Gorsa Abootii

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Gorsa Abootii

1.Kophummaan kan nutti dhagahamu namarraa osoo hintaane Waaqayyoorraa yeroo fagaannuu dha.

"Nama hin qabu" jechuun abdii qallatteen kan dubbate Matsaaguudha.(Yoh 5:7)

Atis nama naannookeetii dhabdee abdii kutteetta ta'a.

Namni sitti dhiyaatu waanta ati qabdu ilaalee akka sitti siqate bartee nama akka keetti jaallattu dhabdee
ta'uu danda'a.

Yeroo kuftetti kan ol sikaasu, gufattetti kan anaan siin jedhu hiriyaa lubbuu hin qabu jetteetta ta'a

Kaleessa yeroo cidhakeetii Uffata Adii uffatanii warreen faarfachaa turan har'a yeroo gadda keetii
badanii akkati namarraa abdii kuttu sigodhaniiru ta'a.

Kaleessa namni heedduun sihordofaa turee har'a kophaa dhaabbatteetta ta'a.

Obboleessakoo kun si hin dinqin

Harka Kiristoos irraa warreen Buddeenaa fi Qurxummii nyaatan yeroo gidiraa fannoo yoom isa faana hin
dhaabbanne.

Yeroo Bishaan gara daadhii Wayiniitti jijjiirame isa waliin turan yeroo dhiigni isaa Qaraaniyootti
dhangala'u isa faana hin turre.

Egaa isa Jireenya kenneefii, isa nyaata lubbuu fi foonii laateef kiristoosiif namni hin taane akkamitti siif
ta'aree? Tasuma siif hin ta'u!!

Namni shomboqqoodha yoo itti hirkatte ni kufa.

Kufees hinafu si waraana

Obboleessakoo kankees akkasuma

Hiryoonnikee guyyaa ilaalanii yoo si ganan

Firoonnikee dhabuukee arganii yoo si fageessan

Kophaakee ofiikee waliin yoo dhaabbatteeyyuu hin dinqamin

Garuu kana gidduutti waan tokko yaadadhu.

Guyyaakee ilaalee isa sin ganne

Haala ilaalee isa hin jijjiiramne


Yeroo hunda warra nama hin qabneef dafee kan dhaqabu

Abbaa Oolmaa gaafa dhiphuu

Firri yeroo rakkinaa Waaqni si waliin jira.

Inni na waliin jira jettee yoo amante Nama hin qabu kan jedhu Walaloof yeedaloon sun ni hafa.

Yaa namakoo

Booddeetti deebi'ii Seenaa qo'adhu

1. Yooseefiin Obboloonni isaa yeroo gurguranitti biyya Misiraatti nama hin qabu ture, Waaqni garuu
Mana Phiixifaaraatti kabaja laateef.

2.Shira Hadha manaa Phiixifaaraatiin gara mana hidhaatti yeroo darbatametti nama hin qabu ture.
Waaqayyo garuu ulfina ta'esfii Mootii biyya sanaa godheen.( Ser.Uum 39፥1-23, 41፥1-50)

3.Museen daa'imummaa isaatiin Bishaan daarityi yeroo gatame nama hin qabu ture, Waaqni garuu
bakka gatamee isa kaasee mana Fara'oon keessatti Mucaa Mucaa Mootii jedhamee akka guddatu godhe.
(Ser Ba'uu 2፥1-10)

4.Daa'imni Daawwit Gooliyaad isa hamaa jedhame dura yeroo dhaabbate nama hin qabu ture, Furrisa
isaa maleen meeshaa biraa hin qabu ture. Waaqayyo garuu Cirracha tokkoon adda Gooliyaad rukutee
kuffiseef.(1ffaa Saamu'eel 17፥35-55)

5.Daani'eeliifi Ijoolleen sadan Booji'amanii Gara Baabiloon yeroo bu'anitti nama hin qaban
turan,Waaqayyo garuu Beekumsa laateefii Beektota Baabiloon irratti akka mo'aniif isaan Muude.(Dan 1
fi 2)

6. Shira namootaatiin Ijoolleen sadan gara Abiddatti Daani'eelimmoo boolla Leencotaatti yeroo
darbataman nama hin qaban turan, Waaqayyo garuj Qulqulluu Mikaa'elii fi Qulquluu Gebri'eeliin ergee
isaan Faygise (Dan 3፥24, Daan 6፥6)

7.Alaazaar Du'ee, kafanamee gara Awwaalatti yeroo geeffame nama hin qabu ture, Waaqayyo garuu
Awwaala keessaa isa baase (Yoh 11፥28-34)

8.Qulqulluun Pheexiroos Sansalataan hidhamee gara mana Hidhaatti yeroo darbatame nama hin qabu
ture, Waaqni garuu Ergamaa isaa Ergee mana hidhaa kessaa isa baase (Hojii Duuka bu'ootaa 12፥1-11)

9.Qulqulluu Phaawuloosii fi Qulqulluu Siilaas gara mana hidhaatti yeroo darbataman nama hin qaban
turan, Halkan walakka ni kadhatu waqayyoon faaruudhaan ni galateeffatu turan, Waaqayyo garhj Sibiila
harkaa fi Miilla isaaniittii kutee balbala banee isaan baase. (Hojii Duukabu'ootaa 16፥16-30)

Maarree Obboleessakoo kun si'iifis ni ta'a. Seerri kun har'as jireenyakee keessatti ni hojjeta. Kophaakee
miti.
Fira dhabuu dandeessa, Hiriyaa Amanamaan siif ba'uu dhiisuu danda'a

Hadhaa fi Abbaas qabaachuj dhiisuu dandeessa

Garuu Aante hun caalu, Fira hiriyaa bakka bu'u, Hunda caalee hundaaf Abbaa kan ta'e qabda. Kanaan
gammachuun sitti dhagahamuu qaba.

Kabajni, Galanni fi Ulfinni Waaqa kanaaf Abbaa keenya Uumaa keenya Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiif haa
ta'u. Ameen!

Ulfinni Waaqayhoof haata'u

You might also like