Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 15

Hojii Hacaaluu

Hundeessaa ija
Antiroppolojiin
K A BBA D A A LA M U U BA K K ALC HAATIN

2023
▪ Hacaaluun Ambotti Abbaa isaa
Hundeessaa Boonsaa fi Haadha isaa
Guddattuu Horaa irraa dhalate.
Itti fufa…..
▪Haa ta’u malee hanga 2009 G.C tti namni
Hacaaluu Hundeessaa beeku muraasa.
▪Aalbamiin ‘Sanyii Mootii’ Hacaaluu
Oromiyaan wal barsiise.
▪Sanaan booda, ilma Abbaa fi Haadha Oromoo
hundaa, akkasumas obboleessa qarree fi qeerroo
Oromoo hundaa kan ta’e.
Itti fufa…..
▪Aalbamicha keessatti Hacaalun;
▪Waa’ee dhukkubbii keenyaa
▪Waantota gufuu qabsoo Oromoo ta’anii fi malli
isaa immoo tokkummaa akka ta’e sirriitti lafa
kaa’era.
▪Yeroo baay’ee namootni ‘Artist Hacaaluu
Hundeessaa’ jedhanii dubbatu ykn waamu. Haa ta’u
malee, namni kun ogummaa aartii cinaatti ogummaa
biroo heddu qaba.
Itti fufa……
▪Innis;
▪Hayyuu seenaa cimaadha: Kunis yoomiyyuu
hojiin aartii isaa kan yeroon irra hin dabarre, kan
yeroo hunda uummatni dhaggeeffatu akka ta’u
godheera.
▪Hojii aartii isaaf bifa biraa uume.
▪Hayyuu falaasamaa cimaadha: Hojiin isaa ergaa
dacha fi icciitii gurguddaan kan guutameedha.
▪ Sirriitti hubachuuf irra deddeebi’anii
dhaggeeffachuu gaafata.
Itti fufa……..
▪Raagaa Cimaadha:. Maaltu akka ta’u,
sirriitti beeka. Kana immoo sirboota isaa
keessatti bifa garaagaraan ibsee jira.
▪Hayyuu Afaanii Cimaadha: Akkataa
jechoota itti fayyadaman, jecha muraasan
ergaa heddu dabarsuun dandeettii addaa
nama qabu ture.
Itti fufa…
▪Hayyuu Antiroppolojii Cimaadha:
‘He is human enginer/social Enginer’.
▪Akkamiin Hawaasummaa cimsuun
akka danda’amu, baayina keessatti
akkamiin akka jiraachuu dandeenyu
nama cimsee beekudha (He is cultural
relativist).
Itti fufa…….
▪Hayyuu Aartii Cimaadha: Hacaalun
gaafa aartii hojjatu, uummataaf hojjata.
▪Nama dhuunfaf ykn haala yeroo
ilaalee hin sirbu. Miira uummataa
ilaalee sirba, aartii maallaqaaf hojjatee
hin beeku.
▪Aartii akka meeshaa waraanaa farra
cunqursaatti namni fayyadame yoo
jiraatee Haacalun nama tokko.
Itti fufa…
▪Aartiin Oromoo jaarraa 21ffaa bifa addaa
(colorful) akka qabaatu kan taasise Hacaaluu
Hundeessati.
▪Kanaafi jechootni isaa saphumatti hunda
booji’a.
▪Nama eenyumaanuu hin
fakkeeffamneedha.
▪Faajjii Oromoo, Oromiyaa fi
Oromummaati.
▪Goota seenaa hatame qajeelche. Goota
Oromoon waliin qabu.
Hacaaluun…..
▪ Guddina aartii Oromootti nama
saffisa dabale.
▪ Oromoota dammaksee galaana
dhugaa taasise. Galaanni inni tuqe,
baay’ee liqimse, akkasumas baay’ee
irraa garbummaa dhiqe.
▪ Goota onnee Oromootaa keessatti
masaraa ijaarrate.
▪ Bareedina Oromooti.
Itti fufa……..
▪Kanaafi Oromoon hanga ammaatti “dhugaa
Hacaaluu” kan jedhee halkaniif guyyaa dubbatu.
▪Oromoonni hundi ilma isaanii Hacaaluu jedhamu
tokko of biraa dhaban.
▪Oromoo biratti yaadni ‘patterns of collectivism’
baay’ee beekama.
Fknf. Akka Oromootti;
➢ Ilmi kan biyyaati
➢ Nageenyi biyyaan waliin”
➢ Qabeenyi biyyaan waliin” jedhama.
Itti fufa….
▪Hacaalunis yaaduma kana jiraate.
▪Hacaalun guyyaa tokko ilma mandaraa
ta’ee hin beeku.
▪Hunda waliin boo’a, hundumaaf qaqqaba,
hundumaaf walaloo barreessa/yeedaloo
hojjata, hundumaaf dubbata.
Itti fufa……
▪ Innis akkuma beekamu, sirboota isaa keessatti;
“Yaa ijoollee Iluu kootii,
Yaa ijoollee Arsii Kootii
Yaa ijoollee Harargee kootii
Yaa ijoollee Baalee kootii
Yaa ijoollee Gujii Kootii
Itti fufa…
Yaa ijoollee Tuulama Kootii
Yaa ijoollee Amboo kootii
Yaa ijoollee Jimmaa Kootii
Yaa Ijoolle wallagga Kootii
Yaa ijoollee Oromoo Kootii
Hundumtuu Haadhoo kootii”. Kana aartin qofa
hin sirbine, gochaan jiraatee nutti agarsiiseera.
Itti fufa…..

Itti fufa…..

You might also like