Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 6

# No_Mowlid

1ffaa;Bid'aan Ayyaana Mowlidaa tuni


eessaa maddite ?

Namoonni yeroo jalqabaatiif Ayyaana mowlidaa kana


kabajuu eegalan ummata Shii'aa
Ubeydiyyoota/Faaximiyyoota jedhamantu, A.L.Hijraatti
jaarraa 3ffaa irraa eegalanii/waggaa 350 booda, biyya
masrii fi biyyoottan biroo keessattis ayyaana mowlidaa fi
ayyaanota biroos kabajaa turaniiru.
Kaayyoo ummanni kun Ayyaana kana eegalaniif keessaa
inni ijoon;
 Ummata Nasaaraatti hidhachuudhaaf.
 Aqiidaa Islaamaa bareedduu tana dachee tanarraa
dhabamsiisuudhaa fi
 Islaamummaa waan jedhamu kana dhama osoo hin
taane maqaa qofa gochuudhaaf.

➋ffaa; Faaximiyyoonni kun ummata akkam


? Hortee_kam ?
Adeemsa_Akkam_Irra_turan ?
 Jaarraa 3ffaa keessa ykn tilmaamaan gadaa
bulchiinsa Abbaasiyyootaa keessa firqaan/Gareen
Shii'aa Baaxiniyyaa jedhamtu addatti citanii
mootummaa addaa hundeeffatanii turan.
 Ummanni kun mootummaa isaanii
#faaximiyyoota/The Fatimid's jedhanii kijibaan
faaximaa intala Rasuulaatiin uf moggaafatan.
 Faaximiyyoonni ummata keessa isaaniitti kufrii fi
munaaafiqummaa dhokfatee, jaalala Ahla-beytii
gubbaadhaan muldhifatuudha.

Ayyaanni mowlidaa bid'aa ta'uu irratti ragaalee 18tii


ol gabaabsee Afaan Ulamaa'ii Islaamaa irraa isiniif
barreessee jira,isaanis;
1ffaa; Wanti Gadaa nabiyyicha keenyaa keessa (SAW)
diinii keenna hin ta'in..hardhas diinii keennaa miti.
Mowlidni gadaa rasuulaa irraa eegalee...erga isaan
addunyaa tanarraa boqatanii boodas hanga waggaa 600
hin beekamu ture achi booda kan inni dhalate.

2ffaa; Wanti Rasuula keenyarraa diriirfamee karaa hin


godhamin..ummata Islaamaa bakka hin bu'u.
3ffaa; Ergamaan keenya (SAW) ayyaana kana hin
kabajne ture.

4ffaa; Namni gocha kana dalagu akka waan Nabiyyii


keenya gocha hin taaneen isaan birdhataa jiru sitti
fakkaata.
➾#Kana_jechuun; Nabiin keenya akka waan Amantii
guutuu nu biraan hin gahinii..isaan itti guutaa jiran namatti
fakkaata.

5ffaa; Hiikkaa jaalala Rabbii fi Rasuulaa jijjirutu keessa


jira.
➾Jaalalli Rabbii fi Rasuulaa kan ibsamu, keessaa fi
duubaan sunnaa rasuulaa hotdofuudha malee..,dur hin
jirree fiduudhaanii miti.
Kanaafuu #mowlidni sunnaa Rasuulaatii miti.

6ffaa; Ayyaana mowlidaa kana maqaan bid'aa jedhu


sirriitti isa madaal... waa'ee dhimma islaamaa keessatti
dur hin jirree waan ta'eef.

7ffaa; Ayyaana mowlidaa kabajuun kuni jaarraa 3iin


duraa dabran keessattis salafaa irraa nun
dhaqqabne....sahaabotaan boodattis nama ayyaana kana
kabaje takkaa hin garre.

8ffaa; Ayyaana mowlidaa kabajuun dalagaa


faaximiyyootaa/Shii'aa ture...isaan immoo Nasaaratti
fakkaachuudhaaf hujii kana kan eegalan.

9ffaa; Namni Sahaabaa Rasuulaa olitti Nabiyyii keenya


jaalatuu fi Nabiyyii keena kabaju hin jiru...garuu isaan
keessaa nama tokko kan guyyaa dhaloota isaanii kabajuuf
ayyaanteffate takkaa ragaan nun geenye.
 Osoo waan gaarii taatee isaantu nu firrisa ture...
 Namni isaanii olitti jaalala nabiyyii keenyaa(SAW)
himatus kijibaa keessaallee Afuuftuudha.

10ffaa; Qananii guddaan Rabbiin gabroottan isaa irratti


ooles dhalachuu nabiyyii keenyaa osoo hin
taane...ergamuu isaaniiti.

11ffaa; Ibaadaan daangaa qabdi...irraa dabaluu fi irraa


hirdhisuunis abbaa ibaadaa sana karaa godhe ilaallatti.

12ffaa; Ayyaana dhaloota Nabiyyii keenyaa kabajuun


ayyaanota biroo fi guyyaa dhaloota namoota biroo
kabajuudhaaf balbala bana.

13ffaa; Ayyaana mowlidaa kabajuun Rasuula kabajuu fi


faarsuu keessatti dangaa nama dabarsa...dalagaa
akkanaa tana immoo rasuulli keenyaa irraa nu seeranii jiru.

14ffaa; Dhaloota Nabi muhammad (SAW) kabajuun,


dhaloota Iisaa(AS) kan ummanni Nasaaraa kabajan saniin
walfkkaata.
➾Nasaaratti fakkaachuun immoo Haraama.

15ffaa; Ayyaana dhaloota Iyyasuus(AS) kabajuu namni


karaa godhe kiristaanota/Nasaaraadha..isaanitti
fakkaachuun immoo wallaalummaadhas..qooda
Islaamummaa keessaahis nama baasuu danda'a.

16ffaa; Ayyaana kana keessatti wantoonni


Islaamummaan cooruu fakkaatanii fi wantoonni
Islaamummaa faallessan hedsuutu argamu,fkn;
 Dhiiraa fi dubartoonni walitti makamuu.
 Daansii fi dibbeen dhahamuu.
 Sirbi adda addaa dhageeffatamuu.
 Yeroo tokko tokko inumaa wantoota sammuu namaa
hadoochan hunda fayyadamuu fi kkf hedduutu keessa
jira.

17ffaa; Guyyaa dhaloota nabii keenyaa keessa


waldhibdee guddatu hayyoota Islaamaa gidduu jira.
Baatii Rabii'alawwal gaafa Guyyaa
4ffaa/6ffaa/8ffaa/12ffaa jedhamaa ture.
Warroonni ergamaan keenya gaafa guyyaa 12ffaa dhalate
jedhan ragaa qabatamaa hin qaban.

18ffaa; Ergamaan keenya SAW baatii Rabi'alawwal


keessa dhalatan..akkasumas baatima tana keessa gaafa
guyyaa 12 du'an...guyyaa dhalootaa kabajaa jirra moo du'a
isaaniitti gammadaa jirra laata ?
Deebii isaanumaaf laanna.
Rabbiin Hirpha teenya karaa dhugaa irratti gadi nu haa
dhaabu.
Ariitiin waan barreesseef dhiifama naaf godhaa.
Guyyaa 7/2/2014 halkan keessaa sa'aatii 4:30 hanga sa'aa
5tti.
Barreessaan ;

Barataa Ibraahim Eda'oo/Abulmansuur

You might also like