Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 6

Guyyaa 5/11/2014

Mana Murtii Aanaa Ol’aanaa Go/Har/Lixaatiif


Ciroo
Deebikennitoonni: 1ffaa. Obbo Aadam Sulxaaan
Teessoon: Magaalaa Baddeessaa Ar.02
2ffaa: Obbo Jamaal Aadam
Teessoon: Biyya Kaanaadaa Isteetii Albartaa Magaalaa Kaligalii
Himattoonni: 1ffaa Adde Muniiraa Sulxaan Hassan
2ffaa: Adde Maakidaa Sulxaan Hassan
3ffaa: Adde Najuumaa Sulxaan Hassan
Teessoon : Magaalaa Baddeessaa Araddaa 02
Deebiin kun akkaataa S/D/F/S/Lakk.234 jalatti tumameen himannoo himattoonni galmee
lakk.62954 taheen nurratti dhiheesaniif deebii dhihaateedha.
Ijoo himannoo dhihaatee gabaabinaan
Himannoon dhihaate gabaabumatti kan jedhu “abbaan keenya bara 2009 keessa kan du’e yoo tahu
haati teenya ammoo Ebla bara 2014 keessa duutee jirti. Lafa kaaremeetira 1200 dhanga’an himata
keessatti ibsame mana hulaa shan irra jiru tan haga haati teenya duutuutti harka haadha teenya ture
keessaa lafa kaaremeetira 450 himatamaa 3ffaan seeraan ala himatamaa 1ffaaf kaartaa abbaa
qabiyyummaa kan itti kenne yoo tahu lafa baargamoo kaaremeetira 300 irratti ammoo himatamaa
3ffaan himatamaa 2ffaaf kaartaa seeraan ala waan kenneefii haati teenya kaartaan kun akka haqamu
Himatamaa 3ffaa fi Waajira Lafa Godinatti himattee furmaata bulchiinsaa waan dhabameef mana
murtiti himatuuf yoo jattu kan duute waan ta’eef kaartaan kun akka nuuf haqamu jechuudhaan
himata dhiheesani jiru.
Mormii Sadarkaa Duraa
1. Seerummaan himattoonni mana murtii kana gaafatan gaafii kaartaan abbaa qabiyyummaa lafa
qabeenya dhaaltummaa keenya irratti kenname akka nuuf haqamu kan jedhu yoo tahu gaafiin kun
ammoo gaafii qaama bulchiinsaaf dhihaachuu qabuudha malee dhimma manni murtii idilee laalee
murteessuudhaaf aanggoo abbaa Seerummaa irratti qabuu miti. Sababiin isaatis akkaataa Dambbii
Bulchiinsa Qabiyyee Lafa Magaalaa Lakk.179/2005 kewwata 8, Dambbii Lakk.182/2008
keewwata 9 fi 10 , 61 jalatti tumamee fi Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibaata Mana Murtii
Waliigala Fedaraalaa galmee lakk. 14544 Jilddii 3ffaa Lakk Galmee 33841 Jildii 9ffaa, Lakk.
Galmee 51790 Jildii 12ffaa jalatti kennee jiruutiin manni murtii dhimma kana laalee murteesuuf
aanggoo abbaa Seerummaa waan hin qabneef himannoon dhihaate b/s/d/f/S/Lakk. 244(1)(A) jalatti
tumameen galmeen kun akka nurraa cufamu gaafanna.
2. Nuti himatamttoonni ammaa qabeenya falmii kaasee kana irratti kaartaan abbaa qabeenyummaa
kan nuuf kenname karaa seera qabeesa taheen bara 2000 kan nuuf kenname yoo tahu Lafti falmii
kaafte waggaa 20 olii harka keenya kan jirtuufi maqaa keenyaan waggaa 15 olii gibira
mootummaan itti gabbaraa jirru waan ta’eef himannoon dhihaate dabriinsa yerootiin daangeeffama
waan ta’eef himannoon dhihaate B.S.D.FS.Lakk.244(1)(b) jalatti tumameen kufaa akka nurraa tahu
gaafanna.
3. Manni maqaa himatamaa 1ffaatiin galmaawee jiru bara 1976 jalqabee harka kiyya kan jiru waan
taheef himannoon mana kana irratti dhihaate dabriinsa yerootiin daanggefama. Akasumas Lafa
kaaremeetira 450 maqaa abbaa keenyaatiin gibirri ittikafalamaa ture ilaalchisee abbaan keenya kan
du’e bara 2009 keessa waan ta’eef ani himatamaa 1ffaan qabeenya gahee abbaa kiyyaa kana
dhaaltummaa qabaadhee waggaa 5 guutuu waanan harkaa qabuuf falmiin qabeeyna dhaaltummaa
dhaaltoota Sadarkaa tokko jiddutti gaggeeffamu dabriinsa yeroo waggaa 3tiin kan daangeeffamu
waan ta’eef manni murtii kun B.S.H.H.lakk.1000(1) fi B.S.D.F.S.LAKK.244 jalatti tumameen
dabriinsa yerootiin kufaa akka godhamun gaafadha.
4. Himattoonni qabeeyi falmii kaasee qabeenya Dhaalmaya haadhaa fi abbaa keenyaati jachaa kan
jiran waan taheef mirga qabeenya falmii kaasee kana irraa qaban osoo qaama qabeenyi kun harka
jiru himatanii mirga isaanii hin mirkaneeffatan seerri himannoo kana dhiheesuuf isaaniif hayyamu
waan hin jirreef manni murtii kun himattoonni himata kana dhiheesuuf mirgaafi faayidaa hin qaban
jedhee B.S.D.F.S.Lakk.33/2tiin kufaa akka godhu gaafanna.
5. Himattoonni haati teenya gaafa lubbuun jirtu Waajira lafatti (himatamaa 3ffaa) biratti iyyata
dhiheeffattee furmaata dhabde kan jadhan soba. Sababiin isaatis gaafa haati teenya iyyata
dhiheeffate jadhan kana jachuunis gaafa 06/07/2014 haati teenya du’uuf guyyaan 29 qoftiin yeroo
hafeef gaafa isheen dhukubsattee ufwallaallttee du’aaf deemtuudha waan taheef haati teenya gaafa
san gara waajiraa deemus tahe dhimmi kana irratti nama bakka buufatuuf kan hin dandeenye waan
taheef falmiin isaan dhimmi kun qaama kaartaa haquuf aannggoo qabuuf dhihaate jadhan soba.
Osuma taheellee murtiin qaamni bulchiinsaa kun kennu murtii dhumaa waan taheef himannoon kun
mana murtii kanaaf dhihaatuu hin dandahu waan taheef b/s/d/f/s/lakk.244 (1) (A) jalattti tumameen
kufaa akka tahu gaafanna.
Mormiin Sadarkaa duraa kun kan bira darbamu yoo tahe deebii keenya guutuu akka armaan
gadittiitti dhiheessina.

Tarree Deebii Guutuu


1. Abbaan himatamaa 1ffaa fi abbaa himattootaa kan tahe Obbo Sulxxaan Hassan Hiisuu bara
Mootummaa darggii keessaa toora bara 1974 akkaataa Labsii Lafa Magaalaa fi Lafa Tirffii tan
mootummaa taasisuuf bahe Labsii Lakk.46/19967 jalatti tumameen jiraataan magaalaa tokko Lafa
Kaaremeetira 500 olii fi lafa takkaa ol qabaachuu hin dandahu jadhamee tumamee jiruun
Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaa irraa Lafa Kaaremeetira 450 (dhibba afuri fi shantama)
marraasuudhaan argatee mana hula lama xixiqqaa irratti ijaarrratee gibira mootummaa maqaa
isaatiin itti kafalaa ittiffayyadamaa kan ture yoo tahu ani himatamaan 1ffaan maatii kiyyaaf ilma
duraa waanan taheefi maatii kiyyas hojadhee kanan jiraachisu waan taheef haadhaa fi abbaan kiyya
lafuma kana irratti mana akkan ijaarradhu naaf hayyamanii hayyama isaaniitiin bara 1978 keessa
mana jireenyaa fi daldalaa hula shan(5) sanaan booda xiqqo turee Magaazana (bukaara midhaanii
lama) qarshii kiyyaa fi human kiyya itti dhangalaasee ijaarradhee, baruma 1978 kana keessa
keessaa mana falmii kaase kanatti maqaa kiyyaan ifaa fi bishaan itti galfadhee, bara 1980 jalqabee
hayyama daldala midhaanii mana kana keessatti baafadhee, keessa jiraachaa, itti daldalaa
ittifayyadamaa kaartaan maqaa ana himatamaa 1ffaatiin bara 2000 keessa naaf kennamee karaa
seera qabeessa taheen kanan ittifayyadamaa jiruudha malee qabeenya haadhaa fi abbaa kiyyaa ani
seeraan ala kaartaa itti baafadhee miti.
2. Himattoonni ragaan isaan himataan walqabsiisanii dhiheessan kan sobaati. Namni tokko erga
kaartaan kennameef booda iyyata kaartaan naaf haa kennamuu jadhee dhiheessu hin jiru. Kanaafuu
nuti kaartaan abbaa qabiyyee maqaa keenyaan nuuf kenname bara 2000 keessa tahee osoo jiruu
himattoonnni xalayaa bara 2001 keessa barreeffameefi kan mana falmii kaaseen walhin qabanne
walqabsiisanii himanno dhiheessan deegarsa seeraa kan qabuu miti.
3. Mana himattoonni hula shan(5) jachuudhaan harka haadhaa fi abbaa keenyaa ture jadhanii fi
seeraan ala osoo haadhaa fi abbaan keenya mormanii ani himatamaan 1ffaan kaartaa ittibaafadhe
osoo hin taane qabeenya ani bara 1978 jalqabee ani himatamaa 1ffaan ijaaradhee qabuu fi ani
maqaa kiyyaan ifaa fi bishaan bara 1978 jalqabee maqaa kiyyaan ittigalfadhee dhuma irrattis bara
2000 jalqabee maqaa kiyyaan kaartaa abbaa qabeenyummaa ittibaafadhee, osoo haadhaa fi abbaan
kiyya lubbuun jiranii guyyaa tokkoofillee osoo isaan mormii narratti hin dhaleessin mana hula lama
hojii faarmaasiitiif waggaa 12 oliif nama maqaan isaa Gizaaw jadhamuuf kirreeffadhee, mana
magaazana tokkoo fi kutaa tokko suuqiif namaf kirreesee, magaazana tokko keessatti ammo ani
maqaa kiyyaan hayyama daldaa ittibaafadhe waggaa 20 oliif midhaan kessatti daldalaa jiru, kan
hafe keessa ammoo itti jiraataa kanan harkaa qabu malee akka himannoo irratti dhihaatetti
qabeenya haadhaa fi abbaan keenya horatanii fi dhiisanii du’aan kanan ani seeraan ala kaartaa
ittibaafadhee qabuu miti. Kanaafuu gaafiin himattootaa bu’ura seeraa kan qabuu miti.
4. Manni haadhaa fi abbaan keenya duraan qaban mana kiyyaan duubatti manni hulaan lama (2)
qaban sababii dullomaatiin turtii keessa waggaa 20 dura jigee waan tureef haadhaa fi abbaan
keenya mana himatamaan 2ffaan lafa isaa irratti ijaarratee qabu hula sadi (3) kaartaan maqaa
himatamaa 2ffaatiin galmaawee jiru irratti ijaarame keessa jiraachaa kan turanii fi haati teenyas
bara darbe manuma hula sadeen kaaremeetira 300 irratti ijaaramee fi maqaa himatamaa 2ffaatiin
galmaawee jiru keessatti duute malee mana himattoonni hula shan(5) jachuudhaan himata
dhiheessan kana keessa jiraataa hin turre.’
5. Lafti akkaataa seeraatiin bara 1967 booda jiraataa magaalaa tokkoof kennamu inni guddaan
kaaremeetira 500 waan taheef abbaa keenyaaf ammo lafti kaaremeetiriin 450 kennamteefii kanuma
irrati maqaa isaatiin gibira itttikafalaa kan ture yoo tahu qabiyyeen isaa kun qabiyyee durii kaartaa
abbaa qabiyyee hin qabne waan taheef, nuti himatamttoonni ammaatis lafti duwwaan tirfiin lafa
qabiyyee abbaa keenyatti aanee jiru ku akka nuuf kennamu gaafanee Bulchiinsi Magaalaa
Marraasuudhaan himatamaa 1ffaaf kaaremeetira 450 himatamaa 2ffaaf kaaremeetira 300 waan nuuf
kenneef, lafti teenya sadeenuu kaartaa abbaa qabiyyee waan hin qabneef kaartaan akka nuuf
kennamu gaafannee yeroo nuuf hayamamu nuti sadeen waltaanee, hayyamaa fi beekkamttii hadhaa
fi abbaa keenyaa irratti hunddoofnee ani qabeenya bara 1978 kaasee horadhe lafa gama karaa jiru
irratti waan taheef, abbaa fi haati keenya lafa kaaremeetira 450 (dhibba afurii fi shantama) gama
lixaatiin kaartaan maqaa isaatiin bara 2000 keessa kaartaa lakkoofsa /2000 taheen ana himatamaa
1ffaaf lafa kaaremeetira 450 irratti kaartaan lakk 626/2000 taheen gaafa Bitootessa 3/2000 , maqaa
himatamaa 2ffaatiin lafa kaaremeetira 300 irratti baruma 2000 kana keessa nuuf kennamee abbaan
keenya erga kaartaan nuuf kenname booda waggaa 9 jiraatee kan du’e haati teenya ammoo erga
kaartaan bahee waggaa 14 jiraatee kan duute yammuu tahu gaafa lubbuun jiran gaafii kaartaan
haqamu guyyaa tokkoof kan hin dhiheesine qofa osoo hin taane, kiraan manaa fi galiin mana
kanaatis yeroo ani himatamaan 1ffaan waggaa dila kana fayyadamu guyyaa tokkoof mormii
dhiheesanii hin beekan. Kanaafuu himattuun 1ffaan erga abbaan keenya du’ee waggaa 4 turee fi
haati teenya du’uuf guyyaan 25 qofti hafeefii ishee dhukubsattee siree irra jirtuu fi ofwallalttee
xaarii keessa jirtu ofumaaf iyyata sobaa dhiheesitee waan turteef himannoon isaanii deegarsa seeraa
tokkollee kan qabuu miti.
6. Haadhaa fi abbaan himatotaa fi himatamaa 1ffaa akasumas akkoo fi akaakiyyoon himatamaa
2ffaa gaafa lubbuun jiran gaafii kaartaan haa haqamuu guyyaa tokkoof dhiheesanii hin beekan
malee gaafiin kaartaan haa naaf haqamu yookaan kaartaan naaf haa kennamu jadhu gaafii aannoo
mana murtiitif dhihaachuu hin dandeenye qofa osoo hin taane, silaa haadhaa fi abbaan keenya gaafa
lubbuun jiran himannoo kaartaan haahaqamu jadhu mana murtiitiif dhiheesanii turanillee haga
dhimmichi gaafa isaan lubbuun jiran murtii hin argatinitti erga isaan du’aan booda d’ua isanii irraa
kan ka’e nuti dhaaltoota waan taanuuf qabeenyi kun ammo harka keenya waan jiruuf himattoonni
mirga qabna yoo jadhan gaafii qoodiinsa qabeenyaa gaafatuu bira darbee qabeenya harka keenya
jiru irratti gaafii kaartaan haqamuu dhiheesuuf seerri isaaniif hayyamu hin jiru.

7. Himannoon himattoonni haadhaa-abbaan keenya lafa kaaremeetira 1200 qaban jedhuu fi


Laftillee haga bara 2014 haati teenya duutuutti harka haadha keenyaa turte jedhu guututtii soba.
Sababiinsaa Lafti haadhaa-abbaan keenya gaafa lubbuun jiran qaban lafa kaaremeetira 1200 osoo
hin taanee lafa kaaremeetira 450 qofa. Lafti maqaa abbaa keenyaatiin gibirri ittikafalamaa turee fi
bal’ini isaa kaaremeetira 450 tahe kun akka isaan jedhanitti maqaa himatamaa 1ffaatiin osoo hin
taanee manuma abbaa keenyaatiin galmaawee jira. Garuu lafa kana osoo abbaan keenya lubbuun
jiruu qabaadhee waanan waggaa 3 olii harkaa qabuuf himattooni gaafachuu hin danda’aan. Mirgi
himattoonni qaban yoo jiraate gahee abbaa isaanii osoo hin taanee gahee haadha isaanii lafa
kaaremeetira 225 (dhibba lamaa fi diigdamii shan) keessaa gahee kiyya hambifadhee gahee isaanii
akkan qooduuf gaafachuu bira darbe mirga biraa hin qaban.
8. Lafti falmii kaafte bara 2000 keessa kaartaan abbaa qabeenyummaa kan itti nuuf kenname yoo
tahu haadhaa fi abbaan himattootaa fi himatamaa 1ffaa gaafa lubbuun jiran mormiin isaan kaartaan
akka haqamu jedhanii dhiheessan hin jiru. Falmiin himattoonni haati teenya gaafa lubbuun jirtu
himatamaa 3ffaa kaartaan akka haqamu jettee gaafatte jadhamee fi ragaan isaan himannoodhaan
walqabsiifatanii dhiheessan kan sobaati. Haati himatamaa 1ffaa fi himattootaa kan duute gaafa
05/08/2014 akka tahe ragaan dhaaltummaa isaanii nimirkaneessa. Iyyannoon haati teenya gaafa
06/7/2014 jechuunis du’uf guyyaan 29 yeroo hafuuf iyyata himatamaa 3ffaa biratti dhiheeffatte
guyyaa lama booda gaafa 9/7/2014 Waajira Lafa Godinaatiif furmaata dhabe jettee iyyatte
jadhamee fi waajirri lafa goninaa ammoo osoo iyyannoon hin dhihaataniif gaafa 7/9/2014 Xalayaa
himatamaa 3ffaaf barreesse jechuudhaan ragaan sobaa qophaahee dhihaate kun mataan isaa ni
mirkaneessa. Ammas yeruma kana furmaata dhabdee himachuudhan abukaatoo bakka buufattee
osoo himata hin dhiheeffatin duute kana jadhan nama sammuunsaa fayyaa qabu amansiisuuf hin
danda’aan. Sababiinsaa haati teenya gaafa isaan jedhanitti akka malee dhukkubsattee yeroo du’aaf
deemtuudha malee yeroo Baddeessaa fi ciro jidduu deemtuu miti. Kan nu himatuudhaaf qophii irra
jiru haadha teenya osoo hin taanee himattoota kana akka tahe, ragaa sobaa kanas barreesse kan
dhiheese isaanuma akka tahe ragaan dhaaltummaa fi bakka-bu’aa isaanii osoo taaziyaa haadha
isaanii irra jiranii baafatan nimirkaneessa. Kanaafuu falmiin isaanii guututti soba.
9. Qabeenyi falmii kaasee qabeenya Dhaalmaya haadhaa-abbaan keenya dhiisanii biraa du’anii
miti malee silaa ta’eeyyuu ani himatamaa 1ffaan dhaalaa haadhaa fi abbaa kiyyaa waanan taheef
qabeenya haadhaa fi abbaa kiyyaa qabaadhee kaartaa kanan itti baafadhu yoo tahe himattoonni
qabeenya dhaalmayaatiitu nu jalaa qabame kan jadhan yoo tahe mana murtiti himata Qoodiinsa
qabeenya Dhaalmaya dhiheefatanii mirga isaanii gaafatan malee kaartaan maqaa keenyaan
kenname akka haqamu gaafachuuf seerri isaaniif hayyamu hin jiru. Haadhaa fi abbaan keenya
gaafa lubbuun jiran mirga kaartaa kana akka haqamu gaafachuu hin qaban malee silaa qabaatanillee
du’a isaanii booda ani mirga dhaaltummaa waanan argadhuuf dhaaltoonni biroo dhufanii mirga
kaartaa kiyya akka haqamu gaafatuu hin qaban. Kanaafuu himannoon sababii himannoo waan hin
qabneef kufaa AKKA nurraa tahu gaafanna.

Seerummaa gaafannu
Manni murtii kun bu’ura deebii keenyaatiin himannoon seeraan ala dhihaate kana kufaa nurraa
taasisee baasii kisaaraa falmii kanaan walqabatee nurra gahuu itti nuuf muree biliisaan akka
nugaggeessu gaafanna.
Dhugaa tahuu b.s.d.f.s.lakk.92 mirkaneesina.

Guyyaa 5/11/2014

Mana Murtii Aanaa Ol’aanaa Go/Har/Lixaatiif


Ciroo

Deebikennitoonni: 1ffaa. Obbo Aadam Sulxaaan


Teessoon: Magaalaa Baddeessaa Ar.02
2ffaa: Obbo Jamaal Aadam
Teessoon: Biyya Kaanaadaa Isteetii Albartaa Magaalaa Kaligarii
Himattoonni: 1ffaa Adde Muniiraa Sulxaan Hassan
2ffaa: Adde Maakidaa Sulxaan Hassan
3ffaa: Adde Najuumaa Sulxaan Hassan
Teessoon : Magaalaa Baddeessaa Araddaa 02
Tarree ibsa raga b/s/d/f/s/lakk.223tiin guutamee dhihaateedha.

Raga namaa
1. Yaayyaa qaasim
2. Zannabaa Kidaanee
3. Aadam Sulxaan
4. Haakim Ziyaad
5. Siyyum Kifataw
6. Muluukaa Aamadee
7. Askaalaa Baqqalaa
8. Abubakar Calloo
9. Hassan Heeydar faa yoo tahaan teessoon isaanii Magaalaa Baddeessaa Araddaa 02 waan
tahaaniif akkaataa deebii keenyaatiin waan nuuf mirkaneesaniif waamichaan akka nuuf
dhagahaman gaafanna.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lak.92 mirkaneesina.

You might also like