Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 3

HIIKAA fi GOSOOTA SAGADAA. KUTAA.........................A. _________________________.

👉
Saganni sochii qaamaa waaqeffannaa ykn kabaja ittiin ibsuuf itti fayyadamnuu dha.Saganni raawwii
isaatiin gosa sadi yommuu ta'uu qabiyyee isaatiin immoo gosaa lama.Rawwiin Kan jenne kunis.
____________________. 1= Sagada jilbaa fi sammuu lafa tuqsiisanii sagaduu raawwatamu,.
_____________________. 2= Sagada mudhiin gad-jedhanii jilba ofii cabsanii sagaduun
raawwatamu fi. _____________________. 3= Sagada morma ofii qofa gad-cabsanii
sagaduu taasifamu yommuu ta'an,qabiyyeen Kan jenne immoo sagada Kan waaqeffannaa Fi kan
bitamuu waaqayyoof qofaa sagadamuu Fi sagada haadha keenya Qulqulleettii
maariyaamiif,Ergamootaaf, Qulqullootaa hundaaf kabajaa fi Jaalala qabnuuf ittiin ibsachuuf Sagada
kabajaa ykn Kenna taasifamuudha. _______________________. Mee Caqasootaa
armaan gadiii kanneen dubbisaa gosa sagadaa Isa kam akka ta'e ilaaluu yaalaa.
______________________ 👉A= Koottaa Fuuldura isaati sagadnaa Faar.62:1-2.
_______________________. 👉B= Waaqayyoon Afuuraa Kan sagadaniifis dhugaa Fi afuuraan
sagaduu qabaatu.Yoh.4:24. ________________________. 👉C= Isaa booda Daawit immoo
ka'e,bosona kessaas bahe,Saa'oolinis booda.Mooticha yaa Gooftaa jedhees waame;Saa'oolinis of duuba
ilaale,Daawitis gara lafaatti gad-jedhee harka fuudhe. 1Saam.24:8.
_______________________. 👉D=Abbaan Bidiruus maatii mootichaa ceesisuuf,mootichas wanta
gammachisuu raawwachuuf deddeebi'aa ture.Mootichis Yoordaanosin erga ce'ee booda ilmi Geeraa
Saamiin fuuldura isaatti kufe.Mootichaanis yaa Gooftaa cubbuu koo natti hin lakka'ini,kee kan si yakke
natti hin yaadatini,laphee kee keessas akka hin teechifane 2Saam.19:18.
________________________. 👉E= Yeroo sanittis mootichi Naabukadanaatsoor adda isaatiin kufee
Daani'eeliif sagadee,Aarsaa midhaanii fi ixaanaas akka dhiyeessaaniifis ajaje.Mootichis Daani'eeliin icciitii
kana akka ibsituuf waan siif danda'ameef,dhuguma waaqni keessan waaqa waaqotaa,Mooticha mootota
Kan icciitti ibsuu dha jedhee dubateen.Daan.2:46. Raawwiin sagadaa armaan oliitti
ibsaman keessaa #C_E tti kannneen jiraan sagadoota kabajaa ibsuuf raawwatamanii dha.Tokkoffaarraatti
Kan akka laphee Koo Kan ta'u Kan jedhame Qulqulluu Daawiit mooticha Saa'ooliif yommuu sagadu
argina.Qulqulluu Daawit Waaqayyoof sagannii waaqummaa galuufii akka qabaatu beekus,mootiif
immoo kabajni akka barbaachisuu waan beekuuf,akka sirnaa fi aadaa isaanitti gara lafaatti gadi jedhee
harka fuudhe.Saganni keennaa, kun Isa Kan kabaja ibsachuu jennuuni dha.Haaluma kanaan,innis
yommuu mootii ta'u immoo ilmi Geeraa Saamiin fuuldura isaatti yommuu sagada sirna mootiif
taasifamu waan ta'eef kabaja isaa fudhateefi.mana kiristaana keenyattis haaluma sirna kanaatiin Haadha
keenya maariyaamii Fi Qulqullootaaf sagada keennaa ni sagannaa.kabajaa keenyaa kennuuf fi suga
isaanirraa argachuuf. _______________________. 👉Kanarraa Kan hafe
garuu,Waaqayyoodhaaf sagada Waaqeffannaa sagannaaf.saganni mallattoo bitamuu,ajajamuu yommuu
ta'u,uumaa ta'uu, Waaqummaa Fi bitummaa isaa amanuun Aarsaa qulqulluu isaaf dhiyeessinnuu
dha.Gochi isaanii yommuu ilaallamu raawwiin lamaanuu Kan tokko ta'e fakkaachuu danda'u.waan Wal
fakkaatee garuu gosa tokkoo jedhamu hin danda'u Raawwataan eenyuuf maal jedhee sagada akka
dhiyeessu ni beeka,raawwichas Kan fudhatan Waaqayyoo fi Qulqulloonnis ni beeku.
KUTAA................B ittii fufaa......... @Kadhannaa_Qulqullootaa

FAAYIDAA SAGADAA. KUTAA.....................B. ______________________. 👉


Gosoonni sagadaa armaan oliitti ilaalle lamaannuu faayidaalee mataa isaanii qabu.kanneen keessas
sagannii Waaqeffannaa bifa addaatiin Faayidaalee kanneen gadii qaba.
_________________________. 👉A= Sagannii Aarsa dha.Sirna qaama keenya Waaqayyoof aarsaa
qulqulluu goonee ittiin dhiyeessinu.Room.12:1. _______________________. 👉B=
Kadhannaa eegaluun Duratti sagada sagaduun waranaa Seexanaa Kan ta,e Afuuraa dadhabbii fi nuffi
qaama keenyarraa waan fageessuuf,yaada keenya gara wanta afuurawaati sasaabuu Fi kaka'uumsaa
kessoo fiduuf gargaaraa. _________________________. 👉C= Seexannii
Waaqayyoof hin sagannuu jechuun Mootummaa waaqayyoorraa gargar Kan bahan waan ta'aniif,namni
biraas Waaqayyoodhaaf foonii fi lubbuudhaan akka hin sagannee Fi waaqayyoof akka hin bitamne
taasisuuf waan dhama'aniif,Saganni waraana Seexanaa Kana akka moo'annu fi namummaa gaarii akka
qabaannu nu taasisaa. 👉Karaa biraatinis,Sagannii kabaja Qulqullichaa kabaja dhiyeessinuuf
sana irra suga/eebba nuuf argamsiisa.Fakkeenyaaf, maariyaamiif sagaduun maariyaamiirraa suga akka
arganu tasisuurras darbee,Araarsummaa isheerraa ni Fayyadamna.
KUTAAN .............................C itti fufaa............ @Kadhannaa_Qulqullootaa

SIRNA SAGADAA. KUTAA.............C. _______________________.


👉Gubbaatti akkuma ilaalle sagannii aarsaa fi Waaqeffannaa Waaqayyoof dhiyaatu waan ta'eef,sirna
mataa isaa qaba.(1Qor.14:40).sirni kunis dhimmoota haala sagaddii,sa'atii sagadaa Fi guyyoota sagadaa
ilaallataniidha. _______________________. 👉 SIRNA SAGADDII :-sagada Kan
saganuu yeroo kadhannaadhaf dhiyaanuu,naxalaa bifa fannootiin uffanne,miila lamaan qajeelanii
dhaabbachuun, Fakkiwwaan fuuldura ykn Mana kiristaanaa fuulduratti yommuu ta'u,Sagannii Akkaataa
raawwannaa isaatiin #bifa_sadiin raawwatama. ________________________. 👉A= #Sagada-
kallachaa/adda fi jilba lafa tuqsiisuun,harkaa lafa hirkifachuu/qabachuun fi gara lafaatti gad-Jechuun Kan
raawwatamuu dha.saganni kun guyyoota Ayyaanaa fi guyyoota Sagadni itti hin sagadamne hin
raawwatamu. ________________________. 👉B= #Gilbeelfachuun:-sagada jilba
qofa dachaasuun kallachaan/addaan lafa osoo hin tuqin raawwatamuu dha.
________________________. 👉C= #Boquu_gadi_qabuun_adinoo:-sagadaa mormaan gadii-jechuun
Guyyoonni itti soomnu fi itti hin soomne akkuma jiraan, Guyyoonni Sagannii itti raawwatamanii fi
Guyyoonni itti hin raawwatamne ni jiru.Goyyoonni saganni itti hin raawwatamne jennu guyyoota
Ayyaanatti.Ayyaanonni kayyoon bu,uraa isaanii hojiilee waqayyoo guyyoota guyyoota San irrati saganni
Kan hin raawwatamneef,Sagadaan dadhabuurra hojii Waaqayyoon hojjate yaadachuun guyyootaa galata
ittii baay'isnu waan ta'aniifi dha.Guyyoonni kunneenis,ayyaanootaa gurguddoo Gooftaa saglan isaanis:-
Guyyaa dhalaachuu, Cuuphaa,Debra zayitii,Hosaa'inaa, Guyyaa fannoo,Du'aa Ka'umsa,Olbahiinsaa,
Ayyaana pharaaqlixoos Fi Ayyanaa tulluu taaboor yommuu ta'an Dabalataanis;Sanbata Xiqqaa Fi
Sanbata guddaa Guyyaa Guyyaa boqonnaa waan ta'aniif Guyyoota kanneen hin sagadamuu.Guyyoota
shanttamman, Guyyaa Sillaasee, Qulqulluu Mikaa'eel fi Guyyaa Maariyaam akka hin sagadamne manii
kiristaana ni barsiisti. _______________________. GUYYOOTA FI
HAALAWWAN SAGADNI ITTI RAAWWATAMU. _______________________. 👉A= Gara Mana
kiristaana yommuu seennu balbala jalqabaa irratti yeroo sadi,gara keesaa yommuu seenuu balbala irratti
yeroo sadii,itti aansuun akkuma haalatti Fakkiilee Qulqullootaa Fuulduraa Fi keessatti ni saganna. Kabaja
Mana kiristaanatiif qabnu ibsuu Fi Waaqayyoof sagada Waaqummaa, Qulqullootaaf immoo Fakkii isaanii
Fuulduratti sagada kabajaa saganna. _______________________. 👉B= Kadhannaa
eegaluun duraa fi Xumura irratti waaqayyoof,fuuldura isaatii dubachuun, isaaf bitamuu,fuuldura isaa
dhaabbachuu Fi Isa Waaqeffachuu keenya ibsuuf sagannaa.
______________________. 👉C= Gaabbii yommuu galluu Akkaataa qannoonaa/Abboomii ykn
ajaja nuuf kennaameen Sagannii sagannus jira. 👉D= Yeroo dhukkubbii/gidiraa Gooftaa fi yeroo
soomaa hunda Mana kiristaanatti, manattii, iddoo kadhannaa keessatti ykn iddoo jirutti qormaata
Gooftaa Yaadachuuf,Of Gorsuu fi Waaqayyoof of bichisisuuf sagada sagannu fa'a.
@Kadhannaa_Qulqullootaa

You might also like