhufan amntii keessan
kan hordofan yoo ta‟anillee akka nuuf deebiftan isin gaafatna”(Saahii
Al-Buhaarii jildii 3ffaa kitaaba 50ffaa lakkoobsa 891).

Museen Israa‟elin bittaa garbummaa waarra Misiras(Egypt)


jalaa walaba baasuudhaaf gaaffii Fara‟ooniif harka kenneera? Yesuus
Mana qulqullummaa warra Yihudootaa lixuudhaaf Masiyii ta‟u isaa
ganeera? Raajotni dhugaan warri Waaqayyo biraa ergaman; wanti
Waaqayyo isaanitti dubbate akka raawwatuuf jecha, Karaa ofii isaanii
irra adeemuudhaan, warra hin amane wajjin waliif galuudhaan,
obbolootaa fi obboleettota harka warra hin amanneetti
dabarsan kennaniiru?

Inni kabiraan immoo Muhaammad Konistaantiinopil mo‟amee


umurii ji‟a torbaa(7) keessatti Dejaal kan jedhamu mormituun
Kiristoos akka dhufu raaji dubbatee ture( Sunaan Abu Daawud Kitaaba
37ffaa lakkoobsa 4281-4283).

Akka lakkoobsa addunyaatti bara 1453tti erga Konistaantinoopil


mo‟amee; ji‟a torab qofa osoo hin taanee jaarraan shaniyyuu(5)
darbeera- hanga har‟aatti garuu Dajaal hin dhufne. Akka kanatti raajiin
Muhaammad dubbate akka hin raawwatamin, wanta qabatamaas akka
hin taane irraa hubatna. Kun immoo raajii sobduu isa taasisa. Egaan
raajin tokko raawwatamuun isaa qofti raajii dhugaa kan nama taasisu
miti yoo ta‟ellee, raajiin hin raawwatamin hafe tokko garuu namni raajii
sana dubbate raajii sobaa ta‟uu isaa kan mirkaneessaniidha.

GOOLABA

Egaan walumaa galatti Muhaammad raajii dhugaadhaa gaaffii


jedhuuf deebii kennuudhaaf barsiisa isaa, sakkoo /
naamusa jireenya hafuuraa isaa, fi raajilee inni dubbate akka
raga armaan olitti dhiyeessinetti qorree ilaalleera. Muhaammad
Quraanni Caaffata qulqullaa‟aa dhufaatii Quraanaa dura turan kan
mirkaneessuudha yeroo jedhu; waa‟ee ofii isaatii immoo garuu “Ani
isiniif fakkeenya mudaa hin qabne waanan ta‟eef ana duukaa bu‟aa”
jedha. Barsiifni Muhaammad kanneen Quraanaa fi Hadisii keessatti
argamu hundi Caaffata qulqullaa‟aa isa dura tureen kan mormuu fi,
fedhaa fi hawa Muhaammadii kan raawwachisaniidha. Muhaammad
waaqolii tolfamoodhaaf sagadeera, isaan waaqesseeras; hordoftootni
isaas akkas akka godhan barsiiseera, wanta dhugaa hin ta‟in barsiiseera,
sagaagalummaa raawwateera, waa‟ee guyyaa dhumaas wantoota sirrii
hin taane barsiiseera, namoota isaan mormanis ijaa baafateera,
ajjeeseeras; xibaaraa fi xinqolaadhaan hubameera, akkasumas raajii hin
raawatamin hafe dubbateera. Sababoota armaan olitti dhiyaatan kana
irraa kan ka‟e Muhaammadiin akka raajii dhugaa waaqayyo biraa
ergameetti fudhachuun kan ulfaatuudha.

You might also like