Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 31

Ayyaanaan Guddachuu

Pr Malaak Alamaayyoo (PhD) tiin

Yaada Dursaa
Addunyaa kana irratti jireenyi jiraatamu sadarkaalee garaagaraa
qaba. Lubbuu qabaatanii gara addunyaa kanaa dhufuutti aansee
sadarkaan jiru guddachuudha. Kristiyaanni tokko karaa Ayyaana
Fayyisaa isaatii erga jireenya argatee booda karaadhuma Ayyaanaa,
gochaa Fayyisaan isaa isaaf godhe kana keessaan ni guddata.

Barreeffamni gabaabaan kunis dhimma guddina kristiyaanummaa


kana giddugaleessa godhachuudhaan kan qophaa’ee fi guyyaa 10
keessatti dubbifamee akka xumuramutti kan qindatedha.

Yeroo dubbisaa gaarii !

Afaan Oromootti kan hiike Dambii Indaaluu

Email dembie01@yahoo.com
Guyyaa 1ffaa

Guddachuu

Bayyonni keenya Eebbawwan kanneen akka "Guddadhu, caalii mul'adhu!""Si ha


guddisu, beekamtiidhaan si ha ga'u!" jedhaman kana dhaggeeffachaa guddachuun
keenya hin hafne jedheen yaada.

Dhugumattuu dhalatanii guddachuun, seera uumamaa fayyaalessa yoo ta'u, dirree


jireenyaa hundumaa keessatti goolii barbaadnu bira ga'uudhaaf, sadarkaa guddina
nuti keessa darbinu safartuu milkaa'inaa isa tokkodha.

Macaafa qulqulluu keenya irraa fuula gara jalqabaa gaafa dubbifnu, Waaqayyo
jaalala isaatii fi fakkeenya isaatti nama ofii isaatiin uume kanaan "Horaa,
baayyadhaa," yookiis jecha biraatiin "Guddadhaa" kan jedhe ture (Uumama 1:28).
Guddinni kun lakkoofsaan dabaluu qofa osoo hin taane, namni karaa Waaqayyoo
kan isaaniif kenname kennaa garaagaraa akka fedhii Waaqayyootti
qabachuudhaan, achi keessa eebba jiru ofitti fudhachuudhaan kan itti guddatamu
seera uumamaa ta'uu isaa ni hubanna. Addaamii fi Hewaanis kufaatii isaanii
fuuladura qabaataa isa turan guyyaan hundumaa iyyuu Waaqayyoon beekuudhaan,
walitti dhufeenya isaan gidduu ture akkasumas akka kunuunsaniif kan isaaniitti
kenname uumama Waaqayyoo misoomsuudhaan kan itti guddatan ture.

Haa ta'u malee, sababa irra daddarbaa tokkittiitiin cubbuun gara addunyaa kanaa
yeroo gale, karoorri samiin dhimma guddina isaaniif qabu balaa jala gale.
Dhukkuba cubbuu kan guddina sanyii namaa quucarsu, darbees jireenya kan
balleessuun faalame. Waaqa ayyaanaa inni ta'e Waaqayyo garuu, namni filannoo
isaa isa isa balleessutti dabarfamee kennamuu isaa dura carraa biraa akka argatuuf,
deebi'ees gara karaa guddina fi jireenyaatti akka deebi'uufis carraa fayyinaa dursee
qopheessee ture. Kanaafis abaarsa cubbuu osoo hin dubbatin, dursee, achi keessaa
karaa isaan ittiin ba'uu danda'an misiraachoo, diina isaanii (seexana isa bofatti
fakkeeffameef) immoo gadda kan ta'e akkas jechuudhaan dubbate, "Ani sii fi
dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni
mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita" jedhe. " (Seera Uumamaa 3: 15)
Bakka kanatti sanyii dubartittii kan jedhame ilmi Waaqayyoos, yeroon
raawwatamuu abdichaa yeroo ga'etti, foon keenya uffatee gidduu keenya
buufachuudhaan ergama isaa raawwachuuf mul'ate (Galaatiyaa 4:4). Sababii
cubbuu abbaa sanyii dhala namaa guutummaa isa ta'e - Addaamiif, balaa irratti
kufee isa ture jireenyii fi guddinni dhala namaa, du'aan aarsaa of gochuu fi
jireenya Addaam isa lammaffaatiin irra deebi'ee hidda yaafate. "Dhuguma,
dhuguman isinitti hima; iji qamadii biyyoo keessa bu'ee yoo du'uu dhaabaate,
tokkichuma ta'ee hafa; yoo du'e garuu ija baay'ee in godhata," (Yohannis 12: 24)
jechuudhaan, ofii isaatii du'uuf akka dhufee fi du'uu isaatiin immoo jireenya hunda
keenyaa kan guddisu nuuf laachuuf akka jedhu hubachiisuudhaaf fakkeenya
salphatuun nu hubachiise. Nutis du'a isaa kan keenya goonee fudhachuudhaan
cubbuuttii duu'uunii fi du'aa ka'uu isaa keessas lixnee (Room 6:1-3), sanyii hin
badne irraa dhalannee (1 Pheex 1:23) Uumama haaraa ni taana (2 Qor 5:17). Egaa
shaakala kana keessa yeroo darbinu, umuriin keenya inni uumamaa hammam
iyyuu kan olka'e yoo ta'eyyuu, Kristoosiin keessatti garuu akka ijoolleetti
ilaalamna. Itti dabalees ergamaan Pheexiroos akkas jedhee nu gorsa, " Akka
mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin
guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre
akka aannanii sana dharra'aa! " (1 Pheexros 2: 2).

Heertuu kana irraa akkuma hubannu, Gooftaatti amannee erga fayyineetii fayyina
keenyatti guddachuutu nu barbaachisa. Dhalachuun daa'ima tokkoo gammachuu
guddaa hagamii kan uumu misiraachoo yoo ta'e iyyuu, daa'imni dhalate kan hin
guddanne yoo ta'e garuu hammuma sana kan nama gaddisiisudha.

Kanuma ilaalchisee, ergamaan Phaawuloos, fakkeenya guddinaa fi aannanii


fayyadamuudhaan, yeroo hundumaa akka daa'imaa aannan kan dhugnu ta'uun akka
nurra hin jirree fi guddinni keenya boqonnaa tokko irraa gara boqonnaa biraatti kan
ce'u ta'uu akka qabu, ergaa warra Ibirootaaf caafe keessatti bifa kanaan cimsee
nutti dubbata,

"Isin yeroo kana barsiisota ta'uuf kan maltan turtan; amma garuu dubbii
Waaqayyoo isa gara jalqabaa iyyuu nama hiikee isin barsiisu in barbaachise; qooda
nyaata jabaa nyaachuus warra aannan dhuguun barbaachisu taataniittu.Namni
aannaniin jiraatu immoo, mucaa waan ta'eef, akka itti Waaqayyo duratti
qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin hubatu. Nyaanni jabaan garuu kan warra
ga'anii ti; warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar
baasuu in danda'u." (Ibroota 5:12-14 )

Dhugaadhumattuu fayyina keenyatti guddachuu dhabuun keenya gaddisiisaa kan


ta'ee fi bu'aan isaas jibbisiisaa kan ta'edha. Gooftaan keenya Yesuus Kristoos
waa'ee murteessummaa fayyina keenyatti guddachuu akkasumas guddachuu
dhabuunimmoo miidhaa guddaa inni hordofsiisu irratti fakkeenyaan yeroo
barsiisutti, Luqaas 13: 6-8 irratti akkas jedha, "Namni tokko muka harbuu maasii
isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; inni ija irraa barbaaddachuu dhaqee homaa
irraa dhabe.Yommus namicha isa maasii isaa eeguun, 'lIaa waggoota sadiin muka
kana irraa ija barbaaddachuudhaaf dhufe; garuu homaa irraa hin arganne; kanaaf
muri, maaliif lafa balleessa?' jedheen. Namichi sun garuu deebiseefii, 'Yaa
gooftaa, mee waggaa kanaaf hamma ani naannoo isaa soqee xaa'oo itti naqutti haa
taa'u!"

Muka harbuu sanatti kan fakkeeffaman kunneen, addunyaa kanaaf kan qopheesse
fayyinni isaan keessaan akka mul'atuuf, kan Waaqayyo isaaniin filate - saba
Israa'elootaa dha. Kan nama gaddisiisu garuu, fayyina isaanii kanatti sodaadhaan
guddachuu dhiisanii, hammuma Waaqayyo fakkeenya isaatiin isaanitti dhiyaachaa
ture, jireenyi isaanii kan hin guddannee fi firii kan hin qabne ture. Egaa haalli
isaanii kun akkasumatti haala salphaadhaan ilaalamee kan dhiifamu hin turre.
Guddachuu dhiisuun, jireenyi firii qabu eebba inni fidu irraa kan nu hanqisu qofa
osoo hin taane, muramnees akka gatamnu kan nu godhu, haala balaa qabu akka ta'e
fakkeenyi kun nu hubachiisa. Yaada kana cimsuudhaan, ibsa walfakkaataa
fayyadamee Yohaannis 15: 1-2 irratti gooftaan keenya akkas nuun jedha, "Mukichi
waynii inni dhugaan ana, mukicha dhaabee kan eeguu immoo abbaa kooti. Damee
utuu anatti jiruu ija hin godhanne, hundumaa in mura; damee isa ija godhatu
hundumaa garuu, caalchisee akka inni ija godhatuuf irraa in qeexxa'a." Fayyina
keenyatti guddachuu dhabuun keenya balaa rakkina guddaaf nama saaxiludha.

Egaatii gooftaan keenya yeroo nu uumes ta'e yeroo nu fayyise karoorri inni nuuf
qabu, gara isa nuuf qopheesse guutummaa eebba isaatiitti kan guddatu jireenya ha
qabaannuuf akka ta'e yeroo hundumaayyuu dhugaa itti yaaduu qabnu dha.

Gooftaa keenya Yesuus Kristoositti amanuudhaan karaa ayyaana isaatii


fayyineerra ta'uu danda'a; garuu ayyaanuma isaatiin fayyinni keenya guddataa
jiraahoo? Akka muka harbuu sanaa Waaqayyo, umurii umurii irratti nuuf dabalee
jira yoo ta'e iyyuu jireenyi keenya garuu firii kan hin qabne ta'ee jiraa? Dhaabannee
jireenya keenya ilaaluunii fi haala keessa jirru sirriitti qo'achuun nu barbaachisa.

Ayyaanatti guddachuun, karaawwan guddinaa sadii keessa isaatti kan qabate akka
ta'e sagalee isaa irraa ni hubanna; isaanis, (1) Waaqayyoon waaqessuudhaan gara
oliitti guddachuu (2) Walii keenya jaallachuu fi walgargaaruudhaan gara gadiitti
guddachuu akkasumas (3) Warra karaa du'aa irra jiraniif Wangeela barabaraa kana
ibsinee dirqama keenya ba'uudhaan gara bakkeetti guddachuudha.

Karaalee guddinaa kanneen sadan, guyyoota itti aanan keessatti gad fageenyaan
kan ilaalluu ta'a. Guyyuma guyyaatiin gara guutummaa eebbaa isa nuuf
qopheessetti akka guddannu kan barbaadu abbaan keenya jaalalaa ergaa kana gara
keenya fideera.

Haala akkamii keessa iyyuu yoo jiraanne, inni haala keenya faana ofitti nu
fudhachuudhaan sana booda nu jijjiiruu fi guyyaama hundumaa gara guutummaa
ulfina isaatiitti nu guddisuudhaaf guutuummatti eyyamamaa dha. Maalif dandeettii
mataa keenyaa irratti hundoofnee guddachuu dadhabuu keenyaaf abdii
kutannaree?Yookiinis maalif beellama kenninaaf?Yeroon itti gara ayyaana isaatiitti
guddannu amma dha.Guyyaa borii irratti aangoo hin qabnu waan ta'eef utuu hin
guyyaafatin carrichatti ha fayyadamnu.

Abbaa keenyaa, ayyaana ilma kee Kristoos Yesuusittii fi beekumsatti


kan guddatu jireenya nuuf kenni!! Ameen.
Guyyaa 2ffaa

Waaqessuudhaan Guddachuu

Waaqeffannaan maalidha?Waaqessuunis shaakala akkamiiti? Namoota baayyeef


waaqeffannaa jechi jedhu yeroo dubbatamu, waldaa keessatti kan goonu kadhata,
faarfannaa, lallabaa fi kanneen kana fakkaatan gara sammuu isaanii kan dhufu
yeroo ta'u, baayyonnimmoo isa duraarra bifa dhiphaa ta'een gara kutaa faarfannaa
duwwaatti deebisuudhaan, achi keessaa iyyuu muuziqaa suuta deemuun
faarfannaan hordofame waaqeffannaa akka ta'etti yaadu. Dhugaan isaa garuu,
waaqeffannaan kanarra kan caalu hiikkaa qabaachuu isaati.

Waaqeffannaa wangeelawaa ta'e - Jaalala isaa isa barabaraa sanaan nu jaallatee


guutummaa ofii isaatii kan nuuf kenne Waaqa keenyaaf, jaalala sanaan booji'amnee
nutis guutummaa keenya deebisnee kan kenninu deebii jaalalaati.

Macaafni qulqulluun jalqabatti afaan inni ittiin caafame, Ibiraayistiis ta'e


Giriikiidhaan jecha Waaqeffannaa jedhu akkaataa isaan itti hiikan keessaa inni
dursaa, addi ofii lafa hanga tuqutti lafatti kufanii sagaduu jechoota argisiisanidha.
Gochi kun ammoo guutuu guutuutti mataa ofii kan biraatiif dabarsanii kennuu kan
argisiisuudha. Macaafa qulqulluu keessatti bakka garaagaraatti namoonni bakka
argama Waaqayyoo isa addaa sana keessatti argamuu isaanii yeroo hubatanitti lafa
irratti kufuudhaan isaaf sagadanii turan. Kun immoo Waaqa waaqessaa jiraniif
guutummaa jireenya isaanii kennuu isaanii gochaa argisiisu dha.

Waaqayyoon fuulduratti waaqeffannaan fudhatamummaa qabu, jaalala isaatiif kan


nuti kenninu deebii jaalalaati. Deebiin kun immoo, isa nu jaallate deebisnee
jaallachuu fi isaaf immoo guutummaa jireenya keenyaa kennuudhaan kan ibsamu
ta'a. Kanaafidha Waaqayyo kan nurraa barbaadu isa angafaa yeroo nutti himu, inni
ofii isaatii jireenya isaa guutuutiin akkuma nu jaallatee fi jaalala isaas karaa ilma
isaa dabarsee kennuu isaa akkuma nuuf ibse, nutis onnee keenya guutuutiin,
lubbuu keenya guutuutiini fi humna keenya guutuutiin akka nuti isa jaallannu nu
gaafata. (Keessa deebii 6: 5)
Egaatii Waaqayyoon waaqessuu keessaan guddachuu jechuun isa jaallachuu
jechuu fi isa duukaa walitti dhufeenya qabnu cimsachuu jechuudha. Maarree isaaf
kan kenninu deebiin jaalalaa sun

akka nuti guddannuuf isa inni dursee ittiin nu jaallate - jaalala guddaa sana
hubachuudhaan guddachuu nu barbaachisa. Kana jabeessee kan hubate ergamaan
phaawuloos, waa'ee mataduree fuula Waaqayyoo fuulduratti xiyyeeffannaa guddaa
kenneefii kadhatuu akkas jedhee barreessa, " Warra Waaqayyoof qulqullaa'an
hundumaa wajjin dhoksaan ogummaa isaa hammam akka bal'atu, hammam akka
dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus hubachuu akka
dandeessaniif," (Efesoon 3: 18).

Phaawuloos mataan isaa dhuunfaa isaatiin jaalala kana hubachuudhaan guyyuma


guyyaatti guddataa waan tureef ergaa warra Roomaatiif barreesse keessatti,
"Jaalala kanattii kan adda na baasu homti tokkoyyuu hin jiru" jedha (Roomaa 8:
35-37). Egaa nutis Waaqeffannaa keessaan jireenya keenya guddisaa yeroo
deemnu jaalala kanattii wanti tokkoyyuu adda nu hin baasu jenna. Bifa gabaabaa
ta'een kaa'uudhaaf, karaa Waaqeffannaa jireenya keenya kan nuuf guddisu inni
duraa fi iccitiin inni angafaa jaalala isa Waaqayyo nuuf qabu hubachuu yeroo ta'u,
jaalalli kun ammoo nu keessatti deebii jaalalaa uumuudhaaf humna qaba.

Nutis akkuma Phaawuloosiin Waaqayyoon beekamuu ol kan ta'e, jaalala hubachuu


akka dandeenyuuf Waaqayyo keenya akka nu gargaaruuf hammam kadhanna?

Guddina jaalala nuti waaqayyo keenyaaf qabnu kan murteessu "jaalala isaa hagam
hubanne?" kan jedhudha. Jaalala isaa gadfageenyaan yoo hubanne, nutis isaaf kan
qabnu jaalalli hanguma sana gadfageenya qabaata. Luqaas 7: 36-50 irratti kan
argamu seenaan Simoonii fi seenaan dubartii cubbamtuu tokkoo, Maariyaam ishee
Maqdalaa, mataduree kana ifaa godhee nu hubachiisa. Lamaan isaanii iyyuu
tuqaatii jaalala Yesuusiin kan tuqaman turan. Lamaan isaanii iyyuu utuu Yesuus
isaan bira hin geenye ta'ee dhaabbiitti du'oo turan. Garuu gooftaan kun seenaa
isaanii jijjiiree, jireenya isaanii haaressuudhaanis jalqabbii haaraa isaaniif kenne.

Haa ta'u malee seenaa kana irraa akkuma hubannu, Waaqeffannaa lamaan isaanii
keessatti, jaalala gooftaatiif kan isaan kennan deebiin jaalala baayyee kan
garaagara ta'e ture.
Isheen imimmaan isheetiin miilla isaa yeroo miiccitu, Simoon garuu keessummaa
tokkoof kan godhamu bishaan miillaa dhiyeessuu iyyuu hin gooneef ture. Isheen
miilla isaa dhungataa shittoo yeroo dibdu, Simoon garuu mataa isaaf kan ta'u
dibata hin kennineef. Deebiin Simoon jaalala Yesuusiif deebise guddaa kan qorre
yeroo ta'u, faallaa isaatiin kan dubartittii immoo guddaa kan ho'e ture. Gooftaan
keenya garaagarummaan kun eessaa akka madde yeroo nutti argisiisu, namootni
lamaanuu jaalala ittiin jaallataman hanga isaan hubatan akka ta'e fakkeenyaan nu
hubachiisa. " Kanaafis sittan hima, jaalalli ishee inni guddaan kun, cubbuun ishee
inni baay'een akka dhiifameef mul'isa; xinnoon kan dhiifamuuf garuu, jaalala
xinnoo argisiisa" jedhe " (Luqaas 7: 47)

Waaqayyo kan nuuf kenne dhiifama, kan nuuf baayise ayyaana, yaada fi karoora
inni nuuf qabu hubachuudhaan guddachaa yeroo deemnu jaalalli nuti isaaf
qabnullee hanguma sana dabalaa, kennuun keenyas baayyataa deema. Isaa wajjin
kan qabnu walitti dhufeenyi keenya jiraataa kan ta'uu fi kan guddatu ta'a. Egaa
kanadha waaqessuudhaan guddachuu jechuun.

Mee dhaabannee walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu ha sakattaanuu? Isaaf


kan nuti qabnu guyyaatii gara guyyaatti ho'aa deemaa jira mo quucaraa jira?
Hammam jaalala isaa hubachuudhaan guddataa jirra?

Abbaa keenyaa, bal'ina jaalala keetii, hojjaa isaa, dheerinaa fi


gadfageenya isaa hubachuudhaan guyyuma guyyaatti akka
guddannuuf kun immoo jaalala an siif qabu akka naaf guddisuuf, si'ii
fi siin qofa guutummaa jireenya kootiin jaallachuudhaan
waaqeffannaadhaan akkan guddadhuuf nagargaari. Ameen!!
Guyyaa 3ffaa

Ilmoo Joobiraa

Joobirri ol samii keessa kaatee balali'uunshee " Giiftii simbirrootaa" kan ishee
jechisiise yoo ta'u, ogeessi sun macaafa fakkeenyaa keessatti, " Wantoota na
dinqisiisan sadiitu jiru," jedhee yeroo tarreessu, jalqabatti, "Karaa joobirri ittiin
samaayii keessa balali'u," jechuudhaan kan jalqabe ture (Fakkeenya 30:19).
Museen immoo Saba Israa'elootaatiif dubbii taasise isa xumuraa keessatti,
Waaqayyo saba isaa akkamittiin akka geggeesse akkasumas kunuunsa inni isaaniif
godhe ifatti isaaniin hubachiisuudhaaf jecha, Waaqayyoon joobiratti, saba
sanammoo ilmoolee joobiraatti fakkeessee dhiyeessa;

" ... akka joobira isa mann'ee isaa eeggatuu, akka isa qoochoo isaa ilmoo isaa irra
golboobee balali'uu, akka isa baallee isaa bal'isee isa qabuu, isa fiixee baallee isaa
irrattis isa baatuu ti," (Seera Keessa Deebii 32: 11)

Heertuu kana xiyyeeffannoodhaan yeroo dubbisnu Waa'ee geggeessaa Waaqayyoo


isa dinqisiisaa ta'ee kanatti aansanii kan jiran qabxii 3 hubachuu dandeenya.

1,"... akkuma Joobirri man'ee ishee diigdu ..." (KJV - English)

Joobirri kun bakka olka'aa irratti man'ee ijaarratte sana utuu diigduu, keessa man'ee
sanaatti itti tolee taa'anii kan turan wucoota ishee darbattee qilleensa keessatti
yeroo gadlakkiftu namni dhaabbatee ilaalu "Joobirri kun akkam gara jabeettiidha!"
jedhee yaaduu ni danda'a. Nuunis altokko tokko Waaqni keenya daangaa keenya
isa mijataa ta'e keessaa dhiibee gaafa nu baasu, akkuma wucoota kanatti
dhaga'amuu malu, guutummaatti gargaaraa kanneen hin qabne goonee of yaaduu
dandeenya ta'a.Yeroo akkasii aarii guddaatiin afaan keenya banachuudhaaf
qoramna.Seenaan Yoseef dhimma kanaaf fakkeenya gaariidha. Yoseef mijateefii
keessa jiraataa isa ture - mana abbaa isaatii keessaa gara mana garbummaatti akka
inni gurguramuuf gaafa Waaqayyo eyyamee "Kun maalif ta'a?" jennee akka
gaafannu nu godha. Haa ta'u malee Joobirri kunis ta'e Joobirattii kanatti kan
fakkeeffame Waaqayyos, daangaa keenya isa mijataa ta'e keessaa dhiibanii gaafa
nu baasan, gara boollaatti nu geessuuf osoo hin taane ol jennee bar'isuu akka
dandeenyuuf shaakala akka goonuuf dha.
2, "... akka isa qoochoo isaa ilmoo isaa irra golboobee balali'uu ..."

Joobirri mann'ee ishee diigdee, wucoota ishees qilleensa keessaatti furguggiftee


achitti kan isaaniin dhiiftu miti. Qoochoo ishee ilmoolee ishee irratti golboobdee
balaliitis malee. Fageenya dhiyoo irra teessee ilmoolee ishee warra qoochoo isaanii
oliif gad gochuudhaan wal'aansoo taasisaa jiran of eeggannoodhaan to'atti.
Waaqayyos bakka nutti tolee jiru keessaa nu baasee karaa rakkisaa keessa akka
darbinuuf yeroo godhu, nu dhiisee kan deemu osoo hin taane nutti dhiyaatee kan
nu golboobuu fi haala keenya hundumaa Waaqa of eeggennoodhaan hordofudha.
Yoseef akkuma ilmoolee joobiraa kanneenii bakka isatti tolee jiru, mana abbaa isaa
keessaa hammina obboloota isaatiitiin gara mana gabrumaatti dabarfamee yeroo
gurguramutti, "Waaqayyo Yoseef wajjin ture," jedhamee barreeffameera. Kan
nama dhibu immoo mana garbummaa keessaa sobaan himatamee gara bakka

gadii isa caalu, gara mana hidhaatti yeroo darbatamuu fi Waaqayyoo na dhiiseera
jedhee haala isa yaachisuu danda'u keessatti ofii isaa yeroo argu, irra deebi'ee si'a
lammaffaa, "Waaqayyo garuu isaa wajjin ture," jedhamee barreeffamee argina.
Eyyee, Joobirri akkuma qoochoo isaa ilmoo isaa irra golboobee balali'uu, nutis
kophaa keenya akka jirruu fi wantootni haalonni keenya hundumtuu gara boollaatti
akka waan deemaa jiraniitti akka nuti yaadnu nu godhan keessatti inni garuu nuun
kan nu golboobu, abbaa nurraa adda hin baane akka inni ta'e ha yaadannu.

3,"...akka isa baallee isaa bal'isee isa qabuu, isa fiixee baallee isaa irrattis isa baatuu
ti..." (Seera keessa deebii 32:11)

Joobirri kun ilmoolee ishee golboobdee kan irra balaliitu qofa osoo hin taane,
bakka olka'aa irraa ilmooleen darbataman kun yeroo dadhabinii fi yeroo bututanitti
qoochoo ishee bal'isuudhaan jala isaanii deemtee qoochoo isheetiin isaaniin baattee
gara oliitti kan baatu dha. Akkuma kana nuunis Waaqayyo gooftaan keenya akka
nuti rakkina keenyaan cafaqamnee badnu hin eyyamu. Nuun nu jabeessuudhaaf,
olka'iinsa inni nuuf yaade bira akka geenyuuf kan inni eyyame bu'aa ba'iin
jireenyaa baayyeen yeroo isaan nu dadhabsiisan inni nu baata. Irra deebi'ee humna
keenya haaromsuudhaan ol nu fuudha. Yoseefiif kan inni godhes isuma kana.
Mana adabaa sanaa qoochoo isaatti baatee gara mana mootummaatti isa galche.

Har'a Waaqeffannaadhaan jireenya keenya guddisuudhaaf, Waaqayyoonis onnee


keenya guutuudhaan jaallachuudhaaf bulchiinsa isaa isa ajaa'ibsiisaa kana
hubachuu fi ofii keenyas akka ilmoolee joobiraa sanaa isa immoo akka Joobira
sanaatti ilaaluu nu barbaachisa. Yeroo sanatti bu'aa ba'ii jireenyaa garaagaraa
keessa yeroo darbinu jaalalli nuti Waaqayyoof qabnu kan qorru osoo hin taane,
caalmaattuu amanannaan keenya isarratti kan dabalu ta'a. Sababni isaa inni nu hin
dhiisu waan ta'eef! Bakka nuuf mijatee jiru keessaa kan inni nu baaseef eebba
caaluuf jedheeti malee miidhaaf nu gochuuf miti. Waaqni dandeettii keenya beeku
kun dandeettii keenya gararraatti nu hin qoru. Abdii keenya isa godhannee isa
yeroo eeggannu immoo humna keenya haaromsuudhaan eebba isa nuuf yaade sana
nu dhaalchisa.

Abbaa ko, Joobirri ilmoolee ishee akkuma isheen geggeessitu atis


geggeessummaa kee isa ajaa'ibsiisaa sanaan gara olka'iinsa eebba
hafuuraa isa naaf yaaddeetti na baasuudhaaf waan na
geggeessituuf sin galateeffadha. Gara olka'iinsa sanaatti
guddachuudhaaf haalota rakkisoo fakkaatan yoo na dabarsiteyyuu
ati garuu ana faana akka ati taatu, akka na hin dhiifne
amantiidhaan ijikoo akka si arguuf ati na gargaari. Siin isa na
jaallatummoo anis onnee koo guutuudhaan akkan jaalladhuuf na
gargaari. Ameen!!
Guyyaa 4ffaa

Agartuu ija isaatii

Yeroo baayyee fuula keenya irratti balaan nu mudachuudhaan kutaan fuula


keenyaa kan naannoo ija keenyaa yeroo miidhamu, garuu immoo iji keenya
dhangala'uu irraa yeroo baraaramtu, "Waaqa ijaatu hambise," jenna.
Dhugaadhumattuu agartuu ija keenyaa salphaatti hin tuqsiifnu.Baallee ija keenyaa
battaluma sanatti cufuudhaan akkasumas kutaa qaama keenya birootiin
golguudhaan namummaan keenya tarkaanfii ariifachiisaa fudhata. Wantuma biraa
tokkoof eegumsi nuti goonu guddaa ta'uu isaa mul'isuudhaafiyyuu "Akka agartuu
ija kootiittin eeggadha,"jenna.

Waaqayyoon keenya Waaqni jaalalaa, bakka guddaa inni nuuf qabu fi eeggannaa
ol'aanaa inni nuuf godhu Museen saba Israa'elootaatiif yeroo ibsu bifa armaan
gadii fayyadamuudhaan akkas nuunjedha ," Lafa onaattis isa arge, iddoo onaa
bineensonni wacan keessatti, isa golboobee gargaare; akka agartuu ija isaattis isa
eege;" (Seera K Deebii 32: 10)

Eyye, nuunis Waaqayyo gooftaan keenya lafa onaa, duwwaa fi homtuu irra hin
jirre keessatti Waaqa nuuf qaqqabudha. Lafa onaa sana keessatti humnoonni
baayyeen kan nu balleessan salphaattis kan nu miidhan kan ta'anii fi bakka homtuu
hin jirre sana keessattis ofii keenya irraa isaaniin ittisuudhaaf kanneen hin
dandeenye yoo taane iyyuu inni garuu gaachana nuuf ta'a. Namni agartuu ija isaatii
dammaqee akkuma eegu nuunis akkasuma nu eega.

Akkas jechuun karaan keenya yeroo hundayyuu walqixxaataa nuuf ta'a yookiis
rakkinni kam iyyuu jireenya keenyarra hin ga'u jechuu miti. Keessumaa addunyaa
kana irra gaafa jiraannu, kaayyoon Waaqayyo inni guddaan nuun ayyaana isaatiin
nu guddisuu waan ta'eef isa kanaaf kan nu gargaaru inni tabbaa fi irraangadee
keessa nu geggeessuu danda'a. Ha ta'u malee gooftaan keenya haala rakkisaa
kamiin iyyuu keessa akka dabarru yeroo eyyamu inni utuu hin beekinii fi isatti
osoo hin bu'in gara keenya rakkinni fi gidiraan dhufu akka hin jirre sagaleen
Waaqayyoo "Akka agartuu ija isaatiitti," akka nu ilaalu kan nu barsiisu, akka nuti
itti amannu kan nu godhudha.

Agartuun ija keenyaa yeroo hundayyuu fuuldura keenya akkuma ta'e, akka agartuu
ija isaatiitti kan nu ilaalu Waaqayyos waa'een keenya yeroo hundumaa fuula isaa
dura jira. Inni kan nu dagatu, kan nu irraanfatu, gara booddee isaa yookiis cina isaa
kan nu keewwattu miti. Ofii keenya hammam lafa onaa keessatti yoo of argine
iyyuu, eenyuyyuu kan nu duukaa hin jirre Waaqayyos kan nu irraanfate fi nu dhiise
yoo nutti fakkaate iyyuu, dhugaan isaa garuu raawwatee kana irraa kan fagaatedha.
Nuti agartuu ija isaatiidha. Diinni keenya Diyaabiloos "Waaqayyo si dhiiseera,
Waaqayyoon kee si irraanfateera" jechuudhaan yeroo nutti hasaasu, sagalee
Waaqayyoo isa amanamaa kana fayyadamuudhaan "Ani agartuu ija isaatiiti,
raawwatee na hin irraanfatu, na hin dhiisus," jechuudhaan fuuncaa isaa isa sobaa
sana billaa Wangeelaa isa ta'e sagalee Waaqayyotiin cicciruu dandeenya.

Gooftaan keenya Yesuus dhugaamattuu akka agartuu ija isaatiitti akka nu ilaalu fi
waa'een keenya yeroo hundumaa fuula isaa dura akka jiru yeroo nu hubachisu
akkas jedhee dubbate

"Simbirroonni lama akka saantiima tokkootti in gurguramu mitii ree? Isaanuma


keessaa iyyuu tokko illee yaada abbaa keessanii malee lafa hin bu'u; isin garuu,
rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa'amaa dha. Kanaafis hin sodaatinaa!
Isinoo simbirroota baay'ee irra guddaa in caaltu" (Maatewos 10: 29-31)

Gatii baasuudhaan akka saantima tokkootti gurguramuufiyyuu dirqama lama ta'uun


kan ishee barbaachisu ( jecha biraatiin fuula namaa fuulduratti gatii tokkollee kan
hin qabne) simbirroon tokkoo ija Waaqayyootiin kan ilaalamtu erga ta'ee, egaa nuti
warri agartuu ija isaatii taane rifeensi mataa keenyaa iyyuu tokko osoo hin hafin
kan lakkaawamee fi achi keessaa beekamtii isaa malee tokkoon isheeyyuu lafa hin
buutu.

Egaa Waaqayyo akka agartuu ija isaatiitti akka nu eegu hubachuun keenya, utuu
inni hin beekin wanti tokkoyyuu akka nurra hin geenye amantii jabaa akka
qabaannu nu gochuu qaba. Kanatti dabaluudhaanis gara keenya wanti dhufu
beekamtii isaatiin kan dhufu qofa osoo hin taane osoo nu hin tuqin jalqabatti isa
tuqeeti. Sagaleen Waaqayyoo akkas nuun jedha:
"Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa"( Zakaariyaas 2: 8)

Dhugumattuu akka agartuu ija isaatti kan nu ilaalu utuu isa hin tuqin kan nutti bu'u
tokkollee hin jiru. Rakkinni keenya, dhiphinni keenya, gaddi keenya hundumtuu
osoo nutti hin bu'in dursa isatti bu'a. Isaayyaas 63:9 dhugaa kana bifa jabeessuun
akkasitti barreeffameera, ".... yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate,
ergamaan isaa inni isa bira jiru isaan in oolche; Waaqayyo ofii isaatii jaalala isaatii
fi oo'a isaatiin isaan in fure; inni durii duriitii jalqabee yeroo hundaa ol fuudhee
isaan in baate...."

Fannoon gooftaa keenya Yesuus Kristoos isa kanaaf mirkaneessituudha. Ooh...


Waaqa ajaa'ibsiisaa akkamiidha kan nuti Waaqessinu. Maqaansaa ha eebbifamu!!

Jaalala isaa isa ajaa'ibsiisaa kana beekuun keenya egaa nuti illee jaalalli nuti isaaf
qabnu akka dabalu kan godhuu fi onnee keenya guutummaatiin akka isa jaalannuu
fi Waaqeffannaatiin jireenya keenya akka guddifnu dandeettii kan nuuf ta'udha.

Abbaa ko, ati anaanis akka agartuu ija keetiitti akka naaf eeggattu
sagalee keetiin waan na barsiifteef guddaan si galateeffadha. Anis
abboommii kee akka agartuu ija kootiitti eeggachuudhaan jaalala
ajaa'ibsiisaa naaf kenniteen deebii jaalalaa akkan kennuuf na
gargaari! Ameen!!
Guyyaa 5ffaa

Hoolota tika isaa jala jiran

Yeroo baayyee macaafa qulqulluu keessatti tiksee fi hoolota isaa gidduu walitti
dhufeenyi jiru, walitti dhufeenya nuyi fi Waaqayyoon gidduu jiru ibsuuf fayidaa
irra oolee dubbisna.Hojii tikaa Waaqayyo isa dubbii isaa keessatti dhiyaate kana
yeroo dubbisnu immoo, dhugaamattuu hoolota tika isaa jala jiran ta'uun hammam
carraa ulfina qabeessa akka ta'e hubachuu dandeenya. Mee waa'ee Waaqa keenya
isa tiksee gaarii nuuf ta'e kanaa muraasa ha ilaallu :

1, Waaqayyo, hoolota tika isaa jala jiran nu gochuun harka isaatiin nu uumeeti.

Tikseen kam iyyuu hoolota isaa harka isaatiin hin uumne.Tikseen keenya inni
samaayii garuu Waaqa nu uume, Waaqa garaa haadha keenyaa keessatti nu tolche
dha."... Isatu nu uume, nuyi immoo kan isaa ti; nuyi saba isaa ti, hoolota tika isaa
jala jirruu dha!" (Far 100: 3)

2, Waaqni keenya "Jireenya isaa hoolota isaatiif kan kenne," tiksee gaariidha.

Gooftaan keenya Yesuus tika isaa isa gaarii sirriitti hubachiisuudhaaf akkasumas
tiksee gaarii fi tiksee dhugaa kan hin taane waldorgomsiisuudhaan akkas jedhe,

"Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna. Tiksee dhugaa
utuu hin ta'in bitamee kan eegu, hoolonnis kan isaa kan hin ta'in, yeeyyiin
hoolotatti dhufuu yommuu argu, hoolota dhiisee in baqata; yeeyyiinis hoolota
butatee, warra hafan in bittimsa. Namichi sun bitamee waan eeguuf, hoolotaaf hin
dhimmu." (Yohaannis 10:11-13 )

Hoolota tika isaa jala jiran nu gochuudhaan tikseen keenya Waaqayyo, bineensichi
inni waa'ee keenyaaf dhimma hin qabne sun yeroo dhufu nu dhiisee kan baqatu
osoo hin ta'in, fuulduratti ba'ee waa'ee keenyaaf jireenya isaa waaqa kennudha.

3, Tikseen keenya Waaqayyo, dandeettii hunda keenyaa kan beekuu fi


ofeeggannoodhaan kan nu geggeessu tiksee arjaadha dha.
Waa'ee tika Waaqayyoo isa ajaa'ibsiisaa kanaa Isaay 40:11 irratti bifa kanaan
barreeffamee arganna, "inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka
isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata, haadhotii hoolotaa warra
hoosisanis suuta jedhee in oofa."

Ariifachuu yeroo dadhabnu suuta jedhee kan nu geggeessu, deemuu yeroo


dadhabnu kan nu baatu, ofeeggannoo fi garalaafinaan kan nu geggeessu tikseen
keenya - Waaqayyoon qofaadha.

4, Tikseen keenya Waaqayyo nu wajjiniin tokkummaa jabaa uumuudhaaf kan


barbaadu, sagalee isaa adda baafnee hamma beeknutti gara keenyatti dhiyaatee nu
geggeessuu waaqa barbaadu dha.

Gooftaan keenya Yesuus kana ilaalchisee akkas nuun jedha, " Hoolonni koo
sagalee koo in dhaga'u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu'u. Ani jireenya
bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka
koo keessaa isaan hin butatu." (Yoh 10: 27-28)

5 Tikseen keenya Waaqayyo, bakka inni itti itti nu bobbaase keessaa yeroo badnu,
nuun nu barbaaduudhaaf akkasumas nu deebisuudhaaf gatii ajaa'ibsiisaa tiksee
kaffalu dha.

Olitti akkuma tarreessine, tiki Waaqayyoo kunuunsa addaatii fi jaalala guddaatiin


kan guute yoo ta'e iyyuu, yeroo baayyee ofii keenya akka hoolotaatti yeroo oliif
gad taanu, isa irraa adda baanee gara badiisaatti yeroo deemnu ni argamna. Yeroo
sanattis tikseen gaarii kun nu irratti osoo abdii hin kutin "kanin qabu na ga'u," osoo
hin jedhin, yoodhuma hoolaa tokkittiitu walitti qabama hoolotaa sanatti hir'ate ta'e
iyyuu, ishee barbaaduudhaaf aarsaa guddaa akka kaffalu gooftaan keenya
fakkeenyaan akkas jechuudhaan nu hubachiiseera.

"Isin keessaa hoolaa dhibba kan qabu, dhibba sana keessaa hoolaan tokko yoo
duraa bade, inni sagaltamii salganuu moggaatti dhiisee, ishee badde sana hamma
argatutti barbaaduudhaaf kan hin dhaqne nama attamiiti ree? Yommuu argatus
gammadee gurmuu isaa irratti in baata.Erga manatti galees firoota isaatii fi olloota
isaa waamee, 'Hoolaa koo ishee na duraa badde waanan argadheef anaaf
gammadaa!'in jedhaan. Akkuma kanatti warri waaqa irraa qajeeltota sagaltamii
salgan warra yaada garaa isaanii geddarachuun isaan hin barbaachifne irra caalaa,
cubbamaa yaada garaa isaa geddaratee gara Waaqayyootti deebi'u tokkotti akka
gammadan isinittan hima" (Luqaas 15: 4-7)

Har'a Waaqayyo, sababii nuti cubbuu hojjenneef akka wanta nu balleessuuf nu


ari'utti diinni keenya nutti hasaasa. Dhugaan isaa garuu, Waaqayyo, sababii cubbuu
irraa kan ka'e lubbuu badde kaninni ari'uuf balleessuudhaaf osoo hin ta'in, ishee
hammachuudhaaf ishee oolchuufidha. Isa kana kan hubate Daawwit akkas jedhee
faarfata, " Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu! ........ eyyee, bara
jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duukaa in bu'u;
guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha." (Faarsaa 23
:1,6)

Hiikkaa macaafa keenya kana irratti "... gaarummaan kee fi arjummaan kee ana
duukaa in bu'u..." jedhee kan hiikame kun hiikkaan isaa inni sirriin "...na ari'u!"
kan jedhudha. Dhugumattuu nuun warroota badne kana deebisee bobaa isaa jalatti
hamma walitti nu qabutti jaalalaan kan nu ari'atu, inni, tiksee gaariidha.

Tika Waaqayyoo isa ajaa'ibsiisaa kana hubachuun keenyaa fi nutis hoolota tika isaa
jala jiran ta'uu keenya amantiidhaan fudhachuun keenya, guutummaa jireenya
keenyaatiin isa jaallachuudhaan Waaqeffannaadhaan jireenya keenya akka
guddifnuuf nu gargaara.

Abbaa ko, ati tiksee gaarii akkasii waan naaf taateef si


galateeffachaa, anis bakka tika keetii irratti siin jaallachuudhaan,
sagalee kee dhaga'ee siin hordofuudhaanis yeroo hundumaa utuun
si Waaqessuu akkan jiraadhuuf ati na gargaari. Ameen
Guyyaa 6ffaa

Iddoo dhaabaa waynii

Waaqeffannaa dhugaan Waaqayyoon onnee guutuudhaan jaallachuu yeroo ta'u,


kana shaakaluudhaaf immoo inni dursee onnee isaa guutummaatiin nu
jaallachuusaa hubachuu nu barbaachisa.Isa nu jaallate jaalala Waaqayyo hubachuu
nu barbaachisa. Macaafa qulqulluu keenya keessatti, Waaqayyo jaalala inni nuuf
qabu hubachuudhaaf kan nu gargaaran ibsootni garaagaraa kan jiran yoo ta'u,
muraasa isaanii ilaalaa jirra. Waaqni keenya kun jaalala isaa isa guddaatiin nu
jaallachuu isaa irraa kan ka'e, joobirri ilmoolee ishee qoochoo ishee irratti akka
baattutti innis akka nu baatu, akka agartuu ija isaatiitti akka nu eegu, akka hoolota
tika isaa jala jiraniittis akka nu bobbaasu ilaalleerra.

Kutaa kanaanimmoo Isaayyaas boqonnaa 5 fi Wageela Yohaannis boqonnaa 15


irraa yeroo Waaqayyo, "Isin gammachuukoo, bakka dhaabaa oomisha Wayinii
kootiitis," yeroo inni nuun jedhu isa ha dhaggeeffannu.

Raajichi Isaayyaas, oomisha wayinii bara dubbiin kun itti gara isaa dhufe keessa
jiru, kunuunsa gaariidhaan kan qabu, qotee bulaan sun lafa sana haala gaariidhaan
qopheessuudhaan biqilaan sun sirriitti akka guddatuuf firii mi'aawaa akka
argamsiisuufis oomisha inni wanta danda'u hundumaan itti dadhabu ture. Yeroo
baayyyee bakkootni oomisha wayinii akkasii, abbootii qabeenyaa isaaniitiif
gammachuu guddaa kan fidanidha. Egaa Waaqayyo karaa raajicha Isaayyaasiin
saba isaatiif ergaa isaa gaafa ergu, isaaniinis akkuma dhaabaa wayinii kanaatti
haala gaariidhaan akka isaan kunuunsuu fi wanta isaaniin barbaachisu hundumaa
gochuudhaan Waaqni isaaniin misoomsu isa ta'uusaa ibsa. Isa kana saba isaatiif
gochuu isaatiin Waaqa gammadus waan ta'eef bakka dhaaba wayinii kanaatti kan
fakkeeffaman - sabni isaa, "gammachuu isaa kan ta'an bakka dhaaba wayinii isaatii
" jedhameera.

Bara dubbiin kun gara Raajicha Isaayyaasiin dhufe, oomishni wayinii bara sanaa
kunuunsa gaariidhaan kan qabamu fi akkasumas qotee bulaanis lafa isaa haala
gaariidhaan qopheessee, sanyiis facaasee sana boodas biqilaan sun akka gaariitti
akka biqiluu fi firii mi'aawaa akka godhatuuf waan danda'e hundumaatiin oomisha
inni itti dadhabuu ture.

Dhugaan nama gaddisiisu garuu jaalala kana hundumaa kennuudhaan Waaqayyo


akkasitti isaaniin yo kunuunseyyuu, sabni isaa garuu isaaf amamamoo hin turre.
Bakki dhaaba wayinii kanaaf kunuunsi sun marti godhamee, firiin isaa garuu firii
hadha'aa ture. Waaqayyo sabni isaa akka wayinii kanaa ta'uu isaaniitiif
gadduudhaan itti fufee Raajicha kanaan yeroo dubbatu ni dhagayama. Akkasis ta'ee
garuu Waaqayyo saba isaatiif abdii hin kutanne. Inumaayyuu jaalala caalu
argisiisuudhaan diinota isaatiif akka inni du'uuf ilma isaa Yesuusiin dabarsee
kenne.Innis dhufee, "Ani muka wayiniiti, qotee bulaan sunis abbaa kooti,"
jechuudhaan caalmaatti Waaqayyoon duukaa tokkummaa umaadhaaf akkasumas
bakka dhaabaa wayinii isaatii akka taanuuf dandeettii nu gargaaru nuuf laachuuf
dhufe.

Har'as yoo ta'e kaayyoon Waaqayyoo jaalala dha. Inni wanta gaarii baayyee nuuf
godhee nutimmoo firii hadhaawaa yoo godhannes, utuu abdii nuuf hin kutatin
"bakka dhaabaa gammachuu isaatii," nu gochuudhaaf karaa ilma isaa Yesuusiin nu
keessaan ni hojjeta. Jaalala isaa kana fudhannee, deebii isaammoo onnee keenya
guutuudhaan isa jaallachuudhaan akka deebinu hawwa. Nuti ofii keenyaan waan
tokkollee gochuu kan hin dandeenye, dadhabootadha. Haa ta'u malee isa muka
Wayinii ta'e sana faana akka damootaatti yoo walitti qabanne, firii gaarii ni
godhanna. "Anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandessan." (Yoh
15: 5).

Isatti yoo qabanne garuu, dameen muka isa hundee ta'etti qabatee jiru firii akkuma
baatu, nutillee firii kan jaalalaa, kan gammachuu, kan nagaa, kan gaarummaa, kan
obsaa fi kan mataa ofii mo'achuu ni godhanna. Waaqayyo gooftaan keenyas firii
keenya kanaan ni gammada.

Abbaa ko, hundumtuu kan naaf godhame bakka dhaaba wayinii


gammachuu keetii waanin ta'eef sin galateeffadha. Firii hadhaawaa
godhachuudhaan akkan sin gaddisiifneef, inumaayyuu muka wayinii
isa dhugaa kan ta'e Gooftaa koo Yesuusiitti qabachuudhaan firii
hafuuraa isa mi'aawaa godhachuudhaanis siin akkan kabachiisuuf
ayyaana keetiin na gargaari. Ameen!!
Guyyaa 7ffaa

Ilmaan

Waaqayyo akka bifaa fi fakkaattii isaatti nama gaafa uumu, aboo mucummaas isaaf
kennee akka ture Luqaas 3:38 irraa "... Addaam, ilma Waaqayyoo" jedhamee isa
barreeffame irraa ni hubanna. Ha ta'u malee akka ijoollee jaallatamaniitti
Waaqayyoof abboomamaa jiraachuurra garuu isarratti finciluudhaan Waaqa mataa
isaanii ta'uudhaaf yeroo barbaadanitti garuu aboo ilmaan Waaqayyoo ta'uu isaanii
sana dhabanii "ijoollee dheekkamsaa" ta'an.

Abbaan samii inni gara laafessa fi araara qabeessa ta'e garuu irra deebi'ee aboo
mucummaa isaanii karaa isaan ittiin argachuu danda'an, karoora fayyinaa
qopheesse.Akka karoorichaattis ilma isaa, gooftaa keenya Yesuus Kristoosiin gara
biyya lafaatti erguudhaan, isatti amannee uumama haaraa taa'uudhaanis carraa
ittiin ijoollee Waaqayyoo taanu nuuf kenne.

" Waaqayyo, karaa Yesus Kristos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf, akka
fedha isaa isa gaariitti yaadaan nuuf qabeera." (Efeesoon 1: 5)

" Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif
kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha. " (Yohaannis 1: 12)

Jaalala Waaqayyo isa dinqisiisaa kanaan warra ilma isaa Yesuusitti amanan
hundumaatiif kan kenname aboon mucummaa kun, eebba baayyee of keessatti kan
qabatedha. Kanneen keessaa lama ha ilaallu.

1, Sanyii hin badne irraa dhalannee jireenya barabaraa arganne.

" Isin sanyii baduttii utuu hin ta'in, sanyii hin badnettii sagalee Waaqayyoo isa
jiraataa fi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalattaniittu." (1pheexiroos 1: 23)

Nuti ijoollee Waaqayyoo kan taane martuu sanyii hin badne irraa dhalanneerra; Isa
duukaa carraan barabaraan jiraachuus nuuf kennameera.
2, Dhaaltota dhaala hin banne nu godhe

Ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenyaan kan nuti arganne isa kan biraa sagaleen
Waaqayyoo akkas jedhee nu barsiisa:

" Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi'aa hin adeemnes, isa
waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera. " (1Phe
1: 4)

Eyyee, ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya irraa kan ka'e dhaaltota taaneerra.
Ijoolleen maatii isaanii irraa dhaala akkuma argatan Waaqayyos karaa ilma isaa
Yesuus Kristoosiin ilmaan isaa nu godhachuudhaan isa duukaas dhaaltota nu
godhe.

Egaatii jaalala isaa isa guddaatiin nu jaallatee, sanyii hin badne irraas akka
dhalannu isa godhe fi dhaaltota kan nu godhe Waaqayyo, aboo mucummaa keenya
kanaan gammadaa isaaf abboomamaas akka jiraannu barbaada. Akkas
jechuudhaanis nu abbooma,

" Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!" (Efe 5: 1)

Karaa waaqeffannaa jireenya keenya guddisuu jechuun gooftaa keenya Yesuusitti


amanuudhaan aboo mucummaa keenya fudhannee, aboo mucummaa keenya kana
irraa kan ka'e kan arganne jireenya hin badne fi eebba dhaala hin badne keessa
jiruuf Waaqayyoon galateeffachaa jiraachuu jechuudha. Karaa Waaqeffannaa
jireenya keenya guddisuu jechuun akka ijoollee jaallatamaniitti abbaa keenya
duukaa yeroo dabarsuudhaanii fi gorsa isaa fi ifata isaa fudhachuudhaan isa
fakkaachaa guddachuu jechuudha. Karaa Waaqeffannaa jireenya keenya guddisuu
jechuun, jireenya abbaa keenya isa samaayii jiruuf ulfina kennuu nuun kan
waamamu maqaa isaa kan arrabsiisu gochuu dhiisuudhaaf guyyaatii gara guyyaatti
murteessuu jechuudha.

Waaqayyoon onnee keenya guutummaatiin jaallachuudhaan waaqeffannaa inni


barbaadu fuula isaa duratti dhiyeessuu kan ittiin dandeenyu aboo mucummaa
keenya yeroo fudhannu, jaalalli abbummaa isaatii nu keessaan isaaf jaalala
maddisiisuudhaani. Inni jaalala abbummaa isaatiitiin caalmaatti isa beekuudhaanii
fi isa shaakaluudhaan yeroo guddannu nutis akka ijoollee jaallatamaniitti
jiraachuudhaanii fi isaaf dachaadhaan deebii kennuudhaaf dandeettii arganna.
Abbaa ko, dhugumattuu ati jaalala kee isa ajaa'ibsiisaatiin kan na
jaallatte abbaakoo waan taateef sin galateeffadha. Akka mucaa
Waaqayyoo isa jaallatameetti siin fakkaachuudhaan irra deebitee
karaa sana atimmoo narraa kan barbaaddu deebii jaalalaa akkan siif
kennuuf na gargaari. Ameen!!
Guyyaa 8ffaa

Misirroo

" ...akkuma dhirsi misirroo misirroo isaatti gammadu, akkasuma Waaqayyo kees
sitti in gammada." (Isa 62: 5)

Heertuu kana kanin hubadhe waggaa 13 dura dhirsa-misirroo ta'ee guyyaa cidha
keenyaa sanatti yeroon misirroo koo argedha. Dhugumattuu misirroo Waaqayyo
naaf kenne kanaaf gammachuu natti dhaga'ame jechoonni ibsuu hin
danda'ani.Akkuma kana nutis hundumti keenya Waaqayyoof misirroo yeroo taanu
innis Waaqa baayyee nutti gammadu dha.

Egaa jaalala saba isaatiif qabu ibsuudhaaf ofii isaa misirrootti fakkeessee,
Waaqayyo, karaa raajichaa yeroo dubbatu, saba isaa misirroo godhee fudhachuun
isaa kan isaaniif malu ta'ee osoo hin taane, jaalala sababa hin qabneen isaaniin
jaallatee ulfina isaaniif hin malle isaaniif kennuudhaan ture.

Jireenyii fi tajaajilli raajicha Hose'aa isa kana sirriitti nu hubachiisa.Waaqayyo


raajicha Hose'aa bira deemee, "dubartii ejjituu fuudhi" jedhee isa abboome.Innis
akka abboomame godhe.Isheenis isa duukaa erga jiraattee fi isaafis ijoollee eega
godhattee booddee irra deebi'ee dhukkubni ejja isheetii waan itti cimeef isa dhiistee
deemte. Garuu ammas Waaqayyo, raajiin kun ishee barbaaduudhaaf deemee,
deebisee akka ofitti ishee fudhatuuf isa abboome.

Seenaan dinqisiisaan kun akka raawwatu kan godhe, shaakala jireenya raajii kanaa
keessaan Waaqayyo saba isaatiif ergaa kanatti aansee jiru dabarsuu barbaadee
ture:-

" Waaqayyo, "Namoonni Israa'el gara waaqayyolii kan biraatti yoo garagalan
iyyuu, aarsaa bixxillee ija waynii isaaniis yoo jaallatan iyyuu, Waaqayyo akkuma
isaan jaallatu, ati immoo ammas dhaqi, dubartii nama ishee jaallatu utuu qabduu
ejjitu tokko jaalladhu!" anaan jedhe." (Hose'aa 3: 1)

Jaalalli Waaqayyo inni ajaa'ibsiisaa ta'e kun, nuti hamma fedhe isaaf amanamoota
ta'uu yoo dhiiisneyyuu inni garuu utuu nuuf abdii hin kutatin hammam yeroo
hundumaa gara ofii isaatti nu harkisuuf akka dhama'u kan argisiisudha. Sabni isaa
hammam isatti dugda garagalchanii jaalala waaqota kan biraatiin onneen isaanii
yoo tuqames inni garuu karaa badiisaa ofii isaaniitii filatan sana irra utuu isaan
deemanii cal jedhee isaaniin ilaalee isaaniin dhiisuu hin dandeenye:

"Yaa Efreem, attamittan kan biraatti si kennuu danda'a ree? Yaa Israa'el, ani
attamitti garaa kutadhee si dhiisu ree? Ani attamittan akka mandara Aadimaa
dabarsee si kennuu danda'a ree?Yookiis attamittan akka mandara Zebo'iim si
gochuu danda'a ree? Kana gochuuf garaan koo hin dandeenye, oo'i koos ittuma
caale." (Hose'aa 11: 8)

Itti dabalee immoo jaalala isaa isa ajaa'ibsiisaa kanaan onnee keenya
injifachuudhaan dhimma dhabdummaa keenya irraa nu fayyisuu barbaada. Afaan
raajicha hose'aatiin kan dubbatames isuma kana ture:-

"Ana irraa garagaluu isa dhukkuba itti ta'e irraa isaan nan fayyisa; aariin koo isaan
irraa waan deebi'eef, fedha garaa kootiin isaan nan jaalladha;" (Hose'aa 14: 4)

Gooftaan keenya Yesuus Kristoosis akka dhirsa misirrootti, waldaan Isaas isaaf
misirroo akka taate ergamaan Phaawuloos Efeesoon 5: 21-32 irratti barreessa.
Gooftaan keenyas jaalala guddaa nuuf qabu irraa kan ka'e waa'ee keenyaaf ofii isaa
akkuma kenne, jaalala isaatiinis akkamittiin jireenya keenya akka mi'eessu nu
hubachiisa.

Xumura irrattis gooftaan keenya deebi'ee yeroo dhufu dhirsa keenya ta'ee akka
dhufu, isatti kan amanne hundi keenya immoo misirroo isaa taanee barabaraan ofii
isaa faana nu jiraachisuudhaaf akka nu fudhatu sagaleen isaa nutti hima (Mul'ata
19: 7-9; Mul'ata 21:2). Ta'us garuu hammam keenyatu, "Uumaan dhirsa keeti," isa
jedhame amantiidhaan fudhannee inni jaalala akkasiitiin akka nu jaallate
amanuudhaan jiraachaa jirra?Inni maalirraa akka nu kaase dabalees hammam akka
nu jaallatu, hammam akka nuuf eeggatu fi yaadni inni nuuf qabus samiin lafarraa
akkuma ol fagaatu baayyee ol ka'aa akka ta'e hammam hubanna?

Tarii onneen keenya Waaqa akkasii kana irratti dabaa hojjetaa, onnee keenya
guutuutiin isa jaallachuu dadhabnee jirra yoo ta'e, nuti jaalala isaa sirriitti hin
hubanne jechuudha.Jaalala isaa yeroo hubannu, jaalalli isaas dhimma dhabdummaa
keenya irraa nu fayyisa. Jaalalli isaa kun nu keessaanis jaalala maddisiisa. Inni
nuuf amanamaa akkuma ta'e, nutillee isaaf amanamoo taanee
akka jiraannuuf dandeettii nuuf kenna. Kun yeroo ta'u immoo Waaqeffannaadhaan
jireenya keenya guddisaa, tokkummaan nuti isa faana qabnummoo jabaataa deema.

Abbaa ko, dhirsi misirroo, misirroo isaatti akkuma gammadu atis


anatti akka gammaddu waan na barsiifteef sin galateeffadha. Ati
anaaf hamma kana jaalala amanamaa akkasii yoo qabaatteyyuu ani
garuu siif amanamaa waanin hin ta'iniif, si irratti dabaa hojjechuu
kootiin warroota jaalala kee na saaman hundaaf dhiifama naaf
godhi. Caalmaattuu jaalala ati anaaf qabdu hubachuudhaan akkan
guddadhuuf, jaalala keetiinis dhimma dhabdummaa koo irraa akka
na fayyiftuuf, onnee koo guutuudhaanis akkan si jaalladhutti akka
na gargaartuuf sin kadhadha. Ameen!!
Guyyaa 9ffaa

Mana qulqullummaa

Kaayyoon Waaqayyo yeroo hundumaa nuuf qabu, tokkummaa jabaa isaa isaa
wajjiniin qabaannee aka jiraannudha.Garuu namni karaa fincilaa yeroo filate,
cubbuun nu fi Waaqayyoon gidduu bakka duwwaa uumse.

" Kunoo, harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas
duudee iyya keessan dhaga'uu hin dhabne; yakki keessan isinii fi Waaqayyo
keessan gidduu goree gargar isin in ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii
cubbuu keessaniitiif Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise;" (Isa 59: 1-2 )

Haa ta'u malee, Waaqni keenya Waaqni jaalalaa, rakkina cubbuun nurraan ga'e
kanaaf furmaata qopheesse.Haalli raawwii furmaata kanaa sadarkaa sadii qaba
ture. Sadarkaa jalqabaa irratti :" Ani isaan gidduu akkan jiraadhuuf isaan godoo
qulqullaa'aa anaaf haa ijaaran, "

(Ba'uu 25: 8) jechuudhaan museedhaaf ajaja kennuudhaan Waaqayyo saba isaa


faana ta'e.

Sadarkaan raawwii furmaata isa lamaaffaa immoo kan inni mul'ate, ilmi
Waaqayyoo - Gooftaan keenya Yesuus Kristoos foon keenya uffachuudhaan
gidduu keenya yeroo buufate ture.

" Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi
dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu
ture." (Yoh 1: 14)

Mana qulqullummaa isa lafa irraa keessatti ifa saanduqa kakuu irra buufataa ture
qofaan Waaqni mul'ataa ture, amma garuu jireenya gooftaa keenya Yesuus
Kristoosiin mul'achuudhaan ulfinni isaa inni dinqisiisaan namoota baayyeef
argame. Gooftaan keenyas lafa irratti hojjetamee kan ture irra karaan caaluu,
karaan ittiin Waaqayyoon argatan namoota gidduu akka dhufe yeroo ibsu akkas
jedhee dubbate :-" Mana qulqullummaa irra kan caalu as akka jiru, ani isinittan
hima. " (Mat 12: 6)
Waaqayyo, cubbuun keenya nuufi isa gidduutti garaagarummaa inni fide
hambisuudhaaf kan inni qopheesse sadarkaan raawwii isaa inni sadaffaan kan inni
mul'ifame immoo Gooftaan keenya tajaajila isa lafarraa xumuree jireenya isaatii fi
du'a isaatiin boolla cubbuu isa jibbisiisaa caccabsee nuyi fi Waaqayyoon gidduu
kan ture - golgaa sana tarsaasee gara abbaa isaatti yeroo inni deebi'e dha. Gooftaan
keenya bartoota isaatiif raawwiin inni sadaffaa kun akkamittiin akka inni raawwatu
akkas jechuudhaan isaaniif ibse.

An yoon deeme isiniif wayya. An yoon deeme akka ijoollee abbaa hin qabneetti
isin hin dhiisu. " Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf,
kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna. " (Yoh 14: 16). Innis isin keessa ni
jiraata. Bakka bu'umsa isaatiin ani fi abbaan koos isin keessa ni jiraanna
(Lakkoofsa 23)

Dhugumattuu, gooftaan keenya akkuma dubbate, gara abbaa isaatii deemuu isaatiin
isa waadaa galee ture hafuura qulqulluu gaafa inni nuuf kenne, nuti warri isatti
amanne hundi Keenya immoo bakka jireenya Waaqayyoo, mana qulqullummaa
isaas taane. Karaa mana qulqullummaa saba isaa gidduu buufataa kan ture
Waaqayyo, sana booddees karaa foon uffachuu ilma isaa Yesuus Kristoosiin saba
isaa gidduu kan buufate Waaqni kun, amma immoo karaa hafuura qulqulluu isaatii
dhiiraa fi durboota kanneen ilma isaa Yesuus Kristoositti amanan keessa bakka
bultii godhateera.

Waaqayyo kan inni nuuf kenne kun carraa fi ulfina guddaadha. Maqaan isaa ha
ulfaatu.Kana hubachuudhaan Waaqayyoon onnee keenya guutummaatiin
jaallachuu fi isaaf bitamuu qabna. Kana yemmuu goonu, Waaqeffannaadhaan
jireenya keenya ni guddifanna. Kana akka nuti hin gooneef kan nu qoran maltee
diinotaa mo'achuu kan nuti dandeenyus bakka bultii Waaqayyoo isa qullaa'aa ta'uu
keenya hubannee, hubannoo sanaan yeroo deemnudha. Fakkeenyaaf mana
qulqullummaa, bakka bultii Waaqayyoo akkuma taane, qaama keenyaafis
ofeeggannoo gochuudhaan fayyummaadhaan yeroo jiraannu Waaqayyoon
jaallachuudhaan Waaqeffannaa isa gammachiisu dhiyeessuu dandeenya.Faallaa
isaatiin immoo wanta qaama keenya miidhu yeroo goonu, bakka qulqulluu, bakka
bultii Waaqayyoo ta'e kana diigaa akka jirru dubbiin isaa nutti hima. Kanaafuu
wanta nyaannuun, wanta dhugnuun wanta goonu hundumaanis bakka bultii
Waaqayyoo ta'uu keenya yaaduudhaan isa kan gammachi
isu qofa filannee gochuudhaaf ija jabaanna.

Bakka bultii isaatii ta'uu keenya irraa kan ka'e inni ofii isaatii qulqulluu ta'e sun
nuunis nu qulleessa. Gaaddisa isaa jala kan jiru gammachuu, nagaa fi fayyinatti ni
hirmaanna. Dhugumattuu bakka bultii isaa ta'uun akkam carroomuudha!

Abbaa ko, ati Waaqa jaalalaa ta'uu keetiin cubbuun keenya sirraa
yoo adda nu baaseyyuu, ati garuu yeroo hundumaa kan ati nu
barbaadduuf of duukaa nu jiraachisuudhaaf kan jaallatte waan
ta'eef si galateeffachaa, mana qulqullummaa kee akkan ta'uuf na
keessa jiraachuuf ergati eyyamteetii an immoo gatiidhaan akkan
bitame hubachuudhaan jireenya si waliin waliif gale jiraachuu akkan
danda'uuf na gargaari. Ameen.
Guyyaa 10ffaa

Barruu harka isaa irratti kan bocame

" Kunoo, ani barruu harka koo irratti si caaffadheera, kellaan kee inni dhagaadhaan
ijaarame yeroo hundaa fuula koo dura jira." (Isa 49: 16)

Waaqayyo nuuf kan qabu jaalala guddaa osa nuuf qabu sana nu hubachiisuudhaaf
dubbii isaa isa qulqulluu sana keessatti ibsawwan garaagaraa fayyadamuudhaan
nuti ija isaa keessatti akkamittiin akka ilaalamnu nutti hima. Kanneen keessaa
tokko kan ta'e, karaa afaan raajicha Isaayyaasiin ergaa saba isaaf erge yoo ta'u, achi
irrattis, "Isin barruu harka kootii irratti kan caafamtan, yeroo hundumaa fuulakoo
duratti kanan isin ilaaludha" nuun jedha.

As irratti wantoota lama yaadaan ha qabnu.

Inni jalqabaa, kutaa qaamaa hundumaa keessaa kan filatame barruu harkaa yoo
ta'u, kunis yeroo hundumaa kan nuti arginu, si'a baayyees kutaa qaamaa nuti itti
fayyadamnu akkuma ta'e, barruu harka isaatii irratti kan ni boceef yeroo kamiyyuu
akka nu ilaalu nutti argisiisuudhaafi.

Dhugaa inni lammataa immoo, waraqata irratti nu barreessuudhaan harka isaa


irratta kan nu qabate, osoo hin taane kan boce ta'uu isaati. "Bocuu" jechi jedhu
wanti tokko akka inni hin badne godhanii bifa dhaabbataa ta'een hojjechuu kan
argisiisudha. Egaa Waaqayyo nuun bifa kanaan barruu harka isaa irratti nu
bocachuun isaa yeroo hundumaa kan nu yaadu duwwaa osoo hin ta'in yeroo
hundayyuu fuula isaa duratti kan nu ilaalu ta'uu isaa nuuf mirkaneessa.

Eyyee, yeroo kamittiyyuu, yeroo hundumaas dhimmi keenya fuula isaa dura
jira.Sabni isaa miira "Waaqayyo nu irraanfateera," jedhu keessa waan seeneef ture
kaninni bifa kanaan dubbate. Nutis akkasuma miirrii keenya akka wanta Waaqayyo
nu dhiisee, nu irraanfateetti, akka wanta Waaqayyo waa'ee keenyaaf dhimma hin
qabneetti gaafa nutti dhaga'amutti, arrabni isaa inni hin sobne sun dubbii isaa isa
gara duubaa hin deebineen isa inni akkas nuun jedhe ha yaadnu :

"Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii?Mucaa ishee isa
ofii deesseef hin ootuu ree? Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si
hin irraanfadhu! Kunoo, ani barruu harka koo irratti si caaffadheera, kellaan kee
inni dhagaadhaan ijaarame yeroo hundaa fuula koo dura jira." (Isa 49: 15,16 )

Dhugaa waa'ee barruu harka isaatii irratti bocamuu keenya kana caalmaatti kan
nuuf dhugoomsu immoo gooftaan keenya Yesuus aarsaa inni fannoo irratti
kaffaledha. Fannoo sana irratti harki isaa kan cinqaaraman yoo ta'u kan nama
dhibummoo du'a injifatee erga ka'eetii booddee foon ulfinaa isa ittiin mul'ate sana
irratti godaannisni isaa sun osoo hin jijjiiramin jiraachuu isaaniiti. Godaannisni isaa
sun gooftaa keenya Yesuusii wajjin barabaraan kan jiraatu yoo ta'u, nutis isa
fuulduraa raawwannee akka irraanfatamuu hin dandeenye nuuf mirkaneessa.
Ibroota 7:25 irratti " ... inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf jiraata,"
jedhamee akka barreefamee jiru waa'een keenya yeroo hundumaa iyyuu fuuldura
isaa jira.

Egaa akkasitti yeroo hundumaa fuula isaa kan nu godhee fi kan nu hin dhiisne,
waaqa nu hin irraanfanne kun nutis bifa walfakkaataa ta'een jireenya keenya akka
nuti kenninu barbaada. Inni jaalala isa ajaa'ibsiisaa nuuf kenne kanaan nurraa kan
barbaadu deebii jaalalaati. Daawwit Faarsaa 16:8 irratti deebii jaalalaa kana
Waaqayyoof kennuudhaan akkas jedhee dubbata,

" Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira,"

Nutis yeroo hundumaa fi haala kam keessattuu fuula isaa dura Waaqa nu godhate
kanaaf jireenya keenya keessaa bakki nuti kennineef maal fakkaata? Yeroo
hundayyuu isa ni yaadnaa? Yeroo hundayyuu fuula keenya dura isa
godhanneerraa? Gad-ba'uu fi ol-galuu keenyaan isa ni yaadnaa? Karaa keenya
hundumaatiin isaaf beekmatii ni kenninaa? Moo yerooma nu dhiphisu qofa gara
isaadhufnee yeroo nuuf guutummoo isa daganna? Yookiis amaleeffannaa bifa
ta'een dhiyaannan keenya yeroo murtaa'eef yookiin sa'atiiwwan muraasa qofaaf isa
yaadnee sana booda immoo wantoota birootiin liqimfamna?

Waaqeffannaadhaan jireenya keenya guddisuudhaan, Waaqayyoon jireenya keenya


guutummaadhaan jaallachuudhaanis inni yeroo hundumaa nuun fuula isaa dura
akka nu keewwatenutis fuula keenya dura isa keewwachuu nu barbaachisa.
Kishaafaa (መነጽር) yeroo hundumaa fuula keenya dura keewwannuu fi wanta
ilaallu hundumaa karaa isaa ilaaluudhaan qulqullina ilaachaa fooyya'aa akkuma
argannu, Waaqayyoon yeroo hundumaa fuula keenya dura keewwannee karaa isaa
jireenya gaafa ilaallu :

Jireenya kaayyoo hin qabne geggeessuu irra, kaayyoo jireenyaa keenyaa


qulqulleessinee ilaaluu dandeenya.

Milkaa'iinsi keenyas oftuulummaatiin guutamee kufaatiidhaaf nu hin godhu.


Caalmaattuu hunduma isaayyuu kan nuuf godhe isa ta'uu isaa yaaduudhaan
galataan guutna. Cubbuun keenya abdii nu kuchisiisee akka of balleessinuuf nu hin
furguggisu.Faallaa isaatiin ayyaana isaa isa dhiifama beeku shaakaluudhaan
kufaatii keenya keessaa kaanee injifannoodhaan gara fuulduratti adeemna.

Yeroo hundumaa jireenya keenya keessatti murteessuun kan nurra jiru murteen
jabaan yeroo jiraatu, yeroo kamittiyyuu yeroo hundumaas fuula isaa kan nu
godhate abbaa keenya isa jaalalaa kana nutis yeroo hundumaayyuu fuula keenya
dura godhachuudhaan murteessuudha.

Abbaa ko, ati anaan barruu harka keetii irratti na bocattee yeroo
kamittiyyuu, yeroo hundumaa fuula kee duratti akkuma na ilaaltu,
anis siin yeroo hundumaa fi yeroo kamittuu fuula koo dura akkan si
godhadhuuf, jireenyas kishaafa kee keessaan ilaaluu akkan
danda'uutti na gargaari. Ameen!!

Ayyaanni isiniif ha baayyatu !!


**

You might also like