Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Safartuun samii sun guyyaadhaa guyyaatti madalli gaggeessa

Dafii adda baasi imalli kee kuni garamitti geessa

Haalli kee hundinuu shaakalli kee har’aa galma kee addeessa

Baay’een madaalliiti kufaii argamuu yeroo dhumaa kana

Yeroo bokkaa booddeetti mallattaa’uudhaaf baayeetu danqaama

Akka Belshaazaariin of gammachiisuutti yeroon kee maaf dhuma

Ejjennaa tolfadhu dhagicharratti miilla kee jabeeffattee

Yeroon si gatuufi obboleessaa hin rafin maaloo of dagattee

Atis obboleettii dacheen ariitiidhaan qopheeshee xumurtee

Dammaqii kadhadhu hin dadhabin qaata galma kee argitee

Imaltoota samiif yeroon hurrii ba’uu sichi baay’ee hin turu

Rooba maa’essaatiin wallaansoo mo’anii imala xumuru

Irra deddebi’ee kallattii adda addaaan ergaan siif dhiyaatu

Dogoggora kee hunda jaalalaan dhiyaatee kan sitti dubbatu

Si dammaqsuudhaaf haala yeroo keetu rafuuf hin mijatu

Kanaaf itti yaadi lubbuu keetiif dhimmi fayyuu yoo barbaadde

Ittii adda ba’i haala si danquttii bokkaa duraaf booddee

Kan fedha qabani haa dhufan nan simaa jedha fayyisaan kee

Baala’am raajiidha maqaa garii qaba gara jalqabaatti

Garuu eenyummaasaa duraa gad lakkisee goree garaasaatti

Eebbarra abaarsa hooda himuu ta’e ga’een hojiisaatii

Siinis dhoksaan guddaan Karaa garaagaraa sitti himameera

Icciitii fayyinaa ifnu kuusaa dhugaas sirratti ba’eera

Gabaasni seenaa kee egaa maal odeessa mee maaliin xumura


~~~~~

You might also like