Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 4

Lakk.

Caalbaasii _______

Guyyaa___________

BEEKSISA CAALBAASII 1 ffaa


Maqaa Piroojeektii 1.Ijaarsa bishaan boolla harkaa Ganda D/Guddaa
2. Ijaarsa bishaan boolla harkaa ganda X/Maaxaa, 3. Ijaarsa bishaan boolla harkaa ganda
B/Xibirroo, 4.Ijaarsa bishaan boolla harkaa ganda W/Magaaddoo fi 5. Ijaarsa bishaan boolla

harakaa ganda G/Qorkee


Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Aanaa Girjaa Ijaarsa pirojeektii Bishaanii
armaan olitti ibsamaan Waldaalee IMX Bifa Haarawaan Bu’uura Danbii IMX 226/2014 fi
Qajeelfama IMX Lakk. 07/2015n baheen Haayyama Hojii Ijaarsa Bishaan Waldaalee
mayikiroo ta’an wajjira Misooma Interpiraayizii fi Industiriin gurmaa’an dorgomsiisee
hojjachiisuu Waan barbaaduuf Waldaaleen Hojii Ijaarsa Bishaan irratti gurmooftanii fi
ulaagaalee armaan gaditti tarreeffaman kan guuttan hundi akka dorgomtan Waajjirri Mallaqaa
Aanaa Girjaa hubachiiseera. Kanaafuu, caal-baasii irratti dorgomtootni hirmaachuu barbaaddan
bu’uuruma kanaa gaditti ibsameen dhiyaattanii dorgomuu ni dandeessu.
1. Dorgomtootni Kallattii Hojii daldalaa Isaaniitiin Haayyama Daldalaa Bara Kanaa kan
haaroomse seera qabeessa ta’e.
2. Gibira Bara 2015 ittiin kanfalan waraqaa ragaa qulqullina Waajjira Galiiwwaanirra kan
dhiyyeeffachuu danda’an ta’uu qabu.
3. Waraqaa ragaa dhiheessummaa footookoppii isaa sanada caal-baasii waliin qabsiisanee
dhiheessuu qabu.
4. Miseensonni Waldaalee Dorgomaanii kan BLTO irra eebbiffaman qaama miidhamaa
dabalatee Mirkaneesa Gahumsaa Ogummaa ‘’COC’’ LEVEL II fi isaa oli kan qaban ta’u
qabu.
5. Waraqaa Ragaa ga’umsaa Haaroome kan Abbaa TaayitaKonistiraakshinii Godinaa irraa
kenname Sadarkaa fi gosa hojiiirratti gurmaa’e kan ibsu dhiheeffachuu qabu.
6. Dorgomtootni dhihaatan Galmaa’aa Taaksii Dabalataa(VAT) galmaa’uu isaaniitiif Ragaa
Footookooppii dhiheeffachuu kan danda’an ta’uu qabu.

1|Page
7. Dorgomtootni dhihaatan Waraqaa Qaama seerummaa waajjira isaan gurmeesse irraa ragaa
footookoppii dhiheeffachuu kan danda’an ta’uu qabu.
8. Dorgomtootni hojii ijaarsa irratti gurmaa’an hojii of-harkaa kan hin qabne ta’uu isaanii ibsu
xalayaa qaama isaan gurmeesse irraa dhiheeffachuu kan danda’an ta’uu qabu. Akkasumaas
hojii kanaan dura hojjachaa turan xumuruu isaanii kan ibsu foormaatii wal-harkaa
fuudhiinsa(provisional Accaptance) kan dhiheeffatan ta’uu qabu.
9. Dorgomtootni sanada Caalbaasichaa guyyaa beeksisni kun qilleensarraa oole irraa eegalee
guyyoota hojii 15f yeroo hunda sa’aatii hojiitti maallaqa hin deebine qr.100 (dhibba tokko)
qofa kaffaluun waajjira Mallaqaa Aanaa Girjaa Lakk. ______ tti dhihaachuun sanadicha
bitachuu ni danda’u.
10. Dorgomaan sanada caalbaasichaa kophaa kophaatti poostaa samiin saamsameen
sanada”Teeknikaalaa” fi” faayinaanshaalaa” koophaatti adda baasuudhaan Orijinaalaa fi
kooppii adda baasuun saamsuun dhiheessuu qabu.
11. Calbaasichi Guyyaa_________________ Sa’aatii________ saanduqni kan saamsamuu fi
Guyyuma kana sa’aatii_______dorgomtootni ykn bakka bu’oonni isaanii, akkasumas
taajjabdoonni bakka argamanitti Galma ___________________keessatti banama.
12. Waldaan Dorgommii kanaaf Dhihaatu Miseensi isaanii Dhiira ta’e kan Dubaraa Maqaan
guutuun Miseensaa hundi Danbiin ittiin Bulmaataa irratti Barraa’ee fi Mana Hojii Abbaa
Alangaa Xalayaa Bakka Bu’uummaa isaanirratti kan mirkanaa’e ta’uu qaba.
13. Waldaan Dorgommii Kanaaf Dhihaatu miseensa Qaama Miidhamaa yoo qabaate Maqaan
isaa Danbii ittiin Bulmaataa irratti kan caqafame ,kan mana hojii Abbaa
Alangaatiin ,Dhaabbata Fayyaa Mootummaa keessatti Boordii meedikaala Hospitaalaatiin
Qaama miidhamaa ta’uu isaa/ishee kan mirkanaa’e ,Qaama Gurmeesse irra xalayaa Qaama
miidhamaa ta’uu isaa/ishee ibsuu kan qabanii fi Waajjira Hawaasummaa irraa xalayaa
kennameefi ilaaluun kan Mirkana’uu ta’a.
14. Mo’ataan caalbaasii, kan mo’ate mo’achuun isaa erga barreeffamaan ibsamee irraa kaasee
guyyaa 6ffaa irraa eegalee guyyoota hojii 10 keessatti Abbaa Piroojektii wajjiin waliigaltee
mallatteessuu qaba. Kana yooraawwatuu baate mo’aatummaan isaa ni haqama.
15. Wabummaa Kabachiisa Caalbaasii ilchaalchisee (1) Interpiraayizii Maayikiroon dorgommii
Caalbaasiif hanga yeroo 2ffaa fi Interpiraayiziin xixxiqaan yeroo 1ffaatiif dhiyaatu
kamiyyuu wabummaa kabachiisa caalbaasii dhiyyeessuuf hin dirqaman.

2|Page
16. Interpiraayizii xixxiqaan yeroo 2ffaa fi isaa oli, Interpiraayiziin maayikiroon yeroo 3ffaa fi
isaa ol dorgommiif dhiyaatu kabachiisa caalbasii xalayaa wabummaa qaama isaan
gurmeesse irraa ykn CPO /cheekii baankiidhaan mirkanaa’eparsantii (2%) dhiyaaffachuuf
dirqama qabu.
17. Interpiraayiziin giddugaleessa waabummaa kabachuiisa caalbaasii dhiyyeessuudhaaf
dirqama qaba.

18. Dorgoomtoonni kamiiyyuu saanada caalbaasii yeroo deebisan sanada bitan jijjiirus ta’ee
keessaa hir’iisuun hin danda’amu ; poostaa irraatti maqaa Waldichaafi Teesso Waldichaa
akkasumas iddoo mallata’uu qabuu hundairraatti mallattesuun deebisuu qabu.
19. Caalbaasii kana gufachiisuuf dorgoomaan yaalii godhee dorgoomii caalbasiitiin alaa ta’ee
gara fuuldurattis caalbaasii bittaa mootummaa keessatti kan hin dorgomne (hirmanne) ta’a.
20. Waldaani mo’aata calbaasiichaa ta’ee waligalticha kan mallatteessu bakka bu’aa yoo ta’uu
bakka bu’uumaa seeraa qabeessa orijiinaala kan deebi’uu fi koopii isaa hin deebiine qabatee
dhiyaachu qabu.

21. Waajjiirri filannoo fooyya’e yoo argate caalbaasicha guutummaa guutuuttii ykn gar-tokkee
isaa haquuf Mirgi isaa seeraan kan eeggameedha.

22. Yeroo ijaarsi piroojektii itti xumuramu waliigalteen erga mallattaa’ee booda hanga turtii
ji’a sadii qofa.

Odeeffannoo dabalataaf

Lakk.Bilbilaa __________________

3|Page
___________

4|Page

You might also like