Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 132

XINXALA UUMAMA QUBEE AFAAN OROMOO: IJIBBAATA HAAYYOTAAFI

FIRII DHAMAATII ISAANII

QORATAAN: FEDHASAA TAADDASAA GUUTAA

AMAJJI, 2024

FINFINNEE, OROMIYA

i
Dhaamsa Qoratichaa

Kitaaba qorannoo kana yommuu dubbistu, dursii sammuu kankee walaboomsi. Waan haaraa akka
keessummeessutti sammuu kee qulqulleessi. Dhimmi Afaan Oromoo Ummata Oromoof dhimmi
guddaadha. Sababnisaa, afaanichi waan Oromoo hundaa haammata. Falaasamni Oromoo, duudhaa
ganama ganamtee, Sirni Gadaa, ilaafi ilaameen, walumaagala egeree dhalootaaf riqichi ce’umsaa Afaan
Oromooti. Sanarratti jijjiiramni bu’uraa yoo dhufe Ummatichaaf waan gammachuuti.

Adeemsa hanga yoonaa deemame keessatti, bu’aa ba’iin danateera; ta’us, afaanichaaf carraan guddinaas
tureera. Ammas dhaloonni Qubee Afaan Oromoof karoora bardhibbaa baasee imaluutti jira. Sana
dhugoomsuuf immoo hirmaannaa koofi keetu barbaachisa. Ammatti, waan muraasa qorannoo kana
keessaa dubbisuuf jirta. Yeroo dubbistu akka waan homaa hinbeekneetti of amansiisii, waan haaraa
barachuuf ofqopheessi kana dursee siin jedheef kanaafi. Namoonni 7 ol qubee haarawaa uumanii jiru.
Sunis hawaasa keessa haala addaddaan barsiifamaa akka jiru argeen qorannoo kana jalqabe. Kana
dhugoomsuunis waggaa lama natti fudhateera.

Maafan dursee siqoqqobadhe beektaa! Namoonni baay’een waan haaraa ofitti fudhachuuf qophii miti.
Deggaruu caalaa mormuu filatu. Sanaanis carraa beekumsaa horachuu danda’an osoo hinargatin hafu.
Waan argachuu qaban dhabu! Sanatu na yaaddeessa. Waan ati har’a dubbisuufi qajeelchiif tottolchuuf
carraa argatte kanatti, kaan lafee gomaasanii dhiiga lolaasan; kaanimmoo, jireenya silaa jiraatan itti
dhaban. Kanas yaadatti qabadhuutii irratti hojjedhu! Afaan Oromoo gara sadarkaa haaraatti akka
tarkaanfatuuf hojjedhu!

Waan dubbisuuf kaateef fayyaa ta’i!

(Fedhasaa Taaddasaati)

ii
Baafata

BOQONNAA TOKKO: SEENSA .............................................................................................................1

1.1. Seenduubee .........................................................................................................................1

1.2. Ka’umsa Qorannichaa .........................................................................................................2

1.3. Kaayyoolee..........................................................................................................................3

1.3.1. Kaayyoo Gooroo .....................................................................................................3

1.3.2. Kaayyoo Gooree .....................................................................................................3

1.4. Barbaachisummaa ...............................................................................................................3

1.5. Daangaa Qorannichaa .........................................................................................................3

1.6. Malleen Qorannoo ...............................................................................................................3

1.6.1. Madda ragaalee .......................................................................................................4

1.6.2. Tooftaa Funaansa Ragaalee ....................................................................................4

1.6.3. Qaaccessa ragaalee ..................................................................................................4


BOQONNAA LAMA .................................................................................................................................5
SEENAA JALQABBII BARREEFFAMA AFAAN OROMOO .................................................................5

2.1. Jalqabbii Barreeffamaa ...........................................................................................................5

2.2. Seenaa Ogbarruu Oromoo ......................................................................................................5

2.2.1. Rakkoowwan Afaan Oromoo Jaarraa Dheeraaf Danqan .....................................................6

2.2.2. Qubee Afaan Oromoo ittiin Barreeffamaa Ture .............................................................7

2.2.2.1. Qubee Afaan Arabaa Fayyadamuun ............................................................................8

2.2.2.2. Qubee Gi’iizii Fayyadamuun ........................................................................................8

2.2.2.3. Qubee Laatinii Fayyadamuu ........................................................................................9

2.3. Gumaacha Hayyootaa ...........................................................................................................10


BOQONNAA SADII ................................................................................................................................28
YAALII QUBEE AFAAN OROMOOF UUMUU...................................................................................28

3.1. Yaalii Sheek Bakrii Saphaaloo .......................................................................................28

3.2.Sheek Doktoor Abdushakuur Muhaammad Amaan .........................................................33

3.3.Muussaa Godii ..................................................................................................................36

iii
3.4.Sheek Kamaal Aadam Abbiyyuu ......................................................................................37

3.5.Hassan Gazzaalii ...............................................................................................................40

3.6.Mahaammad Abdii Bushraa..............................................................................................45

3.7.Mastar Hasan Abduqqaadir Aymoo ..................................................................................51

3.7.1. Seenaa uumama Kuullee .......................................................................................54

3.7.2. Waltajjii Marii Kuullee Qopheessuu .....................................................................54


BOQONNAA AFUR ................................................................................................................................63
QUBEELEE UUMAMAN KEESSAA KAMTU FOOYYA’AADHA? .................................................63

4.1. Falaasama Yayyaba Kuullee Oromoo .................................................................................63

4.2. Seerluga Kuullee Oromoo ................................................................................................71


4.2.1. Seera Dimshaashaa Kuullee........................................................................................71
4.2.2.Seera Kuula Kuullee ...................................................................................................76

4.2.3. Sirna Barreeffama Kuullee....................................................................................77

4.2.3.1 Jechoota sagalee dheeraafi gabaabaa barreessuu ........................................................80

4.2.3.2. Jechoota sagalee jabaafi laafaa barreessuu ...........................................................81

4.2.3.3. Jechoota sagalee irra butaa qaban barreessuu ............................................................83

4.2.3.4. Jechoota sagalee hudhaa qaban barreessuu ...............................................................83


4.2.4.Fayyadama sirna tuqaalee ...............................................................................................85

4.3. Barbaachisummaa Kuullee Afaan Oromoo Keessatti .......................................................85

3.2.1. Qubee Ofiin Barreessuuf ...............................................................................................88

3.2.2. Danqaa malee Fufiilee Barreessuuf ......................................................................89

3.3.Hanqinaalee Qubeessuun Walqabate Furuuf ....................................................................98

3.4. Carraaleefi Danqaalee Kuullee Mudachuu Malan ............................................................99

4.5.1. Carraalee jiran ...............................................................................................................99

4.5.2. Danqaalee Mudachuu Malan ......................................................................................105


BOQONNAA SHAN ..............................................................................................................................109
GOOLABA, ARGANNOOFI YABOO .................................................................................................109

5.1. Goolaba...............................................................................................................................109

5.2. Argannoo ............................................................................................................................109

iv
5.3. Yaboo .................................................................................................................................112
BOQONNAA JA’A ................................................................................................................................114
KALLATTII GARA FUULDURAA .....................................................................................................114

6.1. Kuullee Eessaa Garam? ......................................................................................................114

6.2. Qorachuu Dura Barachuu ...................................................................................................114

6.3. Lakkoofsa Kuullee ..............................................................................................................123


WABIILEE .............................................................................................................................................126

v
BOQONNAA TOKKO: SEENSA

1.1. Seenduubee

Afaan tokko fayyadamnee barreessuuf wanti bu’uura ta’e mallattoo sagalee afaanichaa bakka bu’ee
tajaajila kennu qabaachuu qaba. Akka Dr. Abdulsamad toora intarneetii (Horn affairs gada.com) irratti,
afaan tokko yoo mallattoolee sagaleelee afaan sana keessa jiran bakka bu’an moggaafatee sirnaan
walfaan tarree galchee barruu dhamsa ittiin dabarfatu tolchachuu yoo danda’edha. Kana gochuuf immoo
afaan tokko qubee mallattoolee sagalee afaan san keessa jiran guututti bakka bu’an of keessaa
qabaachuu qaba. Afaan tokko afaan ogbarruu gochuuf kuni bu’uura. Gama biraan immoo,
Muhammadiifi kaawwan (2014:58) moojula barumsa ogumaafi dhimmoota dhala namaa jedhu irratti
afaaniifi ogbarruun akka itti waldeeggaran yoo ibsan, afaan keessatti kan ilaalamu hawaasni tokko afaan
akkamii dubbataafi qubee ykn mallattoo akkamii fayyadamuun afaan isaa barreeffata kan jedhu
xiyyeeffannoon isaa faayidaa afaanii gama xiinqooqaa yoo ta’u afaan kanaafi qubee kana fayyadamee
maal akka hojjate, jireenya akkamii akka dabarseefi qaroomina akkamii akka argamsiise ibsuufi
dhalootaa dhalootatti dabarsuuf humna kan qabu ogbarruudha. Kanas, kan godhu ogummaa
barreessuutti fayyadamuuni. Afaan Oromoos amaloota kana kan qabu yoo ta’u, yoom gara ogummaa
barreessutti akka dhufe ilaaluun barbaachisaadha.

Afaan Oromootiif qubee barreeffamaa soquun kan jalqabame yoom akka ta’e beekuun ulfaatus, jaarraa
13ffaa keessa Sheekonni Oromoo qubee arabaatiin afaan Oromoo barreessuuf yaalaa turuutu
dubbatama. Sosochii afaanichaan barreessuuf yaaluu irruma caalaa cimee kan mul’ate jaarraa 19ffaa
keesssa. Sunis, hojii mishineerota biyya alaafi sosochii hayyoota biyya keessatiin ture. Yaalii uumama
Qubee Afaan Oromoof taasisamus sanuma duukaa jajjabaachaa deeme. Dhiibbaan siyaasa yerosii duula
gosa galoommiin waan hedamuuf, dhimmi fidalaa hidhata mootummaa qaba. Kanaafuu, afaan kanaan
barreessuuf fidala saabaatti fayyadamuun akka dirqamaatti ilaalama ture. Sanaan walqabatee, qubee
saabaa ergifachuun ittiin barreessuuf yaaliin taasifameera. Ta’us hanqina fidalli saabaa Afaan Oromoo
barreessuuf qabuun yaaliin godhame hinmilkoofne. Hanqinni fidala saabaa sagalee Afaan Oromoo
keessa jiru hunda hammachuu dhabuusaati. Sagaleen ‘dh’ dhibuufi sirna qubeessuu keessatti jechoota
sagalee jabaafi laafaa qaban akki itti kataban adda ba’uu dhabuun hanqina fidalaa isa olaanaa ture.

Qubee Arabaarraas madaksuuf yaalamee, sagaleen Afaan Oromoo bakka bu’u achi keessatti hir’uu
waan ta’eef hinmilkaayin hafe. Yaaliin Sheek Bakirii Saphaaloo qubee Afaan Oromoof arfii haaraa
uumuuf yaales dhiibbaa siyaasaa yerosiitiin osoo hojiirra hinoolin hafe. Ergasiis hayyoonni carraaqqii
jalqaban hindhaabne ittuma fufanii kan Laatinii irraa Qubee Afaan Oromoo madaqsuuf yaalan. Sun
qubee ergisaa ta’us, akka Afaan Oromoof tolutti waan bocamaniif hanga tokko fudhatamummaa
argatan. Akka kanaan Afaan Oromoo Qubee Laatinii irraa sagalee isaaf tolu bocatee gara afaan

1
barreeffamaatti guddate. Haata’u malee, hanqinootni tokko tokko furmaata hinarganne. Sunis, jechoota
Afaan Oromoo barreessuu keessatti qubee dachaa jabeessuu dadhabuun hanqina qabatee asdarbe.
Hanga cufanitti indanqaratuun sun waan jiruuf haaluma galumsaatiin hiikkachaa deemamee, Afaan
Oromoo dagaagee sadarkaa kana ga’e.

Ta’us, qeeqni Afaan Oromoorratti dubbatamu akkuma itti fufetti jira. Sunis, “Oromoon qubee ergisaa
fayyadama; Qubee Afaan Oromoon barreessuun lafa dheeraa fudhata…” maal maal jechuun
hindhaabbanne. Sanaaf furmaata barbaaduun ittuma fufee jira; namoonni qaawa addaddaa duuchuuf
qubee haarawaa uuman akka jiranis nimumul’ata. Kanumaaf, qorannoo kanaan sakatta’uun barbaachise.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa


Qorannoo kana hojjechuuf ka’umsa kan naaf ta’e, qubeeleen haaraa addaddaa uumamuudha. Namoonni
quuqama Oromummaa qaban, Afaan Oromoo caalaatti guddisuuf ifaajii addaddaa taasisaa jiraachuun
ifa. Ifaajii sana keessaa tokkommoo qubee ofdanda’e kan mataasaa afaanichaaf mijatu uumuufiidha.
Namoonni qubee haarawaa uuman kunimmoo karaa addaddaatiin namoota osoo barsiisaa jiranii
mul’ata. Kanas sanas hawaasni barachaa jira. Karaa dijiitaal miidiyaa: yuutuubii, teelegramii,
whatsaappiifi qaamaanis leenjii kan kennan jiru. Waan kun akkam ta’uu qabaadha? Adeemsa sakattoo
kana keessan uumamuu Kuullee Oromoo dhaga’e. Kuulleenis Qubee haaraa Afaan Oromoof
uumamteedha. Kunis Qorannoo waggaa 18 guutuu hojjetameen bocamtee sadarkaa barreeffama Afaan
Oromoo olbutuu keessatti ga’eeshee ba’achuuf akka jirtutu gurra nabu’e. Biyya kana keessaas
namoonni kuma shanii ol qubee haarawaa “Kuullee Oromoo“ jedhamu kana dubbisuu akka danda’anis
bira ga’e. Nama Qubee kana uume Maaster Hasan Abduqqaadir Aymoo barbaadee yeroon dubbisu,
“Sabni guddaan kun qubee mataasaa dhabuun hinaaffaa natti naqe. Kan lammataa hanqinoota Qubee
laatinii keessatti mudatan duuchuu yaade. Akkuma yaales milkaa’ee!“ naan jedhe. Sanaaf kaawwan
walbira qabee ilaaluuf gara qorannootti seenuu murteesse.

Dabalataanis Kuullee Oromoo kana barachuuf yaade. Leenjii daqiiqaa 15 namni kun naaf kenneenis
salphumatti dubbisuufi barreessuu danda’e. Akkuman shaakaleenis, Kuulleen daftee baratamuu arge.
Ta’us, dhimma qubeelee haarawaa u’uumaman kana qorannoon mirkanneessuun waan barbaachisuuf,
haala uumama qubee Afaan Oromoo kanneenii xiinxaluuf murteesse. Walumaagalatti, qorannoon kun
gaaffilee bu’uraa Asii gadii sadan deebiseera.

 Afaan Oromoof qubee alagaa madaqsuufi kan mataasaa uumuuf yaalii akkamiitu taasifame?
 Qubee Haaraa Afaan Oromoof uumaman kanneen keessaa kamtu wayyaadha?
 Carraafi danqaa Qubee haarawaa kana fayyadamuu irrati mudachuu malumaali?

2
1.3. Kaayyoolee
1.3.1. Kaayyoo Gooroo

 Dhamaatii hayyoota qubee Afaan Oromoo uumanii xiinxaluuf

1.3.2. Kaayyoo Gooree


 Afaan Oromoof qubee alagaa madaqsuufi kan mataasaa uumuuf yaalii akkamii akka
taasifame ibsuuf,
 Qubee Haarawaa Afaan Oromoof uumaman keessaa kan wayyu adda baasuuf.
 Carraafi danqaa Qubee haarawaa kana fayyadamuu irrati mudachuu malu mul’isuuf.

1.4. Barbaachisummaa

Barbaachisummaan qorannoo kanaa hojiilee hayyoota addaddaa qubee Afaan Oromoo uumuuf taasisan
walitti qabuun kuusuu yommuu ta’u, tarii kan afaanicha guutuu godhu filachuun agarsiisuudha.
Sababnisaa, qubeen Laatiniirraa madaqfame kun waggaa soddomaa oliif hojiirra ture. Dhaloonni kun
sana nafeeffatee jira. Hojiilee haarawaa haraasa keessatti mumul’ataa jirummoo quba hinqabu. Kanaaf,
Afaan Oromoo keessatti waan haaraa adeemaa jiru beekuun barbaachisaadha. Walumaagalatti,
 Dhimma qubee Afaan Oromoo irratti burjaajiin jiru gara tokkotti akka dhufuuf daandii saaqa.
 Dhimma Qubee Afaan Oromoo kana gadi fageenyaan waan ibsuuf qaamni dhimmi ilaallatu
kallattii addaddaatiin irratti mariyatee hojiirra akka oolchuuf nigargaara.
 Garaagarummaafi tokkummaa Qubee haarawaafi qubee laatinirraa duraan madaqfame wajjin
walbira qabee waan agarsiisuuf, salphaatti hubachuuf nama gargaara.

1.5. Daangaa Qorannichaa

Daangaan qorannoo kanaa Qubee Afaan Oromoo laatinirraa madaqfameefi kan haarawaa uumamaa
jiran irratti xiyyeeffata. Saayinsii afaanii keessaas xinqooqa hawaasaa xiyyeeffachhuun kan hojjetame
waan ta’eef faayidaa hawaasni qubee haarawaa uumame kanarraa argatutu ibsame. Kanaafuu daangaan
taasifamu Qubeewwan Afaan Oromoo haarawaafi isa durii gidduutti ta’a jechuudha.

1.6. Malleen Qorannoo

Qorannoon kun haala uumama Qubee haarawaa Afaan Oromoo keessatti reef argamaa jiran sakatta’uun
xinxaluutti kaayyeeffate. Malli qorannichaa mala akkamtaati. Rakkoolee qubee duraanii duukaa
mudateefi furmaata gama qubee haarawaan argamuu danda’u soqee baase.

Qorannoon akkamtaa kan hojjetames muuxannoo waan irratti qoratamuu gadi fageessee xiinxaluurratti
yommuu tahu, taateewwan jiran ibsuu (describing), qotee baasuu (exploring), hubachuu
(understanding)’fi hiikuudhaan (interpreting) raawwata (Tuffour, 2017). Addummaan qorannoo
3
akkamtaas barbachisummaa hariiroo ta’umsaafi kallatti hiika taatee raawwatamu sanaa hubachuutti
xiyyeeffachuusaati.

Qorattoonnis kana galmaan ga’uuf akkuma hubannoo dhuunfaa isaaniitti sana qabatamaa taasisuun
beekumsicha boca. Kunis, bifa xinxalaafi madaallii dhuunfaatiin (individual) ibsa itti kennuun
raawwatama (Willig, 2008; Braun and Clarke, 2013). Irruma caalaa, qorannoon akkamtaa ilaalcha
namoota afaan sana fayyadamanii bu’ureffachuun hiika wantootaa kennuutti xiyyeeffata. Hiikni
taateewwan raawwatamanis ija hirmaattotaatiin ilaalamuun hiikamu. Qorannoo kana keessatti yeroon
ragaa xinxalu, haala kana xiyyeeffannoo keessa galcheera.

1.6.1. Madda ragaalee


Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa 1ffaafi lammaffaati. Maddi jalqabaa afgaaffii namoota qubee
haarawaa kana uumaniifi namoota qubee uumameen barreessuufi dubbisuu danda’aniif kan
dhiyaachuun ragaa argameedha. Maddi ragaa 2ffaa immoo, Qubee Afaan Oromoo duraaniirratti waan
dhugaan barreeffamee jiruufi hanqina qubee sana keessatti mul’ate kan ammaan walbira qabee
ibsuufidha. Dhimmi kun kanaan duras qaamolee addaddaan barreeffamaa turuufi hanqina jiru kana
furuuf, Qubeen haarawaa Afaan Oromoof uumamuu ilaalchisee, madaallii walbira qabbiin kan ilaalu
ta’ee, qubeen inni durii akkam akka ta’eefi faayidaafi hanqina fayyadamasaa ilaaluun kan haaraa
uumame immoo hagam hanqina duraan jiru sana akka fure xinxaleera.

1.6.2. Tooftaa Funaansa Ragaalee


Tooftaan funaansa ragaalee mala afgaaffiifi dookmentii sakatta’uudha. Afgaaffiin namoota qubee
haarawaa uumaniif dhiyaata. Akkasumas namoota barreessuufi dubbisuu danda’an keessaa mala
kaayyeffataan namoota 4 fudhachuun gaafadheera. Sakatta’a dokmentii immoo ragaa waa’ee qubee
duraan Afaan Oromoo ittiin barreeffamaa tureefi jiru, isa haarawaanis waan barreeffamee jiru ilaaluufi
seerotasaa sakatta’uun dhugaa jiru soquu, hanqina mullatus agarsiisuun qaaccesseera. Hanqinni duraan
ture sunis kan ammaan akkamiin akka furame xiinxaluudhaaf xurree mijeeyse.

1.6.3. Qaaccessa ragaalee


Ragaaleen qorannoo kanaaf guuraman akka kaayyoolee qorannichaatti qoqqoodamuun niqaacceffaman.
Sunis akka barbaachisummaasaatti qiqindaa’uun secca’ame. Gosootaan qoodamuun qaacceffame.
Odeeffannoo gara ragaaleetti jijjiiruum gosa gosaan qoqqoodeen qaaccessaaf akka tolanitti kuusee
xinxale.

4
BOQONNAA LAMA
SEENAA JALQABBII BARREEFFAMA AFAAN OROMOO
2.1. Jalqabbii Barreeffamaa
Dhala namaa bineensotarraa kan adda taasisu afaan dubbii qabaachuudha. Sanas akka meeshaa
walqunnamtiitti itti dhimma ba’uun jiruuf jireenyasaa keessatti akka riqichaatti itti fayyadama.
Yaadasaas sanumaan waljijjira. Adeemsa kana keessatti tooftaa lama adeemsumaan fayyadamaa dhufe.
Isaanis, dubbii afaaniifi barreeffamaati. Yaada kana Dr. Abdulsamad marsariitii (Horn affairs gada.com)
irratti yoo ibsu, walqunnamtii ilma namaa keessatti deemsi yaada waljijjiiruu afaanii kan taasifamu
karaa lamaani. Karaan inni tokko bifa dubbiitin, kan biraa immoo bifa barreeffamaatiini. Dubbiin
sagalee yookin qooqa qofaan gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasawanii hariiroo uummachuu kun
dhala namaa gidduutti raawwata. Yaadni kun kan ifoomsu, afaan tokko karaa dubbii afaaniifi
barreeffamaatiin hawaasa kan tajaajilu ta’uudha. Tajaajila barreeffamaa kennuuf immoo qubeen ittiin
barreessan bocamuun murteessadha.

Afaan tokko fayyadamnee barreessuuf mallattoo sagalee afaanichaa bakka bu’ee tajaajila kennu
qabaachuun dirqama. Afaan tokko yoo mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran bakka bu’an
moggaafatee sirnaan qindeessee barreeffama dhaamsa ittiin dabarfatu tolchuu yoo dandayamedha
(Horn affairs gada.com). Afaan keessatti kan ilaalamu hawaasni tokko afaan akkamii akka dubbatuufi
qubee ykn mallattoo akkamii bakka buusee akka fayyadamee barreessu xiyyeeffata. Kunis, faayidaa
afaanii gama xiinqooqaa kan ilaallatu yoo ta’u, afaan kanaafi qubee kana fayyadamee maal akka
hojjate, jireenya akkamii akka dabarseefi qaroomina akkamii akka argamsiise dhalootaaf barreessee
dabarsuuf humna kan qabu ogbarruudha. (Muhammadiifi kaawwan, 2014:58). Afaan Oromoos
amaloota kana kan qabu yoo ta’u, yoom gara ogummaa barreessuutti akka dhufe ilaaluun
barbaachisaadha.

2.2. Seenaa Ogbarruu Oromoo

Akka addunyaatti yoo ilaalle umriin barreeffamaa kan yeroo dheeraati. Asafaa (2009: 24) yoo ibsu, ilmoon
namaa mala barreeffamaan aadaafi afaan galmeessee olkaa’uu kan jalqabe bara 3000 dura. Ta’us
kan Afaan Oromoo yoom akka jalqabe beekuun rakkisaadha. Hundeen Ummata Oromoo hortee
Kuush yoo ta’u, Kuush immoo waggaa kuma shanii jalqabanii barreessaa akka turan seenaan
nimirkaneessa. Ta’us, magaalaa Meeroo jarraa 5ffaa keessa kufnaan dagaaginni ogbarruu Kushis akka
kufetu himama. Haata’u malee, ummanni Oromoo afoolatti dhimma ba’uun jiruuf jireenya isaa, seerafi
heera isaa, amantiifi ilaalcha isaa baruumsaafi leenjii afoolawaa kennaa ture (Tafarii, 2005:182). Akka
Tafariin ibsutti, barreeffamni Afaan Arabaa jaarraa 10ffaa jalqabee Oromiyaa keessatti barreeffamaa akka
ture ragaaleen muldhisan jiru. Sababnisaa, jarraa 10ffaa hanga 12ffaa gidduutti amantiin Isilaama kaaba
5
baha Afrikaatti dagaagee ture. Amanticha duukaas yaadni barreessuufi dubbisuu sammuu namootaa
keessatti uumamaa dhufe. Ta’us, hanga jaarraa 19 ffaatti Afaan Oromoo ittin barreessuf carraqqin
godhame hinjiru. Jalqabbii jaarraa 19ffaa kaasee garuu Afaan Oromoo gama ogbarruutti dhufe. Fayyisaa
(1996)fi Tafariin(1999) akka barreessanitti, Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf ilmaan Oromootiin qubee
Afaan Arabaa fayyadamun barreessuun eegalame. Kanaafuu, bu’uurri Afaan Oromoo barreessuuf
daandii saaqe barnoota amantiiti jechuudha

2.2.1. Rakkoowwan Afaan Oromoo Jaarraa Dheeraaf Danqan

Afaan Oromoo afaan seenaa bara dheeraa qabuufi karaa dubbii afaanitiin bayyee kan dagaagedha
(Fayyisaa, 1996). Akkasumas afaan kun dubbataa hedduu qabaachun gaanfa Afrikaa keessatti bu’aa
gama hedduu kan kennudha. Kun tahee osoo jiruu Afaan kun afaan barreeffamaa osoo hintahin yeroo
dheeraaf ture. Afaan Oromoo sadarkaa dubbiirraa gara afaan barreeffamaatti akka hinceeneef danqaan
jalqabaa dhiibbaa siyaasati. Kunis duula gosa galoommii (assimilation/ Amhariztion) mootummaan
impaayerichaa sadarkaa imaammataatti diriirse ta’uu Asafaan (2009:54) barreesseera. Akka inni
jedhutti, ummata Oromoo kan cabsan eenyummaa isaa molqaniiti. Afaan Amaaraas fedhii isaa malee
irratti fe’an. Oromiyaa keessatti Amaariffi afaan hojii, afaan barnootaafi afaan ittiin waaqessan ture.
Mohammed (1994:86) akka barreessetti, “ …it was not permissible to write, preach, teach and
broadcast in the Oromo language in Ethiopia until the early 1970’s” jedha. Sanas seera baafatanii Afaan
Oromoo tajaajila kamuu akka hinkennine akka ugguran ragaan galmee seenaati.

Hayyoota Afaan Oromootiin barreessuu yaalan kamiyyuu biyyaa ariyuufi hidhanii dararuutu ture.
Kanneen keessa tokko Ludwig Krapf. Kirapf kitaaba Qulqulluu Afaan Oromootti qubee Laatiniitiin
hiikuuf dhimmamuu isaa yeroo baran qeesonni ortodoksii mooticha Sahla sillasetti akka himatan, bara
1842tti akka inni Itoophiyaa hinseenne dhorkuu (Asafaa, 2009:60; Makuria (1994:93) barreessaniiru.

Sududumaan mootonni dhufan hunduu Afaan Oromootti gufuu ta’uu itti fufan. Akka Asafaan (2009:65)
jedhutti, Minilikis Afaan Oromootti gufuu ta’eera. Fakkeenyaaf, Abbaa Gammachiisiifi Asteer Gannoo
fa’a akka Itoophiyaa seenanii Afaan Oromootiin hinhojjanne daangaarratti dhoorgisiise. Dhiibban
Afaan Oromoo irra tureefi imaammanni afaanii bara Xaaliyaanii (1935-1941) hanga tokko fooyya’ee
Afaan Oromoo afaan barnootaa, afaan qorannoofi afaan miidiyaas tahuu eegale. Haata’u malee, bara
Hayla Sillasee deebi’ee dhorkame. Duulli gosa galoommii dura jalqabe bifa haarayaan deebi’ee itti fufe.
Sirni bulchiinsa Hayla Sillaasees biyya tokkoomteefi addaddummaan hinuumamne afaan tokko, aadaa
tokko, amantaa tokko, saba tokko jedhu hordofe (Perham,1969; Cooper, 1978). Kana galmaan gahuufis
labsiin bara 1944 lakk.3 labsameen hoji beektonni biyya ambaa walaba tahanii akka hinhojjanne
daangeffaman (Asafaa, 2009:81). Labsiin (MBE) bara 1956 baases saboonni Itoophiyaa hunduu Afaan
Amaaraatiin qofaa akka baratan akeeke. Mootichi seera baase kun namoota Afaan Oromootiin
6
barsiisuufi barreessuuf yaalan kan akka Shek Bakrii Saaphaloo, Jeneraal Taaddasaa Birruu fa’a dararaa
guddaa irran gahe (Asafaa 2009). Sababa dhiibbaa kanaafis gootonni hedduun gara dirree qabsootti
seenanan. Kaayyoon isaaniis Afaan Oromoo sirna cunqursaa kana jalaa baasanii guddisuudha (Makuria,
1994:15)

Dargiinis acuuccaa sana ittuma fufe. Waa’ee lafaa irratti jijjirama fideen ala waadaaleen biroo garuu,
hojii irra osoo hinooliin hafan (Aseeffaa, 2005:287). Heera Mootummaa Dargii Bara 1987 bahe
imaaammata fayyadama afaanii kan Hayla Sillaaseen yoo walbira qabanii ilaalan fooyya’aa ture. Haata’u
malee, akkuma Hayla Sillaasee Afaan Amaaraa akka afaan barbaachisaafi tokkummaa
Itoophiyaa cimsuuti beksisuun afaan hojii godhate. Sirni kunis, imaammata fayyadama afaanii haarawa
baaseen qubee Gi’izii fayyadamun afaan hunda barreessuun akka danda’amuu godhe.

Rakkinni Afaan Oromoo hinfuramne. Sababnisaa, bocni (qubeen) mijataan afaanicha barreessuf
tajaajilu dhabamuudha hinuumamne. Rakkoowwan kuni hunduu dhibbaa gama siyaasaatiin ture. Haata’u
malee, ilmaan Oromoo biyya keessa jiraniifi biyya alaa jiran, abbootiin amantaa biyya keessaafi lammii
alaa ta’anfi dhimmamtoonni Afaan Oromoo barreessuu barbaadan harka maratanii rakkoo kana
hinilaalle. Furmaatafi tooftaa gara garaa fayyadamuun afaanicha gama barreeffamaatti ceesisuuf shoora
guddaa taphatan (Fayyisa,1996).

2.2.2. Qubee Afaan Oromoo ittiin Barreeffamaa Ture

Afaan Oromoo dhiibbaafi cunqursaa gita bittootaa irraa kan ka’e, osoo sirna barreeffamaa hinqabaatin
tureera. Hanga jaarraa 19ffaattis boca qubee mataasaa hinqabaatin ture. Haata’u malee, Afaan Oromoo
barreessuuf qubeewwan Laatinii, Gi’iiziifi Arabaa fayyadamuun barreessuuf yaaliin godhamaa akka
ture yaadannoon seenaa nimirkaneessa. Gadaan (1988:9) yaada kana “Several works have been in Afaan
Oromoo using Roman, Sabean and Arabic scripts. Printed materials in this language include the bible,
religious and non religious songs, dictionaries, short stories, proverbs, poems, school books, grammar,
etc.” jechuun ibsa. Akka inni kaa’etti yoo ta’e, barreeffamoonni Afaan Oromootiin barreeffaman
kanneen akka: Macaafa Qulqulluu, faaruu amantiifi amantiin alaa, galmee jechootaa, seenaalee
gaggabaaboo, mammaaksota, walaloowwan, kitaabolee mana barnootaa, seerlugaafi k.k.f. yommuu
ta’an, qubeen isaan ittiin katabaman Saabaa, Roomaafi qubee Arabaatiin akka ta’eedha. Sheek Bakrii
Saphaloo immoo qubee Oromoof uumuuf yaalii godhee kan ture jaarraa kana keessa. Kunis
yeroo sana Afaan Oromoo barreessuuf isa afraffaa ta’uudhan tajaajila kenneera. Amalaafi
mijatamummaa qubeelee sadeenii gaditti yoo ilaalaman, isa afraffaa gumacha Sheek Bakrii Saphaaloo
mataduree jedhu jalatti ilaalle.

7
2.2.2.1. Qubee Afaan Arabaa Fayyadamuun

Afaan Arabaa qubee mataasaa kan kalaqate jarraa 4ffaa Dh.K.B akka ta’e himama (Wellish, 1978).
Qubeen Arabaa bayyinaan 28 yoo ta’an, hedduun isaanii kan walfakkataniifi tuqaa gubbaa ykn jala
isaanii walakka qubee irra jiruun gargar bahu. Yeroo ittiin barreessan jalqaba, walakkaafi dhuma irratti
akka galaniin bifa isaanii jijjirratu. Dubbachiistuun isaaniis sarara mul’istuufi tuqaa qubeelee kana
waliin mul’atan yoo ta’u, kan barreffama Qur’aanafi kitaabilee seerlugaa kessatti malee baay’ee itti
hinfayyadaman. Dubbifamaa jabeessuuf immoo mallattoo mul’istuutti dhimma bahu. Barreeffamni
qubee Arabaa mirgaa gara bitaa faalla qubee Laatinitti dubbifama. Qubeen kun akka qubee Laatinii
mallattoolee mataafi miila irraa kan qabu osoo hintaane, gara gubbaa qofaa qaba. Qubee Afaan Arabaa
kan adda godhu walitti hidhataa deemuudhaani.

Afaan Oromoo ittiin barreessuuf qubee Arabaa mijataa ta’uufi dhiisuu isaa irratti bal’inaan
qorannoon hingaggeeffamne. Sababnisaas, namoota muraasa qofatu qubee kana fayyadamuun
dhimmoota adda adda barreessan. Andrejewsk (1980) akka jedhutti, namoonni amantii Islaamaa
barsiisan naannoo Harariifi Baaleetti qubee Arabaa fayyadamuun Afaan Oromoo barressaa turan. Itti
dabaluunis, barreffamoonni kunnin kan yeroo Suufiyootaan walqunnaman jedhamu walaloowwan
Zikriifi meshaalee qajeelfamoota amantii barsiisuuf oolaniidha. Qubee Afaan Arabaa kana namoonni
hedduun ittiin barreessaa haaturan malee sagalee Afaan Oromoo bakka bu’an guutuu hinqabdu. Qubeen
Afaan Arabaa dheerinaafi gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul’isan qajeellotti qabdi. Sababa
kanaanis namni Afaan Arabaa dubbisuufi katabuu beeku qubee Afaan Oromoo dafeeti bara; katabuufi
dubbisuus dafeeti nafeeffata. Ta’us, Qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuuf hanquudha.
Mallattoolee sagaleelee Afaan Oromoo baayyinaan ja’a ta’an of keessaa hinqabdu. Isaanis: c, ch, dh, g,
ny, ph [q,x,?] bakka bu’aa sagalee qubee arabaa keessatti hinargatan (Dr. Abdulsamad, toora intarneetaa
Horn affairs gada.com). Kanaaf, qubee Arabaa irraa qubee Afaan Oromoo bocuuf yaaliin taasifamaa ture
hinmilkoofne.

2.2.2.2. Qubee Gi’iizii Fayyadamuun

Qubee Gi’iizii kanatti dhimma ba’aa kan turan Afaan Amaaraa, afaan Tigreefi afaanota maatii
Seematik ta’an kanneen biroo kan kaaba Itoophiyaafi Eertiraatti argaman ta’uu (Daniel, 1996)
ibseera. Uumama qubee Gi’iizii irratti yaadota lamatu ka’a. Hayyoonni akka, Bender (1976) qubeen
Gi’iizii kun kibba Arabaa irraa akka ergifatame amanu. Dhimma kanas Diringer (ibid: 231) “… south
Arabian colonies established in Abyssinia in the second half of the first millennium B.C. introduced in
to the territory the south semitic speech and script” jechuun ibsa. Qubeen Gi’iizii adeemsa uumamaa
keessatti boca 231 yoo qabaatan, dabalataanis, amala 40 biroo kan hidheessuufi laagessuu

8
mul’isan qaba. Tokkoon tokko qubee Gi’iizii dubbifamaafi dubbachiisaa kan bakka bu’an yoo ta’u,
dubbifamaa irratti mallattoo dabaluun amala dubbachiistu barreesse.

Qubeen Gi’iizii kun Afaan Oromoo ittin barreessuf hanqinaafi rakkoolee hedduu qabaachuu ibsa. Sana
keessaa tokko mallattoolee naannoo 250 ta’an gara Afaan Oromootti madaqsuun rakkisaa
ta’uudha (Gadaa,1988). Kanamalees, dubbachiistuu dheeressuufi gabaabsuu, dubbifamaa jabeessuufi
laaffisuun agarsiisuu keessatti rakkoo qabaachuunsaa waan ifa jirudha. Dabalataan, qubee dhootuu
mallattoon ittiin bakka buusan dhibuun rakkoo biroo akka tures eereera. Mohammed (2010:146)
hanqina Gi’iiziin Afaan Oromoo barreessuu keessatti qabu cuunfee lafa kaa’a.

The Ethiopic script has three major shortcomings when used for the Oromo language. First, the
script has only seven vowels as oppossed to ten vowels of the Oromo language. What is more,
vowels of the Ethiopic script do not have sound representation for the Oromo language. Second,
there is a difference in consonants and glottal stops. Finally, there is the problem of gemination.

Akka hayyuun kun jedhutti, qubeen Gi’iizii sababoota sadiif Afaan Oromootiif mijataa miti. Sababni
tokko seera dheerinaa, laafina, gabaabinaafi jabeenya sagalee mul’istu hinqabdu. Sababni lammataa
dubbachiistota “vowels” torba qofa qaba. Afaan Oromoo garuu 10 qaba; kurnanuuti barbaada. Hanqinni
3ffaan ammoo garaagarummaa dubbifamaa qabaachuufi sagalee hudhaa dhabuu isaati. Sababa kanaaf,
yaaliin qubee Gi’iiziitiin Afaan Oromoo barreessuuf yaalame sun hinmilkaa’in hafe.

2.2.2.3. Qubee Laatinii Fayyadamuu

Qubeen Laatinii kan beekame DH.K.D. Jaarraa 6ffaa kaaseeti. Yerosuma jaarraa 7ffaa keessammoo
sirna barreeffama Etruscan irra madaqfame. Innis Room-durii irraa waan dhufeef, barreeffama Roomaa
ykn Laatinii jedhamee waamama. Arfiin kun mallattoolee 26 qabaachuun sagaleelee adda addaa bakka
bu’a. Mallattoo qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa bakka bu’animmoo qubee 52 qabaata. Lakkoofsa 1-9
dabalatee sirna tuqaalees niqaba. Qubeen laatinii kun gara Afaanota addaddaatti madqafamuun
uummata addunyaa harka caalaaf tajaajila kennaa jiraachuut u himama. Afaanonni sirna
barreeffamaa hinqabnes qubee asirraa akka bocatan beekamaadha (Dahl, 2000).

Qubee Laatinii Ardii Afrikaa keessatti hojiirra ooluu kan eegale jaarra 16 ffaa keessa yoo ta’u, sanaaf
ragaan barreeffamoota amantiiti. Helm (1991:11) akka barreessetti, bara 1827 dhabbanni ‘Church
Missionary Society’ jedhamu afaanota Afrikaa qubee Laatiniitin barreessuuf mariyatee murtii dabarse.
Murtiin dabre kunis, afaanota Afrikaa mala barreeffama Laatinii dhaalchisuuf karoora guddaa akka ta’e
agarsiisa. Akka Helm (1991) Spencer (1966) wabeeffachuun ibsetti, afaanota sirna barreeffamaa

9
hinqabne fayyadamuun qubee Laatinii addunyaawaa taasisuun kaayyoo ijoo manneen amantaa kanaa
ture.

Gara ummata Oromoo yommuu dhufanis kaayyoo kana qabataniiti. Fedhii isaanii kana Tafariin
(2015:83) yoo ibsu, “The Europian interest in the Oromo language was mainly driven by their
motivation to spread the Word of Gad among the Oromo people as well as their desire to teach the
language to their fellow Europian” jedha. Akka yaada kanaatti, mishineeronni gara Oromoo dhufan
afaan ummatichaa baratanii amantii sana fudhachiisuuf akka cichan agarsiisa.

Kaayyoo amantii babal’ifannaa sana keessas Afaan Oromootiif bu’aa guddaa buusan. Kanas Tafariin
(2015:84) yoo ibsu, “ The work of early Oromo writers have become a foundation or stepping stone for
subsequent Oromo study and writing” jechuun sochiin barreessitoota yerosii, qorannoo Oromootiif
bu’uura kaa’uu agarsiisa.

Qubee Laatinii Afaan Oromoo barreessuuf wayyaa ta’uus ragaa isaan kaa’anii darban sun bu’ura ture.
Namni Kraaf jedhamu qubee saabaatiin fayyadamanii Afaan Oromoo barreessuun rakkoo qabaachuu
dursee nama hubate ture. “… observing that the [Oromo] language is not semitic one, that writing in
Amharic has many inconvenience,… I thought it better to use the Latin character…”(Asafaan
(2009:58). Afaan Oromoo maatii Afaan Seematik waan hintaanef qubee Afaan Amaaraa fayyadamuun
Afaan Oromoo barreessun akka hinmijanneefi qubee Latinii fayyadamuun fooyya’aa akka ta’eedha.
Sababa kanaan Qubeen Afaan Oromoo Qubee Laatinii irraa bocamee hanga yoonaatti (yeroo qorannoon
kun hojjetameetti) ittiin katabamaa jira.

2.3. Gumaacha Hayyootaa

Hayyoonni Oromoo hordoftoota amantii Islaamaa ta’an kan akka Shek Ahmed Siraj, Shek Mohammed
Asi Habafi Shek Mohammed Ali Ta’oo qubee Afaan Arabaa fayyadamuun walaloowwan adda addaa
Afaan Oromootiin qopheessan. Hayyuun qubee Arabaa fayyadamuun Afaan Oromootiin barreesse kan
biroon Shek Bakrii Saaphalooti. Hojiileensaa irra hedduun qubee Arabaa fayyadamuun kan
barreeffaman ta’uu Asafaan (2009:87) barreessee jira. Ta’us, Oromoon qubee mataasaa uummatee akka
barreessuuf nama tattaaffii guddaa godheedha. Barataa Sheek Bakrii kan ta’e Sheek Mohaammad
Rashiid Abdullees qubee Afaan Arabaa fayyadamuun Quraanaafi kitaabilee amantaa musilimaa baayyee
gara Afaan Oromootti jijjiiree ture. Achirraas, qubee Afaan Oromoo bocuuf yaalee ta’uu didnaan qubee
laatinii fayyadameera. Hayyoonni fidala Gi’iizii fayyadamuun Afaan Oromoo barreessuuf yaalanis
jiru. Isaanis hiika kitaaba Qulqulluufi kanneen biroos barreessanii jiru. Ilmaan Oromoo tarreeffaman
kun yeroo durii wangeelaa Afaan Oromootti hiikuun qubee saabaatiin barreessaniiru. Asafaan (2009:66)
yaaduma kana deeggaruun Onesimos Nasiib, Kiristiyaan Ruufoo, Asteer Gannoo Salbaaniifi Alaqaa
Zannabaan Oromoota yeroo durii oguma Oromoo yayyaban ta’uu hinwaakkanne. Ta’us, hojii
10
Onesimoos waggaa baay’eef kan lafarra harkisan keessaa tokko sagaleen ‘dha’ fidala saabaa keessaa
dhibuusheeti.

Lammiilee biyya alaatiinis, Afaan Oromoo barreessuf carraqqiin taasifamee ture. Lammiileen biyya alaa
Afaan Oromoo barreessuu kan jalqaban walakkaa jaarraa 17ffaa keessa yoo ta’u; kan yeroo duraaf
barreesse Hiobi Ludolf jedhama. Akka Ludolf (1682) jedhutti, jechoota Afaan Oromoo kana kan itti
hime Abba Gregory walakkaa bara1652 hanga1658 keessa akka ta’eefi namni kun jechoota Afaan
Oromoo irratti hubannoo akka keennef hima. Kitaabni kunis bara 1682 akka maxxanfamefi jechoota
Afaan Oromoo muraasa qubee Laatiniifi Gi’izii wal bira qabuun barreeffame. Jamsi Buruus immoo
bara 1795 keessa kitaaba Qulqulluu irraa sarara 13 Afaan Oromootti jijjiirudhaan maxxanse ture
(Tafarii, 2005:191). Fayyisaan (1969) immoo James Bruce bara 1805 kitaaba isaa “Travel to discovery
the source of the blue Nile” jedhu keessatti qubee laatinii fayyadamee Afaan Oromoo akka barreesse
ragaa baha. Asafaan (2009:54) “Afaan Oromoo, ragaa jiruun, feetu yeroo jalqabaaf, kan qubee
Laatiniin barraa’e 1814tti jawaaraa gaanfa Afrikaa yerosii kan gara biyya Oromoo dhufe, Henry Salt
nama jedhamuuni” jechuun raga dhiyeessa. Hojiin lammii biyya Fireenchii Firaankoo Joomaardii
jedhamuu bara1838 keessa afwalaloo 9 maxxanse. Afwalaloon kun seenaa ogbarruu Afrikaa keessaa
afwalaloo yeroo jalqabaaf maxxanfame jedhama. (Tafarii, 2005:191)

Karl Tutcheekfi Ludwig krampf namoonni jedhamanis lammiilee alaa guddina Afaan Oromoof
gumaacha qabaniidha. Karl Tutscheek nama biyya Jarmanii yoo ta’u bara1838 dargaggoota lammii
Suudan sadiifi lammii Oromoo Akkafedhee, gabrummaan gurguramanii Awrooppaa deeman akka
barsiisuf qacarame (Makuria,1994). Achumaanis, fedhiin Afaan isaanii baruufi qu’achuu keessatti
dagaage. Yeroo kana eegalee qu’annoon Afaan Oromoo Awrooppa keessatti eegale (Asafaa, 2009:64).
Tusheek Akkafedheefi ilmaan Oromoo daldala garbaatiin bara 1839-40 gara Jarmanii dhaqan irraa
jechoota walitti qabee galmee jechaa “Oromo-English-german Dictionary” jedhu bara 1843 keessa
barreesse. Bara 1885 immoo afwalaloo Bilillee irraa funaanetu maxxansame (Tafarii, 2005:192).

Ludwig Krampf bara 1839 barnoota wangeelaa babal’isuuf gara Itoophiyaa dhufe. Hojii kanas biyya
Oromiyaa keessatti babal’isuuf Afaan Oromoo qorachuu eegale (Asafaa,2009:56). Krapf Afaan Oromoo
erga baree booda qorannoo afaanicharratti gaggeessuun bara 1840 kitaaba jalqabaa maxxanse (Makria,
1994). Kitaabni inni barresse kunis seerluga Afaan Oromoo matadureen isaa “An imperfect outline of
the elements of Oromo language”’ jedhama (Asafaa, 2009; Tafarii, 2005). Hojii barreeffama Afaan
Oromoo keessatti garuu qubeen saabaa mijataa akka hinta’in nama dursee argate ture.

Egaa yaaliin Afaan Oromoo afaan barreeffamaa gochuu karaa addaddaatiin yaalamaa ture. Qubee ittiin
barreessan uumuu yeroodhaa gara yerootti ittuma fufuun yaalaa ture. Keessumaa namoonni amantii
baratan carraa sanatti fayyadamuun waa’ee amantii baratan sanaa Afaan Oromoon barreessanii ummata
11
isaanii biraan ga’uuf ifaajii taasisaa turanii jiru. Sanas qubee Afaan ittiin baratan sanaan Afaan Oromoo
barreessuuf yaaluu isaaniitiin qubee ormaa madaqsuuf ifaajan. Fakkeenyaaf, jaarraa hedduu dura
Sheekonni Amantaa Musiliimaa hordofan Qubee Arabaatiin Afaan Oromoo barreessuuf yaalanii jiru.
Sheekonni quuqama qabankunniin Qubee Arabaatiin Afaan Oromoo barreessuuf yeroo yaalaa turan
danqaan addaa isaan mudateera. Sunis, Qubee Afaan Arabaa keessa sagaleen Afaan Oromoo hundaa
bakka bu’uun hinmallatteessu. Sagalee akka: C, Ch, G, Dh... qubee Arabaa keessa hinjiru. Sababa kun
hinmijanneef qubee Arabaa gara Afaan Oromootti madaqsuun dhibbaa dhibba hinmilkoofne. Ta’us
’script’ Arabaan Afaan Oromoo barreessuun yaalameera.

12
13
Barruu Afaan Oromoo Qubee Arabaan katabame

Abbaan Gammachiisis bara 1880 keessa fidala saabaan Afaan Oromoo barreessuuf yaaleera. Tibba sana
Kitaaba Qulqulluu gara Afaan Oromootti hiikuurra waan tureef, akka inni yaadetti saabaan sagalee
Afaan Oromoo hundaa barreessuuf hinmijanneef. Amaloota jecha Afaan Oromoos guutanii barreessuuf
hintolleef. Fakkeenyaaf, sagalee ’dh’ fidala keessaa argachuu hindandeenye. Lammaffaas, jecha sagalee
jabaafi laafaa qabu barreessuun hindandaa’amne. Danqaa kanaan yeroo murtaa’eef karaa dhaabbatus
sagalee ’dh’ fidala keessatti uumee Afaan Oromoo ittiin barreesse. Ta’us, waan barreeffame hundaa
seera Afaan Oromoo guutuun guutuutti eeganii barreessuun hindandaa’amne.

Walumaagalatti, dhaloonni kun dhaloota Fidalaafi arfii Arabaa irraa gara Qubee laatiniitti dhufeedha.
Yeroo warri kaabaa amantaa kiristaanaa ortodoksiin qabanii fidala barsiisaa turan, Arabnis immoo
amantaa Musiliimaan qabee arfii ofii barsiisaa ture. Kana keessatti, Oromoon garlamaanitti harkifame.
Garri tokko fidalatti yommuu cichu, garri kaan arfii Arabaa hordofe. Sirni fidalaa humna abbootii irreen
waan socho’uuf, bakka hedduutti babal’achuurra darbee seera mootummaatiin deggaramee
barsiifamuun jajjabeeffamaa ture. Fkn: Masarata Timihirtii mootummaatu fidala Afaan Amaaraa ittiin

14
barsiisaa ture. Gariin amantaa musiliimaa hordofanimmoo quraanas ta’e waan biroo arfii Arabaan
barreessaa turan. Kanaafuu, hanga bara Dargiitti fidalliifi arfiin Afaan Arabaa Oromiyaa keessatti Afaan
Oromoo barreessuuf yaalamaa turuunsaa falmisiisaa miti.

Tibbuma sana dhimmi Qubee Laatinii irraa Afaan Oromoof arfii bocuus waan soqamaa tureedha. Sana
keessatti hojii hayyoota akka Sheek Maahammad Rashaad Abdullee kaasuun nidandaa’ama. Yaalii
isaan taasisaniin yeros hojiirra ooluu hanqatus, Deggarsa dhaaba Siyaasaa ABO waan argateef, Qubeen
Afaan Oromoo laatin irraa madakfamee, akkuma Dargiin kufeen hojiirra oole. Dhimma kana keessa
ammoo dhaloota lamatu ture. Isaanis: dhaloota fidalaan baratee barreessaa tureefi arfii Afaan Arabaa
fayyadamaa turedha. Jara kana lamman gara Qubee Afaan Oromoo Laatinirraa madakfame sanaatti
fiduun salphaa hinturre.

Achiin dhaloonni ittaanu, dhaloota qubee jedhame. Innimmoo Qubee Afaan Oromoo kan Laatin irraa
madaqfameen barreessuu itti fufe. Dhaloonni kun qubee saabaas ta’e kan biraa hagas mara hinbeeku;
qubee Afaan Oromoo laatin irraa madaqfame barate. Ittiinis barreessaa waggaa soddoma lakkaa’ee jira.
Ta’us garuu, sirna qubeessuu Afaan Oromoo eegee dhaloonni katabu muraasa. Sana keessatti, hanqina
qubeessuun waan walqabatu furuun maaliif akka dadhabame qorannoon ifa godhe hinturre. Namni
waan ittiin barateen barreessuu dadhabuun waan fafaati. Hundaa’ol garuu xiyyeeffannoo kennuu
dadhabuufi maaldhibdiitu hanqina kana uume.

15
16
17
Yaalii Qubee Saabaa gara Afaan Oromootti madaqsuuf taasifame.

18
Yaalii fidalaan Afaan Oromoo barreessuuf taasifame

Barataa Sheek Bakirii Saaphaaloo kan ta’e Sheek Mohaammad Rashiid Abdullees qubee Afaan Arabaa
fayyadamuun Quraanaafi kitaabilee amantaa musilimaa baayyee gara Afaan Oromootti akka jijjiiretu
himama. Ta’us rakkoo duraan ibsame (sagalee Afaan Oromoo hundaa kan bakka bu’u qubee Arabaa
keessaa dhibuu) sana bu’ureffatee, yaaliin Qubee Arabaa sanaan barreessuuf taasifames akka yaadame
hintaane. Rakkoo kana furuuf, Sheek Mahaammad Rashaad Abdullee Qubee Laatin irraa sagalee Afaan
Oromoo bocuuf yaalanii jiru. Sunis haala siyaasa yeroo sanaatiin akka yaadametti hojiirra ooluu
hanqate. Yaadni qubee laatinii sana Afaan Oromoof madaqsuu garuu cimee itti fufe. Qeesonni Amantaa
Makaana Yesuus geggeessan akka Luba Guddinaa Tumsaa barreeffamoota addaddaa qubee laatiniin
barreessanii, Dr. Haayilee Fidaatti ergaa akka turanis namoonni qaamaan beekan nidubbatu. Dr.
Hayileenis barruulee addaddaa qubee Laatiniin barreeffaman sana qindeessee kitaaba “Hirmaata dubbii
Afaan Oromoo“ jedhu kitaaba seerluga Afaan Oromoo jalqabaa maxxansee dhalootaaf olkaa’e
(Adeeroo Ibraahim, Maanguddoo biyya ambaa jiraatan irraa odeeffadhe). Kitaaba “Hirmaata Dubbii

19
Afaan Oromoo“ jedhu kana irratti abbaan barreesse hinibsamne. Suniyyuu, hirmaannaa namoota
addaddaa keessa kan jiru ta’uu agarsiisa. Lammaffaa immoo, haalli siyaasa yeroo sanaa ulfaataa waan
ta’eef barreessitoonni ofibsuu qusatan ta’a. Kanaafuu, Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo kanneen
barreessan namoota addaddaa ta’uufi ga’een Dr. Haayilee Fidaa sana walitti kurfeessanii maxxansuu
akka ta’etu hubatama.

Madaqfama Qubee Laatin Gara Afaan Oromootti

Dhaloota qubee, kan haala akkanaa keessa jiruuf, Mastar Hasan Kuullee Oromoo uume. Inni kun Afaan
Oromoo keessatti deemsa haarawaa kan eegalchiise yommuu ta’u, hojii hanga yoonaa hojjetame gaafa
xiinxallu, kan duraarra barachuuf kan salphatu, haqinoota ture sanas kan guutuufi duudhaa Oromoo kan
bu’ureffate ta’uutu hubatama. Sababnisaa, qubeen haarawaan kun adeemsa qorannoo yeroo dheeraatiin
bocamtee sadarkaa barreeffamaaf geessee jirti. Mataduree itti aanu keessatti deemsa haarawaa jalqabuu
Afaan Oromootiif hayyoonni qubee uumuuf ifaajuun hirmaannaa taasisan muraasa ilaalla.

Walumaagalatti, Afaan Oromoo barreessuuf qubeewwan Laatinii, Gi’iiziifi Arabaatti fayyadamuuf yaalaa turuu namoota
addaddaa ilaallee asceene. Kitaabileen amantaa, faaruuleeen amantaafi miti amantaa addaddaa, galmeen
jechootaa, seenessaaleen gaggabaaboofi kkf barreeffaman qubeewwan sanneen dhimma ba’uun akka
maxxanfaman eera. Ta’us garuu hanqina qabaachuu qubeewwan kanneenii irraa kan ka’e yaaliin qubee
Afaan Oromoo kan biraa uumuus taasifamee jira.
20
Qabsoon afaanii akkuma itti fufaa deemeenis qubee Laatiinii irraa Qubee Afaan Oromoo madaqsuuf
sochiin eegalame. Inni kun yeroo ammaa Afaan Oromoo ittiin barreessuuf beekkamtii argatee tajaajila
kennaa kan jirudha. Madaqfamuun qubee Laatinii gama xinqooqaatiin, gama barumsaafi sababa hojiirra
oolmaa isaatiif fudhatama guddaa argachuu danda'eera. Sababa madaqfamuun qubee Laatinii gama
xinqooqaatiin fudhatama qabaateef keessaa tokko, qubeewwan dubbifamaafi dubbachiistuun addaan ba’anii
jiraachuudha. Qubee saabaa yoo ilaalle garuu qubee dubbifamaafi dubbachiistuu addaan baasee hinkaa’u. Sababni
biroon heeddummachuu qubeewwan saabaati. Kunis, mallattoolee naannoo 250 ta’an gara Afaan Oromootti
madaqsuun rakkisaa ta’e (Gadaa, 1988). Kanamalees, dubbachiistuu dheeressuufi gabaabsuuf ykn dubbifamaa
jabeessuufi laaffisuuf rakkoo qabaachuunsaa waan ifa jirudha. Dabalataan, qubee dhootuu mallattoon
ittiin bakka buusan dhibuun rakkoo biroo ture. Haaluma wal-fakkaatuun, (Mohammed, 2010:146)
sababoota kanniin deeggaruun akka itti aanutti dhiheessa.

The Ethiopic script has three major shortcomings when used for the Oromo language. First, the
script has only seven vowels as oppossed to ten vowels of the Oromo language. What is more,
vowels of the Ethiopic script do not have sound representation for the Oromo language. Second,
there is a difference in consonants and glottal stops. Finally, there is the problem of germination.

Gabaabumatti, sababoonni dhiyaatan kunniin hanqina qubee Saabaa kan mul’isanidha. Kanaafuu, madaqfamuun qubee
Laatinii barbaaachisaa ta’uu mirkaneessu. Sababni lammataa, faayidaa qubee Laatinii madaqsuu, baratamuu
ilaallata. Kunis, qubeewwan muraasa barachuu, hubachuufi fayyadamuun salphaa ta’uudha. Qubeewwan 33n jiranitti
dabalataan namni Afaan Oromoo baru tokko qajeelfamoota muraasa beekuu qaba. Kunis, waa’ee duraa duuba
dubbachiistotaafi dubbifamtootaa, tajaajila qubee dachaafaadha. Sadarkaa jalqabaatti odeeffannoo kana
qofa argachuun barbaachisaadha. Achiin booda, namni Afaan Oromoo baratu sun barreeffamoota Afaan
Oromootiin qophaa’an dubbisuuf gahumsa niqabaata jechuudha. Qubeen Laatinii hanga qorannoon kun
hojjetametti, sadarkaa ol-aanaatti tajaajila kennaa jira. Fakkeenyaaf, barataan qubee Afaan Oromoo
beeku tokko qubee Afaan Ingilizii yeroo gabaabaa keessatti barachuu danda’a. Mohammed (2010:163) yaada
kana deeggaruun faayidaa filatamuu qubee Laatinii Afaan Oromootiif akkanatti ibsa, “The choice of the latin
alphabet not only facilitates the teaching learning process, and guarantees the steady growth of the
language, but also contributes to the psychological liberation of the Oromo people.”Akka isaan
jedhanitti Qubeen Laatinii Afaan Oromootiif madaqfamee tajaajila kennuun isaa gama xinqooqaatiin, gama
hojiirra oolmaa isaatiin qubee saabaa kaanirra bu’aa ol-aanaa qabaayyuu filatame.

Guddina Afaan Oromoo hanga yoonaa utubee kan qabe qubee Laatinii ta’uun falmii hinqabu.
Dhaloonni sanuma qubee koo jedhee itti cicchuun afaanicha barreessee asiin ga’e. Haata’u malee, hanga
har’aatti qulqullina barreeffama Afaan Oromoo laatiniin taasifamu kana sirnaan eeguu dadhabuutu
mul’ata. Waggaa soddoma guutu dhaloonni haanafeeffatu malee dhibbantaan gara caalu sirnaan
qubeessuu hindandeenye.
21
Dhimmi sirnaan qubeessuu dadhabuu kuni qabata qubee laatiniis nihedata. Kompiwuterri waanuma
namnuu sirrii barreessu gara Afaan ingliziitti deebisee dheeraa gabaabsee, jabaa laaffisee yeroo inni
barreessiytoota harkaa jal’isu nimul’ata. Hanqina nama barreessutti dabalamee rakkoon kompituraan
walbaruu dadhabuu Afaan Oromooti.

Akka fakkeenyaatti, xalayaaleen asii gaditti tarreeffaman fakkeenya hedduu keessaa muraasa. Sadarkaa
biiroo Oromiyaa adda addaafi waajjiraalee garagaraa keessatti rakkoon akkasii furmaata waaraa
hinarganne.

Xalayaan asii olitti barreeffame kun Biiroo Qonnaa Oromiyaa irraa kan barreeffame ta’ee, sirriin jechi
barreeffame jira jechuuniyyuu nama rakkisa.

22
Barreeffamni asii olii kun immoo ’official page’ waajjira mootummaa liigii dargaggootaa irratti
barreeffamee kan maxxanfame ture. Kanarraa yeroo ilaalamu dogoggorri seera mootummaatiin waan
deggarame namatti fakkaata. Askeessas jecha sirnaan barreefame caalaa kan dogoggoraan qubeeffametu
caala.

23
.

Barreeffama kanammoo yoo xiinxalle, inumaa waan nama rifaasisu argina. Kunis, matadureen mana
hojii sanaa yakkaan kan dhaabate ta’uu kan akeekuudha. ’Bu’aa aannanii Hannaa’ kan jedhu yommuu
ta’u, inumaayyuu aannan achitti gurguramu kan hannaan argame ta’uu mullisa. Sunimmoo, ’Jecha
Haannaa jedhu keessaa sagalee dubbachiiftuu jalqabaa dheerachuu qabu gabaabsuun dogoggora
uumameedha.

24
Kitaabni addaddaa nama dhuunfaanis ta’e, dhaabbata mootummaa akka Biiroo Barnootaan
maxxanfamus dogoggora qubeessuun manca’ee osoo maxxanfamuu argina. Inumaayyuu, dogoggora
qubeessuun kun akka waan seeraan fudhatama argatee, beekamtii waan horate fakkaata. Namnuu waan
dogoggora barreeffame suutuma sisirreeffatee kan galteef dubbisee kaan itti dhiisa malee dogoggora
sana sirreessuuf hindhiphatu. Ragaan asii gaditti fudhatame kun kitaaba barnootaa aartii keessaati.

25
Barreeffamni asii olii kunis rakkoo kanneen duraa keessatti mul’ate waliin walfakkaata. Inumaayyuu,
kitaaba barataa ta’ee dogoggora akkasii gaafa danatu dhaloonni sanuma dhaalee akka darbu kan
taasisuudha.

26
Xalayaa asii olii kanas kan barreesse BBO yommuu ta’u, dogoggora askeessa jiru ammam akka
walxaxaa ta’e ilaaluun nidandaa’ama. Dogoggora kanaaf sababni waan barreessan gulaaluu dhiisuu
yommuu ta’u, sunis maaldhibdiin mallatteessanii baasuudha. Rakkoon hanga kanaa silaa bakka itti
qulqullinni barreeffamaa eegama jedhamutti erga uumamee kan biraa komachuun bu’aa maal qaba.
Tarii Kuulleen fayyadamanii barreessuun rakkoo kana furuu danda’a jedhamee egama.

Walumaagalatti, waggaa 30 guutuu ittiin baratamees ta’e barsiifamee qubee Afaan Oromoo duraanii
kanaan sirnaan qubeessuun namoota hedduu rakkise jira. Akka waajjira mootummaattis ta’e miti
mootummaatti wanti barreeffamee ba’u waan akka malee nama qaanessuudha. Akka kanaan Afaan
Oromoo qulqullina malee barreeffamaa daandii guddinaa qabates imalaa jira. Rakkoo qubeessuu kanaaf
furmaanni daandii ittiin afaanicha sirnaan barreessan soquudha. Innis, Oromoof sirna Afaansaa ittiin
akka salphaatti katabuun dandaa’amu uumuu irraa eegala. “Wayyaan ergisaa sirraa beeksisa; galtee
geessita“ mammaaksi jedhu sunis haqummaansaa asirraa beekama. Kanaafidha kan hayyoonni hedduun
rakkina kana furuuf fiigaa turani; har’as fiigaa jiran.

27
BOQONNAA SADII

YAALII QUBEE AFAAN OROMOOF UUMUU

Afaan Oromoo gara barreeffamaatti fiduuf eenyufaatu ifaaje? Sana keessa yaalii qubee madaksuuf
taasifame akkam ture? Qubee haaraa Afaan Oromoof uumuufoo eenyufaatu ifaaje? Mataduree kana
keessatti gaaffilee kanneen deebisuuf, dokmentiileen argadherratti xiinxala geggeessuuf yaaleera.

3.1. Yaalii Sheek Bakrii Saphaaloo

Sheek Bakrii Saphaloo Qubee Afaan Oromoo barreessuuf oolu arfii biroo
kalaquunsaas yaadannoo seenaati. Sheek Bakrii Saphaloo yookiin Sheek Abubakar
Usmaan Odaa jedhamee kan beekamu, waloofi dura bu’aa amantii ture
(Mohammed, 2010). Innis, dubbifamaa jabeessuufi dubbachiistuu dheeressuu kan ibsu akka
uume (Samuel, 2010; Haywardfi warra biroo, 1981) wabeffatee ibseera. Haata’u malee, unkaan
adda adda haata’an malee mallattoo qubeewwan Afaan Gi’iizii hordofaniin tokko ture.
Qubeewwan isaa Afaan Oromoo barreessuuf rakkoo haaqabaataniyyuu malee, 1950 dura
Oromiyaa bahaatti hojiin isaa uummata biratti fudhatama guddaa argatee ture
(Mohammed, 2010). Dhiibbaa siyaasa yeroo sanaatiin osoo hojiirra hinoolin akka hafes beekamaadha.

Sheek Bakriin Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuu ganda xiqqoo "Saphalo" ja’amtutti
Sadaasa 1895 (ALA) Abbaasaa Obbo Usmaan Odaatiifi Haadhasaa Aadde Zeeynabaa Galmoo Wadaay
irraa dhalatan. Maqaa maatiin isaaf baasaniin Abuubakar hoggaa tahu, boodarra Saphaloofi iddoolee
garagaraatti beekkamtii argachuu isaatiin kan ka’e, Sheek Bakrii Saphaloo jadhamuun beekkama.
Maqaan isaanii Saphaloo jadhu, kunis maqaa iddoo dhalootaa Laga Saphaloo kan achitti argamu irraa
itti moggaafame.

Sheek Bakriin barumsa bu’uraa Qur’aanaan kan argate bara 1907 yeroo umuriin isaa waggaa kudha
lamaa ture. Ganduma isaa Saphaloo keessatti Sheeka naannoo sanii “Sheek Kabiir Daawwee” jadhamu
jalatti barate. Itti fufuudhaaniis, Sheek Bakriin gara Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Waaybaritti qajeele.
Achittiis Sheek Abdallaa irraatii barnoota isaa barate. Sheek Abdalla yeroo sanitti, waa'ee duguuggaa
sanyii Mootiin Kiristaanaa Minilik ummata Oromoo Arsii Aanoolee irratti 1886 raawwate Sheek
Bakritti himuudhaan haala siyaasa Oromoo yeroo sanii akka inni hubatuuf bu'ura taheeraaf. Sanuma
bu’ureffachuun Sheek Bakriin hojii Oromummaa jabeessuu itti fufe. Hojiisaa keessaa tokko Afaan
Oromoo gara afaan barreeffamaatti guddisuuf ifaajuudha. Yeroo sanatti, qubee inni ittiin Afaan Oromoo
barreessuuf filate Arfii Arabaa ture. Sanaafis barruun dheeraan harkaan barreeffame asii gaditti mul’atu

28
ragaa qabatamaadha. Barreeffamichi ’Ajamii’ jedhama. Sheek Bakriin Arfii Arabaatiin Afaan
Oromoo barreessuuf yaaluu barruun kun ragaa ba’a.

Barreeffama ajamii kan Sheek bakriin barreessani

Sheek Bakriin barnoota amantii biratti barnoota ammayyaas barsiisaa akka turetu himama. Keessumaa,
bara 1940 tti, wirtuu barnootaa isaa kan Saphalootti aansee kan lammaffaa Addeelletti banate. Warri
Addeellees, Aalimaafi Hayyuun kun ilmaan isaanii akka barsiisuuf gara isaaniitti dhufuusaatti
gammadanii, intalaas kennaniifii qubsiisan. Bara Akkasiin wirtuu barnootaa isa lammaffaa Addeelleetti
banee, bultii lammaffaas ijaarrate. Ilmaan biyyaas tooftaa barnootaa isaa ammayyaawaa sana
habbuuqqachiisaa dheebuu baasuu jalqabe.

Rakkkoo arfii Arabaatiin Afaan Oromoo barreessuu dhadhabuus sagaleeleen Afaan Oromoo
guutummaatti Arfii Arabaa keessaa dhibuudha. Bara 1948tti, Aanaa Gooroo Guutuu keessatti tan
argamtu iddoo Ligiboo jedhamtutti wirtuu barnootaa isa sadaffaa yeroo bane Afaan Oromootiif qubee
haaraya mataasaa (Endogeous Orthography) kalaqe. Barattoota barnoota gosa hunda barachuuf dhufan,
barnoota jalqabsiisuun dura, qubee Afaan Oromootiif kalaqe sana barsiisu ture. Sanaafis furmaata ta’a
29
jedhee kan yaade, Sheek Bakriin Qubee Haarawaa Afaan Oromoof uume sanatti namoonni akka
fayyadaman gochuu yaalaa ture; barattootasaas barnoota kamuu dura isa barsiisa ture. Barataan
kamuu, eega qubee Afaan Oromootiin barreessuufi dubbisuu danda’ee booda gara ilmii/barnoota
amantiifi ammayyaa barachuutti seena.

Baayyinni qubee Sheek Bakrii Saphaloo diigdamii saddeet (28) yoo tahu, kan inni kalaqee xumuree
ittiin barreeysuu jalqabees Ligibootti. Odoo qubee laatiiniin fayyadamuun hinjalqabamin, waggoota 26
ol Oromoon qubee Sheek Bakriitti fayyadamaa akka turetu himama. Sheek Bakriin qubee kana kan
kalaqan sababoota adda-addaa irraa ka'uudhaani. Sababoota kanneen keeysaa: Ummanni Oromoo qubee
mataa isaa dhabuun isa duraati.

Yeroo Xaaliyaan Itoophiyaaa weerarte (1936-1941) keeysatti, Sheek Bakriin Rasandaa Xaaliyaanitti
dhihaachuudhaan waa'ee biyyaa irratti waan takka takka wajjiin haasawaa ture. Haasawa isaa keeysaa,
“Biyyi tun teenyumaa duraan yeroo nafxanyoota irraa yaaftan nuuf dhiiftan jennee turree, isiniis kunoo
biyya teenya ifumaaf qabattaniimi?” jechuudhaan Sheek Bakriin hoggaa gaafatu, xaaliyaantichiis
deebisee, ”Nuti biyya teeysan isiniif dhiifnaa, mee deemii namoota shan kan sideeggaran fidi. Garuu
isin silaa hedduudhallee, jegnootasi, duuba qalama hin qabdan,” jadheen. Sheek Bakriin deebisee,
“Afaan kan ittiin dubbannu kun hoo?” jennaan, “Afaan barreeffamaa, qubee hinqabdan jechuu kiyyaa
dura qalama tolfadhaa,” jadhe jechuudhaan” Ayinessoon (2023) Sheek Mahaammadsiraaj ilma Sheek
Bakrii wabeeffachuun barreesseera. Yeroo san irraa jalqabeeti ja’a Sheek Bakriin qubee kana kalaquu
kan jalqabe.

30
31
Qubee Sheekh Bakrii Saphaloo

Hanga bara 1974tti Oromoo naannoo sanaa kumaatamni qubee Afaan Oromoo Sheek Bakriitiin kalaqe
wal barsiisaa, dhaamsas ittiin waliif dabarsaa turan. Waggoota 26 oliif dhiibbaa garagaraa
damdamachuun erga barsiisee booda, walakkeessa 1974, Mootummaa Haylasillaaseetiin adamsamuu
jalqabe. Dhumarras harka jaraa bu’uun hidhaa ijaajjii hidhame. Booda, doorsisiifi hidhaan itti
hammaannaan umrii jaarsummaatiin biyya Sumaaleetti baqachuuf dirqame. Tibbuma kana mana
jireenyaa isaa irratti haleellaan raawwatamee, ragaan barreeffama inni kuusee qabu hunduu daaraa
botoroo ta’e. Kun hunduu kan isarra ga’e sababa qubee Afaan Oromoof uumeefiidha. Dhiibbaa
mootummaa Abbaa irreetiin hojiin eebbifamaa inni jalqabe kun daandii irratti gufate. Qubeen
Afaan Oromoo haarawaa kunis Oromoo hundaa bira osoo hinga’in gatatee hafe.

32
Walumaagalatti, namoonni adda addaa dhimma Afaan Oromoo gara barreeffamaatti fiduuf dhama’anii
jiru. Hayyuun qubee Arabaa fayyadamuun Afaan Oromootiin barreessuuf yaalee itti milkaa’uu
dadhabnaan booda, Oromoon qubee mataasaa uummatee akka barreessuuf nama tattaaffii guddaa
godhe Sheek Bakrii Saphaaloo ture. Yaalii Sheek Bakrii boodas, namoonni Afaan Oromoof Qubee
uumuuf ifaajii taasisaa turan nijiru. Isaan kana keessaa qorannoo kana keessatti namoota Afaan
Oromoof qubee uumuuf yaalaa turan qorannoo kanaan beekamtii nilaannaaf; nigalateeffannas.

3.2. Sheek Doktoor Abdushakuur Muhaammad Amaan

Sheek Doktoor Abdushakuur Muhaammad Amaan Godina Baalee


ganda Amaallamaa Gadmaratti bara 1934 A.L.I’tti dhalatan. Dr.
Abdushakuur iddoo dhaloota isaanii ganda Amaallamaatti
barnoota amantii abbaa isaanii irraa barachuu jalqaban. Erga
abbaan isaanii du’aniis, ittuma fufanii baratan. Barumsa amantii
islaamaa daran gabbifachuuf bara 1962 gara Baha Oromiyaatti
imaluun Sheek Bakrii Saphaloo irraa barnoota akka hadiisaa, Fiqii, Nahwi seer-luga afaan
Oromoofi seenaa ummata Oromoo baratan. Dhuma bara 1962 keessa karaa Jibuutiitiin
ulamaa’ota hedduu wajjiin gara Yaman ceehan. Haata’u malee, Dr. Abdushakuuriifi

33
waahillaan isaanii akkuma dooni irraa qarqara galaanaa biyya Yamanitti gad bu’aniin
qabamanii Jibuutiitti deebifaman.

Yaalii irra deddeebiin taasisaaniin booda Yaman miilaan qaxxaamuruun biyya Su’ud Arabiyaa
seenuun sa'uudiitti barnoota amantii isaanii itti fufan. Barnoota isaanii itti fufuun yuunivarsiitii
Jaami'aa Islaamiyyaa kan magaalaa Madiinaatti argamu irraa Digrii jalqabaa, Yuunivarsiitii Malik
Abdl’aziiz ja'amu irraa Maastersii fudhatan. Dr. Abdushakuur imala barnoota isaanii itti fufuun,
Doktoreetii (PHD) isaanii Yuunivarsiitii Ummal Quraa kan Makkaa keessatti argamu irraa
fudhatan, lammii Afrikaa irraa nama jalqaba barumsa islaamummaatiin Doktorummaa (PHD)
fudhataniidha.

Erga barnoota isaanii xumuranii booda, ciminaafi dandeeytii isaanii irraa kan ka’e mootummaan
Sa’uudii yuunivarsiitii guddaa biyyattii Ummal Quraa ja'amu kana keessatti hambisuun akka
barsiisaan godhe. Dr. Abdushakuur hayyuu guddaa waggoota 20 oliif Yuunivarsitii kanatti
barnoota amantaa barsiisuun nama muuxannoo olaanaa horataniidha. Kana cinatti hayyuun
guddaan dachiin Oromiyaa biqilchite warra hajjiif garas imalan akka abbaatti tajaajilaa nama
turaniidha. Erga hojii Yuunivarsiitii barsiisuu dhaabanii booda, Makkaa Masjiid Haramaa keessatti
barsiisuun dhimmoota akka hajjii, soomaa, zakaa, umraafi kan kana fakkaatan irratti gorsa
kennuun ummata muslimaa tajaajilaa turan.

Gama biraatiin, kitaabota 40 ol Afaan Oromoofi Afaan Arabaatiin barreessuun beekumsa dhaloota
har’aatiif nama kaa’eedha. Dr. Abdushakuur qabsoo ummanni Oromoo sirna cunqursaa of irraa
fonqolchuuf taasisaa ture keessatti gahee guddaa taphachuun nama kabaja ol'aanaa horatan ta’uu
seenaan isaanii nimul’isa. Yeroo arfii Arabaatiin Afaan Oromoo barreessan rakkoo isaan
mudateefi hojii Sheek Bakirii Saaphaaloo irraa muuxannoo horatanii turan bu’ureffachuunis
Afaan Oromootiif qubee haarawaa uumanii turan. Rakkoo siyaasa yerosiitiin hariiroon ummata
biyya kanaa waliin qaban laafaa ture. Keessattuu qabsaa’ota gargaarsaafii hojii diplomaasiitiif
biyya san dhaqan simachuun of bira qubachiisuun cinatti, rakkoo ummanni Oromoo akka sabaatti
keessa jiru addunyaatti beeysisuuf shoora leencaa taphataa turuu isaanii seenaan ni mul’isa. Ta’us
qubee uuman barsiisanii hawaasa Oromoo keessatti beeksisuuf haala mijataa waan argatan
hinfakkaatu. Waa’ee qubee kanaas ibsa dabalataa isaan barreessanii argachuun qorannoo kana
keessatti hammachiisuun hinmijanne. Wanti beekamu garuu qubee asii gaditti mullatu kanas
Afaan Oromoof uumuuf yaalanii akka turan yaadannoo seenaa isaanii keessa jira.

34
Qubee Dr.Sheek Abdushakuur Muhaammad Amaan
Dr. Abdushakuur Muhaammad bara jireenyaa isaanii dhimma Oromoo irratti xiyyeeffatanis, hojiin
isaanii biyya keessatti dhaloota kana qaqqabuuf carraa hinarganne. Imalasaanii duuniyaa kanaa
yeroo itti beekumsa isaaniin addunyaa guutuu tajaajilan qabaatanii, keessumaa barnoota amantaa
Islaamaa keessatti shoora olaanaa ba’atanii jiru. Haala kanaan osoo jiranii, dhukkubsatanii
hospitaala Maliik Fayselii’fi kanneen birootti yaalamaa turanii, dhalatanii umrii isaanii ganna 78tti
du’aan addunyaa tana irraa godaanan.

35
3.3. Muussaa Godii

Obbo Muusaa Godii bara 1922 – 1983 gidduu jiraatanii nama darbaniidha. Obbo Muussaa Godiitiis
qubee Afaan Oromoo barreessuuf yaalanii turan. Uunki qubee isaanii kuniis akka armaan gadii
kanatti taa'ee jira.

Qubee Muussaa Godii

Maddi yaada uumama qubee asiin olii sadan: Kitaaba Sheek M. Rashaad Abdullee (1981).
Barreessan, Katabbii Afaan Oromoo’oo”. Kan Walbarsiisaafi Yaad Bu’uraa Xaha A. Abdiifi Tamaam
A. Yesuuf Qopheessan keessaa fudhatame.

36
3.4. Sheek Kamaal Aadam Abbiyyuu

Sheek Kamaal Aadam Abiyyuu bakka Khabiira Shaayyaa jadhamutti


bara 1937 A.L.I’tti dhalatan. Bara 1955 umrii isaanii waggaa 18tti
qubee Afaan Oromoof bocan. Sheek Kamaal Aadam Abiyyuu jalqaba
biyya keessatti Sheek Kaliil irratti qur’aana amantii islaamaa kan
qara'an yoo ta’u, itti fufuudhaaniis gara Dirree Sheek Husseen
imaluun Sheek Kadiir Sheek Mahaammad irraatti baratanii jiru.
Sheek Kamaal imala ilmii isaanii itti fufuun Sheek Mahammad Khabiir Aabbuu, Sheek Abdulqadir
Sheek Waliyyii, Sheek Salii Hawwatee, Sheek Husseen Abroonyeetiifi Sheek Qaasim Sheek
Mahammad Alii irraatis baratanii jiru.

Sheek Kamaal barumsa amantii Islaamaa daran gabbifachuuf gara Sudaanifii Sa'udi Arabiyaattis
imaluun baratanii jiru. Turtii waggaa 28 tii biyya alaatti erga taasisaniin booda, akkuma
mootummaan ADWUI aangoo qabateen biyyatti deebi’an. Yeroo ammaa kanaas (hamma
qorannoon kun hojjetametti), asuma Oromiyaa keessa jiraachaa jiru. Qubeen Sheek Kamaal bocan
walii galatti digdamii shani. Akkasumas, akkaataa Qubeen Sheek Kamaal ittiin barreeffamu
mallattoo afur 4 qaba.

1. Mixansa

2. Binansa

3. Cibansa

4. Cinii

Cinii malee jarri sadeen hafan yeroo dheerataniifii gabaabbatan qabu.

1. Mixansa dheeraa/Gabaabaa

2. Binamsa dheeraa/Gabaabaa

3. Cibansa dheeraa/Gabaabaa

Akkaataa barreeffamaatiin Jalloo kan jedhamaniis nijiru

1. Binamsa jalloo

2. Mixansa Jalloo

3. cibansa jalloo

Cinii kan jedhamuuf qubeen sagalee akka hinqabaanne waan dhorkuufi. Fkn. Cal , Qaw, Bar, Shan

37
Bixansa kan jedhamu sagalee "U" jedhu bakka bu'a fkn. bu, ku, ru, mu..

Yeroo dheeratuus buu, kuu, ruu, muu.. ta’a.

Binamsa kan jedhamu Qubee "A" bakka bua. Fkn. ba, ka, ra, ma..... yeroo dheeratu baa, kaa, raa,
maa... ta’a.

Cibansa jachuun Qubee "I " bakka bua. Fkn. bi, ki, ri, mi.... yeroo dheeratan bii, kii, rii, mii .... ta’a.
Binamsa Jalloo kan jedhamu Qubee "E" bakka bu’a . Fkn. bue, qabe, mure, tare… ta’a.

Akkaataan uumama Qubee She Kamaal

1. Warra miila tokkoon dhaabbatuutu jira.

2. Warra miila lamaan dhaabbatuutu jira.

3. Warra mataafii miilaan sarararra ciisuutu jira.

4. Warra qaama guutuun sarararra ciisuutu jira

5. Warra kabeelaan isaa qaama isaa jalaa bahuutu jira.

6. Qubeen kun hunduu duraafii duubaan walitti ni hidhama. Yoo jachi dhume malee. Fkn
akka "N" dhufan. Fixan. Dhawan. Kutan...

7. Qubeen Afur (4) fuulduratti malee jidduutti barreessuuf hintahan. Obboleettii isii tan maqaa
tokko waliin qabaniin bakka buufamti.

38
39
Qubee Sheekh Kamaal Aadam Abbiyyuu

Dhimma uumama qubee isaanii kanarratti dhaabbanni TV OBS sheeka kana waamee afgaaffii
dhiyeessuufiin niyaadatama. Haata’u malee, qubeen kun madda akkamii bu’ureffachuun kan
uumame akka ta’es wanti isaan ibsan hinjiru. Quuqamuma qabaniif sarara fayyadamuun
mirgaarraa gara bitaatti barreessuuf yaaluun isaanii nimullata.

3.5. Hassan Gazzaalii

Hasan Gazzaalii namni jedhamu kun barsiisaa Afaan Oromooti. Yeroo ammaa kana Mana Barumsaa
Magaalaa Dirre Dhawaa keessaa Afaan Oromoo barsiisa. Digiriisaa jalqabaa Yuunvarsiitii Dirre
Dhawaatti Afaaniifi Ogbarruu Oromootiin fudhate. Tibba inni barachaa jiru sana Master Hasan
Abduqqaadir Aymoo qubee haarawaa ’Kuullee Oromoo’ jedhamtu tolchee kitaaba tokko ittiin
maxxansee, marii hawaasaas taasisaa ture. Namni kunis qubee haarawaa uumamte kanaan
hawwatamee digirii isaa ittiin xumuruuf waraqaa qorannoo, “ Qubee Afaan Oromoo Kan Maastar
Hassaniifi A.B.C… Walbiraa Qabuun Xiinxaluu” jedhu irratti hojjete. Namni kun bara 2012 (ALI)
waraqaa kana hojjetee kan xumure yommuu ta’u, walbira qabiinsa qubee A, B, C..fi qubee haarawaa

40
Mastar Hasan kalaqe xiinxaluutti xiyyeeffate. Sana keessatti hanqinootaafi jabinoota qubeelee
lamman gidduu jiru xinxale. Qubeen A, B, C duraanii sun maal hir’ise? Kan Master Hasan immoo
maal guute? Hanqina akkamii immoo qaba kan jedhu xiinxalee agarsiise. Hanqinni qubee laatinii,
bakka hedduu fudhachuu, qubeen dachaa akka hinjabaanne gochuun jecha seeraan barreessuuf
mijataa ta’uu dhabuu qeeqe. Qubeen Mastar Hasan uumemmoo, hanqina duraan ture sana guutus,
hanqinoota lama khullee yerosii sana keessatti akka ijootti ilaale. Sunis, qubeeleen baay’achuufi
kanneen waloo ta’an dubbifamuu dhabuu ture. Ta’us Kuullee Oromoo yeroo ammaa sadarkaa
guddaarra geessee jirtu hanqinoota guuttachuu dandeessee jirti. Baay’inni qubeelee 35tti gadi
bu’eera. Kanneen ergifatamanii Afaanota Kuush hundaa katabuuf tolanis dabalamanii jiru.

Barsiisaa Hasan Gazzaalii qorannoo kana booda qubee haarawaa Afaan Oromoof uumuu kaka’umsa
godhachuun hojiitti seene. Akka kanaan sagalee Afaan Oromoo keessa jiruufis ta’e ergisaaf qubee 33
uumuu danda’ee jira. Sanas akka barreeffamaaf tolutti tolchee jechoota addaddaa ittiin barreessuun
agarsiisuuf yaale. Falaasamni inni qubee ittiin uume kunis sarara kallattiilee arfanii bu’ureffateeti.
Heena Oromoo jedhees waama.

Deemsa uumama qubeesaa kana yommuu himus, “Falaasamni ani irraa kahe, kallattii arfan
bu’uureffachuun sararoota bu’uraa irraa qubeewwan sagalee afaanichaa bakka bu’an kalaquudha. Sanas
sararoota qubee laatinii, kan sheek Bakiriifi Mastar Hasan walitti cuunfuun haala mijatuun
dhiyeessuufidha. Fakkeenyaaf, qubee ani uume keessatti mallattoon dubbachiiftuu hirkattuu kan Sheek
Bakrii bu’ureffate. Xiyyeeffannoonkoo guddaan immoo qusata bakkaafi yerooti...“ jedha. Akka inni
jedhetti sararoota bu’uraa rogarfeerratti bocamantu isa fayyade. Kana malees hojiin namoota isa duraan
qubee uumanii bu’ura ta’eeraaf. Haata’u malee, haalota addaddaa sodaatee namoota jalaa kan dhokse
ta’uu dubbata. Hundumaafuu, Barsiisaa Afaan Oromoo ta’ee yaalii Afaan Oromoo qubee kalaquun
nama jalqabaa isa taasisa. Sababnisaa, warri kaan ogeessota beekumsa biraati.

41
42
Qubee Hasan Gazzaalii

43
Sagalee dheeraa akkamiin akka barreeffamu kan Hasan agarsiise

Walumaagalatti, yaaliin Hasan Gazzaalii qubee uumuuf taasise waan ajaayibaa ture. Ta’us, marii
hawaasaaf dhiyeessee yaada fooyya’insaa walitti qabachuuf haalli hinmijanneef. Hojiisaa wanti adda
godhu, barsiisaa Afaan Oromoo ta’ee afaanichaaf qubee uumuuf yaaluun nama jalqabaa ta’a. Namoota
ifaajii akkasii taasisaniif immoo beekamtii kennuun barbaachisaadha. Kanaaf qorannoo kana keessatti
ragaalee kanneen dhiyeessuun xiinxaluun barbaachise. Akka Kanaan namoonni muraasni Afaan
oromootiif qubee uumuu yaalanii jiru. Shak Bakrii Saphaalootti aansee namoonni kun hanga
beekumsa isaanii gumaacha taasisuu galmee seenaatu yaadata. Kanarraa kan hubannu ammo
Oromoof akka hanqinaatti kan ceephaasisaa ture Afaan Guddaan kun qubee ofiisaa dhabuu furuuf
hayyoonni addaddaa tattaafachaa turuu isaaniiti.

Qubeewwan haarawaa Afaan Oromoof amma yoonaa uumamam yoo ilaalle, hanqinoota garagraa qabu.
Maalirraa akka uumaman akkamiin akka barreeffaman ibsi itti kenname hinjiru. Daa’imman irratti
shaakalamees salphaatti baratamuufi ddiisuusaa hinhubatamne. Warri qubee kana uumanis halota
44
addaddaaf ummata biraan ga’uun hinmijanneef. Haata’u malee, qubeen haarawaan Master Hasan
Abdurqaadir Ayimoo nama jedhamuun uumamte ulaagaa addaddaa keessa darbuun uumamtee, Kuullee
Oromoo jedhamuun moggaafamte kaan caalaa salphaatti Afaan Oromoo ittiin barreessuuf mijattuudha.
Mataduree itti aanu keessatti ibsi bal’aan itti kennameera.

3.6. Mahaammad Abdii Bushraa

Mahaammad Abdii umriin ijoollee ta’us yaaliin qubee uumuuf godheen hayyummaa qabu agarsiise.
Qubee kana akka boca Odaarraa uume kaa’eera. Sanas gara oleefi gadee jedhee adda baase. Ta’us irra
deddeebii kobbee danata. Akkuma salphaatti sarara tokkoon kan barreeffaman muraasa.

45
46
Mallattoolee qubee

47
Sagaleewwan jabaatan

48
49
50
3.7. Mastar Hasan Abduqqaadir Aymoo

Uumdaya Kuullee Oromoo


(ቨsካr ጣኡn abሼᎫሾr aዕቸ

ሓmቀዓ Ꮲ᎒ Oኚቸ)

Kuulleen Qubee haaraya Afaan Oromoof uumamteedha. Kuulleen bara 2004 magaalaa Dirre Dhawaa
keessatti uumamtee, dhawaata dhawaataan jijjiirama sadarkaa harra irra geesse kana qaqqabde. Namni
Qubee kana uume Qorataa Aadaafii Afaanii, akkasumas leenjisaa Tikuwaandoo kan ta’e Maastar Hasan
Abduqqaadir Aymo yoo ta’u, qubee kana uumuuf bu’aa ba’ii addaddaa keessa akka darbe dubbata.
Wixinee qubee saxaxuu kana jalqabee waggaa 9 booda (2004- 2013) waltajjii addaddaa uumee
hayyoota mariisise. Xumura bara 2013 keessa immoo kitaaba “Kuullee Afaan Oromoo“ jedhu
maxxansee tolaan raabse. Namnuu kaffaltii tokko malee kitaaba kana fudhatee akka dubbisu taasise.
Achi keessatti yaalii wixinee qubee Afaan Oromoo saxaxe sanas dhiyeesse. Hanga dandaa’ametti
wantoota aadaa Oromoo keessatti beekaman walqabsiisee kalaquu yaale.

Dhimma qubeewwan kanaas ta’e akkaataa hubatamuu isaaniis yaada namootaa dhaggeeffachuu jalqabe.
Sagaleelee Afaanota Kuush keessatti dhimma itti ba’aman hundaayyuu hammachiisee asbaasuu yaale.
Baruma kitaabicha maxxanse sanas waltajjii umee Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti hayoota sadarkaa
addaddaa mariisise.

51
Walga’ii sanarrattis maaltu akka isa kakaase akkas jechuun dubbate.

“... Maan guddoon keenya muuxannoo garbummaa yeroo dheeraa qabdi. Kanaaf qubee laatinii
yeroo mormitu, dargaggeessaan ’gurbaa ati laatiniin baratteeyii?’ jettee gaafatti. Qubeen
laatinii kun kan Oromoo miti. Ergifata! Anis sanumarraa kaayeeytin ’Oromoon qubee isaa
maaliif hinbarbaaddanne? Wanti guddaan anat mul’ate maali? Namni kallattii kana
hinhubanne. Namoota waa hedduu kalaqu niqabna akka Oromootti, namoota sammuu addaa
qaban niqabna. Garuu kallaattii kanaatiin hinyaaddofne haga tokko. Laatiin kun keenya jennee
fudhannee itti deemaa jirra. Garuu, qubeen kun qubee alagaati. Qubee keenyaa miti. Sagalee
keenya nuuf barreessuu danda’ee jira...Mataa olqabachuu keenyaaf bu’ura qubeen kun. Ta’us,
Oromoon qubee mataasaa haaqabaatu. Qubee takka namnuu yeroo arge “Kun qubee oromooti
kan jedhuun, Fidala yeroo arginus qubeen kun kan Amaaraati. Qubee Arabaa yoo argines,
qubeen kun arabaati jenna. Kan laatinii kanas Qubee Ingiliffaa jenna. Qubeen hawaasa sanii
wajjin beekama... Oromoonis qooqa bareedaa kana jechoota bareedaa kana erga qabaatee

52
qubee isa fakkaatu tokko bocatee kan ittiin waamamu maaliif hinqabaanne? Gaaffii jedhu
deebisuufan ka’e!“ Maastar Hasan Abduqqaadir Aymoo

Yaada kanas, erga waggaa sagaliif qorannoo geggeessee dhiyeesse. Dhugumayyuu Afaan saba guddaa
kun akkamiin qubee mataasaa kan ittiin waamamu dhaba? Akkuma namni kun jedheyyuu hayyoonni
dhimma kana dagatanii turan jechuudha. Nuti akkamiin qubee ergisaa dhaloota dhaalchifna? Qubeen
kamiiyyuu hawaasaan hidhata qaba. Kanaafuu, Oromoon illee qubee ittiin afaansaa katabatu kan ofii
qabaachuu qabaan sun yaada mormii hinqabneedha. Yeroo yaada kana hayyootaaf dhiyeessu, qubee
uume kanaan jechoota ijaaruu jalqabuusaa ragaan agarsiisu kitaabicha keessa jira.

Mastar Hasan haala kanaan biyya keessatti uummata mariisisaa deemsa itti fufe. Hojii dhuunfaasaa
biratti, dhimma Ummata ballaas qabatee sochoosaa ture. Sadarkaa addaddaattis qubee kalaqaa
fooyyessaa, yaada namootaa fudhataa yaadicha gabbisaa deeme. Kana gidduutti motummaan TPLF
dhimma ’uumdaaya’ (innovation) nama kanaa dhaga’uun dhabamsiisuuf karoorsa. Achumaan namni
kun mul’atasaa hundaa qabatee biyyaa bade. Haala addaddaa keessa qaariyee biyya Ameriikaa,
Magaalaa Saandiyaagoo, Godina Kaalifoorniyaa gale. Akkasiin dagaagina Kuulleetiif carraan gaariin
uumamuu eegale. Waan achitti dalagatee argatuunis mullatasaa kana dhugoomsuuf fiigaa ture. Qarshii
ofiitiinis kiiboordii kuullee hojjechiisuu, heyyama IPA argachuufis adeemsa jalqabe. Pirojeektii Kuullee
Oromoo guddisuus itti fufuun sadarkaa kanaan ga’e.

53
3.7.1. Seenaa uumama Kuullee
Mastar Hasan Kuullee uumuuf adeemsa addaddaa keessa akka darbuu dubbata. Sunis hanga yoonaatti
gulantaalee afur keessummeesse. Gulantaa jalqabaa keessatti, wantoota Oromiyaa keessa jiran
fakkeessee uume. Fakkeenyaaf, farda fakkeessee qubee F uume. Urunguu fakkeessee qubee ’U’ uume.
Gaala fakkeessee qubee ’G’ uume. Kaan guca, kaanimmoo, boca wantoota aadaa Oromoo keessatti
bebbeekaman biroo bu’uureffate. Sanaanis jechoota addaddaa barreessuun marii hawaasaaf dhiyeesse.
Qubeelee qopheesse kanaanis hanga kitaaba barreessee maxxansuutti deeme. Kitaabni inni maxxanse,
“Kuullee Afaan Oromoo” jedhama ture. Kitaaba kanas hawaasa keessa raabsuun keessumaa
Oromoonni gara bahaa akka dubbisanii irratti yaada kennan taasise. Akkasittiin yaada hawaasa maraa
walitti kurfeessee fooyya’iinsa hojjechuutti darbe.

3.7.2. Waltajjii Marii Kuullee Qopheessuu

Mastar Hasan Bara 2004 (ALA) kaasee hojii qubee Afaan Oromoo uumuutti xiyyeeffatee hojjechaa
ture. Hojii jalqabaa wantoota naannootti argaman bu’ureffatee tokkoon tokkoon qubeelee bobbocuuf
yaale. Sanas hayyootaaf dhiyeessuun yaada namootaa walitti qabachuutti ciche. Hayyoonni achirratti
argamanis, “Wantoonni ati irraa uumte kun bakka hundaatti haala walfakkaatuun hinbeekaman waan
ta’eef, waan Oromoo hundaa biratti beekamu barbaaddee yoo achirraa bocce’oo?“ yaada jedhan
kennaniif. Kaanis, gufuuwwan gargaraa mudachuu akka malu itti himanii, yaada gabbisaa kennaniif.
Jabaatee hojjechuun caalaatti akka cimsus jajjabeessan. Innis, kitaaba kuullee jalqabaa sana
maxxansuun namootaaf tolumaan hiree, akka dubbisanii yaada irratti kennan taasise. Yaada namoonni
kennanis walitti qabuun akkamiin irruma caalaa fooyyessuu akka qabu itti yaaduu jalqabe.

Marii Kuullee irratti eenyufaatu hirmaataa ture? Qaamni Mootummaa irratti qooda fudhate jiraa?
Dhimmi Kuullee yerosii kun sadarkaa naannoo Oromiyaatti beeksifameee? Gaaffilee kanneen asjalatti
deebisuuf yaalla.

Jalqabumarratti, Mastar Hasan gaafuma Kuullee Oromoo kana kalaqe kallattiin Yuunvarsiitii Dirre
Dhawaaf dhiyeessuun hayyoonni achi jiran akka yaada irratti kennan gochuu dubbata. Akka kanaanis
waltajjiin marii uumamee, qubeen haarawaa kun dhiyaachuun namoonni yaada akka irratti kennan
taasise.

54
Yeroo mastar Hasan ummata mariisisaa jiru suura kaafame.

Suura namoota marii kuullee irratti argamanii

55
Namoota marii dhimma Kuullee Oromoo irratti hirmaatan

Dhimma Kuulleen walqabatees qorannoon hojjetame kun hojiirra akka oolu, Biiroon Barnootaa Dirre
Dhawaa Biiroo Barnoota Oromiyaatiif xalayaa barreessee ture. Xalayaasaa keessatti, jiraataa
magaalaa isaanii kan ta’e Dargaggoo Hasan Abduqqaadir kaka’umsa ofiisaatiin naannoo Qubee Afaan
Oromoo irratti qorannoo geggeesse. Achiis argannoo haaraa irra ga’e ogeessota Afaan Oromoofi
hawaasa garaagaraa magaalaa isaanii jiran waliin waltajjii marii uumuun yaada dabalataa argatee
jiraachuu ibsanii, Biiroon barnoota Oromiyaa gamasaan deggarsa barbaachisu akka godhuuf gaafatan.
Kunis kan barreeffame 17/10/205 ALI ture. Yeroo sanaa kaasee hojiin Kuullee ga’oomsuu itti
fufiinsaan kan hojjetamedha. Xalayaan sun asii gaditti hidhamee kan jiruudha.

56
Biiroon Daldalaa, Induustiriifi Inveestimentii Magaalaa Dirre Dhawaa xalayaa Waajjira Aadaafi
Tuurizimii Oromiyaaf barreesseen akka ibsetti, Dargaggoo Hasan Abduqqaadir Ayimoo magaalaa
isaanii keessatti Qubee Afaan Oromoo irratti qorannoo bu’uraa hojjechuun itti ba’ii qorannichaa mariif
dhiyeessee turuu dubbachuun, gama Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin deggarsi akka godhamuuf xalayaa
gaafa 20/02/206 barreesseen gaafatee ture. Xalayaan sunis asii gaditti mullifamee jira.

57
Marii bakka addaddaatti geggeesse dabalatee, Mastar Hasan Kuullee agarsiisa sadarkaa biyyaatti
taasifamerratti dhiyeessee kalaqa uumuudhaan dargaggoota biyya Itoophiyaa keessaa meedaaliyaa
badhaafamee ture. Sunis, waraqaa ragaa Ministeerri dhimma Dubartootaafi Daa’imman Itoophiyaa
kenneeftu ragaa ba’a.

Walumaagalatti, biyya kana keessatti sadarkaa waajjira mootummaatti beekamtii kan argatte Kuulleen
Oromoo waggaa 18 guutuuf adeemsa adda addaa keessa darbitee sadarkaa amma irra jirtu qaqqabde.
Asiigaditti yeroo kuulleen agarsiisaaf dhiyaatte, sadarkaa ministeera yerosiitti daawwatamteefi
uumdaya kuullee kan ta’e Mastar Hasan Abduqqaadir Aymoo yeroo badhaasa meedaaliyaafi waraqaa
ragaa fudhatu suuraan agarsiifamee jira.

58
Yeroo kuulleen jalqabaa Agarsiisa Sadarkaa biyyaaf dhiyeessu

Ministeera Dhimma Dubartootaa yerosii irraa meedaaliyaa badhaafame

59
Dinqisiifata ministeera yerosii Kullee irratti

Waraqaa Ragaa Ministeera Dubartootaafi Daa’immaniin irraa kennameef

60
Agarsiisa hojii kalaqaa Kuullee sadarkaa biyyoolessaatti kennameefi marii hawaasa sadarkaa addaddaa
waliin taasifameen yaadni kenname sunis gara gulantaa birootti akka inni ce’uuf isa gargaare.
Gulantaan lammataa kunis, qorannoo dhimma uumama qubee afaanota addaddaa qorachuu akka jalqabe
dubbata Mastar Hasan. “Yaada uummataa sana fudhadheeni, qorannaa biraa geggeessuun ’Afaanonni
kaan akkamiin qubee uummatan?’ kan jedhu qorachuu taa’e. Afaanota biyya alaa akka kan faranjii, kan
arabaatis, warri Ibiruullee maalirraa akka tolfatan ilaale. Qubeen jara kanaa akkamiin aadaa isaaniin
walqabatee uumame kan jedhu sanatu naafis ka’umsa ta’e,“ jedha Mastar Hasan.

Sana fuuldura, falaasama ummanni addunyaa ittiin qubee uummate sakatta’e. Sana keessattis wal
walirraa baayifamuu qubeewwaniifi aadaa isaanii bu’ureffachuun qubee warra uummate sanaa bira
ga’e. Qorannoo bal’aas geggeesse. Akka kanaan innis falaasama addunyaan ittiin arfii/mallattoo qubee
afaan ofiif uummatte erga xinxalee booda hubannoo biraa horate. Fakkeenyaaf, qubee laatinii keessatti
qubee tokko irraa qubeeleen addaddaa gaggalagaluun uumamuu dursee adda baafate. Qubeen b
ofumashee gaggalagaluun kallattii jijijjiirrattee qubeewwan biroo sadii d, q, p, horatte. Fakkeenyi
biroon, qubee ’V’ V gadi gonbifame goodaadhaan yoo dabalatte X taati. V kun miilla yoo gadi
dheereffatte Y taati. V lama walitti maxxansinee yoo keenye W ta’a. V lama gadi galagalchinee yoo
walitti maxxansinee keenye M ta’a. Akka kanaan Z, L, N... uuman. Akka falaasama kanaatti, qubee V
qofaarraa qubeewwa 7 (X, Y, M, W, Z, L, N) uumaman jechuudha. Kaanis akkasuma.

Gama biraatiin qubeewwan biyyoota addunyaa madda ka’umsaa aadaa ofii godhatanii akka uumamanis
qorachuun bira ga’uu dubbata. Fakkeenyaaf, bocni qubee arabaa qaamota gaalaa tokko tokkorraa
uumame. Sababnisaa, warra Araba biratti gaalli bakka guddaa qaba. Akka kanaan yoo ilaalle, qubee S/
Suaad arraba gaalaarraa, qubee L miilla gaalaarraa, qubee M eegee gaalaarraa, ija gaalaarraa qubee H
tolfatan.

Sana yeroo qoratus, Motummaa TPLF’n biyyaa ariyamee biyya ormaa keessa jiraata ture. Dhiibbaa
isarra ga’een biyya ormaatti baqatus, mullata qabate sana ittuma fufe malee hindhaabne. Waa’een
Ummata Gudoora (Great) kanaa ciisa isa dhowwe. Tokkoffaan ummanni Akka Afriikaattuu guddaan
kun addunyaafuu sirna Gadaa bulchiinsa dimokratawaa uumuu danda’ee, qubee mataasaa uummachuu
akkamiin dadhabe? Hanqinoota qubee laatiiniifi qubeelee kanaan dura madaqfaman ykn bocaman
keessatti mudatan kana akkamiin furuun dandaa’ama? Gaaffilee kana lamman qabatee jiruu biyya
hambaa keessatti dhimma Qubee Afaan Oromoo kana uumuu ittuma fufee irratti hojjete. Yaada
namoota guurrachaa tures galtee godhachuun inumaayyuu bu’ura Oromummaatiin qubee yayyabuuf
murteesse. Sunis gara gulantaa itti aanuutti akka ce’uuf isa kakaase.

61
Akkan ilaalaa jirutti, Kuulleen Oromoo kun kaanirra filatamaadha. Sababnisaa, kaan caalaa teknoloojii
waliin hidhata qaba. Kiiboordiin kompiwuteraa itti uumamee jira; namnuu laptoppii isaa irratti ittiin
barreessuu nidanda’a. Lammata applikeeshiiniin qubee Afaan Oromoo kan laatinii irraa madaqfame
waliin waldubbisiisu uumameeraaf. Kanaaf barreeffamoota kanaan jiran garasitti kan sanaan jiran
salphumatti deebisanii hubachuun nidandaa’ama. Gama biraatiin Kuulleen kun barachuufillee mijataa
fakkaata hangan xiinxaletti. Mee falaasama uumama Kuullee Oromoofi adeemsa sirna barreeffamashee
hundaa boqonnaa itti aanu keessatti ilaalla!

62
BOQONNAA AFUR
QUBEELEE UUMAMAN KEESSAA KAMTU FOOYYA’AADHA?

Qubeewwan haarawaa uumaman torban kanneen qorannoo kana keessatti xinxalaman keessaa akka
qorataa tokkootti qubee Afaan Oromoo kan laatin irraa madaqfamee itti fayyadamaa jirru waliin walbira
dorgomsiisuuf kanan filadhee dhiyeessu Kuullee Oromooti. Maaliif? Kuulleen Oromoo kun dokmentii
gabbataa qabdi. Keeboordiin kompiwuteraa itti tolfameera. Appilikeeshiiniin gargaraas qophaa’eeraaf.
Salphumatti, ittiin barreessuun nidandaa’ama. Sababni filannoo kiyya lammataa, Kuulloon kun daftee
baratamuudha. Namni mallattoo tokko bare mallattoolee addaddaa 7 ol baruu nidanda’a. Yeroon turtii
namni tokko baree barreessuu danda’u guyyaa tokko kan hinguunnedha. Anis ofiikootii salphumattin
baruu danda’e. Ulaagaan biroon hawaasa sadarkaa addaddaa mariisisuun yaada namootaa fudhachuun
fooyyessaa deemuusaati. Kana malees, seerota barreeffamaa qopheessuun ifatti lafa kaa’eera. Qabata
kanaan boqonnaa kana keessatti falaasama uumama kuulleefi seera barreeffama isaa gadi faginaan
xinxaluuf yaaleen jira.

4.1. Falaasama Yayyaba Kuullee Oromoo

Gulantaa 3ffaa irratti, qubee Odaarraa bocuuf murteesse. Qorannoo uumama qubeelee afaanota
addunyaa booda, Maaster Hasan, qubee Oromummaa bu’ureffate, kan eenyummaan Oromoo irraa
urgaa’u uumuuf deemsa itti fufe. Wanti Oromoof mallattoo ta’e immoo Odaadha. Kanaaf haala duraan
qubee itti kalaqe sana jijjiiree Boca Odaa irraa Afaan Oromoof qubee yayyabuu jalqabe.

Odaa irraa qubee bocuun maaliif barbaachise? Wantoota Oromoon walitti qabu keessaa tokko
Oromummaadha. Odaan immoo mallattoo Oromummaa calaqqisiisan keessaa tokko. Jalqabumarratti,
Kuulleen Odaa bu’ureffachuun urgaa Oromummaa sana qabaachuudha. Sababnisaa maaliif? Odaan
Mallattoo Oromummaati. Odaan Oromoof gaaddisa!

Akka ilaalcha Oromootti Odaan muka muka caaluudha. Kunis, dhugaa bu’ureffata. Odaan bonaa ganna
lalisa. Jallisaa jiidhaa waan ta’eef, biqiltoota isa jalatti biqilaniif soorata mijeessa; itti cobee
hinballeessu. Kunimmoo, Oromoon kaawwaniif gaaddisa ta’uu mallatteessa. Dacheen Oromiyaas
soorata lubbu qabeeyyiif tolu akka magarsu agarsiisa.

Darbees, Mukni Odaa firiinsaa ninyaatama. Kunis, Oromiyaa keessa beelli akka hinjiraanne agarsiisa.
Bineensi nama miidhu odaa hiyyaabbatu. Achi jalattis hinargamu. Kunimmoo, sirna gadaa keessa gochi
ilma namaa dararuu akka hinjirre mallatteessa. Dubbiin odaa jalatti dubbatamullee bakkeetti
hindhaga’amu jedhama. Kanaaf Oromoon Odaa jalatti walga’ee mariyata; dubbiis furata. Araarri odaa

63
jalatti, ayyaaneffannaan addaddaas akkasi. Icciitiin Oromummaa guddaa akka eegamus kanatu mullisa.
Kanaaf, Kuulleen Oromoo odaarraa uumame jechuun foolii Oromummaa qabaata nu jechisiise.

Odaa

Kuulleen akkuma aadaa Oromootti seera yayyaba shananii hordofuun boca muka odaa irraa kuulamte.
Akkuma beekamu Odaan Oromoo shan. Gadaan Oromoo shan. Oromoon gosa shanirratti yayyabame.
Haaluma kanaan Kuulleenis mallattoo sagaleelee shan Odaarraa yayyabaman irraa Kuulleen 35
yayyabamte. Akkaataan uumama Kuullee yoo ilaalle boca qubee sanaa sagaleewwan waliin daballee
qabachuuf mijataadha. Sunis, falaasama walirraa horamuu kan bu’uureffamte yommuu ta’u, jalqaba
qubeelee hundee ta’an shantu Odaarraa bocame. Isaanis

1. A = a,

Kuullee A akkasitti uumame jechuudha. Odicha ruufasaa gara gubbaa


irraa muruun hundeesaa qofaatti baase. Hundee sanammoo A jedhee

64
moggaase. Sanaa moggaasuufis sababa qaba. Sun Kuulleewwan biroof
hundee ta’uu sagalee kanaati.

2. B = b

Itti aansuun kan uumamte Kuullee B yommuu taatu, isheenis odaa


damboobaa sana akkuma jiruun osoo hinmurin tolche. Sababni kun dura
oolteef, Kuulleewwan sadan kaanillee asirraati kan isaan murmuramuun
uumaman. Mallattooleen Kuullee ’B’ irraa yayyabamanis gabatee asii
gadii keessatti agarsiifamanii jiru. Kunimmoo, namni mallattoo Kuullee B
hubate kaan salphumatti nafeeffachuu akka danda’uuf gargaara.

65
3. K= k,

Inni kun adeemsa uumamni sagalee Kuullee K ittiin tolfameedha. Ruufni


odaa gama mirgaan jiru akka agarsiifame sanatti irraa yeroo muramu
boca k nuuf kenna. Kanas sagalee K bakka buuse. Mallattoo Kuullee
kanarraas mallattoolee Kuullee addaddaa irraa tolchuu danda’ee jira.
Sunneenis gabatee asii gadii keessatti agarsiifamee jira.

66
4. I= i

Kunimmoo, adeemsa mallattoon Kuullee I ittiin uumamteedha. Ruufa odaa


sana gara gubbaatiin irraa muruun boca I tolche. Sanas sagalee I’f bakka

buuse. Kanarraas mallattoolee Kuullee adda addaatu uumaman. I ofiishee

67
dabalattee mallattoolee Kuullee 10n yayyabuu dandeessee jirti. Kunneenis,
gabatee asii gadii keessatti agarsiifamanii jiru.

5. M = m

68
Kun adeemsa mallattoon Kuullee M ittiin uumamteedha. Kan duraan yeroo

mallattoo K uumamte irraa kute gara oliitti suphuun mallattoo Kuullee m


fakkaattutu tolfame. Kunis mallattoo sagalee M bakka buute. Mallattoo
Kuullee kanarraas Kuulleewwan biroon tolfamanii jiru. Kana gabatee asii
gadii keessatti argina.

Mallattoon sagaleelee shanan kun kan uumaman bocuma Odaa murmuruun


tolfamuu isaanii argitanii jirtu. Odaa dhaabatee jirurraa hundeesaa muranii
yoo baasan Kuullee A = a, argame. Kanaafuu, mallattoon sagalee ’A’ bakka

buutu ’ a’ kun Kuulleewwan 34’n irratti hundee ta’uun tolfamte. Kuulleewwan


shanan kanneentu kallattii jijijjiirachuun ykn mallattoo dabalachuun sagalee
35 ta’e. Kunis seera yayyaba shananii hordofeeti tolfame.

Mallattoo I Irraa qubeelee sagaltu uumaman... i, ǰ, e, f, u, t, d, ǩ, ’ kunneen mallattoo wayii


dabalachuu ykn kallattii jijjiirrachuu qofaan addummaa qabaatu.

K Irraas qubeelee sagaltu uumame: k, Ǭ, c, Ǧ, l, v, q, r, g, h asirratti irruma caalaa kan mullatu


kallattii jijjiirrachuun addummaa uumuu yommuu ta’u, ch...kh irratti garuu mallattoo eda’uun
uumaman.
69
b.... irraas qubeewwan 7 uumamanii jiru. Sunis akkuma kaawwanii kallattii jijjiirrachuufi mallattoo

dabalachuun addummaan itti uumame. Isaanis: b, j, o, w, dz, x, y.

M irraas qubeewwan 7 uumuun dandaa’amee jira. Isaanis akkuma kaawwanii kallattii jijjiirrachuufi

mallattoo dabalachuun uumaman. Isaanis, m, n, Ǯ, s, Dz, z, Ǵ kunneen shanan chaartii asii gadiitiin


mullifamanii jiru.

Chaartii asii olii keessatti tartiibni Kuullee Oromoo kan mullifame yommuu ta’u, qubee dachaa kan
jedhamaa ture haqamuu chaarticharraa hubachuun nidandaa’ama. Hunduu qeenxee ta’uun kalaqame
jechuudha. Ta’us sagaleen qubeen dachaa duraanii bakka bu’e sun nijira. Sagalee kh duraan hinturreeef
mallattoo bakka buutu kaahee, hudhaas tartiiba dhumaarra galche. Tartiibni jiru garuu akkuma duriiti
wanti jijjiirame hinjiru. Walumaagalatti sagalee 35f mallattoo Kuullee uumuutiin goolabee jira.

Egaa, Kuulleen Oromoo sagalee 35 (soddomii shan) kan qabdu taatee, Sagalee Afaan Oromoo
hundaayyuu barreessuuf mijattuudha. Sagalee ollaa keenyatti dubbatamu keessaa muraasas gara ofiitti
madaqfattee jirti. Kuulleen akkaataa uumamaafii hojimaata isheetiin bakka afuritti qoodamti. Isaaniis:
Sagaltuu, Sagalfamtuu (Aanteefi Galtuu), Sagaloostuufi Fanniftuudha.

Afaan Kuush barreessuufis sagaleelee fayyadan guuttattee dhiyaatteetti. Tarii sagaleewwan kanneen
jechoota Afaan Oromoo barreessuu keessatti yoo itti fayyadamuu baannes obboloonni keenya ilmaan

70
Kush Akka sumaalee, Afaar, sidaamaafi kan biroon itti akka fayyadamaniif tolfame. Akka kanaan
galtuu Kuullee keessaa bakka lamatti qoodna. Isaanis, galtuu gooroofi galtu goroo jedhamu. Galtuu
gooroo kan jennuun sagalee Kushotaa ittiin barreessuuf kanneen fayyadaniidha. Isaanis suura asiigadii
irratti kataba manii jiru. Galtuu goroo immoo sagalee seemotaa ittiin barreessina. Galtuulee Gooroo
kana yeroof kuullee keessatti olkaa’uu (reserved) keewwanna. Yoo jechoonni Afaan ilmaan Kush afaan
keenyatti seenan sanaan katabuu dandeenya. Dabalataanis, warri Affaar, Sumaaleen Kuullee
fayyadamuuf yoo garana dhufan sagalee guutuu argatu jechuudha. Ta’us garuu, ammaaf Kuulleen
Oromoo 35 ta’ee tura.

Afaanota Kush barreessuuf sagaleelee fayyadan lamaan

4.2. Seerluga Kuullee Oromoo


Kuulleen Oromoo akkaataa dubbii ummata Oromoo hordofee seerluga bocate. Seeronni kunniin kan
Qubee Laatinii irraa adda ta’es kan qabu ta’uu hubatama. Seeronni kanneen warra asii gadiiti.

4.2.1. Seera Dimshaashaa Kuullee

1. Kuulleen Oromoo seera kallattii bitaa irraa gara mirgaatti barreessuu kan hordoftuudha.
A, b, c, Ǧ d, ǩ, e, f...
2. Garaagarummaan qubee guddaafi qubee xiqqaa jedhu hinjiru. Dabalees, qubee dachaa wanti
jedhamu hinjiru; hunduu qeenxee ta’ee tolfame. Kanaanis seera qubee duraanii irraa seerota
lama gadi hir’isuu dandaa’ameera. Kunimmoo, dogoggora gama qubguddeessa uumamus ta’e
sagalee dachaa jabeessuun hindandaa’amu jedhamee akka Oromoon dubbatutti barreessuun
dadhabamu sana hambise. Walumaagalatti, Afaan Oromoo keessaa seerri qubguddeessaafi
qubee dachaa haqameera.
Fkn. ክቧእ ጞኛት. (Tolasaa Gaarumaa)

ቀርn ቡn ቀሮ oኚቲዘኬ. (Dachaan kun dachee Oromiyaati.)


3. Kuulleen Oromoo tartiiba (a, b, c) hordofuun kan waamamtu yommuu taatu, sagaltuufi
sagalfamtuutti qoodamti. Sagaltuun kan sagalee kennitu yommuu taatu, sagalfamtuun immoo
71
kan sagalee fudhattuudha. Sagalfamtuun kunniin aanteefi galtuu jedhamanii bakka lamatti
qoodamu. Sagalee aanteen warra uumamaan Afaan Oromoo keessa jiran yommuu ta’an,
sagaleeleen ’galtuu’n immoo afaan biroo keessaa madaqfaman.

Tartiiba Kuullee Oromoo:


A B C Ǧ D Ǩ E F G H
A B C CH D Dh E F G H

I J K Ǭ L M N Ǯ O P
I J K Kh L M N Ny O P
ǰ Q R S Dz T dz U V W
Ph Q R S Sh T Ts U V W
X Y Z Ǵ ’
X Y Z Zy ’

Sagaleelee kanneen keessaa galtuu 5tu jiru. Isaanis, p, dz, v, z, Ǵ. Kaawwan hafan Afaan Oromoof
’aantee’ warra jedhamaniidha.
Sagaltuu Kuullee Oromoo
Sagaltuu gabaabduu (ኡቇlኳ Ǣrኳ)
A E I O U
A E I O U

Sagaltuu dheeraa (ኡቇlኳ Ǣrኳ)


AA EE II OO UU

Aa = ሀ Ee = መ Ii = ሌ Oo = ሇ Uu = ሓ

4. Kuulleen Oromoo sagalee jabaafi laafaa ofkeessatti kan qabdu taatee sanneen keessaa sagaleen
’aantee’ 25 yommuu taatu, shan immoo ’galtuu’dha. Kanneen hunduu yeroo jabaattee
barreeffamtu ’sagalfamtuu jabduu’ jedhamti. Santu cimdiin barreeffamuun sagaleelee 60 ta’a.
Seerri, sagalee silaa jabaatuun jabaatee hinbarreeffamu jedhu Afaan Oromoo keessaa
haqameera. Fakkeenya, kan duraa keessatti sagaleen dachaa jabaatee akka hinbarreeffamne
hubatamaa ture. Askeessatti garuu sagaleen dachaas hinjiru; kanaafuu, kan jabaatu
72
jabeeffameetuma barreeffama. Sababnisaa, Kuulleen akka Oromoon itti sagaleessee dubbatu
hordofti.
5. Kuullee Oromoo keessatti sagaleleen ’sagaltuu’ jedhaman 5tu jiru. Isaanis yeroo dheeratan
lama ta’anii waan katabamaniif, sagaltuu 10 ta’u. Kanneen keessaa sagaleeleen 9
’sagaloostuu’ jedhamuun beekamu. Isaanis, sagalee ’aanfattuu’ irratti idaa’amuun dheerinaafi
gabaabina sagaltuu agarsiisu.

Sagaltuufi sagaloostuu

Sagaltuu Sagaltuu Sagaloostuu


Gabaabduu Sagaloostuu
dheertuu gabaabduu
dheertuu
A A AA ሀ Hinqabdu

E e EE መ
I I II ሌ
O O OO ሇ
U u UU ሓ

Sagaloostuun hundee sagalfamtuu kan ta’e ’A’’’ irratti hidhamuun kan barreeffamtu yommuu taatu, sirna
barreeffamaa Oromtuun barreessuuf nufayyada. Sunis baay’inaan sagaltaatus mallattoo sagalee irratti
waan dhuftuuf bakka hinqabattu. Akka fakkeenyaatti, jechoota silaa qubee ergisaan barreessuuf
dhorkaman sana barreessuuf haalaan nufayyaddi. Sagaleelee jabaatanii qubeewwan lama ta’anii
barreeffaman sana tokkorratti xumuruun qusannoo cimaa agarsiisee jira.

73
B B BB ሉ C C CC ህ

Ch Ǧ CHCH Ǧ D D DD Ǩ

Dh Ǫ DHDH Ǫ F F FF ff

G G GG ሊ G G HH ላ

J J JJ Ǫ k k KK ሄ

Kh Ǭ KHKH Ǭ L L LL ል

M ሎ MM ሎ N n NN ሏ

Ny Ǯ NYNY Ǯ P p PP Ƿ

Ph ǰ PHPH DZ Q q QQ ሆ

R R RR ሐ S s SS ሑ

Sh Dz SHSH Ƴ T t TT ሒ

Ts dz TSTS ƽ V v VV ሔ

W W WW ሕ X x XX ሖ

Y Y YY ሗ Z z ZZ Ƕ

Zy Ǵ ZYZY ǵ ’’ ’Ǻ

Gabatee asii olii irraa hubachuu akka dandaa’amutti, jechoota sagalee jabaa qaban barreessuu keessatti
kan duraan qubee lama ykn qubee afur ta’uu danda’u kuullee tokkoon xumuruun dandaa’amee jira.
Inumaayyuu, seera qubee ergisaa keessatti qubee dachaa jabeessuun hindandaa’amu ture. Kuullee
keessatti garuu qubeen dachaa hinjiru. Kanaaf, sagalfamtuun kamiyyuu jabaachuus ta’e laafuu
nidandaa’a jechuudha. Kunimmoo, seera afaan dubbii Oromoo sana hordofanii barreessuuf gargaara.
Afaan Oromoo akka dubbatametti barreeffamuu qaba. Sababnisaa, isa barreeffametu dubbifamas.
Fakkeenyaaf, dachaa, machii, hadhooftuu, nyanyaachuu, shashaakaluu... qubee ergisaa kanaan yeroo
74
barreessinu hanqina qaba. Hanqinnisaa, sagalee jabaatee dubbatamu laaffisanii barreessuudha. Kuulleen
garuu sana guutanii barreessuu dandeessiseera.

dachee, ቀሮ
machii, ቨሯ
hadhooftuu, ጣሳfኳ
nyanyaachuu, ƋƆሱ
Shashaakaluu ƩƸቝተ
Hodhuu ቑሲ

6. Kuulleen Oromoo haala uummatichi Afaan Oromoo dubbatuun jechoota kuula; sana
keessattis, sagalee laafaa laaffisee, jabaa jabeessee, dheeraafi gabaabaas akkanumatti sirnaan
kataba. Dabalataanis, mallattoolee ’kiissaga’ agarsiisan lama hammachiisee jira. Isaanis,
mallattoo kiissaga oleefi gadee jedhamuun beekamu.
7. Kuulleen Oromoo sirna barreeffamaa sadii: Oromtuu, kottoonfattuufi bargaanfattuu jedhaman
hordofti. Sirni barreeffama Afaan Oromoo ijoon Oromtuu yommuu taatu, lamman hafanis
dhimmoota addaddaaf itti fayyadamna. Fakkeenyaaf, birsagatti yeroo diddiiguu barbaannu
sirna bargaanfattuutiin barreessina. Yeroo jechi sagaltuudhaan jalqabus bargaanfattuu ykn
kottoonfattuudhaan barreessina. Sagaltuun sagaloostuu kaan ofitti hinfudhanne ’qorrifattuu’
jedhamti. Jechi sagaloostuun eegalamuu hindanda’u.
Fkn. eeboo = መ፪, aagaa =ሀጞ

aadaa = ሀቁ eegee = መጟ
Jechoonni asii olitti barreeffaman arfan sagaltuudhaan jalqaban. Sagaltuun jalqabarratti argamtu sun
sagaleelee kaan ofitti waan hinfudhanneef qorrifattuu jedhamti.
8. Sagaloostuun jalqaba jechaarratti barreeffamuu hindandeessu; sirna bargaanfattuu ykn
kottoonfattuutiin barreeffama jechuudha.
9. Sirna Oromtuudhaan yeroo barreessinu jecha hammam dheeratellee gabaabsanii barreessuuf
akka mijatutti tolfameeti jira; sunis, yoo dheerate jechi sagalee sagal qabu sagalee afuriin
xumuramuu danda’a. Sunis qindaa’ina sagaloostuufi mallattoon jabinaa sagalfamtuu irratti
dhufuudhaan goolabamuudhaan mijaawe.
10. Kuullee Oromoo keessatti mallattooleen kissagaa, hallaagduufi hudhaa ’fanniftuu’ jedhamuun
beekamu. Hallaagduun sagalee ’A’ aanfattuu jedhamtu kan sagalfamtuu irra jirtu hallaguuf

75
(irraa haquuf) tolti. Sunimmoo, irra butaa barreessuuf nufayyada. Seerri hudhaa kan duraanii
irraa addummaa qaba.
11. Seera barreeffama Kuullee keessatti jechi ofdanda’u yeroo hirkatee barreeffamu nijira.
Sababnisaa, jechi tokko mallatoo Kuullee kan sagaloostuu ofirratti hammatte tokkoon yeroo
barreeffamu nijira. Fkn. Koo...ብ isa ergisaa keessatti sagalee sadii kuulleen yeroo
barreessinummoo sagalee mallattoo sagalee tookoon katabamti. ’Hima mana koo’ jedhu
kuulleen yeroo barreessinu, “ቨቺብ“ jennee barreessina. Kaayyoon keenya silayyuu bakka
qusachuu waan ta’eef, hanga seera sagaleessuu afaanichaa hincabsinetti, jechoonni akkasitti
mallattoo tokkorratti dhuman jecha cinaa walsimu waliin walitti hidhamee barreeffamuu qaba
jechuudha.
12. Kuullee Oromoo keessatti lakkoofsi zeeroo hanga sagaliitti bu’uraan tolfamanii jiran. Isaanis,
’Lakkoofsa Oromoo’ jedhaman of keessaa qaba.

0 1 2 3 4 5 6 7 8 9
0 1 2 3 4 5 6 7 8 9

4.2.2. Seera Kuula Kuullee


Kuulleen gulantaalee adda addaa keessa dabartee as geesses, gara gulantaa 4ffaatti ceete. Kuullee
Kuuluunis itti fufe. Kuuluu jechuun jechoota Afaan Oromoo sirnaan barreessuu jechuudha. Kun isa
Qubee Afaan Oromoo kan Laatin irraa madaqfame keessatti qubeessuu jedhamaa tureedha. Tibba
qubeen qubeessaa turre sana, seeronni shan: dheeraa gabaabaa, laafaa jabaa, irra butaa, hudhaafi
qubguddeessaafi sirna tuqaalee fayyadamaa turre. Kuulleen jechoota barreessuu keessattis seerota kana
itti fufsiiseera. Ta’us, qubguddeessi badeera; haalli itti hudhaan barreessinus jijjiiramee jira. Kanneen
tokko tokkoon ilaaluun dura sirna barreeffama Kuullee sadeen xiinxaluuf yaalla.

Sirni sagaloostuus jechoota sagalee dheeraafi gabaabaa qaban kana keessatti dhimma itti ba’amti.
Sagaloostuun salgan aanfattuu kuulleewwan hundaarra jirtu kan sagalee ’A’ qabdu sanarra galuun
sagalee gara barbaadametti jijjiirti. Kun seera Kuulleewwan sagalfamtuu hundaarratti hojjetuudha.
Mallattoo sagaloostuu kanneen aanfattuu irratti hiinee sagaleeshee jijjiirra jechuudha. Sana keessatti
sagaloostuun tokko yoo aanfattuu irra qaxxaamure sagaleen sun nidheerata. Yoo aanfattuurratti gama
mirgaan hafe immoo nigabaabbate jechuudha. Asii gaditti sagalee ’m’ jabaa irratti sagaloostuun gosti
salganuu agarsiifamanii jiru.

76
Aanfattuun salfamtuurra jirtu yeroo sagaloostuu haammattu

4.2.3. Sirna Barreeffama Kuullee

Sirna barreeffamaa Kuulleen Oromoo sadan: Bargaanfattuu, Kottoonfattuufi Oromtuu tokko tokkoon
asii gaditti ilaalla.
Bargaafattuu: sirni barreeffamaa kun yeroo sagaleelee Kuullee akkuma jiraniin walbira naquun
jechoota ijaarruudha. Innis jechoota birsagootatti qoqqoonnee agarsiisuuf nufayyada. Lafti nuti irratti
barreessinu danachuu danda’us, seera xinqooqaa keessatti dhamsaga, xinsaga, birsaga, firsaga adda
baasanii agarsiisuu keessatti sirna barreeffamaa keessatti nufayyada. Akkasumas, yeroo jechi tokko
sagaltuun jalqabu bargaanfattuu kanatti gargaaramuun barreessuu dandeenya. Kuullee keessatti
barreeffama dubbisaaf dhiyeessinu sirna qopheessuuf gulantaalee biroo beekuu barbaachisa.
sababnisaa, barreeffamni sirna bargaanfattuu hordofu Kuulleef isa xumuraa ta’uu hindanda’u.
Fakkeenya sirna barreeffama bargaanfattuu muraasa haa ilaallu.

77
Jechoota sirna bargaanfattuun barreeffaman
(ቔǚኪ ኣrቺ ሂrጞnቆᏌn ሂᎶጸቨn )
Mana Mana
Mooraa Mooraa
Safuu Safuu
Aadaa Aadaa
booraa Booraa
Kooluu Kooluu
tarsaasuu Rasaasuu
Gadaa Gadaa
tabba Tabba
gadda ሊadda

Gabatee asii olii keessatti jechootni isin gara mirgaatti argitan sirna bargaanfattuun kanneen
barreeffamaniidha. Sagalfamtuufi sagaltuun waluma bira kakaa’amuun barreeffaman. Mee isaanuma
kanammoo bifa kottoonfattuun barreessina.

Kottoonfattuu: sirna barreeffamaa sagaleelee Kuullee bifaan tokko ta’an bakka tokkotti walirra fiduun
katabamaniidha. Sirni kun kan duraarra hanga tokko bakka qusachuuf nufayyada. Akkasumas, jechoota
sagaltuun eegalan barreessuu keessatti ga’ee guddaa kan qabudha. Fakkeenya, olitti kaasne
kottoonfachiifnee, haakatabnu.

Jechoota sirna kottoonfattuun barreeffaman


(ቔǚኪ ኣrቺ በᏋnቆᏌn ሂᎶጸቨn )
Mana Mana
Mooraa Mሇrሀ
Safuu Safሓ
Aadaa ሀdሀ
booraa Bሇrሀ
Kooluu Kሇlሓ

78
tarsaasuu Tarsሀsሓ
Gadaa Gagሀ
tabba Taሉa
gadda GaǨa

Gabatee kana keessatti, jechoonni gara mirgaatiin argaman sirna kottoonfattuun barreeffaman. Sana
keessattis Kuulleewwan sagalee walfakkaataa ta’an walira fiduudhaan barreeffaman. Oromtuu keessatti
immoo sagaloostuu gargaaramuudhaan sagaltuu hundaayyuu aanfattuu irra galchuudhaan barreessina.
Sanas asii gaditti barreeffamaan mulliseera.

Oromtuu: Oromtuu jechuun maal jechuudha? Oromoon aadaasaa keessatti waan dubbatu tokko
gabaabsee mammaaksaan goolaba. Kanaaf mammaaksi dubbii fidas dubbii fixas jedha.
Mammaaksimmoo gosa gareeyyii keessaa tokko. Gareeyyiin immoo jechoota gaggabaaboon ergaa
bal’aa dabarsuudha. Oromoon warra biroo haammatee waliin jiraata. Lafuma ofii qabu kaaniif hiree
waliin jiraata malee ofirraa hinqollifatu. Ofitti qabata. Kanaaf sirni barreeffamaa kun sanatti
fakkeeffamte. Sirna barreeffamaa kana keessatti qindoominni sagaltuufi sagalfamtuu sirna
Oromummaa sana hordofee tolfame. Kanaaf sirni Oromtuu sirna barreeffama Afaan Oromootiif isa
bu’uraati jechuudha. Afaan Oromoo keessatti, barreeffamni dubbisaaf dhiyaatu kamillee sirna Oromtuu
kanaan barreeffamuu qaba.

Jechoota sirna Oromtuun barreeffaman


(ቔǚኪ ኣrቺ oኚmኳn ሂᎶጸቨn )
Mana ቨቺ
Mooraa ቸኜ
Safuu ኡጘ
Aadaa ሀቁ
booraa ፪ኜ
Kooluu ብተ
tarsaasuu ኪrእኩ
Gadaa ቇቁ
tabba ኪ፱
gadda ቇጏ

79
Jechoonni gabatee kana keessatti gara mirgaatiin jiran sirna Oromtuutiin barreeffaman. Sirna
barreeffamaa kana kana keessatti hedduu xiinxaluu dandeenya. Jalqabarratti, sagaloostuun sirnaan
hojiirra ooluushee argina. Isheenis akkuma jirtuun aanfattuu irratti dabalamtee barreeffamuun
kaa’amuudha. Kunimmoo, lafa duraan nutti dheerate sana hammaan nuuf xiqqeesse. Fakkeenyaaf, jechi
’mana’ jedhu duraan sagalee 4 qaba ture. Sirna barreeffama Kuullee (Oromtuu) keessatti garuu ’ቨቺ’
ta’ee barreeffamuun Kuullee lama qofaa ta’e. Askeessatti sagaltuun ’a’ akka hundeetti sagalfamtuu
hundaarratti argamtu, kan hallaagduun baddee turte deebitee ofijaaruun hundee sagaltuu ቨ ’ma’fi

sagalfamtuu ቺ ’na’ irratti of ijaaruun aanfattuu taatee ofmullifte. Sagaltuu kamirraayyuu hallaagduun

yoo badde sagaleen ’a... a’ nijiraatti. Isheetus aanfattuu ta’uun sagaltuu biroo ofirratti fudhachuun
sagalfamtuu sagaleessa jechuudha. Seerri kun jecha hundayyuu barreessuu keessatti nihojjeta.

Akka kanaan jechoonni sagalee ja’a qaban gara lamaatti gadi bu’uun yeroo barreeffaman argaa jirra.
Fakkeenyaaf, jechi ’kooluu’ jedhu qubee laatiniin sagaleelee 6’n barreeffamaa ture. Sirna Oromtuu
keessatti garuu Kuullee lamaan ብተ ta’ee barreeffama. Jechi qubee laatinii kan gara Afaan Oromootti

madaqfame keessatti sagaleele 9 ofkeessaa qabu ’tarsaasuu’ jedhu, Kuullee 4’n ’ኪrእኩ’’’ barreeffamee
xumurame. Kanarraa maal hubanna? Kuulleen sirna barreeffama Afaan Oromoo duraan akka malee lafa
hedduu nujalaa qabate dhibbantaa 60’n gadi hir’isuu dandeesseetti jechuudha. Kunimmoo ulaagaa
qusannaa barreeffamaa keessatti fudhatamummaa ishee kanneen dabalan keessaa tokko. Dhimma kana
sirna kuula Kuullee keessatti ballinaan kan itti fayyadamnu waan ta’eef garuma sanatti ceena.

Kuulleen jechoota kuuluu jechuun seera qubeessuu isa jechaa turre sanaadha. Kuulleen Afaan Oromoo
keessatti seera Oromoon ittiin jechoota sagaleessuun dubbatu hordofuun sirnaan barreessuutti
xiyyeeffatti. Jechoonni barreeffaman kamillee akka Oromoon dubbatutti ta’a. Kana keessattis seerri
sagalee gabaabaafi dheeraa, seerri sagalee jabaafi laafaa, seerri sagalee irra butaafi hudhaa hojiirra kan
olu yommuu ta’u, fooyya’iinsi taasifames nijiraata. Asii gaditti kana tokko tokkoon ilaaluu yaalla.

4.2.3.1 Jechoota sagalee dheeraafi gabaabaa barreessuu

Sagaltuun jecha sana keessa jiru yeroo dubbatamu dheeratee ba’a yoo ta’e, nutis sagaltuu sana
nidheeressina. Yoo gabaabbatee ba’a ta’es sagaleen sun tokko qofa ta’ee ykn gabaabbatee barreeffama.
Kuullee Oromoo keessatti jechi sagalee dheeraa qabu akkuma jiruun dheeratee barreeffama. Jechi
sagalee gabaabaa qabus akkuma jirutti gabaabbatee barreeffama. Sana barreessuufis sirna barreeffama
Kuullee keessaa sirna Oromtuutti dhimma baana. Sirni Oromtuu kun seera barreeffama Kuullee

80
Oromoo keessatti kan qusannoof nufayyadudha. Askeessatti seera sagaloostuutu hojiirra oola. Yoo jechi
sun sagalee dheeraa qabaate, sagaloostuun sana bakka buutu aanfattuu ykn utubaa sagalfamtuu irra
gamaa gamanatti darbuun barreeffamti. Yoo gabaabduu taate immoo sagaloostuun sun gama mirgaa
qofatti tolfamti. Fakkeenyaaf,

Sagalee gabaabaa ኡቇቭ ቇ፷፷ Sagalee dheeraa ኡቇቭ Ǣኜ


bona ለቺ Boonaa ፪ቾ
Lafa ቧቆ Laafaa ቬጕ
gama ቇቨ gaamaa ጞት
mala ቨቧ Maala ትቧ
goda ቍቀ goodaa ጡቁ
laga ቧቇ Laagaa ቬጞ
gola ቍቧ Goolaa ጡቬ
dhaba Ǜሂ dhaabaa Ǡ፷
dhufe Ǡቈ dhuufee ǥȏ
haqe ጣǼ haqaaqe ጣኒǼ

4.2.3.2. Jechoota sagalee jabaafi laafaa barreessuu

Sagalee jabaafi laafaa gaafa jennu jecha keessatti dhimma sagalfamtuun kan walqabatudha.
Sagalfamtuun jecha sana keessa jirtu yeroo dubbatamtu nijabaatti yoo ta’e nutis sagalfamtuu sana
jabeessinee barreessina. Yoo nilaaffata ta’es sagalfamtuun sun laaffatee barreeffamti. Kuullee Oromoo
keessatti jechi sagaleen jabaa qabu akkuma jiruun jabaatee barreeffama. Jechi sagalee laafaa qabus
akkuma jirutti laafee barreeffama. Sana barreessuufis sirna barreeffama Kuullee keessaa sirna
Oromtuutti dhimma baana. Askeessatti seera sagalfamtuu jabeessutu hojiirra oola. Sunis sarara xiqqaa
irratti dabaluu qofaan jabaachuushee agarsiisuudha.

Sagalee jabaa ኡቇቭ ቓ፷ Sagalee laafaa ኡቇቭ ቬጕ


tabba ኪ፱ boonaa ፪ቾ
madda ቨጏ Laafaa ቬጕ

81
gadda ቇጏ gaamaa ጞት
mukukkula ቴቡዿቧ Maala ትቧ
Tirrii ኬᎷ Goodaa ጡቁ
mallaa ቨ᎑ Laagaa ቬጞ
qallaa ኍ᎑ Goolaa ጡቬ
dhibba ǣ፲ dhaabaa Ǡ፷
dhukkee ǡጃ dhuufee ǥȏ
haqqisuu ቒᎨኩ haqaaqe ጣኒǼ
hahhaaduu ጣᎇቅ Haaduu ጤቅ

Yeroo jabaatee barreeffamuufi sagaltuun dheeratu

Dubbifamaa (ሼምቆት)
BB CC CH2 DD DH2 FF
ሉ ህ Ǧ Ǩ Ǫ ff
GG HH JJ KK KH2 LL
ሊ ላ Ǫ ሄ Ǭ ል
MM NN NY2 PP PH2 QQ
ሎ ሏ Ǯ Ƿ DZ ሆ
RR SS SH2 TT TS2 VV
ሐ ሑ Ƴ ሒ Ƽ ሔ
WW XX YY ZZ ZY ’’
ሕ ሖ ሗ Ƕ ǵ ’Ǻ

Dubbachiiftuu/ሼ፱Ǚfኳ
AA EE II OO UU

ሀ መ ሌ ሇ ሓ

Gabateen asiin olii kun immoo seera kuula Kuullee keessatti akkaataa itti sagalee jabaa barreessinu nuuf
akeeka. Sanas b irraa jalqabee hamma zytti kan agarsiisu yommuu ta’u, sagaleen dheeraafi gabaabaas
akkamiin akka katabamu dhumarratti nu agarsiiseera. Sagalee jabeessuu keessatti akka isa duraanii sana

82
qubee lama barreessuu osoo hintaane mallattoo barbaachisaa qofaa dabaluudhaan jabeessuu dandeenya
jedha. Yeroo sagalee dheeressinus bifa adda addaatiin katabna. Sunis mallattoo wayii tokkuma irratti
dabaluun agarsiisuudha. Kunimmoo qubee duraanii keessatti kan lafa nutti dheeresse sana nuuf
gabaabsa.

4.2.3.3. Jechoota sagalee irra butaa qaban barreessuu

Kuulleen sagalee irra butaa barreessuuf karaa mijataa ta’een tolfamte. Akkuma duraan ibsuuf yaale
mallattoon Kuullee hunduu hundeedhaan sagalee ’A’ ofirraa qabu. Sanaaf, irra butaa barreessuuf
mallattoolee irratti hallaagduu dabaluun tolche. Hallaagduun irra jiraannaan sagaleen aanfattuu ’A’ sana
ofirraa haqxee sagaltuulee biroo aanfachuuf si’oomti. Kanaafuu yeroo irra butaa barreessinu hallagduu
sanatti fayyadamna. Fakkeenya jechoota sagalee irra butaa qabanii gabatee asii gadii keessa jiru.

Sagalee irra butaa ኡቇቭ iᎰሣኯ


Marga ቨrቇ
Mardaasaa ቨrቁእ
Galma ቇlቨ
Rirma ኙrቨ
Tirma ኬrቨ
Tartiiba ኪrȇሂ
Qorqalbii ነrኍl፹
Torbii ክr፹
Durduubee ሼrቅ፸
Harka ጣrቝ

4.2.3.4. Jechoota sagalee hudhaa qaban barreessuu


Jechoota sagalee hudhaa qaban barreessuuf Kuullee keessatti seerri haaraa tolfamee jira. Jechoota qubee
laatiniin yeroo barreessinu hudhaa galchinu hunda osoo hintaane kanneen sagaltuu walitti aansuun
jalqabarra fidatan keessatti hudhaa nifayyadamna. Jechuun yeroo qorrifattuun walitti aantee dhuftu
sagalee addaan citu sana gidduu hudhaa galchina jechuudha. Kanaan ala sagaloostuu cinatti hudhaan
hinbarbaachisu. Kunis dadhabbii tokko nuuf hir’ise jechuudha. Fakkeenya asii gadii gabatee keessa jiru
ilaaluun nidandaa’ama.
83
Jechoota sagalee hudhaa qaban Aጂኯ aጙ iᏅ ሂᎶጸቨn
duraanii
bu’e ሞ’e
dura’e ሼኗ’e
boora’e ፪ኗ’e
bubu’e ሣሣe
rarra’e ኗᎰe
gurmaa’e ǿrትe
bu’an ሣan
du’a ሼa
gu’e ǿe
dhadha’e Ǩሷe
re’ee ኘመ

Jechoota yeroo barreeffaman hudhaa lama barbaadan, garuu hudhaa tokko. Kuullee Oromoo keessatti,
hudhaan jechoota murtaa’oo keessumaa sagaltuu bifa tokkos taatu kan addaddaanis jalqabdee sagelee
adda citu qabdu barreessuuf tolfamte.

Jechoota silaa hudhaa Jechoota Kuullee keessatti ቔǚኪ Ꮲ᎒


tokkoon dogoggora hudhaa jabduun ባᎹᏅ ቒǡ
barreeffaman barreessaman
ሂr፷ቀn
a’aaduu A"aaduu A’’Ǻሀቅ
e’eeruu e"eeruu መ’’Ǻመአ
i’iyyuu i"iyyuu I’’ǺiᏵ
o’ooduu o"ooduu O’’Ǻሇቅ
u’utaaluu u"utaaluu U’’Ǻ’taaluu

84
Kana malees, mallattoon kiissagaa Kuullee keessa jirti. Kunis, sagaleelee kiilolaa turuun ba’umsa
sagaltuu dheeressan agarsiisuuf fayyaddi. Mallattoon kiissagaa kunniin sarara oleefi gadeetiin bakka
buuti.

Sagalee kiissaga olee

Kiissaga gadee

4.2.4. Fayyadama sirna tuqaalee

Kuulleen barreessuu keessatti fayyadamni sirna tuqaalee akkuma duraaniitti itti fufa. Sababnisaa, sirni
tuqaalee guutuu addunyaa keessatti afaanota hedduuf bifuma walfakkaataan isa Afaan Ingilizii keessatti
hojiirra oolu sana. Kuullee keessatti, haaluma sanaan fudhatamee jira. Mallattoon gaaffii (?), tuqaan (.),
mallattoo raajeffannoo (!), qoodduun jabaa (;), qoodduu (,)... jiran hundumtuu bakki galumsaas ta’e
faayidaan isaan kaan keessatti kennan akkuma jiruun asdarbeera.

4.3. Barbaachisummaa Kuullee Afaan Oromoo Keessatti

Qorannoo kana keessatti akkuma ilaalle, hayyoonni addaddaa Afaan Oromoo afaan barreeffamaa
taasisuuf yaalii gurguddaa lama taasisan. Sunis, qubee afaan biraa madqasuun Afaan Oromoo ittiin
barreessuufi Afaan Oromoof qubee mataasaa uumuudha. Sheekonni Islaamaa Qubee Arabaa, Qeesonni
Kiristaanaa qubee saabaatiin barreessuuf yaalan. Akka kanaan Oromoon garlamatti harkifamaa ture.
Abbootiin keenya barreessuufi dubbisuu danda’anis qubee arabaa ykn fidalaan barreessaa turan. Kun
lamman garuu haala yaadameen hinmilkoofne. Qubeen Arabaafi Fidalli Saabaa sagalee Afaan Oromoo
kan bakka bu’an qubee guutuu waan hinqabneef, salphaatti milkaa’uu hindandeenye. Ta’us, hanqinuma
jiru sana waliin ittiin barreeffamaa turameera. Sana boodas, hayyoonni akka Sheek Mohaammad
Rashaadfaa Qubee Laatinii madaqsuuf ijibbaata taasisan. Kan akka Dr. Hayilee Fidaafaa immoo
dursanii sanaan kitaaba maxxansan. Booda keessas dhaabni siyaasaa Oromoo Qubeen Laatinii
madaqfame seeraan akka labsamu taasise. Afaan Oromoo ittiin barreessuunis dandaa’ame. Waggaa 30
oliifis guddina Afaan Oromootiif gumaachuu keessatti qubeen Laatinii kun ga’ee guddaa qaba. Haata’u
malee, inni madaqfame kunis sagalee Afaan Oromoo hundaa sinaan barreessuuf guutuu hintaane.

Oromoon Ummanni guddaa kun qubee mataasaa dhabuun kan ormaa ergifatee ittiin barreessuun kan
isaan aarse hayyoonni biroonis Afaan Oromoof qubee mataasaa uumuufiif faana Sheek Bakrii
Saaphaaloo hordofuu jalqaban. Achirraa kaasee yaaliin taasifame sababoota addaddaatiin hanga yeroo
qorannoon kun hojjetamuutti hinmilkoofne. Kaan isaanii waan hojjetanuu hawaasatti gadi baasuu
hindandeenye. Kan gadi baasan immoo biyya keessa akka hinjiraanne taasifaman. Qorannoo kana
85
keessatti, namoota Afaan Oromoof qubee uumuu yaalan (kan ani ragaa argadhe) hundaafu beekamtiin
kennameera. Qubeewwan uumaman keessaas ’Kuullee Oromoo’ qubee haarawaa qorannoon kun itti
xiyyeeffateedha. Asiigaditti barbaachisummaa Kuulleen sagalee Afaan Oromoo hundaa barreessuuf
qabdu ibseera.

Qubee Haaraan Afaan Oromoof uumuun maaliif barbaachise? Qubeen Laatinii hanqina akkamii qaba?
Kana walbira qabnee ilaalla. Jalqabumarratti, qubeen laatiinii duraan madaqfame hanga yoonaatti itti
fayyadamaa jirru, jechoota hundaa sirnaan barreessuu irraattis hanqina qaba. Keessumatti, hanqinni
qubeessuu rakkoo nuti waggaa 30f haasofnedha. Jechoota qubee dachaa qaban jabeessinee barreessuu
hindandeenye. Sunimmoo, isa dubbannu sirnaan waraqaarra akka hinkeenye godhe.
Fknf. Dokteerichi harmashee hodhe (suphuu agarsiisuuf)
Dokteerichi harmashee hodhe (afaaniin xuuxuu agarsiisuuf)
Himoota lamman kana qubee Afaan Oromoo laatini irraa madakfameen yeroo barreessinu
addaddummaan mul’isuu hindandeenyu. Sababnisaa, qubee dachaa (dh) jabeessuun dhorkaadha. Seerri
qubeen dachaa hinjabaatu jedhu sunis garmalee dheerachuu hambisuuf yaadameeti. Ta’us, inni nuti
katabaa jirru isa nuti barreessineen wal-hinargu. Isa jabaachuu qabu laaffifnee barreessine waan ta’eef,
jecha lachanuu akkuma tokkotti katabne. Ta’us, Afaan Oromoo akka dubbannetti barreessinaan seera
uumamaan afaanicha keessa jiruudha.
Siree kanarraa awwaara dhadha’i
Sangaa kana miillasaa jala dhadha’i
Himoota lamman kana keessattis jechi dhadha’uu jedhu walfakkaatee barreeffame. Ta’us himni
jalqabaa sagalee ’dh’ jabeessa. Hiikaanis adda. Irraa dadha’uu kan jedhu sun akka irraa urgufuun
walgituutti dubbatama. Ta’us, laafee barreeffamuunsaa akka rukutuu waliin tokko ta’etti hiikame.
Kunimmoo, hanqina qubeen laatinii sun nutti fidedha.

Fakkeenyi biroon, isa dubbannu barreessuuf nurakkisu, ’u’utaaluu’ jecha jedhuudha. Askeessatti yeroo
dubbannu hudhaan jabaadha. Garuu, hudhaa jabeessuu seerri deggaru kan duraa sana keessa hinjiru.
Darbees, hudhaa kana bakkuma galchuun hinbarbaachifnefaa galchaa turre. Fkn. ’Bu’e’ jecha jedhu
keessatti hudhaa galchuun maaliif barbaachise? Dubbachiiftuuwwn walitti aanan lachan gosa
addaddaati. Osoo isaan sagalee wal hinfakkaanne qabanii, hudhaa itti dabaluun akka Afaanichi
qorannoon qajeelfamaa hinjirre agarsiisa. Jechoota kana fakkaatan hundaa keessattuu calliseetuma
dabalame malee homaa hudhaan hinbarbaachisu. Jecha kana ’bue’ jennee barreessuus irratti osoo walii
galame ta’ees nidanda’ama turre. Jechoota akkanaa Kuulleen barreessuu keessatti garuu, rakkoon
duraanii sun hinmudatu. Sirnaan barreeffama.

86
Rakkoon inni biraan qubeen ’h’ akka hinjabaannetti seera keessa waan kaa’ameef, bakka itti sagaleen
sun jabaatutti laaffifnee barreessaa turre. Fkn. ’hahhaaduu, hahhadooduu huhhuurkuu, huhhudhuu,
hihhiruu, hihhinaafuu’ asitti sagaleen h jabaatee dubbifama. Bakka jabaatu kanattis jabeessinee
barreessuun dirqama ture. Haata’u malee, Qubeen Afaan Oromoof Laatin irraa madaqfame kun,
ammuma qubee daballee jabeessinus dinagdeen keenyarratti dhiibbaa ulfaataa fe’aa deemaa ture. Yeroo
dheeratu, mallattoon sagalee dubbachiiftuu lama ta’ee barreeffama. Yeroo jabaatummoo sagaleen
dubbifamaa lama ta’ee akka barreeffamutti bocame. Sunimmoo, kan silaa qubee lamaan dhumu
danoomsee afur taasise.

Silumayyuu, qubeen laatinii lafa hedduu qabate jedhamee kaawwaniin hamatama. Maaliif fidala
fayyadamuu akka dadhabes komatama. Kunis rakkoo qubee duraanii keessaa tokko. Walumaagalatti,
Kuulleen Oromoo rakkoo Qubee Laatiniin fayyadamuu keessatti numudate sana nuuf furuu danda’ee
jira.

Kuullee Oromootiin jecha kamiiniyyuu sirnaan qubeessuun dandaa’ameera. Kan qubeen dachaa
hinjabaatu nuun jedhan sanas jabeessuun barreessina (hodhee, hodh-dhee) irraa adda baaseera.
Jechoota olitti nurakkisan sana Kuullee Oromoon yeroo barreessinu hir’inni duraan ture

guutameera.
Fknf. Dokteerichi harmashee hodhe (suphuu agarsiisuuf)
ሽkኪኙǔ ጣrቨƪ ቑሸ.
Mucichi harmashee hodhe (soorachuu agarsiisuuf)
ቴሦጵ ጣrቨƪ ቑǝ.
Hima kana keessatti duraan jecha ’hodhe’ jedhu sana keessatti sagaleen ’dh’ jabaatee hinbarreeffamne
ture. Amma garuu jabaatee barreeffame. Sanaaf namni dubbisus jabeessee dubbifata jechuudha.
Hima kana keessatti sagaleen ’dh’ laafee waan barreeffameef namni dubbisus laaffisee dubbifata. Akka
kanaan jechoota duraan barreessuun nutti ulfaate hundaayyuu barreessuu dandeenya.

Siree kanarraa awwaara dhadha’i.


ኣኝ ቝቺᎵ aᏜኗ ǜጏi.
Sangaa kana miillasaa jala dhadha’i.
ኡnጞ ቝቺ ቷᎌእ ቓቧ ǜǜi.

87
3.2.1. Qubee Ofiin Barreessuuf

Kuullee uumuun kan barbaachiseef, Oromoon qubee mataasaa akka qabaatu gochuu yommuu ta’u, hojii
habashaan qubee gara fidalaatti deebisuuf barootaaf hojjette fashalaassuuf ga’ee olaanaa qaba. Afaan
keenya qubee ofiisaa qabaatee ittiin akka barreeffamuuf yaaliin hayyoonni taasisan guddaadha. Haata’u
malee, acuuccaa barootaaf afaanicha irra ga’een dhimmoonni baay’een akka salphaatti sirreeffamuu
hindandeenye. Qubeen sabaan beekama. Namni tokko mallattoo qubee akkuma argeen kun qubee Afaan
Saba kanaati jechuu danda’a. Oromoon garuu, qubee ittiin waamamu hinqabu ture.

Jechoota duraan barreessuun nutti ulfaate sana barreessuu dandeenyee jirra. Qubeen dachaa hinjabaatu
kan jedhame sanas jabeessanii barreessuun danda’ameera. Inumaayyuu, Kuullee keessa qubee dachaa
waan jedhu hinjiru. Kan qubeen laatin lafa baay’ee nurraa qabatu sana hir’isuunis dandaa’amee jira.
Fakkeenya,
Keessatti = ባᎹᏅ

Abbaa = a፲

Naacha = ቾጳ

Aadaa = ሀቁ

Booruu = ፪አ

Kaayyoo = ቢᏴ

Akka itti barreesaa Akka itti Furmaata


turre barreeffamuu qabu Kuullee

Haphii Haphphii RG

Hodhachaa Hodhdhachchaa ጧህhǗ

Funyoo Funynyoo ቊƉ

Goshatti Goshshatti ቍƳᏅ

88
3.2.2. Danqaa malee Fufiilee Barreessuuf

Afaan Oromoo qubee laatiniin barreeffamaa, haalota addaddaa keessummeessaa asga’ee jira. Turtii
waggaa 30 keessattis dhaloonni qubees ta’e, namoonni addaddaa Afaanicha qorachaa, seerluga
sirreessaa asiin ga’anii jiru. Adeemsa kana keessas Barreeffamni Afaan Oromoo bifa barruu addaddaa
lama keessummeessuu eegale. Sunis kan uumamu, naannoo fufiilee addaddaa barreessuu irratti. Fufiin
kun itti haasiqxuufi irraa haasiqxuu irrattis falmiin hayyootaa uumame. Kaan itti butaa kaan irraa butaa
barreessu. Kunimmoo, barreeffamni Afaan Oromoo akka dhaaba dhabu taasise.

Kitaabilee Afaan Oromoo yeroo sakattaanus, jechi ykn fufiin tokko bakka addaddaatti caasaa garagaraa
qabatee yeroo inni barreeffamutu mullata. Gama fufiileefi jechoota muraasa [-fi, hin-, -dha, ni-, -ti, -
moo, -(i)mmoo, ha(a)-, -(i)rra, -(i)saa, -(i)shee, -(i)yyuu, -illee, wal-,] yoo ilaalle barreeffamni Afaan
Oromoo kun bifa lama waan qabaate fakkaata. Isaanis: bifa durii (old version)’fi bifa haarawaa (new
virsion)

Bifa durii kanneen jedhaman qorannoo yeroo Afaan Oromoo qubee ofiisaa qabate akkaataa itti
barreeffamaa ture kanneen hordofaniidha. Achi keessatti fufiileefi jechoota muraasni akka [-fi, hin-, -
dha, ni-, -ti, -moo, -(i)mmoo, ha(a)-, -(i)rra, -(i)saa, -(i)shee, -(i)yyuu, -illee, wal-,] jecharraa fagaatanii
qofaa dhaabbatu. Bifa haarawaa kan jedhame keessatti garuu fufiileefi jechoota muraasni kunniin jecha
cinasaanii jirutti sirnaan maxxananii barreeffamu. Kunimmoo, seera Afaan Oromoo akkamiin eegeen
gaaffii deebii barbaaduudha. Maddumti rakkoo kana yoo ilaalle qubee laatiniin Afaan Oromoo
barreessuun hidhata qaba. Namoonni irraa butuu qabnaa falamnis ta’e itti butuu qabnaa falman hunduu
sababa dhiyeessan niqabu. Fakkeenyaaf, warri irraa haabutamu jedhan maxxantuu ‘hin-‘ akka ragaatti
kaasuun jechoota sagalee ‘yaa-‘ jalqabanitti maxxantuu ‘hin-‘ siqsanii barreessuuf rakkoo akka ta’e
dubbatu. ‘hinyaadhu… jennee barreessuuf hiikni jechichaa gara biraatti hindeemuu?” jedhu. Sababnisaa
sagalee n+y yeroo walcina keenyu ‘ny’tu uumama. Sunimmoo qubee ofdanda’e tokko ta’a. Kanaafuu,
jecha ‘sagalee yaa-‘n jalqabutti maxxantuu hin-siqsinee barreessuun akka hindandaa’amne dubbatu.
Falmiin isaanii inni biraan immoo jecha ‘nyaadhu’ jedhu I’intaa gochuuf, ‘hin nyaatin’ jennee
barreessuu qabna malee maxxantuu yoo itti bunne ‘hinnyaatin’ ta’a. kunimmoo, sagalee dubbifamaa
gosa addaddaa sadii walbira tarreessuu fakkaata. Kanaafuu, akkamitti hin- itti bunnaa?” Gaaffilee
jedhaniifi kan biroos kaasu.

Kanarraa kan hubatamu, qubee Laatiniin Afaan Oromoo barreessuun garanattis hanqina guddaa akka
qabuudha. Sababnisaa, Afaan Oromoo kan barreeffamu akka Oromoon sagaleessee dubbatutti.
Oromoon yeroo dubbatu hin- kana jecharraa butamoo itti buta jennee yoo qoranne, Oromoon itti butee
dubbata (Kun ogeessota Xinqooqaatiin laabii keessatti qoratamee mirkanaa’uu kan danda’uudha).
Sanaafuu akkuma inni itti butee dubbatutti barreessuun dirqama ta’a. Wanti Afaan Oromoo barreeffamu

89
kunis isa dubbatamu bakka bu’uu qaba. Ijaarsa caasaanis ta’e hiikaan Oromoo bakka bu’uu qaba.
Kunimmoo qorannoon tumsamee sirrachuu qaba malee callifamee bira darbaamuu hinqabu.

Afaan hinqoratamu taanaan sadarkaa barbaadamuun hinguddatu! Kanaaf afaan guddisuuf qorachuun
barbaachisaadha. Akkuma qoratamuunis caasaas ta’e dhimmoota adda addaarrattis jijjiiramni
mul’achuu dandaa’a. Jijjiirama qorannon mullatu sanatti fayyadamuuf waliigaltee uumuun gahee
hawaasa afaanicha dubbatuuti. Sababnisaa, qorataan waan tahuu qabu dhiyeessa malee murtee
hindabarsu. Biyyoota adda addaatti dhimma afaaniii kana hawaasa mariisisuun seera haaraa hojiirra
akka oolu kan taasisu Akkaadaamii Afaaniitu jira. Fakkeenyaaf, Afaan Ibrootaa (Israa’el) yoo fudhanne
Akkaadaamii Afaan Ibruutiin qajeelfama.

Afaan Oromoon barreessuun akkuma baballataa deemu dhaaba dhabuunis mullachaa jira. Ragaalee
xinxalaman irraa akka hubatametti, fufiiwwaniifi jechootni kitaabilee Afaan Oromoon waraqaa kana
keessatti iddatteeffamanii dhaaba hinqabani ykn bifa walfakkaataan hinbarreeffamne. Barreessitoonni
akkuma itti fakkaatetti kan fedhan jechatti maxxansaa kan fedhan irraa adda butuutu mullate. Kunis,
adeemsa fayyadama afaanii keessatti waanuma mullachuu danda’u waan ta’eef, akka rakkoo guddaatti
dhaadessuuf miti. Ta’us, bifa qorannoo bu’ureffateen rakkoolee mullataniif fala kaahaa deemuun
dirqama.

Akkuma duraanuu ibse, warri bifa duriin barreessan fufiilee ykn jechoota akka [hin, fi, ti, dha, haa, isaa,
ishee, irra, kee, koo, iyyuu, illee, moo, immoo…] jecharraa butanii barreessuutti amanu! Sanas caasaa
afaan Ingliziin walbira qabaniiti tajaajila fufii ykn jecha sanaa ilaalanii bakka dhaabbii murteessuuf.
Caasaa barreeffama Afaan Ingilizii (Amaarinyaa) keessatti qofaa dhaabatu waan ta’eef, maxxanuu akka
hinqabne mormu. Fakkeenyaaf, waa’ee walqabsiiftuu ‘fi’, akkasumas waa’ee ‘dha’ yeroo ibsan, hima
Afaan Inglizii keessatti ilaalanii caasaa barreeffamaa akeekuuf. Fakkeenyaaf, “Tolasa and Duressa are
clever students” hima jedhu fudhatanii, kanuma gara Afaan Oromootti hiikanii kallattuma caasessanii
kaa’u.

 Tolasaa fi Dureessaan barattoota ciccimoo dha.

Warri bifa haarawaa hordofan garuu itti butuun barreessuutti amanu. Sababni kaasan akka hawaasni
Oromoo dubbatutti caasessuu wayya malee afaan biraan walbira qabuun sirrii akka hintaane akeeku.
Fufii ykn jechi tokko tajaajilaan isuma afaan biraa keessatti kennitu sana kennuu dandeessi. Ta’us,
bakki teessuma caasaa barreeffamaa haala dubbii hawaasa Oromootiin murtaa’uu akka qabutti amanu.
Hima olii sanas bifa asii gadiitiin barreessu.

Tolasaafi Dureessaan barattoota ciccimoodha.

90
Ilaalcha ‘irraa haabutatuufi itti haabutatu’ jedhurraa ka’een bifa lamatti qoode malee, ragaalee
guuramanirraa akkaataa barreessuu shantu (5) mullata. keessumaa, warreen akka [isaa, ishee, irra…]
yeroo barreessan haalli kun uumama. Fakkeenyaaf,

1. Tolasaan mana isaa deemee, siiqqee ishee fidee dhufe. (bifa duriin barreeffame)

2. Tolasaan manasaa deemee, siiqqeshee fidee dhufe.

3. Tolasaan mana ‘saa deemee, siiqqee ‘ishee fidee dhufe.

4. Tolasaan mana’saa deemee, siiqqee’shee fidee dhufe.

5. Tolasaan mana saa deemee, siiqqee shee fidee dhufe.

Hubachiisa: himoonni 2-5tti jiran dhiyeenya barreeffama keenyatti seenan; tarii bifa haarawaan
barreessuuf yaadamee ta’uu hinoolu shakkii jedhu qaba.Ta’us barreessitoonni ilaalcha duraa hordofanis
bifa kanaan kan barreessan akka jiran hubadha. Himoota asii olii sana kuulleen yeroo barreessinu garuu
danqaan numudatu hinjiru. “ክቧእn ቨቺእ ቂቶ ኧᎬƯ fiቂ Ǡቈ.” jechuun katabna.

Akkuman duraan ibse guddinni afaanii bu’aa waliigalteeti. Hawaasni akka dubbatutti waliigalee, akka
waliigaluttis dubbata. Sana keessa afaan caasaa ofii ijaarrataa deema. Kanaafuu, caasaa afaanii
sisirreessuuf hawaasa Afaanicha dubbatu moggaatti baasuun hinta’u. Dhimmi caasaa barreeffama Afaan
Oromoos kanuma bu’uureffata. Fufiileefi jechoota duraan kaasnee as ceene sana dhalataan Oromoo
akkamitti akka caasessee dubbatu achi deebinee sakatta’uutu dirqama. Yeroo dubbatu itti butamoo irraa
buta? Jechuun fufiileefi jechoota gidduutti qaawwi sagalee jiramoo hinjiru? Gaaffiin kun deebi’uun
dirqama ta’a.

Gadi qabnee yoo ilaalle, Afaan Oromoo keessatti bakki itti jechoonni lama tokko ta’anii dubbataman
nijiru. Fakkeenyaaf, jechi ’gararraa’ jedhu kan haala dubbii keessa jiru jechoota lama ’gara + irraa’
jedhanirraa akka uumame nihubatama. Garuu, seera dubbii Afaan Oromoo keessatti adda ba’ee
hindubbatamu; yeroo barreessinus akkuma jecha tokkootti barreessina.

Dabalataanis, akkaataa itti Oromoon afaan ofii caasessu moggaasa maqaa inni daa’immansaaf baasurraa
hubachuun nidanda’ama. Fakkeenyaaf, maqaan ’Fedhasaa’ jedhu jechoota lama [fedha+isaa]
jedhanirraa ijaarame. Hiikni jecha ’fedha’ jedhuu ’waan barbaadame’ jechuu yommuu ta’u, ’isaa’ kan
jedhummoo qaama biraati. Sunis [Waaqa] natti fakkaata. Yaadichi walitti yeroo dhufu, [fedha Waaqaa
dhalate] akka jechuuti. Maqaaleen akkasii hedduudha. Waaqasaa, [Waaqa+isaa] Biraanee [bira+aanee],
Asafaa (as+afaa), Hundarraa [Hunda+irraa], Waaqumaa [Waaqa+uumaa], Bariisaa [barii+isaa]...
tarreessee hinfixu.

Ilaalchi caaseffama haala barreeffama haarawaa kunis kanarraa waan madde fakkaata. Akkuma
Oromoon itti sagaleessutti barreessuuf yaaluurraa dhufe. Fakkeenyaaf, Oromoon ”Sangichi tabbarra
91
dheedaa ture” jedha malee, ”Sangichi tabba irra dheedaa ture” hinjedhu. Tabbaafi firoomsee irra jettu
gidduu addaan bahiinsi sagalee hinjiru. Ta’us, akka barreeffama duraaniitti hima isa 2ffaatu sirriidha.
Achi keessatti firoomseen ’irra’ jettu kan Ingiliffaan hedamtee waan caasefamten se’a. Sababnisaa,
[proposition - on] jettu barruu Ingiliffaa keessatti qofaa dhaabatti. Kanumaaf, kan Afaan Oromoo
keessattis qofaa dhaabuun akka barbaachisutti fudhatame.

Garuu, caasaa afaan biraa hordofnee barreessuuf jecha caasaa Afaan Oromoo balleessuu hinqabnu.
Akkas gochuun, Afaan Biraa Afaan Oromootiin barreessuu ta’ayyuu. Fakkeenyaaf, A/Ingiliziin ’to’ kan
jedhu A/Oromootiin bakka itti qubee ’f’ bakka bu’u qaba. {Give to him} yoo jedhe, Afaan Oromootiin
«Isaaf kenni» ta’a. Afaan Ingilizii keessatti, ’to’ qofaa dhaabata jennee ’f’ qofaa dhaabnuuree? Kun
ta’uu hindanda’u. Yeroo itti ‘f’ kun ‘for’ bakka buutus jira. Fknf. {Roses for you.} «Abaaboo siif
kenname» jenna.

Walqabsiiftuu (and) [fi] sanas bifuma kanaan ilaalaa! Tolasaafi Badhaasaan barattoota ciccimoodha”
jennee barreessuuf dura hima Ingiliffaa ”Tolasaa and Badhasaa are clever students” jedhu sanatu
sammuutti nu dhufa. Sana booda, akka Ingiliffiitti caaseffame sana ilaallee keenyas caasessina.
”Tolasaa fi Badhaasaan barattoota ciccimoo dha” jenna. Kanneen jala sararaman [fi, dha] yoo ilaalle
caasaa sanaan barreeffaman. Akka Oromoo itti dubbatu garuu kanneen adda ba’an kunniin ittuma
siquun sagaleeffamu. Kanarraa kan hubannu, saayinsii warri Ingilizii irratti waliigalan akkuma jiruun
gara Afaan Oromootti fiduutu mullata. Kunimmoo, akka Afaan Oromoo seera ofiisaa hinqabnetti
yaaduurraa waan madde fakkaata.

Kitaabilee olitti dhiyaatan yeroon sakatta’e akkaataa barreessuu gosa bifa 5n argeen jira. Keessumaa
kitaabni Zalaalem Abarraatiin barreeffame hudhaa bakka qubee buusuun barreessuusaa agarsiiseen ture.
Bifa kana fakkaatuun Abraam (2013) kitaabasaa ’Singiggoo’ jedhu keessatti seera hudhee [’] jedhee
seera haaraa barreeffama Afaan Oromootti seensisuusaa kana dura dubbiseen ture. Sanas Abraam seera
Ingiliziifi Faransaayirraa kan fudhatame ta’uu eeree, sanas kitaaba ”Seerluga Afaan Oromoo” jedhu kan
Beekamaa Likkaasaatiin barreeffame wabeeffachuun seericha akka fayyadame hinwaakkanne.
Fakkeenyaaf, kitaabasaa keesssatti ’mukarra’ jedhanii barreessuurra ’muka’rra’ jechuun sirrii ta’uu
barreesse. Garuu, akka Seera Afaan Oromootti hudhaan dubbifamaa dursee sababa tokko malee hingalu.
Sun tarii yeroo jecha afaan biraatti fufii Afaan Oromoo hiinu galuu mala. Asitti garuu faayidaansaa natti
hinmullatu. Kanaaf ’mukarra’ isuma jedhutu sirrii ta’a jechuudha.

Wanti sirreeffama barbaadu inni biroon, kan Abraam madduma kanarratti hudhaan (’) akka fufii [hin]
bakka bu’uu danda’utti ibsudha. Zalaalemis seera kana hojiirra oolchuusaa gubbaatti agarsiiseen jira.
Kun garuu waan deemsisu natti hinfakkaatu. Sababnisaa, Afaan Oromoo keessatti hudhaan seera ittiin
barreeffamu kan mataasaa qaba. Bakka sagaleewwan akka [h, y, l, w] bu’uun tajaajilas (fkn. qe’ee/
qehee). Hudhaan bakka maxxantuu i’intaa (hin) bu’uu kan dandeessisu seerri ba’e hinjiru. Seera haaraa
92
fidanii dabalaa deemuun seera barreeffama afaanicha caalaatti walxaxaa taasisa. Inumaayyuu,
dogoggora qubeessuu baballisuu danda’a. Dabaluurra hir’isuutu salphata waan ta’eef. Kanaaf, caasaa
Afaan Oromoo keessatti seerri kun fudhatama qabaachuunsaa natti hinmullatu.

Walumaagala, Afaan Oromoo seera dubbii eeguuf jennee, jechas ta’e jecha kan hintaanes maxxansuun
barreessuuf yeroo dirqamnutu jira. Afaan Oromoo keessatti warreen akka, [hin, -dha, ni-, -ti, -fi, -moo,
-(i)mmoo, ha(a)-, -(i)rra, -(i)saa, -(i)shee, -(i)yyuu, -illee, wal-,] (karaa sararri xiqqaan jiruun) jechatti
fufanii yoo barreeffaman sirriidha. Sababnisaa, warreen kun sagalee dubbii keessatti jechoota waliin
hiriiran gidduutti qaawwi uumamu hinjiru. Bifa kanaan yoo barreeffame Afaan Oromoo dhaaba godhata
jechuudha.

Afaan Oromoo keessatti rakkoon mul’atu kana. Akka hawaasni itti dubbatu dhiifnee akka Ingiliffi ykn
Amaariffi itti barreeffamutti barreessuuf dhamaana. Saayinsii barreeffamaa afaan biraatiin baranne
waan ta’eefis akkuma barannetti qindeessina. Kunimmoo, Afaan Oromoo caasaa ofiisaa akka
hinqabaanne gochuurra darbee afaan jijjiirraan dhufe (kan of hindandeenye) fakkeessa. Silaa caasaan
Afaan Oromoo akka uummatni kun itti dubbatu bu’ureffachuu qaba ture.

Rakkoo kana furuuf, osoo caasaa barreeffamaa sirreessuu hinjalqabin akkaataa itti dhalataan Oromoo
fufii sana caasaa dubbiin mul’isu qorachuu barbaachisa. Fakkeenyaaf, jechi tokko caasaa barreeffamaa
keessatti qofaa dhaabachuufi jecha biraatiin walitti hidhachuusaa mirkaneessuuf, afaan biraa keessatti
akkamitti caaseffame jennee gaafachuu hinbarbaachisu. Afaan Oromoo keessatti yeroo dubbatamu
akkamitti caaseffamee akka jiru dhaggeeffachuun ga’aadha. Sababnisaa, yeroo baay’ee (yeroo tokko
tokko ta’uu dhiisuu mala) Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama. Kunimmoo, caasaa
dubbiifi barreeffama keenyaa irruma caalaatti walfakkeessa.

Madda rakkoo kanaa keessaa tokko caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa waliin makuudha. Caasaan
barreeffamaafi tajaajilli jechi sun bakka tokkotti qabu garuu waan adda addaati. Fakkeenyaaf, Jechi
‘irra’ jettu tajaajilli isheen laattu firoomseedha. Ta’us caasaa barreeffamaa keessatti jechatti fufuun
barreeffamti. “Sangaan kee tabbarra dheeda!” hima jedhu keessatti ‘irra’ kan jettu sun jecha tabba
jedhutti maxxanuun caaseffamtee dubbatamti. Achumatti tajaajila firoomsee (proposition) laattis. Isa
Afaan Inglizii keessatti jecha ofdandeesse taatee dhaabattu sana Afaan Oromoo keessatti fufii taati
jechuudha. Kitaabni barataa kutaa sagalii bara 2005 (ALI) maxxanfamee hojiirra jirus fufii taatee
caaseffamuushee mul’isa.

Bamaqni qabeenyummaa agarsiiftu kan [isaa] jettus bifuma kanaan ilaalamuu dandeessi. Tajaajilli
bamaqa kanaa abbaa qabeenyummaa agarsiisuu yommuu taatu, haala dubbiitiin yeroo caaseffamtu
garuu addaan citiinsi sagalee gidduutti waan hinmullanneef, jechatti maxxantee barreeffamuu qabdi.
Fakkeenyaaf, “Tolasaan manasaa gurguratee biyyaa ba’e!” hima jedhu keessatti bamaqni [-isaa] jecha

93
mana jedhutti maxxanuun barreeffamtee jirti. Sunis, manni gurgurame kan nama biraa osoo hintaane
qabeenya Tolasaa ta’uu agarsiifti. Kanaafuu, caasaan barreeffamaa (jechatti maxxanuun) akkaataan
tajaajila kennituu (hiika) irratti dhiibbaa hinfidne jechuudha. Hima sana kuulleen yeroo
barreessinu,”ክቧእn ቨቺእ ǿrǿኗኰ ዌᏱ ሂሙ.” jennee barreessina.

Falmiin asitti ka’uu malu bamaqni [isaa] jettu akka Ingiliffaatti qofaa dhaabatti waan ta’eef, asitti
maaliif hirkattiidha. Nummoo, caasaan dubbii Ingiliffaafi Afaan Oromoo tokko miti jenneerra. Afaan
Oromoo caasaa ofdanda’e kan mataasaa waan qabuuf, afaan biraan hedamee caaseffamuu hinqabuudha.

Yaada olii kanarraa kan hubatamu, Afaan Oromoo keessatti jechiyyuu fufii/ maxxantuu ta’uu
danda’uudha. Sana kan murteessus akkaataa dubbii dhalataa Oromooti. Yeroo dubbatamu qaawwaan
(space) gidduutti mul’atu hinjiru taanaan wanti nuti addaan bunnee barreessinuufis hinjiru. Akkuman
duraan kaase tajaajila jechi sun qabuun barreeffama keessatti caasessuuf yaaluun dogoggora.
Sababnisaa, akkaataa itti abbaan Afaanichaa dubbatu caaseffamaaf bu’ura ta’a.

Asitti tajaajilaafi caasaa adda baafnee ilaaluun gaariidha. Jechi tokko bakka gale sanatti tajaajila kennu
qabaachuunsaa ifa. Ta’us bakki dhaabbii inni caasaa barreeffamaa keessatti qabu tajaajilaan caalaa
caaseffama dubbii hawaasaatiin murtaa’a. Fakkeenyaaf, ‘manakoo’ jecha jedhu keessa jechoota
ofdanda'an lamatu jiru. Ta’us jechi ‘koo’ jettu bakkuma jirtutti abbummaa agarsiifti. Kanaafuu, caasaan
jechatti maxxantee barreeffamuun tajaajila caasaa keessatti laattu hingeeddaru. Kanaaf, dhimmi bakka
qubannaa jechootaa tajaajilaan osoo hintaane, caasaa dubbii Afaan Oromootiin murtaa’uu qaba jenne.

Walumaagalatti, akkuma caasaa dubbii Afaan Oromootti barreeffama keenyas sirreeffachuutu


barbaachisa jechuudha. Jecha maxxanuu qabu maxxansinee, isa irraa butachuu qabus irraa bunna.
Kanaaf, jechoota ofdandaa’anii dhaabbachuu danda’an seera afaanichaa eeguuf jecha maxxansina.
Kunis, seera dubbii afaanichaa eeguuf raawwatama. Fufiilee kanneen bifa haarawaa kanaan
maxxansinee caasessuun Afaan Oromootiif carraa gaarii qaba. Ta’us yeroo barreessinu jechoota
muraasarratti danqaan jiraachuu danda’a. sanas mataduree itti aanu keessatti ilaalla. Maxxantuu ykn
fufiilee Kuulleen yeroo barreessinu rakkoon numudatu hinjiru.
Fkn. . Ani muuzii hinyaadhu.
aቼ ቹዤ ቐሏƐǠ.
Tolasaafi Leensaan obboloota waliiti.
ክቧእfi ቭnኦn oሜቯኪ ኾቮኬ.
Inni barataa kooti.

I᎘ ሂኗኯብኬ.

Bariisaan hojjetaa cimaadha.

94
ሂኞእn ቑፂኯ ሦትǜ.

Gara mana keessanii nideemna.

ቇኗ ቨቺ ባᎹኀ ቼቂmቺ

Sangaankee tabbarra dheeda.

ኡnጞnባ ኪ፱Ꮀ Ǣቀ.

Carraalee Gaarii fufiilee Afaan Oromoo Kuulleen Barreessuu: Akka dubbataa Afaan Oromootti
dhaggeeffannee caasaa barreeffama keenyaa fooyyessuun kun faayidaalee gurguddoo afur afaan kanaaf
akka qabu hubatamee jira. Isaanis: qusannaa, danqaa malee dubbisuu, garaagarummaa hiikaa akka
hinjiraanne taasisuufi miidhagina barruu sanaaf tumsuudha. Kanneen asii gaditti tokko tokkoon ibsuuf
yaaleera.

 Qusannoof fayyaduu

Mormiin qubee Afaan Oromoorratti ka’aa ture ‘bakka baay’ee fudhata...’ kan jedhu sana bifa kanaan
hir’isuun akka dandaa’amu hubachuun gaariidha. Silumaayyuu, Kuulleen isa Qubee Laatini irraa
madaqfame sana dhibbantaa 60 oliin gadi hirrisuu dandeesseetti. Jechoota addaan faca’anii
barreeffaman sana yeroo walitti fidnus yoo xiqqaate qubee tokkoo ol hir’isna. Fakkeeenyaaf, gaalee
“Mana isaa” jedhamee barreeffamu sana “manasaa” jennee yeroo barreessinu, qubee dubbachiiftuu (i),
qaawwa (space) tokko, waliigalatti qubee lama hir’isuu dandeenyee jirra. Hima “Hin deemu” jedhamee
kan barreeffamaa ture sana “Hindeemu” jennee yeroo barreessinu, qaawwa tokko balleessuun qubee
tokko hir’isuu dandeenyeerra. Hima “Maqaan isaa Beekaa dha” jedhu caasaa haarawaa kanaan yeroo
barreessinu, “Maqaansaa Beekaadha” jenna. Kuulleedhaanis, “ቨኒnእ ፸ቢǜ” jenneeti barreessina.

As keessatti, qubee sadii hir’isuu dandeenyee jirra. Keeyyata tokko keessattii qubee meeqa hir’isuu
dandeenya? Kana kitaaba fuula hedduu qabu yoo bifa kanaan sirreessine fuula meeqa hir\isuu
dandeenya? Akka fakkeenyaatti, ani kitaaba fuula 200 qabu caasaa kanaan sirreessee fuula 160tti
galcheen beeka. Fuula 40 hir’ise jechuudha. Kun gara qarshiitti yoo deebi’e baay’ee ta’a. Kanaaf bifa
haarawaa kanaan barreessuun qusannoof baay’ee fayyada jechuudha.

 Danqaa malee dubbisuuf

Caasaa haarawaa kana Kuulleen yommuu barreessinu, akka Oromoon dubbatutti waan caasessinuuf,
dubbistoonni danqaa tokko malee waan barreeffame dubbisuu danda’u. Afaan Oromoo caasaa
barreeffamaa mataasaa qabaata. Kana dura caasaa barreeffama afaan biraatu Afaan Oromootiin
barreessamaa ture. Kanaaf, namoonni waanuma afaaniin sirriitti walitti fidanii dubbatan yeroo
kitaabarraa dubbisan addaan faffageessanii barreessu. Dubbistoonni barreeffama sana yeroo dubbisan

95
jechoota waan lakka’aniif sagalee addaan ciccitutu dhagaa’ama. Fakkeenyaaf, namoonni kitaaba
qulqulluu Abbaan Gammachiis qubee saabaatiin barreesse danqaafi addaan ciccitiinsaa tokko malee
dubbisuu danda’u. Kan amma qubee Afaan Oromoon barreeffame yeroo dubbisan garuu sagaleensaanii
addaan ciccita. Akka nama afaanicha reef baruutti dubbisu. Abbaan Gammachiis qubee saabaatiin
akkuma Oromoon dubbatutti barreessuuf yaale. Qubeetu ergifatame malee caasaan barreeffamaa kan
Oromooti jechuudha.

Kitaabni Qulqulluun boodana Qubee Afaan Oromoon barreeffame garuu caasaa sanarraa kaatee jira.
Kanaaf, dubbistoota danqa. Sababnisaa, akka dubbataa Afaan Oromoo caasessee dubbatutti
hincaaseffamne. Kun caasaan afaan biraa qubee Afaan Oromootiin barreessuudha. Caasaa haarawaa
kana hojiirra kan oolchinu yoo ta’e garuu, qubee Afaan Oromootiin caasaa Afaan Oromoo barreessine
jechuudha.

 Garaagarummaan hiikaa akka hinjiraanne taasisuu

Waan dubbatamuuf yaadameefi waan barreeffame gidduu garaagarummaan hiikaa akka hinjiraanneef
nigargaara. Jechoonni ykn fufiiwwan osoo itti butachuu qabanii irraa siqsamanii barreeffaman yeroo
hiika jijjiiran qabu. Fakkeenyaaf,

a. Tolaan iyyuu dhufaa jira.

ክቬn iᏵ Ǡጕ ቕኗ.

b. Tolaaniyyuu dhufaa jira.

ክቬቼᏵ Ǡጕ ቕኗ.

Hima jalqabaarratti (a) barreeffameefi kan lammatarratti (b) barreeffame yoo fudhanne hiika adda addaa
qabu. Inni jalqabaa tolaan ‘Uu! Uu! Uu!” jechuu (iyyuuf) dhufaa akka jiru mullisa. Himni lammataa
garuu, dabalataan Tolaanis teellaan akka asadeemaa jiru agarsiisuudha. Jechi [iyyuu] jedhu inni
jalqbarrra jiru xumura kan agarsiisudha. Hima lammaffaa keessatti garuu jechi [-iyyuu] kun
walqabsiiftuu ta’e jechuudha. Bifaan walfakkaatanis tajaajila adda addaa akka qabaatan ta’eera. Kunis
caasaa dubbiirraa hubatama. Caasaa dubbiifi barreeffamaa keenya walitti fiduun bu’aa kanafaa qaba.
Haala kana keessatti, caasaan dubbiifi barreeffamaa adda adda taanaan tajaajilli jechi kun kennullee
hiika jijjiirrachuu mala.

 Bareedinaaf nigargaara.

Yeroo caasaa Afaan Oromoo isa haaraa kana fayyadamnu barreeffamni faffaca’ee hinfokkisu. Mee
keeyyata kana dubbisaa!

96
Tolasaafi Gaarumaan barattoota ciccimoodha. Kunimmoo, bu’aa hordoffii maatiisaaniiti.
Maatiin yeroo hundaa nijajjabeessu. Ta’us ijoolleen kun barnootatti haaciman malee, hojii
hinjaal’atan. Hojiimoo barnootatu caalaa falmii kaasuuf miti. Eenyuyyuu kana nibeeka. Namni
hinhojjetu taanaan iyyeessadha. Qabeenyakoo jedhee waan itti boqotu hinqabaatu.
Jireenyisaas gammadaa hinta’u. Barasaa guutuu namarratti hirkatee jiraatas. Kanaaf
barnootas jiruus walfaana deemsisuutu fala ta’a.

ክቧእfi ቇጙǛn ሂኗᏋኪ ሦ፮ቸǜ. ቡቼጉ ሣሀ ቑrሽጾ ትȇእኀኬ. ትȇn ዔኟ ቒnቁ ቼቓፁ፸Ꮍ. ኪ’us iቛ᎒n ቡn ሂrኁኪᏇ ጤሦቨn

ቨቭ ቑቚ ቐnቘᎌኪn. ቑቚቸ ሂrኁኪኮ ረቬ ቆlቷ ቢኩf ቲኬ. መƏᏵ ቝቺ ቼ፸ቝ. ቺmቼ ቐnቑፂኮ ኯቾn iᏲᎹǜ. ኍ፸Ƌብ ቔǢ ዃn

iᏅ ለነኮ ቐnኍሣ. ቕኝƍእs ቇጙቁ ቐnኪ’u. ቝቾf ሂrኁኪs ቕአs ኾLጕቺ ቂmኣኩኮ ቆቧ ኪa.

Danqaalee duraan mudachaa turanii Kuulleen Furaman: Qubee Laatinii sanaan yeroo barreessinu,
fufiilee tokko tokko yeroo jecha bira jirutti maxxansinee barreesuuf kaanu sagaleeleen walfakkaatan
walcina tarraa’uu danda’u. Qubeen dubbifamaanis ta’e dubbachiiftuu sadiimmoo walbiratti
barreeffamuu hindanda’an. Kanatu barreessitoota rakkisaa ture. Dhimma kanarratti fufiilee 3 kaasee
akkamitti akka barreeffamuu qabanis ilaaluuf yaaleera. Kuulleen barreessuu keessatti homaayyuu
rakkoo hinqabu.

a. hin + nyaadhu = Akkamitti barreessina?

Qubee laatiniin yeroo katabaa turre, Hinnyaadhu jennee yoo barreessine, qubeen dubbifamaa sadii waan
walitti aane nutti fakkaachuu dandaa’a. Garuu, qubeen dachaa akka tokkootti waan fudhatamuuf sun
yaaddoo miti ture. Ta’us, akkaataan dubbii keenyaa ammas akkaataa itti barreeffame kana hinta’u.
Yeroo dubbannu qubeen dachaa ‘ny’ jabaatee bakka uumama sagaleetti nutti dhaga’ama. Bakka kanatti
sagaleen ‘n’ liqimfamtee jirti. Seera Afaan Oromoo duraanii keessatti garuu qubeen dachaa hinjabaatu
ture. Sagalee ‘n’ sagalee ‘ny’ tiin dhugamti (assimilate) taati waan ta’eef, yeroo barreessinu ‘hinyaadhu’
ta’a ture; qubeen ‘n’ nihaqamti jechuudha; ergasiis sagalee ‘ny’ jabeessuu waan hindandeenyeef,
tokkuma qofaa katabaa turre. Haata’u malee, Kuulleen barreessuu keessatti kun furmaata waarawaa
argateera. Sababnisaa, sagaleen ‘n’fi ‘ny’ walbiratti barreeffamuu ykn sagaleen ‘ny’ qoftis jabaatee
barreeffamuu nidanda’a. Kanaafuu, “ቐnƐሻ.” jennee barreessina.

b. hin + yaasu akkamitti barreessina?

Qubee duraan itti fayyadamaa turre keessatti fufii ‘hin-‘ jecha sagalee ‘y’n jalqabu itti butanii
barreessuun jechicha gara biraatti jijjiira ture. ‘Hinyaasu’ jennee yoo barreessine osoo hinjaallatin
sagalee ‘ny’tu uumama! Sababnisaa, n+y yoo walitti aane sagalee ‘ny’ jedhu bakka bu’a. Dubbisaan
waan barreeffame kallattiin waan dhubbisuuf jecha biraa (sagalee [ny]) ta’ee dubbifama. Kuulleen

97
barreessuu keessatti garuu rakkoon kun nu hinmudatu. Sababnisaa, qubeen sagalee ‘ny’ bakka buutu
boca jijjiirrattee jirti.

hin + yaasu = hinyaasu X

ቐn + ዘኤ = ቐnዘኤ.

Hin + yaadu = hinyaadu X

ቐn + ዘሼ = ቐnዘሼ.

c. ni + ibsa, ni+ eega… akkamitti barreessina?

Danqaan biraa yeroo sagaleen dubbachiiftuu walbira toora galan akkamiin gargar baafnaa rakkanna.
Ta’us garuu, sagalee hudhaa (‘) fayyadamuun seera Afaan Oromoo keessa waan jiruuf, bifuma sanaan
barreessuudha. Kanaafuu, ni’ibsa, ni’eega, ni’eegalla, ni’eebbisna… inumaayyuu seera Kuullee
Oromoo keessatti immoo hudhaaniyyuu asitti hinbarbaachiftu. Sababnisaa, sagaloostuufi qorrifattuu
gidduutti hudhaan hinbarbaachisu. (ቼibኡ, ቼመቇ, ቼመቇᎌ, ቼመምsቺ) jennee barreessina.

Walumaagalatti, yeroo seera Afaan Oromoo eeguuf jennee jecha ykn fufii jecha cina jirutti maxxansinu
faayidaa gurguddoo 4 arganna. Faayidaaleen kunniinis: bakka nuuf qusachuu, caasaa Afaan Oromoo
akka dubbataa afaanichaatti waan barreessinuuf dubbisuuf mijataa ta’uu, garaagarummaan hiikaa akka
hinmullanne taasisuufi miidhaginaaf tumsuudha. Danqaalee jechoota muraasarratti nu mudachuu
danda’anis Kuullee Oromoon katabuu keessatti falli itti argamee jira.

3.3. Hanqinaalee Qubeessuun Walqabate Furuuf

Hanqina qubeessuu waggaa soddomaaf uumame sana Kuulleen Oromoo nifura jedhamee eegama.
Haalli barreessuusaa salphaatti waan namaa galuuf qubeessuu irratti rakkoo akka duraa sana hinmudatu.
Qubee Laatinii Madaqfameen Sirnaan Qubeessuu Dadhabuun nimullata. Waggaa 30 ol qubee kana
fayyadamnee barreessinee jirra. Haata’u malee, hanga yoonaatti namoonni qubee kanaan baratan garri
caalaan sirnaan qubessuu hindanda’an. Namoonni kunniin barreeffama kataban keessatti yeroo namas
ta’e of arrabsan argamu. Sana keessattis yaada qaban sirnaan barreessuu yeroo dadhabantu mul’ata. Sun
maaliif ta’een gaaffii namoota hedduuti. Barruulee waajjira mootummaa keessaa katabamanii ba’an
dogoggora qubeessuun kan guutamaniidha. Sunimmoo Afaan kana quucarsaa ture. Kuulleetti
fayyadamnee barreessuu rakkoo kanaaf furmaata waarawaa fiduu mala.

98
3.4. Carraaleefi Danqaalee Kuullee Mudachuu Malan

Mataduree kana jalatti kan ilaallu, fayyadama Kuullee Afaan Oromoo keessatti carraaleefi danqaalee
jiran adda baasuun agarsiifamuuf yaalamee jira. Kanneen mataduree xixiqqaatti qoqqooduun ibse.

4.5.1. Carraalee jiran

4.5.1.1. Aadaa Oromoon walqabachuu


Eenyummaa Oromummaa irratti waan bu’ureffateef fedhiin barachuu namootaa olaanaadha.
Silumayyuu, Afaan Ummata Gudoora kanaa qubee mataasaa dhabuun nama qaanessa. Afaan keenyaaf
mallattoo arfii mataa keenyaa qabaachuun akka Oromootti nama gammachiisa. Kanas namoonni marii
dhimma kanaaf taasisamu irratti argaman deddeebisanii kan dubbataniidha. Mee yaada namootaa
keessaa kan haadha keenyaa kana haa’ilaallu.
“Ani nama fidala ijoollee Oromoo barsiisaa tureedha. Yeroo ABOn cichoominaan qubee kana
barsiisus Gaara Mullataatti deemee leenji’uun qabsoo kana keessatti hirmaachuu itti fufe. Yeroo
sana Oromoon maaliif qubee ergisaatiin barreessa? Afaanichaaf qubee uumuun maaliif
dadhabame jedhee Geggeessitoota yerosii kan akka Jaal Galaasaa Dilboo gaafadheen ture.
Isaanis, ’Nuti waraanarra jirra. Yeroo kam gadi teenyee Afaan Oromoof qubee uumna! Amma
kanumaan afaanicha guddifna dhaloonni itti guddatemmoo bor qubee mataasaa uummachuu
danda’a!’ jedhanii naaf deebisa. Anis gaaffii kiyya qabadheen deemsa kiyya itti fufe. Har;’a
kunoo gaaffii kiyya sanatu naaf deebi’e!“ kan jettu Haadha Oromoo (Jiraattuu Magaalaa Dirre
Dhawaati).
Yaada haadha Oromoo kanarraa hawwii namoonni yeros fidala barsiisaa turan achiinis gara Qubee
Afaan Oromoo kan Laatin irraa madaqfamee seenan qabaachaa turan argina. Keessumatti namoonni
quuqama Oromummaa qaban Afaan Oromoo dagaagsuuf yaalaa turuu, osoo hinjaallatin dirqamaan
fidala barsiisuu, qubee Afaan Oromoof uumuuf fedhii guddaa qabaachuu isaanii argina. Haadha
Oromoo kan onnachiise kanuma. Gama tokkoon Oromoon akka baratu waan feetuuf fidala barsiisuutti
makamte. Duuba Qubeen Afaan Oromoo yeroo madaqfames quuqama qabdu ibsitee barsiisuuf kutatte.
Quuqamnishee Afaan Oromoof qubee mataasaa uumuun dirqama akka ta’e akeekuudha. Har’a yeroo
kuulleen uumamtee sadarkaa addaddaa keessa darbuun asgeesses gammachuu guddaa akka qabdu
dubbatte.

4.5.1.2. Sadarkaa Baratamuu Kuullee Salphaa Ta’uu

Kuulleen Oromoo kun mallattoo Oromummaa kan ta’e Odaa irraa waan uumamteef fedhiin
xiyyeeffannoon barachuun namootaa akkaan guddaadha. Dhimma uumama qubee haarawaa kana yeroo
dhaga’anis seeraan dhaggeeffatu. Akkuma dhaga’anniinis barachuuf ariifatu. Keessumaa daa’imman
99
umurii kudhan keessa jiran dafanii barreessuufi dubbisuu akka danda’an ilaalameera. Hanga yeroo
qorannoon kun hojjetameetti namoonni Kuullee Oromoo kana barreessuuf dubbisuu danda’an namoota
kuma shanii olta’anii jiru.

Yeroo leenjiin Kuullee Ga’eessotaaf kennamu.

Yeroo barattoonni Kuullee Baratan

100
Yeroo daa’imni jecha dubbistu
Guyyoota muraasa gidduuttis daa’imman dubbisuufi barreessuu danda’u. Akka seera jiruuttis, bocni
qubee sagalee afaan tokkoo bakka bu’u ulaagaa daa’immaniif dafee galuutiin fudhatama argata. Akka
qorannoo yaalii taasifameetti immoo Kuulleen leenjii sa’aatii 2 keessatti namoota ga’eessotaaf dafee
akka galutu hubatame. Daa’imman shaakala sarara barreessuu qabanis salphumatti dandeettii
barreessuufi dubbisuu gonfatu.

101
Barattoonni yeroo leenjii fudhatan
Ragaaleen asii olii akka agarsiisutti Oromiyaa gara bahaa keessatti yaaliin Kuullee leenjisuuf taasifame
milkaawuu kuulleetiif sababa ta’ee jira. Namoonni hedduunis baratanii ganda baadiyaa hanga
magaalaatti barreessuufi dubbisuu dandaa’anii jiru. Kunimmoo, Kuulleen barachuu salphaa akka ta’u
nutti agarsiisa.

Kuulleen salphaatti namaa galuu: asirratti wanti hubatamuu qabu Kuulleen arfii 5ntu gaggalagalee arfii
30 uuma. Walumatti 35 salphaatti qabatama. Oromiyaa bakka addaddaa keessattis namoonni Kuullee
baratan inuma jiru. Kanaafuu, Qubee Haarawaa kana barachuun daa’iammanis ta’u, nama guddaa kan
hinrakkifne ta’uu hubachuun dandaa’amee jira. Dandeettiiwwan Afaanii lamman (barreessuufi
dubbisuu) keessaa xiqqoo kan harkifatu jechoota barreeffaman daddafanii dubbisuudha. Sunimmoo,
adeemsuma keessa sagaleelee sunniin akkamitti akka ijaaraman qalbeeffachuun baratama. Ta’us, dafee
baratamuu danda’uun mallattoo kuullee kanaa carraa hojiirra oolmaa qubee kanaaf bakka guddaa qaba.

4.5.1.3. Teknoloojii fayyadamuun caalaatti mijaa’uu

Dhimmi afaanii teknoloojii waliin walitti yeroo hidhatu adeemsi barsiisuus ta’e barachuu nisalphata.
Keessumaa Softiweeriin addaaddaa afaaniif yoo mijate gaariidha. Kuulleen adeemsa amna hundaa
keessatti teknoloojiin hidhata godhachaa deemaa jirti. Yeroo ammaa kana, kompiwuteraan salphumatti
barreessuun nidandaa’ama. Sababnisaa, keeboordiin ittiin barreessan uumameefii jira. Sagaleelee Afaan
Oromoo duraan qubee Laatiin irraa madaqfaman irratti waan hidhameef, applikeeshiinii kuullee
kompiwutera irratti fe’achuun ittiin barreessuun dandaa’amee jira. Barreeffamoota duraan turan
salphumatti gara Kuulleetti deebisuun nidandaa’amuu. Sababnisaa, Qubee Afaan Oromoo duraanii
sanaan waan waldubbisuuf kitaabilee duraan barreeffamanii jiran sana salphaatti gara Kuulleetti
deebisuun nidandaa’ama.

Kiiboordii Kuullee Moobaayilii irratti hojjetame marsaa jalqabaa kan 2015 ALA
102
Mallattooleen Kuullee kompiwutera irratti tolfame qubee laatinii achirra jiruun walsimsiisuuniidha.
Yeroo qubee sagalee barbaannee tuqnu mallattoo Kuullee nuuf barreessa jechuudha. Kuulleen
kiiboordii mataashee akka qabaattu taasisuun kunimmoo bu’aa teknoloojiiti.

Appilikeeshiinii Kuulleen Kompiwutera Irratti


Appilikeeshinii Kuullee kana kompitutera irratti ’instol’ yoo taasifanne, barreeffamoota Qubee Afaan
Oromoo kan Laatin irraa madaqfame kamillee libsuu ijaa gidduutti gara barreeffama Kuulleetti
deebisuun nidandaa’ama. Sunis, komputera keenyarraa ’control +A’ gadi qabuun kan raawwatamu
yommuu ta’u, sagaleewwan duraan achirratti barreeffamanii jiran akkuma jiruun dogoggora tokko
malee dabarsuu danda’a. Aappiin kunis ’ ’Kuullee light’ jedhama. Yeroo amma kanas wiindoo
kompiwuteraa hundaarratti akka hojjetu taasifamee qopha’aa jiraachuu odeeffadheera.

Yeroo dhiyoo asis sababa Kuulleetiin Afaan Oromoo Miseensa IPA (International Phonetic Alphabet)
ta’uuf adeemsarra jira. Dhaabbanni IPA kun mallattoolee sagalee afaanota addunyaaf beekamtii kan
kennuudha. Mallattoon Afaan Oromoo (Kuulleen) dhaabbata kanatti galmaa’uuf wixineen dhiyaatee
jira. Kunimmoo beekamtii afaanichaaf caalaatti gumaacha jedhamee eegama. Dabalataanis, softiweeriin
moobaayilaa hojjetamaa akka jiru odeeffadheera. Yeroo sana Kuulleedhaan Miidiyaa Hawaasaa irrattis
barreessuun nidandaa’ama. Kompiwuteraan walbarsiisuu danda’uunis ta’e softiweerii meeshaalee akka
moobaayilaa irratti akka ittiin barreessan taasisuun kun immoo carraa fayyadama Kuulleen Afaan
Oromoo barreessuu nimijeessa.

103
5.2.1.4. Walbira Qabii Qubee Duraaniin Hubannoo Uumuu

Carraa yeroo kuulleen keessatti uumamtee kunis gaariidha. Yeroo itti qubee Laatiniitiin sagalee Afaan
Oromoo irra caalaa barreessuun danda’amee jiru waan ta’eef birqabaan Kuullee barsiisuun dafanii
hubachuuf carraa uumeera. Fakkeenyaaf, birqaba qubeewwan duraaniitiin agarsiisuun (A... a, B...b, C...

c...) yeroo barsiifnu dafee namaaf hubatama. Akkasumas, yeroo Laatin madaqfame sana hanqina maal
qabaa, cimina maal qabaa jedhamee wanti ilaalame hinturre. Ammammoo, qubee laatin kanarra
dhaabbatanii kan Kuullee madaalanii ilaaluun waan dandaa’amuuf carraan fooyya’insa taasisuu kanaaf
argame. Kana malees, seera qubee guddaafi xiqqaa, akkasumas qubee dachaa kanduraanii keessa ture
waan hir’iseef, rakkoon gama sanaan qubeessuu keessatti mudachaa ture hafuu danda’a.

Walumaagalatti, Kuulleen Odaa bu’ura godhachuun waan uumamteef fedhiin namni waa’eeshee
beekuuf qabu olaanaadha. Fedhii jiru duukaas dafanii barachuuf mijooftuudha. Sababnisaa, jijjiiramni
sagaleeAfaan Oromoo irratti mul’ate hinjiru. Boca qubeetu jijjiirame malee tartiibni sagalees ta’e
uumamni jiru isuma duraa hordofa. Kana tumsuufis hidhamiinsi teknolojii waliin taasifame olaanaadha.
Adeemsa kana keessatti kiiboordiin kompiwuteraa qophaa’uufiin sirnaan daddafanii barreessuuf daandii
salphise. Walbiraqabiisi qubee laatinii waliin taasifames namnuu salphumatti isa kamtu maal akka
bakka bu’u hubachuuf gargaare. Kanaafuu, Kuullee barsiisuufis ta’e barachuuf carraalee gaariitu jiru
jechuudha.

5.2.1.5. Fayidaa siyaas-dinagdee Oromoo dagaagsuu

Kuullee Oromootti yoo dhimma baane karaa sadii irraa fayyadamuu dandeenya. Isaanis, gama dinagdee,
siyaasaafi hawaasummaati. Kanneen tokko tokkoon asii gaditti faayidaa Kuulleen kutaalee kanneen
keessatti akkamiin akka gumaachitu ilaalla.

Gama dinagdee: Roga diinagdeetiin yoo fudhanne, Kuulleen qubee isa duraan fayyadamaa jirru
dhibbantaa jaatamaan (60%) gadi nuuf hir’isuu dandeesseetti. Fakkeenyaaf, jecha qubee 13 qabu gara
kluullee shaaniitti hir’isuun dandaa’ameera. Jechi qubee 10 irraa ijaaramus yoo baay’ate Kuullee 4 ta’a.
Fakkeenyi biraan, isa duraa keessatti, barataan qubeen baratuufii barataa afaan Ingiliffaan/Amaaraatiin
baratu walcinaatti yoo ilaalle, kan afaan Amaaraatiin barreessaa baratu dabtara tokko waggaan yeroo
fixu, kan qubee ergisaa laatin kanaan baratu dabtara lama fixa. Sababnisaas, qubeen laatin irraa
madaqfame kun yeroo dheeratuufii jabaatu yeroo lama barreeffama. Haala olitti ibsame kanaan
barataan tokko gosa barnootaa saddeet (8) yoo kan baratu tahe waggaan dabtara saddeet fixe. Barataan
qubee afaan Oromootiin barreessu waggaan dabtara kudha jaha (16) fixa jachuudha. Akka kanaan,
104
Oromoon barattoota miliyoona kudhan qaba yoo jenne, gatiin dabtara tokkoo yeroo ammaa qarshii
shantama; gosa barnootaa saddeetiif qarshii meeqa baasa? 10,000,000 x 50 x 16 = 8,000,000,000
(biliyoona 8) barbaachisa. Kunimmoo, Oromiyaadhaaf qisaasama dinagdee guddaadha. Kun dabtara
qofa kan qalama ittiin barreessanii, humna barataa sanaa, yeroo barataan barreessuu irratti gubu,
barsiisaan barreessuuf yeroo irraa gubattu, barruu barsiisaa dubbisuuf yeroo barataa fudhatu,
heddummina boronqii barsiisaan fixuu qofa akka fakkeenyaatti yoo ilaalle wanti hubannu nijira.
Qisaasamni kun Kuulleedhaan seenaa ta’ee jira jechuudha.

Gama Siyaasaatiin: Siyaasaan Oromoon qubee mataasaa kan addunyaa irratti ittiin beekkamu argate.
Silumayyuu, qubeen afaan tokkoo abbaa afaan sanaan hidhata guddaa qaba. Fakkeenyaaf, yeroo qubee
ARABAA arginu ’Kuni Qubee Arabaati’ jenna; kan Chaayinaa yeroo arginuus ’Kuni kan
Chaayinaati!’ jenna. Fidala yeroo arginus, ’Kuni fidala Amaaraati’ jenna. Kuni wanti nutti mullisu
qubeen mallattoo eenyummaa tahuu isaatiin addunyaa kanarratti ummata Afaanicha dubbatu beeksisa.
Hanga Kuulleefi kaawwan uumamanittii garuu Oromoon Qubee ittii beekamu hinqabu ture. Kanneen
keessaa Kuullee kan ffilatamu yoo tae, Oromooniis qubee ittiin beekamu argatee jira jechuudha.

Gama hawaasummaatiin: Qubeen amma fayyadamaa jirru jechoota Oromoon yeroo dubbatu akka
inni dubbateen barreessuufii hindandeenye baay’eetu jira. Fakkeenyaaf, qubeen dachaa Ch, Dh,
Ph, Sh, Ny’fi k.k.f jabaatanii barreeffamuu hindanda’an turan. Sababiinsaa, jalqabuma qubee
lamatu akka qubee tokkootti dubbifamaa ture. Kanaaf jabaachuuf qubee afur waan tahaniif roga
kanaan hirrina guddaatu jira ture. Kuullee keessatti garuu, hanqina kana furuun dandaa’ameera.
Walumaagalatti, nama qalbiin xinxaleef kuulleen Afaan Oromoo guutuu taasifti.

4.5.2. Danqaalee Mudachuu Malan

4.5.2.1. Dhiibbaa Siyaasaa

Biyya kam keessattiyyuu, wanti dhaabni siyaasaa biyya bulchu tokko itti amane salphumatti biyya
keessatti fudhatama argata. Fakkeenyaaf, qubeen laatinii Afaan Oromootiif yeroo madaqfame dhaaba
siyaasaa lamatu itti amanee fudhate. Jalqabarratti, dhaabni ABO sadarkaa addaaddaatti uummata
barsiisuun gumaacha guddaa taasise. Booda keessa OPDO sadarkaa MNO kaasee hanga gandaatti ittiin
akka barreeffamu taasisuun sun gumaacha guddaa ture. Sunis, Afaan Oromoo afaan hojii taasisuu
bu’uureffata. Darbees, sadarkaa biiroo barnootaatti kutaa tokkoo hanga saddeetii barnootni hunduu
qubee kanaan barreeffamee ittiin barsiifamaa ture. Sunimmoo, fudhatamummaa qubee kanaaf bakka
guddaa qaba. Hundaa’ol dhaabni siyaasaa fudhachuun hojiirra oolmaasaa haalaan dabala; yoo dhaabni
siyaasaa amma biyya bulchu itti hinamanin hojiirra oolchuun rakkisaadha. Qubeen laatinii waan
dhaabonni Oromoo (yeroo sanatti ABO, OPDO) beekamtii kennaniif daddaffiin hojiirra ooluu danda’e.
105
Gama sirnaan fayyadamuutiin xiyyeeffannoon dhibus Qubeen Afaan Oromoo Laatin irraa madaqfame
sadarkaa kanaa guddachuuf sababni dhaaba siyaasaa biyya bulchu biratti fudhatama argachuu isaati.
Kuullee irrattis dhiibbaan siyaasaa eyentaas ta’e i’intaa uumuu mala sodaan jedhu nijira. I’intaan itti
amanuu dhabuufi hojiirra akka hinoolle danquu ta’a. E’entaan immoo itti amanuun hojiirra oolmaa isaaf
tumsuudha. Kanaafuu, danqaan gama dhaaba siyaasaa kanaan yoo uumame Kuullee hojiirra oolchuun
rakkisaadha.

4.5.2.2. Sodaafi Shakkii


Afaan Oromoo uummatichaaf waan hunda. Aadaansaa, falaasamnisaa, safuufi safeeffannaansaa,
afaansaa keessa jira. Akka waliigalaattis, qabeenyi Waloo Oromoo inni guddaan Afaansaati. Kanaaf,
ummanni afaan kana hidhaa ijaatiin eeggata. Gama kanaan yeroo ilaalamu, dhimmi Afaan Oromoo kun
jaalalaafi soda ofkeessaa qaba. Waan haaraan afaanicha keessatti yeroo dhufu yaaddoo hundumatti
uuma. Afaanicha balleessuuf kan gamus hedduu waan ta’eef, hojii jijjirama Afaanichaa irratti
hojjechuun kun ofeeggannoo barbaada. Kanaafuu, namni dhuunfaan dhimma kana yeroo dhaga’u
nirifata. Yaaddoo keessa gala. Qubee Afaan Oromoo irratti jijjiiramni uumamuu gaafa dhaga’u kan
gammadu caalaa kan rifatutu heddummata.

Hanga yeroo kanaatti namoonni waa’ee Kuullee kana baratan, jalqaba yeroo dhaga’an sodaafi yaaddoon
itti seenanii dhaggeeffatu. Garuu, erga dhaggeeffatanii haalasaa hubatanii booda gammachuu guddaa
keessa seenu. Fakkeenyaaf, namootan dhimma kana mariisise keessaa ragaa namoota sadan tokko isiniif
dhiyeessa.

Namoota leenjii fudhatan keessaa Gaaddisaa Margaa yaada kana yeroo dhaga’u naasuun hollachuu
dubbata. “Yeroo waa’ee dhimma qubee haarawaa kana dhaga’e, akka maleen nahe, garuu maaliif
akkan nahe hinbeeku. Dhugaa dubbachuuf amma miiran ibsachuu hindandeenyetu natti dhaga’ama.
Yeroon arges qubee chaayinaa natti fakkaate. Utuman rifadhuuyyuu kun abjuun duraan qabuudha.
Afaan Oromoo irratti qorannoon haarawaan tokko akka as ba’u eegaan ture. Haalli Qubee Afaan
Oromoo amma itti fayyadamaa jirru kun quubsaa miti. Keessumaa, warra ogeessota afaanichaa irraa
qorannoo addaan eegaan ture. Abjuu kana abjoodheen ijaan hinargin hafamoo, namni naaf raawwatu
jira laata jedheellee yeroo baayeen haasa’an ture. Ani waa’ee Afaan Oromoo kanarratti xiyyeeffannoo
guddaan kenna. Warri soddaa keenyaa garuu, yeroo hundaa, ittiin na ceepha’u. ’Afaan ofiiyyuu qubee
ittiin barreeffatu afaan biraa irraa ergifatu afaan hojii federaalaa nuuf godhaa jettanii gaafattu mitii?
Keenya fidala mataasaa qaba; keessan isa waliin dorgomuu hindanda’u!’ jedhaniifaa ittiin naceepha’u
turan. Gaafan aarii keessa galufaatu jira. Amma abjuun kiyya dhugoomaa jiraa, anis waanan
qabadhee jiru lafa kaa’een dhimma kana dhugoomsuuf hojjechuuf waadaa gala!“ jedhe.
106
Yaaddoon Gaaddisaa, waan hinbarbaachifnetu gara Afaan Oromoo seena shakkii jedhu ofkeessaa qaba.
Malee Afaan Oromoo qubee mataasaa akka qabaatuuf inniyyuu akka hawwaa ture dubbata. Kanarraa
kan hubannu, dhimmi Afaan Oromoo xuxxuquun kun nama baay’ee naasisa. Sunimmoo jaalala
afaanichaaf qaban bu’ureffata. Kan mormaniifis ta’e kan deggaraniif sababa qabeenya isaanii ta’eef
malee hamaaf akka hintaane beekamaadha.

Abdataan immoo Afaan Oromoof qubee haarawaa uumuuf dhama’uun matumtisaa akka
hinbarbaachifnetti akka amanaa ture dubbata. Namni kun biyya keeniyaa kan jiraatu ta’ee dhimma
Afaan Oromoo irratti xiyyeeffannoo guddaa nama kennuudha. Gaafa waa’een Kuullee Oromoo kun itti
himame miira isatti dhaga’ame dubbate. “Dura yeroon arge qubee chaayinaa natti fakkaatee ture.
Inumaayyuu qubeen jajal’an kun maal nufayyada? Silaawoo qubee laatiniitiinuu barreessaa jirraa,
maaliif qubee biraa uumuun barbaachisa’ jedhaan sidhaggeeffachaa ture. Dhumarra, Odaa irraa
uumamuu yeroon argemmoo, ’haayaa wanti kun Oromoo fakkaatti jedheen achumaan keessikoo na
fudhate“ jedha. Miirri Abdataan qabu kunis, miiruma uummata Oromoo kaaniiti. Inumaayyuu,
dhaloonni kun qubee laatinii nafeeffatee jira. Kun qubee kooti jedhees itti amanee fudhateera. Akka sun
kan ergisaa ta’ellee namni beeku muraasa. Kanaaf, qubee haarawaa uumanii hojiirra oolchuu keessatti
miironni akkanaa kun danqaa uumuu akka malan qorannoon kun dursee lafa kaa’e.

Alamuunis, yeroo waa’ee uumama qubee haarawaa kana dhaga’u miirri naasuu isatti dhaga’amuu
dubbata. “Barsiisaan fakkii wayii natti agarsiisaa? jechaan ture bar jalqaba. Booda keessa falaasama
Kuulleen Oromoo irraa uumamte yeroo agargu xiqqoo qabbana’aa dhufe. Achiis mallattoo Oromoo
kan ta’e Odaa irraa bocamuu Kuullee yeroo hubadhu, achumaan guutummaan guutuutti fudhadhe.
Inumaayyuu, kun gaaffiikoo yeroo dheeraa naaf deebise. Kuni uummata Oromootiif injifannoo
guddaadha!“ jedha.

Miirri Alamuutti dhaga’ames miiruma kaawwanitti dhaga’amaa tureedha. Ragaalee asii olitti
qaacceffaman irraa kan hubatamu, namoonni dhimma kana yeroo dhaga’an sodaa qaban sana yaadatu.
Tarii qaama kamtu afaan kana balleessuuf deemaa shakkuun sun nama hundaa keessatti uumamuu
mala. Ta’us, ilmaan Oromoo waan ofii guddifachuuf yaada dhiyeessanis yaadni isaanii qorannoon
madaalamuu qabaadha.

Egaa namoonni yeroo qubee haarawaa kana baratan akka dandeettii barreesssuu dafanii horachuu
danda’u. Qubee laatinii sanaan walbira qabamee waan barsiifamuufis salphaatti kuuluu nidanda’ama.
Ta’us, Kuullee Oromoo kanaan barruu dheeraa barreeffamemmoo ariitii dubbisuu dadhabuutu
107
uumamuu mala. Inumaayyuu, hanga Kuulleewwan sanniin sammuutti qabatanitti xiqqoo jalaa
harkifachuu nidanda’a. Yeroo ragaan qorannoo kanaa walitti qabamus, “Kuullee hubachuufis ta’e ittiin
barreessuun na hindhibne. Garuu, daddafee dubbisuun dadhabe. Dandeettii sana gonfachuutu xiqqoo
naduraa harkifate. Amma garuu sirrii ariifadhee dubbisuu dana’eera“ kan jedhan nijiru. Akka yaada
kanaatti, barreessuun baruun yeroo dheeraa itti hinfudhanne. Haata’u malee, daddafanii dubbisuu
baruun yeroo itti fudhateera. Kanarraa kan hubatamu, namni barreeffama qubee laatiniin jiru sana
baratee barsiisaa jiru ariifatee osoo dubbisuu, Kuullee kana yeroo argu rifachuu mala. Kunimmoo,
danqaalee xixiqqoo Kuullee Oromoon barachuu keessatti mudatan ta’uu qorannoon kun mirkaneessee
jira. Furmaanni jiru irra deddeebiin shaakaluudha. Afaan kamiyyuu keessatti dandeettiin afaanii arfan
kan gonfatamu shaakala yeroo dheera keessatti ta’uun saayinsii afaaniin kan deggarameedha.

Walumaagalatti, danqaalee Kuulleetti ta’uu danda’u jedhamee kan raagamu wantoota lamman kana.
Isaanis, dhaaba siyaasaa biyya bulchu biratti dafee fudhatamummaa argachuu dhabuufi yaaddoo
dhuunfaa dhimma afaanii irratti ummanni keenya qabuudha. Warri siyaasaa dursanii yaada kanaaf
beekamtii kan kennan yoo ta’e, Afaan Oromoof qubee haarawaa kan taate Kuullee hojiirra oolchuun
baay’ee salphaa ta’a. Sanaaf immoo hayyoonni dhimma kana qorannoo dabalataa irratti adeemsisuun
bakka hundaatti hubannoo uumuu barbaachisa. Sodaa akka dhuunfaatti qabnu sana hir’isuuf immoo
osoo dhimmicha hinhubatin murtoo kennuu dhiisuu barbaachisa. Waan haaraa kana hubachuuf gadi
taa’anii leenji’uu gaafata. Waanuma argan i’intaa isaa yaaduurraa yoo ofqusanne Kuullee salphumatti
Oromiyaa guutuu qaqqabsiisuun nidandaa’ama.

108
BOQONNAA SHAN
GOOLABA, ARGANNOOFI YABOO

5.1. Goolaba

Qorannoon kun yaada qubee haarawaa addaddaa Afaan Oromoof uumamanii jiran sakatta’uun, kan
duraan walbira qabee xinxaluun barbaachisummaasaa soquutti xiyyeeffate. Kana dhugoomsuufis
kaayyolee gurguddoo sadii qabatee ka’e. Isaanis: ifaajii hayyoonni Afaan Oromoo afaan barreeffamaa
gochuuf ifaajaa turan sakatta’uun beekamtii kennuu, barbaachisummaa Qubeen Haarawaa Afaan
Oromoof uumuun qabu sakatta’uufi carraaleefi danqaalee qubee uuumame guddina Afaan Oromoo
keessatti qabu ibsuu ture. Kaayyolee kana galmaan ga’uufis, malleen ragaa ittiin guurradhe mala
afgaaffiifi sakattaa barruu ture. Mala afgaaffiitiin namoota qubee kana uuman kanneen lubbuun jiran,
warran argadhe gaafachuun dokmentii arkaafudheera. Akkasumas afgaaffiii gaafachuudhaan maaltu
sana gochuuf akka isaan kakaase akka naaf ibsan taasise. Sakattaa dookmentiitiin immoo, ragaalee
kanaan dura turanis ta’e, wantoota ammaan kana hojjetamaa jiran sakatta’uun ragaa walitti qabadhe.

Akka kanaan ragaalee malleen lamaaniin argaman walitti qabuun kanneen kaayyoo qorannoo kanaa
dhugoomsan irratti xiyyeeffachuun secca’e. Sanas mataduree addaddaatti qoqqooduun xiinxaluuf yaale.
Xinxala kiyya keessatti wantoonni ani ilaale, hayyoota dhimma Qubee Afaan Oromoof uumuu keessatti
hirmaannaa taasisan hanga tokko sakatta’ee namoota 7 argachuu danda’eera. Namoonni lubbuun
hinjirres ta’e kanneen lubbuun jiraniif, qorannoo kanaan beekamtiin kennameefii jira. Qubeelee
uumaman kana keessaa dookmentii gabbataan kan dabaalamte Kuulleedha. Seeronni Afaan Oromoo
yoo Khulleen hojiirra kan oolu ta’e ittiin barreeffamus ka’ameera. Asii gaditti argannoolee ragaalee
xinxalaman irraa argamaniifi yabootu ibsamanii jiru.

5.2. Argannoo
1. Afaan Oromoof qubee alagaa madaqsuufi kan mataasaa uumuuf yaalii akkamiitu akka taasifame
bira ga’ameera.
 Akkuma waliigalaatti, Afaan Oromoo afaan barreeffamaa taasisuuf hayyoonni hedduun ifaajii
ciccimaa taasisanii jiru. Jalqabarratti, sheekonniifi qeesonni qubee alagaa madaqsuuf
tattaafatan. Warri Musiliimaa arfii arabaa, warri kiristaanaa fidala madaqsuuf yaalan,
sagaleeleen Afaan Oromoo guutummaan guutuutti mallattoolee/ qubeelee afaanota irraa
madaqfaman keessa jiruun bakka bu’u waan hinarganneef garuu sun hinmilkaa’in hafe.
Kanaafuu, saabaanis ta’e arfiin arabaa Afaan Oromoo katabuuf hinmijanne.
 Itti aansuun yaaliin qubee Laatinii madaqsuuf taasifame hanga tokko milka’ee, Afaan
Oromoo waggaa 30f ittiin barreeffamee jira. Haata’u malee, ammallee jechoota Afaan

109
Oromoo hundaa guutummaatti ittiin barreessuun hindandaa’amne. Fakkeenyaaf, qubee
dachaafi hudhaa jabeessuu dadhabuun hanqina.
 Rakkoon biraammoo, qubee boca tokko afaan addaddaa keessatti sagalee addaddaatiin
barsiisuun daa’imman tabjaajessuudha. Isuma daree Afaan Ingilizii keessatti A... E jedhanii
waaman, Afaan Oromoo keessatti immoo A jedhanii waamu. Boca tokkotti sagalee lama
ba’e. Kunimmoo, hanqina qubee Laatinii isa biroo ture.
 Sabni Gudoora ta’e kun Afaan Guddaa daangaa gamatti dubbatamuuf qubee ergisaa
fayyadamuunis ceephoo kaase. Kanaaf furmaanni Afaan Oromoof qubee haaraa uumuu ture.
Sanaafis hayyoonni addaddaa itti dadhabanii qubee haarawaa uumuuf yaalanii jiru. Akka
kanaan Sheek Bakrii Saphaaloo dabalatee namoonni ja’a qubee uumuu isaanii qorannoo kana
keessatti ilaalamee adda ba’eera. Hayyoonni kunniin: Sheek Bakirii Saphaaloo, Sheek
Doktoor Abdushakuur Muhaammad Amaan, Mussaa Godii, Shee Kamaal Aadam Abbiyyoo,
Mastar Hasan Abduqqaadir Aymoofi Barsiisaa Hasan Gazzaaliidha.
 Hayyoota qubee uumuuf yaalan kanaaf beekamtiin kennamee, dookmentiin isaanii kuufamee
jira. Qubeelee uumaman kana keessaa Kuulleen qubee Afaan Oromoo haarawaa taatee laatin
waliin akka fudhatamtu qorannoon ni’akeeka. Sababnisaa, Kuulleen uumamuma ishee irraa
kaatee Oromummaa urgoofte. Odaa mallattoo Oromoo bu’ureffachuun uumamuu isheen
walqabatee akkuma falaasama yayyaba Oromootti isheenis qubeewwan shan irraa
yayyabamte. Sunimmoo namni Kuullee tokko qabate salphaatti kuullewwan biroo
nafeeffachuu akka danda’utti waan tolfamteef sammuu daa’imanii keessatti salphumatti
qabatamti. Gama teknoloojiitiinis kiybordiin kompiwuteraa qophaa’eeraaf. Qubee Afaan
Oromoo duraaniitiin waan barreeffames dubbisuu dandeessee jirti. Hanga yeroo qorannoon
kun hojjetameetti namoonni biyya kana keessaa baay’inaan 5000 olta’an baratanii ittiin
barreessuus ta’e dubbisuu danda’anii jiru.
 Seerota Kuullee Oromoo bakka lamatti qoodama. Isaanis, seerota dimshaashaafi seera Kuulleen
jechoota Kuuluuti.
 Seeronni dimshaashaa Kuullee 12tu jiru.
 Kuulleen Oromoo seera kallattii bitaa irraa gara mirgaatti barreessuu kan hordoftuudha.
 Seerri qubee guddaafi xiqqaa haqameera; qubee dachaa wanti jedhamus hinjiru.
 Kuulleen Oromoo tartiiba (a b c) hordofuun kan deemtu yommuu taatu, sagaltuufi
sagalfamtuutti qoodamti. Sagaltuun kan sagalee kennitu yommuu taatu, sagalfamtuun immoo
kan sagalee fudhattuudha.
 Sagalfamtuun aanteefi galtuu jedhamuun qoodamti. Aanteen sagalee Afaan Oromoo keessa
siluma jirtu, sagalee ’galtuu’n immoo afaan biroo keessaa madakfamte.

110
 Sagalfamtuun galtuun kuullee Oromoo keessa jirtu bakka lamatti qoodamti. Isaanis: goroofi
gooroodha. Sagalfamtuu gooroon warra seemetotaa kan ittiin barreessinu yommuu ta’u
qubeelee gosni lamammoo kan sagalee Kushootaa ittiin barreessinuudha.
 Ammaaf sagaleelee kushootaa kana fayyadamaa waan hinjirreef, qubeeleen lamman sun
olkuusamanii (reserved) ta’anii malee lakkoofsa Kuullee Oromootti hindabalamne.
 Kuulleen Oromoo sagalee jabaafi laafaa ofkeessatti kan qabdu taatee sanneen keessaa
sagaleen ’aantee’ 25’fi ’galtuu 5 qabdi. Kanneen hunduu yeroo jabaattee barreeffamtu
’sagalfamtuu jabduu’ jedhamti. Santu cimdiin barreeffamuun sagaleelee 60 ta’a. Yeroo seera
Oromtuun barreeffamtu sagalfamtuu lama walbiratti barreessina osoo hintaane, sarara
xiqqaa morma sagaltuu sanaarratti hidhuun jabaachuushee mul’isna.
 Kuullee Oromoo keessatti sagaleleen ’sagaltuu’ jedhamtu 5tu jirti. Yeroo dheeratu lama
walumatti, sagaltuu 10 ta’u. Kanneen keessaa sagaleeleen 9 ’sagaloostuu’ jedhamuun
beekamti. Sunis, sagalee ’aanfattuu’ irratti hidhuun dheerinaafi gabaabina sagaltuu
agarsiisti. Sagaloostuun hundee sagalfamtuu kan ta’e ’A’’’ irratti hidhamuun kan barreeffamtu
yommuu taatu, sirna barreeffamaa Oromtuun barreessuuf fayyaddi; agaltaatu mallattoo
sagalee irratti waan hidhamtuuf bakka hinqabattu.
 Kuulleen Oromoo haala uummatichi Afaan Oromoo dubbatuun jechoota kuula; sana
keessattis, sagalee laafaa laaffisee, jabaa jabeessee, dheeraafi gabaabaas akkanumatti
sirnaan kataba. Dabalataanis, mallattoolee ’kiissaga’ agarsiisan lama hammachiisee jira.
Isaanis, mallattoo kiissaga oleefi gadee jedhamuun beekamu. Sagalee akka malee
dheerachuun agarsiifaman irratti hidhamuun akkaataa sagaleessuu akka malee dheeratu
agarsiisti.
 Sirni barreeffama Kuulleen Oromoo sadan keessaa ’Oromtuu’ Afaan Oromoo barreessuuf
bu’uraan nugargaarti. Lamman hafanis birsagatti yeroo diddiignuufi jechi sagaltuudhaan
jalqabu ittiin barreessuuf nifayyadu. Sagaltuun sagaloostuu of irratti hinfudhanne, kan qofaa
ofii dhaabattu ’qorrifattuu’ jedhamti. Jechi yeroo barreeffamu sagaloostuun hineegalamu.
 Kuullee Oromoo keessatti mallattooleen hallaagduufi hudhaa ’fanniftuu’ jedhamanii beekamu.
Hallaagduun sagalee ’A’ aanfattuu jedhamtu kan sagalfamtuu irra jirtu hallaguuf (irraa
haquuf) fayyada. Sunis irra butaa barreessuuf fayyada.
 Kuullee Oromoo keessatti hudhaan akka duraanii jechoota hedduu barreessuuf hintajaajiltu;
jechoota sagaltuun eegalanii addaancitiinsa sagalee qabaatan, yeroo dubbatamanis hudhaa
jabduu ofitti fudhatan barreessuuf qofaa oolti.
 Fayyadamni sirna tuqaalee akkuma duraatti, isuma duriitiin itti fufe.
 Kuullee Oromoo keessatti lakkoofsi zeeroo hanga sagaliitti bu’uraan tolfamanii jiru. Isaanis,
’Lakkoofsa Oromoo’ jedhamuun beekamu.
111
2. Barbaachisummaa Umamuu Kuullee Oromoo

 Oromoon afaansaatiif qubee sadarkaa ofii eeggate akka qabaatu taasise.


 Hanqinaalee qubee ergisaa keessatti uumamaa ture guutuu taasisuu, jechoota barreessuun
hindandaa’amne sirnaan barreessuun dandaa’ameera.
 Tabjaajjii yeroo daa’imman barsiisan uumamu, qubee bifa tokko sagalee addaddaaf bakka
buusuun sun hafeera.
 Afaan Oromoorraa seera hir’isee jira; seerri qubguddeessaafi qubee dachaa haqameera.
 Fufiilee barreessuu keessatti danqaan duraan ture furamee jira.
3. Carraaleefi Danqaalee Kuullee Mudachuu Malan

 Carraalee jiran
 Oromummaa waan bu’ureffateef jechuun Odaarraa waan uumamteef, fedhiin barachuu
namootaa guddaa ta’uu,
 Baratamuuf salphaa ta’uu,
 Teknoloojitti fayyadamuun dursuu fkf... keeboordiin qophaa’uu, applikeeshiinii qophaa’uu,
 Afaan Oromoo qabata kanaan IPAtti galmaa’uuf adeemsa jalqabuu.
 Walbira Qabii Qubee Duraaniin Hubannoo Uumuu

 Danqaalee Mudachuu Malan

 Namoonni yeroo baratan dandeettiin dubbisuu isaanii harkifachuu; suni qubee ergisaa itti madaqaan
sana yaadaa dubbisuu irraa madduu mala.
 Dhaabni siyaasaa dafee fudhachuu yoo dide, haalli fayyadamasaa harkifata jedhamee sodaatamuu;
sababnisaa, dhiibbaan siyaasaa eyentaas ta’e i’intaa uumuu mala sodaan jedhu jira.
 Dhimmi Afaan Oromoo kun jaalalaafi soda ofkeessaa qaba. Uummanni afaan kana hidhaa ijaatiin
eeggata. Kanaaf, waan haaraan afaanicha keessa yeroo dhufu yaaddoo hundumatti uuma.

5.3. Yaboo
 Qubee haarawaa Kuullee Oromoo jedhamtu kana qubeewwan 7n jiran keessaa filee qorannoo
yeroo dheeraaf akka dabartu yaboo dhiyeesseera. Sababnisaa, qorannoon ani geggeesse gama
xinqooqa hawaasaa (sociolinguistic) irratti xiyyeeffate. Hayyoonni karaa gama xinqooqa
(pure linguistics and applied linguistics): phonology, morphology, phonetics, pragmatics,
semantics, syntax, historical linguistics, psycholinguistics, qoratanii mirkaneessuu qabu.
Kanaaf yoo xiqqaate gama seera qabeessummaatti ce’uuf waggaa 12 ol harka hayyootaa
turuu qaba. Kallattiiwwan beekumsaa hundaan qoratamee ’Kuulleen Oromoo gumaacha
Afaan Oromoof qabdi yaada jedhurra yoo ga’an marii yeroo dheeraa booda, gara qaama

112
seeraatti akka dhiyaattu mijeessuudha. Kunimmoo, akkan tilmaametti umrii waggaa 12 olii
fudhachuu mala. Adeemsa kanaan sadarkaa xinqooqaa addaddaa irratti qorannoon
geggeeffamuu qaba jedheen amana.

 Mootummaan Naannoo Oromiyaa barbaachisummaa Qubee haarawaa kana qorachiisuun


gamasaan erga hubatee booda, labsiin osoo mirkaneessee, hayyootni afaanichaa akka
barsiisan haala osoo mijeessee akkan ilaaletti guddina Afaan Oromoof wayyaadha.

 Namnuu waan haaraa dhufe mormuuf fiiguurra, Kuullee Oromoo kana hanqinaafi jabina isheen
qabdullee osoo xiinxalee deggare ykn mormee gaariidha.

 Kuulleen kun hawaasatti kan gadi baatu, erga hayyoonni irratti waliigalanii adeemsa seeraa
keessa darbuudhaan yommuu ta’us, qaamni dhimmi ilaallatu fuudhee hojiirra oolchuuf yoo
xiqqaate umrii waggaa 12 olii gaafata. Sababnisaa, daa’imman Barnoota Idileen Duraa irratti
barachuu jalqaban yuunvarsiitii yeroo galan, kuulleen hawaasa birattis akkaan beekamuu
dandeessi jedheen aman. Turtii amma kanas ta’e sanaa olis qubeen Afaan Oromoo amma itti
fayyadamaa jirru hojiirra kan turu ta’a jechuudha.

Faaruu Kuullee
Beekumsi iftiina
Beekumsi iftiina
Wallalli ee dukkana
Kuullee Teenya baraa
Barnootaaf bobbaana.
Aa Ba jennee jalqabnaa
Kuullee teenyaan kaanaa
Kuullee keenya qofaan
Barreessaa dubbisna
Dubaroofi mee dardarran
Dargaggoofi shamarran
Habooleefi eessumman
Adaadotaafi adeeroon
Kuullee baruuf, kunoo ka’an
Mee baruuf, ka’aa, ee ka’aa!
Hawwoonniifi abbootileen
Barattootaafi barattuuleen
Qotee bulaafi hojjettuuleen
Hiyyayyoofi soorayyooleen
Kuullee baruuf, kunoo ka’an
Mee baruuf, ka’aa, ee ka’aa!

Walaloofi Yeedaloon: Ismaa’eel M. Adam

113
BOQONNAA JA’A

KALLATTII GARA FUULDURAA

Boqonnaan kun kutaa qorannoo kanaa miti. Tarii namoota waa’ee kuullee Oromoo kana sirnaan
hubachuu barbaadaniif yaada dabalataa kenniti. Darbees hayyoota qorannoo itti aanu hojjechuu
barbaadaniif, akka ka’umsaatti gargaaruu kan danda’u boqonnaa kana. Sababnisaa, namni osoo
hinbaratin qorachuu hindanda’u waan ta’eef, qorattoonni dursanii beekuu qabu. Waan hinbeekne
akkamitti qoratu? Sanaaf immoo tartiiba asii gadii kanatu gargaara.

6.1. Kuullee Eessaa Garam?


Akkuman Yaboo keessatti agarsiise, Kuullee Oromoo kun kan fudhatamtu yoo ta’e, guutummaan
guutuutti faayidaarra oolchuuf, akkan tilmaametti, adeemsa waggaa 12 olii barbaada. Erga qorannoon
irratti geggeeffamee murtii seeraa argatee booda, kutaa tokkoo kaasee barattoota sadarkaa hundaarratti
akka barsiifamu gochuudha. Akkas yoo taasifame, ijoollee kutaa tokkotti jalqaban kutaa kudha lamaa
gara yuunbvarsiitii yeroo deeman guutummaan guutuutti Kuulleen Oromiyaa keessatti hojiirra oolti
jedheen amana. Sababnisaa, yeroo turtii kana keessas warra afaanichatti fayyadaman ga’umsa Kuullee
akka qabaatan nileejifamu. Warri yeroo sana kutaa olii barataa jiranis ogeessa afaanichaatti dabalamu.
Sana booda, dandeettii dubbisuufi barreessuu akka waliigalaatti qulqulleessanii keessaa baasuun
danda’ama.

Naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa ta’uunsaa beekamaadha. Kan ittiin
barreeffamus qubee afaan Oromoo armaan dura itti fayyadamaa jirru kana. Kanaafuu, yeroo murtaa’eef
ykn waggaa 12-20f qubee duraaniifi Kuullee Oromoo kana walcina itti fayyadamaa deemuun
nidandaa’ama.

6.2. Qorachuu Dura Barachuu

Hanga yoonaa Afaan keenya, Afaan Oromoo, boca qubee laatiinii ergifatee madaqfateen barreeffamaa
jira. Wanti ergisaa ergisa; kan ofiitu qabeenya eenyuyyuu namatti hinfalmineedha. Kanaaf, “Wayyaan
ergisaa, sirraa beeksisaa, galtee geessita!” jedhu. Kana yeroon jedhu qubee amma itti fayyadamaa jirru
salphisuuf miti. Qubeen Laatinii Afaan Oromoo guddusuu keessatti shoora guddaa taphateera.
Dhaloonnis qubeen kun kan Oromoo akka ta’etti fudhateera. Yoo namni tuqellee hanga lubbuusaatti
wareegama kaffalee eeggachaa asga’e. Wareegamni sun hundi Afaan Oromoof marartee qabuuf irraa
madde. Kuulleen immoo qubee haarawaa falaasama Oromoo irraa yayyabamteedha. Odaa gaaddisa
Oromoo irraa bocamte. Kanaaf Afaan Oromoofis gaaddisa akka taatu shakkiin hinjiru. Inumaa
falaasama yayyaba shananii waan hordoftuuf salphaatti namaaf galti. Haata’u malee, qorannoo sadarkaa

114
addaaddaa hojjetanii mirkaneessuu barbaachisa. Qorachuuf immoo dursanii beekuutu fala jedheen
amana. Kuullee keessatti kan uumame qubee shan qofa. Qubeelee shanantu gaggalagalee qubeewwan
soddomii shan ta’e.

Akka falaasama yayyabni shaman gosa Oromoo kuni maali? Oromoon yayyaba gosaa gurguddoo
shanitti yayyabamee sanaan walwaama. “Gurbaa ati warra eenyuuti?” jedhee kan walgaafatus sanarratti
bu’uree akka ta’e beekamaadha. Yayyaboonni gosaa kunniin: Sabboo Goonaa, Maccaa Tuulama,
Siikkoo Mandoo, Ituu Humbaannaafi Raayyaa Hasaboodha. Hundeen Oromoo tokkorratti gosoonni
shaman kun yayyabaman. Oromoon Oromiyaa mara keessa jiraatu hunduu yayyaba shaman kana
keessatti haammatama jechuudha. Dhimmi yayyaba shananii kun waan hedduu tuttuqa. Gadaan
Oromoo gurguddoon shan. Odaan Oromoo gurguddoon shan. Akka falaasama Oromootti wanti
uumamee lafa kanarra jiru hunduu yayyaba shaman Kanaan hoggonama. Kuulleenis falaasama yayyaba
shananii kana hordofuun uumamte.

Jalqaba Kuulleewwan shantu boca Odaarraa uumamuu dokmentii uumdayaa irraa hubachuun qorannoo
olii keessatti xiinxaluun dandaa’amee jira. Isaanumatu gaggalagalfamuun (kallattii jijijjiirattee
tolfamuun) kuullee biraa ta’an. Akka Kanaan kuulleewwan 5 irraa kuulleewwan 35 uumamuu danda’an.
Kanaaf namni Kuullee tokko sammuutti qabate, kaanis salphumatti hubata.

115
Bu’ura kanaan waan tolfamteef, Kuulleen salphaafi yeroo gabaabaa keessatti namaaf galti. Kanaafuu,
ati salphumatti barachuu dandeessa jechuudha. Kuullee barachuuf malli ati itti fayyadamtu tartiibaan
siif kaa’ame hordoftee shaakaluudha. Sunis, gulantaa sadii keessa sidabarsa.

Gulantaa 1ffaa: Jalqaba, sammuukee keessaa yaada ‘i’intaa’ (-ve) ta’e ofkeessaa baasi. Waan ani hanga
yoonaatti dubbise kun qabeenya kiyya jedhii ofiikee amansiisi! Achii booda, falaasama Kuulleen
Oromoo irraa uumamte sana sirnaan irra deddeebi’ii qayyabadhu. Fakkeenyaaf, ‘a’’ kuullee hundaarra

jiraachuushee qalbeeffadhu. Kuulleen ‘a’’ kun hundee Kuulleewwan birooti; yoo hubattee ilaalte

kuulleewwan hundaarratti argama. Itti aansee, Kuullee ‘i’ irraa kuulleewwan uumaman qayyabadhu.
Kaanis akkasumatti qalbifadhu. Sana erga gootee booda, gabatee tartiiba kuullee asii gadii kana dubbisi.
Kuni waan lamaaf si gargaara. Inni jalqabaa, kuullee isa kamtu sagalee kam bakka bu’a kan jedhu
hubachuuf. Inni lammataa boca Kuullee hundaa sammuutti qabachuudha. Achumaanis, sagaltuufi
sagalfamtuu akkamitti walitti fidnee akka barreessuu dandeessu qalbifachaa deemta. Osoo gara
barreessuutti hinseenin garuu boca Kuullee hundaa sammuutti qabachuukee mirkaneeffadhu.

A B C Ǧ D Ǩ E F G H

A B C CH D Dh E F G H

I J K Ǭ L M N Ǯ O P

I J K Kh L M N Ny O P

ǰ Q R S Dz T dz U V W

Ph Q R S Sh T Ts U V W

X Y Z Ǵ ’

X Y Z Zy ’

Gaaffii: qabatee kana sirnaan qayyabattee? Deebiin kee eeyyee yoo ta’e, sagalee isa kamtu kuullee
kamiin bakka bu’eree? Yoo namni Kuullee sagalee ‘q’ bakka bu’u barreessi siin jedhe
nibarreessitaaree? Akkas goonaan barreessuu danda’aa jirta jechuudha.

Hubadhu: boca qubeetu jijjiirame malee tartiibni jiru isuma duraati.

116
Gulantaan 2ffaa: kanatti aansitee saglfamtuu akkamiin jabeessinee barreessuu dandeenya kan jedhuufi
sagaltuu yeroo dheeressinu ykn gabaabsinu akkamiin barreessina kan jedhu qalbifadhu. Kunis gabatee
asii gadii keessa siif kaa’ameera.

Sagalfamtuun yeroo dheerattu akkasitti barreeffamti


ሀ መ ሌ ሇ ሓ
Aa Ee Ii Oo Uu
Sagalfamtuun yeroo jabaattu akkasitti barreeffamti
ሉ ህ ǧ Ǩ Ǫ ff ሊ ላ Ǫ ሄ

bb cc chch dd Dhdh ff Gg Hh Jj Kk

ǭ ል ሎ ሏ Ǯ ƿ dz ሆ ሐ ሑ

kh ll mm nn Nyny pp Phph qq rr Ss
kh
ƴ ሒ ƽ ሔ ሕ ሖ ሗ Ƕ ǵ ’ǻ

sh tt ts ts vv ww xx yy zz zyzy ’’
sh

Gabatee kanarraa waan lama hubattee jirta. Akkaataa itti sagalee dheeraa barreessaniifi akkaataa itti
sagalee jabaataa barreessan hubatte. Kanas sirriitti qalbifadhu! Sammuutti qabachuun barreessuu
shaakali.

Gulantaa 3ffaa: Kuni yaalii ati barreessuuf gootu isa ijoodha. Gulantaa kanarratti haala kamiin Kuullee
Oromootiin jechoota barreessuu akka dandeessu hubatta. Sana dhugoomsuufis shaakala siif kennamu
sirnaan hojjechuu qabda.

Kuullee Oromoo keessa gosni barreeffamaa sadii akka jiru qorannicha keessaa dubbistee asceete.
Gulantaa kanarratti sanneen keessaa sirna barreeffamaa Oromtuu gadi faginaan dhimmi itti baata.
Warreen kaan lamman dhimmoota adda addaaf itti fayyadamtus, sun erga sirnaan barreessuu
dandeessee waan qayyabachuu dandeessuudha. Osoo gara barreesuutti hinseenin hiika jechoota
kanneenii sirnaan hubachuu qabda:

Kuullee Oromoo: isa duraan ‘Qubee Afaan Oromoo’ jechaa turredha. Sababni maqaan kun
moggaafameef, mallattoon ati amma ittiin barreessuuf deemtu kun nama Oromoo tokkoon Oromoof
kuulamte. Eessarraa akkamitti kuulamtee atuu beekta. Boca Odaa dhaabatuurraa bobbocamuun
117
tolfamte. Atimmoo, sana waraqaa irratti kuultee barreeffachaa jirta. Aslummaan jecha kanaa achirraa
dhufe.

Kuuluu: kun isa duraan “Qubeessuu” jennu sanaadha. Qubi qubeelaadhaan walqabata. Mallattoon
amma Afaan Oromoof bakka buusaa jirru kun immoo kuula kuuluudha. Mallattoo duraan kuulamtee
jirtu sana nummoo waraqaa irratti kuuluun barreessina. Kanaaf, qubeessuu jechuurra ‘kuuluu’ jecha
jedhutu caalaatti fudhatama godhate.

Sagaltuu: kun kan duraan ‘dubbachiiftuu’ jechaa turreedha. Jechi kun kan hiika afaan biraa waan
fakkaatuuf kallattiin kan Oromootiin bakka buufame. Silumayyuu, nidubbachiifti osoo hintaane sagalee
kennitiif. Kanaaf jechi kun sagalee + kennituu = sagaltuu jechuun walitti suphiinsaan uumamte.

Sagalfamtuu: kun kan duraan ‘dubbifamaa’ jechaa turreedha. Jechi kun kan hiika afaan biraa waan
fakkaatuuf kallattiin kan Oromootiin bakka buufame. Silumayyuu, nidubbifama osoo hintaane sagalee
kan biraa ofitti fudhata. Kanaaf jechi kun sagalee + fudhattuu = sagalfamtuu jechuun walitti suphiinsaan
uumamte.

Sagaloostuu: kun Kuullee Oromoon barreessuu keessatti jecha haaraatu sirna Oromtuu waliin
uumamte. Sagalee + loostuu = sagaloostuu jedhamuun moggaafamte. Kunimmoo, sirna barreeffama
Oromtuu keessatti sagaltuu biroo ‘aanfattuu’ irratti hammachuun kan barreeffamtu yommuu taatu,
aanfattuu sana gara sagalee biraatti jijjiiruun waamsifti.

Aanfattuu: kuni hundee Kuulleewwan hundaa kantaate, sagaltuu ‘a’’ bakka hundaa jirtuudha.
Sagaloostuun aanfattuu kanarratti hidhamuun sagalfamtuu gara barbaadametti waamsifti.

Aanteefi galtuu: Kuullee Oromoo keessatti sagaleewwan Afaan Oromoo keessa ganamuma
sagalfamtuu ‘aantee’ jenna; sagaleewwan afaan biraa keessaa ergifatamaniin immoo sagalfamtuu
‘galtuu’ jenna.

Qorrifattuu: yeroo jechoota barreessinu sagaltuun sababa seera afaanii eeguuf sagaltuu biro ofirratti
hinfudhanne qorrifattuu jedhamti. Waan kana gara barreessuutti yeroo seentu bal’inaan hubatta.

Hallaagduu: sirna barreeffama Oromtuu yeroo barreessinu kan hundee Kuulleewwanii irra galtuun
sagalee ‘a’ hundee quullee hundaarra jirtu haquudha. Sababnisaa, kuulleen hunduu sagaltuu ‘a’ ofirraa
qabdi. Sunimmoo, sagalee ‘a’n akka waamamtu taasisa. Yoo hallagduun irra galte garuu, sagalfamtuun
sagalee ‘a’ sana ofirraa hallagdeetu irra butaa barreessuuf nufayyaddi.

Mallattoo hallagduu =

118
Jechoonni asii olii kun barreessuu keessatti karaa addaddaatiin sitti dhufu waan ta’eef sirnaan
hubachuutu sirra jira. Yoo siif galuu dide, gara qaama kitaabaa qorannoo kana keessaatti oldeebi’iitii,
bakka jechoonni kun jiranii dubbisii hubadhu.

Amma gara hojii gulantaa 3ffaa kanaatti ceetee jirta. Sunimmoo, jechootaa hanga barruu guddaatti
kuulleen barreessuuf sidandeessisa. Amma ati osoo namni si hinbarsiisin ofumakeen kitaaba kana
dubbistee ofbarsiisaa jirta waan ta’eef ofitti gammadi.

Kuullee sirna Oromtuun barreessuu jalqabi! Jalqbarratti sagaltuu+sagalfamtuu = sagalee falaasama


jedhu sana yaadadhu. Kun qubee isa duraa keessatti waluma bira naquudha. Fakkeenyaaf, jecha ‘mana’
jedhu yoo barreessite waluma bira kekeessa. Kuullee keessatti garuu mallattooleen sagaltuu
sagalfamtuu irra kaa’amuun tataa’u.

Kana hubachuuf gara falaasama sagaloostuuttin si deebisa. Kuullee Oromoo keessatti sagaltuutu gara
sagaloostuutti jijjiirama. Sababanisaa, sagaloostuun hundee sagalfamtuu irratti hidhamtee, sagalee
sagalfamtuu Sanaa gara barbaaddetti jijjiirti. Kan dheeratuis kan gabaabbatus mallattoo sagaloostuu
sana. Sagaloostuun gabaabduun yeroo hundaa gara mirgaa hundee kuullee irratti hidhamti. Yoo
sagaloostuu dheertuu taatemmoo gara bitaatti achi darbuun irra ciisti. Asii gaditti sagaltuun akkamiin
gara sagaloostuutti akka jijjiiramtu sirnaan qayyabadhu.

Sagaloostu Kuullee (ኡቇቯsኳ Ꮲ᎒)

Sagaltuu Gabaabduu/ ቇ፷Bቅ Dheertuu/ Ǣኜ


A Hinqabdu ቐNኍሣ AA = ሀ

E E EE = መ
I I II = ሌ
O O OO = ሇ
U U UU = ሓ
Hindheerattu/hinjabaattus

Hubachiisa: sagaltuun ‘a’ sagaloostuu gabaabduu hinqabdu jechuun maal jechuudha? Silumayyuu
hundee kuulleerra sagaleen ‘a’ waan jirtuuf achumatti waamamti malee kan biraa barreessuun
hinbarbaachisu jechuudha. Fakkeenyaaf, b (kun mallattoo b bakka buuti. Sabanisaa, hallagduu ofirraa

qabdi.) Sirna Barreeffama Oromtuu keessatti hundeen kuullee hundaarra jirtu sagalee ‘a’ bakka buutu
qabdi. Sunimmoo, sagalee irra butaa barreessuuf nama dhiba. Kanaaf, mallattoo hallagduu irra hingalle
119
taanaan ሂ (kun sagalee ‘ba’ bakka buuti. Sabanisaa, hallagduu ofirraa gatuun sagalee sanatti

waamateetti).

Mee karuma salphaa akkamiin sagalfamtuu irra sagaloostuu galchitee akka jecha barreessitu fakkii
asiigadii irraa qayyabadhu. Jechi ati barreessitu kan sagalee gabaabaa qabu yoo ta’e, sagaloostuu sana
gara bitaarratti galchita. Yoo sagaleen jecha Sanaa dheeraadha ta’e immoo sagaloostuu sana gara
bitaatti dheeressitee irra ciibsita.

120
Jechoota Qubee Laatiniin Jechoota Kuulleen
mana ቨቺ
Damma ቀጙ
lammaa ቧጆ
Melba ቱl፷
Meeshaa ቶƮ
Mufate ቴቆካ
Muude ቹሿ
Mirga ቲrቇ
Miira ቷኗ
Moggaa ታ፺
Moofaa ቸጕ

Sagaleen ati amma ilaalaa jirtu kun m (yeroo jabaatu, akkasumas yeroo sagalee gabaabaafi dheeraa
fudhatu) akkamitti akka barreessinu sitti agarsiisaa jira. Mee kanuman gabatee keessatti diddiigee sitti
agarsiisaa qayyabadhu!

m Ma Maa Mma Mmaa

m ቨ ት ሎ ጆ

m me Mee Mme mmee

m ቱ ቶ ጚ ጇ

m mi mii Mmi mmii

m ቲ ገ ጛ ገ

m mo moo Mmo mmoo

121
m ታ ጉ ጜ ጉ

m mu muu mmu mmuu

m ቴ ጊ ጝ ጊ

Gabateen kun kuulleewwan biroos akka ati shaakaltuuf sigargaara. Mee ati amma waa’ee
kompiwuteraan barreessuu hiyyaadin. Harkuma keetiin waraqaarratti barreessuun shaakali. Mee akka
fakkii olii ykn gabatee olii irraa ilaalaa jirtuutti sagaltuulee hafan b, c, ch, jechaa akkasiin Kuullee
sagaloostuu waliin barreessuu yaali!

Sagalfamtuu irra sagaloostuu kaa’uu barte mitii? Baay’ee gaariidha. Ammammoo, jechoota sasalphoo
barreessuu shaakalta. Fakkeenyaaf, mana, nama, lama, laga, sadii, torba, garba, bokkaa, hooda,
boonaa, goodaa, gadda, gadaa, hodhaa, kanneen ani barreesseen sitti agarsiisa. Atimmoo jechoota
biroo irratti shaakalta.

Qubeen Kuulleen Qubeen Kuulleen

mana ቨቺ Garba ቇrሂ

nama ቺቨ Bokkaa ለጂ

Lama ቧቨ Hooda ጧቀ

Sadii ኡቃ boonaa ፪ቾ

Torba ክrሂ goodaa ጡቁ

Gadda ቇጏ Gadaa ቇቁ

Hodhaa ǩhǡ Dacha ቀǘ

Jechoota kana sirnaan qayyabdu! Jechootan gabatee asii gadii keessatti siif barreesse, atimmoo kuulleen
barreessuu shaakali. Yeroo barreessitu gabatee sadarkaa 1ffaafi lammatti barachaa turte deebi’ii ilaalii
ofiikee madaali.

122
Qubeen Kuulleen Qubeen Kuulleen

Booqaa daddaraare

Koola cacaccabse

Harma tarsaase

Bona maqaa

xoofoo laaqe

Dafqa booraa

Tabba riqicha

Hubadhu, sagaleen jabaatu jabaatee barreeffamuu qaba. Sagaleen dheeratus dheeratee barreeffamuu
qaba. Kanammoo kanneen duraan baratte irra deebiin ilaaluun mirkaneeffachuu dandeessa. Kana
sirnaan barreessite taanaan kaanis barreessuun sindhibu. Sirni tuqaalee akkuma duraatti itti fufee jira.
Kanaafuu, akkuma duraan keenyutti keenya jechuudha. Ammammoo Lakkoofsa baratta.

6.3. Lakkoofsa Kuullee

Jiruufi jireenyi ummata Oromoo lakkoofsaan walqabata. Sirna Gadaatiis tahee sirni waloommii jireenya
Oromoo guutumatti lakkoofsa hedata. Barri Gadaa tuuta dhalootaafi ttuta umriitti ilmoo namaa
qoqqooda. Namni tokko dhalatee hanga du’aatti Sirna Gadaa keessatti ga’ee taphatu niqaba. Akka tuuta
umriitti waggaa 8tiin sirna darbiinsaa qaba. Kunis, dhalatee waggaa 0-8 Dabballee, waggaa 9-16
Gaammee, waggaa 17-24 Foollee, waggaa 25-32 Kuusa, waggaa 33-40 Raabaa Doorii,waggaa 41-48
Gadaa, 49-56 Yuba... itti fufuun hanga Gadamoojjiitti lakka’a. Hunduu kana keessatti, ga’ee
hawaasummaa qabu bahata.

Gama biraatiin immoo tuuta dhalootaatu jiru. Tuutni dhalootaa kun adeemsa fudhatiinsa aangoo
ilaallata. Ta’us, bara bulchiinsa Gadaa keessatti Gadaan tokko waggaa 8tiin kan marsu ta’ee, ilmi
aangoo abbaasaatii kan qabatu dhalatee waggaa 40tti. Akkanaan Gadaan shanan lakkaa’achuun marsa
marsaan aangoo bulchiinsaa hogganu. Waggaa saddeet saddeetiini baallii waliif dabarsa.

Kanaafi kan biroof Oromoon lakkoofsatti nifayyadama. Kanaaf sirna barreeffama Kuullee Oromoo
keessattio mallattoo lakkoofsa ittiin barreeffatan tolfatuun dirqama tahee waan mullateef, lakkoofsi
gabateearmaan gadii keessatti argamu yeroo Kuullee kuullu mara akka ittiin fayyadamnuuf bocaman.

123
Lakkoofsa walmaddiitti

1 1

2 2

3 3

4 4

5 5

6 6

7 7

8 8

9 9

10 10

11 11

12 12

124
Dhahaa Oromoo Lakkoofsa Oromoon

125
WABIILEE

Aaneessoo Mahammad Abdallaa (2023). Seenaafi Hojiilee Sheek Bakrii Saphaloo (Abuubakar Usmaan
Odaa) 1895 – 1980. Kitaaba Seenaa. Jafar printing press
Andrejewski, B.W. (1980). Some Observation on the Present Orthography for Oromo. In

Asafaa Tafarraa Dibaabaa (2009) . Eelaa. Seenaa Oguma Oromoo. Finfinnee: Far east Trading PLC

Asefa Jalata (1993). Oromia and Ethiopia: State Formation and Ethnonational

Conflict, 1868-1992. Boulder and London: lynne Rienner Publishers.

Bender, M.I. et al.(ed.). (1976). Language in Ethiopia.

Cooper, R. (1978). The Study of Language Use. In M.L. Bender,

J.D. Brown, R. L. Cooper, and C. A. Ferguson (eds.), Language in Ethiopia. London: Oxfird University

Press.

Dahl, Östen. (2000). Språkets Enhet Och Mångfald (The Unity and Diversity of Language). Lund:

Student litteratur.

Daniels, Peter T, and William bright (eds.). (1996). The World‟s Writing Systems. New york: Oxford

University Press.

Feyisa Damie (1996). Historical Challenges in the Development of the Oromo Language and Some

Agenda for Future Research. Journal of Oromo studies, 3(1 and 2) 10-27.

Khalid Muhammad Abdullee (2015). Seenaa Dr. Mohaammad Rashaad Kabiiri Abdullee

Muummayyaa (1934-2013). Brighten trading publisher.

Sheek M. Rashaad Abdullee (1981). Katabbii Afaan Oromoo’oo. Qopheessitoonni Walbarsiisaafi Yaad

Bu’uraa Xaha A. Abdiifi Tamaam A. Yesuuf. Ali-Khajer Publishe

Hasan Gazzaallii (2012). Qubee Afaan Oromoo Kan Maastar Hassaniifi A.B.C… Walbiraa Qabuun Xiinxaluu.

Yuunvarsiiitii Dirre Dhawaa: Waaqaa Qorannoo Itti Guuttata Digirii Jalqabaaf Qophaa’e.

Helma pasch (1991). Copeting Script: The Introduction of the Roman Alphabet in Africa. Horn affairs
126
gada.com)

Ludolf, job. (1982). A New History of Ethiopia. Sasor Publisher, London.

Margery Perham (1969). The government of Ethiopia. Second Edition. xcii, 514., 2 maps. London:

Faber and Faber Ltd.

Master Hasan Abdulkadir Aymo (2005/13). Kuullee Afaan Oromoo. Dirre Dhawaa.

Master Hassen Sh/ Abdulkadir (2023). Designing An Alphabet For The Oromo Language Kuullee

Oromoo (Unpuplished)

Mekuria Bulcha (1994). The language Policies of Ethiopian Regiemes and the History of Written Afan

Oromo: 1844-1994. Journal of Oromo Studies, 1(2), 91-116.

127

You might also like