Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 5

Abishee Garbaa

August 15, 2020 by Lemi Asefa, posted in Oromoo

Abiishee
Garbaa

… Abishee Garbaa abbaa duulaa (mootii jechuunis ni danda’ama) ummata Oromoo naannoo
Horroo jiraachaa turee yoo ta’u goota beekkamaadha. Abbaan Abiishee Garbaa Hurruubaa yoo
ta’u haatisaa ammoo Dagattee jedhamti. Aadde Dagatte daldaltuu beekkamtuu yoo taatuu
abbaansaa ammoo abbaa duulaati.

Seenaa Duubaa

Abiishee Garbaa ilma abbaa duulaa Odaa Bulluq kan naannoo Horroo kan ture kan Garbaa
Hurruubaati. Garbaa Hurruuba sirna Gadaatin Odaa Bulluqiin filatamee akka abbaa duulaatti
bara 1850-54tti tajaajilaa ture. Waggaa afur akkuma tajaajileen Garbaan ni du’e. Abishee Garbaa
kanatti fayyadamuun abbaa duulummaa abbaasaa kan waggaa afur hafe kana qabachuuf gaaffii
dhiyeesse. Kunimmoo sirna Gadaa keessatti fudhatama kan hin qabne waan ta’eef mormiin isa
mudate; garuu deeggartoota muraasaa keessattu dargaggoota ni qaba ture. Boodarra Abisheen
abbaa duulummaa abbaasaa kana humnumaan dhaalee abbaa duulaa ta’e. Kunis bara 1855tti.
Waggaan arfan hafan xumuramanis Abisheen aangoo akka sirna Gadaatti hin gadhiifne, ittuma
fufee warra kaan amansiisun warra kaan ammoo doorsisuun akka aangoosaa fudhatan godhe.
Naannoo Horrootti weerarri Goojjam yeroo yeroon kan dhufu waan tureef Abishen ammo kana
sirriitti faccisaa waan tureef namoota birattis fudhatama argate. Abiisheen lolee naannoo kuma
kudha shan ta’u qaba ture.
Gaadi’amuusaa

Goojjamoonni Abiishee waraanaan injifachuu waan dadhabaniif, tooftadhaan qabuuf shira


xaxan. Haala kanaan, waliigaltee nagaa si wajjin uumuu barbaadna jechuudhan ergaa karaa nama
Qadiidaa Wannabee jedhamuu dhaamsa itti ergan. Karaadhuma Qadiidaas kennaa beennacha
fardaa warqiirraa hojjatame erganiifi. Akkaataa kanaan Abiisheen Raas Darasuu wajjin walitti
dhufee akka mari’atu haala mijeessan. Akka seera Oromoottis walii kakachuudhan wadaa
nageenyaa kana Abiishee fi Goojjamoonni xumuran. Kakuun kan dhugaa akka hin taane abbotin
duulaa Oromoo akka Dabalaa Gannaa fi Dagaa Hooroo jedhaman itti himanillee Abiisheen isaan
hin dhageenye. Haala kanaan waliigaltee erga uumanii booda, Goojjamoonni Laga Mormor
ce’anii odoo Abiishen hin beekin daangaa Guduruu fi Horro gidduu jiru qaxxaamuranii
loltusaanii Goodaa Kokor kan teessuma Abiishee Dooyyorraa 20km fagaatu qubachiisan.
Abiishen erga kana dhaga’ee booda loltuusaa kan lakkoofsan kuma afur ta’an qabatee gara
Goodaa Kokor deeme. Waliigalteen duraan waan qabaniif Abiishen waraanaf hin deemne. Erga
achi ga’ee booda akka seera Oromootti bakara qabatanii man ol seenun safuu waan ta’eef
Abiishen meeshaasaa ala ka’ee gara dunkaana Goojjamootaa mariif ol seene. Gojjamoonnis
duskaana keessatti Abiishee qabaniigaadi’ani. Qabamuusaa kan ibsuufis dibbee yeroo rukutan
loltoonni
Abiishee waan raawwatame barani. Loltoonni Abiishes waraana jalqabani warra Goojjamootaa
rukutuu jalqaban. Garuu jarri duraan qophaa’anii waan turaniif loltoota Abiishe ni injifatani.
Lola kanarratti abbaaduulaa Dabaloo Gannaa dabalatee loltoonni baayyen du’ani, obboleessa
Abiisheemmoo qaamnisaa irraa murame. Duulli kun duula goodaa kokor jedhamee beekama
Duula Goodaa Kokor
Duula Goodaa Kokor kan Gurraandhala 13, 1877 Abiishee fi Raas Darasuu Abbaa Xooboo
gidduutti godhamee (Abiishen odoo hin beekin waan gaadi’ameef kana jechuun nama rakkisa)
kanaan loltuun Abishee injifatame. Abiisheen erga gaadi’amee booda deemuu waan dideef akka
qotiyyootti harqota itti godhanii harkisanii gara Goojjam geessan. Abiishenis
gowwoomfamuusaa erga baree booda aaridhaan quba harkasaa tokko alaanfatee fixe jedhama.
Erga Goojjam geessanii booda niitin mootichaa goota loltusaanii yeroo baayyee injifate kana
arguuf fida jettee fidchisiifte. Abiisheen ergarama beelaa fi darararran kan ka’e fokkisaa ta’ee
argame jedhama. Niitin mootichas godummaasaa kanaan arrabsite. Kanaafis dubartoonni Horroo
yeroo mammaakan: San booda, Abiishen iddoo Jabalaa fi Maxaraa jedhamutti hidhame. Achitti,
Goojjamoonni Abiishee mormaa gadi jiraa awwaalanii mataasaarratti soogida firfirsan. Itti
aansanii, fardeen erga itti gadilakkisani; akkaataa suukaneessaa kanaan Abiishen qorqamee du’e,
reefisaas bataskaana Dabra Maarqos keessa jirutti awwaallame. Kana dhoksuuf jecha garuu
gifiraan akka du’etti odeessisiisaa turani. Abiishen erga du’ee booda Goojjamoonni aangoo
obboleessa Abiishee Fandalalaa Garbaatti kennani. Fandalalaan gumaa Abiishee deebisuu waan
dideef, ummanni akkas jedhee ittiin geerare: Fudhatamni Fandalalaan uumata biratti qabu xiqqaa
ture. Mootummaan Horroos odoo hin turin bakka adda addaatti qooddamuun warra
Goojjamootaf amanamoo ta’aniif kenname, Fandalaan Gubayyaa qofa akka bulchu godhame.
Yeroo Minilikii fi Goojjamoonni Waraana Imbaaboo geggeessan, Fandalalaan gara
Goojjamootaa goree lolaa ture. Kanaafis, waraanni Minilik bara 1881tti Horroon rukutee ture.

Yaalii Deebisuu

Reeffa Abiishee Horrotti deebisuuf yaalin adda addaa godhamaa turullee hanga ammaatti hin
milkoofne. Yeroo Xaaliyaanin biyya kana qabatte ilmi Abiishee Fiitaawurari Amanuun reeffa
abbaasaa deebisuuf yaalii godhaa turus hin milkoofne. Bara 1950n keessa akaakayyuun
Abiishee Fitaawuraarii Oljirraa yaalaa ture.

You might also like