FinalMaanuwaalii Intarpiraayiizii - 230914 - 205715

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 22

Seensa

Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Sirna bittaa mootummaa iftomina fi si’aayina qabu diriirsuun
adeemsa raawwii bittaa mootummaa keessatti yeroo yeroon rakkoo jiru qoraatee ifatti erga addaa
baasee booda mala furmaata isaa akkaataa seeraatiin furmaata kennaa deemuun aangoo isaaf
kennameedha.Bu’uuruma kanaan Maanuwalii Ulaagaa Interpiraayiziin Bittaa Mootummaa
Gaggeeffamu Irratti Ittiin Madaalaman irra deebi’uun fooyyeessun qaawa gama raawwii kanaan
jiru furuun waan barbaachiseef;

Rakkoo hojii dhabdummaa naannichaa keessa jiru hiikuuf tarsiimoowwan carraa hojii
uumuu fi ogummaa walitti hidhuun deeggarsa gama hundaan barbaachisu akka argatu
qaamolee dhimma kan raawwatan hundeessuun carraaaleen hojii fi gabaa Manneen
Hojii Mootummaa Naannichaa keessa jiran bu’uura tarsiimoowwan carraa hojii uumuu fi
ogummaa walitti hidhuun hojiirra oolchuun Adeemsa raawwii bittaa mootummaa keessatti
barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Akkasumaas maddaa komii guddaa Ulaagaa Madaallii kanaan wal-qabatee gama Interpiraayiiziin
jiruuf furmaata kennuun barbaachisaa ta’e waan argameef,

Biiroon Maallaqaa Oromiyaa Bu’uura Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Lakk 157/2002 keewwata 65 (2) Manuwaalii kanaa baasee jira.

Kutaa Tokko

Haala waliigalaa
1. Mata Duree Gababaa
Maanuwaaliin Kun, “Maanuwalii Ulaagaa Interpiraayiziin Bittaa Mootummaa Gaggeeffamu
Irratti Ittiin Madaalamu” jedhamee waamamuu danda’a.
2. Hiika Jechootaa
Akkaataan itti fayyadama jechichaa hiika biroo Kan kennisiisu yoo tahe malee Maanuwaalii
kana keessatti;-
1) “Barnoota Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa:”- jechuun sirna leenjii bu’aa irratti
xiyyeeffateen lammeeleen leenjii idilee fi al-idilee argatanii gahuunmsi isaanii

1|Page
mirkanaa’ee hojii ofii uummachuun yookiin qacaramanii hojjachuun jiruu fi jireenya ofii
geggeessuuf gahuumsa ogummaa gonfachuu akka danda’an leenjii kennnamuu dha.
2) “Biiroo”: jechuun Biiroo Maallaqaa Oromiyaati.
3) “Bittaa Mootummaa Irraa Dhorkamuu”: jechuun Bu’uura labsii sirna bittaa fi
bulchiinsa qabeenyaa mootummaa lakk. 157/2002, keewwata 62 Keewwata xiqqaa 7’tiin
dorgomaan yookiin dhiyeessaan kamiyyuu seerri bittaa kan ajajuun ala balleessaa yoo
raawwate biiroon qaama balleesse irratti ji’a 6 hanga waggaa 2 bittaa mootummaa
kamiyyuu irratti akka hin hirmanne dhorkuun galmee dhiyeessaa irraa kan haquudha.
4) “Carraa Hojii Uumuu” jechuun lammii dandeettii hojjachuu osoo qabuu sababa adda
addaatiin gara hojiitti hin seenne damee hojii dhaabbii yookiin yerootti bobbaasuu
jechuudha.
5) “Carraa Hojii Yeroo” jechuun; hojii Interpirayizii maayikiroo, xixiqqaa fi
Giddugaleessaa keessatti yeroo turtii waggaa tokkoo gadiitti qaxaramanii Kan hojjatanii
fi kaffaltiin isaa peerooliidhaan ta’e jechuudha.
6) “Carraa Hojii Dhaabbii” jechuun hojii Interpirayizii maayikiroo, xixiqqaa fi
Giddugaleessaa keessatti miseensummaan yookiin dhaabbiin qaxaramanii yeroo waggaa
tokkoo fi isaa ol hojjatan jechuudha.
7) “Dambii”: jechuun Dambii Sirna Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Naannoo Oromiyaa
Lakk.226/2014 dha
8) “Eeyyama daldalaa” jechuun, Eeyyama daldalaa haaraa yookiin haaromee fi waggaa
waggaan waajjira daldalaa Sadarkaa sadarkaan jiran irraa kan kennamu jechuu dha.
9) “Galmee Herregaa” jechuun Intarpiraayizotni nageewwanii fi galmee Madaallii
herreegga isaanii (nagahee galii, baasii fi Galmee leejaraa) itti galmeefatanii qabatan
jechuu dha.
10) ”Interpiraayizii” jechuun Interpiraayizii sadarkaa Maayikiroo, Xixiqqaa fi
Giddugaleessaan gurmaa’an jechuudha.
11) “Intarpiraayizii Carraa Hojii hin argatin” jechuun, Intarpiraayizii seera qabeessa
ta’ee gurmaa’ee gama Mootummatiin haala dambii Sirna Carraa Hojii Uumuu fi
Ogummaatiin walitti hidhamiinsi gabaa si’a tokkoo illee hin taasifamneef jechuu dha.

2|Page
12) “Intarpiraayizii Carraa hojii argatan” jechuun, Intarpiraayizii seera qabeessa ta’ee
gurmaa’ee gama Mootummaatiin haala dambii Sirna Carraa Hojii Uumuu fi
Ogummaatiin walitti hidhamiinsi gabaa si’a tokkoo fi isaa ol taasifameef jechuu dha.
13) “Leenjii Gaggabaaboo” jechuun, leenjii hojiin duraa akkaataa hojii itti uummachuu
danda’an yookiin hojii keessatti dandeetti raawwachiisummaa interpiraayizootaa
guddisuuf Dhaabbilee Barnoota Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa yookiin kolleejjii fi
Yuunivarsiitii beekamtii qabuun kennamuu dha.
14) “Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC)” jechuun sirna ogeessi tokko bu’uura ulaagaa
sadarkaa qophaa’een madaalamee gahuumsa qabaachuun isaa kan ittiin mirkanaa’u
jechuu dha.
15) ”Qaama Gurmeesse” Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa yookiin
caasaa isaa sadarkaa sadarkaadhaan kan jiru jechuu dha.
16) “Qusannaa dursaa” jechuun, qusannoo hojii eegaluuf baankii Seera qabeessaa fi
waldaalee qusannootti kan qusatan jechuu dha.
17) “Qusannaa Bu’aa” jechuun carraa hojii mootummaan kennumuuf hojjatanii erga
raawwatanii booda bu’aa argatan irraa kan qusatanii dha.
18) “Ulaagaa Madaallii Bittaa” jechuun Ulaagaa Intarpiraayiziin bittaa mootummaa irraatti
itti madalamaan jechuudha.
19) “Walitti Hidhamniinsa Gabaa” jechuun, Carraa gabaa Interpiraayizii uumuudhaaf
dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaan akkasumas industirii giddu-galeessaa fi
gurguddaa biyya keessaa fi biyya alaa waliin walii-galtee dhiyeessii, oomisha, tajaajila
bittaa fi gurgurtaaf hidhata dalgee, olii fi gadii ta’een dhaabbilee Interpiraayizii giddutti
sirna gabaa uumamu jechuu dha.
20) “Waraqaa Ragaa Qaama seerummaa” jechuun, interpiraayizoonni akkaataa ulaagaa
gurmii waldaaleetiin gurmaa’uu isaaniitiif, Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa
Sadarkaa Sadarkaan jiran irraa waraqaa ragaa kennamuu dha.
21) “Waraqaa ragaa sadarkaa guddinaa” jechuun, interpiraayizoonni adeemsa gurmii
irraa eegalee baay’ina humna namaa fi qabeenya waliigalaa isaanii bu’uureffachuun
sadarkaa guddinaa irra gahan agarsiisuuf Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa
Sadarkaa Sadarkaan jiran irraa waraqaa ragaa kennamuu dha.

3|Page
22) “Waraqaa Ragaa Gahumsaa” jechuun waraqaa raga gahuumsa hojii interpiraayizoota
hojii ijaarsaa fi gorsaa ijaarsaa irratti bobba’aniif Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii
sadarkaa sadarkaan jiruun fi Bittaan biroof immoo qaama aangoo qabu irraa ragaa
kennamu jechuu dha.
23) “Waraqaa ragaa dhiyeessummaa” jechuun interpiraayizoota tarree dhiyeessitootaa
keessatti galmaa’uun hojii irratti bobba’aniif ragaa dhiyeessummaa Biiroo Maallaqaa
Oromiyaatiin yookiin caasaa sadarkaan jiru irraa kan kennamudha.
3. Daangaa Raawwatinsa
Maanuwaliin kun bittaa mootummaa bittaa ijaarsaa, bittaa tajaajila gorsaa, tajaajila biroo fi
Manuufakcharingii bittaa Interpiraayizii irraa raawwatamu hunda irratti raawwatinsa ni qabaata.

4|Page
Kutaa Lamaa
Ulaagaa Madaallii Teekinikaa Ittiin Gaggeeffamu
4. Ulaagaa Madallii Teeknikaa
1) Intarpiraayiziin carraa hojii argates ta’e kan carraa hojii hin arganne fi sadarkaa guddinaa
kamiyyuu irratti argamu bittaa mootummaa irratti hirmaachuuf ulaagaawwan dirqamaa (must
meet criteria) gabatee armaan gadii keessatti ka’aman guutee argamuu qaba.

2) Kan keewwaata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, ulaagaan
dorgommii Intarpriyaaziwwan carraa hojii argataniif raawwatiinsa qabu kan gabatee armaan
gadii keessatti ka’ame ta’a.

3) Kan keewwaata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, ulaagaan dorgommii
Intrapriaayizii carraa hojii hin argannef raawwatiinsa qabu kan gabatee armaan gadii keessatti
ka’ame ta’a. .

A. Ulaagaa dirqamaa (must meet criteria) guuttamu qabu.


Lak Gosa raga Ragaa dhiyaatu Ibsa
1 Waraqaa ragaa Waraqaa ragaa Biiroo yookiin Waajjira Carraa Hojii
Qaama seerummaa Uumuu fi Ogummaa sadarkaan jiraan irraa kenname
yookiin haroomfamee dhiyaate.
Dorgommii gamaaggama
2 Hayyama daldalaa Hayyama daldalaa kenname yookiin haroomfame
tekinikaatti darbuudhaaf
seera qabeessaa waajjira Daldalaa irraa dhihaate dhiheeffachuu qabu.
Ulaagaaleen kunneen
3 Waraqaa ragaa Waraqaa ragaa Biiroo yookiin Waajjira Carraa Hojii
ilaalchisee ragaan gaafatame
sadarkaa guddina Uumuu fi Ogummaa Sadarkaa Sadarkaan jiran irraa
guutummaa guutuutti
isaanii ibsu kennamu dhiyeessuu qabu
dhiyaachuu qaba.
4 Waraqaa ragaa Waraqaa ragaa dhiyeessummaa Biiroo Maallaqa
dhiyeessummaa Oromiyaa ykn Qaama inni bakka buuseerraa
kennamu dhiyeessuu qabu.
5 Waraqaa ragaa Bittaa ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa ijaarsaa ilaalchisee
gahumsaa ibsu waraqaa raga Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii

5|Page
Sadarkaa Sadarkaan jiran irraa dhiyeetu, Bittaawwan
biroof immoo ragaa qaama dhimmi ilaalu irraa
dhiyaatu. Interpiraayiziin kana hunda
6 Ragaa VAT / TOT/ Ragaa VAT yookiin TOT Abbaa Taayitaa hin guutin dorgomiidhaan ala
Galiiwwanii irraa dhiyeessuu qabu taasifama.
7 Gibira kaffaluu isaa Ragaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irraa kan
waraqaa qulqullinaa kennamu (Interpiraayizii haaraa yoo ta’e haaraa ta’uu
isaa yookiin gibira kaffaluuf kan hin qaqqabne ta’uu
ragaa dhiyeeffachuu qabu)
8 Bittaa mootummaa Bittaa mootummaa kamiyyuu irraa kan hin
irraa kan hin dhorkamne ta’u ragaa websayiitii yookiin Biiroo
dhorkamne ta’uu Maallaqa Oromiyaan ergamu irraa ilaalamu qabu.

6|Page
B. Ulaagaa madaallii teeknikaa Interpiraayizii carraa hojii argate ittiin madaalamu.
Ulaagaa Madaallii Qabxii
TL Ragaa dhiyaachuu qabu
A Madaallii Faayinaansii (Ragaalee herreegaa wajjin walqabatan) 23
1 Galmee Herregaa 12
Galmee herregaa guutummaan guutuun itti fayyadamaa yoo jiraataan (Nagahee galii, baasii fi Wiirtuu kenniinsa Tajaajilaa iddoo
12
Galmee Leejaraa) tokkoo yookiin Biiroo Carraa Hojii
Galmee herreegaa barbaachisan keessaa tokko hambisanii kan itti fayyadaman yoo ta`e. 8 Uumuu fi Ogummaa Sadarkaa
Sadarkaan jiran irraa dhiyeessuu qaba.
Galmee herreegaa barbaachisan keessaa lama hambisanii kan itti fayyadaman yoo ta`e. 4
Galmee Herregaa Maxxansanii kan qaban garuu kan itti hin fayyadamne. 2
Kan Maxxanfatee hin qabne yoo ta’e. 0
2 Bu'aa odiitii herreegaa hojjetameef qabaachuu 6
Bara gurmaa’ee hojii keessa galee irraa kaasee itti fufiinsaa bara baraan odiitii kan taasise Odiitii qaama gurmeesseen yookiin
6
yookiin baruma sana keessa hundaa`ee carraa hojii argatee yeroon odiitii kan hin geenye yoo odiitara seeraa qabeessan odiitii
ta’e taaasifamee dhiyaate.
Bara baraan odiitii gonkummaa kan hin dhiyeesine yoo ta’e 0
3 Aadaa Qusannoo (saving cultures) 5
Qusannaa Bu'aa hojii %10 ol kan qusate 5
Qusannaa bu'aa hojii %7 ol -%10 kan qusate 3 Gabaasa Bu`aa Odiitii bu’ureefachuun
Qusannaa bu'aa hojii %1 -%7 kan qusate 2 Ragaa Xalayaa baankii /Waldaa
Bu’aan odiitii herreega isaanii kisaaraa kan agarsiisu yoo ta’e 1 Qusannoo yookiin Meeshalee dhaabbii

7|Page
Ulaagaa Madaallii Qabxii
TL Ragaa dhiyaachuu qabu
Qusannoo homaa kan hin qabne yoo ta’e waldichi horate irraa dhihaatu ilaaluun
0
ta`a.
B Madaallii Dandeettii Hojii Raawwachiisummaa 10
Dhaabbilee BLTO irraa ykn qaama
Leenjii Gaggabaaboo qaawaa ogummaa (skill gap) miseensota interpiraayizichaa keessaa 5 leenjii kennuuf beekamtii qabu irraa
%80 ol fudhachuu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta`e.
1 waraqaa ragaa dhiyaatu ilaaluun kan
Leenjii Gaggabaaboo qaawaa ogummaa (skill gap) miseensota interpiraayizichaa keessaa
mirkanaa’u ta’a.
%50 fi isaa ol -%80 fudhachuu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta`e. 3
Leenjii Gaggabaaboo qaawaa ogummaa (skill gap) miseensota interpiraayizichaa keessaa
%25 fi isaa ol -%50 fudhachuu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta`e.
2
Leenjii Gaggabaaboo qaawaa ogummaa (skill gap) miseensota interpiraayizichaa keessaa
0
fudhatan %25 gad yoo ta`e.
Miseensonni interpiraayizii Dhaabbilee BLTO yookiin Dhaabbilee barnoota ol’aanoo Ejensii Madaallii Gahumsa Ogummaa
2 beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman %80 ol ragaa madaallii gahuumsa 5 Oromiyaa fi Qaamolee beekamtii qaban
ogummaa/COC / yookiin qaruumsa bahumsaa (Exit Exam) yoo qabaatan, irraa waraqaa ragaa madaallii gahuumsa
Miseensonni interpiraayizii Dhaabbilee BLTO yookiin Dhaabbilee barnoota ol’aanoo ogummaa/COC /sadarkaa barnootaa
beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman %50 fi isaa ol- %80 ragaa madaallii gahuumsa 3 dhiyaate wajjin wal-simuu fi daangaa
ogummaa/COC / yookiin qaruumsa bahumsaa (Exit Exam) yoo qabaatan yeroo kennameef (Validity Date) irra
Miseensonni interpiraayizii Dhaabbilee BLTO yookiin Dhaabbilee barnoota ol’aanoo kan hin dabarre ilaaluun kan mirkanaa’u
beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman %25 fi isaa ol-%50% ragaa madaallii gahuumsa 2 ta`a.
ogummaa/COC / yookiin qaruumsa bahumsaa (Exit Exam) yoo qabaatan

8|Page
Ulaagaa Madaallii Qabxii
TL Ragaa dhiyaachuu qabu
Miseensonni interpiraayizii Dhaabbilee BLTO yookiin Dhaabbilee barnoota ol’aanoo
beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman %25 gad ragaa madaallii gahuumsa 0
ogummaa/COC / yookiin qaruumsa bahumsaa (Exit Exam) kan hin qabne yoo ta’e
C Muuxannoo Hojii (Work Experience). 18
Muuxannoo hojii bittaa raawwachuuf caalbaasiin ba’e wajjin wal-fakkaatu Ragaa hojjechuu isaa ibsu Qaama
Muuxannoo kallattii (Direct Experience) irratti ragaa lamaa fi isaa ol-kan dhiyeeffate 10 kanaan dura hojii hojjechiise irraa
1 Muuxannoo hojii bittaa raawwachuuf caalbaasiin ba’e wajjin wal-fakkaatu chaappaa fi Mallattoon mirkanaa’e
Muuxannoo kallattii (Direct Experience) irratti ragaa tokko qofa kan dhiyeeffate 8 dhiyaate ilaaluun kan mirkanaa’u ta’a
Muuxxannoo hojii bittaa raawwachuuf caalbaasiin ba’e wajjin kan wal hin fakkaanne yookiin
al-kallattii (Indirect Experience) tokkoo fi isaa ol-hojjechuu isaa ragaa kan dhiyeeffate yoo 4
ta`e.
Ragaa muuxannoo hojii ibsu gonkumaa kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e 0
2 Hojii kanaan dura hojjetan yeroo fi Qulqullina barbaadamuun raawwachuu isaanii waraqaa Waraaqaa Ragaa Galataa Qulqullinaan
8
ragaa galataa hojii muuxannoo kallattiin raawwataniif kan dhiyeessan yoo ta`e. fi yeroon xumuruu isaa Qaama kanaan
Hojii kanaan dura hojjetan yeroo fi Qulqullina barbaadamuun raawwachuu isaanii waraqaa dura hojii hojjechiise irraa chaappaa fi
4
ragaa galataa hojii muuxannoo al- kallattiin raawwataniif kan dhiyeessan yoo ta`e. Mallattoon kan mirkanaa’e dhihaate
Waraqaa ragaa galataa gonkumaa kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e 0 ilaaluun ta’a.
D Hirmaannaa dubartootaa fi Dargaggootaa (Participating women and youth) 6
Miseensonni %50 fi isaa ol-dubartoota yoo ta’an 3
Miseensota %25 fi isaa ol -% 50 dubartoota kan qabu 2 Ragaa qaama gurmeesse irraa dhihaatu
1 Miseensota %1 fi isaa ol- % 25 dubartoota kan qaban 1 ilaaluun kan mirkanaa’u ta`a.

9|Page
Ulaagaa Madaallii Qabxii
TL Ragaa dhiyaachuu qabu
Miseensa dubartii gonkumaa kan hin qabne yoo ta’e 0
Miseensonni % 80 fi isaa ol-dargaggoo yoo ta'an 3
2 Miseensota % 50 fi isaa ol-%80 dargaggoota kan qabu 2 Ragaa qaama gurmeesse irraa dhihaatu
Miseensota %1- % 49 dargoggoota kan qabu 1 ilaaluun kan mirkanaa’u ta`a.
Miseensa dargaggoo goonkumaa kan hin qabne yoo ta’e. 0
E Karoora hojii qopheeffachuu (Planning to execute the assignment) 26
Karoora hojichaa caccabsanii (work-break down schedule) akkaataa sanada caalbaasii
keessatti taa’een tartiiba tarreeffama hojichaa (Bill of Quantity) irratti ibsameen harcaatii 10 Tartiibaa fi tarreeffama manni hojichaa
tokko malee qopheeffatanii kan dhiyeeffatan yoo ta’e. qopheeffate bu’uura godhachuun
Karoora hojichaa caccabsanii (work-break down schedule) akkaataa sanada caalbaasii Karoora Caccabee qophaa`e chaappaa fi
1 keessatti taa’een tartiiba tarreeffama hojichaa (Bill of Quantity) osoo hin eegin yookiin bifa 5 mallattoo dura taa’aa yookiin bakka
harcaatii qabuun qopheeffatanii kan dhiyeeffatan yoo ta’e. bu’aa Interpraayizichaan kan mirkanaa’e
Karoora hojichaa caccabsanii (work-break down schedule) akkaataa sanada caalbaasii ilaaluun ta’a.
0
keessatti ibsamee dhiyaateen goonkumaa qopheeffatanii kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e.
Karoora humna namaa (man power schedule) hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa Ragaa intarpiraayizichii dhiyeefate
2 ogummaa akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu harcaatti tokko 5 ilaaluun kan mirkaana’u ta’a.
malee qopheeffatee kan dhiyeeffate yoo ta’e.
Karoora humna namaa (man power schedule) hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa
ogummaa akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu harcaatti kan 3
qabu yoo ta’e.

10 | P a g e
Ulaagaa Madaallii Qabxii
TL Ragaa dhiyaachuu qabu
Karoora humna namaa (man power schedule) hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa
ogummaa akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu qopheeffatanii 0
kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e.

Karoora Meeshaalee ijaarsaa (Equipment )hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa meeshaa Ragaa intarpiraayizichii dhiyeefate
3 akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu harcaatti tokko malee ilaaluun kan mirkaana’u ta’a.
5
qopheeffatee kan dhiyeeffate yoo ta’e

Karoora Meeshaalee ijaarsaa (Equipment )hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa meeshaa


akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu harcaattiidhan qopheeffatee
3
kan dhiyeeffate yoo ta’e
Karoora Meeshaalee ijaarsaa (Equipment )hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa meeshaa
akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen goonkumaa qopheessanii kan hin 0
dhiyeeffanne yoo ta’e.
Karoora galii fi baasii pirojekticha (Gatii waliigala Piroojeektichaa – (baasii Humna namaa +
baasii Meeshaalee ijaarsaa+Baasiiwwaan addaa addaa) ) = bu’a piroojektichaa irraa
6
eegamu(Profit) karaa guutuu ta’een adda baasanii qopheeffatanii kan dhiyeeffatan yoo ta’e.
Karoora galii fi baasii pirojekticha (Gatii waliigala Piroojeektichaa – (baasii Humna namaa +
Ragaa intarpiraayizichii dhiyeefate
4 baasii Meeshaalee ijaarsaa+Baasiiwwaan adda addaa) ) = bu’a piroojektichaa irraa 3
ilaaluun kan mirkaana’u ta’a.
eegamu(Profit) bifa harcaatii qabuun adda baase qopheeffate kan dhiyeeffate yoo ta’e
Karoora galii fi baasii pirojekticha (Gatii waliigala Piroojeektichaa – (baasii Humna namaa +
baasii Meeshaalee ijaarsaa+Baasiiwwaan adda addaa) ) = bu’a piroojektichaa irraa 0
eegamu(Profit) bu’aa kan hin argasiisneen yookiin gonkummaa kan hin dhiyeeffate yoo ta’e
goonkumaa kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e. 11 | P a g e
Ulaagaa Madaallii Qabxii
TL Ragaa dhiyaachuu qabu
F Carraa hojii uumuu (Job opportunities) 10
Mindaa hojjettoota dhaabbii ykn yeroo qacaranii peerooliin kaffaluu fi gibira mindaa yeroon hojii kana dura hojjeette irratti peeroolii
kaffaluu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta’e 10 ittiin kaffalame chaappaa
Mindaa hojjettoota dhaabbii ykn yeroo qacaranii peerooliin kaffaluu fi gibira mindaa adabbii interpiraayizichaatiin mirkanaa’e kan
waliin kaffaluu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta’e 6 qabuu fi Nagahee itti kaffale Biiroo
Mindaa hojjettoota dhaabbii ykn yeroo qacaranii peerooliin kaffaluu fi gibira mindaa kaffaluu yookiin Waajjira Galiiwwaanii
isaanii ragaa kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e 0 sadarkaan jiraan irraa wal qabsiisuun kan
dhiyeeffate ilaaluun kan mirkanaa’u ta’a.
G Walitti Hidhamiinsa Gabaa (Market Linkage) 7
Carraaqqii ofii isaaniitiin walitti hidhamiinsa gabaa Interpiraayizii biroo wajjin kan uummate. 4 Qaama Interpiraayizii gurmeesse
1 sadarkaa sadarkaan jiruu fi walitti
Mootummaan yookiin qamoolee biroo waliin walitti hidhamiinsa gabaa kan umaameef yoo
3 hidhamiinsa gabaa waliin uumame irraa
ta’e
waliigaltee yookiin ragaa chaappaan
Carraaqqii ofii isaaniitiin, Mootummaan yookiin qamoolee biroo waliin walitti hidhamiinsa
0 mirkanaa’ee dhiyaate ilaaluun ta’a.
gabaa gonkummaa kan hin uumanne yoo ta’e
2 Interpiraayizichi agaarsiisa hojii hojjeetee fi gara fuula duratti hojii hojjeechuuf karoorfate
3
ragaa kan dhiyeeffatu yoo ta`e. Ragaa yookiin waraqaa ragaa seeraa
Interpiraayizichi agaarsiisa hojii hojjeetee fi gara fuula duratti hojii hojjeechuuf karoorfate qabeessa ta’e dhiyaate ilaaluun ta`a,
0
ragaa kan hin dhiyeeffanne yoo ta`e.
Ida`aamaWalii-galaa 100

12 | P a g e
C. Ulaagaa Madaallii Teekinikaa Interpiraayizii haaraa yookiin Carraa hojii hin argatin ittiin madaalaman.

TL Ulaagaa Madaallii Qabxii Ragaa dhiyaachuu qabu

A Madaallii Faayinaansii ( Financial Evaluation) 22


1 Galmee Herregaa 12
1 Galmee herregaa hunda (Nagahee galii, baasii fi galmee lejaraa) hojichaaf barbaachisu 12 Waraqaa ragaa Wiirtuu kenniinsa
maxxansanii kan qaban yoo ta’e Tajaajilaa iddoo tokkoo yookiin mana
hojii isaan hundeesse irraa Caalbaasii
Galmee herregaa (Nagahee galii , baasii fi galmee lejaraa) hojichaaf barbaachisu keessaa 8
irratti dorgoman ibsuun barreeffame
tokko hir’isanii maxxansanii kan qaban yoo ta’e
ilaaluun ta’a.
Galmee herregaa (Nagahee galii , baasii fi galmee lejaraa) hojichaaf barbaachisu keessaa 4
lama hir’isanii maxxansanii kan qaban yoo ta’e
Galmee herregaa (Nagahee galii fi baasii fi Galmee Lejaraa) hojichaaf barbaachisu 0
maxxansanii kan hin qabne yoo ta’e
2 Aadaa Qusannoo (Saving cultures) 10
Maqaa Interpiraayiziitiin qusannaa dursaa qabaachuu isaanii akkaataa Dambii Sirna carraa 10 Ragaa Xalayaa baankii /Waldaa
hojii uumuu fi ogummaa lakk.226/2104 ragaa kan dhiyeeffate yoo ta’e yookiin Qusannoo irraa yookiin harka
Interpiraayizichi harka qalleeyyii qusachuu hin dandeenye ta’uu isaanii qaamaa aangoo qalleeyyii qusachuu hin dandeenye
qabuun mirkaanaa’ee kan dhiyaate yoo ta’ee. ta’uu isaa mana maree deeggarsa carraa
Interpiraayiziin qusachuu osoo danda’uu ragaa qusannoo gonkumaa kan hin dhiyeeffanne 0 hojii uumuu fi ogummaa sadarkaan
yoo ta’e jiru irraa dhihaatu bu`uura godhatee
ta`a
B Madaallii Dandeettii Hojii Raawwachiisummaa(Capacity to implement the 25
assignment)
Leenjii Gaggabaaboo akkaataa hojii itti uummatanii hojjetan (Entrepreneurship) miseensota
interpiraayizichaa keessaa %80 ol fudhachuu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta`e. 12
Leenjii Gaggabaaboo akkaataa hojii itti uummatanii hojjetan (Entrepreneurship) miseensota 8
interpiraayizichaa keessaa %50 -%80 fudhachuu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta`e.
Leenjii Gaggabaaboo akkaataa hojii itti uummatanii hojjetan (Entrepreneurship) miseensota 6
interpiraayizichaa keessaa %25-%49 fudhachuu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta`e.

13 | P a g e
1 Leenjii Gaggabaaboo akkaataa hojii itti uummatanii hojjetan (Entrepreneurship) miseensota 3 Waraqaa ragaa dhaabbilee BLTO irraa
ykn qaama leenjii kennuuf beekamtii
interpiraayizichaa keessaa %1-%24 fudhachuu isaanii ragaa kan dhiyeeffatan yoo ta`e
qabu irraa ragaa dhiyaatuun kan
Leenjii Gaggabaaboo akkaataa hojii itti uummatanii hojjetan (Entrepreneurship) miseensota 0 mirkanaa’u ta’a.
interpiraayizichaa keessaa tokkollee fudhachuu isaatiif ragaa kan hin dhiyeeffanne yoo ta`e.

Miseensonni interpiraayizii Dhaabbilee BLTO yookiin dhaabbilee barnoota ol’aanoo 13 Ejensii Madaallii Gahumsa Ogummaa
2 beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman %80 ol ragaa madaallii gahuumsa Oromiyaa fi dhaabbilee barnoota
ogummaa/COC / yookiin qorumsa bahiinsa (exit exam)yoo qabaatan, ol’aanoo beekamtii qaban irraa
Miseensonni interpiraayizii Dhaabbilee BLTO yookiin dhaabbilee barnoota ol’aanoo 10 waraqaa ragaa madaallii gahuumsa
beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman %50- %80 ragaa madaallii gahuumsa ogummaa/COC /sadarkaa barnootaa
ogummaa/COC / yookiin qorumsa bahiinsa (exit exam) yoo qabaatan dhiyaate wajjin wal-simuu fi daangaa
Miseensonni interpiraayizii Dhaabbilee BLTO yookiin dhaabbilee barnoota ol’aanoo 8 yeroo kennameef (Validity Date) irra
beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman %25- %49 ragaa madaallii gahuumsa kan hin dabarre ilaaluun kan
ogummaa/COC / yookiin qorumsa bahiinsa (exit exam) yoo qabaatan mirkanaa’u ta`a.
Miseensonni interpiraayiziI Dhaabbilee BLTO yookiin dhaabbilee barnoota ol’aanoo 4
beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman %1-%24 ragaa madaallii gahuumsa
ogummaa/COC / yookiin qorumsa bahiinsa (exit exam) yoo qabaatan
Miseensonni interpiraayizii Dhaabbilee BLTO yookiin dhaabbilee barnoota ol’aanoo 0
beekamtii qaban gara garaa irraa eebbifaman hundi ragaa madaallii gahuumsa
ogummaa/COC / yookiin qorumsa bahiinsa (exit exam) kan hin qabne yoo ta’e
C Hirmaannaa dubartootaa fi Dargaggootaa (Participating women and youth) 13
Miseensonni %50 fi isaa ol-dubartoota yoo ta’an 6
Ragaa qaama gurmeesse irraa dhihaatu
Miseensota %25 fi isaa ol - %50 dubartoota kan qabu 3
ilaaluun kan mirkanaa’u ta`a.
1 Miseensota %1- %25 dubartoota kan qaban 2
Miseensa dubartii gonkumaa kan hin qabne yoo ta’e 0
Miseensonni % 80 fi isaa ol-dargaggoo yoo ta'an 7 Ragaa qaama gurmeesse irraa dhihaatu
2 ilaaluun kan mirkanaa’u ta`a.
Miseensota % 50 fi isaa ol-%80 dargaggoota kan qabu 4
Miseensota %1fi isaa ol- % 50 dargoggoota kan qabu 2
Miseensa dargaggoo goonkumaa kan hin qabne yoo ta’e. 0

14 | P a g e
D Karoora hojii qopheeffachuu 40
Karoora hojichaa caccabsanii (work-break down schedule) akkaataa sanada caalbaasii Tartiibaa fi tarreeffama manni hojichaa
1 qopheeffate bu’uura godhachuun
keessatti taa’een tartiiba tarreeffama hojichaa (Bill of Quantity) irratti ibsameen harcaatii 15 Karoora Caccabee qophaa`e chaappaa
tokko malee qopheeffatanii kan dhiyeeffatan yoo ta’e. fi mallattoo dura taa’aa yookiin bakka
bu’aa Interpraayizichaan kan
Karoora hojichaa caccabsanii (work-break down schedule) akkaataa sanada caalbaasii
mirkanaa’e ilaaluun ta’a..
keessatti taa’een tartiiba tarreeffama hojichaa (Bill of Quantity) osoo hin eegin yookiin bifa 10
harcaatii qabuun qopheeffatanii kan dhiyeeffatan yoo ta’e.
Karoora hojichaa caccabsanii (work-break down schedule) akkaataa sanada caalbaasii
keessatti ibsamee dhiyaateen goonkumaa qopheeffatanii kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e. 0

Karoora humna namaa (man power schedule) hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa 5 Ragaa intarpiraayizichii dhiyeefate
2 ilaaluun kan mirkaana’u ta’a.
ogummaa akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu harcaatti
tokko malee qopheeffatee kan dhiyeeffate yoo ta’e.

Karoora humna namaa (man power schedule) hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa
3
ogummaa akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu harcaatti kan
qabu yoo ta’e.
Karoora humna namaa (man power schedule) hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa 0
ogummaa akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu qopheeffatanii
kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e.
3 Karoora Meeshaalee ijaarsaa (Equipment )hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa meeshaa 5
akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu harcaatti tokko malee
qopheeffatee kan dhiyeeffate yoo ta’e
3
Karoora Meeshaalee ijaarsaa (Equipment )hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa meeshaa

15 | P a g e
akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen mala ittin argatu harcaattiidhan Ragaa intarpiraayizichii dhiyeefate
ilaaluun kan mirkaana’u ta’a.
qopheeffatee kan dhiyeeffate yoo ta’e
Karoora Meeshaalee ijaarsaa (Equipment )hojichaaf barbaachisu baay’ina fi gosa meeshaa 0
akkaataa sanada caalbaasii keessatti gaafatameen goonkumaa qopheessanii kan hin
dhiyeeffanne yoo ta’e.
Karoora galii fi baasii pirojekticha (Gatii waliigala Piroojeektichaa – (baasii Humna namaa Ragaa intarpiraayizichii dhiyeefate
4 ilaaluun kan mirkaana’u ta’a.
+ baasii Meeshaalee ijaarsaa+Baasiiwwaan adda addaa) ) = bu’a piroojektichaa irraa 15
eegamu(Profit) karaa guutuu ta’een adda baasanii qopheeffatanii kan dhiyeeffatan yoo ta’e.
Karoora galii fi baasii pirojekticha (Gatii waliigala Piroojeektichaa – (baasii Humna namaa
+ baasii Meeshaalee ijaarsaa+Baasiiwwaan adda addaa) ) = bu’a piroojektichaa irraa 10
eegamu(Profit) bifa harcaatii qabuun adda baase qopheeffate kan dhiyeeffate yoo ta’e
Karoora galii fi baasii pirojekticha (Gatii waliigala Piroojeektichaa – (baasii Humna namaa
+ baasii Meeshaalee ijaarsaa+Baasiiwwaan adda addaa) ) = bu’a piroojektichaa irraa 0

eegamu(Profit) bu’aa kan hin argasiisneen yookiin gonkummaa kan hin dhiyeeffate yoo
Ida`aama Walii-galaa 100
ta’e
goonkumaa kan hin dhiyeeffanne yoo ta’e.

16 | P a g e
Kutaa Sadii

Dorgommii Interpiraayiizii

5. Qorannoo Gabaa Gaggeessuun Barbaachisaa Ta’uu Isaa

1) Intarpiraayizoota giddutti wal dorgommiin faayinaansii osoo hin taasifamiin hojiin gatii
murtaa’aan (fixed rate) kan kennamu ta’uu isaatiin, beeksisni bittaa bahu isaa dura qorannoon
gabaa gaggeeffamuun gatiin piroojeektichaa mirkanaa’uu qaba.

2) Qorannoon gabaa bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsa ijaarsaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii
Oromiyaa ykn Caasaa isaa sadarkaa sadarkaan jiraniin bittaawwan biroo ilaalchisee immoo
Biiroo ykn Waajjira Maallaqaa sadarkaa sadarkaan jirun kan gaggeeffamu/mirkanaa’u ta’a.

3) Gatii hojiin Interpiraayiziif ittiin kennamu gatii gabaa naannoo sanaatiin ol ta’uu hin qabu
6. Akkaataa Beeksisa Bittaa
1) Manni hojii mootummaa kamiyyuu intarpiraayizi irraa bittaa raawwachuu isaa dura beeksisa
guyyoota hojii 15 guutuuf ta`a. Bakkawwan bittaan puuliin raawwatamutti immoo Waajjirri
Maallaqaa sadarkaa sadarkaan jiru haala walfakkaataa ta’een beeksisa iddoo ifa ta’etti
maxxansuu qaba.
2) Interpiraayizootni daangaa Bulchiinsaa hojichi itti hojjatamu keessa jiran hojii fi sadarkaa
wal-fakkaataa ta’e irratti bobba’an jidduutti akkaataa beeksisa bahuutiin wal-
dorgomsiisuun ni raawwatama.
3) Beeksifni bittaa Intarpiraayizii irraa gaggeessuuf maxxanfamu dorgomichi Intarpiraayizoota
qofa kan ilaallatu ta’uu isaa ifatti kan ibsu ta’uu qaba
4) Biirooleen sadarkaa Naannoo Magaalaa Finfinnee keessatti argaman, Godinaalee fi
Bulchinsaalee Magaalaa Naannichaa keessatti; Godinaaleen Naannichaa Magaalootaa fi
Aanaalee isaan jalatti argaman keessatti; fi Aanaalee fi Magaaloonni immoo daangaa
bulchiinsa isaanii keessatti Intarpiraayiizoota gurma’aaniif beeksisa dorgommii maxxansuun
carra hojii uumuu qabu.

17 | P a g e
7. Sirna Dorgommiin Ittiin Hogganamu

1) Bittaan Intarpiraayizii irraa taasifamu kamiyyuu qajeeltoowwan bittaa mootummaa hordofee


raawwatamuu qaba.

2) Intarpiraayiziin kamiyyuu bittaa mootummaa irratti hirmaachuuf herregga isaa bara baraan odiitii
taasisuu fi hojii harkaa qabu xumuruu yookiin walharkaa fudhiinsa duraa raawwachuun ragaa
raawwii hojii gaarii harkaa qabaachuu qaba.

3) Intarpiraayiziin gosa bittaa taasifamuu irratti gurmaa’e Aanaa yookiin Magaalaa yookiin Godina
bittaa gaggeessuuf beeksisa baase keessatti gurmaa’e kan hin jirre yookiin gurmaa’e jiraatus
dhiyaatee bittaa sana irratti hin hirmaanne yoo ta’e, Intarpiraayiziwwan Aanaa yookiin Magaalaa
yookiin Godina sanaan ala jiran dorgomsisuun bittaa gaggeessuu ni danda’ama.

4) Akkaataa Dambii Carraa Hojii Uunmuu fi Ogummaa lakk 226/2014, keewwata 25 keewwata
xiqqaa 3 irratti ibsameen Interpiraayizoonni dursa argatanii hojii irratti kan hirmaatan
dorgommii walii isaaniitiin sadarkaa guddina isaanii giddugaleessa kan godhate ta’ee carraan
dursa argachuu fi walitti hidhamiinsa gabaa turtii waggaa shanii (5) keessatti ta’ee,

a) Sadarkaa Interpiraayizii Maayikirootti Hanga Yeroo Sadiitti


b) Sadarkaa Interpiraayizii Xixiqaatti Hanga Yeroo Lamaatti
c) Sadarkaa Interpiraayizii Giddugaleessatti Hanga Yeroo Lamaatti qofaaf ta’a.
5) Interpiraayizoonni dirqama waliigalteen kennameef ga’umsaan yoo hin raawwanne ta’ee fi
qaamni bittaa raawwatu ragaa amansisaa yoo qabaate tarkaanfii hanga bittaa mootummaa
irraa dhorkuu fudhachuu ni danda’a.
8. Akkaataa Mo’ataan Dorgomii Itti addaa bahuu
1) Intarpiraayizoota dorgommii irratti hirmaatanii qabxii dorgommii ulaagaa teeknikaa
dhibbeentaa Torbaatama (70%) ol fidan keessaa qabxii ol’aanaa kan fide mo’ataa dorgomichaa
ta’a.
2) Interpiraayizoonni waliin dorgomanii qabxii wal-qixaa kan argataan yoo ta’e dursa
Interpiraayizii qaama miidhamaa of-keessaa qabuuf kan kennamu ta’a.
3) Interpiraayiziin qabxii madaalii teeknikaa walqixaa ta’ee haala wal fakkaataan miseensa qaama
miidhamaa kan qaban yookiin immoo lamaan isaanii qaama miidhamaa kan hin qabne yoo
ta’e, mo’ataan dorgomtichaa carraan kan adda bahu ta’a..Ragaa qaama miidhama Biiroo

18 | P a g e
yookiin Waajjira dhimma hojjataa fi hawaasummaa sadarkaan jiraan irraa mirkanaa’ee
dhiyaateen kan ilaalamu ta’a.
4) Interpiraayizootni hundi qabxii madaalii teeknikaa % 70 gadi kan fidan yoo ta’ee caalbaasichi
haqamee irraa deebiin caalbaasiin haaraan kan bahu ta’a.
5) Intarpirayiizootni carraa hojii argatanii fi hin argatiin waliin dorgomuu hin qaban.Haala wal
fakkataaniin waliin dorgomuu qabu.

Kutaa Afur

Tumaalee Adda Addaa

9. Wabummaa Kabachiisa Caalbaasii

1) Akkaataa Dambii Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa lakk 226/2014, keewwata 27 keewwata
xiqqaa 1 irratti ibsameen Interpiraayizii maayikiroon dorgommii caalbaasiif hanga yeroo
lamaatti (2’tti) fi Interpiraayizii xixiqqaan yeroo tokkoffaaf (1’f ) dhiyaatu kamiyyuu
wabummaa kabachiisa caalbaasii qaama isaan gurmeesse irraa Xalayaa Wabummaa
dhiheeffachuuf hin dirqaman.
2) keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, Interpiraayizii maayikiroon yeroo
sadaffaa (3ffaa) fi isaa ol, Interpiraayizii Xixiqqaan yeroo lammaffaa (2ffaa) fi isaa ol
dorgommiif dhiyaatu kabachiisa caalbaasii dhiyeeffachuuf dirqama qabu.
3) Interpiraayiziin Giddu galeessaa wabummaa kabachiisa caalbaasii dhiyeessuudhaaf dirqama
qaba.
10. Akkaataa Kaffaltiin Duraa Itti Raawwatamu.

1) Interpirayizoota maayikroo fi xixiqqaa hojii irratti dorgomanii moo’ataniif wabii Baankii fi


Insuraansii dhiyeessuuf osoo hin dirqamin kaffaltii dursaa (Advance payment) akkaataa
waliigaltee Bittichaatiin gatii waliigalaa keessaa % 20 ni kaffalamaaf.
2) Interpiraayiziin Giddugaleessa kanfaltii dursaa akkaataa seera bittaa naannoo oromiyaatiin
gatii waliigalaa keessaa hanga %30 kan kanfalamuuf ta’ee hanga kanfaltii dursaa fudhateen
kan walmadaaluu wabummaa kanfaltii dursaa qabsiisuu qaba.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, kaffaltiin
dursaa raawwatamu herreega baankii addaa maqaa pirojektichaatiin banamu keessa kan taa’u
ta’ee, mallattoo waliinii abbaa pirojektichaa fi Interpiraayizii Maayikiroo yookiin Xixiqqaa
hojicha fudhateen kan socho’u ta’a. Kaffaltiin dursaa raawwatamus herreega Baankii dhimma
kanaaf banametti Xalayaa dabarsa Baankitiin kan galu ta`a .
19 | P a g e
4) Interpiraayizii Giddugaleessaa ilaalchisee kaffaltiin dursaa kan raawwatamu akkaataa seera
bittaa naannoo oromiyaatiin ta’ee wabummaa hanga maallaqa kaffaltii dursaa fudhateen wal
gitu qabsiisuun ta’a.
11. Dirqama Mana Hojii Bittaa Raawwatuu

1) Dhimma bittaa mootummaa ilaalchisee, dorgommii intarpiraayizoota bu’uura maanuwaalii


kanaatiin qofa raawwachuu qaba.
2) Bittaa bara baajata tokko keessatti raawwatu ilaalchisee bittaawwan Intarpiraayizoota irraa
raawwatu adda baasuun baajata isaa waliin dursee karoora qabachuu qaba. Karoorri qophaa’u
intarpiraayizii maaykiroo yookiin xiqqaa yookiin giddu galeessa, akkasumas, intarpiraayiii
carraa hojii argate yookiin carraa hojii hin arganne irraa bittaan kan raawwatamu ta’uu isaa
agarsisuu qaba.
3) Sanada dorgommii isaa keessatti humna namaa fi meeshaa hojichaaf barbaachisu baayyinaa fi
gosaan adda baasee ibsuun, uunka dhimmi kun irratti guutamu dorgomtootaaf dhiyeessuu
qaba.
4) Intarpiraayizii carraa hojii argatan fi carraa hojii hin arganne waliin dorgomsisuus ta’e ulaagaa
dorgommii teeknikaa isa tokkoof ka’ameen isa biroo dorgomsisuu hin qabu. Gama biroon
Intarpiraayizii sadarkaa guddinnaa adda addaa irratti argaman bittaa tokko irratti waliin
dorgomsisuu hin qabu.

20 | P a g e
12. Carraa Hojii fi Gabaa Manneen Hojii Mootummaa Keessatti Interpiraayizootaf Kennamu

Manneen Hojii Mootummaa carraa hojii mana hojii isaanii keessatti uumamu
Interpiraayizootaaf akkaataa armaan gadiitiin kan kennan ta’a:
Gosa Intarpiirayiizii Daanga Maallaqa Carraa Hojii Daanga Maallaqa Carraa Hojii
Ijaarsaafi Manuufakchariingii Tajaajilaa

Maayikiroo Hanga Qar.10,000,000 Hanga Qar.4,000,000

Xixxiqaa Qar.10,000,001-30,000,000 Qar.4,000,001 -10,000,000

Gidduu Galeessa Hanga Qar. 50,000,000 Hanga Qar. 20,000,000

13. Maanuwaalii Fooyyessuu


Maanuwaaliin kana Biiroon yeroo barbaachisaa ta’ee argametti kamiyyuu fooyyeessuu ykn jijjiramuu ni
danda’aa.
14. Yeroo Manuwaaliin kun Hojii Irra Ooluu
Manuwaaliin kun Hagaya 30,2015 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.

21 | P a g e

You might also like