Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Gaaleefi ciroo

Gaalee
Gaaleen: Qaama himaa kan ergaa guutuu hindabarsineedha. Ergaa guutuu dabarsuuf wanti isa
hafu jira jechuudha.
Wal-hammannaa jechootaa kan hojii tokkoof dhaabbatan, kan waliin socho’an akkasumas, kan
waan tokkoon bakka bu’uu danda’aniin ijaarama.
Fkn: Tolaan sangaa diimaa bite.
Caasaan armaan olitti gurraacha’e gaalee waan ta’eef, ergaa guutuu hindabarsu. Ergaa guutuu
dabarsuuf, xumurri bite jettu galtee jirti. Karaa biraa, jechoonni sangaafi diimaa jedhaman waliin
dhaabbatanii jiru. Kanaafuu, jidduu isaanii jecha biraa yoo galchine gaalee ta’uu dhiisuu
danda’u.
Fkn: a) Tolaan Sangaa tokko diimaa bite. ( gaalee miti).
b) Tolaan Sangaa coomaa diimaa tokko bite. (gaaleedha).
c) Guutuunis isuma bite. (gaaleedha)
Hima a irra jiru yoo ilaalle, jechoonni sangaa tokko diimaa jedhan waliin dhaabbachuu waan
hindandeenyeef, gaalee ta’uu hindanda’an. Caasaan b irratti gurraacha’e garuu waliin
dhaabbachuu waan danda’aniif gaaleedha. Caasaa hima b keessatti kan gurraacha’e jecha
isuma jedhuun bakka buusuu dandeenya. Kanaafuu, caasaan tokko gaalee jedhamuuf: yaada
rarra’aa qabaachuu, miseensonni gaalicha ijaaran wal hammachuufi hojii tokkoof
dhaabbachuufi jecha tokkoon bakka bu’amuu danda’u qabaachuudha.
Miseensota Gaalee
Miseensonni gaalee jecha yookiin jechoota gaalee tokko ijaaraniidha. Miseensonni gaalee kunis:
mataa, miiltoofi murteessituu jedhamu. Miseensota kanneen keessaa miiltoofi murteessituun hafuu
danda’u.
1). Mataa: _jecha isa gosa gaalee tokkoo murteessu yoo ta’u, caasaa keessaa hafuu hindanda’u.
_ kan caasicha ibsuuf irra caalaa humna qabuudha.
_gosa gaalee irratti hundaa’ee iddoowwan garagaraatti argamuu danda’a.
Fkn: Gaalee hima b olii keessatti jechi sangaa jedhu mataa gaalichaa waan ta’eef caasicha
keessaa hafuu hindanda’u.
2). Miiltoo : Jechoota bifa, bocaafi maalummaa mataa gaalee tokkoo irratti odeeffannoo
kennaniidha. Haata’u malee, dirqama gosoota gaalee hunda keessatti argamuu hinqabu.
Fkn. b olii keessatti, jechoonni coomaafi diimaa jedhan miiltoowwan gaalichaati. Waa’ee
sangaa ( mataa) sanaa bifaafi boca isaa irratti odeeffannoo kennanii jiru. Gaaleen tokko
miiltoowwan lama qabaachuu danda’a. Yeroo walfaana dhufanis miiltoo sadarkaa tokkoffaafi
(Ms1 ) miiltoo sadarkaa lammaffaa (Ms2 ) jedhamu.
Ms1: Miiltoon kun mataa gaaleetti dhihaatee waan jiruuf, mataa waliin hidhata cimaa qaba.
Ms2: Kun mataa gaaleerraa fagoo waan ta’eef, hidhanni inni mataa wajjin qabu laafaadha.
Egaa gaalee sangaa coomaa diimaa jedhu keessatti, Ms1 jecha coomaa yoo ta’u, Ms2 immoo
diimaa kan jedhu ta’a.
3). Murteessituu: Murteessitoonni immoo jechoota hamma, lakkoofsaafi kallattii mataa gaalee
tokkoo agarsiisaniidha. Jechoonni tajaajila akkasii kennan kanneen armaan gadii ta’uu
danda’u.
Fkn. 1. Buna kuntaala tokko 3. Daakuu kaballaa tokko 5. Mucaa kaleessaa
2. Ashaboo guroo tokko 4. Boqqolloo mataa lama 6. Sangaa diimaa sana
Gaaleewwan 1-6 olii keessatti, kanneen gurraacheffaman hunduu murteessitoota gaalee maqaati.
Ta’us, gaaleen tokko murteessituu of keessaa qabaachuu dhiisuu mala.
Gosoota Gaalee
Gosni gaalee tokkoo kan murtaa’u, jecha mataa ta’ee tajaajilu sanaani. Kanarratti hundoofnee
gosoota gaaleen Afaan Oromoo bakka afuritti qoodnee ilaaluu dandeenya. Isaanis:
1. Gaalee Maqaa: Mataan gaalee maqaa garee jechaa maqaa ta’eedha. Gaaleen kun mataa
qofarraas ijaaramuu danda’a. Mataan gaalee kanaa caasicha irraa jalqaba ykn mirgaa irratti
argama. Miiltoowwan gaalee maqaa maqibsa, maqaa akka maqibsaatti tajaajilu, durduubee fa’a
ta’uu danda’u.
Fkn: Buddeen furdaa
Buddeen xaafii furdaa
Buddeen irra
Caasaalee olii keessatti, buddeen kan jedhu maqaa waan ta’eef, mataa gaalee maqaati. Kanneen
gurraacheffaman immoo miiltoowwan gaalichaati.
2. Gaalee Maqibsii: Akkuma maqaa isaarraa hubatamu, mataan gaalee kanaa maqibsa. Mataan
gaalee kanaa caasaa irraa gara mirgaatti argama. Gaaleen kunis mataa qofarraa uumamuu
danda’a. Miiltoo gaalee kanaa kan ta’uu danda’an: maqaafi maqibsuma mataa isaati.

Fkn: a. Diimaa
b. Amala-qabeessa
c. Akka abbaa isaa amala qabeessa
d. Barumsaan cimaa
Fakkeenya afi b irratti kanneen argaman lamaanuu mataa qofaan gaalee maqibsaa ta’anii jiru.
Haata’u malee, jechoota biroo miilteffachuun caasaa isaanirra guddatu ijaarrachuu danda’u.
Fakkeenyi c fi d irraas, jechoota akka, abbaa isaafi barumsaan jedhaman miiltoo godhachuun
daangaa isaanii bal’ifatanii jiru.
3. Gaalee Durduubee: Mataan gaalee durduubee durduubeedha. Gaaleen kun gaalee durduubee
jedhamuuf garee jechootaa biroo ofitti fudhachuu barbaachisa. Mataan gaalee durduubee caasaa
irraa gama mirgaa yookiin bitaatti argamuu danda’a. Kana jechuun gaaleema tokko keessatti
walfaana iddoo lamaanitti argama jechuu miti. Yaada kana hubachuuf, fakkeenya itti aanu ilaali.
Fkn: a. Qawweedhaan c. Gara manaa e. Mana jala
b. Fardaan d. Waa’ee barnootaa
Fakkeenya olii keessatti, kanneen gurraacheffaman mataa gaalee durduubeeti. Kanaafuu, gama
lamaaniinuu galanii tajaajiluu danda’u jechuudha. Durduubeewwan lama yeroo tokkotti yoo
dhufan, tokko mataa yoo ta’u, kan biroon immoo miiltoo ta’ee tajaajila. Yaada kana fakkeenya
armaan gadiirraa hubadhu.
Fkn: a. gara manaatti
b. waa’ee kootiif
Argitee? Gaaleewwan afi b jalaa gaaleewwan durduubeeti. Mataan gaalee kana lamaanii garafi
waa’ee yoo ta’an -tti fi –tiif jedhan immoo miiltoowwan gaalichaati. Kanaafuu, miiltoowwan
gaalee kanaa durduubeefi maqaa ta’uu danda’u.
4. Gaalee Gochimaa: Mataan gaalee kanaa gochimadha. Gaaleen kunis akkuma gaalee maqaafi
maqibsii mataa qofaan ijaaramuu danda’a. Mataan gaalee gochimaa xumura/ harka mirgaa
caasichaa irratti argama.
Fkn: a. deeme
b. nyaate
Jechooonni olii kun lamaanuu gochimoota. Lamaanuu mataa gaalee gochimaatis. Ta’us, gaalee
gochimaatiif kanneen mataa ta’an hundi qofaa isaanii gaalee ta’uu hindanda’an. Fakkeenyi
gadiis kanuma mirkaneessa.
Fkn: a. -dha
b.- ti
Dhamjechoonni olii lamaan gochimoota gargaartuudha, Mataa gaalee gochimaa ta’uus
nidanda’u garuu akka gochimoota muummee qofaa isaanii dhaabbachuu hindanda’ani. Jarreen
kun gaalee maqaafi gaalee maqibsii miilteffachuun gaalee gochimaa ta’u.
Fkn: Barsiisaadha
Obboleessa isaati
Walumaa galatti, miiltoowwan gaalee gochimaa: gaalee maqaa, gaalee maqibsiisi gaalee
durduubee ta’uu danda’u.

You might also like