Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 9

Guyyaa 30/02/2015

Lakk.Galmee 42946

Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumiif


Baddeessaa
Deebikennaan 2ffaa:- Obbo Takluu Bartaa
Teessoon:- Magaalaa Baddeessaa Araddaa 01
Himataan :- Obbo Mahaaammad Ammayyuu
Teessoon :- Magaalaa Baddeessaa Araddaa 01
Deebiin kun b/s/d/f/s/lakk.234tiin himannoo himataan galmee lakk.42946 narratti
dhiheesseef deebii dhihaateedha.
Ijoo himannoo dhihaatee gabaabinaan
Himataan lafa qabeenyummaan tan isaa taatee fi bara 2000 keessa himatamaa 2ffaan kka buna
itti daldaluuf kenneefii mana hula takka irratti ijaaratee harkaa qabauu fi yeroo ammaa namaaf
kireessee itti fayadamaa jiru himaatamaan 1ffaan ana himatamaa 2ffaaf Fuulbana bara 2015
keessa waan dabarsee kenneef waliigaltteen kennaa akka naaf diigamuu fi lafti kiyya akka naaf
gadilakifamu jachuudhaan himata dhiheesee jira.
Mormii sadarkaa Duraa
1. Ani himatamaan 2ffaan ammaa hojii Invastimantii Hoteela Kaapitaala Miliyoona jahaa
(6) Magaalaa Baddeessaa keessatti gaggeessuuf jacha Biiroo Invastimantii Oromiyaa
irraa hayyama invastimantii naaf hayyamamee, hayyama invastimantii kana iratti
hundaahee Biiroon Lafa Naannoo Oromiyaa Xalayaa Lakk. Taheen lafti Invastimantii
hoteelaatiif akka naaf kennamu Biiroo Lafa Godina Harargee Lixaatiif Xalayaa
deeggarsaa naaf barreessee, Biiroon Lafa Godina Harargee Lixaatis Bulchiinsa Magaalaa
Baddeesaatiif lafti invastimntiin naaf hayyamame akka naaf kennamuuf xalayaan naaf
barreeffamee kana irratti hundaahuudhaan Bulchiinsi Magaalaa Baddeessaa koree
Invastimantiitiin lafti akka naaf kennamuuf murteen bulchiinsaa erga kename booda
sadarkaa fi seera eegattii lafti kaaremeetiriin 575 Waajira Lafa Magaalaa Baddeesaatiin
naaf kennamee saayitipilaaniin lafa naaf hayyamameetis naaf kennamee adeemsa irra jira
waan taheef himataan qabiyyeen kiyya invastimantiif narraa fuudhame kan jadhu yoo
tahe seera eegatee beenyaan yookaan lafti bakka buusaan akka kennamuuf gaafachuu
dandaha malee lafti invastimantiidhaaf qaama lafa bulchuun karaa seera qabeessa taheen
kenname akka diigamu gaafachuuf yookaan mormii dhiheesuuf seerri hin hayyamuuf
waan taheef himannoon dhihaate sababii himannoo (cause of action) hin qabu jadhamee
b/s/d/f/s/lakk.33(1 fi 2) tin akka kufaa tahuu fi bilisaan gageeeffamun gaafadha.
2. lafti falmii kaafte lafa qabiyyee bulchiinsa Magalaa jalatti argamtuu fi baankii lafaa jalatti
argamtuudha malee lafa qabiyyee dhuufnaa himataa kanaaf kaaraa seera qabeessa taheen
kennameefii harkaa qabuu miti. Himataan lafti kun bulchiinsa magaalaatiin naaf
kennamte haa jadhuu malee qaamni mootummaa isaaf kennee fi kaartaa abbaa
qabiyyummaa itti baaseef hin jiru. kanafuu himataan lafti falmii kaafte tan isaa tahuu
kaartaa abbaa qabiyyummaa isaaf kenname osoo hin jiraatin himata dhiheesuuf mirga
waan hin qabaneef himannoon dhihaate kufaa akka tahu gaafadha.
Mormiin sadarkaa duraa kun kan bira darbamu yoo tahe tarree deebii kiyya akka armaan
gadii kanatti dhiheessa.
Tarree Deebii Guutuu
1. Ani himtamaan ammaa hojii invstimantii irratti bobahee Hoteela guddaa abbaa qarshii
6000,000 (miliyoona jahaa) ijaarree carraa namoota 80 oliif uumuufi guddina amagaalaa
teenyaatiif gumaacha mataa kootii taasisuuf hayyama invastimantii Biiroo invastimantii
Oromiyaatiif dhiheesee Boordiin Invastimantii Oromiyaatis murtii hayyaama
invastimantii naaf kennee kana irratti hundaahuudhaan Biiroo Lafa Oromiyaatiif lafi
Invastimantii akka naaf hayyamamu xalayaa naaf barreesee, Biiroon Lafa Oromiyaatis
Biiroo Lafa Godina Harargee Lixaatiif, Biiroon Lafa Godinaatiis Waajira Lafa
Magaalaa Baddeessatiif sadarkaa sadarkaan xalayaan barreefamee Kanaan booda koreen
invastimantii Magalaa Badeessaa gaafa 26/01/2015 Murtii Boordii Invastimanatii
Oromiyaa fi Murtii Biiroo Lafa Oromiyaa irratti hundaahuudhaan lafti Kanaan dura
tajaajila ECX iif tajaajila yeroof kennaa turee fi yeroo ammaa baankii lafa magaalatti
deebi’ee jiru kaaremeetiriin 576 akka naaf kenamu naaf murteesee Kanaan boda waajirri
Lafa Magaalaa Baddeessaatis saayiti pilaanii iddoo invastimantii kana qopheesee naaf
kenne malee lafti himataadhaa seeraana ala anaaf kenname waan hin jirreef himannoon
dhihaate deegarsa seeraa waan hin qabneef kufaa akka narraa tahun gaafadha.
2. Himataan lafti falmii kaafte bulchiinsa Magaalaatiin (himatamaa) 1ffaan naaf kenamte
haajadhuu mlee lafti dhuunfa isaatiif isaaf kennamte hin jiru. himataan lafti falmii kaafte
isaaf kennamuu isaatiif kaartaan abbaa qabiyyeetis tahe murtiin waajira lafa Magaalaatiin
isaaf kennamuu agarsiisu takkalleen hin jiru. kanaafuu himataan lafa falmii kaase irraa
mirga tokkollee waan hin qabneef himannoon dhihaate kufaa akka naraa tahuu fi bilisaan
gaggeeffamun gaafadha.
Seerummaan ngaafadhu
Manni Murtii kun deebii kiyya seera roguma qabuun walcinaa qabee erga naaf madaale
booda himannoo himataan dhiheese kufaa taasisee bilisaan akka nagaggeessuu fi baasii
kisaaraa durgoo abukaatoo dabalatee akka itti naaf murteessun gaafadha.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneessa
Guyyaa 30/02/2015
Lakk.Galmee 42946

Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumiif


Baddeessa
Deebikennaan:- Obbo Takluu Bartaa
Teessoon:- Magaalaa Baddeessaa Araddaa 01
Himataan :- Obbo Mahaaammad Ammayyuu
Teessoon :- Magaalaa Baddeessaa Araddaa 01
Tarree ibsa ragaa b/s/d/f/s/lakk.223tiin guutamee dhihaateedha.
Ragaa barruu
1. Xalayaa lakk. BLO/01/3799 tahee fi gaafa 03/09/2014 Biiroon Lafa Oromiyaa Waajira
Lafa Godina Harargee Lixaatiif lafti Invastimantiin akka naaf kennamu xalaa deegarsaa
naaf barreese fuula 1 walqabatee jira.
2. Xalayaa Lakk.Waj/L/Go/H/L/ 1769/2014 gaafa 30/09/2014 Waajira Lafa Godina
Harargee Lixaa lafti Invastimantii akka naaf kennamu barreese fuulli 1 waqabatee jira.
3. Qaboo Yaa’ii Koreen Inastimantii Magaalaa Baddeessaa lafti Kaaremeetiriin 576 hojii
inastimantii hoteelaatiif akka naaf kennamu gaafa 06/01/2015 naaf murteesse fuula 3
walqabatee jira.
4. Pilaanii Iddoo (cite plan) Lakk. 2/741//W/B/IL gaafa 06/01/2015 lafti kaaremeetira 576
naaf kennamuu agarsiisu fuula 1 walqabatee jira. waliigalli ragaan barruu fuulli 6
walqabatee jira.
Ragaa namaa
1. Hassan Nuuree
2. Qabatoo Nuuree
3. Ahaamadnuur Usmaan
4. Jamaal Hassan faa yoo tahaan teessoon isaanii Magaalaa baddeessaa Araddaa 01 waan
tahaaniif waamichaan akka naaf dhagahaman gaafachaa yeroof ragaan qabu kanuma.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneessa.

Guyyaa 30/02/2015
Lakk.Galmee 42946

Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumiif


Baddeessaa
Deebikennaan:- Waajira Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaa
Teessoon:- Magaalaa Baddeessaa Araddaa 02
Himataan :- Obbo Mahaaammad Ammayyuu
Teessoon :- Magaalaa Baddeessaa Araddaa 01
Deebiin kun b/s/d/f/s/lakk.234tiin himannoo himataan galmee lakk.42946 nurratti
dhiheesseef deebii dhihaateedha.
Ijoo himannoo dhihaatee gabaabinaan
Himataan lafa teessoon fi daanggaan himata keesatti caqasame akka Bulchiinsi Magaalaa
Baddeessaa (himatamaa 1ffaan ammaa) bara 2000 keessa isaaf dhuunfaan kenneefii mana hula 1
irratti ijaarattee qabu yeroo ammaa akka seeraan ala qaama 3ffaaf (himatamaa2ffaaf) dabarsinee
kennineefi waliigaltteen kennaa lafaa kun diigameefi lafti tiyya akka naaf gailakifamtu
jachuudhaan himata dhiheesee jira.
Mormii sadarkaa Duraa
1. Waajirri himatamaa 1ffaa ammaa murtii Biiroon Invastimanatii Naannoo Oromiyaa
dabree fi sadarkaa sadarkaadhaan Godinaa haga Aanatti gadi ergame irratti
hundaahuudhaan lafa qabiyyee Bulchiinsa Magaalaa jalatti bultuufi Kanaan dura tajaajila
yerootiif namoota Buna daldalaniif kennamee erga hojiin daldala Bunaa dhaabbate booda
buqqaatoonni Naannoo Sumaalee irraa dhufan yeroof keessa qubatanii jiran murtii
Boordii Invastimantii Oromiyaa fi Murrtii Biiroo Lafa Oromiyaa irratti hundoofnee
Boordii Invastimantii Magalaaa keenyaatiin lafa Baankii Bulchiinsa Magaalaa jala jiru
himatamaa 2ffaaf tajaajila Hojii Invastimantii Hoteela Intarnaashinaalii taheef dabarsinee
kennine malee lafti himataan mirga itti qabuu fi nuti himatamaa 2ffaaf dabarsinee
kennine hin jiru.
2. Akkaataa Labsii Lafa Magaalaa Sirna Liiziitiin Bulchuuf bahe lakk.721/2004 akasumas
Labsii Liizii fi dambbii Liizii Lafa Magaalaa Naannoo Oromiyaa jalatti tumamee jiruun
namni tokko lafa Magaalaa argachuu kan dandahu sirna Liiziitiin akka tahee fi kunis
caalbaasiidhaan yookaan ramadiidhaan kennamuu akka dandahu ifatti tumamee jira. sirna
liizii Kanaan ala namni kamiyyuu lafa magaalaa qabachuu akka hin dandahaamnes seera
liizii Kanaan tumamee jira. haaluma kanaanis waajiri Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaa
himataa ammaa kanaaf lafti huunfaa isaatiin akka dhaabbataan itti fayyadamuuf sirna
liiziitiin dabarsee keneef tokkolleen hin jiru. Waajirri keenya himataa kanaaf
dhuunfaaadhaan osoo hin taane daldalttooni Buna daldalanii fi hayyama daldala Bunaa
qaban iddoo tokkotti yeroof hojii gurgurtaa bunaa akka gaggeesaniif dhaabbata ECX
wajjiin akka itti hojatamuuf daldaltota hedduuf bakka tokkotti yeroof kenneefii hojiin
daldala bunaa kunis erga dhaabatee fi himataa fi namoonni biro iddoo kanatti daldalanis
hayyama daldalaa isaanii erga deebisan booda lafti gara baankii lafatti deebitee yeroo
ammaa buqqaatoonni Naannoo Sumaalee irraa buqa’aa keessatti galanii wan jiraniif
Bulchiinsi Magaalaa koreedhaan himatamaan 2ffaan iddoo kana hojii invastimantiitiif
fudhatee buqaatootaaf mana akka ijaaru murtiin kennamee haala Kanaan lafti falmii
kaafte seera eeggattee himatamaa 2ffaaf kenamte waan taheef himataan lafa kana irraa
mirga tokkollee hin qabu, qaamni dhuunfaadhaan himatamaa kanaaf lafa falmii kaase
dabarsee kenenefis hin jiru. kanaafuu manni Murtii kun himannoon dhihaate sababii
himannoo kan hin qabne waan taheef b/s/d/f/s/lakk.33(2) tiin himataan mirga himachuu
hin qabu jadhee kufaa taasisuudhaan bilisaan akka nagaggeesun gaafadha.
3. Hojii invastimantiitii hojii tajaajila hawaasaa ol’aanaa kennu waan taheef lafti falmii
kaafte qabiyyee himataa kanaatii miti malee silaa tan himataa kanaa taatelleedhaa
Bulchiinsi Magaalaa himataa kana irraa fuudhee invastaraaf dabarsuuf seerri ni hayyama
waan taheef, himataa kanaaf ammoo lafichi kan sirna liiziitiin dabarfameef waan hin
taaneef, himataan kun mirga tokkollee lafa kana irraa hin qabu malee silaa mirga lafa
kana irraa qabaateehuu mirgi inni qabu beenyaan qabeenya lafa san irraa qabu akka
kafalamuuf yookaan lafti jijiirraan akka kennamuuf gaafachuu bira dabree murtii dabarsa
lafa invvastimantii qaamni bulchiinsa magaalaa dabarsu mormuudhaan himata mana
murtiti dhiheessuuf seerri isaaf hin hayyamu waan taheef himannoon dhihaate sababii
himannoo (cause of action) kan hin qabne waan taheef manni murtii kun himannoo kana
b/s/d/f/s/lakk.33 fi 231 fi 244 jalatti tumameen kufaa taasisee bilisaan akka nugaggeessu
gaafanna.
Mormiin sadarkaa duraa kun kan bira darbamu yoo tahe tarree deebii kiyya akka armaan
gadii kanatti dhiheessa.
Tarree Deebii Guutuu
3. Himataan kan jachaa jiru Bulchiinsi Magaalaa Baddeessaa daldalli bunaa iddoo tokkotti
akka gaggeefamuuf lafa isaafi namoota birootiif waliin kenneefii isaan garuu daldala
bunaa kana erga dhaabanii fi hayyama daldala bunaa erga deebisan booda lafa kana nama
birootiif tajaajila birootiif kireessee akka itti fayyadamaa jiru ibsuudhaan mirgi isaa akka
jalaa dhiibame himata dhiheesee jira. kun kan agarsiisu lafti falmii kaafte himataa kanaaf
dhunfaadhaan kan hin kennamin tahuu isaafi himataan lafa falmii kaase irraa mirga
dhuunfaa kan hin qabne tahuu isaati. Sababiin isaatis daldalli bunaa gama dhaabbata
ECX (Ethiopian commodity exchange) jadhamuun iddoo tokkotti bittaa gurgurtaan akka
gaggeeffamuf mootummaan barbaadee daldaltoonni bunaa gara iddoo kanaa buna fidanii
akka gurgurtanan kan hayyamu yoo tahee fi namooni buna daldalan kun hayyama buna
daldaluu deebisanii hojii biro irratti bobahaan akasumas daldalli bunaa bifa Kanaan
bitamuu fi gurguramuun sadarkaa magaalaa keenyatti yoo dhaabbate namoonni iddoo
kanatti buna gurgurataa turan abbaa qabiyyee iddoo guddugala bunaa motummaan
hundeessee kana tahuu waan hin dandeenyeef battala daldalli bunaa dhaabbate lafti gara
baankii lafatti deebiti malee lafa gamtaan itti daldalamu abbumaadhaan qabatee itti hafuu
waan hin dandeenyeef himataan mirga tokkoollee lafa kana irraa hin qabu. kanaafuu
himannoon dhihaate deegarsa seeraa tokkollee kan qabuu miti waan taheef manni murtii
kun kufaa akka taasisun gaafadha.
4. Waajirri keenya lafa kaaremeetira 576 qabeenyummaan isaa tan bulchiinsa Magaalaa
Baddeessaa taatee fi istookii lafa magaalaa keessa jirtu himatamaa 2ffaaf dabarsee kan
kenne aanggoo seeraan kennameef irratti hundaahee waan taheef himataan kun dabarsa
lafa hojii invastimantii faayidaa ummataa irraa caalaa fiduuf yaadee kenen mormuufis
tahe himata mana murtii kanatti dhiheesuun falmuun seerri hin hayyamuuf waan taheef
himannoon kun kufaa akka nurraa tahu gaafanna.
5. Lafti falmii kaasee fi Bulchiinsi Magaalaa Himatamaa 2ffaadhaaf sadarkaa naannootii
haga sadarkaa Bulchiinsa Magaalatti adeemsa seeraa eeggatee hojii invastimantii
hoteelaatiif koree boordii Invastimantiitiin dabarsee kenne lafa kaaremeetira 576
yammuu tahu lafti himataan tajaajila yerootiif mana jalaa gubbaan qorqoorroo hayyama
tokkoon alatti irratti ijaaree ture lafa kaaremeetiraa 30 hin geenye waan taheef
himannoon himataan waliigaltteen lafa invastimantii kaaremeetira 576 irratti godhame
akka naaf diigamu jachuudhaan dhiheese himannoo sobaafi ragaa tokkoon hin
deegaramneeha. Waajirri ikeenya durumaanuu himataa ammaa kanaaf dhuunfaa isatti
lafti daabtanaan dabarsee kenneef hin jiru. lafti imagaalaa sirna liiziitiin ala akanumatti
nama birootiif dabarsanii kennuun hin dandahaamu waan tahef himannoon himataan lafti
naaf kennamte jachuudhaan dhiheese guutumatti kan sobaati.
6. Himatamaan ammaa bara 2006 boda waggaa 9 oliif daldala buunaa dhaabee hayyama
daldalaatis deebisee, lafti ECX dhaaf bunni akka itti dhihaatu jadhames gara baankii
lafatti deebi’ee kan jiru waan taheef, akasumas lafti falmii kaase

Seerummaan ngaafadhu
Manni Murtii kun deebii kiyya seera roguma qabuun walcinaa qabee erga naaf madaale
booda himannoo himataan dhiheese kufaa taasisee bilisaan akka nagaggeessuu fi baasii
kisaaraa durgoo abukaatoo dabalatee akka itti naaf murteessun gaafadha.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneessa.

Guyyaa 30/02/2015
Lakk.Galmee 42946

Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumiif


Baddeessaa
Deebikennaan 1ffaan:- Waajira Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaa
Teessoon:- Magaalaa Baddeessaa Araddaa 02
Himataan :- Obbo Mahaaammad Ammayyuu
Teessoon :- Magaalaa Baddeessaa Araddaa 01
Tarree ibsa ragaa b/s/d/f/s/lakk.223tiin guutamee dhihaateedha.
Ragaa barruu
1. Xalayaa lakk. BLO/01/3799 tahee fi gaafa 03/09/2014 Biiroon Lafa Oromiyaa Waajira
Lafa Godina Harargee Lixaatiif lafti Invastimantiin himatamaa 2ffaaf akka kennamu
murtahe fuula 1 walqabatee jira.
2. Xalayaa Lakk.Waj/L/Go/H/L/ 1769/2014 gaafa 30/09/2014 Waajirri Lafa Godina
Harargee Lixaa lafti Invastimantii himatamaa 2ffaaf akka kennamu barreese fuulli 1
waqabatee jira.
3. Qaboo Yaa’ii Koreen Inastimantii Magaalaa Baddeessaa lafti Kaaremeetiriin 576 hojii
inastimantii hoteelaatiif himatamaa 2faaf akka kennamu gaafa 06/01/2015 murteesse
fuula 3 walqabatee jira.
4. Pilaanii Iddoo (cite plan) Lakk. 2/741//W/B/IL gaafa 06/01/2015 lafti kaaremeetira 576
himatamaa 2ffaaf kennamuu agarsiisu fuula 1 walqabatee jira. waliigalli ragaan barruu
fuulli 6 walqabatee jira.
Ragaa namaa
1. Hassan Nuuree
2. Qabatoo Nuuree
3. Ahaamadnuur Usmaan
4. Jamaal Hassan faa yoo tahaan teessoon isaanii Magaalaa baddeessaa Araddaa 01 waan
tahaaniif waamichaan akka naaf dhagahaman gaafachaa yeroof ragaan qabu kanuma.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneessa.

You might also like