Hammattoo Afaan Oromoo

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 42

1.

Seensa
1.1 Haalduree
1.1.1 Dagaagina Ogummaa Barsiisummaa Walittifufaa
Imaammanni barnootaa fi leenjii barsiisotaaf sadarkaa akkanaa kan kennee fi
kunis adeemsa barnootaa keessatti akka haaraatti kan ibsamuudha. Adeemsi
barnootaa haaraan kun kan xiyyeeffatu barnoota hirmaachisaa jajjabeessuu,
rakkoo hiikuu fi mala barruu-barsiisuu barattoota jiddu-galeeffateedha.
Qorannoon akka agarsiisutti baay’inni barattootaa daree bakka jirutti
barsiisonni caalmaadhaan mala baruu-barsiisuu barsiisota jiddu galeeffatetti
fayyadamu. Carraan barsiisonni kunniin dagaagina ogummaa barsiisummaa
walittifufaa qabanis baay’ee murtaa’aadha. Imaammanni haraan garuu
xiyyeeffannaan sagantaa kanaaf kennamuu akka qabu ifatti ibsee jira.
Sagantaan Dagaagina Ogummaa Barsiisummaa Walittifufaa leenjii hojii duraa
fi hojii irraa akka xiyyeeffachuu qabu ibsamee jira. Barsiisonni fooyya’iinsa
manneen barnootaa keessatti bakka olaanaa akka qaban erga hubatamee
booda sagantaan DOW (Sagantaa dagaagina ogummaa walittifufaa) bara 2005
keessa qophaa’e. Qajeelfamni DOW tarsimoo raawwii erga qophaa’e booda kana
irratti hundaawuun barsiisota haaraa hojiitti galaniif koorsiin qophaa’ee jira.

Barsiisonni haaraan sagantaa madaqinaa waggootii lama keessatti akka


xumuranitti yaadamee sagantichi sadarkaa guutuu biyyaatti qophaa’e.
Barsiisonni haaraan kunniin gorsiitoota muuxannoo dheeraa qaban kan
manneen barnootaa isaanii keessaa filatamaniin gargaaramu.

Sagantaa dagaagina ogummaa barsiisummaa walittifufaa sadarkaa guutuu


biyyaatti qophaa’e keessatti barsiisonni hundinuu akka itti hirmaatanitti
yaadame. Sagantichi koorsii sadi kan qabuu fi barsiisonni garee xixiqqaa
manneen barnootaa ykn wiirtuu gurmuu manneen barnootaatiin kan
hojjetaniidha Tokkoon tokkoo koorsichaa boqonnaalee sadi kan qabuu fi

1
dhimmoota baruu-barsiisuu keessatti ka’anii fi haala isaa kan qabateedha.
Gareen barsiisotaa kun haala mijeessaa muuxannoo qabu tokkoon kan
gaggeeffamu yoo ta’u, garichi torbee lama keessatti al tokko akka wal argantu
yaadamee ture.

Biirooleen barnootaa naannolee fi waajjiraaleen barnootaa aanaalee


maanuwaalii leenjii DOW koorsii sadarkaa guutuu biyyaatti qophaa’e akka
deggarutti qopheeffatu jedhamees yaadamee ture.

1.1.2 Sagantaa Misooma Barsiisotaa1 (SMB1)


Qorannoo Bu’aa SMB, 2008
Sagantichi erga calqabamee dhuma waggaa 3ffaa irratti SMB 1 qorannoon bu’aa
isaa agarsiisu yunivarsiitii Haramayaatiin gaggeeffamee ture.

Argannoon gurguddaan qorannoo kanaa:


1. Walumaagalatti manneen barnootaa shan keessaa afur caasaa Dagaagina
ogummaa barsiisummaa walittifufaa akka hin qabne.
2. Wiirtuuleen gurmuu manneen barnootaa iddattoo fudhataman 31 keessaa
29 gochaalee sagantichaa adeemsisuudhaaf qindoomina, kaka’umsaa fi
jijjiirama akka hin finne.
3. Manneen barnootaa sagantichi itti calqabametti, barsiisonni qabiyyee
koorsichaa hanga baratanii jiran ibsuu danda’uu isaanii kan
agarsiisuudha.

Qorannoo kanaan danqaaleen (challenges) jaha addaan bahanii jiru.


1. Caasaa guddinaa, sonaa fi gochaalee DOW tartiibaan adeemsisuu
dadhabuu.
2. Haala mijeessitoonni DOW yeroo yeroon jijjiiramuu.
3. Barsiisonnii fi hooggantoonni manneen barnootaa hanqina yeroo
qabaachuu.

2
4. Jalqabbiin Karoora sagantichaa harkifachuu fi erga jalqabamee booda
immoo xumuruuf saffisuu.
5. Saganticha adeemsisuuf leecalloon barbaachisu dhabamuu.
6. Saganticha adeemsiisuuf qindoominni Biiroo Barnootaa, Dhaabbata
Leenjii Barsiisotaa fi Dhaabbata Miti-mootummaa jidduu dhabamuu.

Qorannichi danqaalee asiin olitti ibsamaniif furmaanni yoo hin kennamin,


mul’anni “Barsiisota gahumsa, kaka’umsaa fi barnoota qulqullina qabu kennan
horachuu” jedhu dhugaa ta’uu hin danda’u jedha.

Yaboon Qorannoo Kanaa (Recommendation)


1. Ministeerri Barnootaa, Naannooleen, Godinaalee fi aanaaleen caasaa
DOW ittiin foowatan kan ittigaafatamummaa isaanii agarsiisuu fi
sagantichi akkamitti akka adeemu, fooyya’uu fi madaalamu kan
agarsiisu baafachuu qabu.
2. Kaayyoo fi galmi sagantaa DOW ibsamee, qooda fudhattoonni mul’ata isa
irratti qaban gabbifatanii jidduu isaaniitti hubannoon uumamee, gufuu
saganticha qunnamuuf ykn shakkii uumamuuf dhiifamni akka hin jirre
gochuu.
3. Caasaa fi bu’aan DOW sagantaan toowatamee madaalamuu qaba.
Qindoominni dhaabbilee leenjii barsiisotaa fi manneen barnootaa jidduu
gara piraaktikamiitiin jiru, saganticha madaaluuf akka oolu taasisuu.
4. Qajeelfamni DOW fi caasaa guddina barsiisotaa walsimsiisee adeemsisu
qophaawuu qaba.
5. Sadarkaa barsiisaa fi mana barumsaatti kaka’umsi DOW barbaachisaa
waan ta’eef uumamuu qaba.

Akka qorannoo kanaatti DOWn sagantaa yeroo dheeraa kan walirraa cituu hin
dandeenyeen raawwatamuu qaba. Kunis gahumsa barsiisaa fi barnoota
barattootaa fooyyessuuf gargaara. Gara biraatiin DOWn caaseffamuu,

3
toowatamuu fi tooftaan haaromfamuu qaba jechuudha. DOWn haala kanaan
gurmoofnaan manneen barnootaa akka hawaasa barnootaa cinaatti hojii
raawwachuu eegalu, bu’a-qabeessummaa gochaalee ogummaa barsiisotaa
gargaaru, kanaanis naannawa barnootaa mijaawaa ta’e barattootaaf uumu.

Gahumsi caasaa waliigalaa DOW fi fooyya’iinsi hooggansaa sadarkaa mana


barumsaatti jiru faayidaa DOW kan cimsuu fi guddina ogummaa
barsiisummaa keessatti hundee akka gadifageeffatu kan taasisudha.

Qorannoo kanarraa ka’uudhaan Ministeerri Barnootaa qorannoo xiinxala


haalaa kan fedhii barsiisotaa qabate adeemsiisee jira. Yaboon qorannoo xiinala
haalaa kanaa fi qorannoo SMB1 DOWdhaaf kallattii haaraa uumuudhaaf akka
bu’uuraatti faayidaa irra oolee jira.

1.2 Ka’umsa
Bu’uurri qabiyyee dookumantii kanaa yaboolee idil-addunyaa fi guutuu biyyaa
kan qorannoo xiinxala haalaa kallattii haaraa DOW Itoophiyaa keessa jiruudha.
Qorannoon idil-addunyaa qorannoo biyyoota 5 keessatti adeemsifamee fi
meeshaalee dhimma kana irratti maxxanfaman hedduu irraa kan
fudhatameedha. Qorannoon guutuu biyyaa (national) bifa sakkattaa fedhiitiin
Ministeerri Barnootaa kan adeemsiseedha.

1.2.1 Qorannoo Idil-addunyaa (International research)


Waggootii 20n darban keessa qorannooleen hedduun, qulqullinaa fi baay’inaan,
amalaan, gahumsaanii fi bu’aa DOW irratti adeemsifamanii jiru.

Qorannoon kun muuxannoowwan biyyoota guddatanii fi kan guddachaa jiran


kan ilaaluu fi sadarkaalee leenjii barsiisotaa asiin gadii kan addaan baaseedha.
1. Muuxannoon barsiisuu inni calqabaa daawwannaa yeroo
piraaktikamiiti. Kana jechuun akkaataan isaan itti baratan dhiibbaa
guddaa irraan gaha jechuudha.
4
2. Barsiisonni leenjii hojii duraa keessatti yeroo calqabaaf qooda fudhatu.
3. Gara hojiitti bobba’anii waggaa calqabaa keessatti sagantaa
madaqinaa keessatti qooda fudhatu.
4. Kana booda barsiisonni hanga dhuma tajaajila isaaniitti sagantaa
dagaagina ogummaa barsiisummaa walittifufaa keessatti qooda
fudhatu.

Seera DOW akka agarsiisuutti waliigaltee cimaan qabiyyee ijoo ta’anii fi


Qorannoon
tumaataalee
Yeroo ammaa(principles)
biyyoota irraa madda.
hedduu KunisDOWn
keessatti akka asiidirqaamaa
gadii kanamiti.
fakkaata.
Haata’u
malee, haalli fedhiidhaan keessatti hirmaachuu kun jijjiiramaa jira.
Mootummaaleen biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran seera DOWn
barsiisota walbarsiisaa caasaa guddinaa fi madaalliidhaan walqabsiisaa jiru.
Seerri DOW haal dureewwan tajaajilaa kan akka tajaajila waggaa xiqqaa fi
hirmaannaa yeroo xiqqaa DOW kan of keessatti qabateedha.

Hanqinaalee DOW mala workishoopii/Saminaaraatiin gaggeessuu


Qorannoowwan akka agarsiisanitti DOW workishooppiin/saminaaraan kan
milkaawuu danda’u gochaalee DOW itti karoorfamee osoo addaan hin citin
yoo raawwatameedha. DOW gaggeessuuf workishooppii qofa irratti
hundaawuun adeemsa baruu-barsiisuu keessatti jijjiirraan yeroo dheeraan
booda akka dhufu taasisa. Adeemsa DOW keessatti workishooppii altokko
qofa fayyadamuun adeemsicha kan milkeessuu fi leecalloo fi humna namaa
tooftaadhaan itti fayyadamuuf kan gargaaruudha. (Schwille, Leu, et al 2005).
Hanqina DOW akkayyaa gaddaddabarsuutiin adeemsisuu(cascade model)
Akkaayyaan(moodeel) kun sadarkaa olaanaatti yaada maaltu baratamuu qaba
jedhuun walqabatee biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran keessatti haalaan
hojii irra oolee jira. Yaanni ‘maaltu baratamaa’ jedhu kun calqaba
leenjiftootaaf kennama.

5
Isaanis deebi’anii barsiisota biraatiif yaada kana dabarsu.
Haala kanaan walitti daddabarsuun yaa’insa isaa eeggatee itti fufa.
Malli akkanaa kun odeeffannoo dura darbe irratti hubannoo qixa ta’e
irratti kan hundaa’ye malee hubannoon gabbachaa kan adeemuu miti.
Haata’uutii odeeffannoon calqabaa sadarkaa hundattuu jijjiiramaa
deemee yeroo barsiisaa bira gahu baay’ee gadaanaa ta’a.
Odeeffannoon haala kanaan barsiisaa bira gahe ammoo ogummaa
barsiisummaa isaa fooyyessuu kan dandeechisuu hin ta’u.

Malleen lamaanuu workishooppii fi akkayyaan gaddaddarbuu kun mallattoo


mala irgadee (top down) yoo ta’u biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran
keessatti gaaffilee guruguddaa kaasaa jira. Kanneen keessaa hangamiin
ogummaa workishooppiidhaan baratamee beekama kan jedhuudha. Sababni
kanaas bu’uurri misoomaa akka barbaadametti argamuu waan hin
dandeenyeef ykn sirni barsiisaan ittiin gargaaramu gahaa waan hin taaneef
barsiisonni duubdeebii osoo hin argatin gara manneen barnootaa deebi’u ta’a.
Kana malees, leecaalloon isaan fudhatanii deebi’an muraasa. Kunis caasaa
guddina ogummaa kan dhiphisuudha. Kana irraa kan ka’e ogummaan
barsiisaan workishooppiin barate sun hangami? gaaffii jedhu deebisuun hin
danda’amu.

Akka qorannoon agarsiisutti DOW manneen barnootaatti milkaawaa ta’e amala


asiin gadiiti qaba.

6
 Hiikaan bal’inaan DOWf kenname fooyya’iinsa raawwii barsiisotaa irratti
kan xiyyeeffatuudha. Kana jechuun, gochaalee barsiisaan idilee fi al
idileen raawwatu hunda bal’inaan kan qabatuudha. Bu’uurri isaas
raawwii haala dhugaa keessaa gargaarsa barbaachisaa ta’e wajjin kan
agarsiisuudha.
 Gochaalee kutaa keessaa irratti kan bu’uureffameedha. DOW haala
manneen barnootaa keessa jiruun walsimatee adeemsifamuu qaba;
tattaaffii hawaasa manneen barnootaatiinis walqabachuu qaba. Mana
barumsaa keessatti barsiisonni wajjiin hojjetu, hojii walii ilaalu, karoora
barumsaa wajjiin qopheeffatu, gareen barsiisu akkasumas qorannoo
gochaa wajjin adeemsisu. Walitti dhufeenyi barsiisotaa akkanaa kun kan
dhaadhaffatamu osoo hin ta’in sirumaa adeemsa guyyuu ta’uu qaba.
 Qabiyyee barnootaa fi mala baruu barsiisuutiin kan walqabateedha.
Barsiisonni gochaalee kutaa keessaa fooyyeffachuu kan danda’an gosa
barnootaa hubannoo irratti qabanii fi tarsiimoo barsiisuu (teaching
strategies) barattoota hirmaachisu adda addaa irratti yoo hojjeteedha.
 Leenjii fedhii irratti hundaaye addaan baasuu fi qindeessuun adeemsa ifa
ta’e qaba. DOWn biyyoota hunda keessatti fedhii sadarkaa adda addaatti
jiru deebisuuf carraaqa; fedhii barsiisaa, hawaasa mana barumsaa fi
fedhii guutuu biyyaa.
Dhaabbileen dhimma DOW irratti hojjetan caasaa wantoota DOW
keessatti dursa kennamuuf agarsiisu qopheeffachuu qaba.
Kaayyoo waggaa DOW kan wantoota dursa argachuu qaban agarsiisuu
fi gochaalee heddu agarsiisu qabaachuunis barbaachisaadha.

7
Barsiisonni wantoota sadarkaa biyyaatti xiyyeeffannaa qaban beekanii
karoora isaanii keessatti akka barbaachisummaa isaatti dursa
kennuun barbaachisaadha.
 Barsiisota kutaa keessatti gocha gaarii qaban addaan baasuun
ittifayyadama. Barsiisota bebbeekamoon manneen barnootaa keessatti
hiriyoota isaanii wajjiinii fi manneen barnootaa biraa keessatti
muuxannoo walii kennu. Kunis biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran
keessatti hojii DOW kan milkeesseedha. Barsiisonni bebbeekamoon
dhaabbata dhimma DOW irratti hojjetu keessa osoo turanii milkaa’ina
caalmaatti mirkaneessuu danda’u.
 Dhaabbata keessatti sirna al idilee ta’ee fi leecalloo naannawaatti
argamuuf beekamtii kenna.
 DOWn wanta baratamaa jiru akka akkayyaatti fudhata. Sababni
kanaas, keessumaawuu biyyoota guddachaa jiran keessatti amalaa fi
ilaalcha haaraa kan dura jiru wajjiin addaddumaa bu’uuraa kan qabu
barsiisuu irratti xiyyeeffata. Barsiisonni haala milkaawaa ta’een
barachuu kan danda’an dammaqinaan gochaan, ibsaa fi qajeelfama
kennuudhaani. Kanaafuu dammaqinaan barachuun, hirmaachuu fi
qooda fudhachuun adeemsa DOW keessatti dagatamuu waan qabanii
miti.
 Hooggansi barnootaa naannoolee barbaachisaa waan ta’eef,
hooggantoonni fedhii dhaabbaticha DOW irratti qaban addaan baasuu
fi karoorfachuu keessatti hirmaachuu qabu. Kana malees, raawwii
DOW keessatti hirmaachuus qabu.

8
Dagaaginni ogummaa milkaawaa ta’uu kan danda’u wantootni akka
barbaachisummaa isaatiin xiyyeeffannaa yoo argatanii fi gargaarsi sadarkaa
mana barumsaatti barsiisotaaf yoo kennameedha. Kana malees, qabiyyeen
akaakuu barnootaa xiyyeeffannaa yoo argate, tooftaan dhiyeenya barnootaa
walsimaa ta’e hojii irra yoo oole, to’aannaan daree yoo jiraatee fi barsiisonni
carraa daawwachuu, muuxannoo argachuu fi mala baruu-barsiisuu haaraa
yaaluu yoo danda’aniidha. (OECD, 2005:128).

Amala Dagaagina Ogummaa Milkaawaa


 Sagantichi haala qabatamaa mana barnootaa keessatti kennama.
Hawaasaa mana barumsaa hunda hirmaachisa.
 Barsiisonni walgargaaraa hirmaatu, qaama bulchiinsaa leenjii hojiirraa
wajjin karoorfatu.
 Ofiin of qajeelchuu irratti xiyyeeffata, carraa leenjii adda addaa qaba.
 Barsiisonni galma sagantichaa fi gochaalee sagantichaa filachuu
keessatti gahee guddaa gumaachu.
 Gochaan agarsiisuu, raawwii towachuu fi duubdeebii kennuun
xiyyeeffannaa qaba.
 Leenjiin qabatamaa fi kan wali irraa hin cinneedha.
 Gargaarsi yeroo leenjii battala barbaadametti kennama.
(SParks arks and Loucks – Horsley, 1990)

1.2.2 Qorannoo Sadarkaa Guutuu Biyyaa


Yaboo Qorannoo Xiinxala Fedhii Ministeera Barnootaa
Ministeerri Barnootaa barsiisotaa fi hooggantoota Biiroolee Barnootaa
Naannolee Itiyoophiyaa keessa jiran wajjiin ta’uun qorannoo fedhii xiinxaluu
adeemsisee jira. Yaboon qorannoo kanaa kan asiin gadii kana yoo ta’u yaboo
handhuura waraqaa kanaati.

9
 Maalummaa DOW irratti hubannoon hundi irratti walii gale
jiraachuu qaba.
 Uumamaa fi barbaachisummaa DOW irratti leenjiin hubannoo
uumuu sadarkaa guutuu biyyaa, naannolee fi godinaatti kennamuu
qaba.
 Barsiisonni dhimma DOW irratti miira abbummaatiin socho’uu
qabu. Fedhii isaanii fi kan m/b isaanii filachuu keessattii fi leenjii
karoorsuu keessatti kallattiidhaan hirmaachuu qabu.
 DOWn mala baruu-barsiisuu, barattoota hubachuu fi fedhii
barattoota hundaa irratti xiyyeeffachuu qaba.
 DOWn fedhii barsiisonni gosa barnoota isaan barsiisan irratti
qabanii fi gahumsa itti fayyadama Afaan Ingliizii fooyyeessuu irratti
xiyyeeffachuu qaba.
 Sadarkaa guutuu biyyaatti meeshaaleen akka maanuwalii fi
leecaalloon DOW guutamanii raabsamuu qaba.
 Afaan maanuwaaliin ittiin qophaawu salphaa fi kan barsiisonni
beekan ta’uu qaba.
 Leenjiin haala mijeessitootaa fi gorsitootaa barbaachisaadha.
 Qajeelfamni ifa ta’e qabiyyee, uunkaa fi barbaachisummaa
poortifooliyoo irratti jiraachuu qaba.
 Malleen DOW ittiin kennaman heddumminaanii fi muuxannoo walii
galaa irratti kan xiyyeeffate jiraachuu qaba.
 Amalaa fi barbaachisummaa DOW irratti leenjiin hooggansaa
supparvaayizarootaa fi dura bu’oota manneen barnootaatiif
kennamuu qaba.

10
“… barsiisonni shaakaltoota deebisanii ibsan (reflective practitioners) akka
ta’anii fi itti fayyadamtoota mala baruu-barsiisuu dammaqinaan hirmaachuu
akka ta’an yoo barbaachise sagantaa dagaagina ogummaa keessatti
hirmaachuu qabu.” (Leu, 2005).

1.3 DOWn hojii jireenyaa yeroo dheeraa gahumsa ogummaa fi


madaallii wajjiin kan walqabateedha.

Manneen barnootaa Itoophiyaa keessatti barsiisuudhaaf DOWn ulaagaa


tokkoodha.
Dagaagina ogummaa walirraa hin cinne keessatti hirmaachuun barsiisaa
tokkoof dirqama lammumaa fi naamusa ogummaati.

Kutannoon barsiisaan DOW irratti qabu baay’ee barbaachisaadha. Hammattoo


(Framework) guutuu biyyaa ogummaa barsiisummaa keessatti dandeettiiwwan
ijoo ta’anii fi barsiisonni Itiyoophiyaa ogummaa isaanii keessatti guddifachuu
qaban ifatti ibsamee jira.

Haammattoo kana keessatti dandeettiiwwan ogummaa gahee barsiisotaa


Itoophiyaa agarsiisan shan addaan bahanii jiru. Isaanis:
1. Barnoota barattootaa mijeessuu. Kunis barnoota qulqullina qabu
barattoota biraan gahuuf akkaataa barsiisaan karoorfatu, tooftaa
barsiisuu adda addaa uumatuu fi gaggeessuudha.
2. Bu’aa barachuu barattootaa qorachuun gabaasuu. Kunis towannaa
barnoota barattootaa, qorachuu, galmeessuu fi gabaasuudhaan ibsama.
3. Sagantaa dagaagina ogummaa barsiisummaa keessa galuu: Kunis
akkaataa dagaagina ogummaa ofii ittiin gaggeessanii fi dagaagina
ogummaa hiriyoota isaanii ittiin gargaaraniin ibsama.

11
4. Qabannaa (mastery) tarsiimoo barnootaa fi leenjii, sirna barnootaa fi
dagaagina sagantaalee biraa. Kunis hubannoo tarsiimoo barnootaa fi
leenjii qaban hojiirra oolchuun sirna barnootaa cimsuu fi dagaagina
sagantaalee biraa cimsuudhaan ibsama.
5. Hawaasa mana barnootaa wajjiin qindoomina uumuu. Kunis akkaataa
barsiisonni walitti dhufeenyaa fi waliin hojjechuu barattoota hiriyootaa fi
qaamota barnoota barattootaaf kunuunsa taasisan wajjiin ijaaran,
cimsanii fi saffisiisan uumaniin ibsama. Dandeettiiwwan kanneen
uumuuf dookumantiin “Hammattoo Dagaagina Ogummaa barsiisummaa
Walittifufaa kan barsiisota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa,
hoogantootaa fi supparvaayizaroota Itoophiyaa” kan jedhu hojii irra
ooluu qaba. Dandeettiiwan kanneenis shaakaluuf barsiisonni DOW
karoorfachuu fi tooftaan raawwachuu qabu.

1.4 Walqabatiinsa DOWn Sagantaa Fooyya’insa Manneen


Barnootaa Wajjin Qabu

Manneen barnootaa Itoophiyaa keessa jiran qulqullina adeemsa baruu


barsiisuu fiduuf sagantaa fooyya’iinsa manneen barnootaa uumuu qabu. Kana
dhugoomsuudhaaf DOWn baay’ee barbaachisaadha.

“ Fooyya’iinsi manneen barnootaa adeemsa kophaa isaa hooggantoota


olaanoodhaan raawwatamuu miti. Barsiisonni fooyya’insa manneen barnootaa
keessatti qaama baay’ee barbaachisanii fi sochii hooggantoota olaanoo fi
barattoonni fooyya’iinsa m/b keessatti taasisaniif murteessoodha.” (Simpkins,
2009)

Sagantaan manneen barnootaa qorannoo fi koree sagantaa fooyya’iinsa


manneen barnootaa hundeessuudhaan eegala. Kanatti aansuudhaan qooda
fudhattoota hunda wajjiin mariin erga taasifamee booda karoorri raawwii
qophaa’a.
12
Sagantaan fooyya’iinsa manneen barnoota Itoophiyaa Domeenota afuritti
qoodama.
1. Baruu-barsiisuu
2. Naannawaa barattoota
3. Hooggansaa fi sirna hooggansaa
4. Hirmaannaa Hawaasaa
Manneen barnootaa hundi doomeenota kanneen keessatti fooyya’iinsa fiduuf
waantoota dursuu qaban addaan baafatu jedhameeti eegama. Kunis bu’uura
sagantichaa ta’eeti fudhatama.

Wantoonni dursi kennamuuf kun barbaachisummaa DOW sadarkaa kutaa ykn


hooggansaatti jiru of keessaa qaba.

“Dokumantiiwwan Hammattoo Dagaagina Ogummaa Barsiisummaa


Walittifufaa barsiisota m/b sadarkaa tokkoffaa fi lamaffaa hooggantootaa fi
supparvaayizaroota manneen barnootaa Itoophiyaa fi “Tuulkitiin Dagaagina
Ogummaa Barsiisummaa wlittifufaa barsiisota manneen barnootaa sadarkaa
tokkooffaa fi lammaffaa, hoggantootaa fi supparvaayzaroota Itoophiyaa” fi
Sagantaan Fooyya’insa Manneen Barnootaa” adeemsa baruu barsiisuu
waliigalaa fiduudhaaf bakka tokkotti hojii irra ooluu qabu. malee kan addaan
bahanii ilaalaman miti.

1.5 Kaayyoo Haammattoo DOW Guutuu Biyyaa

Kaayyoon waliigalaa “Hammattoo Dagaagina Ogummaa Walittifufaa


barsiisota manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa, lammaffaa,
hooggantootaa fi supparvaayizaroota Itoophiyaa” firii barnoota
barattoota Itoophiyaa fooyyessuudha.

Kaayyoon Hammattoo kanaa meeshaaleen kana wajjiin walqabatan caasaa fi


barbaachisummaa DOW barsiisota biyyattii keessatti argaman hundaaf

13
hubachiisuudha. Bu’uurri hammattoo kanaas muuxannoo filatamaa biyya
keessaa fi idil-addunyaati.

Hojiirra oolmaa Hammattoo kanaatiin barsiisonni, hooggantoonnii fi


supparvaayizaroonni m/b Itoophiyaa keessatti argaman marti DOW qulqullina
qabuu fi gochaalee kutaa keessaa irratti xiyyeeffatu. Akkasumas barumsa
barattootaa fooyyeessuu fi firii isaanii guddisuu keessatti hirmaatu. Kunis
milkaawuu kan danda’u sagantaa fedhii irratti hundaaye kan beekkumsa
ogummaa fi ilaalcha barsiisotaa fooyyeessuu danda’uu fi raawwii kutaa
keessaa fooyyesiisuu kan isaan dandeechisu, akkasumas guddina hawwasaa
naannootiif waan gummaachuu danda’u keessatti hirmaachuu yoo
danda’aniidha.

Hammattoon kun meeshaalee birootiin kan Ministeerri Barnootaa


qopheesseenis kan deggaramuudha. Inni calqabaa “Tuulkiitii Dagaaggina
Ogummaa Barsiisotaa Walittifufaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa,
lammaffaa hoggantootaa fi supparvaayizarootaa manneen barnootoa
Itoophiyaa” jedhu keessatti Hammattoon DOW haaraan kun barsiisota
manneen barnootaa jiraniif akkamitti hojii irra akka oolu ibsamee jira.

Dookumentiin kun yoo qophaawu, qooda fudhattoonni biyya keessa jiran


marti, biirooleen barnootaa, waajjiraaleen barnootaa, hooggantoonni godinaa fi
aanaa, barsiisonni manneen barnootaa fi barnoota olaanaa irraa yaanni walitti
qabamee jira. Kana jechuun yaad-rimeewwan dookumantii kana keessa jiran
irratti waliigalteen uumamme jechuudha.

1.6 Bal’ina (Scope)


Haammattoon kunii fi meeshaaleen isa wajjiin deeman barsiisota m/b
sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa, hoggantoota m/b, supparvaayizaroota hojii
m/b gargaaranii fi deeggarsa taasisan hundaaf hojii irra oola. Kana malees

14
qaamolee moojula DOW qopheessan kan akka dhaabbata leenjii barsiisotaa fi
dhaabbilee miti-mootummaa hojii barsiisummaa deeggaraniif hojiirra oola.
2. Uumamaa fi Barbaachisummaa Dagaagina Ogummaa Walittifufaa
2.1 DOW Jechuun maal jechuudha?

Wanta barsiisaa fooyya’aa nu taasisuu danda’u hunda jechuudha.

Kallattiin DOW raawwii barsiiotaa kutaa keessaa fooyyessuudhaan firii


barnoota barattootaa guddisuudha. Kunis hojii adeemsaa yeroo dheeraa
gochaalee haala kutaa keessaa fi naannawaa irratti xiyyeeffatee beekumsa,
ogummaa fi ilaalcha fooyyessuudha.
Barsiisonni hundi kaka’umsaan wantoonni irratti xiyyeeffachuu qaban.
 Maalummaa barsiisuu gaarii hubachuu/understanding what is meant by
good teacher/.
 Adeemsa ittiin baratan /their own learning process/
 Fedhii isaanii addaan baafachuu /identifying their need/
 Muuxannoo barsiisummaa gaarii walii kennuu.
 Gochaalee babal’aa idilee fi al idileen raawwataman kan gochaalee kutaa
keessaa fooyyessuu danda’an irratti ta’uu qaba.
Itoophiyaa Keessatti Dagaaginni Ogummaa Bakka Lamatti Qoodamuu
Danda’a
1. Haaromuu (updating):
Adeemsa walitti fufiinsa qabuu fi barsiisaan hanga hojii barsiisummaa irra
jirutti raawwatudha. Xiyyeeffannaan haaromsuu beekumsa akaakuu
barnootaa fi mala baruu-barsiisuu akkasumas raawwii kutaa keessaa
fooyyessuudha.
2. Fooyyessuu (Upgrading)
Adeemsa barsiisonni hojii idilee isaaniin alatti yeroo mijaa’aa filatanii
fooyyeffachuu, dippiloomaa gara digirii calqabaatti ykn digirii calqabaa
gara digirii lammaffaatti.

15
2.2. Barsiisuu Gaariin Maal Jechuudha (What is Good Teaching)
Dhimma kana irratti waltajjii yeroo adda addaa fi marii ogeeyyii wajjiin
taasifameen odeeffannoon argame caacculee barsiisuu gaarii mata duree 4
jalatti akka qoodamu taasisee jira. Isaaniis hubannoo fi beekumsa ogummaa,
dandeettii barsiisuu (teaching skill), sonaa fi ilaalchaa fi naannawa
barachuudhaaf mijataa ta’e uumuu danda’uudha.

1. Hubannoo fi beekumsa ogummaa (professional knowledge and


understanding)
Barsiisuu gaariin yeroo barsiisaan wantoota asiin gadii qabatee fi
raawwateedha.
 Beekumsa sirna barnootaa bal’aa fi fooyya’aa ta’etti yoo fayyadame.
 Kutaa keessatti mala baruu-barsiisuu gaariitti yoo fayyadame.
 Gahee barsiisaan hawaasa keessatti qabu irratti hubannoo bal’aa yoo
qabaate, akkasumas wantoota sadarkaa guutuu biyyaa fi
naannawaatti dursa keennamuufii qabu yoo addaan baafateedha,

2. Dandeettii Barsiisuu /Teaching Skills/


Barsiisuu gaariin barsiisaan:
 Yoo barattoota barnoota isaanii keessatti hirmaachiseedha.
 Kaayyoo barnootaa ifa ta’ee fi tooftaa qayyabannaa gaarii barattootaaf yoo
kenneedha.
 Tarsiimoo barachuu fi mala hirmaachisaa adda addaatti yoo
fayyadameedha.
 Gosa barnootaa jireenya guyyuu barattootaatiin yoo wal-qabsiiseedha.
 Hirmaannaa barattootaa yoo jajjabeessee fi dandeettii rakkoo hiikuu
isaanii yoo cimseedha.
 Fooyya’iinsa barattootaa yoo badhaasee fi raawwii gadaanaa fooyyessuuf
tattaafatedha.

16
 Guddina barattoota dhuunfaa fi fedhii barachuu barattootaa irratti
xiyyeeffannaa yoo taasiseedha.
 Barattoota hundaaf ilaalcha walqixaa fi kabaja yoo kenneedha.
 Raawwii kutaa keessaa madaalaa yoo fooyyesseedha.
 Barattoota haala gaariidhaan yoo madaalee fi duub-deebii yoo
kenneedha.

3. Ilaalchaa fi Sona
Barsiisuu gaariin, barsiisaan:
 Ogummaa isaa yoo jaalateedha.
 Kaka’umsa of fooyyessuu yoo qabaateedha.
 Hiriyoota isaa wajjiin walitti dhufeenya hojii gaarii yoo qabaateedha.
 Guddinaa fi nageenya barattootaa yoo kunuunseedha.
 Walqabatiinsa kutaa fi dhaabbataa (mana barumsaa) hubatee carraa qixa
ta’e yoo kenneedha.
 Sadarkaa olaanaa barattootaaf yoo kennee fi barattoota bakka guddaa
gahu jedhee kan eegu yoo ta’eedha.

4. Naannawa Barnootaa
Barsiisuu Gaariin, Barsiisaan:
 naannawa barnootaa hawwataa fi barnoota gargaaru uumuu yoo
danda’eedha.
 naannawa barattoonni hundi qixa keessatti barachuu danda’an yoo
uumeedha.
 meeshaalee deeggarsa barnootaa kan naannawaa uumamuu danda’an
dabalatee hedduminaan yoo fayyadameedha.

Ibsi Barsiisuu Gaarii Bu’uura Dagaagina Ogummaa Hammattoo


Kanaa Kan Uumeedha.

17
Amaloonni kunneen barnoota barattootaa milkaawaa ta’e uuma.
Tokkoon tokkoo amaloota kanaa barnoota walitti fufaa ogummaa hundaa
keessatti bakka tokkotti xiyyeeffannaa argachuu qabus; bu’uura DOWtis
uumuu qabu.

2.3 Geengoo DOW (The CPD cycle)


Adeemsi DOW xiyyeeffannaa guddaadhaan kan karoorfamee fi fedhii adda
bayeef deebii kan kennuudha.
Adeemsi kun sadarkaa hundatti: sadarkaa dhuunfaa, garee, dhaabbataa,
aanaa, godina, naannoo fi guutuu biyyaatti kan walfakkaatuudha.

Dhaabbanni martinuu karoora DOW kan wantoota dursan


agarsiisu qabaachuu qabu.
Qaamni barnootaa bal’inaan (Waajjirri Barnootaa Aanaa, Godinaa fi Biiroo)
qooda fudhattoota wajjiin mari’achuudhaan karoora DOW waggaa
qopheeffachuu qabu.
Qaamooleen kunniin karoora waggaa isaanii yoo qopheeffatan, sa’aa manni
barnootichaas dhimma sagantaa dagaagina ogummaa irratti dursa kenneef
ittiin raawwatu dhiisuufii qabu.

Gorsi bal’aan adeemsa DOW irratti kenname qophaayee dookumentii


“Tuulkiitii Dagaagina Ogummaa Walittifufa barsiisota sadarkaa 1ffaa
fi 2ffaa hooggantootaa fi supparvaayizaroota Itoophiyaa” jedhu
keessatti hammatama.

18
Geengoo DOW Xinxaluu

Sagantaaleen DOW hundi amaloota asiin gadii waliin qabu.


 Sagantichi kan adeemsifamuuf fedhii dagaagina dhaabbata ogeessa
tokkoo, garee ogeeyyii ykn fedhii dhaabbata tokkoo deebisuufi.
 Fedhiin sagantichaa adeemsa xiinxala fedhii ykn irra deebiidhaan
adda baha.

Gabateen asiin gadii DOWn akkamitti akka xiinxala fedhiirraa ka’u fakkeenya
kenna.
Qooda Fedhii xiinxaluun Haala fedhiin Fakkeenya (fakkeenyi
fudhattoota addaan baasuuf keessatti hedduun Tuulkiitii DOW
Gosaan ittigaafatamummaan xiinxalame keessatti kennamee jira.
kan itti kenname
Barsiisaa Nama tokko  gorsaa ykn Of madaaluutti aansuun
tokko supparvaayi- hiriyoonni akka irra
zaraan walitti deebi’anii guddina
dhufuun waggaatiin, barsiisaan
 raawwii kutaa bara itti aanuuf
keessaa dhimmoota DOW sadan
ofumaan keessaa tokkoof dursa
madaaluun kennuudhaaf murteessa.
 hojii ykn Kunis beekumsa qorannoo

19
fooyyessuuf gargaara.
ittigaafatamummaa
haaraaf
qophaawuu
Mana Gaggeessaa garee Walgahii idilee Xiinxaala fedhiitiin
barumsaa garee muummeen herregaa m/b
keessatti  fedhii haalaa sad. 2ffaa raawwii waggaa
garee ibsuu dhufuu xiyyeeffannaa
barsiisotaa  kan darbe irra DOW tokko adda baasee
deebi’uu jira. Kunis barnoota
hirmaachisaa irratti kan
xiyyeeffatuudha.
Mana Dura-taa’aa m/b - Sakatta’a mana Dura bu’aa m/b fi koreen
barumsaa barnootaa kan DOW xiinxala isaaniitiin
waggaa yeroo mana barnootaa
- Madaallii kabajuun m/b
karoora DOW qophaa’inaa keessatti
kan waggaa wantoota dursa kennaman
- fedhii haalaa 3n keessaa tokko akka
ibsuu ta’etti fudhatanii jiru.
Garee Dura bu’oota  marii barsiisota Gurmuun m/b qulqullina
dhaabbilee manneen barnootaa olaanaa gorsaa m/b isaanii akka
/manneen  marii ogeeyyii dursa argatu taasisanii
barnootaa/ hiriyootaa jiru.
 adeemsa
madaallii
waggaa
Aanaa/ Ittigaafatamaa  walgahii Hirmaannaa hawaasaa
Kutaa barnoota supparvaayizaro dabaluun dhimma dursa
20
magaalaa aanaa/kutaa otaa kennamuuf ta’ee jira.
magaalaa  marii
dhimmamtootaa
 qaaccessa
karoora
barnootaa
Naannoo Hogganaa Biiroo Walgahii garee Biiroo Barnoota Naannoo
ykn godina Barnoota Naannoo eksipartootaa ykn Godinaa fedhii haala
ykn Godinaa barsiisonni kutaa
tokkoffaa afaan
dhalootaan itti barsiisaa
jiran hordofuu fi
dagaagsuu adda baafatanii
jiru
Biyyoolessa Ekispartoota  Ekispartootaa fi Ministeerri Barnootaa
Ministeera ogeeyyii kan fedhiin dursi kennuuf
Barnootaa biroo waliin waayee lakkoofsa
marii ummataa fi jireenya maatii
gaggeeffame akkasumas fayyaa
 Firii qorumsa walhormaataa ta’uu isaa
biyyoolessaa adda baafatee jira.
 Imaammaticha
sakatta’uu

Fedhii xiinxaluu irratti odeeffannoon qabatamaa ta’e dabalataan


dookumantii ‘Tuulkiitii Dagaagina Ogummaa Walittifufaa barsiisotaa sad.
1ffaa, 2ffaa, hoggantootaa fi supparvaayizaroota Itiyoophiyaa” jedhu
keessatti argama.
21
Geengoo DOW - Karoorsuu

Karoora DOW
Fedhiin dagaaginaa erga beekamee booda
mojuuliin DOW mana barnootaa kan fedhii san deebisu ni qophaa’a.

Karoora Dhaabbataa
Dhaabileen hundinuu karoora DOW waggaa qopheeffachuu qabu. Kunis
dhimmoota dursa kennamuu qaban xiinxala fedhiitiin erga addaan bahanii
booda ta’uu qaba. Waggaa tokko keessatti dhimmoota 3 qofa irratti osoo
xiyyeeffatamee bu’aa guddaa argamsiisu danda’a. Dhimmoota muraasa addaan
baasanii, isaanuma haalaan raawwachuun filatamaadha.

Dhimmoonni dursa argatan erga addaan bahanii booda karoorri DOW


qophaa’uu qaba. Karoorri kun dhimmoota filataman kana ibsuu qaba; bu’aa
eeggamuu fi qaama ittigaafatamummaan kennameefis agarsiisuu qaba.

Moojulli mana barnootaa ammoo dhimmoota filataman tokko tokkoo isaatiif


odeeffannoo bal’aa fi yeroo raawwii isaa wajjiin qophaawuu qaba.

Karoora dhuunfaa

22
Karoorri DOW dhuunfaatis waggaadhaan qophaawuu qaba. Dhimmoonni
sadarkaa dhuunfaatti dursi kennamuufii qabu kan mana barumsaa irratti
hundaaye qophaawuu qaba. Muraasni garuu kanuma namichi qopheeffatu
adda baase ta’u qaba.

Karoorri DOW dhuunfaa poortifooliyoo barsiisotaa keessatti hidhamee


odeeffannoo walitti qabame hubachiisuu irratti akka qajeelfamaatti tajaajiluu
qaba.

Fedhii DOW raawwachuuf karaa adda addaatu jira. Moojuliin DOW


manneen barnootaa fedhii, haala manneen barnootaa fi leecalloo jiruun
walsimee qophaawuu qaba.

Dookumantiin “Tuulkiitii Dagaagina Ogummaa Walittifufaa barsiisota sadarkaa


tokkooffaa, 2ffaa, hoggantootaa fi supparvaayizaroota Itoophiyaa” jedhu
fakkeenya wayitii fedhiin walsimatu qabatee jira.
Yaanni akkaataa moojulli DOW milkaawaa ta’e wayitii xixiqqaatti qoodamee
qophaawus dookumantii kana keessatti dhiyaatee jira.

23
Geengoo DOW - Gochuu

DOW keessatti hirmaachuun wayitii idileetii fi


al idileetiin ta’uu danda’a. Wayitiilee kanneen wal
qabsiisuun moojula DOW manneen barnootaa
tokkummaa qabu uumuun barbaachisaadha. Malleen ittiin dhiyaatanii fi
gochaaleen filataman fedhii jiru wajjiin walsimuu qabu.

Malleen DOW
Mala jechuun akkaataa DOW ittiin raawwatuudha. Daree barnootaatiin
kallatiidhaan kan walqabatuudha. Malleen adda addaa kaayyoo adda addaatiif
oolu.

Malleen DOW Saffisiisan Muraasni:


 Walgahii sirna barnootaa  Qorannoo gochaa
 Agarsiisaa barsiisuu  Dubbisa ogummaa fi qorannoo
 Barannoo waliin  Manneen barnootaa fi barsiisota
karoorsuu wajjiin muuxannoo waljiijiiruu
 Doowwii walee (hiriyootaa)  Mana barumsaa tokko keessatti
 Doowwii daree fi muuxannoo walirraa fudhachuu,
duubdeebii walitti agarsiisuu
 Barnoota irratti barattoota  Porrtifooliyoo qabachuu
daawwachuu  Gareen barsiisuu
 Barattoota haasofsiisuu  Workishooppii
 Dow duraa fi booda  Ogeeyyii mariisisuu/daawwachuu

24
raawwii barattootaa  Gorsuu
qorachuu  Walgahii marii
 Hojiilee barattootaa
sororsuu, duubdeebii
kennuu fi guddina isaanii
irratti gorsuu
 barsiisaa duukaa bu’uu

Gochaaleen caalmaatti raawwii barsiisaa haaromuu fi fooyyessuuf gahee


guddaa qabu.

DOW Karoormalee

DOWn marti moojula karoorfameen raawwata jechuu miti. Adeemsi


walirraa barachuu fi muuxannoo waljijjiiruun hedduun wal
qunnamtii guyyuu fi marii ogeeyyiitiin raawwatama.

25
Geengoo DOW - Madaaluu

Qaacceessuu fi madaaluun adeemsa DOW


keessaa isa murteessaadha.
DOWn kan adeemsifamu barattoota haalaan akka
baratan taasisuufi. Kanaaf mojuulli manneen barnootaa raawwchuu danda’uu
isaa mirkaneeffachuudha.

Karoorri hojii DOW kan dhuunfaatis ta’e dhaabbataa fedhii adda baheef dursi
laatamee bu’aa agarsiisuu qaba. Bu’aan kunis xiyyeeffannaa qaacceessaa fi
madaallii ta’a.

Yeroo moojuliin DOW mana barumsaa qophaawu yeroo qaaccessaa moojulaa fi


moojulichi akkamitti akka dagaagus wajjumaan karoorfamuu qaba.

Yeroo qaaccessi itti raawwatu:


 Yeroo hojii dhuunfaa, fakkeenya yeroo barnoonni dhiyaatuu fi
karoorfamu
 Yeroo gochi garee raawwatu, fakkeenya workishooppii ykn walgahii
barsiisota mana barnootaa
 Yeroo walgahii koree DOW ji’a ji’aa
 Yeroo xumura moojula DOW

Dhuma qaaccessa idilee fi al idilee irratti wantoonni jijjiiraman, fooyya’an yoo


jiraatan raawwatamuu qabu. Dhuma moojulaa irratti madaalliin raawwatamuu
qaba.
26
Adeemsi madaallii:
 milkaa’ina kabajuu
 bu’aan karoorfame argamuu fi dhabuu safaruu
 bu’aalee karooraan ala argaman addaan baasuu.
 moojula keessatti milkaa’ina gadaanaa addaan baasuu
 fedhii dhuunfaa fi dhaabbataa DOW gara fuulduraa tolchuu.

DOW kan itti fufuudha. Raawwiin isaas kan naanna’aa adeemuudha.


Dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa fooyya’insa walittifufiinsa qabuuf kaka’uu
qabu, kanaanis haala barnootaa fi bu’aa fooyya’aa uumuu qabudha.

3. Yeroo DOW
Leenjii hojii duraa fi madaqsina ogummaa booda barsiisonni Itoophiyaa
martinuu DOW keessatti hirmaachuuf ittigaafatamummaa ogummaa,
dhuunfaa fi lammii qabu.

Leenjii ogummaa barbaachisaa fi murteessaa ta’e kana adeemsisuudhaaf


yeroon jiraachuu qaba. Yeroo DOWn karoorfamu barsiisonni namoota yeroo
hedduu hojiin qabaman ta’uun isaanii hubatamuu qaba.

Barsiisaan tokko dhiibbaa DOWn gama yerootiin qabu gaafachuu danda’a.

Fakkeenyaaf:
 DOWn yoom adeemsifama? Hojiin booda? Gaafa Sanbataa? moo yeroo
dhuunfaa kiyyaatti?
 Kanaaf yeroon eessaa dhufa? wayitii irraa yeroon hir’ataa?
 Ani dhimoota asii gadiitiif yeroon barbaada:
- Gorsaa kiyya wajjiin hojjechuuf
- Dandeettii fi mala baradhe hojiirra oolchuuf

27
- Yeroo hiriyoonni barsiisan daawwadhee yaada kennuuf.
- Dhimma ogummaa irratti hiriyoota wajjin mari’achuuf.
- Karoora barannoo fi meeshaalee ittiin barsiisu nan qopheeffadha.
- Hojiiwwan DOW mana barumsaan alatti sadarkaa wiirtuu gurmuu
manneen barnootaatti, aanaa, godina, naannoo fi biyyoolessaatti
gaggeeffaman irratti nan hirmaadha.
- Muuxannoo gaarii argachuuf jecha manneen barnootaa kan biroo
nan daawwadha.
- Poortifooliyoo nan qopheeffadha.
 Barsiisonni kan biroos yeroon ani barsiisu daawwachuun yaada naaf
kennuu fedhu.

Biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran keessatti barsiisonni DOW keessatti


yeroo dabarsuun ulaagaa fi dirqama seeraan deeggaramuudha.

Seera akkanaa keessatti hangi yeroo DOW sa’aa ykn guyyaadhaan murtaayee
jira. Guyyootii kanatti barattoonni gara mana barumsaa hin dhufan.
Barsiisonni martinuu DOW irratti hirmaachuuf dhufu.

Barsiisonni hundi DOW keessatti waggaatti yoo xiqqaate sa’aatii 60f


hirmaachuu qabu. Sa’aatiin kun akka dhimma dursa argate saniif deebii
kennutti jijijjiruun (flexible) fayyadamuun danda’ama.

Dhaabbileen martinuu yeroo kana gochaalee filatamaniif akkamitti akka


qoqqooddatan murteessuu qabu. Kunis fedhii guutuu biyyaa, naannoo fi
dhaabbataa akka deebisutti ta’uu qaba.

28
Yaboon dookmantii kanaa manneen barnootaa fi muummewwan gochaalee
DOW yeroo sagantaa DOWtti raawwachuu qabu kan jedhu dha. Yeroon DOW
irratti darbu hundi sa’aatii 60 keessatti lakkaa’ama. Barattoonnis guyyaa
DOW kanatti mana barnootaa dhufuu hin qaban; barsiisonni DOW qofarratti
xiyyeeffachuu qabu.

Karoorri DOW Dhaabbilee hundaa wantoota sadarkaa biyyaatti dursa


argate irratti yeroo kennuu qaba.

Karoorri DOW Ministeera Barnootaa, Biiroolee Barnoota naannoo,


waajjiraalee Barnoota godinaa fi aanaa dhimmoota sadarkaa dhaabbataatti
dursa argataniif yeroo kennuu qaba. DOW gochaaleen daran guutuu fi
humnaa ol baay’isuun qulqullina fooyya’iinsa baruu-barsiisuu irratti
dhiibbaa qaba.

Yaada dabalataatiif Dookumantii “Tuulkiitii Dagaagina Ogummaa Walittifufaa


barsiisota sad. 1ffaa, 2ffaa, hoggantootaa fi supparvaayizaroota Manneen
barnoota Itoophiyaa” jedhu ilaala.

4. Leecalloo fi meeshaalee DOW deeggaran


Leecalloowwan gochaalee DOW fi moojula manneen barnootaa
deeggaran mata duree lama jalatti qoodamu. Isaaniis: Humna
namaa fi meeshaadha.
4.1 Humna Namaa
Ogeeyyii sadarkaa dhaabbataa

Humni kun humna guddaa fi faayidaa DOWf ooluu kan danda’uudha.


Isaanis ogeeyyii dhimma kanaaf kutannoo qabanii fi dhaabbilee
barnootaa keessatti argamandha.

29
Gochaaleen dagaagina barsiisotaa milkaawuu kan danda’u isaanuma waliin
walgargaaraa yoo hojjetame akka ta’e qorannoon agarsiisee jira.
Dhaabbata tokko keessatti muuxannoo gaggaarii walii kennuuf, carraaleen al
idilee ta’an hedduutu jira. Carraa kanatti fayyadamuun adeemsaa barsiisuutiin
onnachuu, yaada argachuu fi duubdeebii barattootaaf kennuu irratti dandeettii
fooyyeffachuun ni danda’ama.

Adeemsi DOW dhaabbatichaan filatame carraa gareen hojjechuu kan akka


gorsuu, muuxannoo waljijjiiruu, waliin karoorsuu, waliin daawwachuu, gareen
barsiisuu fi wkf. uumuu qaba. Kunis ogummaa barsiisaa kan fooyyeessuu fi
bu’aa barattootaas kan dabaluudha.

Dhaabbilee heedduun ogeeyyii muuxannoo guddaa fi beekumsa gabbataa


qabanii fi sagantaa idilee fi al idileetiin muuxannoo wal jijjiiruu danda’an qabu.
Dura bu’oonni manneen barnootaa ogeeyyii kanneen aangeessuudhaan hojiitti
galchuu qabu.

Gargaarsa Dhaabbataan Alaa


Dhaabbileen barnootaa kan akka Waajjira Barnoota Aanaa, Godinaa fi Biiroo
Barnootaa, supparvaayzarootaa fi ogeeyyii olaannoo qabu. Ogeeyyiin kunniin
deeggarsaa fi gorsa manneen barnootaaf kennuu irratti ittigaafatamummaa
qabu.

Dhaabbileen DOW gurmeessan beekumsaa fi muuxannoo barbaachisu


yoo dhaban dhaabbilee muuxannoo qaban irraa gargaarsa gaafachuu
danda’u.
Fakkeenya haallan gargaarsa alaa ittifayyadamuu agarsiisu.
Ogeessi ykn gareen ogeeyyii olaanaa:
 Fedhii adda baasuu irratti
 Of madaaluu irratti

30
 Maddaallii dhaabbataa irratti
 Gorsa akaakuu barnootaa, mala baruu-barsiisuu sagantichaaf leecalloo
gurmeessuu irratti
 Muuxannoo gaggaarii ibsuu irratti.
 Yeroo barumsi kennamu daawwachuun duub-deebii kennuu irratti.
 Sagantaa bu’uuressuu irratti.
 Sagantaa ykn wayitii mijeessuu irratti.
 Haala mijeessota leenjisuu irratti.
 DOW toowachuu fi madaaluu irratti gargaaruu danda’u.
Yeroo gargaarsi kennamu kaayyoon DOW dagatamuu hin qabu.
Dhaabbileen biraa kan akka Ministeera Barnootaa fi dhaabbileen idiladdunyaa
kan akka VSO (dhaabbilee tajaajila bilisaa), IFSH, VSAIO,UNICEF, JICA, ...
dandeettii fi ogeeyyii gargaaruu danda’an waan qabaniif tajaajila gargaarsaa
kana kennuu danda’u.

4.2 Meeshaalee Deggarsaa


Meeshaa DOW Guutuu Biyyaa/National CPD Materials/

Meeshaaleen kunneen meeshaalee DOW naannawaa gargaaruu qabu


malee qajeelchuu hin qaban.

Sagantaan madaqsinaa barsiisota haaraa samisteera 4 DOW barsiisota


waggoota 2 barsiisaniif qophaa’uuf bu’uura ta’a. Barsiisonni kunniin gorsitoota
muuxannoo dheeraa qabaniin gargaaramu. Barsiisonni haaraan sagantaa kana
irrattis hirmaachuu itti fufuu qabu.

Barsiisonni hafan sagantaalee DOW koorsii 3 hordofaa turan.


Koorsii 1. Ogummaa Naamusaa, gargaaruu fi mala baruu-barsiisuu
dammaqinaatti fayyadamuun gorsuu.
Koorsii 2. HIV-AIDS fi dhimma koorniyaa, madaallii walittifufaa fi daree
31
bal’aaf barnoota karoorsuu.
Koorsii 3. Misooma Baadiyyaa, Lammummaa fi Amala Gaarii fi mala
baruu barsiisuu.
Koorsiiwwan kunniin barbaachisaa waan ta’aniif DOW manneen barnootaa
deeggaruu ittifufu. Gara fuulduraatti koorsiiwwan akkuma jirutti dhiyeessuu
osoo hin ta’in mata dureewwan barbaachisaa ta’an qofa filachuun akka
dhiyaatan taasifama. Moojuliin kanneenii fi kan biroo meeshaalee moojulii
DOW gargaaraniidha. Dhaabbileen meeshaalee kanneen haaluma fedhii dursa
kennaniifiin filatu.

Fakkeenya Moojula Guutuu Biyyaatti Qophaawu


 Dandeettii gorsuu.
 Kaayyoo fi qabiyyee poortifooliyoo.
 Barachuuf qorachuu.
 Hoggansaa fi qindeessa daree.
 Dammaqinaan barachuu (active learning).
 Amala barattootaa toowachuu.
 Barnoota milkaawaa barattoota hundaaf.
 Ummata, barnoota jireenya maatii fi fayyaa walhormaata maatii.
 Dammaqinaan barachuu gosoota barnoota Herrega, Saayinsii fi
Afaanotaa.
 Akkaataa plazmaa haalaan fayyadamuu.
 Daree dhuunfaa.
 Akkaataa DOW ofii itti madaalan.

DOW guutuu biyyaa keessaa meeshaan baay’ee barbaachisaa ta’e


dookumantii “Tuulkiitii Dagaagina Ogummaa Walittifufaa Barsiisota Sad.
1ffaa, 2ffaa, Hoggantootaa fi Supparvaayizaroota Itoophiyaa” kan
jedhuudha.
Dokumantichi fakkeenya hedduu fi gochaalee fedhii manneen barnootaa
irratti filatamu qaba. Yaanni gochaalee
32 xixiqqaa walirraa hin cinne
sagantaa milkaawaan akkamitti akka umamuu danda’us kennamee jira.
Kaayyoon dookumantichaas nama dokumantichatti fayyadamuuf deggarsa
gochuun kallattii agarsiisuudha.
Gargaarsa Biiroo Barnootaa, Waajjira Godinaa fi Aanaa Itoophiyaa keessatti
dhimmoonni dursa argachuu qaban naannoo naannootti, aanaa aanatti
akkasumas godinaa godinatti aada adda ta’uu danda’u.

Biiroon Barnootaa meeshaan inni qopheessuu qabu kan dhimma DOW


naannichaa agarsiisu ta’uu qaba. Meeshaaleen kun barbaadamaa akka ta’anii
fi hojiirra ooluu akka danda’an yeroo qophaa’an ogeeyyii fi qooda fudhattoota
hunda wajjiin marii taasiisuun barbaachisaadha.

Barnoota keessatti afaan rakkina kan uumu ta’uu hin qabu.


Meeshaan kamiyyuu afaan barsiisonni haalaan beekaniin qophaawuu
qaba.

Meeshaalee gargaarsaa dhaabbilee irratti hundaaye.


Dhaabbanni DOWf kutannoo qabu, meeshaalee DOW kallattii hundaaf oolu,
mala baruu barsiisuu fi beekumsa akaakuu barnootaa dabalatee walitti
qabachuu qaba. Fkn. Kitaabilee, barruulee ogummaa barsiisotaa irratti
xiyyeeffatan, odeeffannoo sab-qunnamtii elektroniksiirraa argamanii fi biyyoota
adda addaa keessatti dhimmaa fi gochaalee DOW irratti gorsa kennan, gabaasa
muuxannoo gaggaarii fi qorannoo gochaa biyyattii keessaa argamaniidha.
Meeshaaleen kunniin beekumsa DOW irratti odeeffannoo kennuu danda’u.

Dhaabbilee hunda keessatti meeshaaleen kunniin tooftaan walitti qabamuu fi


qindeeffamanii barsiisonni hundi akka itti fayyadamuu danda’an taasisuun
barbaachisaadha.

Dhaabbileen hedduun meeshaalee deggarsaa qopheeffachuu irratti muuxannoo


gaggaarii qabu. Meeshaaleen kunneen bifa poostarii, chaartii, meeshaalee

33
deeggarsa barnootaa fi filaash kaardii, barreeffamoota gaggabaaboo
odeeffannoo kennaniin qophaawuu danda’u.

5. Ittigaafatamummaa Dhimmamtoota DOW

DOW keessatti dhimmamtoonni hundinuu ittigaafatamumaa qabu. Kunis


sadarkaa dhuunfaatti ykn dhaabbataatti ta’uu danda’u.

Ittigaafatamummaan Barsiisotaa:

- Adeemsa hojii isaanii keessatti sagantaa Dagaagina Ogummaa


Walittifufaa keessatti hirmaachuu.
- Naannoota biraa wajjiin hojjechuu (gorsaa, supparvaayzara),
guddina DOW addaan baasuun karoora DOW mana barnootaa
kan waggaatiin wajjin madaaluu.
- Adeemsa baruu barsiisuu fooyyessuuf barsiisota biraa wajjiin
hojjechuu.
- Waggaatti sa’aatii 60f DOW keessatti hirmaachuu.
- DOW kutaa keessatti hojii irra oolchuu.
- Hojii DOW manneen barnoota isaanii keessatti hojjetamu
deeggaruuf kutannoon socho’uu.
- Portifooliyoo qopheeffachuu.

Ittigaafatamummaa Manneen Barnootaa


- Adeemsi barachuu fi firii barattootaa xiyyeeffannaa argachuun
karoora mana barumsaa keessatti haammatuu isaa
mirkaneeffachuu,
- Hoggansa DOW dhaabbaticha keessatti uumuu
- Xiinxallaan DOW milkaawaa ta’e dhaabbaticha keessatti waggaa
waggaan adeemsifamuu isaa mirkaneeffachuu.

34
- Manneen barnoota biraa wajjiin ta’uun dhimmoota dursa argachuu
qaban addaan baasuu.
- Dhaabbatichi/Muummeen karoora DOW waggaa qopheeffachuun
baajata isaaniif qabame irratti hojii irra oolchuu danda’uu isaanii
mirkaneeffachuu.
- Ciminaa fi jijjiirama baruu barsiisuu irratti jiru toowachuu.
- Qulqullina hirmaannaa barsiisotaa gochaalee DOW irratti taasisan
mirkaneeffachuu, qabiyyee poortifooliyoo ogummaa dhuunfaa
isaanii hordofuu, madaaluu fi duub-deebii kennuu.
- Dura bu’ootaa fi supparvaayizaroota naannawaa wajjin
walgargaaruun dhimmoota DOW irratti duub-deebii quubsaa
kennuuf haala mijeessuu.
- Ogeeyyii barnoota Waajjira Barnoota Aanaa, Godinaa fi Biiroo
Barnootaa wajjiin ta’uun dhimmoonni sadarkaa guutuu biyyaa fi
naannoo karoora keessatti qabamuu isaanii mirkaneeffachuu.
- Muuxannoo fi beekumsa qaban haaromsuuf gochaalee DOW
sadarkaa naannoo fi guutuu biyyaa keessatti qooda fudhachuu.
- Barsiisonni m/b keessa jiran hundi leenjii DOW sa’aatii 60f qooda
fudhachuu isaanii mirkaneeffachuu.

Ittigaafatamummaa Wiirtuu Gurmuu Manneen Barnootaa


- Koree DOW sadarkaa wiirtuu gurmuu m/b hundeessuu fi
deggaruu.
- Sadarkaa kanatti hojiiwwan DOW adeemsisuu
- Karoora manneen barnootaa wiirtuu gurmuu keessa jiranii walitti
qabuun akka yaada irraa argataniif hiruu.
- Hayyuulee fi supparvaayizaroota naannawaa wajjiin ta’uun
dhimmoota DOW ilaalchisee hojiiwwan gaggaarii babal’isuu irratti
hojjechuuf haala mijeessuu.

35
- Hojiirra oolmaa karoora DOW kan waggaa manneen barnootaa
gargaaruu.
- Barsiisonni portifooliyoo dagaagina ogummaa akka qopheeffatan
gargaaruu.
- Manneen barnootaa wiirtuu gurmuu keessatti muuxannoo
gaggaarii akka walii hiran taasisuu.
- Meeshaalee jiran manneen barnootaa akka ittifayyadaman
taasisuu.
- Leenjiiwwan barbaachisoo ta’an akka kennaman taasisuu.
- Barsiisota haaraaf sagantaan madaqsinaa akka kennamu
taasisuu.
- Aanaaf gabaasuu.
- Walqunnamtii manneen barnootaa jidduu jiru cimsuu.
- Barnoonni hundaaf akka walgahu deggaruu.

Ittigaafatamummaa waajjira barnootaa aanaa fi bulchiinsa magaalaa


- Waggaa waggaan karoora DOW qopheessuu.
- Fedhii leenjii DOW supparvaayzaroota aanaa/bulchiinsa magaalaa
addaan baasuun irratti hojjechuu.
- Manneen barnootaa hundi karoora DOW waggaa qabaachuu
isaanii mirkaneeffachuu.
- Gochaalee DOW manneen barnootaa toowachuu fi gargaaruu.
- Odeeffannoo waa’ee DOW aanaa/bulchiinsa magaalaa keessaa
walitti qabuu.
- Odeeffannoo waa’ee hirmaannaa sadarkaa, dhuunfaa fi mana
barumsaa walitti qabuu.
- Leenjii manneen barnootaa keessatti kennamu gama
supparvaayizarootaan deggaruu.
- Madaqsina DOW gaggeessuu irratti dura bu’oota tumsuun
milkaa’inaa fi kufaatii irratti waliin madaaluu.
36
- Portifooliyoon akka qabamu gorsa kennuu.
- Gargaarsa wiirtuun gurmuu manneen barnootaa fi gandaa DOWf
taasisaniif haala mijeessuu.

Ittigaafatamummaa Biiroo Barnootaa fi Godinaalee


- Dhimmoota sadarkaa naannootti dursa argachuu qaban addaan
baasuu, meeshaalee qopheessuu, hojiirra oolmaa, isaanii irratti
leenjii kennuu.
- Dhimmamtoota wajjiin odeeffannoo waljijjiiruu.
- Waggaa waggaan karoora DOW qopheessuun gadi dabarsuu.
- Ittigaafatamaa (raawwataa hojii) DOW ramaduu.
- Sadarkaa naannootti leecalloo DOWf barbaachisu ramaduu.
- Meeshaaleen leenjii afaan barsiisonni beekaniin sadarkaa isaanii
eeggatanii qophaawuu fi raabsamuu isaanii mirkaneeffachuu.
- Sadarkaa naannootti sagantaa DOW madaaluun gabaasa waggaa
Ministeera Barnootaaf dabarsuu.
- Yaada “Barnoota hundaaf” jedhu irratti gara DOWtiin hubannoo
uumuu.
- Deggarsa koollejjoonni raawwii DOW manneen barnootaaf
gargaarsa taasisaniif haala mijeessuu.
- Waajjira barnootaa aanaa, godinaa fi bulchiinsa magaalaatiif
taasisuu.
- Sirna odeeffannoo bulchiinsa barnootaa naannichaa (EMIS) fi
ragaa DOW qindeessuun Ministeera Barnootaaf gabaasuu.

Ittigaafatamummaa Minsisteera Barnootaa


- Fedhii sadarkaa guutuu biyyaa tartiibessuu, meeshaalee
qopheessuu, hojiirra oolmaa isaaf leenjii qopheessuu.
- Karoora DOW waggaa qopheessuun gadi dabarsuu.
- Barbaachisummaa DOW irratti hubannoo uumuu.
37
- Haammattoo DOW sadarkaa guutuu biyyaatti qopheessuu, hojii
irra oolchuu fi irra deebi’anii madaaluu.
- Sagantaa DOW sadarkaa guutuu biyyaatti madaaluun gabaasa
dhiyeessuu.
- Meeshaalee gargaarsaa manneen barnootaaf qopheessuu.
- Leenjii leenjiftootaan dandeettii ijaaruu fi gargaaruu.
- Yaada “Barnoota hundaaf” jedhu gara DOWn hubannoo uumuu.
- Odeeffannoo bulchiinsa barnootaa qindeessuun gabaasuu.
- Hojjettoota Ministeera Barnootaaf karoora waggaa DOW
qopheessuu.
- Naannoleef gargaarsa taasisuu.
- Raawwii DOW irratti bu’aawwan argamanii fi wantoota gufuu ta’an
irratti marii adeemsisuu.

6. Portifooliyoo Qopheessuu
Barsiisonni martinuu gochaalee DOWtiif portifooliyoo qopheeffachuu qabu.
Faayidaan kanaas:
- Gochaalee DOW karoorfachuuf
- Gochaalee raawwataman irratti ragaa qabachuuf
- Hirmaannaadhaaf ragaa dhiyeeffachuuf
- Raawwii ofii fi wantoota fooyya’uu qaban irratti calaqqee
dhiyeessuuf.
- Gochaalee guddina agarsiisan addaan baasuun ulaagaalee
“Dandeettiiwwan Ogummaa” waliin madaaluuf ragaa dhiyeessuuf.
- Gochaalee guddina agarsiisan addaan baasuun ulaagaalee “Hojii
Barsiisuu Gaarii” waliin madaaluuf ragaa dhiyeessuuf.
 Madaallii raawwii hojii waggaa waggaan, tokkoon tokkoon
barsiisaaf akka ragaatti akka gargaaruuf tokkoon tokkoon
miseensa dhaabbilee barnootaa portifooliyoo ogummaa

38
barsiisotaa isaanii dhuunfaan qopheessan hordofuu,
madaaluu fi duub-deebii kennuuf ittigaafatamummaa qabu.

Wantoonni Portifooliyoo keessatti barreeffamuu qaban


- Odeeffannoo dhuunfaa
- Karoora DOW dhuunfaa
- Odeeffannoo gochaalee DOW barsiisaan waggootii sadan darban
keessatti raawwate.
- Duub-deebii gorsitootaa/ haala mijeessitootaa
- Yaada barsiisonni guddina isaanii irratti kennan
- Gabaasa madaallii raawwii hojii waggaa
- Ragaa gahumsa ogummaa gonfatame agarsiisu
- Ragaalee biraa kan namichi guddinaaf raawwate kan akka
barnoota gannaa fi kan biraa kan sa’aatii 60 ala ta’an.
- Fakkeenya xiinxala bu’aa qormaataa.
- Fakkenya karoora barnootaa torbee madaallii wajjiin.

Wantoonni portifooliyoo keessatti hammatamuu danda’an


- Qorannoo gochaa raawwataman
- Waraqaa ragaa hirmaannaa koorsii sadarkaa naannawaa, naannoo
fi guutuu biyyaa.
- Fakkeenya meeshaalee barsiisaan qopheesse
- Gabaasa daawwii daree gorsaa fi hiriyaa/miiltoo
- Fakkeenya sirna barnootaa barsiisaan qophaaye
- Fakkeenya meeshaalee deeggarsa barnootaa barsiisaan qopheesse.
- Fakkeenyawwan qormaata sakkatta’aa, battallee fi mala ittiin
soroorfamanii kan barsiisaan qophaaye.
- Kutaa barsiisuu keessatti xiinxala firii barattootaa
- Badhaasa argate
- Gochaalee barnoota walmaddeessaa keessatti raawwate.

39
Portifooliyoon gochaalee xixiqqoo hammachuu hin qabu. Karoorri torbee,
samisteeraa fi qabxii barattootaa bakka biraatti barraawuu qabu. Portifooliyoon
yeroo yeroon gulaalamuu qaba, ragaaleen yeroon itti dabre bahanii, haarawaan
dabalamuu qabu.

Koppii Portifooliyoo baay’isuun barbaachisaa miti. Portifooliyoo


qopheessuu fi galmeessuun gahee barsiisaati. Yeroo barbaadame
hunda gorsaa fi miiltoowwan hayyuuf hordoffii fi madaalliif
dhiyaachuu qaba.
Odeeffannoo bal’aan meeshaa Ministeera Barnootaatiin qophaayee
“Barbaachisummaa fi Qabiyyee Portifooliyoo Ogummaa Barsiisaa” jedhu
keessaa argachuun danda’ama.

40
Kitaabilee Wabii

Anderson, L. (2004) Increasing Teacher Effectiveness. Paris. UNESCO


Anderson, S.E. (Ed). 2002. School Improvement through Teacher Development. Lisse, The
Netherlands.
Boyle, B., Boyle, T. & While, D. (2003) A Longitudinal Study of Teacher Change: What Makes
Professional Development Effective? Working Paper No.1, Institute for Political and Economic
Governance (IPEG), Manchester.
Craig, H.J., du Plessis, J. & Kraft, R.J. (1998) Teacher Development: Making an Impact.
Washington DC, USAID/ World Bank.
Egan, D. & Simmons, C. (2002) The Continuing Professional Development of Teachers:
International and professional contexts, Cardiff, UCW.
Engels, J. (2001) Making Classrooms Talk: Uganda Sustains Its Teacher Improvement and
Support System. Washington DC.
Feiman-Nemser, S., (2001) From Preparation to Practice: Designing a Continuum to Strengthen
and Sustain Teaching
Fredriksson, U. (2004) Quality Education: The Key Role of Teachers. Working Paper No. 14,
Brussels, Education International.
Hawley, W. & Valli, L. (1999) The Essentials of Effective Professional Development: A New
Consensus, in Darling-Hammond, L. & Sykes, G. (eds), Teaching as the Learning Profession:
Handbook of Policy and Practice, Jossey Bass, San Francisco.
Kubow, P. K. & Fossum, P.R. (2003) Comparative Education: Exploring Issues International
Context. Upper Saddle River NJ: Merrill Prentice Hall.
Leu, E. (2004) The Patterns and Purposes of School Based and Cluster Teacher Professional
Development. Washington, DC, USAID.
Leu, E. (2005) The role of teachers, schools and communities in quality education: A review of
the Literature. AEDGEC.
Leu, E., Hays, F., Leczel, D.K. & O’Grady, B. (2005) Quality Teaching: Building a Flexible and
Dynamic Approach. AEDGEC.

41
Lewin, K. M. & Stuart, J.S. (2003) Research Teacher Education: New Perspectives on Practice,
Performance and Policy. DFID Research Series 49a.
MacNeil, D. J. (2004) School- and Cluster-based Teacher Professional Development: Bringing
Teacher Learning to Schools. Working Paper 1. Washington DC. USAID, EQUIP1.

OECD Report, (2005:128)


Perspectives on Practice, Performance and Policy. (2003) MUSTER Synthesis Report, Sussex,
DFID Educational Papers.
Schwille, J. & Dembele, M. (2007). Global Perspectives on Teacher Learning: Improving policy
and practice. Paris, UNESCO.
Simpkins, K. (2009) Quality Education and the Essential Need for School Improvement.
Unpublished paper, Ministry of Education, Addis Ababa
Soler, J., Croft, A. & Burgess, H. (eds) (2001) Teacher Development: Exploring our own
practice. London.
Sparks, D., and Loucks-Horsley, S., (1990) Handbook of Research on Teacher Education
Uganda Government. Development and Management Systems (TDMS) Programme, Kampala,
Ministry of Education and Sports.
Uganda Government. (2000) Final Report on the Evaluation of the Teacher. Kampala, Ministry
of Education and Sports.
Villegas-Reimers, E. (2003) Teacher Professional Development: An international review of the
literature. Paris, IIEP-UNESCO.

42

You might also like