Dokumen - Tips Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waan Darbe Ammaa Fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waan

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 20

Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waan Darbe, Ammaa fi Egeree

(Ta’uumalaa)

Adooleesaa 25 bara 2016 Dhugabaasa Dhuguumaa


«
Diina hin tuffatin, guddiftees sodaa dhaan lafa ofiitti hin dhiphisin» (Kaayyoo Naamusaa fi
Sansakkaa Qeerroo Bilisumaa Oromoo Ebla 2012 irra deebi’e Haaromfamee fuula 9 irratti)

Seensa
Barreeffamni kun bifa cuunfaan kan darbee irraa jechuun bara 1992 irraa eegalee waan keessa
dabarre wal yadachiisuun, kan amma keessa jirru walumaan ilaaluun ta’u malaa (senario) egeree
keenyaa lafa kawwachuun bu’aa Oromoof akka sabaatti qabnu keessaa arguuf mariif kan
akeekame dha. Dhugabaas Dhuguummaa ergamaa rabbi miti, ammoo muuxanoo fi bu’aa ba’ii
keessa darbe irraa haguma rabbi itti mul’ise waa akekuuf tattaafata.
Namooti barruu darbe irratti yaada ijaaraa sarara e-mail irraan ergitan (feed back) maraaf galata
guddaa isiniif galcha. Akeekni barruu kanaa Jaarmooleen Oromoo hoggana irraa kaasee haga
kora miseensotaatti, dhuma baatii Adooleessa kanaa hanga walkeessa Hagayyaatti teessuuma ykn
kora ta’uuf deemu. Jaarmiyooleen martuu dhimma jaarmayaa fi deemsa Qabsoo Bilisummaa
irratti mari’achuuf akka qophaawaa jiran tilmaamama. Barruun kun maarii gaggeeffamu keessatti
akka ka’umsa dubbii ykn guduunfaatti waa gumaacha jedhamee abdatama, na ofkalcha!
Har’ii Kaleessa irraa adda, boruus har’a ta’u hin danda’u. Akkuma yeroon jijjiramaa deemu
bilchinni ummataa fi Siyaasini adunyaa illee jijjiramaa deema. ABOn Mootummaa ce’umsaa bifa
kamiin seenee, tibba mootuumaa ce’umsaa keessaa ture maal rawwatee, maaliif ba’ee, akkamiin
ba’e isa jedhu gilgaalli fi barreeffamootni adda addaa qophaawanii jiru. Mootummaa ce’umsaa
keessaa ba’uu booda haalli siyaasa adunyaa fi gaanfa afrikaa, mishoominaa fi dhibdee dhaabicha
mudatani, kan har’a keessa jirru fi maaltuu nu muddachuuf deema laata isa jedhu gababaatti irra
waa jedha.

ABO Mootummaa Ce’umsaa keessaa dhiibamee ba’uu, Waxabajii, 1992


Oromoon da’imman isaa yeroo lakkobsaa barsiisuu: tokko maaali? Tokkitiin qubeelaa, Lama
maali? lameen mucha harree, tokkittiin Qubeelaa, Sadiin maali? Sadeen sossomaani, Laman
mucha harree, tokkittiin qubeelaa jedhee itti fuufa. Sadaan sossomaanii mootummaa ce’umsaa
EPLF, TPLF fi OLF turan. Eeleen sossomanii kana irraa mootumaa ce’umsaa yeroo ta’u budeena
irratti tolfamu gargaareen ummataaf tolcha kan jedhe Mootummaa USA ture. (No democracy, No
cooperation).

1
(Bitaa irra garaa mirgatti:Herman Coehn, Meles Zenawi. Leencoo Lataa fi Isayas Afeworki)

Haata’uu malee akeeka ABUT shira aangoo of harkaatti galfachuuf qabu irraan deemsi
Motuummaa cehumsaa haala ABOn nagaa fi tasgabbiin keessatti hojjeechuu danda‘u humnaa ol
waan ta’eef filmaata bulchinsa naannoo keessaa waxabajjii 17 bara 1992 ba’uu fi dirree qabsootti
deebi’uuf dirqame.
Siyaasni idil Addunyas dhumachuu lola qabbanaawaa, jalqabaa bara 1990 hangaa bara 2000 gara
jalqabaatti harka humna aangawaa tokkotti (Unipolar) tatee turte. Kunis kan mootummaa USAn
durfamuu “liberal democracy“-ttu mul’ata bulchinsaa fi sochii gabaa/kapitaalaa walabaa ta’e.
Gaggesitooni Mootumaa USAs mul’ata adunya ittin dhuunfatan kanaaf qaban akkana jedhanii
lafa ka’an: “The vision of a “new World order” is the one in which the rule of law supplants the
rule of jungle, disputes are settled peacefully, aggression is firmly met by colletive resistance, and
all people are justly treated“. (Statements of President George Bush, September 11,1990, January
29, 1991, and April 13,1991).
Humni aangawaan USAn durfamu kun dhimmoota biyyoota walaba ta’an keessas seenuun akka
fedha isaatti tolchaa ture. Dhibdee shororkeesitoota dhalate irraan kan ka’ee, dantaa mootummaa
USA tiksuun kan jedhuun abban irree heduun akka dhalataaniif dandii saaqe jira.
Karaa diinagdees dhibee sochii capitalaa furachuf jaaramun tokkummoota akka Awurooppaa
(EU), Amerikaa Kaabaa (NAFTA), Afrikaa (AU) calaqqii kanaa turan. Humni aangawaan sun
har’a rakkoo dinagdee guddaa keessa jira. Rakkon nagaa fi tasgabbi (Global security) haala irraa
jalqabe irraa Somalia, Iraq fi Afganstan har’allee rakkooleen daran hammate keessa jira.
Mootummaan USAn nageenya addunyaa keessatti qooda guddaa qabaattuus addunyaan humna hedduu
(multipolar) taatee jirti.

Haala Idil Adunyaa fi Gaanfa Afrikaa tibba sanaa


Haalli idil addunyaa fi Gaanfa Afrikaa sababa ilaaluuf nu dirqu, hunda caalaa haalleen kun
lamaan baroota kurnee lamaa fi walakkaa darbe keessatti ABUT fi mishooma ta’anii humnoota
mirga isaanii falmaniif hudhaa itti ta’uun akka bishaan nama reebuu waan taasisaniif dha.
Haalli siyaasaa G/Afrikaa kan addunyaa irraa adda citee kophaa jiratu waan hin dandeenyeef,
Sochiin bilisummaa Oromoo akkuma sochiiwwan hundaa haala addunyaa walii galaa fi kan
godinaatiin ni aanjawaaf ykn ni daddaaqama. Kanaaf jecha gaafa ABOn mootummaa ce’umsaa
2
keessaa ba’ee dirree qabsootti deebi’u haallan turanii fi dhiibbaan haallan kun QBO irratti uuman
ilaaluun dirqii ta’a.
Hunda dura EPLF fi Mootummaa USA kan biyyootii dhihaa dursuutu ABO ganan. Kanas namni
yeroos jaraa lamaanittu itti dhiheenyaan hojeetaa ture Obbo Leencoo Lataa, Kitaba Asafa Jalata
Oromo Nationalism and the Ethiopian Discourse (1998) fuula 59 hangaa fuula 67 bal’inaan akka
hubannoof ta’u dhalootaaf ibsuu fedha. Bakka tokkotti quqquqqaa hamtuu qabu jecha isaa osoo
hin jijjiiriin fuula 63 irratti akkas jedha: “One can not help but wonder why all these OLF protests
fell on deaf ears. There are many who believe that both the US government and the provisional
government of Eritrea (PGE) were collaborating with the TPLF/EPRDF to either keep an
emasculated and ineffective OLF in the TGE or push it out of the coalition
EPLF fi USA fi biyyotii dhihaa bakka eegalaa maaliif ganaan jenne yoo of gaftnee hunduu
dantaa ummata isanii waan dursaniif ta’uu wal nama hin gafachiisu. Sababoota hedduu keessaa
hangaa tokko hubatnoof kan EPLF yoo xiqaatee sababaa sadi maqaa dhayu dandeenya. Isaniis:-
 Walaabuumaa Eritrea kan dhugeeffataan yoo mootummaan Ityophiyaa sirnaa UN keesatti
xumureef duwwa dha. Waraanaan biyya dhunfaachuun duwwaa biyyaa walaaba seeraa
idil adunyaan beekame nama hin tolchu.
 Wayyaaneen akkuma bara 1990 keessa OPDO boji’amtoota irraa ijaarratteen ELF irraa
adda baatee “The Democratic Movement for the Liberation of Eritrea (DMLE)’’ ijartee
turte. Kun gama EPLFn bifa tuffiin kan ilaalamu yeroo ta’u ABUT harka dhimma Eritrea
keessa galfachuuf kan tolchate ta’uun hubataamaa dha. Kanaafu EPLF sababa dhimma
Walabummaa isaanii xumurachuuf jecha wayyaanee dura dhaabbachaa hin turre.
 EPLF ilaalcha siyaasaa isaa keessatti gaffii Oromoo Walaabummaf gaggeessu irratti
amantaa hin qabu, kanas barruu ADULIS bara 1985 irratti ibse jira. Kuniis: “..the
demand for the secession of the Ethiopian nationalities has neither an historical nor an
economic basis; nor is the extent of the prevailing national antagonism so acutely sharp as
to justify it”. Kanaafuu bara 1991/1992 yeroo gaaffiin Oromoo o’ee ka’e gamachuu irra
riffatnoo guddaa qabaachaa turan.
Kan Mootummaa USA fi warra dhihaa
Kan EPLF hanga kanaa yoo jedhame gama Mootummaa USA fi warra dhi’aa Bin Laden
qindeessaa fi gaggeessan Al Qa‘idaa teessoo isa 1991 hangaa 1996 Sudan Kahrtum godhate.
Silafuu Somalian kufaatii Sa’iad Barre bara 1991 booda mootummaadhablee (stateless) taate jirti.
Inumaayyu bara 1993 maqaa nagaa fi tasgabbiin waraanni USA Somalia seene akkuma bakka
biroo waraana injifatnoon xumuramee nagaaf tasgabii gadi dhabe miti. Rakkon Iraq fi
Afgahanstan hiikamee hin jiru.
Baroota 1980-ta irraa eegale Ayman al-Zawahri kan dhalootaan Masrii (Egyptian) ta’e
Afghanistan deemuun Muslemootaa kakaasuun warra faalla Tokkummaa Soviyetti dhabbate
ta’un ni beekkama. Akkasumaas Osama Bin Laden bara 1987 irraa eegale Saudii irra garaa
Peshawar, Pakistan-tti marmaarun dinagdee barbachiisuu maddisiisuun qabsoo farraa Tokkumaa
Soviyeet godhamuuf akka utubaa ture ni beekkamaa. Kuufaatii Godinaa baha fi olantuummaa
Godinaa dhihaatti darbee keessatti humni jihadistootaa akka humna USA jalaatti hin
dhunfatamiin ifa ture. Kanaafu deemsaa fi Iajaramuun network Jaarmaa jara kanaa sadarkaa
3
idilee adunyaatti hiddaa hagam akka godhachaa deemaa jiru Tiktii USA suufa ture. Kanafuu
mootumman USA haala Somalia fi Sudan keessatti deemuu irratti yaaddoo guddoo qabaacha
ture. Haala akkasii keessatti August 23 bara 1996 Bin Laden jalqabaaf akka Alqai’idaatti lola
labsii kan jalqabaa USA irratti ifaatti labse.

(Bitaa irra gara mirgaatti: Omar al Bashir, Hassan al Turaabii fi Osama Bin Laden)

February 1998 Qindoominaan humnootiin lola jahad gaggeessan Al Qaeda, Egyptian Islamic
group kan Ayman al-Zawhariin gaggeeffamu gamtaan Jew fi USA irratti waraana labsaani. Erga
Hagayya (August) 7 bara 1998 balaa Shoroorkeesitootan Imbasiin Amerikaa kan Nairobi, Kenya
fi Dar es Salaam, Tanzania irraan gahani namnii 258 lubuu dhabee fi gara nama 5,000 mada’een
booda nama sochii qabsoo hidhatnoo keeysatti qooda qabuuf ilaalcha gaari hin qaban ture.

(Imbasii USA Narobiitti erga balaan irra gahe booda)

Mootumman USA bara 1998 keessa miseensoli Alqai‘idaa balaa magaala Imbasii isa kan
Darersalaam fi Nairobii irratti kan raawwatan hogganoota alqaiida kan akka Fazul Abdulla
Muhammed, Fahid Muhammed ally Maselem ganfa Afrikaa jiru jedhe waan shakkeef biyya isaa
waliin hariroo tolfachuu ni barbaada ture. Kana ta’uun Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan
Hidhatnoo of keessaa qabuu tumsuun hafee ABUT akka mirga uummataa kabajuu itti
dubbachuuf afaanuumaaf malee dantaa isaa kan duraa waraana, tikaa, gargarsaa dinagdee fi

4
diplomasii ABUT gochuu dha. No Democracy and No cooperation! Dhaddannoon jeedhuus
bakka kanaatti bishaan dhugee hafe.
Daran bara 2001 boodaa haala dhalateen Ityophiyaan deebitee “Geostrategic interest” biyyaa
USAf tatefii jirti. Bifa bakka isaa buutee waraana gaggeessitu (Surrogate corporation)ti
ilaalamtee gargaaramaa jiriti. Lenjii waraanaa, Tikaa fi Meeshaa waraana tahu Amerika irraa
argachuun adduu guuyyaa beekamamaa dha.
Muddee 12 bara 2002, irra eegalee command post isa Lemonnier Djibouti godhaachuun Waraani
USA waraana goleesitootaa irratti gaggeefamuuf nannoo ganfa Afrika to’ataa jira. Kana keessatti
odeeffata tikaa geesisuu, lenjisuu fi Hidhachiisuu Waraan Ityophiyaaf waan goddoo gargaaree
jira.
Kan hafnaan ergaa qoqqobiin kaaba Korea irratti Amajii bara 2007 keessaa labsamee,
Ityophiyaan garuu meeshaa waraana akka irra bitaattu gabaafamee jira.“(Herald international
Tribune April 9, 2007)”
Pentagon sochii daangaa Somalia irratti godheen humna adda kan akka Agazi jedhamee
waamamuu farra ummataa kan leenjissee isa dha (February 24-25, 2007 Herald International
Tribune)
Mootumman USA deemsa karaa Shororkesitootaa duraa dhabbachuu irratti fudhate keessatti
TPLF/EPRDFn akka wahilaasatti ilaaluu keessatti midhaa inni geesise akka aramaan gadiitti
dhiyaate dha. Isaniis:-
 Waraana fi tikaa TPLF leenjisuu fi waliin bobba’uu. Meeshaa fi Qaromiina tikka fi
waraana guddisuun
 Mootummaa EPRDF karaa diplomasi adunyaatti akka cululuuqee mul’atuu gochu.
Jarmayaa naannoo utubuu fi keessatti akka mootumman EPRDF calaqiisuu gochuun.
Fakk. IGAD, NEPAD warra biroo akka G8, G10, G20, Economic Forum akka Davous

 Imaammati USA karaa qondaalota isaa calaqqisu kan Wayyaanee dhaadheessuu fi


tattaaffii mormitoota xiqqeessuu: fkn. Mr. David Shinn Yeroo Gadaa Ambasadarummaa
isaa xumure deebi’u OLFin sababaa laman Komaate kunis 1) Yaada waraanaa kaasu 2)
seera TPLF fudhaachuu diduu. Xumura bara 1999 fi Jalqaba 2000ti Susan Rice
Congressional Sub-committee fi yeroo ragaa kennitu OLF akka “bad guys” jechuun kunis
5
Qabsoo hidhanno goochun isaani nagaa boreessa jeette. Mr. Tabors baatii sadiin booda
Ityophiyaan Waan Karaa Demokrasi qabaatte jirtuuf waa’ila Amerka fi hedduu
barbachistu dha jedhe.
 Bifaa Projektiin mormitoonii hidhannoo eessaa akka argatani (disarmament) qormataa
gochu. Qoormaata kana keessatti odeeffata dhaabichaa warri qaban akka keessatti qooda
fudhatan gochuun madda hidhatnoo dhaabichaa cufuu. Seera fi walii-galtee kana
hidhatnoo igituu tolchu. Fakk. Nairobi Decleration 15 March 2000, Bamako decleration fi
kkf
 Gargarsa dhaabbataan karaa USAID kennuu
 Araarsiituu fakkachuun bifa araaran haasaan dhaabicha qabuu, akkasumas keessa
dhaabichaa gara diiguutti bobba’ani. Haasaan kun jalqaba Asmaratti Sept. 14 bara 1992
bakka Mootummaan Eritrea, Ambasadaroonni UK, Germany, Sweden fi USA jiranitti,
Carter center Feb. 7-8 bara 1994, Congressional Task force kan Congressman Harry
Johnston-n gaggeeffamuu Feb.7 bara 1995, February 24 - 25 bara 1997 Bonn- Germany-
tti yeroo tahu, kun hundi ABOf milkii fide hin qabu. Haalli kun humnaa fi hogganoota
yaada hiruu keessatti qooda hin qabuu jechuun hin danda’amu. Fakkeenyaaf Kan USA-tti
tahe irratti David Shinn fi Hicks koomiin dhyeessan dhibde hiikuu irratti osoo hin taane,
Maaliif HD gafaasii (J/Galaasa Dilboo) walgahii sana irratti hin argamne kan jedhu ture.
Xiyyeeffannaan kanaa ABO keessatti gartuu nagaa barbaduu fi jibbuu ykn Moderate fi
nationalist kan jedhu gad dhaabuuf kan yaadame ture.
Mootumman USA gargaarsa guddaa ADWUI godhuulle kan inni harkaatti diide keessa tokkichii
tarree “Foreign Terrorist Organizations (FTOs)” bara 1997 jalqabee gara Jarmayaa 58
tarreeffammanii jiran keessatti ABO hin ramadamiin dhiisuu isaati.
Ergaa Mootuummaa Ce’umsaa keessaa bahamee aasawaan araaraa EPRDF waliin tahan hundi
kan milka’uu dadhabeef, karaa ABUT ABOn waan shan akka fudhatu akka haal dureettii waan
dhiyeessaniif.
Isaniis:-
1) Gaaffiin Oromoo Impayeeraa Itophiya dimokratessu keessatti ilaalamu qaba. 2) Qabsoo
hidhatnoo lagachuu, kan hidhatee jiruu hikkachisuu, 3) Heera Itophiya fudhaachuu, 4)
Qaamoolee heera Itophiyaatiin utubaman kabajuu fi fudhachuu, 5) Jaarmayaa adda bilisummaa
jedhu irraa gara Paartiitti of jijjiiruun akka Seera fi Heera Itophiyaatti galma’uu kan jedhu dha.
ABOn erga mootummaa cehumsaa keessaa bahee hagaa guyyaa har’attii Mootumman EPRDF
kan ABUT hooganamtuu duulaa wal irra hinciitiin ABO irratti gaggeessaa jira:-
1) Humnaa qindoomee fi bifa riphee loolaan WBO fi Ummataa irratti waraana gaggeessuu 2)
Hangaa humnii dhaaba laafutti haasa araraan qabuu ykn garaa hirsiisuu 3) Biyyotii angawaa fi
Jarmoolee adunyaa biraatti demokratawaa of fakkeessuu 4) Tokkummaa ummataa Oromoo
facaasuuf tooftaa yeroo yeroon bifa jijjirratee dhihachuu 5) Qabsicha addunyaa duratti maqaa
xureessuuf fi deggarsa dhabsiisuuf bifa adda addaan dhaabbatummaan duula wal irraa hin citne
gaggeessunun fakk. Barreffamoota adda addaa fi filmilee adda addaa tolchuun. 6) Qabsoo
Bilisummaaf godhamu hamilee fi abdii kutachiisuun ummaticha tohatuuf bifa adda addaan shira
xaxuu 7) Qabsoo Bilisummaaf godhamu hamilee fi abdii kutachiisuun ummaticha tohatuuf bifa
6
adda addaan shira xaxuu 8) Ummatichi keessaa fi ollaa isaa waliin walitti bu’ee akka nagaa
dhabu bifa wal xaxaa ta’een irratti hojjechuu 9) ABO fi Ummata addan baasuuf ololaa fi
dinagdeen duula Ummataa Oromoo irratti gaggeessuu.
10) Dinagdee biyyichaa dhunfachuu, Qabeenyaa Oromoo saamuun akka inni harka mootummaa
ilaalu tolchu. 11) ABOn dhaabaa Shororkeessaa tahuu na baraa jechuun xalayotii qopheessee
facaasuu fi diplomatoota adda addaa hasofsisuu 12) Mootummaan ABUT namoota mormitoota
isaa keessaa bituu irra taree lobbyists kan yaada isaa Washington, Brussels (EU) fi London (UK)
tarkanfachisaniif maallaqa itti dhangalasuun of gargarsisuu. 13) Projektoota biyyotii adda addaa
waliin kan lamii Eritrea, Ethiopia fi Somalia jalaa bu’ee sochii isaanii hordofuun akkata isaan
biyyaachatti deebi’an akka mootummaa waliin hojetan tolchuu.
Haalli fi deemsi siyaasa idil adunyaa Qabsoo hidhatnoo kan hamilachiisuu ta’u hanqachuu,
dhibdeen lolaa farra shororkesitootaa fi deggarsa mootummaan ABUT/AWUDI mootummootii
angawaa irraa argateen waan armaan oliitti xuqaman qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti waan
gurguddoo sadii uume. Isaniis:-
 Humna silumaa jiru, haalumaa rakkisaa keesattuu warrii Qabsiichaatti ciichee hundee
hojii dhaabichaa kan waraana, siyaasa fi diplomasii qindeeffachuun rawwachuuti ka’e.
Isaan kun Dhabbataan Waraana of-irraa qolaachuu, Caasa dhaabaa deebsaani ijaaruu,
Waraana faca’ee deebsaanii ijaaruu, Jiruu Jarmayaa fi Siyaasa akka ummatichii
birmannoo qabsoo itti fuufuu hojeechuu, Biyya alaa keessatti jiruu dur cayaan hojeetamaa
ture babal’isuun caasa dhaaba biyyaa ambaa keessatti driirsuu, Humnooti Siyaasa biro
waliin humna qindeeffachuun “alternative force” of goochuun falmii siyaasa gaggeeessu.
Deemsa kana keessatti hanga guyyaa har’aatti ijjollee Oromoo gootaa fi qaroo kanaa
keessaa lubuu isanii jijjiramaa hin qabnee ummataa isaniif keennaan kabajaan bara baraan
isaaniif haata’u! Haala walii galaan jaallan kun egereen keenyi ni tola jedhanii qabsootti
ciichani “Tommorrow is another day”
 Impayeeraa Ityophiyaa keessatti barootii 70f 80-oota keessa Oromuumman kan
dhokfataan yeroo tahuu har’aa jarmaya maqaa Oromoon maxanfataani si qabsa’aa
jeechuun madda jireenyaa ta’ee jira. Har’aa biyyaa keessatti dhabbooleen maqaa Oromoo
qabataanii heera Ityophiyaa keessatti galma’anii jiran heedummessee.
 Oromoo yeroo mammakuu nama garaa hiru waliin hin deemin jedhe. Roorroon adda
addaa ummataa Oromoo irratti gara jabinaan raawatamaa jiratullee furmaatnii kan ABUT
yeroo haasa araaraa lafa ka’ee sana fudhachuun qabsoo hidhannoo lagachuu fi sagantaa
siyaasa jijjiruuf tattafachuun mul’achuu eegale. Haalli kun keessaa dhaaba soofaa turee
bara 2008 hangaa uumaama ADO-ti ifaa deeme. Isaanis akka duriin demuun malaa
gowwaa dha, Of irratti hirkachuu irra waan ambii nuun jedhu mara tolchinee wa’iitti
baanaan gamnumaa dha jeedhani fudhatan. Silaafuu Oromoon gandaa fi amantiin wal
ciree jira jedhan. Sabbonummaan Oromoo abdii hin qabuu warra jeedhee warra qalbiin
isaanii cabxe dha (“defeatist”).
Abdii kutachuun kun jalqaba akka nam tokkeetti harka kennuu, sanaan booda gamtaan akka
Lichoo Bukuraaffaa meeshaa waraanaa oromoon itti bitee gad gonbisuun fi waraana oromoo
karaa irra jallissuun harkaa keennuun qaanii oromoo tahe. Qanyiin hedduun wal irratti kanaan

7
tarreessuu hin feenee kan oromoo mataa gad qabachiisuu gad ya‘ee. Gartuun Lichooffaa faana
galee ABOn kanaan booda hin jiru kan xumuraa nuyi jechuun jala saraaruun ibsani.
Ammii jarmaya ijaarratee seeraa Ityophiyaatti galma’ee filaannoo seene, ammi akka nama
tokkeetti harkaa keennuu, ammi gamtaan biyyaatti galeess fi galuuf iyyataa galfatee, kan biyyaa
ambaatti achi bahe of ijaraan hundi ABO-tti kan dhagaa jibbaa itti hin darbatiin hin jiru. Dhimma
kana kan kaasnuuf rakkoo keessa dabarre hin irranfannuu dha malee Keessaa
jiraachuudaaf miti!
Kana kan hin irranfaneef : ABUT Barru “Abiyootaawwi Dimokiraasii” jedhanii ilaalcha siyaasa
isaanii ittin hogganaman kataban keessatti. “Adeemsa siyaasaa keenya keessatti gufuu guddaan,
qabsoo Ummata Oromooti. Kan Ummatichaa irra ammoo, kan ABO ti. ABO ummata kana irraa
adda kutuun kaayyoo keenya jalqabaati. Kana raawwachuuf ammoo waan ABOn ummata kanaaf
fiduuf deemu harkaa fuune, halagaanis waan sana akka isaaf fidu danda’u itti himuu qabnaa.
kanas warra kaayyoo dhaabichaa qabatanii Ummata kana biratti jaalala qaban irraa fageessu
(bifa gara garaan),” Jedha, karoorri diinaa kun sadarkaa diinni itti yaade hangaa tokko itti
milka’ee haa fakkaatu malee, ABOn yeroo gababduu keessatti of ijaaree WBO Zoonii Kibba gad
dhaabee hojiin Qeerros lafa qabaachuu eegale.

Haala amma keessa jirru


Ummanni Oromoo erga humna gabroomfattaa jalatti kufee kaasee bifa fincilaa adda addaa irra
gurmaa’ee akka jarmayatti erga qabsoo hadhaawaa taasisaa walakaa jarraa tokko ta’uf deema.
Fincillii Diiddaa Gaburummaa alana Finfinnee irraa gara dhihaatti kilometeeraa 80 irratti kan
argamtuu magaala Ginciitti eegalame. Abiddii qabsoo karaa nagaa Qeerroon achiitti shidame
Oromiyaa guutuu yeroo gababaa keessatti waliin gahe. Fincila hanga ammaatti gaggeessamee
irraa waan adda isa godhaan waa hedduu keessaa hanga tokko maqaa dhayuuf :- 1) Hawaasa
Oromoo akkata jireenyaa, ummuriin fi naannoon osoo hin qoodamiin tooraa hundaa kan
hirmachiissee tahu. Akkasumaas qaamolee mootumichaa kan adda addaa keessaa fakeenyaaf
kanneen akka poolisoota Oromiyaa, Oromoota humna waraanaa keessa jiranii fi namoota
sadarkaa itti gaafatamummaa gara garaa irra jiran hirmachisuu isa 2) Akka abidda saafa saffisaan
guutummaa Oromia waliin gahu.3) Ummatni Oromoo sodaa qawweef jechaa falmannaa mirga
irra duubatti kan hin deebinee ta’u 4) Adunyaatti seera hordofee mirga isaaf falmachuu ummataa
danda’uu ta’u kan itti mirkanessee 5) Sababni sochiin kun itti eegalee Addis Ababa Master Plan
ta’un gama tokkon falmannaa Oromoon handhuraa lafa isaaf qabu tahe akkasumas kan kana
waliin waliitti hidhataan gaffii waloo addaa akka qabu mul’isu 6) Dhadannooleen ummatichaa fi
Alaaba ABO ol kaasuun gochaan Abiyotawii demokrasii saba Oromoof farra ta’uu fi Uummati
Oromoo kaayyoo ABOn hawwatamuu mul’isa, akeeki diinni ABO irratti ololuus fashaluu
agarsiisu. 7) Oromoon gandaa, amanti fi ilaalcha siyaasan wal qoode jira kan jedhu olola diinaa
ta’u mirkaneessuu fi kkf dha.
Sochiin Qeerroo kun har’aa ergaa eegalee ji’oota saddeetii ol lakkoofsisee jira. Sochii hanga
ammaatti taasifameen, mootummaan ABUT hogganamtuu qaamni guutuun laamsha’ee
bulchiinsaa ummataa gara bulchiinsaa Waranaatti gedaruun Oromia bulchinsa Generaloota sadeet
jalaatti galche jira. Hanga ammaatti Oromootiin gara 600 ta’an lubuun isaanii rasaasa waraana
Ag’aazii fi poolisoota Federaalaatiin gara jabeenyaan ajjeefamanii jiru; heedduun yeroo
madawan fi qaama itti hir’atan, gariin bakka bu’anuu hin baramiin jira, kumoota dhibbaan kan
lakkaa’aman manneen hidhaatti guuramaa fi achi keessatti dararaama jiru. Qeerron Fincilichaa
8
Fincilaa Xumuraa Gabrummaa (FXG) jechuun xiiqii sabuumman ammayyuu bifa adda addan itti
fufee jira. Haata’u malee sochiin kun deemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti booqonnaa
haara ta’uun Mootummootii angawaa irraa hanga humnootii siyaasa naannoo ganfaa afrikaatti
socho’an maraaf qabxii marii ta’e jira. Mootumman ABUT-tin hogganamtuu heedduu raafamaa
jirti. Qaxaamura kana irratti maaltuu raafama kanaaf gahee? Jaarmoolee Idil adunyaa attamiin
simatan? ABUT haga ammatti attamiin simmatee? Gara fuulduraa maaltuu ta’uuf deema laata
dhimmoota jedhan ilaaluun murteessaa dha.
Dhiittaa mirga dhala Oromoo irraan ga’u ilaalchisee waan haarayaa hin ta’iin duruu
raawwatamaa ture keessaa; Bitotessaa bara 1992 ajeechaa jumlaa Oromoota hiriraa magaala
Water baha Harrargetti bahani irratti kan rawwatame akkasumas Bitotessaa bara 1995 Sigmo fi
Gattira, Ebla bara 1995 gandaa Babo Gambel, FDG bara 2005/2006, Gaara Sufi Guraandhalaa
bara 2007, Muslimootaa Oromoo Ebla fi Hagayaa bara 2013 Asasa fi Kofeleetti ajeeffaman,
Liyu Police warra jedhamaniin baha fi kibbaa baha Oromiyaatti bara 2013 eegalee hanga
ammaatti raawwatamu akka fakeenyaatti maqaa dhayaman dha. Akka nama tokko tokkoniis
hawaasa Oromoo tooraa hunda keessa haala sukkaneessan ajeefamee jira.
Kaan hafee yeroo haasa araaraa ABO waliin gaggeessu karaa ciinaa namootaa bebbekamoo ni
dhabamsiisa ture. Fakk. Haasaan araaraa Asmaratti fulbaana 14 bara 1992 osoo ta’uuf deemu
hagayya 3 bara 1992-tti Nairobi-tti humnaa adda erguun Jaal Jatani Ali, nama bakka bu’aa ABO
mootummaa cehumsaa keessa ajeesani. J.Lammessaa Boruu kan Public relation ABO ture baatii
Fulbaana 1992 uukamsaan. Haasaan Carter center gurandhala 7-8 bara 1994 osoo deemaa jiruu
bitotessa 1994 Abba Gada Boru Guyyoo haasaa araaraa jedhuun afeeranii fedhiin isanii gutamuu
hanqatnaan ajjeesan. Akkasumaa fulbaana 1994 Obbo Darara Kafanii nama bekkamaa fi
jaallatamaa Ambo, dhiha Shewa-tti balbala mana isaa irratti ajeessan. Haasan Congressional Task
Force (CTF) guraandhla 6-9 bara 1995 Washingto D.C-tti tahuf deemuu halkan tokko
hankaksuun Surree fi Kiyyoo baha Harage ona Dadar kessatti gurandhala 5, 1995 Jumlaan gara
nama 30 ajeessani heeduus madeessan fi kkf.
Waliigala dhittaa mirgaa dhalaa nama baroota 25 darban dhawataa fi dhabbataan akka
Oromummaa issatti kan irra gahaa ture fi jiru dha. Kan ammaa kun Kana hanga ammatti ta’an
irraa adda ta’e osoo hin taane qindoomina deemsa hiriirichaa fi murrannoo ummatichi falmii
mirgaa isaaf gochaa jirutuu hundi akka ijaaf gurra kennuuf tolche. Nagaa fi tasgabii ABUT irrra
boonutu gaaffi keessa seene. Simannaa hiriira Oromoo qaamoota alaa dantaa ganfa afrika irra
qabna jedhan ilaalchise bakka Sadiitti ilaalamuu danda’u. Isaniis:-
 Warra caliisuu filatee hanga tokko maqaa dhayyuuf: China, Russia, Japan, IGAD, AU fi
DAG (Development Assisatance Group of Ethiopia)
 Warra ibsa adda addaa irratti baasan. Isaniis Mana Maarii Awuroppaa ( EU parliament),
USA, biyyotaa Awuroppaa keessaa akka UK, Norway, Germany, Sweden fi Qaama UN.
 Warra dhimichii yaaddoo irra taree mootumichaa kufatii hamaa irra hanqisuun dantaa
isaanii eegsiisuuf carraqan. Isaniis USA, UK, Israel, France fi Germany
Qabxii lamaffaa jalaatti ibsootaa ba’an yoo cunfinee ilaalle;-
US State Department

9
Muddee 18 bara 2015 Gochaa Mootumaan ADWUI balaleeffatee dhibdeen jirtu akka haasan
(dialogue)n hikaamtuu akkasumaas hiriiricha bifa nagaan dhunfatameen (non-violent) akka tahu.
Amajii 14 bara 2016 ammas mirgaa ummataa ukkamsuu irra akka of quusatu waamicha
mootummaa Ityophiyaaf gochuun gaggesitoonii party siyaasa fi journalistooni akka mana hidhaa
keessaa gadhifaman gaafate.
Dhumaa Bitoteessaa bara 2016 US Assistant Secretary of State for Democracy, Human Rights,
and Labour Tom Malinowski biyyaa Ityophiyaa deemuun qoondalootaa Mootummaa Ityophiyaa
waliin haala mirgaa dhala namaa irratti marii godhe.
Ebla 20, bara 2016 Senatarooni US murtee hin abbomamnee (non-binding resolution) kan
Mootumma Ityophiyaa balaleeffatuu gargarsii USAID mootummaa Ityophiyaaf godhuu bifa Itti
gafatamuummaa qabuun akka mootumman US to’atuu gafatani.

Ebla 29 bara 2016 mootumaan US haala deemaa jiru balaleeffatee Bekele Gerba fi namoonni
biroon hidhamaan seeraa shoroorkeestootan ta’un akka sirrii hin ta’iin ibse.
Tuutni nama Afur of keessaa qabu UN Special rapporteurs Amajii 21 bara 2016, gamatan
haalaa fi gochaa mootummaa Ityophiyaa balaleeffatani wanti deema jiru gartuu walaaba ta’en
qoorataman murteen karaa mootummaa gamtoomani irratti fudhataamuu gafatani.
Amajjii 21 bara 2016 Manii Maarii Awuroppaa (European parliament) jechoota jaajjaboo
ta’aniin murtee qabxillee 19 of keessaa qabu dabarsani, garuu bifa ittin jiruutti hikaamuu irratti
hidhaa ykn gudunfaa seera jabaata hin qabu ture.
Waxabajjii 23, bara 2016, Koreen Mana-maree Murtii Seeraa US Itiyoophiyaa Keessa
Mootummaan Hunda Hammate Akka Jiraatuu fi Mirgi Dhala-namaa Akka Kabajamu Ka Gaafatu
Wixinee Seeraa Haaraa Baase kanas Kongresii 114ffaa irratti dhihaate wixineen seeraa kun,
Itiyoophiyaa keessa, Mootummaan garee hunda ammate akka jiraachuu qabus gaafatee jira.
Qabxii sadaffaa jalatti
Bitooteessaa 31 bara 2016 Gen. David Rodriguez ajajaan Waraana African Comand (Combined
Joint Task Force - Horn of Africa, Commander U.S. Africa Command) mootummaa USA bakka
bu’uun akkasumaas Gen. Samora Yunis, ajaajan Waraan ittisaa biyyooleessa Ityophiyaa (Chief
of Staff Ethiopian National Defence Force) walgahuun waligaltee gilgaalaa haala naannoo
ganfaa afrikaa boodaa waligaltee haaraa kan karaa logistics, services, dhiyeessii fi gargaarsa
(supplies and support), akkasumaas kuufamaa odeeffataa waliqooduu (Data-Sharing Network) fi
sirna waraana (combat engineering) kan dabalatuu irratti akka waltumsaan walii malatteessan.

10
Eblala l6 bara 2016 Ambassador Bonnie Jenkins Jilaa Mootummaa USA bakka bu’un
konfransiii akkataa hojii irra oolchuu murtee UN Security lakobsaa 1540 (2004) African Union
(AU) mariisise. Murteen1540, kun mootummootiin akkaataa itti seeratti hidhamuun humnootii
adda addaa kan mootummaa irra ala ta’an kan akka shorkeesitootaa fi humnoota biroo hidhatnoo
qaban gargaaruu keessatti sadrkaa hidhannoo meeshaa nuclear, chemical, biological meeshaa
xixiqaa irraa akka tohataman tolchuu dha.
Ebla 4-5 bara 2016 The Munich Security Conference walgahii adda jalqabaaf ardii afrika biyya
Ethiopia keessatti godhachuun akkataa lolaa farra golisitootaa cimsaamuu fi dhibdee waraana
dhalatu keessatti bifa biyyootiin Afrika adunyaan fardiin wali birmachuu danda’yuu gara
namoota 60 kan ta’an namoota moyxannoo qabanii fi bakka bu’oota mootumoota biyyootaa
Africa, Europe fi US magalaa Finifinneetti walga’uun marii gaggeessan. Qindeessan MSC
diplomat German, Wolfgang Ischinger, dura ta‘aa Munich Security Conference dha.

MSC Core Group Meeting in Addis Ababa, From left to right: Ghebreyesus (Foreign Minister, Ethiopia), Ischinger
(Chairman, MSC) & Obasanjo (Chairman, Tana Forum) (Photo: MSC / Kuhlmann).

Ebla 16-17 bara 2016 Tana Forum, Ethiopian akka qophesituu gargaramtee kuniis
xiyyeeffanaan ture nagaaf tasgabii nannoo ilaalchise ture.

11
Adooleessaa 2 bara 2016 Ethiopia’s miseensaa UN Security Council taate akka filaamtuu haalli
anja’eef. Kun osoo Oromoon moormii irra jiruu fi Ethiopian waraana waxabaji 12 bara 2016
akkasumaas waraana Kibbaa sudan keessaa harkaa itti seenfachaa jirtu ta’uun yeroo nama raajuu,
garuu kanaan duraas UNSC kan filamtee bara 1989-90, yeroo Dergiin kufaatii jala ta’e ni
yadataama.
Waliigala haala amma deemaa jiruun Itiyoophiyaan akka jirutti deemuun humna ol itti ta’uu kan
hundi irratti walii galu dha. Kanaafuu maaltuu dhalachuu mala isa jeedhuu tahumalaa adda addaa
tarreeffatanii falmi keessatti dantaan sabaa akka kabajamu xiinxaluun dansaa.

Tahu Malaa mootummaa Ityophiyaa ABUT hogganamtuu


Raaffamuu mootummaa ABUTn hogganamtuu Qabsoon ummataa Oromoo fi ABOn irra guddan
wareegama ilmaan Oromoo itti baasan taʼuun beekamaa dha. Humnooti fi ummatootiin sirna
abbaa irree kanaan cuunqurfamaan marti kan tolee jedhee fudhate hin jiru. Sabaa fi
Sablammiwwan Ityophiya keessa jiran haga dandeettii isaaniitti falmii gaggeessaa jiru. Jiiguu
mootummaa Wayyaanee duuba balaa fi misha qabatee dhufu, humna waliin hiriiruu ykn wal dura
dhaabbachu danda’an tilmaamuun sana irra tarkaanfatanii fedhii ummata Oromoo, sabootii biroo
fi idil adunyaaf giddu galeessa kan ta’e furmaata nagaa fi tasgabbii waaraa fiiduu irratti yaadun
yeroon isaa amma!
Kaayyoon qabsoo ummata keenyaa galma isaa ga’uuf ammalle waan isa hafu hedduu dha.
Injifannoolee har’a wareegamaan argamanitti quufanii ta’uun akka injifannoon argame of duuba
debifamu tolcha. Kanaafuu Injifannoolee argaman tikfachaa dandeetti fi ayinaa humna oromoo
jiru mataa waliitti hidhuun gara jaallan wareegamaan hawwaa turanitti tarkaanfachuuf ni
gargaara. Injifannoo jaallan itti wareegamani karaa nuuf baasan kana kan bakkaan ga’u uummata
guddeessa kan siyaasan bilchatee, hidhannoo fi muratnoo qabaate garaa inni itti sosso’uu qabu
karaa itti agarsiisuu, hogganuu fi hogganamee dantaa isaa tikfachuu qaba. Oromoon ammallee
harka wal qabatee tokkummaan xurree qabsoo hunda itti dhimma ba’uun sossoʼuu qaba.
Humnaa alaaf halaaga irraa abdii guddaa godhachuu irra hundee amantaa keenyaa Qabsoo ofi
irratti hirkannoo godhachuun jijjiramaa qabatamaa biyyaa keessatti rawwachu dha.
Biyyotii alaa ilaalchisse qaxamuraa kanaa irratti kan Christopher Clapham kan jedhee sirritti
hubachuun barbachiisa dha. Kuniis: “The stereotype that sees African states as a mere tools of external
powers has been reversed in the case of Ethiopia, which-not only under the present regime, but also under
both Haile Selassie and Mengistu- has been far more skilful at using the outside World than the other way
round (Chirstopher Clapham, 2006: Ethiopia pp33)”

12
Humna alaaf halagaa irraa abdii guddaa godhachuu irra Qabsoo ofi irratti hirkannoo godhachuun,
Ta’umalaa jijjirraa ykn kufaati mootummaa Ityophiyaa haa ilaallu.

Tahu malaa akkumaa dur (The status quo scenario)


ABUTn Jiruu siyaasa fi Tikaa (National security) kan inni ittin masakamu barru lama irratti
hunda’uun ta’a. Isaniis barru “Abiyootaawwi Dimokiraasii” fi tarsimoo hariiroo alaa fi
nageenya biyyaa(Foreign relation and National security strategy, 2002) dha.
Abiyootaawwi Dimokiraasii jedhan keessatti Partiin isaanii kan milka’u : “Only by winning
the elections successively and holding power without let-up can we securely establish the
hegemony of Revolutionary Democracy.” Kanaafuu filmaata bara 2015 gaggessee irratti
100% mohuu akka milkoominaatti ilaalaa jecha dha. Barruu dhuma kana keessatti “Adeemsa
siyaasaa keenya keessatti gufuu guddaan, qabsoo Ummata Oromooti. Kan Ummatichaa
irra ammoo, kan ABO ti. ABO ummata kana irraa adda kutuun kaayyoo keenya
jalqabaati. Kana raawwachuuf ammoo waan ABOn ummata kanaaf fiduuf deemu harkaa
fuune, halagaanis waan sana akka isaaf fidu danda’u itti argisiisuu qabna ” jedha kanaaf
rakko karaa Oromoo isa mudataa jiru akkuma hojii guyyuutti fudhatani jiru.
Karaa barruu tarsiimoo hariiroo alaa fi nageenya nageenya biyyaa barruu “ Foreign relation
and National security strategy” hordofaa. Galmee kana keessatti tikiti nageenya biyyaachaa
marsaa sadiitti (three concentric rings) hira. Kunis balaa ala irraa kan akka biyyota Masriin
itti dhufu fi kan Jajjabeessitoota Islama (militant Islamist state in the Arabian Peninsula).
Marsaan kan lamaffaa biyyoota ollaan itti dhufuu. Kunis kallattiin ykn riphee loolaa adda
addaa gargaaruun kan irratti ka’uu. Marsaan sadaffa handhura biyyaa taa’e kan isa lamaffa
waliin wal-qabachuu maluu dha jedha.
Dhibde amma isa muddachaa jiru kana kan tilmaammatee lafa kawwatee jiru waan ta’eef
humnaan nan irra aana jedhee itti fufuu mala. Kana keesatti qabxiin sadii na gargaru jedhee
yaaduu mala.
Tokkoffaa Karaa Military Strategy Mootumman Amerika ilaalchaa fi fedhii to’annoo Galaana
Diima fi Indean Ocean irra qabuu wan jijjirame hin jiru. Kanaafuu hanga dhumaatti
mootummaan US nu gargaara abdii jedhu qabu. Mootumman China dantaa naannoo sana
irraa qabduuf jecha hanga dhumaatti na waliin dhabbatii jedhaniis yaadu.
Lamaffaa Waraaqsoonii ummataa kan kaaba Afrikaa fi halluun moggafaman (Colour
revolution) hundii :Bulldozer revolution of Serbia in 2000, Rose revolution of Georgia in
2003, Orange revolution of Ukrain in 2004, Tulip revolution Kyrgyzstan in 2005, Blue
revolution of Kuwait in 2005, Green Revolution of Iran (2009-2010) fi kkf hundi kan
milka‘ani Warraqsoota kanaaf haalleen barbaachisaa kan turan kan akka humna Waraana fi
polisiin hidhatee jiru ummataaf garaa laafina qabaachuu fi Ummatichiis wali-galtee inni
Hoggana mootummaa che’umsaaf qabuu fi Fincila itti fuufiinsaan toora adda addan
gaggesuuf qindoomina qabu gaggeessu isaatiini. Haala Itophiyaa keessa jiruun humni
Waraanaa to’annoo ABUT keessa jiru dha. Karaa sochii uummataas, umatootii hunda kan
Ityophiyaa keessaa jiran qindominaan socho’uuf yeroof akka rakko qaban hubatamaa dha.

13
Sadaffaa Meeshaa ammayyaa kan Social media hordofuuf gargaruu “FinFisher Remote
Hacking Kit” waan dhimma itti baatuuf to’achuun ni danda’aama yaada jedhu qabu.
Har’aa EPRDF USA duwwatti of hidhuu irraa ba’ee China harkaatti galfachaa jira. Chinaan
Projeektii Afrika keessatti qabduuf nageenya isaaf waraana itti kaleeffataa jirti. Dhiibbaan
USA ityophiyaa irratti qabdu of dura akkam ta’a gaffiin jedhu ni jira.

Sadaasa bara 2015 irra eegaltee China waraana ishee jalqabaaf Obock, Djibouti irratti
qubsumaa tolcha jirti. Qubsumni kuniis waraana 10,000 kan dandeetti adda addaa qabu kan
qubchiisuu dha.
Xumurii tahu maluu kanaa zero-sum game taha. Abba humnaa qabuutu kufiissaa jechaa dha.

 Mootumaa ce’umsaa ykn jijjiirama kan akka bara 2005 fakkaatu


Mootummaan USA yeroo hedduu „double-track strategy“ hordofa. Gama tokkoon mootummaa
angoo irra jiruun osoo waliin hojjeetuu gama biroon dantaa isa osoo hin falleessiin mootumicha
sarara gara ofi barbaaduutti oofuuf yaala. Kan Ityophiyaa gama tokkon osoo ABUT waliin itti
kala’ee hojeetu ABUT akka qarruu Saboota adda addaa irra kan ijarameeti aangoo dabarsuun
akkan inni hundee Tigrayii sana irra of qulqulleessuun seera dinagdee Neoliberal hordofuu
hawwiin jira. Kanas karaa jaarmoolee mootummaa hin taane (NGOs) isaan waliin kan hojii
eegalan bara 1992 keessa ture. Haala kana karaa “Agency for International Development
(AID)’s, National Endowment for Democracy (NED), National Democratic Institute (NDI)
dhabboolee civic Ityophiyaa adda addaa gargaaraa ture, ammas hagaa tokko gargaaraa jira.
Filmaata 2005 ergaa fashalee illee Inter African Group(IAG) gargaaruun „Conference on
Constitutionalism and Human Security in the Horn of Africa“ kan jedhuu Onkololeessaa 1 bara
2007 Magaala Finfinnee-tti Konfransii Hotel Sharaton keessatti akka ta’u gargaaraani turan.
Akeekni ture qarruun sabootaa adda addaa irraa fi gorsitootaa mootummaa abboo kana irratti
qabaniin furmaata Impayeerichaa gargaaruu soquuf kan yaadamee ture. Waraqaan gorsitoota
kanan dhihataan kan Dr. Kassahun Berhanu, Dr. John Markakis, Obbo. Leenco Lata, Professor
Alem Habtu fi Prof. Andreas Eshete turan. Waraaqan Obbo Leencoo Lataa karaa Prof. Andreas

14
Eshete dhihate Mata Dureen isa:- “Constitutionalism, Self Determination and the African Union”
jedha.
Akkasuma Mr. Douglas M. Griffiths bakki bu’an USA walga’ii United Nations Human Rights
Council, irratti yeroo „universal periodic Review-n Ityophiyaa gaggeeffamu December 2009 tti
akkana jedhe:- “Independent observers have noted…that most senior government positions are
overwhelmingly represented by one ethnicity”, and recommended Ethiopia to examine and adjust
the ethnic balance in government positions as the Ethiopian governments policy of Ethnic
Federalism promotes. ”
Hawwiin USA filmaata bara 2010 irratti ABUT balbala dorgomii siyaasaf ta’u banee akka
Mootummaan EPRDF of jijjiruuf ture. Haata’u malee filmaata 2010-tti EPRDF daraanuu diiddaa
agarsiisuun 99.6% waan filmaata xumuref jecha yaaliin osoo hin milkaa’iin hafe.
Haata’u malee NED, NDI fi AID maartinuu akka baasii isaan jaarmayaa marabbaaf (civic
organization) godhan agarsiisuutti ammayyuu Ityophiyaa keessatti maalaqa guddaa basaa jiru.
ABUT tarii osoo aangoo isaa hin sharafiin dhibbaa irra jiru of irra caabsuuf jechaa Jaarmoota
mormitootaa kan heera biyyaatii kabajanii fi qabsoo hidhatnoo lagatan akka isaan mana marii
keessa ta’anii fuula mootumichaa bareechaniif jeecha balbalaa saaquu ni malaa. Garuu kun
hundee irran rakkon inni furu hin jiru. Sababni isaas Seeroota mirgaa adda adda uggurani jiran,
Electroral board fi Humnii waraana, Tikaa fi Polisiin hangaa hin jijjiramnetti waan fayyadu
tokkolllee hin qabu.

 Thau malaa Cehumsaa kan akka bara 1991/1992


Mootumaan cehumsa bara 1991 hundeen isa humnaa qabaachuu irratti kan utubameedha. EPLF,
TPLF fi OLF turan. Hanga danda’ameetti warra qabsoo hidhatnoo godhan kan ammatee ture.
Yoo har’aas dhibdeen muddachaa jiru sababaa warra qabsoo hidhatnoo gaggeesan jeedhamee
yaadamee Jaarmoolee PAFD keessaa jiran, Jaarmoolee Patriotic G-7 keessaa jiraniif, ARDUF fi
mootumichii handhuraa tahanii warri seeran galma’aani jiran kan dabalaatuu taha jecha dha. Kuni
xaphnii humnaa waan keessaa jiruuf akka haaraatti heera fi qamoolee heeraa fi seera heera sanaa
irra madden kan ijaramanii irratti waligaltee haara ni barbadaa. Dhidhaa cehumsii kun qabu
jaarmoolee keessaa hafaan murteessuu kan rakko biraa ka’ee darbuu, Waraana fi Tikaa EPRDF,
Rakko Eritrea fi Ethiopian hin hiikatiin jiran.

 Mootummaa Cehumsaa hunda hammatee kan akka Senator


Kirooker jedhan
Mootummaa cehumsaa hundaa ammatee ijaruun karaan isa salphaa tahu baatees fedhii hundaa
waan taheef milkoominaa gaarii fiduu ni malaa. Kanaarra gahuuf garuu Mootumman ABUT
hogganamuu humnaa biyyaa keessatti of ijareen dhibban guddaa irra ga’ee dhabama irraa of
hambisuuf yoo ta’e qofaa dha.

15
 Humnaan buqa‘uu
Humnaan buqa’uutti kan nama geessuu amalaa Jaarmaa ABUT kan uumamaa isa irraa kaassee
jiru of keessatiis tahe mormitoota isa irratti dhibdee hiikachuuf toftaa fi tarsiimoo inni
fayyadamuu humna ta’uu dha.
"If you take power by violence, you will rule by violence, and you can only be removed by
violence." (Pik Botha, foreign minister of South Africa, Time, June 30, 1986)
Kan kanaaf isa geesuu qabxii tokkoffaa irratti kan xuqamee Status Que senario-tti yoo ture
humnaan buqa’uun waan hin oolee yeroo tahu balaan dhufuu maaluus akka salphaa hin tahiin
tilmaamuun nama hin dhibuu.
Dhidhaleen tahu malaa kanaa keessatti murteessoo tahan 1) Waraana, Tikaa fi Polisii ABUT 2)
Heeraa mootumichaa kan dirqiin murta’ee fakeenyaaf Magaala, Finfinne, Dirree Dhawaa fi
Walloo akkasumaa kan sabootaa biroo bakka garaagariitti mul’atan 3) Waraana moormitootiin
qaban 4) Hiree murteeffanaa dhugoomsuu irrati tartibaa deemsaa 5) Imaamataa Dinagde fi
qabeenya lafaa (land ownership) 6) Dhibdee Eritrea waliin jiru keessa hanga tokko dha.

Danqaa Waligalaa (National Impasse)


Hundeen rakkoo biyyaa Sanaa ilaalchi siyaasaa mirga umatoota kan gafa Sochi baratoota
Ityophiyaa (Ethiopian Student Movement) waraaqsaa bara 1974 falmiin waltajjii yuniversitichaa
keessaa ture gargarummaan jiruun dhaaboota ykn jarmoolee dhaleessee ammayyuu Qarruu
sabootii (intellectuals from diffenet nations and nationalities) gidduu jiruu waliitti dhihachuu
hanqachuu keessaa kan hangafaa dha. Kuniis Sabootii cunqurfamoof Hireen ofi ofiin
murteeffachuun gaaffi duree yeroo tahu, Qarruu Amaharaaf gaaffiin kun gaaffi dhiphummaa fi
kan gosaa tahe mullachuu dha. Gaaffii kanaatti kan hidhaata Caasa mootumaa (Government
structure) diriirsuu keessatti Federaalii akkam kan jeedhuu waan kaasuuf, Fedhii sbootaa adda
adda tahu, gaaffii mirgaa nam tokko fi waloo addan baasanii ilaaluu, Ilaalcha qabeenya lafaa
(land ownership) fi aadaa angoo siyaasaa humnaan fudhachuu kan gafa Impayeerichii uumamee
irraa eegalee dha.
Mootuummaan Wayyaanee mootumrnoota Itophiyaa bulchaa turaan irra ani dimokraatawaa dha
ofiin haa jedhu malee mirgi saboota eegamaa hin jiru, ammaillee biyyichi paartii tokko jalatti
bulaa jira, ummatoota siyaasaa biyyichaa keessaa hirmaanna hin qaban. Mootummaan
Wayyaanee kan jiruuf sababa humna waraanaa, polisii fi tika itti ajajuu danda’u qabuuf malee
deggersa ummata tasa hin qabu.
Kan Jaarmoolee amaaraa biyyaa keessaa fi alaa heeduun isanii inumayyuu sagantaan siyaasaa
isaani biyya sanaa waggaa 24n kan of duuba deebisu dha. Akkaataa isaan sagantaa isaanii lafa
kaawwatan irraa deggersa ummatoota hedduu isaan dhabsiisee Wayyaaneef mararfannoo horuu
danda’e.

Haariiroo Humnootaa tilmamamuu


Humnootiin siyaasaa Impayeeraa Ityophiyaa keessaa biyyaas taha alaatti socho‘an haalii karaa nagaa
siyaasa isani tarkanfachiisan dhalateef jennan hundeen ilaalcha isaan addaan itti bahan: 1) Hiree ofi
murteeffanaa Umatootaa ilaalchissee 2) Caasa Mootumaa (akakuu federalisam), 3) Mirgaa nam tokkee fi

16
waaloo fi 4) Abba Qabeenyaa lafaa (Land ownership) irratti hunda’uun bakka gurgudoo sadiitti
qoodamuu. Isaniis.-

 ABUT/ AWUI Jaarman kuni ummata Oromoo fi ummatoota kibbaa mirga hiree
murteeffannaa ija dura qabdee mirga dimokraasii kan nam tokkes tahe kan waloo iggituun
kan aangoo irra of tursiisuu yaaluu.

 Patriotic Ginbot-7 Movement for Unity and Democracy, UDJP, Blue Party, AEUP,
EPRP, EPRP-D, ENTC, SHENGO (The Ethiopian People’s Congress for United
Struggle), ENYM (Ethiopian National Youth Movement) fi kkf isan kuni fedhii
ammaaraa kan calaqisaan yeroo tahu liberal dimokraasii kan haalli addunyaa tin’isu
kanatti dhimma bahee mirga hiree murteeffanna gonkumaa ukkaamsuu warra kajeelan.
Sirna federalaa kan sabaa fi sablamii irratti hunda’ee warra hinfudhanne dha.
Dhabboleen bara 2005 booda caccabinaa CUD isa irra ummaman yeroo filmaata 2005
aangoo 39 fi Fedralism warra jijjirra jedhanii of dhiyyeessan jibba mootummaa Wayyaane
irran kan ka’ee namni isan filuun kan fudhatama guddaa argatan itti fakkate. Dogoggora
dhaabni kun itti seene keessaa tokko filmaata irratti sagalee guddaa argachuu isaa kan
ummatni wayyabni yada koo fudhatee na deggera jedhee of amansiisuu isaa ti.

 Dhabbolee siyaasaa sabaa cunqurfamoo (Oromoo, Ogaden, Sidamaa, Gambellaa,


Benishangul, Afar fi kkf) Jaarmoolee PAFD jalaatti ijarmani jiraanii fi biroo. Isan kun
mirga waloo (collective right) fi mirga nam tokkee (individual right) addan hinbahani
jedhu. Ummatni mirgii hiree ofi murteeffatanna isa kabajamee bilisummaa,
walqixxummaa fi walabummaa fedhii uummataa irratti hundaa’een akka uummatooti
waliin tolfatan barbaadu.

Xumuraa fi yaada gara itti Oromoon lucca’uu qabu


Sochiin Qeerroo waliigala sochiin Sadaasa 12 bara 2015 hanga ammaatti deemaa jira. Sochiin
kun dhabatumman baatii sadeet ol gaggeeffamuun addunyaa irratti waan haara yeroo ta’uu
qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqoonaa haara dha. Mootumichii fi warrii mootumichaaf
loogan marti mootummichi kufuuf jiraachuu hundi ragaa bahe. Ummatootiin adda addaa
mootummaa abba irree kana falmaniiru, garuu kan akka Ummata Oromoo wareegama qaali itti
baase hin jiru.
ABOn haala fi toora hundaan fallaa isaa itti ta’e (against all odds) keessatti diddaa fi cichomina
inni qabsoo kana keessatti mul’ise waan facaafate akka hammatu isa dandeessisee jira. ABOn
kuni kan eenyuuti? ABOn kun kan Mammo Mazamir moo Luubaa Gudina tumsaa kan halaagan
fannisee ajeessee? Kan General Tadassaa moo kan Hailemariam Gammadaati, kan murtee
halagaan ajeeffaman? Kan Saartuu Yusuf kan humna WBO ishee guddiseef of kenite moo, kan
Juukii Baarantoo kan hoggana ishe golguuf of keenite? Taarii kan goototaa Shinniggaa ti
dhumani? Moo warra Girayiitti halagaan sumiin fixee? Ka Buriysoo moo Gutamaa? Nadhii moo
Gamachiis? Abayyee moo Nagasaa? Kan Irressaa Caalaa moo kan Lagassee Wagii? ABOn kan
akka Milkeessaa Gadaa ardii Oromiyaa irratti illee falmii hin sodannee, moo kan Daraje Waltaji
irratti waregame moo kan Mulis Abba Gadaa moo Kan Jatanii Alii? Moo kan Tesfahun
17
Camadaa? Kan Oromoota Bosassootti jumlaan dhumanii dha? ABOn kan namaa keessaa diinnii
addaan isa baassee itti xiyyeefatee ukkamsuu kan Saddiq Umar moo kan mootumman habashaa
walduraa duubaan irratti wal jijjiran kan Lammessaa Boru moo ka Yosef Ayele Bati dha? ABOn
kan barattootaa Oromoo fi qeerroo bara 1992 irraa eegalee hanga har’atti akka nam tokkee fi
jumlaan dhumaa jiranii dha? ABOn Kan Asli Oromo dubartii jalqabaaf duuti itti murta’ee moo
kan Urjii Dhaaba, Hussein Ahmed fi kumatamoota hiraarsaan irra gahe. Kan Artistoota Ebsa
Adunyaa, Jireenyaa Ayanaa, Usmayyoo Muusaa, Yosef Gammachuu fi heeduu galaafatamn moo
warra har’aa guyyuu jireenyi isanii mana hidhaa keessatti hirarfamaa jiranii dha. Moo ABOn kan
obellewwan Baqqalaa Garbaa fi warra isa faana amaan kana mana hidhaatti waliin rakkataa
jiraniiti. Seenaan falmii fi wareegamaa fakknyaaf malee dhuma hin qabu.
Knaafuu ABOn kan hogganaa har’aa gaggeessuu fi Miseensaa isaa duwaa osoo hin ta’in
ABO qabeenyaa ummata Oromooti. Kan lubuun hin jirreef siida, kan qamaa itti hir’ateef
godaanniisa kan jireenyii irratti diigameef mana isaati. Kanaaf mana Oromootti deebi’anii golaa
ABO-ti wal sassaabuun hogganaa fi miseensa har’aa keessa jirutti qofaa akka hin fudhatamne
sammun qajeeltoon yaaduu nama gaafata. Chinua Achebe akkana jeedhee:-
“The Igbo people of Southern Nigeria are more than ten million strong and must be accounted
one of the major peoples of Africa. Conventional practice would call them a tribe, but I no longer
follow that convention. I call them a nation”.
Oromoon saba guddaa dha. Akka sabaatti jiraachuuf maqaa saba kanaan namni wareeggamu
jiraachuu qaba. Wareegamaa fi dararama jiruu bakka itti gochuuf akkuma beektootni jaarmaa fi
siyaasaa jeedhanitti:-
“Nation will only exist physically if it manages to merge with a state or a state-like political
organization”.
Kanaaf har’aa deemsaa siyaasa ganfa Afrika keessatti humna taane mul’achuu qabna. Kan
humna ta’e qofaa halagaan firoomfachuuf hawwa. Humna ta’uuf waan qabnu iratti of ijaaruu
qabna. Kuniis ABO dha. Ijoollen Oromoo qaroon Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jedhanii
moggaasan malee Waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo hin jenne. Waligala Ummata keenyaatuu
ABO malee jecha jira.
“The monarchic rule tagged our freedom fighters as Bandits (Shiftas) and executed us; the Derg called
us Outlaws (Waanbadee); and today, the Woyane harass us and convict our non-violent young protesters
as Terrorists (Ashabbaarii). We have common destiny: to make peace within us and survive as a nation or
to go on fighting one another a hidden psywar and perish! Yet, if we make the right choice, that is, to
tolerate our differences and unite, we too shall survive.” (Asafa Tafara Dibaba from his poetry corner)
Barri akka nama tokkotti jabaa ta’uun caasaa halagaa ykn mootummaa keessatti hojjedheen bu’aa
ummataaf fiida jeedhamuus darbe, akkasumaas humna mirga nurra soqatu maraatti osoo ofii
humna hin qabaatiin itti siiquun waa hojeedheen saba Oromoof bu’aa buusa jedhaniis darbee jira.
Har’aa Qarruu Oromoo fi Qabso’otaa Oromoo jaarmayaa gaggeessan irraa eegamuu fedhii
ummata Oromoo kan waloo fi matayyaaf furmaata ta’uu harkaatti qabachuun xapha siyaasa
humnooti siyaasa Ityophiyaa (transnational ellite) waliin osoo hundee mirga ummataa hin
fallesiin kan isa xaphchiisuu tolfachuu danda’uu dha.

18
Adunyaa waliin kan wal nama dubbachiisuu, Promoting economic development (global
capitalism) fi Nagaa fi tasgabbi gaanfa Afrika keessatti gahe qabatamaa mul’isuu dha. Kaayyoon
keenya daddaqamaa ta’e kan wal nu falmsiisuu ta’uu hin qabu. Gaaffiin keenya “The right to
self-determination, including and up to the right to secession” dha. Hiree ofiin murteeffanaa
hanga walabuummatti jechuu dha. Akka oggeeyyiin toora kanaa jedhanitti „The right of self-
determination is the right to make decisions and to control their implementation. “self
determination is a ‘dynamic right” Kan kana faana ilaalamuu “Sovereign power resides on the
will of the people”. Kanaafuu Jarmaan bilisummaa Oromoof socho’an ummata Oromoo mirga
isaa gutuummaatti akka inni fayyadamuuf geesisuu malee walabummaa, federaala ykn biyya
birootti dabalamee bulchinsa siyaasa isa akka inni tolfatu dhibbaa gochuun mirga hiree ofi ofin
murteeffanaa uummataa sarbuu dha. Halaagaa ijaa tokkon nu ilaalee nu caabsuuf ka’ee irratti
ilaalcha gara garaa qabaachuun hin barbaachiisu. Jaarmooleen Oromoo walhubannon isaani
kaayyoo dhumaa armaa olii ta’u qaba.
Akka ilaalcha kiyyaatti tahu malaa jijjirama kufaati ykn dhabama irra of hambsuuf TPLF godhuu
keessatti Oromoon wal bubusuun irra hin jiru.
Wayyanee kufisuuf Qabsoon hidhannoo fi Tarkaanfii biyya keessaa akka jabaatu gumaachii
qabsichaaf ta’uu toora hundaan akka jaabaatu irratti hojjechuu kan dhala Oromoo maraati. ABO
walteeffachuun ykn handhura godhachuun isa irratti hundaa’uun qabsichaaf kan utubaa ta’uun
Solidarity-Network adda addaa tolfachuu qaba.
Kufaatii Wayyaanee booda haala dhalatu gara aanjaa QBOtti geeddaruuf hojjachuu barbaachisa.
Kanaaf kan jalqabaa kan PAFD waliin eegalmee jiru daran jabeessuun feesisa. Humnooti
siyaasaa dantaa warra kaabaaf dhaabbanne jedhan waliin sirna ce’umsaafis ta’e, egree mirga
Oromoo akka hin danqinneen tolfachaa deemuu feesisa. Walaabumman Oromiyyaa illee sirna
keessa darbu danda‘uu hubatnoo keessaa galchuun barbachisaa dha.
Waliigalaa biyyotiin adda addaa fedhii isaan gaanfa Afrikaa keessaawu Ityophiyaa irratti qaban
maali? Isanoo akkamiitti wal gaadaa jiru inni jedhuu xiyyeeffanaa barruu kanaa miti. Dhimma
kana irratti waan lamaa qulquleesinee irraa hasa’uu dandeenya. 1ffaan Haala nagaa fi Tasgabii.
Biyyotiin heedduun ganfaa Afrikaa akka qaama tokkotti ilaalu. Dhibdee fi furmaatni jiran akka
waliitti hidhata qaabaniitti ilaalu. Dhibdeen hudhaa ta’e isaan rakkaa jiru dhibdee Ityophiyaa fi
Eritrea gidduu jiru, kan al shabab fi Pirates somalia keessaa, kan Kibbaa sudaan, fi keessa sudaan
dha. Kana keessatti kaabaa hang kibbatti jeechuun Kenia, Ethiopia fi Eritrea kan amma jiruu irra
bora’uun irra hin jiru jedhu. Yoo bora’ee rakkon Yemen- Eritrea-Sudan-cetneral Afrika, kan
Somalia-Ogaden-Oromia-south sudan guutummaatti nannoo sana jeeqama keessaa galcha jedhu.
2ffan global capital. Sochii dinagdee nannoo sanatti gaggefamuu dha.
Gama Oromoon dhukuuba keenya maraaf qorichi tokichi gahaa dha jedhan osoo hin taane
akkataa itti didhaa nutti dhufuu malu xiinxalanii furmaata itti soqoon barbaachisaa dha.
Yeroo cehumsaa keessaatti bakki irraa jalqabuun nurra jiru bakkumaa Oromoon irratti walgahee
kan Finfinnee kana yoo fudhannee murtee gafa mootumma cehumsaa jallatee waan taheef
Walloo, Finfinnee fi Dire Dhawaan bulchinsaa Oromiyaatti akka deebi’u tolchuu. Integrated
Master Plan kan yaadamee toora hundaan kilomeetra 100 akka deemuuti yeroo ta’u kunis kan
har’aa 527sq.km irra garaa 30,000sq.km oliitti gudisu dha. Falammiin wayyaanee fakkeenya
China peking toora hundaan kilometrii 200 deema jedhu kaasu. Haalli qubsuma China Peking fi
19
Oromiyaa fi finfinnee wal hin fakkaatu, kunis seenaan, aynaa nama naannoo sana irratti
babal’atuuf deemu, eenyummaa dhabamsiisuu fi dantaa uummati dura irra jiru irraa argatu takkaa
wal hin gitu. Ummatnii china osoo lafa isaa irraa hin buqa’iin achumaatti akkataan jireenyi isaaf
fooyya’utu haalli aanja’eef. Kan Oromiyaa garuu kan China iraa adda.
Yeroo Cehumsaa Fedral system Sabaa fi Sablammii irratti hunda’ee duwwaa osoo hin taane kan
manni marii bulchinsa sanaa veto irratti qabu gochu. Humnii waraana kan ABUT akka ba’uu
falmuu fi ofi Humna waraanaa fi polisiif ta’uu ijaarrachuun fardii dha.
Furmaatnii daran qabsoo finiinsuu ta’u hubachuun murannon itti cichuu dha. “Xiqiin damma irra
miyooftii jedhee” Weellisaa fi Sabbonaan keenyaa. Xiqii sabummaaf ka’uun yeroon amma.
Xumuraatti deemsaa sochii qeerroo kana keessatti kan na raajee murannoo, dhamsaa fi qaroo
ta’uu artistootaa Oromoo waan ta’eef hundaa isaniif jaalaallii fi kabajaan isaniif haa tahuu jechaa
warra dandeetti og barru qabaniif wallee isanii gara barreeffamaatti akka jijjiraan abdiin qaba.
Oromian ni bilisoomtii!

20

You might also like