Criticism Note

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 47

45

Maalummaa Ogbarruu

Ogbarruun Maali?

Ogbarruu jechuun ogumaafi dandeettii dhalli namaa ittiin aadaa, duudhaa, falaasamaafi
haala jireenya isaa, akkasumas dhageettii keessoo isaa: gaddaafi gammachuu qabu ittiin
ibsatu. Ogbarruun kalaqa sammuu ilma namaati. Namni haala keessa jiraatu hunda
ogbarruu fayyadamee barreeffamaan ykn afaaniin himuun mul’isuu danda’a. Dandeettiin
sammuu askeessatti qooda guddaa qaba. Innis bareechuun akka namni dubbisu ykn
dhaggeeffatu gochuun karaa adda ta’een dhiyeessa. Haala kanaan amala nama
bashannansiisuu, barsiisuu, onnachiisuu (motivate), kakaasuu, gammachiisuufi
kofalchiisuu of keessaa qaba. Ogbarruun bakka gurguddoo lama: Ogbarruu Afoolaa
(Oral literature)fi Ogbarruu Barreeffamaatti qoodamuu dandaa’a. Afoolli kalaqaalee
sammuu keessatti yaadamuun kalaqamanii afaaniin himaman: Oduu durii, sheekoo,
hibboo, mammaaksafi wantoota kana fakkaatan hunda haammata. Adda addummaan
gidduusaanii jiru haala dhiyeenyaati. Afoolli afaaniin yummuu darbu, ogbarruun
barreeffamaa immoo bareeffamaan tamsaa’a.

Ogbarruun barreeffamaa, kalaqa sammuu ilmoo namaa barreeffamaan jiru hunda


haammata. Isaanis: asoosama, walaloofi barruu do’iifi fiilmiidha. Kunneen barruulee
kalaqaa jedhamuu danda’u. Barrreeffamootni kun haala tokkoon kalaqa sammuu ta’uun
saanii nimul’ata. Bifa miidhagina qabuun sammuu namaa hawwachuu akka dandaa’aniin
mijeeffamanii kalaqamu. Dhugaa addunyaarraa maddanii kalaqamu; garuu kallattumaan
dhugaa himuuf hindirqaman. Dhugaa sana haqaaqanii, dabsanii, faallessanii ykn kallattiin
himuu danda’u. Haata’u malee, gabaasaalee dhugaarraa adda. Barruuleen dhugaa himan
kanneen akka gaazeexaa, kitaabilee barnootaa, barruuleefi kkf hammam yoo
miidhaganillee ogbarruu ta’uu hindandaa’an. Sababni isaa dhugaa jiru gabaasuuf
qophaa’an malee kalaqa sammuu mul’isuu miti. Ogbarruun barreeffamaa bakka
gurguddoo sadiitti:

Onkololeessa 2023
45

Waa’ee ogbarruurratti, gaaffileen deebisuuf ulfaatoo ta’an hedduun akka jiran beektotni
nidubbatu. Fakkeenyaaf, dhaamsa barruu kalaqaa tokkoo oguma gaaffii wanta
miidhagina qabuutti, akka barruu dhamaafi dhamdhama ofii qabuutti geeddaramu maaltu
taasise? Gaaffiileen kana fakkaatan heduun ka’uu danda’u. Kanaaf beektotni hedduun
ulfaatina garaa garummaa walii galtee loqoda guyyuufi hojii kalaqaa uumuu gidduu jiru
agarsiisuun mul’isaniiru. Kanatti aansuun ilaalcha beektortni dhimma kanarratti qaban
ibsuuf yaalla.

Aristootil waa’ee do’ii yummuu ibsu, hojiin artii akkamitti addunyaa dhugaa kana akka
akkeessu ykn calaqqisiisuu, kana malees akkamitti jamaa: dhaggeeffatoota, dubbistoota,
daawwattootarraan dhiibbaa geessisuu akka danda’uufi dubbisaan yookaan daawwataan
taatoo akka hayyu-duree (actor as mojor character)tti hojjetu akkamitti fudhachuu akka
danda’u agarsiisa. Haala kanaan walqabatee barreeffamuu akka qabu ibsa. Boodarra
ammoo seenaa oguma barreessaa gad fageenyaan beekuun kaayyoo barruu barreessichaa
hubachuuf akka tumsutu qoratame. Akka qeeqtota ogbarruutti garuu, kaayyoo dhugaa
walii gala ogbarruu agarsiisuu ammata’etti, qo’annoon ogbarruu kalaqa dhalli namaa
waa’ee jireenyaafi uumama ofiisaa gad fageenyaan yaaduu akka danda’u barsiisuu
ta’uusaa agarsiisuu qaba malee wanta barreessaarraa maddu barbaacha qofaaf dubbisuu
akka qabu agarsiisuu hinqabu.

George Steiner (1968) akka Krishnaswamy faa (2004) keessatti ibsametti ogbarruu akka
armaan gadiitti waan inni ta’uu hindandeenyeen ibse.

a. Ogbarruun odeeffannoo barbaachaaf kan qoratamu miti.


b. Ergaan ogbarruu dhugaa ykn soba ta’uunsaa kan mirkaneeffamu miti.
(sababnisaas ogbarruun marti kalaqa waan ta’eef)
c. Ogbarruun bifa biraatiin kan kaa’amu miti (literature is not paraphresable).
d. Afaan ykn jechootni ogbarruun ittiin fayyadamu akka isa saayinsiin fayyadamuu
hiika dhoksaa kan qabu ykn kan hinhubatamne miti. Jechoonni ogbarruu kanneen
miira wayii uumaniifi miidhagummaa qaban qofaadha.

Onkololeessa 2023
45

Akka ilaalcha kanaatti ogbarruun hiika kan hinqabneefi wanta hinbarbaachifnetti


fudhatamuu dandaa’a. Haata’u malee, ogbarruun hiika nama kanaan kennameen
daanga’uu kan hinqabne ta’uu hubachuun barbaachissadha.

Ogbarruu gaariin (great literature) nama hunda kan ilaallatuufi waa’ee jireenyaafi
uumama namaa dhugaa walii galaan kan himuudha. Haalli inni ittiin barreeffamus
dubbistootaafi dhaggeeffattoota hawwachuun qalbiisaanii rarraasuuf humna addaa akka
gonfatu godhameeti.

Yaadni ‘Ogbarruu gaariin yeroo ce’ee jiraata’ jedhu haalli jireenyaafi uumama dhala
namaa inni agarsiisu eessattuu, yeroo keessatti kan hinjijjiiramne ta’uu kan agarsiisuudha.
Kanaaf ogbarruun yeroo murtaa’e tokkoof kan barreeffamu osoo hintaane, yeroo mara
akka tajaajiluuf. Namoota naannoo tokkoo qofaaf osoo hintaane, kan namoota hundaaf
fayyaduudha. Faayidaan ogbarruu yeroo darbee jiraachuun jiruu dhala namaa mijeessuu
(to humanize life) dandaa’a. Hojiin qeeqtota barruu sanaa inni guddaan hiika waliigalaa
kennuuf barbaachisummaa barruulee gaggaarii fudhatama argatan biroo wal bira qabanii
madaaluudha.

Hubannoon waa’ee ogbarruu gaarii (notions about great literature), akkaataa


ajaahibsiifannaafi hiika itti kennuu kun salphaafi kallattiin waan godhamuudha.
Sababiinsaa kan isaan kaa’aman ykn jedhamn sun yeroo jireenyi salphaafi tasgabba’aa
ture waan ta’eef. Garuu jechoonni addunyaa duukaa jijjiiramaa deemu. Jijjiiramni walitti
fufiinsaa haala hawaasummaa, xiyyeeffannoo, yaadotaafi wantoota isaan iddoo kennaniif
(values) irratti hundaa’uun kalaqaalee haaraa uumuun itti fufe.

Maalummaafi Faayidaa Qeeqa Ogabarruu


Mata duree kana jalatti maalummaafi faayidaa qeeqa ogbarruutu ibsama. Mata dureen
kun qeeqni ogbarruu maal akka ta’eefi faayidaa inni qabu mul’isuuf xiyyeeffatame.
Kanaaf, gaaffilee akka “Qeeqni ogbarruu maali? Faayidaa maalii qaba?” jedhan kaasuun
barbaachisaadha. Kanatti aansuun mata duree lamatti qooduun ibsamee jira.

Qeeqni hojii kalaqaa maali?

Onkololeessa 2023
45

“Critics ask what literature is, what it does, and what it is worth.” (Encyclopedia
Britannica).
Akka hiika kanaatti, namni ogbarruu qeequ tokko maalummaa, faayidaafi gatii ogbarruun
qabu cimsee gaafachuu qaba. Maalummaa ogbarruu gaafachuun dhimma barruun kalaqaa
sunirratti barreeffame xiinxaluu ilaallata. Faayidaa isaa gaafachuun immoo
barbaachisummaa barruun kalaqaa sun qabu ilaaluuf karaa bana. Gatii ogbrruun isa
barreesseefis ta’e dubbistootaaf qabu, xiinxaluun immoo barbaachisummaa barruu
kalaqaa sanaa hubachuuf gargaara. Walumaa galatti, ogbarruun tokko hawaasa irratti
barreeffameefis ta’e, dubbistootaaf bu’aa inni qabu xiinxaluun kaayyoo qeeqtota
ogbarruu isa bu’uuraati.

Qeeqni hojii kalaqaafi kalaqni walitti-dhufeenya qabu. Sababiinsaa, qeeqni adeemsa


kalaquu yookiin uumuutiin waan raawwatuufi. Akka adeemsa barnootaatti garuu, qeeeqni
hojii kalaqaa barruu kalaqaaf hiika kennu, gareetti qoqqooduu, ibsuufi madaaluu of
keessatti qabata. Hanga yeroo dhihootti yaad-hiddamnifi qeeqni hojiilee kalaqaa dhimma
qeeqxota hojii kalaqaafi barsiisota og-barruu muraasaa qofa ta’ee ture. Yeroo dhihoo as
garuu dubbistootni sababa kitaabota og-barruu hedduufi bilisummaa dubbisaa argataniif
waa’ee og-barruu yoo yaadan, ajaa’ibsiifatan, hiika itti Kennan niqeequ. Og-barruu
dubbisuufi yaad-hiddamoota fooyya’uu maddisiisuu keessatti gaafilee hedduun waa’ee
hiikaa ilaallatan, ilaalch haqummaa (realism), haqa (reality), qooda dubbisaa, galumsa
barruu sanaafi kkftu ka’a.

Kanumarraa ka’uudhaan “qeeqa og-barruu” yaad-rimee jedhuuf hiika hojii barreeffama


kalaqaa tokko xiinxaluu, hiikuu, ga’umsa qulqullinasaa madaaluufi faayidaa inni qabu
ibsuu jechuunn hiikuun nidanda’ama. Jechi qeequu jedhu hiika kallattii ceephawuu
jedhuun akka bakka bu’utti fudhatamuu danda’a.

Ogbarruu keesstti garuu guutummaa qaama barreeffama sanaa xiinxaluun hiika itti
kennuu xiyyeeffata. Namni ogbarruu barreessu dhimma naaliif akka kalaqe, yaada
duubasaa jiru, soqanii baasuun kaayyoo qeeqa ogbarruu isa guddaadha. Barreessaan
tokko muuxannoofi mudannoo mataasaa irraa ka’ee yaada uummachuu mala. Kanaaf,
ogbarruun yeroo tokko tokko seenduubee barreessichaa calaqqisiisa jedhamee yaadama.

Onkololeessa 2023
45

“Yaadni barruu kalaqa tokkoo ‘ideology’ barreessichaati” kan jedhamuufis kanumaaf


ta’uu hinafu. Haata’u malee, barreessitootni dhimmoota adda addaa bu’uureffatanii
barreessuu waan dandaa’aniif, hiikni ogbarruu yeruma hunda seenduubee barreessitootaa
calaqqisiisa jechuun nama dhiba. Waan hudaafuu, hiikaafi maalummaa ogbarruu kana
jedhanii murteessuun dandaa’amuu baatus, yaad-hiddamoota qeeqa ogbarruuf oolan
bu’uureffachuun hiika sirrii laachuuf nama gargaara. Qeeqni sirnawaan hojii kalaqaa
tokko xiinxaluu, hiikuu, hubachuufi madaaluu akka dandeenyu hubannoo keenya cimsa.
Barruu kalaqaa kamiillee madaaluufi ceepha’uu akka dandeenyu nu onnachiisa.

Qeeqni barruu kalaqaa yaad-hiddamoota adda addaa fayyadamuun barruulee ogbarruu


xiinxaluutti xiyyeeffata. Tooftaa ogbarruun ittiin hiikamu mul’isuun karaa xiinxala
hojiiee kalaqaa agarsiisa. Yaad-hiddamoonni xiinxala ogbarruuf oolan kanneen akka
qeeq-haarawaa, bifeessummaa, xiinxala sammuu, caasessummaa, diiganii ijaaruufi kkf
koorsii kana keessatti bal’inaan ibsamu. Yaad-hiddamoota kanneen bu’uureffachuun
ogbarruu barreeffamaa qeequun hinulfaatu. Ogbarruun tokko dhimma maaliif akka
barreeffame yaada duubasaa jiru xiinxalanii agarsiisuun haala kanaan dhugooma.

Barruulee kalaqaa qeequun kan jalqabe, bara Aristotle jaarraa 4 ffaa Dh.K.D ture. Yeroo
sana aartii oguma barreessuu qorachuun argannoowwan karaa ogbarruun sammuu
keenyarratti dhiibbaa taasisuu danda’u ifa baaseera. Karaaleen kunneenis miira’ummaa
(emotionality), waabeekuu (intellectuality)fi miidhagummaa(esthetically) fa’a.
Miira’ummaa jechuun kaka’umsa keessoo keenyaan onnannee ogbarruu
kalaquu/barreessuus ta’e, qeequu dandeenyu. Adeemsa sana keessa immoo waan hedduu
baranna_beekumsa arganna. Kana malees, ogbarruu tokko dubbisuuf addunyaa
barreessaatti kan nu seensisu miidhaginaafi udumamummaa jechoota barreessaan sun
fayyadameeti.
Faayidaa Qeeqa Ogbarruu

Qeeqni og-barruu adeemsa barruu kalaqaa tokko hiikuufi madaaluuti. Barreessitoonni


hojii kalaqasaanii keessatti yaadota hiikaa dhaanquu qaban dhiyeessuun akka
dubbistoonni itti yaadan godhanii qopheessu. Barreessitootniifi qeeqtonni bifa waliin
dubbiif mijatu ijaaruun hubannoo hojii kalaqaa sanarratti qaban cimsatu. Daandiin waliin

Onkololeessa 2023
45

dubbii jarreen giddutti raawwatu barruu waraqaarra jiruun malee fuulaan walitti dhufanii
miti. Yaadannoon barreessitootaa, qaama qeeqa barreefamasaanii ta’uun hojii kalaqaa
sanarratti dhiibba taasisuu danda’a. Fkn. Namni og-barruu barreessu tokko siyaasa
aangoorra jiruun waldhabdee yoo qabaate, yaadni inni barreessu yeruma hunda siyaasatti
fudhatamuu mala. Kunis sababa namootni ogbarruu sana xiinxalan seenaa barreessichaan
walqabsiisanii hiikuu dandaa’aniif. Sun immoo hojii barreessichaa gaaga’uu hinoolu.
Kanaaf tibba ogbarruu tokko qeeqnu, bee kumsa walii galaarraa ka’uu nu barbaachisa.
Wanta dubbisne sana dhugaa jiruun walqabsiisnee hiikuu qabna malee waan hinjirreen
walitti hidhuu hinqabnu. Hamma dandaa’ametti qeeqa sirrii (good criticism) geggeessuu
qabna.

Qeeqni sirnaawaa ta’e hojii kalaqaa tokko akka gaaritti hubachuu akka dandeenyu nu
gargaara. Wanta dubbisne sanaaf ilaalcha gaarii akka qabaannu taasisa. Ilaalcha
barreessichaa fudhannus, fudhachuu baannus hiikni og-barruu sanaa maal akka ta’e
sirnaan qalbeeffachuu dandeenya. Walumaagalattii, kaayyoon qeeqa ogbarruu :

 Hojii barruu kalaqaa tokko hiikuufi ga’umsa qulqullina isaa madaaluu


 Ogbarruu sadarkaa olaanaan waaltessuufi leellisuu jajjabeessa.

Namoota hojii ogbarruu qeequutti bobbaa’an irraa maaltu eegama?

 Sababa deebii isaanii xiinxalluu: kitaaba qeeqan sana maaliif akkanatti akka
hiikan ibsuu qabu.
 Maaliif karaa sanaan qeequuf akka filatan abuuruu
 Walitti dhufeenya hojiisaaniifi ogbarruu qeeqan sana gidduu jiru sakatta’uun
ibsuu.
 Muuxannoo jireenyasaaniifi yaada kitaaba dubbisan sanaa walqabsiisuu qabu.

Barbaachisummaa Qeeqa Ogbarruu

 Ga’umsa barruulee kalaqaa madaaluu.


 Hanqina barreessitootaa mul’suu.
 Faayidaa ogbarruu addeessuu.

Onkololeessa 2023
45

 Yaad-hiddama haaraa hundeessuu.


 Barruulee kalaqaa waaltessuu.
 Seenaa, aadaafi falaasama hawaasaa barreessaan fuulleffatee mul’isa.
 Leellisa ogbarruu jajjabeessuu.
Gosoota Qeeqa Ogbarruu

Qeeqni damee barnoota ogbarruu hiikuu, qoqqooduu, gad fageenyaan ibsuufi madaaluutti
xiyyeeffatu akka ta’e duraan ilaallee as ceene. Ammammoo qeeqni akaakuu akkamii
akka qabu ilaalla. Qeeqni haala hojiin sun ittiin raawwateen hiramuu dandaa’a. Akka
kanaan bakka gurguddaa lamatti qooduun nidandaa’ama. Isaanis:

a. Qeeqa yaad-hiddamaa

b. Qeeqa hojiirra oolmaa

Qeeqa Yaad-hiddamaa (Theoretical Criticism)

Ulaagaalee hojiilee kalaqaafi barreessitootni isaanii ittiin madaalaman maddisiisuufi


seerota waliigalaa, jechooota waliigalaa og-barruu keesssatti hojiirra oolan, garaagarteefi
gosarratti hundaa’uun hiikni itti kennamu bu’uuressuurraatti xiyyeeffata.

Qeeqa haala hojiirra oolmaa (Practical/applied Criticim)

Hojii kalaqaa tokkoofi barreessaasaa xiinxaluufi ibsuurratti fuulleffachuun seeronni


(principles) xiinxalaafi madaalli ogbarruu haala barbaadameen raawwachuu ilaala.
Qeeqni hojjiirra oolmaa bakka lamatti qoodama. Isaanis:
a. Qeeqaa dhaga’iitii (impressionistic criticism)
b. Qeeqaa murtootti (Judicial Criticism).
Qeeqa dhaga’iitii (impressionistic criticism)
Hojii kalaqaa tokko keessatti cimina dhaga’iitii (feeling quality) jechoota kaa’uu ykn
agarsiisuu yaala. Akkasumas ilaalchaafi dhaga’iitii qeeqaan (attitude and feelingful
responses evokes from critics) hojii kalaqaa sanarratti mul’ise ykn horate agarsiisa. Akka
‘Hazlitt’ barruu isaa “On Genius and Common Sense” jedhurratti kaa’eetti, “You decide

Onkololeessa 2023
45

from feeling and not from reasons, i.e, from the impression of a number of things on the
mind… though you may not be able to analysise or account for it in several particulars.”

Yaadni kun gabaabumatti, barruu kalaqaa tokko xiinxaluu yoo hindandeenye illee wanti
dubbiste sun miira sammuu keetti wantoota adda addaa dhageessisa; dhaga’iitii kee
ilaaltee murteessita malee sababarraa miti jedha. ‘Walter Pateris’ boodarra, qeeqa
keessatti jalqaba kaayyoofi miira nama tokkoo akka jiruun ilaaluufi adda baasanii
hubachuun barbaachisaa ta’uu heera.
Qeeqa murtoo (Judicial Criticism)
Hojii kalaqaa tokko wajjiin waliigaltee uumuuuf kan yaalu osoo hintaane, fidumsasaa
gama dhimmma inni kaasuun (subject), qindeeffama akkaataa dhihaannaa isaa
(techniques) ibsuufi qeequu akkasumas murtoo qeeqxonni dhuunfaa hojiilee kalaqaarratti
kennan dimshaashessuun hojiilee kalaqaa hundaaf akka oolu bu’uura buusuuf.

Gosootni yaad-hiddama qeeqaafi hojiirra oolmaa hojiilee kalaqaa ibsuufi


murteessuusaaniifi kana gochuu dhabuusaaniitiin adda ba’u; hojicha diidatti qabuu (refer
to the outer world) ykn jamaatti, ykn barreessaatti ykn immoo hojichi ofisaan akka
galumsa (entity) ta’etti ilaaluu danda’u. Kanumarra dhaabachuun lacanuu akka armaan
gadiitti qooduun nidanda’ama.
Qeeqa Akkeessaa (Mimetic Criticism)
As keessatti hojiilee kalaqaa akka akkeessaa (imitation) ykn calaqqee (reflection) ykn
bakka bu’ee (representation) addunyaafi jireenya ilma namaa godhamee ilaalama.
Ulaagaa inni jalqabaa qeeqa kana keessatti hojiirra oolu, hojii sun dhugaatti wanta bakka
bu’eef bakka bu’ee ta’uu danda’uusaa ykn immoo bakka bu’uuf dirqamuusaa (should
represent) ibsa.

Qeeqni jalqaba Platon hojiirra oolee booda ammo Aristotlen fooyya’ee dhihaate kun
amala yaad-hiddamoota barruu dhugeessaa ammayyaati (modern theories of literary
realism). Akka Platotti ogbarruu keessayyuu og-walaloon akkeessaa akkeessaati; haqa
(reality) irraa harka sadii fagaata. Sababiin isaas platof haqni adduunyaa yaadati; addunya

Onkololeessa 2023
45

a nuti keessa jiraannun kun ammo sana akkeessa. Ogbarruu ammo dabareesaa akkeessaa
kana akkeessa. Aristotle ammo kana qeeqetu og-barruun addunyaa qabatamaa keessa
jiraannuufi jiruu ilmoo namaa akkeessa malee addunyaa yaadaa jennee kan fudhannu
akka hinjirre cimsee morma.
Qeeeqa Fidumsaa (pragmatic Criticism)
Hojiilee kalaqaa akka wanta jammaarratti fidumsa tokko fiduu ijaaramee ykn
hojjetameetti ilaalama (fidumsa: gammachuu miidhagaa, qajeelfama ykn dhaga’iitii
wayii). Hojii kanas milkaa’ina yaadame argamsiisuu danda’een madaala. Gosti qeeqaa
kun qeeqa ibsa og-barruu warra Roomaa dhuunfachuutii kaasee jaarraa 18 ffaa keessa
fulla’uun hanga dhiheenya kanaa yeroo qeeqa wal bira qabbii (rhetorical criticism) isa
mala ogummeessuu barreessitoonni fayyadamaniifi fudhannaa dubbistootarratti dhiibbaa
geessisanirratti xiyyeeffatu keessatti mul’ateera.
Qeeqa Ibsaa (Expressive Criticism)
Jalqabatti hojii kalaqaa gama barreessaatiin ilaala. Og-walaloon bu’aa argaa yaadaa
ilaalcha waloo, yaada, miiraafi dhaga’iitii isaa mul’isu ta’ee, ibsaafi dubbii miira
mul’isuun kan guutee jechuun hiika. Qeeqni kun hojii kalaqaa walaloo ga’umsa,
amanamummaafi dhiheenya inni yaada ykn sammuu barreessaa sanaaf qabuun madaala.
Akkasumas, hojii sana keessattti wantoota dandeettii, miiraafi dhaga’iitii uumuufi
muuxannoo ittiin barreeessan utuu beekuufi hinbeekin yaada keessoosaa mul’isuu
sakatta’a.
Qeeqa Bilisaa (Objective Criticism)
Qeeqni kun hojiilee kalaqaa wanta waloo (barreessaa), jamaafi addunyaa naannoo
isaarraa bilisa godhee ilaala. Qeeqni Kun hojii kalaqaa akka ofii isaatiin of danda’ufi ofii
isaatiin adduunyaa tokko kan uumuu godhee waan ilaaluuf xiinxaluufi madaaluu
ulaagalee barruu sana giddu galeessaan kannneen akka ulfaatinasaa (complexity),
wal-qabatiinsa yaada isaa (coherence), amanamummaa isaa (integrity)fi walitti dhufeenya
qaamolee isaa fa’i. Kanneen kun ammo amala yaad-hiddamootan qeeqaa1920 ootaa as jiran
warren akka qeeqa haaraa (New Criticism)fi qeeqa mana barnoota Cigaagoo (Chicago
School of Criticism)ti.

Onkololeessa 2023
45

Gosti qeeqaa dubbisaan hundi akka wabiitti fudhatu qeeqa barruu giddu galeessa godhatu
kana. Sababiin isaas, dubbistootniifi barreessaan amma danda’ametti madda
dogoggoraafi ulfaatina furuun walittidhihees- su irratti waan xiyyeeffatuuf.
Barsiifata Qeeqaa (Critical Tradition)

Yaad-hiddamni qeeqaa, adeemsa yeroo keessa fooya’aa kan dhufeefi seenaa walitti fafaa
kan qabuudha. Jalqabbiinsaa qeeqa warra dhidhimaa isa duraafi bu’uuraa jedhamee
beekamuufi Plato, Aristotle, Horecefi Longinus fa’irraa as dhufeedha. Plato’n
qeeqasaatiin walaloofi waloo beekamtii dhowwataa ture. Akka yaadasaatti, walaloon
akkeessa akkasaati; haqarraa dacha sadii kan fagaatu.

Platoon addunyaan nutirra jiraatnu kun isa dhugaa /qabatamaa osoo hintaane, akkeessa
addunyaasa dhugaa akka ta’etti fudhachuun ogbarruun (keessumaa, walaloo) ammoo
addunyaa keessa jiraannu isa addunyaa dhugaa akkeessu calaqqisiisa/akkeessa jedhee
amana. Kanarraa ka’uun “Ogbarruun dachaa sadii haqarraa fagaata,” jedha.

Qeeqni ogbarruu Giriik durii keessatti faayidaa murtaa’e qofaaf oola ture. Kunis safuun
(moral) addunyaa akka hincabne ykn daandiirratti eeguuf meeshaa ta’ee tajaajiluusaati.
Dhimmi kun dubbii Platon hojiisaa “The Republic” jedhu kan inni hawaasni wanta
ijoolleen dubbisan to’achuu akka qabu akeekkachiisu keessatti sirriitti ibsameera.
Kanuma jabeessuun barnootni oduu durii, sheekkoon, dimshaashumatti afoolli sammuu
ijoollee cimsuu akka danda’uutti seeneffamuufi ooluusaa hawaasni xiyyeeffachuu akka
qabu ibsee jira. Yeroo sana keessa qeeqni ogbarruu galma safuu eeguun namoota gara
gariitti (good) qajeelchuu qabaata ture.

Barataan Plato, Aristotle yaada Plato yummuu falmu, waloon inni dhaamsa/ergaasaafi
addunyaa akka jiruun ilaalu, akka addunyaa xiqqaatti (micro cosm) fudhata. Walaloon
akkeessa akkeessaa osoo hintaane hojii akkeessaa ykn calaqqeeti jedha. Qeeqni yeroo
Aristotle waloofi barreessitoota artii walii galtee bifa addaa ta’ee, dubbiifi barreeffamaan
yaada ibsachuu akka dandaa’aniifi gootota artii hundaa akka ta’an qajeelchuurratti
xiyyeeffata.

Onkololeessa 2023
45

Qeeqni dursaafi bu’uuraa (classic criticism) gaaffilee barbaachisoo ta’an lama kaasuun
beekama.

1. Ogbarruun uumamasaan maal bakka bu’e?

2. Barbaachisummaan ogbarruu maali? Kan jedhuudha.

Gaaffileen bu’uura kun seenaa yaad-hiddama qeeqa og-barruu keessatti fooyya’iinsa


hedduu agarsiisuun qeeqa yeroo haaromsaaf (renaissance) bu’uura buuse. Qeeqni waloofi
collee dubbii (orators) jechoota filachuu, tarreeffama yaadaa/duraa duubummaa,
dubbiiwwan qolaafi kkf barsiisuu fuuleffata. Fakkeenyaaf, ‘Sir Philip Sidney’ barruusaa
“An Aplogie for Poetry, 1595” jedhu keessatti irra caalaatti sirrummaa dubbiifi
barreeffamaa fuuleffata.

Kana malees, addunyaa yaadaa (idealism) ‘Plato’fi bakka bu’iinsa miidhagummaa


(representational aesthetics) ‘Aristotle’ deebisee hojiirra oolchuu kanyaalu ture. Kana
gochuu isaatiif walaoo isaatiin Sidney aadaa qeequu Ingilizii keessatti qeeqaa walaloo isa
jalqabati jedhamuun beekama. Kana malees, walaloon falasaamaafi seenaarratti
olaantummaa akka qabu agarsiisuuf yaaleera.

Ben Johnson (1573-1637) yaad-hiddeessitoota yaad-hiddamoota duraafi bu’uuraa boodaa


(neo-classicism) warra akka Drydenfi hordoftoota isaaf karaa saaqe. Ben Johnson nama
jalqabaa kan og-barruu jaalalaa, miiraa, yaadaafi dhaga’iitii fuuleffatu (Romanticism)
dura dhaabbateefi akka malee baayyachuu barreessitoota og-barruu gosa kanaa
Shakespearen dabalateefi seera dhabeessummaa do’ii akkasii kan mormuudha. Johnson
fakkeenyummaa koomedii Laatinootaa kan fudhatuufi fayyadamu ture.

Dryden (1631-1700) jabana shakkii (age uncertainity) garuu qeeqni fudhatamaan


keessatti bu’uureffame keessa jiraate. Dryden barreessitoota hangafaa kanneen akka
Aristootlef kabaja kan qabu ta’ee garuu Aristotle kutaalee, faayidaafi miidhagina do’ii
tiraajeedii sirritti kaa’uufi hiikuu isaa ija shakkiin ilaalaa ture. Qeeqni Romatic
(Wordsworth, Coleridge, Shelley, Keats) xiyyeeffannoon isaanii aartii kalaqaa gadi
fageenyaan qeequurra qo’annaa adeemsa kalaqaatti dabsan. Dryden, Pope, Addison,

Onkololeessa 2023
45

Swift, Johnson, Goldsmith and Edmund Burke aadaa qeeqa og-barruu Ingilizii keessatti
yeroo duraafi bu’uuraan boodaa bakka bu’u. Barreessitoonni kunneen barsiifatummaa
(traditionism) kan jabeessaniifi toora uumaa keessatti ilma namaa uumama barbaachisaafi
daanga’aa taasisanii kan ilaalaniidha.

Karaa biraatiin ammo, barreeffamoonni Romantic waggoota kurnan sadan jaarraa 19 ffaa
kalaquu ykn uumuu (innovation) barsiifatummaa caalaa leellisu. Ilma namaa akka uumaa
raawwii wayii hanga danda’amuu ol raawwachuuf gaarummaa lakkoofsa hinqabne
agarsiisuuf fedhiifi hawwii ammas hinjedhamne qabuutti ilaalu.

Matthew Arnold (1822-1888) og-barruu akka qeeqa jireenyaatti kan ilaaluufi barreessaan
barruu isaa qeequu keesatti gatii inni safuuf kennutti kan xiyyeeffatuudha. Arnold og-
barruuwwan yeroo har’aa ilaaluufi qeequuf hojiiwwan kalaqaa gaggaariifi gurguddoo
yeroo durii (great literature of the past) akka ulaagaatti gargaarama.

Yaad-hiddama barruu kalaqa.

Yaad-hiddamni ogbarruu filoosoofii hiikaafi qeeqa barruu kalaqaati. Daandii qeeqtonni


faana dha’uun barruu kalaqaa tokko xiinxallanii hiikaniifi ga’uumsa qulqullinasaa
madaalaniidha. Seenaan yaad-hiddama ogbarruu biyya Giriikiitti jalqabe. Yeroo sana,
qeeqa Walaloofi oguma jecha bareedaan ilaalcha namaa jijjiiruu yaada jedhu qabatee,
hanga jaarraa 18ffaatti jechoota mimmidhaagoofi ukkaamamoo ta’an fayyadamuun
bu’uureffame.

Jaarraa 20ffaa keessammoo yaad-hiddama dibaabee qo’annoo barnootaan daangeffame


gara garaan walqabsiisuun kitaabota dubbisuu akka ta’etti amaname. Akka gabaasa
filoosoofii addunyaatti, gaaffiin bu’uura ogbarruu kalaqaa, “What is literature,
Ogbarruun maali?” kanjedhu ture. Maalummaa ogbarruu haala kanaan xiinxaluun
barbaachisummaa inni hawaasaaf qabu cimsee mul’ise. Kanaaf, beektonni yeroo sanaa
qabanii barruu kalaqaa qeequutti xiyyeeffatan.

Onkololeessa 2023
45

Akka amantaa yaad-hiddeessitoota duraan turaniifi beektota ogbaruutti jechi ‘ogbarruu’


jedhu hiika beekamaa hinqabu. Yookaan dandeettii itti fayyadamiinsa afaan kamiillee
ta’uu mala.

Booda keessammoo, hayyootni muraasni, barruun kalaqaa kitaabota seera ogbarruu


guutuun barreeffame akka ta’etti amanan. Garuu seerriifi malli yaad-hiddama ogbarruu
barruulee akka miti asoosamaa, asoosama, do’ii (drama), Fiilmii, Dookmentoota seenaa,
seera, beeksisaafi kankana fakkaataniif fayyaduu dandaa’a. Akkasaan jedhanitti,
“Wantootni aadaa hawaasaa keessatti raawwataman martii: kan akka agarsiisa reefdhufaa
(fashion), tapha kubbaa miilaafi kan biroon akka barruuleetti qeeqamuu danda’u. Haala
kanaan yaad-hiddamni ogbarruu akka yaad-hiddama hiika waliigalaatti fudhatama
jechuudha.

Akka hiika ammayyaatti garuu, yaad-hiddamni ogbarruu barruulee kalaqaa xiinxaluu,


hiikuu, ibsuu, ceephawuufi ga’umsa qulqullina isaa madaaluuf ka’umsa ta’a. Barruu
kalaqaa kanneen jedhaman hojii waa uumee sammuu ilma namaa barreeffamaan jiran:
asoosama, walaloo, barruu diraamaafi iskiriiptii fiilmii haammata. Ogbarruu Oromoo
yoo ilaalle garuu, hanga yoonaatti barreeffamaan kanneen jiran asoosama, walaloofi
barruu do’ii (drama) muraasa.

Walumaa galatti, barruuleen waan dhugaa ibsan (kalaqa kan hintaane): gabaasni walga’ii,
oduun raadiyoof qophaawe, kitaabni barnootaa, kuusaaleen seenaafi kkf yoo ammam
miidhaganillee ogbarruu ta’uu hindandaa’an.

Qabxiilee Xiyyeeffannoo
 Barruu kalaqaa tokko qeequuf barreeffamicha gad fageenyaan dubbsuun hiika
walii galaa ogbarruu sanaa beekuuf fayyada.
 Osoo hojii qeequutti hinseenin yaad-hiddama hiikaaf gumaachan filachuu
barbaachisa.
 Barruu kalaqaa tokko xiinxaluun dura, dhimma ogbarruun sun irratti barreeffame
gad fageenyaan hubachuun hiika sirriif karaa bana.

Onkololeessa 2023
45

 Mata dureerraa kaanee guutummaa qaama barreeffamichaa keessa yaadota jiran


walqabsiisuun hiikuun qeeqa sirnawaa geggeessuuf fayyada.
 Yaad-hiddama fayyadamne filachuuf sababa kakaaneef abuuruu qabna.
 Hojii qeeqaa raawwanneefi kitaaba dubbisne sana gidduu walitti dhufeenya jiru
madaaluu.
 Ogbarruu yommuu qeeqnu ciminasaafi hanqinasaa madaaluun wanta dagatamuu
hinqabne.

Yaad-hiddamoota ogbarruu wabeeffachuun barruu kalaqaa qeequun karaa salphaan


dubbistoota amansiisuuf yaaluudha. Akkasumas, hiika sirrii ta’e akeekuuf gargaara.
Kanaafuu, yaad-hiddamoota kutaa itti aanu keessatti ka’an qalbeeffachuun
barbaachisaadha.

Ogbarruu qeequuf yaad-hiddamootni barbaachisan nijiru. Isaanis kallattii irra barruu


kalaqaa tokko qeeqnu nu agarsiisu. Yaad-hiddamootni ogbarruu qeequuf fayyadan bakka
guguddoo afuritti qoodamuu danda’u. Isaanis:

3. Qeeqa galumsa Fuulleffataa (Context Oriented Approaches)


4. Qeeq Barreessaa Fuulleffataa (Author-oriented Approaches)
5. Qeeqa Barruu Fuulleffataa (Text/Language-oriented Approaches)
6. Qeeqa dubbisaa Fuulleffataa (Reader-oriented Approaches)

Qeeqa Galumsa Fuulleffataa

Qeeqa galumsa fuulleffatu jechuun guutummaa haala barruun tokko keessatti


barreeffame: seenaa, aadaa, duudhaafi amantii hawaasaa, taatewwan jaarraa sana keessa
raawwatan kanneen akka siyaasa, walitti bu’iinsa, beela, jijjiirama qilleensaa fa’a
dabalatee hiikamuu akka qabutti ilaala. Walumaa gala dhiibbaa gareen tokko isa
biraarraan ga’uufi yaada sammuu barreessaan duuba dhoksaa jiru baasee xiinxaluuf
tattaafata. Yaad-hiddamootni galumsa fuulleffatan hedduutu jiru. Isaan keessaa muraasni:
galumsa-seenawaa, qeeqa xiinsammuu, qeeqa feeministiifi markisiistii armaan gaditti
kaafnee ibsuuf yaalla.

Onkololeessa 2023
45

Qeeqa Galumsa-seenawaa (Historical/ contextual criticism)

Qeeqni galumsaa aadaafi hawaasa ogbarruun tokko irratti kalaqame qorachuun dhiibaa
isaan barruu kalaqaa sanarratti geessisuu dandaa’aniin walqabsiisee hiika. Akka yaad-
hiddama kanaatti, ogbarruun haala qabeenyaafi siyaasa hawaasni sun ittiin bulaa tureef
akka ragaatti fayyada.

Qabiyyeen ogbarruu tokkoo tarii waa’ee sooruma, hiyyumaafi madda kanneenii


xiyyeeffachuu dandaa’a. Kana malees, sirna bulchiinsa biyya tokkoo keessatti dhiibbaafi
chunqursaa hawaasarra ga’u ifa baasuu dandaa’a. Haala yeroo sana tureef ragaan
ogbarruu sana. Kanaaf seenaa, aadaafi jireenya hawaasa ogbarruun sunrratti barreeffamee
xiinxaluun dhugaa yeroo sana ture mul’isa.

Yaad-hiddamni qeeqa galumsaa kan jalqabe xumura jaarraa 19ffaafi jalqaba jaarraa
20ffaatti, Yuunbarsitii “Anglo-America” keessatti. Akkasaan jedhanitti, taateewwan
jaarraa sana keessa raawwatan kanneen akka lola(war), jeequmsa(plague),
haara’umsa(revolution)fi kkf niin walqabatee dhugummaa (Accuracy) boca aadaa
barruun kalaqaa sun irratti barreeffamee mul’isa. Kana jechuun yaad-hiddima kana
wabeeffachuun qeeqni hojjetamu: haala hojiin kalaqaa sun keessatti raawwatame, dhugaa
seenaa jireenya barreessaa, seenaafi jireenya hawaasa barreessichi bu’uureffateen wal
qabatee hiikama. Kunis akkaataa barruun sun itti katabame osoo hintaane, aadaa, seenaafi
duudaa hawaasaa, akkasumas, seenaa jireenya barreessaa duuba deebi’uun xiinxaluu
barbaachisa.

Yaad-hiddamni Galumsa-seen-aadaa hawaasaa kun faallaa yaad-hiddamoota


akka Qeeqa Barru Fuulleffataafi Bifeessummaa: warra hiika hojii kalaqaa kamillee
barruu isaa qofaa xiinxaluun kennaniiti. Isaaniif dhiibbaan barruu hojii kalaqaa sanaa ala
jiru hiikaaf hingumaachu. Qeeqa galumsaa keessatti garuu ilaalchi kun hinhojjetu.

Gaaffilee qeeqa galumsaa-seenawaa keessatti ka’uu qaban:


 Barreessaan eenyu? Eessaa dhuf/te? Kaayyoon barreeffama isaa/ishee
maali?

Onkololeessa 2023
45

 Taateen siyaasa yeroo sanaa dhiibbaa attamii hojii kalaqaa sanarraan


ga’e?
 Dhuudhaan hawaasaa dhiibbaa akkamii ilaalcha barreessichaarraan ga’e?
 Filoosoofiin yeroo sanaa dhiibbaa ogbarruu sanarraan ga’e qabaa?
 Haalli addaa ogbarruun sun keessatti barreeffame maali?
Jabainasaa: Hojiin kalaqaa tokko karaa seenawaa(historical)fi fuulduree
hawaasaa(societal prospective) bal’ifnee hiikuu akka dandeenyu hubannoo keenya cimsa.
Hanqinasaa: Xiixala hojii kalaqaa keessatti caaculee(elements) , caasaa(structure)fi
hirmaannaa dhuunfaa barreessitootaa xiyyeeffannoo keessa galchuu dadhabuu isaati.

Qeeqa xiinsammuu

Xiinxalli sammuu mala qorannoo sammuuti. Sammuun ammoo raawwii ilma namaa
kamiifuu bu’uura. Yaad-hiddamni kun xiinxala ogbarruu keessatti fayyadaa jira. Maddi
kallattii kanaa qorannoo dhibee sammuuti. Haayyuleen mala kana argatanis ‘Sigmund
Freud’iifi ‘Carl Gustav Jung; yaaltota dhibee sammuu, walduraa duubaan ‘Austria’fi
Swiss turan.

Freud dhibamtootni sammuu akka muuxannoolee isaanii irra deebi’anii himan


jajjabeessuun itti dhiyaate. Haala dubbii isaanii dhaggeeffachaa yaala ture. Achirraas
hundee dhibee sammuu sana deebisee ijaara. Freud jechootaafi suuraalee naannoo
muuxannoolee isaanii mul’isan filatee akkasaan karaa muuxannoo isaaniirra deemuun
walitti fidan (free association) gad isaan dhiisaa ture. Yeroo muraasa qofaa addaan isaan
baasa; sanaan booda of eeggannoon suuraalee himasaanii keessatti waldarban walitti
fiduun hiike. Raawwiin kun madda dhibeesaanii addaan baasuuf isa gargaare.

Malli qorannoo Freud kun akka dhibamtoonni sammuu muuxannoo ofii duuba deebi’anii,
daa’imummaa jalqabanii, seenaa maatiillee itti dabalanii himan isaan jajjabeessa;
muuxannoon kun abjuulee dabalata. Freud wantoota dhibamtoota kanneeniraa argateen
goolaba haaraa tokkorra gahe. Fakkeenyaaf, suuraaleen yookaan mallatooleen himata
muuxannoo ciccitoo sana keessatti mul’atan, kanneen muuxannoo daa’imummaa
keessatti raawwatan dabalatanii bu’uura yaada saal-qunnamtii qabu turan. Kanumaan

Onkololeessa 2023
45

walqabsiisee yeroo dubbatu, yoo waan haraamuu hinxuqnellee daa’imman fedhii saal-
quunnamtii akka qaban hubachiisa. Akka Freud jedhutti, daa’imman warrasaanii (abbaafi
haadha) keessaa nama saalaan walfakkaatan bakka bu’anii saal-qunnamtii raawwachuu
barbaadu. Yeroo baay’ee intalli abbaa jaal’atti; ilmi ammoo haada jaal’ata yaada jedhu
maddisiise. Freud ruqiin saalaa kun dhimma muuxannoo jireenya dhugaafi abjuu
dhibamtoota sammuu qofa osoo hintaane, kan namoota fayyaallee akka ta’an cimsee
ibseera. Dhumarrattis seeneffamoota eessaa dhufteefi sheekkolee namoota duriifi
jalqabaa keessattillee mallatooleen kunniin akka argaman adda baase.

Freud mallattoo dhibee sammuu, abjuufi eessaa-dhuftee sheekkolee Giriik durii wajjin
kan walqabsiiseef, suuraaleen abjuu keessaa sunneeniifi yaadni ciccitoofi waldarboon
ogbarruulee Giriik durii keessaa sun akkuma haala yaada sammuu dhibamtoota sanaati.
Kunis dhugaa sammuun ilma namaa iddoolee sadeen keessatti sadarkaa hubannoo gaditti
raawwata jedhu keessatti bal’inaan ibsamuu dandaa’a. Yeroo dammaqnee sammuu
nagaan yaannu wanti nama saalfachiisuufi fedhii uumamaa ta’e, kan yeroo mara aadaa
hawaasaan hukkaamamee yaada keenya keessa akka jiru nihubanna. Garuu to’annoo
kanaa ala yeroo taanu_yeroo rafnu yookaan sammuun keenya jeeqamu yookaan
dammaqina dhabu fedhii keessoo keenyaa guuttachuutti fiigna. Fakkenyaaf, abjuu
keessatti ilmoon namaa haala tasa hinyaadamneen saal-qunnamtii raawwata. Yeroo
hirribaa dammaqan garuu waan of-godhan dhabu; niyeellawu. Kun fedhiin namni
uumamaan qabu aadaa hawaasaa kabajuuf jecha to’annoo sammuu jala galee akka jiru
mul’isa. Gaafa to’annoo sammuu jalaa ba’u (yeroo rafu yookaan sammuunsaa dhibamu)
garuu fedha keessoosaa guuttachuuf tattaafata.

Ogbarruulee hedduu Freud haala saal-qunnamtiin walqabsiisee hike keessaa beekamaan


sheekoo Giriik durii kan waa’ee mooticha ‘Oedipus’ seenessu ture. Akka inni hiiketti,
mootichi ‘Oedipus’ kan abbaasaa ‘Laius’iin ajjeesee haadhasaa ‘Jacosta’ fuudhe fedhii
yeroo daa’imummaa guuttachuurraa adda miti. Himiinsi kun xiinxala sammuu Freud
keessatti bakka guddaa qaba. Yeroo dhibamtootni sammuu duubatti deebi’uun
muuxannoo yeroo daa’imummaasaanii yaadatanii himan mallatoolee ciccitoo yaadasaanii
keessaa, Freud, fedhii saal-qunnamtii yeroo daa’imummaa qaban sana soqe. Gaafa

Onkololeessa 2023
45

guddachaa deeman fedhiinsaanii haala adda addaan ukkaamamuunsaa dhibeef akka isaan
saaxile xiinxaluuf yaale.

Yaadni Freud fedhiin foonii, yoo haraamuu hixuqnellee, sammuu daa’imummaa kamuu
keessa jira jedhu addunyaa mara naasisee ture. Barataa Freud kan ture, ilmi lubaa Gustav
Jung yaada falmisiisaa kana sochii xiinxala sammuurraa haquuf kutate. Faallaa Freudiin
fedhiin foonii umrii daa’imummaa ilma namaa keessatti iddoo akka hinqabne hime.
Kanarra, umriin daa’imummaa yeroo qulqullummaafi garraamummaa olaanaafi madda
amala qaroominaa kan namni booda gonfatu akka ta’etti hike. Yeroo dhibamtoota
sammuu xiinxlus akkum Freud akka isaan muuxannoo daa’imummaa himatan eyyameef.
Garuu hiikaaleensaa yeroo hedduu, rakkoon dhibamtoota sanaa gara qulqullummaa
uumamaafi sanyii aadaa isa muuxannoo ga’eessummaatti irraa maqan sanatti galu.

Ka’umsi qeeqa xiinsammuu hojii ogeessa yaalaa dhibamtoota sammuu biyya


Awustiraalyaa ‘Sigmand Freud’ akka ta’e ibsa duraa keessatti ilaallee ture. Namni kun
yeroo jalqabaaf mala ittiin sammuu xiinxalan argate. ‘Freud’ afaan sammuu namaa
addeesu, moodeela ibsuufi yaad-iddama waa’ee sammuu namaa ofkeessatti haammatu
bu’uuresseera. Yaadiddamnisaa fuulleefi karaa naannawan uumama sammuu namaa isa
dammaqaa hintaanerratti (unconcisious mind) xiyyeeffata.

Xiinxalli xiinsammuu ogbarruu kan ilaalu yaad-hiddama ‘Freud’ qofa irratti hundaa’uun
miti. Garuu inni qeeqa ogbarruufi yaad-hiddama xiinsammuu waan bu’uuresseef, mala
xiinxala sammuun oggbaruu qeequun isaan akka jalqabetu amanama.

‘Freud’ dandeettiin ogeeyyii ogbarruu kan uumamaan kennameefiifi namoota hedduu


fudhatama qabu taasisee ilaaluusaarraan kan ka’e, qeeqni xiinsammuu bara 1950 dura
sammuu barreessitootaa dhuunfaa dhuunfaan xiinxaluutti xiyyeeffate. Yeroo sana keessa
hojiiwwan kalaqaa kan dubbifaman barreessitootni miira dhokataa qaban akka baafataniif
yookaan jeeqamaafi dhiphina gadi fagoorraa akka oolaniif yookaan ammo kana lamaan
galmaan ga’uuf ta’a ture. Barreessitootni miira dhokataa qaban, kan nama birootti himuu
hinbarbaadne, barruu barreessaniin tasa utuu hinbeekin waan baasaniif, hojii barruu

Onkololeessa 2023
45

kalaqaasaanii hubachuuf xiinsammuusaanii qorachuun akka humna qabutti ilaala. Kanas,


wanta sammuun uume duuba dhoksaan wayii jiraachuu waan amaneef.

Bara 1950 booda garuu qeeqni xiinsammuu fedhaafi hawwii dubbistootaa isa dhokata
bira ga’uuf kalaqa isaan uuman irratti xiyyeeffachuu jalqabe. Haaluma kanaan
xiyyeeffannoosaanii sammuu barreessaarraa gara xiinsammuu dubbisaafi barruutti
geeddaran. Yaad-hiddamni Norman Holland barruu caalaa dubbisaarratti xiiyyeeffata.
Kun immoo qeeqa yaad- deebii dubbisaa (reader response criticism) uumuuf isa gargaare.

Qeeqxonni warri D.W. Winnicott faana dhahaan yaad-hiddama isaa walitti dhufeenya
wantootaa (object relation) ilaaluun dhiibamanii yaada “walitti dhufeenyi barruufi
dubbisaa gidduu jira” jedhurratti gaaffii kaasu. Kanarraa ka’uun yaad-hiddama isaanii
walitti dhufeenyi wantoota faallaa ta’an gidduu jiru (binary opposition) fakkeenyaaf
uumaafi uumama (nature and nurture), bilisa ta’uufi yookaan yaada ofiin dhiibamuu
(objective and subjective), dubbisaafi barruu (reader and text) wal qabsiisanii ilaaluun
hiika yookaan barbaachisummaa hinqabu; yoo qabate immoo baay’ee xiqqaadha yaada
jedhurratti bu’uuressu.

Jacques Lacan yaad-hiddeessaa qeeqa xiinsammuu Frued booda dhufe isa biroodha.
Xiyyeeffannoon isaa afaaniifi wantoota isa waliin wal qabataniidha. Akka Lacanitti
dammaqiinsaan ala (unconscisous) kan ta’e ‘afaanii waliigalteeti’ jedha. “He treats
unconscisous as a language.” Kanaaf ilaalcha inni abjuuf qabu kan Frued isa abjuu akka
humna nama qajeelchuutti ilaalurraa adda. Akka isaatti garuu abjuun qabiyyee
waliigaltee hiika qabu (discourse)dha. Kanarraa ka’uun og-barruun akka wanta
dammaqiinsa keenyaan ala jiru caalaatti hubachuun qo’annaa waa’ee og-barruu baay’ee
beekuufi xiinxala xiinsammuu fayyadamuun abjuu qo’achuu fala akka ta’etti amana.

Kana malees, yaadrimee Frued hinaaffaa Oedipus (Oedipus complex) irratti qabu
fooyyesseera. Akka yaadrimee hinaaffaa Oedipustti daa’imni tokko yeroo daa’imummaa
jaalala maatii ofii keessaa (abbaafi haadha) kan saala faallaan harkifamuun, daa’imni sun
dhiira yoo ta’e gara haadhaatti goree ga’ee abbaa saal-qunnamtii keessatti qabu
taphachuu barbaada. Kana dhimma afaaniin wal qabiisuun Lacan sadarkaa kana dura jiru

Onkololeessa 2023
45

(pre-oedipus stage) afaan dubbii kan dursudha (preverbal or mirror stage) jechuun duraa
duubummaa sadarkaa yaadaan kaa’a. Akka Lacanitti, sadarkaa Oedipus yeroo mucaan
afaan barruutti seenuun walirra bu’a. kanas sadarkaa hoggansa mallattoo (symbolic
order) jedhee waama. Kana keessatti jechoonni waan bakka bu’an sana miti; bakka bu’ee
isaaniiti malee. Hoggansi yaadaafi mallattoo gosoota hoggaansaa sadan biliisa ta’uu
dhabuu (subjectivity) Lacan keessaa lameeni. Inni sadaffaan haqa ta’uu (being real)
yookaan sadarkaa yaadaan bira ga’amuun danda’amuun ol ta’uu, mallattoo wantoota
bakka buufamuu hindandeenyeefi beekumsaa ol ta’uu (warreen akka du’aa, kolfaa,
dhugaa…)

Gabaabaatti yoo kaa’amu:

 Qeeqni xiinxala xiinsammuu sababan gochaalee namni raawwatuu sadarkaalee


dammaqiinsaa alatti (unconscious stage) guddina sammuun raawwatu agarsiisuun
ibsuu yaala.

 Qeeqxonni qeeqa niinxala sammuu hojiirra oolcha hojii og-barruu hojiiwwan


wantoota sammuu barreessaa dammaqinaan alaa (unconscious mind) keessa jira
kan diidatti kan baasu godhanii ilaalu. Hojiin qeeqxota kanaa sammuu sodaa,
fedhiifi kaka’umsa barreessaa isa dhokataa bira ga’uudha.

 Akka Frueditti amaloota keenya baay’ee isaaniitiif (sodaa, fedhiifi hawwii)


keenyaaf kaka’umsi (motivation) isaaniisammuu keenya isa dammaqinaan alaa
keessa dhokatee jiraata. Akkasumas mul’istoonni eenyummaa keenyaa tokko
gaarii ta’us yaraa bu’aa raawwiifi amala ijoollummaatti qabaachaa turreti.

 Dogogorri guddaan qeeqa xiinxala sammuu keessatti mul’atu mallattoo akka


mul’istuu yookaan mala fedha, hawwiifi sodaa dhokataa dubbii, yookaan raawwii
tokko keessa jiruutti ilaaluufi itti fayyadamuudha.

Moodela sammuu akka ‘Frued’itti

Frued kutaalee sammuu akka armaan gadiitti qooda

Onkololeessa 2023
45

 ID- kutaa sammuu isa guutummaan guutuutti dammaqaa hinta’in akka kuusaa
fedhii, hawwiifi sodaatti kan tajaajiluudha. Kana malees bakka argama annisaa
yaada saal-qunnamtii (psychosexual energy) libido jedhamuti. Miironni beela,
dheebuufi hawwii agarsiisan as keessaa maddu. Seerota gammachuun (pleasure
principles) geggeeffama. ID kutaan jedhamu kun wanta gaarii jedhee yaade haal-
duree tokkollee utuu ilaalcha keessa hingalchin akka guutamu barbaada. Seexana
yookan jinni gatiittii namarra yaabee gara argetti nama oofutti fakkeeffaama.

 Ego –kutaan isaa harki caalu dammaqaa kan ta’eefi haala jiru xiinxaluun IDfi
super ego kan araarsu yookaan walitti fiduudha. Seera haqummaan (reality
principle) geggeeffama. Namoonni biroon fedhaafi hawwii ofii isaanii akka
qabaniifi fedhii ofii qofaan socho’uun yookaan ofitummaan akka nama miidhu
kan hubatuudha. Egon nama seexanni gatiittii gar-tokkorra taa’eefi ergamaan
waaqa (super ego) gatiittii gama biroorra taa’etti fakkeeffama.

 Super ego- kutaa sammuu isa yeroo mara dammaqinaan yaaduudha. Dhiibbaa
hawaasaa ilaalcha keessa galchuun murtoo seera qabeessaafi safuu eegurra akka
ga’amu kan taasisuudha. Seeraafi safuu namoonni nu guddisan nu barsiisanirraa
kan guddatuufi amantaa nuti sirriifi dogogora jennee qabaannu kan
murteessuuudha. Super ego ergamaa waaqaa gatiittii namaarra taa’ee egon gocha
yookaan raawwii keenya murtii kenninu hawaasaarraan dhiibbaa geessisuu
danda’u isaa akka ilaaluu yookaan madaalu kan godhuudha.

Moodela sammuu akka ‘Lacan’itti

 Sadarkaa kan hinmul’annee (imagenary) - sadarkaa dubbii duraa yookaan


sadarkaa dubbii (preverbal/verbal stage) bakka itti mucaan haadha, namoota
biroofi wantootarraa adda of baasee ilaaluu jalqabu. Yeroo umrii ji’a ja’aa hanga
kudha saddeetii gidduu jiruudha.

 Sadarkaa fayyadama mallattoo (symbolic) – sadarkaa itti mucaan afaaniin


dubbachuutti seenu. Dandeettii mallattoo uumuufi itti fayyadamuutu mul’ata.
Faallaa sadarkaa hinmul’annee bakka itti haadharratti hundaa’uun xiyyeeffannoon

Onkololeessa 2023
45

isaa gara abbaatti jijjirama. Akka yaad-hiddama Lacanfi deggertoota isaatti


abbaan safuu, aadaa, seera, afaaniifi aangoo bakka bu’a.

 Sadarkaa haqaa (real) – sadarkaa namni hundaa qabaachuufi ta’uu hindandeenye


yookan galmaan ga’uu dadhabu. Akkasaatti sadarkaan haqaa yeroo sadarkaa
hinmul’annee dura jirufi isa mucaan guutummaatti galma ga’u, sadarkaa itti
hanqina yookaan fedha hinqabne yookaan saddarkaan haqaa kun sadarkaa
mallattoo booda kan dhufuufi yeroo isa hanqina walirraa hincinne (perennial lack)
beekamu ta’uu akka danda’u eeru.

Gaaffilee qeeqxonni xiinxala xiinsammuu kaasan

 Dhiibbaan olaantummaa miiraafi fedhii (repression) odeeffannoofi caasaa


hojii qeeqamu sanaa akkamitti agarsiisa?

 Hojicha keessa adeemsi fooyya’iinsafi jijjirama Oedipus yookaan maatii


(Oedipus or family dynamics) jiraa? Kana jechuun amala
qooddataan/nam-fakkiin ga’eessummaa isaatti agarsiisu amala yeroo
mucummaa isaan wal qabsiisuun nidanda’amaa? jechuudha.

 Amalli qooddataa, taatewwan seenichaa, suurri yookaan miirri isaan


uuman yaadrimeewwan xiinxala xiinsammuun (miira, fedhiifi sodaa),
saal-qunnamtiifi kkf akkamitti ibsamu?

 Hojiiwwan kalaqaafi abjuu akkamitti waliin madalaa ibsina? Kunis


wantootni abjuu kessatti mul’atan (dream symbol) akkamitti mala ittiin
seenessaan fedha, sodaafi madaafi rakkoolee hinfuramin hafaniifi isaan
dhokatanii jiran kana nam-fakkilee, yoomessafi taatewwan seenaan
fayyadamuun agarsiise mul’isa.

 Hojiin kun maalummaa xiinsammuu barreessaa akkamitti agarsiisa?

 Hiikni (interpretation) hojii kalaqaa tokko waa’ee kaka’umsa


xiinsammuu dubbisaa maal agarsiisa?

Onkololeessa 2023
45

Qeeqa Feeministii (Feminist Criticism)

Qeeqni kun walqixxummaa dhiiraafi dubartii bu’uura godhatee adeemsa hoggansa


dhiiraa (mechanism of patriarchy)fi hubannoo aadaafi hawaasummaa (sociocultural
mindset) saaxila baasuudha. Haaluma wal fakkatuun karaa ittiin jijjiiramnin hubannoofi
ilaalchaa dhufu soquudha. Akkasumas og-barruufi raawwileen aadaa akkamitti gama
dinagdee, siyaasaa, hawaasummaafi xiinsammuun dubartoota akka dhiiban ilaala.

Akka barsiifata hawaasaatti dhiirri murteessaa (decisive), yaadnifi dubbiin isaa sababa
irratti kan hundaa’e (rational), cimaafi human qabeessa (strong and musculine)fi rakkoo
dura dhaabbachuu kan danda’u (protective) taasisee kan ilaalu yoo ta’u dhala ammo miira
kan geggeffamtuufi sababa kan hinbu’uureffanne (irrational and emotional), laaftuu, kan
human hinqabne (weak and feminine), gara laafeettiifi dhiira jala kan bultu
(submissive)tti fudhata. Ilaalchi hooggansa dhiiraa dhaadessu kun barsiifata qooddii
koorniyaa keessatti dubartii dhiiraa gaditti kan ilaaluufi olaantummaa dhiiraa kan
calaqqisiisuudha.

Qeeqa feeministii keessatti yaadonni bu’uuraa kanneen armaan gadiiti.

 Sirni hoggansa dhiiraa dubartoota gama dinagdee, siyaasaa, hawaasummaafi


xiinsammuun miidheera.

 Sirna kana keessatti dubartootni dhiira qixxee kan ilaalaman osoo hintaane, akka
qaama diidaatti ilaalamu (wumen is the other) jedhu.

 Alatti qabamuu isaaniirraa kan ka’e, kan hubataman garaagarummaa dhiiraa karaa
naamusaafi safuutiin qabamaniitu.

 Gara garummaan gama saalaan jiru /dhiira yookiin dubartii ta’uun uumamaan kan
kennamu yoo ta’u, garaa garummann koorniyaa garuu bakka dhiirriifi dhalaan
hawaasa keessatti qaban aadaa hawaasaan murta’a.

Onkololeessa 2023
45

 Hojiin namootaa feeministii hordofanii qeeq ogbarruu raawwatan walqixxummaa


koorniyaa fiduun addunyaa jijjiiruutti kaayyeffatanii socho’u.

 Dhimmi koorniyaa jiruufi jireenya raawwii ilma namaa, ogbarruu dabalatee


keessatti qooda guddaa fudhata.

Yaadonni armaan olii kun sirna hoggansa dhiiraa akkamitti akka yaadnu, dubbannu, ofii
keenyaafi addunyaa keessatti ilaallurratti dhiibbaa hudee gad fageeffate geggeessuu
danda’uusaa argisiisu.

Dhimmi yookaan xiyyeeffannoon qeeq feeministii inni guddaan ogbarruu keessatti loogii
dubartootarratti taasifamu xiinxaluudha. Hojiileen ogbarruu hedduun jamaa dhiiraatiif
barreeffaman.

Kana bu’uureffachuun qeeqni kun hubannoo dogoggoraa hawaasa dhiiraa yookaan dhiira
ta’uu akka ulaagaa sirrummaa (safuuttii)fi dubartummaa immoo akka waan seera
hawaasaa (safuu)rraa goruufi cabsuutti (deviation from norm) ilaaluusaanii qeeqa.

Qeeqa feeministii keessatti, ogbarruun tokko garaa garummaa dhiiraafi dubartii akkamiin
ilaala? Olaantummaa dhiiraa yookaan gadaantummaa dubartii nimul’isaa? Koorniyaan
hojiilee kalaqaa keessatti akkamittiin sammuu barreessaa yookaan dubbisaarraan
dhiibbaa geessisa? Gaaaffilee jedhan kaasuun qabiyyee barruu sanaa xiinxaluutti
fuulleffata.

Qeeqni Feeminiistii bara 1970oota kaasee qorannoo ogbarruu warra dhidhimaa keessatti
human cimaa argatee ture. Erga 1980 oota as ammoo karaa adda addaa guddateefi
babal’atee addunyaa guutuurraatti akka ilaalcha tokkootti beekame. Har’a garuu humni
qeeqa kanaa siyaasa eenyummaa soquutti (Identity politics) of daangessee, dubartiin
garee dhiibamaa (marginalized group) karaa sanyii, amantii, fedha saalqunnamtiifi kan
kana fakkaatanirratti hundaa’uun uumamu keessa jiraachuu kan agarsiisu ta’ee mula’ata.

Qeeqni feeministii gaaffilee armaan gadii kaasuun hojii ogbarruu qeeqa.

Onkololeessa 2023
45

1. Hojii barruu kalaqaa tokko keessatti dubartootni akkamitti ibsamu? Ilaalcha


dogoggoraa (streotypes) qabaa? Dubartootni of dandaa’anii akka nama tokkootti
nijiraatuu?

2. Dubartummaan akkamiin ilaalama?

3. Olaantummaan dhiiraa barruu sana keessaa nimul’ataa?

4. Dhiira yookaan dubartiin barreeffamuun barruu sanatti dhiibbaa maalii fide?

5. Haalli hojiirra oolmaa dinagdee, siyaasaa, hawaasummaafi xiinsammuu barruu


sana keessa jiru hoggansa dhiiraa agarsiisaa?

6. Barruun sun dhimma koorniyaa yeroo inni barrffame keessa jiru maal agarsiisa?
Sirna hoggansa dhiiraa nibalaaleffatamoo, nijabeessaa?

Qeeqa Markisiistotaa (Marxist Criticism)

Nama falaasamaa kan ta’e karl marx (1818-1883) fi ogeessa saayinsii hawaasaa kan ta’e
fredrich Engles (1820-1895) waliin ta’uun yaad-hiddama maarkisiistii jedhamuu
hundeessan.

Yaadni bu’uuraa maarkisiistii gabaabaatti jecha Marks jedheen “dammaqiinsa


namootaatu jireenya isaanii murteessa osoo hintaane, miseensa hawaasaa ta’uu isaaniitu
dammaqiinsa (consciousness) isaanii murteessa” kaa’uun ni danda’ama. Akka Marxitti
sammuun yookaan akkaataan itti namni yaadu bu’aa hawaasa dinagdee inni keessa
jiraatuuti.kanaaf yaad-hiddamni maarkisiistii jireenyaafi addunyaa Kenya gama waan
qabatamaafi mul’atuun kan ibsu ta’ee addunyaa yaadaa, addunyaa qabatamaafi mul’ataan
garas jiruuf iddoo kan hinkenninedha jechuun nidanda’ama. Haaluma wal fakkaatuun
yaad-hiddamni kun ruqoolee warren akka afaanii, aadaa, ogummaafi kkf caalaa irra
keessoo (super structure)ta’anii akka bu’uuratti caasaaalee dhokatoo (covert structures)
oomlsha (production), raabsa (distribution)fi itti fayyadama (consumption) of duubaa
akka qabanitti ilaala. Akka ilaalcha yaad-hiddama kanaatti safuun, amantiifi falasamni
dinagdee bu’uuteffatee yaada sammuu namootaa keessatti uumamuudha.

Onkololeessa 2023
45

Qeeqni markisiistotaa barruu kalaqaa akka bu’aa hojiitti kan ilaaluufi fayyadamtootnisaa
gahee gareen hawaasaafi ilaalchisaanii (role of clss and ideology) sirna bulchiinsa
hawaasaa (prevailing social order) mul’atu calaqqisiisuu, dabarsuufi qoruuf
(challenge)qabu kan xiyyeeffataniidha. Akka yaada markistotaatti, barruun kalaqaa bu’aa
qabeenya mul’atuu (material products) kan ta’eefi galumsa seenaa bal’aa keessatti
raawwatuudha.

Akka qeeqa maarkisiistiitti og-barruu akka bu’aa hojiitti kan ilaalamu yoo ta’u,
barreesssitoonni isaa ammo caasaa hawaasaa jiru mul’isuu, deggeruu yookaan mormuuf
ga’ee gareefi ilaalcha hawaasaa kan xiyyeeffataniidha.

Qeeqni warra maarkisiistii barruu kalaqaa ergaa dhokataa qabuuf itti gafatamaa kan
taasisu osoo hintaane barruu sana akka bu’uu yookaan fidumsa dhimmoota qabatamoo
(material products) galumsa seenaa bal’aa keessatti hubatamu taasisee ilaala. Marxfi
Engles walitti dhufeenya ogummaa (art), siyaasaafi haqummaa bu’uura dinagdee gama
yaad-hiddama hawaasummaan ibsu. Akka isaaniitti dinagdeen (economics) hawaasa isa
caasaalee olaanoon (super structures)kanneen akka seeraa, siyaasaa, falasamaa, amantiifi
ogummaa keessaa maddaniif bu’uuressa.

Qeeqni kun og-barruu ogummaa akka bu’uu hunmoota seenaa isaan haala dinagdee
keessatti hojjetamaniirraa hubatamuu danda’anitti ilaala. Akka ilaalcha maarkisiistiitti
ilaalchi adduunyaa (world views) hojii garee hawaasaa olaantummaa qabu (dominant
class) ta’ee fudhatama. Haaluma kanaan og-barruun haqa walitti bu’iinsa garee hawaasaa
olaantummaa qabuufi isa jala bulu gidduu jiru calaqqisiisuu isaarratti xiyyeeffata. Kana
jechuun warri maarkisiistii jiruu ilmoo namaafi oomisha walitti dhufeenya gareewwan
hawaas-dinagdeerratti hundaa’uun xiinxalu jechuudha. Akkasumas raawwiin namoota
hundaa gama raabsa oomishaafi olaantummaa dinagdeetiin akka mul’atu ibsu. Kanneenis
kan taasisan hawaasa tokko giddu galeessa godhachuun yookaan hawaasaa garaagaraa
keessatti wal bira qabuun ta’uu mala.

Gaaffilee qeeqxoonni maarkisisiitii waa’ee hojiilee og-barruurratti kaasan keessaa


muraasni isaan armaan gadiiti.

Onkololeessa 2023
45

 Og-barruun sun utuu beekuu yookaan hinbeekin yaada kaapitaaliizimii,


impeeri’aalizimii yookaan qooddii gareettii (classism) ni adeemsisaa? Akkas yoo
godhe dhimmoota isaan kanaa kan qabate waan ta’eef namni qeequ kana gochuu
og-barruu sana saaxila baasuu qaba.

 Hojichi kaapitaaliizimii, impeeri’aalizimii yookaan qooddii gareettii (classism)


akkamitti qeeqa? Hojichi humnoota hawaas-dinagde cunqursoo (oppressive
socioeconomic forces) kan qeequu yookaan akka qeeqnu kan nu afeeru yoo ta’e
hojichi ergama maarkisiistotaa qaba.

 Hojichi gama tokkoon ergama maarkisiistotaa deggeree gama biroon ammoo kan
kaapitaalistootaa deggeraa? Kana jechuun ilaalchota walitti bu’an qabaa
jechuudha.

 Hojiin kalaqaa qeeqamu kun haala hawaas-dinagdee keessatti barreeffamee


akkamitti calaqqisiisa?

 Hojii tokko akkamittiin qeeqa amantii kurfaa’e (organized religion) taasisnee


ilaaluu dandeenya

Yaad-hiddama Barreessaa Fuulleffatu

(Author-oriented Approaches)

Yaad-hiddamni barreessaa fuullffatu wantoota sammuu barreessaan walqabatan


bu’uureffachuun ogbarruu xiinxaluutti fuulleffata. Haata’u malee, wantoota
xiyyeeffannoo barreessaa argamsiisan bu’aa kan dhabsiisu miti. Barruu kalaqaa
dubbisnee miira keenya bira yummuu geenyu, barreessaa ogbarruchaa arginee utuu
haasofsiifnee jaallanna. Kan gochuuf garuu yeroo hunda hinmilkoofnu. Ta’us barruu sana
yeroo dubbisnu akka waan barreessaa sana arginee wealiin dubbannee, akka waan inni
keessasaa nutti himee, akka waan eenyummaasaa saaxila nuuf baasee, yookaan immoo
akka waan inni muuxannoosaa nuuf hireetti nutti mul’ata. Kanarraan kan ka’e, ogbarruun
akka waan barreessaan hiriyaa dhiyeenyaa iccitii mara nutti himu godheetu nutti
agarsiisa.

Onkololeessa 2023
45

‘Holdens’ yaada kana yummuu qeequ, “Barreessaan barruu qalaqaa keessa jiras, hinjirus”
jedha. Wanta barreessaan jedhu yommuu dubbistu akka keetti namni kamiyyuu akka
hinhubannetti yaadda. Wanta ati yaadduufi kaayyoo miirakee si caalaatti bakka kee bu’ee
siif ibsuu danda’uusaaf barreessaa barruu kalaqaa sanaaf beekamtii kennitaaf.
‘Shakespeare’ yeroo mara cimina akkasii qaba_dandeettii yaada garaa namootaa ifa
baasee agarsiisuufi ibsuu.

Akkas ta’us, walitti dhufeenyi garmaleen dubbisaafi barreessaa gidduu hinjiraatu;


barreessaan qabatamaan walitti dhufeenya dubbisaa wajjin qabu hinqabu. Dubbisaatu
akka waan barreessichi isa gargaaruuf waa’eesaa himaa jirutti fudhata malee. Kunis
yaada inni waa’ee barreessaaf qaburraa madda.

Qeeqni haaraan Ingilizootaa, “Barreessaarratti xiyyeeffachuun kaayyoo ykn yaanni


barreessaa bu’a qabeessummaa hojii kalaqaa murteessuuf ykn madaaluuf akka waaqaatti
hingargaaru” jechuun falmu. Wantisaan barbaachisaadha jedhan barruu sana malee,
waa’ee yaada ilaalchaafi xiyyeeffannoon barreessaa hojii qeeqa keessatti bu’aa hinqabu.
Fakkeenyaaf, barreessaa lubbuun jiru bira deemnee waa’ee ijoo barruusaatii yoo
gaafatne, deebiin inni nuuf kennu karaa nuti hubannee ykn tilmaamneen ala waan
deemuuf barruu gara biro nutti ta’ee, hiika biroo kennuu nu gaafata.

Barruun kalaqaa walitti qabama jechootaafi tarreeffama himoota ergaa barreessaan akka
waaqaa ta’e kalaquu qofa qabatee hinjiru. Garuu ergaa/dhaamsi barruulee kanaa wantoota
kallattii gara garaarraa walitti dhufaniin argama. Dubbisaan ilaalcha, xiyyeeffannoo,
fedhii, aadaafi kkf fudhatee barruu sana dubbisa. Isaan kana kan maalummaa dhaamsasaa
murteessan.
Barthess (1977)fi Foucault (1979) barreessan akkamitti akka fudhatan yummuu qeeqan,
“Barreessaan akka waaqaatti dhaamsaafi hubannoon barruu kalaqaarraa argamurratti
olaantummaa kan qabu ta’ee hubatama” jedhu. Akkasaan jedhanitti garuu barreessaa
daangaa malee yeroo mara kan jiraatu miti. Fakkeenyummaafi barbaachisummaansaa

Onkololeessa 2023
45

yerootii gara yerootti, aadaa tokkoo aadaa biraatti, galumsa tokkoo galumsa biraatti
nijijjiirama.

Fakkeenyaaf, Foucault (1979:149) akka Bennet and Royle (2009:231) keessatti


wabeefatametti barreeffamootni har’a hojiilee kalaqaa (seeneffama, tiraajedii, koomeedii,
asoosama…) jennu utuu gaaffiin waa’ee abbaa isaan barreesse ykn kalaqe lafa hinkaayin
yeroosaan mana kitaabaa keessa nam’anii taa’aa turan tureera. Yeroo dhiyoo as garuu,
haalli kun jijjiiramee abbummaa barreessitoota kanaa seeraafi koppii raayitiin
mirkanaa’eera.

Walumaagalattii, akka waan dandeettii kalaqee dhuma hinqabnee qabuutti yoo laalle,
dubbisaaf qeeqa taasisnu keessaatti aangoo addaa kan inni iittiin hiikuufi
barbaachisummaa barruu sanaa of biratti qabutu kennuufii keenya. Yeroo kana
barreessaa akka human ykn qaama addaa, akka waaqaatti waan ilaalamuuf barruu sanaaf
hiika ofii keenyaa kennuu sodaanna. Sababiinsaas, hiiika inni barruu sanaaf kennee
kalaqe qofaatu sirrii ta’uutti waan amannuuf. Barthessfi Foucault Warreen armaan
oliirraa ka’uun, ergaan ogbarruu barreessaan kan kalaqamu akka hintaaneefi barruu
sanarratti olaantummaa addaa kan hinqabne ta’uusaa ibsu.
Wanti beekamuu qabu garuu yaadni jedhame kun barreessaan akka kaayyoo qabu ganuu
yookaan irraanfachuu akka hintaaneef wanta barreessichi jechuu barbaadu miira barruu
sanaa beekuufi dubbisanii hubachuuf hanga tokko akka barbaachisu heeruuf. Garuu kan
dubbisnuufi miirri uumnu hudi isa barreessaan barbaade qofatti kan daanga’u miti
jechuudha.

Qeeqa Barruu Fuulleffataa

Yaad-hiddamni barruu fuulleffatu gosoota adda addaa of jalatti qabatee jira. Qeeqxota
ogbarruu kanneen haala barruu qofaan daangessanii ogbarruu hiikan hunduu as jalatti
ibsamu. Hojiin yaad-hiddamoota gosa kana inni guddaan barreeffama ogbarruu
xiinxalanii karaa adda addaa ilaalu malee haala hojiin sun keessatti raawwateefi seenaa
barreessaa quba hinqaban. Barruu kalaqaa tokko hiikuuf akkaataa barreeffamaa, jechoota

Onkololeessa 2023
45

barreessan filateefi dubbeelee qoolaa achi keessa jiran duuba yaada jiru xiinxaluun ga’aa
akka ta’etti amanu.

Yaad-hiddamootni barruu hojii kalaqaa xiyyeeffachuun qeeqan warren akka


bifeessummaa (Formalism), qeeq-haarawaa (new-criticism), caasessummaa
(structuralism), qeeqa caasummaan boodaa (post-structuralism), qeeqa angafummaa
(Archetype)fi diiganii sirreessuu(deconstruction) fa’a. Kanatti aansuun yaad-hiddamoota
kanneen ibsuuf yaalla.

Qeeqa Bifeessummaa

Bifeessummaan qeeqa ogbarruu jecha walii galaan yaad-hiddamoota muraasa of jalatti


haammatee1920fi 1930’moota keessa jalqabee, 1940fi 1950’moota keessa hundeeffame.
Bifeessummaan bal’inaan kan jalqabe Yaad-hiddama tamsa’ineessummaa mormuuf
uumame. Qorannoo ogbarruu keessatti lamaanuu jalqabarratti gad caccabsuun qaamota
hammatamanii guutummaa uuman baasuuf yaalu.

Garuu kaayyoon tamsa’ineessitootaa humnaa ol hawwuufi tamsa’uudha.


Tamsa’ineessitootni gosa sheekolee filatanii bakka bakkaatti adda baasanii akka ergaaf
fayyaduuf qoodanii gosa xixiqqaa inni itti ramadamu murteessuu; achii ka’uun mannee
isaa barbaadanii mana jalqaba maddetti galchuu; achiraas gosa jalqabaa kan ta’e ijaaruuf
yaalu. Bifeessummeessitootni immoo yaanni tamsa’ineessitootaa kun wanta bu’aa
hinqabnerratti huna fixuu akka ta’etti amanan. Ergaafi gosa adamsuun maddaafi isa
jalqabaa tilmaamuurra, haala qaamonni gosa sheekoo tokko itti tarreeffamanii
guutummaa qaamasaa sana uumuuf fuuldura deeman qorachuun bu’aa olaanaa qaba
jechuun mormu. Haala kanaan Bifeessitootni hojiilee kalaqaa karaa sirrii hiikuuf
kaayyeffatanii sochii jalqaban.

Kallattiin kun Vladimir Propp-iin jalqabe. Propp tamsa’ineessitoota akka Antti Aarne
sheekulee addunyaarraa guuraman bifa salphaan gad xiqqeessuusaaniif kabaja qabuuf
ibsuun eegale. Hojiin isaanii kun gosa gosaan sheekolee adda baasuun akka hayyuuleen

Onkololeessa 2023
45

gosa barbaadan salphaatti argatan gargaara. Haata’u malee, faayidaan hojiisaanii kun
kana darbee deemuu akka hindandeenye amane. Fakkeenyaaf, Arne-n sheekolee gosa
bu’uuraa sadiitti: sheekkoo bineeldota (animal tales), sheekkoo sirrii ykn sheekkoo
namaa (tales proper/animal tales)fi baacolee(an anecdote) jedhee gad caccabsuu yaale.

Propp immoo ‘osoo gad fageenya gahaan amaloota isaanii hinqoratin akkamiin
qoqqooddii kana amanuu dandeenya’ yaada jedhu fudhatee ka’e. Akka inni jedhutti,
qorannoon bifa sheekkoo hubannoo gosa kam akka inni ta’e baruu keessatti sadarkaa isa
jalqabaa dhugaadha. Gaafa sana raawwanne waa’ee madda sheekkoofi gaaffilee biroo
tamsani’eessitootni ittiin of koo’omsan biratti ce’uu dandeenya. Propp kanarraa caasaa
/dagaloota sheekkoo (morphological study of folktales) gosa tokko tokko qorachuun
qaamota ergaa (motif) isaa kan inni faayidaalee (function) jedhuufi walitti
dhufeenyasaan jaargocha keessatti qaban agarsiisuu jalqabe.

Propp fakkeenyaalee sheekkolee Raashiyaa nama biroon guuraman dhibba tokko filate.
Kunniin sheekkolee ajaahibsiisoo (fairytales): gochoota ajaa’ibsiisoofi hinamanamne kan
akka balali’uu namootaa, butamuu miidhagdootaafi goototaan deebi’anii galuusaaniin
guutamanii argate. Kanneen xiinxalee gara waltinaa fiduun akka gosti kun faayidaalee
soddomii tokkoo ol qabaachuu hindandeenye ibse. Haala kanaan prop yaada xaxamaa
heddummina ergaan uumame dhabamsiisuu qofa osoo hintaane, sheekkolee karaa sirrii
qoqqooduufis karaa baase.

‘Propp’ kan fedhes yoo gumaache hanqinnisaa tokko sagntaasaa kana kan aguuge
fakkaata: bu’aa namootaa dagachuusaa. Ittiin jalqabuuf namni seenaa himu yoo caasaa
seenichaa karaa kam jijjiireyyuu akka homaa bu’aa hinqabne ifaan himeera. Kana
jechuun bu’aa miidhagina aartii namni seenaa himu gumaachuu danda’urraa dhimma
hinqabu.

Lammaffaa, faayidaaleen sheekkoo eenyuyyuu haa’imu, dandeettii akkamiiyyuu


haaqabaatu, yeruma hunda walqixa ta’anii akka taa’an ibse. Yaadni kallattii namummaa
molqu kun akka bifeessummaan 1930moota keessa jaallatama dhabu godhee ture.
Hayyuleenis keessa deebi’anii yaada kana akka ilaalan godhame.

Onkololeessa 2023
45

Falli dogoggora kana sirreessu Raashiyaadhuma keessaa madde. Eleazer Maletinsky


caasaalee xiinxala sheekkoo haaluma propp’iin hordofee ergaafi walitti dhufeenyasaan
jaargocha keessatti qaban agarsiisuun tartiibasaan ittiin safuu achii-as dhuftee hawaasaa
calaqqisiisan mul’ise. Haala jireenya hawaasummaafi akkaataa raawwii hawaasa
keessaarratti fedhii horachuunsaa kun bifeessummaan kan ‘Propp’ irraa molqee ture sana
deebisee akka gonfatu godhe. Fooyya’insi kun qorannoo bifeessummaa afoola afriikaa
keessattis nimul’ata. Alan Dundes sheekkolee Afriikaa bahaa haala kanaan qoratee,
faayidaalee bu’uuraa shan tartiiba itti aanuun baase.

7. Hiriyummaa: kalaqni sheekkoo sanaa yeroo hedduu akka hiriyummaan


ykn walgargaaruun namfakkiilee qooda fudhatan gidduutti claqqisu
godha.
8. Walii galtee: haaluma walfakkaatuun, yeroo baayyee namfakkiileen
sheekkoo sanaa walii galteerra ga’u ykn walbeellamuutu mul’ata;
kunimmoo gatii ykn kaayyoo hiriyummaa madaaluuf.
9. Waadaa diiguu: hiriyoota keessaa tokko waan amantaa shakkisiisu
raawwachuu. Fkn. Hatuun ykn dhoksuun walii galtee sana faallessa.
10. Saaxilamuu: namni hatame ykn ganame sun wanta godhamaa jiru ykn
waadaa cabe sana arga. Innis deebi’ee gana ykn karaasaa waadaa gale
sana faallessa.
11. Gargar galuu: haalli xumurarratti mul’atu waadaa sana diiganii gargar
galuudhu; yeroo tokko tokko namicha duraan waadaa cabse adabuun
raawwata.

Hojiilee gaggaarii lamatu hojii bifeessummaa Alan Dundes kanarraa madde. Tokko,
lakkoofsa Propp garmalee dheeresse sana gadi xiqqeesse. Dundesiifi Propp yoo
sheekkolee gosa gara garaa xiinxalu ta’eyyuu, kan Propp keessatti wantootni walfakkatan
nihubatamu. Soddomii tokkorraas gad bu’uu akka qaban hayyonni booda keessa
hubachuu dandaa’aniiru. Deemsi jaargocha Dundes garuu qulqulluufi ifaadha.

Bu’an lammataa, yeroo Dundes sheekkolee Afriikaa kan Hindiyaanota Amerikaan


dorgomsiise uumame. Sheekkolee achii-as dhuftee Afrikaa keessatti walitti dhufeenyi

Onkololeessa 2023
45

hawaasaa baay’ee cimee mul’ata; haalli jiruu gamtaadha. Achii as dhuftee Hindiyaanota
Ameerikaa keessatti garuu ofittummaafi jiruu ofiitu cimee mul’ata. Fakkeenyaaf,
sheekkoolee gowwomsuu Afrikaa keessatti yaanni hiriyummaa namfakkiilee iddoo
tokkotti walitti fidu cimee mul’ata. Namfakkileen sheekkoolee Hindiyaanotaa garuu ofiin
socho’u. Seenessaan hirmaattotaaf qooda hinkennu; ofii murteessa.

Akka N.Krishnaswamy et Al (2001) jedhutti, bifeessummeessitootni qorannoosaanii


keessatti qabiyyee caalaa bifa barruu kalaqaa xiyyeeffatu. Bifni barruu kalaqaa tokko
haala dubbiirraa kaasee hanga caasluga afaan caasaa miira kaka’umsa hojii kalaqaa sana
uumeetti ilaaluu barbaachisa. Kanaaf, bifeessummeessitootni yeroo ogbarruu qeeqan
barruu kalaqaa sanaafi haala naannoo hojiin sun keessatti raawwatee xiyyeeffatu. Haala
kanarraa akka hubatamutti, bifeessummaan bal’inaan kan guddate, hojii kalaqaa kamillee
haala naannoosaa marsee jiruun walqabsiisee bifa (form) barruun sun itti katabame
hiikuudhaani. Haalli siyaasaafi taateewwan seenaa jaarraa barruun sun keessatti kalaqame
raawwate hiika ogbarruu sanaaf gumaacha. Dabalataanis, filoosoofii yeroo sana ture,
qindoomina sammuu barreessichaafi muuxannoo jireenyasaa waliin cimsee walqabata.

Akka yaada bifeessitootaatti jechootni yeroo hunda dubbataman ogbarruu barreesuuf


baay’ee hinfayyadan. Yoo dhimma ba’amanis barbaachisummaa ogbarruu sanaa gad
buusu. Barruun kalaqaa haala aakkasiin barreeffame nihuka. Akka dubbistootni bal’inaan
hidubbisne jibbisiisa. Kanaafuu, ogbarruun caasluga afaanii eeguu olitti jechoota hiikaaf
gumaachan filachuu barbaada. Karaa duraan beekumurraa maksuun jechoota
fayyadamuun miidhagummaa hojii kalaqaa sana tumsuurra darbee hiika xiyyeeffachiisa.
Fkn Bishaan waade. Hima kana karaa caaslugaa yoo ilaalle dogongora qaba. Garuu
ogbarruu keessatti sirrii ta’uu dandaa’a. Dhimma wanti sun jedhameefirratti hundaa’ee
hiika godhata. Bifeessitootni kana xiyyeeffatanii qeeqa ogbarruu kan geggeessaniifis
haala kanarraa ka’aniiti.

Xiyyeeffannoo akkanaa kan qabu yaad-hiddama qeeq-haarawaa kan bara 1950 oota keessa
sadarkaa guddinaa argate tokko gosaa bifeessumaa akka ta’e amanama.

Onkololeessa 2023
45

Sochiin bifeessummaa inni jalqabaa kan bu’uureffame garuu, akkuma duraan ibsime,
Ruushiyaa keessatti, 1930’oota keessa _yeroo bittaa Xaaliyaanotaa, mana barnootaa
qorannoo afaanii Pergue_ Kan mala xiinxalaan beekame keessatti ture.

Dimshaashumatti, yaad-hiddamni bifeessummaa kitaaba ogbarruu qeequuf haala


barreeffama kitaabichaa: bifa, qindoominaafi akkaataa ijaarsa qaamasaa guutummaan
ilaaluu bu’uureffata. Kana malees, jechoota kalaqaaf fayyadan (literary terminology)
xiinxaluufi ogbarruu gosaan qoodee qo’achuu fuulleffata. As keessastti xiyyeeffannoon
addaa kan laatamuuf, afaan barruun sun ittiin katabameefi hiika dubbiilee qoolaa achi
keessa jiran xiinxaluun hojii aartii sanaa qorachuudha.

2.3.2 Qeeq-haarawaa (New-criticism)

Qeeq-haarawaan gosa bifeessummaa keessaa tokko ta’ee, bara 1940mootaafi 1950moota


keessa sadarkaa guddinaa kan argateedha. Moggaasni maqaasaa kitaaba “John Crowe
Ransoms” bara 1941 “The new Criticism” jechuun barreesse irraa argame. Hordoftootni
yaad-hiddama kanaa hojii kalaqaa tokko kan ilaalan akka hojii dhuunfaa (self-
contained)fi mataa ofii wabeeffachuu (self-referential object) ibsuuf fayyaduutti
fudhachuuni. Haala kanaan qeeq-haarawaan hiika barruulee kalaqaa deebii dubbistootni
kennan, dhaga’itii barreessaan bu’uureffate ykn miira barreessaafi barreeffamichaan
haala seenawaan waltarree hiikuurra, gad fageenyaan dubbisuun walitti dhufeenya
ruqiilee ogbarruu sanaa; namfakkiilee, jaargochaa, waldiddaafi akkaataa barreeffamaan
walqabsiisuun hiikuutti xiyyeeffata.

Dabalataanis, haalli barreeffama barruu kalaqaa tokko hiika inni qabuun addda baasuun
kan hindandaa’amne ta’uu heeru. Lamaanuu wal tumsu; walqabatanii hiikamu. Akkaataa
barruu dagachuun hiika hir’isuu akka danda’u cimsanii akeekkachiisu.

Ogbarruu hiikuu keessatti caasaa guutummaa qaama barruu sanaa ijaare xiinxaluuf
xiyyeeffannoon kan laatamuuf dudura suuraaleefi mallattoolee, bu’aa sagalee (sound
effect)fi dhikkisa (rhythm) ogbarruu sana keessatti mul’atani. Hordoftootni yaad-hiddama
kanaa dubbiilee qoolaa akka habalaka (irony), waldhabdee namfakkiilee gidduutti ta’u
araarsuufi madaallii seenichaa eegsisuuf dubbataman xiinxalanii dinqifatu. Sababa

Onkololeessa 2023
45

qeeqni haarawaan gad fageenyaan barruu xiinxaluufi ilaalcha barruun kalaqaa itti
yaadamee uumame jedhu waan qabuuf ogbarruuf dhihaanna qabatamaa (objective
approach to literature) jedhama.

Qeeq-haaressitootni (new critics) qeeqxota biro caalaa barruun kalaqaa tokko hiika
qabatamaa akka qabutti amanu; akkas ta’uu dubbatus. Akkasaan jedhanitti hiikni barruu
kalaqaa kamillee qabatamummaan beekama (the meaning of a text can be known
objectively).

Hodoftootni yaad-hiddamoota biroo garuu yaada qeeq-haaressitootaa kana cimsanii


mormu. Fakkeenyaaf, qeeqxotni dubbisaa fuulleffatan (reader response) hiikni barruu
kalaqaa tokko muuxannoo dubbisaa ykn safuu hawaasa hojiin kalaqaa sunirratti
barreeffameen walqabatee hiikamuu akka danda’u ibsu. Diiguun ijaartotni
(deconstructors) immoo barruun kalaqaa tokko yeruma tokko hiika adda addaa
qabaachuu akka danda’utti cimsanii falmu.

Bu’uurri qeeq-haarawaa kan jalqabe kitaabota 1920’ootaafi 1930’oota keessa katabaman


keessatti diriirfamee/ kuufamee ture. Booda keessa barbaachisummaansaa dabalaa dhufe.
Seerotaafi jechoota murtaawoo kan akka amantaa dubbisa (affective fallacy)fi kaayyoo
barreessaa (intention fallacy) qeeqa haarawaan yoo walqabsiifneyyuu qeeqxonni yaad
iddama kanaa qeeqa raga hin qabne ijaruu caalaa himoota beekaman amaleeffachiisuuf
tattaafatu.

Qeeq-haarawaan kan dhaabate sochii barsiifata qeeqaa kan hordoftoonni qeeqa haarawaa
anqina guddaatti fudhatan waan ala jiruun walqabsiisuusaaniiti. Fakkeenyaaf, seenaa
jireenyaa ykn xiinsammuu barreessaan walitti hidhuu, waan hojjetameefi seenaa barruun
sun keessatti katabame walqabsiisuuf ta’a.

2.3.3 Qeeqa Caasessummaa

Yaad-hiddamni kun qorannoo bifaalee ogbarruu achii-as dhuftee hawaasaa mul’isan adda
addaa: sheekkoo, durdurii, oduu duriifi kan kana fakkaatan keessatti bal’inaan fayyadaa
ture. Caasessamni yaad-hiddamoota hundaa olitti xaxamaadha. Xaxamummaansaa kunis

Onkololeessa 2023
45

dhugaa barnootni kun kallattiilee gara garaa sagantaa tokkoome jalatti walitti fiduun
gosooa ogbarruu hedduu xiinxaluuf tattaafaturraa madda. Kallattiileen kunniin
jalqabarratti qorannoo gosa ogbarruu sana hundeessuurratti xiyyeeffata. Itti aansee, haala
yaada bifeessummeessitootaan walitti dhufeenya qaamota keessoo ogbarruu, keessumaa
mallattooleesaanii sana qorachuun caasaa isa dhokataa jalaa baasuudha; hunda caalaa
garuu rakkoo sammuu aadaa keessatti mul’atu kan gosni ogbarruu sun calaqqisiisu
hiikuuf tattaafata. Kanas qabsoo mallatooleen ogbarrucha keessatti hammataman
godhanirraa maddisiisuu barbaada. Tattaaffiin dhumaa kun caasessummaa guutummaan
xiinxala sammuu keessa galcha. Yoo hawaasummaa makata, yookaan xiinxala sammuu
ta’eyyuu karaa mudannoo aadawaa kamiiyyuu, fedhiin inni caasaarratti qabu
caasessummaa adda baasa.

Yaad-hiddamni caaseessummaa qorannoo saayinsii hawaasaarraa madde. Rakkooleen


uumamma caasessuu jaarraalee hedduuf sammuu hayyuulee awurooppaa keessa turan.
Caasessummaa dhugaa kan argate garuu, Claud Levi-strauss, Soosoloojii French yeroo
sana tureen dadammaqee eegale. Yaad-hiddamni kun kallattii Emile Durkheim duraan
jalqabe, faayideessummaa (functionalism)rraa adda ture. Addummaansaas, yaad-
hiddamni faayideessummaa qaamolee aadaa hawaasaa gosa adda addaa akka
tokkommaafi tasgabbii eeguuf fayyadanitti ilaala; caasessummaan garuu hawaasa akka
ruqiileefi fedhiilee adda addaatti ilaala; raawwiileen aadaa hawaasaa hedduun yeroo
hunda waldiddaa walii wajjiniifi jaarmiyaa madaallii eegan haammatanii akka jiranitti
amana.

Ilaalchi jireenya hawaasummaafi aadaa waldiddaan hodofamu kun kallattii Levi-Strauss


irraa ogbarruu afoolaa keessaa seeneffamoota xiinxaluu cimsee dadammaqse. Garuu kan
caalaa humna godhate mormii xiinxala caasaa qooqaa Barnoota Prague (Prague-School)
jedhamutti ba’uusaati. Jalqabumarratti, qooqa kam keessattiyyuu, deemsa dandeettii
beekuu gonfachuuf sammuun namaa yaada adda addaa qooqa sanaa ulaagaalee faallaan
qindeessa. Fakkeenyaaf, ho’aa/diilalla’aa, adii/gurraacha, irra/jala, jaalala/jibba,
gaarii/badaafi kan kana fakkaatu qooqa sana keessatti qindeessee waa hima. Sammuun
ilma namaa uumamaan lakkuu yaada. Fakkeenyaaf, qilleensi baay’ee hoo’u yoo dhufe,

Onkololeessa 2023
45

boodammoo qiilleensi diilalli akka dhufu tilmaama. Haala mijataa keessa taa’eeyyuu of
shakka. Kanaaf yeroo hundumaa wantoota walfaallessan sammuun qindeessa jechuudha.

Yaanni lammaffaan waa’ee qooqa ilma namaarratti jiru, namootni lama sirriitti walii
galuuf qooqa tokko dubbatanis dubbachuu baatanis, karaan walii galtee
mallattooleesaanii (jechootni, sochiin harkaafi haalli fuulaafi kkf) ittiin raawwatan
jiraacuu qaba. Qooqni waliigalteen hundee caasluga tokkorratti raawwachuun walitti
dhufeenya mallattoolee uumu. Hiika gocha qooqa tokkoo hubachuuf suuraalee xaxamoo
karaa mallattoolee walitt dhufan agarsiisu ijaaruu danda’uu qabna. Achirraa kaanee
walitti dhufeenya barbaadamerra ga’uun waliigaltee uumna.

Yaadni mallattoo qooqaan waliigaluu kun Levi-straussiin human cimaan hawwate.


Qorannoo saayinsii hawaasaa, keessaayyuu Antroplogy kanneen hojjechuun raawwilee
ilma namaafi aadaa garagaraa hike. Walitti dhufeenya firummaa, deemsa yaada barsiifata
aartii, garuu hundaa olitti eessaa-dhuftee seeneffamoota afoolaa waa’ee madda ilaalchaafi
barsiifataalee adda addaarraatti fuulleffate. Levi-strauss xiinxala hubatamaa jalqaba
barsiifata maatooloojii (traditional mythology) seeneffama waa’ee Oedipus qo’ate. Kan
Freud akka addeessa yaada fedhii saalqunnamtii yeroo daa’imummaatti xiinxale sana inni
immoo fakkaattii qooqa caasaa (similarity of linguistic stracture) hodofuun karaa adda
ta’een xiinxalee hike. Haaluma kanaan seeneffamoota yaada Oedipusiin walitti dhufan
guuree xiinxaluun caasluga, yookaan fakkaattii walitti dhufeenya mallattoolee isaan
gidduutti uume. Achirraa ka’uun hiika barbaachisaa rakkoo sammuu aadaa Griik durii
kan seeneffamni Oedipus irraa madderra ga’uu danda’e. Goolabnisaas “Eessaa-dhufteen
yaada rakkisaa wajjin walqabata. Kunis aadaa waa’ee amantaa ilmoon manaa ofiin of
dhalche jedhuufi beekumsa ilmoon namaa tokkummaa dhiiraafi dubartiirraa dhalata
jedhu barbaada.

Levi-Strauss booda haala miidhagaan seeneffamoota eessaa dhuftee Indiyaanota


Amerikaa (America-Indian Myths) xiinxale. Kanneen keessaa matadureen tokko ‘Seenaa

Onkololeessa 2023
45

Asdiwaal’ jedhama. Seenaan ajaa’ibsiisaan kun irra kessa waa’ee jireenya adamoofi
qurxummii keyyeessuu Hindiyaanotaati.

Levi-Strauss garuu fedhii seeneffamichaa dhugaa waldiddaa hawaasichaa keessaa


baasuun yaada dhimma hawaasaa, akka namni itti as ga’eefi eessa akka jiraachuu qabu
kan mul’isu ta’uusaa addeessa.
Akkuma Levi-Strauss xiinxala Hindiyaanota Ameericaa itti fufeen xaxamummaan
jechootaafi teeknikaala qeeqa yaad-hiddama kanaa baay’ee dabale. Barnoota hundeen
ogbarruu ta’an kanneen gosa barnoota biroorraa maddanirratti falmisiise. Fakkeenyaaf,
akkuma gochaan xiinxala hundaa foormulaa herregaa qabu, seenaanis walqabeenya
loojikawaa keessatti mallattooleen agarsiifama.
Levi-Strauss eessaa dhuftee Hindiyaanota Amerikaa kanneen mul’isan seeneffamoota
813 mataduree “Mythologiques” jedhamu hidhaa afuritti qoodee qorate. Xiinxala sana
keesstti yaada “Eessaa dhufteen waliigaltee caasaa keessaan muuziqaa fakkaata” jedhee
amane. Kanniinis jechamootaafi yaadota muuziqaan walqabsiise. Guutummaan
seeneffamoota eessaa dhuftee hundisaanii bifa tokkoon waldiddaa aadaa Hindiyaanota
Ameriikaa keessatti waa’ee uumamaafi aadaa akka calaqqisiisan cimsee hubachiise.
Akkuma lola mallattoolee karaa tokko dheedhiifi karaa biroommoo bilchaataa,
qulqulluufi xurii keessatti mul’atuun ogbarruunis hiikamuu akka danda’u amane.
Achirraas mala xiinxala caasaa maddisiise.
Caasessummaan yaad-hiddama ilma namaa (theory of human kind) kan caasaa ruqiilee
aadaafi ogbarruu akka sirna ibsituutti hawaasaa (a system of signs) kan barsiisuudha.
Caasessitootni Awurooppaa kanneen akka Roman Jacobson, Levi-Strauss’iifi Roland
Barthes (gara caasessummaan boodaatti utuu hindeebi’in) walta’anii saayinsii
mallattoolee (semiology) hundeessuuf tattaaffachaa turan. Keessumaa Barthes waa’ee
mallattoolee yummuu ibsu, ogbarruufi qooqni qoratamanitti addaan ba’anii kan
beekaman sirna mallattooleen hogganamaniiti yaada jedhu ibsa.
Caasessummaan qabiyyee barruu kalaqaa xiinxaluu caalaa caasaalee guutummaa barruu
sanaa uuman qorachuu fuulleffata. Seera yaad-hiddamni kun hordofu keessaa tokko bifni
qabiyyee ibsa/ bifni ofiisaayyuu qabiyyeedha (the form define the content/ form is

Onkololeessa 2023
45

content) kan jedhuudha. Innis caasaa barruu sanaa isa qabiyyeen ittiin dhiyaatu xiinxaluu
barbaada. Sanatu haala qabiyyeefi ergaa yookaan odeeffannoo akka darbuuf barbaadame
murteessuu dandaa’a jechuudha.
Qeeqni caasessummaa kun akkaataa itti ogbarruun hiikamuufi yaada barbaadame
dabarsuuf tolu hiika qabatamaa argachuuf tattaafata. Kana raawwachuuf, caasaa keessatti
jechoota yaada sana dabarsuuf bakka bu’an xiinxaluun bu’aa qaba. Sirna mallattooleen
walqabatanii akkaataa itti jechootni caaseffamantu hiikaaf gumaacha. Jechoonni
walfaallaa lama (binary opposition) walfaana hiriiruun hiika barbaadame akeeku.
Fakkeenyaaf, jiraataa/du’aa, macha’aa/dheebotaa, sooressa/hiyyeessa jechootni jedhaman
kallattiin hiika faallaa qabu. Ogbarruu keessatti garuu waliin ta’anii hiika walfakkaatu
kennuu danda’u. Yaadonni faallaa loojikaalaawaa caasaa tokko keesasatti qaban
tokkummaa hiikkaa guutummaa waliigalaa ergaa akka darbuuf yaadame caasaa sana
keessatti mul’isu. Kanaaf, barruu kalaqaa sana caasaa caasaatti gad xiqqeessuun yookiin
caccabsuun (by breaking up literature into its smallest component structure) wal
qabeenya qaama keessoo isaa xiinxaluun hiika soquuf gargaara.

Akka Ferdinaand de Saussure ibsutt jechootni mallattoo osoo hin taane, ibsituu yaada gar
lamee_ akka fuula waraqaati (Signs which are made up of two parts, like two sides of a
sheet of paper) jedha. Kana keessatti addaan baasuun baay’ee barbaachisaadha.
Sababnisaa walitti dhufeenyi ibsituufi kan ibsamu gidduu jiru kan baay’ee itti
hinyaadamneedha. Karaan ittiin hiika addaan baafannu mallattoon yookaan jechoota
kanneen biroorraa addaan fo’uun waan ta’eef xiyyeeffatamuu qabu. Jechootni ogbarruu
keessatti ibsaman hedduun yaada wayii ibsu (signified), yookaan yaada ta’e bakka bu’u
(symbolized). Jecoota kanneen xiinxaluun yaadasaan ibsan yookan bakka bu’an sanneen
bira ga’uun hiika sirrii ogbarruu sanaa argachuuf fayyada.
Walumaa galatti, qeeqni caasessummaa caasaa guutummaa qaama ogbarruu uume
xiinxaluun, sirna mallattooleefi jechoota faallaa walfaana hiriiranii caasaa sana uuman
qoratee hiika sirrii kennuutti fuulleffafata.
Hanqinni yaad-hiddama caasessummaa kan madde xiyyeeffannoodhumasaarraati. Kunis
yaada inni bifa, caasaa, akkaataafi jechootni faallaa ergaa mallateessuuf qabu jedhurraa

Onkololeessa 2023
45

madde. Kunis yaada dhiisee qooqa barruun sun ittiin barreefame xiyyeeffacuunsaa
hanqina guddaadha. Osoo qabiyyee hinxiinxalin jechoota ibsituu yaada ta’aniifi dhimma
tokko bakka bu’an qofaa xiinxaluun ogbarruu hiikuunsaaniis hanqina biroodha.
Sirumayyuu rakkoo guddaan caasessitootni ittiin ceepha’aman yaada dhiisanii qooqarratti
xiyyeeffachuusaaniiti.
2.3.4 Qeeqa Angafummaa/Dursaa (Archetypal Criticism)
Yaad-hiddamni qeeqa angafummaa kanbu’uureffame hojii namoota lamaatiin ture.
Isaanis C.G Jungfi Joseph Campbell jedhamu. Jarreen kun qeeqxota ogbarruuti.
Lameenuu ilaalcha waa’ee gosootaafi akkaataa ijaarsa jaargocha ogbarruu(genres and
plot patterns of literature), hojiilee baay’ee walxaxoofi haqummaa qaban dabalatee
(including highly sophisticated and realistic works), barruu kalaqaa keessatti, wantootni
muraasni kaan dursuun as ba’anii mul’achuufi barbaachisummaa akkaataan ijaarsa qaama
sanaa xiinxaluun hiika argachuuf akka fayyadutti ilaalu. Akka Jung ibsutti
dursaa/angafummaan (archetypes) suuraalee durdurii (primordial images), haftee yaada
sammuu namoota durii (psych residue of ancient ancestors)fi muuxannoofi beekumsa
isaanirraa dhaalame waa’ee sanyii ilma namaa kan seeneffamoota afoolaa (myths)
amantaa, abjuufi ilaalcha dhuunfaa (private fantasy) hojii ogbarruu keessatti
mul’atuudha. Hojii kalaqaa tokko keessatti wantootni kaan dursuun as ba’anii mul’atan
(archetypes)hedduudha; fakkeenyi gaariin bishaan, aduu, ji’a, halluuwwan adda addaa, ,
haadha jaal’atamtuu (the great mother), jaarsa beekaa (wise old man) fa’a. Waa’een
isaan kanaa irra deddeebi’amee yeroo dubbatamu yookaan hundaa ol fuuldura ba’ee
yemmuu mul’atuudha.
Qeeqni angafummaa/duressaa xiinxala xiinsammuufi ibsa muuxannoo yaadaa (reflection
of imaginative experence) ogbarruu keessatti mul’atu agarsiisuuf yaala. Bifaafi akkaataa
(pattern) ijaarsa qaama barruu sanaa qorachuun human samuu namaarratti dhiibbaa
godhu xiinxalee hiikuutti xiyyeeffata. Hordoftootni yaad-hiddama kanaa hojii ogbarruu
keessatti wantoota kaan dursuun asaba’anii mul’atan xiinxaluun hiika ogbarruu
argachuun akka dandaa’amutti amanu. Fakkeenyaaf, halluun adiin wanta qulqulluu
(innocence), ibsituu du’aa (signify death)fi waan dandeettii namaa ol ta’e
(supernatural)tti fakkeeffama.

Onkololeessa 2023
45

Qeeqni angafummaa (archetypal criticism) gosa yaad-hiddama barruu fuulleffataa ta’ee


akkaataa ijaarsa jaargocha qaama ogbarruu fuulleffachuun wantoota fuuldura as ba’anii
seeneffama (narrative) keessatti mul’atan, mallattoolee (symbols), suuraalee (images)fi
gosoota namfakkilee (kind of characters) hojii kalaqaa sana keessa jiran gad fageenyaan
xiinxaluun hiika kenna. Akkaataa ijaarsa qaamaa xiinxaluun yaad-hiddama kanaa,
ogbarruu keessatti haala walii galaan guutummaa qaama barruu kalaqaa sanaa uume
hiikuuf fayyada.
Walumaa galatti, qeeqni angafummaa walitti qabama mallattoolee, suuraalee,
namfakkiileefi dhaamsa ogbarruu akka namni hunduu yaaduma walfakkaatuun hiikuutti,
yookaan immoo akka waan hiikuma tokko (the same response) kennuufitti amana.
Suuraaleen angafummaan hojii kalaqaa keessatti mul’ataniifi akkaataa seenaan sun itti
dhiyaate akka dubbistootni yaada sana amanan, sodaataniifi dhiphinni cimaan
sammuusaanii keessatti uumamu taasisu. Kana malees, akkasaan taatee seenichaa
gadfageenyaan dubbisuun muuxannoo qabaniin walqabsiisanii ilaaluun hiikan isaan
jajjabeessuu danda’u. Dabalataanis, akka dubbistootni waa’ee ogbarruu ilaalcha
waliigalaa (universalistic approach) qabaatan fayyadu.

Qeeqni angafummaa irra caalaa dhimma mallattummaan (symbolic) walqabata. Kana


malees, akkaataafi waan wantootni dursan sun mallatteessan ykn bakka bu’an hiika
walii gala ogbarruun sun qabuufibu’uura muuxannoo ilma namaa, yeroofi bakkaafi yeroo
akkamii akka inni jiraachaa ture mul’isu akka dursaa yaada hojii kalaqaa sanaatti
ilaalama. Hojii ogbarruu keessatti yaadonni akka seenaa gootota durii, namoota gochaa
ajaa’ibsiisaa raawwatan, lageen, bakka seena qabeeyyii ta’an, fakkeenyaaf, Holqa
soofumar, dirree sheek Huseeniifi kkf. ibsamanii yoo jiraatan yaadonni kun barruu sana
keessatti angafummaan as ba’anii mul’atu. Fakkenyaaf Asoosama ‘Gurraacha Abbayyaa’
qeeqa angafummaan yoo xiinxalle, waa’ee laga abbayyaa, naacha galaana keessa jiru,
namoota abbayyaan daakanii gootomanii, walitti bu’iinsi hawaasaafi yaadonni kana
fakkaatan seenicha keessaa as ba’anii fuuldura mul’atu. Asoosamni kun seenaa uummata
gurracha naannoo galaana abbayyaa jiraatanii seenessa. Kanaaf hojii yaad-hiddama
kalaqaa kanaaf fakkeenya gaarii ta’uu dandaa’a.

Onkololeessa 2023
45

Suuraaleefi mallattooleen ogbarruu keessatti mul’atan armaan gaditti waan bakka


bu’aniin ibsamanii jiru.
* Dubartii dureettii (archetypal women)
 Haadha gaarii, haadha gadhee, (terrible mother)fi hiriyaa lubbuu fkn maariyaam
durbee bakka buuti.
* bishaan
 Waa’ee umamaa, marsaa dhalootaa hanga du’aatti jiru, qulqullummaa
(purification) hormaataafi guddina wantootaa malletteessa.
*Eden (garden)
 Bakka lalisaa, homaataafi qulqulluu mallatteessa.

*Gammoojjii
 Gogiinsa jireenya hafuuraa (Spiritual emptness), du’a, abdii kutannaa
(hopelessness) ibsa.
*Magariisa
 Guddinaafi hormaata mu’isa.
*Dukkana
 Jeequmsa, du’aafi seexana bakka bu’a.
*Diimaa
 Dhiiga, aarsaa, jibba (passion) ibsa.
*Bofa
 Seexana, diiggaa, bal’eessuu agarsiisa.
*Goota angafa
 Seenaa nama gufuu hedduurra utaalee galma ga’ee bakka bu’a.

Jabinasaa: akkaataa barruu hojii kalaqaa bal’inaan akka ilaallu godha.


Hanqinasaa: hirmaannaa dhuunfaan barreessaa ogbarruu qabuufi dhiibbaa aadaafi
hawaasni qabu xiyyeeffannoo gochuu dhabuusaati.
2.4 Yaad-hiddama Dubbisaa Fuulleeffatu

Onkololeessa 2023
45

Barruu ogbarruu tokko wantoota baay’ee of keessatti qabaata. Barruu sana garuu eenyu
akka uume_barreessaansaa eenyu? Jamaa yookaan dubbisaan yoo hinjirre, eenyutu
barruu kanarraa beekumsa argata? Ergaasaa eenyutu hubata yookaan hajaa’ibsiifata?
Dubbisaan callisee kan ilaalu yookaan toorasaa lakkaa’u, wanta achi keessa jiru callisee
fudhachuu qofaa? Wanti barreeffame kamiyyuu dubbisaa malee jiraachuu danda’aa?
Miidhaginni barruu tokkoo ija isa dubbisuu/ dubbisaa isa hiiku’oo keessa jiraa? (Beauty
lies in the eyies of the beholder). Dubbisaan osoo hinjiraatin miidhaginni barruu
jiraachuu nidandaa’aa?

Barruu kalaqaa tokko dubbistee, waa’ee dubbistootasaa homaayyuu utuu hinyaadin yoo
barreessaa isaa fuulleeffatte/ hajaa’ibsiifate, garee qeeqxota warraa duraafi bu’uraatti
(classicists) ramadamta. Yoo ija dubbisaatiin malee miidhaginni barruu hinmul’atu
yookaan hinjiru jettee amanta ta’e garuu yaad-deebii dubbisaa yaad-hiddeessitoota
fuulleffatu (Reader response theory) faana hiriirta jechuudha.

Gaaffii kan biraan ka’uu danda’u dubbisaan miidhaginaan ala fafa yookaan miidhagina
dhabuu barruu sanaatimoo miidhaguma qofa kan jedhudhaa? Yookaan ammo namoonni
baay’een fafa yookaan dadhabina kan jedhu isaaf miidhaga ta’ee mul’ataa? Miidhaginni
yookaan dadhabinni barruu waliigaltee hawaasaa yookaan namoota baay’ee kan
barbaadudhamoo ilaalcha dubbisaa tokkoo yookaan akkaataa fudhannaa dubbisaa
dhuunfaatii? Hiikni barruu dubbisaarraa dhufa jedhanii himuun salphaadha. Namni tokko
Roland Barthesiin faana dha’ee barreessaan du’ee dubbisaan abbaa barruu sanaa ta’a
jechuu dandaa’a. Akkas jedhee dubbisaaf beekamtii osoo hinkennin dura garuu gaaffilee
deebisuu qabnu hedduutu jiru. Dubbisaa giddu-galeessa yoo godhanne kan nuti goone
giddu-galeessummaa barreessaarraa fuunee kennuufii qofa kan nuti goone karaa biraatiin
rakkoon jiru ammo dubbisaa’umti kuniyyuu gosa baay’ee ta’uusaati. Dubbisaa kan
akkasumaanii muuxannoofi beekumsa duraa kan hinqabne yookaan immoo baay’ee
cimaa muuxannoofi beekumsa duraa kan qabu yookaan dubbisaa olaanaa ga’umsa barruu
hubachuufi madaaluu kan qabu akkasumas dubbisaan barreessaa barruu sanaa ta’uu
dandaa’a. kana malees, dubbisaan dubbisaa yaadaa (ideal) barreeffamni sun kan
barreeffame jedhamee yaadamu yookaan waa hunda hubachuufi walqabsiisuu kan

Onkololeessa 2023
45

danda’u bilchaataa ta’uu dandaa’a. Tariimmoo kan loogu (biased) ta’uu dandaa’a.
Dhugaasaan garuu dubbisaan dhibbaa dhibba loogiirraa biliisa ta’u hinjiru. Dubbisaan
haalarratti kan hundaa’us ta’uu dandaa’a. Dubbistoota kana hunda keessaa egaa kan nuti
sammuu keessaa qabnu yummuu barruuf hiikaa kana kennu ‘dubbisaadha’ jennu.

Gaaffiin inni biraan ammoo tajaajila barruun yaad-deebii dubbisaa murteessu keessatti
keessatti qabu ilaallata. Gama kanaan yeroo ilaalamu barruuleen hundi dubbistoota gosa
tokkollee akkaataa itti adeemsa (reaction)fi waliin ta’iinsa (collaboration) walfakkaatuufi
hinafeeran. Fakkeenyaaf, dubbistootni gosa tokko ta’an “Anaaniyaa” Asaffaa Tarrafaa
barreesse akkaataa tokkoon hinilaalan; hinhubatanis. Karaa biraatiin barruunis dubbisaan
karaa garaa garaatiin hiika akka kennuufiif gochuu keessatti ga’ee ofiisaa taphatu qaba
jechuun nidandaa’ama. Phenomenology’n damee saayinsii falaasama (philosophy) ta’ee
wantoota arginu, dhageenyufi murtii dhagaa’amaa kan qo’atuudha. Faallaa waa’ee
addunyaa kanaa wantoota dhugaa yookaan qabatamoo jedhaman kan xiyyeeffatu
barbaachisummaa ga’ee miireffattootaa (Perciever’s role) hiikkaa uumuu keessatti
qabanirratti Husser dhimmi qorannoo falaasamaa inni sirriin dammaqiinsa keenya malee
wanta diidaa kan biraa ta’uu hinqabu jedhee falma. Kanaanis maddaafi giddu-gala hiika
kennaa hundaafi yaad-hiddamoota ogbarruu sammuu namaa yookaan hubannaa
dammaqna barreessaa (the author’s concsioness) taasisuuf yaala. Fuuleffannoo gara
dammaqiinsa dubbisaatti naanna’uun ammo faallaa yaada kanaa deema. Heidegger
barataan Husser wantoota addunyaa kana keessa jiran kan agarsiisu dammaqiinsa keenya
qofa osoo hintaane wantoota dammaqiinsa keenyaan ala jiranirrattis dhiibbaa geessisu
yaada jedhu qaba. Ilaalcha addaan jiru, bilisaafi loogiin ala kan ta’e qabaachuu
hindandeenyu; sababiinsaa dammaqiinsi sammuu keenyaa haala seenawaafi aadaa
hawaasaa keessa dhokatee waan jiruuf. Hans-George Gadamer adeemsa haalawaa
Heidigger kana qeeqa ogbarruu keessatti hojiirra olcheera. Adeemsi kunis (this approach)
hirmaachisaafi hiika haala seenaafi haala aadaa hawaasummaa dubbisaa keessatti kan
ilaaluudha.

Hans Robert Jauss

Onkololeessa 2023
45

Adeemsi Jass yaad-hiddamoota dhiibbaa seenaa dagataniifi barbaachisummaa barruu


irraanfatan kan walitti fiduudha. Jauss dubbistootni ulaagaalee adda addaa yeroo gara
garaa keessatti uumama kalaqummaa barruufi gosa yookaan akaakuu inni jala galu
murteessuuf hojiirra oolchu jedha. Dubbistoota yeroo tokko keessa jiraataniif ulaagaa
wanti ta’u isaan yeroo biraa keessa jiraataniif ammoo bu’aa hinbuusu. Akka Jaussitti
hojiin yeroofi bakka hundaatti fudhatama qabu hinjiru.

Hojiin kalaqaa wanta ofiisaan of danda’ee dhaabbatee yeroo gara garaa keessa
dubbistoota jiraataniitti akkaataa tokkoon kan mul’atu miti. Hiika yookaan murtoo
dubbisaan inni kam kennetu sirrii ta’eree? Haalaafi seenaa ilaalcha keessa galchuu
dhiifnee murtoo yookaan hiika fudhatamaa argachuu dandeenyaa?

Stanley Fish

Qeeqaa lammii Ameriikaa kan ta’eefi gaaffilee yaad-deebii dubbisaa fuulleeffataniin


ka’an kan deebiseedha. Dubbisaan dubbisaa gosa kamiiti? Kan dubbise hunduu dubbisaa
jedhamuu dandaa’aa? Dubbisni akkasumaanii, kan kaayyoo hinqabne dubbisa ta’uu
dandaa’aa? Ulaagaaleen ittiin fidumsi dubbisa tokkoo, yookaan murtoo dubbisaa irra
ga’uufu fudhatamummaan isaa itti safaramu jiraa?

Fish gaaffilee kanneen yeroo deebisu yaada garee haewaasaa hiikni keessatti kennamu
(interpretive community) kaasee dubbata. Kana keessatti yaada harka caalu (majority)
tarii sirrii ta’uu danda’u keessatti dhimma hiika kennuuti. Akka Fishitti gareen hiika
kennu kun warren mala yookaan tarsiimoo hiikaa (interpretive strategies) walfakkaatu
qooddatanirraa kan ijaaramuudha. Dabalataanis dubbistootni garee hiika walfakkaatu
keessa jiran tasgabbiifi walfakkeenya kan qaban ta’uu amana.

Hiika garee hawaasa sanaa keessatti qabuun kun barruu sana ilaaluufi hiikuuf hojii gareen
hojjetu yookaan itti gaafatamummaa isaan taasuun ga’ee dubbisaan tokko dhuunfaatti
qabaachuu malu dhabsiisa yaada jedhu kaasa. Adeemsi qeeqaa kun sirrummaafi
fudhatamummaa barruu murteessuu akka danda’uuf aangoo hawaasaa qeeqaaf kan
kennuufibarnoota ammo akka human dhimma kana seera qabsiisuutti ilaala. Fish qeeqni
kalaqa mala itti dubbisni raawwatu murteessu hinfuulleffatu yaada jiedhu adeemsisa.

Onkololeessa 2023
45

Wolfgangy Iser

Qeeqaa biyya Talmanii ta’ee Qeeqqa dubbisaa fuulleeffatu keessatti qooda nama fudhate
ture. Iser gargaartee dubbisaa tilmaamaa (implied reader)fi dubbisaa dugumaanii (actual
reader) fuulleffata. Hojiileesaa keessattis barruuleen akkamitti dubbistootaaf ulaagaalee
akka ka’an tilmaamuu yaala. Akka ilaalchasaatti dubbisuun qaawwa mul’atu
duuchuudha; qaawwaa guutuu kun ammoo adeemsa dubbisaa barruu keessa taasisuun
ta’a. Akka kanaan dubbisuun harkifannaa cimaa eegumsa dubbisaa (reader
expectations)fi qajeelfama qindaa’aa barruufi isa hiika argamsiisu gidduu jiruudha. Kana
jechuun dubbisaan hiika barruu sanaa gara wanta dubbisa sanarraa eeguutti yoo harkisu,
qajeelfamoonni barruu sana keessa jiran ammoo gara ergaa barreessaatti harkisu.
Dubbisuun hiika barruu argachuun wal’aansoo kana mo’achuun ta’a. hiika sirrii
argachuuf dubbisaanhumnoota kana walsimsiisuu qaba. Kana malees, dubbisaan
muuxannoofi yaadasaa adeemsa barruu sanaatti sirreessaa deemuu danda’uu qaba. Kunis
ergaa achi keessa jiru hubachuuf isa gargaara. Kana keessammoo walitti fufiinsaan of
fooyyessuutu dhufa. Kunis sababa walitti dhufeenyaafi walii galtee guddina adeemsa
barruu sanaa waliin taasifamuuf. Iser kana yummuu ibsu,“Reading gives us the chance to
formulate the unformulated” jedha.

Dubbisaa yeroo mara jijjiirama keessa jiraatu.

Dubbisni yeroo hunda adeemsa jijjiiramaa keessa jiraachuun yaada yaad-hiddeessitoota diiganii-
ijaaran (deconistractionist) dubbisaan barruu afaaniin kan uumudha. Yaadni jedhu irra caalaa
walxaxee mula’ata. Gara garummaan bu’uraa diiganii-ijaartotaafi yaad-deebii dubbisaa gidduu
jiru: Diiganii-ijaartotni dubbisaa dabalatee barruu ala homtuu jiraachuu hindanda’u yaada jedhu
bu’uureffatu; warri yaad-deebii dubbisaa fuulleffatan immoo ‘dubbisaan barruu ala jira’ jechuun
mormu. Akka yaad-hiddeessitoota ammayyummaan boodaatti (post-modernist) dubbisaan
barruun kan uumamu, yookaan barruu ala kan jiru ta’us akka barruu dhaabbataa ta’uu
hindanda’u.

Akka yaad-hiddeessitootni diiganii ijaaruu kaa’anitti, dubbisaan barruu tokko qofaa keessa
deddeebi’ee jiraatu hinjiru. Kana jechuun beekumsa barruu tokkorraa argatee qofaatti daanga’ee
kan jiraatu miti jechuudha. Yeroo hunda dubbisaan barruu dubbisetti hiika kenna. Kun immoo

Onkololeessa 2023
45

jijjiirama gargar hincinne keessatti fida. Dubbistiootni gamasaaniitiin barruu nijijjiiru. Barruunis
ta’e dubbisaan iddoo tokko dhaabatanii jalqabe, dubbisaan buufata jalqabarra jiruufi buufata
dhumaarratti argamu sababa dhiibbaa adeemsa walaloo sana dubbisuu keessatti itti dhufuun tokko
hinta’ani. Haaluma walfakkaatuun dubbisaan barruu tokkoo yeroo garaa garaatti akkaataa
tokkoon dubbisu hinjiraatu._yoo guddinni/fooyya’iinsi dhaabbate malee.

Ga’umsa Ogbarruu (Literary Compitance)

Ga’umsa / hubannoo afaanii qabaachuun qofti hiikaarf ga’aa hinta’u; ga’umsa ogbarruu
qabaachuudha malee. Kunis hiika irra keessa hojiin sun qabu darbanii deemuuf
fayyada.Walooniifi asoosaan ga’umsa dubbistootasaanii irratti hundaa’uun haala garaa garaan
barreessu. Hojiisaanii dubbisanii ajaa’ibsiifachuuf ga’umsasaan qaban sana qooddachuu gaafata.
Ga’umsi ogbarruu akaakuu ogbarruufi yeroorratti hundaa’uun gargar ta’uu mala.

Onkololeessa 2023

You might also like