Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 7

Gaaffiilee Afaan Oromoo Moojula - Sakatta'a Ogbarruu Oromoo

(AfOr 211)
Kaadhimamtoota Barsiisotaa Afaan Oromoo Waggaa Sadaffaatiif kan
qophaa'e
Gaaffiilee gaditti lakk. 1 - 40tti dhihaatan sirriitti erga dubbitee booda qubee
deebii kee agrsiisu waraqaa deebiirratti guuti.
____1. Qorannoon ogbarruu Oromoo biyyoota Awurooppaa keessatti akka eegaluuf sababa kan
ta'e maali jettee yaadda?
A. Walitti dhufeenya karaa barnootaa uumameen.
B. Daangaa ollummaatiin.
C. Daldala garbaa dargaggoota gurguruutiin.
D. Daldala walii galtee gabaa bilsaatiin.
____2. Mootota biyya keenyaa jaarraa 19ffaa keessaa Afaan Oromoofi kanneen biroo afaan
barnootaa akka ta'an yeroo gabaabaaf ta'ullee eeyyamee mirga waliqixa kennee kan ture
eenyudha?
A. Atsee Hayile Sillaasee C. Mootii Minilik
B. Liji Iyyaasuu D. Atsee Tewodiroos
___3. Asoosamni dheeraan nama Dhaabaa Wayyeessaa jedhamuun bara 1992 A.L.A.tti
barreeffame, hanga yowwanaatti dorgomaa hinqabu jedhamee beekamu kanneen dhiyaatan
keessaa kami?
A. Hirmaata Dubbii B. Huursaa C. Waadaa D. Godaannisa
____4. Lammiin Oromoo galmee jechootaa bara mootummaa Dargii Qubee Laatiiniin jechoota,
dhalatoo, dubbii qolaafi galumsaan adda baasuun, 1989A.L.A.tti qopheessan eenyudha?
A. Dr. Xilaahun Gamtaa B. Tasammaa Bitimaa C. Tulluu Waaqoo D. Asteer Gannoo
_____5. Dargaggoonni Oromoo garbummaaf qabamanii daandii sirriin isaan irra geeffamanii
gurgaramaa itti turan kanneen dhihaatan keessaa isa kamidha?
A. Naannoo Oromiyaa - Gondor - Misir/ Gibtsi - Kaartum
B. Naannoo Oromiyaa - Gondor - Kaartuum - Misir/ Gibtsi
C. Gondor - Kaartuum - Misir/ Gibtsi - Naannoo Oromiyaa
D. Misir/ Gibtsi - Naannoo Oromiyaa - Gondor - Kaartuum

1
_____6. Mootonni Habashaa Afaan Oromoo qubee Laatiiniin akka hinbarreeffamne kan dhorkaa
turaniif maaliifiidha?
A. Qubeen Laatiin Afaan Oromoo barreessuuf waan hinmijanneefiidha.
B. Qubeen Saabaa qofti Afaan Oromoo barreessuuf kan mijatu ta'uusaa waan qorataniifiidha.
C. Qorattoonni yeroo sanaa ogummaa isaa akka isaan hinqabne waan adda baasaniifiidha.
D. Sodaa qabanurraa ka'uun dhiibbaa uumuu waan barbaadaniifiidha.
_____7. Akka moojula kanarraa hubannutti qorannoon Afaan Oromoorratti geggeeffamuun yeroo
jalqabaatiif gara barreeffamaatti kan jijjiirame biyya kamitti?
A. Biyya Faransaayitti B. Biyya keessatti C. Biyya Jarmanitti D. Biyya Misritti
____8. Lammiilee Oromoo jaarraa 19ffaa keessaAfaan Oromootiin kitaabilee hedduu barreessuun
abbaa ogbarruu Oromoo' jedhamee kan moggaafame eenyudha?
A. Luba Dafaa B. Asrat Damisee C. Onesmos Nasiib D. Gaaddisaa Birruu
____ 9. Dargaggoonni Oromoo garbummaan biyya Faransaayitti gurguramanii guddina ogbarruu
Oromootiif gumaacha taasisan eenyu fa'i?
A. Waariifi Ruufoo B. Waareefi Gaboo C. Gabre Mikaa'el D. Alaqaa Zannab
___10. Jaarraa 19ffaa keessa gosa ogbarruu barreeffamaa keessaa lammii biyya alaatiin kan
hinbarreeffamne kamidha?
A. Asoosama B. Galmee jechootaa C. Caasluga D. Kitaabilee amantaa
____11. Sheek Bakrii Saphaalloo beekumsa argatan irratti hundaa'uun guddina ogbarruu Oromoo
keessaa gahee isaan tokko _________________________dha
A. walaloo barreessuun dargaggoota barsiisuu C. afaan qorachuu
B. aadaa qorachuun barreessuu D. Hunduu deebii
____12. Kitaabilee Luba Dafaa Jamootiin barreeffaman keessaa bifa asoosama fakkaatuun
barreeffamee garuu, ulaagaa asoosamaa kan hinguunne kitaaba isa kamidha?
A. Innikaa B. Kuusaa Gadoo C. Huursaa D. Hardafaan
____13. Galaalichi Afaan Oromootiin bara mootummaa Dargii 1969 qubee Saabaatiin
maxxanfamuu eegalee hanga ammaatti dhiyaachaa kan jiru kanneen dhihaatan keessaa
kamidha?
A. Magalata Oromiyaa B. Bariisaa C. Abbaa Gadaa D. Sagalee

2
_____14. John Kiraf boqonnaaf erga biyya galee booda, Itoophiyaatti akka hindeebine kan ta'eef
sababin isaa maali?
A. Afaan Oromoo qubee Saabaatiin waan barreesseefiidha.
B. Afaan Oromoo qubee Laatiiniitiin barreessuu isaa waan shakkaniifiidha.
C. Afaan Oromoorratti xiyyeeffatee qorannoo geggeessuu isaatiin.
D. B fi Cn deebiidha.
____15. Qorannoon ogbarruu Oromoo biyya Faransaayfi Jarmanitti geggeeffame keessaa bal'ina
kan qabu isa kami tire?
A. Kan biyya biyya Jarmantu caalaa bal'ata ture. C. Biyya lammanittu walqixa geggeeffame
B. Kan biyya Faransay bal'ina qaba ture. D. Raga himtootaan kan Faransaay nicaala.
____16. Barreeffamoonni barruulee yeroo ammamii keessatti maxxanfamanii dubbisitootaaf
dhiyaatu?
A. Kurmaana waggaatti C. Ji'a tokkotti
B. Walakkaa waggaatti D. Hunduu deebiidha.
____17. Lammiileen biyya alaa galmee jechootaafi caasluga qopheessurratti bayy'inaan maaliif
xiyyeeffatan sitti fakkaata?
A. Adeemsa afaanichaan waliigalu gonfachuuf. C. Afoola qorachuun bu'aa waan hinqabuuf.
B. Hiika jechootaa adda baafatan itti fayyadamuuf. D. Afi Bn deebiidha.
____18. Bara 1947A.LA.tti namni 'Pro. Newman Of Manchester' jedhamu ogummaa afaanii
qaburratti hundaa'ee garee jechootaa Afaan Oromoo keessaa kamirratti qorannoo
geggeesse?
A. Maqaafi bamaqaa C. Bamaqaafi xumura
B. Maqibsaafi xumibsa D. Durduubee qofarratti
____19. Kitaabilee afoolaa barreeffamuun maxxanfamuun isaanii maaliif fayyada?
A. Aadaa hawaasichaa dhaloota dhufuu wajjin walbarsiisa.
B. Duudhaa hawaasin qabu itti fufsiisa.
C. Safuu hawaasaa dhalooti egeree akka itti fufuuf nigargaara.
D. Hunduu deebiidha.
____20. Bara kolonii Xaaliyaanii beektonni isaanii dirqamaan Afaan Amaaraatti fayyadamuu
hanbisuuf biyyattii keessatti jalqaba tarkaanfii isaan fudhatan maal ture?
A. Godinaaleetti qoqqooduu C. Lagaan qoqqooduu
B. Afaaniifi qomoon qoqqooduu D. Daangaa tulluun qoqqooduu ture.

3
____21. Lammiileen biyya alaa jaarraa 19ffaa keessa ogbarruu Oromoorratti qorannoo geggeessuun
isaanii bu'aa inni afaanichaaf qabu maal ture?
A. Afaanicha afaan dubbii qofaan isa ture gara afaan barreeffamaatti jijjiiruudha.
B. Qorannoo afaanicharratti gara fuuladuraatti geggeeffamuuf ka'umsa ta'a.
C. Biyyatti koloneeffachuuf mijeeffachuurraa kan hafe bu'aa hinqabu.
D. Afi Bn deebiidha.
____22. Barreeffamoota osoo hinmaxxanfamni hafan keessaa, Jaallataa Jaafaroo bifa waliin
dubbiin (dialogue) qopheessee ture kanneen gadii keessaa mata-duree isaa kamidha?
A. Hordofaan B. Huursaa C. Wiirtuu D. Bakkalcha
_____23. Bara 1839A.L.A.tti yeroo jalqabaatiif waa'ee teessuma lafa Afiriikaa Bahaa, Laga
Dhidheessaa, jireenya jireenya Oromoofi jechoota kuma tokko qoratee biyya Faransayitti
maxxansiise eenyu?
A. John Kiraf B. Rochet D. Heicourt C. Edme Francios Jomard D. Tuschek
____24. Dargaggoota Oromoo garbummaan gurguraman Jarmanitti raga himtoota taasisee
ogbarruu Oromoo qorachuun galmee jechootaafi caasluga Affan Oromoo kan maxxansiise
eenyudha?
A. Prince Maxmilan B. John Kiraf C. Karl Tuschek D. C. J. Mayer
_____25. Aster Gannoo qorannoo ogbarruu Oromoo dhuunfaan barreeffamoota isheen
barreessitee osoo hinmaxxanfamni hafan keessaa tokko ________________ dha.
A. weedduu jaalalaa B. hurursa ijoollee C. weedduu tiksee D. hunduu deebiidha.
_____26. Lammii Oromoo naannoo Matammaatii maariyaa Tareessaa 90n bitamee John Kirafiin
akka hiika Afaan Oromoo gargaaruuf gara Jarmanitti ergame eenyu ture?
A. Ruufoo B. Barkee C. Gannoo D. Roorroo
_____27. Lammiin biyya alaa galmee jechootaa "Oromo Dictionary" jedhu qubee Laatiiniin,
jechoota bu'uraa 3,000fi dhalatoo 6,000 adda baasee haala gaariin bara 1982 kan
qopheesse eenyudha?
A. Karl Tuschek B. M. Borello C. Gen Grag D. Jomard
_____28. Barreeffamoota osoo hinmaxxanfamni hafan keessaa, seera barreeffamaa kan guutuuf
Dhaabaa Wayyeessaan qophaa'ee raadiyoo Afaan Oromootiin seeneffamaa kan ture
kamidha?
A. Utuu Hinse'in B. Gaadiduu Farraa C. Afi B D. A qofatu deebiidha.

4
______29. Qorannoo gadfageenyaan rakkoo qubee Afaan Oromoo karaa hiikuun "indigenous
alphabet" hayyoota birootiin immoo, "Oromo Orthography" jedhamee waamame kan
qopheessan eenyu?
A. Luba Dafaa Jamoo B. Shek Bakrii Saphaalloo C. Asteer Gannoo D. Abbaa Lambertoo
_____30. Lammiin biyya alaa mammaaksota 1057 Oromiyaa keessaa walitti qabuun kitaaba
"Oromo Wisdom Literature" jedhu barreessanii kan maxxansiisan eenyudha?
A. Profeser Claud Sumner B. Anjello Mezi C. Abun Jakob D. Aba Gemechis
_____31. Afaan Oromootiin barreeffamoonni hedduun qubee Laatiiniitiin barreeffamanii
maxxanfamuu kan eegalan bara kamiidha?
A.1830 -1881A.L.A B.1900 -1974A.L.A. C. 1900 -1991A.L.A. D. 1991A.L.A. booda
_____32. Hayyoonni ogbarruu Oromoo biyya Faransafiifi Jarmanitti qorachaa turan ogeessota
___________________ turan.
A. seeraa B. ji'oogiraafii C. A fi Bn deebiidha. D. afaaniiti
_____33. Lammiin Oromoo bara 1870A.L.Atti macaafa Kakuu Haaraa qubee Saabaatiin Afaan
Oromootti jijjiire eenyudha?
A. Abbaa Laambertoo B. Alaqaa Zannab C. Luba Dafaa Jamoo D. B fi C
______34. Qorannoon ogbarruu Oromoorratti jalqabee ture, labsii bara 1944A.L.Atti afaanichaan
barsiisuufi barreessuu, waaqeffachuun akka dhaabbatu mootiin taasise eenyu jedhama?
A. Hayile Sillaasee B. Saayile Sillaasee C. Atsee Tawadiroos D. Atsee Minilik
_____35. Mootummaan Dargii qubee Saabaatiin Afaan Oromoo barreessuun kaayyoo maaliitiif itti
fayyadamaa ture?
A. Ga'eessota itti barsiisuuf C. Barnoota idilee ittiin barsiisuuf
B. Ololaafi dadammaqinaatiif D. A fi Bn deebiidha.
_____36. Galaachonni harka caalu kan maxxanfamanu xiyyeeffannaan isaanii kanneen gadii
keessaa kamirrattidha?
A. Oduu biyya keessaa dhiyeessuu C. Oduu biyya alaa dhiyeessuu
B. Aadaa Oromoo uummataaf dhiyeessuu D. Huduu deebiidha.
_____37. Galmee jechootaa mata-duree "Kuusaa Sagalee Afaan Oromoo" jedhuun lammiin
Oromoo qubee Saabaatiin barreessanii kitaaba maxxansiisan _____________dha.
A. Luba Dafaa Jamoo B. Hiikaa Awwaajii C. Alaqaa Zannab D. Abubakar Usmaan

5
_____38. Sheek Bakrii Saphaalloo akeekkachiisa mootummaa osoo hinsodaatin, afaanichaaf qubee
qopheessaniin barreeffama fuula 20 qabu maxxansiisan mata-dureen isaa __________dha.
A. Adallee B. Shaldaa C. Argannoo D. Waayibar
_____39. Yeroo jalqabaatiif, kitaaba Qulqulluu guutuu isaa qubee Saabaatiin Afaan Oromootti
jijjiiree bara 1899A.L.Atti lammiin Oromoo maxxansiisee beekkamtii guddaa argate
eenyudha?
A. Gannoo Salbaan B. Alaqaa Zannab C. Onesmos Nasiib D. Hayile Mikaa'el
_____40. Bara kolonii Xaaliyaanii tamsaasi raadiyoo Afaan Oromoo magaala kamiin darbaa ture?
A. Jimma Abbaa Jifaarirraa B. Finfinneerraa C. Roobeerraa D. Goreerraa

6
Furtuu Deebii (Answer Key) Gaaffiilee Afaan Oromoo moojula
Sakata'a Ogabarruu Oromoo (AfOr 211)
T.L. Deebii T.L. Deebii
1 C 21 D
2 B 22 A
3 D 23 A
4 C 24 C
5 B 25 D
6 D 26 A
7 C 27 C
8 C 28 C
9 B 29 B
10 A 30 D
11 D 31 A
12 C 32 C
13 B 33 B
14 D 34 A
15 A 35 D
16 D 36 D
17 D 37 A
18 C 38 B
19 D 39 C
20 B 40 A

You might also like