Kitaaba Barataa

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 47

Barnoota Afaan Oromoo

Kitaaba Barataa

Kutaa 6

Qopheessitoonni:

Naa’ol Baqqalaa Guutamaa (MA)


Magarsaa Namoomsaa Alamuu (MA)
Masarat Alamuu Baqqalaa (MA)

Gulaaltonnii:
Tamasgeen Tuulii Alabee (MA)
Tashoomaa Qanaasaa Tolasaa (MA)
Madaaltuu;
Yewubdaar Ayyaaleew (BA)
Qindeessaa:
Roobii Waamii (MA)
Giraafiksii
Kolleejjii Poolii Teekinikaa Inxooxxoo

Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee


Maxxansa Jalqabaa 2014/2021
Mirgi abbeentaa gama suuraawwanii, fakkiiwwanii, dookimentootaafi mee-
shaalee kanneen biroo akkasumas, odeeffannoofi ragaalee isaan of keessaa
qaban waliin kan dhiyaate yoo ta’u, mirgichis waggoota shaniif hojiirra oola.
Mirgi hunduu seeraan eegamaadha. Eeyyama barreeffamaan abbaa mirgaa irraa
kennamuun ala, kitaaba kana irraa hir’isuun, itti dabaluun, gamisaan ykn guu-
tummaatti maxxansiisuun, waraabanii raabsuun dhimma dhuunfaafis ta’e, ha-
waasaaf oolchuun dhorkaadha. Kanaafuu, eeyyamni seeraan osoo hinkennamin
gochawwan kanarratti bobba’uun seeraan nama gaafachiisa. Labsii Gaazexaa
Nagaariita Federaalaa lakk. 410/2004, Labsii Ittisa Mirga Abbeentaa Kanneen
Isaan Hidhata qaban, Waggaa 10ffaa, Lakk. 55, Finfinnee, Adoolessa 12, 1996
(July 19,2004).
Daangaa Mirga Abbeentaa
Hanga danda’ametti, mirgi abbeentaa meeshaalee kitaaba kana keessatti dhim-
ma itti bahamanii eeruu yaallee jirra. Kanneen akka tasaa bira darbamaaniif
immoo dhiifama jechaa, maxxansa itti aanu kamiyyuu keessatti galateeffachuuf
qophaa’oodha.
Galata

Qophii Kitaaba Barnoota kana jalqaba irra kaasee bifa adda ta’een fi fakkeenyummaa
qabuun akka hojjatamu muuxxanoo fi gahumsaa geggessummaa olaanaa qabaniin
yaada marii burqisiisuu, yaada fooyyaa’a qophii kana milkeessu dhiyeessuun yeeroo
jalqabaatiif akka Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti kitaabni barnoota
barsiisotaan akka qophaa’u murteessuu, baajeta eeyyamsiisuu fi naamusa gaariidhan
hogganamee akka xummuraaf gahu kan taasisan Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchiisa
Magaalaa Finfinnee Obbo Zalaalam Mulaatuu galata guddatu isaaniif mala.

Hojiin keenya akka milkaa’uuf Yeeroo hundumaa hoggansa kennuu, rakkoowwan


numudatan battalatti furuu, raawwii qophii kitaabaa hordofuu fi gamaaggamuun nu
jajjabeessaa kan turan Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Barnootaa fi geggeessan Sirna
Barnootaa Obbo Adimaasuu Dachaasaa, Hogganaa I/A Biiroo Obbo Saamson Mallasee,
Hogganaa I/A Biiroo Obbo Daanyoo Gabruu I/G/Waajjira Biiroo Obbo Sisaay Indaalee,
Goristuu waliigalaa Hogganaa Biiroo Addee Abbabach Nagaash fi Gorsaa Teekinikaa
Obboo Dasitaa Marishaa gahee ijoo ta’ee ba’achuun xiyyeefanno hojichaaf kennanii
nu bira dhabbachuun nu jajjabeessa fi rakkoof furmaataa kenna waan turaniif galatatu
isaaniif mala.

Dhuma irratti qophii kitaaba barataa fi qajeelcha barsisaa jalqabaa hamma dhumaatti
deeggarsa barbaachisuu gochuun hojiin kana caalu hin jiru jechuun milkaa’ina agrame
kan tumsan Hooggantoota mana barumsaa galata qabdu.

Qopheessitoota Kitaabaa
Kitaaba kanaaf Kunuunsa cimaa taasisi

Kitaabni barattootaa kun qabeenya mana barumsaa keeti. Qa-


beenyi mana barumsaa kee ammoo, kan keeti. Qabeenyi kun akka
hinbanne ykn hinmiidhamne kunuunsuun gahee keeti. Kanaafis,
yaadoleen kurnan armaan gadii si gargaaru.
1. Kitaabicha waraqaa, laastikaafi wkf golgi.
2. Kitaabicha yeruma hunda bakka qooraafi qulqullina qabu kaa’i.
3. Yeroo fayyadamtus harki kee qulqulluu ta’uu mirkaneeffadhu.
4. Qolas ta’e keessa kitaabichaatti hinbarreessin.
5. Dubbistee bakka geesse mirkaneeffachuu yoo feetellee,cittuu waraqaa ykn
kaardii qulqullina qabutti fayyadami.
6. Fuula kitaabichaa tarsaasuun ykn fakkii kutanii keessaa baasuun dhorkaad-
ha.
7. Fuulli tarsa’ellee yoo jiraate suphi.
8. Kitaabicha yeroo korojoo kee keessa keessuufi keessaa baaftu, akka hintar-
saane of eeggadhu.
9. Yeroo namoota biraatiif ergiftullee of eeggannoon akka qaban akeekkachisi.
10. Kitaaba haaraatti gargaaramuu yoo jalqabdu, dugda isaa minjaala irraatti
dubbisturra kaa’i. Sana booda, fuula muraasa banuun xiqqoodhuma hanga
barreeffama fuulicharra jiru dubbisuu dandeessutti banuun gargaarami. Fuu-
la bante garmalee harkisuun qola isaas ta’e, fuula kitaabichaa miidhuu waan
danda’uuf, akka ija keetti eeggadhu.
BAAFATA
BOQONNAA TOKKO: UFFATA AADAA 1

BOQONNAA LAMA: ATILEETOTA BEEKAMOO 15

BOQONNAA SADII: AFWALALOO 28

BOQONNAA AFUR: QONNA AMMAYYAA 41

BOQONNAA SHAN: TUURIIZIIMII 51

BOQONNAA JA’A: FARRA QORICHOOTAA 64

BOQONNAA TORBA: HAASAA JIBBIINSAA 81

BOQONNAA SADDEET: HIV/AIDS ITOOPHIYAA

KEESSATTI 94

BOQONNAA SAGAL: BARMAATILEE MIIDHAA GEESSISAN 110

BOQONNAA KUDHAN: DUBARTOOTA AANGESSUU  123

Kitaaba Barataa i
Kutaa 6
Seensa

Afaan meeshaa wal-qunnamtiifi ibsituu eenyummaa ta’uun shoorri inni jiruufi


jireenya hawaasa tokkoo keessatti qabu olaanaadha. Kanaafuu, hawaasicharraa
addaan ba’ee bu’aa buusuu hindanda’u. Guddinni afaaniis guddina hawaasaa
bu’uureeffata. Jiruufi jireenya hawaasaa saayinsiifi teeknooloojiin walqabsiisee
guddina fiduu kan danda’us barnoota, bulchiinsa, siyaasaafi kkf yoo hojiirra oole
qofa.
Afaan Oromoo afaan barnootaafi barnoota afaanii ta’uun isaa dhiyoodha. Kanarraan
kan ka’e, kitaabni barattootaa armaan dura bu’uura buusuurratti shoora olaanaa
kan taphate ta’ullee, hanqina tokko tokko akka qabu hubatameera. Kitaabni kun
ammoo, amma danda’ametti qulqullinni isaa eegamuun kan qophaa’e yoo ta’u,
kaayyoon isaas barattoonni ogummaawwan dhaggeeffachuu, dubbachuu, dubbisuu,
barreessuu, seerlugaa, fayyadama jechootaa, gadi fageenyaan xiinxaluufi kkf akka
gabbifatan taasisuudha. Kaayyoowwan kana galmaan ga’uufis barannoowwaniifi
gilgaalonni garaagaraa dhiyaatanii jiru. Haalli dhiyeenya gilgaalota kanaas kallattii
dhaan jiruufi jireenya guyyuu barattootaa giddugaleessa kan taasifateefi akka isaan
dammaqinaan irratti hirmaatan kan kakaasudha. Fiixaan ba’iinsa kaayyoowwan
barnoota kanaatiifis adda dureen shaakala walirraa hincinne gochuu kan qabu
barataa/tuu waan ta’eef, atis haala qabatamaa naannoo keetiin waliin qabsiisuun
ga’ee sirraa eegamu taphachuun mirgaafi dirqama keeti.

ii Kitaaba Barataa
Kutaa 6
BOQONNAA TOKKO:

UFFATA AADAA
Kaayyoowwan: Xumura Boqonnaa Kanaatti:

• Himoota ijaaruuf qajeelfamoota qubeessuu dhaggeeffachuun ni ibsita.


• Afee/ dubbisa sadarkaa amma irra jirtuuf qophaa’e ga’umsaan
nidubbistu.
• Hiika jechoota walxaxaa himoota keessaa nikennita.
• Himoota qindeessuun keeyyata nibarreessita.
• Maqaalee dhuunfaafi gamtaa addaan nibaafatta.
• Jechoota qoqqooduun nidubbista.

BARANNOO TOKKO: DHAGGEEFFACHUUFI DUBBACHUU


Gilgaala 1: Shaakala Dhaggeeffachuun Duraa
Gaaffilee armaan gadii irratti gareen marii’adhaa
1. Qajeelfamoota qubeessuu kanaan dura beektan irratti yaada waljijjiiraa.
2. Afaan Oromoo sirriitti qubeessuu nidandeessaa? Yoo hindandeessu ta’e
eessatti si rakkisa?

Kitaaba Barataa 1
Kutaa 6
Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dhaggeeffachuu

A. Barreeffama siif dubbifamu dhaggeeffachaa yaadolee iddoo duwwaa


himota armaan gadii keessaa hafan guuti.

1. Adeemsa ittiin dogoggorri ___________________ qubeessuu sirratu keessaa

hangafaafi ijoon seera qubeessuu Afaan Oromoo beekuudha.


2. Afaan Oromoo keessatti _______________ fi ______________ walmakuun
barreessuun seera afaanichaa ni cabsa.
3. Dhimma qubeessuun walqabatee kan biroon _____________, ___________,
_____________________fi _____________ barreessuu dha.
4. Afaan Oromoo keessatti ___________ tokko qubee tokkoon bakka bu’a.
5. Qubeewwan lama walbira bu’anii akka _________________ tokkootti waan
tajaajilaniif iddoo bakka bu’e sanatti sagalee tokkoof dhaabbata.

Gilgaala 3: Shaakala Dhaggeeffachuun Boodaa

A. Dubbisa barsiisaan/barsiistuun keessan isiniif dubbisan irratti hun-


daa’uun gaaffilee armaan gadii afaaniin deebisaa
1. Jechoota Afaan Oromoo qubeessuu keessatti sagaleen kan hinjabaanneefi irra
hinbutamne eessatti?
2. Jechoota Afaan Oromoo yeroo barreessinu seera isaa eegnee qubeessuu dhii
suun rakkina maalii qaba? Afaaniin dareef ibsaa.
3. Dubbachiiftuun lama walitti aanee barreeffamuu kan hindandeenye yoo maal
ta’eedha?
4. Jechi Afaan Oromoo bakka sagaleen irrabutaa jirutti maaliif hinjabaatu?

2 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
B. Gaaffilee armaan gadii dubbisa dhaggeeffatte irratti hundaa’uun kan
sirrii ta’e ‘dhugaa’ kan sirrii hin taane ‘soba’ jechuun deebisi.

1. Afaan Oromoo seera qubeessuu mataa isaa qaba.


2. Afaan Oromoo keessatti haala barbaachisuun qubeessuu dhabuun barreeffama
tokko irratti dhiibbaa guddaa fida.
3. Seera barreeffamaa keessatti qubee guddaafi xiqqaa walkeessa makuun
barreessuun rakkoo hinqabu.
4. Afaan Oromoo keessatti dubbifamaan sadii walitti aanee barreeffamuu
nidanda’a.
5. Qubee dachaa keessatti qubeewwan lamatu wal bira bu’ee akka qubee tok
tokkootti barreeffama.

BARANNOO LAMA: DUBBISUU


Gilgaala 4: Shaakala Dubbisaan Duraa
Gaaffiiwwan armaan gadii gareen marii’achuun deebisaa.
1. Uffatni aadaa maali?
2. Uffata aadaa uffattee beektaa? Yoo uffattee beekta ta’e uffata aadaa godina
kamiiti?
3. Waa’ee uffata aadaa Oromoo waan beektan walitti himaa.
4. Uffanni aadaa fakkii armaan gadiirratti argitan kan godina kamiiti?
Gareen marii’achuun deebii keessan barsiisaa/tuu keessanitti himaa.

Kitaaba Barataa 3
Kutaa 6
1 2

3 4

5 6

4 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
Gilgaala 5: Shaakala Yeroo Dubbisuu
A. Dubbisa armaan gadii saffisaan dubbisaa iddoo duwwaa guuti.
1. Ummatni Oromoo ________________ aadaa isaa ibsu kan mataa
isaa qaba.
2. Haala teessumaafi bal’ina Oromiyaarraa kan ka’e Oromoonni godinaalee
Oromiyaa hundinuu uffata _________________ mataa mataa isaanii qabu.
3. Baroottan darban keessa ________ kun uffata aadaa isaa ibsu
kanatti maayii bahaa hin turre.
4. Uffanni aadaa Oromoo wantoota naannoo keenyatti argaman kanneen
akka ______________, __________, __________ fi__________ irraa
hojjetama.
5. Namoonni hedduun garuu, uffata aadaa gaafa _________, ______
fi ______adda addaa yoo jiraatu qofa ittiin calaqqisee mul’achuuf
fayyadamu.

UFFATA AADAA OROMOO


Uffanni aadaa gosoota meeshaalee aadaa keessaa tokko ta’ee kan inni it-
tiin hojjetamus meeshaalee aadaatiini. Itti fayyadamni isaas sabaa sabat-
ti garaagarummaa kan qabuudha. Namoonni akkuma sadarkaa jireenya
isaaniitti qaama isaanii qorra, aduufi buubbeerraa ittisuuf wantoota dhihoo
isaaniitti argaman irraa meeshaalee aadaatti gargaaramuun uffata hojjetaa
turaniiru; ammas hojjetanii itti fayyadamaa jiru. Ummanni Oromoos uffa-
ta aadaa isaa ibsu kan mataa isaa qaba.
Sabni Oromoo uffata aadaa miidhagaa ta’e hedduu qaba. Ta’us, baroottan
darban keessa ummanni kun uffata aadaa isaa ibsu kanatti maayii bahaa
hinturre. Sababni isaas hacuuccaan aadaa isaatti akka hingargaaramneef
sirnoota darbaniin gama siyaasaan waan irra tureefi. Yeroo dhihoo asit-
ti garuu, tattaaffii ummanni kun taasifateen uffata aadaa isaa ibsu kana
yeroofi bakka barbaadetti uffachuuf carroomeera. Keessumaa kanneen
Finfinneefi naannawaa ishee jiraatan gama kanaan milkaa’aniiru.

5 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
Haala teessumaafi bal’ina Oromiyaarraa kan ka’e Oromoonni godi-
naalee garaa garaa hundinuu uffata aadaa mataa mataa isaanii qabu.
Fakkeenyaaf, uffata aadaa Shawaa, uffata aadaa Wallaggaa, uffata
aadaa Iluu Abbaa Booraa, uffata aadaa Jimmaa, uffata aadaa Baalee,
uffata aadaa Arsii, uffata aadaa Booranaa, uffata aadaa Gujii, Uffata
aadaa Karrayyuu, Uffata aadaa Harargee, Uffata aadaa Oromoo Wal-
loo Kamisee, jechuun itti gargaaramu.

Uffatni aadaa huccuu adda addaafi meeshaalee isa waliin qabatamu


kan ilaallatuudha. Haaluma kanaan, namoonni uffata aadaa Oromoo
qopheessan wantoota naannoo keenyatti oomishamaniifi argaman
kanneen akka biqiltuu jirbii, gogaa, kal’ee, quncee mukaafi kkf. irraa
mee- shaalee aadaa harka isaaniitiin bocuun uffata qopheessuun bifa
adda addaan kuulanii ummataaf dhiheessaa turan; ammas dhiheessaa
jiru.

Uffanni aadaa eenyummaa saba tokkoo ibsuuf bu’aa hedduu kan


qabuufi jireenya uummata tokkoo kan mul’isuu danda’u ta’ullee, na-
moonni hedduun garuu, uffata aadaa gaafa ayyaanaa, cidhaafi qophiin
adda addaa yoo jiraatu ittiin faayamee mul’achuuf malee, guyyuu uffa-
tee waajjira deemuuf, mana barumsaa deemuufi bakka bashannanaafaa
dhaquuf badaa maayii itti hinba’u. Sababni isaas, uffati aadaa fayyad-
ama guyyaa guyyaaf akka ta’utti qixaa’uu dhabuun namootni huccuu
isa kaan akka uffatan taasiseera. Haata’u malee, ummanni Oromoo uf-
fata aadaa isaa calaqqisiisu yeroo hunda uffachuun aadaa isaan boonuu
qaba.

Walumaa galatti, uffanni aadaa akkuma hawaasicha keessatti bakka


olaanaa qabu hiikni inni hawaasa sana ibsuuf qabus akkanuma olaa-
naadha. Kana malees, halluun hawaasni uffata aadaa irratti mul’isu
dhimma yookiin ergaa adda addaaf itti gargaaramuun hiika mataa isaa
qaba.

Kitaaba Barataa 6
Kutaa 6
B. Gaaffilee armaan gadii dubbisa dhaggeeffatte irratti hundaa’uun kan sirrii
ta’e ‘dhugaa’ kan sirrii hin taane ‘soba’ jechuun deebisi.

1. Uffanni aadaa gosoota meeshaalee aadaa keessaa isa tokkodha.


2. Itti fayyadamni uffata aadaa sabaa sabatti garaagarummaa qaba.
3. Ummanni Oromoo uffata aadaa isaa ibsu kan mataa isaa qaba.
4. Uffanni aadaa wantoota biyya alaa galanirraa waan qophaa’uuf bitanii itti
fayyadamuun ulfaataadha.
5. Uffanni aadaa bareedinaaf malee eenyummaa ibsuuf hin fayyadu.

Gilgaala 6 : Shaakala Dubbisaan Boodaa


A. Gaaffiiwwan armaan gadiitiif akkaataa dubbisichaatti afaaniin deebii kenni
1. Wantoonni uffata aadaa yeroo hundaa akka hin uffanne taasisan maali?
2. Akkaataan qophii uffata aadaa bakkaa bakkatti maaliif addaddummaa qabaate?
3. Namoonni uffata aadaa yeroo akkamii uffachuu qabu?
4. Mana uffata aadaa naannookeetti argamu daaw’achuun waan argite dareef
dhiyeessi.

B. Dubbisa ‘Uffata aadaa Oromoo’ jedhu yeroo darbe dubbifte irratti hun-
daa’uun gaaffilee armaan gadii deebisi
1. Wantootni uffanni aadaa irraa hojjetaman maal fa’i?
2. Ummanni Oromoo maaliif uffata aadaa isaa ibsu fayyadamaa hinturre?

7 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
BARANNOO SADII: FAYYADAMA JECHOOTAA
Gilgaala 7 : Hiika Galumsaa
A. Fakkeenya siif kennamerratti hundaa’uun jechoota dubbisa keessaa ba’an
armaan gadiitiif hiika galumsaa barreessi.
TL Jechoota Hiika
1 Ittisuuf Dhorkuuf
2 Maayii
3 Tattaaffii
4 Kuulanii
5 Guyyuu
6 Faayamee

B. Fakkeenya siif kenname bu’uura godhachuun himoota armaan gadii kees-


satti jechoota gurraacheffamanii barreeffamaniif hiika galumsaa barreessi.

Fakkeenya:
• Oromoon walga’ee hora Finfinneetti irreeffate.
Hiika: uumaa isaa galateeffate

1. Uffanni aadaa Oromoo Magaalaa Finfinnee naannoo Muujjaatti baay’inaan


argama. Hiika: _________________________________________
2. Gadaan Oromoo waggaa saddeet saddeetiin marsa.
Hiika: _________________________________________
3. Konkolaataan daandii haaraa irra saffisaan deema.
Hiika: _________________________________________
4. Finfinneen handhuura Oromiyaati.
Hiika: _________________________________________
5. Barattoonni mooraa mana barumsaa qulqulleessan.
Hiika: _________________________________________

Kitaaba Barataa 8
Kutaa 6
C. Himoota armaan gadii keessatti hiika jechoota jala sararamanii filadhu.
1. Boroo abbaatu hordata, roorroo abbaatu dhowwata.
A. Komii C. diina
B. Cunqursaa D. nyaapha
2. Burqaan dandeettii Arbaa kumbii isaati.
A. Maddi C. laga
B. Haroo D. bishaan
3. Rakkina kana keessaa ba’uuf mala barbaaduu qabda.
A. Tooftaa C. fala
B. Nyaata D. A fi C’n deebii ta’u
4. Haalli bara kanaa cimee jira. Namoonni baay’een dhiphina guddaa
keessa jiru.
A. Gammachuu C. mijataa
B. Rakkina D. bal’ina
5. Gammachuu waliin sababa hinbeekamneen walitti buune.
A. Qaamaan waltuqne C. wal bira dabarre
B. Wal lolle D. wal rukunne
6. Qe’ee balfaa’e keessa jiraachuun fayyaaf hin tolu.
A. Xuraa’e C. diilallaa’e
B. Cabbaa’e D. ligidaa’e

GILGAALA 8: Jechoota Qoqqooduu

D. Jechoota armaan gadii sagalee dheeraafi gabaabaatti addaan baasi. Kana


booda sagalee olkaasuun dubbisi.

Fakkeenya: Baala
Jecha sagalee dheeraa : laafaa
Jecha Sagalee gabaabaa : lafa
Laafaa Fala Raafuu Muka Bara
Mana Lama Kuma Caasaa Seenaa
Faallaa Eegee Yaalii Sila Hoolaa
mala Nama Laagaa Lola Lafa

9 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
Jechoota Sagalee gabaabaa Jechoota Sagalee dheeraa
a. _____________ a. ______________
b. _____________ b. ______________
c._____________ c. ______________
d._____________ d. ______________
e._____________ e. ______________

E. Jechoota armaan gadii sagalee jabaafi laafaatti addaan qoodi. Kana booda
sagalee olkaasuun dubbisi.

Fakkeenya:
Jecha Sagalee jabaa - jabbii
Jecha Sagalee laafaa - bira

Jabbii Callee Gaabbii jibba damma


Bifa Haatuu Bira fira faallaa
Laafaa Ganna Kora qorra boonaa
cabbii Mootii Tulluu sodaa gubbaa

Jecha Sagalee laafaa Jecha sagalee jabaa


a._______________ a. _______________
b. _______________ b. _______________
c. _______________ c. _______________
d. _______________ d. _______________
e. _______________ e. _______________

BARANNOO AFUR: BARREESSUU

Gilgaala 8 : Keeyyata Barreessuu

A: Gaaffilee armaan gadii irratti gareedhaan marii’adhaa


1. Keeyyatni maal akka ta’e gareen marii’achuun dareef dhiyeessaa.
2. Caacculeen keeyyataa meeqa? Maalfa’i?.

Kitaaba Barataa 10
Kutaa 6
Yaadannoo:
keeyyatni qindoomina himootaa ta’ee, kan yaada handhuura/ijoo ta’e tokko
dabarsuudha. Keeyyatni caacculee sadii qaba. Isaanis: hima ijoo (yaada
walii galaa kan ofkeessatti qabatu), Himoota callaa/ gargaartuu (kanneen
waa’ee hima ijoo bal’inaan ibsan)fi hima goolabaa (guduunfaa keeyyataati):
Tokkoon tokkoon isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu.
1. Hima ijoo : himni ijoo caasaa keeyyataa keessaa tokko ta’ee yaada
barreessaan keeyyata sana keessatti dabarfachuu barbaade yaada
dimshaashaafi handhuuraa ta’e kan ofkeessatti qabatudha.
2. Himoota callaa/gargaartuu: himoonni callaa caasaa keeyyataa ta’anii
keeyyata tokko keessatti hima ijoo kanneen ibsaniifi babal’isaniidha
Himoonni callaa gaaffilee hima ijoo keessatti ka’an kanneen deebisanifi
hima ijoo keeyyata tokkoo ragaalee nama amansiisaniifi fakkeeyaan
deggaruun himoota dhiyeessanidha.
3. Hima goolabaa: yaada dimshaashaa keeyyataa jechoota biroon cimsuun
keeyyaticha kan gudunfudha.

B. Fakkeenya siif kenname gargaaramuun keeyyata tokko ijaari

Fakkeenya.
a. Afaan Oromoo bara dheeraadhaaf afaan barnootaafi afaan hojii mootummaa
akka hin taaneef dhiibbaan irratti taasifamaa tureera.
b. Afaan Oromoo guddachuus ballachuus hindandeenye.
c. Abbaa afaanichaa kan ta’e ummanni Oromoos mirga afaanicha guddisuu
dhabee ture.
d. Ummanni kun, keessumaa kan magaalaa Finfinnee keessa jiraatu utuu
hin jaallatin afaan ofii dhiisee afaan ormaatti fayyadamaa tureera.
e. Baadiyyaattis taanaan afaan dubbii ta’uurra darbee guddachuu hin dandeenye.
f. Har’a garuu qabsoo ummanni kun taasiseen afaan hojii naannoo Oromiyaa, afaan
barnootaafi afaan sab-quunnamtii ta’uu danda’eera.

11 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
Afaan Oromoo baroota dheeraadhaaf afaan barnootaafi afaan hojii mootummaa akka
hin taaneef dhiibbaan irratti taasifamaa tureera. Kanarraa kan ka’e, Afaan Oromoo
guddachuus bal’achuus hindandeenye. Abbaa afaanichaa kan ta’e ummanni Oromoofi
dubbataan afaanichaa mirga afaanicha guddisuus dhabee ture. Ummanni kun,
keessumaa kan magaalaa Finfinnee keessa jiraatu utuu hinjaal’atin afaan ofii dhiisee
afaan ormaatti fayyadamaa tureera. Haaluma kanaan, Baadiyyaattis afaan dubbii
ta’uurra darbee guddachuu hin dandeenye. Har’a garuu, qabsoo ummanni kun taasiseen
afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa, afaan barnootaafi afaan sabquunnamtii
ta’uu danda’eera.

1. Irreechi ayyaana ummanni Oromoo waggaatti yeroo lama uffata aadaan


faayamee kabajatudha.
2. Duudhaan kun sirna waaqa galateeffannaafi kadhannaati.
3. Irreechi irreecha malkaafi irreecha tulluu jedhamuun bakka lamatti
qoodama.
4. Ayyaanni kun, waggaatti waqtiilee Birraafi Arfaasaa kabajama
5. Irreechi waqtii Birraa galateeffannaa yoo ta’u, kan waqtii Arfaasaa
kadhannaadha
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
_____________________

C. Mata dureewwan armaan gadii keessaa tokko filachuun keeyyata barreessi

1. Sirna Gadaa 3. Qabeenya uumamaa


2. Oromiyaa 4. Barnoota

Kitaaba Barataa 12
Kutaa 6
BARANNOO SHAN: SEERLUGA
Gilgaala 9: Maqaa Dhuunfaafi Maqaa Gamtaa/Waliinii
A. Gaaffiiwwan armaan gadii irratti gareen marii’adhaa

1. Maqaan maali?
2. Garaagarummaan maqaa dhuunfaafi maqaa gamtaa gidduu jiru maali?

Yaadannoo
Maqaa Dhuunfaa :
• Maqaan dhuunfaa maqaa namni yookiin wantoonni kopha
kophaatti ittiin waamamaniidha. Kanneen dhamjechoota danoomi-
na agarsiisan hin maxxanffanneedha. Akkasumas, qubee guddaan
kanneen eegaluu qabaniidha.
Fkn. Tolaa, Birbirsa, Gibee, Finfinnee, Jarman
Maqaa Waliinii/Gamtaa:
• Maqaan gamtaa yookiin waliinii kan wantoonni amala walfak-
kaataa qaban bakka tokkotti ittiin waamamaniidha. Kanneen
dhamjechoota danoomina agarsiisan maxxanfachuun danoomuu
danda’aniidha.
Fkn. Nama = namoota laga = lageen
Magaalaa = magaalota biyya = biyyoota

13 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
B. Maqaalee gabatee armaan gadii keessa jiran maqaa dhuunfaafi maqaa
gamtaatti addaan qoodi.

Maqaalee Maqaa dhuunfaa Maqaa gamtaa


Boontuu
Gaarreen
Wancii
Nama
Cilaaloo
Haroo

C. Maqaalee dhuunfaa armaan gadii fayyadamuun hima mataa keetii ijaari.

1. Itoophiyaa:_________________________________________________
2. Oromiyaa: ______________________________________________
3. Tolaa:___________________________________________________
4. Abbayyaa: _______________________________________________
5. Waddeessa: _____________________________________________

D. Maqaalee gamtaa armaan gadii fayyadamuun hima mataa keetii ijaari.

1. Nama : ________________________________________________
2. Muka: _________________________________________________
3. Biyya: _________________________________________________
4. Magaalaa: ______________________________________________
5. Laga: __________________________________________________

Kitaaba Barataa 14
Kutaa 6
BOQONNAA LAMA:

ATILEETOTA BEEKAMOO
Kayyoowwan: Xumura Boqonnaa Kanaatti:
• Dhaggeeffachuun seeneffama irra deebitee nidubbatta.
• Jechoota birsagoota hedduu qaban qoqqooddee walitti nimakta.
• Keeyyata tokko ni ijaarta.
• Jechoota tarreeffaman keessaa kanneen walfakkaatan adda baasta.
• Maqaalee dimshaashaa adda nibaasta.

BARANNOO TOKKO: DHAGGEEFFACHUUFI DUBBACHUU


Gilgaala 1 : Shaakala Dhaggeeffachuun Duraa
A. Gaaffilee armaan gadii irratti gareen marii’adhaa
1. Waa’ee magaalaa Finfinnee asiin dura maalfaa beektu?
2. Jechi Finfinnee jedhu maal irraa moggaafame isinitti fakkaata?
3. Seeneffama waa’ee Finfinnee irratti dhageessanii beektan tokko irratti
waliin mari’achuun dareef dhiyeessaa.

B. Jechoonni armaan gadii dhaggeeffachuu keetti gufuu akka hin taane hiika
isaanii tilmaami.

1. hora
2. qubsuma
3.hangafa

15 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
Gilgaala 2: Shaakala Yeroo Dhaggeeffachuu
Barreeffama barsiisaan/tuun kee siif dubbisan dhaggeeffachaa bakka duwwaa
guuti.
1. Finfinneen qubsuma gosa Oromoo damee _________ ilmaan ________ kan qe’ee
Tufaa Munaati.
2. Tuulama keessaa gosa guddaafi Hangafaa kan ta’e _________ irra jiraachaa ture.
3. Ilmaan Oboo Finfinnee keessa jiran lamaan _________ fi ________dha.
4. Maqaa Oromoon Finfinnee ittiin waamu inni biroon ____________ dha.
5. Finfinnee keessa gosa Tuulamaa_______,________fi ________ jiraata.

Gilgaala 3 : Shaakala Dhaggeeffachuun Boodaa

A. Gaaffiilee armaan gadii Seeneffama dhaggeeffatte irratti hundaa’uudhaan


kan sirrii ta’e ‘Dhugaa’ kan sirrii hin taane ‘Soba’ jechuun deebisi.

1. Oboon gosa gurguddaa 7 qaba.


2. Maqaan Finfinnee maqaa bishaan danfaa hora handhuura magaalittii keessatti
argamuun kan moggaafamteedha.
3. Ilma hangafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu dha.
4. Oboon Tuulamaa kaabarraan hanga Wallootti diriiree argama.
5. Ekkaa Oboo Galaanirraa gara Bahaatti diriiree argama.

BARANNOO LAMA: DUBBISUU


Gilgaala 4: Shaakala Dubbisaan Duraa
A. Gaaffii armaan gadii irratti cimdiin marii’achuun dareef gabaasaa
1. Fakkii armaan gadii irraa maal hubattan?

Maammoo Waldee
Abbabaa Biqilaa

Kitaaba Barataa 16
Kutaa 6
H/G/Sillaasee
Miruts Yifxar

G/Egzaabeer G/Maariyaam Qananiisaa Baqqalaa

Daraartuu Tulluu Gazzaany Abarraa

Xurunesh Dibaabaa Almaaz Ayyaanaa

Masarat Daffaar GanzabeeDibaabaa

17 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
B. Dubbisa isiniif dhiyaate dubbisuun dura hiika jechoota armaan gadii
tilmaamaa.

1. burqisiiste
2. gonfatan
3. durbii

Gilgaala 5: Shaakala Yeroo Dubbisuu

A.Dubbisa armaan gadii saffisaan dubbisuun gaaffilee kanneen deebisi.


1. Itoophiyaan atileetiksii irratti beekamuu erga jalqabdee waggaa meeqa?
2. Atileetotni biyya keenyaa dubbisa kana keessatti ibsaman eenyu fa’i?

ATILEETOTA BEEKAMOO
Itoophiyaatti dorgommiin ispoortii atileetiksii walakkaa jaarraa tokko dura
jalqabamuun isaa ni beekama. Dorgommiiwwan kunis manneen barnootaafi
raayyaa ittisaa gidduutti adeemsifamaa turan. Seenaan ispoortii atileetiksii
Itoophiyaa akka ibsutti, Itoophiyaan ispoortii kanaan sadarkaa biyyoolessaatti
beekamuu erga jalqabdee waggoota 60 ol lakkoofsisteetti. Waggootiidhuma
kanneen kees- satti ture, kan Itoophiyaan sadarkaa Olompikii, Shaampiyoonaa
Atileetiksii Ad- dunyaafi Afrikaa, akkasumas, dorgommii qaxxaamura biyyaa
mararratti beekamuu dandeesse.

Yeroo jalqabaaf Atileetonni beekamoon kanneen akka, Abbabaa Biqilaafi


Maam- moo Waldee sadarkaa olompikiitti yeroo sadii walitti aansuudhaan
fiigicha maaraatoonii mo’achuun seenaa hindabarre galmeessuun ummata
biyya keen- yaafi addunyaa biratti yeroo hunda yaadatamu. Kana malees,
maqaan biyyattiis galmee olompikii biyyoolessaa keessatti qalama warqeetiin
barreeffamee han- ga ammaatti kabajaan godambaa olompikii keessa akka taa’u
taasisaniiru.

Kitaaba Barataa 18
Kutaa 6
Biyyi keenya Itoophiyaan atileetota bebbeekamoo hedduu burqisiisteetti. Atilee-
tonni kunis ishee bira darbanii Ardii Afrikaa bakka bu’uun injifannoo dachaa gon-
fachuudhaan ummata addunyaa biratti caalaa beekamtii argataniiru. Isaan keessaa
dhiiraan kanneen akka Mirutsi Yifxar, Mahammad Kadiir, Isheetuu Turaa, Tolasaa
Qottuu, Fiixaa Baayisaa, Addis Abbabaa, Haayilee Gabrasillaasee, Gazzaahany
Abarraa, Miliyoon Waldee, Tasfaayee Tolaa, Qananisaa Baqqalaa, Silashi Sihin,
Shuraa Qixxaataa, Yoomiif Qajeelchaafi kkf horatamaniiru. Gama dubartootaan
ammoo gootota meedaaliyaa warqee olompikii kanneen akka Daraartuu Tulluu,
Xurunesh Dibaabaa, Masarat Daffaar, Faaxumaa Roobaa, Tikkii Galaanaa, Almaaz
Ayyaanaa, Geexee Waamii, Ijjigaayyoo Dibaabaa, Ganzabee Dibaabaafi Maaree
Dibaabaa kanneen fakkaatan Atileet Abbabaa Biqilaa ka’umsa godhachuun dirree
kanarratti beekamtii olaanaa warra gonfataniidha.

Fakkeenyaaf, Warra dhiiraa keessaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa shaampiyoo-


naa Atiletiksii Addunyaa bara 2009 irratti meetira 5,000 fi 10,000 niin mo’achu-
un nama jalqabaa ta’eera. Akkasumas, Ebila 6,2014tti sa’aatii maraatoonii saff-
isaan ja’affaa ta’e 2:05:04 galmeessisuun maraatoonii Paaris irratti mo’ate. Warra
dubaraa keessaa ammoo, Xurunesh Dibaabaa riikardii addunyaa haaraa meetira
5000, daqiiqaa 14:11.15 ‘Gooldan Ligii’ Osloo 2008 fi Olompiikii Beejiing irratti
immoo meetira 10,000n Hagayya 15, 2008 riikardii Olompiikii haaraa daqiiqaa
29:54.66 galmeessuun moo’atte. Duraan riikardii kana Olompiikii Sidinii irratti
daqiiqaa 30:17.49n qabatte kan turte durbii isii Daraartuu Tulluu turte.
Walumaa galatti, biyyi keenya atileetota biyya isheerra darbanii Afriikaa maqaa
waamsisaniifi maqaa biyya isaanii addunyaatti olkaatee akka mul’attu taasisan
gootota hedduu qabdi.

19 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
B. Gaaffiilee armaan gadii dubbisicha irratti hundaa’uun kan sirrii ta’e
‘Dhugaa’ kan sirrii hin taane ‘Soba’ jechuun deebisi.
1. Itoophiyaan atileetota dhiiraan qofa beekamti.
2. Yeroo jalqabaaf biyya keenya atileetiksiin kan beeksise Atileet Abbabaa Biqilaati.
3. Xurunesh 10,000m bara 2008 riikardii Olompiikii haaraa kan galmeessiste
Beejiingitti.
4. Qananiisaan sa’aatii maraatoonii saffisaan ja’affaa ta’e kan galmeessise bara
2009.
5. Atileetonni Itoophiyaa ofiif malee biyyaaf bu’aa hinbuufne.

C. Gaaffiilee armaan gadiitiif dubbisa irratti hundaa’uun deebii sirrii ta’e


filadhu

1. Akka dubbisa kanaatti atileetonni yeroo jalqabaaf sadarkaa olompikiitti


fiigicha maraatoonii si’a sadii walitti aansuun mo’atan isaan kami?
A. Abbabaa Biqilaafi Maammoo Waldee
B. Qananisaa Baqqalaafi Haayilee Gabresillaasee
C. Daraartuu Tulluufi Xirunash Dibaabaa
D. Mirutsi Yifxariifi Mahammad Kadiir
2. Itoophiyaan ispoortii atileetiksiin sadarkaa biyyooleessaatti beekamuu
erga jalqabdee waggoota meeqa lakkoofsisteetti?
A. 72 ol B.60 ol C. 54 ol D. 80 ol
3. Gama dubartootaan gootota meedaaliyaa warqee olompikii kan ta’an
isaan kami?
A. Daraartuu Tulluufi Xurunesh Dibaabaa
B. Masarat Daffaariifi Faaxumaa Roobaa
C. Tikkii Galaanaafi Almaaz Ayyaanaa,
D. Hunda
4. Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2009 irratti meetira 5,000
fi 10,000 niin mo’achuun nama jalqabaa kan ta’e eenyu?
A. Isheetuu Turaa
B. Yoomiif Qajeelchaa
C. Tasfaayee Tolaa
D. Qananisaa Baqqalaa

20 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
5. Qananiisaan Ebila bara 2014tti sa’aatii maraatoonii saffisaan ja’affaa ta’e 2:05:04
galmeessisuun kan mo’ate eessatti?
A. Paaris B. Barliin C. Ateensi D. London

Gilgaala 6 : Shaakala Dubbisaan Boodaa


Gaaffilee armaan gadii irratti gareen marii’achuun afaaniin deebisaa
1. Namni tokko fiigichaan milkaa’uuf maal gochuu qaba jettanii yaaddu?
2. Shoorri atileetonni guddina biyyaa keessatti qaban maal fa’i?
3. Atileetii ta’uu moo taphataa kubbaa miillaa ta’uu wayya? Maaliif?
4. Milkaa’ina atileetota kanaarraa maal baratte?

BARANNOO SADII: FAYYADAMA JECHOOTAA

Gilgaala 7: Shaakala Hiika Jechootaa

A. Jechoota roga ‘A’ jalaa hiika isaanii roga ‘B’ jalaa waliin walitti firoomsi.

A B
1. Jaarraa A. muuziiyeemii
2. Jalqabdee B. mara
3. Hunda C.injifate
4. godambaa D. Waggaa dhibba tokko
5. hedduu E. baay’ee
6. mo’ate F. eegaltee

B. Jechoota gabatee armaan gadii keessaa fayyadamuun himoota itti aanan


guuti.

olompikii atileetii injifachuu atileetiksii


dirree misooma saffisaan burqaa

1. Maammoo Waldee _____ Meksiikootti geggeeffameen maraatoonii injifate.


2. Qananiisaa Baqqalaa _____________beekamaadha.
3. Oromiyaan _____________ atileetotaati.
4. Haayilee Gabresillaasee atileetii ___________ biyyaa irratti hirmaatudha.

Kitaaba Barataa 21
Kutaa 6
5. Daraartuu Tulluu Pirezidantii federeeshinii ___________ Itoophiyaati.
6. Abbabaa Biqilaa miilla duwwaa fiiguun maraatoonii Room _______danda’eera.
7. Almaaz Ayyaanaa ____________ waan fiigdeef olompikii Riyoo injifatte.
8. Atileetonni ______________ keessatti fiigicha shaakalaa jiru.

C. Jechoota gabatee keessatti tarreeffaman sagalee laafaafi sagalee jabaa


addaan baasi.

Jechoota tarreeffaman Jechoota sagalee Jechoota sagalee


laafaa qaban jabaa qaban
barataa gaaddisa Oromummaa Barataa barreessaa
aadaa Gadaa barreessaa konkolaataa
caccabsaa Finfinnee duudhaa
gammoojjummaa sorooroo

D. Jechoota asii gaditti kennamaniif filannoowwan kennaman keessaa kan


hiika sirrii ta’e qabu filadhu.

1. Yeella’uu
A. saalfachuu C. mil’achuu
B. guddachuu D. maraachuu
2. Daare
A. uffate C. kaawwate
B. uffata dhabe D. daalachaa’e
3. Xurree
A. karaa C. imaltuu
B. balbala D. mooraa
4. Qaccee
A. gidduu C. sanyii
B. cafaqaa D. keessa
5. Tumsuu
A. araarsuu C. loluu
B. gargaaruu D. ari’uu

22 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
E. Hiika faallaa jechoota armaan gadii filadhu.

1. Rifachuu
A. onnachuu C. mufachuu
B. gadduu D. dallanuu
2. Cululuqaa
A. baqaa C. ifaa
B. daallachaa’aa D. calalaqaa
3. Muguu
A. dammaquu C. dadhabuu
B. ciisuu D. salphisuu
4. Wallaaluu
A. qorachuu C. beekuu
B. doofa’uu D. barachuu
5. Fooyyesse
A. bareeche C. tolche
B. miidhagse D. balleesse

Kitaaba Barataa 23
Kutaa 6
BARANNOO AFUR: BARREESSUU
Gilgaala 8: Shaakala Keeyyata Barreessuu
Fakkeenya
Hima ijoo: Oromoon biqiltuuf kabaja guddaa qaba.

Oromoon biqiltuuf kabaja guddaa qaba. Biqiltuu naannoo isaa jiru sababa ga’aa tokko
malee hinmuru; nikunuunsa. Yoo muka murachuuf dirqamellee, osoo mukti gogaan
jiruu jiidhaa hinmuru. Yoo mukti gogaan dhabames osoo jallaan jiruu sorooroo muree
hin balleessu. Kan dirqamee mure ammoo kan biraa dhaabee bakka buusa. Kanaaf,
Oromoon biqiltuu akka ilmoo isaatti jaallata jechuun ni danda’ama.

Akka fakkeenya oliitti hima ijoo siif kenname irratti hundaa’uun keeyyata tokko
ijaari.

Hima ijoo: Koronaan karaalee adda addaatiin namarraa namatti darba.

Koronaan karaalee adda addaatiin namarraa namatti darba.___________________


_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_______________________________________

BARANNOO 5: SEERLUGA
Gilgaala 9: Shaakala Birsagaa
A. Gaaffilee armaan gadii irratti gareen marii’adha
1. Birsagni maali?
2. Seerotni birsagaa maal faa’i? barsiisaa/tuu keessanitti himaa.

24 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
Yaadannoo
Birsaga: Birsaga jechuun qindoomina sagalee dubbifamaa fi dubbachiiftuu
ykn dubbachiiftuu qofaa ishii afuura tokkoon sagaleessuu jechuudha. Caas-
aa walta’insa dhamsagootaatiin ijaaramudha.
Seerota Birsagaa:
• Dubbifamaa gosti tokko lama ta’ee walitti hinaanu.
• Birsagni dubbifamaa (ka’umsaa fi cufaa) qofaan uumamu hinjiru.
• Bisagni dubbachiiftuu (utubaa) qofaan ni uumama.
• Caasaalee birsagaa keessaa kan hin hafne utubaadha.
• Birsagni hiika qabaachuus dhabuus ni danda’a.
kana jechuun birsagni jecha, jechis birsaga ta’uu ni danda’a jechuudha.
Fakkeenya:
Oromummaa = O-ro-mum-maa (birsaga afur qaba)
Gammoojjummaa = gam-mooj=jum-maa (birsaga afur qaba)
B. Birsagoota armaan
Kitaaba gadii walitti
= ki-taa-ba makuun
(birsaga jecha ijaari
sadii qaba)

Fakkeenya: Fin-fin-nee: Finfinnee


1. Cac-cab-saa: ________________________
2. Bo-so-na: ___________________________
3. Caal-baa-sii: ________________________
4. O-deef-fan-noo: _____________________
5. Dar-gag-goo-mee-ra: _________________

C. Jechoota armaan gadii birsagatti qoqqoodi.

Fakkeenya: birmadummaa : bir-ma-dum-maa


1. Onkoloolessa : _________________________
2. Loon : ________________________________
3. Xiyyaara : __________________________
4. Inxooxxoo : _________________________
5. Sardiida : ___________________________

Kitaaba Barataa 25
Kutaa 6
D. Birsaga irratti hundaa’uun deebii sirrii filadhu

1. Jechi birsaga lamarraa ijaarame kami?


A. Shan
B. Kitaaba
C. Firfirse
D. Luka
2. Kan sirriitti birsagatti hinqoqqoodamne kami?
A. Bi-ta-te
B. Dam-ma-qe
C. Ga-rgaa-rsa
D. Bi-te
3. Jechi birsaga afur qabu kami?
A. Barreeffama
B. Caccabsaa
C. Furdise
D. Qal’aa
4. Seerota birsagaa ilaalchisee kan sirrii ta’e kami?
A. Birsagni dubbachiiftuu (utubaa) qofaan ni uumama
B. Birsagni dubbifamaa (ka’umsaafi cufaa) qofaan ni uumama
C. Birsagni qubee dachaa (ka’umsa) qofaan ni uumama
D. Hunduu deebiidha.
5. Kanneen armaan gadii keessaa kan birsag-tokkee ta’e
A.Foon B.Loon
C. Shan D.Hunduu birsag tokkeedha.

Gilgaala 10: Shaakala Maqaa Dimshaashaa


A. Gaaffilee kanaa gadii irratti cimdiin marii’adhaa
1. Maqaa dimshaashaa jechuun maal jechuudha?
2. Maqaa dimshaashaaf fakkeenya lama lama kennaa.

26 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
Yaadannoo
Maqaa Dimshaashaa:
Maqaan Dimshaashaa kan wantoonni amala gara garaa qaban bakka tokkot-
ti ittiin waamamaniidha. Dhamjecha maxxanfachuun hin danooman. Uu-
mamumaan amala danummaa qabu.
Fkn. koree, hoomaa

B. Himoota armaan gadii keessatti maqaa dimshaashaa jala sarari


Fakkeenya: Jaldeessi hoomaadhaan jiraata.
1. Oromiyaan qabeenya albuudaan badhaatuudha.
2. Dimokiraasiin duudhaa ummata Oromooti.
3. Oromoon bosonaaf kabaja guddaa qaba.
4. Kunuunsi bineensotaaf taasifamu fooyya’uu qaba.
5. Caccabsaan nyaata aadaa Oromooti.

C. Jechoota gabatee armaan gadii keessatti tarreeffaman keessaa maqaalee


dimshaashaa baasii barreessi.

Baargamoo ummata muka


koree gaara gaala
Badhaasaa bineelda hoomaa
Namoota birbirsa bishaan
Albuuda bosona nyaata

D. Maqaalee dimshaashaa gabatee armaan olii keessaa baafteen hima mataa


keetii shan ijaaruun dareef dubbisi.

1. ________________________________________________________
2. _____________________________________________________
3. _________________________________________________________
4. _________________________________________________________
5. _________________________________________________________

Kitaaba Barataa 27
Kutaa 6
BOQONNAA SADII:

AF-WALALOO
Kaayyoowwan: Xumura Boqonnaa Kanaatti:
• Fayyadama jechoota haaraa argatte dhaggeeffachuun itti fayyadamta.
• Walaloo barreessuun nidubbista
• Himoota keessatti haammattuufi muraa nifayyadamta.
• Ergaa ijoo walaloo tokkoo addaan ni baafatta.
• Jechoota tarreeffaman keessaa jechoota faallaa adda nibaafatta.
• Hima keessatti gochibsoota yeroo ni gargaaramta.

BARANNOO TOKKO: DHAGGEEFFACHUUFI DUBBACHUU


Gilgaala 1: Shaakala Dhaggeeffachuun Duraa
Jechoonni armaan gadii dhaggeeffachuu keessanitti danqaa akka hintaane
hiika isaanii irratti gareen marii’adhaa.
1. Komee
2. Ukkaamfadhee
3. Duudhaa
4. Gulufuu
5. Halaala
GGilgaala 2: Shaakala Yeroo Dhaggeeffachuu
Walaloo isiniif dubbifamu dhaggeeffachaa deebii sirrii filadhaa.
1. Namni walaloo kana barreesse
A. Gammachuu qaba C. komii qaba
B. Mufataadha D. hunda
2. Akka walaloo kanaatti qilleensi Finfinnee_________ dha.
A. Urgaawaa C. faalamaa/summaawaa
B. Xiraawaa D. gogaa
3. “Sitti qorruu dhiiseeraa?” kan jedhameen eenyuuni?
A. Tufaa Munaa C. Loon Abeebee
B. Abeebee Tufaa D. Finfinnee
28 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
4. Kotteen farda ammayyaa maali?
A. Konkolaataa C. kophee
B. Gamoo D. xiyyaara
5. Bishaan ‘Fin…Fin’ jedhu eenyuun dheebuu baasa?
A. Jiraattota magaalaa Finfinnee C. rakkataa
B. Loon D. dheebotaa
6. Kan rakkataa du’aa kaasu maali?
A. Ijoollee Tufaa C. Hora Finfinnee
B. Qilleensa Finfinnee D. Qorra Finfinnee

Gilgaala 3: Shaakala Dhaggeeffachuun Boodaa


A. Gaaffilee armaan gadiirratti marii’achuun afaaniin deebii kennaa.
1. Walaloon kun yaada akkamii kaasa?
2. Walaloo kana kan seenesse eenyu?
3. Barreessaan walaloo kanaa eenyu waliin haasa’a?
4. Namni kun gaddeera moo gammadeera? Maaliif?

B. Ergaa walaloo dhaggeeffattee irratti hundaa’uun ‘dhugaa’ yookiin ‘soba’


jedhii deebisi

1. Barreessaan walaloo kanaa finfinneerraa komee qaba.


2. Akka walaloo kanaatti qilleensi Finfinnee faalamaadha.
3. Akka yaada walaloo kanaatti qilleensi Finfinnee har’aafi durii tokkuma.
4. Walaloo kanarraa akka hubatamutti Finfinneen duudhaa ganamaa
dagatteetti.
5. Namni walaloo kana barreesse fardi Finfinnee keessa gulufuu hinqabu
jedhee falmaa jira.

Kitaaba Barataa 29
Kutaa 6
BARANNOO LAMA: DUBBISUU
Gilgaala 4 : Shaakala Dubbisaa Duraa
Gaaffillee armaan gadii irratti cimdiin marii’achuun dareef gabaasaa
1. Af-walaloo jechuun maal jechuudha?
2. Faayidaan af-walaloo maali?
3. Af-walaloo beektu tokko dareef dhiyeessi.

Gilgaala 5 : Shaakala Yeroo Dubbisaa


A. Afwalaloo armaan gadii dubbisuun gaaffilee itti aananii dhiyaatan deebisi.

1. Salaalee lallabanii
Finfinnee dhageessisuu,
Jirtaa yaa Tufaa Munaa
Biyyi Shaggar nagumaa?

2. Finfinnee kanan ba’aa


Finfinnee bareedduu Tufaa Munaa,
Duras ormatu nujibbee
Har’a guddadhee hoodhu saamunaa,
Tufaa yaa ilma Munaadhaa,
Hingatin dubbiin kuni seenaadhaa.

3. Shaggar ciisa looniiti


Horri Finfinnee ciisa looniiti,
Kottu ni araaramnaa
Nulachuu silaa dhiiga fooniiti.

4. Shaggar jala dabarraa yaa walee


Yoo Abeebee Tufaa dubbate malee,
Shaamaa burreen siif bitaa kuula too
Yoo gatiin isaa guddate malee.

30 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
1. Ergaan af-walaloo buufata 1ffaa maali?
2. Buufata kamtu Oromoon loon Finfinneetti bobbaafachaa turuusaa ibsa?
3. Buufata 4ffaa keessatti yaadni “Yoo Abeebee Tufaa dubbate malee” jedhu maal
ibsa?
4. Maqaan namoota Af-walaloo kana keessatti dhahamanii eenyu fa’i?
5. Ergaan walii galaa af-walaloo kanaa maali?

B. Afwalaloo armaan olii irratti hundaa’uun ‘dhugaa’ yookiin ‘soba’ jedhii


deebisi

1. Akka afwalaloo kanaatti Finfinneen dur bareedduu miti.


2. Barreessaan afwalaloo kanaa seenaan dagatamuu hin qabu jedha.
3. Akka afwalaloo kanaatti Abeebee Tufaa Finfinnee jiraachaa ture.
4. Barreessaan afwalaloo kanaa dur ormaan jibbamaa turuu dubbata.
5. Tufaa Munaa Salaalee jiraachaa ture.

C. Barreeffama armaan gadii sirriitti jedhu bakka duwwaa guutan yaada dub-
bisichaa irratti hundaa’uun filadhu.

MMararoon/bahe baheen/ weedduu 1 naqataan geggeeffamu irratti shamarran


weeddisan keessaa isa tokko. Intalli ishiin 2 hiriyoota ishee waliin weeddifti.
Guyyaan kun guyyaa gammachuuti. Weedduun guyyaa kana weeddifamus kan
gammachuu ibsu akka ta’etti 3 . Kan mararoo/bahe bahee garuu 4 . Shamarran
booda weeddisu; 5 nama boossisu. Boo’ichi isaanii sababa 6 miti. Waan 7
qabu waan komatan, waan mararfataniifi waan 8 qabu. Kana walaloo tarreessan
keessatti ibsu. Walaloon weedduu isaanii dhiibbaa isaanirra jirutti 9 nu agarsiisa.
Fedhii isaaniitiin ala gurguramuu jibbu.
1. A. cidha C. sirna fuudhaafi heerumaa
B. gaa’ila D. hunduu sirriidha
2. A. heerumtu C. fuusiftu
B. sirbitu D. fuutu
3. A. eegama C. dabne
B. tura D. himame
4. A. luugamuu C. raajiidha

Kitaaba Barataa 31
Kutaa 6
B. gadhee D. soba
5. A. kolfanii C. boossisanii
B. boo’anii D. kofalchiisanii
6. A. quubsaa C. malee
B. qabatanii D. gurgurataa
7. A. quuqaman C. hoodatan
B. gammadan D. argan
8. A. yaadatan C. raajeffatan
B. abju’atan D. yaadda’an
9.A. quba qabuun C. dhugaa gatuun
B. dhoksaan D. burraaquun
Gilgaala 6: Shaakala Dubbisaan Boodaa
Gaaffiiwwan armaan gadii barreessuun deebisi
1. Af-walaloo goota faarsu tokko barreessuun dareetti dubbisi.
2. Yaadni “nulachuu dhiiga fooniiti” jedhu maal jechuudha?
3. Af-walaloo bar-walaloo irraa maaltu adda taasisa?

BARANNOO SADII: FAYYADAMA JECHOOTAA


Gilgaala 7 : Shaakala Hiika Faallaa
A. Jechootaa roga ‘A’ jalaaf faallaa isaanii roga ‘B’ jalaa waliin walitti firoomsi.
A B
1. Lallabanii A. gurguruu
2. Bareedduu B. fira/aantee
3. Orma C. asaasanii
4. Guddate D. xinnaate
5. Bituu E. fokkiftuu
B. Faallaa jechoota armaan gadii barreessaa
1. Kala’uu : ____________________
2. lugna : ______________________
3. misha : ______________________
4. taliila : ______________________
5. raada : ______________________
6. kabajuu : ____________________

32 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
C. Jechoota armaan gaditti kennaman keessaa kan iddoo duwwaa himoota asii
gadii sirriitti guutuu taasisan filachuun deebisi

fedhii moggaasuu
lalise abaarsi
fooyyessuuf kabajuun
tattaaffannu muuxannoon
tooftaa ulaagaalee
1. Nama tokko ____________ isaa malee halkaniifi guyyaallee yoo hojjechiisan
yeroo baay’ee bu’aa hinqabu.
2. Namoota umuriin isaanii keenyaan ol ta’e ______________ aaduma
keenya.
3. Yeroo ammaa naannoo keenyatti kolleejjii barsiisotaa galuuf__________
barbaachisan keessaa tokko Afaan Oromoo sirriitti dubbachuu, dubbisuufi
barreessuudha.
4. Ati waan namaa hinfuudhin malee, _____________ wayittuu si hin
ga’uu hin sodaatin.
5. Halkaniifi guyyaa _______________ malee rakkina nu mudate kana
keessaa bahuu hin dandeenyu.
6. Abbaan kiyya barnoota idilee hinqabu; haa ta’u malee,
_________________ jireenyaa waan guddaa isa barsiiseera.
7. Aadaa Oromoo keessatti hammachiifni ayyaana daa’ima maqaa ittiin_____ti.
8. Midhaan barana rooba akka gaariitti waan argateef baay’ee ___________.
9. Dandeettii afaan keetii ____________ kitaabolee kam faa dubbifta?
10. Rakkina jiruufi jireenya keessatti nama mudatu __________________
adda addaatiin jala darbuun barbaachisaadha.

Kitaaba Barataa 33
Kutaa 6
BARANNOO AFUR: BARREESSUU
Gilgaala 8 : Shaakala Walaloo Barreessuu
A. Ergaa ijoo walaloo armaan gadii barreessi

Dheekkamtee oriitee,
Gurra na qunxuxxee,
Dallanee utuun boo’uu,
Aduunis yoo lixxe,
Sobeetan dallanee,
Dhufeen araaramaa,
Ofitti naqabii,
Natti kenni harma.
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
____________________________________________________________________
___________________________________________________

B. Walaloo armaan olii keessatti jechoota gurraacheffamaniif hiika kenni.

1. oriitee
2. qunxuxxee
3. dallanee

34 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
C. Walaloo armaan gadii dubbisuun gaaffilee itti aananiif deebii sirrii filadhu.

Ofilaalii addunyaa
Mul’iftuu jireenyaa
Kan darbes kan har’aa
Isa gaariifi isa yaraa

Yaadachiiftuu durii
Eertuu seenaa borii
Kuufama beekumsaa
Situ hundaa dursa.

Madda qaroominaa
Burqaa ogummaa
Mi’ooftuu akka dammaa
Si hin dhabu gonkumaa

Beekaan si muuxataa
Ofitti siqabaa
Doofaan si darbataa
Furuursee si gata.

Namni si hubate
Si waliin dubbate
Osoo fagoo hin deemin
Bu’aa guddaa argate.

1. Mata dureen walaloo kanaa maal ta’a?


A. Barreessaa C. Barataa
B. Barsiisaa D. Kitaaba
2. Wanti walaloon kun barreeffameef
A. Haala yeroo darbeefi kan ammaa hubachuuf nama gargaara
B. Beekaafi doofaan walqixxee ittiin gargaaramu
C. Mancaaftuu ogummaafi burqaa doofummaati
D. Waan gaariifi waan yaraa addaan baase hin qabu
Kitaaba Barataa 35
Kutaa 6
3. Kan walaloo keessatti tuqame dammaan walbira qabamee ibsamuun isaa maaliifi?
A. Waan mi’aawaa ta’eef C. waan barbaachisaa ta’eef
B. Waan muuxatamuuf D. waan of ilaalii ta’eef
4. Akka yaada walaloo kanaatti kan dhugaa ta’e kami?
A. Seenaa duriifi ammaa kan yaadachiisuudha.
B. Seenaa duriifi kan ammaa kan yaadachiisu miti
C. Kitaabni doofaan ni fudhatama; beekaan ni jibbama
D. Kitaabni kuusaa beekumsaa miti
5. Akka yaada walaloo kanaatti kan soba ta’e kami?
A. Haala jireenyaafi addunyaa ibsa
B. Kan darbeefi kan yeroo ammaa hubachiisa
C. Kitaabni kuusaa beekumsaafi madda qaroominaa miti
D. Kitaabni nama hubateef faayidaa guddaa qaba.
6. Akka walalichaattii ‘yaraa’ (bo’oo 4) jechuun
A. Xiqqaa C. godeessa
B. Dhibamaa D. kan hin tolle
7. ‘Mancaaftuu’ (bo’oo 10) jechuun maal jechuudha?
A. Dibduu C. dadhabsiiftuu
B. Duultuu D. firfirsituu
8. ‘furuursee’ (bo’oo 16) jechuun
A. Fageessee C. osoo hinturin
B. Olkaa’ee D. hidhee
9. ‘Osoo fagoo hin deemin’ (bo’oo 19) jechuun
A. Osoo hin dadhabin C. osoo hinturin
B. Osoo hin jibbin D. osoo hin nuffin
10. ‘Bu’aa guddaa’ (bo’oo 20) jechuun maal ibsa?
A. Haala ofii ilaaluu
B. Haala jireenyaa hubachuu dadhabuu
C. Beekumsa horachuu
D. Deebii hin qabu

36 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
Gilgaala 9: Shaakala Sirna Tuqaalee
A. Gaaffilee armaan gadiif deebii kenni.
1. Sirna tuqaalee jechuun maal jechuudha?
2. Faayidaan hammattuufi muraa maali?

Yaadannoo
Sirna Tuqaalee: Sirni tuqaalee mallattoowwan barreeffama keessatti itti gar-
gaaramnuudha. Barreeffamni tokko ergaa guutuu akka dabarsuuf sirna tuqaalee
yoomiifi eessatti akka fayyadamnu beekuun barbaachisaadha. Sirni tuqaalee bar-
reeffama keessatti itti fayyadamnu hedduu ta’anis kutaa kana jalatti hammattuufi
muraa ilaalla.
Hammattuu ( ): Faayidaaleen hammattuu akka armaan gadii kana ta’a:
a. Yaadaafi jechoota hiikaan wal fakkaataan mul’isuuf gargaara
Fkn.1. Biqiltuun midhagina (simboo) ofitti nama harkisu qabdi.
b. Tartiiba lakkoofsaa agarsiisuuf.
Fkn. (i) Bona (ii) Ganna (iii) Afraasaa (iv) Birraa
c. Hima keessatti yaada dabalataa adda baasuuf gargaara.
FFkn.1. Sirni Gadaa (ni ukkaamame malee) sirna dimokiraasii haqaa
ta’uun isaa shakkii hinqabu
Muraa / /: Muraan yeroo baay’ee faayidaa haammattuu bakka nuuf bu’uu
danda’a.
Guyyaafi bara adda baasuuf ni gargaara.
Fkn. Siifan kan dhalatte Amajjii 7/1998 ti.

B. Himoota armaan gadii keessatti hammattuufi muraa iddoo barbaachisaa


ta’etti galchi

1. Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee BBMF eessatti argamaa?


2. Barataa cimaan kijiba dhara dubbachuun hinbeekamu.
3. Obsaan bakka bu’aan isaa walgahii irratti argamuu qaba.

Kitaaba Barataa 37
Kutaa 6
4. HIV AIDSn dhukkuba hamaa dinagdee biyyaa miidhuudha.
5. Qabeenya leecalloo uumamaan qabnu kunuunsuun nurraa eegama.
6. Gadaan sirni diimookiraatawaan bulchiinsa Oromooti.
7. Caccabsaan nyaanni aadaa Oromoo baay’ee mi’aawa.
8. Biiftuun Mudde 29 2002 dhalatte.
9. Lootiin simboo miidhagina ofitti nama harkisu qabdi.
10. “Abbaa haadha kee fidii kottu” naan jedhan barsiisaan.

BARANNOO SHAN: SEERLUGA


Gilgaala 10 : Shaakala Gochibsa Yeroo
A. Gaaffilee armaan gadii irratti gareen marii’adhaa.
1. Gochibsi maali?
2. Gochibsa yeroo jechuun maal jechuudha?
3. Gochibsa yeroof fakkeenya kan ta’u barsiisaa keessanitti himaa.

Yaadannoo
Gochibsa yeroo: Gochibsi yeroo hima keessatti yeroo gochi tokko itti
raawwatame kanneen agarsiisaniidha.
Gochibsa yeroo hima keessaa adda baasuuf gaaffii ‘Yoom?’jedhu
kaasuun barbaachisaadha. Jechoonni kunis, bor , har’a , kaleessa,
dheengadda , Iftaan , barad-hufu, waggaa darbefi kkf fa’i.
Fkn. 1. Obseen kaleessa dhufte.
Gaaffii Obseen “yoom dhufte?” jedhuuf deebii kaleessa jedhu arganna.

B. Himoota armaan gadii keessaa gochibsa yeroo jala sarari

1. Manni barumsaa keenya bara dhufu kutaa kudha-lammaffaa qormaata fudhachiisa.


2. Hawwiin bor gara Adaamaa deemti
3. Obseen barattuu cimtuu waan taateef, bara kana badhaasa fudhatte.
4. Kaleessa galgala bokkaa cimaatu roobe.
5. Qorumsa Afaan Oromoo iftaan qoramna.

38 Kitaaba Barataa
Kutaa 6
C. Gochibsoota yeroo armaan gadiitiin hima ijaari.
Fakkeenya:
bara darbe: Caaltuun bara darbe kutaa shanaffaa baratte.
1. amma: ____________________________________________________
2.Wiixata: ___________________________________________________
3. halkan: ___________________________________________________
4.dur : ______________________________________________________
5. obboroo: __________________________________________________
6. har’a: _____________________________________________________

Gochibsoota barattoonni lama waliin dubbii armaan gadii keessatti fayyadaman


ilaali
Hundeefi Leelloon barattoota kutaa ja’affaa baratanidha. Barattootni kun yeroo sa’ati-
in mana barumsaa xumuramu waliin deemanii gara manaa galu. Kanuma keessa mata
duree tokko irratti yemmuu mari’atan ilaalla.
Hundee : Leelloo, har’a geejjibni hinjiru waan ta’eef gara mana keenyaa
miillaan haa deemnu.
Leelloo : Tole Hunde, karaan keenyas gabaabaadha. Haa deemnu.
Hundee : Mata-dureen har’a baranne tokko naaf hingalle.
Leelloo : Barumsa kam?
Hundee : Afaan Oromooti.
Leelloo : Waa’een ‘Gochibsaa’ siif hingallee?
Hundee : Eeyyeen, naaf hin galle. Mee hanga siif ife natti himi.
Leelloo : Gochibsi, garee jechootaa keessaa isa tokko.
Hundee : Garee jechootaa ta’uu isaa beeka. Garuu, mee fakkeenyaan natti
himuu dandeessaa?
Leelloo : Gochibsoonni, gochima dura galuun haala, yeroo, irra deddeebii,
iddoo… gochi tokko itti raawwatame kan ibsanidha.
Hundee : Yeroo, bakka, akkaataafi irra deddeebii gocha tokkoo jettee?
Leelloo : Eeyyeen
Hundee : Amma fakkeenya anuu siif kennuu nan danda’a.
Leelloo : Jedhi. Itti fufikaa
Hundee : sKan akkaataa mul’isan suuta, saffisaan, fiigichaan, kan bakka

Kitaaba Barataa 39
Kutaa 6
mul’isan ammoo Finfinnee, Asallaa, Birbirsa Gooroo yoo ta’u kan yeroo
mul’isan immoo kaleessaa , bara dhufuufi kkf dha.
Leelloo : Har’aaf nu haa ga’u kan hafe yeroo biraa itti deebina.

D. Gaaffilee armaan gadiif waliin dubbii armaan olii irratti hundaa’uun deebii
sirrii ta’e filadhu.

1. Akka waliin dubbii kanaatti Hundeefi Leelloon barattoota kutaa meeqaati?


A. Kutaa 5 C. kutaa 7
B. Kutaa 6 D. kutaa 4
2. Waa’ee maaliitu Hundeef hin galle?
A. Maqibsii C. Gochibsii
B. Maqaa D. Durduubee
3. Hundeefi Leelloon maaliif miillaan deeman?
A. Haasa’aa deemuu waan barbaadaniif
B. Geejjibni waan hinjirreef
C. Miillaan deemuu waan barbaadaniif
D. Hunda
4. Akka waliin dubbii kanaatti gochibsaaf jalqaba fakkeenya kan kenne
eenyu?
A. Hundee C. Leelloo
B. Margee D. Barsiisaa
5. Gochibsaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u kami?
A. Suuta C. kun
B.Adii D. irra

40 Kitaaba Barataa
Kutaa 6

You might also like