Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 6

Mana barnootaa Addis faanaa Sadarkaa

jalqabaa Fi gidduugaleessaatti gabaasa


qorannoo gochaa

Mata duree qorannichaa:Rakkoo Naamusa


barattoota kutaa 8ffaa" A" Mana Barnootaa Addis

Faanaa Kan sirna Barnootaa A/Oromoo furuu


Qopheessittoonni

1. Barsiistuu Boontuu Tamasgeen


2. Barsiisaa Galaanaa Shobbee
3. Barsiistuu Meetii Ababa
4. Barsiistuu Gammachiistuu Raggaasaa
5. Barsiistuu Wasanee Kabbadaa
6. Barsiistuu Masarat Hindhee

Bara 2016
Baafata. Fuula

BOQONNAA 1

1.1 Seensa

1.2 Ibsaa rakkoo

1.3 Mataduree qorannichas

1.4 Barbaachisummaa qorannicha

1.5Daangaa qorannichaa

1.6Kaayyoo Gooroo qorannichaa

1.7 Kaayyoo Gooree qorannichaa

1.8 Gaaffilee bu'uraa qorannichaa

BOQONNAA LAMA

2.1 Madda ragaa

2.2 Karaalee ragaan ittiin funaanaman

2.3 Qaamoleen qorannicha keessatti qooda fudhatan

BOQONNAA SADII

3.1 Madda rakkoo

3.2Ibsa calaqqee

3.3 Yaada furmaataa

3.4Yaada furmaataa hojiirra oole

3.5 jijjiirama argame

3.6.Kallattii gara fuulduraaf kaa'ame


GALATA

Duraan dursinee rabbi nagaa nuuf kennee qorannoo kana akka gaggeessinu nu gargaare galateeffanna.
Itti aansuun qaamolee qorannoon kun akka milkaa'uuf qooda fudhatan jechuunis:maatii barattoota
kutaa 8 ffaa,barattoota kutaa 8 ffaa,hooggantoota mana barnootaa Addis faanaa Sadarkaa jalqabaa Fi
gidduutti galeessaatiif galanni keenya guddaadha.

Boqonnaa Tokko

1.1Seensa

Dirreen Baruu barsiisuu wantoota gaggaarii dhaloota qaranii Fi biyya gara guddinaatti ceesisan hedduu
of keessaa qaba. Akkuma kana immoo wantoonni Baruu barsiisuu keessatti danqaa ta'anii mul'atanis
akkasuma danuudha. Kanuma irraa ka'uun nuhis dhimma Naamusa barattoota kutaa 8 ffaa irratti
qorannoo kana qopheessineerra.

1.2 Ibsa rakkoo

Akkuma beekamu dirreen baruu barsiisuu waaan Baay'ee of keessatti haammatee argama.

Akkuma wantoonni hojjetaman baay'een jiran adeemsa baruu barsiisuu keessatti rakkooleen mudatan
baay'eedha. Rakkooleen kanneen keessaa waa'ee Naamusa barattootaa dhimma xiyyeeffannoo
barbaadudha. Kanaaf dhimma kana irratti qorannoo gochaa gaggeessuuf pirooppoozaala qorannoo kana
qopheessineerra.

1.3Mataa duree Qorannichaa_Rakkoo Naamusa barattootaa kutaa 8ffaa Mana Barnootaa Addis Faanaa
Kan sirna Barnootaa A/Oromoo furuu

1.4Barbaachisummaa qorannichaa

Dhimmi Naamusa barattootaa adeemsa keessaa dhimma biyyaatti jijjiiramaa waan deemuuf
ammumaan Naamusa barattootaa qajeelchuuf Wal taanee hojjechuu qabna.kanaaf Qorannoon Kun Kan
barbaadameef adeemsa baruu barsiisuu milkataa ta'e Fi barattootaa naamusa gaarii qaban
baay'isuudha.rakkoolee dirree barnootaa keessatti nu mudatan yoo furaa hin deemnu yoo ta'e adeemsa
keessa gara rakkoo biyyaatti jijjiiramaa deema. Kanaaf nuhi barsiisonni,maatiin barattootaa Fi
hooggantoonni mana barnootaa Addis faanaa Wal taanee yoo hojjenne lammii gaarii oomishuu Nii
dandeenya.

1.5Daangaa qorannichaa
Qorannoon gochaa kun kan gaggeeffamu mana barnootaa Addis faanaa Sadarkaa jalqabaa Fi gidduutti
galeessaatti addumaan immoo kutaa 8 ffaa irratti

1.6Kaayyoon gooroo qorannichaa

1. Barattootaa Naamusa gaarii qaban danuu horachuudha.

1.7Kaayyoo gooree qorannichaa

1.Barattoota duudhaa hawaasaa eegan baay'ee arguu.

2.Barattoota Hanna Malee qabxii gaarii galmeessanii Fi Naamusa gaarii qaban arguu.

3.Barattootaa Fi barsiisota akkasumas maatii barattootaa barattootaa Naamusa gaarii hin qabne gorsan
arguu

1.8 Gaaffilee bu'uraa qorannichaa

1.Barattoonni kutaa 8 ffaa maaliif jeequ?

BOQONNAA LAMA

2.1Madda ragaa qorannichaa

 Barattoota mana Barnootaa Addis faanaa


 Barsiisota mana Barnootaa Addis faanaa
 Maatii barattootaa

2.2 Karaalee ragaan ittiin funaanamu

Qorannoo kana milkessuuf Karaaleen ittiin odeeffannoo funaannu murteeffachuunii Fi Karaalee


kanneenitti gargaaramuun waan ijoo ture.kanuma irraa ka'uun Karaaleen odeeffannoo ittiin
sassaabbanne kanneen armaan gadiiti.

 Af gaaffii
 Ku'eeshinarii Fi
 Daawwannaa

2.3Qaamolee qorannichaa kaassatti qooda fudhatan

Qaamoleen qorannoo kana keessatti qooda fudhatan:

 Barsiisota
 Barattootaa
 Maatii barattootaa
 Hooggantoota mana Barnootaa fa'a.
BOQONNAA SADII
3.1Madda rakkoo
Rakkoon tokko hoggaa uumamu,Madda rakkoo Sanaa beekuun furmaata rakkoo sanaaf
ariitiidhaan kenuuf murteessaadha. Kanuma irraa ka'uun nuhis fala kaa'uun dura madda rakkoo
Naamusaa barattoota kutaa 8 ffaa kan Sirna barnootaa Afaan oromoo adda baasneerra.
Maddi rakkoo barattoota kutaa 8ffaa kanneen rakkoo Naamusaa qabanii inni ijoon:
 Maatiin gorsa abbaaf Haadhaa yeroo isaaniirraa kennuufiin ijoollee isaanii gorsuu dhabuu
 Barsiisonni daree barsiisanitti barattoota rakkoo Naamusaa qaban adda baasuun alatti irratti
hojjechuu dhabuu.
 Barattoonni sa'aatii barnootaa alaa fiilmii ilaaluun yeroo isaanii dabarsuu.
 Barattoonni tokko tokko immoo nama isaan gargaaru dhabuu irraa kan ka'e abdii kutannaa
keessa galuun
 Fedhii barnootaa dhabuu
 Hordoffiin maatii laafaa ta'uu
 Hordoffiin barsiisaa laafaa ta'uu
Walumaagalatti maddi rakkoo Naamusa barattootaa hundumaa keenya kan ilaallatu
akkasuma immoo fala kaa'uufi nu hunda kan ilaallatu ta'uu isaa qorannoo kanaan adda
baafachuu dandeenyeerra.

3.2Ibsa calaqqee

Akka qorannoo kana irraa hubannutti rakkoon Naamusa barattoota kutaa 8 ffaa kan Sirna
barnootaa Afaan oromoo inni ijoon maatiin ijoollee isaaniihordofuuakkasuma gorsuu
dhabuudha. Dabalataanis barsiisonni hoggaa daree seenanii barsiisan guyyaa guyyaan gorsa
kennuu dhabuu Fi barattoonni muraasni fedhii barnootaa dhabuu irraa ka'uun kan
uumamedha

3.3Yaada furmaataa

Rakkoo naamusaa barattoota kutaa 8ffaa rakkoo naamusaa qabanii furuudhaaf yaanni
furmaataa taa'e kanneen armaan gadiiti.
 Maatiin barattootaa hamma danda'ametti yeroo isaanii irraa ijoollee isaaniif kennuu qabu.
 Barsiisonni wayitii daree barnootaa seenan yeroo hundumaa gorsa Haadhaa Fi abbaa
barattoota isaaniif kennuu qabu.
 Barattoonni sa'aatii barnootaa alaa bakkaa hin taanee Fi haala hin taaneen akka hin
dabarsine jajjabeessu
 Guddistoonni ijoollee isaan bira jiran kana daandii sirrii qabachiisuun guddisuu qabu
 Barattoonni fedhii barnootaa akka horataniif yeroo yeroon kaka'umsa taasisuu
Yaadolee armaan olitti tarreeffaman kana hojiirra oolchinu yoo ta'e rakkoon Naamusa
barattoota kutaa 8 ffaa kan Sirna barnootaa Afaan oromoo salphaatti furuun ni dandeenya.
3.4 Yaada furmaataa hojiirra oole
Rakkoo naamusaa barattoota kutaa 8 ffaa furuudhaaf yaanni furmaataa hojiirra oole
kanneen armaan gadiiti
1. Barattoota rakkoo Naamusaa qaban gorsuu
2. Maatii barattootaa waliin mari'achuu
3. Barattoonni sa'aatii barnootaa alaa bakkaa hin taaneetti akka hin dabarsine
xiyyeeffannoodhaan maatiin irratti hojjechuu
4. Barattootatti fedhii barnootaa uumuu fik.k.f
3.5Jijjiirama argame(Bu'aa argame
Qorannoo kanaa booda jijjiiramni argame kanneen armaan gadiiti
o Barattoonni rakkoo Naamusaa qaban muraasni Amma rakkoo kana keessaa bahanii
xiyyeeffannoo isaanii barnoota qofa irra godhataniiru
o Maatiin barattootaa guyyaa gorsaaf barbaadamanitti argamuu danda'aniiru
o Barsiisonni hedduun barattoota rakkoo Naamusaa qaban adda baasuun irratti hojjechuu
3.6.Kallattii gara fuulduraaf kaa'ame
 Maatiin barattootaa barattoota isaaniif yeroo kennuu qabu
 Barattoonni yeroo isaanii bakka hin taaneetti dabarsuu hin qaban.
 Maatiin ijoollee isaanii keessatti fedhii barnootaa horuu qabu
 Barattoonni fedhii barnootaa horachuu qabu.
 Itti fufinsaan qorannoo gaggeessuudha.

You might also like