Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Guyyaa 25/03/2016

Mana Murtii Aanaa Sinaanaatiif


Roobe.
R/Hamattuun Aadde Warqoo H/Muktaar H/Yuunus
Teessoon Aanaa sinaanaa ganda Salqaa Baadiyaa
R/Himatamtuun Aadde Ayishaa Aliyyii K/Gurraa
Teessoon Aanaa sinaanaa ganda Salqaa Baadiyaa

Ijoon himata Kiyyaa Akkaataa Waliigaltee Araaraa gaafa 30/02/2016 Barraahe lakk Galmee
mana murtii Olaanaa Godina Baalee 36214 ta’e keessatti mirkaa’etiin R/Himatamtuun Lafa
Qonnaa fi qarshii 1601(kuma tokkoo fi dhibba jahaa fi tokko)Waliigaltee keessatti gahee koo
ta’ee ibsame akka naaf raawwatuuf himata raawwii dhiheeffachuu ta’a:-

A. Himanni raawwii koo kun bu’uura SDFHH keewwata 378 fi 223 himata dhiyaate dha.
B. Kafaltii seerummaa narraa eegamu nan kafala.
C. Himata raawwii himatamtuudhaaf ofii kiyyaa nan qaqqabsiisa.
D. Anii fi Raawwii Himatamtuun dandeettii Seeraa ni qabna.

Akkuma Beekkamu mana murtii Olaanaa Godina Baaletti ani R/himattuun ammaa Haadha
Budeenaa koo kan ta’an R/himatamtuu waliin dhaaltummaa Abbaa Kiyyaa irratti lakkoofsa
galmee mana murtii Olaanaa Godina baalee kan ta’e 36214 irratti wal falmaa turree dhaddacha
gaafa 30/02/2016 ooleen Waliigaltee araaraa nu dhihheeffanne manni murtii nuuf mirkaneessee
waliigalteen keenya galmeen wal qabatee jira. Bu’uura waliigaltee keenyatiin Lafa Qonnaa
Aanaa Sinaanaa Ganda Qotee Bulaa Salqaa Baadiyaa Naannoo Addaa Tambara jedhamutti
Argamuu fi Bal’inni isaa Miidee tokkoo fi walakkaa ( 1 ½) ta’ee fi Daangessittoonni:-
Bahaan- Obbo Amaan K/Muhaamaad
Dhihaan Obbo Ubeeydaa H/Muktaar
Kaabaan dargaggoo Aasim H/Muktaar
Kibbaan Aadde Makkoo Abdulmajiid ta’an Raawwii Himatamtuu harka waan jiruuf bu’uura
waliigaltee keenyaatiin lafa kana dabarsitee akka naaf raawwattuuf himata dhiheeffadheen jira.
Qarshii waliigaltee araaraa keenya irratti ibsame qarshii 1601(kuma tokkoo fi dhibba jahaa fi
qarshii tokko) dirqamtee akka naaf raawwasttuuf raawwii himatamtuun dhiyaattee akka naaf
raawwattu kabajaan gaafadha.
Kanaafuu, R/himatamtuun lafa Qonnaa fi qarshii himata kana keessatti ibsame bu’uura
waliigaltee keenyaatiin karaa mana murtiitiin akka naaf raawwattu kabajaan gaafadha.
Himanni koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu bu’uura S/D/F/H/H keewwata 92tiin Mallattoo kiyyaan
nan mirkaneessa.
R/Himattuun Aadde Warqoo H/Muktaar Mallattoo--------------------------------
Guyyaa 25/03/2016
Mana Murtii Aanaa Sinaanaatiif
Roobe.

R/Hamattuun Aadde Warqoo H/Muktaar H/Yuunus


Teessoon Aanaa sinaanaa ganda Salqaa baadiyaa
R/Himatamtuun Aadde Ayishaa Aliyyii K/Gurraa
Teessoon Aanaa sinaanaa ganda Salqaa Baadiyaa
Tarree Ragaa Bu’uura S/D/F/H/H/ Keewwata 223tiin dhiyaate

A. Ragaa Barruu

1. Murtii mana murtii Olaanaa Godina Baaleetiin Lakk Galmee 36214 ta’e
irratti dhaddacha gaafa 30/02/2016 ooleen kenname garagalcha isaa
fuula 1x3=3 himata raawwii kana waliin dhiyeeffadheen jira.
2. Waliigaltee Araaraa gaafa 30/02/2016 barraahe garagalcha isaa fuula
2x3=6 himata raawwii kana waliin dhiheeffadheen jira.

Tarreen ragaa barruu koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu bu’uura SDFHH keewwata 92tiin mallaattoo
kiyyaan nan mirkaneessa.

R/Himattuun Aadde Warqoo H/ Muktaar Mallattoo----------------------------------

You might also like