Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 45

Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Maanuwaalii Gurmaa’inaafi Hojimaata

Barnoota Walmaddeessaa

(Wixinee mariif dhiyaate)

Waxabajjii, 2015

Finfinnee

i
Qabiyyeewwan……………………………………………...…………….Fuula
Seensa..................................................................................................................................................1

Kutaa 1: Dhimmoota Waliigalaa.......................................................................................................2

1.1.1. Barbaachisummaa Barnoota Walmaddeessaa...........................................................3

1.2. Kaayyoowwan Barnoota Walmaddeessaa...........................................................................4

1.3. Qajeeltoowwaniifi Duudhaalee Barnoota Walmaddeessaa............................................5

1.4. Amaloota Barnoota Walmaddeessaa..................................................................................6

1.5. Barbaachisummaa Fooyyessa Qajeelfama Gurmaa’insaafi Hojimaata Barnoota


Walmaddeessaa..............................................................................................................................7

Kutaa 2: Gurmaa’insa Barnoota Walmaddeessaa........................................................................8

2.1. Barnoota Walmaddeessaa Damee Koornayaa.............................................................10

2.1.1. Gumii Shamarranii....................................................................................................10

2.2. Barnoota Walmaddeessaa Damee Ijaarsaa Naamusaa.............................................11

2.2.1. Mana Maree barattootaa.......................................................................................11

2.2.2. Gumii Nageenyaa......................................................................................................12

2.2.3. Gumii Mirgoota Namummaa....................................................................................13

2.2.4. Gumii Safuufi Farra Malaammaltummaa..............................................................14

2.3. Barnoota Walmaddeessaa Damee Dagaaginaa Aadaafi Afaanii..................................15

2.3.1. Gumii Ogbarruufi Miinii Miidiyaa.........................................................................15

2.3.2. Gumii Aadaa, Aartiifi Muuziqaa............................................................................16

2.3.3. Gumii Dubbisaa.........................................................................................................16

2.4. Barnoota Walmadeessaa Damee Hawaasummaa...........................................................17

2.4.1. Gumii Biyya Kee Barii....................................................................................................17

2.4.3. Gumii Nageenya Tiraafikaa....................................................................................18

2.4.4. Gumii Tola Ooltummaafi Qaxxaamura Diimaa....................................................19

2.5. Barnoota Walmadeessaa Damee Fayyaa.........................................................................19

2.5.1. Gumii Fayyaafi Farra HIV/AIDS.........................................................................20

2.5.2. Gumii Ispoortii..........................................................................................................21

ii
2.5.3. Gumii Sirna Nyaataa................................................................................................22

2.6. Barnoota Walmaddeessaa Damee Eegumsaafi Kunuunsa Naannoo.........................24

2.6.1. Gumii Eegumsaafi Kunuunsa Naannoo...................................................................24

2.6.2. Gumii Bishaaniifi Qulqullinaa..................................................................................24

2.7. Barnoota Walmadeessaa Damee Saayinsii, Teekinolojiifi Kalaqaa.............................25

2.7.1. Gumii Saayinsii, Teekinolojiifi Kalaqaa................................................................25

2.8. Barnoota Walmaddeessaa Damee Hojiifi Ogummaa.....................................................26

2.8.1. Gumii Hojii Harkaa...................................................................................................27

2.8.2. Gumii Qusannoo........................................................................................................27

2.8.3. Gumii Qonaa..............................................................................................................29

Kutaa 3: Hundeeffamaafi Hojimaata Gumiiwwanii....................................................................30

3.1. Haala Hundeeffama Gumiiwwanii......................................................................................30

3.2. Danbii Ittiin-bulmaataa......................................................................................................31

3.3. Sirna Horannaa Miseensa Gumiiwwanii............................................................................31

3.4. Baayyina Gumiiwwan Mana Barnootaa Tokko Keessatti Gurmaa’an........................31

3.5. Hooggansa Barnoota Walmaddeessaa..............................................................................32

3.5.1. Gahee Koree Hojii Raawwachiiftuu Gumii................................................................32

Kutaa 4: Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Qaamolee Adda...............................................34

Addaa.................................................................................................................................................34

4.1. Gahee Hojii Ministeera Barnootaa...............................................................................34

4.2. Gahe Hojii Biiroo Barnootaa Oromiyaa........................................................................35

4.3. Gahee Hojii Waajjira Barnootaa Godinaalee..............................................................35

4.4. Gahee Hojii Waajjira Barnootaa Aanaalee/ Bul. Magaalotaa.................................36

4.5. Gahee Hojii Hoggansa Manneen Barnootaa................................................................36

4.6. Gahee Hojii Barsiisotaa Barnoota Walmaddeessaa Qindeessanii..........................37

4.7. Gahee barattootaa..........................................................................................................38

4.8. Gahee Hojii Gamtaa Maatii-Barsiisotaa-Barattootaa (GMBB)...............................38

4.9. Gahee Hojii Qaamolee Alaa...........................................................................................38

Kutaa 5: Hordoffii, Deeggarsaafi Madaallii Barnoota Walmaddeessaa................39

iii
iv
Seensa
Barnootni walmaddeessaa gochaalee hojiilee silabasii barnootaa keessa taa’anii

jiran guutuu taasisuuf yookaan deeggeruuf dabalataan kennaman jechuudha.

Sochiileen kunis dhaabbilee barnootaa keessatti hojiilee sansakkaa barattootaa

dagaagsuufis ta’e daree barnootaa keessatti barnoota kennamu cimsuu

barbaachisan raawwachuuf baay’ee barbaachisanidha. Faayidaa barnoonni

walmaddeessaa qabu ilaalchisee akka yaadhiddamni (social capital theory)

(Putnam 2000) agarsiisutti walitti hidhamiinsi hawaasaa walitti dhufeenya,

walamantaafi waliin jireenya (soft skills) hawaasaa kan cimsan waan ta’aniif

manneen barnoota keessatti sochiilee barnoota walmaddee cimsuuf baay’ee

barbaachisudha.

Akkasumas, akka hayyoonni Haggar, N, Mezhoudi, N, Alrawji, F (2019) jedhaman

agarsiisanitti barnoonni walmaddeessaa taateewwaniifi dandeettiiwwan barachuu

sirna barnootaa cinatti ogummaa addaa addaa kan gabbisudha. Sochiileen

gumiiwwanii kun immoo barattoota nama guutuu taasisuuf barnoota sagantaa

barnootaa idileen alatiin kennamanidha jechuun ibsu.

Akka imaammata barnootaafi leenjii biyyattii keessatti ifatti taa’ee jirutti

barnootni walmaddeessaa beekumsa nama gonfachiisuun sadarkaa nama

dhuunfaattis ta’e sadarkaa hawaasaatti dandeettii rakkoo hiikuu namaa

guddisuudha. Dabalataan, barattoonnii dandeettii wantoota wal-madaalchisuu,

kalaquu, qorachuu danda’uu, barteewwan badaa irraa adda ba’uu, dhugaa

jaallachuu, dhugaaf dhaabbachuu, uumama dinqisiifachuu isaan dandeessisa.

Akkasumas, baballina saayinsiifi tekinooloojiitiif ilaalcha eyyeentaa akka

agarsiisaniifi gumaacha barbaachisu hunda taasisuun hammattoo sirna barnootaa

waliigalaa keessatti akka kaayyoo tokkootti kaa’amee jira.

1
Akka qorannoowwan gargaraa agarsiisanitti sirnii barnootaa biyya keenyaa

barattoonni beekumsa, dandeettiifi ilaalchaan jijjiirama eegamu akka irratti

fidaa hinturre agarsiisera. Kun immoo barnoonni walmaddeessaaf

xiyyeeffannoon ga’aan kennamuu akka hinturre agarsiisa. Waan ta’eef, barnoota

walmaddeessaa bifa haaraan haala walitti dhiyeenyaafi walfakkii isaaniitiin bifa

haaraan gurmeessuun barbaachisaadha. Sababiin isaa, barnoota walmaddeessaa

bashannansiisuurra darbee guddina hawaasummaafi bilchina sammuu barattootaa

dagaagsuu nidanda’a. Kanaafuu, barnoota walmaddeessaa keessatti gochaaleen

raawwataman barnoota idilee cinaatti kennuun naamusaafi ga’umsa barattootaa

dagaasuun qabxii barattootaa fooyyeessuun qulqullinni barnootaa akka mirkanaa’u

hojii taasifamu keessatti gumaacha ol’aanaa taasisuu ni danda’ama.

Barnoonni walmaddeessaan barattoonni dudhaalee naamusa hawaasaa, ilaalchaafi

dandeettii uumaa (kenna) kalaqaa dhuunfaa akka gabbifatan isaan gargaara.

Walitti dhufeenya kanaan immoo barattoonni hiriyoota isaanii waliin waliigaluufi

waltumsuu, walirraa barachuun muuxannoowwan jireenyaa waljijjiiruu akka

danda’an isaan taasisa. Dabalataan, aadaa walitti dhufeenyaa, naamusa gaariifi

dimookiraasii cimsuun, jaalala hawaasaa ta’e biyyaa qabaachuu namummaa guutuu

akka qabaatan gochuu dandeessisa. Akkasumas, barattoonni dandeettii

naannawaa isaanii beekuu, jijjiiruu, sirnaan itti fayyadamuufi dinqisiifachuu akka

gabbifatan isaan taasisa. Akka waliigalaatti, barnoonni walmaddeessaa qaama

barnoota waliigalaa ta’us, xiyyeeffannoon hawaasni mana barnootaa, koreefi

boordiinwwan manneen barnootaa, caasaan barnoota sadarkaa sadarkaan jiran

hoggantoota manneen barnootaa kennaniif baay’ee gadi aanaadha.

Kutaa 1: Dhimmoota Waliigalaa

2
1.1.1. Barbaachisummaa Barnoota Walmaddeessaa
Barnoonni walmaddeessaa egeree barattootaa fooyyessuu keessatti ga’ee

ol’aanaa kan qabu ta’uu isaa qorannoon adda addaa niagarsiisa. Akka Gyanulimite

(2011-2014)[8] jedhamu agarsiisutti sochiileen barnoota walmaddeessaa

barbaachisummaa asiin gadii qabu jedha.

 Barattoonni akkaataa iitt barannoo qindeeffatanii dhiyeessan,

dandeettiiwwan isaanii gabbifatan,waliin hojjetaniifi haalota adda addaa

keessatti akka wal-deggeran qajeelcha;

 Dandeettii taphachuu, gochaan agarsiisuu, faarsuu, qoomaan waa

dhiyeessuu, dubbachuufi seenessuu barattootaa kakaasa;

 Barattoonni miira wal-dorgommii eyyeentaa ta’e akka gabbifatan isaan

gargaara;

 Carraa barattoonni ittiin hawaasatti madaqan: qindeessitoota,

hirmaattota, barsiistotaa waliin hariiroo gaarii akka qabaatan gargaara;

 Duudhaa ilaalchaafi miira namoota biroo kabajuu nihoratu;

 Dandeettii murtoo kennuu isaanii nigabbisa;

 Kaka’umsi isaan barachuuf qaban illee akka dabalu nitaasisa;

Akkasumas akka Brown, n.d (2014) jedhanitti immoo sochiileen kana keessatti

hirmaachuun barattootaaf faayidaa guddaa qaba;

 Barnoota isaaniitti akka jabaatan gargaara;

 Mana barumsaarraa hafuu isaanii hir’isaa deema;

 Harcaatiin akka hir’atu nitaasisa;

 Barattoonni naamusa qabeeyyiifi hoggantoota mana barumsaafi

barsiistotaa isaaniitiif kan abboomaman ta’u;

 Barattoonni gochaan agarsiisu, miira dorgomoo eyyentaafi ogummaa kan

qaban ta’u;

 Dandeettiiwwan gareen hojjechuufi hoggansaa dagaagfatu;

3
 Dhiibbaalee akka dafanii aaruu, jeeqamuu, qofummaan itti dhagahamuu,

qayyabannaa irraa fagaachuu, dhibaa’ummaaf kkfn hir’isaa deemuu;

 Hojiitti cimoo, xiyyeeffannoo kennuun kan hojjetan, dammaqoofi si’atoo

ta’u;

Akka biyya keenyaatti barnoota walmaddeessaa bu’a qabeessa taasisuuf bara

1989 ALI qajeelfamni haala raawwii barnoota walmaddeessaa ba’ee ittiin

hojjetamaa tureera.

1.2. Kaayyoowwan Barnoota Walmaddeessaa

1.2.1. Kaayyoowwan Gooroo

 Barattoonni barnoota walmaddeessaa gurmaa’inaalee argaman keessatti

fedhii isaaniitiin hirmaachuun beekumsa, dandeettiifi ilaalcha isaanii

dagaagfachuun aadaa waltumsuu, waldanda’uufi walkabajuu akka cimsataniifi

bu’a qabeessa akka ta’an taasisuudha.

 Barnoota waligalaa keessatti barnoota walmaddeessaa itti fufiinsaan

cimsanii hojiirra oolchuun hojimaataafi sirna bu’a qabeessa ta’e diriirsuun

barattoonni barnoota daree keessatti baratan shaakalaan/gochaan

deeggeruun dandeettiiwwan jaarraa 21ffaa akka gabbifatan isaan

dandeessisudha.

1.2.2. Kaayyoowwan Gooree

 Hojiirra oolmaa barnoota walmaddeessaa ilaalchisee gurmaa’ina irraa kaasee

hanga hojiirra oolchuutti kan jiran haala walitti dhiyeenya isaaniitiin

gurmeessuu;

4
 Hoggansiifi caasaan barnootaa sadarkaa sadarkaa jiran gurmaa’inaafi hojiirra

oolmaa barnoota walmaddeessaa irratti hubannoo gahaa akka qabaatan

taasisuu;

 Manneen barnootaa keessatti gumiileen barnoota walmaddeessaa hariiroo

gaarii akka qabaatan taasisuu;

 Barattoonni jireenya isaanii fuulduraa keessatti ogummaa isaan fayyadu

karaa barnoota walmaddeessaa akka dagaagfatan dandeessisuu;

 Manneen barnootaafi hawaasa gidduutti walitti dhufeenya cimaa uumuu;

 Barattoonni fedhiifi kennaa addaa qaban barbaadanii akka argatan taasisuu;

 Naamusa barattootaa fooyyeessuun turtii isaan mana barumsaa keessatti

qaban kan isaan gammachiisu taasisuu;

 Manneen barnootaa hunda keessatti sirna hordoffiifi madaallii diriirsuu;

 Barattoota gidduutti miira wal-qixxummaa, waltumsuufi waldanda’uu cimsuuf;

 Manneen barumsaa keessatti raawwiifi hojiirra oolmaa barnoota

walmaddeessaa irratti ga’ee dhimmamtootaa murteessuun akka beekan

taasisuu;

 Barrattoonni hojiilee herregaa, saayinsiifi tekinooloojiif kalqaa hojjechuuf

dandeettiiwwan isaan kakaasan dagaagsuuf;

 Barattoonni beekumsaafi dandeettii hirmaannaa gumiilee keessatti

taasisaniin gabbifatan hawaasa keessa akka galu taasisuun jijjiirama

ilaalchaa fiduuf kan jedhudha.

1.3. Qajeeltoowwaniifi Duudhaalee Barnoota


Walmaddeessaa
1.1.1. Qajeeltoowwan Barnoota walmaddeessaa

Qajeeltoowwan barnoota walmaddeessaa ilaalchisee hayyoonni haala adda

addaatiin ibsu. Haaluma kanaan, akka Aggarwal, J.C. (1994) ibsutti barnootni

5
walmaddeessaa qajeeltoowwan gurguddoon irratti hundaa’u qaba. Kanneen

keessaa ijoon;

 Barnoota idileen kutaa keessatti baratamu kan deeggaru ta’ee, yeroo

barnootaa barnoota dareettiin alatti gaggeeffamuu.ta’uu

 Sirna onnachiiftuu qabaachuu

 Qindoomina qaamolee dhimmi ilaalu barbaaduu

 Hirmaannaa miira ittigaafatamummaan deeggaramuu

 Hundammattoo (koornayaafi barattoota fedhii addaa qabaniif)

 Qabinsa miseensotaafi filannoo koree hojii raawwachiiftuu

dimokiraatawaa ta’uu

 Muuxannoo ogummaa hawaasa keessa jiruun wali simachuu

 Sagantaa idilaawaa gaggeeffamuu

Bu’uuruma kanaan, barnootni walmaddeessaan, barattoota garee hawaasa mana


barumsaa walitti fiduuun akka walirraa baratan, muuxannoo waljijjiiran, hiriyyummaafi

obbolummaa gaarii akka horatan taasisuu qaba. kunis, walitti dhufeenyi hawaasas mana

barnootaafi mana barnootaan ala akka cimu gochuun qabatamummaa barnootaa gabbisa.

1.1.2. Dudhaalee Barnoota walmaddeessaa


 Ittigaafatamummaa

 Iftoomina

 Haqummaa

 Walqixxummaa

 Waltumsuu

 Hirmaachisummaa

 Jaalala biyyaafi

 Danooma

1.4. Amaloota Barnoota Walmaddeessaa

6
Amala addaa barnoonni walmaddeessaa qabu keessaan muraasni kanneen asiin

gaditti dhiyaataniidha.

 Barattoonni kan isaan keessatti hirmaatan fedhiifi hawwii isaaniitiin

filachuun ta’uu;

 Barnoonni walmaddeessaa barnoota daree keessatti kennamu kan

cimsu/deeggeru ta’uu;

 Haalli hojiirra oolmaa barnoota walmaddeessaa akka barnoota daree keessaa

qabxii barnootaa daree keessatti kennamuun wal hin qabatu;

 Kutaa irraa kutaatti darbiinsa barattootaa waliin kan walhinqabanne ta’uu;

 Wayitii barnoota idilee karaa tuquu hindandeenyeen hojiirra kan oolu ta’uu;

 Akka barnoota idilee silabasii, kitaaba barattootaafi qajeelcha barsiistotaa

kan hinbarbaannee ta’uu;

 Sadarkaa barnootaafi umrii barattootaa osoo adda hinbaasiin kan

hirmaachisu ta’uu isaati.

1.5. Barbaachisummaa Fooyyessa Qajeelfama Gurmaa’insaafi


Hojimaata Barnoota Walmaddeessaa
Qajeelfamni bara 1989 ALI qophaa’ee waggoota hedduuf kan tajaajilaa ture

waan ta’eef qabatama yeroofi yaadotaa ijoofi haarawaa qorannoo riifoormiiwwan

sirna barnootaan argaman ofkeessatti hinhammatu. Argannoofi yaadota

haarawaa qorannoon adda bahan keessaa gurguddoon:

 Guddinaafi jijjiiramoota akka biyya keenyaafi akka addunyaatti jiran yaada

keessa galchuun fooyyeessuun barbaachisaa waan ta’eef;

 Gurmaa’iinsa hojiif mijatu jijjiiramoota yaada bu’uuraalee jaarraa 21 ffaa

barbaadu uumuun waan barbaachisuuf;

 Manneen barnootaa hunda keessatti sirna hordoffiifi madaallii barnoota

walmaddeessaa walfakkaataa diriirsuuf;

7
 Haala raawwiifi hojiirra oolmaa barnoota walmaddeessaa manneen barnootaa

keessatti ga’ee dhimmamtootaa murteessuuf; akkasumas, akka beekan

taasisuu waan barbaachisuuf;

 Sirni barnootaa jijjiiramuu isaarraan kan ka’e gurmaa’inaafi hojimaata gumiilee

kana waliin walsimsiisuun waan barbaachisuuf;

 Gurmaa’inaafi hojimaata gumiilee aadaafi duudhaalee biyya keenyaa irraa adda

ta’e akka hinjiraannee eegumsi taasifamuu waan qabuuf;

 Manneen barnootaa hunda keessatti gurmaa’inniifi hojimaata walfakkaataan

jiraachuun waan barbaachisuuf;

 Yaadotaafi hojimaata haarawaa manneen barnootaarraa gara hawaasaatti

baballisuuf ga’een taphatu ol’aanaa waan ta’eef maanuwaalii kana fooyyessuun

dhiyeessuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.

Kanaafuu, haala hojimaataafi raawwiif mijatuun maanuwaalii barnoota

walmaddeessaa kana fooyyessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef haala asiin

gadiitiin boqonnaalee 5’n fooyya’ee dhiyaatee jira.

Kutaa 2: Gurmaa’insa Barnoota Walmaddeessaa


Yaad-rimeewwan sirna barnootaa waliigalaa keessatti ammataman hojiitti hiikuuf

barattoota barnoota walmaddeessaa keessatti hirmaachisuun beekumsa,

dandeettiifi ilaalcha isaanii akka cimsatan akka dandeessisu akeeka. Kanaafis,

barattoota akkaataa fedhiifi mul’ata isaaniitiin barnoota walmaddeessaa

keessatti hirmaachisuun waan daree keessatti baratan gochaan akka shaakalan

isaan dandeessisa jedhamee amanama.

Barnootni walmaddeessaa qajeeltoowwan waliigalaa irratti hundaa’uun kaayyoo,

gurma’inaafi hojimaata mataa isaa qaba. Gurmaa’inni kunis koree barnoota

8
walmaddeessaa yookiin hoggansa mana barnootaa yookiin barsiisotaafi

barattootaan ijaramuufi gaggeeffamuu danda’a.

Mana barnootaa tokko keessatti baay’inni barnoota walmaddeessaa haala

qabatama naannoo, sadarkaafi ciicata mana barnootaa, fedhiifi mul’ata

barattootaa, hirmaannaa barsiisotaafi kanneen kana fakkaatan irratti hundaa’a.

Haata’u malee, gumiileen ijaaraman barnoota idileen kutaa keessatti baratamu

deeggaruu bira darbee yeroo barnootaa akka hinqisaasessinetti lakkoofsa isaanii

murteessuun barbaachisaadha.

Haala kanaan, gumiilee manneen barnootaa dameewwan barnoota walmaddeessaa

sadeet jalatti kan gurmaa’an ta’ee akaakuuwwaniifi baay’inni isaanii haala armaan

gadiin murtaa’eera.

Dameewwan Barnoota Gumiilee Gurmaa’an

Walmaddeessaa
2.1. Damee Korniyaa 2.1.1. Gumii Shamarranii
2.2. Ijaarsa Naamusaa 2.2.1. Gumii Mana Maree Barattootaa

2.2.2. Gumii Nageenyaa

2.2.3. Gumii Mirgaa Namummaa

2.2.4. Gumii Safuufi Farra

Malaammaltummaa
2.3. Aadaafi Dagaaginaa Afaanii 2.3.1. Gumii Og-Barruufi Miinii Miidiyaa

2.3.2. Gumii Aadaa, Aartiifi Muuziqaa

2.3.3. Gumii Dubbisaa


2.4. Damee Hawaasummaa 2.4.1. Gumii Biyya Kee Barii

2.4.2. Gumii Tola Ooltummaafi

Qaxxaamura Diimaa
2.5. Damee Fayyaa 2.5.1. Gumii Fayyaafi Farra HIV/AIDS

9
2.5.2. Gumii Ispoortii

2.5.3. Gumii Sirna Nyaataa


2.6. Damee Eegumsaafi Kunuunsa 2.6.1. Gumii Eegumsaafi Kunuunsa

Naannoo Naannoo

2.6.2. Gumii Bishaaniifi Qulqullinaa

(WaSH)
2.7. Damee Saayinsii, Gumii Saayinsii,Teeknoolojiifi Kalaqaa

Teeknoolojiifi Kalaqaa
2.8. Damee Hojiifi Ogummaa 2.8.1. Gumii Ogummaa Harkaa

2.8.2. Qusannoo

2.8.3. Gumii Qonnaa

Gumiileen dameewwan barnoota walmaddeessaa sadeettan jalatti

ijaaraman hunduu gahee hojii isaanii keessatti waan walfakaataa

hojjetan qabu. Kanneen keessaa ijoon:


 Barattootni fedhii horatanii miseensa gumichaa akka ta’an gochuun

galmeessuu;

 Dambii ittiin bulmaataa gumichaa qopheessuu;

 Karooraafi gabaasa hojii gumii qopheessuu;

 Dhimmoota isaan ilaalu irratti hubannoo uumuu fa’a.

2.1. Barnoota Walmaddeessaa Damee Koornayaa


Dameen kun dhimmoota waliigalaa sirna koornayaa irratti kan xiyyeeffatu ta’ee

gumii shamarranii kan ofjalatti qabatudha.

2.1.1. Gumii Shamarranii


Kaayyoo

Sirna koornayaa irratti ilaalchiifi hubannoon sirriin akka uumamu gochuun

dhiibbaawwan koornayaan walqabatanii mudatan ittisuun barattootni shamarranii

10
barnoota isaanii cimanii akka hordofaniifi gahumsa murteessuufi gaggeessummaa

isaanii guddisuu.

Hojiilee Hojjataman

 Dhimmoota sirna koornayaa irratti hubannoo uumuu;

 Dhaabbilee tola ooltotaa waliin ta’uun meeshaalee barattoota shamarraniif

barbaachisan dhiyeessuu;

 Barattoota shamarraniif barnoota dabalataa mijeessuu;

 Barattoota shamarranii maatii harka qaleeyyii keessaa dhufaniif

deeggersa meeshaaleefi maallaqaa mijeessuu;

 Barattoota shamarraniif meeshaalee qulqullinaa marsaa laguu dhiyeesuu;

 Tuxxuqqaan koornayaa akka hinuumamne ittisuufi yoo mudhates deebii

kennuu;

 Umrii malee heerumni akka hinraawwatamne ittisuu keessatti qooda

fudhachuu;

 Barattootni shamarranii barnoota addaan kutan gara mana barnootaatti

akka deebi’an gochuuf shamarran gumiiwwaniifi koreewwan keessatti

gaggeessummaan akka hirmaatan mijeessuu;

 Leenjii ogummaa jireenyaa bu’uuraa barattoota shamarraniif kennuu fa’a.

2.2. Barnoota Walmaddeessaa Damee Ijaarsaa Naamusaa


Damee kana jalatti gumiileen barattoota beekumsa, dandeettiifi naamusa gaariin

ijaaruu irratti hojjetan kan gurmaa’an ta’ee kaayyoofi hojiilee armaan gadii

qabatanii kanneen ijaaramaniidha.

2.2.1. Mana Maree barattootaa


Kaayyoo

Sirna ofiin of-gaggeessuu barattootaafi sagantaalee barnootaa karoorfaman

keessatti barattootni kallattiin akka hirmaachuu danda’an haala mijeessuu,

Hojiilee Hojjataman

11
 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

Dhimmoota:

 Gurmaa’ina,

 Hojimaataa,

 Aangoofi gahee hojii qaamota mana marichaa,

 Bara hojii mana marichaa,

 Waltajjii idilee mana marichaa,

 Walgitinsi koornayaafi

 Haala gorsitootni barsiisota keessaa mana marichaaf ramadamaniifi

kanneen kana fakkaatan irratti dambii ittiin bulmaataa qopheessuun

kora barattootaan mirkaneessisuu

 Filannoo hoggansa mana marichaa wayitaawaa, haqa qabeessaafi hirmaachisa

ta’e gaggeessuun hojimaata sirna dimookiraasii shaakaluu;

 Baay’ina miseensota koree hojii raawwachiiftuu mana marichaa murteesuu;

 Aangoofi gahee hojii yaa’ii waliigalaa mana marichaa murteessuu;

 Seeraaafi dambii mana barnootaafi dhimoota mirgootaan walqabatan irratti

leenjiiwwan hubannoo cimsan kennuu;

 Barattootni seeraafi dambii mana barnootaa akka kabajaniif deeggarsaafi

hordoffii taasisuu;

 Heeraafi sirna federaalizimii irratti barattootni hubannoo akka argatan

daawwannaa dhaabbilee dhimmi ilaalutti geessuuf haala mijeessuu;

 Hawaasa mana barnootaa keessatti walitti dhufeenyi gaariin akka jiraatu

hojjechuu;

 Duudhaaleen safuu hawaasaa akka kabajamu hojjechuu;

2.2.2. Gumii Nageenyaa


Kaayyoo

12
Barattootni safuufi lammummaa akka gabbifatan, miira ofii to’achuu akka

guddifatan, aadaa dhiifamaa, mareefi yaada walii dhageeffachuu akka cimsatan,

rakkoolee isaan mudataniif ragaa irratti hundaa’uun murtoo kan barbaadan,

ogummaa gaggeessummaa kan itti shaakalaniifi nageenya naannoo manneen

barnootaa isaanii akka eeganiifi aadaa walitti dhufeenya gaarii akka cimsatan

haala mijeessuu.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Manneen barnootaa keeessatti aadaa dhiifamaa, waltajjii mareefi falmii

dimookiraatawaa ta’e jajjabeessuu;

 Waldhabdee barattoota gidduutti uumamuu malan haalota ilaafi ilaameetiin

furuu danda’aniif haala mijeessuu;

 Gumiilee mana barnootaa biroo waliin qindoominaan hojjechuu;

 Ulaagaa sirrii irratti hundaa’uun ambaasaaddera nageenyaa mana barnootaa

adda baasuun beekamtiin akka kennamuuf waltajjii mijeessuu;

2.2.3. Gumii Mirgoota Namummaa


Kaayyoo

Mirgoota namummaa irratti hubannoofi ilaalcha hawaasa manneen barnootaa

cimsuun aadaa kabaja mirgootaa guddisuu.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Waltajjiileefi sagantaalee mana barnootaa hunda irratti mirgootni namummaa

addatti ammoo mirgootni daa’immanii akka kabajaman hubannoo uumuu;

 Daa’imman barnoota isaanii akka addaan hinkunneefi mirga barachuu akka

hindhabne gorsuu;

13
 Qaamolee hawaasaa sarbama mirgaaf saaxilamoo ta’an (barattoota miidhama

qaamaa qaban, barattoota shamarranii) sarbiinsa mirgaa isaan irratti

raawwatamu qaama dhimmi ilaalutti akka himatan gochuuf leenjii hubannoo

isaanii cimsu kennuu;

 Waltajjiilee gaaffiifi deebii mirgoota nanmummaafi daa’immanii irratti

qopheessuufi gaggeessuu;

 Dhimmoota mirgoota namummaafi daa’immanii irratti barreeffamoota

qopheessuun maree paanaalii gaggeessuu;

 Miseensotni gumichaa yeroo boqonnaafi sirna kabaja alaabaa karaa gumii

miniimiidiyaa dhimmoota mirgoota namummaafi mirgoota daa’immanii irratti

barnoota akka kennan haala mijeessuu;

 Miidhamtoota sarbama mirgoota namummaafi daa’immanii bakka bu’uun

tarkaanfiin sirreessaa akka fudhatamu hojjechuu;

 Waltajjii guyyaa kabaja mirgoota namummaafi mirgoota daa’immanii

mijeessuufi hogganuun raawwachiisuu;

 Madda galii dhaabbataa gumichaaf haala mijeessuu;

 Gaggeessitootni gumichaa hubannoofi beekumsa isaanii akka cimsachuu

danda’anitti leenjii akka argataniif qaamolee garaagaraa waliin hojjechuu;

 Gumiilee muuxannoo fooyya’aa qaban biroo waliin muuxannoo waljijjiiruu.

2.2.4. Gumii Safuufi Farra Malaammaltummaa


Kaayyoo

Dhaloota safuu hawaasaa kabaju, jaalala biyyaa qabuufi malaammaltummaa

qaanefatu ijaaruu.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo uumuu

qindeessuun barnoota kennuu;

 Duudhaaleefi amaloota gaariin hawaasa mana barnootaaf fakkeenya gaarii

ta’uu;

14
 Hawaasa mana barnootaa qindeessuun ayyaana guyyaa farra

malaammaltummaa biyyoolessaa sirnoota garaagaraan kabajuu;

 Waltajjiilee maree miniimiidiyaa mana barnootaa fayadamuun

barbaachisummaa safuufi dudhaan hawaasaa kabajuu irratti barnoota kennuu;

 Mana barnootaafi naannoo keessatti gochaaleen al-seerummaafi

malaammaltummaa ittisuufi saaxiluu keessatti barattootni gahee isaanii akka

bahan hubannoo kennuufii;

2.3. Barnoota Walmaddeessaa Damee Dagaaginaa Aadaafi


Afaanii

Kaayyoon damee kanaa barnoota afaanii mataa ofiifi yaada ofii ittiin ibsachuu

danda’uu bira darbee, meeshaa ittiin barnoota dabalataa argatan gochuu; aadaafi

aartiiwwan hawaasa guddisuun hubannoofi gahumsa dabalataa akka argatan

gochuu irratti xiyyyeeffata. Gumiiwwan hojiilee kanneen milkeessuu

dandeessisan akka armaan gadiitti gurmaa’u.

2.3.1. Gumii Ogbarruufi Miinii Miidiyaa


Kaayyoo

 Bu’aalee ogbarruu barsiisoo ta’an barattootaaf dhiyeessuu;

 Odeeffannoofi ragaalee irraa baratamuu danda’an karaa bashannansiisaa

ta’een hawaasa mana barnootaaf dhiyeessuu;

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo uumuu

qindeessuun barnoota kennuu;

 Bu’aalee ogbarruu garaagaraa barsiisoo ta’an barattootaaf dhiyeessuu;

 Hawaasa mana barnootaaf odeeffannoofi ragaalee irraa baratamuu

danda’an karaa bashannansiisaa ta’een dhiyeessuu;

15
 Meeshaalee hojii gumichaaf barbaachisan guuttachuuf haala mijeessuu;

 Gumiilee biroof sagantaa dhaabbataa minii miidiyaa qopheessuun akka itti

fayadaman mijeessuu;

2.3.2. Gumii Aadaa, Aartiifi Muuziqaa


Kaayyoo

Barattootni hojiilee aadaa, aartiifi muziiqaa irratti beekumsa kutaa keessatti

argatan gocha qabatamaan akka gabbifatan haala mijeessuu.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo uumuu

qindeessuun barnoota kennuu;

 Leecaalloowwan hojii gumichaaf barbaachisan guuttachuu;

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti leenjii hubannoo uumuu kennuu;

 Agarsiisa aadaa, hojiilee artiiwwaniifi Muuziqaa adda addaa qindeessuun

hawaasa mana barnootaaf dhiyeessuu;

 Bu’aan hojiilee gumichaan raawwataman haguuggii miidiyaalee akka argatan

haala mijeessuu;

2.3.3. Gumii Dubbisaa


Kaayyoo

Aadaafi dandeettii dubbisaa hawaasa mana barnootaa guddisuun qabxiifi

dandeettii barattootaa fooyyessuu;

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo uumuu qindeessuun

barnoota kennuu;

 Leecaalloowwan hojii gumichaaf barbaachisan guuttachuu;

 Kitaabilee, barruuleefi gaazexaawwan garaa garaa dhiyeessuuf haala

mijeessuu;

 Gumiilee biroo waliin ta’uun waltajjiilee gaaffiifi deebii qopheessuu;

16
 Ragaalee barsiisoo ta’aniifi kitaabileefi maddeen odeeffannoo garaagaraa

irraa argaman qindeessuun sagantaalee garaagaraa irratti bifa gabaasaan

hawaasa mana barnootaaf dhiyeessuu;

 Dhimmoota barnootaa adda addaa irratti paanaalii maree mijeessuu;

 Manni barnootichaa dubbisaaf mijataa akka ta’u hawaasa mana barnootaa

waliin hojjechuu;

 Barattootni mana dubbisaatti sirnaan akka fayyadaman koree mana kitaabaa

waliin qindoominaan hojjechuu;

2.4. Barnoota Walmadeessaa Damee Hawaasummaa


Barnootni walmaddeessaa damee hawaassummaa barattoonni qabiyyeewwan

barnootaa saayinsi naannoo, hawaasaa, seenaa, dinagdeefi biizinasii haala

jireenya hawaasaa isaanii waliin walqabsiisuun caalmaatti akka hubatan

dandeessisa. Barnoonni walmaddeessaa damee hawaasummaa gumiiwwan Biyya

kee Barii, Nageenya Tiraafikaafi Tola Ooltummaafi Qaxxaamura Diimaa ofjalatti

qabata.

2.4.1. Gumii Biyya Kee Barii


Kaayyoo

Baratoonni hambaalee namtolcheefi uumamaa naannoo isaanii jiru daawwachuun

akka dinqisiifatan haala mijeessuufi akaataa itti hambaalee kanneen eegamaniifi

kunuunfaman irratti hubannoo uumuuf

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Haala gochootiniifi barsiifataalee aadmaleefi miidhaa dhaqabsiisan ittiin

dhabamsiifamuu danda’an irratti hojjechuu;

17
 Sagantaalee daawwannaa hambaalee namtolcheefi uumamaa naannoo

qopheessuufi gaggeessuu; akaataa itti hambaalee kanneen eegamaniifi

kunuunfaman irratti hubannoo uumuufi gahee ofii bahuu;

 Aadaa, afaaniifi eenyummaa walii kabajuu;

2.4.3. Gumii Nageenya Tiraafikaa


Kaayyoo

 Namoota balaan irra gahu keessaa barattoonni isaan tokko waan ta’aniif,

hubannoo gahaa kennuufiin akka eegaman gochuu;

 Maneen barnootaa keessatti bifa gurmaa’een barnoonnii nageenya

tiraafikaa kennamu hubannoo barattootaa gabbisuu kan danda’u gochuu;

 Dargagoonni bor guddatanii konkolaachistoota yommuu ta’an of eeggannoo

barbaachisu akka taasisan fedhiifi dandaattiin isaanii akka dagaagu

gargaaruufidha.

Hojiilee Hojjataman

 Danbiiwwan nageenya traafikii waliin walbarsiisuun balaa ittisuu;

 Barattootaaf/hawaasa mana barnootaaf waltajii danbiiwwan nageenya

daandirraa waliin walbarsiisuu akka qophaa’u qaamolee bulchiinsa mana

barnootaa qindeessuu;

 Namummaa gabbisuuf, dandeettii waliiyaaduu dagaagsuu;

 Barattoota miseensota tiraafikaa filachuu, leenjisuufi galteewwan guutuu;

 Waa’ee balaa tiraafikaa ittisuurratti minimiidiyaa fayyadamuun hubannoo

uumuu

 Yeroo barattoonni mana barnootaa galaniifi bahan tajaajila tiraafikaa

barataa/tuu kennuun barattoota irra balaan akka hindhaqqabne

hojjechuu;

 Yaaddoowwan balaaf saaxilan (boollawwan, bo’oowwan dhangala’oo) adda

baasuun haala ittiin sirraa’an mijeessuu;

18
2.4.4. Gumii Tola Ooltummaafi Qaxxaamura Diimaa
Kaayyoo

 Barattoonni waa’ee Qaxxaamura Diimaafi gargaarsa yaala duraarratti

hubannoo akka argatan haala mijeessuuf; rakkoo hawaasummaafi

diinagdee qaban adda baasuun haala ittiin deggersa argatan haala

mijeessuuf.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Balaa tasaa Mooraa mana barumsaa keessatti barattoota, barsiisotaafi

hojjettoota bulchiinsaa irra dhaqqabee gargaarsa yaala duraa akka

kennamuuf qindeessuu;

 Qajeeltoowwan qaxxaamura diimaa addunyaa waliin walbarsiisuu;

 Gargaarsa yaala duraa irratti qaama dhimmi isa ilaalu waliin ta’uun leenjii

kennuu;

 Meeshaalee yaala duraaf barbaachisan guutuu;

 Leenjii yaala duraa fudhachuun tajaajila kennuu;

 Hawaasni mana barnootaa dhiiga kennuu irratti akka hirmaatan

qindeessuu;

 Barattoonni tajaajila hawaasummaafi hojiiwwan tolaooltummaa keessatti

akka hirmaatan gochuu;

 Barattoota rakkoo hawaasummaafi diinagdee qaban adda baasuun haala

ittiin deggersa argatan mijeessuu;

2.5. Barnoota Walmadeessaa Damee Fayyaa

Xiyyeeffannaan damee kanaa eegumsa qulqullina dhuunfaafi naannoo, ittisaafi

too’annoo dhukkuboota daddarboo, fayyadamaafi daddabarsa qorichootaa

seeraan alaa baala sammuu adoochaniifi sirna nyaataa yoo ta’an; kaayyoon isaas,

19
rakkoowan fayyaa barattoota muudachuu malan hiikuun adeemsi baruu barsiisuu

bu’a qabeessa akka ta’u haala mijeessuudha.

2.5.1. Gumii Fayyaafi Farra HIV/AIDS


Kaayyoo

 Hawaasa mana barnootaa fayyaa ofii eeggachuu irratti hubannoo gahaa qabu

uumuu;

 Barattootni HIV/AIDSfi dhukkuboota daddarboo biroo irratti hubannoo

argatanii akka irraa eegan gochuu;

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Barattoonni harka dhiqachuu aadeffachuun dhukkuboota daddarboo irraa

akka ofeegan gargaaruu;

 Hojiilee manni barnootaa dhaabbilee fayyaa waliin qindoominaan hojjetan

kanneen akka tajaajila talaallii, raabsa viitaminootaafi kanneen kana

fakkaatan irratti hubannoo kennuufi jajjabeessuu;

 Rakkoolee fayyaa barattoota irratti mul’atan horddofuun rakkoo addaa

uumame dhaabbata fayyaaf beeksisuun furmaata barbaaduu;

 Deggersa maallaqaafi qabeenya qaamolee garaagaraa irraa walitti qabaman

karooraan hojiirra oolchuu, raawwii isaas hordofuu;

 Dorgommii fayyaafi beekumsa waliigalaa barattootaa qopheessuun

moo’attoota badhaasuun jajjabeessuu;

 Sababoota dhukkuboota daddarboo, miidhaa geessisaniifi maloota ittisaa

irratti hubannoo itti fufiinsa qabu uumuu;

 Rakkoo fayyaa barattoota adda baheen barattotni tajaajila fayyaa akka

argatan gochuu,

 Yeroo manni barumsa cufamu duula manaa manatti gaggeessuun fayyaa

maatiifi qulqullina naannoo irratti hubannoo uumuu;

20
 Akkaataa ittifayyadama mana fincaanii mana barnootaa irratti hubannoo itti

fufiinsa qabu uumuun qulqullinni isaa akka eegamu hordoffii gochuu;

 Ogeeyyii eegumsa fayyaa affeeruun hawaasa mana barnootaaf hubannoo

kennuu;

 Faayidaa harka dhiqachuun fayyaa namaa irratti qabu irratti hubannoo

uumuun miseensonni gumii jireenya isaanii keessatti akka qajeeltoo ijootti

akka hordofan gochuun barsiisuu;

 Dhimma sirna walhormaataa, HIV/AIDS fi dhukkuboota daddarboo biroo

irratti waltajjiileefi tooftaalee garaa garaa fayyadamuun hubannoo uumuu;

 Qorichootaafi baalota sammuu adoochan irratti hawaasa mana barnootaaf

hubannoo kennuu;

 Wantoota fayyaa irratti dhiibbaa geessisaniifi aannoo mana barnootaatti

argaman qaamolee dhimmi ilaalu wajjin qindaa’uun hojii ittisaa hojjechuu;

 Guyyaa farra HIV/AIDS sadarkaa addunyaatti kabajamu sirnoota

garaagaraan (marii, diraamaa, taphoota, gaaffiifi deebii) gaggeessuun

sosochii uumuu;

2.5.2. Gumii Ispoortii


Kaayyoo

Manneen barnootaa keessatti sosochii ispoortiitiin sammuufi qaamaan barattoota

qopheessuufi gahoomsuu; dorgommiiwwan ispoortii addaa addaa irratti

hirmaachisuun manneen barnootaa madda ispoortessitootaa taasisuu.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Mana barnootaa waliin ta’uun akaakuu ispoortii hundaaf sagantaa dorgommii

baasuun dorgomtoota qopheessuu;

 Tooftaalee ispoortessitoota jajjabeessu wixinuun hojiirra oolchuu;

21
 Leecalloowwan sochii ispoortiif barbaachisan maddoota adda addaa irraa

barbaaduu guuttachuu;

 Damee ispoortii barattoonni miidha qaamaa qaban keessatti hirmaachuu

danda’an adda baasuun barattoota kanneen gahoomsuufi deeggaruun

hirmaachisuu;

 Sadarkaa mana barnootaatti dirree ispoortii barattootni irratti shaakalan

akka qophaa’u qaamolee dhimmi ilaalu waliin hojjechuun mijeessuu;

2.5.3. Gumii Sirna Nyaataa


Kaayyoo

Qabiyyeewan sirna nyaataa adda baasuun adeemsa sirna nyaataa gahaafi mijataa

akka hordofan, fayyaa isaanii kunuunsuu shaakaluufi raawwachuun hawaasa mana

barnootaaf, maatii isaaniifi hawaasa naannoof ce’uumsa beekumsaafi gochaa akka

ta’an dandeessisuu

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Ogeeyyii sirna nyaataa irratti beekumsa qaban affeeruun hawaasa mana

barnootaaf hubannoo uumuu;

 Barreeffamootaafi beekumsa saayinsaawoo sirna nyaataa irratti bahan

dubbisuufi qophaa’uun akka hawaasa mana barnootaa madaalutti

miniimiidiyaafi maloota birootiin dhiyeessuu;

 Akaakuuwwan nyaaata guyyaa guyyaan nyaannu keessatti haalota

qabiyyeen nyaata madaalamaa akka jiraatu dandeessisan irratti hubannoo

uumuu;

 Karaa salphaa adeemsa sirna nyaataa fayyaaf mijatoo akka ta’an

dandeessisan irratti hawaasa mana barnootaaf hubannoo uumuu;

 Maddootaafi akkaataa qophii dhangaalee nyaataa barbaachisoo ta’an

irratti miseensotaaf leenjii gadifageenya qabu kennuu;

22
 Miseensonni gumichaa maddoota dhangaalee nyaataa barbaachisoo ta’an

miniimiidiyaan barsiisuu.

 Hirmaannaa miseensotaatiin qonna oddoo mana barnootaa keessatti

kuduraaleefi fuduraalee madda dhangaalee nyaataa ta’an misoomsuun

barsiisuufi sagantaa nyaataa mana barnootaaf akka galtee ta’u gochuu;

 Sirna nyaata madaalamaa uumuun faayidaa milkaayina adeemsa baruu

barsiisuufi jireenya isaanii guutuu keessatti qabu mana barnoota hanga

maatiitti sagantaa hubannoo uumuu qopheessuu;

 Akaakuu nyaataa hawaasa keessatti argamaniifi iddoo xiqqaan/gadaanaan

kennamuuf kan qabiyyeen nyaataa isaanii faayidaa guddaa qaban adda

baasuun hubannoo uumuun maatiin isaanii akka shaakalan barsiisuu;

 Dhaabbata fayyaa dhiyeenyatti argamu wajjin hariiroo uumuu;

 Sagantaan nyaataa Maneen barnootaa keessatti gaggeeffamu qulqullinni

meeshaa bilcheessaa, kuusaafi iddoowwan nyaataa akka eegamu bulchiinsa

mana barnootaafi hojjeettoota waliin qindoominaan ni hojjeta.

 Semisteeraan yeroo tokko iddoowwan tajaajila hawaasaa bifa duulaatiin

qulqulleessuun kanneen biroof fakkeenya ta’uu;

 Nyaanni erga saamsamee boodas qulqullinniifi nageenyi isaa akka eegamu

barsiisuufi hordofuu;

 Yeroo manni barnootaa cufamu duula manaa manatti gaggeessuun haala

qophii nyaata madaalamaa itti qophaa’uufi daa’immaniif gosa midhaanii

mana keessatti argamurraa akkamitti nyaata madaalamaa qopheessuun

akka danda’amurratti hubanoo uumuu. Bifa tajaajila tola ooltummatiin

duula adeemsisuu;

 Beekumsa sirna nyaataa waliigalaa irratti dorgommii barattootaa

qopheessuun moo’attoota badhaasuu;

23
2.6. Barnoota Walmaddeessaa Damee Eegumsaafi Kunuunsa Naannoo

2.6.1. Gumii Eegumsaafi Kunuunsa Naannoo


Kaayyoo

Barattoonni eegumsaafi kunuunsa naannoo irraatti hubannoo gahaa qabaatanii

hojiilee kanneen irratti si’aayinaan akka hirmaannaa taasisuufi haala mijaata

uumuudha. Dabalataanis, misooma dinagdee jijjiirama qilleensaa dandamatu

ijaaruu keessatti gumaacha taasisuu.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Mooraa mana barumsaa keessa bareechuufi hojiiwwan misoomaa adda addaa

irratti hirmaachuu;

 Hubannoo hawaasaa gabbisuun faalama naannoo ittisuu;

 Bakka barattootni itti qo’atan, nyaatan, taphataniifi bashannan mijaawaa

taasisuu;

 Waa’ee jijjiirama qilleensa naannoo irrattii waltajjii hubannoo uumuu

qindeessuu;

 Biqiltoota dhaabuufi kunuunsuu irratti hirmaachuufi kanneen biroos akka

hirmaatan kakaasuun galma ashaaraa magariisaa milkeessuu keessatti qooda

fudhachuu;

 Dhiqama biyyee hambisuuf daagaa tolchuurratti hirmaachuu;

 Sodaawwan balaa kanneen akka lolaa, balfa, aara warshaalee, ibiddaafi

kanneen kana fakkaatan adda baasuun haala itti dhabamsiifaman

mijeeessuu;

2.6.2. Gumii Bishaaniifi Qulqullinaa


Kaayyoo

24
Barattootni tajaajilli bishaan qulqulluufi mana qulqullinaa gahaa akka argatan

gochuu, qulqullina dhuunfaa, naannoo, mana barnootaafi mana jireenyaa isaanii

eeggachuu fedhiifi kakka’uumsa akka horatan taasisuu

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo qindeessuun

barnoota kennuu;

 Sagantaan guyyaa harka dhiqannaa waggaa qindeessuu;

 Dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluun Mooraa mana barumsaa keessa akka

jiraatu qaamolee biroo waliin walta’iinsaan hojjechuu;

 Tajaajilli mana fincaanii gahaafi bishaan qulqulluu akka jiraatu irratti

hojjechuu;

 Duula sagantaa mana barnoottaa qulqulleessuu torbanitti altokko

gaggeessuu;

 Ergaawwan qulqullina eeggachuuf nama kakaasan iddoo hawaasni mana

barnootaa baay’atutti maxxaansuu;

2.7. Barnoota Walmadeessaa Damee Saayinsii, Teekinolojiifi


Kalaqaa
2.7.1. Gumii Saayinsii, Teekinolojiifi Kalaqaa
Kaayyoo

Gumiiwwan Barnoota walmadeessaa kana jalatti gurmaa’an barattonni

barnoota saayinsii, hojiiwwan kalaqaa, teeknooloojii qunnamtii odeeffannofi

haala fayyadama mana yaalii irratti dandeettii isaanii baasanii gochatti

jijjiiruu akka danda’an taasisuudha.

Gumiiwwan saayinsiifi teeknooloojii jajjabeessuun dandeettii kalaqa

barattootaa gabbisuu akka danda’utti yaadiddama akaakuuwwan barnootaa

Herrega, Fiiziksii, Keemistirii, Baayolojiifi kkf keessa taa’an fayyadamuun

25
karaa teekinooloojiin ittiin uumamuufi hojjetamu irratti maneen barnootaa

akka dalagan gochuuf.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo uumuu

qindeessuun barnoota kennuu;

 Barattoonni laaboraatoriifi handhuura gabbisa barnootaatti akka

fayyadaman jajjabeessuu;

 Agarsiisa bu’aawwan saayinsii, teeknolojiifi hojiiwan kalaqaa qopheessuu;

 Maneen barnootaa dhaabbileefi industiriiwwan bu’aa saayinsiifi teeknolojii

fayyadaman waliin walitti hidhamiinsa uumuun barattoota daawwachiisuu;

 Barnoota saayinsiifi herregaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun deggaruu;

 Meeshaalee tekinooloojii qunnamtii odeeffannoo adeemsa baruu barsiisuuf

oolan kanneen akka raadiyoo, pilaazimaa, kompiitaraafi kanneen kana

fakkaatan akka guutamaniifi hojiirra oolan qaamolee dhimmi ilaalu wajjin

qindoominaan hojjechuu;

 Leecalloo saayinsiifi teeknolojiifi hojii kalaqaaf gargaaran guutamaniif

haala mijeessuu;

 Hojii qo’annoofi qorannoof sagantaafi iddoo mijeessuun gaggeessuu;

 Woorkishiittii shaakalaafi gaaffiifi deebii qopheessuu;

2.8. Barnoota Walmaddeessaa Damee Hojiifi Ogummaa

Xiyyeeffannon damee kanaa barattoonni yaadrimee daree keessatti baratan

gochaan shaakaluuf carraa akka argatan gochuudha. Barnoota walmaddeessaa

kana jalatti gumiiwwan lama (Gumii Hojii Harkaafi Gumii Qonnaa) tu gurmaa’anii

jiru. Dameen kun barattoonni qacaramuufis ta’ee hojii dhuunfaa isaanii irratti

26
akka bobba’uu danda’an kan gahoomsuudha. Waan kana ta’eef, umrii, ciminaafi

muuxannoo isaanii ilaalcha keessa galchuun haala mijataa hojiiwwan gachaa itti

shaakaluu danda’an uumuun barbaachisaadha.

2.8.1. Gumii Hojii Harkaa


Kaayyoo

Barattoonni hubannoo argachuun hojii harkaa kanneen akka hojii faayaa, hojii

mukaafi kkf hojjachuun ogummaa jireenya isaanii ittiin gaggeeffatan akka

gonfatan haala mijeessuu.

Hojiilee Hojjataman

 Kaayyooleefi hojiilee gumichaa irratti waltajiilee hubannoo uumuu

qindeessuun barnoota kennuu;

 Barattoonni gumicha keessatti akka hojjetan haala mijataa uumuufi

jajjabeessuu;

 Hojii harkaa hojjechuun (hojii faayaa, hojii mukaa, hojii daandii fa’a)

 Mooraa mana barumsaa bareechuufi kunuunsuu;

2.8.2. Gumii Qusannoo


Kaayyoo

Baratoonni ogummaa qusannaa dagaagfachuun jireenya isaanii keessatti qabeenya,

maallaqaafi yeroo isaanii akkamitti dhimma itti ba’uu akka qaban hubannoo uumuuf.

Akkasumas, qabeenya mana barnootaa isaanii qusannaan akka itti fayyadamuu danda’an

hubannoo uumuuf

Hojiilee raawwataman

 Kaayyoofi hojii gumichaa irratti waltajjii hubannoo uumu qindeessuun

kennuu;

 Barattootni maalummaa qusannoo hubachachuun qabeenya mana barumsaa

keessatti argaman kanneen akka bishaanii, ibsaafi kan biroos qusannaan

fayyadamuu akka danda’an akka shaakalan gochuu;

27
 Barattoonni akka gumiitti dabtara qusannaa akka banatan gochuun maallaqa

xixiqqaa maatiirraa argatan akka qusatan jajjabeessuun qusannaa

shaakalsiisuu;

 Barattoonni maallaqa qusatan irraa baasuun barattoota rakkatan akka

gargaaran gochuun faayidaa qusannaa akka hubatan taasisuu.

Yaadannoo

Waa’ee qusannaa ilaalchisee qabxiiwwan asii gadii barattoota hubachiisuun

barbaachisaadha:

 Barattootaaf qusannoo jechuun yeroo, dandeettiifi beekumsa ofiitti

gargaaramanii cimanii hojjachuudha;.

 Wantootni bu`uuraa jireenya ilma namatiif barbaachisan baay`ee waan

ta`aniif, hunda yeroo tokkotti guuttachuun hindanda’amu. Kanaafuu, maallaqa

qabnu dhimmoota dursa nu barbaachisaniif oolchuu qabna; waliin geessisanii

itti fayyadamuun qusannoofis yaaduun gaarii akka ta’e hubannoo kennuu;

 Waa qusannuufi haalli itti fayyadama baasii keenyaa of-eeggannoofi

xiyyeeffannoo barbaada;

 Galii argamu irraa dhimmoota barbaachisaa ta’an qofaaf olchuun, kan hafe

ammoo kaa’achuu baay’ee barbaachisaadha;

 Aadaa qusannaa gaarii qabachuun dhuunfaa ofii, maatii ofii, ollaa ofiifi

hawaasa naannawa ofii jiraatan rakkoo irraa oolchuun kan danda’amu ta’uu

hubachuun barbaachisaadha;

 Maallaqni jireenya guyyuu keenyaa galmaan gahuuf, meeshaleefi waantoota nu

barbaachisan hunda ittiin guuttachuuf kan nu gargaarudha; kanaafuu,

qusannaan itti fayyadamuun daran barbaachisaadha;

 Maallaqni dhimma adda addaaf nu barbaachisan kunniin jabaatanii hojjechuun

argama. Waan ta’eef, qarshii argamu karooraafi qusannoon itti fayyadamuun

barbaachisaadha;

28
 Qarshiin qusatamus adda bahee bakki taa`umsi isaa iddoo amansiisaa

ta`uutu irra jira. Sababni isaa qarshiin bakka amansiisaa hin taa`in hatamuu,

karoora malee qisaassa`uu danda`a. Bakki qusannaa amansiisaa ta’e keessaa

tokko mana bankiiti.

 Manni baankii faayidaa hedduu qaba:

o maallaqa keenya amanamummaadhaan ol namaaf kaa’a; maallaqa qabnus

iccitiidhaan kaawwachuu nama dandeessisa;

o maallaqa mana baankii ol kaawwame abbaan qarshichaa yoo ta’e malee namni

biraan baasuu yookaan beekuu hindanda`u.

o maallaqa ol kaawwatan yeroo barbaadanitti baafachuu danda`uun isaanii

faayidaa isaa biraadha.

2.8.3. Gumii Qonaa


Kaayyoo

 Miseensonni gumichaa hojii qonna ammayyaa irratti gochaan akka

shaakalan taasisisuun beekumsa argatan gabbisuun hubannoo hawaasa

naannoo cimsuu;

 Iddoo qonnaa mana barnootaa maloota ammayyaan misoomsuun

kuduraaleefi fuduraalee dhangaalee nyaataaf oolan oomishuun sagantaa

nyaataa mana barnootichaaf oolchuu;

 Mana barnootaatti fuduraaleefi kuduraalee misoomsuu hojjetanii

agarsiisuun hubannoo hawaasaa cimsuu;

Hojiilee Hojjataman

 Karaa ammayyaawaan iddoo xiqqoootti misooma qonnaa gaggeessuun akka

danda’amu hojjetanii agarsiisuun barsiisuu;

29
 Iddoo qonnaa mana barnootichaatti oomisha kuduraafi fuduraa

gaggeessuun maddoota dhangaalee nyaataa barsiisuufi oomishicha galtee

sagantaa nyaataaf oolchuu;

 Mooraa mana barnootichaa keessatti misooma mukkeen fuduraalee yeroo

dheeraafi gabaabaa keessatti oomisha kennan dhaabuun kunuunsuu;

 Ogeeyyii qonnaa waliin ta’uun qonna mana barnootaa irratti teekinoloojii

fayyadamuun mala oomishaa ammayyaa shaakaluufi barsiisuu;

 Ogeeyyii qonnaa waliin ta’uun maloota bishaan xiqqoo fayyadamuun

oomishuun itti danda’amu gochaan agarsiisuufi barsiisuu;

 Ogeeyyii qonnaa waliin ta’uun horsiisaa beeladootaa garaagaraa akka haala

qabatamaa naannoofi mana barnootaa isaaniitti fooyyessanii horsiisuun

agarsiisuu;

 Miseensota qindeessuun qonnaan bultootaa fi horsiifattoota naannoo

humnaan deggeruu;

Kutaa 3: Hundeeffamaafi Hojimaata Gumiiwwanii

3.1. Haala Hundeeffama Gumiiwwanii


Gumiiwwan kutaa lama keessatti eeramaniin alatti dabalataan barattootaan,

barsiisotaan, waldaaleefi dhaabbilee garagaraan gaaffiin dhiyaachuu ni danda’a.

Gumiin dabalataa akka hundeeffamu qaamni fedhi yoo jiraate, gaaffii qabu

ragaan deeggaree caasaa barnootaa sadarkaan jiraniif dhiyeeffachuu qaba.

Gaaffiin dhiyaate kunis raawwii sirna barnootaa keenya kan deeggaruu ta’uun

isaa Daayirektoreetii Qophiifi Hojiirra Oolmaa Sirna Barnootaa BBO’n yoo

mirkanaa’e qofa beekamtiifi eyyama BBO’n kan hundaa’u ta’a.

30
3.2. Danbii Ittiin-bulmaataa
Tokkoon tokkoo gumii danbii ittiin bulmaataa ittiin hoogganamu qabaachuu qaba.

Danbiin ittiin bulmaataa kunis miseensota gumichaa kan irratti waliigalan ta’uu

qaba.

Miseensonni gumichaatis mirgaafi dirqama isaanii ifatti beekuun, itti amananii

akka hirmaatan taasisuun barbaachisaadha. Dabalataanis, miseensota dirqama

isaanii hin bahanne gorsuudhaan akka ofsirreessan gochuun barbaachisaadha.

Haata’u malee, miseensota seera ittiin bulmaataa kana cabsanii gorsa kennameef

fudhachuu didan irratti tarkaanfiin fudhatamu hanga miseensummaa irraa haquu

kan of keessatti hammate ta’uu qaba.

3.3. Sirna Horannaa Miseensa Gumiiwwanii


Namni kamuu miseensa gumii ta’uuf; kornaayaan, sabummaan, amantaan, sadarkaa

qabeenyaafi miidhama qaamaan daangeffamuu hin qabu.

Dabalataaniis, manni barnootichaa qajeeltoowwan barnoota walmaddeessaa

yookiin gumii haala hin faallessineen hojiirra oolchuutu irraa eegama.

Miseensummaan fedhiifi dandeettii/ogummaa irratti kan hundaa’u ta’ee,

barataa/tuun tokko yoo xiqqaate gumii tokko keessatti hirmaachuun dirqamadha.

Gumii tokko keessatti, baay’inni barattootaa galmaa’uu barbaadan kan

barbaadamuu ol ta’ee yoo argame, fo’annoon isaa ulaagaa ifaafi amansiisaa ta’een

raawwachuu qaba.

3.4. Baayyina Gumiiwwan Mana Barnootaa Tokko Keessatti Gurmaa’an


Baayy’inni gumiiwwan mana barnootaa tokko keessatti gurmaa’anii haaluma

sadarkaa mana barnootichaa, baayyina barattootaa, fedhii barattootaa,

akaakuufi hanga faasilitii mana barnootaa, dandeettiifi hirmaannaa barsiisotaa,

haala qabatamaa naannoo, ga’umsa hooggansa mana barnootaafi kkfn kan

murtaa’uudha. Yaa ta’u malee, gumiiwwan mana barnootaa hundeeffaman

barattootaa, barsiisotaafi hooggansa mana barnootaa irratti dhiibbaa akka hin

31
geessisneefi hojii idilee barnootaa deeggaruu caalaa yeroo akka jalaa hin

fudhanne yookiin hin qisaasne gochuuf baayyina gumiiwwanii murteessuun

barbaachisaadha. Kanaafuu, gumiiwwan kan hundeeffaman dhimmoota armaan

olitti eeraman yaada keessa galchuun ta’us baayyinni gumiiwwan mana barnoota

tokko keessatti hundeeffaman 10 kan hincaalle yoo ta’an filatamaadha. Kun

akkuma jirutti ta’ee, gumii hundeeffamu tokko yoo xiqqaate miseensota

barattootaa, barsiisotaafi hojjattoota bulchiinsaa baay’inaan hanga soddomaa

ta’an hammachuu qaba.

3.5. Hooggansa Barnoota Walmaddeessaa


Itti waamamni sochiiwwan barnoota walmaddeessaa mana barnootaa keessatti

gurmaa’anii hogganaa itti aanaa mana barumsichaatiif ta’a. Haata’u malee, manni

barumsichaa itti aanaa tokkoo ol yoo qabaate immoo hogganaa itti aanaa dhimma

bulchiinsaatiin kan hogganamu ta’a.

3.5.1. Gahee Koree Hojii Raawwachiiftuu Gumii


Tokkoon tokkoo gumii koree hojii raawwachiiftuu olaantummaadhaan barsiisotaan

kan hogganamu ta’ee, dambii ittiin bulmaataatiin barattoonni kan keessatti

hammatamaniifi yaa’ii waliigalaa qabaachuu qaba. Barsiisotni hoggantoota ta’anii

filataman, sagantaa ramaduun deeggarsa taasisuufi haala mijeessuufii qabu.

Barattoonni hooggansa ta’uun filataman ilaalchaafi yaadaan fooyyee kan qaban

naamusaafi fakkeenyummaa isaaniitiin kan beekaman, si’aayinaafi dandeettii

qindeessuu isaaniitiin fakkeenyummaa kan qaban ta’uu qabu.

Baay’inniifi gaheen hojii miseensota koreen hojii raawwachiiftuu gumii 5-7 ta’ee

yaa’ii waliigalaafi danbii ittiin bulmaataa gumichaatiin kan murtaa’u ta’a. Korichis

yoo xiqqaate walitti qabaa, itti aanaa walitti qabaa, barreessaa, maallaqa qabaa,

quunnamtii hawaasaa qabaachuu qaba. Gumiin barattootaan hogganamu, itti

waamamni isaa barsiisaa qindeessaafi yaa’ii waliigalaatiif ta’a. Barsiisonni

32
qindeessitoota gumiiwwanii ta’an ammoo itti waamamni isaanii qindeessaa

barnoota walmaddeessaa mana barumsichaatiif ta’a.

3.5.2. Gahee hojiifi itti gaafatamummaa koree hoji raawwachiiftuu gumii:

 Murtiiwwan yaa’ii waliigalaa hojiirra akka oolan hordoffiifi deeggarsa

nitaasisa.

 Sagantaa raawwiifi baajata barbaachisu qopheessuun yoo mirkanaa’e hojiirra

ni oolcha.

 Walgahii waliigalaa miseensotaatiif ajandaa qopheessa, akkasumas

walgahicha ni gaggeessa.

 Hojmaata haaraa ta’aniifi dandeettii kalaqaa gabbisuun, yaada maddisiisuufi

ogeeyyii qindeessuun hirmaachisuufi walirraa barachuuf haala mijataa ni

uuma.

 Gumichi buusii miseensotaatiin akka of cimsu ni taasisa.

 Buusiin miseensonni baasanis miseensi hundi kan irratti waliigalaniifi

madaalawaa ta’uu qaba. miseensonni buusuu hindandeenye yoo jiraatan akka

humna isaaniitti akka buusan ni taasisa.

 Miseensota dammaqinaan hirmaataniifi bu’aa gaarii agarsiisaniif beekkamtiin

akka kennamuuf ni taasisa.

 Miseensota gidduutti waldeeggaruufi walbarsiisuun sirna ta’ee itti

fayadamuu akka danda’an ni taasisa.

 Ragaa miseensotaafi odeeffannoo barbaachisoo ta’an qindeessuun ni qabata.

3.5.3. Gumii Keessatti Barattoonni Hojii Raawwachistummaan

Filataman Naamusa Qabaachu Qaban


 Fedhiifi kaka’uumsa hojii olaanaa kan qaban,

 Naamusa isaaniitiin barattoota biroof fakkeenyummaa kan qaban,

 Beekumsaafi dandeettii qabaniin gurmeessuufi qindeessuu kan danda’an,

akkasumas barattoota biroof muuxannoo dabarsuu kan danda’an,

33
3.5.4. Turtii Yeroo Barattoonni Hojii Raawwachistummaan

Gumii Keessatti Filataman


Barattoonni barnoota waggaa tokkoo yommuu xumuran gara kutaa itti aanuutti

waan darbaniif akkaataa dandeettii/ogummaafi fedhii isaanitiin gumii biroo

keessatti miseensa ta’uu waan danda’aniif turtiin yeroo koree hoji

raawwachiisummaa isaanii waggaa tokko qofaaf ta’a. Bara barnootaa haaraatti

koree hoji raawwachiiftuu birootu filatama.

Kun akkuma jirutti ta’ee, barri hojii qindeessitoota gumii barattootaan ala jiranii

waggoota lama walitti aanan qofaaf ta’a.

Kutaa 4: Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Qaamolee

Adda

Addaa
4.1. Gahee Hojii Ministeera Barnootaa
Ministeerri Barnootaa gahee hojii asiin gadii qaba:

 Maanuwaaliifi danbii gurmaa’insa barnoota walmaddeessaa qopheessuu;

 Dookumentii leenjii qopheessuun leenjiiwwan humna raawwachiisummaa

cimsan qaamolee dhimmi ilaallatuuf kennuu;

 Hojiirra oolmaa sagantichaa yeroo yeroon hordofuu;

 Akkaataa barbaachisummaa isaatti mallaqaafi meeshaalee adda addaa

deeggarsa akka argataniif naannooleef haala mijataa uumuu;

 Cheekiliistii qopheessuun manneen barnootaa raawwii hojii Barnoota

Walmaddeessaatiin muuxannoo gaarii qaban qindeessuun manneen barnootaa

naannolee keessa jiran keessatti akka babal’atan taasisuu;

34
 Manneen barnootaa fakkeenyummaa qabaniif beekkamtiifi onnachiiftuu

garagaraa kennuu;

 Qajeelfamoota qophaa’an hojmaata haaraafi haala yeroo bu’uura

godhachuun yeroo yeroon fooyyessuufi qaama dhimmi ilaaluuf hubannoo

uumuufi kkf…

4.2. Gahe Hojii Biiroo Barnootaa Oromiyaa


Biiroon Barnootaa Barnootaa gahee hojii asii gadii qaba:

 Maanuwaalii Ministeerri Barnootaa qopheesse gara qabatama naannootti

madaqsuun manneen barnootaa akka dhaqqabuufi hojiirra akka oolu

taasisuu;

 Dookumentii leenjii qopheessuun leenjiiwwan humna raawwachiisummaa

cimsan qaamolee dhimmi ilaallatuuf kennuu;

 Manneen Barnootaa Barnoota Walmaddeessaan raawwii gaarii qabaniif

beekkamtiifi onnachiiftuu garagaraa kennuu;

 Raawwii hojii Barnoota Walmaddeessaa ilaalchisee muuxannoo gaarii

manneen barnootaa bira jiru qindeessuun akka babal’atu gochuu;

 Akka barbaachisummaa isaatti manneen barnootaa faayinaansiin

deeggaruun, hojiirra oolmaa hojii Baarnoota walmaddeessaa ilaalchisee

hordoffiifi deeggarsa taasisuufi yaaddeebii barbaachisu kennuu;

 Rakkoowwan hojimaataa mul’atan sakatta’uun kallattii ittiin hiikamuu

danda’ani irratti mala dhahuun yaaddeebii kennuu.

4.3. Gahee Hojii Waajjira Barnootaa Godinaalee


Waajjirri Barnootaa Godinaalee gahee hojii asii gadii qaba:

 Maanuwaalii BBOn madaqfamuun ergame aanaalee akka dhaqqaban

gochuu;

 Dookumentii leenjii qophaa’ee ergame fudhachuun leenjiiwwan humna

raawwachiisummaa cimssan qaamolee dhimmi ilaallatuuf kennuu;

35
 Aanaalee raawwii hojii barnoota walmaddeessaatiin sadarkeessuu;

 Aanaalee raawwii gaarii qabaniif beekkamtiifi onnachiiftuu kennuu;

 Hojii Barnoota Walmaddeessaa ilaalchisee muuxannoo gaarii jiran

qindeessuun akka babal’atu gochuu.

4.4. Gahee Hojii Waajjira Barnootaa Aanaalee/ Bul. Magaalotaa


Waajjirri Barnootaa Aanaa/ Bul. Magaalotaa gahee hojii armaan gadii qaba:

 Manneen barnootaa aanicha/magaalichsa keessa jiran Barnoota

Walmaddeessa akka gurmeessaniifi cimsan deeggarsafi hordoffii

tasiisuu;

 Sochii raawwii hojii Barnoota Walmaddeessaa manneen barnootaa keessa

jiru hordofuufi deeggaruu, madaaluufi manneen barnootaa sadarkeessuu;

 Manneen barnootaaf deeggarsa mallaqaafi meeshaalee adda addaa

taasiisuu;

 Manneen barnootaatiif leenjii humna raawwachiisummaa isaanii cimsu

kennuu;

 Manneen barnootaa hojii Barnoota Walmaddeessaatiin raawwii olaanaa

qabaniif beekkamtiifi onnachiiftuu kennuun jajjabeesuu;

 Muuxannoo gaarii hojii Barnoota Walmaddeessaa manneen barnootaa

qindeessuun gara manneen barnootaa birootti akka babal’atu gochuu;

4.5. Gahee Hojii Hoggansa Manneen Barnootaa


Hoggansa mana barnootaa kanneen jedhaman dura bu’oota, itti aantotaafi

supparvaayizaroota kan of keessatti qabatu ta’ee raawwii Barnoota

Walmaddeessaa keessatti gahee armaan gadii qabaatu:

 Mana barnooticha keessatti gumiiwwan barbaachisoo ta’an akka

gurmaa’an/ hunndeeffaman hundaa’an taasisuu;

36
 Hordoffii, deeggarsaafi madaallii taasisuu;

 Qajeelfamootaafi danbiiwwan dhufan yeroo yeroon beeksisuu;

 Manni barnootichaa raawwii hojii Barnoota Walmaddeessaatiif deeggarsa

faayinaansii barbaachisaa akka godhu taasisuu;

 Leenjiin humna raawwachisummaa cimsu akka kennamu taasisuu;

 Qindeessitoota gumiiwwan mana barnootichaa yeroon ramaduu;

 Raawwii isaanii madaaluun qaama dhimmi ilaaluuf gabaasa gochuu;

 Sochiiwwan barnoota walmaddeessaa raawwii fooyyee qaban badhaasuun

jajjabeessuu;

4.6. Gahee Hojii Barsiisotaa Barnoota Walmaddeessaa

Qindeessanii
Barsiisonni barnoota walmaddeessaa qindeessaniifi gumii gaggeessuuf

ramadaman, gahee hojii armaan gadii qabu:

 Yaadrimeefi kaayyoo barnoota walmaddeessaa ofii hubatanii barattoota

hubachiisuu;

 Sagantaawwan barnoota walmaddeessaafi karooraafi raawwii gumiiwwanii

irratti dammaqinaan hirmaachuu;

 Barattoota gargaaruu, gorsuufi dadammaqsuun hirmaannaa barnootaafi

hojiif qopheessuu;

 Barattoonni gaggeessummaan, hojii madaaluufi to’annaa irratti

hirmaachuun akka shaakalan gargaaruu;

 Piroojektiiwwan gochaa, hojii qorannoofi sochiiwwan barnootaa adda

addaa barnoota daree keessatti kennaman waliin kan walsimaniifi

raawwatamuu danda’an karoorsuufi raawwachuu;

 Maatii, ogeeyyii adda addaafi dhaabbilee garagaraa hirmaachisuun

deeggarsa faayinaansii, ogummaa, meeshaalee akka taasisan gochuu;

37
 Itti gaafatamummaa itti kennamu fedhii guutuun fudhachuun hojiilee

irrattis gahee ol’aanaan bahuu.

4.7. Gahee barattootaa


 Barattoonni gumii keessatti hirmaannaa ho’aa gochuu;

 Qajeelfamaafi dambii barnoota walmaddeessaa kabajuufi kabachiisuu;

 Beekumsaa, ga’umsaafi humna qabaniin raawwii gumichaatiif gumaacha

gochuu;

 Gaheefi itti gaafatamummaa kennameef dammaqinaan ba’uu;

 Barattoota gumii keessatti hinhammatamne miseensa gumii akka ta’an

jajjabeessuu;

 Karooraafi raawwii gumichaa waliin madaaluu;

 Walii waliin muuxannoo waljijjirraa taasisuufi sochiiwwan hojii tola

oltummaa irratti hirmaachuu qabu.

 Gumii keessatti hanga humna isaanii akka qusatan taasisuu;

4.8. Gahee Hojii Gamtaa Maatii-Barsiisotaa-Barattootaa

(GMBB)
GMBBn gahee hojii armaan gadii qaba:

 Hirmaannaan maatiifi hawaasaa manneen barnootaa keessatti akka cimu

taasisuu;

 Hirmaannaa barattootaaf deeggarsa barbaachisu gochuu;

4.9. Gahee Hojii Qaamolee Alaa


Dhaabbileen mootummaafi mitimootummaa, tola-ooltonni, abbootiin qabeenyaa

dhuunfaa, namoonni bebbeekamoon fedhii, mul’ataafi ergama damee barnootaa

karaa milkeessuu danda’uun deeggarsa barbaachisu (deeggarsa ogummaa,

qabeenya walitti qabuu, deeggarsa teekinikaafi leecalloo guutuu) taasisuun hojii

gumiiwwan manneen barnootaa tumsuutu irraa eegama.

38
Kutaa 5: Hordoffii, Deeggarsaafi Madaallii Barnoota
Walmaddeessaa
Gurmaa’insiifi sochiin barnoota walmaddeessaan akkuma barnoota idilee

xiyyeeffannoon deeggaramuufi hordofamuu qaba. Ssafartuun bu’uuraa madaallii

sochiiwwan barnoota walmaddeessaa, fayyummaafi milkaa’ina barattootaaf

gumachuudha. Akkasumas, guddina hundagaleessa barattootaa haala argamsiisuu

danda’uun gurmaa’uu isaanii mirkaneessuudha. Dabalataan, madaalliin

gaggeeffamu gurmaa’insaafi hojimaataa sagantichaa, jijjiirraa amala

barattootaraatti mul’atu, qabxii barattoonni galmeessan, jijjiiramaafi

fooyya’iinsa hojimaataa waaliin walqabataniirratti xiyyeeffata.

Barnoota walmaddeessaa deeggaruun hojii fufiinsaan hojjatamuu qabudha.

Haaluma kanaan, rakkoowwan mul’atan irratti sirreeffama taasisaa; yeroo yeroon

deeggarsaa, hordofuui, madaaluun barbaachisaadha. Kanaafuu, hojiin hordoffii,

deeggarsaafi madaallii kurmaana kurmaanaan cheeklistii qopheessuun

raawwatamuu qaba.

5.1. Qaamolee Hojii Hordoffiifi Deeggarsaa Barnoota

Walmaddeessaa Keessatti Hirmaatan


Hojiileen hordoffii, deeggarsaafi madaallii caalmaatti qaamota mana barumsaa

itti dhiyeenyaan gaggeessan hoggnasa mana barumsaatiifi barsiisotaan kan

raawwatamudha. Akkasumas, supparvaayizaroonni wiirtuu manneen barnootaa

hoggantootaafi barsiisota waliin ta’uun gumiiwwaniifi sochiilee barnoota

walmaddeessaa manneen barnootaa keessatti hundaa’anii jiranii hordofuu,

deeggaruufi madaaluuf ittigaafatamummaa guddaa qabu. Dabalataan ogeessonni

dhimmichi ilaallatu, Ministeera Barnootaa, Biiroo Barnootaa Oromiyaafi

Godinaalee/ bulchiinsa magaalotaa waliin ta’uun barnoonni walmaddeessaa

akkaataa maanuwaalii keessa taa’een hojiirra oolaa jiraachuu ilaalchisee

hordoffii, deeggarsaafi madaallii gaggeessuu ni danda’u. Gama biroon, qaamoleen

39
Ministeeraa Barnootaa, Biiroo Barnootaafi Godinaa/bulchiinsa magaalaa bu’aalee

gamaggamicharraa argamerratti hundaa’uun dhimmoonni maanuwaalicha keessaa

fooyya’uun barbaachisu yoo jiraate fooyyessuu nidanda’u.

5.2. Sirna Gabaasaa


Akkuma beekamu hojiin hundi karooraan waan hogganamuuf gumiileen hundi karoora hojii
baafachuu isaanii karaa hoggantoota gumiiwwanii jalqaba waggaarratti mana barumsaaf
dhiyata. Akkasumas, yeroo hunda dhuma ji’aa irratti gabaasa raawwii hojii hoggantoonni
gumiilee hoggantoota barnoota walmaddeessaaf nidhiyeessu. Mannii barnootaa immoo
qindeessuun ji’a ji’aan waajjira barnoota aanaalee/bulchiinsa magaalotaaf nidhiyeessu.
Waajjirri barnootaa aanaalee/bulchiini magaalotaas bifuma walfakkaatuun qindeessanii
qabachuun kurmaana kurmaanaan waajjira barnootaa godinaa ni ergu. Waajjirri
barnootaa Godinaalee/ Bulchiinsa magaalotaa immoo yoo xiqqaate kurmaana kurmaanaan
gabaasa raawwii sochiilee barnoota walmaddeessaa Biiroo Barnootaaf dhiyeessuu qabu.

Karaa biroo caasaaleen barnootaa sadarkaa sadarkaan jiran haala barbaachisummaa


isaatiin karooraafi raawwii sochiilee barnoota walmaddeessaa karaa tekinooloojii
qunnamtii odeeffannootiin fudhachuu nidanda’a.

5.3. Tooftaalee Madaallii


Barnoota walmaddeessaa madaaluuf tooftaalee asiin gadii gargaaramuun

nidanda’ama.

 Gaafannoowwan, gucaalee adda addaa, safartuuwwan addaa addaafi

kanneen kana fakkaatanitti gargaaramuu;

 Qaama mana barumsaan alaa jiran aferuun madaallii akka gaggeessan

taasisuu;

 Sochii manneen barnootaa biroo daawwachuun erga qo’atanii sochii mana

barumsaa ofii waliin walbira qabuun of- madaaluu;

 Waltajjii qopheessuun hawaasni mana barumsaa ifatti akka mari’ataniifi

yaada irratti kennaniif haala mijeessuu;

40
 Daawwannaa waliigalaatiifi sochiiwwan taasifaman irratti yaada

bararattootaa sassaabuu;

41

You might also like