Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 4

Waajjira A/Alangaa B/M/D/Dollootti Fuula1

Dhaddacha Yakkaa Lakk G/A/A:- 0137

Guyyaa _6/1/2016

A/Seera-Eebbisaa Daani’eel

A/Alangaa-Tarreessaa Qajeelaa

Himatamaa- 1ffaa. Fedhasaa Hambisaa, 2ffaa. Hundee Qannoo - dhiyaataniiru.

Galmeen kan buleef Ragaa A/alangaa dhagahuuf yoo ta’u ragooleen namootni
shan dhiyaataniiru.

Yaada Himatamtootaa ilaalchisee

Himannaan nuga’eera dubbifanneerra nuuf galeera jedhaniiru. Ofii keenyaan


falmanna jedhaniiru.Himannaa dhiyaate irraa mormii sadarkaa duraa hin qabnu
jedhaniiru. Himannaan kun gocha kooti jedheera himatamaa 1ffaan.gaafa guyyaa
28/01/2016 halkan keessaa tilmaamaan sa’a 9:0 yeroo ta’utti Go/Qe/wallaggaa
M/D/Dolloo Ganda 04 Mooraa Hospitaalaaa d/Dolloo keessaa Baajaajii koodii isaa
kanin hin beekne keessaa baatirii fuudhee kaa’ee himatamaa 2ffaa hundeetti
gurguri jedhee itti laadhe. gaafan hundeedhaan dawwalee gurgurteettaa qarshii
mana barumsaan kaffaladhaa jedhuun hin gurgurre naan jedhe.gaafan si’a 2ffaa
dawwalee gaafadhu qoyi hin gurgurree naan jedhe. Himatamaa 2ffaan yeroo sana
poolisiidhaan qabamee jira. Baatiriin kun Baajaajii mazgabuu Baqqalaa keessaa
bahe.Gochaan himannaa a/alangaa keessaa gochaa kooti.Gochaan koo kun
balleessaadha.Gochaan himannaa Keessaa Gochaa kooti jedheera himatamaa
2ffaan Hundee Qannoo.Moobaayilii irraa footoo Baatirii kana natti agarsiise
himatamaa 1ffaan utuu baatirii kana natti hin fidin.kana booda naaf gurguri naan
jennaan tole naman siif barbaadan jedheen.Maqaan Baatirichaa AMCO jedhama.
Qarshii meeqaanan siif gurgura yeroon jedhuun qarshii kuma ja’a hin baasuu naan
jennaan hin baasu siifan dawwalan jedheen. Kana booda turban gahee naaf
dawwale. Mana rifeensaa Lalisee jedhamu kaa’ee naaf dawwale kana booda waliin
ilaallee achumatti dhiifnee bane.Kana booda Naannoo Mana nyaataa Nabiyyuutti
Firewu Abbabee nama jedhamutti gurguruudhaaf qarshii 2500 walii gallee kana
booda baatiricha fuudhee ilaalee naaf hin ta’u siifan gurgura naan jedhe. Kana
booda isa bukkeetti qabame.qabeenyaan kun qabeenyaa hannaa akka ta’e hin
beeku. Kan obboleessa haadha manaa kooti naan jedhe.Shakkuu qaban ture inni
Waajjira A/Alangaa B/M/D/Dollootti Fuula1

Dhaddacha Yakkaa Lakk G/A/A:- 0137

Guyyaa _6/1/2016

kun dogoggora kooti. Gochaan himannaa A/Alangaa keessa jiru gochaa


kooti.Gochaan koo kun balleessaadha jedheera.

Yaada A/Alangaa

Himatamaa 1ffaa ilaalchisee gaafa guyyaa 13/2/2016 dhaadachaaf dhiyaatee jecha


amantaa isaa kennee jira. Ammas bu’uuruma himannaa keenyaan utuu hin
waakkatin amanee waan jiruuf raga A/Alangaa utuu hin barbaachisin murtiin
balleessummaa akka itti nuuf kennamu gaafanna. Himatamaa 2ffaa ilaalchisee
jecha amantaa isaa ammuma dhaadachaaf dhiyaatee bu’uuruma himannaa
keenyaan amanee waan jiruuf murtiin balleessummaa akka itti nuuf kennamu
gaafanna.

Adabbii

Himatamaa 1ffaa ilaalchisee bu’uura himannaatiin 669/3/B jalatti yoo ta’u akaakuu
raawwii hidhaa cimaa fi hidhaa slaphaan kaa’ee jira. Kanumaan mi’a gochaa
hannaa raawwate tilmaama qarshii 10,000 kan ta’u gulataa 19ffaa jalatti kan kufu
yoo ta’u manni murtii

Himatamaa 2ffaa ilaalchisee gochichi dagannoon kan rawwatame yoo ta’e hidhaa
waggaa 1 kan adabsiisu ta’a. Sadarkaa olaanaa qabannee jira. Adabbii baatii 6
hanga baatii 9 tiin. Giulantaa adabbbii gulatnaaa 4 baatii 4 hanga baatii 10 kan ad

Yaada adabbii cimsu

Yaada adabbii cimsu 1 qabna. Himatamaa 1ffaa ilaalchisee seera Yakkaa Kew.84/c
tiin gochi kun halkan kan raawwatame waan ta’eef yaada addabbii cimsu tokko
fudhannee jirra.

Himatamaa 2ffaa ilaalchisee yaadi adabbii cimsu hin jiru

Yaada Adabbii Salphisu

Yaada adabbii salphisu ilaalchisee himatamtoota irratti yaada adabbii salphisu


lama qabanna Innis 1ffaa himatamtooni himannaa yookiin gocha raawwatan
Waajjira A/Alangaa B/M/D/Dollootti Fuula1

Dhaddacha Yakkaa Lakk G/A/A:- 0137

Guyyaa _6/1/2016

hambifannoo tokko malee amanannii jiru. 2ffaa kuusaa yakkaa kanaan dura kan
hin qabne ta’uu isaaniiti.

Yaada adabbii salphisu himatamtoonni kaasan

Himatamaa 1ffaa ilaalchisee:- Ani maatiin qaba waanan ta’eef ilaalchi naaf
haagodhamu jedheera

Himatamaa 2ffaa ilaalchisee:-Yakka kanaan kanaan dura himatamee waanan hin


beekneef kun immoo dogoggora kooti waan ta’eef iaalchi naaf haagodhamu
jedheera.

Adabbii

Himatamaa 1ffaa kew .669/3/ (B) jalatti yoo ta’u hidhaa cimaa himatamaaf filanne
jira. Kunis gulantaa 19ffaa jalatti kufee jira. Yaadi adabbii salphisu 2tu jira .kunis
gulataa 17 jalatti kufee jira. Kanaaf himatamaa ni barsiisa kaayyo mssera yakkaas
glamaan ni gaha jechuun waggaa 3 fi baatii 3n adabnee jirra

Himatamaa 2ffaa ilaalchisee Kunis sadarkaan Olaanaan bahee jira. Ku’umsa baatii
6 fi guyyaa 6 qabatee jira kunis gulanataa 4ffaa yoo ta’uu. Yaadi adabbii cimsu kan
hin kaane. Gulantaa 2ffaa jalatti kufee jira. Himatamaan baatii 4 adabnee jirra.

Adabbii gaafa guyyaa 6/3/2016 dhaddachaa oleen himatama 1ffaa hin barsisaa
fakkatoota isaas ni barsisa kayyoo seera yakkaas galman ni ga’a jechuun hidha
cimaa waggaa sadii (3) fi ji’a sadii (3) dhaddachaa gaafa guyyaa har’aa oleen
adabamee jira.

Adabbii himatama 2ffaa ilaalchisuun dhaddachaa gaafa guyyaa 6/3/2016 oleen


himatama hin barsisaa fakkatoota isaas ni barsisaa kayyoo seera yakkaas galmaa
ni galmaan ga’a jechuun adabbii hidha salphaa ji’a afur (4) adabamee ture.

Ajaja

 Manni Mala Sirreessaa Godina Qellem Wallaggaa Adabbii haaraawwatu


jennee jirra.Mirgii ol-iyyaata egamadha.
 Dirqamnii wabumma bu’eera,galmeen cufamee mana galmeeti haa deebi’u
Waajjira A/Alangaa B/M/D/Dollootti Fuula1

Dhaddacha Yakkaa Lakk G/A/A:- 0137

Guyyaa _6/1/2016

You might also like