Professional Documents
Culture Documents
Moojula Xinloogaa
Moojula Xinloogaa
1. Xiinlooga jechuun maali jechuu sitti fakkaata? Mee beekumsa duraan qabdurrattii hundaahii
hiika mataa kee itti kennuuf yaali.
Xiinloogni damee xinqooqa hawaasummaa keessaa tokko tahee, garaagarummaa afaan tokko
keessatti sadarkaa sagaleerraa eegalee hanga caasaatti mul’atu qo’atudha. Xiinqooqni
hawaasummaa damee qu’annoo qooqaa bal’aafi caaccuulee/qaamota walqunnamtii gutummaa
hawaasaa yookiin garee hawaasaa xiqqaa boca qabsiisan madaaludha.Qu’atoonni xiinloogaa
haalota adda addarraa ka’uun irra jireessaan akkamitti qooqni tokko akka garaagarummaa
agarsiisu adda baasuurratti xiyyeeffatu. Garaagarummaan qooqaa sadarkaa sagaleessuutti qofa
kan mul’atu miti.Garaagarummaan loogaa sadarkaa jechaa, sadarkaa himaa yookiin seerlugaattis
nimul’ata. Qooqni tokko loogawwan hedduu qabaachuu danda’a. Dubbattoonni loogawwan
qooqa tokkoo yoo itti fayyadamuu baataniyyuu loogawwan walii isaanii hubachuu nidanda’u.
Dubbattoonni loogawwan qooqa tokkoo walii walii isaanii jechuun inni tokko looga inni biroon
dubbatu hubachuu danda’uun isaanii kuni loogni tokko looga qooqa tokkoo ta’uu yookiin ta’uu
dhiisuu isaa mirkaneessuuf akka ulaagaatti tajaajila. Dabalataanis, ulaagaaleen kanneen akka
ilaalcha dubbattootaafi sadarkaa siyaasaan qooqichi qabus garaagarummaa loogaafi qooqaa
ibsuuf fayyadu.Qabxiilee kun sadan boqonnaa itti aanu keessatti bal’inaan ibsamaniiru.
Kana malees, gareen hawaasaa loogawwan qooqa tokkoo garaagaraa dubbatan akkaataa
taa’umsa lafaa isaaniitiin yookiin hiixummaarratti hundaahuun sadarkaan walhubachuu isaanii
dabalaa yookiin hir’isaa adeema. Fakkeenyaaf, gareen hawaasaa wal-cinaa jiraatan kanneen
walirraa hiixuu jiraatan caalaa loogawwan walii isaanii hubachuu danda’u. Faallaa kanaan,
kanneen walirraa fagaatanii jiraatan yookiin carraan dhimmoota adda addaaf walqunnamuu
isaanii xiqqaa ta’e yookiin hinjirre sadarkaan looga walii isaanii hubachuu isaaniis baay’ee
xiqqaadha. Kunimmoo ergaa waliif dabarsan hubachuu dadhabuu waan fiduuf, loogawwan
isaanii gara qooqa garaa garattillee akka guddataniif sababa ta’uu danda’a.
Gilgaala
Mee yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiraniif Afaan
Oromoo keessaa fakkeenya kennuun ibsi.
1. Afaan Oromoo loogawwan garaagaraa qabaachuu isaa akkamitti baruu dandeessa?
2. Yaadrimee hiixummaa loogaa (dialect continuum) yookiin walcina jiraachuufi walirra
addaan fagaatanii jiraachuuratti hundaahiiti garaa garummaa walhubachuu hawaasota
loogawwan Afaan Oromoo adda addaa dubbatan gidduutti mul’atu ibsi.
3. Xiinloogniifi xiinqooqni hawaasummaa walfakkeenyaafi garaagarummaa akkamii qabu?
Qu’annoon xiinloogaa yoom kan eegale sitti fakkaata? Eenyu fa’iin ? Eessa faatti jettee yaada ?
Haaluma walfakkaatuun, biyya Ingiliizittis hayyuun Alexander Ellis jedhamu (1898) yeroo
jalqabaaf loogawwan Afaan Ingilizii sakatta’ee 10 adda baase. Joseph Wright (1905) Galmeen
Jechootaa Loogawwan Afaan Ingilizii qophaahe. Dabalataanis, Hans Kurath (1929) pirojeektii
qu’annoo loogawwan Afaan Ingilizii gaggeesseen kaartaa loogawwan Afaan Ingilizii isa
jalqabaa qopheesse. Haluma walfakkaatuun, biyyoota kanneen akka Iskootlaandi,
Deenmaarkiifi Amerikaa keessattis qu’annoon loogawwanii ammayyaa jaarraa 19 ffaatii kaasee
gaggeeffamuu akka eegale seenaan qorannoo afaanii ni’agarsiisa.
Gilgaala
Mee yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiran deebisi.
1. Xiinloogni hammayyaan kan eegale yoomi ? Isa dura qu’annoo gaggeeffamaa turemmoo kan
maal fakkaatu ture ?
2. Xiinloogni hammayyaan biyyoota awuroopaa adda addaa keessatti yoom yoom akka eegaleefi
namoota yeroo san gumaata guddaa gumaachanis ibsi.
Gilgaala
Mee yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiran
deebisi.
1. Gosoota xiinloogaa eeriitii tokkumaafi garaagarummaa isaanii ibsi.
2. Qorannoowwan xiinlooga barsiifataa calqabaa maal kan galma godhatan turan ?
3. Maloonni qu’attoonni xiinlooga barsiifataa ittiin odeeffannoo funaannataa turan maalfaa
turan ?
4. Maloonni qu’attoonni xiinlooga barsiifataa ittiin odeeffannoo funaannataa turan hanqinoota
akkamii qabu turan ?
5. Qeeqawwan maloota xiinlooga barsiifataarratti dhiyaatan akkamitti akkamitti madaalta ?
Yaadakee bal’inaan ibsi.
6. Xiinloogni xiinqooqa hawaasummaa xiinlooga barsiifataarraa maaliin adda baha ?
7. Uumamuun teeprikoorderii qu’annoo xiinloogaaf gumaatni inni qabu maali ?
1. Looga jechuun maali ? Mee muuxannoofi beekumsa duraan qabdurrattii hundaahii hiika mataa
kee itti kennuuf yaali.
Mee ammamoo ibsa armaan gaditti dhiyaate dubbisiitii hiika ofii kee kennite waliin
walbira qabii ilaali.
Beektonni kanneen akka Akmaajan, Deemersi fi Faarmer (2003 : 259) akka ibsanitti, « Afaan
kamiyyuu ni jijjiirama ; tokko mitis, wal hinfakkaatani ; afaan hundinuu garaagarummaa of
keessaa qabu » jedhu. «No language is fixed, uniform ; all languages show internal variation. »
kana jechuunis, afaan namarraa namatti, gareerraa gareetti addaddummaa sagaleessuu
(pronunciation), jechootaa (words), caasaa (structure), seerlugaa (grammer)
fi kkf agarsiisuu danda’a. Haaluma knaan yemmuu ilaaluu, garaagarummaan afaan tokko
keessattiyyuu nimul’ata jechuudha. Addaddaummaan mul’atu kunis looga jedhama.
Gilgaala
1. Loogni maal akka ta’e sirriitti hubachuuf, atiifi hiriyaankee yemmuu dubbattan sagaleen
keessan walfakkaata? Yoo wal- hinfakkaatu ta’e maaliif adda ta’e jettee yaadda?
Garaagarummaa keessan bakka siif kennamerratti barreessi:
2. Gaaffii kanarraa ka’uun maalummaa loogaa himuu nidandeessa? Mee yaada kee sarara itti
fufurratti barreessi:
Akkuma armaan olitti gaafatametti, namoonni lama afaanuma tokko yoo dubbatan iyyuu, haalli
isaan ittiin dubbatan guutumaan guutuutti wal-fakkaachuu dhiisuu danda’a. Namoota lamaan
keessaa inni tokko sagalee furdaa qabaachuu danda’a. Akkasumas kan isa biroo ammoo sagalee
qal’aa ta’uu mala. Karaa biraatiinis, inni tokko sagalee ol-kaasee dubbachuum inni kaan immoo
sagalee gad qabee dubbachuu nidanda’a. Gabaabumatti, yoo jechoota dubbatan sanaan wal-
fakkaatan malee akkaataan sagaleessuu isaanii adda jechuudha. Kanaafuu, adeemsi
garaagarummaa haala dubbii afaanuma tokko dubbachuu keessatti namoota lama giddutti
mul’atu idiyoolektii (idiolect) yookiin looga dhuunfaa jedhama. Haaluma kanaan,
garaagarummaan namoota lama giddutti mul’atu kun sadarkaa hawaasaatti yemmuu babal’atu
looga (dialect) jedhama.
Gilgaala
1. Looga maali?
2. Namoonni lama afaanuma tokko yoo dubbatan iyyuu, haalli isaan ittiin
dubbatan guutumaan guutuutti wal-fakkaachuu dhiisuu danda’a.Sababasaa ibsi.
3. Garaagarummaa afaanii kan nama dhuunfaafi kan hawaasaa adda baasii ibsi.
Afaanota biroon weeraramuun Afaan Oromoo keessatti uumamuu Loogawwan adda addaaf
hangam sababa ta’eera jettee yaada? Yaada kee fakkeenyaan deegaruun ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Garaagarummaan loogawwan muraasa giddu jiru bal'aa yoo ta’u kanneen biroommoo, dhiphoo
ta'uu mala. Loogni tokko looga ta'uusaa dhiisee yoom afaan ta'a?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Gaaffii kanaaf deebiin ifa ta'e tokko waan argame hinfakkaatu-walfakkeenya haasaa, seera
afaaniifi jechoota yoo akka ulaagaatti fudhanne, afaanota Jaarmaniitiif achiitiin garaagara
jedhuuf sababa hinqabnu. Afaanonni Suwiidishii, Noorweyaaniifi Daanishiis akkasuma. Karaa
biraatiin ammoo, Afaan Chaayinaa looga garaagaraa qaba jedhama. Haata'u malee, namootiin
looga garaagaraa qaban walii galuu hindanda'nu. Ingliffa Amariikaaniitiifi Ingilaandiitiinis
immoo hawaasisaanii waliigaluu danda'aniyyuu, looga garaagaraa qabu jedhama.
Afaan hawaasaan walbira qabnee yoo ilaallee akkaataa inni hawaasa tokko keessatti fayyadu
hubachuuf yaalle keessumaa, namootiin afaanirratti ilaacha akkami qabu Jennee yoo xiinxalle,
loogni hiika biraa qabaata. Sammuu namootii hedduu keessatti looga jechuun gadaantummaa
afaan keessa jirudha. Haaluma kanaan, afaan idileetiin walbira qabuudhaan gadaantummaa logaa
ibsuuf yaalu. Afaan idilee isa namootii barataniin dubbatamuufi waliigalteedhaaf filatamedha
jedhanii amanu. Caasaadhaan waan ibsameefi guuboo jechootaa keessatti waan barreeffameef,
akkasumas qulqullinnisaa akadaamii afaaniitiin waan eegameef kabaja qaba jedhanii
yaadu.Yeroo hunda kan manneetii barnootaa keessatti barsiifamus isuma qofa. Mallattoo afaanii
ta'uudhaan bakka guddaa qabaachuurra taree, miseensa warra aangoo qabanii ta'uufis akka
ulaagaatti fudhatama.
Yeruma dhiyoo kanatti Afaan Faransaayifi Paarshaa, Afaan Ingilizii Loondoniifi Afaan
Ispaanish Kaastiiliyaa Awuroophaa keessatti qofaa osoo hintaane, Amariikaafi biyyoota biroo
keessatti akka afaan idileetti fudhatamaa turaniiru. Afaanonni naannolee kanaa qofti akka sirri
ta'anitti waan fudhatamaniif, namootin baratan marti- itti fayyadamuu yaalaa turani. Yoo
dubbachuu dhiisanis, gadaantummaan itti dhagahamaa tureera. Yeroo muraasa darban keessatti
haalli kun jijjiiramaa adeemuun, ummattoota addunyaa maratti sabummaan itti dhagahamaa
dhufeera. Kun immoo, afaan meeshaa aadaafi eenyummaa hawaasaa ibsu ta'uusaa hubachuurraa
madde. Qaaqa namootii hawasa sanaan ala ta'aniirratti dhiyaaturrattis mormii cimaa kaasuu
eegalan- gaaffiin offiin ofbulchuu Faransaayiifi Kanaadaarraa gara Aayeerlaandiifi Weelsiitti,
akkasumas, Ispeen(Baasektiitti) faca'uurra darbee addunyaa mara walga'e. Haala kanaan kannecn
loogni isaanii tuffatamaa ture, akka afaan idilee beekamaafi fudhatamaatti akka hubatamuuf
qabsaa'uu eegalan.
Biyyoota tokko tokko keessatti afaan yookiin loogawwan makaa ta'uudhaan uumamanii boodas
gara afaan idiileetti jijjiiraman mulataniiru. Kanneen kun afaanota makaa (pidgins) jedhamanii
beekamu. Afaanota walitti ida'aman lamaan yoo uumaman amaloota ibsamaa seerluga salphaa
,jechoota murtaavvaa 500-600 yoo baay'ate hanga 1000 qabatee ,jechoota isaa keessaa %65
maqaalee kan ta'an ofkeessaa qaba .
Afaanota makaan (pidgins) kibba (chaayinaatti kan eegalame yommuu ta'u, yaalii daldaltootni
dhihaa, Chaayinoota Ingiliffa barsiisuudhaan ittiin waliigaluuf godhan irraa madde .Yaaliin kun
kan godhame, Chaayinoota Ingiliffaa barsiisuutiin ta'us tal'tiiba yaadaafi haasaa Chaayinootaa
kabajuu dhaan ture. 'Pidgin' jechi jedhamuiyyuu Chaayiniffarraa kan madde yemmuu ta'u hiikaan
isaas "daldala "business jechuudha.Kanaafuu, pigin English jechuun Ingiliffa daldalaa
jechuudha.
Afaan makaan yoo qofaa lsaa afaan hawaasaa sanaa ta'e yookaan immoo hawaasa sana
walquunnamsiisuuf isa bu'uraa ta'e kirii'olii croole jcdhama.
Afaan makaan yoo qofaa isaa afaan hawaasa sanaa ta'e yookiin immoo yoo hawaasa
wal'quunnamsilsuuf isa bu'uuraa ta'e afaan makaa kichuu(Creole) jedbama. Fakkcenyi gaariin
afaan makaa kichuun Faransaayiffa biyya Haayitiitti dubbatamudba.
Gareewwan Aadaa tokko keessa jiraatanu, Gosa afaan dubbataniitiin tokkummaa. Isaanii
ibgsu.saamtonniif hattoonni, Akkasumas shiftoonni jechoota mataa isaanii Qabu, ogeessotni
garaagaraaa fayyaas akka haasaa garee hawaasa keessaa tokkodubbatu hiika dhabeessa miti .Bifa
haasaa gosa tokko qabaachuun isaanii waan biraas wajjiniin qabachuun isaanii mul'isa
.Namootiin biyooi baay'ee keessa jiraatan hawaasa keessaan bakka tokkotti of ramaduufjechoota
tokko tokko haala ittiin dubbatanu niqabu.Jecoota haalatti fayyadamllun hawaasa bal'aa keessatti
nama ramada. HatLooLiin yoo poolisiii argan iccitii isaanii ecguuf jechootaitti fayyadaman kan
mataa isaanii qabu. Jechi namni tokko iUi fayyadal11u keessatti akka isa kaa'uu niqaba.
Naannoo jireenyaa kamiyyuu keessattiyyuu, magaalaa guddaa, magaalaa xiqqaa yookaan ganda
a'us, namootiin walitti dhufanii bakka hawaasa kessatti qaban irratti hundaa'uudhaan garee uumu
bakka gareewwan hawaasa keessatti qabanirratti dhabanuu walqixxummaa gosa sadii irraa
madda Dhabinsi walqixxummaakun garaagarummaa hawaasaakeessatti qaban dhabamuu
walqixxummaa kun garaagarummaa qabeenyaa, garaagarummaa qabeenyaa, garaagarummaa
aangoofi kabajaa, ta’uu mala-
Afaan garaagarumma bakka hawaasa keessatti qabu mulisu afaan ogummaa Gargon) kan
ilaaludha.Afaan ogummaa jechuun, afaan daldalaa yookaan ogummaa addaa addaa kessatti
tajaajilu jechuudha. Jechoota addaatti fayyadamuu isaaniirraa kan hafe, afaan idileerraa
garaagarummaa hinqaban. Namni jechoota ogummaa wal-qabatan dubbatu namoota murasan
walii gala. Kun garuu bu'aa saynsiin fidudha.Yeroo baay'ees dogoggorsaa, of tuulaa,
rakkisaadha.Seeraan ala waan hojiirra ooluuf, jechootni ogeessotaa barataadhaan
dubbatamankun walxaxoofi oftuulummaa kan agarsiisan ta'uun isaanii hinoolle. Oftuulummaan
isaanii balaalleffatamus jechootni saayinsii muraasni hawaasa maraan beekamoo ta'anii haasaa
keessatti tajaajila kennaa jiru.Haata'u malee yeroo bundaa yeroo hunda nama maraan hubatamuu
hin dandeenye.
Namootiin bakka olaanaa qabanuufi ijolleen isaanii manneettii barnootaa keessatti bakka
ergamuun afaan ogummaa Gargon) mataa isaanii kan barattoota manneetii barumsaa biro
keessatti barataniif hingalle uumuu malu.Jechoota ijoollee isaaniin wajjiniin baratan qofaaf gafa
kan uumamu osoo hinta'iin ijoolleefi maatii isaanii, matii isaanii manneetii barumsaa sadarkaa
lammaffaafi kolleejjji tokkoofi lamaa olii gidduuttis uumamuu mala. Barreessitoonni tokko
tokko looga hawaasummaa bakka sadiitti qodanii ilaalu. Haasaa barataa (caltivated speech)-kan
namootiin hawaasa keessaa hedd uu baratan, barataan, barsiisaan, ogeeyyiin ogummaa
addaaddaa kan hojii mootummaa kessatti bakka addaddaa qabaniin, kanneen ogummaa afaanii
addaddaa fayyadamuu barbaadaniin dubbatamudha-haasaa gidd- ugaleessotaa -kan namootii
haala jireenyasaaniitiin gidd- ugaleessatti argamaniin dubba tamudha. Hojjettoota leenjii qaban,
teekinishaanota, hojjettoota mootummaa sadarkaa gadaanaatti argamaniifi daldaltoota. Loogni
warra hinbaratiniimmoo, kan hojjettoota lenjii binqabneen, qonnaan bultootafi namoota barumsa
tasaa hinqabne kan itti fayyadamanidha.
Garaagammaan beektotaafi warra tasa hinbaranne gidduu jiru biyyootii hawaasa isaanii keessaa
garaagarummaan jireenyaa guddaan jiru keessatti niguddata. Biyyootii namni barateefi kan
hinbaranne garaagarummaa guddaa hinqabneefi waldanda'uufi waliigaluun bay’inaan keessatti
mul'atu keessatti hedduu hinmul'tu.Biyyoota mdustiriidhaan guddatanii galiin uummataa hanga
tokko guddaa ta'e, barnoonni uummata walga'ee meeshaaleen quunnamtii hunda ga'e,
garaagarummaan dhabamuuf canaa guddaatu jira. Namoonni muraassi warra sadarkaa olaanaatti
makamuu nifedhu. Fcdhiisaanii bakkaan ga'atu, gosa haasaa itti fayyadamuu qabanis nifilatu.
Dogoggora uumamu sirreeffachuuf fedhii guddaa waan qabaniif haasaasaanii keessatti beekaa
fakkaachuuf yaaluudhaan maddasaanii irraanfachaa deemu.
Dhabiinsi walqixxummaa inni lammaffaan kabaja ilaala. Haala jireenya hawaasaa keessatti
mul'atuun walhhfakkaatu ma]ee tokko miti. Fakkeenyyaaf, hojjetaan waajjira tokkoo hojjeetaa
hojjii humnaa sooessa ta'e caalaa kabaja ni'argata. Barsiistonni barreessitoonni waajjiraalee,
dookteroonni, galiinsaanii hagam ta'uyyuu, hojjettoota mootummaa kannecn biroo caalaa kabaja
niqabu.Ogeeyyotuma gosa tokkoo keessattiyyuu sababa hawaasa irraa maddaniittiif, manneetii
barumsaa ykn Yuunvarsiitiirraa eebbifamaniif kabaji isaan qaban garaagara ta'uu mala.
Haasaa ogummaa garee hawaasaatiin walqabsiisnee akka afaan idileettis ilaalleerra. Loogni
hawaasummaa inni biraammoo, murna afaan idileen kan walqabatedha. Fakii, bifa ykn ibsa
guyyaa guyyaatti dargaggootaan, barattootaan, loltootaafi gareewwan addaddaa (sirbitootaan,
barreessitoota kalaqaatiifi namootii karaarraatiin kan uumamanidha. Jalqabarratti akka jechoota
darbuuf fayyadanitti tajaajilanii booda garuu hawaasaan fudhatama argatu. Kunammoo,
mallattoo jechoota haarawaa uumuu ta'a. Hundisaanii yoo jiraachuu dadhabanis, hangi tokko
afaan idilee ta'anii guuboo jechootaa keessa seenu; kaan immoo nidhabamu. Fakkeenyi silaangii
jechoota hattotaan, saamtotaafi kashalabbootaan akka namootii biroof hingalletti qindaa'anidha.
A. Loogota hawaasummaa
Looga hawaasummaa jechuun garaagarummaa sagalee, sagaleessuufi kkf, ta’ee jiruufi jireenya
hawaasichaarraa kan madduudha. Kunis, adda addummaa, umuriim sadarkaa barnootaa,
koornayaa (gender)fi wantoota jireenya hawaasummaa kessatti mul’atanirraa kan madduudha.
Loogni akkanaa kan uumamu hawwaasa keessatti qooda, sadarkaafi gita hojii
namoonni qabanirraa ka'eeti. Fakkenyaaf, umuriin hawaasa bakka adda addaatti hirama:
Ijoollee, dargaggootafi maanguddootadha. Kanarraa ka’uun, ijoolleen umuriisaanii kanatti haala
itti dubbatan kan mataasaanii qabu. Akkasumas
dargaggoonni akkaataa itti dubbatan kan mataasaanii qabaachuu malu. Maanguddoonnis,
haaluma kanaan akkaataa itti dubbatan yookiin jechoota mataasaanii qabu. Kanaafuu,
addaddummaan haala dubbiifi uumama jechootaa kanaan mul’atu looga hawaasummaa jedhama.
Gilgaala
Yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiran deebisi.
Hawaasa tokkoo keessa qooddiiwwan hawaasaa addadaatu jira. Dhiira ykn dhalaatti
addaan qoodamuun hawaasaa ifa. Saayinsiin waa'ee dhala namaa qoratu akka ibsuttimmoo
qoodammi, amala, bifa, hojiifi kkf bu'uureffate namjettuu ykn of jettuu, adii ykn
gurraacha, hoji-qabeessa ykn maleessa jedhu akka jiru mul'isa. Martuummoo, naannoofi
amala hawaasummaa isaaniirraa ka'anii akkaataa afaanitti fayyadaman qabu.
Fishman(1968)garuu, qooddiiwwan kunneen haajiraatan malee, daangaa dhaabbataa
tokkoo hawaasa keessatti akka hinqabne dubbata. Sababbisaas, hawaasi yeroo hunda haala
jijijjiiramaa keessa waan jiraatuuf jedha .
Hawaasa guddates ta'ee guddachaa jiru keessatti caasaaleen hawaasaa kan bu'uura
addaddaa qabu diriiree jira.Akka Boonviilaa’in (1993) jedhutti, jaarmiyaaleen hawaasaa
adda addaa kan gararraadhaa hanga gajjallaatti diriire kun garaagarummaa guddaa
agarsiisa. Heddumminaan bu'uurri addaddummaa kanaas qabeenyaa, gita hojii, sadarkaa
barumsaa yeroo ta'u, kanneeniin kan walqabates aangoo siyaasaa, bakka nammi ykn
gareen tokko hawaasa keessatti qabuufi baayyinni gartuu sanaallee shoora mataasaa qaba.
Beekaas ta'ee osoo hinbeekin, qoodammi hawaasaa haala kanaan jiru caasaalee afaanii
(sagalee, jecha, himaafi hiika) bifa sadarkaa irra jiran saniin walsimuun mijeessee itti
fayyadama. Gartuun siyaasaa anniisaa falaasama jaarmiyaan sun hordofurraa burqe
afaanirratti fe'uudhaan haala itti fayyadama afaanii kan mataasaanii uummatu.Dhaabbanni
amantiimmoo sababa uumama dhala namaa yaadachiisuudhaan, jireenya waldha'aa
keessaa gara gara isa tasgabbaa'aatti ,daangaa haalaa ce'ee ,afuuraan akka nammi godaanu
kan godhanu akkaataa haasaa kan dhuunfaasaanii qabu.
"Alaan hawaasa tokkoo fayidaa kennurraa kan maddee hiika gosa sadii
qabaata.Isaanis,hiika haalarratti hundaa’e caasaa afaanii isa baranwR gidduga
Jeessa godhachuudhaan kan dhihaatu, hiika hawaasa bu'uureffate"akkaataa qodammii
hawaasaa kannen saadaan, umuriidhaan,sanyiidhaan , hojiiwwan, amantiifi kkfn
afaanitti fayyadaman kan giddugaJeessa godhateefi hiika aadaa faana bu'eejechoonni
gaaleewwan hawaasichi itti fayyadamu kan dhimma mallattummaatiif ooludha ... hiika
kanneen sadaan hawaasa tokkoo keessatti walsimsiisuudhaan fayyadamuu dand’uun
darbiinsa odeeffannoo qabatamaa gartuu hawaasaatiif fayyadu tokkootiif tumsa
godha." (Booniiviili'aan, 1993)
Deebiin gaaffiiwwan armaan oliif kennite sirrii ta’usaa mirkaneeffachuufi hubannoo mataduree
Loogota hawaasummaa jedhurratti argate bal’ifachuuf barreeffama itti fufee jiru qalbii
guutuudhaan dubbisi.
B. Looga Naannoo
Karaa birootiin immoo loogni haala taa’umsa lafaa/naannoon kan ka’e uumamuu ni danda’a.
Akkuma beekamu hawaasni sababoota garaagaraarraan kan ka’e walitti dhihaachuu dhiisuu ni
danda’a. Fakkeenyaaf, faageenyi karaafi haalli qilleensaa rakkoo kanaaf sababa ta’uu malu.
Sababoota ka’an kanaaf, hawaasni kunniin akka barbaadetti walitti dhihaachuun yaada wal-
jijjiiruu, meeshaa wal-irraa bituu akkasumas gaddaafi gammachuu walirratii hirmaachuu dhiisuu
danda’u. Kanarraa ka’uun hawaasa naannoo tokko jiru osoo hin beekin haala dubbiifi jechoota
mataasaa uumaa deemuun isaa kan oolu miti. Kanaarraa ka’uun loogni uumamu immoo looga
naannoo jedhama.
Gilgaala
Yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiran deebisi.
Afaan tokko Uumamumaan loogwwan garagaara qaba. Kunis kan ta'u sababa adda
adaatiin akka ta'e hayyoonni xiinqooqaa ni’eeru. Holmes (1992) akka lafa kaa'etti garaa
garummaan loogaa Afaan tokko keessatti bifa lamaan uumama. Isaanis, looga
naannoofi looga hawaasuuaati. Loogni naannoo, fakkeenyaaf, kan dhalatu namoonni
afaan tokko dubbattan haala taa'umsa lafaafi sababa addaa addaatiin walirraa fagaatanii
jiraatan giddutti. Sabani Oromoos biyyaa Itiyoophiyaa keessa kallatti arfanuun
fageenya adda addaarra waan jiruuf loogawwaan akkanaan uumaman ballinaan
nimul'atu.
Afaan tokko keessatti garaagarummaan loogaa sababa addaa addaatiin akka mul'atu
armaan olitti eeramera. Haaluma kanaan, Afaan Oromoos Itiyoophiyaa keessatti
baayinaan kan dubbatumu akka ta’eefi dubbattoonni Afaanichaas bal'inaan biyyattii
keessa faca'anii akka jiraatan Gragg (1976) ni'eera. Hayyuun 'crystal' (1987) jedhamus
Afaanichi afaanota 169 murteesso ta'an addunyaa keessa tokko akka ta'e ibsa.
Haata'u malee, loogni Afaan Oromoo waalta'u akka qabuus hayyoonni ni’ibsu.
Baayyeen (1994) akka jedhutti Afaan hojii mootummaa naannoofi kan barnootaa
haata'u iyyuu malee waaltinni akka isa barbaachisudha.
Haala loogawwan Afaan Oromoo beektonni tokko tokko akka armaan gadiitti ibsu.
Isaan keessaa Bender (1976) bakka shanitti qoodee kaa'a. Isanisi Macca (western).
Tuulama (centera1), Walloo, Raayyaa (northern), Hararge (Eastern), Arsii, Gujiifi
Borana (southern) akka ta'an mul'isa.
Kara biraatiin Dabalaa Goshuu (2003) Lorel (1994) wabefachuun Loogawwan Afaan
Oromoo bakka kudhanitti qoodee kaa'a. Isanis: 1 ffa. Oromiyaa dhihaa- -Raayyaa,
Walloo, waallaggaa, shawwaa, 2ffaa. Oromiyaa bahaa _ Harargee. Arsii 3 ffaa. Oromiyaa
kibbaa - Borna, Garba, Orma, Waata. Loogawwan kana keessa ja'a Itoophiyaa keessa
warra jiran yoo ta'u warri hafan "afran Itiyoophiyaan ala keeniyaafi Somaaliyaa
keessatti warra dubbatamanidha.
Gilgaala
1. Looga Afaan Oromoo naannoo keetti dubbatamuufi looga Afaan Oromoo naanoo
birootti dubbatamu tokko walbira qabiiti garaagarummaa isaanii addeessi.
2. Garaagarummaa looga Afaan Oromoo naannoo keetti dubbatamuufi looga Afaan
Oromoo naanoo birootti dubbatamuurratti ilaalchi kee maal akka ta’e ibsi.
Fakkenyaaf, Dhufe-Ufe
Dhabe- Abe
Nyaadhu Nyaa’u
Kana malees jechoota ‘kun’ kana eenya jedhu yoo ilaalle loogawwaan addaa addaa
keessatti bifa gara garaan waamamu.
Fakeenyaaf
Hoolaa, bushaahee Hojii, jiruu, dalaga. maayii, dhimma, kkf. Sababa addaa addummaa
loogawwanii irraa kan madde, jechi tokko loogawwan garaa garaa keessatti darbee
darbee hiikaa addaa addaafi suukaneessaa ta’e osoo qabaatuu ni argama, Fakkeenyaaf-
jechi xeerii jedhu loogawwan addaa addaa keessatti hiika mi'a garaa yoo qabaatu looga -
gara Arsiitti garuu jecha hiika saalfii/safuu (laboo) qabuu ykn qaama wal hormaata
dubartiif akk ta'eedha. Walittiqabaatti sadarkaalee garaagaraatti addaa addummaan
loogaa Afaan Oromoo keessatti akka mul'atu eeramee jira. Garummoo garaagaarumma
loogaa mul'atu kana dhiphisuuf hojiin hojjetamaa yoo jiraatellee hagas mara jajjabeessa
kan fakkaatu miti. Haata'uutii garuu akka hayyuuleen xinqooqaa tokko tokko ibsanitti
loogawwan Afaan tokko keessa jiran osoo hinwaalta’iin yeroo dheeraadhaaf yoo turan
folloqanii gara afaan biratti jijjiiramaa deemuullee akka dand'aniidha. kanaaf guddinaaf
dagaagina Afaan Oromootiif akkasumaa tokkummaa sabichaa jabeessuuf jecha
Afaanicha waaltessuun lammii mararraa iyyuu gumaacha guddaa eegamuudha.
2.6.4. Garaagarummaa loogawwan afaan oromoo sadarkaa
himaatti mul'atan.
Garee I
Garee II
Garee III
Afaan kamiyyuu loogota adda addaa qabaachuun kan oolu miti. Garuu loogonni afaan tokko
keesatti argaman babal’achuun waliigaltee dhorkanii afaanota adda addaatti akka hinfoxxoqne
eeguun qabxii dagatamuu hinqabneedha. Sababni kun barbaachiseefis, tokkummaafi jaalalli
hawaasichi waliisaaf akkasumas afaanichaaf qabu akka hinlaafneefi. Kanaafuu afaan
walteessuun barbaachisaadha. (Yule, G. 1996)
Afaan waaltessuu jechuun afaan looga garaa garaa qabaatee garuu saba tokkoon dubbatamu
haala garaagarummaa hinfinneen akka sabni sun itti fayyadamuuf haala mijeessuudha. (Fasol,
1984). "Standardization is the process of one variety of a language becoming widely accepted
through out the speech community as asupera- dialetial norm the 'best' form of the language
rated above regional and social dialects" Fasol (1984: 19) Akkaataa hayyuun kun mul'isutti
afaan waaltessuun loogawwan afaanichaa mara keessaa isa caalaatti uumanni itti waliigalu
filachuun hojiirra oolchuudha.
Asher (1994) akka ibsuttis afaan waaltessuun loogawwan afaan sun qabu keessaa tokko
filachuun haala walfakkaataa ta'eefi uummaticha biratti fudhatama qabuun akka
tajaajiluuf hojjechuudha. Haala kanaan, loogni hojiirra yoo oole afaan waalta'e akka
jedhamu hayyuun kun ni ibsa.
Hayyuu biroon Wardhough (1992) immoo waaltina akka armaan gadiitti hiika; Afaan tokko
waalta’e kan jedhamu yoo afaanichatti seeraan itti fayyadamuun danda’ameedha. Akka yaada
hayyuu kanaatti, waaltinni yeroo kan fudhatuufi guddina caaslugaa, qubeesaafi kkf waliin kan
walqabatuudha.
Karaa biroon ammoo Milory (1999) tuqee Mokonnin (2002'15) irratti akka ibsutti
waaltinni adeemsadha. Afaanota warra du'an irrraa kan hafe afaanni martuu kan
jijjiiramu waan ta'eef, hojiin waaltessuu itti fufiinsa qabaachuu qaba. Afaan waaltessuuf
ammoo wantoota barbaachisan Wardhough (1992) akka armaan gadiitti kaa'eera.
Isaanis:
Afaan tokko haala lamaan waalta’uu danda’a. Inni duraa, addeessuudhaan (discriptive)
waaltessuu yoo ta'u, inni biroon ajajaan waaltessuudha,(prescriptive).Addeessuudhaan
waaltessuu jechuun, haala itti fayyadama afaanichaa warra dhimma itti ba'an
barsiisuudha. Ajajuun ammoo hojiirra oolmaa waaltinaaf jecha seerri isaa kana jechuun
kaa'uudha. Seerri kunis kan irratti rawwatamu warra afaanicha fayyadaman irratti. Kana
ilaalchisee, akka Mokonnin (2002) Crystal (1987) waabeffachuun ibsutti, afaan
waaltessuuf karaa filatamaan, fayyadamtoota afaanichaaf gorsaafi odeeffannoo ga'aa
kennudha. Garuu hojiin waaltinaa akka galma ga'uuf ajajuunis barbaachisaadha.
Karaa biraan ammoo, hayyuun Stewart, (1976) adeemsi afaan waaltessuu karaa idileefi
miti idilee ta'een akka raawwatu ibsa. Akka ibsa hayyuu kanaatti idileedhaan
waaltessuun qorannoo saayinsawwaa geggeessuun itti yaadameefi karoorfameeti; miti-
idileedhaan waaltessuun garuu osoo itti hinyaadamiin hawaasi afaanichaan waliigalu
jiruufi jireenyasaa guyya guyyaa keessatti itti fayyadamuun kan ta'udha.
Afaan waalteessuuf sadarkaaleen keessa darbamuu qaban kanneen armaan gaditti duraa duubaan
argamanidha.
Afaan waaltessuu keessatti hojii ijoon looga ykn loogawwan bu'uuraa filachuudha.
Loogawwan kunneen waaltina afaanichaaf ga'ee guddaa waan qabaniif jalqabarratti
ofeegannoodhaan isaan filachuun murteessaadha. Mokonnin (2002) Anser (1974)
eeruun akka ibsutti, afaan tokko waaltessuuf haala armaan gadiin loogawwan filachuun
barbaachisaadha. Yaada kanarratti yaad-iddamoota lamatu jira. Isaanis:-
Haa tahu malee, Inni lammaffaan garuu loogota hunda haala walqixa ta’een waan ilaaluuf
mormii hawaasa gidduutti ka’urraa walaba tahee argama.
Tooflaa armaan olii fayyadamuun looga bu'uuraa filachuun rakkoo inni qabu Mokonnin
(2002) Anser (1977) wabeeffachuun akkanaan ibsa: loogni afaan tokkoo akka
bu'uuraattii filachuuf ulaagaalee kanaan gaditti tarreeffaman guutuu qaba. Ulaagaleen
kunneenis:
ragawwan barreeffamaa qabaachuu
tajaajila sabquunnamtii laachuu
uummatichi akka bu’uuraatti kan ilaaluufi ilaalcha gaarii kan qabuuf ta’uu
Moggaasa qubee - Afaan tokko walta’uuf qubee looga hundaaf ta’u qabaachuun og-barruu
barreeffamaa qabaachuun isaa dhimma murteessaadha. Qubeen afaan tokko bakka bu’uuf
filatamus ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:
Loogni bu'uuraa akka waalta’uuf filatame tokko hawaasa afaanichaan waliigalu biratti
fidhatama kan qabu ta’uu qaba. Kun yoo ta’e ammoo afaan waalta’e sun hawaasichaaf
akka mallattoo eenyummaafi hundee tokkummaatti; akkasumaas akka mallaltoo
walabummaa ta’ee nigargaara. Akkuma beekamu namni tokko midhaan facaasee hamma inni
firii barbaachisu argamsiisutti tajaajilarraa eegamu nikennaafi. Haaluma kanaan, yemmuu
ilaalamu, afaanis waltaa’eera jennee biraa deebi’uu osoo hintaane, qaamoleen dhimmi kun ilaalu
kanneen akka sab-quunnamtiifi Akkaadamii Afanii kallattii adda addaan keessatti hirmaachuun
kunuunsuun irraa eegama.
Afaan tokko akka waalta'uuf warri afaanicha dubbatan qooda guddaa gumaachuturraa
eegama. Sababiin isaas, afaanicha waaltessuuf loogni giddu-galeessa ta'e tokko yoo
filatamu, gareen loogni kansaanii ta'e hinfilatamin hafe ilaalcha masaanummaa kan
garee filatameerratti akka hinqabaannedha. Yaada kana irratti wardhough (1992) akkas
jedha: Selection of the norm may prove difficult because choosing one vernacular as a
norm means favoring those who speak Owt vwlety. that also diminished all the other
varieties and possible competing norms and those who use those varieties.'
Kanaaf looga bu'uuraa filachuurratti uummaanni akka hirmaatuufi yaada itti kennu
gochuun barbaachisaadha. Kana malees, loogni filalamu tajaajilamtoonni maraa kan
walii galaniifi giddu galeessa ta'uuturraeegama.
Itti dabalees, koree waaltinaa kun hojiiiwwan hayyoonni Oromoo hojjetan addaa addaa
gulaaluun maxxansee hojiirra akka oolaniif qooda isaa gumaacheera, Kunneen keessas
kan akka Afoola Oromoo jildii 1-5), Wiirtuu (jildii. I-7), Mammaaksa Oromoo, wkf
akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda'ama.
Kara biraan, kitaabileen barnootaa kutaa 1 ffaa-12ffaa tti Afaanichaan barraa'anii hojiiraa
jiranis waaltina afaanichaaf qooda gaarii gumaachaa akka jiran ifaadha. Kollejjota
mootummaafi dhuunfaa keessattis moojuloonni adda addaa afaan kanaan barraa'anii
hojiirra oolaa jiru. Isaan kanaan alas, galmeeleen jechootaa garaagaraa, kitabileen
seerlugaa Afaan oromoo, Asoosamoonni addaa addaa, Walaloowwanii fi Afoolotni
hayyootaafi lammii guddina afaanichaatii quqquqamaniin burraa'anii dhiyatan waltinni
Afanichaa sadarkaa ammarra jiru ga'uusaatiif Oolmaan isaan oolan akka laayyootti kan
ilaalamu miti.
Afaan Oromoo waaltessuuf hanga ammaatti wanti hojetame akkuma jiruttti ta'ee, gara
fuula duraatti sadarkaan waaltina afaanicha akka fooyya'uuf hawwaasi,
Mootummaanifi hayyoonni oromoo ammallee shoora olaanaa taphachuu qabu.
Yaada kana irraa kan hubannu hojiirra oolmaa waaltina afaaniif tooftaan garaagaraa
yoo jiratellee, kara manneen barnoota hojiira hayyuuleen meesahaalee barnootaa
qopheessuu irratti boba'an afaan kana waaltessuuf dirqama lammummaa akka irra jiru
beekaanii adda durummaan ykn fakkeenya ta'uudhaan (model for others haala
waalta’aa ta'een afaanicha barsiisuufi guddisu keessatti qooda fudhachuun akka
akka irraa eegamu guddina afaanichaaf kan hinaafutti himuun hinbarbaachisu.
Imaammanni afaanii, afaan mootummaa biyyoolessaafi naannoo keessatti kan qaamni mootummaa kamille itti
gaafatamummaa bulchinsa isaaf seera baasuun murtee ittin kennuu danda’u; akkasumas, afaan dhaabbileen
dhuunfaa tajaajila hawaasummaa gama barnootaan, fayyaaf kennaniifi tajaajila biroo keessatti hojiirra ooluuf
bahuudha. Karoorsi afaanii imaammata afaanii kan kaayyoo, gooroo hawaasa biyyattiif qophaa’erratti
xiyyeeffata. Kanaaf, karoorsi afaanii raawwii imaammata afaanii irratti ga’ee guddaa taphata jechuudha.
Yeroo ammaa addunyaa kanarralti saaynitistoota, artistoota, barreessitoota, namoota siyaasaafi hooggantoota
hawaasaa kan dhiphisaa jiru aadaafi afaanota dhabamaa jiran baraan+ph~. Afaanota addunyaa gara kuma ja'aatti
lakkaa'aman keessaa walakkaqn isaanii jaarraa 21 ffaa keessatti balaan baduu isaan quunnamee jira. Sababoota
hedduun badiinsa kanaaf sababa ta'an keessa: baay'ina saba afaanicha dubbatu, tajaajila afaanichi waliigaltee
idilee keessatti qabu, haala teessuma lafaa hawaasichi irraatti faca’eefi sadarkaa qabeenya hawaasicha eeruun
nidanda’ama. Biyyoonni hedduun hawaasa afaanota hedduu dubbatu qabu. Kana jechuun immoo afaanota
hedduutu biyya sana keessa jira jechuudha, Afaanota kanniin tajaajila isaan biyyattii keessatti qaban
murteessuun barbaachisaadha. Mootummaan tajaajila afaan biyyatti imaammataan ifa gochuu qaba.
Gama mirga afaanitti fayyadamuu daangessuufi daangessuu dhiisuutiin afaan kallattii lamaan ilaaluun
nidandaa’ama. Isaanis:- imaammata wal-qixxummaafi imaammata daangeffamaa jedhamu. Imaammata wal-
qixxummaa keessatti afaanonni kamiyyuu, guutumaan guutuutti wal-qixa jedhamanii waan amanamaniif,
dubbattoonni afaan kamiyyuu afaan dhalootaa isaaniin tajaajila akka argataniif imaammata hordofamuudha.
Fakkeenyaaf, biyya Afirikaa Kibbaa keessatti afaanonni kudhatokko tahan haala wal-qixa taheen waajjiraalee
mootummaafi tajaajila uummataa kam keessattuu akka tajaajila kennan karoorfamanii hojiirra oolaniiru.
Faallaa kanaan immoo, imaammanni afaanii daangaa’an, afaanota tokko tokko hanga isaan itti guddifamanis
tahe wal-danda’uun tajaajila kennuu dandaa’an daangeffamaadha. Kana malees, bakkisaan itti fayyaduu
dandaa’an raawwatee daangeffamaadha. Fakkeenyaaf, yeroo ammaa kana biyya Itoophiyaa keessatti
wantoota mul’atan yoo ilaalle, waajjiraalee mootummoota naannoo keessatti afaan hojii tahee tajaajila
kennuu kan danda’u, tokko tokko naannicha keessatti murtaahee jira. Kanaafuu, afaan mootummaa naanoo
tokko keessatti tajaajila kennu isaa biraatti ce’ee dhimma baasuu hindanda’u. Garuu bakki adda tahe tokko
tokko jiraachuu nidandaa’a.
Biyyota rakkinni imaammata afaanii qopheessuu jiru keessummaa biyya Afirikaa keessatti walga’ii biyya Zimbaabuyee
keessatti bara 1997 geggeeffameen qajeelfamni bahe kan asitti aanee jirudha.
Imaammanni afaanii hundinuu mul’ata biyyi tokko qabdu haala amansiisaa taheen gara fuula duraatti kan
tarkaanfachiisu tahuu qaba.
Biyyi kamiyyuu imaammata afaanii mul’ataa tahe qabaachuun afaanota biyyattii keessa jiran keessaa kamtu
eessatti tajaajila kennuu akka danda’u beekamuu qaba.
Qajeelfamoonni imaammata afaanii qopheessuufi hojiirra oolchuuf bahan marti labsii qaama mootummaan
mirkanaa’uu qaba.
Imaammanni biyya kamiiyyuu jijjiirraadhaaf kan ofqopheesse tahuu qaba.
Qaamni imaammata afaanii qopheessuufi hojiirra ooluusaa ta’atu sadarkaa biyyaatti jiraachuu qaba.
Walumaagalatti, biyyoota guddataa jiran keessatti qajeelfamni afaanii kan barbaachiseef, rakkinaawwan kallattii
imaammata afaaniin mul’atu furuufidha.
Kutaa kana keessatti imaammata afaan barnootaa biyya Itoophiyaa keessatti maal akka tureefi maal akka
fakkaaturratti xiyyeeffanna. Kana jechuun imaammata afaanii warraaqa duraafi booda ture ilaaluuf yaalla
jechuuf yaadameeti. Imaammata afaanii Itoophiyaa keessa warraaqsa 1974'n dura ture bakka lamatti qooduun
ilaallu nidandeenya. Isaanis; imaammatni afaanii bara kolonii xaaliyaaniifi bara mootummaa abbaa Gonfoo
keessa ture.
Imaammanni mootummaa Hayilasillaaseen dura ture heeraafi seera mootummaatiin beekamee labsiidhaan
waan hinbaaneef, imaammata dhokataa jedhama. Itoophiyaa keessatti jalqaba afaan hojii kan ture Afaan
Gii’iiziiti. Booda garuu Tiwoodiroos afaan hojii mootummaa biyyattii Afaan Amaaraa taasise. Yeroo kolonii
xaaliyaanii keessa (1935-1941 G.C) manneen barnoota mootummaa akka koloneefaattootaaf mijaawaa ta'utti
imaammata afaanii baasanii turani. Akkasumas imaammata afaanii guutumaan guutuuttiyoo tahuu baates,
akka sabaafi sab-lammoota biyyattiitiif mijatutti qopheessuuf yaalaniiru. Haalli kun immoo imaammata
afaaniirratti jijjiirama bu'uuraa fidee ture. Imaammanni afaanii bara 1938 Xaaliyaanotaan ba'e bulchiinsa
biyya Itoophiyaa bakka ja'atti qoodee ture. Isaanis:
Imaammanni afaanii kun Sabaafi sab-lammiin kamiyyuu afaan dhalootaa isaaniitiin barnoota sadarkaa 1 ffaa
akka barataniif ba'e. Imaammatni kun bara 1936 Gaazexaadhaan biyyaaf labsamee ture.
Imaammanni afaanii bara mootummaa abbaa gonfoo keessa qophaa'e, faallaa imaammata afaanii bara
xaaliyaanii ture. Kana jechuun, afaan sabaafi sab-lammootaa hacuucamuun, afaan murtoofte qofaan
barnoonniifi hojiin akka adeemsifamuuf ture. Innis mamneen barnootaa bakka lamatti qooduun afaan ittiin
barsiifamus daangaa godhate. Mana barnoota aadaa keessatti afaan Gi'iiziifi afaan Arabaa yoo ta'an; mana barnoota
ammayyaa keessatti immoo Afaan Faransaay akka afaan barnootaattii (medium of instraction) akkasumas, Afaan
Amaaraafi Afaan Ingilizii immoo akka gosa barnoota tokkotti akka kennamuuf imaammanni ba’e. Mootummaan abbaa
Gonfoo imaammata afaanii keessati afaanota Awurooppaa akka fayyadamuuf kan isa kakaase:
Haaluma kanaan, warraaqa bilisummaa Itoophiyaa kolonii xaaliyaaniin booda imaammanni afaanii bara 1941
eegalee Afaan Amaaraa kutaa lamaa jalqabee akka gosa barnoota tokkootti akka barsiifamuuf yoo murtaa'u
Afaan Ingilizii immoo akka afaan barnootaatti akka tajajila kennu taasifame. Itti fufunis, bara 1947 irraa
eegalee Afaan Amaaraa kutaa tokkoo eegalee akka gosa barnoota tokkootti barsiifamuu jalqabe, Haaluma
kana fakkatuun, haaromfamuun heera Itoophiyaa bara 1955 imaammata afaanii ilaalchisee Afaan Amaara
qube mataa isaa wajjin akka afaan barnootaatti tajaajiluuf labsiin bahe. Labsiin kun qabatamaan kan hojiirra
oole naannoo bara 1962tti afaan Amaaraa akka afaan barnoota sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-6tti tajaajiluufi Afaan
Ingilizii immoo kutaa 3 jalqabee barsiifamuuf murtaahe. to introduce English at grade 3 on the ground that
introducing/WO languages, namely Amheric and English, simultaneously at grade I would
demanding for non-Amharic "speaking Children. It is also stated in the document that Amheric
would serve as medium of Instruction at 14 the primary level grade 1-6 Alamu H. (2004:9)
Mootummaan abbaa irree haala siyaasa isaaf jecha, jalqabarratti immaammata afaaniii fooyya'aa ta'e qabatee
hojii eegale. Ergamni imaammatasaas, siyaasa mootummaa haarawaa bifa ariifataafi cimina qabuun
tarsiimoo isaa uummata biraan ga’uuf akeekeeti. Haata’u malee, gara qubee laatiniitti erga jijjjiiratanin booda
dafanii guddachuu jalqabani. Jijjiiramni barreeffamaa kun immoo siyaasa kan ofkeessaa qabuufi uummanni
Itoophiyaa harki caalaan Afaan Amaaraa akka afaan bittaatti waan ilaalaniif jijjiirama kana booda laaf'iisaa
adeemani.
Imaammata afaanii bara mootummaa cee’umsaa booda jiru Dr. Alamuun akka armaan gadiiti kaa'aniiru. The
transitional government Ethiopia passed the resolution that every nation and nationalities had the right to use
their languages as media of instruction at the primary level depending on their own deseiol1 "Alamu H.
(2004: 16). Yaada armmaan oliirraa kan hubatamu imaammanni afaanii mootummaa cee'umsaa seeraafi heera
biyyattirratti erga ibsameen booda sabaafi sab-lammoonni afaan isaaniitiin barnoota sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-
6tti murtee isaaniitiin akka barataniif ba'e. Kun immoo jijjiirama guddaadha. Keessumaa afaanota sirnoota
darban keessa hacuucamaa turaniiif mootummaan cee'umsaa yerootti ibsaa ibseefidha.
Walaumaa galatti, imaammata afaanii Itoophiyaa keessatti bara waarraaqa Xaaliyaanii qabee hanga har'aatti jiru
keessatti rakkooleen adda addaa akka turaniifi bara mootummaa cee'umsaa keessa jijjiiramni guddaan akka
dhufe ilaallee jirra. Kanaaf, imaammanni afaanii rakkoo dinagdee biyya tokkoof furmaata ta'a jedhamee
yaadama.
Duula Barnootaa- imaammanni afaanii fooyya'aan bara mootummaa abbaa iree keessa ba'e, akka ba’eetti
hojiirra hinoolle. Akkasumas, haala qabatamaa raakkoo biyyattii hiikuu hindandaeenye. Haalli kun yaada warra
Raashiyaa (Markist-leninist) imaammata sab-lammii jedhu fakkeessuuf ture. Duulli barnoota biyyoota baay'ee
keessatti waraana addunyaa lammaffaa' booda jalqabe. Xiyyeeffannoon isaas barnoota bu'uuraa ga'eessotaaf
kennu ture Kaayyoo guddaa duula barumsa kanaa rakkina siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa furuu kan
ofkeessatti qabatedha. Rakkinoota sana keessaa tokko duula barnootaaf afaan inni kami filatamuu akka qabu
xiyyeeffannoon hinlaatamneefi. Akka karoora isaaniitti Afaan Oromoofi Tigiree dabalatee afaanota kudha shan
(15) imaammata afaaniitif baasanii turani.
Qabxii lammaffaan, afaan filatamuuf qubee kamtu mijataadha kan jedhuudha. Afaannoonni muraasni barnoota
al-idilee (bu'uuraatiif) filatamanii qubee saabaatiin akka barsiifaman taa’aniru. Kun immoo afaanota akka Afaan
Oromootiif qubeen saabaa mijaata miti. Fakkeenyaaf, laafaa- jabaa, dheeraa-gabaabaafi kan kana fakkataniifi.
Gabaabumatti, imaammanni afaanii bara mootummaa abbaa irree keessa tures kan bara mootummaa abbaa
gonfoo keessa turerraa baay'ee hinfagaatu. Sababnisaas, imaammanni afaanii mootummaa abbaa irrees afaan
saba muraasaa giddu galeessa godhachun afaan saboota biroorraan dhibbaa geessisaa ture.
Baroota darban keessa imaammanni afaanii kan baay'ee rakkisaafi rakkinoota aadda addaaf kan saaxilame ture.
Bara mootummaa cee'umsaa (Transitional Government of Ethiopia) keessa imaammanni afaanii kan sirnoota
darbaniirra fooyya'aa dhufe. Kunis kan ta'e: seraafi heera biyyattii keeyyata 5: 1, 5:3 keessatti afaanonni
Itoophiyaa hunduu walqixa beekamtumma akka argatan ibsameera. Boodarra afaanonni Kushiitikiifi Oomootik
baay’ee qubee isaanii qubee laatiniitti jijjiirrataniiru. Keessumaa afaanonni akka Afaan Oromoofi Afaan
Sumaalee kallattumaan.
Inni lammaffaan dhaabbachuu muummee qooqilee Itoophiyaafi Og-barruu yoo ta’u; kunis
afaanota sabaafi sab-lammii akka hinbannnef jedhame kan dhabbaatedha. Inni sadaffaan immoo birkiilce
Minsiteera barnootati. Dhaabachuun birkiilee kanaa afaan karoorsuu galmaan gahlluf dhaabbilee beekamoo
sadii ofjalatti qabatee ture. lsaanisi:- muummee tamsaasa Raadiyoo barnootaa, dhaabbata meeshaalee
barnoota maxxansuuli raabsudha. Imaammanni afaanii kan barbaachiseef afaanonni addunyaa akka
guddataniifi afaanonni akka hinbanne eeguuf jedhameeti.
Imammanni afaaiin akaakuu garaa garaa qaba. Isaanis; Imammata biyyaa keessa, imaammata
biyyaa alaafi imaamata walmakaa kan jedhamanidha.
Imaammata bara koloonii xaaliyaanii keessa ture yoo fudhanne akka bulchinsa xaaliyaaniitti imaammanni
ishee bulchinsa jahatti qooduun haala faca'insaa afaan biyyattiin barnoota kennuuf bastee turte. Kan biroo
immoo Imaammanni afaanii bara mootummaa Haayilesillaassee bifa lama kan qabuudha. Innis kan koloonii
duraafi kan koloonii boodaati. Bara kolooniin dura afaan Faransaay afaan barnoota yoo ta'u Afaan Ingiliziifi
Amaaraa immoo akka gosa barnoota tokkootti kennamaa turan. Kolooniin booda garuu afaan Ingilizii akka
afaan banoolaatti yoo fudhatamu hanga naannoo 1962 Afaan Amaaraa akka gosa barnoota tokkokotti
kennamaa ture. Bara 1962 eegale garuumana barnoota sadarkaa 1ffaa tti afaan barnoota ta'ee eegalame.
Imaammanni afaanii inni 3ffaa immoo imaammata bara mootummaa abbaa irree keessa turedha. Bara kana
keessa imaammanni isaa hanga tokko fooyya'aa waan tureef ummataan fudhatama argachllu danda'ee ture,
kun immoo haala siyaasa isaa tasgabbeesuuf kan godhame malee hanga dhumaatti deemuu hindandeenye.
Akkuma bara mootummaa abbaaa gonfoo afaan tokkoofi biyyaa tokko jedhu waan qabatee tureef afaanota
sabaafi sablammii hacuuccaa guddaan irraatti godhamu itti fuufe ture. Haata'u malee, barnoota bu'uuraa
yookiin duula barnootaatiif afaanota sabaafi sab-lammii kudha afur (14) imaammatni irratti bahu danda'ee
ture. Kun immoo ilaalcha warra Markistleninist) fakkeessuuf malee duulli barnootaa harki caalaan afaan
Amaaraan kennamaa ture.
Walumaagalatti, imaammanni afaaniifi karoorsi afaanii wal-qabatanii kan deeman yoo ta'u; rakkoo guddaan
sabaafi sablammoota afaan adda addaa dubbataa turanirra tureera. Haalluma kanaan imaammanniifi karoorsi
afaanii bara mootummaa cee'umsaa keessa xiyyeeffannoo argateera.
Afaan karoorsuun filannoowwan jiran keessaa akka filannoo ifaatti ilaalama. Kana keessatti afaanota jiran
waliin madaalsisuun kan gaarii ta'e keessa fudhachuudha. Kun immoo hawaasni haala ifaa taheen dhimma adda
addaatiif itti fayyadamuf filannoo qabaachuu isaa agarsisa. Filannoon hawaasaa kun immoo karoora afaaniitiif
haala mijeessa. Karoorri afaanii afaaniif hiika kennuuf jedhamee jalqabame. Rakkoo afaanii hordofuun akka
fala kennuufis gargaareera. (Jernudd 1973:17, Haugen 1966b:S2). Yaad-rimeen afaan karoorsuu kan alqabame
Impaayera Roomaa keessatti ture. Babal’achuun Impaayera Roomaa biyyoota Awurooppaa keessaatti dhalachuu afaan
Roomaanotaa fide. (Baroota 750Dh.K.D_200 Dh.K.B,) Roomaanonni afaan karoorsuuf osoo hintaane, afaan isaanii
babal’ifachuuf yaadaniitu.
Karoorsa afaanii keessatti afaanonni filatamuun isaanii dirqama yoo ta'aniyyuu hawaasa guutuu biratti fudhatamummaan
isaa mikaana'uu qaba. Kana jechun, afaan karoorfamuuf kun baruuf yeroo hangamii fudhata/salphaatti baratamuusaa,
barreeffamaaf kan salphatu ta'uusaa, sadarkaa uummataattis fudhatamuummaa inni qabuufi ga'umsa tuuta jechootaa inni
qabu ilaalcha keessa galuu gaba. Karoorsi afaanii yeroo baay'ee mootummaan kan keesaatti qooda olaanaa fudhatudha.
Haata'u malee, jijjiirama afaanii keessatti dhaabbanni amantaa, sabaafi sablammootaa, abbootiin qabeenyaafi
dhuunfaanillee qooda keessatti fudhachuu danda'u. Haaluma kanaan maalummaa karoorsa afaani i1aalchisee 'yaada,
hayyuuleen xiinqooqa adda addaa karaa garagaraan kaa'an gabaabinaan you ilaallu;
Karoorsi afaanii qindoominaafi guddina afaaniitii qophaa'uufi saganteeffamudha. (Dos Guptal, 1973)
Afaan karoorsuun yaalii hayyuuleetiin guddina afaan tokkoo kessatti, ofii fedhaniraa qajeelchuuf muuxannoofi beekumsa
duraaniirrattii hundaa’uu raaguufi dhiibbaa geessisuun godhamudha. Fishman, 1968:674)
Karoorsi afaanii jijjiirama afaanii kan itti yaadamee ta’uudha. Kunis sirni moggaasa qubeefi jechaa kan afaansaa
keessatti tajaajilanii dhabbata mirgaafi aangoosaa qabuun karoorfame rakkoo afaan sana keessatti mul’atuuf
furmaata kan ta’u murteessuu jechuudha. (Rubin and jenudd, 1971)
Afaan karoorsuun yaalii rakkoo afaan tokko keessa jiru furuuf godhamu yoo ta'u, yeroo baay'ee sadarkaa
biyyoolessaatti unka, tajaajila yookiin lamaanirratti xiyyeeffachuun kan geggeeffamudha. (Karam, 1974)
Tarkaanfii afaan tokko waaltessuuf fudhatamu kan filannoo loogaa, moggaasaafi haala tokko tokko
keessattimmoo amala addaa afaan tokkoo ifa baasuufi fayyadamtootaaf tamsaasun kan walqabatedha.
(Gorman 1973)
Walumaagalatti, hikkaawwan afaan karoorsuu hayyoota adda addaatiin kenname kanneen irraa kan hubatamu afaan
kan karoorfamu rakkoo afaanii hawaasa keessatti mul’aturraa ka'ee, hawaasni garaagaraa afaan tokkotti bifa
walfakkaatuun akka itti fayyadamuuf karoorsi afaanii akka barbaachisaa ta'e salphaatti hubatama.
Akka beektonni adda addaa qoodanitti, gosoonni karoora afaanii baay’ee yoo tahanillee, isaan gurguddoo
tahan armaan gadii yaa ilaallu. Isaanis: karoora sadarkaa afaaniifi karoorri korpasii jedhamu.
A) Karoora sadarkaa afaanii (Status planning)- gosti karoora kanaa yeroo tokko tokko karoora
hawaasummaa yookiin karoora alaa jedhamuun waamama. Karoorri sadarkaa faayidaa yookiin bifa
afaanichaa akkasumas mirga namoota afaanicha dubbatanii ni eega. Kaayyoon gosa karoora kanaas,
afaanota biyya tokko keessatti argaman faayidaa adda addaa bakka garaagaraatti akka qabaatan
taasisuudha. Fakkeenyaaf, yeroo hawaasni tokko afaan isaaniin daa’imman isaanii akka hinbarsiifneef
daangeffaman, sadarkaa afaanichaa gadi –bu’a. Faallaa kanaan ammoo wayita mootummaa afaan duraan
hojiif hinoolle, afaan hojii waajjiraa, afaan barnootaa akkasumas afaan qu’annoofi qorannoo taasisuun
beekamtii kennuuf afaanichi sadarkaadhaan oli kaa’aa yookiin fooy’aa adeema. Haalli kun kan nu
hubachiisu, sadarkaan afaanii dhimma adda addaarraan kan kahe ol ka’uu yookiin gadi bu’uu danda’uu
isaati.
Akka qaama siyaasaa biyya tokkootti, karoorri sadarkaa qu’annoofi qorannoo ogeessotaan akkasumas qooda
fudhannaafi gorsa ogeessota xinqooqa hawaasummaafi barsiisotaan kan qophaahudha. Akka beekaan afaanii
Bomgbose (1971:25) ibsuttis, karoorrii sadarkaa afaanii gosoota sadiitu jiru. Isaanis:- afaan hojii, afaan
barnootaafi afaan waliigalaa jedhamu. Karoora afaan hojii adda baasuu keessatti afaan isa yookiin warra
kamiitu hojii waajjiraalee mootummaa keessatti faayyadu qaba jechuun kan karoorsu yemmuu tahu, karoora
sadarkaa barnootaa keessatti immoo afaan isa yookiin warra kamiitu sadarkaa barnootaa kan mootummaa
giddu-galeessaa yookiin kan naannoo keessatti tajaajiluu akka qabu kan wixinudha. Karoorri sadarkaa
waliigalaa kan wixinu immoo karoora afaan yookiin afaanota kamtu hojiiwwan daldaalaa biyya tokkoof,
tajaajila sab-quunnamtii keessaafi alaa akka oolu/oolan kan murteessudha. Karoora sadarkaa afaanii
keessattis, baay’inni qaama hawaasa afaan akka keessatti tajaajila kennuuf filatamuu, caalee argamuu
sadarkaa afaanichaatiif sababa isaa jalqabaati. Qaamoleen hawaasaa filataman kunneenis, mootummaa,
Paarlaamaa, mana murtii,caasaa bulchiinsa mootummaa, barnoota, daldaalafi sab-quunnamtii fa’i.
Walumaagalatti, afaan karoorsuu keessatti, sadarkaa afaanotaa murteessuuf yookiin ulaagaaleen
barbaachisoo tahan kanneen asitti aananii jiraniidha. Isaanis: afaanichi sadarkaa barreeffamaaf ooluu
danda’uu; caas-luga wabeeffatamuu danda’u qabaachuu; afaanichaan barreeffamee kan dubbifamuuf oole
gahaa tahuu; seera barreessuu waalta’e qabaachuu; galmee afaanichaan qophaahe qabaachuufi k.k.f dha.
B) Karoora korpasii (Corpus planning)- Akka Bomgbose (1971:110) jedhutti, gosti karoora kanaa yeroo
tokko tokko karoora xinqooqaa yookiin karoora keessaa jedhamee waamama. Sababni akkas
jedhameefis, sadarkaa afaanichaa gama faayidaarra ooluu qabuun kan xiinxalu osoo hintaane, dandeettii
ijaarsa keessaa afaanichaa gabbisuurratti kan xiyyeeffatu waan taheefi. Qabxiilee karoora korpasii
keessatti raawwatamuu qaban keessaa baay’een kanneen asitti aananii tarreeffamaniidha. Isaanis: qubee
afaanichi osoo ittiin barreeffamee filatamaa tahu qopheessanii dhiheessuu; seera qubeessuu kan
waliigalaa afaanichaa qopheessanii hojiirra oolchuu; seera caasaa afaanichaa erga qorachuun adda
baasanii booda murteessuu; jechoota afaanichaa gabbisuufi ammayyeessuu; galmee jechoota afaanichaa
qofaatti yookiin afaan biraan wal-bira qabanii qopheessuu; qubeewwaniifi jechoota wal-simsiisuu
yookiin waaltessuu; jechoota afaanii babal’isuufi hojiiwwan adda addaa gara afaanichaatti jijjiiramanii
barreessuudha.
Dimshaashumatti, qabxiilee armaan oliirraa kan hubannu, afaan tokko karoora sadarkaa keessatti bakka ol-
aanaa akka qabaatuuf, karoorri korpasii kanaan dura hojjetamee taahe dhihaachuudha. Kanaafuu, walitti
dhufeenyi karoora sadarkaafi karoora korpasii afaan tokko haala kanaan mul’achuu akka danda’uudha.
Afaan karoorsuun sababoota hedduuf geggeeffama, sababni inni guddaan fedhii hawaasummaafi siyaasaati. Biyyoota
afaanonni hedduun keessa jiran keessatti imaammanni afaaniifi afaan karoorsuun dirqama ta'a.
Yoo afaan karoorsuun hinbarbaachifne sabaafi sab-lammiin biyya tokko keessatti aadaafi amantaa mataa issanii qaban
akka biyyaatti wal hin hubatani jechuudha. Afaan loqodoota hedduu qabu keessatti immoo hojiin afaan karoorsuu
hedduu nama gaafata. Loqodoota jiran keessaa tokko filanii looga waaltawaa kan barnootaa, kan mootummaafi kan
waliigaltee bal'aa gochuun hojii karoorsuu guddaa nama gaafata.
Afaan karoorsuun garaagarummaa loqodoota gidduu jiru salphisuun qaamni hawaasaa martuu akka walqixxee
fayyadaman gochuudha. Afaan karoorsuun sadarkaa mootummaa malee sadarkaa gad-aanuttillee raawwachuu
nidanda'a. Fakkeenyaaf, afaan sabaa, afaan amantaa yoo kan karoorsinu ta'e sadarkaa mootummaatti ta'uu dhiisuu
danda'a.
Barbachisummaa afaan karoorsuu gabaabsinee yeroo keenyu;
…Both governmental and social institutions must effectively and equitably meet the need
of the population so that groups varied in linguistic rep1rloire have an equal 0f
Opportunity to participate in their government an to receive service from their
government. (Fosold, 1984:272)
Walumaagalatti, afaan karoorsuun hojiilee qo'annoo afaaniifi adeemsa isaatti hiika kennuu danda'a yaada jedhu of
keessaa qaba.
Barataa/ttuu, kutaan kun ammoo afaan karoorsuu lamaan si barsiisa. Kanaaf, mata dureen kun kaayyoolee asitti aananii
jiran waliin siif dhihaateera.
Biyyoota afaan hedduu qaban keessatti afaan siyaasa mootummaafi akka meeshaa giddugaleessaatti (medium of
instruction) barnootaaf fa'u filachuun yeroo hunda rakkina addunyaa bal'aati. Hayyoonni hedduun biyyoota af-hedduu
ta'an keessatti af-hedduun barnoonni akka hinmilkoofneef sababa hintahu waan jedhaniif of-eeggannoo guddaadhaan
hojiin karoorsa afaanii akka itti adeemamuu qabu lafa kaahu. Haaluma kanarraa ka'uun, beektonni karoorsa afaanii
tooftaa lamaan jiru keessaa tokkoon karoorsuun akka danda'amu ibsu.
Tooftaan kun rakkoo beekamtummaa hawaasaa araan isaa wajjiniirratti xiyyeeffata. Kana jechuun, wal-quunnamtiif
haalli keessatti dubbatamu caasaa dubbichaafi walquunnamtii godhamu sana xiyyeeffachuun karoorsuun akka
danda'amu beektonni ni ibsu.
Barataa/ttuu, hanga ammaatti maalummaa afaan karoorsuu, barbaachisummaa isaafi dhihaannaawwan afaan karoorsuuf
barbaachisan baratteetta. Amma immoo namoota afaan karoorsaniifi haala ittiin afaan karoorfamu ilaalta. Kanaaf, mata
dureen kun kaayyoolee asitti aananii jiran waliin siif dhihaateera.
Gaaffii afaan eenyutu karoorssa jechuuf beektonnii namni kamillee karoorsuu danda’a jedhu. (haugen, 1966: Ray 1968
Jernudd, 1973 and Rubin, 1973). ',
Karoorsitoonni afaanii hayyuu xiinqooqaa, beekaa (educator), nama seera tumu ykn bulchaa faayidaa imaammata afaan
biyyoolessaaf hojjetudha Language planners “the linguist, educator, legislator, or administrator who must work with
official policies regarding language use (J.Holmes 1993:113). Kana malees, namni dhuunfaafi dhaabbileen adda addaa
afaan karoorsuu keessatti gahee ol-aanaa qabu. Fakkeenyaaf, dhaabbileen amantaa karooraafi itti fayyadama
afaaniirratti dhiibbaa mataa isaanii niqabaatu. Dabalataanis, akkaadaamii afaanii bakka itti beektonni haala itti
fayyadama afaaniirratti murtoo kennan niqabaatu. Akkasumas, namoonni dhuunfaa galmee jechoota afaanichaa
qopheessanis itti fayyadama afaan sanaarratti dhiibbaa geessisuu nidanda’u. Garuu, mootummaan afaan karoorsuuf haala
mijitaa haa qabaatuyyuu malee yeroo hunda hinmilkaa’uuf. Afaan biyya tokko akkamitti karoorfama kan jedhuuf
immoo Rubin, 1971:218-20) duraa duuba 4 lafa kaa’eera.
a) Ragaalee qabatamoo argachuun (fact-finding)- Afaan tokko karoorsuuf osoo hinfilatin odeeffannoo seenduubee
argachuun (background information) barbaachisaadha.
b) Karoorsuu (planning) - Asitti filannoon erga godhameen booda karoorsitoonni kaayyoo, tooftaa karoorsuu
filachuufi bu'aa isaa raajuu The planners will establish goals, select the means (strategies), and Predict the
out come(Rubin 1971:219).
c) Hojiirra oolchuu (implementation)
d) Yaad-deebii kennuu– Sadarkaa kanatti karoorsitoonni akkaataa karoorsi sun itti hojjetu barbaadu.
Meeshaa cimaan mootummaan afaan karoorfame hojiirraa oolchuuf itti gargaaramu sirna barnnootaa
keessaa galchuudha. Afaan karoorfame kan afaan biyyoolessaaf akka ta’u yoo barbaade afaanichi afaan
barnoota gosa hundaafi afaan gidduu-galeessaa barnoota biroof akka ta’uuf labsii baasuudha.
Wantoota karoorsi afaan Itoophiyaa ofkeessatti hamammatu.Yeroo kana mootummaan afaan karoorsuufi
fedhii xiqqoo agarsiisee ture.
1. Haaluma kanaan dhabbileen sadii hunda’anii jiru Akkadaamii afaan biyyoolessaa jalqabaa
2. Yuunivarsiitii Finfinneeti Muummee Qooqilee Itiyoophiyaafi Ogbaruu
3. Birkiilee ministeeraa barnoota garaa garaafi ogummaa aadaa hafuuraa
Xiyyeefannoon dhaabbile kanneen sadan Itoophiyaa keessatti waldaa afaan karoorsuuf dhabatanidha.
Haromsaa caasaafi hojii isaanii bali’suuf mootumaafi waraqa keessatti ga’ee olaanaa taphateera. Haaluma
kanaan, mootummaanis imaamata afaanoota fooyyessuuf akkadaamii afaanoota ithiyoophiyaa akka irra
deebi’amee bocamu godheera. Muummeen afaaniis yuunivarsiitii keessatti hubannoo argatee akka
qorannoo afaanotaatti ofdanda’ee dhabateera ministeeerri barnootaafi muumeen sirna barnootaa
kitaaboota manneen barnnootaaf afaan amaaraa dhabuun afaan amaaraa malee afaanoota sabaafi sab-
lammootaa 14’n barnootaaf akka karoorfamanii ba’an godheera.
Karoora waggaa 10’f (1984-94) qabate keessatti kaayyoolee gurguddaa armaan gadii hamateera.
- guddina afaanootaaf qajeelfama dhimma imaamata afaanootaa garaa garaa
- looga afaanoota adda addaa
- galmee jechootaa tokko tokko afaanootaaf maxanfaman
- looga dubbiif gochimarratti qorannoo adeemsisuuf xiyyeefannoo itti kennaniiru.
Dhimmi kun akka karooratti haqabamuyyuu malee sababa oggeeyyoota dhimmichaaf barbaachisani
hinqabneef yeroodhaf lafarra harkifamuun isaa waan nama gaafachiisu miti .akkuma qabeenyiif
humninama baratee dabalaa adeemeen hojiin kun suuta suuta hojiirra oolaa dhufe.
Akkaadaamiin afaanoota Itiyoophiyaa piroojektii yeroo gabaabaafi dheerraa baafachuun afaanoota
Itoophiyaa jiran keesatti Afaan Oromoo dabalatee afaanoota 14 irratti hahojjetuyyuu maleerra jabeessaan
kan Afaan Amaarraarratti xiyyeefatedha.
Itti dabaluun, qabee jechootaa giddugaleessa Afaan Oromoo,Tigireefi walayittaan qopheessuuf kan
karoora keessa galeefi gara fuula duraattis qabee jechootaa af-lamee jechuun Afaan Amaaraafi Afaan
Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Tigree akkasumas, Afaan Amaarafi Afaan Walayitaa qopheessuf
saganteeffameeree ture.
Cuufaa
Afaan karoorsuu jechuun afaanoota hawaasicha keessa jiran keessaa isa mijaataa ta'e filachuu jechuudha.
Wantootni afaan karoorsuu keessatti hammatamuu qaban keessa qindoomina afaanii, ogummaa dura jiru,
sirna moggaasa gubeefi jechootaa, waalitinessuu, unkaafi filannoo logoota afaanichaaf jedhame yaadamedha
Afaan karoorsuun sababa heduuf barbaachisa. Isaan keessa rakkoo siyaasa-hawaasumma hikuf, loqodoota
jiran filachuuf, afaan biyyaattiif ta'u filachuuf, afaan qoronnoo gochuuf, afaan waaltesuufi afaan naannoo ykn
guutuu biyyaa gochuuf jedhame kan yaadamedha.
Afaan karoorsuu keessatti tooftaalee lama qabna. Isaanis; afaan meeshaalee waliigaltee waan ta'ef tooftaa
meeshummaa afaaniifi inni lammaaffaan immoo rakkoo afaan hawaasaa hiikuu keessatti waan itti
fayyadamnuuf tooftaa xiinqooqa hawaasummaati. Afaan koroorsuu keessatt; qabxileen irratti xiyyeeffatamuu
qaban, addaa hawaasichaa amantaa hawaasichaa, baay'ina dubbaataa, haala ilaalcha siyaasa mootummaa
ilaaluun dirqama ta’a kana yoo xiiyyeeffannoo keessaa hingalichine ta'ee afaan koroorsuun hin danda’amu.
Afaan eenyuutu karoorsaa kan jedhuudhaf hoyyoota xiinqooqaa, beektota afaanii, bulchiinsaa mootummaafi
kkf dha. Yeroo mara namoonni yookiin hayyoonni kunneen afaan karoorsuuf wantoota afur beekuu qabu.
Isaans: dhugaa barbaaduu, karoorsuu, hojiitti hiikuu, yaadarraatti kennuun isaan barbaachisaanidha. .
Afaan karoorsuun biyyaa Itoophiyaa keessatti bara warraaqa Xaaliyaanii kan jalqabe yoo ta’u; bara
mootummaa abbaa irree keessa dhaabbiileen sadii karoorsa afaaniitiif dhagbatanii turan. Isaanis; akkaadamii
afaan biyyoolessa isaa jalqaba, muummee qooqilee Itoophiyaa yuuniwarsiitii Finfinnee keessattiifi
Ogbarruufi Birkiilee Miinisteera barnoota adda addaati. Akkaadamiin biyyoolessaa isa jalqabaa kun
kaayyoolee beekamoo garaagaraa ofkeessa qaba. Guddina afaaniif qajeelfama garaagaraa baafachuu, looga
afaanota adda addaa walitti funaanuu, Galmee jechoota tokko tokko afaanala garaagaraan maxxansuu, looga
dubbiifi gochmaarraatti qorannoo geggeesuufaadha.
Gaaffilee Ofmadaallii
1. Afaan karoorsuu keessatti gaheen mootummaafi dhaabbilee dhuunfaa maal akka tahe ibsi.
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
______________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
___________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________________
Kitaabilee Wabii
Asher. R, (1994) The Encyclopedia of Language and Linguistics. VoL8. .
Oxford: New York, Seoul, Tokyo.
Unpublished MA Thesis.
Unpublished MA Thesis
Rubin, Joan and Jernudd, Bjorn H. (eds.) (1971). Can Language be Planned.
Honolulu: University Press.
ወለጋ ዩኒቨርሲቲ
Faculity of Language studies & journalim የቋንቋዎች ጥናትና ጋዜጠኝነት ፋኩልቲ
SAGANTAA BARNOOTA AFAAN OROMOOFI OGBARRUU
MOJUULA
QOPHEESSITOONNI:
DAANI’EEL LAMMEESSAA
NUGUSAA ABARRAA
Caamsaa 2011
Naqamtee
Baafata
Qabiyyee
Fuula
Xiinloogaafi Waaltina Qooqaa………………………………………..…………………….1
Boqonnaa Tokko: Xiinlooga …………………………………………………….………..4
1.1 Maalummaa XiinLooga………………………………………………….……………4
1.2 Seenaa XiinLoogaa…………………………………………………………………….8
1.3 Gosoota Xiinloogaa ………………………………………………………..………..11
1.3.1. Xiinlooga barsiifataa…………………………………………………………...11
1.3.2. Xiinlooga xiinqooqa hawaasummaa………………………….…….………12
1.4. Dhiyaannaa/Maloota Xiinloogaa…………………………………………………13
Boqonnaa Lama: Looga…………………………………………………………………18
2.1. Maalummaa Looga………………………………………………………………..19
2.2. Addaddummaa looga...................................................................................................24
2.3. Gosoota Loogaa…………………………….……………………………………….34
2.4 Afaaniifi Qoodama Hawaasaa……………………………..37
2.5 Maalummaa Afaaniifi koorniyaa.........................................................................................40
2.5.1 Koorniyaafi Afaan Biyyoota Adda Addaa Keessatti...................................................41
2.5.2 Garaagarummaa koorniyaa..........................................................................................44
2.5.3. Garagarummaa dubbii dhiiraafi dubaraa.....................................................................45
2.5.4 Walitti dhufeenya Afaaniifi Koornayaa Jidduu Jiru....................................................47
2.5.5 Ilaalcha hawaasni koorniyaaf qabu..............................................................................50
2.5.6 Koorniyaa Gita hojiin wal-qabsiisuun.........................................................................52
2.5.7 Yaadxina Koorniyaa Xiinqooqa Keessatti...................................................................53
2.6 Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo……………………………..……57
2.6.1Garaagarummaa loogawwan Afaan Oromoo sadarkaa
sagalee ……………………………………………………………………………………………60
2.6.2Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo sadarkaa
Latii/dhamjechaa…………………………………………….………...61