Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Lakk.

Galmee 59508
Guyyaa 08/04/2009

Mana Murtii Aanaa Ada’aatiif


Bishooftuu

M/Himattuu:- Ad/Adaanuu Balaaynah


Teessoon:- Magaalaa Godinoo Jiituu

M/Himatamtoonni:-
1. Ad/ Buzunash Kaasaayee
2. Ad/ Addiis Kaasaayee
3. Ad/ Alaam Kaasaayee
Tessoon :- Magaalaa Bishooftuu Ganda 02

Mana Jireenyaa Magaalaa Godinoo Ganda 01 keessatti keessatti argamu Ilaalchisee Ragaa Barruu Waajjira Bulchiinsa
Magaalaa Godinoo Ganda 01 irraa xalayaa lakk 727/BuuGa01/2009 ta ’een ergameef Yaada dhihaate;

Qabiyyee falmiif sababa ta’e irratti dudduubee abbaa qabiyyummaa qabiyyichaa ilaalchisee
Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Godinoo Ganda 01 qulqulleessuun akka M/Murtiif ergu ajajamee
tureef deebii ergeen qaboo yaa’ii mallattoo jaarsolii ragaa irraa sassaabanii mallatteessisuun erganii
jiru. Waajirichi qabiyyicha ilaalchisee ragaan galmaa ’e mana galmee keessatti argamu akka hin jirre
ibsanii jiru.
Manni murtii waajjiricha kan ajaje ragaa namootaa dhagahee akka erguufi moo akka bulchiinsa
mootummaatti ragaa barruu of-biraa qaban irraa qulqulleessuun akka erganiif ture? Jechi ragummaa
jaarsolii irraa sassaabuun erge ragaa manni murtii dhagahe caalaa amanamummaa,
fudhatamummaas ta’ee rogummaa (admissibility and relevancy) ni qabaa? Ijoolee jedhan irratti
yaada keenya akka armaan gadiitti dhiheeffanna.
1. Jechi ragummaa mana murtii ykn qaama seeraan jecha naqaashotaa fuuchuuf aangeffameen
alatti kennamu guutummaan fudhatamummaa hin qabu. Sdfhh kwt. 261(3) kanuma
dhugoomsa. Waajirichi aangoo bakka mana murtii bu ’ee ragaa dhagahuu osoo hin qabaatin
jecha ragummaa sassaabee aangoo mana murtii kan dhiibe waan ta ’eef fudhatamummaa hin
qabu.
2. Jechi ragummaa kennamu kamuu kakatamee kennamuu kan qabu ta ’uu Sdfhh kwt. 269(1) ifatti
ni tuma. Aangoo osoo hin qabaatin waajirichi ragaa namaa osoo hin kakatamin fudhatame
fudhatamummaa seeraa hin qabu.
3. Sdfhh 261 adeemsi dhagaha ragaa mirga gaaffii qaxxaamurraa gaafachuu garee biroo kan
eeguu qabu ta’uu tumee osoo jiruu jechi ragummaa waajirichi haalduree armaan olii osoo hin
guutin sassaabee dhiheesse guutummaan fudhatamummaa hin qabu,
4. Jechi ragummaa sassaabame bakka M/Himatamtoonni hin jirrettii fi of-irraa ittisuuf illee hin
dandeenyetti kan kennames waan ta’eef rogummaas ta’ee fudhatamummaa hin qabaatu.
Ragaa dhagahuuf taanaan, manni murtii kun ragaa namaa aangoo qabuun, kakatamee, bakka wal-
falmitoonni jiranutti fuudhame bakka jirutti ragaan waajirri gandichaa aangoo osoo hin qabaatin
sassaabee erge fudhatamummaas ta’ee rogummaa (inadmissible and irrelevant) waan ta ’eef
guutummaan kufaa ta’uu mala.
Kanaafuu, qabiyyicha ilaalchisee ragaan galmaa’e mana galmee keessatti kan hin argamne ta ’uu
ibsanii jiru waan ta’ee fi ragaan waajirichi namoota irraa dhagahuun xalayaa lakk 727/BuuGa01/2009n
galmeesse erge bu’uura seeraan kan hin qabne waan ta ’eef guutummaan kufaa ta ’ee kabajamaan
manni murtii kun ragaa namoota galmee kana keessatti dhaddachi dhagahe bu ’uureffachuun murtii
haqa qabeessa akka nuuf kennu ni gaafanna. Yaadi armaan olii dhugaa ta’uu bu’uura SDFHH kwt. 92 nan
mirkaneessa.

M/himatamtoota
Bakka Bu’aa
Ab/Sinnishaaw Magarsaa

You might also like