Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 51

Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

BARSIISA EENYUU HORDOFAA JIRRAA?

Xumurri seenaa lafa kanaa maalirra akka ga’e hubachuun isaa dhimma yeroo kam
irra iyyuu caalmaa kan itti nu yaachisuu qabu fi hubachuu qabnurraa iyyuu
“Dhugaa” barootaaf ture, amma “Dhugaa Yeroo” ta’uu isaa hubachuu qabnu dha.

Guutummaa gaaffilee sammuu kiristanoota addunyaa hawwatu hedduu keessaa


raawwatee ijoollee Waaqayyoof yeroo amma kana toora barsiisa isa kami hordofuu
qabna kan jedhu caalaa wanti barbaachisu hin jiru.

Dhimmootni murteessoo taa’an biroo baay’een macaafa qulqulluu keessatti


ifaadhumatti yoo kan dhihaatan ta’ellee, dhimmi kana caalaatti kiristaanotatti
wal’aansoo kan ta’e raawwatee hin jiru.

Waaqeffannaan gammachuu barbaadu adduunyaa keenya har’aa keessatti haalaan


babal’achaa akka jiruu fi bu’aa cubbuun fidu babal’achaa kan jiru ta’uunsaa
raawwatee namni ganu hin jiru. Fakkeenyaaf: Ejja, dhukkuba wal-hormaata
saalaatiin daddarban, siyaasa biyyaa saalli wal fakkaatu/the same sex marriage/
akka wal fuudhu taasisu, shororkeessummaa isa lubbuu kumaatama heedduu
haxaa’a jiru fa’adha. Akkuma wantooni caqafaman kun addunyaa keenya keessatti
babal’achaa adeemaniin anummaan, yakki, oftuulummaan, abbomammuu
dhabuun, ofittummaan, sassatummaan, nama arrabsuun, abbaa fi haadha ofiif
ajajamuu dhabuun, galata Waaqayyoof qabaachuu dhabuun, warra wanta
qulqullaa’aadhaan morman ta’uun, warra jaalala hin qabne ta’uun, warra araara
hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan ta’uun, warra ofi hin qabne ta’uun,
warra eegannaa hin qabne ta’uun, warra Waaqayyoon jaallachuu caalaa waan isaan
gammachiisu jaallatan babal’achaa adeema.

Kanaaf wanta Waaqayyo jaallatuu fi hin jaallanne adda baasanii beekuun hin
barbaachisuuree? Waaqayyo kitaaba qulqullu keessatti cubbuun maal akka ta’e
nutti hin himneree? Dubbii Waaqayyo qorachuudhaan ifa jaalala Waaqayyotti
adeemuun nuun barbaachisuree? Yoos egaa akkamittiin beekuu dandeenyaree?

Waaqayyo cubbuu Keenya hundumaattii nu qulqullessudhaaf amanamaa dha


(1Yoh.1:9). Akkuma waadaa nuuf gales gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin cubbuu
irratti moo’icha akka argannuuf akkasumas akka shaakalluuf nu gargaara.

Cubbuun namaa fi Waaqayyoon gargar baasa (Isa.59:1-3). Namni Waaqayyo irraa


yoo gargar ba’e ammoo abdii malee in ta’a. Abdii malee ta’uun immoo qooda eebba
waliif ta’uu abaarsa akka waliif taa’anii fi amalootni armaan olitti caqafamanii turan

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 1


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

akka babalatu taasisa. Kanaaf qalbii jijjirachuudhaan dhiifama argachuu akka


barbaachisu amantoonni kirisitiyaanaa ni beeku; adduunyaan akka hubattuus ni
barbaadu. Dursa waan hundumaa qalbii jijjirachuuf immoo cubbuun maal jechuu
akka ta’e beekuun barbaachisaa dha.

 CUBBUUN MAALI ?
Kitaabni qulqulluun cubbuu karaa baay’ee hiika; Fkn

 Wanti amantii malee hojjetamu hundinuu cubbu dha (Rom.14:23).


 Waan gaarii gochuu utuu beekanii gochuu dhiisuun cubbuu dha (Yaq.4:17).
 Jallinni hundinuu cubbu dha (Yoh.5:17).

Haa ta’u malee Kitaaba qulqulluu keessatti hiikkaan ifaadhumatti (clear definition)
cubbuutiif kenname tokkichi 1Yoh.3:4 irra isa jiruu dha. Innis “CUBBUUN
SEERARRA DADDARBUU DHA” kan jedhu dha.

Wanta qajeelaa hojjechuu akkamittiin beeknaa? hojii jallinaahoo akkamittin beekuu


dandeenyaa?

Namni kamiyyuu wanta faallaa abboommii waaqayyo ta’e yommuu raawwatu akka
inni waaqarraa gargar ba’e beekamaa dha. Abboommii Waaqayyootiif amanamuu
dhabuunis faalla shaakala qajeelummaati.

Kanaafuu cubbuu jechuun seera malee jiraachuu, abboommii Waaqayyoos


shakkidhaan, amantii dhabuudhaan, ganuudhaanis, mormuudhaaniis cabsuu
dha.

Abboommiin Waaqayyoo Maalii? Meeqaa? Abboommin Museehoo?


Ayyaanni Waaqayyoos Maalii?
ABBOOMMIIN WAAQAYYOO MAALII ?

Abboommiin Waaqayyoo isa kam akka ta’e irratti kiristiyaanota addunyaa gidduutti
wal mormi heedduutu jira.

Wanti nuti amannuu qabatamaatti dhugaa akka ta’ e akkkamittiin beeknaa ?

Karaa tokko qofaan beekna; innis kitaaba qulqulluu ofiin qorachuudhaani. Akkuma
kiristoos jedhe dhugaa beekuu fi barbaaduun birmaduu nu baasa (Yoh.8:31,32).

Dhugaadhumatti kitaaba qulqulluu qorachuudhaan wanta inni jedhu beekuu ni


barbaaddaa ? (2Xim2:15)

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 2


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Waaqayyo jalqaba abboommii Isaa afaan isaatiin walga’ii saba Isiraa’elitti dubbate,
garuu sabni sun argamuu Waaqayyoo yommuu sodaatanitti Waaqayyo karaa Musee
akka isaanitti dubbatu barbaadan.

Kanaafiidha egaa Museen qofaa isa gaara siinaatti ba’ee abboommii gabatoota
dhagaa irratti qirixame Waaqayyoo harkaa kan fuudheef (S.Kes.5:22).

S.Ba’u.31:18, 32:15-16, S.Kes.10:1-4, S.Ba’u.34:1-4, 32:19, 40:20, Isa:42:21

Kanaafuu abboommiin Waaqayyo isaa isa guutuu, isa gabatoota dhagaa dhuga
baatuu lamaan irratti keessaa fi duubaan quba isaatiin barreeffamanii saanduqa
kakuu keessa ka’amanii dha.

ABBOMMIIN WAAQAYYOO KUN MEEQAA? MAAL FA’ISII?


Abboommiin Waaqayyo gabatoota dhagaa irratti qirixamanii Museetti kan
kennaman kurnani(10) dha. (Seera Ba’u.20:1-7).
AMALA ISAA  Waaqayyo Gammachuudha.
Faar.37:4,146:5,16:11
Abboommiin Waaqayyo amala
 Waaqayyo Dinqiidha. Isa.9:6
Waaqayyooti.
 Waaqayyo Birmadummaadha. Isa.61:1
 Waaqayyo Guutuudha. Mat.5:48
 Waaqayyo  Waaqayyo Araara Qabeessa. S.Ba’u.34:5,
Qulqulluudha.Isa.6:3,1yoh.3:3,1phex.1:15,Far.19:9  Waaqayyo Beekuma. Isa.11:2
 Waaqayyo Hafuura. Yoh.4:24  Waaqayyo Abdiidha. Faar.130:7
 Waaqayyo Jaalala. 1yoh.4:7,8 SEERA ISAA
 Waaqayyo Ifa.1yoh.1:7 Seerri Waaqayyoo Garuu Amala Waaqayyooti.Far.119:
 Waaqayyo Dhugaadha. Yoh.14:6, 3:33 68,72:

 Waaqayyo Qajeelaadha. K.Deeb.32:4, o Seerri Isaas Guutuudha. Far.19:7, Yaaq


Rom.3:26 1:25
 Waaqayyo Tolaadha. 1qor.1:30, o Seerri Isaas Qulqulluudha. Rom. 7:12,
Erm.23:6 Hisq.22:26
 Waaqayyo Gaariidha. Luq.18:19, Nahom.1:7 o Seerri Isaas Hafuura. Rom.7:14
 Waaqayyo Amanamaadha.1yoh.1:9,1qor.1:9,2xim.2:19 o Seerri Isaas Jaalala.1xim.1:5,Rom.13:8-
 Waaqayyo Ogeessa. Faar.111:10 10,Mat.22:37-40

 Waaqayyo Guddaadha. o Seerri Isaas Ifa. Fkn. 6:23


 Waaqayyo Nagaadha. Isa.9:6 o Seerri Isaas
 Waaqayyo Bara Baraan Jiraata. Far.29:10, Yoh.8:35 Dhugaadha.Nah.9:13,Faar.119:142,151,86
 Waaqayyo Hin Jijjiiramu. Yaq.1:17, Milk.3:6 o Seerri Isaas Qajeelaadha. Faar.119:17,
 Waaqayyo Jireenya. Yoh.14:6 Rom.7:12
 Waaqayyo Karaadha. Yoh.14:6 o Seerri Isaas Tolaadha.
 Waaqayyo Firdii Keenya. Faar.50:6 Rom.8:4,Faar.119:172

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 3


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

o Seerri Isaas Gaariidha. 1xim.1:8, o Seerri Isaas Karaadha. Faar.119:30-32


Rom.7:12,16 o Seerri Isaas Firdii Keenya. Yaaq.2:12
o Seerri Isaas Amanamaadha. Faar.119: o Seerri Isaas Gammachuudha.
86,19:7,111:7,8 Faar.1:2,119:162,Fak.29:18
o Seerri Isaas Ogeessa Nama o Seerri Isaas Dinqiidha. Faar.119:18
Godha.Faar.119:98,19:7,111:10 o Seerri Isaas Birmadummaadha.
o Seerri Isaas Guddaadha. Hos. 8:12 Yaaq.1:25,Faar.119:45
o Seerri Isaas Nagaadha. Far.119: 165 o Seerri Isaas Araara Qabeessa.
o Seerri Isaas Bara Baraan Jiraata. Faar.119:58
Far.111:7,8 o Seerri Isaas Beekuma. Faar.119:66
o Seerri Isaas Hin Jijjiiramu. o Seerri Isaas Abdiidha. Faar.119:80
Mat .5:18,Faar.111:7,8
o Seerri Isaas Jireenya. Mat.19:17
Kanaafuu abboommiin Waaqayyoo kurnan(10) kun kan hin jijjiramne, amala isaa,
kan ta’aanii fi bara baraan kan jiraatan akka ta’aan hubanneerra. Garuu seerri kan
biraan jiramoo hin jiru? Yoo jira ta’e seerri kun maalidhaa? Seerri fannoo irratti
cinqaarfamee jiramoo hin jiruu? Yoo jiraate seerichi isa kamii? Gaaffilee armaan
olitti ka’aaniif macaafni qulqulluun deebii maalii qabaa?

Kiristaanonni hedduun isaanii seera Waaqayyoo kan taa’an abboommin kurnan


fannoorratti cinqerfameera jedhanitu amanu. Amantaa isaanii kanaaf bu’uura
godhani kan dhiyeesan Qol.2:14. Innis akkana kan jedhudha “Wanta nu irratti
caafamee ture isa nutti hin toliin sana waan inni karaa seera nu irraa barbaadu
wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatin iddoo isaatii baalleessera”.

“Waan nu irratti caafamee” jedhamuun kan ibsame kana adda baafne ilaaluun
murteessaadha. Kanaafuu seerri /Abboommin isaan irratti baafame kun seera
Waaqayyoo ta’aa laataa ? Yookin kitaaba seeraa Museedhaan barreffamee ?

Kitaabni qulqulluun waa’ee seerota gurguddoo lamaanuu ni dubbata. Isaanis:

 Seera Waaqayyoo “Abboommii Kurnan” Isa Seera Jaalalaa Jedhamee


Beekamu
 Seera Musee/Macaafa Seeraa Yookin Macaafa Kakuu, Akkasumas Seera
Dirree Jedhame Beekamu Dha.

Kaayyoo fi gocha dinqisiisaa kan qaban seeroni addaa adda lamaan kun
Waaqayyoon karoorfamanii kan qophaan yommuu ta’u garaa garummaan seerota
lamaan gidduu jiru namoota baay’ee birattii waan hin hubatamneef bita galummaa
itti uumeera. Keessumaa bita galummaa guddaa uumameef sababa kan ta’e
barreessitoonni kitaaba qulqulluu baaqqeen kan ibsame ‘seera’ jecha jedhamuu
seera Waaqayyofis ta’e seera Musee itti ibsuuf ittii fayyadamanidha. Haa ta’u malee

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 4


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

garaa garummaa gochaa fi kaayyoo seeroota kana lamaan giddu jiru ifatti adda
baafne hubachuu yoo hin dandeenye, yaada ergichaa waligalatti dogogoruun
salphaatti gara murtee (hubi) dogogooraa qabaachuuttii nu geessa. Fakkeenyaaf;
Phaawuloos akkana jedha; “warri waan seeri isaan iraa barbaadu hojjechuu isaanii
abdatan abaarsa jala jiru …Namni tokko illee hojii seera raawwachuudhaan
Waaqayyo birattii qajeelaa ta’ee akka hin lakkaa’amne mul’ataa dha ….kiristoos
immo nuuf jedhee abaaramaa ta’uudhaan abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu
fureera” (Galaatiyaa 3:10-13)

Phaawulosumti deebi’ee sagalee kanatti aanee jiru barreeseera” egaa immoo amantii
kanaan seera diigna jechuudhamooree? Waawuu, kun raawwatee ta’uu hin danda’u,
jabeessinee dhaabna malee”(Rome.3:31)

Itti dabalees; “seerichillee ofii isaatii qulqulluu dha, Abboommichis qulqulluu


qajeelaa, gaariidha.

Egaa waa’ee caafata lamaan armaan olii kan barressee phaawuloos akka ta’e wal
nun gaafachisu. Garuu phaawuloos seerota lamaan keessaa isa kam addaan baasee
dubbataa akka jiru beektuu? Waa’ee ergaa phaawuloosi hubannoo guutuu qabduu?

Seerota lamaan kana gidduu garaa garummaa jiru sakatta’aa yeroo deemnu
hubannoo guutuu akka argattan amantaa kooti. Ergamaan phaawuloos waa’ee
“seeraa’’ ergaa barreesse yeroo dubbifnu qabxii ergichaa qabachuun dubbataa kan
jiru waa’ee seera waaqaa haa ta’u yookin waa’ee seera Musee salphaatti addaan
baafnee baruu ni dandeenya.

Kanaaf mata duree gabaabduu qophoofte kana erga dubbiftanii booda


phaawuloos “nuun mormaa fi nuun morkaa kan ture “ jechuun kan dubbatu
abboommii kurnan isa waaqayyo quba isaatiin barreessee akka hin taane kitaaba
qulqulluun mataan isaa nuf mirkaneessa.

Kitaabni qulqulluunis ta’e barreessitoonni isaa tokko kan biroo mormuun


yaadni kaa’an hin jiran. Yaadni mormi kan uumamu qabxileen barsiifaman yaada
bu’uura isaanii irraa adda ba’aanii karaa dogoggoraatiin hojirra yeroo oolanidha.
Qabxilee tokko tokko irratti ilaalchi yeroo jalqabaa horannu mataa isaatiin kan wal
faalleessan ta’anii nutti mul’achuu ni danda’u.

Haalli akkanaa kun yeroo uumamu jalqaba qabxicha baaqqeeen utuu hin fudhatin
yaada bu’uura isaa waliin sakatta’uun barbaachisa dha. Itti aansuun waa’ee yaad-
rimee qabxichaa irratti qabxilee kitaaba qulqulluu barreeffaman biroo waliin
madaaluun barbaachisaa fi murteessa dha.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 5


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

kitaabni qulqulluun hundinuu gaggeessaa hafuura waaqayyootiin caafame;


barsiisuuf ,balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leenjisuudhaaf
dhimma in baasa. kunis namni waaqayyoo hojii gaarii hundaaf ga’umsa qabaatee
akka argamufi.(2Xim.316-17).

Phaawuloos jechoota kana kan barreesse kitaaboota kakuu moofa waliin


madaalchisuuni. Namoonni tokko tokko kiristaanota kakuu haaraa akka ta’an yeroo
dubbatan ni dhaga’ama. kan nama gaddisiisu namoonni kun amantaan isaan
geggeessan kakuu haaraan kakuu moofaa akka diige godhamee dhiyaachuu isaati.
Phaawuloos barsiisa akkanaa kana waliin walii hin galu. Akka ergaa isaatti
“kitaabonni qulqulluun hundi “ hojii gaariif gahaa taanee akka argamnu nu godhu.
Akkasumas kakuu mofaan kakuu haara –kakuun haraa immoo kakuu moofaa kan
ibsu waan ta’eef tokko isa biro irra adda godhanii hiikuun barbaachisa miti.
Kitaaba qulqulluu keessatti kutaan hunduu kiristoosin mul’isa. Gara samitti kan ol-
ba’e kiristoosi hordoftoota isaatin akkana jedhe ture; “yommuun isinii wajjin ture
waa’ee kootiif seera Muse, macaafa raajotaa fi macaafa faarfannaa keessatti kan
caafame hundinuu raawwataamuuf akka jiru, kanani isinitti hime, kunoo isa
kana”(Luq.24:44).

Dabalataanis Yesuus akkana jedhe ture , “kanaaf barsiisaan seera durii


mootummaa waaqaatiif bartuu ta’ee qopheeffame hundinuu, abba manaa isa mana
mi’a isaatii keessaa waan haaraa fi waan moofaa gadi baasuu fakkaata”(Mat.13:52)

Egaa Abboommiin kurnaan seera Waaqayyoo ta’aan kan ibsaman yoo ta’u mee
amma immoo seera Musee haa ilaallu.

SEERA MUSEE/ MACAAFA SEERAA


Garaa siinaa irratti, Museen seera Waaqayyo fi qajeelfamoota sirna aarsaa isa
bu’uura amantaa israa’elootaa ta’e fudhee ture. Qajeelfamooni lamaanuu seera
jedhamanii waamamu turan. Haata’u malee hikkaan Abboommii kurnan isa
maalummaa cubbuu ibsuu fi seerra Musee (ceremonial law) isa furmaata cubbuu
qabatuu gara gara turan. Seerri Abboommii kurnanii Waaqayyoon kan barreeffame
yommuu ta’u seerri Muse/ceremonial law/ Museedhaan barreeffamuun macaafa
seeraa jedhamee kan waamamu dha.

SEERA AYYAANAA (THE CEREMONIAL LAW)


Seerri gaaddiiduu fi ayyaanaa(ceremonial law) kun Museedhaan kitaaba irratii
barreefamuun macaafa seera ta’ee saanduqa (gabatee) kakuu bira (cinaa) akka
ka’amu isa godhamedha.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 6


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

k.Deb.31:24-26

Seerotni lamaan seera safuu/moral law/ fi seera ayyaanaa (ceremonial law)


jedhamuun kan beekaman kun guutummaa guututtii garaa gara kan ta’anii fi
kaayyoo garaa garaaf kan tajajilanidha.

Kiristoos dirqama seerri ayyaanaa gaafatu hundaa guutummatti raawwachuuf


hoolaa cubbuu biyya lafaaf qalamu ta’uun dhufe. Inni dirqama seerrii abboommii
kurnanii gaafatus guutumman guutuutti ajajamuun raawwateera. Fannoo
booddees, seerri ayyaanaa itti hin fufne. Sababiin isaa agarsiiftuu fuula duraa
(gaadiidduu) fannoo waan ta’eef. Haa ta’u malee seerri Abboommii kurnanii hin
jijjiramu yookan du’a Kiristoosin kan balleeffamu miti. Seerrumti walfakkaataan
kun ammallee kakuu haaraa keessattis ni argama.

Seerri ayyaanaa (ceremonial law) akkamiin agarsiiftuu tajaajila kiristoos ta’aa?


Manni qulqullummaa deebii isaa nuuf kenna. Museen akkaatan Waaqayyo gaara
siinaa irratti isatti agarsiiseen mana qulqullummaa ijaare.

S.Ba’u.25:8

Ibr.8:5

Manni qulqullummaa inni lafarraa fi tajaajilli isa keessatti argaman martinuu,


tajaajila Kiristoos bakka keenya ta’uun nuuf raawwatu agarsiisu. Akkasumas inni
garagalcha/koppii/ tajaajila isa guddaa kiristoos mana qulqullummaa samii isa
mana qulqullummaa lafaa irraa kan ‘fakkeenya bara si’anaa’ akkanumanii ture
(Ibr.9:9). Inni lafarraa koppii (garagalcha)isa samii irraa ture.

Ibr.8:5

Kiristoos erga du’aa ka’uun gara samitti ol ba’ee booda mana qulqullummaa samii
isa harka namaan hin ijaaramneetti seene.

Ibr.9:24

GARAGARUMMAA SEERA WAAQAYYOO FI SEEROTA AYYAANAA


Beenyaan cubbu fannoo irratti kanfalame. Haqi (justice) ni argame. Garuu tajajilli
Kiristoos achitti hin dhaabbanne (xumuramne). Cubbuun ammallee jira.
Cubbamaan ammallee Waaqayyoo biraa kara kiristoosiin gargaarsa barbaada.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 7


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Fayyisaa du’aa ka’e, Isa angafa lubaa keenya, Abukaattoo keenya, Abbaa firdii
keenya fi Mootii keenya ta’ee bakka keenya bu’uun mana qulqullummaa isa olii (isa
Waaqa irraa ) keessatti nu araarsaa jiru tajaajilla.

Ibr.8:2

Yommuu dhugummaa kiristoos bakka keenya bu’uun du’e fudhannu, Waaqayyo


ragaa cubbuu malee ta’uu keenya ni barbaada. Eessattiree egaa abokaattoon kan
seenuu qabuu? Kiristoos dhiirsi misirroon saba isa, misiiritti isaa, dhiigaa ofii
isaatin bitateera. Inni himata diinni nutti banuun nu himatu keessatti abbokaatoo
keenya ta’uun Abbaa gargaarun kan nu tajaajiluu fi fayyina keenya mirkaneessuu fi
xumuratti amma samiitti nu fudhatutti nu falmuun mirga isaati. Fayyinni keenya
bara baraa kan inni irratti hunda’u hammam abdi dhaboota ta’uu keenya irratti
osoo hin taane hammam kiristoos cubbamoota fayyisuuf ga’aa akka ta’e irratti dha.

1Yoh.2:1

Yommuu balballii Aaraara cufamu, kiristoos tajaajila araarsuu isaatii dhaabuun


mootii uffachuun mootii moototaa ta’uun misirrittii isaa simuuf deebi’ee gara lafaa
ni dhufa.

Dan.7:13-14

Dan.7:22l

Ibr. 4:2,6 kan nutti himu wangelli warra isiraa’elotatti lallabamee kan ture yommu
ta’u garuu sababii amanuu dhabuu isaanii isaan hin gargarre. Wangelli
gaaddiiduudhaan karaa tajaajila mana qulqullummaa isaanitti lallabame ture. Kun
nu dinquu hin qabu. Sababni isaa Daawit abbaan faarsaa akkas jedhee barreeseera.

Faar.77:13

Akkuma kiristoos gidduu namootaa buufatee (Yoh.1:14) manumti qulqullummaan


iyyuu gidduu saba buufama/dhaabataa/ture (S.lak.1:51-53).

Manni qulqullummaa keenyan isa inni karaa bakkee (aala) quncee talbaa adii
diibamaa karra dallaa alaatti geessu tokko isa lafa bakka bu’u kan qabu ture.
Macaafa mul’ataa keessattii akkuma arginu quncee talbaa adiin kun kan dhabbateef
qulqullummaa qulqullootaafi{the righteousness of the saints} Mul.19:8. Akkuma
qulqullummaan hundinuu qulqullummaa yaadachiisu, quncee talbaa adiiniis
guutummatti qulqullummaa Kiristoos agarsiisuuf kan dhaabbatedha.

Yommuu mana qulqullummaa kutaa jalqabaatti ol-seenamuu, wanti jalqabatti


mul’atu iddoo arsaan gubatu itti dhiyaachuun hoolan arsaadhaaf dhiyaatuu fi

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 8


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

gubatudha. Innis fannoo qaraaniyoof kan dhabbatudha. Akkasumas gabateen


bishaan itti guutamuun harka dhiqannaa ayyanichaaf (ceremonial washing) ni
dhiyaata. Innis dhiqannaa (cuphaa) lammaffaa dhalachuu bakka bu’u dha.

Kutaan mana qulqullummaa inni keessaa kuta lama of keessa qaba; Isaanis Iddoo
qulqulluu fi Iddoo qulqulluu qulqullootaati. Gara Iddoo qulqulluutti kan geessu
balballi jira. Akkasumas Iddoo qulqulluu Iddoo qulqulluu qulqullootatti kan adda
baasu golgaan tureera (S.Ba’u.26:31). Iddoo qulqulluutti wantootni argaman qoda
baattuu ibsaa torbaa, gabatee bideen ilaalchaa, fi qodaa ixaana itti aarsani dha.
Mana Qulqullummaa kuutaa isa sadaffaa (iddoo qulqulluu qulqullootaatti) waan
tokko qofaatu argama, innis sanduqa (gabatee) kakuuti. Innis saanduqa midhagaa
warqee qulqulluudhaan uwwifame dha. Tokkon tokkon fiixee sanduqichaa irras
ergamoota warqee (kirubeloota) marsantu jira. Gabatee kakuu kana keessa
barreffama (dokimentii) baayyee qulqullaa’aa isa Waaqayyoo yomiyyuu ilmaan
namaaf kenne abboommii kurnantu jira. Mi’oonii(wantootni) mana qulqulluumma
keessatti tooran ka’aman kunneen mallattoo fannoo akkataa Yesuus itti du’uuf jiru
kan agarsiisan ture.

GAADDIIDDUU QAAMA ISA DHUFUUF JEDHUU/A SHADOW OF THINGS TO COME.

Seerri ayyaanaa sanbata guyyaa torbaffaa ni dabalataa ? eeyyeen. Mee seerotni


ayyaanaa macaafa qulqulluu keessatti Seera Leewwotaa Boqonnaa 23 irratti akka
armaan gaditti tarreeffamanii waan jiraniif haa ilaallu.
S.Leewwataa boqonnaa.23 Lakk:
4. Guyyoonni ayyaanaa warri Waaqayyoof fo’aman:
5. Faasikaan Waaqayyoo ji’a isa duraa, ji’ichattis gaafa guyyaa 14 ffaa dimimmisa
galgalaa jalqaba
6. ji’a kanatti guyyaan kudha 15ffaa n immoo guyyaa ayyaana maxinoo isa kan
Waaqayyooti.
10,11. The bissii mataa midhaan galfatanii( First-fruits) gara lubichaatti fidaa..
15,16. guyyaa shantammaffaa /Pentecost.
24. Ji’a Torbaffaatti, Ji’ichattis Guyyaa Duraa Sanbata Godhadhaa/7th Month Feast
Of Trumpets.
27. Ji’a Torbaffaa Kanatti Guyyaa Kurnaffaan Guyyaa Aaraarri Bu’udha.
34. Ji’a Torbaffaa Kanatti Guyyaa 15 ffaa Dhaa Jalqabee Guyyaan Torba Ana
Waaqayyoof Ayyaana Gordommaati (guyyoota qulqullaa’oo 7. Lakk. 36.)
Guyyoonni kun hundinuu sanbatoota waggaa/annual Sabbath/ warra gaaddidduu
qaama isa dhufuuf jedhu ture malee sanbata guyyaa torbaffaa isa seera
Waaqayyoo/abboommii kurnan keessa jiru miti. Sanbatootni waggaa/annual
Sabbath/ kun guutummaa guutuutti gaaddidduu Kiristoosii fi tajaajila isaati.
Fakkeenyaaf dubbii akkana jedhu dubbifanna: 1Qor.5:7, 15:22,23, H.Erg.2:1-4,
S.Lakk.28:11, Gal.3:24,25

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 9


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

IBSA DABALATAA DHIMMOOTA KANA IRRATTI KUTAA BIRAAN WAL AGARRA.

SEERA MUSEE
Amma mee seera musee irra deebi’uun haa ibsinu. Akkuma kana dubbistaniin
akka itti gammadanin yaada, sababni isaa, keeyyatuma muraasa akka dubbistaniin
kakuu moofaan yaada Waaqayyon maal akka ta’e hubachuuf waan jirtaniif.

Kakuun moofaa waadaa (kakuu) Waaqayyoo guutumma biyya lafaa karaa


israa’elin cubbuuttii furuuf kan ibsu ture. Museenis jechoota kakuu sana macaafa
kakuu irratti barreesseera. Innis isa macaafni Qulqulluun macaafa seeraa (the book
of the law) jechuun caqasudha.

Kunis galme taatewwan yeroo sabni Israa’el Misirii ba’anii hanga gaara sinaatti
raawwatani dha. Waaqayyo abboommii kurnaan guutummaa sabaatti dubbatee.
(S.Ba’u.20:1-17). Sabni Museen isaanii fi Waaqayyo gidduu akka deemuuf gaafatan
(S.Ba’u.20:18-19). Waaqayyo waadaa adda saba israa’elif galame Museetti dubbate
(S.Ba’u.20:22-23:33). Museen immoo waadaa galamee fi murtii (firdii) isaa irra
deebi’ee sabatti dubbate(S.Ba’u.24:3). Museenis macaafa kakuu barreessuun, Iddo
aarsaa ijaaree dhiiga horii aarfameen waadicha jabeesse (confirms). (S.Ba’u.24:4-8).
Museenis guyyaa fi halkan afurtamaaf gara gaaratti ol ba’e.( S.Ba’u.24:12-18)
Waaqayyo Abboommi kurnan dhagaa irratti barreessuun Museetti kenne.
(S.Ba’u.31:18). Museenis gabatoota dhagoota lamaanii ni cabse (S.Ba’u.32:19).
Ammas Waaqayyo irra deebi’uun quba isaatiin gabatoota dhagoota lamaanitti
barreessuun Museetti isaan kenne (S.Ba’u.34:1)

Waaqayyo erga Abboommii kurnan sabatti dubbateen booda, Musee qofaatu gara
Waaqayyotti dhi’aate. Waaqayyo Gooftaanis seera ittin bulmaataa fi seerota
ayyaanaa addaa akka Israa’el hordofaniif isaaniif kenne. Yommu Museen Waaqayyo
biraatii gara sabaatti deebi’eetti waliigaltee addaa yeroo kana sabatti irra deebi’un
yommu dubbate, wanta Waaqayyo dubbate kana guutummaatti akka raawwatan
sabni hunduu itti walii galan.

Asitti garaa garummaa ifatti jiru kana barreesssun namatti tola. Waaqayyo ture
Abbommiin kurnan utuu gabatoota dhagaatti hin qirixamiin/barreeffamiin dura kan
guutummaa sabaatti dubbate. Garuu yommuu waadaan addaa Isiraa’elii fi
Waaqayyoo, gidduu sabaatti labsamee Museen akka araarsaatti giddu isaanii
dhaabbachaa ture.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 10


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Seerri ba’uu boqonnaan 24 Museen akkamiin akka inni guutummaa jechoota


Gooftaa macaafaa kakuu (waadaa) /book of tha covenant / irratti barreessee fi iddoo
aarsaa ijaare nuti hima. Macaafa kakuu sana utuu dhiigaan hin mirkaneesssin (hin
jabeessin) guutummaa dubbii macaaficha kakuu keessatti barreesse sanaa sabaaf
dubbise.

Ammas, dubbicha fudhachuudhaan akka abboomaman waadaa galuun ibsan.


Kanaaf Museenis dhiiga fuudhuun macaafichaa fi guutummaa sabaatti
facaasuun(Ibr.9:19, S.Ba’u.24:8) akkas, jedhe, ilaa dhiiga kakuu isa Waaqayyo akka
dubbi kana hundumaatti isiniif dhaabe jedhe(S.Ba’u.24:7-8 )

k.Deebii.31:24-26

Museen ajaja kakuu adda kana harkuma isaan macaafa kakuu irratti
barreessera. Dhiigni horii dhi’aatees dhiiga kakuu isa Waaqayyo Israa’elii wajjin
galeedha. Macaafni kakuu (caafatni nu irratti caafamee ture) kun bakka yeroof
turuu saanduqa kakuu Waaqayyo bukkee/cinaa/ akka inni sabatti dhugaa ba’uuf
kaa’aame.

Maaliif seerri Musee saba mata jabeeyyii/rebellious people/ kana irratti akka
dhugaa ba’uuf kaa’aamee? Macaafni qulqulluun deebii akeekachiisaa mul’atu warra
Waaqayyo irra garagaluun waaqota biraa tajaajilaniif ni qaba

“…..K.Deebii.29:20-21; Eebba Waaqayyo Isiraa’elota Isaaf amanamoo ta’aaniif


kennametti dabaluun (S.Ba’u.34:10, K.Deebii.28:1-14) macaafni seeraa ulaagaa isaa
guutummaatti warra hin guunneefis abaarsa ni qaba.

Waaqni jaalalan guutuu cubbuun dhukkubbii fi badiisa akka fiduu ni beeka.


Gooftan abaarsi macaafa seeraa akka adabbi cubbuu irra baratamuutti akka
tajaajiluuf kenne. Yommuu akka fayyisaa Israa’elitti dhuufeetti, bu’aa (faayidaa)
isaaniif jecha abboommii isaanii kenne.

Isa.48:17-18

Bartootni Waaqayyoo yeroo hundumaa onnee jaalalan adeemuun ijoollee isaa


humna cubbuu du’atti geessu jalaa eeguu. Waaqayyo du’a nama cubbamaatti hin
gammadu (Isq.33:11)

Erm.2:17,19

Cubbammooni yommuu du’anitti, innis bu’aa kallatti filannoo mataa isaati.


Gaarummaanii fi obsi Waaqayyoo saba kakuu moofaaf qabaachaa ture macaafa

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 11


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

qulqulluu keessatti baay’ee ifaa dha. Kakuun addaa Waaqayyo saba Israa’el waliin
qabaachaa ture mata duree barbaachiisaa saba sana barsiisuun oolchu dha.

Haala nama gaddisiisun sabni yihudootaa macaafa kakuu (seeraa) karaa ittiin
qajeelota ta’aan godhanii ilaaluun shaakaluu jalqaban. Kaayyoo Waaqayyoo
miccirun badiisa ofiittii fidan. Jaarraa booda, Phaawuloos akkana jechuun kana
irratti akeekachiisa; yoo qajeelummaan karaa seera Musee kan argamu ta’e, yoos
Kiristoos akkasumaan du’e kaa (Gal.2:21) jechuun. Gosti qajeelummaa inni akka
yaada Waaqayyo keessaa, baroota hundumaattuu qajeelummaa isa amantiin
argamuuti. Eyyeen, Baruma kakuu moofaatiyyuu, duuka buutonni Waaqayyoo
dhugaan qajeelummaan maaliin akka argamu ni beeku turan. Ermiyaas maqaa
Waaqayyoo akkas jedhee labsee ture…… “Waaqayyo qajeelummaa keenya”
(Erm23;6)

Hos.10:12

Isaayas wanta baay’ee gaarii namni Waaqayyoof dhiheessuu yommuu


Qulqullummaa Waaqayyoo biraatti ilaalamu akka gatii hin qabne ni beeka ture.
(Isa.61:6)

Itti dabalees akkas jedhee labseera. Isa.61:10

Ayyaanootni fi shaakalootni Israa’eliif seera Museen kennamani kan ibsan Yesuus


hoolaa Waaqayyoo isaa dhugaa dhuufuuf jedhu sana ta’u isaa ture. Sababa kanaa,
yeroo tokko tokko seera ayyaanaa jedhama. Akkasumas yeroo gabaabaa qofaaf
raawwatamuummaa qaba ture. Barreessitootni kakuu haaraa Ibirootaa kaayyoo
isaa mulisaniiru.

Ibr.9:9-10

Salphaadhumatti, seerri Musee yommuu kiristoos haarumsa fiduuf dhufuutti


macaafa baruumsaa saba Waaqayyoo qopheessu qofa ture. Seerri Musee waliigaltee
addaa /special contract/ Waaqayyoo saba Israa’el wajjin galedha. Phaawuloos
ifaadhumatti kakuun moofaa barreeffama Musee ta’uu ni ibsa.

2Qor.3:14-16

Macaafni kakuu fi macaafni seeraa tokko dha. Barreessitootni macaafaa Qulqulluu


himoota kana wal jijjijiiruun fayyadamu. (2Mot.22:8), Angafni lubootaa “Ani macaafa
seeraa mana Waaqayyoo keessatti argadheera” yommuu mootichi Yoosiyaas saba
walitti qabee guutummaa dubbii macaafichaa dubbiseefi isa irraa dubbbises
macaafa kakuu jedhe caqaseef(2Mot.23:2,21). Dubbiin (jechuumti) kun kutaa

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 12


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

macaafaa biraa keessatti bifuma wal fakkaatuun irra deebi’amuun taatee wal
fakkaataa 2Seenaa Bara 34:14,15 fi Lakk.30 irratti argina.

Kakuun moofaa caafata Musee isa macaafa kakuu qofaa kan qabatu osoo hin taane
Abboommii kurnan isa kan Waaqayyoos dabalateetu. Haa ta’u malee abboommiin
kurnaan bu’uura kakuu moofaa turuun isaas wal nama hin falmisiisu. Macaafni
qulqulluun Museen guutummaa dubbii Gooftaan dubbatee macaafa isaa irratti
barreesse jedha. Museenis akkas jechuun mirkaneesseera:- K.Deebii.4:13,14.
Akkasumas Museenis gabatoota dhagoota sanaas “Gabatoota kakuu” jedhee
waame(K.Deebii 9:11). Abboommiin kurnan Waaqayyoo kunis onnee kakichaati.

Mee waa’ee seera Musee isuma beeknu sana haa guduunfinu.


 Seerri Musee harkuma Museetiin barreefame.
 Seerri Musee seerrata ittin bulmaataa (civil laws) fi seeroota ayyaanaa
(ceremonial Laws) kan qabatedha.
 Seerri Musee macaafa maramaa irratti caafamuun macaafa seeraa yookan
macaafa kakuu jedhamee waamame.
 Seerri Musee warra seerichi kan isaan irraa barbaadu hin raawwanneef
abaarsa qaba.
 Macaafni seeraa/kakuu/ kun Isiraa’el irratti akka dhugaa ba’uuf ciinaa
/Bukkee/ sanduqa kakuu ka’ame.
 Seerri Musee gaaddiidduu fi tajaajila yeroo muraasaaf olu ture.
 Seerri Musee kontiraata kakuu moofaa saba Isiraa’el waliin galamee ture.
 Macaafni seeraa Abboommii kurnan akka wiirtuu kakuutti hammataa.

Amma eegaa odeeffannoo qulqulluu(sirrii) abboommii kurnan isa seera Waaqayyoo


ta’ee fi seera Musee irratti arganneerra.

KAKUU HAARAA FI SEERA


Seeronni Ayyaanaa Musee, tajaajila mana Qulqullummaa lafaa irraa fi sanbatoota
addaa/ special Sabbath/ waggaan taasifamaa turan kan agarsiisudha. Wantootni
seera ayyaanaa kana keessatti adeemsiifamaa turan martinuu gaaddiidduu isa
qaamaan mul’achuuf ture Kiristoosiin kan agarsiisanidha.

Ibr.10:1

Aarsaa, Ayyanootaa fi sirnootni adda addaa seera Musee keessatti adeemsiifama


turan Kiristoosin kan agarsiisan turan. Seerri ayyaanaa kun yommuu Kiristoos
fannoo irratti cinqaarfamu raawwachuu isaa Phaawuloos cimsee dubbata.

Qol.2:13,14

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 13


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Asitti wanti nuti hubachuu qabnu isa macaafni qulqulluun “Nu irratti caafata
caafame” erga balleessee nuuyiif diina isa ture kan jedhu seera Musee malee
abboommii kurnaan isa seera Waaqayyoo akka hin taanedha.

Ammas Phaawuloos heertuu kanatti fufuun akkas jechuun barreesseera.

Qol.2:16,17

Guutummaan caaftoota seera Musee sanbatoota addaa waggaan kabajaman (Special


Annual Sabbath) dabalatee (sanbata isa guyyaa torbaffaa torbee torbee miti) isaan
kun hundinuu gaadidduu tajaajila Kiristoos kan agarsiisanidha.

Kiristoos kaayyoo seera Musee ifa taasiiseera. Innis seerri Musee dhufaatii isaaf
namoota qopheessuu ture. Yesuus akkas jedhe:-

Luq.24:44

Phaawuloos Kiristoos fiixaan ba’uumsa(xumura) kaayyoo/galma seeraati jedhee


barreesseera.

Rom.10:4,5

Nuti Phaawuloos waa’ee seera isa kamii akka dubbatu qabiyyee barreeffama isaa
sirritti xiinxaluun hubachuu qabna.

Kiristoos Waaqayyoo wajjiin kakuu haaraa keenya. Waa’ee Kiristoosiif Waaqayyoo


akkas jedhee:-

Isa.42:6,7

Kakuu haaraan nuti Kiristoosin keessatti ayyaneeffannuu abboommii kurnan akka


hammatu wal nama hin gaafachiisu. Dhaga’aa waanta Gooftaan jedhu:-

Ibr.8:8,10; Erm.31:31-33

Abboommiin kurnan akkuma kakuu moofaa keessatti wiirtuu /onnee/ ture, ammas
kakuu haaraatiifis wiirtuu /onnee/ dha.

Phaawuloos seerri Waaqayyoo kutaa kakuu haaraa ta’uu isaa ifadhumatti


barsiisa. Akkamiin seerota lamaan seera Musee fi abboommii Kurnaan wal bira
qabee akka ibsu haa hubannu.

1Qor.7:19

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 14


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

ABBOOMMII KURNAN SEERA SEERA MUSEE


WAAQAYYOO  “Seera Musee” Jedhama. Luq.2:22,
 “Seera Waaqayyo Gooftaa” Jedhama. 1Qor.9:9
Isa.5:24  Museedhaan Macaafatti Barreeffame.
 Waaqayyo Gabatee Dhagaa Irratti Quba K.Deeb.31:24, 31:9, 2Seen.Baraa 35:12
Isaatiin Irratti Caafe.S.Ba’uu 31:18; 32:16;
24:12  Saanduqa Kakuu Bukkee/Cinaa/ Kaa’ame.
 Saanduqa Kakuu Keessa Kaa’ame. S.Ba’uu K.Deebii 31:26
40:20; 1Mot.8:9; K.Deeb.10:1-5, Ibr. 9:4  Seerri Musee Irra Daddarbaan Sababa
 Seerri Waaqayyoo Cubbuu Mul’isa Baay’ateef Dabalataan Kenname. Gal.3:19
(Beeksiisa). Rom.7:7; 3:20  Seerri Musee Kan Nu Mormu (Nuyiif Diina)
 Seerri Waaqayyoo Ulfaata Miti. 1yoh 5:3 Ture. Qol.2:14
 Seerri Musee “Abboommii Fi Toora
 Seerri Waaqayyoo “Seera Mootii” Jedhama. Seeraa” Jedhama. Efe.2:15, Ibr.9:10
Yaaq.2:8  Seerri Musee Nama Kamittuu Hin Faradu.
 Seerri Waaqayyoo Nama Hundumaatti Qol.2:14-16
Farada. Yaaq.2:10-12  Seerri Musee Kan Fooniiti. Ibr.7:16
 Seerri Waaqayyoo Hafuura. Rom. 7:14  Seerri Musee Abaarsa Baata.
 Seerri Waaqayyoo Eebbaa Fi Nagaa Fida. K.Deeb.29:20,21, Gal.3:10
Fakk.29:18; Faar.119:165  Seerri Musee Waanti Tokko Iyyuu Guutuu
 Seerri Waaqayyoo Guutuudha. Faar.19:7 (Fiixaan Akka Ba’u) Hin Goone. Ibr.7:19; 9:10

 Seerri Musee Kan Yeroo Muraasaati.


 Seerri Waaqayyoo Kan Bara Baraati. Qol.2:14, Ibr.8:13, Gal.3:19
Mat.5:17-19; Faar.111:7,8; Rom.3:31  Museen Sabatti Akka Dubbatuuf Itti
 Waaqayyo Seera Isaa Ofii Isaan Sabatti Kenname. Leew.11:3, S.Ba’uu 24:3
Dubbate. K.Deeb. 4:12; 5:22  Seerri Musee Erga Namni Cubbuutti Kufee
 Seerri Waaqayyoo Cubbuu Dura Jira Ture. Kenname. Ibr.5:1; 8:4
1Yoh.3:4,8; Rom. 4:15; 5:13  Kaayyoon Isaa Fayyinaa Cubbuu Mul’isuuf,
 Kaayyoon Isaa Cubbuu Mul’isuun Akka Akkasumaas Sababa Cubbuu Kennamees.
Waa’ee Cubbuu Beekaniifii. Rom.3:20;7:7 Gal.3:19, Leew.6:1;6:7, Yoh.1:29
 Seerri Musee Ni Gegeddarama Darbees
 Seerri Waaqayyoo Qulqulluu, Guutuu Fi Waanta Tokko Iyyuu Fiixaan Akka Ba’u
Gaariidha. K.Deeb.5:22; Faar.119:7; Hin Goonee. Ibr.7:12; 18:19
Rom.7:12

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 15


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

SEERICHI FANNOO IRRATTI CINQARFAMEE


Amma egaa qabiyyee seera isa fannoo irratti cinqarfame jedhu kana haa xiinxallu.
Bu’uura barreefama Qol. Boq.2:14-17 irraa fudhatame isa “wanta nu irratti caafamee
ture, isa nutti hin tolle sana, wanta inni karaa seeraa nu irra barbaaduu wajjiin
duguugee fannoo irratti cinqarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera” jedhu mee haa
ilaallu.

Qol.2:14-17 heertuu baay’oonni cuphata mirkaneeffannaa seerri fannoo irratti


cinqarfame sun seera Waaqayyoo isa ta’e abboommii kurnan jedhanii
waabeeffatanidha. Mee egaa waabeffannaan kun sirriidhaa fi sirrii ta’uu dhiisuu isaa
haa ilaallu.

Mee Abboommota Kurnaan keessaa warra jalqaba dhowwaman sadan irraa haa
kaanu:-

o Waaqayyoolii kan biraa kamiinuu Waaqa isa waaqa irra jiru caalaa waaqessuu
o Waaqa Tolfamaa fi bifa fakkeenyaaf sagaduu
o Maqaa Waaqayyoo akkanumaan dha’uu

Amma eegaa seeronni armaan olii kun kallattii kamiinuu feedhii gaarii kiristaanaa
kaminiyyuu akka hin mormine yookan akka itti hin tolle kan mormu jiraa?
Kiristaanni waaqota biraa waaqessuu, waaqa tolfamaaf sagaduu yookan maqaa
Waaqayyoo akkanumaan dha’uu ni barbaadaa? Dhugadhuma kaminuu
abboommonni sadan kun kan nuun mormanii fi kan nutti hin toliin ta’uu isaanii
namni dhugaatti Waaqa waaqotaa waaqessuu irratti walii galuu qaba.

Kanaaf abboommiin inni afuraffaan hundumaan olitti, isa eebba guddaa


yoomiyyuu akka badhaasatti ilmaan namaaf kenname, eebba isa guyyaa torbaffaa
hundumaatti kenname sanadha; Egaa abboommin afuraffaan kun kan nama
kaminuu mormuu fi kan itti hin tolleedhaa? Inni boqonnaa isa ilmaan namaaf hin
barbaachiifnedhaa? Inni wanta dhugumaan nama gammachiisu mitii? Kallattii
kaminiyyuu abboommiin sanbataa kiristanootaaf kan isaan mormuu fi kan itti hin
tolleedha jennuuree?

Abboommiin inni itti aanuu, isa warra maatii isaaniif yoo abboomaman bara
jireenya isaanii dheereessuu? Eenyudha feedhii gaarii namni kamiyyuu qabu kana
akka mormu kan agarsiisuu? Seerri Ajjeechaa, Ejja, Hannaa fi Hawwa ittisu(dhorku)
baasuun namaan akka mormuufii? Seeronni akkasii kun namoota wantoota
ciggaasiisa akkanaa raawwachuu barbaadaniin kan mormuu fi kan itti hin tolleedha
malee kiristanootni dhugaan wantoota akkanaa raawwachuu waan hin barbaanneef

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 16


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

namoota kiristaanoota dhugaa ta’aaniif raawwatee kan isaan hin morminee fi kan itti
hin tolle akka hin taane wal nama hin gaafachiisu.

Kanaaf abboommiin kurnaan obboloota qulqullootaa fi amantoota Kiristoos


ta’aaniin kan mormuu fi kan itti hin tollee akka hin taane ilaalleera. Akkasumas
“caaffata nu irratti caafamee ture” /hand writing of ordinance/ isa nutti hin toliin
sana wanta inni karaa seera nu irraa barbaaduu wajjiin duguugee fannootti
cinqaarse inni jedhu sun raawwatee abboommii kurnan akka hin taane jala muruun
hubachuu qabna. Sababni isaa inni nurraa kaafamuun fannoo irratti cinqaarfame
sun wantoota kiristaanoota mormanii fi itti hin toliin sana waan turaniif.

Yaadni biraaan, abboommiin kurnan fannoo irratti cinqarfameera kan jedhu


yommuu ta’u, garuu ammoo abboommota kurnan keessaa sagal ammoo wangeelaan
deeggaranii ni barsiisu.

Macaafa qulqulluu keessatti seeronni fannoo irratti cinqarfamuun balleefamanii


turan isaan kiristanootan mormanii(against) fi faallaa(contary) turan akka ta’e
ilaalleerra. Egaa seerri inni fannoo irratti cinqarfamuun balleeffame sun abboommii
kurnan kan jennu yoo ta’e, innis sababa nuun mormuu fi nutti hin tolleef erga
fannoo irratti cinqarfameera jennee; sababa maaliif abboommonni salgan
deebifamanii? yookan akka eegamaniif barsiifamuu?? Tarii abboommonni kun erga
balleeffamanii deebi’anii booda akka duraatti kan nuun mormanii fi nutti hin tollee
akka hin taanee tasifaamanii?

Kanaaf waanti fannoo irratti cinqaarfame yookan fannoo irratti balleefame


tokko akka jiru ifadhumatti walii nu galchiisa. Innis ammoo abboommii kurnan isa
Seera Waaqayyoo ta’e osoo hin taane seera ayyaanaa /ceremonial law/ isa ta’e seera
Museedha.

Ammas heertuun namoota heedduun sirritti hubatamuu dhabuun ittin


mormanuu biraan 2Qor.3:7,8 keessatti isa Phaawuloos akkas jedhu dha:- seerichi
gabatoota dhagaatti fidalaan qirixamee, yeroo kennameetti ulfinaan mul’ate; booddee
irra darbaa yoo adeemeyyuu calaqifni fuula Musee yeroo sana jabaa waan tureef iji
saba Isiraa’el itti ejjeechuu hin dandeenye. Eegaa seerichi inni du’a faraduudhaan
hojjetu ulfina akkasiitiin erga dhufee inni hafuurri hojjetu immoo ammam caalaa
ulfina haa qabaaturee?

Sababa seera Waaqayyoo inni ta’e abboommiin kurnan dhagaa irratti


qirixamee barreeffameef namoonni tokko tokko seerichi “du’a faraduudhaaf” jedhanii
hubachuun yaada isaanii guduunfaniiru. Mee gadi fageenyaan haa ilaallu:-

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 17


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Abboommiin kurnan akka seera jireenyaatti nuuf kenname. Akkasumas


Phaawuloos seerichillee ofii isaatii Qulqulluudha, abboommichiis Qulqulluu,
Qajeelaa, Gaariidhas, yoos immoo waanuma gaariitu du’a anatti fide jechuudhaaree?
Kun matumaa hin ta’u. cubbuun cubbuu ta’uun isaa, karaa abboommichaa
cubbuun amma malee hammachuu isaa akka mul’atuuf, cubbudhumti waan
gaariidhaan du’a natti fide jechuun dubbata. Rom.7:12,13; 1Xim.1:8

Amma egaa cubbuun seera irra daddarbuu (1Yoh.3:4) jechuun hiikama.


Akkasumas seerri inni cubbuun irra daddarbaa akka ta’e Phaawuloosiin agarsiifamu
kun seera Waaqayyoo isa ta’e abboommii kurninidha. Akkuuma Phaawuloos jedhu,
egaa ammo seerri ofuma isaatii cubbuudha jennamooree? Kun matumaa hin ta’u.
Haa ta’u iyyuu malee utuu seerrii hin jiraannee ani cubbuu hin beekuun ture; utuu
seerri waan namaa hin haawwiin hin jenne ta’ee, hawwuun maal akka ta’e hin
beekuun ture(Rom.7:7). Seerri inni hin hawwin jedhu abboommii Waaqayyoo kurnan
keessaa isa kurnaffaadha. Egaa seerichi erga seera tolaa(Qajeelummaa) akkasumaas
Qulqulluu, Guutuu fi Gaarii ta’ee, seera kana warra eeganitti akkamiin du’a itti
farachiisa jedhamee yaadamuu danda’aa? Seericha eeguun adabbii cubbuu jalaa
nama oolcha. Wanti adabbii fiduu seericha cabsuu, seericha irra dadarbudhas.
“Beenyaan cubbuu du’a” (Rom.6:23). Kanaaf seerri abboommii kurnaanii raawwatee
du’a faraduudhaaf miti.

Itti dabalees yoo seerri balleeffameera ta’ee, cubbuu mul’isuuf yookan caalaatti
caalchisanii hojjechuu agarsiisuuf maaltu jiraree(hafeeree)? Guutummaatti
waawuu/hin jiru.

Akkuma macaafni qulqulluun jala muree nutti himu “utuu seerri hin jiru ta’ee,
seera irra darbuunis hin jiru ture” (Rom.4:15). Kanaaf inni cubbuu bakkeetti baasee
mul’isu kun utuu fannoo irratti balleeffameera ta’ee, silaa cubbuun utuu hin
mul’atiin caalaatti baay’ata ture. Akkasumas, utuu seerri Waaqayyoo kun
balleeffameera ta’ee, seera isa kamiidha inni 1Yoh.5:3; Mul.Yoh.12:17, 14:12 fi
22:14{ON} irratti caqafamuu?

Ammallee akkuma Rom.2:1,2; Yaaq.2:9-11 keessaa dubbifnuutti erga jireenyi


namaa “seeraan kan itti faradamu” ta’ee, seerri Waaqayyoo ammo erga
balleeffameera kan jennu ta’ee, seera isa kamiin itti faradamuuf jiraree?

Seera/bulchiinsa/ Musee keessatti namni seera irra darbee araara tokko


malee ni adabama. Wangeela kakuu haaraa yookan bulchiinsa Kiristoos jalatti ammo
adabbiin dafee hin kennamu. Haa ta’u malee qajeelummaan araara waliin wal
makuun cubbamaaf carraan qalbii diddirrannaa fi haara’uu ni kennamaaf.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 18


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Yeroo bulchiinsi namaa/Musee/ irraa gara Waaqaatti/Yesuus/ jijjiramee,


seerichi raawwatee hin jijjiramne yookan hin diigamne. Kana ammoo Phaawuloos
iyyuu sirritti hubateera. Sababni isaa baruma inni 2Qor.3:8 barreessee, baruma
sana Rom.3:31 isa “egaa ammoo amantii kanaan seera diigna jechuudhamooree?
Waawuu kun raawwatee ta’uu hin danda’u, seera jabeessinee dhaabna malee” jedhu
barreesse. Akkasumas baruma sana ture kan Phaawuloos
“H.Erg.24:14___________________________________” jedhee dubbate. Wantootni inni
dubbate lamaanuun isaaniyyuu fannoo booda ture.

Akkuma 2Mot.21:8 irrati arginu seerronni kun lamaan adda ba’aanii akka
kennaman kan godhe Waaqayyoodhuma dha.

2Mot.21:8

Dhugoota kana erga hubanneen booda heertuu lamaan seera biraa isa dhagaa
irratti qirixamuun barreeffamee dhuma irratti balleeffame ibsan sana haa ilaallu.

K.Deebii27:1-4,8

Yeroo gabaabduu booda, yommuu Iyyaasuun saba Isiraa’el biyyaa kakuu sanatti
galcheetti, ajajjni kun ni mirkanaa’e.

Iyyaas.8:30-32,34

Kana egaa seerichi gabatoota dhagaatti fidalaan qirixamee inni du'a


faraduudhaan hojjetu sun isa firdii macaafa Musee keessaa akka firdii du’aatti
gargaaruu fi balleeffame sanadha.

SEERA JALA MITI AYYAANA JALA MALEE


Akka Kiristaanotaatti yeroo baay’ee dhaabbataan yaadni kennamu biraan tokko, nuti
seera jala miti ayyaana jala malee kan jedhu waan ta’eef mee kana ammoo waliin haa
ilaallu.

Yaadni kun kan argamu(Rom.6:14) bakka Phaawuloos akkas jedhu


“_________________”. Ergadhuma isa kana keessatti Phaawuloos akkana jedha,
“_________________”(Rom.3:19).

Asitti egaa dubbiin kan wal morman fakkaatan kun lamaanuu jechuuma
Phaawuloosii, isa inni tokko “Isin seera jala miti” jedhuu fi inni biraan ammo
“guutummaan biyya lafaa “ seera jala jiraachuu” jedhudha. Egaa Phaawuuloos maal

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 19


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

jechuu isaatii? Dhugumaan inni ofiin mormaa jiraaree? Lakki, itti dhiyeenyaan
xinxaluun hiikkaa isaa ni mul’isa.

Naannoo seerri jiru keessatti argamuu fi angoo seeraa jala jiraachuun


wantoota gara garaati. Biyya kami keessattillee argamuu ni dandeenya, kanaaf nu
seera biyya sanaaf bitamoodha. Garuu nuti amma seera biyyatti hin cabsinetti angoo
seera biyyatti jala hin jirru. Garuu ammoo yoo seera biyyattii irra darbineerra ta’e
nuti egaa akka yakkamaatti angoo seera biyyatti jala galla.

Kanaaf, ibsawwaan armaan olii lamaan kana akka seera Waaqayyootti


yommuu fayyadamnuu, inni Phaawuloos (Rom.3:19) keessatti dubbatu
dhugaadhumatti guutummaan biyya lafaa seera Waaqayyoo jalatti qabamee akka
jiru sirriitti nuuf ibsa. Akkasumas isa inni (Rom.6:14) keessatti isin warri “seera jala
hin jirre garuu ayyaana jala jirtu” jedhu kun ammoo warra dhiifamuu cubbuu
argachuun Kiristoosiin qulleeffamanii beenyaa cubbuu jala walaba ba’uun amma
gargaarsa ayyaana Waaqayyo jala jiranidha.

Fakkeenyaaf: namni sababa ajjeechaaf hidhamee, namni kun yakkamaa ta’ee waan
argameef du’uuti itti murteeffame. Namni kun akka duuti itti hin murtoofneef wanti
yakka isaa salphisu kan hin jirree fi innumtiyyuu araaraa kan isa gaafachiisu waan
tokko iyyuu hin qabu. Namni kun sababa seera cabseef, seerichumaan itti murtaa’e.
Amma egaa inni “seera jala” malee “ayyaana jala miti” ittumaayyuu araara jala hin
jiru.

Garuu bulchaan yookan heeraan lafaa, gaarummaa fi gara laafummaa isaan akka
inni dhiifama argatee walaba ba’uuf wabii ta’eef. Kun egaa gochaa ayyaanaa hin
malleef isaaf kennamedha. Egaa erga dhiifamni isaaf ta’ee inni “seera jala” hin jiru.
Kana jechuun adabbii seeraa jala hin jiru yookan seerri harka isaa irra fudheera
jechuudha.

Amma garuu, sababa dhiifamni isaaf godhamuun seera jala walaba ba’uun
“Ayyaana jala” ta’eef; walabummaa isaa kanaan irra deebi’ee seera lafaa kana
cabsuun nama haa ajjeesuuree? Raawwatee hin ta’u. Ammallee inni seerichatti
qabamuun seerichaaf abboomamuu qaba, yookan ammo irra daddarbaa kamiinuu
raawwachuun adabbichaan rakkachuu qaba. Egaa seerri inni kan Waaqayyoos
akkuma kanaati.

Amma egaa macaafni qulqulluun kan jedhu; “hundinuu yakkaniruu(cubbuu)


godhaniiru” innis, hundinuu seera irra daddarbaniiru, “cubbuun ammo seera irra
daddarbuudha.”(1Yoh.3:4). Sababa kanaaf, hundumtinuu seera jalaa fi adabbii seera
jala jiru. Akkuma “beenyaan cubbuu” yookan “beenyaan seera Waaqayyoo irra
daddarbuu” du’a ta’e, seerri hunduma keenyatti du’a mura. Waaqayyo garuu utuma

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 20


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu
jaallate in agarsiisa(Rom.5:8). Inni qooda keenya du’uun, gatii adabbii keenyaa nuuf
kanfale. Kana goochuu isaatiin; wanti seerri nurraa barbaaduu raawwachuun,
adabbii cubbuu keenyaatti, waanjoo seeraa irraa, walaba nu baasuu isaatiin kana
booddee adabbii seera jala kan jirannu utuu hin taane “ayyaana jala” akkasumas
gargaarsa ayyaana Waaqayyoo jala jiraanna malee.

Sababa cubbuu keenyatti haraara argachuun seera jala baanee ayyaana jala
galleef, seera Waaqayyoo irra daddarbuuf yookan kana booda seera Waaqayyoo gatii
dhabsiisuuf namicha isa yakki ajjeechaa isaa isaa dhiifamuun akka deebi’ee nama
ajjesuuf yookan seera lafaa cabsu sana irraa kan caalu walabummaa ni qabaannaa?
Mee Phaawuloos haa deebisu. Akkas jedha, sababa seera jala hin jirreef (adabbii isa
jala hin jirreef) garummoo ayyaana jala jirruuf (gargaarsa ayyaana Waaqayyoo jala)
jirruuf “egaammoo cubbuu hojjennuuree?” (irra deebi’uun seera Waaqayyoo irra
darbinuuree?) waawuu, kun raawwatee hin ta’u. yommuu Waaqayyo sababa
Kiristoosin cubbuu keenya darban nuuf dhiisuun adabbii cubbuu jalaa nuu
baasuun ayyaana jala nu galchu, akkuma yakkamaa isa dhugumaan yakka isaaf
dhiifama erga argatee seera lafaaf ajajamu sanaa nuyis egaa ammallee seera isaaf
amanamootaa akka taanu fi kabajnu akkasumas abboomamuu qabnu shakki hin
qabu.

Garuummoo hiddamni yaadaa/theory/ seerri ayyaana jalatti hin jiru jedhu


ammo dhugaa kana ganuun seerri Waaqaayyoo nuuf xalayyaa du’aati jechuun waan
amananiif seerichi kana booda nuuf waa’ee hin baasu jedhu. Kanaaf mee hundinuu
heertuu kana haa hubatu.

_________________(Rom.5:21)

Tolli yookan qajeelummaan maalii? “abboommiin Waaqayyoo hundinuu


qajeelaa/Tolaa/ dha.”(Faar.119:172), na dhagahaa “isin tola kan beektanuu” saba
nana “Seerrikoo garaa keessan keessa kan jiru,” (Isa.51:7), akkasumas Yohaannis
akkas jedha, “Tola kan godhu tolaadha/abboommii Waaqayyoo/, Inni sun tolaa akka
ta’e”(1Yoh.3:7).

Kanaaf ayyaanni akka olaantummaa qabaatee mo’uuf qajeelummaan/tolli/


akkuma onnee Kiristoos keessa ture onnee keenya keessattis argamuu qaba.
(Faar.40:7,8).

Itti dabalees, yommuu namoonni seera jala akka hin jirree labsan, kana
jechuun seerichaaf abbomamuutti walaba jechuudha. Akkasumas mul’atadhumatti
seerra Waaqayyoof bitamuutti walaba ta’uu isaanii labsuudha.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 21


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

________________(Rom.8:6,7). Warri akkasitti jiraatan kun mootummaa Waaqayyoo


akka dhabuuf jiran kun nutti hin himuuree?

Haa ta’u malee, warri seera Waaqayyoof abbomamuuf beekamtii kennuun


guutummaa seerichaas eeganiin akkana jechuuf
jira._______________________Mul.22:14.

Amma egaa ragaa hammana baay’atu utuu qabnuu, akkamiin hanga ammaatti
dirqamni keenya gaaffii nutti ta’uu danda’aa? Mee dhaggeeffadhaa waamicha
Kiristoosumti mataan isaa nuuf godhe:_____________________(Yoh.14:15).

Abboommin Kiristoos maal fa’a akka ta’aan gaafachuu ni barbaannaa?


Eeyyeen. Akkuma kanaan dura argineetti seerri gaara siinaa irrati dubbatamee sun
seera Kiristoosi. Innis “yeroo hundumaa gaarii akka nuuf ta’uuf, Isaanis akka
abboomamne hubachuu qabna.”(K.Deeb.6:24). Kiristoosin ni jaallannaa? Seera Isaaf
abbomamuun haa agarsiifnu. ________________(Yoh.14:21). Tarii namni yaada
keessatti kun waa’ee abboommii kurnanii miti jedhee yaadu ni jiraa laataa? Irra
deebi’uun ergaa Yohaannis isa duraa fannoon booda waggaa heedduu turee
barreeffame fudhannee haa ilaallu. ________________________(1Yoh.5:3).

Kanaaf yohannis fannoo Kiristoos waggaa heedduun boodatti seera Waaqayyoo


abboommii isaa kurnan gaara siinaa irratti Kiristoosin kenname eeguudhaan jaalala
isaaf qabnu mul’isna jechuun labse. Utuu seeronni kun fannoo irratti
balleeffamaniiru ta’ee, fannoon booda waamichi guddaan abboommii isaa akka
eegnuuf nuuf godhame kun eessa dhuferee? Ammallee abboommin kurnan humna
guutuun waldaa kiristiyaanaa irratti hojjechuun isaa kun mirkaneeffannaa biraa wal
nama hin falmisiifnedha.

Kiristoosumti mataan isaa iyyuu “______________”(Yoh.15:10). Warri utuu dhugaa


kana hin hubatiin Kiristoos guutummaatti seera Waaqayyoo hin eegne jechuudhaan
barsiisan isaan Kiristoosiin yookan humna Isaa warra hin beeknedha. Kakuu haaraa
keessatti Kiristoos seera isaa onnee keenya keessatti barreessuuf waadaa nuuf
galeera.(Erm.31:33, Ibr.8:10 fi kkf). Akkasumas humna seera isaa ittin eeguu
dandeenyu nuuf kennuuf akkas jedhe waadaa nuuf
galeera;_________________________(Isq.36:26,27).

Asitti ammo waadaa caalu kakuu haaraa keessaa argina. Akkuma sabni
Isiraa’el kakuu moofaa keessatti jabina isaanitin seera Waaqayyoo eeguu yaalan,
nutis Jabina keenyaan abboommii Waaqayyoo eeguu akka hin dandeenye
beekamadha. Garuu kakuu haaraa keessatti, gargaarsa Waaqayyoo karaa Kiristoosin
waadaa nuuf seeneen eeguu ni dandeenya. Akkuma Phaawuloos, Kiristaanni

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 22


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

dhugaanis akkana jechuu ni danda’a: (Fil.4:13). “waadaa caalu” akkasiin seera


Waaqayyoo eeguun kan hin danda’amne miti.

KANAAF SEERA EEGUUN NUN BARBAACHIISUUREE?


Sababa hojii seeraa malee amantiin qajeelota taaneef, kana booda dirqama seera
eeguu jala akka hin jirreettii kan Phaawuloos barsiisee? Kallattii kaminuu lakki.
Garuu Phaawuloos namoonni tarii akkasiin hubatu jedhee waan yaadeef hubannaa
sirrii hin taanee fi hiikkaa sirrii hin taane dubbii isaatti akka hin kennine dursee
balleessuf, akkas jedhee gaafate, “________________”Rom.3:31.

Amantiin kun qajeelummaa yookin tola fida malee seera yookan kutaa seeraa
tokko illee hin balleessu. Seerri bakkaa fi kaayyoo mataa isaa qaba. Egaa kaayyoon
isaa maalii? “________________”Gal.3:24, “_____________”Rom.3:20,
“____________________”Faar.119:172. Seera eeguun qajeelota ta’uu hin dandeenyu;
garuu faallaa isaa hunduma keenya adabbii du’aa jala nu godha. (“Beenyaan
cubbuummoo du’adha”), kun immoo gara Kiristoositti nu geessa, innimmoo tokkicha
madda qajeelummaati, isa nuti kara isaa qajeelota ta’uun karaa ayyaana isaa
fayyinedha.

Yommuu guutummaa macaafa qulqulluu keessaa kutaa seera qofaatti baafnee


gannuu, eegduu/adabduu/ namoota gara Kiristoositti geessu keessaa fuudhanii
gatuudha. Hanga seera Waaqayyoo isa qulqulluu fi qajeelaa ta’e sanaaf rommanii
bitamanitti ayyaana argachuu hin danda’an. Kanaafuu seerri wanta baay’ee
barbaachiisuu fi kaayyoo eebbifamaaf kan tajaajilu waan ta’eef iddoo isaatii
balleeffamuu hin qabu.

Garuu ergamaan Yaaqoob haala walitti dhufeenya keenyaa fi seera Waaqayyoo


itti dhiheesse kana haa hubannu. Akkas jedhe, “_____________________” Yaaq.1:22-25.

Asitti Yaaqob seera OFI-ILAALLEE{Daawwitii}tti fakkeessa. Yommuu ofi ilaallee


keessatti ofi ilaallu, mudaa namuummaa keenya irra jiru nutti agarsiisa. Yoo fuullii fi
rifeensi keenya mudaa qabaatee, Daawwitiin kun akka muda kana beeknu nu
goochuun gara qulqulleeffachuu akka deemnu nu taasisa. Daawitiin kun ofii isaatii
nu qulqulleessuu hin danda’u. Garuu ammoo kallattii ittin qulqulleeffannu biraa
barbaadachu qabna. Bishaanii fi saamunaa wantoota fuulaa fi rifeensa keenya
qulqulleessuu danda’an fudhanna. Kana erga raawwanneen booda gara daawititti
deebinee of ilaalla. Amma egaa yommuu of ilaalutti maal nutti mul’isaa? Fuulaa fi
rifeensa mudaa hin qabne nutti mul’isa.

Egaa seerri Waaqayyoos akkasuma. Seera Waaqayyoo keessatti yommuu ofi ilaalluu
mudaa amala keenyaa nutti mul’isa. Kanaaf maalii? Seerichi akka nu qulqulleesutti

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 23


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

ni yaadnaa? Lakki. Of-ilaalleen mudaa fulaa fi rifeensa keenyaa akkuma qulleessuu


hin dandeenyee, seerichis akkanuma mudaa amala keenyaa nutti agarsiisa malee nu
qulqulleessuu hin danda’u. seerri cubbuu qofaa nutti mul’isa/seerri cubbuun maal
akka ta’ee nama waan hubachiisuuf/. Akkuma Daawwitiin saamunaa fi bishaan
fudhannee mudaa qaama keenya irraa akka qulqullesinuuf nutti agarsiisu, seerichis
maddaa qulqullummaa hafuuraa sirritti nu geessa. “_______________”1Yoh.2:1.

Kanaafuu gara Kiristoos deemuun cubbuu keenya akka himannuuf waadaa nuu
galeera. Waadichis, “_____________________”1Yoh.1:9. Erga cubbuu keenya
himanneehoo? Fayyina karaa Kiristoosin arganneen hundumti keenya tola ayyaana
isaatin qajeelota taaneerra. “_____________”Rom.3:24,25.

Amma mee dhuga kana irra deebi’uun haa xiyyeeffannu. Kiristoos nu


qulqulleessu fi tolaa isaan cubbuu kanaan dura hojjenne nu dhiisuun isa sababa
hojii seeraa kamiinuu raawwanneen osoo hin taanee, karaa qalbii diddirrannaa fi
himannaa cubbuutinii. Kun immoo amantii keenya; waadaa isaan akkana akka nuu
godhuu, isa malee karaan biraan tokko illee hin jiruhoo.

Kana hundumaa kan nuuf godheef kaayyoo tokkoofi. Inni “nuyi karaa isaa
qajeelina Waaqayyoo akka arganuutti”2Qor.5:21. Akkasumas, “Tolli seeraa nutti haa
raawwatamuuf nu akka foonitti kan hin deeddebinee akka hafuuratti malee”
Rom.8:4. Kanaafuu karra balbala magaalaa samiitti galuuf kan jiran hundinuu
amala qajeelaa kan qaban ta’uu qabu.

Amma egaa gara daawwitii seeraatti dhufneerra. Cubbuu keenya himachuun


jal’ina hundumaatti qulqulloofnee fayyisaan cubbuu kanaan dura hojjenneef tola
isaatiin dhiifama nu goochuu isaa ifatti mul’iseera. Jecha biraatin, tolli Kiristoos inni
nuuf kenname kun mudaa cubbuu kanaan dura hojjenne hundumaa haguugeera.
Raawwatee kun akka nuuf ta’u amanuun, guutummaattu cubbuun keenya nu
dhiifamuu fi uffata qajeelummaa isa karaa waadaa Kiristoosin nuuf kenname
amantiin uffachuun yommuu fuldura daawwitii seeraa dhaabbannuu, battala
sanatti, jireenya qajeelaa kan akka qajeelummaadhuma Kiristoos, akkasumas
qajeelummaadhuma seeraa qabaachuun dhaabbanna.

Amma egaa daawwitiin seeraa kun maal jedhaa? Akkas jedha; uffata qajeelummaa
Kiristoos keessatti haguugamtee waan jirtuuf kanaan booda si hammeessuu hin
danda’u, ati amma qajeeladha.

Garuu ammo seerri akkas nu goochuu ni danda’aa? Raawwatee lakki, garuu


dhugaa ba’uu kan dandeenyu Kiristoosiin tolotatti lakka’amne. Kana egaa kan
Phaawuloos jechuu barbaadu. Yommu akkas jedhu, “amma garuu karaa seerichaa

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 24


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

utuu hin ta’in, karaan namni ittin qajeelaa ta’u Waaqayyo biraa mul’ateera; seerri fi
raajonni karaa kanaaf dhugaa ba’aaniiru.” Rom.3:21.

Eyyeen, seerri agarsiiftuu cubbuu qofaa utuu hin taanee, safartuu


qajeelummaas amma ta’etti, yommu nuti karaa Kiristoosin qajeelota taanee
lakka’amnu qajeelummaa keenyaafis dhugaa baatuudha.

Amma garuu, sababa karaa amantii cubbuun keenya guutumaatti nuuf


dhiifamuun qajeelota taaneef, irra deebi’uun seera Waaqayyoorra daddarbuun
cubbuu hojjennuuree? Raawwatee hin ta’u. Egaahoo yeroo hammamifiree qajeelota
taanee kan itti fufnuu? Irra deebi’uun seera Waaqayyoo irra daddarbuun cubbuu
raawwachuun cubbamaa nun taasiisuu? Dhugaadhumatti ni taasisa. Eessatti mirri
Kiristoos Inni qajeelummaan isaa cubbuu keenya darbee haguuguun qajeelota nu
taasiisuu isaan cubbudhuma gochaa turree irra deebi’uun akka raawwannuu fi
ammas cubbamaa akka taanu nu taasiisuu? Amantii jedhamuun akkana akka
goodhanuufi hayyama kan kennu kun guutummaadhumatti amanti miti. Haa ta’u
malee dhugaadha jedhamee kan yaadame garummoo tuffii daangaa ce’edha.

Cubbuutti nu fayyisuun karoora Kiristoosi. Cubbuutti akka nu fayyisuuf


abboommii isaa isa safartuu qajeelummaa ta’e eeguun yoo isaa wajjin tokkummaa
kan hin qabanne ta’e cubbuu keessatti akka inni nun fayyisne beekamadha.
(Mat.1:21)

Ifaadhumatti utuu seera Waaqayyoof hin abboomamin cubbuutti walaba ta’uu


hin dandeenyu. Utuu cubbuuttii walaba hin ta’in akkamiin mootummaa Waaqayyoo
fi fay’ina Kiristoos kennu keessatti qooda qabaachuu abdannaree? Kiristoos utuma
nuti itti fufnee cubbuu hojjennuu akkasumas seera isaa irra daddarbinuu nu
fayyisuu ni danda’aa? Dhugaadha hin ta’u.

Itti dabalee, qajeelummaan Kiristoos inni cubbuu darbe haguuguuf nuuf


kennname kun xumura jireenya abboomamuu fi qajeelummaa nuuf kennameetii?
Yoohannis akkas jedha, “Yaa ijoollee koo, homtinuu karaa irraa isin hin kaachisin!
Inni sun qajeelaa akka ta’e, namni waan qajeelaa hojjetuu qajeeladha”(1Yoh.3:7).
Kanaafuu erga qajeelotatti lakka’amnee/taanee/, karaa qajeelummaa irra adeemuun
dirqama keenya. Gama kanaan of gowwomsuu hin qabnu. Yoo qajeelummaa
Kiristoos nuu kenne kan eegnu taanee, gara abbomamuu guutummaa fi seera
Waaqayyoo hundumaa eeguutti deebi’uu qabna. Macaafni qulqulluun waan akkas
jedhuuf, “abboommiin kee hundinuu qajeelaa waan ta’eef”(Faar.119:172).
Akkasumas kana akka goonuuf Kiristoos ragaa baay’ee kenne.
“_____________”(Isq.36:27). Itti dablees kun kakuu haaraan waadaa galameen ala
ta’uu hin danda’u. (Erm.31:31-33, Ibr.8:10).

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 25


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Haa ta’u malee, baay’onni abboommiin kurnan fannoo irratti cinqarfameera kan
jedhu yommuu ta’u, garuu ammoo abboommota kurnan keessaa sagal wangeelaan
deeggaranii ni barsiisu.

Macaafa qulqulluu keessatti seeronni fannoo irratti cinqarfamuun balleefamanii


turan isaan kiristanootan mormanii(against) fi faallaa(contary) turan akka ta’e
ilaalleerra. Egaa seerri inni fannoo irratti cinqarfamuun balleeffame sun abboommii
kurnan kan jennu yoo ta’e, innis sababa nuun mormuu fi nutti hin tolleef erga
fannoo irratti cinqarfameera jennee; sababa maaliif abboommonni salgan
deebifamanii? yookan akka eegamaniif barsiifamuu?? Tarii abboommonni kun erga
balleeffamanii deebi’anii booda akka duraatti kan nuun mormanii fi nutti hin tollee
akka hin taanee tasifaamanii?

Haa ta’u malee abboommiin inni afuraffaan hundumaan olitti, isa eebba guddaa
yoomiyyuu akka badhaasatti ilmaan namaaf kenname, eebba isa guyyaa torbaffaa
hundumaatti kenname sanadha; Egaa abboommin afuraffaan kun kan nama
kaminuu mormuu fi kan itti hin tolleedhaa? Inni boqonnaa isa ilmaan namaaf hin
barbaachiifnedhaa? Inni wanta dhugumaan nama gammachiisu mitii? Kallattii
kaminiyyuu abboommiin sanbataa kiristanootaaf kan isaan mormuu fi kan itti hin
tolleedha jennuuree? Mee gadi fageenyaan abboommii kurnan keessaa abboommii
tokkicha kiristanootni baay’een eeguus ta’e barsiisuu dagatan kana haa ilaallu.

Guyyaan sanbataa maaliif eegamaa? Kaayyoon sanbataa maalii? Eenyutuu Isa


uumee? Yoom uumamee? Eenyuuf uumamee? Guyyaan sanbataa inni dhugaan isa
kamii? Gaaffilee kanneeniif macaafni qulqulluun deebii gahaa fi ifaa ta’e nuuf kenna.

GUYYAAN QULQULLAA’AAN WAAQAYYOO EEGAMADHA

MAALIIF GUYYAA QULQULLAA KIRISTOOSIN EEGUU AKKA JAALLANNU:-

1. SANBATA MACAAFA QULQULLUU KAN EEGNU SABABA WAAQAYYOMTI


MATAAN ISAA EEGEEFII.

 Waaqayyo gaafa guyyaa torbaffaa ni boqote. S.Um.2:2;


S.Ba’u.31:17,20:11;Ibr.4:4
 Guyyaa torbaffaan sanbata. S.Ba’u.20:10;Lew.23:1,;K.Deeb.5:14; S.Ba’u.31:15,
16:26

Kanaafuu sababni nuti sanbata Waaqayyoo eegnuuf macaafni qulqulluun


ifadhumatti waan nu barsiisufi.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 26


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

2. WAAQAYYO NAMNI HAA EEGUUF, JALQABA UUMAMAATTI WAAN


BU’UURSEEF

S.Um.2:1-3; S.Ba’u.20:11

 Waaqayyo guyyaa torbaffaa “NI EEBBISE”. S.Um.2:3; S.Ba’u.20:11


 Waaqayyo guyyaa torbaffaa “NI QULLEESSE” S.Um.2:1-3; S.Ba’u.20:11

Hubadhaa: Waaqayyo guyyaa torbaffaa xumura uumamaa irratti ni eebbise, ni


qulqulleesses.

“Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni eebbise” Um.2:1-3, Waaqayyo akkana jedhe: “Ani


Waaqayyo waanan ta’eef hin geddaramu.” Akkasumas “Abbaa ifa bira
gegedaramuun, yookisi gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru” (Yaaq.1:17). Itti dabalees
yommuu Waaqayyoo waan tokko eebbisu, eebbichi jijijjiramuu hin danda’u
(S.Lakk.23:20), sababni isaa yommuu Waaqayyoo waan tokko eebbisu, “inni bara
baraab eebbifamaa in ta’a” (1Sen.Baraa 17:27).

“Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni qulqulleesse.” S.Uma.2:1-3; S.Ba’u.20:8-11.


Qulqulleessuu jechuun “hojii qullaa’af adda baasu” jechudha. Macaafni qulqulluun
“Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni eebbise, ni qulqulleesse” jedha. Sababni isaa “guyyaa
torbaffaatti waan boqoteef”.

Waaqayyo waaqa boqonnaa kennu waan ta’eef hundumaan akkana jedhe, “gara koo
kottaa, ani boqonnaa isiniifan kenna”(Mat.11:28); S.Ba’u 33:14. Waaqayyo guyyaa
itti boqonnu waan beekuuf guyyaa torbaffaa namootaaf guyyaa boqonnaa godhee
kenneef.

“Guyyaa torbaffaatti boqodhu” S.Ba’u.23:12,34:21,31:15; Lew.23:3.

Waaqayyo guyyaa torbaffaa guyyaa sanbata hojii lafaatti itti boqotan akka ta’uuf kan
godheef sababa ofii isaa hojii isaa hundumaatti boqoteef. Waaqayyoo guyyaa
torbaffaatti kan boqoteef sababa dadhabeef miti(Isa.40:28). Garuu kan inni guyyaa
torbaffaatti boqoteef ilmaan namaa guutummaaf fakkeenya ta’uun, akka isaanni
guyyaa inni itti boqote kanatti akkuma Isaa akka itti boqotaniifi.

Nama hin ajaa’ibuu fannoon booda duuka buutoonni Kiristoos “Guyyaa


sanbataatti garuu akka seerri ajajuutti in boqotan”(Luq.23:56). Kun nu aja’ibuu hin
qabu; macaafa kakuu haaraa ergaa Ibirootaa keessatti akkas jedha,
“____________”(Ibr.4:9,11).

Kanaaf guyyaan torbaffaa guyyaa Waaqayyo uumedha malee guyyaa namni


uume akka hin taane ilaaluu dandeenyeerra.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 27


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

3. SANBATNI NAMAAF WAAN UUMAMEEF


Yesuus akkas jedhe, “sanbatni namaaf uumame”Mar.2:27. Asitti jechi nama jedhuu
dhala namaati/Humanbeing/. Mat.4:4; Yoh.1:9

Macaafni qulqulluun sanbatni Yihudootaaf uumame jechaa hin jiru. Garuu


“sanbatni namaaf uumame” jedha. Mar.2:27. Akkasumas, “Dubartiin dhiiraf jettee
uumamte”1Qor.11:9.

Sanbatni jalqaba uumamatti bu’uureeffamee utuu jiruu akkamiin Yihuudoota


qofaaf uumame jechuu dandeenyaa? (S.Uma.2:1-3; S.Ba’u.20:8-11).

4. WAAQAYYO NAMNI GUYYAA SANBATAA AKKA EEGUUF WAAN


ABBOOMEEF
Hubadhaa macaafni qulqulluun si’a meeqa irra deeddebi’uun Waaqayyo sanbata
akka eegnuuf nu abboomuu isaa kan nutti himu. “Guyyaa sanbataa qulqullinatti
eeguudhaaf yaadadhu!” S.Ba’u.20:8,31:13; Lew.19:30,26:2; K.Deeb.5:12.

Jecha ulfaataa/jajjabaa/ akkamii fayyadamaa jiraa? Sanbata isa namni


baay’een dagate kana, Waaqayyo “YAADADHAA” jedha. Waaqayyo namni sanbata
hirraanfachuuf akka jiru ni beeka ture. Abboommota qulqullaa’oo kurnan Waaqayyo
nuuf kenne hundumaa keessaa abboommii afuuraffaa inni waa’ee sanbataa ibsu isa
Waaqayyo “Yaadadhaa” jechuun jalqabu isa qofaa ta’uun kan nama dinqisiisu miti.

Guyyaa sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu! Guyyaa jaha hojiikee


hojjedhu, jiruukee hundumaa godhadhu! GUYYAAN INNI TORBAFFAAN GARUU
SANBATA ANA WAAQAYYO GOOFTAA KEETIIF EEGAMU DHA :…Isatti hojii tokko illee
hin hojjetin. S.Ba’u.20:8-10.

5. WAAQAYYO NAMNI GUYYAA FEDHE AKKA EEGUUF KAN ABBOOMEE UTUU


HIN TAANE GUYYAA TORBAFFAA AKKA EEGUUF WAAN ABBOOMEEF
Waaqayyo abboommii Isaa keessatti namni guyyaa torbaffaa kan mataa isaatii akka
eeguuf hin abboomne. Akkasumas Waaqayyoo guyyaa dhaloota Kiristoos yookan
guyyaa du’a isaa yookan guyyaa du’a ka’uu isaatii akka eegnuuf hin abboomne.
Guyyaan tokkichi torban keessatti akka eegnuuf Waaqayyo nu abboome, akkuma
macaafa qulqulluu keessatti ifadhumatti ibsame “GUYYAAN INNI TORBAFFAAN INNI
SANBATA ANA WAAQAYYO GOOFTAA KEETIIF EEGAMU DHA” S.Ba’u.20:10.
Akkamiin macaafni qulqulluun bu’uurumaan akka ibsu mee haa ilaallu.
 Waaqayyo guyyaa torbaffaatti hojii isaa raawwate. S.Uma.2:1-3
 Waaqayyo guyyaa torbaffaatti boqote. S.Uma.2:1-3; S.Ba’u.20:11
 Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni eebbise. S.Uma.2:1-3; S.Ba’u.20:11

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 28


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

 Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni qulqulleesse. S.Uma.2:1-3; S.Ba’u.20:11;


Isa.58:13
 Waaqayyo guyyaa torbaffaa akka yaadannu nutti hime. S.Ba’u.20:8
 Waaqayyo guyyaa torbaffaa sanbata godhe. S.Ba’u.20:8
 Waaqayyo guyyaa torbaffaatti hojii tokko illee akka itti hin hojjenne abboome.
S.Ba’u.20:10
 Waaqayyo guyyaa torbaffaa sanbata Isaa godhate. S.Ba’u.20:10

Guyyaan kun guyyaa filannoo keenya godhannee eegnu utuu hin taanee guyyaa
Waaqayyo jala muree guyyoota torbanii keessaa akka isa eegnuuf nu abboomedha.

6. GUYYAAN TORBAFFAAN GUYYAA GOOFTAA WAAN TA’EEF EEGNA


Guutummaa macaafa qulqulluu keessatti Waaqayyo guyyaa addaa fi mul’ataa ta’e
akka qabu irra deddebi’ee nutti hima. Akkuma nuyii abbummaa qabeenya tokkoo
kan koo fi kan abaluu jechuun ibsannu, Waaqayyos abbummaa guyyaa Isaatii
ibsachuuf guyyaa Gooftaa, Guyyaa koo jechuun isa waama. Mee luqqifannoo armaan
gadii haa ilaallu.

“Guyyaa Gooftaa”Mul.1:10

“Ilmi Namaa Sanbata irrattiyyuu Gooftaadha”Mat.12:8; Mar.2:28; Luq.6:5

“Guyyaakoo Isa Qulqulla’aa” Isa.58:13; Neham.9:14; S.Ba’u.31:15;


Lew.19:3,19:30

“Guyyaan inni torbaffaan sanbata Waaqayyo Gooftaakeetiiti”.


S.Ba’u.20:10;K.Deeb.5:14;Lew.23:1-3

Egaa wanta ifaadhumatti macaafni qulqulluun sanbatni guyyaa torbaffaa isa guyyaa
Gooftaa ta’uu isaa ragaa ba’u kana mormu eenyuu?

7.SANBATNI MALLATTOO BARA BARAA WAAQAYYOO FI SABA ISAA GIDDUU


WAAN TA’EEF

Akkuma dhaabbileen addunyaa irra jiran mallattoo seera qabeessumaa dhaabbanni


isaanii ittin ibsamu qabaatan, akkasumas akkuma poolisoonni gulantaa angoo
isaani ibsu qabaatanii fi waajjiraaleen adda addaa chaaphaa fi gulantaa angoo
isaanii mul’isu qaban, waaqayyos mallattoo mul’ataa Isaa fi saba Isaa gidduutti bara
baraan dhaabbatu qaba. Macaafni qulqulluunis mallattoon kun maal akka ta’e nutti
ni hima.

“anaa fi isaan gidduuttis milikkita akka ta’uuf sanbata koo isaaniif nan kenne”
Isq.20:12

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 29


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

“anaa fi isaan gidduutti milikkita akka ta’uuf, sanbata koo qulqullinatti eegaa”
Isq.20:20
“Sanbatoota koo gaarii gootanii eegaa, isaan anaa fi isin gidduutti
milikkitahoo”S.Ba’u.31:13

“Inni Anaa fi saba Isiraa’el gidduutti bara baraan milikkita in ta’a”


S.Ba’u.31:17

8.SANBATNI ALAABAA WAAQAYYOO WAAN TA’EEF


Waaqayyo alaabaa ni qaba.

“sabaafis faajjii ol nan fuudha” Isa.49.22

Faajjiin mallattoodha.

“Milikkita ofii ittin beekamanis dhaabbataniiru.” Faar.74:4”

Mallattoon Waaqayyoo Sanbata Isaati.

Isq.20:12,20:20; S.Ba’u.31:13,17

Erga Waaqayyo alaabaa/faajjii/ qabaatee(Isa.49:22), alaabaan ammoo milikkita ofii


ittin beekaman ta’ee(Faar.74:4) mallattoon Waaqayyoo Sanbata isaati.(Isq.20:12,20).

Akkuma alaabaa/faajjii/ biyya tokkoo huccuu/carqii/ akkanumaan kan


ilaalamu hin taanee fi eenyummaa fi kaayyoo biyya sana agarsiisuutti
dhaabbachuun kabajamu, Guyyaan sanbataas: akkuma guyyoota warra kaanii utuu
hin taane guyyaa addaa Waaqayyo mootummaa Isaa, Aangoo, Kaayyoo fi
Faayidaa/Bu’aa/ Isaaf adda baase dha. Kanaaf akkuma alaabaan huccuu kam irraa
iyyuu adda ta’ee, guyyaan sanbataas guyyoota warra kaan irraatti guyyaa addadha.

Akkumaa alaabaa biyya tokko irra ejjechuun yookan kabaja dhowwachuun


nama adabsiisuu, alaabaa Waaqayyoo isa ta’e sanbata guyyaa torbaffaa irra
ejjechuun Waaqayyoon ulfina dhoowwachuun fuul dura Waaqayyoo firdiif kan nu
dhaabu waan ta’eef alaabaa Waaqayyoof amanamootaa fi dhugoota ta’uu qabna.

9. SANBATA WAAQAYYOO EEGUUN, FAAYYINA ILMAAN NAMAA ISA


XUMURAAN WAAN WAL ILAALUUF
Yommuu Museen Isiraa’elota Misir keessa jiran sanbata akka eeganiif amansiisuu
yaale, Faari’oon seera kanaan mormu baase. S.Ba’u.5:5-9

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 30


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Kanaafuu Waaqayyo saba Isiraa’elin sanbata akka eeganiif Misirii Isaan baase:
K.Deeb.5:12-15; Faar.105:43-45.

Akkuma seera Ba’uu keessatti arginee fayyina ilmaan namaa isa xumuraa
keessattis guyyaan sanbataa ga’ee olaanaa ni qabaata. Ragaalee macaafa qulqullu
kana haa ilaallu:

S.Ba’u.16:23; Ibr.4:9; K.Deeb.5:12-15; Isa.11:10-12.

10. GUYYAA SANBATAA GAARA SIINAA DURA. S.Ba’u.16:1,19:1


Namoonni baay’een dogogora amanuudhaan abboommiin sanbataa gaara
siinaa dura hin jiru jedhu. Kanaafuu namoota dhugaa macaafa qulqulluu baruu
barbaadaniif dhugaa gadi fagoo kana haa mirkaneesinuuf. Raga macaafni
qulqulluun abboommiin sanbataa gaara siina dura jiraachuu isa agarsiisu haa
ilaallu:

“Isin amma yooomitti abboommikoo fi seera koo eeguu didduu? Ilaa, Ani Waaqayyo
guyyaa Sanbataa isiniif kenneera”S.Ba’u.16:4, 10:28,29.

“Inni kun isuma Waaqayyo, ‘Bor guyyaa Boqonnaati’ sanbata Waaqayyoof


qullaa’edha.” S.Ba’u.16:23.

Ragaan macaafa qulqulluu kunneen abboommiin sanbataa gaara siinaa dura


jiraachuu isaa agarsiisu.

Waaqayyo dhimma guyyaa sanbataatiif mata duree inni saba isaa barsiise haa
ilaallu:

 Guyyaa maaliitii? S.Ba’u.16:26


 Maali innii? S.Ba’u.16:23
 Akkamiin itti qophaa’uu? S.Ba’u.16:23,26
 Akkamiin eegamuu qabaa? S.Ba’u.16:30
 Maaliin kan wal qabatedhaa? S.Ba’u.16:25
 Eenyutu namaaf kennee? S.Ba’u.16:29

11. ABBOOMMIIN KURNAN BARA BARAAN WAAN DHAABBATANIIF.


Faar.111:7,8; 119:152

Luqqifannoo kana keessatiti, “Abboommin Isaa” inni jedhu abboommii kurnan isa
sanbata of keessatti hammatudha. Akkasumas “Hojiin harka Isaa” kan jedhu kunis
akkaataa macaafa qulqulluutti wanta tokkicha Waaqayyo harka Isaan barreesse
Abboommii kurnan qofaadha. Luqqifannoo armaan gadii haa ilaallu:

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 31


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

K.Deeb.4:13; S.Ba’u.31:18, 34:1.

12. WAAQAYYO SEERA ISAA WAAN HIN JIJJIRREEF


Waaqayyo seera isaa hin jijjiiru:

“Ani Waaqayyo waanan ta’eef, hin geeddaramu!” Miilk.3:6

Waaqayyo namni akka Isa hin jijjiirre dhorkeera:

“Abboommota Waaqayyo Gooftaa keessanii eegaa malee, dubbii ani isin abboometti
waan tokko hin dabaliinaa, waan tokkos irra hin hir’isinaa!” K.Deeb.4:2,12:32.

Kiristoos seerri akka hin jijjiramne barsiiseera:

Mat.5:17,18

Bartootnis seerri akka hin jijjiramne barsiisaniiru.Rom.3:31,2:13; Yaaq.2:8-12;


Yoh.2:4-6,5:1

13.WAAQAYYO WARRA SEERA ISAA MORMANIIN WAAN MORMUUF


“kanaafis bobaa’aan ibiddaa qarmii akka gubuu hafuurri bobaa’as habaqii akka fixu,
akkanumas hojiin isaanii akka buquqaa’aa in ta’a, biqilli isaanis akka biyyoo in ta’a,
seera Waaqayyo Gooftaa maccaa, gataniiruhoo, sagalee Qulqulluu Isiraa’elis
salphisaniiruhoo.” Isa.5:24(ON)

“Kanaafis namni abbommota hundumaa irra xinnaatan keessaa tokko diigee,


diigamuu isaas namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti isa hundumaa irra
xinnaatu in jedhama.” Mat. 5:19

“Nama seeraaf hin abboomamne, kadhanni isaa iyyuu ciiggaamaa dha.” Fakk.28:9,
Hos.4:6, Isa.30:9, Erm.6:19

14. ABBOOMMIIN KURNAN AMALA/CHARACTER/ WAAQAYYOO WAAN TA’EEF.

Fuula 3 irratti ibsameera

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 32


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

15. SAFARTUU AMANTIIN DHUGAA FI SOBAA ITTIN ADDA BA’U/MURTA’U/


WAAN TA’EEF.

Sanbanni girgiddaa warra hin amananiinif warra amananii, warra fayyaniif badanii,
Qulqullootaaf cubbamoota ,warra Waaqaaf warra lafaa gargara qooduudha.
Mul.14:9-11 sanbanni fo’aa Warqee nama Waaqayyootti hidhuudha. Biyyi lafaa
sanbata malee jiraachuun ishee kan isheen fakkattu namaa yeroo mara gadduu,
Waqtii Birraa ta’ee Daraaraan kan keessaa hin jirree fi mana kellaa hin qabne
fakkatti.

Sanbanni bara baraan hin jijjiiramu. Faar.8934 Yoh.2 10 , Faar.119172,142 Isa 3322 ,4231
Sanbanni ragaa Waaqaaf lafa uumuusaa mirkaneessa. Uma 2 1-3, S.Ba’u.3116-17
Isiraa’el qaamaa Biyya kanaa’aniin hagalaniif jecha sanbata Milikkita addaa godhee
akkuma kenneef ammas saba xumuraa biyyaa kanaa’an Waaqarraa haa galaniif
jecha sanbata milikita addaa godhee kenneeraaf Ibi. 48-11 ,Isa.6622,23 .

Isa.8:20

16. SAFARTUU WAAQAYYO MURTEE XUMURAA ITTIN KENNU WAAN TA’EEF.

“…warri seera qabaatanii yakkan hundinuu, seerichaan isaanitti in


faradama”Rom.2:12

“…seerichaan isaanitti in faradama” Yaaq.2:8-13, Lal.12:12-13

17. SEERRI WAAQAYYOO SEERA MUSEE WAAN HIN TAANEEF

Fuula 14 irratti ibsameera

18. ABBOONNI AMANTII ABBOOMMII KURNAN WAAN EEGANIIF

“Abrahaam dubbiikoo waan dhaga’eef, ajaja koo, abboommii koo, seerrata koo, seera
koos eegera.” S.Um.26:5

Namoonni tokko tokko abboommiin kurnan gaara siinaa dura akka hin turretti
yaadu. Yaadni akkanaa dhugaan mormuutti nama geessa. Warri abboommiin
kurnan gaara siina dura jiraachuun isaa gaaffii itti ta’uuf luqqifannoo kana
dubbisan.

S.Um.14:19,20, 17:1,9, 35:2-4

S.Um.31:19,30-36, 35:2,4

Yih.1:14,15, 2Pheex.2:6-8

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 33


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

S.Um.2:1-3, S.Ba’u.5:5

S.Um.9:22,22:7-8

S.Um.27:42, 37:21, 4:8-12,23-24, 6:11, Rom.8:44

S.Um.16:4-5,19:32-38, 20:1-8,26:10,11, 34:2-7, 39:9, 2:21-25, Yih.1:7

S.Um.21:25

S.Um.20:1-8,12:18,19, 27:24,37:30-33, 3:4,5, 21:23, Yoh.8:44

S.Um.30:1, Yoh.8:44

19. BARREESSITOOTNI MACAAFA QULQULLUU SEERA WAAN OL OL QABANIIF

ABRAHAM: “Abboommiikoo eegeera” S.Um.26:5

MUSEE: “Guyyaa sanbataa qulqulinatti eeguudhaaf yaadadhu”S.Ba’u 20:8

NAHIMIYAA: “Abboommii koo eegaa” Nah.1:9, 9:13,14

IYOOB: “Seera afaan isaa keessa ba’u fudhadhu.” Iyoob 22:22

DAAWIT: “Seera kee akkan yaadaan qabuuf, garaa koo guutudhaanis akkan
isa eeguuf, hubannaa anaaf kenni!” Faar.119:34,44,55; 78:1

SOLOMOON: “Namni seera eegu ilma hubatadha.” Fakk.28:7, 29:18

ISAAYAAS: “Kan kana godhu, namni galateeffamadha. Ilmi namaas isa kana
kan qabaatu: sanbata kan eegu, akka isa hin xuresineetti harka isaas kan
eeggatu waan hamaa akka hin goonetti.” Isa.56:2

HISQEEL: “Seera kootif seerratakoo haa eegan, guyyoota sanbatakoos


qulqulinatti haa eegan.” His.44:24

DAANI’EL: “Warra abboommota kee eeganittis ” Daan.9:4

MAATEWOOS: “Abboommota eegi” Mat.19:17

YOHANNIS: “Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatuus, isa kan na
jaallatu.” Yoh.14:21

PHAAWULOS: “Abboommota Waaqayyoo eeguutu gati qaba…”1Qor.7:19,


Rom.3:31, 7:6,7

YAAQOB: “Seera hundumaa eegaa” Yaaq.2:10

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 34


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

WALDAA KIRISTOOS: “Abboommii Waaqayyoo eegan” Mul.12:17, 14:12

“PAASPOORTII” SAMITTI GEESSU: “Abboommii isaa kan godhanuu”


Mul.22:14(ON)

ERGAMOOTA: “Isin ergamoonni abboommii Isaa raawwadhaa” Far.103:20

YESUUS: “Ani abboommii Abbaa koo akkan eege” Yoh.15:10

KIRISTOOS AKKAS JEDHE: “Isin yoo na jaallattan abboommota koo in


eegdu” Yoh.14:15, Mat.19:17

Maaloo kottaa akkuma macaafni qulqulluun guutummaa dubbii kanaa nutti


himuutti haa hubannu. Waaqayyon sodaadhu, abboommii Isaas eegi! Kun nama
hundumaa irraa in barbaadama, xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa
kana. Lal.12:13

20. SEERRI WAAQAYYOO KAKUU HAARAAN WAAN DEEGGARAMUUF


Namoonni tokko tokkoo kakuu haaraan abboommii kurnan hin deeggaru jedhanii
yaadu. Bu’uura maalii irratti murtoon kun godhamaa? Dhugaan jiru garuu gaaffii fi
shaakkii warra qabaniif ragaa abboommiin kurnan guyyaa sanbataa eeguu dabalatee
akka deeggaru kan ibsu armaan gaditti tarreeffameera.

A.YESUUS ABBOOMMII KURNAN EEGEERA

ABBOOMMII 1.

Mat.6:24 Mat.22:37 Mat.19:17 Mat.4:10

Mat.14:33 Mat.10:37,38 Mat.10:32,33 Mat.6:33

Mar.12:24-32 Mar.8:33 Luq.2:14 Luq.4:8

Luq.12:8,9 Luq.1:16 Luq.11:2 Luq.12:31

Yoh.19:15 Yoh.17:3 Yoh.11:25 Yoh.4:24

ABBOOMMII 2.

Yoh.4:24

ABBOOMMII 3.

Mat.27:29 Mar.3:28,29 Mat.6:9,10 Luq.11:2

Mat.27:39-43 Luq.12:10 Mar.15:18,19 Luq.23:39

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 35


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Mat.15:19 Luq.22:64,65 Mat.12:31,32 Luq.23:36,37

Mar.14:65 Yoh.19:3 Mar.7:22

ABBOOMMII 4.

Mat.12:2 Mat.12:5 Mat.12:8 Mat.12:10

Mat.12:11 Mat.12:12 Mat.24:20 Mat.28:1

Mat.12:1 Mar.3:4 Mar.16:9 Mar.16:2

Mar.16:1 Mar.6:2 Mar.1:21 Mar.2:28

Mar.2:27 Mar.2:24 Mar.2:23 Mar.3:2

Mar.15:42 Luq.4:31 Luq.13:10 Luq.6:9

Luq.6:7 Luq.6:6 Luq.6:5 Luq.6:1

Luq.4:16 Luq.13:15 Luq.13:16 Luq.6:2

Luq.14:1 Luq.14:3 Luq.14:5 Luq.18:12

Luq.23:54 Luq.23:56 Luq.24:1 Luq.13:14

Yoh.19:31 Yoh.20:1 Yoh.24:1 Yoh.9:14

Yoh.7:22 Yoh.5:18 Yoh.5:10 Yoh.5:9

Yoh.7:23 Yoh.20:19

ABBOOMMII 5.

Mat.19:18,19 Mat.15:3,4 Mat.12:31 Mar.10:19

ABBOOMMII 6.

Mat.21:38 Mat.19:18 Mar.14:21 Mat.10:28

Mat.27:1 Mar.12:5 Mat.27:22,23 Mat.15:19

Mat.26:4 Mar.6:16 Mat.26:59 Mar.7:21

Mat.26:66 Mar.13:12 Mat.24:9 Mar.6:19

Mat.11:12 Mar.14:1 Mat.20:18,19 Mar.15:20

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 36


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Mar.15:13-15 Mar.6:24-27 Luq.22:2 Luq.9:22

Mar.14:10,11 Luq.9:9 Luq.24:7 Yoh.16:2

Luq.18:20 Luq.22:5,6 Luq.20:19

Mat.27:20 Mat.27:3-5 Luq.13:31 Yoh.19:15

Mat.5:21 Mat.26:14-16 Luq.10:30 Yoh.11:50

Mat.27:35 Mat.23:31 Luq.23:33 Luq.18:33

Mat.17:23 Mat.14:8,10 Luq.20:14 Luq.4:29

Mat.10:21 Mat.22:6 Luq.11:47-51 Yoh.8:44

Mat.23:34,35 Mat.26:52 Yoh.19:6,7 Yoh.7:1

Mar.10:19 Mar.3:6 Yoh.7:19,20 Luq.12:4,5

Mar.10:33,34 Mar.12:7,8 Yoh.12:10 Luq.13:2

Mar.9:31 Mar.15:24 Luq.23:23 Yoh.8:37

Mar.14:64 Mar.14:55 Luq.19:47

ABBOOMMII 7.

Mat.12:39 Mat.19:9,18 Mat.15:19 Mat.5:27-32

Mat.14:4 Mat.5:8 Mat.16:4 Mar.6:18

Mar.8:38 Mar.10:2-12 Mar.7:21 Mar.10:19

Luq.16:18 Luq.7:37 Luq.15:30 Yoh.8:3,4

ABBOOMMII 8.

Mat.19:18 Mat.23:14 Mat.21:38 Mat.21:12,13

Mat.6:19,20 Mat.15:19 Mar.7:22 Mar.10:19

Mar.12:40 Mar.11:17 Luq.18:20 Luq.19:46

Luq.3:13 Luq.19:8 Luq.10:30 Luq.20:14

Yoh.2:16

ABBOOMMII 9.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 37


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Mat.7:15 Mat.27:63 Mat.26:69-75 Mat.28:13

Mat.26:24,25 Mat.26:14,16 Mat.24:23,24 Mat.26:59,60

Mat.11:18,19 Mat.27:12,13 Mat.24:10,11

Mat.19:18 Mat.5:11 Mat.5:33 Mat.15:19

Mat.24:4 Mat.26:48 Mar.13:21,22 Mar.10:19

Mar.13:22 Mar.3:22 Mar.7:22 Mar.13:12

Mar.14:1 Mar.14:10,11 Mar.14:21 Mar.14:30,31

Mar.14:41 Mar.14:66-72 Mar.15:3,4 Mar.14:56,57

Mar.13:5,6 Luq.22:5,6 Luq.22:54-62 Luq.19:8

Luq.20:20 Luq.6:22 Luq.22:21 Luq.21:16

Luq.6:16 Luq.7:33,34 Luq.11:15-20 Luq.21:8

Luq.22:34 Luq.23:2 Yoh.3:19-21 Yoh.13:2

Yoh.8:44,55 Yoh.10:20 Yoh.18:25-27 Yoh.6:71

Yoh.18:17 Yoh.13:38 Mat.26:34,35

ABBOOMMII 10

Mat.26:14-16 Mat.19:22 Mat.21:38 Mat.5:28

Mar.4:19 Mar.7:22 Mar,12:7,8 Mar.14:10,11

Mar.10:22 Luq.11:39 Luq.12:16-21 Luq.12:15

Luq.16:14 Luq.16:19-22 Luq.18:23 Luq.19:8

Luq.20:14 Luq.22:5,6 Yoh.8:44 Yoh.2:16

B. PHAAWULOOS ABBOOMMII KURNAN EEGEERA

ABBOOMMII 1.

H.Erg.24:14 Fil.3:3 H.Erg.27:23 Qol.2:18

Rom.3:30 1Xim.1:17 Rom.3:18 1Xim.2:5

1Qor.10:20,21 Ibr.12:28 2Qor.6:15 Ibr.9:14

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 38


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Rom.1:21-32 1Tes.1:9 Rom.1:9 2Tes.2:4

1Qor.14:25 1Xim.1:3 1Qor.8:4,6 2Xim.3:4

Efe.4:6 Ibr.3:12 Fil.3:19

ABBOOMMII 2.

H.Erg.15:20,29 H.Erg.19:35 H.Erg.17:16,29 H.Erg.21:25

Rom.2:22 Rom.11:4 Rom.1:23 Rom.11:4

1Qor.10:7,14 1Qor.6:9 1Qor.10:20,21 1Qor.10:19

1Qor.5:10,11 2Qor.6:16 Gal.5:20 Efe.5:5

Qol.3:5 Qol.5:21 1Tes.1:9

ABBOOMMII 3.

H.Erg.18:6 H.Erg.26:11 Rom.2:24 Qol.3:8

1Xim.1:13 1Xim.6:1 1Xim.1:20 2Xim.3:2

Tit.2:5

ABBOOMMII 4.

H.Erg.13:42 H.Erg.20:7 H.Erg.18:4-11 H.Erg.17:2

H.Erg.16:13 H.Erg.13:44 H.Erg.13:27 H.Erg.13:14

H.Erg.15:21 1Qor.16:2 H.Erg.4:4,9

ABBOOMMII 5.

Rom.1:30 Efe.6:2 Qol.3:30 1Xim.5:4

1Xim.3:12 1Xim.3:4 2Xim.3:2

ABBOOMMII 6.

Rom.3:15 Rom.11:3 Rom.1:29 Rom.13:9

Gal.5:21 1Tes.2:15 1Xim.1:9

ABBOOMMII 7.

H.Erg.15:20 Rom.7:2,3 1Qor.7:2 1Qor.5:10

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 39


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

1Qor.10:11,13 1Qor.6:15 1Qor.5:9 1Qor.6:18

Efe.5:23,33 2Qor.11:2 1Qor.10:34,36,39 1Qor.5:1

1Xim.3:2 Qol.3:18,19 Gal.5:19 1Qor.6:9

Tit.2:4,5 1Xim.1:10 Qol.3:5 Efe.5:3,5

H.Erg.15:29 Tit.1:6 1Xim.3:12 1Tes.4:3

1Qor.5:11 Rom.1:29 Ibr.13:4 2Xim.3:6

1Qor.10:8,10 1Qor.6:13 Rom.2:22 Ibr.12:16

ABBOOMMII 8.

Rom.13:9 Rom.2:21 Rom.2:22 1Qor.6:8

1Qor.7:5 1Qor.6:10 2Qor.11:8 Efe.4:28

1Tes.4:6 1Xim.1:10

ABBOOMMII.9.

H.Erg.13:6 Rom.3:4 Rom.3:13 Rom.13:9

Rom.1:25 1Qor.6:8 2Qor.11:13 2Qor.11:31

2Qor.11:3 Gal.1:20 Gal.1:6-8 Efe.5:6

Efe.4:25 Efe.4:14 Qol.3:9 1Tes.2:3

1Tes.4:6 2Tes.2:11 1Xim.2:7 1Xim.4:2

1Xim.6:10,21 1Xim.1:10 2Xim.2:18 2Xim.4:4

2Xim.3:13 2Xim.3:3 Tit.1:2 Tit.2:3

Ibr.6:18

ABBOOMMII 10.

Rom.13:14 2Xim.2:22 Qol.3:5 Rom.13:9

Rom.6:12 Ibr.13:5 1Xim.6:9 Gal.5:16,24

Efe.4:19,22 Rom.7:7 2Xim.3:2 1Tes.2:5

1Xim.6:10 1Qor.10:6 2Xim.4:3

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 40


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Tit.2:12 Rom.1:24 1Xim.3:3,8 Tit.3:3

Efe.2:3 2Xim.3:6

C.ABBOOMMII KURNAN MACAAFA MUL’ATAA KEESSATTI

ABBOOMMII 1.

M.Yoh. 21:3 M.Yoh.22:9 M.Yoh.21:22 M.Yoh.13:4

M.Yoh.19:4,10 M.Yoh.4:8-11 M.Yoh.5:14 M.Yoh.7:13-17

M.Yoh.11:16 M.Yoh.22:3

ABBOOMMII 2.

M.Yoh.22:15 M.Yoh.9:20 M.Yoh.13:14,15 M.Yoh.14:9,11

M.Yoh.15:2 M.Yoh.16:2 M.Yoh.21:22 M.Yoh.21:8

M.Yoh.2:20 M.Yoh.19:20 M.Yoh.2:14 M.Yoh.20:4

ABBOOMMII 3.

M.Yoh.2:9 M.Yoh.13:1,5,6 M.Yoh.17:1-5 M.Yoh.16:9

M.Yoh.16:11,21

ABBOOMMII 4.

M.Yoh.14:7

ABBOOMMII 5.

M.Yoh.12:17 M.Yoh.14:12 M.Yoh.22:14 (Mat.17:17-22)

ABBOOMMII 6.

M.Yoh.21:8 M.Yoh.22:15 M.Yoh.2:13 M.Yoh.6:8-10

M.Yoh.11:7 M.Yoh.12:4 M.Yoh.13:15 M.Yoh.18:24

M.Yoh.17:6 M.Yoh.19:2 M.Yoh.9:21

ABBOOMMII 7.

M.Yoh.2:14 M.Yoh.21:2 M.Yoh.18:3,9 M.Yoh.9:21

M.Yoh.17:15,16 M.Yoh.2:20-22 M.Yoh.17:1-5 M.Yoh.19:2

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 41


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

M.Yoh.21:9 M.Yoh.14:8 M.Yoh.22:15 M.Yoh.21:8

ABBOOMMII 8.

M.Yoh.3:1 M.Yoh.9:21

ABBOOMMII 9.

M.Yoh.18:23 M.Yoh.13:14 M.Yoh.12:9 M.Yoh.21:8

M.Yoh.2:2 M.Yoh.20:3,8 M.Yoh.22:15 M.Yoh.3:9

M.Yoh.21:27 M.Yoh.20:10

ABBOOMMII 10.

M.Yoh.7:13-17 M.Yoh.18:9-19 M.Yoh.9:21

21. KIRISTOOS YESUUS ABBOOMMII KURNAN WAAN DEEGGARUUF

Ragaan armaan gadii kun yaadaan kan gabbate qofaa osoo hin taane dhuga
ba’uumsa kallatidhumaan seera Waaqayyoo isa sanbata guyyaa torbaffaa of keessatti
qabatee dhiyaatedha.

“Kiristoos seera diguu hin dhufne.” Mat.5:17

“Kiristoos seerri kan bara baraa ta’uu isaa dhugaa ba’e.” Mat.5:17-19

“Kiristoos “seera isaa guddadha fi ulfina qabeessa goochuu dhufe”!” Isa.42:21

“Kiristoos “Abboommii abbaa Isaa”eegeera.” Yoh.15:10

“Kiristoos fakkeenya keenya. Isa inni eegee nutis eeguu qabna”. 1Pheex.2:21,1Yoh.2:6

22. ABBOOMMIIN HAARAA KIRISTOOS GARA SANBATA EEGUUTTI WAAN NU


GEESSUUF

Yoh.13:34,15:12, 1Yoh.3:23,4:21, 2Yoh.1:5,6; 1Yoh.5:2,3; W.Yoh.14:15,Mat.19:18,19

Abboommonni kun abboommota kurnan isa sanbata of keessatti hammatu


keessaa warra caqafaman waan ta’eef guutummaan isaa Seera Ba’uu Boq. 20
Keessatti argama.

Eegaa Waaqayyo jaalala akka ta’e(1Yoh.4:8) guutummaan macaafa qulqulluus


jaalala irratti bu’uureffame: (1Qor.13:13); “Jaalalli seera raawwachuudha”
(Rom.13:10).

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 42


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

23. KIRISTOOS YESUUS GUUTUMMAA JIREENYA ISAATTI SANBATA GUYYAA


TORBAFFAA WAAN EEGEEF.

Luq.4:16,31

Amalli lafaa akka amala isa kan Kiristoos miti. Amalli lafaa akka namni guyyaa
fedhe eegu taasisa. Garuu amalli Yesuus akka inni sanbata guyyaa torbaffaa isa
Abbaan Isaa jalqaba uumamatti eege eeguudha. S.Um.2:1-3.

Mar.1:21, Luq.4:16, Mat.12:9, Luq.13:10, Luq,6:6, Mar.6:2

Kiristoos hundeessaan amantii kiristaanaa fakkeenya ol’aanaa guutummaa


kiristanootaati.

24. ILMI WAAQAYYOO KIRISTOOS YESUUS FANNOON BOODA SANBATA WAAN


EEGEEF.

Waaqayyo jalqaba xumura hojii uumamaa irratti gaafa guyyaa torbaffaa


akkuma boqote, Ilmi Waaqayyoo Kiristoos Yesuusis yeroo fayyisuuttis sanbata
guyyaa torbaffaatti boqoteera.

25. YESUUS FANNOON BOODA SANBATA AKKA EEGNUUF WAAN ABBOOMEEF.

Warroonni yaada dogogoraan fannoon booda guyyaan dilbataa eegamuu qaba


jedhanii amananii tarii ni jiru ta’a, garuu isaan raawwatanii dogongoraniiru. Sababni
isaa Yesuus guyyaan dilbataa akka eegamuuf abboommii yookan fakkeenya tokko
illee nuuf hin laanne. Dhugaan qabatamaan gama kanaan nuuf kenname garuu
yesuus abboommii fi fakkeenya sanbata guyyaa torbaffaa akka eegnuuf nuu
kennedha. Mee ragaa macaafa qulqulluun haa mirkaneeffannu:

Fakkeenya Kiristoos nuuf kenne:Luq.4:16

 Abboommii Kiristoos nuuf kenne: Mat.24:20


 Abboommiin Kiristoos kenne eegameera: Luq.23:56

26. DUUKA BUUTONNI KIRISTOOS FANNOON BOODA SANBATA WAAN EEGANIIF

Kiristoos yommuu duuka buutoota isa waliin ture eegaa waan tureef yommuu
Inni isaan bira hin jireettis bartootni isaa eeganiiru. Luq.23:56

Utuma Yesuusin baay’ee baay’ee jaallatanii, Sababa du’uu isaa guyyaa


sanbataa eeguu dhiisuun hin rakasiifne/hin xureessine/. Luq.23:52-56, 24:1,
Mar.15:42-47, 16:1

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 43


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Waanti biraan hubatamuu qabu tokko Kiristoos erga du’aa ka’ee ji’a tokko oliif
isaan duuka kan ture yommuu ta’u bakka kamitiyyuu waa’ee guyyaan sanbataa
jijjiiramuu yookan akkaataa eegiinsa sanbataa duraan ture irratti sirreeffama kenne
hin qabu.

27. PHAAWULOOS SANBATA WAAN EEGEE FI ITTI LALLABAA TUREEF.

Dhugaan soba ta’uu hin dandeenye, Sanbata guyyaa torbaffaa Waaqayyo yeroo
jalqaba uumamaatti eegee fi Yesuus yeroo ilmaan namaa fayyisuuf dhufeetti eege,
Phaawuloosiis bara jiraatetti eegera.

H.Erg.17:2, 18:4, 13:12, 13:42, 13:14, 16:13, 13:14

Ragaalee armaan olii irratti akkuma argine warri ormoonnii fi Girikoonni sanbata
eeganiiru. Kanaaf guyyaa sanbataa Yihudota qofatu eega warri jedhanii barsiisan
barsiisa hundee hin qabnedha.

28. WALDAAN BARTOOTAA FANNOON BOODAA WAAN EEGANIIF.


H.Erg.13:14, 13:42-44, 16:12,13; 17:2, 18:1, 18:11

29. HANGA AMMAATTI WAAN EEGAMAA JIRUUF


It is a fact, obvious to any student of history, and the proofs are plentiful to furnish
substantial

Evidence, that there have always been faithful seventh day Sabbath keepers from the
time of Christ to thepresent age.

A. D. 75 - FLAVIUS JOSEPHUS:

“For there Is not any city of the Greeks, nor any of the barbarians, nor any nation
whatsoever,whither our custom of resting on THE SEVENTH DAY hath not come!” -
Flavius Josephus Against Apion from “The Works of Flavius Josephus,” p. 925.

A. D. 250 - ORIGEN, BISHOP OF ALEXANDRIA:

“Let us therefore no longer keep the Sabbath after Jewish manner. . . . But let every
one of you KEEP THE SABBATH after spiritual manner, rejoicing in meditation on
the law.” -Epistle to the Magnesians, Chap. lx.

A. D. 350 - ATHANASIUS:

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 44


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

“We are assembled on the day of the SABBATH, not because we are Infected with
Judaism, . . .but we approach the SABBATH to adore Christ, the Lord of the
Sabbath.” --The Signs of the Times,” Jan.17, 1933, p. 13.

A. D. 400 -AUGUSTINE:

“On this day, which is THE SABBATH, mostly those ore accustomed to meet who are
desirous of the word of God.” -”Augustine’s Sermon,” 128, tom. 7, p. 629.

A. D. 450 -SOCRATES:

“Almost all of the churches throughout the world celebrate the sacred mysteries on
the SABBATH of every week.” -”Socrates,” Book v, chap. 22.

A. D. 590 -POPE GREGORY I:

“It has come to my ears that certain men of perverse spirit have sown among you
some things that are wrong and opposed to holy faith, so as to forbid any work being
done on the SABBATH DAY.”-”Nicene and Post-Nicene Fathers,” Vol. 13, bk. 13,
epist. I, p. 336.

A. D. 791-COUNCIL OF TRIAU: (In Italy)

“Further, when speaking of that SABBATH which the Jews observe, that last day of
the week, and which also our peasants observe.” – “13th Canon of the Council of
Triau!”

11TH CENTURY -SCOTLAND:

“They worked on Sunday, but kept SATURDAY In a Sabbatical manner.” “History of


Scotland.”Andrew Long, Vol. 1, page 96.

14 TH CENTURY -ABYSSINIA:

“It Is not therefore, In imitation of the Jews, but in obedience to Christ and His holy
apostles that we observe that day [Sabbath].” -Reason for keeping Sabbath, given by
Abyssinian legate at the court of Lisbon (1534) In “Church. History of Ethiopia,” by
Michael Geddes, pp. 87. 88.

AD 1576 - WALDENSES:

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 45


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

“They were called Inzabbatt, not because they were circumcised, but because they
kept the SABBATH according to the Jewish law.” “They kept the Sabbath day.”
“Deuteche Biographie,- Art.,“Goldast.” Godstus, historian.

AD 1653-GOA, INDIA:
“They keep Saturday holy, nor esteem the Saturday fast lawful, but on Easter even.
They have solemn service on Saturdays.” – “History of the Sabbath,” J. N. Andrews,
p. 569.
AD 1665-SIANFU, CHINA:

Stone tablet unearthed dating before the eighth century: “On the seventh day we offer
sacrifice. after having purified our hearts and received absolution for our sins.” Id.,
Page 565.

AD 1738-COUNT NICOLAUS VON ZINZENDORF:

He was the founder and first bishop of the Moravian church. “The days which we
keep are Sunday as the Lord’s resurrection day. and the SABBATH or the REAL
REST DAY OF OUR LORD!” Id., 753.

AD 1844 - MRS. E. G. WHITE:

“In the autumn of 1846 we began to observe the BIBLE SABBATH. And teach and
defend It.”-”Testimonies.” Volume 1, page 75.

30. BARA DHUMAATTI WALDAAN WAAQAYYOOF AMANAMTU ABBOOMMII ISAA


WAAN EGDUUF

Erm.6:2, 2Qor.11:2, S.Ba’u.26:12, Mat.19:17-19, M.Yoh.12:17, 14:12

31. WALDAAN BIRAA ANI SANBATA GUYYAA TORBAFFAA EEGUU IRRATTI


SIRRIIDHA WAAN JETTUUF

Iyoob.15:6

A man may rub his eyes in amazement when he sees the following quotations. These
have been selected from the writings of reputable Sunday-keeping authors. While I
have the deepest veneration for their sincerity, yet I with Job cannot help but say:
“Your own mouth condemns you and not I.

Your ownlips testify against you.” Job 15:6.

LUTHERAN:

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 46


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

“The observance of the Lord’s day (Sunday) Is founded not on any command of God
but on the authority of the church.” -”Augsburg Confession of Faith,” as quoted In
Cox’s “Sabbath Manual.” p. 287.

EPISCOPAL:

“We have made the change from the seventh day to the first day, from Saturday to
Sunday, on the authority of the one holy catholic, apostolic church of Christ.” – “Why
We Keep Sunday.” by Bishop Seymour.

METHODIST:

“It is true there is no positive command for Infant baptism. Nor is there any for
keeping holy the first day of the week.” -”Theological Compendium,” 1902, by
Revelation Amos Binney, pp. 180. 181.

BAPTIST:

“There was and Is a commandment to ‘keep holy the Sabbath day,’ but that Sabbath
day was not Sunday. There is no Scriptural evidence of the change of the Sabbath
Institution from the seventh to the first day of the week.” -Edward T. Hiscox, D. D.,
author of “The Baptist Church Manual.”

PRESBYTERIAN:

“The Christian Sabbath [Sunday] is not in the Scripture, and was not by the primitive
church called the Sabbath.” – “Dwight’s Theology,” Vol. 4. p. 40 1.

CONGREGATIONAL:

“There Is no command in the Bible requiring us to observe the first day of the week
as the Christian Sabbath.” – “Mode and Subjects of Baptism”, by Fowler.

CHRISTIAN:

“The first day of the week is commonly called the Sabbath. This is a mistake. The
Sabbath of the Bible was the day Just preceding the first day of the week. The first
day of the week is never called the Sabbath anywhere in the entire Scriptures. It Is
also an error to talk about the change of the Sabbath. There never was any change of
the Sabbath from Saturday to Sunday. There Is not at any place in the Bible any
Intimation of such a change.” – “First Day Observance.” pp. 17. 19.

CATHOLIC:

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 47


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

Cardinal Gibbons In the following statement hit the nail on the head. In this
statement he is splendidly right. “But you may read the Bible from Genesis to
Revelation, and you will not find a single line authorizing the sanctification of
Sunday. The Scriptures enforce the religious observance of Saturday. A day which we
never sanctify.” – “Faith of Our Fathers,” pp. Ill, 112.

“If the Bible Is the only guide for the Christian, then the Seventh-day Adventist Is
RIGHT In observing the Saturday with the Jew.” The Question Box, Conway, p. 254.

Consequently the Sabbath day is still the seventh day of the week or SATURDAY.

32. ABBOOMMII WAAQAYYOO EEGUUN “PAASPOORTII” GARA SAMIITTI


GEESSSU WAAN TA’EEF

M.Yoh.22:14, Fil.4:13,

33. FOON QABEESSI HUNDINUU SAMII IRRATTI WAAN EEGANIIF

Isa.66:22,23, Ibr.4:9,11; Lal.12:13

Waaqayyo yeroo hojii uumuu xumuretti sanbata guyyaa torbaffaa boqochuun


ilmaan namaas akka itti boqotaniif abboome.(S.Um.2:1-3), (S.Ba’u.20:8-11).
Akkasumas Kiritoos yeroo fayyisuutti akkuma sanbata guyyaa torbaffaa eege ilmaan
namaas akka eeganiif isaan abbomeera. Luq.4:16, Mat.28:1, 24:20. Akkasumas
qulqulloonni hundinuu samii irratti eeguuf jiru.( Isa.66:22,23).

Erga samii irratti eeguuf jirra ta’ee, asitti/lafa kana/ irratti maaliif hin eegnuu?
Achitti/samii/ irratti kan eegnu erga kan eegnu ta’ee, amma maaliif hin eegnuu?

SANBATA MACAAFA QULQULLUU IRRATTI RAGAALEE MACAAFA QULQULLUU

Guyyaan sanbataa maaliif eegamaa? Kaayyoon guyyaa sanbataa eeguu maalii?


Eenyutu uumee? Yoom uumamee? Eenyuuf uumaamee? Guyyaa isa kamtu sanbata
Isa dhugaadhaa?

Baay’onni guyyaa jalqaba torbanii/dilbata/ eegu. Ragaa macaafa qulqulluu isa


kamiin guyyaa jalqaba torbanii/dilbata/ kana eeguu? Warri kaan ammoo guyyaa isa
torbaffaa yookan sanbata eegu. Guyyaa isa torbaffaa/sanbata/ eeguuf raga macaafa
qulqulluu maal qabuu? Dhugaan waa’ee guyyoota kana lamaanii ifadhumatti
macaafa qulqulluu keessatti ibsamaniiru.

DHUGAA MACAAFA QULQULLUU WAA’EE SANBATA GUYYAA TORBAFFAA


IRRATTI

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 48


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

 S.Um.2:1-3
 S.Ba’u.20:11
 Mar.2:27,28
 S.Ba’u.31:17,16:4,23-29, 20:1-17,31:18, 34:21
 K.Deeb.4:12,13, 5:22, 10:1-5
 His.20:12,13, 20:20
 Erm.17:24,25, 17:27
 Neh.13:18
 Isa.56:6,7, 56:2, 58:12,13, 66:22,23
 Luq.4:16, 23:56
 Yoh.15:10
 M.Yoh.1:10
 Mat.12:1-13, 24:20, 5:17
 1pheex.3:6
 H.Erg.13:14,27,44,42, 15:21, 16:13, 17:2,3, 18:4,11

DHUGAA MACAAFA QULQULLUU WAA’EE GUYYAA JALQABA


TORBANII/DILBATAA/IRRATTII
 S.Um.1:1-5 :- Guyyaa Waaqayyo hojii uumuu itti jalqabe
 S.Ba’u.20:8-11:- Guyyaa Waaqayyo akka itti hojjenuuf nuuf kenne
 His.46:1:- Guyyaa hojii
 Mar.6:3:- Kiristoos hojii fooniis itti hojjechaa tureera.
 Rom.4:15,1Yoh3:4:- Guyyaa dilbataa akka eegnuuf waan hin abbomamneef
eeguu dhiisuun cubbuu miti.
 Jalqaba torbanii kan jedhu si’a sadeet qofa kakuu haaraa keessatti kan
caqafame.
 Mat.28:1, Mar.16:2,9, Luq.24:1, Yoh.20:1,19, H.Erg.20:7, 1Qor.16:2
 H.Erg.20:5-12,42-46
 Mat.15:1-9
 Rom6:3-5

SEERA WAAQAYYOO ISA BARA BARAAN WALITTI NU MAXXANSU

1. Faar.1:1-3,19:7,8, 40:8, 78:1-7, 111:7,8, 103,18-20, 105:8-10, 119:126,150,165,174


2. Isa.8:16,20, 66:22-24
3. Mat.5:17-19, 19:17-19
4. Yoh.14:15, 15:10
5. Luq.23:56
6. Rom.2:13, 3:20, 3:31, 4:15, 5:13, 7:7, 7:12, 7:25, 8:1-4, 8:7, 13:8-10
7. 1Qor.7:19, 10:1-4,

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 49


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

8. 1Xim.1: 8
9. Ibr.4:4,9, 8:8-10
10. Yaq.1:25, 2:8-12
11. 1Yoh.2:3,4, 3:22,24, 5:2,3
12. M.Yoh.11:19, 15:5, 12:17, 14:12, 21:8, 22:14,15

WALITTI DHUFEENYA SEEROTA LAMAANII/KAN MUSEE FI KAN WAAQAYYOO/

Walitti dhufeenya seeronni kun lamaan qaban kan wal deeggaranidhaa?


Kanaaf deebii kennuun ulfaata miti. Sababni isaa kan wal deeggaranii fi deeggaruus
qaban waan ta’eef. Haa ta’u malee walitti dhufeenyi isaani kun akkuma dhimmoota
adda biraa macaafa qulqulluu keessatti sirritti ibsamaniiru. Lew.4:27-31 keessatti
dubbii akkana jedhu dubbifanna:

______________________________
Sirni tajaajila kun hundinuu haala baay’ee ifaa ta’e akkamiin ibsamaniru! Yoo
namni tokko cubbuu hojjetee, inni seera cabseera (seera safuu isa ta’e abboommii
kurnan). kanaaf akka seeratti aarsaa isaa ni dhiyeessa (seera aarsaa dhiyeessun
dhiifama cubbuu ni argata). Kanaaf egaa seeronni kun lamaan gara walitti
dhufeenya sirritti dhufaniiru. Seerri Waaqayyoo maalummaa cubbuu nutti hima
yookan mul’isa. Cubbuun seera safuu/abboommii kurnan/ irra daddarbuu waan
ta’eef, seerri Musee ammo maalummaa aarsaa/seera ayyaanaa(ceremonial law)/ isa
cubbuu sanatti nu fayyisu nutti hima/agarsiisa. Isiraa’elonni yommuu seera
Waaqayyoo cabsuun cubbuu hojjetan, cubbuu sanattii dhiifama argachuuf waanta
seerri Musee isaan abboome raawwachu qabu. Kanaaf seerota gara garaa lamatu
jira.
Waa’ee seerota kana lamaanii macaafni qulqulluun maal akka jedhu
hubachiisuun barbachiisadha. Seera bu’uuraa isa ta’e seera safuu, Waaqayyo
“kakuu Isaa” isinitti akka beeksise, abboommii kurnan isaa akka isin gootaniif isin
abboome… K.Deeb.4:13. Seerri kun raawwatee kakuu moofaadha jedhamee hin
waamamne, Garummoo mul’inatti kakuu ‘Isaa’ yookan ‘Waaqayyoo’ yookan ‘koo’
jedhamee waamama.

Asitti wa’ee kanatiif macaafni qulqulluun maal akka jedhu tarreessun waan baay’ee
barbachiisudha.

1Sen.Baraa.16:15-16, Faar.89:34, 19:7, S.Uumam.26:5, Rom.3:20, 3:31, 1Qor.7:19,


1Yoh.5:1, 2:4, Yaaq.2:10,11, Mat.6:17, Yoh.14:15, Mat.7:21-23, 19:17, Mul.22:14,

WALITTI HIDHAMIINSA WANGEELAA FI SEERA AYYAANAA/CEREMONIAL LAW/

Efe.2:15, Ibr.9:10, 1Yoh.1:7, Qol.2:14-17

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 50


Barsiisa Eenyuu Hordofaa Jirraa?

GUDUUNFAA
Amallii fi fakkeenyumaan Kiristoos Yesuus gutummaa jireenya kiristaanotaa
keessatti mul’achu qaba. Waldaan isaa akkataa inni itti lafa kana irratti deeddebi’a
turen deddebi’uu qabdi/ What He was, His church should be/.
Waldaan/hordoftootni Isaa/ wanta inni gochaa ture goochuu qabdi. Wanta Inni
ciigga’u waldaan isaas ciigga’uu qabdi. Inni toora waldatti waan ta’eef isa
hordofuunis dirqama waldatiiti.

But Christ did not cut free from His past. He made all things new (2 Corinthians
5: 17) by that creative and regenerating power He had within Himself, by which He
removed the dross and restored the good. But He declared Himself the maintainer of
all the permanent good of the past: a fulfiller, not a destroyer. Matthew 5:17, 18. He
upheld the teachings of the Old Testament in the Sermon on the Mount. He
beautified them, and intensified them, by getting to the heart of their meanings. He
showed Himself to be the accomplishment of the hopes and longings of the inspired
Old Testament writers. Luke 24:2,7,44.
But Christ condemned tradition. In this He did well, for tradition is in its very nature
untrustworthy. Too often, as Jesus pointed out (Matthew 15:9, 13), it sets itself at
variance with that which is eternally true, and negates what is of permanent value.
Tradition has done this with the Sabbath of which Jesus is Lord, and which. He
uniformly observed. It is the purpose of this book to show how tradition has sought
to accomplish its unauthorized work upon the Sabbath of Jesus and the apostles.

Dhugaa Sagalee WaaqayyootiPage 51

You might also like