Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 29

ISTANDARDII BARNOOTA SADARKAA TOKKOFFAAN DURAA

KUTAA “O”

BIIROO BARNOOTA OROMIYAA

Gurraandhala , 2013

BBO

i
Table of Contents
KUTAA TOKKO.............................................................................................................................................1
1.1 Seensa...............................................................................................................................................1
1.2 Kaayyoo.............................................................................................................................................2
1.2.1 Kaayyoo Gooroo.........................................................................................................................2
1.2.2 Kaayyoo Gooree.........................................................................................................................3
1.3. Barbaachisummaa Istaandardii Barnoota Kutaa ‘O’.........................................................................3
1.4 Gurmaa’insa Istaandardii Kanaa........................................................................................................4
KUTAA LAMA..............................................................................................................................................5
2. Haala mooraa mana barnootaa, Dareewwan barnootaa, Kutaalee tajaajila adda addaa kennaniifi
Faasiliitiiwwan.............................................................................................................................................5
2.1. Haala Mooraa Mana Barnootaa........................................................................................................5
2.2. Dareewwan Barnootaa.....................................................................................................................5
2.3 Kutaalee Tajaajila Adda addaa Kennaniifi Faasiliitiiwwan..................................................................6
2.3.1 Kutaa Nyaataa.............................................................................................................................6
2.3.2 Kutaa Haara galfannaa Daa’immanii...........................................................................................7
2.3.3. Dhiyeessii Bishaan Dhugaatii qulqulluu.....................................................................................7
2.3.4 Tajaajila Mana Fincaanii..............................................................................................................7
2.3.5 Kenniinsa Gargaarsa Yaalama Duraa/First Aid/..........................................................................8
KUTAA SADII................................................................................................................................................9
3. Gurmaa’ina Humna Namaa.....................................................................................................................9
3.1 Sadarkaa Barnootaa Dura Buutuu/Bu’aa...........................................................................................9
3.2 Qophii Barnootaa Barsiisotaa fi Itti gaafatamummaa........................................................................9
3.3. Qophii Barnootaa Kunuunsituu Daa’immanii.................................................................................10
KUTAA AFUR..............................................................................................................................................11
4. Sirna Barnootaa Kutaa ‘O’......................................................................................................................11
4.1. Qooddii Wayitii Barnootaa.............................................................................................................11
4.1.1. Filannoo Tokkoffaa..................................................................................................................11
4.1.2 Filannoo Lammaffaa.................................................................................................................13
4.2. Maloota baruu-barsiisuu................................................................................................................14

ii
4.3. Qophiifi Ittifayyadama Meeshaalee Deeggarsa Barnootaafi Taphaa..............................................15
4.4. Meeshaalee Taphaa Dareen Alaa...................................................................................................18
4.5 Sirna Gamaaggamaafi Madaallii......................................................................................................20
KUTAA SHAN..............................................................................................................................................21
5. Fayyaafi Qulqullina BarattootaafiQulqullinaafiKunuunsa Naannoo Barnootaa....................................21
5.1. Fayyaafi Qulqullina Barattootaa.....................................................................................................21
5.2 Qulqullinaafi Kunuunsa Naannoo Barnootaa...................................................................................21
KUTAA JA’A................................................................................................................................................22
6. Meeshaalee sirna barnootaafi sanadoota adda addaa barnoonni Kutaa ‘O’itti kennamu keessatti
argamuu qaban.........................................................................................................................................22
6.1. Meeshaalee Sirna Barnootaa..........................................................................................................22
6.2. Sanadoota Seeraafi Mirkaneeffannaa Qulqullina Barnootaa..........................................................22
KUTAA TORBA............................................................................................................................................23
7. Simannaa Barattootaa, Hordoffiifi Too’annaa......................................................................................23
KUTAA SADDEET........................................................................................................................................23
8. Haala Darbiinsa Kutaa Gara Kutaa, Onnachiiistuufi Kenniinsa Ragaa Barnootaa..................................23
8.1.Haala Darbiinsa Kutaa Gara Kutaa...................................................................................................23
8.2. Sirna Onnachiistuufi Kenniinsa Ragaa Barnootaa...........................................................................23
KUTAA SAGAL............................................................................................................................................24
9. Madda Galiifi Ittiffayyadama Isaa..........................................................................................................24
9.1Madda GaliiCimsachuu.....................................................................................................................24
9.2 Itti Fayyadama Qabeenyaa..............................................................................................................24
KUTAA KUDHAN........................................................................................................................................25
10. Hirmaannaafi Qooda Fudhannaa Dhimmamtootaa.............................................................................25
10.1. Hirmaannaafi Qooda Fudhannaa Maatii/Guddistootaa................................................................25
10.2 Hirmaannaafi Qooda Fudhannaa Hawaasa Naannoo....................................................................25
10.3 Gamtaa Maatiifi Barsiisotaa...........................................................................................................26
KUTAA KUDHA TOKKO...............................................................................................................................26
11. Hordoffiifi Deeggarsa...........................................................................................................................26

iii
KUTAA TOKKO

1.1 Seensa
Barnoonni Sadarkaa Tokkoffaan Duraa ammayyaa’aan akka lakkoofsa Itoophiyaatti naannoo
jalqaba Jaarraa 19ffaa ijaarsa daandii baaburaa Magaalaa Dirree Dhawaa irraa gara Finfinneetti
diriirfame wajjiin walqabatee akka eegalame barreeffamoonni seenaafi qo’annoo fi qorannoon
adeemsifaman ni mul’isu. Barnoonni Sadarkaa Tokkoffaan Duraa jireenya daa’immanii gara
fuulduraatiif bu’uura ta’uurrayyuu guddina hunda galeessa isaaniitiif gumaacha olaanaa qaba.
Akkasumas, Barnoonni Sadarkaa Tokkoffaan Duraa gulantaa daa’imman barnoota sadarkaa
1ffaatiif itti qopheessinuudha. Sagantaan kun daa’imman hunda haala haqa qabeessa ta’een
fayyadamoo taasisuun rakkoowwan barnootaa gahumsa keessoo, ciminaa fi qulqullinaa
gulantaalee barnootaa adda addaa keessatti mul’atan fooyyeessuu irratti faayidaan isaa guddaa
yoo ta’u,guddina diinagdee biyyaa keessatti shoorri Barnoonni Sadarkaa Tokkoffaan Duraa
taphatu olaanaadha.

Imaammanni Barnootaa fi Leenjii biyya keenyaa waggoottan digdama dura qophaa’e, Barnoonni
Sadarkaa Tokkoffaan Duraa gulantaa barnootaa isa jalqabaa ta’uu isaa ibsa. Sagantaan Misooma
Damee Barnootaa 1ffaa hanga 3ffaatti xiyyeeffannoon karaa mootummaatiin itti kenname gadi
aanaa waan tureef qaqqabamummaan isaa quubsaa hinturre. Haata’u malee, Sagantaa Misooma
Damee Barnootaa 4ffaa (2003-2007) keessatti yeroo duraatiif jijjiirama saffisaa taasisuun
hirmaannaa dilboo bara 2002tti 4.6% irra ture dhuma bara karoorichaatti 20% irraan gahuuf
karoorfamee ture. Mootummaanis dhimmichaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun Hammattoo
Imaammataa fi Qajeelfama hojii irra oolmaa kunuunsaa fi barnoota daa’imman umrii
ijoollummaa ganamaa qopheessuun haala fooyyee qabuun gara hojii qabatamaatti yeroo itti gale
ture.

Hammattoo Imaammata Barnootaa fi kunuunsa daa’imman umrii ijoollummaa ganamaa


keessatti maloota barnoota Sadarkaa Tokkoffaan fi al- Sadarkaa Tokkoffaan ta’an kanneen
Barnoonni Sadarkaa Tokkoffaan Duraa ittiin kennamaniin fayyadamuun hirmannaa dilboo
Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa karaa haqa qabeessaa ta’een guddisuuf kallattiiwwan
Imaammata Barnootaa kaa’aman hojii irra oolchuuf bara 2003tti sagantaa barnoota Kutaa
‘O’jalqabuun Sagantaalee “Barnoota Oolmaa Daa’immanii” fi” Daa’imman- Daa’immanniif”

1
jedhaman dabalatee bara 2007tti hirmaannaa dilboo Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa 36%
irraan ga’uun danda’ameera.

Bu’aa xumura Karoora Sagantaa Misooma Damee Barnootaa 4ffaa (ESDP IV) irratti karooraan
qabameen olitti galmaa’eef gaheen Barnoota Kutaa ‘O’olaanaa ta’uu isaa hubachuun ni
danda’ama.

Sagantaa Misooma Damee Barnootaa 5ffaa(ESDP V) keessatti yoomiyyuu caalaatti xiyyeeffannaa


kennuufiin bara karoorichaatti hirmaannaan dilboo Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa akka
Biyyoolessaatti 80% irraan gahuuf karoorfamee jira. Dabalataanis, tarsiimoowwan galmoota
biroo akka keessatti hammataman taasifamanii jiru.

Haaluma kanaan galmoota misooma itti fufaa Idil-addunyaa(SDG) keessatti keeyyata 4.2 jalatti
biyyootni hundinuu daa’imman dhiiraa fi dubara Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa
qaqqabamaa fi qulqullina qabu argatanii hanga bara 2030 ALA tti barnoota Sadarkaa
Tokkoffaatiif qopheessuun akka irra jiraatu ifatti kaa’amee jira.

Ta’us garuu, galmoota bifa lakkoofsaan kaa’uun alatti barnoota Kutaa ‘O’tiif galmaawwan
gahumsaa fi qulqullina mirkaneessan haala gahaa ta’een hin ibsamne. Sagantichis, rakkoo
qulqullinaa kan qabu, barsiisota leenji’aniin barsiifamaa kan hinjirre, hanqina dhiheessii kan
qabu, faasiliitiiwwan kan hinguutamneef, daa’imman umrii adda addaa kan iddoo tokkotti
baratan, hirmaannaan barattoota fedhii addaa qaban kan xiqqaateefi rakkooleen kana fakkaatan
kan calaqqisan qofa osoo hinta’in gara fuulduraatiifis sodaa ta’uu isaati.

Kanaafuu, kanneen armaan olitti ibsamaniifi rakkoolee walfakkaatan hanga danda’ameen


dhabamsiisuuf, daa’imman barnoota sagantaa kanaaf kaa’ame xumuruun barnoota Sadarkaa
Tokkoffaanf akka qophaa’an taasisuuf istaandardiin barnoota Kutaa ‘O’ kun qophaa’ee jira.

1.2 Kaayyoo
1.2.1 Kaayyoo Gooroo
Barnootni Kutaa ‘O’ manneen barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa cinaatti gaggeeffamu
istaandaardicha hojiirra oolchuun guddina qaamaa, sammuu, hawaasummaafi currisa
daa’immanii gabbisuun barnoota Sadarkaa Tokkoffaatiif qopheessaa jiraachuu isaa mirkaneessuu
dha.

2
1.2.2 Kaayyoo Gooree
 Barnootni Kutaa ‘O’ sirna barnootaa naannoo Oromiyaatiin kennamaa jiraachuu isaa
mirkaneessuuf;
 Sadarkaa naannootti barnootni Kutaa ‘O’ barsiisotaa fi hojjettoota istaandardii guutaniin
kennamaa jiraachuu isaa mirkaneessuuf;
 Haala istaandaardichaan daa’imman fedhii addaa qaban miidhama qaamaa dabalatee
haala barnootaa fi naannoo barnootaa mijaawaa Kutaa ‘O’ hundaaf kan guute ta’uu isaa
mirkaneessuuf;
 Barnootni Kutaa ‘O’haalaistaandardii kaa’ameen meeshaalee barnootaafi taphaa kutaa
keessaa fi alaa guutuun kennamaa jiraachuu isaa mirkaneessuuf;
 Manneen barnootaa Kutaa ‘O’qaban hundi dhimmamtootni sadarkaa sadarkaan jiran
istaandardicha hubachuun gahee fi itti gaafatamummaa isaanii akka bahan haala
mijaawaa uumaa jiraachuu isaanii mirkaneessuudhaaf.

1.3. Barbaachisummaa Istaandardii Barnoota Kutaa ‘O’

Daa’imman hundi yoo xiqqaate mana barnootaa keessatti sagantaa qophii waggaa tokkoo irratti
hirmaachuun jireenya isaanii fuulduraatiifi jalqabbii barnoota Sadarkaa Tokkoffaatiif bu’uura
akka ta’uuf barnootni Kutaa ‘O’ waggaa tokkoof kennamaa jiru faayidaa olaanaa qaba. Haaluma
kanaan, istaandardiin sagantaabarnoota Kutaa ‘O’ irra caalaa daa’imman umurii waggaa 6
guutaniif barnootni waggaa tokkoof kennamaa jiru haala walfakkaatuu fi qulqullina qabuun
kennamaa jiraachuu isaa mirkaneessuun guddina qaamaa, sammuu, hawaasummaa fi currisa
daa’immanii gabbisuu fi dagaagsuun barnoota Sadarkaa Tokkoffaatiif qopheessuu, akkasumas
haala fuula duraa barnootaa fi jireenya isaaniitiif gulantaa bu’uurri itti kaa’amu waan ta’eef
barbaachisaadha. Dabalataan, barnoota sadarkaa tokkoffaa marsaa duraa (1-4) keessatti
rakkoolee gahumsa keessoo barnootaa mul’atan hir’isuuf istaandardiin kun gahee olaanaa qaba.

Waan kana ta’eef, sadarkaa naannootti daa’imman umurii waggaa 6 ta’aniif barnoota kennamu
qaqqabamaa, haqa qabeessaa fi qulqullina qabu ta’uu isaa mirkaneessuun rakkoolee mul’atan
hambisuuf akkasumas haalota dirqisiisoo ta’an hojiirra oolchuuf istaandardiin kun barbaachisaa
fi murteessaa dha.

3
1.4 Gurmaa’insa Istaandardii Kanaa
Istaandardiin Kutaa ‘O’ kun kutaalee kudha tokko(11)qaba.

 Kutaa 1ffaan seensa, kaayyoo fi barbaachisummaa;


 Kutaa 2ffaan Dareewwan barnootaa, kutaalee tajaajila adda addaa kennanii fi
faasiliitiiwwan;
 Kutaa 3ffaan gurmaa’insa humna namaa;
 Kutaa 4ffaan sirna barnootaa Kutaa ‘O’;
 Kutaa 5ffaan fayyaafi qulqullina daa’immanii; qulqullinafi kunuunsa naannoo barnootaa;
 Kutaa 6ffaan Meeshaalee sirna barnootaafi sanadoota adda addaa barnoonni Kutaa ‘O’ itti
kennamu keessatti argamuu qaban.
 Kutaa 7ffaan simannaa daa’immanii, to’annaa fi hordoffii;
 Kutaa 8ffaan haala darbiinsaa kutaa gara kutaa, onnachiiftuu fi akkaataa kenniinsa ragaa
barnootaa;
 Kutaa 9ffaan Madda Galiifi Ittifayyadama isaa;
 Kutaa10ffaan hirmaannaafi qooda fudhannaa dhimmamtootaa;
 Kutaa11ffaan haala hordoffiifi deeggarsaa.

4
KUTAA LAMA

2. Haala mooraa mana barnootaa, Dareewwan barnootaa, Kutaalee


tajaajila adda addaa kennaniifi Faasiliitiiwwan
2.1. Haala Mooraa Mana Barnootaa
Manni barnootichaa bal’ina lafaa fi humna qabu irratti hundaa’uun (kaaree meetira 500 – kaaree
meetira 3000) irratti kutaalee barnootaa karaa daa’imman irratti miidhaa hin geessisneefi
meeshaalee filatamoon ijaaruun dallaan adda baasuu qaba. Kutaalee barnootaa fi bakkeewwan
taphaa, mana fincaanii, bakka balfi itti gatamu, bakka dhangala’oon itti naqamuu fi haalota
fayyaa daa’immanii irratti dhiibbaa geessisan irraa kan fagaate ta’uu qaba. Karri seensaafi
bahiinsaa kutaalee barnootaa fi bakki taphaa daa’imman qaama miidhamtoota ta’aniif haala
mijataa ta’een qophaa’uu qaba.

Kutaalee barnootaafi bakkeewwan taphaa balaa ibiddaafi kanneen biroo irraa ittisuuf mana aaraa
(kichen) mooraa mana barnootaa keessatti argamu irraa meetira shantama/50m ol fagaatee
argamuu qaba. Namni kamiyyuu osoo gara kutaa barnoota ‘O’ yookiin dallaa isaanii osoo hin
seeniin dura bulchiinsa mana barnootaa irraa hayyama argachuu qaba.

Baay’inni kutaalee barnootaa mooraa Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa keessatti argamuu
qaban hira barataa-daree irratti hundaa’uun baay’ina barattootaa waliin walgituu qaba.

2.2. Dareewwan Barnootaa


Bal’inni daree kutaa ‘O’ 7m x 9m=63m 2 ta’uu qaba. Lafti daree keessaafi dhaabni manaa
konkiriitiifi simintoon hojjetamuu qaba.Keessi kutaa konkiriitiifi simintoonkan hin hojjetamne
yoo ta’e daa’imman taa’uufi barachuuf akka mijaatuuf guutumaa guutuutti afata pilaastikiin
uwwifamuu qaba.Dareen barnootichaa guyyaa guyyaan qulqulleeffamuu qaba.

Dareen barnoonni Kutaa ‘O’keessatti kennamu addatti haala istaandardii kaa’ameen hanga
qophaa’utti dareewwan barnoonni Sadarkaa Tokkoffaan itti kennamu keessaa kan fooyyee qabu
filachuun tajaajila barnoota Kutaa ‘O’tiif ooluu qaba. Kutaan barnootichaa kan daa’imman
sagalee kutaa biraatiin hin jeeqamne, naamusa kan qabu, qilleensa qulqulluu kan qabu, kallattiin
aduuf kan hin saaxilamiiniifi ifa gahaa ta’e kan qabu ta’uu qaba.

5
Meeshaalee Dhaabbii fi Dhumataa Kutaa ‘O’ tiif Barbaachisan

Kutaan barnootaa ‘O’ tokko meeshaalee bu’uuraa tajaajila barnootaatiif barbaachisan guuttachuu
qaba. Haaluma kanaan, Kutaan barnootaa ‘O’ tokko meeshaalee gabatee 1 keessatti ibsamaniifi
kanneen biroo barnoota cimsuuf gargaaran guuttachuun barnooticha kennuu qaba.

Gabatee 1: Meeshaalee barnoota Kutaa ‘O’ tiif barbaachisan

Lakk Akaakuu Meeshaalee Baay’ina Ibsa


1 Gabatee Boronqii 1 2m x 1m kan ta’e
2 Haxooftuu gabatee 2
3 Gabatee Beeksisaa 1
4 Teessoo Barsiistuu/sa 1
5 Minjaala Barsiistuu/sa 1
6 Teessoowwan Daa’immanii (muka 30 Umurii isaaniin kan walgituu
yookiin pilaastika irraa hojjetame) (2kg kan hincaalle)fi haala salphaan
kan socho’u
7 Minjaala daa’immanii ( pilaastikaa 10 Umurii isaaniin kan walgituufi haala
yookiin muka irraa hojjetame) salphaan kan socho’u
8 Shelfii meeshaaleen barnootaa irra 3
kaa’amufi itti fannifamu
9 Gabateewwan xixiqqoo daa’imman 10 Kutaa barnootaa tokkoof
irratti shaakalan bal’inni isaa 30cm x
30cm
10 Guuboo kuusaa balfaa 1

2.3 Kutaalee Tajaajila Adda addaa Kennaniifi Faasiliitiiwwan


2.3.1 Kutaa Nyaataa
Manni barnootichaa daa’imman yeroo mana barnootaa keessa turanitti nyaata mana isaanii irraa
qabatanii dhufan yookiin mana barnootaa keessatti qophaa’uuf bakki itti nyaatan mijaa’uufi
qaba. Kanaafuu, manni barnootichaa kutaa nyaataa mataa isaa danda’e qopheessuu qaba. Yoo
hinqabaanne bakka qulqulluufi gaaddisa qabu qopheessuun mijeessuu qaba.

6
2.3.2 Kutaa Haara galfannaa Daa’immanii
Daa’imman haala umurii isaanii irratti hundaa’uun boqonnaa gahaa argachuu qabu. Waan kana
ta’eef, mana barnootaa barnootni dabaree tokkoof itti kennamu keessattii walakkaa wayitii
guyyaatti baratan irrattiifi mana barnootaa barnootni guyyaa guutuu itti kennamu keessatti
immoo laaqanaan booda boqonnaa gahaa argachuu qabu. Kanaafuu, kutaa bal’inni isaa 6m x 8m
ta’e kan keessi isaa simintoon tolfamee fi afata qabu bakka hirribaaf ispoonjii tokko bal’inni isaa
1.5m x2m ta’ee kan daa’imman 4 qabatu ta’uutu irra jira.

Kutaan hirribaa, firaashotni irra rafanii fi wantootni uffataman qulqullinni isaanii kan eegame
ta’uu qaba.

2.3.3. Dhiyeessii Bishaan Dhugaatii qulqulluu


Manni barnootichaa daa’imman kutaa “O” tiif bishaan qulqulluu haala qabatamaa naannoo mana
barnootaa irratti hundaa’uun qopheessuu qaba.

Bishaan dhugaatii qulqulluun qophaa’u kunis:

a) Haala umriifi daa’imman qaama midhamtootaa giddugaleessa godhateen qophaa’uu


qaba.
b) Bishaan daa’immaniif mana barnootaa keessatti qophaa’u haala qulqullina qabuufi
istaandaardii biyyoolessaa (keemikaala, bayolojikaalaafi fiizikaala) guutuun hangi
barbaadamu dhiyaachuu qaba.
c) Daa’imman wayita bishaan dhugan yookiin dhiqatan waldhiibbaa fi rakkinni adda addaa
barattoota biroon akka irra hin geenye manni barnootichaa hordoffii cimaa taasisuutu
irraa eegama.

2.3.4 Tajaajila Mana Fincaanii


 Manni barnootichaa daa’imman Kutaa ‘O’ tiif mana fincaanii dhiiraa fi dubaraan adda
bahee fi qulqullinni isaa eeggame kutaa barnoota irraa 30m ol kan hin fagaanne, bakki
teessoon mana fincaanii umurii daa’immanii waliin kan walmadaaluu fi boolli tokko
daa’imman 20f kan tajaajilu ta’ee baay’ina barattoota jiranii waliin kan walsimu ta’ee
ijaaramuu qaba.
 Naannoo mana fincaaniitti bishaan harka dhiqannaa saamunaa waliin jiraachuu qaba.
 Balballi mana fincaanichaa gara keessaatiin qulfii yookiin cuftuu qabaachuu hin qabu.
 Yeroo daa’imman mana fincaanii seenan barsiisonni duuka bu’uufi deeggaruu qabu.

7
 Barsiisotni/kunuunsitootni daa’imman erga qulqullaa’anii booda harka isaanii
saamunaadhaan akka dhiqatan deeggaruu qabu.
 Qulqullinni mana fincaanichaa kan sirnaan eeggame ta’uu qaba.

2.3.5 Kenniinsa Gargaarsa Yaalama Duraa/First Aid/


Daa’imman Kutaa ‘O’ keessatti baratan wayita mana barnootaa keessa turanitti amaluma
isaaniitiin sosochii qaamaa saffisaan guutaman raawwatu. Waan kana ta’eef, taphoota adda
addaa yeroo taphatan: fakkeenyaaf, yeroo wal ari’aa taphataniifi gochoota kanneen fakkaatan
yeroo raawwatan miidhaawwan ciccimoofi sasalphoo adda addaatiif saaxilamuu danda’u.
Kanaafuu, manni barnootichaa barsiisota leenji’aniin gargaarsa yaalama duraa barbaachisaa akka
argatan haala mijeessuu qaba. Miidhamni cimaa yoo ta’e garuu, gara dhaabbilee tajaajila fayyaa
kennan geessuun maatiitti beeksisuun akka yaalaman taasisuu qaba.

Dabalataanis, saanduqni gargaarsa yaalama duraa yookiin kiitiin kutaa barnootaa keessatti bakka
daa’imman hin geenye kaa’amu qaba. Qorichootnii fi meeshaaleen gargaarsa yaalama duraatiif
barbaachisan yeroo turtii isaanii hordofuudhaan yoo yeroon irra darbe kan biraatiin akka bakka
bu’an taasifmuu qabu.

Manni barnootichaa daa’imman dhukkuba ulfaataa yookiin miidhamni qaamaa yoo irra gahe
maatii yookiin guddistoota isaanii hatattamaan beeksisuu fi dhaabbata tajaajila fayyaa naannoo
isaaniitti argamutti tajaajila yaalaa akka argatan taasisuuf dirqama qaba.

Barsiistuun daa’immaniif gargaarsa yaalama duraa kennitu yoo xiqqaate leenjii yeroo gabaabaa
gargaarsa yaalama duraa fudhattee fi sertifikeetii kan qabdu ta’uu qabdi. Daa’imman qoricha
fudhatan yoo jiraatan mirga dhuunfaa isaanii eeguudhaan manni barnootichaa haala mijeessuun
qoricha akka fudhatan taasisuu qaba. Barsiisotnii fi kunuunsitootni naamusa yaalaan
walqabateen mirga dhuunfaa daa’immanii yookiin icciitii dhukkuba daa’immanii eeguu qabu.

Manni barnootichaa daa’imman wayita dhukkuba daddarboo cimaadhaan qabaman ogeeyyii


fayyaa waliin mari’achuun akka yaala argatan fi yoo itti fooyya’e gara mana barnootaatti akka
deebi’an haala mijeessuu qaba. Daa’imni Kutaa ‘O’ kamiyyuu sababa dhukkubaan qabameen
yookiin miidhama qaamaatiin loogiin irra gahuu hinqabu.

8
KUTAA SADII

3. Gurmaa’ina Humna Namaa


3.1 Sadarkaa Barnootaa Dura Buutuu/Bu’aa
 Dura Buutuu/Bu’aan Kutaa‘O’taatee/ta’ee filatamtu/mu haala qabiinsaa fi bulchiinsa
daa’immanii irratti leenjii gabaabaa kan fudhatte/te ta’uu qabdi/qaba.
 Barnootni Kutaa ‘O’daree tokkoo ol keessatti kan kennamu yoo ta’e, barsiisota Kutaa
‘O’barsiisan keessaa kan muuxannoo fi tajaajila ol aanaa qabdu, cimina hojii isheetiin
fakkeenyummaa gaarii kan qabdu dura buutuu dareewwan Kutaa ‘O’taatee ni tajaajilti.
 Haa ta’u malee, barnoonni Kutaa ‘O’daree tokko qofaa keessatti kan kennamu yoo tahe
ol aantummaan kan hoogganudura buutuu / bu’aa mana barnootaa Sadarkaa Tokkoffaan
ta’uu danda’a.

3.2 Qophii Barnootaa Barsiisotaa fi Itti gaafatamummaa


 Barsiistuun Barnoota Kutaa ‘O’ogummaa barsiisummaa Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan
Duraatiin kan eebbifamte ta’uu qabdi. Bakka hanqinni barsiisota ogummaa barnoota
Sadarkaa Tokkoffaan duraatiin leenji’an jirutti barsiisotaa dippiloomaan eebbifamanii fi
fooyyee qaban ogummaa barsiisummaa barnoota Sadarkaa Tokkoffaan duraa irratti
baatii tokkoof yookiin guyyoota 30f leenjisuun ramaduun ni danda’ama.
 Barsiistuun Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa takka daa’imman 30 kunuunsuufi
sagantaa simannaa irraa kaastee hanga gara manaa gaggeessuutti dirqama qabdi.
 Baay’inni daa’imman Kutaa ‘O’30 ol kan dabru yoo tahe manni barnootichaa akkaataa
baay’ina daa’immanii irratti hundaa’uun haala gabatee 2 keessatti ibsameen dareewwan
barnootaattii fi barsiisota ramaduu qaba.

9
Gabatee -2:Baay’ina Barsiisotaafi Hojjattootaa

Baay’ina Baay’ina Daree Baay’ina Baay’ina Ibsa


daa’immanii barnootaa Barsiisotaa Kunuunsitootaa
30 1 1 1 Kunuunsituun kan ramadamu
manni barnootaa guyyaa
guutuu kan hojjatu yoo
taheedha.
60 2 2 1 >>>>
90 3 3 2 >>>>
120 4 4 2 >>>>

Hubachiisa:

 Akkuma baay’inni lakkoofsa daa’immanii dabalaa deemuun ramaddiin humna namaa


haala shallaggii armaan olitti ibsame irratti hundaa’uun kan dabalu ta’a.

3.3. Qophii Barnootaa Kunuunsituu Daa’immanii

 Barnoonni Kutaa ‘O’mana barnootaa guyyaa guutuu hojjatu keessatti kan kennamu yoo
tahe, kunuunsituun daa’immanii yeroo nyaataa, qulqullinaafi hirribaa daa’imman
gargaartu sadarkaa barnootaa kutaa 12ffaa kan xumurtee fi haala qabiinsaa fi kunuunsa
daa’mmanii irratti yoo xiqqaate leenjii gabaabaa guyyaa 15 kan fudhatte ramaduu qaba.
 Kun ta’uu baannaan, manni barnootichaa hawaasa naannoo qindeessuu fi ogeeyyii
eksiteenshiinii eegumsa fayyaa wajjiin mari’achuun hawaasa keessaa namoota fedhii
qaban tajaajila kunuunsa daa’immanii kennuu barbaadaniif leenjii yeroo gabaabaa waa’ee
haala qabiinsaa fi kunuunsa daa’immanii irratti kennuufiin haala mijeessuu qaba.

10
KUTAA AFUR

4. Sirna Barnootaa Kutaa ‘O’


4.1. Qooddii Wayitii Barnootaa

Barnoota Kutaa ‘O’haala qabatama naannoo xiyyeeffannaa keessa galchuun sagantaa qophaa’e
bu’uura taasisuun guyyaa walakkaa yookiin guyyaa guutuu keessaa tokkoon kennamuu danda’a.

Barnoonni Kutaa ‘O’ guyyaatti wayitii 5f, torbanitti immoo wayitii 25f kennamuu qaba. Wayitiin
tokkoo tokkoon isaa daqiiqaa 30 kan qabu yoo ta’uu, sagantaa guyyaa irratti bu’uureeffachuun
barnootaafi taphaaf ooluu qaba.

Xumura tokkoon tokkoo wayitii barnootaa irratti, sagantaa barnootaa itti aanu jalqabuun dura,
daqiiqaa 5f hojii kaka’umsa akka ce’umsaatti itti fayyadamuun barbaachisaadha.

4.1.1. Filannoo Tokkoffaa


Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa barnoota Kutaa ‘O’guyyaa guutuu kennuuf haala dureewwaan
guutuu kan danda’an filannoo tokkoffaa armaan gadiitti dhiyaate fayyadamuun barnoota kennuu
ni danda’u.

11
Gabatee 3: Sagantaa Barnoota Kutaa ‘O’Guyyaa guutuu (Filannoo tokkoffaa)

TL Akaakuu Sagantichaa Sa’aa


1 Sa’aatii simannaa 1:45 – 2:00
2 Qophii Barnootaan Duraa 2:00 – 2:05
3 Barnoota 2:05 – 2:35
4 Qophii Barnootaan Duraa 2:35 – 2:40
5 Barnoota 2:40 – 3: 10
6 Sagantaa qophiifi nyaata ciree 3:10 – 3:40
7 Boqonnaa / Yeroo taphaa 3:40 – 4:30
8 Qophii Barnootaan Duraa 4:30 – 4:35
9 Barnoota 4:35 – 5:05
10 Sagantaa qophiifi nyaata laaqanaa 5:05 – 5:35
11 Sagantaa qophii hirribaafi hirribaa 5:35 – 6:35
12 Hirribarraa ka’uufi qulqullaa’uu 6:35 – 6:50
13 Qophii Barnootaan Duraa 6:50 –6:55
14 Barnoota 6:55 – 7:25
15 Qophii Barnootaan Duraa 7:25 - 7:30
16 Barnoota 7:30 – 8:00
17 Gara manaa deemuuf qophii dursaa 8:00 – 8:10
18 Gara manaa gaggeessuu 8:10 – 8:30

12
4.1.2 Filannoo Lammaffaa
Barnoonni Kutaa ‘O’haala qabatamaa naannoo irratti hundaa’uun guyyaa walakkaa kennamuu
danda’a. Bu’uuruma kanaan sagantaalee gabatee 4 keessatti ibsameenhojiirraa ooluu qaba.

Gabatee 4:SagantaaBarnootaKutaa ‘O’Guyyaa walakkaa, (Filannoo Lammaffaa)

TL Akaakuu Sagantichaa Sa’aa


1 Sa’aatii simannaa 1:45 – 2:00
2 Qophii Barnootaan Duraa 2:00 – 2:05
3 Barnoota 2:05 – 2:35
4 Qophii Barnootaan Duraa 2:35 – 2:40
5 Barnoota 2:40 – 3:10
6 Qophii Barnootaan Duraa 3:10 – 3:15
7 Barnoota 3:15 – 3:45
8 Yeroo ciree itti nyaatan 3:45 – 4:15
9 Boqonnaa / Yeroo taphaa 4:15–4:45
10 Qophii Barnootaan Duraa 4:45 – 4:50
11 Barnoota 4:50 – 5:20
12 Qophii Barnootaan Duraa 5:20 – 5:25
13 Barnoota 5:25 – 5:55
14 Gara manaa deemuuf qophii dursaa 5:55 – 6:00
15 Gara manaatti gaggeessuu 6:00 – 6:15

Hubachiisa

Wayitiin sadan laaqanaa/cireen dura jiran hojii sammuu yeroo ta’an, sagantaan lamaan
boqonnaan boodaa daa’imman osoo hin dhiphatiin wanta baratan taphaan, faaruun, sheekkoo
dhaggeeffachuu fi dubbachuun, fakkiiwwan dibuun, tuqaalee irra deebiin dibuufi kkf dandeettii
isaanii kan ittiin cimsatan ta’uu hubachuun sagantaalee tartiibaan jiraniif xiyyeeffannoo kennuu
qabu.

13
4.2. Maloota baruu-barsiisuu

Meeshaalee sirna barnootaa akka naannootti kutaa ‘O’f qophaa’an bu’uureffachuun barnootni
kutaa ‘O’ Afaan dhalootaatiin kennamuu qaba.

Barnootni daree keessaa fi dareen alatti kennamu mirga daa’immanii, aadaa, mirga namoomaa,
currisa/miira fi hamilee daa’immanii kan eegee fi kabajaa kan kenne ta’uu qaba.

Barnootni Kutaa ‘O’ daree keessaa fi dareen alatti daa’immaniif kennamu bilchina sammuu fi
qaama daa’immaniin kan walsimuu fi guddina isaanii gara fuulduraatiif bu’uura kan buusu ta’uu
qaba.

Barnootni umrii kanatti kennamu daa’imman giddu galeessa kan godhate ta’ee, tooftaa baruu-
barsiisuu hirmaachisaa ta’e kan bu’uureffatee, dandeettii /potential/ daa’imman keessa jiru akka
bahuu fi cimu kan godhu ta’uu qaba.

Gochaaleen adda addaa dhuunfaanis ta’ee gareen qophaa’an bilchina sammuu, qaamaa,
currisa/miiraa fi dhimma hawaasummaa daa’immanii hubannoo keessa kan galchan ta’uu qabu.
Carraaqqiin daa’imman naannoo isaanii baruuf taasisan jajjabeeffamuu qaba.

Barnootni kennamu umrii daa’immanii giddu galeessa kan godhate, maloota baruu barsiisuu
hawwataa ta’ee fi tooftaa taphootaa adda addaatti fayyadamuun kaka’umsaa fi hamileen
barachuu barattootaa, fedhii, gammachuufi qophaa’ummaa daa’immanii giddu galeessa kan
godhate ta’uu isaa barsiisonni hubachuun barsiisuu qabu.

Tooftaalee adda addaa guddina waliigalaa daa’immanii cimsuuf dandeessisan (tapha, sochii,
fakkeessanii taphachuu, tapha ijaarsaa, diraamaa, faaruu, sheekkoo, hojjatanii agarsiisuu,
daawwannaa dirree/hordoffii barsiisotaan kan raawwatamu/, marii, ibsa afaanii daa’imman
hirmaachisee fi kanneen biroo) hojii irra oolchuun barbaachisaadha.

Tooftaalee baruu-barsiisuu armaan olitti ibsaman bu’uureffachuun daa’imman gaafachuun,


dhaggeeffachuun, daawwachuun, mari’achuun, sosochii qabatamaa taasisuun, kanneen biroo
akkeessuun, yaaluun, shaakaluun, naannoo isaanii sakatta’uun, sadarkaa isaaniitti yaalii
gaggeessuufi kanneen birootti fayyadamuun osoo hin dhiphatin akka baratan haala mijeessuun
barbaachisaadha.

14
Barsiisonni fedhii barattootaa barnoota fedhii addaa qaban adda baasuun mala baruu barsiisuu
mijataatti fayyadamuun barsiisuutu irraa eegama.Daa’imman rakkoo dhageettii qaban aflattoo
akkasumas, daa’imman qaro-dhabeeyyii ta’an tooftaalee addaa addaatti fayyadamuun barsiisuu
qabu.

Daa’imman biroo fedhii addaa qaban ilaalchisee hoggansi manneen barnootaa ogeeyyii fayyaafi
dhimmamtoota biroo waliin mari’achuun carraa barnootaatti akka fayyadaman gochuu
qabu.Barsiisonni guyya guyyaan maqaa barattootaa yaamuun ragaa isaanii qabachuu
qabu.To’annoo barattootni guyyaa guyyaan ittiin hordofaman daree keessatti argamuu
qaba.Daa’imman mana barnootaa keessatti rakkina uuman kamiifiyyuu adabbiin qaamaa irra
gahuu hinqabu.

4.3. Qophiifi Ittifayyadama Meeshaalee Deeggarsa Barnootaafi Taphaa

Daa’imman haala gaariin odeeffannoo fudhatanii gochatti jijjiiruu kan danda’an qaama miiraa
isaaniitti fayyadamuun: tuttuquun, qaqqabachuun, ilaaluun, dhaggeeffachuufi fuunfachuun waan
ta’eef barsiisonnis kana xiyyeeffannaa keessa galchuun wantoota naannoo isaaniitti argaman
irraa meeshaalee taphaafi deeggarsa barnootaa qopheessuun fayyadamuu qabu.

Daa’imman meeshaalee deeggarsa barnootaa malee ibsaafi jecha qofaan barsiisuun jijjiiramaafi
bu’aa barbadamu argamsiisuu dhabuu irra darbee barnoota isaanii akka jibban kan godhu waan
ta’eef barsiisonni meeshaalee deeggarsa barnootaa xiyyeeffannoo addaatiin qopheessuufi
fayyadamuun hojiirra oolchutu irraa eegama.

Barsiisonni mata dureewwan adda addaa haala salphaan daa’imman barsiisuufi hariiroo
hawaasummaa isaanii fooyyessuuf meeshaalee deeggarsa barnootaafi taphaa
koornariiwwan(corner) barnootaa haala qabatamaa naannootiin walqabsiisanii qopheessuun
barnoota jiruufi jireenyaa daa’immaniitiin walqabate kennuu qabu.

Meeshaaleen deeggarsa barnootaafi taphaa guddina hawaasummaa, xiin-sammuufi dagaagina


qaama daa’immaniif barbaachisoo ta’an koornarii barnootaa adda addaa gabatee 5 keessatti
dhiyaatanii jiru.

15
Gabatee 5: Iddattoo Meeshaalee Taphaafi Deeggarsa Barnootaa Koornarii Barnootaaf

Barbaachisoo Ta’an

T.L. Akaakuu Meeshaalee Koornariin Baay’ina Waan irraa hojjetame


Koornarii maatii
 Jabanaa 1 Suphee,waraqaa ciccitaa bukaa’e
 Siinii 6 Suphee,waraqaa ciccitaa bukaa’e
 Saanii 2 Suphee,waraqaa ciccitaa bukaa’e
 Fal’aana 2 Suphee,waraqaa ciccitaa bukaa’e,
1
muka
 Distii 1 Suphee,waraqaa ciccitaa bukaa’e,
 Intalashee 1 Huccuufi ispoonjii
 Teessoolee xixiqqoo intalasheef 4 Muka
 Siree intalasheef 1 Muka
Koornarii yaalamaa
 Marxoo 2 Huccuu
 Siriinjii duwwaa 1 Qulqulluufi lilmoo malee
 Isteetoskooppii 1 Isteetoskooppii, kirriifi pilaastikii
2  Kaardii 5 Kilaaseerii
 Faashaa 2 Huccuu
 Qoricha 6 Pilaastikii shirooppii, meeshaa
kiniinii duwwaa
 Termoomeetirii (safartuu ho’aa) 1 Muka/pilaastikii
3 Koornarii Suuqii/dukkaanaa
 Madaala 1 Muka,qorqoorroo/ qadaada
pilaastikaa
 Paakkoo duwwaa Haala Kan buskutii, karameellaa, shaamaafi
argameen kibriitii
 Dabtara /yaadannoo 3 Dabtara moofaa hin tarsaane

16
 Saantimaafi noottiiwwan Haala waraqaafi kaartonii
maallaqaa argameen
 Qalama 4 Qafoo qalamaa
 Dibata 2 Meeshaa dibatni keessaa dhume
Koornarii Barnoota Saayinsii
naannoo
 Meeshaalee yaalii addaa addaa Hanga argame Kan haala salphaan naannootti
argaman
 Meshaalee uumamaafi nam- Hanga argame Baala, cirrachafi firiiwwan mukaa
4
tolchee naannoo
 fakkiiwwaniifi uffata addaa Hanga argame Fakkiiwwaniifi uffata aadaa
addaa calqisiisan
 Modeeloota beelladoota addaa Hanga argame Dhoqqee, waraqaa ciccitee
addaa bukaa‘e,huccuu
Koornarii barnootaa afaaniifi
dubbisaa
 Kitaabilee sheekoofi fakkii Hanga argame Waraqaa,fakkii,barruulee
 Gabatee qubee Hanga argame Waraqaa,muka,kaartonii
 Loottoofi doominoo qubee Hanga argame Waraqaa
5
 Gabatee halluu Hanga argame Waraqaa
 Gabatee tuttuqqaa Hanga argame Waraqaa burcuqqoo, cirrachaafi
kollaa
 Kaardii qubeefi Gabatee huccuu Hanga argame Waraqaa burcuqqoo, kaartooniifi,
irraa hojjetame/shaash-boordii huccuu dabaloo
Koornarii barnoota Herreegaa
6  Bobbocawwan ji’oomeetirii Hanga argame Kaartonii, pilaastikii
 Gabatee lakkoofsaa Hanga argame Kaartonii, muka
 Abakaasii Hanga argame Dooqaa, qadaada haaylaandii
 Saanduqa leemmanaa Hanga argame leemmana hanga adda addaa qaban
 Gulantaa lakkoofsaa Hanga argame Muka

17
 Gabatee sagantaa yeroo Hanga argame Kaartonii, pilaastikii
 Loottoo lakkoofsaafi doomiinoo Hanga argame Kaartonii, muka, pilaastikii
Koornarii Barnoota Muuziqaa
Meeshaalee muuziqaa adda addaa Hanga argame Muka, gogaa, ribuu, pilaastikii
kan naannoo fi aadaa
7  Kiraara
 Dibbee
 Maasiinqoo
 Ulullee
Koornarii Ijaarsaa
 Meeshaalee haala salphaan Hanga argame Suphee, pilaastikii, muka, firii mukaa,
8
hiikamanii fi walitti hidhaman, qorkii, qadaada haaylaandiifi kkf
kan wal-irra taa’an

Hubachiisa

Meeshaaleen taphaafi barnootaa wantoota naannootti argaman irraa barsiisotaan hojjetamanifi


armaan olitti ibsaman dandeettiifi gahumsa daa’immanii giddu galeessa kan godhatan,
bashannansiisaafi gammachiisaa kan barsiisu ta’ee, daa’imman irratti miidhaa kamiyyuu kan
hingeessifne ta’uu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaadha.

4.4. Meeshaalee Taphaa Dareen Alaa

Manni barnootichaa hawaasaafi dhimmamtoota qindeessuun meeshaalee taphaa dareen alaa


armaan gaditti tarraa’an bituun hojiirra oolchuu qaba. Dhimmi kun kan hindanda’amne yoo ta’e,
meeshaalee taphaa gabatee lakkoofsa 6 keessatti tarraa’an of eeggannoo taasisuun wantoota
naannootti argamanirraa qopheessuun haala ittiin hojiirraa oolan mijeessuuqabu.

Gabatee 6: Meeshaalee Taphaa Dareen Alaa Akaakuufi Hangaan

18
TL Akaakuu Meeshaa Baay’ina Ibsa
1 Kubbaawwan hanga adda addaa 10 Kubbaa tokko nama sadiif
qaban
2 Gommaa hanga adda addaa qaban Hanga argame
3 Hunculuulloo/ sheephisa 1
4 Madaala 1
5 Sigigoo 1
6 Kortoo /masalaalii/ 1
7 Ujummoo hulluuqoo 1
8 Marmaartoo/ shikirkiriitii 1
9 Saanduqa cirrachaa 1 Boolla cirracha qulqulluun
guutame bal’inni 2mx 2m gadi
fageenyi 50cm
10 Haada utaalchoo 10

 Meeshaalee taphaa armaan olitti ibsaman wantoota naannootti argaman irraa hojjechuuf
tattaaffii gochuun dursi kennamuufi qaba.
 Meeshaaleen taphaa dareen alaa qulqullinni isaaniikan eegame, daa’imman irratti balaa kan
hingeessifne / meeshaa qara hinqabneefi nama hinmurre/ fi yeroo yeroon sakatta’amee
tajaajila barbaachisaa kennaa jiraachuu isaanii mirkana’uu qaba.
 Iddoon taphaa daa’imman kutaa ‘O’ kanneen barattoota Sadarkaa Tokkoffaanf tajaajilaniin
addatti / qofaatti/ mana barnootichaatiin qophaa’uu qaba. Bakki taphaa kunis bu’aa
ba’iikanhinqabne, dirree diriiraa, mijataafi qulqullinni isaa eegame ta’uu qaba.
 Manni barnootichaa iddoo taphaa daa’immaniif qofaatti daanga’e kan hinqabne yoo ta’e,
yeroo barattoonni Sadarkaa Tokkoffaan taphataniin alatti sodaa malee akka taphatan haala
mijataa uumuu qaba.
 Barsiisonni daa’imman miidhama qaamaa qaban daa’immaan biroo waliin iddoo tokkootti
taphoota adda addaa akka taphataan hordoffiifi deggarsa taasisuu qabu.

19
4.5 Sirna Gamaaggamaafi Madaallii

Qorannoolee hedduun akka mul’isaniitti daa’imman sadarkaa dagaaginaa walfakkaataa


qabaataniis, tokkoon tokkoo isaanii barnoota fudhachuufi fedhii adda addaaqabu waan ta’eef,
daa’imman kan dorgoman daa’ima biraa waliin osoo hintaane ofii isaaniiirratti fooyya’insaafi
jijjiirama yeroo yeroon ofirratti fidaniin ta’uu qaba.

Gamaaggamniifi madaalliin daa’imman Kutaa ‘O’kan gaggeeffamuu qabu kallattii dagaagina


daa’immanii giddu galeessa godhatee walitti fufiinsaan ta’uu qaba. Kana jechuun, akka
barattoota Sadarkaa Tokkoffaantti qormaataan osoo hinta’iin tooftaa gamaaggamaafi madaallii
walittifufaa ta’ee: taphaan, gaaffiifi deebiin, bu’aa hojii daa’immanii ilaaluun, hirmaannaa
guyyaa guyyaan taasisaniifi hojii dhuunfaafi gareen hojjetaniin ta’uu qaba.

Manni barnootichaa barsiisonni jijjiiramaafi guddina daa’imman yeroo yeroon agarsiisan


madaaluun sadarkaa daa’imni irra ga’an maatii daa’immaniif beeksisuu; akkasumas, sirna
walitti dhufeenya maatii fi mana barnootichaa diriirsuun hojii irra oolchuu qaba.

Guddinaafi fooyya’insa daa’imman guyyaa guyyaan agarsiisan poortifooliyoo dhuunfaa


qophaa’e irratti galmaa’ee taa’uu qaba.

20
KUTAA SHAN

5. Fayyaafi Qulqullina BarattootaafiQulqullinaafiKunuunsa Naannoo


Barnootaa
5.1. Fayyaafi Qulqullina Barattootaa

 Barsiisonni daa’imman qulqullina dhuunfaa isaanii akka eeggatan hordoffiifi deeggarsa


taasisuu qabu.
 Barsiisonni daa’imman rakkoon fayyaa mudate maatii yookiin guddistuu waliin
dubbachuun furmaata barbaaduu qabu.
 Dhibeen daddarboo yeroo mudatu manni barnootichaa ogeeyyii fayyaa waliin
dubbachuun tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qaba.
 Manni barnootichaa fayyaa daa’immanii kunuunsuuf buufata fayyaa yookiin keellaa
fayyaa wajjiin walitti dhiheenyaan hojjachuu qaba.

5.2 Qulqullinaafi Kunuunsa Naannoo Barnootaa


 Manni barnootichaa qulqullinni naannoo barnoota daa’immanii kan eegame ta’uu isaa
mirkaneeffachuu qaba.
 Manni barnootichaa boolla balfaan gogaafi dhangala’oon itti gataman iddoo daa’imanni
gahuu hin dandeenyetti qopheessuu qaba.
 Manni barnootichaa balfaa goggogaa yeroo yeroon hordoffii taasisuun bakka daa’iman
hin geenyetti akka gubatu gochuu qaba.
 Daa’imman barsiisota isaaniitiin hogganamuun akkaataa qulqullina naannoo isaanii
eegachuu danda’an irratti hubannoon kennamuufii qaba.

21
KUTAA JA’A

6. Meeshaalee sirna barnootaafi sanadoota adda addaa barnoonni


Kutaa ‘O’itti kennamu keessatti argamuu qaban.
6.1. Meeshaalee Sirna Barnootaa

 Silabasii barnoota Kutaa ‘O’


 Qajeelcha barsiisaa sagantaa barnoota Kutaa ‘O’
 Meeshaalee barnootaaakaakuu torba / 7 /ittiin barsiisuuf tajaajilan: kaardii marii,
ogummaa, muuziqaa, sheekkoo, shaakallii gochaa, tapha daree keessaafi dareen alaa
 Paakeejii montosorii
 Kitaabilee dubbisaa, sheekkoofi fakkii adda addaa daa’imman tajaajiluuf oolan.
 Qajeelcha barnootaa qaro-dhabeeyyiif oolan.
 Qajeelcha barnootaa daa’imman rakkoo dhageettii qabaniif oolan.
 Qajeelcha barnootaa daa’imman saala’iinsa sammuu qabaniif oolan.
 Hammattoo tarsiimoo umrii daa’imummaa ganamaa jiraachuu mirkaneeffachuu

6.2. Sanadoota Seeraafi Mirkaneeffannaa Qulqullina Barnootaa


 Konvenshinii mirga daa’immanii Idil-Addunyaa bara 1989 ALI.
 Istaandardii barnoota kutaa ‘ O’
 Hammattoo inispeekshinii barnoota Kutaa ‘O’
 Qajeelfama Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa

22
KUTAA TORBA

7. Simannaa Barattootaa, Hordoffiifi Too’annaa

 Manni barnootichaa yeroo itti daa’imman simatuufi wantoota guutamuu qaban


ilaalchisee galmeen dura guyyoota 15 dursee hawaasa beeksisuu qaba.
 Manni barnootichaa yeroo daa’imman simatu yoo danda’ame umuriin isaaanii
sartifikeetii dhalootaa gaafachuun kooppii isaa faayila waliin walqabsiisuu qaba.
 Manni barnootichaa odeeffannoo guutuu daa’immanii, maqaafi bilbila itti waamama
yeroo rakkoo kan ta’an maatii yookiin guddiftuufi kkf iddoo mul’atu kaa’uun
barbaachisaadha.
 Daa’imman yeroo galmeef gara mana barnootaa dhufan haala waliigalaa fayyaafi fedhii
qaban adda baasuun galmeessuun gargaarsa dursaa barbaachisaa ta’e kennuufi maatiifi
qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuuf akka gargaaru gosa rakkoo mul’atuun adda baasuu
qaba.

KUTAA SADDEET

8. Haala Darbiinsa Kutaa Gara Kutaa, Onnachiiistuufi Kenniinsa Ragaa


Barnootaa
8.1.Haala Darbiinsa Kutaa Gara Kutaa
 Daa’imni Kutaa ‘O’baratu/ttu tokko sagantaa barnoota Kutaa ‘O’waggaa tokkoo erga
xumuree/tee booda gara kutaa tokkootti ni darba/dabarti.

8.2. Sirna Onnachiistuufi Kenniinsa Ragaa Barnootaa


 Sirni onnachiistuu daa’immaniif godhamu kamiyyuu haamilee daa’imman biroo kan
miidhu ta’uu hinqabu.
 Gama biraatiin, daa’ima Kutaa ‘O’gara kutaa tokkootti dabarsuuf qophii taasisuun waan
barbaachisuuf, jalqabuma irraa dorgommii shaakaluu qaba.Kana waan ta’eef, dhimmoota
lamaan armaan olitti eeraman walsimsiisuun, daa’imman kutaa tokkoffaaf qopheessuun
barbaachisaadha.

23
 Daa’imman Kutaa ‘O’dhuma waggaa irratti gara barnoota Sadarkaa Tokkoffaantti yeroo
itti ce’an waan ta’eef, manni barnootichaa maatiifi dhimmamtoonni bakka argamaniitti
sirna ho’aa ta’een eebbisiisuu qaba.
 Daa’imni Kutaa ‘O’tokko barnoota erga xumuree/tee booda waraqaan ragaa/kaardiin
gara kutaa tokkoffaatti darbuu isaa/ishee mirkaneessu kennamuufi qaba.

KUTAA SAGAL

9. Madda Galiifi Ittiffayyadama Isaa


9.1Madda GaliiCimsachuu
Manni barnootichaa galii dabalataa maatii/guddiftoota, hawaasa, dhaabbilee misoomaa,
dhaabbilee mit-mootummaa, dhaabbilee amantaafi kkf irraa tooftaa galii itti argachuu
danda’u diriirsuutu irraa eegama.

9.2 Itti Fayyadama Qabeenyaa


 Manni barnootichaa baajata Kutaa “O”tiif ramadame tajaajila karoorfame qofaaf
oolchutu irraa eegama.
 Manni barnootichaa galmee herregaa galiifi baasii itti fayyadama baajataafi qabeenya
biroo agarsiisu qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf yeroo gaafatametti dhiyeessuu qaba.

24
KUTAA KUDHAN

10. Hirmaannaafi Qooda Fudhannaa Dhimmamtootaa


10.1. Hirmaannaafi Qooda Fudhannaa Maatii/Guddistootaa

Maatiin/guddistoonni kunuunsaa fi guddisa daa’immanii keessatti gahee ol’aanaa kan qaban


waan ta’eef manneen barnootaa waliin qindoomuun barattoota Kutaa ‘O’barataniif gochaalee fi
itti gaafatamummaa armaan gadii bahuu qabu.

 Daa’ima galmeessisuuf gara mana barnootaa yeroo dhufan sartifikeetii/ragaa dhalootaa


dhiheessuu,
 Haala fayyummaa daa’immanii, fedhii addaafi kkf mana barnootaa beeksisuu,
 Nyaata yeroo mana barnoootaa keessa turan nyaatan qabsiisuun erguu
 Odeeffannoo yeroo rakkoof barbaachisan mana barnootaa beeksisuu
 Daa’imman isaaniitiif uffata seeraa haala barbaachisaa ta’een guutuu,
 Meeshaalee barnootaa guutuu,
 Daa’imman yeroon gara mana barnootaa geessuufi yeroon gara manaatti deebisuu,
 Haalli barnoota daa’immanii akka fooyya’u deeggarsa gochuu,
 Mana barnootaafi barsiisota waliin waa’ee barnoota daa’imman isaanii irratti dhiyeenyaan
hojjechuufi mari’achuu,
 Daa’imman isaanii barnootaaf kunuunsa fooyyee qabu akka argataniif, manabarnootichaa
qarshiin, meeshaalee akaakuun, humnaafi beekumsaan deggaruu,
 Dhimma barnootaa daa’imman isaanii irratti komii qaban mana barnootichaaf dhiyeessuufi
furmaata argachuu,

10.2 Hirmaannaafi Qooda Fudhannaa Hawaasa Naannoo


 Galteewwan barnoota Kutaa ‘O’tiif barbaachisan guutuu,
 Koree maatii /guddiftuu Kutaa ‘O’f gurmaa’u keessatti hirmaachuu,
 Nageenyaafi qulqullina mooraafi naannoo mana barnootichaa eeguu

25
10.3 Gamtaa Maatiifi Barsiisotaa
 Barnoonni Kutaa ‘O’barnoota Sadarkaa Tokkoffaantiin qixa xiyyeeffannoon itti
kennamee hojiirra oolaa jiraachuu isaa hordoffiifi deeggarsa taasisuu,
 Maatii/guddistootaafi hawaasa naannoo qindeessuun galteewwan barnoota Kutaa ‘O’tiif
barbaachisan akka guutaman gochuu,
 Rakkoo barnoota Kutaa ‘O’tiin walqabatee uumamuuf furmaata kennuu,
 Barsiisonni kutaa “O’ramadaman kan leenji’aniifi dubartoota ta’uu isaanii hordofuu

KUTAA KUDHA TOKKO

11. Hordoffiifi Deeggarsa

 Manni barnootichaa Kutaa “O”n adeemsa inispeekshinii keessa akka darbu deeggarsa
gochuutu irraa eegama.
 Manni barnootichaa bu’aa inispekshinii Kutaa ‘O’ maatii/guddiftootaaf beeksisuuf
dirqama qaba.

26

You might also like