Maqaa Abbaa, Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 5

MAQAA ABBAA, KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU

WAAQA TOKKO AMEN

FUULDURA WAAQAYYO KAN DHAABBATU ANI GEBRI’EELIDHA. LUQ 1:19


QABSUURA QULQULLUU QIIRQOSII FI QULQULLEETTII
IYYELUUXAA KITAABOTA MANA KIRISTAANAA KEENYA IRRA
GABAABINAAN
Bakka jirtan hundumaatti baga ayyaana guddaa kanaan isin gahe, Adoolessi 19 guyyaa hangafni
ergamootaa qulqulluun Gebri’eelii qulqulloota lamaan Uumaa keenya Iyyesuus Kiristoosin hin kaadnu
jechuusaatiin bishaan gaanii sibiilaa danfe keessatti darbataman Qulqulluu Qirqosii fi haadhasaa
Qulqulleettii Iyyeluuxaa itti fayyisedha. Ayyaana kana ilaalchisee dirsaana Qulqulluu Gibri’elii ji’a
adoolessaa, akkasumas sinkisara ji’a kanaa gaafa guyyaa 19 fi sinkisara ji’a amajji gaafa guyyaa 15 irraa
akka itti aanuutti dhaggeffanna.

Bara wareegamomtaa mootonni hin amaniinifi hojjettonni isaanii kiristaanota irratti gidiraa guddaa
geessisaa turan. Sababa kanaan baay’oliin wareegamummaa fudhatanii, baay’oliin immoo biyya isaanii
dhiisanii godaananiru. Bara mooticha Ileksenderiyoos kanneen biyyaa fi qe’ee isaanii dhiisanii baqatan
keessa tokko ijoollummaasheerra kaastee gaarii kan turte Qulqulleettii Iyyeluuxaa dha. Qulqulleettiin
Iyyeluuxaa magaalaa Roomaa keessa sababa kiristaanaa taateef mucaa waggaa sadii qabattee gara biyya
Kilqiyaatti baqachuun naannoo Xerses jiraachuu eegalte.

Mootichi Ileksenderiyoos kiristaanonni bakka biraattiii baqachuusaaniitiin isaan barbaadanii akka fidaniif
loltootasaa gara Kilqiyaattii erge. Loltoonni isaa kiristaanota osoo barbaadanii Qulqulleettii Iyyeluuxaa
arganii qabanii gara mootichaatti dhiyeessanii kiristaana akka taate itti himan. Mootichi kun yaa
dubbartii nana dubbadhu biyyaa kami dhuftee, gosoonni kee isaan kamii? Jedhee gaafate. Qulqulleettii
Iyyeluuxaas , ani nama Angebeenidha, gosoonni koo immoo Eesawurosotadha, sababa keef jecha
baqadhee gara biyyaa kana dhufe jettee deebisteef. Maqaan kee natti himi, amma kan siif wayyu filadhu
waaqolii koof aarsaa dhiyeessi jedhe. Isheenis maqaan bara baraakoo kiristaanaadha, maqaan yeroof ittin
waamamu immoo Iyyeluuxaadha, waaqolii xuraa’oof ani aarsaa hin dhiyeessu jette. Innis irra deebi’ee
gidiraawwaan gurguddoo osoo si hin qaqqabiin ka’iitii waaqolii koof aarsaa dhiyeessi jedhe. Dhugaa jiru
baruu yoo barbaadde , “mucaan umriinsaa waggaa 3 ta’e ni jira. inni kan waaqessinu sitti hima Waaqolii
keessan waaqessuun gaarii akka ta’ee fi akka hin taanes akka si hubachiisuuf isa waamsisi” jette.

Mootiin kun bakka Qulqulluun Qirqoos jirutti ergamtootasaa ergee akka fidaniif isaan ajaje. Daa’ima
kana yeroo fidan mootiin kun fuulli daa’imichaa ifaa fi gammadaa ta’uusaa argee, “Yaa mucaa
gammadaa nagaan siif haa ta’u ” jedhe. Qulqulluun Qirqoos, “dhugaa jette gammachuunkoo naaf
eegamaadha, ati garuu gammachuu hin qabdu, Waaqayyo sanafootni gammachuu hin qaban jedheera
waan ta’eef” jedhee deebiseef. Mootiin kun osoon si hin gaafatiin kana hundumaa natti deebistaa jedhee
maqaasaa isa gaafate.

Qulqulluun Qirqoos deebisee, “maqaankoo burqaa qulqulluu fi bishaan hin badneerra kan argame
Kiristaanadha, maqaa waamamakoo yoo barbaadde immoo haatikoo kan naaf moggaaste Qiirqosidha”
jedhe. Mootiichi “Kiristoosiin gani, waaqolii keenyaaf aarsaa dhiyeessaa yoo guddatte muudaman siif
kenna ” yeroo jedhuun, Qulqulluun Qiirqos, “dhuguma diina keenya kan taate ergamaa seexanaa nurraa
fagaadhu ” jedhe. Namichi kana dhagahee aaruun dhiigni qulqulluu kana akka bishaanii hanga
dhangala’uutti gogaasaa akka quncisan ajaje. Daa’imni kun gidiraa kana keessa cimee dhaabbate.
Qulqulleettiin Iyyeluuxaa obsa mucaashee yeroo argitu Waaqayyoon galateeffatte.
Kana booda ashaboo fi sanaafica qaawwa funyaanii isaa lamaanitti akka naqan taasisuus kennaa Afuura
Qulqulluun kan jabaate Qulqulluun Qiirqos garuu, “ajajni kee gorooroo koof mi’aawaa ta’e, dammaa fi
sukkaara caalaa afaan kooti miyaa’e.” jechuun Kiristoosin galateeffate.

Mootiin kunis kana hundumaa yeroo dhagahu baay’ee qaana’ee, gidiraa baay’ee namoonni gurguddoon
iyyu hin dandeenye Daa’ima kana haadhasaa waliin isaan gidirse. Waaqayyoos miidhaa tokko malee
isaan kaasaa ture. Daa’imni kuni fi haatisaa gurri isaanii duudee, ijisaanii jaamee, arrabnisaanii gubatee
du’a hadhaawaan akka darban yaadee waraantuu sibiila dhedheera 14 ibiddaan diimessanii 7 Qulqulleetti
Iyyeluuxaa, 7 immoo Qulqulluu Qiirqos, gurra lamaan, ija lamaan, qaawwa funyaanii lamaanii fi
lapheesaanii akka ittiin waraananiif, ergamtoota isaa ajaje. Ajaja Waaqayyoon ibiddummaan sibiloota
kana qabbaanaa’ee waan tokkoyyu osoo isaan irraan hin gahiin hafe.

Kana booda mana hidhaa seenanii akka itti cufamu taasisee, guyyaa 40f haadhasaa waliin kan itti
gidirfaman hojjechiisee amma xumurutti achi keessa turan. guyyaa 40 booda achi keessa isaan baasee
gara waltajjiitti isaan baasisee mataa isaanii gogaa waliin irraa haadanii barbadaa ibiddaa mataa
isaaniirratti yeroo bobeessu ergamaan Waaqayyoo gidiraa kana hunda isaan irraa fageesse. Ammas arraba
qulqulluu Qiirqos akka kutaniif ajajee kuchisiisus Waaqayyo arraba isaa isaaf deebiseera.

Namoonni baay’een kana ilaalanii baay’ee dinqaman. Kabajni isaaf haa ta’uuti uumaa keenya Iyyesuus
Kiristoositti amananii wareegamummaan du’anii, gonfoo wareegamummaa argatan. Daa’ima kanarra
kennaan Afuura Qulqulluu isarra bulee, raajiiwwaani fi dinqiiwwaan adda addaa hojjete,
dhukkubsattootas ni fayyise.

Raajiiwwaan kana hunda argee kan hin dhiisne mootiin kun gaanii sibilaa guddaatti bishaan guutanii akka
danfisan ajaje. Gaaniin kunis baay’ee danfee sagalee akka balaqqeessa’a gannaa dhageessisuu jalqabe.
Yeroo kana daa’imticha Qulqulluu Qirqoosifi haadhasaa Qulqulleetti Iyyeluuxa danfa kanatti isaan
dabaluuf mana hidha keessa isaan baase. Gaanii sibilaa ho’insi isaa gara oliitti utaalu kana keessatti isaan
darbachuuf yeroo geessu du’a qulqulloota kanaa akka ilaalaniif namoota kumaatamatti lakkaa’aman
walitti qabee ture.

Yeroo kana Qulqulleettiin Iyyeluuxaa sagalee danfichaa dhageessee sodaachun kabaja isheef qophaa’ee
ture irra gara duddubaatti deebi’uuf yaalte, Mucaanshee Qulqullun Qiirqos garuu, “yaa haadhakoo gaanii
sibiilaa kana ilaaltee hin sodaatiin, naasuunis sitti hin dhagahamiin, Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa fi
Misaa’el labooba ibiddaa keessa baase nuunis gaanii sibiilaa kana keessa nuu baasuuf dandeettii akka
qabu hin shakkin. Kan darbu dhiphinaa fi gidiraa addunyaa kanarraa fayyuuf jettee, ibiddaa bara baraatti
adabamuu filattaa? Kunimmaa hin ta’u sitti haa hafu. Waaqayyo nu gidduu jira, nu gargaara. Yaa
haadhakoo Sosinnaatiin harka barsiisota yihuudotarra, Daani’eeliin afaan leencotarra kan fayyise inni
nunis gaanii sibiilaa kana keessa nu baasa. Keessumattu Waaqayyo, gaanii sibiilaa kana keessatti
dirqama keenya akka raawwannuu eyyemasaa yoo ta’eyyu Iyoobiin haa yaadannu, Iyoob qabeenyaa fi
qarshiisaa , ijoollee fi haadha manasaa, dhumarrattis qaamasaa yeroo dhabu, Waaqayyoon nan
galateeffadha, Waaqayyotu kenne Waaqayyootu fudhate, Waaqayyos akka barbaade taasise jechuu irraa
kan hafe waan biraa akkuma hin dubbanne, nutis kaayyoosaa hordofuun gidirittii kana obsuu qabna”
jedhe.

Haa ta’u garuu haatisaa gorsa kanaan jajjabachuu waan dadhabdeef, Qulqulluun Qiirqos ijasaa gara
samiitti olkaasee, “Maaloo yaa Waaqakoo, garbittiikee kana mana kee keessa kan adda baastu yoo ta’e
galmee jireenyarra na haqi, maaloo dhaaba mukaa gubdee firiisheemmoo eebbisuu barbaaddaa? Kana
akka ati hin taasisne arjummaan kee si dhorkiti. Maaloo muka kutaati bobeessaa baala isheemmoo eega
jechuun amalummaa Waaqummaa kee miti, garuu muka balaashee waliin walitti eega jettee ajajja malee.
Egaa sababa kanaan asitti kan walitti qabaman hunduu, Waaqa isaan fayyisu osoo qabataniimmaa hin
baqatan turan jedhanii shakkiitti akka hin galle, diinni keenya diyaabiloos abba aangoo caalaan cime,
qulqullootan mo’adhe jedhee akka ofhin jajne, hoolota isaa keessas tokkon fudhadhe akka hin jenneef
haadha koof jajjabeessaa kan ta’e Afuura Qulqulluu kennif ” jedhee yeroo kadhatu seexanni Qulqulleetti
Iyyeluuxaa cinaati bade. Kana booda Gooftaan keenya lapheeshee gara samiitti olgeessee bakka ifaa
wareegamtootaaf qophaa’e akka agartu taasise, erga agartee ni jabaatte, Waaqayyoon galateffattee,
mucaasheetiin,

abbaa mootummaa isa samii kan naaf taate yaa mucaakoo Gooftaankee humna naaf kenneera, kan nu
eeggatu qabsuura keenya raawwannee haa mo’annu, kunoo danfa gaanii sibiilaa kana keessa utaalu
yeroon ilaalu, akka copha burqaasheerra buutuutti natti mul’ateera jette. Yeroo kana gaaniicha keessatti
isaan darbatan. Kana booda hangafni ergamootaa Qulqulluun Gebri’eelii samiirra gad bu’ee danfa gaanii
sibiilaa kana qabbaneessee, qulqulloonni kun osoo waan tokko hin tahiin hafan. Kun kan raawwate
Adoolessa 19 dha. Biftisaanii akka aduu ife, qeensa isaaniirraa hanga rifeensa mataasaaniitti waan
tokkoyyu osoo hin midhamiin qaama guutuun dhaabbatan.

Kana booda mootiin kun yaadnisaa hin milkaa’iin waan hafeef ammaas baay’ee aaree funyootiin
hidhamanii lafarra akka gottotaman ajaje, gidiraa isaanii hundumatti isaan waliin kan jiru Qulqulluun
Gebri’eelii ammas kanarra isaan fayyise. Uummanni raajii kana hundumaa arganii Waaqayyoon
galateeffatan, Qulqulluu Gebri’eeliis ni kabajan.

Xumura irratti mootiin kun karaa hundumaa isaan mo’uu yeroo dadhabu, billaan morma isaanii irraa akka
kutaniif loltootasaa ajaje. Yeroo kana Gooftaan keenya jajjabina gidiraa keessaatti fi baay’ina obsaasaa
ilaalee itti mul’atee, “yaa jaalalle koo Qiirqos nagaan siif haa ta’u. jajjabina gidiraa fi baay’ina obsaakee
ilaalee dadhabina addunyaa kanarra si boqochiisuuf dhufeera, maal akkan siif taasisu barbaadda jedhee
gaafate. Qulqullun Qiirqos, “foonkoo lafarratti hin awwaalamin, maqaa koo kan waamu, yaadannoo koo
kan taasisu, mana kiristaanaakoo kan ijaaru, kitaaba qabsuurakoo kan barreessuu fi kan barressisu
akkasumas kan dubbisu, mana kiristaanaa koof mebaa kan dhiyeessu, keessa dhaabbatee kan kadhatu
hundumaaf kan isaan barbaadan taasisiif, bakka sanattis abaarsi namarratti, dhukkubni beeyladootaa,
hanqinni midhaanii, beelli, kirkirri lafaa hin qaqqabin jedhe. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis, “kan
na kadhatte hunda siifan taasisa, atis mirga koo jiraatta, foon kees konkalaataa Eeliyaas ittin olba’e
keessan jiraachisa,” jedhe.

Qulqullun Qiirqos yeroo kana dhagahu baay’ee gammadee Gooftaa keenya galateeffate. Kana booda
qabsuurasaa xumuree amajjii bultii 15 umrii waggaa 3, ji’a 1 fi guyyaa 3tti haadhasaa Qulqulleettii
Iyyeluuxaa waliin mormisaanii billaan kutamee wareegamummaa fudhatan. Gooftaan keenya
Lubbuuwwaan isaanii kabajaan ol fudhate. Wareegamummaasaa kanaan gonfoo sadii kan argate yemmu
ta’u, yeroo wareegamu mormasaa keessa dhiigni bishaanii fi aannan dhangala’eera. Foon wareegamaa
kana lafarratti kan awwalame osoo hin taane Gooftaan keenya akkuma dubbate konkolaataa Eeliyaasiin
gara olitti fudhate. Waldaa Qulqulluu Qiirqos kan turanis namoonni kuma kudha tokkoo fi afur haaluma
walfakkaatuun wareegamummaan darbanii lubbuunsaanii kabajaaf geessitti.
Eegumsi hangafa ergamootaa Qulqulluu Gebri’eelii, kadhannaa fi eebbii Qulqulluu Qiirqos, Qulqulleettii
Iyyeluuxaa, akkasumas jaalala Kiristoosif kan wareegaman eebbi miseensota waldaa Qulqulluu Qiirqos
nuurra haa bulu.

Galanni Waaqayyoof.

Madda :

 Dirsaana Qulqulluu Gibri’elii ji’a adoolessaa


 Sinkisara ji’a adoolessaa gaafa guyyaa 19
 Sinkisara ji’a amajji gaafa guyyaa 15

Dn Motuma
Adoolessa 18, 2012

You might also like