Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Guyyaa 02/05/2016

Mana Murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa Ganda Cafffee Doonsaatiif

Roobe.

Himattuun :- Aadde Saniyyaa Abdushakuur H/Shariif

Himatamaan:-Abdurazaaq H/Sayiid Aliyyii

Teessoon keenya Lamaanituu Magaalaa Roobee ganda Caffee Doonsati.

Akkaataa Labsii mana Murtii Aadaa Lakk 240/2013 fi dambii Lakk 10/2014tiin Himata dhimma gaa’ilaa
Ilaalchisee dhiyaate.

A. Manni murtii kun Himata kana ofotti fuudhee ilaaluuf Aangoo guutuu qaba.
B. Himanni kun akkaataaLabsii mana murtii Aadaa lakk 240/2013 fi Dambii lakk 10/2014 fi SDFHH
Keewwata 222 fi 223tiin kan dhiyaate.
C. Anaa fi himatamaan dandeettii seeraa ni qabna.
D.
Ani himattuun ammaa fi himatamaan akkaataa shari’aa Islaamaatiin bara 2014 gaa’ila kan
raawwanne yoo ta’u; yeroo ammaa daa’ima takka maqaan ishee Fari’aa Abdurazaaq jedhamtu kan
umriin ishee waggaa tokkoo fi baatii 4 ta’e waliin argannee jirra. Yeroo ammaa kana himatamaa
waliin mana keessatti waliigaltee dhabnee nagayaan waliin jiraachuu hin dandeenye. Yeroo baay’ee
mana keessatti na jeeqa. Mana keessatti na reeba. Haraaraa adda addaaf of saaxilee jireenya
keenya balaaf saaxilee na rakkise. Jaarsummaan nuuf laalamus himatamaan of sirreessuuf
hayyamamaa miti.
Kanaafuu Kabajaan manni murtii Aadaa kun himatamaa naaf waame gaa’ila isa waliin qabnu akka
narraa buusuu fi Qallaba daa’ima waliin qabnuu akka naaf muru kabajaan gaafadha.
Himanni koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu akkaataa SDFHH Keewwata 92 tiin mallattoo kiyyaan nan
mirkaneessa.
Maqaa fi mallattoo Himattuu
Aadde Saaniyyaa Abdushakur-----------------------------
Guyyaa 02/05/2016

Mana Murtii Aadaa Sadarkaa jalqabaa ganda Cafffee Doonsaatiif

Roobe.

Himattuun :- Aadde Saniyyaa Abdushakuur H/Shariif

Himatamaan:-Abdurazaaq H/Sayiid Aliyyii

Teessoon keenya Lamaanituu Magaalaa Roobee ganda Caffee Doonsati.

Akkaataa DFHH Keewwata 223tiin Tarree ragaa dhiyaate:-

A. Ragaa namaa
1. Aadde Ashraqaa Hamzaa
2. Maammad Amaan H/Sayiid

Teessoon ragootaa Magaalaa Roobee ganda Caffee Doonsati.

Tarreen ragaa koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu akkaataa SDFHH Keewwata 92tiin mallattoo kiyyaan nan
mirkaneessa.
Maqaa fi mallattoo Himattuu
Aadde Saaniyyaa Abdushakur-----------------------------

You might also like