Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 2

Kitaaba afaan oromoo haaraa pdf

Asoosama kitaaba afaan oromoo haaraa pdf.

Kitaaba afaan oromoo haaraa pdf download.

Madda suuraa, MENGESHA RIKITU Maanguddoo Mangashaa Riqituu hanga ammaatti kitaaboota Afaan, aadaa, seenaa fi siyaasaa Oromoo barsiisaan kudha sadii Afaan Ingilizii fi Afaan Oromoon barreessanii maxxansisaniiru.Wallaga Lixaa maagaala Boojjiitti bara 1950 A.L.A kan dhalatan Obbo Mangashaan barumsa isaanii sadarkaa tokkooffa
Boojjiitti sadarkaa lammaffaa ammoo Finfinneetti xumurani. Geerarsoota, weedduu fi maammaksoota adda addaa walitti qabu kanan jalqabe baran kutaa 7ffaa baradhutti jedhu."Dabtarrikoo gariin barumsa, gariin ammoo geerarsafi weedduu ture" jedhu.Madda suuraa, MENGESHA RIKITUIbsa waa'ee suuraa, "Dabtarrikoo gariin barumsa, gariin
ammoo geerarsafi weedduu ture"Kitaaba isaanii kan jalqabaa 'Biiftuu Diiramaa' jedhu bara 1981tti kan maxxansiisan.Kitaabni kun weedduu, mammaaksa, geerarsaa of keessa kan qabate kitaaba aadaa yoo ta'u kan maxxaanfames qubee saabaatiin ture. Yeroo sanatti kitaaba macaafa qulqulluufi farfaannaa adda addaan alatti barreeffamni afaan
Oromoo qubee 'saabaan' barraa'ee hin jiru jedhu Obbo Mangashaan.'Kitaabni aadaa Oromoo jalqabaa qubee saabaan barra'ee kiyya, namni miti jedhu ana haa gaafatu," jedhu.Madda suuraa, MENGESHA RIKITUObbo Mangashaan yeroo sanatti kitaaba Afaan Oromoon maxxansuun hedduu cima ture jedhu.Kitaabni isaan qopheessan kan fuula 400
qabu ta'us dhaabbati maxxansaa hojjetu jalqaba suuta jennee kutaa kutaan maxxansina akka isaaniin jedhan dubbatu.Sana booda yeroo qondaaltonni Ministeera Beeksisaa gulaalanitti akka hedduu rakkatan dubbatu."Baayyee na daddeebisanii, waantota akka maammaksotaa, kun mootummaa xuqa, kun maal jechuu keeti jechaa waan baayyee keessaa
kutan," jedhu."Sababa kanaan waggaa tokkoof deddebi'ee nyaataafi dhugaatii itti bituun gabbarsuun booda dhumarratti maxxanfame" jedhu. Kitaabni kunis yeroo maxxanfamu gara fuula 100 kan dheeratu qofa ture jedhan. Kitaaba kana Oromoon gariin jaallatee inni kaan immo kitaaba Oromoo sodaadhaan ni baqata ture jedhu.Daraggoonni weedduu,
geerarsa fi maammaksa kitaaba isaan barreessan irra ture sagantaa raadiyoo Afaan Oromoo irratti dubbisaa akka turanis ni dubbatu."Oromoon tokko tokko kitaabichaa yoo jaalataniyyu hedduun garuu yeroo sanatti sodaa waan qabaniif badaa hin gurguramne ture. Hiriyootikoolle na balfaniiru," jedhu Obbo Mangashaan.Waggaa tokko booda gara
dhaabbata maxxansaatti deebi'anii kutaa lammaffaa 'Biiftuu Diiramaa' maxxansiisuuf yeroo gaafataniitti garuu akka didaman dubbatu. Madda suuraa, MENGESHA RIKITUIbsa waa'ee suuraa, Obbo Mangashaa yeroo Afaan Oromoo barsiisanittiFaranjoota biyya adda adda irraa Oromoo tajaajiluuf gara Itiyoophaa dhufan Afaan fi aadaa Oromoo
barsiisaan ture jedhu Obbo Mangashaan.Odeeffanoo addaa addaa, weeddulee kaaseettaan waraabaniifi barreeffamoota walitti qabaa turan karaa faranjoota lammi Siwiidinii fi biyyoota biroo beekaaniin dursanii biyyaa baasaa akka turan dubbatu.Bara 1985 A.L.A erga barumsaaf gara Ingilizii imalani boodas namoota biyyoota addaa addaa irraa walitti
dhufan magaalaa Oksifoord, dhaabata leenjii 'British Summer Institute' jedhamutti bara 1988 - 1991 A.L.A Afaanii fi aadaa Oromoo barsiisu itti fufanii. Kitaaba isaanii lammaffaa 'Oromo folk tales for a new generation..with explanation' jedhu kan aadaa, mammaaksota fi jechamoota Oromoo Afaan Ingiliffaan hiikuun ibsuu Magaalaa Landanitti bara
1992 A.L.A'tti maxxansiisani. Eebbistoota moo dubbistoota ?Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaafBara 1993 A.L.A'tti ammoo kitaaba afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziin bareeffamee kan biyyaa alaatti Afaan Oromoo barsiisuuf itti fayyadamaan 'Oromo Language Lesson, How to Read Oromoo and Use Its Grammar,' jedhu barreessuun
baasaniiru.Waggooti 18 booda bara 1999tti kutaa lammaaffaa kitaaba 'Biiftuu Diiramaa' qubee Afaan Oromoon barreessanii maxxansuun milkaa'aniiru. Madda suuraa, MENGESHA RIKITUAfaan Oromoo yeroo jalqabaaf namoota baratuu barbaadaniif kan qophaa'ee kitaaba 'Afaan Oromoo Kaasetaa Wajjin' jedhu bara 2003tti maxxansaniiru.Sagalee
kaaseettaa qophaa'erraa dhageeffachaa kitaaba waliin hordofuun ofiin of barsiisu akka dandeessutti kitaaba gargaarudha. Kitaaboootafi kaaseettota 5000 ta'anis dhaboota tola ooltummaatti erguun bilisaan uummata Oromoo warra mana barumsaa dhaqani qubee barachuuf carraa hin argannee fi manneen barnoota tokko tokko keessatti akka
raabsamu taasisaniiru."Kan mala kanaan Afaan Oromoo barsiisan isa dura hin turre," jedhu.Bara 2000 A.L.A'tti kitaabaa suuraa waliin mata duree 'Na agartaa maaf dabarta? Haasaa Maanguddoo' jedhamus maxxansaniiru.Madda suuraa, MENGESHA RIKITUKitaabni "Burqituu" jedhuu CD waliin bara 2009 A.L.A ba'e, kitaaba isa biraa Obbo
Mangashaan barreessanii maxxansiisani. Weedduuwwan aadaa fi geerarsi kitaabicha irraatti barreeffaman CD kana irratti sagaleen waraabamani waliin maxxanfamanii. "Gurgurames gurgurumuu baates wantin walitti qabe hojiirra haa ooluu, yoon dogoggores booda dhaalotni haaraa ana haa qajeelchu jedheen maxxanse," jedhu."Yaliin koo Oromoon
hundi akka qubee baratu ture," jedhu Obbo Mangashaan.Kitaabni Burqituu isa dhuma kana ba'e ta'uus "yoo waqayyoo jedhe hanga lubbun koo jirutti barreessuu hin dhiisu" jedhu.Kitaaba hawwataafi dandeettii Afaan barachuu daa'immanii Obbo Mangashaa kitaabolee aadaa, duudhaa fi seenaa Oromoo irratti Afaan Ingiliziin 5, Afaan Oromoon 5 fi kan
afaan lamaan walitti qabate ammoo 3, walumaagalatti kitaabota 13 barreessanii maxxansaniiru.Wayita ammaa biyya Ingilaand magaalaa Landan keessa kan jiraatan Obboo Mangashaan bareessitoota dhaloota ammaaf dhaamsa qaba jedhu."Yoo dhugumaa Oromoodhaaf barreessuu ta'e, yoo aadaa guddisuuf ta'e, kitaaba tokko maxxansanii yoo
gurguramuu dide akka of duuba hin deebine" jedhu. 2 Bitooteessa 2021Kitaabni mata-dureen isaa 'MALKAA OG-AFAAN OROMOO' jedhu Guraandhala 2021 Naayiroobii, Keeniyaatti maxxanfamee tibbana eebbifameera. Barreessaan kitaaba haaraa fuula 142 qabu kanaa barsiisaa Huseen Baanataa, akkuma malkaan waan hedduu of keessaa qabu
kitaabichis afoolota Afaan Oromoo gara garaa waan of keessaa qabuuf mata-duree kana baasuufii dubbata. Og-Afaan Oromoo jechuun ammoo wantoota namoonni ogummaa afaaniin daddabarsaa as gahan ykn Afoola Afaan Oromoo jechuudha jedha Huseen. Qabiyyeen kitaabichaa irra caalaan afoola yommuu ta'u, boqonnaawwan kudhanitti
qoodameera.

Isaanis: Sololiyaa Morma isii Shar, Hibboo Oromoo, Hibboon Xar, Hiika Mammaaksaa, Jechama Miliquu, Uruursa Daa'immanii, Sheekkoofi Oduu Durii, Takkaan Maali?, Walaloo Faaruu Looniifi Walaloo Weelluu Jaalalaati.

Afoolli maal, maaliif oola?Akka hayyoonni afoolaa jedhanitti, afoolli muuxannoo jireenyaati. Afoolli akkuma maqaan isaa ibsutti hambaa abaabileefi akaakileerraa afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufedha.Yaada, falaasama, aadaafi duudhaa ilma namaa ifa baasa. Akkasumas, gammachuufi gadda, jaalalaafi jibba, amantaafi shakkii, jabinaafi
dadhabina, fedhiifi hawwii hawaasa tokkoo waan ifa baasu jedhu.Afoolli ykn Og-Afaan jedha, barreessaan kitaaba 'Malkaa Og-Afaan Oromoo' barsiisaa Huseenis, aadaa ummata tokkoorratti hundaa'uun isa afaaniin uumameefi qindeeffame dhalootarraa dhalootatti afaaniin ykn og-afaaniin darbaa dhufedha jedha. "Afoolli afaaniin yeedaloon kennameefii
ykn osoo hin kennamiiniif kalaqa ogummaa dhimmoota hawwaasummaa gargaarurratti xiyyeeffachuun kan dhiyaatudha. Kunis aadaa, dudhaa, safuu, seenaafi eenyummaa hawaasa tokkoo callaqqisiisuuf humna guddaa kan qabudha," jedha.Afaan Oromoo afoolaan dureessa ta'uufi dilbii bara dheeraa qabaachuusaa seenaa, aadaafi ilaalcha sabichaa
ilaaluun hubachuun ni danda'ama jedhu hayyoonni dhimma kanarratti qoratan.Afaan Oromoo sirnoota darban keessa ifatti ugguramee turee?Afoolli Afaan Oromoo hangam guddaa akka ta'eefi jaallatamaa akka ta'e akka sirbameefillee sirba Artist Alii Biirraa yaadachuun ibsa barsiisaa Huseen. Akaakuuwwan Afoola Oromoo hedduu jiran keessaa
kitaabni Malkaa Og-Afaan Oromoo kun hunda caalaa kanneen sammuu ijoollee qaran, dandeettiiwwan bu'uuraa afaanii ijoollee cimsan, kan ijoollee hawaasaafi naannoo, aadaafi safuu hawaasaa ofii ganamarraa jalqabanii barataa gargaarurratti fuulleeffata."Kitaabni kun caasaa hawaasa gara garaatiif kan gargaaru ta'ee, keessattuu bilchina xiin-
sammuu ijoolleef daran fayyaduu bira darbee Afoola Oromoo adda addaatiin dhaloota barsiisuuf shoora ol-aanaa qaba," jechuun kitaabichi addatti eenyuun akka gargaaru hima Huseen.Kitaabni isaa kun waggoota sagal dura biyyatti yeroo hojii barsiisummaarra ture akka qophaa'e kan dubbatu Huseen, sababii hanqina maallaqatiif hin maxxanfamiin
turuu hima. Ammallee sababuma hanqina baajataatiin afoola hedduu irraa hambisee fuula kitaabichaa hir'isuun akka maxxansiise BBCf ibseera.Kitaabicha maaltu adda godha?Xiyyeeffannaa addaa ijoolleef kennuun: Akaakuu afoolaa hedduu Afaan Oromoo qabu sirna barnootaa keessa galuun ijoolleen umurii ganamaarraa kaasanii barachaa akka
guddataniif bifa kitaabaan akka qopheessa seensa kitaabichaarratti ibseera barsiisaa Huseen.Fakkeenyaaf, qabiyyee kitaabichaa keessaa 'Sololiyaa Morma isii Shar!' kan jedhu tooftaa ittiin akka ijoolleen saffisaan waa xiinxalaniifi dandeettii waa yaaduu isaanii cimsuuf gargaara. Qabiyyeen kitaabichaa keessaa Hibboonis daa'imman wantota
naannoosaaniitti argaman qoratanii akka baran gochuudhaaf bifa gargaaruun dhiyaate.

Taphni 'Hibboon Xar' jedhamu kan bakka tokko tokkotti ammoo 'Hibboon Teetee' jedhamus gosa hibboo ta'ee akka ijoolleen hollaafi hawaasa naannoo isaanii baran gargaara. Gosti tapha ijoollee kitaabichi of keessatti qabate 'Takkaan maal?' jedhus akka itti ijoolleen lakkoofsa barachaa guddataniif bifa gargaaruun afoola uumamedha.

Sheekkoofi Oduun Duriis dandeettii seenessuu ijoollee gabbisaa. uumama naannoo isaanii, akkasumas ilaalcha hawaasaa barachaa guddatan akka kan gargaarudha.Seeraafi adeemsa afoolaa hordofuun dhiyaachuu: Akaakuuwwan Afaala Oromoo yoomessa (yoomiifi eessatti) akka faayidaarra oolan qabu; akkasumas yeroo dhimma itti ba'aman seeraafi
adeemsa hordofaman qabu. Afoola keessatti namoonni lamaafi isaa ol ta'uun 'gaafataafi deebisaa ykn dubbataafi dhaggeeffataa' ta'uun hirmaatu. Isa gaafatuufis ta'e isa deebisuuf seerri kabajan ykn adeemsi hordofan jiru. Kitaabni Malkaa Og-Afaan Oromoo tokkoo tokkoo afoola keessatti ga'een nama gaafatuufi deebisuu maal akka ta'e, akkasumas
adeemsiifi tartiibni hordofamuu qabu maal akka ta'e qajeelootti ibseera.Adeemsa hibboo akka itti gaafatan, akka itti barbaadan, akki itti eebbifatan wal-duraa duubaan dhiyaateera kitaabicha keessatti.
Adeemsa ittiin hibboo eebbifatan akka fakkeenyaatti yeroo ibsu barsiisaa Huseen, hibboon bifa gaaffiifi deebiitiin namoota/gareen lamaan kan gaggeeffamu yommuu ta'u, lamaanuu seera eeganiifi adeemsa hordofan qabu jedha.Namni hibboo gaafatame akka inni deebii soqachuu danda'utti carraan ni kennamaaf jedha barreessaan kun. Namni deebii
hibboo soqatu yeroo deebiitti kalaa'utti afaan afoolaatiin 'Mootaan gale' jedhama. Namni hibboo gaafatame sun yoo deebii dhabe ykn yoo 'Mootaan hin galle' garuu gaafataadhaf lafa ykn biyya kennaaf jechuun seera tapha hibboo ibsa Huseen. Namni deebii hibboo wallaaluu isaatiin lafa gaafataaf kenne akka seera hibbootti abaaramuu danda'a. Garuu
dursee 'dammaan si qabe' yoo jedhe gaafataa sanaan abaaramuu ooluu danda'a jedha. Abaarsi nama hibboo deebisuu dadhabeef walaloodhaan qindaa'ee jira. Yoo namichi hibboo gaafatamee deebii dhabe sun lafa isa gaafatuuf kennee dammaan siqabe hin jedhiin akkas jechuun abaaruu danda'a.Fakkeenyaan yeroo ibsu namichi yoo magaalaa/biyya
Asoosaa jedhu kenneef: 'Asoosa tiyya diir jedhii natti gali,Harooressaan bobbaafadhe,Ganamaafi galgala adiin boolloo,Galgalaa ganama yaadda'i, Boolloo halala lakkaa'i, ...akkasuma jechaa itti fufa.Moonaa kiyya gorbii iddii,Moonaa kee boombii xii...jedhee itti fufee abaaruu danda'a. Kanaaf, akka hin abaaramne yoo barbaade deebii argachuu yaala,
ta'uu baannaan dafee 'dammaan siqabe' jedhee dammaqee eeggachuun abaaramuu ofirra dabasa jechuun seerota hibboo ittiin eebbifatan ibsa barsiisaa Huseen. Hibboo keessatti sirna soqannaa kan jedhamus jira. Kana jechuun namichi hibboo gaafatame yeroo deebii soqachaa jiru yeroo inni deebiitti kalaa'utti akka inni bakka biraa hin deemne
gargaaruu jechuudha. Fakkeenyaaf, hibboon gaafatame yoo gosa nyaataa ta'e akka inni naanna'aa sanirraa hin fagaanneef gochuudhaaf ni gargaarama.
Abboon bullukkoo maratee ciisa………deebiin isaa boqqolloodha ykn asheeta boqqolloodha.Yeroo kana namni boqolloo ta'uu isaa yoo hin argatiin garuu itti dhiyaatee 'qamadii' jedhe akka inni naannoo sanarraa osoo hin fagaatiin midhaan keessa akka inni turu akkasiin taasifama:'Qamadii qamadiin buusee,Xaafii xaafiin buusee, … akka inni gara biraa
keessa soquu hin deemneef haalli ittiin godhamaa deemu seera hibboo sana keessa jira.Mala hirmaachisaa ta'een dhiyaachuu: Kitaabicha keessatti mala barreessaan akka dubbistoonni hubatan gochuuf fayyadame hirmaachisaa (interactive) fi qabatamaadha. Kitaabonni kanaan dura afoola irratti barreeffaman akkasumaan funaanamanii kan dhiyaatan
waan ta'eef, adda godhee barreessuuf akka yaale hima Huseen. TBarsiisaa Huseen tokkoo tokkoo afoolaa barreesseef kaayyoo barachuun barbaachisuuf ibsuun, gaaffileen shaakalaa hirmaachisoo ta'aniin dhiyeesseera. Yaada hayyoonni kitaabicharratti kennanYaadni namoota sadii kitaabicha dubbisanii qolasaa duubaarratti bahe akka itti aanu kanatti
dubbifama."Qabiyyeen kitaaba kanaa oolmaa daa'immaniitti ittiin barsiisuu cinaatti, aadaafi duudhaa ummata Oromoo ijoollee ittiin guddisan akka hin dagatamneefi darbees akka hojiirra oolu gochuuf gahee guddaa qaba," Daaluu Aabbunii (PhD)"Kitaabni MALKAA OG-AFAAN OROMOO jedhu kun sammuun daa'immanii Afoola Oromootiin qaramaa
akka guddatan taasisuu cinaatti Afoola Oromoo ittiin barsiisuuf shoora guddaa qaba," Obsaa Maammoo (MA)"Afaanota akka Afaan Oromoo sababa cunqursaa alagaatiin sirna barnootaa osoo hin argatiin jaarraa hedduuf turaniif baay'ee murteessaadha. Yeroo rakkoo kanatti ummanni Oromoo falaasama, aadaa, dudhaa, safuu, aadaa waliin jireenyaa,
haala guddisa daa'immaniif kan kana fakkaatan turfatee kan asiin gahe af-dubbiidhaan," Amaan Abdallaa (MA)Barsiisaa Huseen Baanataa Afoola Oromoo gara barreeffamaatti jijjiiruun dhalootaaf akka darbu taasisuu keessatti gahee isaanii akka bahataniif hayyootaaf dhaamsa dabarsaa, ofii isaas hojii kana cimee akka itti fufu dabbata.Kana malees,
Oromoota biyyoota biroo Afaan Oromoo dubbatan garuu dubbisuufi barreessuu hin dandeenye hojii gargaaru karoorfatee akka jiru himeera.

You might also like