Sodapdf Converted 22

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 2

Hariiroo Mata duree Qorannoo fi

Bu’uura Yaad-rimee

Kabajamtoota Qooda fudhatoota Keenyaa bakka addaddaa jirtan


hundaaf!
Duraandursa bakka jirtanitti nageenyi isiniif haa ta’uu! jech uudhaan hawwii
qabnuu isinii ibsaa, akka Waajjira Misoomaa fi Karooraa Godina Shawaa Lixaatti
Garee Qorannoo fi Imaammata Misoomaa tiin barreefamoot a gaggabaaboo dhimma
hawaasummaa waliin walqabatan qopheessudhaan kan isiniif dhiyeessaa turre
yammuu ta’uu, hanga tokko hubannoo akka argatan abdii kan qabnu ta’ee,
caalmaatti gama keessaniin kallatti adda addaa tiin yaadni ijaarsaa bal’inaan nuuf
kennamaa turan kan nama cimsuu, ogummaa keenya daran akka fooyyefannuu fi
galteen guddaa kan irraa argame akka turee bal’inaan hubachuu danda’ameera.
kanaafis ammas irra deebi’uudhaan yaada nuuf Gumaachitaniif galata guddaa
qabdu jechaa, ammas irra deebiin Galatoomaa! jenna.
Itti aansuudhaan Qabxiin ijoo Sagantaa keenya guyyaa har’aa keessumaa akka
garee Qorannoo fi Imaammata Misoomaatti gahee n hojii mana hojichaan
qooddamee kennameef keessaa tokko dhimma Qorannoowwan adda addaa
ilaalchisee hojiiwwan raawwatamuu qaban yammuu ta’uu, kuniis;-
1. Akkaataa imaammata mootummaatiin hirmaannaa kutaa dinagdee dhuunfaatiin hojiiwwan
gaggeeffaman irratti bu’aa fi jijjiirama gama kanaan mul’atan irratti qorannoo gaggeessuun
mootummaaf dhiyeessuu;
2. Haala qabatamaa hawaas-dinagdee naannichaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo
gaggeessuu;
3. Dhimmota imaammata dhimma uummataa fi misoomaa ilaalchisee qorannoo gaggeessu fi akka
qoratamus taasisuu kan jedhu dha.

Haaluma kanaan gahee hojii kenname kana irratti hundaa’uun akka garee kanaatti hojiiwwan
qorannoo adda addaa waliin walqabatee akka godinichaatti matadureewwan adda addaa irratti
filachuudhaan qorannoon kan adeemsifame fi qooda fudhatootaaf akkasumas mootummaaf galtee
akka ta’uu taasifameera.
Haaluma kanaan bara 2016 tti dhimmoota adda addaa irratti qorannoo adeemsisuuf saganteefachuun
kan itti deemamaa jirudha.

Kanarraa ka’uudhaan fakkii armaan gadii kana irratti hundaa’uun mataduree qorannoo tokko
fayyadamuun qorannoo adeemsisuuf waan barbaadameef gama keessaniin bu’uura yaad rimee
(Conceptual framework) ka’umsaa qorannoo tiif qopheessinee isinii dhiyeessine kana irratti
hundaa’uun yaada keessan akka nuuf gumaachitan jechaa,kunis;-

➢ Ka’umsa yaadrimee kanaan Mata duree Qorannoo ta’uu danda’aa jettan osoo nuuf ibsitanii.
➢ Hariiroon Mata duree qorannoo ta’a jettanii adda baaftanii fi yaadrimee kana keessatti ibsaman
waliin hariiroon jiruu maal ta’uu akka qabuu fi kkf. yaada keessan akka nuuf gumaachitan
kabajaan isini ibsaa, Yaada nuuf gumaachitaniif maqaa mana hojii keenyaatiin dursinee ni
galateefannaa!

Fakkii 1: Bu’uura Yaadrimee (Conceptual framework)

Waajjira Karooraa fi Misoomaa Godina Shawaa Lixaatti


Garee Qorannoo fi Imaammata Misoomaa
Amajjii,2016
Amboo

You might also like