Jireenya Keetitti Gammadi Editedfor Publish

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 264

JIREENYA KEETITTI GAMMADI

JIREENYA KEETITTI
GAMMADI
( Enjoy Your Life )

‫إستمتع بحياتك‬

Qopheessaan
Dr Muhammad bin Abdurrahmaan Al Ariifii
Hiikkaan

Jamaal Sheikh Bakri


Wed, January 5, 2022

Sponsered by: Shaafii Abdellah

Jemal Sheikh Bakri Page I


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

JEMAL SHEIKH BAKRI HORDOFUUF

Facebook: https://www.facebook.com/jamaal.shbakrii
Telegram: https://t.me/JemalSheikhBakri1
Telegram: https://t.me/DrZakirNaikAfaanOromoo
Instagram: https://www.Instagram.com/jemalsheikhbakri

Jemal Sheikh Bakrii Qunnamuuf

Lakkoofsa bilbilaa: +251915553899


+251914965560

E-mail: onejems49@gmail.com

@Mirgi maxxansaa Seeraan Eeggamaadha

Jemal Sheikh Bakri Page II


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Baafata

Mata Duree Fuula


Seensa ............................................................................ XVII
Hin Fayyadan ...................................................................1
Maal Barachuuf deemna? ...............................................4
Ogummaan Maaliif Nu barbaachisa? ..........................6
Of Fooyyeessi .................................................................10
Aannan Jigeef hin booyin .............................................14
Adda Tahi .......................................................................17
Eenyuutu Si biratti akkaan jaalatamaadha? ...............21
Oogummatti gammadi..................................................30
Hiyyeeyyii Wajjiin .........................................................35
Dubartootaa Wajjiin.......................................................38
Ijoollee Wajjiin ................................................................44
Gabrootaa fi tajaajiltootaa wajjiin ................................51
Kaafirtootaa Wajjiin .......................................................54
Bineensotaa Wajjiin........................................................62
Karaalee Dhibba Onnee Namootaa Ittiin Boojitu.....66
Niyyaa Tee Rabbiif jecha Qulqulleessi .......................70
Dhandhama Sirrii Fayyadami ......................................76
Jecha sirrii filadhu ..........................................................96

Jemal Sheikh Bakri Page III


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Walitti dhufeenya jalqabaa irratti nama gaarii ta‟i . 104


Namoonni akka Albuuda Lafaati..................................... 111
Duula Hudeeybiyyaa ..................................................................... 122
Seenaa Wareegama Umar (Ra) ..................................................... 126
Seenaa Wareegama Hamzaa (Ra)................................................. 126
Rifeensa Mu‟aawiyaa .................................................. 128
Mana Hidhaa Keessatti .................................................................. 132
Seenaa Dallansuu............................................................................ 133
Furtuu Onnee ............................................................... 134
Akkaataa Xiinsammuu nama tokkoo hubannaa keessa galchi
........................................................................................ 137
Xiyyeeffannoo namootaaf kenni ................................ 144
Ijoollee teetii wajjillee ..................................................................... 144
Khuxbaa Jum‟aadhaa addaan mure............................................. 145
Seenaa Ka‟ab bin Maalik................................................................ 146
Xalayaa Mootii Ghassaan irraa ..................................................... 151
Akka Waan gaarii isaaniif yaaddu isaan agarsiisi .. 161
Maqaa Isaanii Yaadadhu ............................................ 167
Daawwataa fi Dinqisiifataa ta‟i.................................. 170
Waan gaarii qofa irratti Komii kenni. ....................... 179
Waan Sin hin Galchine Hin Seenin ........................... 183
Warreen Waan Isaan hin Galchine Seenan akkamitti of irraa
dhoorguu dandeessa? ................................................. 187

Jemal Sheikh Bakri Page IV


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hin Komatin! ................................................................191


Abbaa Irree Hin ta‟in ...................................................199
Ulee Walakkaa qabadhu. ............................................205
Dogongora Sirreessuun Salphaadha .........................215
Ilaalcha Biraa ................................................................228
Nama Dhiiga Si Obaase Aannan Obaasi ..................235

Jemal Sheikh Bakri Page V


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Dursa Abbaa Kitaabicha Hiikee


Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti bara 2008 ture, Qophii wahii takkaaf jecha
Masjiidatti Walitti qabamnee turre. Qophii san akkuma raawwanneen booda
Obboleessa kiyya Towfiq Ahmad barandaa masjiidaa jala isaa taa’u jirun arge.
Towfiq naman wajjiin haasawuu jaaladhuu fi isa bira taa’uun na gammachiisu
keessaa tokko. Towfiq waggaa tokkoffaa isaa baruumsaaf Yuniversitii deemee
kan deebi’e yoo ta’u, Qophii masjiida jirtu saniif innis akkuma kiyyatti dhufe.

Anis isaa taa’aa jiru yeroon argu deemaa dhufeetin gara mirga isaatiin Suuta
jedhee gad taa’e. Salaamtaa waliin jennee, xiqqo erga haasofnee booda, Kitaaba
tokko na agarsiise. Kitaabichi akkaan bareedaa ta’uu wajjiin jireenya isaa irratti
dhiibbaa gaarii akka uume, amala isaatis baay’ee akka fooyyesse fi akkaan
kitaabicha akka jaalate naaf hime. Sanirra dabree kitaabicha akkan afaan
oromootti jijjirullee na gaafate. Anis nama kitaaba akkaan dubbisuu jaalatun
ture. Kitaabicha soft kooppiidhaan Afaan Ingliffaatiin Saalim Beeg Kan hiike
naaf dabarse.

Anis Kitaaba Towfiq akkatti jaalachiise kana jechuun hawwiin dubbisuu kiyyaa
na keessa guutte. Dubbisee xumuree, waan inni itti na ajaju hojirra oolchuuf
fedha guddaanin guutame. Kana caalatti kitaabicha akkan jaaladhu kan na
godhe, Towfiq Muhaadaraa hedduurratti yeroo gorsa mimmii’aawaa kana
godhu Seenaa fi Jechamoota babbareedoo Kitaabicha kana keessaa akka
wabeeffatu hima. Ergasii dhuunfatti yeroon irraa dhaga’u daranuu fedhiin
Kitaabicha dubbisuu qaama kiyya keessa wal gahe.

Kitaabicha yeroon ‘Bismillah’ jedhee PDF isaa banu ‚Enjoy your Life‛ jedha.
Saliim Beg kitaabicha Ingliffaatti Hiikuu fi Nasim Chowdhury Edit akka godhe
odeessa. Dhaabbanni guddaan biyyoolessaa ‚Daarussalaam‛ kan jedhamu
kitaabicha akka maxxanses barreeffamee jira.

Dhaabbinni kun ‚Head Office‛ biyyoota akka Riyaad, Australiyaa, Jiddah,


Kanaadaa, Malaayshiyaa, U.A.E, Fransaa, Baakistaan, Singaapuur, U.S.A,
Sirilankaa, Hindii, U.K South Afrikaa keessaa akka qabus ni hima.

Haaluma Saniin Kitaabicha keessa Seenee dubbisuun jalqabe. Kitaabichi qalbii


nama hawwata, Dubbistu addaan muruu hin jaalattu, Akkasumatti anillee

Jemal Sheikh Bakri Page VI


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

onnee too na booji’e, Gosti kitaabichaa kan walitti dhufeenya namootaa wajjiin
wal qabatu waan ta’eef baay’ee natti tole.

Bu’aa ba’ii markaba jireenya keenyaa keessatti adda durummaan rakkoo nu


qunnamtuuf Fakkeenya akka Ergamaa Rabbii godhannuuf Seenaa Nabiyyii
(saw) fi Sahaabotaa bu’ura godhatee kitaaba barreeffameedha.

Jireenyi Ergamaa Rabbii guutumaa guututti fakkeenya keenya, hidhannoo


Keenya kan tarkaanfii tarkaanfiidhaan hordofnuudha. Kitaabicha kitaabban
Saaykoloojii irratti barreeffaman hunda irraa wanti adda isa godhu, Kitaabichi
Dhimma waliin jireenya hawaasummaa Tooftaa Ergamaan Rabbii (Sallallaahu
aleyhi Wasallam) itti jiraataniin Wal qabsiisee fakkeenya namaaf gochuudha.

Hojiileen Kitaabicha kanaa Siiraa, Seenaa Islaamaatii fi Muuxannoo abbaan


kitaabichaa Qabuun kan guutameedha. Kitaaba kana Dubbisuunii fi Waan
dubbifne hojiirra oolchuun, Jireenyi keenya kan haalaan gammachuun guutame
akka ta’u abdiin qaba.

Akkumaan olitti isiniif ibsetti, Kitaabichi guyyaa na bira gahu irraa jalqabee
osumaan jaaladhuutin dubbisaa ture. Ingliffaan Soft Kooppiin dubbisee yeroon
fixu, Afaan Arabaa kan inni ittiin barreeffameen argachuun qaba jedheetin Hard
kooppiin barbaadutti seene.

Xumurarratti Haramaayaa osoon jiruu maktabaa Sheekh Muhamad Jibriil tan


jedhamtuu argadhee bitadhe. Kitaabichi harka barreessaatiin kan barreeffame
Originala ‫ " إستمتع بحياتك‬bareedinni isaa daranuu natti sharafe. Kanas
dubbiseetin xumure.

Kitaabicha irra deddeebiidhaan dubbisuu kiyyarraa kan ka’e Ergaan isaa akkaan
naaf hubatame, Miira kitaabicha afaan Oromootti jijjiiruun qaba jedhu na
keessatti uumame. Murtee gama afaan oromotti jijjiiruu kiyyaa kanin
murteeffadhe, Magaala guddoo Oromiyaa finfinneetti ture. Kitaabicha Afaan
Amaaraatiin Hadiyyaa Muhammad kan hiikte, ‚ህይወትህን ተደሰትበት‛ kan jedhu
maktabaa Towbaatii bitadhee yeroon galuudha.

Jemal Sheikh Bakri Page VII


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yeroo San turtii muraasan Finfinnee ture, Mana Jafer Towfqin ture. Nan
yaadadha Jaafarittillee kitaabicha akkaanin faarsaa ture. San booda ergan Afaan
Ingiliffaa, Arabifffaa, Amaariffaatin dubbisee Afaanota kanniin tarree Afaan
Oromoo galchuun qaba jedheetin muradhe.

Qabxii dagatamuu hin qabne kanin isin yaadachiisuu barbaadu, Ani kitaabicha
irra deddeebii fi afaanota adda addaatiin gaafan dubbisu, qajeelfamoota
kitaabichaa jireenya kiyya keessa fideetin hojirra oolchaa ture. Kitaabichi
Kitaaba Dubbisa qofaatii miti, kitaaba Yaalii fi Shaakalaati.

Kunoo fedha Rabbii ol te’eetiin kitaabichi Afaan Oromotti hiikamee jira.


Kitaabichi fuulli isaa waan baay’atuuf Kutaa tokkoffaa fi Kutaa lammaffaatti
qoonnee jirra.

Obboleessa Kee

Jemal Sheikh Bakri


Dilla University, SNNP, Wed, January 5, 2022

Jemal Sheikh Bakri Page VIII


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

 Arraata Dubbistootaa Irraa…!


Obboleessa Keenya jaalatamaa, kan Tv Nuural Hudaa irratti yeroo dheertuuf
Sagantaa adda addaatiin hawaasa isaa tajaajilaa ture, Keessattuu Sagantaa Dr
Zakir Naik Afaan Oromootti kan sagaleessuu ture. Hizaam Ibraahimiin kan
beekkamu dhalataa haramaayaa jiraataa Kanaadaa kan ta’e Mehad Dawidee
Kitaabicha Maxxansuun Duratti dubbisee ture. Eegasii akkana jechuun naaf
bareeesse.

‚Wallaahin Sin je’a, Kitaabban Afaan Oromootiin barreeffaman keessaa yeroo


duraatiif haalaan kan na hawwat, ka hogguu dubbisuu eegalte addaan dhaabuu
hin feene, kitaaba ati barreeysite kanaan arge. Rabbiin ifaajee tee dacha dachaan
siif haa deebisu. Baarakallaahu fiika!‛

Mehad Dawide (Hizaam Ibraahim)


12/18/21 Canada Edmonton, Alberta.

Ustaaz Khadiir Mohammed Nama akkaan diin jaalatu. Biyya Saudi Arabiyaatti
akkaan Ulamaa’ii teenyatti dhihaatee khaddamu keessaa tokko. Ustaazni Sheekh
Muhammad Al Ariifiidhaanis walitti dhiheenya qaba. Waa’ee Kitaaba kanaatis
Sheekh Muhammad Al Ariifitti isaatu himee ture. Kitaabicha erga dubbisee
boodaan sagalee akkana jettu waraabee naaf erge.

‚Kitaabni kee haftee takka hin qabu, akka ajaa’ibaatti tolchitee, bareechitee,
barreessite. Ani bifa waraqaattin kooppii godhadheetin dubbise. Hedduun
jaaladhe. Rabbiin sirraa haa jaalatu, waan itti laffaate kanallee bu’aa isaa
addunyaa aakhiratti Rabbiin siif haa kannu.

Ustaaz Khadir Mohammed


(Saudi Arabiyaa, Riyaad)

Ustaaza Keenya kabajamaa, Barreessaa Beekkamaa Kitaabawwan Hedduu Kan


Aqiidaarraa jalqabee Hanga Seenaa Nabiyyiitti kan barreesse, dhalataa
Baddeessaa Jiraataa Kanaadaa, Edmanton kan ta’e Ustaaz Jafar Beyan Ahmad
Kitaabichi Maxxanfamuun duratti dubbisee ture. Erga dubbiseen booda waa’ee
kitaaba akkana jedhe.

Jemal Sheikh Bakri Page IX


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

‚Akhii Kitaabni akki itti hiikame, hedduu haala nama hawwatuu fi nama
dubbisiisuuni. Filannoon ‘font’ fi ‘layout’ kitaabichaa hundi dansaadha. Kitaabni
bareedaadha! Hojiin kee hojii ol aanaadha. Rabbiin Sirraa haa Jaalatu.

Kitaabni kuni nama dubbisu hunda ilaalcha isaan gammachuuf qaban ni


jijjiirsisa. Maddi gammachuu maal akka ta’e ni agarsiisa. Ilmaan namaa wajjiin
jireenya gaarii fi qunnamtii bareedaa qabaachuun sababaalee milkaa’inaa
keessaa tokko ta’uun isaa beekkamaadha. Kitaabni akkamitti ilmaan namaa
dubbifna? Dhaggeeffanna? gargaarra? Akkasumatti maaliif hojiilee akkasii
hojjanna gaafii jettuuf deebisaa gahaa kenna.

Namni Kitaaba kana dubbisee itti hojjate, Dura ofiif gammadaa ta’a, Eegasii
namoota naannoo isaa jiranii fi Isaan wal qunnamaniif sababa gammachuu
ta’uu danda’a je’eetin yaada‛

Ustaaz Jafar Bayan Ahmed


(Canada, Edmonton)

Adem dhalate nama kennaa barreessuu akkan qabu, Fuula facebook isaa irratti
barreeffamoota dhedheeraa barreessuun kan beekkamu Akkasuma Yuniversitii
Oda Bultumitti barsiisaa kan tureedha. Eega kitaaba dubbisee akkana jedhe.

‚Dura dursoo maqaa Rabbiitiin jalqabna. Kitaabni kan ajaa’ibaati. Kitaabni


akkanaa Afaan Oromootiin osoo jiraatee jennee hawwaa turre. Guutumaan
guututti ‘You’ve done error free job.’ Hojii dogongora hin qabne hojjatte.
Hedduun si dinqisiifadhe. Rabbiin warra dubbisee itti fayyadame, itti hojjatee,
itti milkaawu nu haa godhu.

Adem itti fufuudhaan waa’ee kitaabichaa akkana jedhee ibse. ‚Kitaabni


‘JIREENYA KEETITTI GAMMADI’ ju’u kun kitaaba akkaan barbaachisummaa
guddoo qabu kan ganda lamaanii, Duniyaa fi Aakhiraa, karaa fi tooftaalee
jireenyuma keetitti gammaddu kan si barsiisu, jireenya kee akka jaalattuu fi
addunyaa irratti gammachuun jiraattee, ganda boodaattis gammachuun akka
qananiitu kan si qajeelchuudha. Akkasumatti nama abdii kutate abdii itti horee,
akka nama haarawatti dhalateetti jireenya haarawa kan jalqabsiisuudha.
Kitaaba namni dubbise hundi irraa fayyadamu. Kan ammoo irra caalatti Warra

Jemal Sheikh Bakri Page X


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

ganda lachuu jireenya gammachuu jiraachuu barbaadu qajeellotti fayyaduudha.


Kitaabni kitaaba addaati.

Itti aansuun kitaabni kun qabiyyeedhaan qindeeffamaan,mata dureenii fi


akkaataan inni itti barreeyfame daran kan nama hawwatuu fi kan akkuma
jalqabdetti osoo addaan hin dhaabne akka dubbiftu si godhu, Kitaaba kitaabaa
oliiti. Kitaabni kun dubbiftoota kitaabaatiif qofa osoo hin ta’in irra caalatti
barreeysitoota kitaabaa kan fayyadu teheeti natti mul’ata. Keessattuu
dargaggoof shamarran keenya hedduu fayyada je’eetin amana.

Dhuma irratti kitaabni kun namni hayyummaa, beekkumsa, barnootaa fi


dandeettiin qaba ju’u kamiyyuu hanga Rabbitti hin amaninitti, hanga jalqaba
beekumsa dhugaa ‘Rabbiin tokko, Muhammad Ergamaa isaati ’ je’ee amanee
itti hin dalaginitti beekumsaan qaba jechaa ooluus inni wallaalaa akka
te’e Barreeysaa beekkamaa Deel Kaarniigee fakkeenya godhuun kan namaaf
ibsu ta’uun isaa kitaaba addaa isa taasisa.

Rabbiin Abbaa Kitaaba kana barreeysee fi kan Hiikes galata isaanii Jannata haa
godhu. Nutiis warra qaamaa qalbiin dubbisee irraa fayyadamu nu haa taasisu.

Aadam Abdallaa Aadam (Adem Dhalate)


Ammajjii 23,2022. Finfinnee

Towfiq Digrii jalqabaa Yuniversitii Wachaamotti kan fudhate yoo ta’u, Gosti
barnootaa inni eebbifameen Geology iidha, dabalataan nama dandeettii Aartii
hedduu qabuudha. Walaloos baay’ee barreessuu danda’a. Erga kitaaba kana
dubbiseen booda akkana jedhe. ‚Kitaabni JIREENYA KEETITTI GAMMADI jedhu
Anaaf Kitaaban dubbisee, jijjiirama Akhlaaqa bareedaa, akka Rasuulli
(Sallallaahu aleyhi wasallam) tahaa je’ee itti nu ajajetti irraa argadheedha.
Kitaabni kun yoo seeraan dubbifame, hojitti yoo jijjiirame Kitaaba hundee
jijjiiramaa haala jireenya dhunfaa bira dabree hawaasaati.

Namni Kitaaba kana dubbise fedha Rabbiitiin bu’aalee armaan gadii irraa ni
argata jedheetin amana. Amala gaarummaa fi ilaalcha bilchaataa hundaa wajjiin
waliif galuu nama dandeessisu nama horachiisa. Jireenya hawaasummaa gaarii,
namootaa wajjiin walii galtee gaarii, jirreenya keenya keessatti akka qabaannu

Jemal Sheikh Bakri Page XI


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

nu godha. Namni Kitaaba kana dubbise jalqaba irratti Jijjiirama gaarii amala ofii
irratti mil’ata, lammaffaarratti Abshaalummaa fi tooftaa jaalala namaa ittiin
horatan barata. Walumaa galatti bu’aan Kitaaba kanaa Milkii Jireenya Duniyaa fi
Aakhiraati.‛

Towfiq Ahmed Abdullah


(Harargee Lixaa, Waaccuu)

Jemal Sheikh Bakri Page XII


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Galata

Duraan dursee Rabbii kiyya mootii dachii samii, Jiraachisaa kiyya, too’ataa amrii
duniyaa fi aakhiraa, Qananiisaa Uumama isaa kan ta’e Mootii moototaa. Kanin
Hojjadhuu, Hojjachuu baadhuu Isa galatoomfachuu hin lakkifne, dhiisisaa fi
bariisisaa kiyya kanin godhii inni naaf godhe lakkaawaa yoonin oole xumuruu
hin dandeenye Irra deddeebiidhaan Galatoomfachuun barbaada.

Ngayaa fi Rahmanni Rabbii Nabiyyii qajeelloo ilmaan namaatiif ergame irratti


haa jiraatu. Eega Waan Dubbanneetii…!

Asumaanuu Qananiisaan Ilmaan namaa, nama kitaaba kana dubbise cufa


Qananii jiruu duniyaa fi aakhiraatiin akka isaan gammachiisun kadhadha.

Itti aansuun maatii koo, Haadhaa fi Abbaa kiyyarraa jalqabee Haalaanin isaan
galatoomfadha. Keessattuu obboleewwan lameen qaqqacaleewwan kiyya
Falmataa Miftaa fi Firaa’ol Miftaa, Akkasuma Hubattuu teenya Qarayyoo teenya
Nasiimaa Mohammad haa naaf galatoomtu.

Hiriyoota koo hunda isaanii kan biyya ambaa fi kan biyya keessa jiran Yaadaa fi
qabeenyaan kitaabni kun akka isin dhaqqabuuf kan ta’abaa turan, Onneerraan
isaan galatoomfadha. Keessattuu Jiila Kiyya kan Dillaa Yuniversitii keessatti
Wajjiin dhukkaawaa turre (My Team): Adinan Suufii, Jafer Abdul Qaadir,
Hasliin (Hassan) Ahmed, Iftiinaa Khadir, Amiin Hassan, Heeraan Khadiir Fi
Kanneen maqaa isaanii hin dhawin hunda Onnerraan galatoomfadha.

Dhuunfatti Obboleessa kiyya kabajamaa, jaalatamaa Ustaz Khadir Mohammad,


Dhalataa Magaalaa Dadar, Jiraataa Saud Arabiyaa, Riyaad kan ta’e, Maktabaa
Sheekh, Dr Muhammad Al Ariifii keessa kan hojjatu, Nama dhugaan quuqama
nama waan diin hojjatuuf qabu, Jabaa kiyya, Hamilee guddaa naaf ta’uun
kitaaba kana Yaadarraa jalqabee gama maallaqaatiin akka kitaaba maxxansinuuf
shoora guddaa kan taphate Waanin jedhee galatoomfadhuun dhabe. Hundaafuu
Jaala kiyya Galatoomi! Siin jaaladha.

Jemal Sheikh Bakri Page XIII


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Walumaa galatti Kitaaba kana Ergan barreessee raawwadhee Ustaaz Khadiir


Mohammed, Ustaaz Shaafii Abdallaa jiraataa Minisoottaatti waa’ee kitaabichaa
hime. Ustaaz Shaafiin Qarayyoo namaati, hubataadha. Asiif achi jechuun maletti
kitaabicha guutuun guututti Spoonsara nuuf te’e. sababaa Ustaaz Shaafiitiin
kitaabichi maxxanfame. Duniyaa fi Aakhiratti Rabbiin akka isa milkeessun
kadhadha. Rabbiin Jannatal firdowsii akka isa badhaasun du’aa’ii godhaaf.
Isinilleen du’aa’ii godhaaf.

Xumura Irratti Obboleewwan kiyya kanin kitaabicha Osoon hin maxxansin dura
itti ergee akka irra deebi’anii dubbisanii yaada isaanii naaf kennan gaafadhe
hunda isaanii osoon Hin galatoomfanne dabruu hin barbaadu.

Sponsered by Ustaz Shaafii Abdellah!

Jemal Sheikh Bakri Seid

Jemal Sheikh Bakri Page XIV


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Dr Muhammad al-Ariifiin Eenyu?


Dr Muhammad Al Ariifiin Dhalootaan nama Saudi Arabiyaati. Gosa Araboota
keessatti haalaan beekamtuu, tan Banu Khalid (Banuu Makhzuum) jedhamuun
beekkamturraahi. Gosti tun Gosa Gooticha, qabsaawaa fi Seeyfii Rabbii Kan ta’e
Sahaabticha beekkamaa Khaalid Ibnu Waliid (Ra) jedhamu irraa deemti.

Ariifiin Akka Lakkoofsa Awrooppaatti bara 1970 tti dhalate. University Saudi
Arabiyaa irraa kan Eebbifamu yoo ta’u, PhD isaatillee achumatti barate. Mata
dureen Reaserch Thesis isaadhaa ‚‫ ‛موقف إبن تيمية من الصوفية‬jedhamu irratti
hojjate.

Dhaabbatoota Islaamaa biyyooleessaa adda addaa keessattillee gahee gurguddaa


nama qabaachaa tureedha. Miseensa Dhaabbata Da’awaa Idil Addunyaa
Keessallee Nama tokko ture.

Saudi Arabiyaa Keessatti Masjiidota adda addaatti guyyaa jum’aa Khuxbaa


godhuunis ni beekkamu. Masjiida Guddaa kibba Riyaaditti argamu al-Bawardi
jedhamuun kan beekkamutti baay’inaan Khuxbaa godha.

Abdul Malik Mujahid Kitaaba Afaan Ingliffaatiin hiikame san keessatti akka
dubbatetti, guyyaa Jum’aa hunda namoonni baay’inaan waan Sheekha
Hordofaniif jecha Iddoon makiinaa dhaabanuu hin argamtu.

Guyyaa tokko akka carraa te’ee Carraa Masjiidha al – Ariifiin Jum’aa Khuxbaa
itti godhutti salaatuuf carraa argateeti, Ganamaan dhaqullee konkolaataa isaa
masjiidarraa fagoo dhaabuuf dirqame. Bakki konkolaataa biraatiin qabmtee
waan guutteef jecha, Masjiida yeroon namni guuta waan ta’eef iddoo
argachuunuu ulfaataa jechuu isaati.

Dr Muhammad al Ariifiin nama baay’ee carra qabeessa, Keessattuu Sheekh


‘Abdal Aziz bin Baz jalatti waggaa kudha shanii hanga kudha jahaa nama
barachuuf carroomeedha. Keessattuu Tafsiiraa fi Fiqhii ibn Baaz irratti barate.
Dr. Abdullah al-Jibrin irratti waggaa Saddeetiif Toowhiida baratee ture. Sheekh
Abdullah bin Qu’ud, Sheekh Abd al-Rahmaan bin Nasir al-Barrak fi Sheekkota

Jemal Sheikh Bakri Page XV


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

biraadhaa hedduu irraa ilmii kan walitti qabateedha. Aalimman Madiinaa


irraallee Fiqhii baratee jira.

Ariifiin Nama Qur’aanallee haffazeedha. Sagalee isaa bareedduu saniin yeroo


inni qara’u qalbii nama booji’a. Qaraatiin isaa tan sagalee Applicationaanis
Google Play irra ni jirti.

Kitaabban isaa kan Digdama caalan afaan Arabaatiin maxxanafamanii jiran.


Kitaabban kanniin Kooppiilee miliyoonatti dhihaatuun addunyaaf Raabsamanii
jiran. Kitaabban isaa waan nama jaalachiisaniif jecha kitaaba hawaasni haalaan
barbaaduudha.

Kitaabban isaa bittattillee gatii rakishaani kan magaalarra oolan. Sababni


kitaabni isaa jaalataamaa waan ta’eef namoonni hedduun Bilisaan Sponser
godhanii addunyaaf raabsu.

Liistii Kitaabban Dr Muhammad al-Ariifii keessaa muraasni, akka armaan


gadiiti: Kitaaba bareedaa towhiida irratti barreeffame "‫ "إركب معنا‬kan jedhu
Kooppii 400,000 n kan maxxanfameedha.

Kitaaban Da’awa gama Rabbii irratti barreeffaman kan "‫ "هل تبحث عن الوظيفه‬jedhu
kooppii 150,000 kan maxxanfameedha.

 "‫ "إنها ملكه‬kooppii 150,000


 "‫ "في بطن حوت‬kooppii 150,000
 Waa’ee Ibaadaa irratti "‫ "إال ليعبدون‬kitaaba kooppii 100,000 kan
maxxanfame.
 "‫ "صرخة في مطعم الجامعه‬kuni mata duree Hijaabaa irratti hojjatame
kan kooppii 150,000
 "‫ "رحل إلى السماء‬kooppii 150,000 ol maxxanfamee kan
gurgurameedha.
 "‫ "عاشق في غرفت العمليات‬Kooppii 70,000 maxxanfame.
 Paamfileeta "‫ "اذكار المسلم اليوميه‬kooppiin isaa miliyoona 20 waggaa
sadi qofa keessatti kan maxxanfameedha.
 Akkasuma Hojiileen Dr Muhammad al-ariifii tan Da’awaa interneeta
gubbaa bilisaan argaman.

Jemal Sheikh Bakri Page XVI


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Seensa
.‫ وبعد‬،‫ والصالة والسالم على من ال نبي بعده‬،‫الحمد هلل‬

Umrii tiyyaarraa Anaa waggaa kudha Jaha jiru Kitaabni

‚ ‛ Kan Deel Kaarniigeetiin barreeffame Harka kiyya


Seene. Kitaabichi kitaaba bareedaa Yeroo hedduu an irra
deddeebiidhaan dubbise ture.

Abbaan Kitaabichaa Yoo xiqqaate ji’atti Yeroo tokko akka dubbifamuu


qabu Ulaagaa kaa’ee ture. Anis akkuma inni jedhettin dubbise.

Qajeelfamootan isarraa argadhe hunda Walitti dhufeenyan namootaa


wajjiin godhu keessatti hojirra oolchuudhaan Bu’aa gaariin argadhe.

Kaarniigeen yeroo qajeelfamoota barreesse mara Seenaalee qajeelfama


saniin walitti hidhata qabdu namoota bebbeekkamoo ta’an fakkeenya
godha. Fakkeenyaaf: Roosevelt.. Linclon.. Josef.. Maayik fi kkf.

San booda Nin Xiinxale, Kaarniigeen Wanti Kitaabicha Maxxanseef


Milkaa’ina jireenya Duniyaa goonfachuuf qofa ta’uun hubadhe.

Maal qaba Osoo Islaamummaa Fi Naamusa ishii beekee Milkii biyya


lamaanii goonfatee jedheetin yaade.

Maal qaba Osoo oogummaa Naamusa gaarii kana Ibaadaa gabrichi


gara Rabbii isaa ittiin dhihaatu godhatee Jechuunin hawweef.

Eegasii gara Rabbii ittiin dhihaachuu dhiisii kaarnigeen nama Ifumaan


Lubbuu ifii galaafate ta’uu yeroon bira gahu, Kitaabni inni barreesse
faayida qabeessa ta’ullee Isa mataa isaa fayyaduu dhabuun hubadhe.

Eegasii anis Seenaa teenyan Qorachuuttin Seene. Seenaa Nabii


Keenyaa (Sallallaahu Aleyhi Wasallam), Sahaabota isaaniitii fi Argaa
dhageettii seenaa Beekkamtoota Ummata Keenyaa akkaan faayida
qabeessa ta’uun arge.

Jemal Sheikh Bakri Page XVII


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yeroo Sanirraa kaaseeti Kitaaba ‚Oogummaa akkaataa Namaa wajjiin


ittiin waliif galan‛ irratti xiyyeeffate kanan barreessuu
jalqabe.

Kitaabni harka kee keessa jiru kun Waanuma ji’a tokkotti yookaa
waggaa tokkotti barreeffame sitti hin fakkatin. Kitaaba ifaajjii Qu’anna
Waggaa digdamaa boodaan qophaa’eedha.

Fedha Rabbii ol ta’eetiin Nama kitaaba garaagaraa digdamatti dhihaatu


barreesse ta’ullee, akkasuma kooppiiwwan Kitaabban kanniinii
Miliyoona bira kan dabran ta’ullee Kitaabnin an akkaan jaaladhuu fi na
biratti fudhatama guddaa qabu akkasuma onnee tiyyatti akkan
dhiheenya qabu, kan hojii tiyya keessaa bu’aa guddaa buuse kitaaba
kana.

Kitaabicha dibeetnin jechoota isaa ittiin barreesse dhiiga kiyya, Hurka


kiyyan itti buuse akkasumaas Sammuu tiyya keessaan cophse.

Jechoota kana Onnerraan barreesse waan te’eef onnee dubbistootaa ni


booji’a jechuun abdii qaba. Akkaan onnerraa barreesse Rabbiinin
kakadha. kanaafuu Akka qubsumti kitaabicha kanaa Onnee teetirra
taatus nan hawwa.

Osoo dubbisaan yookaa dubbistuun kitaaba kanaa waan isa keessatti


barreeffame qajeellotti qabatee, Hojirra oolchee, Ifiifis itti dalagee
namaafis dhaamee, akka jireenya gammachuu jalqabuu fi Qananiin
akka jireenya isaa keessatti dabalamuuf baay’ee na gammachiisa ture.

Eega Kitaabicha hojirra oolchee Jireenya isaa keessatti gammachuun


dabalamteefi booda ammoo Osoo Ergaa gabaabduu SMS tan Galata
Ibsituu fi Waan isatti dhaga’ame Harka isaa Qulqulluu saniin naaf
barreessee anis hedduun isa galatoomfadha, Isa duubaallee Du’aa’iin
godhaaf.

Jemal Sheikh Bakri Page XVIII


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

. ‫صةً ل َِوجْ ِه هللا ْالك َِر ِي ْم‬


َ ‫ وا َ ْن يَجْ َع ْل خا ِل‬... ‫اسأل هللا ان ينفع بهاذ الورقات‬

‫َكت َ َبهُ ْالدّاعِي لَكَ ِبلخَير‬

‫ دمحم به عبد الرحمان العريفي‬.‫د‬

٩٩٠٠٠٤٠٦٦٩٩٠٠ : ‫ فاكس‬٩٩٠٠٠٦٩٦٥٦٦٤٦٩ :‫هاتف‬


٧٧١١١ ‫الرياض‬ ٧١٧١٥١.‫ب‬.‫ص‬

Jalqaba...

Kaayyoon keenya akka ati Kitaabicha kana dubbistu qofa


osoo hin taane, akka ati kitaabicha irraa fayyadamtuudha.

Jemal Sheikh Bakri Page XIX


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hin Fayyadan
Gaaf tokko Mobaayila kiyya keessatti barreeffama naaf ergame
tokkon arge. Barreeffamichi barreeffama gaafiiti. „‟Yaa Sheekha
Jaalatamaa‟‟ Murtiin Nama of ajjeese irratti jirtu maali? Jedha
gaafiin. Gaaficha dargaggeessa tokkootu erge. Aniis
bilbileetiifin „‟dhiifama‟‟ gaafiI kee hin hubanneetii irra naaf
deebi‟in jedheen.

Innis “Gaafiin ifaadha.” Murtiin (adabni) nama of ajjeesee


maali? Naan jedhe sagalee laaftuudhaaan. Deebii inni hin
yaadin kenneefi isa rifachiisuu fedheetin “Of ajjeesuun ni
danda‟ama” jedheen. “Maal!?” jedheeti iyyuutti seene. Garuu
akka Seeraan raawwattuuf jecha maaliif waliin hin mari‟annen
jedheen.

Deebii naaf hin kennine. “Maaliif of ajjeesuu barbaadden?”


jedheen. Innis “Hojii argachuu hin dandeenye. Namoonni na
hin jaalatan. Dhugumatti namaa wajjiin walitti dhihaachuu
irratti rakkoon qaba…” jechuun hariiroo isaa tan namaa wajjiin
qabu fooyyessuuf waan hojjate kan hin milkaa‟iniif seenaa isaa
dheertuu natti himuu jalqabe.

Kun rakkoo nama hedduuti. Maaliif hedduun keenya miirri


gad aantummaa nutti dhaga‟ama? Bakka isaan gahan gahuu
danda‟uu yaadaa Warreen fiixee gaaraa gubbaa jiran maaliif
ilaalla.

Namni gaara kooruuf Onneen isaa sodaatte


Achumatti hafa boollatti dhokatee**

Jemal Sheikh Bakri Page 1


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namni gaara koruu sodaate umrii isaa boolluma keessatti


hafa.

Kitaaba kana ykn kan kana hin tahin irraa eenyu akka
fayyadamaa tahuu hin dandeenye beekuu ni barbaaddaa?
Nama dogongora isaatiif harka kennee Waan isatti dhufe
hunda qeebale carra dhabeessa. “Uumama kiyya, Kana jijjiiruu
hin danda‟u, An akkana ta‟uu hundaatu beeka.

An akka khaaliditti haasawa gaarii haasawuu hin danda‟u.


yookii akka Ahmaditti hundaa wajjiin waliif galuu hin danda‟u.
An akka Zeyditti nama hundaan jaalatamuu hin danda‟u. kun
ta‟uu hin danda‟u, sunis ta‟uu hin danda‟u.

Guyyaa tokko Namicha manguddoo tokkoo wajjiin walgahii


takka irratti wal argine. hirmaattonni hedduun warreen
dandeettii fi oogummaa gurguddoo qaban turan.

Manguddichi nama cinaa isaa jiruu wajjiin haasawaa jira.


Namoota umriin deeman kan wal gahii irratti afeeraman ta‟uu
isaaniiti.

Walgahicha irratti haasawa godheetin fatwaa Sheekh


Abdulaziz bin Baz godhan tokko kaaseetin ture. Yeroon
haasawa fixee taa‟u manguddichi mataa ol qabatee “Anaa fi
Sheikh Abdulaziz bin Baz hiriyoota turre.

Waggaa afurtama dura Sheekh Muhammad bin Ibraahim irraa


wajjiin baranne” naan jedhe. Ragaa kana anaaf akka himuu
barbaade waanin hubadheef jecha ittin garagale.

Jemal Sheikh Bakri Page 2


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Jireenya keessan keessatti hiriyaa nama milkaawaa tokkoo


tahuu keessaniif hedduu gammaddan. Akkanaan ofiin jedhe
“Ee Miskiina! Maaliif isinis akka Ibnu Baazitti Milkaawaa tahuu
dadhabdan.

Karaa milkaa‟inaa argattanii turtan maaliif itti fufuu dhabdan?


Halkan Ibnu Baaz du‟u namni Minbararraa, Dhaabbatni cufti,
Gamtaaleen hedduun, Madraka hedduu irraa isaaf Booyanii
turan.

Ummata hedduutu du‟a isaaniitiif gadde. Yoo isin duutan


aadumaa fi firummaaf jecha yoo taate malee namni imimmaan
tokko isiniif buusu hin jiru.”

Hedduun keenya Waa‟ee namoota milkaawanii gaafa


dhageenyu “Abalu wajjiin guddanne.” “Abalu wajjiin
baranne.” “Abalu sirrittin beeka” fkkf hoggaa jedhan ni
dhageenya.

Sadarkaa isaan gahan gahuutu nama boonsa malee isaan


beekuu qofti waan ittiin boonanii miti. Har‟a irraa kaasiitii
jabaadhuu Dandeettii qabdu hundatti fayyadamuuf murataa
ta‟i.

Fuula guurinsa kee Seeqinsatti, dawwakama kee Nashaaxatti,


qorqoda kee arjummatti, Lola kee obsatti, guyyoota rakkoo
keetii gara guyyaa gammachuutti jijjiirradhu.

San booda milkaawaa ni taata. Jiruu tee itti gammadi Sababni


cinqiif yeroo waan hin qabneef jecha itti gammaduu qabda.
Kana akkamitti godhuun danda‟ama? Kanaafin kitaaba kana

Jemal Sheikh Bakri Page 3


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

qopheesse. Hayyama Rabbiitiin hanga xumuraatti naa wajjiin


turi.

Nuu wajjiin turta…


Oogummaa kee guddisuuf Murannoo fi Obsa yoo qabaatte,
Ga‟uumsa keetii fi dandeettii keettitti fayyadamuuf yoo fedhii
qabaatte nuu wajjiin turta.

Maal Barachuuf deemna?


Namoonni wantoota isaan mudatan hundaaf haala adda addaa
mul‟isan. Qabeenya yoo argatan, Hojiin isaaniif yoo dabalame,
Dhukkuba isaanii irraa gaafa fayyan ni gammadan. Gaafa
addunyaan isaaniif seeqxe, gaafa kaayyoon isaaniif galma gehe
ni gammadan.

Akkasumas yoo dhukkubsatan, Kufaatiin yoo isaan mudate,


yoo dhaban ni gaddan. Akkana tahuu erga beeynee akkamitti
gammachuu teenya gadda irraa kan hafuu fi waartuu akka
taatu godhuu akka dandeenyu haa ilaallu. Eeyyen! Addunyaan
Mi‟oytuu fi hadhooytuudha. Kanarratti waliif galla.

Haa tahuu malee rakkoo nu mudate qofa irratti xiyyeeffannee


maaliif guyyoota hedduuf gaddina? Waan takka irratti
gadduuf sa‟aan takka geessuu taatee osoo jirtuu sa‟aa hedduuf
ni gaddamaa? Maaliif? Dhugumatti gaddaa fi cinqiin onnee
teenya hayyamaan malee akka Weeraran ni beekna. Haa tahuu
malee balballi gaddaaf banamte cufti maloota of irraa cufnuun
kumaa ol qabdi. Kanatti aansinee maloota san isiniif ibsina.

Jemal Sheikh Bakri Page 4


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Xiyyeeffannoo keessan akkan gara biraa geessuuf naaf


hayyamaa. Namoota namoota baay‟een jaalataman hammam
arginee beekna? Namoonni hedduun kan arguu fi isaan waliin
taa‟uuf hawwan, Ati hoo akkas ta‟uu hin hawwinee? Namoota
akkasii dinqisiifachuun hoo maaliif baratamaa te‟e? Maaliif of
dinqisiifachuun nutti ulfaate?

Garuu akka isaanii tahuuf hin hawwan. Yeroo hunda amaloota


namoota kanaa dinqisiifatu. ofiif dinqisiifatamoo tahuuf hin
yaalan.

Itti aansinee akkamitti dinqisiifatamaa tahuu akka dandeenyu


haa ilaalluu. Gurbaan adeera keetii yeroo haasawa godhu
maaliif namni marti qalbi takkaan isa dhaggeeffata?

Namni dhandhama haasawa isaatiin maaliif hawwatama?


Yeroo ati haasoytu maaliif fuula isaanii sirraa garagalchan,
maaliif walii wajjii gunguman? Ati beekumsa, dandeettii fi
sadarkaa isaa olii qabaachuu dandeessa.

Duuba hoo inni akkamitti xiyyeefannoo argachuu danda‟e? Ati


maaliif hin dadhabde? Maaliif ijoolleen abbaa tokko tokko
yeroo inni hojii galee mana seenu Utaalanii itti maramanii
bakka inni deemu mara silaa jala deemanii kan hawwaniif
maaliifi?

Abbaa tokko tokko ammoo osoo wajjiin deemna jedhee isaan


kadhateehuu sababa kudhan kan isaa wajjiin deemu isaan
dhoorgu kan tarreessaniif maaliifi? Lameenuu Abbumaa mitii?
Maaliif garaagarummaan uumame? As irratti jireenya kana

Jemal Sheikh Bakri Page 5


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

akkamitti akka itti gammannu baranna. Namoota ofitti harkisuuf


kan si dandeessisan tooftaalee garaagaraa barta.

dhiibbaa gaari isaan irratti mul‟isi. dogongora isaaniitii wajjiin


wal bartee, Namoota amala gaarii hin qabnee wajjiinis waliif
galuu barta. Waan hedduu akka hojjattu hubatta. Kanaaf baga
nagayaan dhufte.

Jechoota…
Milkaa‟inni waan namoonni jaalatan beekuu miti. Oogummaa
jaalala isaanii si goonfachiisan argachuufi sanitti hojjachuudha
malee.

Ogummaan Maaliif Nu barbaachisa?


Gaaf tokko magaalaa baadiyyaa takka da‟awaa godhuufin
dhaqe. Ergaan da‟awaa irraa raawwadhee booda barsiisaan
tokko natti dhufeeti, “Barattoota muraasaaf gargaarsa
maallaqaa akka gootu abdiin sirraa qaba” naan jedhe.

“Manni baruumsaa kan mootummaan gargaaramu waan


te‟eef Barnoonni bilisaan hin kennamuu?” jedheetin gaafadhe.
“Eeyyen! Barnoonni bilisaa ni kennama garuu Baasii isaanii kan
Yuniversitii cufuufi” naan jedhe.

“Baasii Yuniversitiitis ta‟u Mootummumaatu cufaa bar Inumaa


kennaa barattootaaf kennamullee isaanumaatu keennaan”
jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 6


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Akkan si hubachiisuuf Mee naaf hayyami” naan jedhe.


“Hayyeen” jedheen. Barattoonni keenya hedduu ciccimoodha
Barnoota isaanii kan sadarkaa lammaffaa qabxii dhibbeentaa 99
lii gad kan hin taane fidan.

Sammuun isaanii hawaasaaf osoo hiramee ni geessi. Haa ta‟uu


malee barataan tokko yeroo qabxiin dhuftee fi Fayyaa,
Injinarummaa, Seera Islaamaa, Saayinsii Koompitaraa… fkkf
barachuuf gara biyya biraa deemuuf qophaa‟u Abbaan isaa kan
hanga ammaatuu baratte ni gaha jedhee kanaan booda Re‟ee
eegi jedhee Yuniversitii seenuu isa dhoorga.” Naan jedhe.

Naasuun Iyyeetin, “tissitee re‟ee?!” “eeyyen! tissitee re‟ee!”


naan jedhe. Akkasitti gurbaan miskiinni achitti hafee tissitee
re‟ee ta‟a.

Danddeettiin isaa hunduu lafuma bada. Umrii isaa tissitee te‟ee


dabarsa. Waan abbaan isaa isa irratti hojjate innis ilmaan isaa
irratti hojjata. Akkasitti ijoolleen hundi tissitee taatee hafti.
“Duuba furmaanni maali?” jedheetin gaafadhe.

“Furmaanni abbaa riyaala dhibban muraasa nuti kanninuuf


kanaan tissitee mindeeffatee gurbaan isaa dandeettii fi ga‟umsa
isaa guutuu akka itti fayyadamuuf amansiisuudha. Gurbaan
hanga eebbifamutti maallaqaan ni gargaarra.”

Barsiisaan mataa isaa gadi qabeeti “Osuma itti fayyadamuu


dandeenyuu Sammuu isaanii ta akkanaa tana lafa balleessuun
isaanii nama gaddisiisa.” Jedhe.

Jemal Sheikh Bakri Page 7


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Waan inni jedhe kana ergan xiinxalee booddee Sadarkaa ol


aanaa gahuu kan dandeenyu dandeettii qabnu yoo itti
fayyadamnee fi kan hin qabne yoo barbaanne qofa akka tahen
hubadhe.

Mee namoota milkaawoo tahan ilaalaa. Milkaa‟ina isaanii


barnootaan, Da‟awaan, Fayyaan (Medicine), Injinarummaan,
namoota irratti dhiibbaa uumuun ykn jireenya maatii tahuu
danda‟a.

Fakkeenyaaf Abbaa ijoollee isaa irraatti milkaawe, ykn Jaartii


jaarsa ishii irratti milkoofte, ykn jireenya hawaasaa isaanii
keessatti warreen milkaawan fakkeenyaaf ollaa, hiriyoota irratti
warreen milkaawan tahuu danda‟u.

Itti yaaduu itti yaaduu baatuu Ooguummaa namaa wajjiin


waliif galuu (hariiroo gaarii namaa wajjiin qabaachuu) hojii irra
osoo hin oolchine kan milkaawaa tahe tokkollee hin agartu.

Namoonni tokko tokko osoo hin beekin oogummaa kana hojii


irra oolchuu danda‟u. kuuwwan ammoo Milkaawaa ta‟uuf
oogummaalee kana barachuun isaan irra jira.

Ooguummaa kana baratanii kan argatan Namoonni


milkaawoon akkamitti milkaa‟ina goonfachuu akka danda‟an
beekuu fi karaa milkaa‟ina isaanii hordofuu ni dandeenya moo
hin dandeenyu waan jedhu adda baafachuuf jireenya isaanii
qorachuu fi tooftaa isaanii hordofuu qabna.

Yeroo dhihoo ture Sooressi addunyaa tokko dhabbata miidiyaa


tokkoo wajjiin haasawa inni godhe dhaggeeffadheetin ture.

Jemal Sheikh Bakri Page 8


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Sheekh Suleeyman al Raajihii jedhama. Amalaa fi Xiinxala


isaatiinis ka akka gaaraatti guddaa tahuun hubadhe.

Biiliyoonara, Riil Steetota hedduu qaba. Masjiida


dhibbaatamaan lakkaawamu ijaare. Ijoollee yatiimaa
kumaatamaan lakkawamtuus ni gargaara.

Nama haalaan milkaawaati. Waggaa Shantama dura garuu


waan gurshaa halkan takka irraa hafu kan hin qabne ture.

Yeroo takka takka sanumaa hin argatu ture. Mana namaa


qulqulleessee jiraata ture. Galgala galgala ammoo Dukkaanotaa
fi mana hawaalaa hojjachaa ture.

Gaaf tokko akka gaara jala jiruu fi fiixa gaaraa gahuuf hedduu
carraquu akka qabu yoo dubbatun dhagehe. Dandeettii fi
oogummaa namtichi kun qabu ergan yaadee booda hedduun
keenya ga‟uumsa akka isaa akka qabnun hubadhe.

Namni tokko oogummaalee tana yoo barate, waan barate hojii


irra yoo oolchee akkasumatti yoo obsa qabaate (irra turuu
danda‟e) akka namticha kanaa ta‟uu ni danda‟a.

Sababni biraa oogummaalee Kana akka barbaannuuf kan nu


dirqisiisu gariin keenya ga‟umsa keessa keenyatti dhukatan kan
nuti hin beyne Akka baafnuufillee kan namuu nu hin gargaarin
dandeettiiwwan tokko tokko jiraatuu danda‟u.

Fakkeenyaaf dandeettii haasawaa, dandeettii daldalaa,


dandeettii beekumsa walii galaa. Namni tokko oogummaalee
kanniin ofumaafuu argachuu ni danda‟a.

Jemal Sheikh Bakri Page 9


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Takkaawuu barsiisaa irraa, hiriyaa irraa ykn gargaarsa


obboleessa gaariitiin. Yoo hin taane garuu isuma keessatti
awwaalamee hafa.

Kun yoo tahe, nuti hundi hogganaa gaarii tokko, barsiisaa,


hayyuu ykn abbaa manaa milkaawaa ykn abbaa gaarii tokko
dhabne jechuudha.

Kanatti aanee oogummaalee muraasa kaafna. Yoo qabaatte si


yaadachiisna. Yoo hin qabaanne ammo si leenjisna. Nu hordofi.

Hubannaaf…
Yeroo gaara koruuf kaate, Fiixee isaa ilaalladhu malee dhagaa jala isaa
marsan hin bir’atin. Eeessa akka gahuu qabdu qofa yaadadhu, Hin
utaalin, Siin mucucaatuutu malaa.

Of Fooyyeessi
Dargaggeessa waggaa digdamaa tokkoo wajjiin teessee osoo
jirtuu akeeka, Manxiqaa fi yaada mataa isaa qabaachuu isaa
hubatte.

Eegasii isaa waggaa soddoma guute deebitee wajjiin teessee


akkuma waggaa kudhan dura ture irraa humaa osoo hin
fooyya‟in agarte. Haa ta‟uu malee warri biraa jireenya isaanii
akka fooyyessanii jiran hubatte.

Guyyarraa jechuu dandeenya kan of fooyyessan. Diininis ta‟u


duniyaan osoo of hin fooyyessine sa‟aan takka isaan hin
dabartu.

Jemal Sheikh Bakri Page 10


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Of fooyyessuu keessatti namoonni Adda addaa akka jiran


beekuu yoo barbaadde qabxiiwwan armaan gadii xiinxali.
Namoota televiziyoona ilaaluu jaalatantu jira.

Kan Beekumsa walii galaatii fi sammuu isaa guddisuuf akka isa


gargaaraniif Mariilee adda addaa dhaggeeffatuun Muuxannoo
nama biraa irraa qooddatantu jira.

Ogummaa Falmii fi nama amansiisuu irraa baratan, Afaanii fi


hubannoo irraa fooyyeffatan, Karaa biraatiin kan
televiziyoonuma irratti Diraamaa seenaa jaalala hin
milkaawinii daawwatuutu jira.

Filmii nama sodaachisu ykn Addunyaa irra jiraannu tanaa


wajjiin waan hidhata takkallee hin qabne daawwatuun kan isa
hin dabarreetu jira.

Waggaa Shan yookaa Waggaa kudhan booda garaagarummaa


isaan jidduu jirtu ilaali. Kamii isaaniitu waan isa fooyyessuu isa
dandeessisu walitti qabate?

Kami Kan beekkumsa waliigalaa kuufate? Dandeettii nama


biraa amansiisuu kan argate? Haalaataa adda addaa wajjiin
waliif galuu kan danda‟e? Shakkii hin qabu isa duraatu of
fooyyeesse. Inni duraa jijjiirama amalaa fidee jira. Yeroo falmuu
ragaa sirrii wabeeffateeti.

Kan lammaffaa garuu artistoota irraa, sirbitoota irraa ragaa


wabeeffata. Gaaf tokko nama tokkoo wajji haasawnee waanin
dhagehe tokkon isiniif qooda.

Jemal Sheikh Bakri Page 11


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Gaaf tokko namni tokko “Rabbiin Yaa gabricha kiyya carraaqqii


godhi aniis sii wajjiinin carraaqqii godhaa jedha” naan jedhe.

Aayanni Qur‟aanaa tan akkana jettu akka hin jirre hoggaan itti
himu rifateeti use. Boodarra hoggaan qoradhu Diraamaa
musalsala irraa akka argatee fi jechama warra Masrii tahuun
hubadhe.

Eeyyeen! Weelkaan hundi waanuma isa keessa jiru yaasa! Mee


kanuma roga biraatiin ha ilaalluu. Barreeffamoota Gaazexaa
irraa meeqa keenyaatu odeeffannoo faayida qabeessa tehe
dubbisa?

Dandeettii isaanii kan guddisu beekumsa waliif galaa kan


isaaniif dabalu, oduu barbaachiftuu fi ragaalee garaagaraa
dubbisuuf meeqaatu fedhii qaba?

Karaa biraatiin Spoortii fi oduu bashannansiisoo malee kan hin


dubbifne hedduutu jira. Gaazexaan hedduun Spoortii fi oduu
bashannanaa qofa Irratti dabaluudhaan waan biraa irraa
dhiisanii wal dorgomuu irra gahanii jiru.

Yeruma walitti qabamnetti yeroo teenya hedduu kan gubnu


waanuma akka olitti ibsine kanatti. Eegee osoo hin taane yoo
mataa tahuu barbaadde Wantoota faayida qabeessa tahan
hunda hojii irra oolchuuf yaali.

Abdallaan gurbaa Si‟aawaadha, Garuu oogummaatu isa


hanqata. Guyyaa tokko salaata Zuhurii salaatuuf mana isaatii
bahee gara masjiidaa deema.

Jemal Sheikh Bakri Page 12


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Wanni manaa isa baase jaalala salaataaf qabuu fi kabajaa inni


Amantii isaatiif qabuudha. Osoo Iqaamaan hin gahin
dhaqqabachuuf jecha saffisaan tarkaanfata.

Osuma deemuu karaa irratti namticha Tuuttaa hojii Uffatee


Muka Timiraa irratti rarra‟ee hojjatu tokko arge. Abdallaan
ajaa‟ibeeti akkana je‟ee yaade.

Namni ku eenyu? “Kan salaataaf dantaa hin qabne Azaana


dhagayuuf deebii hin kennine, iqaamaa geheefis hin
cinqamne.” lolaanii “ka‟ii bu‟ii salaati” jedhee itti lallabe.

Namtichinis suutuma “hayyee, hayyee” jedheen. Itti deebi‟ee


“Dafii bu‟ii salaati harricha” jedheen. Namtichinis Mufatee
“Harree naan jettee?” jedheetuma damee timiraa cabsatee itti
gad bu‟e. Abdallaan garuu fuula isaa imaamaan dhokfatee
namoota hedduu keessatti jalaa bade.

Namtichinis manatti galee salaata salaatee xiqqo boqatee gara


hojii deebi‟e. Asrii irratti ammaas Abdallaan yeroo gara
masjiidaa deemu namtichi hojjatumatti jira.

Tooftaa jijjiirratee “Assalaamu aleykum Obboleessa kiyya


akkami?” jedheen. Namtichinis “Alhamdulillaah nagaya”
jedheenii deebiseef. “Mee oduu gaarii naaf himi. Dhiheenya
kana oomishni timiraaa akkami?” jedheen. Namtichis
“Alhamdulillah bareedaadha” jedheen.

Abdallaanis “Rabbiin milkii si haa goonfachiisu, jiruu tee jiruu


qajeelloo Rabbi siif haa godhu. Fayyaas siif haa tursiisu, Gatii
laffaatii teetii sin hoongeessin!” jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 13


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namtichinis du‟aa‟ii osoo inni hin yaadin isaaf godhamte irraa


gammaduudhaan “Aamiin, Aamiin” jedhe. Achiin booda,
Hojiin haalaan waan shaaghalamteef azaana waan dhageesse
natti hin fakkatu.

Azaanamee iqaamaanis dhihaattee waan jirtuuf bu‟ii xiqqo


boqadhuutii gara salaataa deemi. Erga salaattee booda gara
hojii keetii deebita.

“Rabbiin Rizqii tee siif haa bal‟isu” jedheen. Namtichinis “In


Shaa Allah, In Shaa Allah” jechaa muka irraa bu‟ee Salaamtaa
hoo‟ituu erga dhiheessee fi booda, “Haalaa fi amala gaarii kee
kanaaf si galatoomfachuun barbaada.

Akka tokko yeroo zuhurii na godhemoo, osoon argee eenyu


harree akka tehe isuman agarsiisa ture.” Jedheen.

Bu’aa…
Akkaataan ati namootatti dhihaattuun akka isaan sitti dhihaatan
tolchuuf yokn balleessuuf murteessaadha.

Aannan Jigeef hin booyin


Namoonni tokko tokko amala irratti guddatanii fi kan
namoonni biraa ittiin isaan beeku jijjiiruun goonkuma hin
danda‟amu jedhanii yaadu.

Akka namni dhaabbii fi bifa isaa jijjiiruu hin dandeenyetti


amala isaanii jijjiiruun ulfaataa jedhanii of amansiisanii jiran.

Jemal Sheikh Bakri Page 14


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Haa ta‟uu malee gamni namaa amala isaa jijjiirrachuun akka


uffata jijjiirrachuun salphatutti salphaadha jedhee yaada.

Amalli keenya akka aannan takka yoo gad naqame hin


deebineetii miti. Inumaa yeroo hunda too‟annoo keenya keessa
jiraachuu beekuu qabna. Tooftaan ittiin fooyyessinus ni jiraa
amanuu qabna.

Ibn Hazm “Xawq al Hamaamah” kitaaba jedhu keessatti seenaa


Daldalticha tokkoo barreessee ture. Daldaltichaa fi hiriyoota
isaa kan wajjiin daldalan afurtu turan.

Jarri afranuu isaa wajjiin wal dorgommii hin barbaachisne wal


dorgomuu jalqabaniiti jarri afranuu daldaticha Waan jibbaniif
maraachuu barbaadan.

Guyyaa tokko ganama isaa Imaamaa Adii uffatee kara hojii


deemaa jiru daldaltoota afran keessaa tokko itti dhufee,
“Imaamaan keelloon kun numa bareeda!” jedheen. Namtichinis
“ijji tee hin agartuu? Imaamaan an uffadhe adiidhaa bar!”
jedheen. “Lakkii, keellummaa keelloodhaa garuu hedduu
bareeda!” jedhee deebiseef. Xiqqo erga deemee booda ammas
daldalaa lammadaatiin walitti dhufan. Erga Salaamtaa waliin
jedhanii booda “Har‟a hedduu sirraa bareeda, Uffata
babbareedaa uffattee jirta keessattuu Imaamaan kee Magariisni
kun” Jedheen.

Namtichinis “Bar Imaamaan kiyya adiidhaa” jedheen.


“Lakkii Magariisaa” jedheen. Namtichis dallanee “Deem achi
nurraa Imaamaan kiyya adiidhaa” jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 15


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namtichi osuma deemaa jiruu imaamaan isaa adii tahuu


mirkaneeffachuuf ammaa amma of irraa fuudhee osuma
ilaaluu Suuqii isaa gehe.

Daldalaan sadaffaatis itti dhufee “Guyyaan har‟aa numa


bareeda! Uffanni kee hedduu sirraa miidhaga. Keessattuu
Imaamaan kee Cuquliisni kun faan Hedduu si bareechee jira”
jedheen.

Namtichinis bifa imaamichaa adda baafachuun qajeellotti


imaamaa ilaaleti “Obboleessoo Imaamaan tiyya adiidha”
jedheen. “Lakkii Cuquliisummaa Cuquliisa garuu waan
hedduu sirraa bareeduuf hin rakkatin” jedheenii deeme.

Namatichinis irra deebi‟ee bifa adda baafachuuf Imaamaa san


ilaalaa “Imaamaan kiyya adiidha” jedhee iyyuu jalqabe. Suuqii
keessa taa‟ee agartuu isaa imaammata irraa ol fuudhuu
dadhabe.

Daldalaan afraffaa itti dhufee erga salaamtaa jedheeni booda


“Imaamaa diimaa kana eessaa argatte? Jedheenii gaafate.
Namtichinis Imaamaan kiyya cuquliisa jedhee Iyye. “Lakkii
dimaadhaa” jedheen.

Namtichinis “lakkii magariisaa, lakkii adiidhaa, lakkii


cuquliisaa, Lakkii gurraachaa!” jechaa Iallabaa ofiin kofluu
jalqabe. Ammaas Koflaa utaaluu jalqabe.

San booda Ibnu Hazm akkana jedhe “Namtichi kun sammuun


isaa wal gad dhiistee (Maraatee) karaa irratti yeroo ijoolleen
dhagaa itti darbattun arge jedhe.

Jemal Sheikh Bakri Page 16


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Jarri Afran kun Oogummaa isaanii fayyadamanii amala qofaa


mitii Sammuu namtichaatuu jijjiiruu danda‟anii jiru. Erga akkas
tehee maaliif namni tokko Waan Rabbitti nama dhiheessuu
danda‟u Kan Wahyiin deeggarame hojii irra oolchuu dadhabe.

Oogummaa gaarii argatte cufaawuu hojii irra oolchi


Gammadaa taata. Hin danda‟u yoo kan naan jettu taate, yoo
xiqqaate yaalin siin jedha. Akka itti hojjatan hin beeku yoo naan
jette. “Beekuun ni danda‟aman” siin jedha.

Nabiin Rabbii (Sallallaahu aleyhi Wasallam) akki jedhan.


“Beekumsi kan argamu barachuudhaani, Waliif rahmatuun kan
argamu Murannooni.”

Ijoo dubbii…

Goota jechuun Oogummaa isaa fooyyeessuuf dandeettii isaatii ol kan


tattaaffatuudha. Kan ofii bira dabree kan namaa foyyessuuf kan
carraaquudha.”

Adda Tahi
Maaliif mariin namoota tokko tokkoo mormitti jijjiiramti, kan
namoota biraa ammoo ajandaa walfaakkaatu irraa osoo tehellee
kan mari‟atan kan jaalalaan raawwatamuuf maaliif? Kun
Muuxannoo marii wajjiin kan wal qabateedha. Yeroo namni
tokko tokko khuxbaa godhu maaliif dhaggeeffattoonni garii
amammoodaa mul‟atan (yawning), kuun ammoo hirriibaatu
isaan qaba, kaan Musallaa tuttuqa, kaanis gamaa gamana ilaala.

Jemal Sheikh Bakri Page 17


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Garuu yeroo namni tokko tokko ajanduma wal fakkaatu


irrattillee osoo tehee khuxbaan isaa Callisaa fi
xiyyeefannoodhaan dhaggeeffatama.

Dhaggeeffattoonni ija isaaniituu osoo asiif achi hin oofne qalbi


takkaan isa dhaggeeffatan. Kun Muuxannoo Haasawa godhuu
gabbifachuu irraa kan ka‟eedha.

Maaliif yeroo namoonni tokko tokko wal gahii irrattti haasawa


godhan dhaggeeffattoonni xiyyeefannoo kennaniifi hordofan,
yeroo namoonni biraa haasawa godhan immoo walii wajjiin
wa‟ee biraadha kan haasawaniif maaliif?

Yookaa moobaayila isaanii bananii text kan dubbisaniif maalifi


sitti fakkata? Kun bu‟aa Muuxannoo Haasawa beekuu irraa kan
argameedha.

Yeroo barsiisaan tokko tokko mana baruumsaa keessa deemu


maalif barattoonni isa marsan? Tokko gaafii gaafata, ka gorsa
irra barbaadus jira, garii ammoo rakkoo isa mudate isaa wajjiin
mari‟ata.

Yoo biiroo ol seenee taa‟e akka seenaniif barattootaaf yoo


hayyame barattoonni kan isa bira guutaniif maaliifi? Sababni
barattoonni isa dubbisuu waan jaalataniifi.

Haa ta‟uu malee Barsiisaa tokko tokko osoo mana baruumsaa


keessa akka fedhetti olii gad deemee barattoonni isatti hin
dhiyaatan. Yeroo hunda kophaa deema, barattoonni rakkoo
isaanii isaa wajjiin hin mari‟atan.

Jemal Sheikh Bakri Page 18


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Osoo bahiinsa biiftuutii jalqabee hanga biiftuun seentutti Biiroo


isaa banee taa‟ee namni isatti ol seenu hin jiru. Maaliif? Kun
bu‟aa muuxannoo yookaa oogummaa hariiroo namaa wajjiin
qabaachuuti.

Namni tokko yeroo wal gahii takka irratti seenu namoonni ni


seeqan. Isa arguuf ni gammadan, Isa cinaa taa‟uu namni hin
barbaanne hin jiru.

Garuu inni biraa hoggaa dhufe salaamtaa qabbanooytuutu


deebifamaaf, Kan ka‟ee isa teessisu yookaa kan isa cinaa taa‟uu
jaalatu tokkollee hin jiru. Maaliif?

Kun bu‟aa Muuxannoo dhiibbaa nama Irratti uumuu fi nama


gammachiisuu qabaachuuti.

Maaliifi yeroo abbaan tokko tokko gara manaa dhufu ijoolleen


isaa gammachuu irraa bakka of keessu kan wallaaltuuf?

Abbaan biiraadhaa gaafa manatti galu garuu ijoolleen isaa


gara galteetuu isa hin mil‟attu. Kun bu‟aa muuxannoo
ijoollee kunuunsuu beekuu qabaachuu irraa kan
argamuudha. Masjiidaa fi iddoo cidhaa fi kkf kanumaan
wal fakkaata.

Namoonni dandeettii namaa wajjiin waliif galuu irratti karaa


adda addaatiin wal dhaban. Fudhatamummaan isaan nama
biratti qabanis hedduu wal dhaba.

Yoo nuti hariiroo namaa wajjiin qabnu bareechuun ejjannoo


gaarii qabaannee fi qabaachuuf of leenjisuu kan barbaannu te‟e

Jemal Sheikh Bakri Page 19


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namoota irratti dhiibbaa uumuu fi jaalala isaanii argachuun


hedduu salphaadha.

Kana hoggaan jedhu raaguu kiyyaa miti. Waanin mataa


kiyyaan yaalee Onnee namootaa argachuun (Jaalala namaa
argachuun) Salphaa akka tahe waanin mirkaneeffadheedha.

Nuti hubannuus hubachuu baannus namoonni akkaataa nuti


isaanitti dhihaannuun kan Harka nuuf kennan haalaataa nuti
isaan simannuun irra dhaabbataniiti.

Masjiida Humna waraanaa (Military force) tokko keessa


waggaa kudha sadiif Imaamummaan tajaajilaatin ture.
Masjiiduma cinaa karra waardiyyaa qabdu takkaatu jira.

Yeroo hunda waardiyyichaan salaamtaa hoo‟ituu osoo hin


jenne dabree hin beekun ture. Guyyaa tokko yeroo muraasaaf
moobaayila kiyya cufeetin ture, Yeroon banadhu Ergaa
gabaabduu (Message) hedduun naaf seenuun arge.

Ergaalee gabaabduu tana dubbisaa waanin tureef


waardiyyichaan salaamtaa osoo hin jedhinin dabre. Yeroon
deebi‟u na dhaabbiseeti “Yaa Sheekha Jaalatamaa! Waanin si
godheetu jiraa moo?” jechuun na gaafate. “Akkamitti waa na
gootan?” jedheen. “Lakkii, yeroo biraa seeqaa fi gammachuun
na bira dabarta. Har‟a garuu hin seeqxus gammachuus hin
qabdu” naan jedhe.

Hedduu akka na jaalatuu fi hedduu akka na kabaju hoggaa na


arge akkamitti akka gammadu fuula keessa na ilaalaa natti
himuu jalqabe.

Jemal Sheikh Bakri Page 20


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Sababa kiyyaas himeetiifin dhiifama gaafadhee biraa kute.


Oogummaa akkanaa hoggaa itti fayyadamne Humna Uumama
keenyaa keessaa tokko tehee hafa.

Baruumsa…
Nama dhiiftee maallaqa hin qabatin.Nama qabachuun maallaqa
qabaachuuf nama gargaara.

Eenyuutu Si biratti akkaan jaalatamaadha?


Yeroo namoota hundaa wajjiin hariiroo gaarii uumtu, san irraa
ka‟ee inni nama akkaan si biratti jaalatamaati jedhee hanga
yaadu yoo goote hariiroo namoota biraadhaa wajjiin godhuu
keessatti jabaa taatee jirta.

Fakkeenyaaf Ummaa tee kabajaa fi haala gaariin itti dhihaatuu


qabda. Akka ishiin namni gurbaan kun akka kiyyatti kabaju
tokkolleen hin jiru jettee yaaddutti.

Yeroo Abbaa kee, Haadha manaa tee qunnamtu, Ilmaan Keetis


yeroo qunnamtu bifuma armaan olii kanaan ta‟uu qaba.
Inumaa namoota yeroo takka qofaaf wal argitanuu Abbaa
dukkaanaa tahuu, Konkolaachisaa tahuu haaluma gaarii olitti
kaafne san agarsiisuu qabda.

Yeroo ati namoonni hundi si biratti jaalatamoo tahuu isaaniif


raggaasiste atis isaan biratti nama akkaan jaalatamaa taata.

Kana irratti Hidhannoon keenya Nabiyyiin (Sallallaahu aleyhi


Wasallam) Seenaa jireenya isaanii yoo dubbifne namoota
hunda haala gaariin kan itti dhihaatan ta‟uu hubanna.

Jemal Sheikh Bakri Page 21


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nama hunda Seeqaa fi Salaamtaa hoo‟ituuni kan dubbisaa


turan. Kana irraa kan ka‟e namoonni hedduun nabiyyiin (Saw)
namoota biraa caalaa na jaalata jedhanii yaaduu turan.
Akkasumatti Nabiyyiin keenya (saw) Namoota biratti
jaalatamoo turan.

Gamnoota Arabaa Afurtu ture. Isaan keessaa Amri bin Aas (Ra)
tokko ture. Sababa Oogummaa, Qaruuxummaa fi beekumsa
isaa irraa kan ka‟e sadarkaa kana qabaachuu kan danda‟eef.
Amri yeroo Islaamummaa fudhatu Hoogganaa orma isaati ture.
Nabiyyiin (Saw) yeroo isa arge cufa salaamtaa hoo‟ituudhaan
isa simata.

Yeroo namootaa wajjiin taa‟utti jirus yoo Amri ol seene haala


gaariin isa simata. Maqaas ka inni jaalatuun isa yaama. Hariiroo
gaarii isaan lamaan jidduu jirtu tana laaleeti Nabiyyiin namoota
hunda caalaa akka isa jaalatu hubate.

Guyyaa tokko kana mirkaneeffachuu barbaadee “Yaa Ergmaa


Rabbii Isin biratti namni akkaan jaalatamaa Eenyu?” jedhee
gaafate. Rasuulli keenyas (Saw) Aishaa Jedhanii deebisaniif.
“Yaa Ergamaa Rabbii Maatii keessan irraa osoo hin taane
namoota biraa irraa jechuu kiyya” jedheen. “Abbaa ishiiti”
jedhaniin.

“Isatti aansee hoo” jedheen. “Umar bin Al Khaxxab” jedhaniin.


“Isatti aansee hoo” jedheen Amri. Nabiyyiin keenya “Abalu
abalu jechuun namoota jalqaba Islaamummaa fudhatan fi
Namoota Islaamummaaf aarsaa guddaa kafalan maqaa

Jemal Sheikh Bakri Page 22


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

dhawuu jalqaban” sadarkaa xumararratti ana dubbatan jedhee


waanin sodaadheef of irraan cal‟ise jedhe Amri.

Mee gadi ilaali akka haalaa fi amala gaariin Nabiyyiin keenya


(saw) Onnee Amrii itti too‟achuu danda‟e. Haa ta‟uu malee
Nabiyyiin Rabbii (saw) Namootaaf akkuma sadarkaa isaanitti
sadarkaa kennaniif.

Yeroo Ergamaan Rabbii (saw) biyyoota heddu banuu jalqabu


(Futuhaata) garaagaraa yeroo banan Islaamummaan haalaan
babl‟achuu jalqabe.

Ergamaan Rabbii Du‟aata hedduu gara gosoota adda addaatti


erguudhaan gara Islaamummaatti isaan yaamuu jalqaban. Yoo
Rakkoo isaan mudate furuuf humna waraanaa erguu turan.

Adiy bin Hatim Al Xayyi‟ii Mootii Ilma mootii ture. Nabiyyiin


gara gosa isaatti yeroo waraana ergu inni gara biyya Sooriyaatti
baqatee kolu galtummaa gaafate.

Waraanni muslimaa injifannoof itti hin ulfaanne. Sababni


Hoogganaa waraanaatis tahee Humni waraanaa kan qindaa‟es
waan hin jirreef jecha ture.

Muslimoonni yeroo hunda Warreen Injifataman ni kabajan


miira isaaniitis ni eeganiif. Kaayyoon waraanichaa rakkoo
Warri Adiy Muslimtoota irraan gahu hambisuuf kan
kaayyeffatameedha.

Muslimoonni Gosa Adiy irraa nama haga tokko fuudhanii gara


madiinaa deebi‟an. Isaan irraa takka obboleettii Adiy turte.

Jemal Sheikh Bakri Page 23


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Adiy akka gara sooriyaa baqate Nabiyyitti himan. Nabiyyiinis


(saw) dinqisiifatee Akkamitti amantii irraa dheessa? Akkamitti
Orma isaa dhiisee dheefa biyyaa baha? Jedhan.

Muslimoonni Adiy barbaadanis argachuu hin dandeenye.


Adiyyiifis jireenyi Sooriyaa (shaam) isatti toluu hin dandeenye.
Gara biyya Arabaatti deebi‟uuf dirqame.

Gara madiinaa dhufee Nabiyyii (saw) Qunnamee isaanii wajjiin


nageenya uumuu yookaa walii galtee wahii irra gahuuf murate.
(Obboleettiitu Sooriyaa dhaqee achii isa fide Warri jedhus ni
jira).

Adiy Seenaa tana hogguu dubbatu akkana jedha. “Araboota


keessaa namni akka kiyyaa Nabiyyii (saw) jibbu hin jiru ture,
Mootii kiristaanaatin ture. Waa‟ee Ergamaa Rabbii yeroon
dhaga‟u Isaan tuffadheetin Ummata kiyyallee dhiisee gara
Roomaa Qeesaritti baqadhe.

Haa ta‟uu malee achi turuun na jibbisiise. Mee gara Namticha


sanii deemeetin dhugaa tahee soba tahee adda baafadha
jedheetin yaade. Dhaquufis nin murteesse.

Yeroon an madiinaa gahu namoonni “Adiy bin Hatim, Adiy


Bin Hatim ilaalaa Waliin jedhan.” Haaluma saniin Nabiyyii
(saw) bira nan dhaqe. Isaanis “Adiy bin Hatimii ati” naan
jedhan “Eeyyeen” jedheen.

Adiy bin Hatim kanaan dura muslimootaa wajjiin wal


waraanaa turullee, Islaamummaa tuffatee dheefa gara biyya

Jemal Sheikh Bakri Page 24


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

biraa baqatullee Nabiyyii (saw) dhufiinsa Isaatiif baay‟ee


gammadanii jiran.

Simaannaa hoo‟aa isaaf taasisan. Harka isaa qabanii gara mana


isaanii deemaniin. Adiy Nabiyyii (saw) wajjiin hoggaa deemu
akka nabiyyiin (saw) waa takkaanuu isa hin caalle yaade.

Muhammad bulchiinsa madiinaa fi naannawa


Madiinaa yoo tahu, Adiyyis Bulchiinsa gaara Xayyi‟ii fi
naannawa ishiiti, Muhammad Hordofaa Amantii Samii
irraa dhuftee Islaamaa yoo ta‟u, Adiyyis Hordofaa Amantii
Samii irraa dhuftee Kiristaanaati.

Muhammad Qur‟aana kan jedhamu kitaaba kabajamaa yoo


qabaates, Adiyyis Wangeela kan jedhamu kitaaba qulqulluu
qaba. Saniifuu garaagarummaan nu lamaan jidduu jirtu
guddina Humna waraanaa qofa jechuudhaan yaade.

Osoo karaa deemaa jiranii Waa sadiitu isaan qunname.


Namtittiiin takka dhuftee “Yaa Ergamaa Rabbii! Gargaarsa
Keessanin barbaada jettee iyyite. Nabiyyiinis gara ishii
deemee rakkoo ishii dhaggeeffachuu jalqabe. Adiyyi kan
Seenaa moototaa fi hoggantootaa hedduu beeku Moototaa
fi Ministeerotaa wajjiin wal dorgomsiisuu jalqabe.

Saniifuu amala akkanaa kan agarsiisan Mootota osoo hin taane


Nabiyyoota tahuu yaade. Haajaa namtittiidhaa erga baasanii
raawwatanii booda Nabiyyiin (saw) gara Adiyyii deebi‟anii
karaa isaanii itti fufan.

Jemal Sheikh Bakri Page 25


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Xiqqo erga deemanii booda namtichi tokko isaanitti dhufee waa


jedheen. Namtichi maal jedheen dhiiroo? Akkana jedhaa? “Yaa
Ergamaa Rabbii! Qabeenya bay‟een qaba. Haga tokko
hiyyeeyyiif kannuun barbaada” ykn “Midhaan hedduun
Oomisheetii maal haa godhu? Osoo jedheenii Adiy
Muslimoonni haalaan sooreyyiidha jedhee yaada ture.

Haa ta‟uu malee gaafiin Namtichaa akkana jetti. “Yaa Ergamaa


Rabbii! Beelaa fi Hiyyummaa na rakkise” Namtichi waan isaa
fi ilmaan isaa beela ittiin dandamatan dhabeeti.

Muslimoonni naannawa isaa jiranis humaa hin qaban. Isa


gargaaruu hin dandeenye. Yeroo namtichi gaafii gaafatu Adiy
ni dhagaha. Ergamaan Rabbii (saw) Namtichaaf deebisaa
kennee karaa isaanii itti fufan.

Adiy waan arge kana of keessa oofuu jalqabe. Inninuu


Hawaasa isaa keessatti kabajamaa ture. Ta‟ullee diina isa
sodaachisu hin qabu ture. Namoonni hedduunis amantaa tana
qabatanii jiran. Maaliif laaafoo fi hiyyeeyyii tahan ree? Mana
Nabiyyii Rabbii (saw) gahanii seenan.

Mana isaanii keessa kursii (teessoo) takka qofaatu jira.


Nabiyyiiin (saw) Adiyyi kabajuudhaan taa‟i jedhaniin. Adiyyis
“Lakkii isin taa‟aa” jedheen. Lakkii taa‟i ati jedhaniinii Adiyyis
teessisan.

Nabiyyiin gufuu Adiyyii fi Islaamummaa jidduu jirtu


caccabsuu jalqaban. Nabaiyyiin (saw) “Adiyyi Islaamawi,
Nagaya baataa.” Jedhaniin.

Jemal Sheikh Bakri Page 26


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Adiyyis “An Amantiin qaba” jedheen. Nabiyyiinis (saw) “Si


caalaan waa‟ee amantii keetii beeka” jedhaniin. “Isin na caalaa
waa‟ee amantii kiyyaa beeytanii!?” jedheen.

“Ati Ar Rokuusiyyaadha mitii?” jedhaniin. Oogummaa


akkanaa kan ittiin nama amansiisan qaban. Nabiyyiin (saw) Ati
kiristaanaa jechuurra Keessa seenanii Amantii san irraa iddoo
inni qabu isaaf eeran.

Nama tokko Awrooppaatti wal agartanii “Maaliif kiristaana hin


taane?” yoo siin jedhe “Ani amantiin qaba” jettaan. “Ati
Muslimaa?” siin jechuurra “Hordofaa Mazhaba Shaafi‟iiti moo
Hanbaliiti?” yoo siin jedhe namni kun waa‟ee Islaamummaa
gadi fageenyaan beeka jechuu hubatta.

Kanuma kan Nabiyyiin godhanis. “Ati Ar Rokuusiyyaa turtee


mitii?” Ee ani Ar Rokuusiidha jedhee deebiseef. “Boojuu ormi
kee argate irraa tokko afraffaa siitu fudhataa mitii? Jedhaniin.
Eeyyee jedheen.

“Amantiin kee garuu kana hin hayyamu” jedheen. Adiyyi


qaanfataa eeyyee jedheen. “Waan akka ati Islaamummaa
fudhachuu si dhoorku nan beeka jedhaniin.

Namicha kana namoonni hordofan dadhabdoota,


Miidhamtootaa fi Araboota tuffatamoo jetteeti. Waa‟ee Hiiraa
(Magaalaa Iraaq keessatti argamtu) Dhageessee? Jedhaniin
“Dhaqee beekuullee baadhu garuu dhageheetin jira.

Rabbiin lubbuun tiyya isaa harka jirtuunin kakadha Rabbiin


diin kana galmaan gaha. Intalli dubaraa takka hajjii godhuuf

Jemal Sheikh Bakri Page 27


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

jecha kophaa ishii osoo humaa hin sodaanne Hiiraa kaatee


Makka dhufuuf teessi.

Akkas jechuun isaanii gaaf tokko diin kun jabaatee Mahrama


malee dubartiin Hiiraa kaatee makkatti imaluuf teessi jechuu
isaaniiti.

Gosootaa fi shanyii adda addaa bira dabartee osoo nama ishii


miidhu yookaa qabeenya ishii kan ishii jalaa saamuuf yaalu
tokkolleen ishii hin qunnamin makka dhayxi jechuu isaaniiti.

Kun kan ta‟uuf humni muslimootaa waan jabaatee jiruuf


Kaafirtoonni muslimoota ni sodaatu. Sababni muslimoonni
maalif tuqamne jedhanii waliin tahanii nurratti duulan ja‟anii
waan sodaataniif.

Adiy dubbii sammuu isaa keessa olii gad oofuu jalqabe. Intalti
dhalaa kophaa ishii Iraaqii kaatee yeroo makka dheyxu jechuun
naannoo baharaa kutaa kaabaa kanaa kaatee lafa ummanni isaa
jiraatu gaara Xayyi‟ii dabartee yeroo makka seentu yaaduu
jalqabe. Shiftoonni nuu fi namoota biraa karaa kanatti
shoorarkeessan eessa deeman? Jedhe.

Qabeenya Kisraa ilma Hurmuz siitu dhaaluuf taa‟a jedhaniin.


Qabeenya ilma Hurmuz moo? Jedheen Adiy. Eeyyee kisraa
ilma Hurmuz. Qabeenya san guutuu karaa Rabbii keessatti
kannuuf teessa.

Yoo Rabbiin Umrii si dheeresse Nama warqii fi qarshii harkatti


qabatee eenyuufin kanna jedhee gaafatu kan hiyyeessa isa irraa
fudhatu dhabu arguuf jirta.

Jemal Sheikh Bakri Page 28


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Qabeenyi akkaan baay‟atee Sooreyyiin nama sadaqaa itti


kennan barbaadanii hiyyeessa irraa fudhatu yeroo dhabantu
dhufa.

Achiin booda Nabiyyiin (Saw) guyyaa qiyaamaa yaadachuun


adiyyi akeekkachiisuu jalqaban. Guyyaa qiyaamaa namni cufti
tokkoon tokkoon turjumaana tokko malee Rabbi qunnama.

Yoo gara mirgaa gara gale jahannam malee hin argu yoo bitatti
gara gales jahannam malee hin argu jedheen. Adiy yaaduu itti
fufe. Isaanis Allahaan tokko tahuu, Muhammad ergamaa isaa
tahuu ragaa bahuu irraa maaltu si dhoorga jedhaniin? Rabbii
isa caalu beeytaa?

Adiyyis “Wanni na dhoorgu hin jiru. Allaaha malee haqaan


gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa isaati jedhe.
Ergamaa Rabbii (saw) fuulli isaanii ife.

Adiy bin Haatim yeroo dheertuu booda akkana jedha. “Intalti


dhalaa takka gaala yaabbattee Allaaha malee nama tokko osoo
hin sodaatin hiraa kaatee Hajjii godhuuf makka yeroo dhuftu
argeetin jira.

Qabeenya qeesar bin hurmuz warri bane keessaa tokko ana.


Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtuunin kakadha Dubbiin
sadaffaa sunis ta‟uuf teessi. Sababni isaatis Ergamaan Rabbii
himanii jiran waan te‟eef (Muslim).

Nabiyyiin (Saw) haala kamiin Adiyyi akka itti qaban yaadi.


Simannaa akkamii akka godhaaniif, Shakkii takka malee Adiy
simannaa isaanii saniif gammadee jira.

Jemal Sheikh Bakri Page 29


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Haalli gaariin isaanii Adiy akka islaamawu akkamitti akka


godhe ilaali. Oogummaa akkanaa kana namoota irratti osoo
hojirra oolchinee Onnee isaanii bifa ajaa‟ibaatiin qabuu
dandeenya.

Barnoota…
Abshaalummaa fi oogummaa namaa wajjiin waliif galuun
kaayyoo keenya galmaan gahuu ni dandeenya.

Oogummatti gammadi.
Oogummaan gammachuu qaamaa nuuf kenna. Gammachuu
aakhiraa qofa osoo hin taane gammachuu addunyaa tanaatillee
dabalatee oogummaa keenya irraa argachuu dandeenya.

Kanaafuu oogummaatti gammadi; akkasumas Manguddoota,


Dargaggoota, Sooressoota, Hiyyeeyyii, Warra sitti dhihoo fi
warra sirraa fagoo irratti oogummaa hojirra oolchi.

Miidhaa isaan sirraan gahan irraa of eeguuf, jaalala isaanii


argachuuf yookaa badii isaanii sirreessuuf si gargaara.

Ali bin Al Jahm Walaleessaa jabaadha. Garuu warra


baadiyyaati. Jireenya gammoojjii malee jireenya magaalaa Irraa
waan beeku hin qabu. Yeroo sanitti khaliifaan Al Mutawakkil
nama jedhamu ture.

Khaliifaan kun yeroo namni isa ziyaaruuf dhaqe kennaa adda


addaa Namaaf kennuun beekkama. Gaaf tokko Ali bin Al Jahm
magaalaa Baghdaad dhaqee Namni khaliifaa bifa walalootiin
faarse kabajaa fi kennaa kaliifaa argata oduun jettu isa geesse.

Jemal Sheikh Bakri Page 30


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Oduun tun isa gammachiistee gara masaraa khaliifaa deeme.


Achumaan Walaleessitoonni walaloo isaaniitiin khaliifaa
faarsanii kennaa khaliifaa fudhatanii yeroo bahan arge.

Al Mutawwakkil Nama gaariidha, akkasumatti nama waan


jedhe irraa of duuba hin deebine ta‟uun beekkama. Aliin
Walaloo isaa keessatti Khaliificha Sareen, re‟ee fi Looniin walitti
fakkeessee faarsuu jalqabe. Haa ta‟uu malee walaleessitoonni
biraa Aduu, Ji‟aa fi gaaratti fakkeessanii faarsaa turan.

Khaliifichi dallanee Eeydonni seeyfii isaanii luqqifatanii morma


Alii irraa darbuuf qophaawanii jiran. Haa ta‟uu malee haalli
Alii fi dhandhamni walaloo isaa akka inni warra gammoojjii
irraa dhufe ta‟uu waan namatti mul‟isuuf kaliifichi dhimma
kana hubannaa keessa galchuun Haala kana Ali irraa jijjiiruuf
murate.

Masaraa khaliifaa keessaa manni tokko akka isaaf kennamu,


tajaajilli addaa akka isaaf taasifamuu fi Wanni barbaachisu
hundi akka isaaf guutamu ajaja dabarse.

Al Jahm qananii tana dhandhamaa walaleessitootaa fi


barreessitoota bebbeekkamoo irraa Muuxannoo garaagaraa
fudhachaa ji‟a torbaaf masaraa khaliifaa keessa ture.

Guyyaa tokkoo khaliifaan Al Jahm yaamsisee mee walaloo waa


xiqqo nu dhageessisi jedheen. Al Jahm jechoota lallaafaa fi
mimmii‟aawaa adda addaa fayyadamuun Mooticha Aduu, Urjii
fi Seeyfii wajjiin wal fakkeessuun Bo‟oo walaloo isaa tarreessuu
jalqabe. Akkamitti khaliifichi haala Ali akka jijjiiruu danda‟e
ilaali.

Jemal Sheikh Bakri Page 31


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yeroo hedduu nuti haala badaa ijoollee teenyaatti akkasuma


hiriyoota keenyaatti dallanna. Haala isaanii jijjiiruuf garuu
yaalii barbaachisu goonee hin beeknu. Kana caalatti Fuula
guurinsa kee seeqinsatti, dallansuu tee obsatti, qorqodummaa
kee Arjummaatti jijjiirtee haala kee fooyyessuu ni dandeessa.

Wantoonni oliitti dubbanne kun hundi ulfaatoo miti. Haa ta‟uu


garuu obsaa fi murannoo nama gaafata. Kanaafuu Murataa ta‟i.

Namni Seenaa Nabii keenyaa (saw) dubbise Namoota


oogummaa kanaan akka qabanii fi Onnee isaanii injifachuu
akka turan hubachuun isatti hin cimu.

Nabiyyiin (saw) Namoota alaa wajjiin qofa haala kana


fayyadamaa hin turre. Yeroo gara mana isaanii galan maatii
isaanii keessatti obsa dallansuun kan jijjiiran hin turre.
Namoota biraatiif seeqanii maatii isaanitti fuula kan guuran hin
turre. Namoota biraatiif arjaa tahanii maatii isaatiif qorqodaa
hin turre.

Yeroo hunda haalaa fi amala wal fakkaataa qabaachuu turan.


Akkuma Du‟aa‟ii fi Leeylii dhaabbachuun Rabbi gabbaranitti
Haala isaanii gaariinillee Rabbi gabbaruu turan.

Seeqinsa isaanii akka sadaqaatti, haala gaarii isaanii akka


ibaadaatti, Dhiifama nama godhuu isaanii akka hojii gaaritti
lakaawwachuu turan.

Namni Haala gaarii akka ibaadaatti lakkaawwatu Lola


keessatti, yeroo nagayaa, Yeroo beelawe, yeroo quufe,
Yeroo dhukkubsatees ta‟u yeroo fayyaa qabu, Gaddi itti

Jemal Sheikh Bakri Page 32


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

jiraatus yookaa gammachuu qabaatus haala gaarii san


hojirra oolchuu itti fufa.

Haati warraa (jaartiin) hedduutu jira tan Abbaan manaa isaanii


alatti haala gaggaarii isaa irraa haasawan, obsa isaa irraa,
arjoommina isaa irraa, tapha isaa irraa kan dubbatan garuu
yeroo manatti galan Haala gaarii tokkollee kan hin calaqqisiisne
hedduutu jira.

Mana keessatti hammeenya, obsa dhaba, fuula guuraa


gungumaa ta‟ee kan argamu Abba Manaa hedduudha.

Yeroo Kara Ergamaa Rabbii (saw) deebinu “Irra caalaan


keessan nama maatii isaatiif gaarii ta‟ee, Ani maatii kiyyaaf
gaariidha” jedhan. (Tirmizii).

Maatii isaanii wajjiin akkamitti akka jiraachaa turan haa


ilaalluu.

Al Aswad bin Yaziid yeroo dubbatu “Aa‟ishaadhaan


haalli Ergamaa Rabbii (saw) mana keessatti akkami?” jedheetin
gaafadhee.

“Maatii isaanii tajaajilu, Yeroon salaataa yoo geesse wuduu‟a


godhatanii bahan” naan jette jedhe.

Namoonni tokko tokko arjoominni isaan nama alaatiif godhan,


qoosaan, gara laafinni irra deddeebi‟amee dhaga‟ama.

Kanneen akka haadhaa fi abbaa, Jaartii fi ilmaan akkasuma


warra itti gaafatamummaan guddoon isa irra jirtu warra

Jemal Sheikh Bakri Page 33


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

akkaan isatti dhihaatu biratti haalli gaariin sun hin mul‟atu.


Yoo jiraates qabbanaawaadha.

Eeyyen! Jidduu keessanitti irra caalaan nama maatii isaatiif


caalaa ta‟eedha.

Haadha, abbaa isaatiif, Haadha manaa isaatiif, Joollee isaatii fi


hojjattoota isaatiif nama gaarii ta‟eetu irra caalaa keessani.

Guyyaa tokko Abuu leeylaan osoo Nabiyyii (saw) cinaa taa‟uu


Ilmi intala isaanii Hasan dhufe. Nabiyyiin (saw) itti maramee ol
fuudhee achumaan gurbaan isaan irratti fincaane.

Abuu Leeylaan yoo dubbatu “Garaa Ergamaa Rabbii irraa


fincaan yoo yaa‟u arginee jirra. Akka nutti hin facaaneef of
boodatti jalaa dheessine. Nabiyyiin (saw) “Ilma kiyya dhiisaa
hin rifachiisinaa” nuun jedhan. Gurbaan yeroo fincaanee fixatu
booda bishaan fichisiisee Garaa isaanii irratti facaasise.
(Ahmad)

Akka Ergamaan Rabbii (saw) haala isaa bifa bareedaa kanaan of


leenjisanii bareeffatan ilaali. Onnee xiqqaa fi guddaa yoo
injifate maaltu nama ajaa‟iba ree?

Yaada...
Dukkana abaaraa oolurra Faanusaa qabsiifachuuf yaali.

Jemal Sheikh Bakri Page 34


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hiyyeeyyii Wajjiin
Yeroo ammaa namoonni hedduun Haala namaa kan madaalan
gita maallaqaatiin ta‟ee jira. Qoosaa sooreyyii qofaatu isaan
kofalchiisa, Dogongora isaanii salphumatti irra dabraniif.
Qoosaan hiyyyeessaa ammoo isaan jibbisiisa, Dogongorri
isaanii guddatee itti mul‟ata.

Ergamaan Rabbii (saw) gara laafinni isaanii sooressaa fi


hiyyeessaafis wal fakkataadha. Anas (Rabbiin irraa haa
jaalatuu) akkana jedha.

“Zaahir bin haram nama jedhamu gurbaa baadiyyaa tokkootu


jira ture. Yeroo haajaaf gara madiinaa dhufu irraa waan akka
saqaxii dhadhaa takka akka kennaatti Nabiyyiif (saw) qabee
dhufa. Nabiyyiinis (saw) Timiraa fi waan isa fakkaatu
qopheessee isa eegaan.

Nabiyyiin (saw) Zaahir haalaan jaalachuu waan turaniif


“Zaahir warra baddaa keenyaa nuti ammoo warra magaalaa
kan isaati.” Jechuu turan.

Zaahir nama bifa bareeduu miti. Guyyaa tokko yeroo dhufu


Nabiiyyii (saw) manaa hin arganne. Waan gurguru kan
garaagaraa fidee waan dhufeef kara magaalaa deeme.

Nabiyyiin dhufaatii Zaahir waan dhagahaniif isa barbaada gara


magaalaa deeman. Danfi fuula isaa irraa osoo dhimmisuu isaa
meeshaa isaa gurguraa jiru argan.

Jemal Sheikh Bakri Page 35


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Foolee gaarii qabaachuu dhabuu wajjiin uffata warra baadiyyaa


uffatee jira zaahir. Duuba isaatii dhufanii itti maramanii ija isaa
qaban.

Zaahir eenyu akka tahan isaan hin beeyne. Sodaatee “Eenyu


ati, gad na lakkisi” jechuunii jalqabe. Nabiyyii (saw) cal jedhan.

Zaahir of gadi dhiisisee Nabiyyii (saw) ta‟uu isaanii yeroo baru


duyda isaa gara isaanii siiqsee tasgabbaawe. Nabiyyin (saw)
“Gabricha kana Eenyuutu bita? Gabricha kana eenyuutu bita”
jechuudhaan qoosuu jalqaban.

Zaahir Miskiinummaa hamtuu isatti jirtu yaadachuu jalqabe.


Maallaqa hin qabu, bifa hin qabu. “Yaa Ergamaa Rabbii! Gati
dhabeessan isinitti ta‟ee mitii?” jedheen. Nabiyyiinis (saw) Ati
Allaaha biratti gati dhabeessaa miti. Allaahaaf ati nama
filatamaadha” jedhaniin.

Haala gaarii akkanaa kanaan Onnee Miskiinotaatillee booji‟uu


danda‟e. miskiinonnilleen yoo akkasitti jaalatan maaltu nama
ajaa‟iba ree?

Hiyyeeyyiin hedduun nyaataa fi maallaqa nuuf kannuu dhaban


jedhanii sooreyyii komachuu dhabuutu mala. Haa ta‟uu malee
yoo sooreeyyii irraa haala badaa argan isaan komachuun
shakkii hin qabu.

Hagam takka hiyyeessa fuula gaarii agarsiiftee an nama


kabajamaa fi gatii qabu jedhee akka inni of yaadu gootee
beeytaa?

Jemal Sheikh Bakri Page 36


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Tarii sababa kanaaf jecha Rahmanni Rabbii samii Irraa akka siif
bu‟u, halkan ka‟anii Du‟aa‟ii isaanii keessatti si Yaadachuu
danda‟u. Namoota biratti kan tuffataman, kan dagataman, kan
rifeensa isaanii faaggaa garuu osoo Allaaha waan takka
gaafatanii hoggasuma Allaaha isaaniif Qeebalu hedduun
jiraachutu malaa beeki. Kanaafuu yeroo hunda haala gaarii
ilma namaatiif qabaadhu.

Ijoo dubbii…

Fuula gaariin hiyyeessa tokkotti ati agarsiiftu sadarkaa ati


Rabbi biratti qabdu siif ol fuudhuu akka danda‟u beeki.

Jemal Sheikh Bakri Page 37


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Dubartootaa Wajjiin
Akaakoon kiyya Makmaaksa dur tokko natti himuu ture.
“Nama re‟ee dhalaa isaa dantaa dhabe, Korbeessa qabdee itti
dhuftii” dubartiin fedha ishiin barbaaddu hin guutaminiif
Gurbaa biraa kan ishii yaadeef hayyama ishii agarsiifti
jechuudha.

Dubbii ijoon makmaaksa kanaa dhalaa fi dhiira re‟ee


dhalaatii fi re‟ee dhiiraatiin wal fakkeessuu qofaa miti.
Dhalaa fi dhiirti waahila jireenyaati. Rabbiin dhiiraaf qaama
jabaa hoggaa kennu dhalaaf fedhii jabaa kenne. Yeroo hedduu
jeynootaa fi hooggantoota gurguddaalleen osoo hin hafin
Qaruuxummaa dhalaan qabdu yeroo dhaban agarra.

Intala dhalaa Oogummaan itti dhihaachuudhaaf Qulfii fedha


ishii beekuun barbaachisaadha. Nabiyyiin (saw) dhiironni
dubartootaa wajjiin gammachuun jiraachuuf jecha shamarran
gara laafinaan qabuu fi Miira Isaaniitiif bakka qabaachuu irraa
gorsuu turan. Abboottiin intala dhalaa isaaniitiif akka garaa
laafan ajajanii turan.

“Namni intala dhalaa lama tajaajilee guddise. Anaa fi inni


Guyyaa Murtii akkana” jechuudhaan quba lamaan isaanii ol
qabanii agarsiisan. Akkasumatti Dhiironni Haadha isaanii akka
tajaajilan gorsanii jiran.

Eenyun kabajuu qaba jedhamanii yeroo gaafatamanillee


Harmee tee: Harmee tee; Harmee tee: san booda Abbaa kee
jechuudhaan deebisaniif. (Bukhari fi Muslim).

Jemal Sheikh Bakri Page 38


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Haaluma wal fakkaatuun Jaarsonni haadha manaa isaanii akka


tajaajiluu qaban gorsanii jiran. Warreen haadha manaa isaanii
rifachiisanii fi miidhan ammoo komatanii jiran.

Xumura irratti ammoo gaafa Hajjii dhaammannaa ture


„gurraachaa fi adiilleen, Manguddoo fi dargaggeessi, Sooressaa
fi Hiyyeessi bakka argamanitti Hujjaajota Kuma dhibba fuul
duratti haasawa godhan dubbisi. “Jaartii (haadha manaa)
teessan haala gaariin qabaa.” (Muslim)

Gaaf tokko Shamarran hangi tokko miidhaa abbaan manaa


isaanii isaan irraan gahe himachuuf walitti qabamanii Warra
Nabii Rabbii (saw) bira dhufan.

Nabiyyiin (saw) oduu tana yoo dhagahu namoota jidduu


dhaabbatanii akkana jechuun dubbatan. “Shamarran hangi
tokko Abbaa manaa Isaaniitiin hiraarfamanii Warra Nabii
(saw) bira dhufan. Jaarsonni (abbaan manaa) akkasii sun isin
keessatti warra gaggaarii miti.” (Abu Daawud)

“Isin irraa Irra - gaariin keessan warreen maatii isaanitiif gaarii


ta‟aniidha. Ani Warra Kiyyaaf gaariidha.” (Tirmizii). Amantiin
Islaamaa Shamarraniif Kabajaa guddaa kennee jira.
Dubartootaaf jedhamee lolli labsamee jira, Foon ilmi namaa
muramee jira, Sammuun facaatee jirti.

Yahuudonni Madiinaa keessatti muslimootaa wajjiin


ollaa ta‟anii jiraachaa turan. Isaan Allahaan ajaja Hijaabaa
gaafa buusu booda dubartoonni muslimaa haguuggachuu
hin jaalanne. Sababa saniif Firii jibbansaa nama keessatti

Jemal Sheikh Bakri Page 39


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

habaqaaluudhaan akka isaan qullaa deemaniif yahuudonni


yaalaa turan. Haa ta‟uu maleen isaaniif hin milkoofne.

Gaaf tokko Intalti Muslimaa takka Gara magaalaa yahuudotaa


warra banii qeeynunaa deemte. Intala gaarii turte. Meeshaalee
faayaa ilaaluuf dukkaana tokkotti meyxe.

Yahuudonni yeroo ishii argan akkaataa uffannaa ishiitti


dallanan. Ishii xiqqeessuu fi maqaa balleessuuf yaaluu
barbaadan.

Hijaaba ishii irraa fuudhuuf fuula ishii irraa banuuf yaalan.


Garuu ishiin isaaniif hin hayyamne.

Abbaan dukkaanaa osoo ishiin ofirraa hin argin duubaa fiixa


qamisa ishiitii fi hijaaba ishii walitti hidhe. Yeroo ishiin
dhaabbattu qaama ishii irraa uffanni banamte.

Yahuudonni itti kofluu jalqaban. Intalti baay‟ee booche. Qaama


kiyya kana qullaa dhaabuu irra osoo ana ajjeesanii jechaa du‟a
hawwuu jalqabde.

Ishii akkatti jirtu kana gurbaan muslimaa tokko argee dallanee


meeshaa Waraanaa baafatee abbaa dukkaanaa san ajjeese.
Yahuudonn kuun wal irratti duulanii gurbaa kana ajjeesan.

Ergamaan Rabbii (saw) yeroo oduu tana dhaga‟u yahuudonni


sababaa intala tana xiqqeessuu yaalaniif jecha Walii galtee nuu
wajjiin qaban diiganii jiran jechuudhaan hanga isaan harka
kannanii murtii teenyaaf qaalii godhaniitti jedhanii Isaaniin
marsan. Kabajaa intala tanaatiif jecha, gocha fokkotaa
raawwataniif isaan adabuuf murteessan.

Jemal Sheikh Bakri Page 40


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Garaa fi fedhiin isaanii hin hir‟atin malee kabajaan intala


muslimaa tun hir‟atuun warri isaan hin yaachifne Hordofaan
sheeyxaanaa tokko lafaa ka‟e.

Itti gaafatamaa munaafiqootaa kan te‟e Abdellah bin Ubey bin


Saluul,“Yaa Muhammad Jaalawwan kiyyaaf irra
dabri/Araaramiif” jedhe. Wanni kana dubbateef Osoo
Ergmaaan Rabbii (saw) hin ergamin dura Zabana jaahiliyyaa
waan jaalawwan walii turaniifi.

Nabiin (saw) “Yaada kana waan hin jaalatiniif irraa garagalan.


Mu‟imintoota xiqqeessuu warra barbaadaniif akkamitti
dhiifama godhuu danda‟u? Munaafiqtichi itti deebi‟ee “Yaa
Muhammad! Jaalawwan kiyyaaf irra dabari.” Jedheen.

Nabiyyiin (saw) ammallee kabajaa intala gaarii sanii


caalchisuudhaan munaafiqticha irraa garagalan. Munaafiqtichi
ni dallane. Kiisha qamisa isaanii qabee harkisaa “Jaalawwan
kiyyaaf irra dabri, Jaalawwan kiyyaaf irra dabri” jechuu itti
fufe.

Nabiyyiin (saw) dallananii “na gad dhiisi” jedhaniin.


Munaafiqtichi Rasuula gadhiisuu mannaa Akka adaba
isaan irratti hin murteessineef kadhachuu itti fufe.

Rasuulli (saw) isatti garagalee ammas ni jedheen. “Isaan


jaalawwan Keeti, San booda hoo?” jedheenii jara adabuu dhiise
(irraa oole). Haa ta‟uu malee Madiinaa keessaa isaa baasuun
isaan adabe. Eeyyee kun hundi kabajaa dubartii muslimaatiin
maluudha!

Jemal Sheikh Bakri Page 41


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Khawlaa bintu Sa‟alabaan sahaabota gaggaarii Nabiyyii (saw)


keessaa tokko turte. Abbaan manaa ishii Awsi bin Al Samit
Manguddoo ta jirtuu fi tan jirreen ishii waqasu ture. Gaafa
tokko alaa dhufee dubbii wahii itti hime.

Ishiinis deebii gaarii hin deebisneef. Achiin booda dallanee


“Arraan booda ati anaaf akka duyda kiyyaati” jedheenii biraa
bahe. Zabana jaahiliyyaa san keessatti jechoonni akkanaa akka
„si hiike‟ jechuutti itti fayyadamama. Islaamummaa keessatti
garuu hin hojjatu.

Khawlaanis wa‟ee kanaa irratti Murteen Islaamummaa waan


te‟e hin beeytu. Khawlaan yeroo Aws manatti deebi‟u “Rabbii
lubbuun tiyya harka isaa jirtuunin kakadha hanga Ergmaan
Rabbii (saw) murtii kennutti erga jecha san naan jettee booda
natti dhihaachuu siif hin hayyamu” jetteen.

San booda Nabiyyii (saw) bira deemuudhaan rakkoo abbaan


manaa ishii isii irraan gahu isaanitti himte. Nabiyyiin (saw)
tasgabbeessanii akkana jechuudhaan ishii gorsan.

“Inni ilma haboo teetiiti, akkasumaa wajjiinuu mangoddoodha.


Isa irratti Rabbi sodaadhu” jedhaniin.

Ishiinis “Yaa Ergamaa Rabbii! Anaa dubraati na fuudhe.


Boorcee kan natti be‟eef sababa ulfaati. Amma ammoo an
dulloome dhala dhiifnaan na hiike. Yaa Allaah kiyya an sittiin
himadha!”jette.

Nabiyyiin (saw) haasawa ishii erga dhaggeeffatan booddee


Rabbiin wa‟ee ishii irratti akka ragaa buusu eegan. Yeruma san

Jemal Sheikh Bakri Page 42


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

jibriil dhufee aayata wa‟ee kanaa murtee kennitu Nabiyyiitti


(saw) buuse.

“Yaa Khawlaa! Rabbiin waa‟ee siifi jaarsa keetii ilaalchisee


Qur‟aana buuse.” Jedhaniin.

“Dhugumatti Rabbiin jecha ishii waa‟ee abbaa manaa ishii


keessatti siin wal falmituu fi gara Rabbiitti himannaa
dhiheeffattuu dhaga‟ee jira. Rabbiinis falmii keessan lamaan ni
dhagaya. dhugumatti Rabbiin dhagayaa, argaadha.”
Jechuudhaan Aayatoota suuraa mujaadilaa keessaa kan
jalqabaa dubbisaniif.

Akka inni (abbaan manaa kee) gabra tokko bilisoomsu himiif


jedhaniin. “Yaa Ergamaa Rabbii! Gabra bilisoomsu hin qabu”
jetteen. “Walitti dhaabee akka baatii lama soomanu itti himi”
jedhaniin. Yaa Ergamaa Rabbi! Manguddoo waan te‟eef
danda‟ee soomanuuf hin tolu jetteen.

Hiyyeessa 60 f Wasqii tokko (160kg) timira haa kennuu”


jedhaniin. Yaa Ergamaa Rabbii timira dila kanallee hin qabu
jetteen. Ergamaan Rabbiitis “Timira hanga tokko nuutu
kennaaf” jedhaniin.

Ishiinis “Anis Timira hanga tokko nan kannaaf” jette.


Nabiyyiinis (saw) kun siif gaariidha jedhaniin. Deemiiti akka
isaa ta‟ii sadaqaaf kenni, akkasumatti ilma haboo teetii
jajjabeessi (tajaajili).” Jedhaniin (Ahmad).

Ergamaa Rabbiitiif haala gararree rakkoo ilmaan namaa


ittiin furu Rabbii kanneefiif galanni haa ga‟u.

Jemal Sheikh Bakri Page 43


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Anummaanuu of irraa jalqabee haadha tiyyaa fi obboleettii


tiyya akkasumatti haadha manaa tiyya irratti ammaas
intala tiyyarratti Abshaalummaa fi oogummaa jaalalaatiin
bu‟aa argadheetin jira. Nama ofii kabajaa qabuutu
dubartoota kabaja. Nama ofii isaatiif salphataa malee
namni dubartoota salphisu hin jiru.

Qabxii yaadannoo…

Jaartiin miskiinummaa jaarsaa, bifa fokkina isaa, hojiin


shaakalamuu isaa obsuu dandeessi garuu amala badoommina
obsuu hin dandeessu.

Ijoollee Wajjiin
Wantoonni Umrii Ijoollummaa keenyatti raawwataman kan
hanga ammaatti sammuu keenya keessaa Yaadannoo
gammachuu yookaa yaadannoo gaddaa ta‟anii hafan hedduutu
jira.

Mee yeroo ijoollummaa keetii yaadadhu. Firii barnootaa gaarii


argachuudhaan gaafa badhaafamte akka ati yaadatte shakkii
hin qabu, yookiin barattoota keessaa yaamamtee guyyaa
maqaan kee faarfame yaadachuun kee hafa hin qabu.
Wantoonni akkasii kun sammuu keessatti maxxanafamanii
hafanii jiran goonkuma dagachuu hin dandeessu.

Haaluma wal fakkaatuun gadda yeroo ijoollummaa keenya nu


qunname dagachuun ulfaataadha. fakkeenyaaf Arraba
barsiisaan ijoollee fuul duratti nu arrabse.

Jemal Sheikh Bakri Page 44


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hiriyaa dareetii wajjiin kan wal tumne, hiriyoota keenya fuul


duratti yeroo maqaan nu badu goonkuma irraanfatuun hin
danda‟amu. Tajaajilli gaariin ijoolleef godhamu ijoollee qofa
irrattii miti kan dhiibbaa uumu. Warraa fi maatii isaanii
irraallee kabajaafi jaalala argamsiisa.

Maatiin barattoota mana Baruumsa sadarkaa tokkoffaa


barsiisota ijoollee isaanii barsiisan ni ziyaaran, ni
galatoomfatan, jaalalaa fi kabajaa isaaniif qaban isaaniif ibsan.
Kun kan ta‟eef waan barsiisonni ijoollee isaanii jaalatanii
kunuunsaniif ture.

Gammachuu isaanii yeroo tokko tokko jechaan yeroo tokko


tokko ammoo xalayaan barressaniifi erganiif. Kanaafuu ijoollee
fuula gaarii itti agarsiisuun,Onnee isaanii booji‟uun akkasuma
waan dandeettii oogummaa hariiroo namaa wajjiin qabu akka
cimsatu godhu itti himuun waan salphaatti hin ilaalin.

Gaaf tokko mana baruumsaa tokko keessatti barnoota


faayidaa salaataatiin ijoolleef kennaaa ture. Hadiisa wa‟ee
faayidaa salaataa dubbatu tokko natti himaa jedheetin
gaafadhe.

Gurbaan tokko lafaa ka‟ee “Garaagarummaan muslimaa fi


kaafira jidduu jirtu salaata” jedhan Nabiyyiin (saw) jedhee
deebii deebise. Deebisuu isaatii fi fedha inni deebisaaf qabu
waanin dinqisiifadheef sa‟aatii kiyya harka irraa of baaseetin
Badhaase.

Mudannoon tun gurbaadhaaf salphaa akka hin turin kanin bare


garuu san booda ture.

Jemal Sheikh Bakri Page 45


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Waggoota dheeraa booda gara masjiida tokkoo nan seene.


Waan hedduu nama ajaa‟ibu imaamni masjiida sanii gurbaa
san ture, nama guddaa ta‟ee jira, qur‟aana haffazee jira, Waa‟ee
murtii seera shari‟aa baratee mana murtii shari‟aa tokko
keessatti qacaramee hojjata. Anilleen isa yaadachuu baadhu
inni na yaadatee ture.

Kennaan xiqqoon gaafa ijoollummaa isaatti isaaf kenname kun


jaalalaa fi kabajaa baay‟een onnee isaa keessa akka bulchuu
danda‟e yaadi.

Gaaf tokko chidha hoo‟aa tokko irratti affeerameetin irratti


argamee ture. Gurbaan dargaggeessaa tokko dhufeeti
salaamtaa hoo‟ituu takkaan na dubbise. Itti aansuun gaafa inni
ijoollee mana baruumsa inni itti baratuu ture keessattii da‟awaa
godhuu kiyya na yaadachiise. Da‟waa san yoomiyyuu akka hin
dagatin naaf ibse.

Yeroo tokko tokko namoota tokko tokkoon tajaajilli gaariin


gaafa isaaniif godhame ijoolleen maatii isaanii fidanii nama
sanii wajjiin wal barsiisan. Kana kan godhaniif maatiin
isaanilleen namoota kanaaf kabajaa fi jaalala isaaniif qaban
akka itti agarsiisan yaadaniiti.

Nama ijoollee jaalatu fi ijoolleef garaa laafu ta‟uu kiyya


dhugumatti isin dhoysuu hin barbaadu. Yeroo hedduu waan
biraa bareedaa kanin godhuuf jiraatuu baatullee haasawa
isaanii gaarii qalbi takkanin dhaggeeffadhaaf.

Yeroo tokko tokko jaalala maatii isaanii argachuuf jechas


heddummeessee ijoolletti nan dhihaadha.

Jemal Sheikh Bakri Page 46


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hiriyaa tokkon qabaachuu ture kan gurbaa dhiiraa tokko qabu.


Gurbaa isaa itti dhihaadheetin taphachiisuu ture. Hiriyaa kiyya
kana qophii sargii (Cidaa) takka irratti wal arginee turre.
Nagaya na gaafatee “Gurbaa kiyya maal itti goote?” naan jedhe.
Daree keessatti gaafii barsiisaan gaafa guddattan maal ta‟uu
barbaaddu jedhee gaafatuuf gari gariin isaanii Doktora,
Injinara jedhanii yeroo deebii deebisan mucaan kiyya ammoo
akka “Muhammad Al Ariifii” tin ta‟uu barbaada jedhee
deebisaaf jedhee naaf hime.

Namoonni akkaataan ijoolletti itti dhihaatan wal dhaba.


Abbaan tokko tokko mucaa isaa qabee iddoo namni walitti
qabame keessatti namoota nagaya gaafataa mucaa isaa of jala
oofa.

Namoonni Abbaa dubbisanii mucaa gara galanii hin ilaallees


jiru. Tokko tokko ammoo harka ni fuudhan. Gariin ammoo
dhungatanii “baabaayyee akkami ati?” jedhaniinii salaamtaa
hoo‟ituu dhiheessaniif.

Nabiyyiin (saw) hariiroon isaan ijoollee wajjiin qaban nama


dinqa. Ibnu Malik (Rabbiin isa irraa haa jaalatu) obboleessa
isarra xiqqaa qaba ture. Nabiyyiiin (saw) hedduu waan
jaalataniif wajjin taphatuu turan. Maqaa jaalalaa “Abuu
umeeyr” jedhamullee moggaasaniifi turan.

Shinbirroo xiqqoo wajjiin taphatan takka qaba waan ta‟eef


yeroo isa argan irraa “Yaa Abuu Umeeyr Shinbirroon tee
akkamitti jirti? Jechuun itti qoosuu turan.

Jemal Sheikh Bakri Page 47


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Ijoolleef rifannoota kan qabanii fi ijoollee yeroo qunnaman kan


taphachiisan turan. Zeeynab bint Ummu Salaamaa yeroo argan
“Zuweynab, Zuweynab” jechuun yaamuu turan. Karaa irratti
ijoollee yoo argan osoo salaamtaa hin jenneen hin dabran turan.
Yeroo ansaaronni dhufanii isaan ziyaaran ijoollee isaanii
nagaya gaafatanii harkaan mataa isaanii hahaxaawuu turan.

Waraanni muslimaa Mu‟xaa irraa gara madiinaa gaafa deebi‟u


maatiin duultotaa bahanii maatii isaaniitiif, ilmaan isaaniitiif,
ijoollee isaaniitiif simannaa godhan. Nabiyyiini (saw) ijoollee
Ja‟far naaf fidaa jedhaniiti itti maramanii ofitti qabanii yaabbii
isanirratti ol baasan.

Gaaf tokko Nabiyyiin (saw) Wuduu‟a godhachaa jiran ture.


Gurbaan waggaa shanii Muhammad bin al Rabii‟i itti dhufe.
Nabiyyiin (saw) bishaan xiqqo qicanii itti facaasanii
taphachiisuu turan. (Bukhaarii)

Walumaa galatti Nabiyyiin Rabbii (nagayaa fi rahmanni Rabbii


irra haa jiraatuu) nama cufaa wajjiin Gammadaa jiraataa turan.
Yeroo hunda nama gammachiisuuf yaalu turan. Nama nama
gammachiisuu fi taphatu waan turaniif namni isaan bira jiru
hin mukaa‟u ( hin nuffu) ture.

Namni tokko imala isaatiif kan ooluuf gaala wahii barbaadee


isaan bira dhufe. Itti qoosaa “Gaala ilmoon siif kenna”
jedhaniin. Namichinis ajaa‟ibee ilmoon gaalaa akkamitti na
danddeessi jechuu yaaduun “Yaa Ergamaa Rabbii! “Ilmoon
gaalaa maal naaf gooti” jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 48


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Duuba hoo gaalli gaala malee maal dhalti?” jedhaniin. Akkas


jechuun isaani gaallin siif kennu guddoodha taatulle ishiinis
ilmuma gaalaati jechuu isaaniiti.

Gaaf tokko Anasiin (Ra) “Yaa gurbaa gurra lamaa!” jechuun itti
qoosan. Intalli takka waan jaarsi ishii isii rakkiseef Nabiyyii
(saw) bira dhuftee itti himatte. “Jaarsi kee ka Ija isaa keessa
addenyi jiru sanii mitii?” jedhaniin.

Jaarsi kiyya ni balloomee jettee yaaddawutti seente. Rabbiin


Nabi ya‟qubiin heddummina gaddaa irraa kan ke‟e “Ijji isaa
lameenis addaatte” jechuun ijji isaa arguu dhabde jechuu
yaadatte.

Akkuma jeeqamteen Saffisaan gara manaa galtee ija abbaa


manaa ishii keessa xiyyeeffannoon ilaaluu jalqabde. Abbaan
manaa ishiitis rakkoon maalii akka ishii mudate ishii gaafate.

“Nabiyyiin (saw) ija tee keessa akka addeenyi jiru natti himan”
jetteen. Jaarsi ishiitis (Yaa Namtittii)! Ija tiyya keessa
gurrachomminarra akka addeenyi heddummaatu hin beeytuu
?”jedheen. Ija nama hundaa keessaa addeenyaa fi
gurraachomminni akka jiru ibsuufii isaati.

Nabiyyiin (saw) qoosaa fi tapha taphataniif deebisaa dhugaa


kennuudhaan fuula isaanii ibsu. Gaaf tokko Umar bin Al
khaxxaab Haati manaa isaa raashina hedduu waan isa
gaafatteef dallanee Ergamaa Rabbii (saw) bira dhufan.

“Yaa Ergmaa Rabbii gaafa dhiirran Qureeyshii turre san


jaartoliin teenya too‟annoo keenya jala jirti turte. Dubartiin

Jemal Sheikh Bakri Page 49


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

takka maallaqa nuti itti kanninee achi yoo nu gaafatte


utaalleetuma morma ishii qabna.

Garuu gaafa madiinaa dhufne dubartoonni dhiira too‟annoo


jala galchanii jiran. Jaartoliin keenyas tooftaa kana baranii
jiran.” Umar ni haasawa Nabiin (saw) ni seequ.

Hadiisota hedduu keessatti akka dubbifnetti Nabiin


Rabbii (saw) Ilkaan booddee isaani hanga mul‟atutti
seequu turan. Isaan dhugumatti nama gaarii fi Hiriyaa
Gaarii namaa wajjiin waliif galu turan. Nutilleen abbaa
oogummaalee akkanaa ta‟uuf yoo of leenjifne Dhugumatti
dhandhama jireenyaa bareedaa dhandhamuun keenya hin
oolu.

Barsiisa tokko…
Ijoolleen xixiqqoon akka biyyee supheeti
Gara barbaannetti qoruu dandeenya.

Jemal Sheikh Bakri Page 50


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Gabrootaa fi tajaajiltootaa wajjiin


Nabiyyiin (saw) Maloota barbaachisaa te‟e fayyadamuun
Onnee namootaa booji‟uun namni isaanitti qixxaawu hin jiru.
Adeerri isaanii erga du‟an booda qureeyshonni isaan rakkisuu
jalqaban.

Shanyii Saqiifota irraa gargaarsa barbaadaaf jecha, Miidhaa


Qureeyshotaa jalaa bahuufis kologaltummaaf akkasuma Amrii
Rabbiin biraa isaanitti kenname isaan biraan gahuuf jecha akka
isa irraa qeebalan hawwaa gara Xaa‟iif deeman.

Hooggantoota shanyii saqiif kan ta‟an obboleeyyan sadeenin


wal argan. Isaan ilmaan Amri bin Umeeyriiti. Abdu Yaaliil,
Mas‟uudii fi Habiibi.

Nabiyyiin (saw) akka isaan Diin Islaamaa fudhataniif yaamicha


isaaniif taasise. Akka isa gargaaranii fi akka Diin kana
deeggaran akkasumatti hamtuu fi miidhaa shanyii isaa irraa
isaanitti gahu kana akka irraa dhoorgan isaan gaafate. Deebiin
isaanii garuu nama fokkisaa ture.

Inni duraa;- “Yoo dhugumaan Rabbiin kan si ergu te‟e ani


Sitaaraa ka‟abaa nan cira” jedhe. Inni lammadaa “Rabbiin nama
ergu dhabeetuma si ergaa?” Jedheen.

Inni Sadaffaa ammoo “Wallaahi an deebisaa siif hin kennu,


Akkuma jettu kana yoo Ergamaa Rabbii (saw) taate siif
deebisaa kannuun ulfaataadha.

Yoo kan Rabbi irratti Sobaa jirtu taate ammoo wilii siin hin
dubbadhu.” Jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 51


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyiin (saw) Deebiin gurguddaan saqiifotaa isaaniif


deebisan tanaaf jecha dallanaa taa‟umsa isaanii irraa lafaa ol
ka‟an.

Saqiifonni waan Muhammad itti himu dhaga‟uu didanii ari‟an


jechuu yoo qureeyshonni dhaga‟an miidhaan isaanii daran natti
jabaatti waan jedhu yaadudhaan sodaan onnee isaanii keessatti
uumame. “Akka fedhes ta‟u haasawa keenya kana akka iccitiitti
naaf qabaa” jedheen. Garuu isaan hin gooneef.

Faallaa kanaa Ummata isaanii kakaasanii; akka isaan isa


arrabsan, dhagaan isa tuman godhan. Hanga ooyruu utbaa bin
rabii‟aa fi sheeybaa bin rabii‟aatti isaan guysan.

Isaan lameenuu ooyruu isaanii keeysa jiru. Yeroo namoonni


addaan faffaca‟u nabiyyiinilleen (saw) muka wahii tokko jalatti
haara baafatan.

Ilmaan Rabii‟aa lameen Waan Ergamaa Rabbii irra gahe kana


arganii Rifannoonni (mararfannaan ) itti dhaga‟ame. Addaas
Nama jedhamu gabricha isaanii tokko yaamanii “Muka Inabaa
tokko murii saanaa irra godhii namticha saniif kenni.”
Jedhaniin.

Addaas inaba san fuudhee fidee “Hoodhaa Nyaadhaa”


jedheen. Nabiyyiin (saw) Inabicha fuudhuuf harka isaanii
bal‟isanii “Bismillah” jedhan.

Yeroo kana Addaas “Wallahi biyya tana keessatti namni jecha


kana fayyadamu tokkolleen hin jiru.” Jedheen. Nabiyyiinis

Jemal Sheikh Bakri Page 52


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

(saw) “Ati warra eessaati?, Amantiin tee hoo maali?” jedhaniin.


“Ani Kiristaana, Neeneewee irraa dhufe” jedheeni deebiseef.

“Warra Biyya Yuunus bin Mattaa gaarii saniitii?” jedhaniin.


“Waa‟ee Yuunus Ilma Mattaa maal beeyta?” jedheen. “Inni
obboleessa kiyya, Nabiyyiidha, anis Nabiyyiidha” Jedhaniin.

Saniin booda Addaas Fuula, harkaa fi miila Ergamaa Rabbii


(saw) osuma ilmaan Rabii‟aa arganii dhungachuu jalqabe.
Namtichi kun gabricha kana duruunuu balleesse waliin jechuu
jalqaban.

Addaas Gara Ilmaan Rabii‟aa yeroo deebi‟u Nabiyyii (saw) fi


Haasawa isaaniitiin qalbii fuudhamuun isa irraa mul‟atti ture.
“Addaas Maaliif Adda, harkaa fi miila namtichaa dhungatta?”
jedhaniin. “Gooftaa kiyya! Addunyaa irratti namni akka isaanii
hin jiru.

Waan Nabiyyoonni qofti beekan anaaf hime.” Jedheen. “Us


Nurraa! Amantuma tee akka sin jijjiirsisne, Amantii isaatirra
amantii teetu caalaa beeki” jedhaniin.

Yeroo ammaa nuti Sadarkaa jireenya namootaa osoo dhimma


keessa hin galchin haala bareedaa kanaan itti ni dhihaannaa?

Mil’uu…
Bifti isaanii, Qabeenyi isaanii akka fedhe haa ta‟uu Namoota
namummaa isaanii qofaaf itti dhihaadhu.

Jemal Sheikh Bakri Page 53


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Kaafirtootaa Wajjiin
Rasuulli (saw) Namoota muslima hin ta‟iniifis yeroo hunda
Haqummaan murteeysuu turan. Isaan gara islaamummaatti
yaamuu fi Rakkoo isaanii isaan irraa salphisuuf Lubbuu isaanii
isaaniif kennuuf qophii turan. Hammeenyaa fi miidhaa isaan
irraan gayan obsaan dabarsuu turan. Maaliif?

Allahaan “Rahmata goonee si ergine” jedheenii jira. Eenyufaaf?


Muslimoota qofaafii? Lakkii! “Addunyaaf”

Mee yahuudota ilaalaa; Arrabsuu turan, Shira itti xaxuu


tura, Isaan garuu gaaruma isaaniif ta‟anii argaman. Aa‟ishaan
yeroo dubbattu “Yahuudonni Hulaa teenya dura osoo dabraa
jiranii Ergamaa Rabbiitiin (saw) “Assaama Aleykum” (Duuti si
haa saamtu) jedhaniin. Isaanis “(Wa aleykum) Isin irrattillee”
jedhaniin.

Aaishaan (Rabbiin ishii irraa haa jaalatuu) Wanni dhageesse


waan akkaan ishii dallansiiseef. “Isinuma irratti Duuti haa
jiraattu” jetteen.

Nabiyyiinis (saw) “Yaa Aa‟ishaa dhiisi! Qaruuxee tahuu qabda.


Abaarsaa fi jecha hamaa dubbachuu hin qabdu.” Jedhaniin.
“Hay! Waan isaan dubatan hin dhageenyee?” jetteen.

“Waan an dubbadhe hoo hin dhageenyee ati?”


jedhaniin. Kadhaan (du‟aa‟iin) isaan narratti kadhatan
isaaniif hin qeebalamtu garuu tanin an isaan irratti
kadhadhu isaan irratti qeebalamti.” Jedhaniin.

Jemal Sheikh Bakri Page 54


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Eeyyen! Hamtuu hamtuun deebisuun barbaachisaa miti.


Allahaan “Namootaan jecha gaarii jedhaa” Jedha. Yeroo takka
Nabiin Rabbii (saw) Sahaabotaa wajjiin Duularraa deebi‟aa
turan.

Bakka mukkeen itti heddummaatu takka jalatti boqonnaa


godhuuf murteessaan. Namayyuu addaan faffaca‟anii Muka
jala rafuu jalqaban.

Nabiyyiinis (saw) Seeyfii isaanii muka irratti fannifatanii rafan.


Elloonuu Gurbaan kaafiraa tokko isaan hordofaa ture. Suuta
jedhee itti dhihaatee Seeyfii isaanii muka irraa fuudhee “Yaa
Muhammad! Har‟a Eenyuutu sirraa na dhoorguu danda‟a?”
jechuun itti iyye.

Nabiyyiin (saw) Hirriiba isaanii irraa dammaqan. Namichi


isaan ajjeessuuf qophaawee jira. Sahaabonni faffaca‟anii Muka
jala rafaa jiran waan ta‟eef namni tokkolleen bira hin jiru.

Namichi humnaa fi jabina isaa abdachuun itti deddeebi‟ee


“Eenyuutu sirraa na dhoorga” Jedhee fokkore. Isaanis
“Allaaha”Jechuudhaan deebisaniif. Tasuma Gurbaan Sodaan
guutame, Seeyfiin harka isaatii hurgufamtee buute.

Nabiyyiin (saw) Seeyfii lafaa fuudhanii “Eenyuutu sirraa na


dhoorga?” jedhaniin. Hollataa Akka isaan irra dabraniif
akkasumatti dhiifama godhaniif kadhachuu jalqabe.

“Namni narraa si dhoorgu tokkolleen hin jiru. Irra naaf dabri”


jedheen. Nabiyyiinis “Islaamummaa ni fudhattaa?” jedhaniinii

Jemal Sheikh Bakri Page 55


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

gaafatan. “Hin Islaamawu garuu garee isin waraanuu


barbaaddu tokkollee wajjiin wal tahii hin uumu.” Jedheen.

Dhiifama godhaniif. Gurbaan hoogganaa Shanyii takkaa Ture.


Deemee Orma Isaa guutuu gara islaamummaatti yaame. Ormi
isaa guutuun islaamummaa fudhatan. Eeyyen! Namaaf gaarii
ta‟i onnee isaanii ni boojitaa.

Dhugumatti Rasuulli Rabbii (saw) diinota isaa hooggantoota


wajjiinuu haala gararree irra bareedaa ta‟een argama. Akkasitti
Onnee isaanii too‟ata, Kufrii irraallee isaan qulqulleessa.

Yeroo Ergamaan Rabbii (saw) dirree bahanii gara


islaamummaatti waamicha godhuu jalqaban Qureeyshonni
qajeellotti Isaaniin mormaa turan.

Walitti Qabamanii Yaaminsa Nabiyyii (saw) saffisaan namoota


bira gahaa jira waan teheef nuti maal gochuu qabna jedhanii
dursanii wal mari‟ataa turan.

Isaan keessaa nama falaan, gheeybii himuun akkasuma


walaloodhaan hedduu beekkamu filatanii Isa sadarkaa teenya
gad buuse, jidduu teenyatti garaagarummaa uume akkasumatti
amantii teenya xureessu kana akka dubbisu godhuu qabna
jecha jedhu haa deeggarruu waliin jedhan.

Utbaa bin Rabii‟aa filatanii Yaa Abul Waliid namni dubbii tana
gitu suma qofa jedhaniin. Utbaan nama Obsaadha. Inninis
Qureeyshotaan “Yaa warra Qureeyshii Isa bira deemee
Dubbisee Waan sossobnuun dhiheessineefii kan fedhe keessaa

Jemal Sheikh Bakri Page 56


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

akka fudhatu narra barbaaddanii?” jedheen. Eeyyen! “Eeyyen!


Abul Waliid” jedhaniin.

Utbaanis gara Nabiyyii (saw) deemee Isaanii taa‟aa jiru itti


dhufe. “Yaa Muhammad! Sii fi Abdul Muxxalib (Akaakayyu
kee) kamtu caala?” jedheen. “kabajaa Akaakayyuu isaaniitiif
jecha ni cal‟san.”

“Isaantu narra caala kan jettu yoo taate xaa‟ota ati arrabsitu
kana akkamitti gabbaruu danda‟an?, Isaan irra anaatu caala
jettee kan yaaddu yoo te‟e ammoo dubbadhu waan ati jettu
dhaggeeffannaa” jedheen.

Osoo Nabiyyiin (saw) hin dubbatin dura Utbaan dallansuun


guutamaa “ Wallaahi! Nama akka keetitti Ummata kana irratti
rakkoo uume arginee hin beeknu.

Gargar nu guurtee jirta, Sadarkaa keenya xiqqeessitee jirta,


Amantii teenya Xureessitee jirta. Rakkoolee gurguddoo nurraan
geessee jirta.

Namoonni maal akka jechu jiranis quba qabda (ni beeyta).


Seeyfii teenya Qarannee gariin keenya garii keenya ajjeesuu
malee filannoon biraa hin hafne.” Jedheen.

Utbaan yeroo dallansuu isaa ofirraa dhoosutti jiru Nabiyyiin


(saw) suuta jedhanii qalbi takkaan isa dhaggeeffataa jiran.

Sossobuu barbaade “Waan kana hunda yoo ka Qabeenya


barbaadaaf kan gootu tahe Walitti buufnee Irra dureessa
Qureeyshii si goona, Yoo aangoo (taayitaa) barbaachaaf ta‟e
ammoo Hoogganaa Qureeyshii si goona, Yoo jinniin si dhooyte

Jemal Sheikh Bakri Page 57


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

if wal‟aanuu dadhabde bakka jiruu haakima jabaa barbaannee


si wal‟aanna…”

Yeroo Utbaan haasawa fokkotaa kana haasawu Nabiyyiin (saw)


Suuta jedhee tasgabbiin isa dhaggeeffataa jira. Dheebuu
aangoo, Qabeenyaa, dhalaa, rakkoo sammuu yoo qabaatte
jedhee erga tarreessee fi booda deebisaa eeggachuuf jecha
cal‟ise.

“Nabiyyiin (saw) Yaa Abul Waliid! Fixattee?” jechuun gaafatan.


Utbaanis “Eeyyen!” jechuun deebiseef.

“Hayyee amma ana dhaggeeffadhu” jedhaniin. “Hayyee”


jedheen. Nabiyyiinis “Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa
rahmata namaa godhaa ta‟een. Haa Miim. (Qur‟aanni kun)
Rabbii akkaan mararfataa, rahmata godhaa ta‟e irraa
buufamaadha. Kitaaba keeyyattoonni isaa namoota beekaniif,
dubbifamaa afaan arabaa ta‟ee, adda baafamteedha.
Gammachiisaa fi Akeekkachiisaa te‟ee kan (buufameedha); irra
hedduun isaanii irraa gara galan saniifuu isaan hin dhagayan.”

Nabiyyiin Keeyyaticha (aayata) dubbisuu itti fufan. Qaamni


Utbaa hollachuu jalqabe. Harka isaa of duuba deebisee irratti
hirkatee aayatoota dhaggeeffachuu itti fufe. Nabiinis aayatoota
itti aanan qara‟uu itti fufan. “Yoo isaan didanii gara galan ani
iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadii fi samuudin isin
sodaachiseen jira” jedhiin.

Utbaan Akeekkachiisaa fi dinniina ibiddaa yoo


dhaga‟u onneen isaa isa sodaatte. Utaalee lafaa ke‟eeti
harka isaatiin afaan isaani qabe. Haa ta‟uu malee Nabiyyiin

Jemal Sheikh Bakri Page 58


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

hanga aayata sujuuda nama buuftu gahutti dubbisuu hin


dhiifne. Sujuudas bu‟anii Sujuudaa ol jedhanii
Xiyyeeffannoon ilaalaa “Yaa Utbaa! Dhageessee mitii?”
jedhaniin. “Eeyyee” jedheen. “Filannoon teeti.” Jedhaniin.

Utbaan Saffisaan gara hiriyoota isaa kan isa eegaa jiranitti


deeme. Lakkuma inni itti dhihaatuun “Rabbittin siif kakadha
bifa addaatiin deebi‟aa jira” waliin jechuu jalqaban. Yeroo inni
isaan bira gahu “Maaltu uumame abul Waliid” jedhaniin.

“Jechootan kanaan dura dhage‟ee hin beeynen dhage‟ee dhufe,


Wallaahi! Jechoota walaleessitootaa kan falfaltootaa ykn kan
raagdotaatii miti. Yaa Qureeyshota akka kaayyoo isaatti gahuuf
gurbaa kanaaf bilisummaa guutuu akka kennitaniif gorsa kiyya
akka narraa fudhattanin isin gaafadha.

Karaa kanaan qofa nagayaan isa irraa addaan bahuu kan


dandeessan. Isiniifin kakadha jechoonni inni jedhu kun wilii
galma gahuuf taa‟a.

Yaa jara keenya Isaa akkana jedhun dhage‟e; “Maqaa Rabbii


akkaan Mararfataa rahmata namaa godhaa ta‟een. Haa Miim.
(Qur‟aanni kun) Rabbii akkaan mararfataa, rahmata godhaa
ta‟e irraa buufamaadha…! “Yoo isaan didanii gara galan “ani
iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadii fi samuudin isin
sodaachiseen jira” jedhiin.

Yeroo inni kana dubbatu utaaleetin afaan isaa qabe. Firummaa


teenyaan si qabee dhaabi jedheetin kadhadhe. Muhammad
yeroo haasawu akka hin kijibne ni beeytan. Akka adabni isinitti
hin buunen sodaadha” Jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 59


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Abul Walid Cal‟isee xiinxaluu jalqabe, hiriyoonni isaa


xiyyeeffannoon ilaalaa jiran. “Rabbiinin kakadha haasawni san
haasawa qalbii nama fuudhu, bareedina qaba, Jalli isaa
jiidhaadha kanaaf firii bareedduu kan magarsu. Dhugumatti
jechi sun jecha namni jechuu danda‟uu miti.” Jedheen.

“Kunimmaa Walaloodha Abul Waliid! Walaloo qofa” jedhaniin.


“Wallaahi Waa‟ee Walaloo fi mana dhawiinsa namni narra
beeku hin jiru. Walaloon goototaa osoo hin hafin nan beeka.

Wallahi haasawni isaa Walaloo takkaa wajjiin wal hin


fakkaatu!” Utbaan Waa‟ee Nabii (saw) haasawuu itti fufe.
Islaamummaa fudhachuullee baatu lubbuun isaa gara isaaniitti
godaante. Utbaan hangafoota Diina Islaamaa ta‟ullee Haalli
Nabiyyii bareedaanii fi dhaggeeffataa gaarii ta‟uun isaanii
Utbaa irratti dhiibbaa hangamii akka uume ilaali.

Yeroo biraadhaa Abbaa Sahaabaa Nabii kan ta‟e Abbaa Imraan


Bin Huseen abbaan isaa Huseen bin al munzir al khuza‟ii gara
Nabiyyiitti (saw) ergan.

Ergamaa Rabiitii Wajjjiin mari‟atanii Waan isaan


jalqaban kana akka dhaabsisuuf dhufe. Akkasumatti
waanuma qureeyshonni hogguu dubbatan “Gargar nu
diiyde, sadarkaa teenya xiqqeessite,…!Fkkf jedheen.

Nabiyyiin tasgabbiin erga dhaggeeffatan boodaan “Abaa


imraan xumurtee?” jedhaniin. “Eeyyen” jechuun deebiseef.
Hayyee “Gaafiin si gaafadhuuf deebii anaaf deebisi”
jedhaniin. “Hayyee” jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 60


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Yaa Abuu Imraan! Xaa‟ota meeqa gabbartan?”jedhaniin.


“Torba gabbarra, jaha kan dachii jiranii fi tokko kan samii jiru”
jechuun deebiseef. “Kani akkaan jaalattuu fi kan ati sodaattu
kami?” jedhaniin. “Isa Samii jiru” jedheen.

Nabiyyiinis jecha laafeysaan “Yaa Huseen yoo kan


islaamummaa qabattu taate jecha lama kan akkaan si fayyadun
si barsiisa” jedhaniin.

Huseen hoggasuma islaamummaa qabatee “Yaa Ergamaa


Rabbii jechoota lameen sin barsiisa naan jette na barsiisi”
jedheen. “Yaa Rabbi karaa qajeelloo irra na kaayi, Hamtuun
ofiif ofitti fidu irraallee na tiysi jedhi” jedhaniin.

Karaan Nabiin Rabbii (saw) namootaa wajjiin ittiin haasawan


yeroo hunda bareedaadha. Haalli isaanii bifa dinqaa ta‟een
namoota irratti dhiibba gaarii uuma. Adeemsi akkanaa gaariin
kun namoota muslima hin taane gara islaamummaatti fiduuf
aarsaan guddaan kafaleera.

Gurbaan dargaggeessaa tokko barnootaaf jecha kara jarman


deemuudhaan gamoo gamtaa takka keessa jiraachuu ture.
Nama lammiin isaa jarman ta‟e tokkootu ollaa isaa ture. Manni
isaanii walitti aanuurraa kan hafe wanni isaan walitti fidaa
takkalleen hin jirtu. Tasa gurbaan lammii jarman kun diida
deeme.

Gurbaan gaazexaa namaaf raabsu tokko ganamuu fideeti


gaazexaa hulaa jarmanicha kanaa dura kaa‟ee deema.
Dargaggeessi kun gaazexaan hulaa dura guutuu yeroo argu

Jemal Sheikh Bakri Page 61


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

jaarmanichi kun diida deemu beeke. Gaazexaalee walitti qabee


mana isaa kaa‟eef. Guyyuu guuree mana isaa kaa‟uufi itti fufe.

Jaarmanichi ji‟a lama booda diidaa deebi‟e. dargaggeessichi


erga nagaya gaafatee booddee “Gabaasa oduu ni hordofta
Yookaa dorgommii gaazeexaa irratti adeemsifamtu keessatti
hirmaachuu hin ooltu yaada jedhuunin akka si dabru waan hin
barbaadiniif mana kiyyatti ol siif kaaye.” Jechuun gaazexaalee
isaa fideefi kenneef.

Jarmanicha dubbiin tun dhibdee; godhii ati anaaf gooteef


Maallaqa siif kafaluu? Jedheen. Lakkii! “Amantiin tiyya ollaa
kiyyaaf akkan gaarii oolu na ajajji, Sii Ollaa kiyyaaf gaarii
ooluun dirqama narra jiru” jedheen. Hiriyoota akkaan walitti
dhihoo tahan. Xumurarratti jaarmanichi Islaamummaa qeebale.

Ibsa…
Daa‟ii gaarii jechuun kan jecha isaa dura gocha isaatiin da‟awaa
godheedha.

Bineensotaa Wajjiin
Namni gaafa Haala bareedaa ilma namaa wajjiin amaleeffate
akka waan wajjiin uumametti itti madaqa. Yeroo hunda
namoonni akkanaa kun Namatti dhihaachuun isaaniif salphata,
Onneen isaanii namaaf rifata, Sammuun isaanii dafee hubata,
akkasumatti nama irra dabranii Bineensaa fi beeyladaaf yaaduu
jalqabu.

Gaaf tokko Nabiyyiin (saw) Sahaabota isaa wajjiin osoo karaa


deemanii bakka wahii takkatti haara baafatan (boqotan).

Jemal Sheikh Bakri Page 62


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Sahaabonni Shimbirroo ilmaan cuucii xixiqqoo habba lama


qabdu takka argan.

Ilmaan ishii jalaa fuudhanii Haadha isaanii rakkisan.


Shimbirroon waan ilmaan jalaa fuudhameef goflaa waliin
dhawaa isaan gubbaa naannawti. Nabiyyiin (saw) yeroo
dhufan waan te‟e yeroo argan “Eeenyuutu ilmaan Shimbirroo
tanaa jalaa fuudhe? Dafaa deebisaaf” jedhaniin.

Yeroo biraadhaa Rasuulli Rabbii (Saw) Mana Mixii (Gondaa)


kan gubate wahii argan. “Manneen Mixii kana Eenyuutu
gube?” jedhanii gaafatan. Sahaabota keessaa tokko “Ana”
jedhe. Nabiyyiin dallanuudhaan lolanii “Allaaha malee ka
ibiddaan waa gubu hin jiru” jedhaniin.

Nabiyyiin hedduu gara laafaadha. Yoo osoo Wuduu‟a godhatu


jiruu Adurree arge Meeshaa wudu‟aa lafa kaa‟eefi akka irraa
dhuugduuf mijjeessaaf. San booda hoggaa dhuuydee quufte
Waan ishiin hambifteen Wuduu‟a isaa godhata.

Yeroo wahii tokko namtichi tokko hoolaa isaa dachiitti gad


gombisee miila isaatiin morma gubbaa dhaabbatee ablee
qarataa ture. Nabiin (saw) gocha kana waan arganiif baay‟ee
dallananii “akka yeroo lama du‟u barbaaddaa? Hoolicha gad
gombisuun duratti maaliif billawa hin qaaratin?” jechuudhaan
lolaniin.

Ammas gaaf tokko jara akkanumatti gaala gubbaa tattaa‟ee


Haasawu tokko arganiiti gaalaaf nahee akka namoonni gaala
isaanii akka teessotti itti hin fayyadamne irraa dhoorge.

Jemal Sheikh Bakri Page 63


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Gaafa imaluu barbaadan qofa akka yaabbatanii fi yeroo haajaa


isaanii bahan irraa bu‟anii akka beeyladaa isaanii boqochiisan
ajajanii turan.

Nabiyyii fi gaala isaanii tan Adbaa jedhamtuu wajjiin seenaa


wahiitu jira. Gaafa wahii kaafiroonni Adbaa fi gaala
muslimoota akkasumatti mucaa dhalaa takkaa wajjiin iddoo
isaan dheedaa jiranii saamanii fudhatan.

Erga hedduu imalanii booda bakka takkatti boqotanii Hirriibni


isaan fudhate. Miciyoonis baqachuuf murteeessite. Gaalonni
akka naannawanii dheedaniif jecha hiiktee Gaalota hunda
keessaa takka akka yaabbattuuf yaadde. Suuta jettee yeroo
gaalotatti hiiyxu sagalee itti dhageessisan.

Erga hunda ilaaltee sagalee itti dhageessisan booda Adbaatti


dhufte. Adbaan kan haalaan leenji‟e ta‟uu hubatte. Adbaa
Yaabbattee gara madiinaa imala ishii jalqabde. Jara jalaa bahuu
ishii yeroo hubattu gammachuun guutamtee “Yaa Rabbii
kiyya! yoo sababa gaalattii tanaatiif jettee orma kana jalaa kan
na baaftu ta‟e akkaan wareega siif godhu beeylamaan siif
seena.” Jetteen.

Yeroo madiinaa geessu gaalli ishiin yaabbattee deemaa jirtu


gaala Nabii (saw) ta‟uu beekan. Ishiinis mana ishiitti irraa
buute. Gaalattii ammo fuudhanii gara Nabii geessan. San booda
miciyoon gaala wareegaaf barbaacha dhufte. Nabiin (saw)
“Godhii ishiin siif oolteef jecha tolli ati itti ooluu qabdu
kanumaa? Allahaan sababa ishiitiin si tiyse.

Jemal Sheikh Bakri Page 64


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

San booda ishumaahuu wareeguuf qophooftee?” Jedhaniin.


Achiin booda “Qodhaan Qaalii Allaahaatiin alatti fi qabeenya
kee kan hin ta‟in irratti guutuun fudhatama hin qabu.”
Jedhaniin.

Maaliif qaruuxummaa fi arjummaa amala kee hin godhanne?


Bineeldota, Mukkeenii fi Lubbu qabeeyyii hunda wajjiin haala
bareedaa qabaachuuf yaali. Akka waan haala gaarii wajjiin
uumamteetti hojirra oolchi. Yooniif yeroo hunda hojirra kan
oolchitu ta‟e Akka waan uumamaan qabdutti sii waliin jiraata.

Nabiyyiin (saw) Muka wahii gubbaatti hirkatanii masjiida


isaanii keessatti khuxbaa godhaa turan. Intalti Ansaaraa takka
“Yaa Ergamaa Rabbii! Gabricha akkaan oogummaa barcuma
tolchuu qabun qabaatii Barcuma (kursii) wahii isiniif tolchuu?”
jetteen. Nabiyyiin (saw) “Hayyee” jedhaniin.

Jum‟aa itti aanu Minbara isaaniif tolfame gubbaarra koran.


Gufuun mukaa tan duraan irratti khuxbaa godhan akka jollee
daa‟imaatti sagalee dhageessisaa booyuu jalqabde. Masjiinni
guutuun rifate. Nabiyyiin (Saw) Minbara isaanii irraa bu‟anii
itti maraman. “Rabbii Lubbuun Muhammad harka isaa
jirtuunin kakadha. Osoon an dhaqee itti maramuu baadhee (
gufuun tun) hanga guyyaa qiyaamaatti ni boochi turte.”
Jedhan.

Akeektuu…
Rabbiin ilma namaa waan hunda caalchisee uumullee akka inni
waan biraadhaa miidhu isaaf hin hayyamne.

Jemal Sheikh Bakri Page 65


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Karaalee Dhibba Onnee Namootaa Ittiin


Boojitu.
Namni hojii wahii keessatti hirmaatee hojjatu tokko akkamitti
akka kaayyoo isaa bakkaan gahuuf ni carraaqa. Namni
qabeenya jaalatu tokko akkamitti akka qabeenya walitti qabatu
barata. Daldala (diinagdee) keessatti akkamitti shoorarkeessee
akka walitti qabatu kan baratus hin dhabamu.

Warri Saatalaayitii televisionaa Channel mataa isaanii qabanis


Sagantaa garaagaraa Teknoloojii ammayyaa irra oolchuun (ol
baasuun) Daawwattoota isaanii ofitti harkisuuf yaalii guddaa
godhu.

Sagantaalee Fuul duratti Saatalaayitii irra oolchuuf


Dhiheessitoota isaaniitis akka isaan daawwattoota isaanii gara
isaanitti harkisaniif oogummaa adda addaati leenjisan.

Gaazixeessitoonni, Warra Raadiyoo fi Warri Televisionaatis


akkasuma Oomisha adda addaa warri hojjatanis kanuma
hojjatan (Haraamis ta‟u halaal). Warri kun marti isaanii
kuuwwan irra caalanii argamuuf maloota danda‟an
fayyadamuuf carraaqu.

Onnee booji’uunis oogummaa tooftaa fi mala of danda’e


qabuudha.

Namoota afurtama kan walitti qabaman keessa dhayxe haa


jennuu. Namichi jalqabaa yeroo ati nagaya gaafattu Nagaya
qabbanaawaa tokko siif deebise haa jennuu.

Jemal Sheikh Bakri Page 66


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namtichi lammadaa ammoo namicha isa moggaa jiruu wajjiin


haasawaa fuula isaatiin osoo sitti gara hin galin si dubbisee
haasawa isaa itti fufe. Namtichi sadaffaan ammoo Bilbilaan
haasawaa jira waan te‟eef nagaya ati gaafattuuf osoo jecha
takka siif hin deebisin Harkuma isaa sitti kenne haa jennuu.

Namtichi afraffaa garuu Iddoo taa‟umsa isaa irraa saffisaan


ke‟ee sitti maramee si dhungatee Baga nagayaan dhufte jedhee
salaamtaa hoo‟ituu siif dhiheesse haa jennuu.

Fuulli isaa seeqinsaan kan guutameedha. Tana durallee yoo wal


beekuu baattan garuu si arguu isaatiif akka gammade isa irraa
mul‟ata.

San booda namoota kuuwwan hafaniin Nagayaa? Jettee teesse.


Oonneen kee namticha afraffaatiif kabajaa guddaa qabaachuufi
shakkii ni qabdaa? Hin shakkin Maqaa isaa, sadarkaa isaa fi
hojii isaa fi kkf beekullee baattu Sirritti Onnee kee booj‟ee jira.
Qabeenyaan, Sadarkaan, Firummaan Osoo hin taane
Oogummaa haala gaarii qofaani.

Onneen kee Humnaan, Qabeenyaan, Sadarkaa fi bareedinaan


hin booji‟amu. Onneen kee kan booji‟amu wareegama waa
xiqqooni. Warri booji‟uu danda‟u garuu muraasa.

Barataa kiyya kan Yuniversitii tokko kan dhukkuba


Xiinsammuutiin (Phsychological ill) Sababa Mukaawinsa
guddaa irraa qabame tokko nin yaadadha.

Jemal Sheikh Bakri Page 67


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Abbaan Isaa Humna Poolisii keessatti Aangawaa guddaa ture.


Yeroo muraasaaf gara Yuniversitii dhufee akkan gurbaa isaa
gargaaru na gaafate. Anis deddeebi‟ee mana isaa nin dhaqa.

Manni isaa hogguu keessummaadhaan guuttamaa ture.


Maatiin isaa baay‟ee namootaan jaalatamuun isaanii hedduu na
dinqisiisa ture. Waggoota muraasa booda namtichi soorama
behee anis isa ziyaaruuf nin dhaqe.

Gara kutaa keessummaa yeroon seenu Teessoon shantamaa ol


kan of keessaa qabu keessa kophaa isaa television daawwataa
jira.

Hojjattuun takka isa biraa Shaayii fi buna dhiheessitiif. Xiqqo


wajjiin taphadheetin biraa deeme. Namtichi kun gaafa hojirra
jiruu fi amma waliin dorgomsiisuun jalqabe.

Gaafa san namoonni sun hundi isa jaalachuu turan amma hoo
kun maalif ta‟e? Edaanuu wanni inni jara san of jaalachiiseen
Haala gaarii, gara laafinaa fi Bifa bareedaan namatti
dhihaachuudhaan ta‟uu dhabuun irraa hubadhe.

Kan namoota of jaalachiiseen aangoo isaatiini jechuudha.


Gaafa aangoo dhabu jaalala isaaniitillee walumaan dhabe.
Namicha kana irraa baradhuutii bifa bareedaan namatti
dhihaadhu.

Kan si jaalatan Eenyummaa keetiin,Haasawa keetiin, Seeqinsa


keetiin, bilchina keetii fi Arjummaa keetiin tahuu qaba.

Jemal Sheikh Bakri Page 68


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Dogongora isaanii irra dabartee fi yeroo rakkoon isaan mudatte


yoo isaan cinaa dhaabbatte yeroo hunda si jaalachuuf
dirqaman.

Onneen isaanii maallaqa keetii fi aangoo keetiin akka walitti


hidhamtu hin hayyamin. Jaartii fi Ilmaaniif nyaata qofa abbaan
qopheessu garaa isaanii malee onnee isaanii argachuu hin
danda‟u.

Abbaan Maatii isaa maallaqa qofa itti dhangalaasu, Kiisha


isaanii malee onnee maatii isaa booji‟uu hin danda‟u. Yeroo
ilmi tokko rakkoon isa mudattu abbaa isaa osoo hin taane
Hiriyaa isaatiin, Barsiisaa isaatiin yookiin Imaama masjiidaatiin
mari‟atu hin ajaa‟ibin.

Sababni kun ta‟eef Abbaan isaa furtuu onnee ilma isaa ittiin
booj‟ee banuu waan dadhabeefi. Faallaa kanaa ta‟ee barsiisaan
yookaan hiriyaan isaa onnee isaa waan booji‟eef rakkoo isa
mudatte itti himachuuf yookiin itti mari‟achuuf dirqame.

Qabxii biraa tan barbaachistuu taate:- Namni tokko bakka


namoonni hedduun walitti qabaman dhaqee iddoo taa‟umsaa
yeroo barbaadu yeroo namni hundi koottu koottu jedhuun
agartee hin beeytuu? Maaliif sitti fakkaata?

Namoonni maaliif namoota tokko tokko wajjiin taa‟uu jaalatu?


Namoota biraadhaa wajjiin ta‟uun hoo maaliif isaan jibbisiisa?
Namoonni namni isaanii wajjiin taa‟uu jaalatu sun danddeettii
akka maagneetiitti namoota ofitti harkisaniin waan qabaniifi.

Jemal Sheikh Bakri Page 69


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Duuba hoo akkamitti Onnee namootaa bituu danda‟an sitti


fakkaata? Onnee namootaa bituuf kan malu haalota gaarii
dinqisiisoo ta‟an fayyadamuudhaani.

Furmaataaf…
Dandeettiin Onnee namootaa too‟achuunii fi Jaalala isaanii
argachuu keenyaa Gammachuu guddoo jireenya keenyaaf
kenna.

Niyyaa Tee Rabbiif jecha Qulqulleessi


Namoonni Muraasnin an Waggoota dheeraaf wajjiin jiraadhe
tokkootu ture. Yeroo namni qoosaa haasawu kofluu dhiisii
isaanii seequ yookaan Namoota isaanitti haasawaniif deebii
qajeelaa isaanii deebisan isaan argee hin beeku.

Kun kan ta‟eef dhiibbaa akkaataa guddina isaanii irraa akka


isaanitti dhufee fi haala kana akka of irraa jijiiruu dadhaban
yaaduun ture. Haa ta‟uu malee namoota kunniin gaafa tokko
sooreyyii wajjiin taa‟anii isaanii koflun arge. Kana kan
godhaniif faayidaa dhuunfaa mataa isaaniitii fi Rabbiin biraa
mindaa guddaa akka isaan dhabsiisun hubadhe.

Mu‟umintoonni Haala gaarii qabaachuunii fi namoota wajjiin


haala bareedaan jiraachuudhaan Allaaha gabbaran. Sadarkaa,
Qabeenya takkaafuu akka namoonni isaan galatoomfataniif
yookiin Jaartii fuudhuuf yookiin faayidaa dhuunfaa isaanii
argachuuf osoo hin taane Rabbiin akka isaan irraa jaalatuu fi
Akka Uumamtoota hunda isaan jaalachiisuuf yaadaniiti.

Jemal Sheikh Bakri Page 70


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Eeyyen! Namni Haala gaarii qabaachuu akka ibaadatti


lakkaawwatu Hiyyeessa, Dureessa, Abbootii aangoo akkasuma
hojjattoota hundatti ni dhihaata.

Ati hoo, Hojjataan Qulqulleessaa karaa ta‟e tokkoo fi


Maanaajarri kubbaaniyaa tokkoo yoo harka sitti kanne
lameenuu bifa wal fakkaataan keessummeessitaa? Lameeniinuu
jechoota salaamtaa walfakkaataa jettaanii? Lameeniifuu
Seeqinsa wal fakkaataa agarsiistaa?

Nabiyyiin (saw) Isaan lameenuu Simannaa fi gara laafina wal


fakkaataadhaan simata. Tarii namoonni ati xiqqeessitee ilaalte
Rabbi biratti sadarkaa ol aanaa qabaachuutu mala. Nabiyyii
(saw) “ Isin irraa namni jaalatamaa fi Guyyaa qiyaamaa natti
dhihaatu Nama haala irra gaarii qabu” jedhan(Tirmizii)

Nabiyyiin (saw) Ashajj bin Abdil Qeysiin “Allaahaa fi


Ergamaan isaa Amaloota jaalatan lama qabda” jedhaniin.
Amaloonni kunniin Maaliifi maal sitti fakkata? Guyyuu
soomanuudhaa-Lakkii.

Ashajj kan dubbii tanaan haalaan gammade “Maalii fi maali


Yaa Ergamaa Rabbii!?” jechuun gaafate. “Dhiifama namaaf
godhuu fi Obsa qabaachuudha” jechuun deebisaniif. (Ahmad)

Nabiyyiin (saw) Waa‟ee Iimaanaa gaafatamanii akkana jechuun


deebisan. “Iimaana jechuun haala bareedaa qabaachuu dha”
(Muslim).

Jemal Sheikh Bakri Page 71


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namoonni hedduun Waan jannata nama seensisu yeroo


gaafatan ammoo “Sodaa Rabbiitii fi Haala bareedaa Qabaachuu
dha” Jedhan (Tirmizii).

“Warreen Iimaanni isaanii guutuu ta‟e, Kan haalli isaanii


bareedaa, Dandeettii salphatti namootaa wajjiin waliif galuu
kanniin qabanii fi Namootatti kan dhihaatan namoonnis
isaanitti kan dhihaatuudha. Namoota namatti hin dhihaannee fi
namnis isaanitti hin dhihaanne bira gaariin takkalleen hin
jirtu.” Jedhan (Tirmizii).

Nabiyyiin (saw) “Sadarkaa guddoon haala gaarii irra caaltu


hin jirtu” jechuun dubbatan. (Abu Daawuud)

Hadiisa biraa keessatti “Namni haala gaarii qabu sadarkaa


nama halkan leeylii salaatuu fi guyyaa soomanu argataa”
Jechuun isaaniitis ni yaadatama.”(Tirmizii)

Namni haala isaa fooyyeessu biyya lameenittuu nama


milkaawaadha.

Seenaa Ummu Salaamaa (Rabbiin ishii irraa haa jaalatu) haa


ilaalluu. Gaaf tokko Nabiyyii (saw) wajjiin teessee Waa‟ee
Aakhiratii fi beeylama Rabbiin isiif seene yaadattee
“Yaa Ergamaa Rabbii! Intalti dhalaa takka addunyaa tana irratti
jaarsa lama heerumuu ni dandeessi. Ishii fi jaarsi ishii lameenuu
jannata yoo seenan Jannata keessatti jaarsa kami wajjiin taati?”
Jettee gaafatteen.

Nabiyyiin (saw) Deebisaa akkamii kanneef? Kan salaata


heddummeessuu wajjiin? Kan Beekkumsa hedduu qabuu

Jemal Sheikh Bakri Page 72


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

wajjiin? Lakkii! “Ka haala gaariin caalee argamee wajjiin”


jedhaniin. Ummu Salamaan hedduu ajaa‟ibsiifatte.

Faayidaa haala gaariin qabu kan hubatan Nabiin (saw) “ Haalli


gaariin addunyaattis ta‟u aakhirattis nama milkaawaa nama
godha” jedhaniin.

Eeyyee irra caalaa biyya lameenii ta‟uun, Jaalala ilmaan namaa


argachuun Addunyaa irratti caalmaya guddaa argata. Mindaa
hedduu argachuun aakhiratti Caalmaya guddaa argata. Namni
gaarii yoo hojjate Hojii badaa inni hojjate irraa hayxi.

Gaaf tokko Nabiyyiin Waa‟ee Namtittii Salaata


heddummeessituu, Soomana heddummeessituu, Sadaqaa
kennattuu, akkasumatti dalagaalee gaarii biraadhaa tan
hojjattu garuu akkaan ollaa ishii rakkiftu, tan haala
bareedaa hin qabne yeroo dhaga‟u “Ishiin Warra
Ibiddaati” jedhan.

Nabiyyiin (saw) roga jireenyaa cufa keessatti kan hordofnuu fi


fakkeenya gaarii nuuf ta‟an turan.
Arjaa, Obsaa, Jeyna akkasuma akka intala dubraa caalaatti
nama qaanfatu turan. Nama dhugaatii fi amanamaa turan.

Amala isaanii kana kaafirtoonni fuula mu‟mintootaa duratti,


Warri cubbaawoon warra saaliha duratti ragaa bahuu turan.

Hundaa ol garuu khadiijaan gaafa wahyiin isaan irratti bu‟u


“Rabbiinin kakadha Rabbiin Goonkuma Hamtuu sitti hin fidu,
Sababnis Fira maxxanfattan, Yeroo kennattanis arjummaa
qabdan, Obsa qabdan, Warra dagatame ni yaadattu,

Jemal Sheikh Bakri Page 73


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Keessummaa ni jaalattu, nama mirgi isaa tuqame isaaf


dhaabbattu.” jetteen.

Jecha Allaahaan Ittiin Ergamaa isaa faarse Qur‟aana isaa


keessatti buuse Yeroo hunda dubbisaa jiraanna. “Dhugumatti,
ati amala (naamusa) guddaa irra jirta.”

Walumaa galatti Haalli Ergamaa Rabbii (saw) Qur‟aana turan.


“Gaarii ta‟i, Allaahaan gaarii jaalataa.” Jecha jedhu jecha
Allaahaa kana yeroo nuu dubbisan Isaan beektotaa fi ijoolleef,
sooressaa fi hiyyeessaaf, Aangaawotaa fi ummataafis gaarii
ta‟aniiti.

“Irra namaaf dabri dantaa dhabi” Qur‟aana jedhu yeroo nama


yaadachiisan dhiifama namaaf godhanii, dantaa dhabaniiti.
“Namootaan waan gaarii jedhaa” jecha Allaahaa kana yeroo
qara‟an Namoota haala gaariin dubbisaniiti.

Yoo Dhugaan Rasuula kan fakkeenya keenya godhannu taane


seenaa isaanii sirritti haa qo‟annuu. Keessattu hariiroon isaan
namootaa wajjiin qaban maal akka fakkaachuu ture?
Dogongora uumameef akkamitti akka irra namaaf dabaran?
Miidhaa namni isaan irraan gahu akkamitti akka obsaa turan?

Akkamitti namoota tajaajiluun of akka dadhabsiisan?


Akkamitti gara Islaamummaatti nama yaamuu akka turan Fi
kkf Qaceellotti dubbisi.

Nabiyyiin (saw) hanga Manguddoomanii lafeen isaanii laaftutti


isaanumaa miskiinota gargaaran agarta, ammaas isaanii

Jemal Sheikh Bakri Page 74


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namoota wal lolan walitti araarsan argita, Isaanumaa


kaafiroota gara islaamummaatti yaaman argita.

Aa‟ishaan (Rabbi irraa haa jaalatuu) hoggaa dubbattu “Umriin


isaanii lakkuma guddachaa dhuftuun taa‟anii salaatuu turan”
jechuu turte. Maaliif isinitti fakkaata? “Namoonni guutumaa
guututti humna isaanii waan dadhabsiisaniifi” jettee ibsa
kennite. Nabiyyiin (saw) Yeroo hunda Haala (amala) isaanii
fooyyessuuf bololuu turan.

“Yaa Gooftaa kiyya! Akka qaama gubba kiyya bareechitetti


Haala (amala) kiyya naaf bareechi” Du‟aa‟ii jettu godhachuu
turan (Ahmad).

Akkasumatti akkana jechuun Rabbi kadhachuu turan “Yaa


Allah gara haala bareedatti na qajeelchi. Si malee kan gaaritti
nama qajeelchu hin jiru, Amala badaa irraa na baraari. Si malee
kan nama baraaru hin jiru” (Muslim)

Haala (amala) Nabii (saw) osoo qabaanne onnee muslimaa


hunda ni boojina. Nama muslima hin taane ammoo Waa‟ee
Islaamummaa ni barsiifna.

Akeektuu…
Atummaan Niyyaa kee tolfadhu malee Amalli kee bareedaan
ati hariiroo namootaa wajjiin gootu irratti agarsiistu Ibaadatti
siif jijjiirama. Kanaanis Gara Rabbiitti dhiheenya argatta.

Jemal Sheikh Bakri Page 75


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Dhandhama Sirrii Fayyadami


Namni akka Walii galatti waan jaalatuu fi waan dinqisiifatu
qaba. Akkasumatti waan akka walii galatti jibbus ni qaba.

Wanni namni irratti garaagarummaa Uumus hedduudha.


Waan gari garii namoonni tokko tokko dinqisiifatan kan
namoonni gari gariin jibbaniitu jira.

Haa ta‟uu malee Namoonni hundi kofla ni jaalatu Namni kofla


jibbu hin jiru. Namoonni tokko tokko qoosaa ni jaalatan garuu
namoonni tokko tokko hin jaalatan.

Namoonni gari gariin yoo namni isaan bira dhufe isaanitti tola,
gari gariin immoo kophummaa jaalatu. Namoonni tokko tokko
hedduu haasawuu jaalatu, namoonni kan biraa ammoo cal‟isuu
filannoo isaanii godhatu.

Namoonni namoota amala isaanii wajjiin wal fakkaatu qofa


wajjiin jiraachuu jaalatu. Amala nama hundaa maliif Simachuu
dadhaba?

Namni tokko Culullee isaa harraagessaa Wajjiin bararaa jiran


arge. Mootii shinbirroo kan ta‟e Culullee wajjiin bararuun
harraagessaa isa dinqisiise.

Sababni akka isaan wajjiin bararan godhu waan tokko waan


waliin qabaniifi goolabbii jettu irra gehe. Hanga dadhabanii
boqochuuf lafa qubatanitti daawwachuu itti fufe. Itti dhihaatee
yeroo ilaalu lameen isaaniituu miilli isaanii cabaa ta‟uu hubate.

Jemal Sheikh Bakri Page 76


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Gurbaan abbaan isaa cal‟isa jaalatu tokko jaalala abbaa isaa


argachuuf cal‟isiinsaan abbaa isaatti dhihaatuu qaba. Jaartiin
jaarsi ishii qoosaa akka jaalatu yoo hubatte jaarsa ishii wajjiin
qoosuu qabdi, Yoo kan qosaa hin jaalanne te‟e garuu qoosaa
irraa of qusachuutu ishirra jiraata.

Hiriyootaaf, Ollaaf, Obboleewwaniifis bifuma olitti kaafne kana


gochuun barbaachisaadha. Namni cufti uumama wal fakkaataa
qaba jettee hin yaadin. Uumamni ilma nama gosa garaa garaa
qaba.

Seenaa takka nin yaadadha.


Haati hiriyaa kiyyaa takka baay‟ee isa jaalatti. Yeroo inni
dhaqee ziyaaruu fi wajjiin taphatu hedduu gammaddi. Ijoollee
ishii hundaafuu mararfannaa qabaattullee gurbaa kanaaf garuu
jaalala addaa qabdi turte.

Sababa baruu barbaadeetin hiriyaa kiyya kana gaafadhe.


“Rakkinni jiru obboleewwan kiyya amala ummaa teenyaa
beekuu dhabuu isaaniiti, gaafii isiin isaan gaafattu waan
hifataniif” jechuun naaf deebise.

“Caalmaya keetu akka ati qofti amala ishii hubattu si taasise”


jedheetiin itti qoose. Kofleeti “Eeyyen! Iccitii takka sitti haa
himuu.

Ummaan tiyya akkuma dulloota kamuu eenyuutu fuudhe?


Eenyuutu hiike? Eenyuutu dehe? Guddaan kami? Gurbaan
xumuraa maqaan eenyu jedhama? Gaafii akkanaa gaafachuu
jaalatti. Gaafilee (haasawni) Akkanaa kun akka bu‟aa hin qabne
nin beeka.

Jemal Sheikh Bakri Page 77


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hanga ishii gammachiisutti garuu an deebisaa nin kannaaf.


Ishiinis haasawa anaa wajjiin haasoftu kana bakka biraa bakka
takkattillee hin argamu jettee yaaddi.

Waanin an itti haaasawu waan addaa gootee ilaaltee itti


gammaddi. Yeroon ishii bira taa‟e hunda madraka haasawaa
niin banaaf. Akkasitti waan itti tolu haasofti.

Garuu obboleewwan kiyya oduu ishiin hin jaalanne itti


haasawan. Saniif jecha isaanii wajjiin taa‟uu hin jaalattu. Iccitiin
jirtu tana” naan jedhe.

Uumama nama tokkoo (amala nama tokkoo) yoo hubatte; maal


akka jaalatu, maal akka jibbu yoo beeyte onnee isaa booji‟uu
dandeessa.

Hariiroon Nabiyyiin (saw) namootaa wajjiin qaban maal akka


fakkaatu warreen argan Namoota hunda akka amala isaaniitiin
itti dhihaachuu turan ni hubata. Hariiroon warra (jaartii)
isaaniitiin wajjiin qabanilleen amaluma isaanii kan bu‟ura
godhateedha.

Aa‟ishaan nama qoosaa jaalattu waan turteef Nabiyyii (saw)


ishii wajjiin qoosuu turan. Guyyaa tokko Aa‟ishaan Rasuulaa
wajjiin osoo imala irraa deebi‟aa jirtuu yeroo madiinatti
dhihaatan;

Nabiyyiin (saw) Sahaabotaan isin nu dura deemaa. Nuti isin


dhaqqabnaa jedhaniin. Aa‟ishaan (Ra) ammoo “Koottu haa wal
dorgomnuu” jedhaniin. Aa‟ishaan dubra tahuu wajjiin dhalaa
jabduu waan turteef isaan dursite.

Jemal Sheikh Bakri Page 78


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Turtii yerootiin booda amallee isaanii wajjiin imala baate.


Umriin ishiitis dabalee jira, Qaamni ishiitis furdatee jira.
Nabiyyiin (saw) haaluma wal fakkaatuun sahaabotaan deemaa
nuti isin dhaqqabnaa jedhaniin.

San booda Aa‟ishaan “Koottu fiigi wal dorgomnaa” jedhaniin.


Wal dorgomanii Nabiyyiin injifatan. “Ammaan booda ati nan
injifattu” jechuudhaan itti qoosuu turan.

Walitti dhufeenyi Khadiijaa wajjiin qaban garuu kanaan adda


ture. Sababni isaatis khadiijaan (Ra) Waggaa kudha shaniin
isaan caalti turte.

Sahaabota isaatii wajjiinillee osoo hin hafin dhimma kana


hubannaa keessa galchuu turan. Hariiroon isaan Abuu
Hureeyraa fi khaalid wajjiin qaban, Abuubakrii fi Xalhaa
Wajjiin qaban Wal fakkaataa hin turre. Akkaataan Umarii
Wajjiin qabanis kan sahaabota biraa wajjiin wal dhaba.

Nabiyyiin (saw) Sahaabota isaa wajjiin gara lola Badritti


deemaa osoo jiranii Qureeyshonni hangi tokko Osoo hin
jaalatin gara waraanatti dhufaa jiraachuu isaanii dhagayan.

Saniifuu “Sahaabota isaatiin Banuu Haashim irraa warreen


osoo hin jaalatin gara lolaa dhufan jiraachuu dhaga‟eetin jira.
Nu waraanuu hin jaalatan. Kanaafuu warra gosa banii Haashim
hin ajjeesinaa. Abu Al bukhaaxir bin Haashim bin Al Haaris bin
Asad namni arge hin ajjeesinaa. Abbaas bin Abdul Muxxalib
namni arge hin ajjeesinaa. Sababni kana jennuuf isaan
dirqamaniiti kan dhufan.” Jedhan.

Jemal Sheikh Bakri Page 79


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Abbaas Nama Islaamawuu isaa nabiyyii beeysisee fi sochii


qureeyshiin godhaa jirtu kan Nabiyyiif himu ture jedhama.
Saniif Nabiyyiin (saw) Abbaas Muslimootaan akka ajjeefamu
hin jaalanne. Inni Muslima jedhee ifa baasuullee hin barbaanne.

Lolli kun lola Jalqabaa kan kaafiraa fi Muslimoota jidduutti


adeemsifameedha. Muslimoonni lolaaf waan hin qophaawinii fi
Warri isaan lolaniinis ijoollee isaanii, Abboottii isaanii, Firaaf
Ahlii isaanii waan ta‟aniif baay‟ee rakkachaa turan. Nabiyyiinis
(saw) namoota tokko tokko akka hin ajjeesne isaan dhoorganii
jiran.

Lola muslimootaa wajjiin godhamurratti hoogganaan


kaafirtootaa Utbaa bin Rabii‟aa nama jedhamu ture. Haa ta‟uu
malee ilmi isaa Auu Huzeeyfaa bin Utbaa bin Rabii‟aa Salfii
Muslimootaa keessatti hiriiree jira.

Abu Huzeeyfaan Obsuu waan dadhabeef “Abbootii keenya,


Ilmaan Keenya,Obboleewwan keenya, ajjeesnee Abbaas
dhiifnaa? Wallaahi loluma keessatti haa walitti dhufnuu yoonin
an rahmateef!” jedhe.

Odeeffannoon tun deemtee Nabiyyii bira yeroo geessu


Nabiyyiin (saw) Naannawanii loltoota dhibba sadi jajjaboo erga
daawwatanii booda Umar bira dhufanii “Yaa Abu Hafs! Fuulli
Adeera Ergamaa Rabbii Seeyfiin ni diramaa” jechuun gaafatan.

Ergamaan Rabbii (saw) “Yeroon jalqaba Maqaa Abu Hafs


jedhamu kanaan na yaaman guyyaa kana ture.” Jedhu Umar.

Jemal Sheikh Bakri Page 80


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Umar (Ra) Ergaa hubatee jira. Lolatti seenuuf waan ta‟eef


eenyuuyyuu yoo ta‟e ajaja hoogganaa faallessuu fi Diinota fuul
duratti isaaniin falmuuf akka carraa kennuu hin qabne
Murteesse.

Kanaaf “Yaa Ergamaa Rabbii! Akkan morma isaa seeyfiin irraa


darbu qofa naaf hayyamaa?” jedheen. Haa ta‟uu Malee Nabiin
(saw) lakkii dubbii qabbaneessuuf sodaachisuunuu gahaadhaa
jedhan.

Abu Huzeyfaan (Ra) nama gaarii ture. San booda “Jechan


gaafas dubbadheef hedduun itti qaanfachaa fi shoorarkaawaa
ture. Hangan Shahiidomutti qaanfachuu hin dhiifne.”
Akkasumatti Lola Yamaamah irratti shahiidee ta‟ee
wareegame.

Nabiyyiin (saw) Umar Hojii akkam akka jaalatu ni beekan


waan te‟eef akka akka sadaqaa walitti qabu, Akka Nageenya
buusuuf akkasumas akka wallaalaa barsiisuuf hin ajajan turan.
Bakka lolatti Murannoo fi Ejjannoo cimtuu nama qabu ta‟uu
isaa waan beekaniif Umar filatu.

Lola Kheybar irratti Nabiyyiin (saw) Yahuudota wajjiin erga


wal waraanan booda walii galtee nageenyaa uuman. Qabxii
walii galtee irraa tokko Yahuudonni qabeenya isaanii akka
beeysisan kan gaafatu of keessaa qaba ture.

Huyey bin Akhxab namni jedhamu hoogganaa yahuudotaa kan


ta‟e Boorsaa tokko guutuu faaya warqii irraa te‟e akkuma
madiinaa irraa qabee deebi‟een osoo hin turin du‟e.

Jemal Sheikh Bakri Page 81


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yahuudonni boorsicha ni awwaalan. Nabiyyiin (saw) Adeera


Huyeey bin Akhxabiin “Boorsaan Huyeey banuu Nadiir irraa
fide eessa kute?” jechuun gaafate. Innis “baasii tokko tokkoo fi
Waraanaaf oolchine” jedheen.

Kan inni fides yeroo dhihoodha, qabeenyi inni fides qabeenya


guddaadha, lolli yookaa waraanni tokkolleen dhiheenya kana
hin turre Saniifuu “Qabeenyi kun kan dhufe yeroo dhihoodha.
Waan baay‟ee ta‟eefis hanganatti dhumuu hin danda‟u”
jedhaniin.

Akka inni sobaa jiru waan hubataniif Sahaabota isaanii hedduu


keessaa Zubeeyr bin Al Awaam yaamanii “Yaa Zubeeyri!
Adaba Dhandhamsiisi” jedhaniin.

Zubeeyr gara namtichaa deemuu jalqabe, Namtichinis carraan


isaa gaarii ta‟uu dhabuun waan itti mul‟ateef hollachaa
“Guyyaa tokko Huyeey isaa gara mana kanaa seenu argeetin
ture.” Jechuudhaan gara mana dullacha calii tokkotti isaan
akeeke.

Qabeenyi dhokfames achi keessaa argame. Nabiyyiin Hojii


kanaaf kan filatan Zubeeyri ture. Kanaaf Namoota hunda
Akkaata haala isaaniitiin itti fayyadamuun kan barbaachisuuf.

Sahaabonni isaanii haala walitti dhufeenyaa wal fakkaataa


qaban. Yeroo Nabiyyiin (saw) afaan du‟aatti dhihaatu dhibdeen
itti cimnaan Salaata salaachisuu dadhaban. Kanaafuu “Abuu
Bakri haa isin salaachisuu” jedhan. Abu Bakri nama akkaan
garaa laafu turan.

Jemal Sheikh Bakri Page 82


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Akkasumaa wajjiinuu Nabiyyiif hiriyaa gaafa dukkana


jaahilummaa irraa jalqabee hanga ifaan qaroomina islaamaa
dhufutti turan, Hiriyaa isaanii kan duniyaa fi Akhiraati turan,
Abbaa haadha mana isaanii Aa‟ishaati turan. kanaafuu
Dhukkubsachuu Nabiitiif keessi isaanii hedduu akka nahu
hubachuun hin ulfaatu.

Namoonni dubbii ergamaa Rabbii tana dhagayan Abuu Bakri


nama akkaan garaa laafu waan te‟eef Osoo booyuu sirnaan
namootaan salaatuu dhabuutu mala jedhaniin. Nabiyyiin (saw)
akka Abuu Bakri nama akkaan garaa laafu fi Imimmaan isaa
salphatti itti dhufu keessattuu yeroo wanti akkanaa isa
qunname ta‟uu ni beekan.

Ta‟ullee Isaan booda Namni Muslimoota hoogganu akka isa


ta‟e akka waan akeekuu barbaadaniiti. Kanaan booda an hin
jiru, Itti gaafatamummaa Abuu Bakri haa fudhatu jechuu
isaaniiti. Itti deebi‟anii “Abuu Bakri haa isin salaachisuu”
jedhan. Akka te‟ettuu Abu Bakri Biyyaan salaate.

Abu Bakri Nama akkaan garaa laafu ta‟ullee garuu ni


dheekkamu ture. Hiriyaan isaanii, Umar Dhugaa kana ni beeka
ture. Erga Nabiyyiin (saw) du‟aan addunyaa tanarraa
godaananii booda Muhaajirootaa fi Ansaaronni Khaliifaa
filachuuf Ona warra banuu sa‟idaa jalatti walitti qabaman.
Umar, Abuu Bakritti aanee deemu jira.

Umar (Ra) Akkana jedhu; “Iddoo marii ona warra Banuu


Sa‟idaa akkuma dhufnee gad tetteenyeen Namni Ansaara irraa
te‟e tokko Shahaadaa jedhee erga Rabbiin galatoomfatee booda

Jemal Sheikh Bakri Page 83


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Nuti Tumsitoota Rabbiitii akkasuma Dura bu‟oota Islaamaati


(Vanguard of Islam).

Isinis muhaajiroonni qaama keenya. Garuu gari gariin keessan


Waanyoo (hinaaffaa) irraa kan ka‟e Hoogganummaa nurraa
fudhachuu barbaaddu.” Jedhe.

Yeroo inni xumuratu dubbachuu barbaadeetin dubbachuuf


maal akkan dubbadhu of keessa barbaadutti seene. Kanin
dubbachuu deemu Abubakri fuul duratti; haa ta‟uu malee
isaan fuula guuruu isaanii nin beeke. Garuu Abubakar “Umar
tasgabbaa‟i” naan jedhan.

Anis isaan dallansiisuu waanin hin barabaadiniif nan cal‟ise.


Wallaahi! beekaan dubbii fixa akkuma jedhan sanitti waan
garaa na jiru hunda bifa na caaluun narraa dubbate.

Abubakari akkana jedhe “Caalmaya keessanirraa wanni ati


dubbatte sun dhugaa hin haalamne. Haa ta‟uu garuu
Araboota biratti gosti hoogganummaan beekkamtu gosa
Qureeyshiiti.

Shanyiin ta‟us gosaanis isaan madaala giddu galeessa qaban.


Isaan keessaa namoota lama isiniif fileetin jira. kanaafuu
lameen keessaa tokkoof Ahdii (Irbuu) seenaa.” Jedhee.

“Harka kiyyaa fi Harka Abaa Ubeydaa kan nu cinaa taa‟aa jiru


ol qabe. Haasawa Abubakri keessaa ishii tana malee takkallee
hin jibbine. Wallaahi Cubbuu biraa hojjadhee mormi kiyya
narraa darbamuutu Ummata Abubakri keessa jiru hoogganurra
naaf caala ture.

Jemal Sheikh Bakri Page 84


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namni marti cal! Jedhee use. Hanganuma jidduun Ansaarri


tokko lafaa ka‟ee “Ani nama nama gargaarsa barbaadu
gargaaru, Maatii na gargaaruu fi na tiksus nan qaba.

Yaa Qureeyshota! Isinis Hoogganaa mataa keessanii nulleen


hoogganaa mataa keenyaa yoo filanne hoo maal isinitti
fakkaata?” jechuun gaafate.

Jidduu ummataatti shoorarkaan ka‟uu hin ooltu jennee hamma


sodaannu takkatti hawaasni gungumuu jalqabe. Anis “Yaa
Abubakri! Harka keessan ol qabaan” jedheen. Abubakri harka
isaanii ol qaban. Ani deeggarsa kiyya isaaniifin kenne (Ahdiin
godhe), Muhaajiroonnis natti aananii kennan, Ansaaronnis itti
fufanii kennan.

Eeyyen! Namni hundi Furtuu addaa kan onneen isaa ittiin


banamu qaba. Jaalala isaa argadhu, dhiibbaa gaarii isa irratti
uumi. Kun Waanuma deddeebinee jireenya keenya keessatti
argaa jirruudha.

Koolleejjii keessatti yeroo hojjattoonni, manaajarri akka waan


ati barbaaddu siif raawwatuuf abaluu abaluutu isatti
dhihaataati isa itti ergi.

Yoo abaluu abaluu itti ergite waan ati gaafatte hunda siif
raawwata yeroo jedhamu dhagayuu hin ooltu. Oogummaa kee
fayyadamtee onnee namootaa banuuf Eegee ta‟uurra mataa
maaliif hin taane?

Eeyyen! Gaarii ta‟iitii Furtuu Onnee harmee tee, Abbaa kee,


akkasumatti jaartii teetii fi ilmaan kee ittiin bantu barbaadii

Jemal Sheikh Bakri Page 85


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

baniin. Iddoo hojii keetitti furtuu onnee Hogganaa keeti fi


hiriyoota kee kan wajjiin hojjattan ittiin bantu barbaadii
argadhu. Qulfii onnee namootaa beekuun kee akka isaan gorsa
kee dhaggeeffatan godha waan te‟eef.

Gaaf tokko Nabiyyiin Rabbii (saw) Osoo sahaabota isaa waliin


masjiida keessa taa‟anii wal mariyaataa jiranii, gurbaan warra
baadiyyaa tokko ol seenee bitaa fi mirga ilaaluu jalqabe.
San booda roga masjiidaa irraa gara tokko goreetuma kofoo
baafatee fincaanutti seene.

Sahaabonni akkamitti gurbichi masjiida keessatti fincaana


jedhanii hedduu dallananii jiran. Kanafuu kan fiigee rukutuu
barbaades numa jira.

Haa ta‟uu garuu Rasuulli Rabbii (saw) “Fincaan itti hin


qabinaa!” jechuun akka tasgabbaawan gaafate. Sahaabonni
waan godhan waan dhabaniif cal! Jedhanii ilaaluu jalqaban.
Nabiyyiin (saw) taatee tana osuma ijaan arganii, masjiida
keessatti fincaan fincaanamutti jiraa osuma beekanii tarkaanfii
sahaabota isaanii dhaabsisan.

Obsi isaanii nama dinqa! Gurbaan fixatee yeroo inni kofoo isaa
hidhatu suuta jedhanii yaaman. Dhufee isaan bira dhaabbate.
“Masjiidonni kun kan ijaramaniif kanaaf osoo hin ta‟in akka itti
salaatanii fi akka itti qara‟aniifi” Gorsi isaanii ifaan asumatti
dhaabbate.

Gurbaan gorsa Nabiyyii (saw) dhage‟ee bahe. Yeroo yeroon


salaataa geessu dhufee isaanii wajjiin salaata salaate. Nabiyyiin

Jemal Sheikh Bakri Page 86


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

(saw) “Allahu Akbar” jedhanii salaata jalqaban. Qur‟aana


qara‟anii gad jedhan.

Rukuu‟a irraa yeroo ol jedhan “Sami‟a Allaahu liman


Hamidah” (Rabbiin nama isa galatoomfateef dhage‟e) jedhan.
Sahaabonnis “Rabbanaa Wa lakal Hamdu” (Yaa Rabbii keenya
Galanni siif haa ga‟u” jedhan.

Gurbaan san garuu “Yaa Allah! Anaa fi Muhammad malee


nama tokkoof hin rifatin” hima jedhu itti dabale. Nabiyyiin
(saw) ni dhagayan.

Salaanni yeroo raawwatamtu eenyu akka jecha san jedhe


gaafatan. Sahaabonni gara gurbaa sanii itti akeekan. Nabiyyiin
(saw) akka gara isaanitti ol dhihaatu gaafatan. Yeroo ilaalan
gurbaan gurbaa baadiyyaa irraa dhufe kan ganamaa san ta‟uu
hubatan.

Jaalalti Ergamaa Rabbii (Saw) Onnee isaa haalaan booji‟uu irraa


kan ka‟e akka Rabbiin isumaa fi Ergamaa Rabbii qofaaf
rahmata godhu isa kadhachiifte.

Nabiyyiin (saw) “Waan bal‟aadha dhiphiste” jedhaniin.


Rahmata Allaaha Bal‟aa nama hunda wal ga‟uu danda‟u kana
dhiphistee nama lama qofatti deebisuu hin qabdu jechuu
isaaniiti.

Nabiyyiin akkaataan isaan itti namootatti dhihaatan bareedaa


ta‟uu irraa kan ke‟e onnee namootaa akka itti too‟achuu
danda‟an ilaali. Sababni Rasuulli (saw) akkas godhaniif
gurbaan warra baadiyyaati.

Jemal Sheikh Bakri Page 87


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Beekumsa akka Abubakrii fi Umar yookaa Mu‟aazii fi Ammaar


qabaachuun isa irraa hin eeggamu. Kanaafuu ilaalcha isaan
ittiin ilaalamaniin ilaalamuu hin qabu.

Akkaataa Mu‟aawiyaa bin Al Hakam (Ra) kan dabree dabree


Nabii wajjiin wal qunnamuu ture haa ilaalluu. Madiinaa
keessallee hin jiraatu, deddebi‟eetis Nabiyyii wajjiin wal hin
argu. Inni Horii tikfatu gammoojjii qaba.

Guyyaa tokko Mu‟aawiyaan madiinaa dhufee masjiida Nabii


(saw) ziyaare. Nabiyyiin (saw) sahaabota isaa wajjiin taa‟anii
waa‟ee Haxxiffachuu fi Naamusa haxxiffachuu haasawaa jiru.

Namni tokko obboleessi isaa Haxxiffatee yoo “Alhamdulillaah”


jedhe “Yarhamukallah” (Rabbiin siif haa rahmatu) haa
jedhuunii jedhan.

Mu‟aawiyaan dubbii tana sammuu isaa keessatti qabatee bahee


kute. Guyyoota muraasa booda dhimma wahiitiif jecha Gara
madiinaatti deebi‟e.

Yeroo masjiida ol seenu Nabiyyiin (saw) sahaabota isaa wajjiin


salaataa jiran. Isaan wajjiin salaatuu jalqabe. Jiddumaan
sahaabaan tokko haxxifate. Mu‟aawiyaan deebisaa akka
kennuu qabu yaadate.

Akkasitti sahaabtichi “Alhamdulillaah” jechuun duratti


jerjeraan sagalee isaa ol fuudhee “Yarhamukallah” jedheen.
Sahaabonni salaatutti jiran yaaddawanii ija dheekkamsaatiin
gara isaa mimil‟achuu jalqaban.

Jemal Sheikh Bakri Page 88


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Haalaataan sahaabonni isa itti ilaalaa jiran kun isa yaachiseeti


“Arra eessumaan seena! Jarana maali wanni ija natti
dhaabdaniif?” jedheen.

Sahaabonni akka inni cal‟isuuf jecha harka isaaniitiin sarbaa


isaanii dhahuu jalqaban.

Ergamaan Rabbii Yeroo salaata irraa raawwatan gara isaanii


garagalan. Sagalee abaluutii adda baafachuu dadhabanis jecha
“Yarhamukallah” jedhu dhagayanii jiran. “Eenyuutu jecha san
dubbate” jedhanii gaafatan. Sahaabonni gara Mu‟aawiyaa
akeekan.

Nabiyyiin (saw) gara kiyya koottu jedhaniin. Innis sababa


salaata addaan muree fi namoota jeeqeef jecha waan isa
mudatu beekuu dhabuurraa kan ka‟e rifataa bira dhaqe.

Mu‟aawiyaan hoggaa dubbatu. “Haadhaa fi Abbaan kiyya


fidaa isaanii haa ta‟an! Isaan duraa fi boodallee hoogganaa akka
isaanitti haala bareedaan nama barsiisan argee hin beeku.

Nin kakadha, Naan hin lolle, na hin dhooyne (hin rukunne),


nallee hin xiqqeessine garuu salaata keessatti namaa wajjiin
haasawuun hin hayyamamu, Salaata keessatti Allaaha
guddisuu, Guddina Allaaha ibsuu, fi Qur‟aana qara‟uu qofatu
hayyamame naan jedhan. Kana ture gorsi isaanii jedhe.

Mu‟aawiyaan gorsa isaanii fudhatee erga tasgabbaawee


boodallee waa‟ee dhuunfaa isaa takka takka gaafachuu jalqabe.
“Yaa Ergamaa Rabbii! Yeroo dhihoo dura nama amantaa hin
qabnen ture.

Jemal Sheikh Bakri Page 89


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Ta‟ullee Rabbiin Islaamummaa Nuu fidee jira. Nu keessaa


warreen raagdota irraa gargaarsa barbaadantu jira. Raagni
isaanii waan hin mul‟anne ni beeyna jedhan.

Saniifuu namni deddeebi‟ee waa isaan gaafata” jedhe.


Nabiyyiin (saw) “Isaanitti hin dhihaatin” jedhaniin. Ati
Muslima waan taateef kan Waan fagoo beeku Allaha Qofa
jechuu isaaniiti. “Warreen gaddiitti amananis ni jiran” jedheen.

Akkaataa barariinsa shimbirroo ilaalanii Carraa hamaa warreen


himanis jiran jechuu isaati. Nabiyyiin “Kun waan onnee isaanii
irraa dhufuu danda‟u garuu Waan isaanitti dhufu irraa hin
deebisu” jedhaniin.

Haala kanaan Nabiyyiin (saw) nama masjiida keessatti


fincaanee fi nama salaata keessatti haasawee jiru qabatama
isaanii hubannaa keessa galchuudhaan keessummeessuu turan.
Sababni isaan akkas godhaniif namoonni akka isaanii kan
baadiyyaa irraa dhufan dogongora hojjatuu danda‟u.

Mu‟aaz (Ra) Salaata Ishaa‟ii Rasuula Rabbiitii Wajjiin salaatee


San booda gara ummata isaa deemee salaachisuu ture.
Salaanni lammadaa isaaf sunnaa yoo taatu warra kaaniif garuu
fardiidha.

Halkan tokko akkuma dur baretti Mu‟aaz Nabiyyii Rabbiitii


Wajjiin Salaatee gara masjiida ofii salaachisuu deeme. Masjiida
seenee salaata jalqabe. Gurbaan tokko dhufee jam‟aa isaanitti
makame.

Jemal Sheikh Bakri Page 90


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Suuraa faatihaa akkuma fixeen suuraa baqaraa qara‟utti seene.


Namoonni hedduun guyyaa ooyruu isaanii hojjachaa, loon
isaanii tiysaa waan oolaniif Ishaa‟ii Tanuma dirqii salaatan.

Gurbaa kana salaanni haalaan itti dheeratte. Jam‟aa keessaa


salaata dhiisee kophaatti achi bahee salaata guuttatee kara
mana isaa gale.

Mu‟aaz yeroo salaata xumuru Naamoonni itti dhufanii “Yaa


Mu‟aaz! Abaluu Abaluu nuu wajjiin osoo salaataa jiruu
salaanni itti dheerannaan dhiisee kute” jedhaniin. Mu‟aaz
dallanee “Dhukkuba Munaafiqummaatu isa keessa jira
jechuudha. Dubbii tana Nabiyyii Rabbiitin beeksisa.” Jedhe.

Namoonni dubbii Mu‟aaz dubbate tana fuudhanii gurbaatti


geessan (himan). Gurbaanis “Waan inni hojjatu Ergamaa
Rabbittin hima” jedhe. Isaan Lameenuu Ergamaa Rabbii (saw)
bira dhaqan. Mu‟aaz Waan gurbaan Raawwate Nabiyyiitti
hime.

Gurbaanis “Yaa Ergamaa Rabbii! Isin bira baay‟ee tura. Nu bira


yeroo dhufes salaatarratti baay‟ee nu tursiisa. Wallaahi Yaa
Ergamaa Rabbii Mu‟aaz Salaata haalaan akka dheeressu waan
beeknuuf jecha suuta jenneeti gara salaata dhufna.” Jedheen.

Nabiyyiin (saw) “Suura tam qaraata?” jechuun Mu‟aaziif gaafii


dhiheessan.” Suuraa baqaraatii fi boqonnaalee biraa akka
qara‟u himeef.

Nabiyyiin (saw) Sababa mu‟aaz salaata dheeressuuf jecha


namoonni salaatarraa booda aananii dhufuu yeroo dhaga‟u

Jemal Sheikh Bakri Page 91


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

haalan lolan. Namoonni salaatarratti akka nuffan beekuutu


isinirra jiraata.

Gara Mu‟aaz garagalanii “Yaa Mu‟aaz! Ati nama rakkoo


uumuu sa?” jedhaniin. Namoota rakkistee maaliif amantii irraa
fageessita? Wassamaa‟i Waxxaariq, Wassamaa‟i zaatil buruuj,
Washamsi Wa duhaahaa fi Wal leyli izaa yaghshaa qara‟i
jechuu isaaniiti.

Gurbaanis haala kabajaan guutameen “Yaa ilma obboleessa


kiyyaa salaatarratti maal hojjatta?” jedhaniin. “Faatihaa ergan
qara‟ee booda akka Rabbiin jannata naaf kennuu fi jahannam
irraa na fageessun Rabbi kadhadha” jedheen.

Nabiyyiin (saw) yeroo du‟aa‟ii dheertuu godhanii fi Mu‟aazis


bifuma wal fakkaattuu yeroo godhu yaadachuudhaan “Garuu
Isinii fi Mu‟aaz waan qaraatan hin beeku” jedheen. Du‟aa‟ii
dhedheertuu akkamii akka isin gootan hin beeku jechuu isaati.

Nabiyyiin (saw) du‟aa‟iin anaa fi Mu‟aaz goonus tanumaan wal


fakkaatti” jechuun isaanii Nutis akkanuma jannatumaa fi
jahannam irratti du‟aa‟ii goona jechuu isaaniiti.

Mu‟aaz yakka munaafiqummaatiin gurbaan waan himateef,


gurbaan akka malee itti dhaga‟ame “Gaafa diinonni keenya
dhufaa jiran oduun jettu dhufte Mu‟aaz arguuf jiraata.” Jedhe.

Karaa Rabbii keessatti Jihaada irratti Mu‟aaz na arguuf jira.


Akka munaafiqa naan jedhe sanitti hin hafu, Iimaana kiyya
gaafas qajeellotti adda baafata jechuu isaati. Osoo hedduu hin
turin waraanni ka‟ee gurbaan waraana keessatti shahiide.

Jemal Sheikh Bakri Page 92


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyiin (saw) dubbiin tun yeroo isaan geessu Yaa Mu‟aaz


saahibni kee akkam te‟e? kan ati munaafiqummaan himatte san
jechuu isaaniiti. Mu‟aazis “Yaa Ergamaa Rabbii! Inni dhugaa
dubbate, dhugumaanuu inni munaafiqaa miti karaa Rabbii
keessatti wareegamee jira.” Jedheen.

Sadarkaan uumama amala namootaa akkamitti akka wal dhabu


agartee? Ergamaan Rabbii hoo akkamitti akka isaan
keessummeessu ilaali.

Nabiyyiin Rabbii (saw) akkamitti akka gurbaa mana isaa


keessatti guddate, kan isaan biratti akkaan jaalatamaa te‟e
usaamaa bin zeeydii itti simatu haa ilaalluu.

Rasuulli Rabbii (saw) sahaabota isaa irraa namoota haga tokko


gara Al Huraaqaat gosa juhaynaa irraa taate takkatti erge Isaan
keessaa tokko Usaamaa bin Zeeydii ture.

Barii Lolli ni jalqabe. Muslimoonni injifannoon galanii


loltoonni kaafiraa baqatan. Loltoota kaafiraa keessaa gurbaa
tokkootu ture.

Yeroo Hiriyoonni isaa (loltoonni isaanii ) booji‟amuu hubatu


meeshaa isaa darbee dheefa kute. Usaamaa fi Gurbaan Ansaara
irraa ta‟e tokko Kaafirticha qabuuf jala fiiguu jalqaban.
Kaafirtichi osuma dheefa fiiguu muka tokko kan jalatti dhokatu
argee jalatti dhokate.

Haa ta‟uu malee Usaamaa fi Gurbaan ansaaraa sun isa arguu


irraa hin oolle. Usaamaa fi Gurbaan Ansaaraa Seeyfii isaanii itti
luqqifatanii mataa gubbaan gayan. Yeroo seeyfiin lama mataa

Jemal Sheikh Bakri Page 93


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

gubbaa itti gad dhuftu duuti hulaa itti dhadhawaa jiraachuu


hubate. Hafuura isa keessa jiru walitti babarbaadee Akkana
Jechuu jalqabe.

“Haqaan gabbaramaan haqa ta‟e Allaah malee jiraachuu


dhabuu ragaan baha, Akkasuma Muhammadis Ergamaa fi
Gabricha Rabbii Tahuu ragaan baha.”

Usaamaa fi Gurbaan Ansaaraa waan godhan wallaalan.


Dhugumaan namtichi kun Islaamummaaf shahaadaa jedhe
moo mala mormi isaa irraa darbamuu of baraaruuf baafate?
Jedhanii waswaasan.

Akkuma beekkamu kan itti argaman dirree waraanaatii Morma


namaa kan lafa guutte, Harka namaa kan muramte, dachiin
Rabbiin dhiiga qofa, Kaafirtichi harka isaanii jira, gara isaanii ol
ilaalaa jira.

Karaa kamiin xiyyi dhufee akka isaan dirus hin beekan


kanaafuu murtee takka saffisaan murteessuu qaban. Yeroon itti
dubbii qulqulleeffatan hin jirtu. Gurbaan Ansaaraa Seeyfii irraa
ol qabe. Usaamaan Shahaadaan Namticha kanaa ta dhugaatii
miti jedhee waan shakkeef Seeyfiin dhawee ajjeese.

Gara madiinaa gammachuu injifannoo mimmi‟eeffachuun


deebi‟an. Usaamaan Nabiyyii bira dhaabbatee waa‟ee waraanaa
himuufii jalqabe.

Akkasuma waa‟ee namticha kanaatis achumaan itti hime.


Seenaan waa‟ee injifannoo muslimootaa waan ta‟eef Nabiin
Rabbii (Saw) Hanga Usaamaan “San booda Nin Ajjeese”

Jemal Sheikh Bakri Page 94


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

jedhutti gammadaa turan. Eegasii fuulli Nabiyyii ni jijjiirame


“Inni „‫ ‟إلله إال هللا‬eega jedhee ajjeestee?”.. “Yaa
Ergamaa Rabbii dhugaan hin jenne sodaa seeyfii teenyaatiif
jecha akkas jedhe” jedheen Usaamaan.

Nabiyyiin (saw) ammas irra deebi‟ee “Inni Laa ilaaha illallaah


jedheetuma eegasii ati isa ajjeestee?!” Onnee isaa dhoofteeti
akka inni sodaa seeyfiitiif shahaadaa qabate beeyte moo
akkamitti beeyte?

Nabiyyiin (saw) “Inni laa ilaaha illallaah eega jedhee ati isa
ajjeestee?!” “Inni osoo haqaan gabbaramaan Haqa ta‟e Rabbi
malee hin jiru jedhuu ati isa ajjeestee?!” usaamaa ilaalaa jechuu
itti deddeebi‟e.

Guyyaa qiyaamaa akkamuma taata gaafa shaadaa wajjiin


walitti dhuftan? Dubbii tana usaamaatti deddeebisuu itti fufan,
hanga Usaamaan way osoon har‟a islaamummaa qabadhee
jedhee yaadutti.

Ilaalcha…
Ilmi namaa kun akkuma bifa garaagaraa qabu ilaalcha
garaagaraa akka qabu beeki.

Jemal Sheikh Bakri Page 95


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Jecha sirrii filadhu


Mata duree dabretti aanee, Akkamitti namootatti Akka
haasofnuu fi waa‟ee maalii akka haasawuu qabnu irraa
dubbanna.

Namni tokko yeroo nama biraatii wajjiin haasawu haasawa


bareedaa filachuu qaba. Haasawni dargaggootaaf godhamu kan
mangoddootaaf godhamu irraa adda ta‟ee argamuu qaba.

Mariin namoota baratanii wajjiin goonuu fi namoota hin


baratinii wajjjiin goonu wal fakkaataa ta‟uu hin qabu. Haaluma
wal fakkaatuun haasawni nuti haadha manaa teenyaa wajjiin
haasofnu, kan obboleettii teenyaa wajjiin haasofnuu wajjiin
tokkoo miti.

Akkana jechuun tokko tokkoon namootaaf guutumaa guututti


haasawa adda addaa haasawuu qabnaa jechuu miti. Wanni
jaartiin jedhamu obboleettiin hin jedhamu jechuu miti.

Wanni dargaggootaan jedhamu, manguddootaan hin jedhamu


jechuu miti. Haa ta‟uu malee tooftaan ittiin haasawan wal
dhaba jechuu barbaanneeti.

Akka fakkeenyaatti yoo kaafne mangooddoota waggaa


torbaatamii olii kan akaakayyoo kee ziyaaruuf dhufan akka
moggaa baharaatti hiriyoota keetii wajjiin itti boohaaraa oolte
yookaa Hiriyaan kee taphataa kubbaa miilaa jabaa ta‟uu itti
himtee yoo kofalte, haasawni kee kun fudhatama qabaa?

Dhugumatti fudhatama hin qabu. Haaluma wal fakkaatuun


ijoollee xixiqqootti akkaataa jaarsi jaartii isaa itti qabachuu

Jemal Sheikh Bakri Page 96


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

(hoogganuu) qabu hin himamu. Kanaafuu Waan dubbannu


filachuun karaa namoota ofitti harkisnuun keessaa tokko.

Fakkeenyaaf Abbaa ilma cimaa qabu tokko waa‟ee ilma isaa


gaafachu qabna. Sababni isaa Abbaan ilma isaatiin waan
boonuu fi waa‟een ilma isaa haasawamuu waan jaalatuuf jecha.
Akkasumatti Nama amma dukkaana (suuqii) banatee sochii
gaarirra jiru tokko waa‟ee dukkaanaa isa haasofsiisuun isa
gammachiisa.

Nabiyyiin (saw) wantoota olitti kaasne kana hubannaa keessa


galchanii jiru. Wanni isaan dargaggeessaaf himanii fi tan
manguddootti haasawan wal dhabdi, akkasuma wanni isaan
ijoolletti haasawanii fi dubartootatti haasawan garaagara.

Jaabir Bin Abdullah (Ra) Sahaabota gurguddaa irraa ture. Lola


Uhud irratti Abbaan isaa waan irraa wareegameef Obboleeyyan
dhalaa sagal wajjiin isaatu jira.

Abbaan isaa gaafa wareegamu Liqii namaa hedduutu irra jira


ture waan te‟eef kun hundi itti gaafatama dargaggeessicha
kanaa irratti darbame. Akkasumatti Jaabir waa‟ee
obboleettiiwwan isaa fi hiraar namticha liqii abbaa isaa irraa
qabu irraa isatti dhuftuuf jecha baay‟ee yaaddawa.

Jaabir lola Zaat Ar riqaa jedhamu irratti Ergamaa Rabbii (saw)


wajjiin deeman. Waan gaala jabduun bitatu waan hin qabneef
Jaabir gaala laaftuu hedduu deemuu hin dandeenye takka qaba
ture.

Jemal Sheikh Bakri Page 97


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Sababa saniitiif jecha namoota boodatti hafe. Nabiyyiinis (saw)


namoota booda waan turaniif Jaabir arganii “Rakkoo maaltu si
qunname?” jechuun gaafatan.

“Gaala tiyyaatu duubatti na hambise” jedheen. Nabiyyiin (saw)


“Ciibsi” jedhaniin. Ni ciibse. Ergamaan Rabbiitis Gaala isaa ni
ciibsise. Damee mukaa murii naaf kenni jedhaniin.

Nabiyyiin damee saniin Suuta jedhanii gaalattii diran.


Gaalattiin ol jettee dhaabbannaan Nabiyyiin Irratti bahi
(Yaabbadhu) jedhaniin. Jaabiris Gaalattii yaabbatee Nabiyyii
Wajjiin deemuu jalqaban. Galattiin jabaattee deemuu itti fufte.

Nabiyyiin (saw) Jaabir wajjiin haasawuu Jalqaban. Isaa wajjiin


haasawa akkamii yoo filatan gaarii isinitti fakkaata? Jaabir
dargaggeessa. Dargaggoonni nama waa‟ee fuudhaa fi
heerumaa itti haasawu jaalatan. Kanaafuu “Yaa Jaabir Fuutee
jirtaa?” jedhaniin. “Eeyyen!” jedhee deebiseef Jaabir.

“Dubra fuute moo tan heerumtee baate fuute?” jedhaniin. “Tan


heerumtee baaten fuudhe” jedheen. Umrii tanaan tan
heerumtee baate fuudhuun isaa isaan ajaa‟ibee “Maaliif dubra
fuudhuu dhabde?” jedhaniin.

“Yaa Ergamaa Rabbii! Abbaan kiyya lola Uhud irratti


wareegame. Ijoollee dhalaa sagal narratti dhiisee du‟e kanaaf
anis dubra akka isaanii fidee itti dabaluu hin barbaanne.
Inumaa akka haadha isaanii taatuuf jecha ta umriidhaan
guddootin filadhe.” Jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 98


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyii (saw) nama obboleeyyan isaatiif jedhee gammachuu


isaa aarsaa kafaletti haasawaa jiraachuu hubatan. Waan te‟eef
jecha qoosaa nama umrii isaa tana jiruun malu filatee itti himuu
barbaade.

“Yeroo nuti madiinaatti dhihaannee saaraar (lafa madiinaa


irraa km shan fagaattuudha) geenye jaartiin tee akka dhufaa
jirtu hubattee Boraatii siif tolchitee si eeguu hin ooltu”
Jedhaniin.

Ta heerumtee baate taatullee qophooytee si eeguun hin hafu


jechuu isaaniiti. Deebi‟uu keetiif siif gammaddi. Minxaafota
aftee boraatiilee tarreessitee si eegdi jechuu isaanitti.

Jaabir hiyyummaa isaanii yaadatee “Boraatii?! Yaa Ergamaa


Rabbii wallaahi nuti boraatii hin qabnu” Jedheen.
Nabiyyiinis “In Shaa Allah yeroo dhihootti qabaachuuf
teeysan” jedhaniin.

Ammas “Jaabir” jedhaniin. “Hayyee! Yaa Ergamaa Rabbii”


jedheen. Nabiyyiinis (saw) “Gaala tana ni gurgurtaa?” jechuun
gaafatan. Gaalli tun Jaabiriif qabeenya. Duraan laaftuu taatullee
amma jabaattee jirti.

Ta‟ullee Nabiyyiif (saw) deebii didiinsaa kennuun hin ta‟u.


kanaafuu “Yaa Ergamaa Rabbii meeqatti narraa bittan?”
jedheen. “Dirhama takka” jedhaniin. “Yaa Ergamaa Rabbii natti
qoosutti jirtanii mitii?” jedheen.

Nabiyyiin “Dirhama lama” jedhaniin. “Ammallee natti qoosutti


jirtan Yaa Ergamaa Rabbii” jedheen. Hanga awqeeta warqii

Jemal Sheikh Bakri Page 99


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

tokkoo yooka dirhama afurtamaatti itti dabalaa fi deeman.


Jabiris “Hayyee! Garuu hanga madiinaa geenyuu nin
yaabbadha?” jedheen.

Akkasitti waliif galan. Madiinaa gaafa gahan, Jaabir mana


dhaqee ba‟aa gaala irra jirtu irraa buusee. Yeroo salaata
salaatuuf deemu fuudhee fide. Yeroo salaata irraa raawwatu
“Yaa Ergamaa Rabbii kunoo gaalli keessan” jedheen.

Nabiyyiinis “Yaa Bilaal Dirhama Afurtama irratti haga tokko


dabaliitii kanniif” jedhaniin. Bilaal Maallaqicha fidee kanneef.
Jaabir Maallaqa kanaan maalin godha. Gaalaan bitadha moo
meeshaa manaatin bitadha jedhee ofiin haasawaa gara manaa
deeme.

Nabiyyiin (saw) hoggasuma Bilaaliin “Yaa Bilaal gaala kanas


jaabiriif geessi” jedhaniin. Bilaal gaala qabee jaabir barbaada
seene. Yeroo argu “Gaalattii fudhu” jedheen.

“Maaltu wanni haarawni uumame Nabiyyiin walii galtee


gurgurtaa ni dhiisanii jedhee yaaduu jalqabe. Bilaalis
“Ergamaan Rabbii akka maallaqaa fi gaalallee fudhattu siif
hayyamanii jiran.” Jedheen.

Jaabir gara Ergamaa Rabbii deebi‟ee maaltu akka uumame


gaafate. “Gaala kee fudhachuufin bifa saniin sii wajjiin haasawe
seetee?” jedhaniin. “Osoo gaala sirraa bituu barbaadee gatii
akka irraa xiqqeessitu sin gaafadhu ture?”

Maallaqa kana siif kennuun si gargaaruu waanin barbaadefi


jechuu isaaniiti. Nabiin Amala gaarii ajaa‟ibaa qabu.

Jemal Sheikh Bakri Page 100


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Dargaggeessichaa wajjiin haasawuuf mata duree gaarii filatu.


Yeroo gargaaruu barbaadan immoo jaalalaa fi rifannoota
guddaa wajjiin ture.

Gaaf tokko dargaggeessi Juleeybiib jedhamu Ergamaa Rabbii


(saw) moggaa taa‟uu ture. Sahaabota Nabii gurguddaa keessaa
ta‟uu wajjiin nama hiyyeessaa fi bifa bareedaa hin qabne ture.

Dargaggeessa kophummaan haay goote kanaa wajjiin


haasawuuf Ergamaan Rabbii mata duree akkam yoo filate
gaarii sitti fakkata? Waa‟ee gosoota Arabaa fi kamtu kamii
isaanirra kabajamaadhaa gaafataa?

Waa‟ee magaalaa, seera bittaa fi gurgurtaa gaafataa? Lakkii!


Waan Juleeybiibiif ta‟u Ajandaa addaa bananiif. Kanaaf jecha
Waa‟ee Fuudhaa kaasaniif.

Inninis “ Ana Namni na jaalatu hin jiru” Nabiyyiinis (saw) “Ati


Rabbi biratti gatiin kee guddaadha” jedhaniin. Nabiyyiin
juleeybiibiif jaartii barbaaduu jalqaban.

San booda intala Heerumtee baate tan Abbaan ishii Isaan


(Ergamaan Rabbii) akka fuudhaniif gaafate Intala Ansaaraa
takka yaadate. “Intala tee Bultiifin barbaada” jedhaniin.

“Yaa Ergamaa Rabbii hedduu na gammachiisa” jedheen abbaan


intalaa Nabiyyiidhaan. “kanin barbaadeef garuu mataa
kiyyaafii miti.” Jedhaniin.

Abbaan Intalaatis “Duuba Eenyuufi?” jechuun gaafate.


“Juleeybiibiifi” jedhaniin. Hedduu ajaa‟ibuudhaan “Juleeybiib!

Jemal Sheikh Bakri Page 101


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Juleybiib! Yaa Ergamaa Rabbii mee haadhaanin mari‟adha.”


jedheen.

“Nabiyyiin intala tee gaafate” jedheen jaartii isaatiin. “Haalaan


gaariidha, Ergamaa Rabbiitti (saw) heerumsiisi.” Jetteen.
“Mataa Isaaniitiifi miti kan barbaade” jedheen. “Duuba
Eenyuufi?” jetteen. “Juleeybiibiifi” jedheen.

Intalti ishii Hiyyeessichaa fi nama bifa hin bareenne haa


heerumtu jechuun hedduu ishii rifachiise. “Goonkuma Akka
Juleeybiib fuudhu hin hayyamu, dhiira meeqa deebisnee moo!”
jetteen.

Abbaan intalaa gaddaa dhimmicha Ergamaa Rabbiitti himuuf


yeroo lafaa ka‟u intalti Sitaaraa ishii keessaa “Eenyu akkan an
isa heerumu ka ajaje?” jechuun gaafatte.” “Ergamaa Rabbiiti”
jedhaniin. “Duuba Gaafii Nabiyyii Rabbii diddanii? Itti na
kennaa, Isaan akka hamtuun takka narra ga‟u hin jaalatanii”
Jetteen.

Abbaan ishii Ergamaa Rabbii bira Dhaqee “Yaa Ergamaa Rabbii


filannoon keessani. Kanaafuu intala tiyya Juleeybiibiif kennuu
ni dandeessan” Jedheen.

Nabiyyiin intala juleeybiibitti fuudhe “Yaa Allah! Gaarii


heddummeessii kenniif, Jiruu isaanii tan ta‟abaa fi tan cinqii
duraa hin godhin” Jechuudhaan du‟aa‟ii godhaniif.

Osoo hedduu hin turin Juleeybiin Rasuulaa wajjiin lolaaf bahe.


Lola boodaan Nabiyyiin (saw) Eenyufaatu wareegame jedhee
gaafate. Abalu; Abalu; Abalu; jedhamee itti himame.

Jemal Sheikh Bakri Page 102


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyiin (saw) “Juleeybiib hoo hin agarree?” jedhaniin.


Sahaabonni wareegamtoota keessa Juleeybiib barbaaduu
jalqaban. Barbaada jabaa boodaan kaafirtoota torba cinaa isaa
ciisu argan.

Nabiyyiin (saw) reeffa ilaalaa “Torba Ajjeesee ajjeefame, inni


Anarraahi Anis isarraahi” jedhan. Ofitti qabee sahaabonni akka
qabrii qotan ajaje. Anas (Ra) hoggaa dubbatu “Hanga qabrii
qonnee xumurrutti Juleeybiib harka Nabii Rabbiirra jira ture.

Wallaahi san booda intala Ansaaraa tan heerumtee baate taatee


tan akka jaartii juleeybiib, dhiirti hedduun fuudhaaf gaafatte
hin agarree” jedhe.

Bifa kanaani Ergamaan Rabbii (saw) Keessummaan isaanii akka


hin nuffinetti Mata duree isaaniin malu isaan wajjiin haasawuu
turan.

Guyyaa tokko haadha manaa isaanii Aa‟ishaa Wajjiin taa‟anii


haasawaaa turan. Hundaafuu mata dureen bareedaan haadha
manaatii wajjiin haasawamu maali jetta? Banamiinsa Ruum fi
meeshaa waraanaa lola san irratti fayyadamanii?

San hin haasawan. Sababnis ishiin Abuubakrii miti khaa.


Waa‟ee rakkattoota muslimaatii fi waan isaan barbaadaniitii?
Lakkii! Sababnis ishiin Usmaan hin taane khaa.

Inumaa “Gaafa natti gammadde akka jirtuu fi gaafa natti


dallantee akka jirtu nin beekaa” jedhaniin. “Akkamitti” jetteen.
“Yeroo natti gammadde „Rabbii Muhammadiin‟ jette kakatta,

Jemal Sheikh Bakri Page 103


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yeroo aarte garuu „Rabbii Ibraahimiinin‟ kakadha jetta”


jedhaniin.

“Eeyyee” jetteen. “Wallaahi! ani maqaa keessaniin maleen hin


oodu!” jetteen. Yeroo ammaa tana nuti qabxiiwwan akkana
hubannaa keessa galchinee jirraa?

Qabxii ilaalchaa…!

Waan namoonni akka isaaniif haasawamu barbaadan


haasawiif malee waan ati akka siif haasawamu barbaaddu
hin haasawin.

Walitti dhufeenya jalqabaa irratti nama gaarii


ta’i
Zabana Durii biyya Masrii keessa kan jiraatan namoonni
naannawa baadiyyaa tokko tokko Misirroon isaanii cidhaan
duratti mana keessatti Adurree dhoksaa turan.

Guyyaa cidhaa galgala yeroo jaartii isaa wajjiin kophaa ta‟u


bakka dhoysee ni baasa. San booda Adurree afaan hin beeyne
(bahaa‟ima) gara jabeenyaan rakkisee ajjeesee jabeenya isaa
jaartii isaatti agarsiifata. Kuni aadaa isaanii ture.

Maaliifi ni beeytaa? Ilaalchi jaartiin isaa jalqaba isaaf qabdu


sodaa akka ta‟uuf barbaadeeti.

Barnoota kiyya kan Yuniversitii akkuman xumureen


Yuniversitii takkaaf Barsiisaa ta‟eetin mindeeffamee ture.
Barsiisaan tokko kan yeroo dheeraadhaaf koollejjii san keessa

Jemal Sheikh Bakri Page 104


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

barsiisaa ture “Yeroo jalqaba seentu barattoota fuula itti guuri,


Ija itti dhaabii ilaali, yoo akkas goote jalqabuma irraa si
sodaachuu jalqaban” jechuun na gorse.

Wanni namni marti irratti waliif galu yoo jiraatte Ilaalchi nuti
nama tokkoof qabaannu keessaa dhibbentaan 70% waan walitti
dhufeenya jalqabaa irraa argameedha.

Gareen hooggantootaa takka Oogummaa hojii isaanii irratti


hundaa‟ee, hariiroo namootaa wajjiin qabaachuu qaban
fooyyeffachuuf jecha leenjii fudhachuuf gara ameerikaa
deeman ture.

Warreen leenjiif dhufan dursanii seenanii wal baruu fi wajjiin


haasawuu jalqaban. Tasuma barsiisaan ol seenee akkuma ol
seeneen barataa seeqaa jiru tokkorratti ija dhaabe.

“Maaltu si kofalchiisa?” jechuun itti lallabe. Barataanis


“Dhiifama an hin kofline” jedheen. “Kofaltee jirta” jedhee
ammas itti lallabe barsiisaan. Inumaa “Ati barataa gaarii miti
Xayyaaruma har‟aatiin gara biyya keetii deebi‟uu qabda.
Barataa akka keetii kana barsiisuu hin dhaqqabu” jedheen.

Barataanis rifatee waan jedhu wallaalee hoggu takka barattoota,


hoggu takka barsiisaa ilaaluu jalqabe. Barsiisaan gara hulaa
(balbalaa) ilaalaa “bahi!” jedheen. Barataan kutaa gad dhiisee
bahe.

Barattoota hafaniin “Ani Dr abalun jedhama. Gosa barnoota


akkanaatin isin barsiisa jedhee erga of beeysisee boodaan osoo
gara barnootaa hin seenne dura Waraqaa tana irratti gaafii

Jemal Sheikh Bakri Page 105


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

gaafatamtan akka deebistanin barbaada” jedheenii San booda


waraqaa gaafii raabse.

Waraqaan gaafii Shan qabdi sunis waa‟ee dandeettii barsiisaa


irratti kan hundoofteedha.

1. Amalli Barsiisaa akkam ture?


2. Tooftaa barsiisuu isaa hoo?
3. Ilaalcha isaan faallaa ta’e nama fudhatu ni
fakkaataa?
4. Akka inni yeroo biraa si barsiisu hoo ni barbaaddaa?
5. Mana baruumsaatin alatti hoo arguu ni barbaaddaa?

Tokkoon tokkoon gaafii armaan olii filannoo Afur Afur qabdi.


Haalaan gaarii, Gaarii, Wayyaa, Badaa kan jedhu ture
filannichi afran. Barattoonni gaafii guutanii deebisaniifii innis
bifa bareedaan barsiisuu jalqabe.

Jiddumaanuu akka nama barataa reefuu yaadatetti “Ah!


Hiriyaan keessan akka dhufee baratu godhuu qabna” jedhee
Fuula gaariin harka erga fuudhee booda koottuu seeni baradhu
jedheen.

San booda “Sababa gahaa tokko maleen Sitti dallanee mitii?!”


Yeroo tokko tokko rakkoo dhuunfaa kiyyaa kan akkas na
godhu waanin qabuufi ture kan amalli koo jijjirameef jedheen.
Kanaafuu dhiifama naaf godhi.

Inumaa ati barataa gaariidha. Maatii kee dhiiftee barnootaaf


jettee biyya meeqa qaxxaamurtee waan dhufteef kun ragaa
quubsaadha. Si Galatoomfachuun barbaada. Isin hundi Qophii

Jemal Sheikh Bakri Page 106


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

ta‟uu keessaniif baay‟een isin galatoomfadha. Barsiisaa keessan


ta‟uu kiyyaaf baay‟een gammada.” Jedhe.

San booda barattootaaf nama gaarii fi nama namaaf nahu ta‟eef.


“Hiriyaan keessan waraqaa gaafii waan hin argatiniif isinis
walumaan yoo guuttan hoo ?” jedheen.

Gaafii erga kenneefi booda deebii guutanii kennaniif. Deebii


isaan yeroo duraa guutan ilaalee, kan yeroo boodaa guutaniin
wal bira qabuu jalqabe. Waraqaa gaafii tan duraa irratti hundi
isaanii “Badaa” kan jedhu guutan. Kan lammadaa irratti garuu
“Wayyaa, Badaa” kan jedhu tokkolleen hin guutamne.

Barsiisaan koflee “Wanti isin amma mirkaneessitan kun


oogummaa gaariin Walitti dhufeenya yoo hin jalqabne,
Miidhaa guddaa Hojii irratti akka qabu kan ifoomsuudha.

Hiriyaa keessan wannin akkas godheef yaalii kanaaf jecha ture.


Yeroon an ilaalcha kiyya jijjiiru ilaalchi keessanis akkamitti
akka jijjirame argitanii?” jedheen.

Kun marti gartuu amala ilma namaa keessaa tokko ture. Kanaaf
jecha kana ilaalcha keessa galchuun barbaachisaadha.
Keessattuu yeroo jalqaba namootaan walitti dhufnu.

Nabiyyiin (saw) namootaan yeroo jalqaba walitti dhufan, onnee


isaanii booji‟uu turan. Gaafa makka bananii injifannoo gonfatan
Gosoota adda addaa irraa ergaan isaan ga‟uu ture.

Ergaan takka Abdal Qeeysota irraa kan isaanitti dhufe ture.


Ergamtoonni osoo gaala isaanii irraa hin bu‟in dursanii “Baga
nagayaan dhuftan yaa jarana! Tarii kana booda rakkoo fi cinqii

Jemal Sheikh Bakri Page 107


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

takkaanillee wal arguu dhabuutu mala. Kanaafuu gammadaa”


jedhaniin.

Jarrinis gaala isaanii irraa bu‟anii Nabiyyiin Salaamtaa jechuuf


wal dursuu jalqaban. Yaa Ergamaa Rabbii! Magaalaa teenyaa fi
teessan jidduu kaafirtoota gosa Mudar tu jira.

Saniif jecha ji‟a Araboonni keessa wal hin waraanne ji‟a


kabajamaa malee gara keessan dhufuu hin dandeenye.
Kanaafuu kara waan gaarii yoo ishii dalagne jannata itti seennu
kan ummata keenyas gara ishiitti yaamnutti nu qajeelchaa
jedhaniin.

Nabiyyiin (saw) “Waa Afur Akka hojjattanii fi waa Afur irraa


akka fagaattanin isin ajaja. Akka isin Rabbitti amantanin isin
ajaja. Rabbitti amanuu jechuun maal akka ta‟e ni beeytanii?”
jechuudhaan gaafatan.

“Allaaha fi Ergamaa isaatu beeka” jechuun deebisaniif.


Nabiyyiinis (saw) “Waan Rabbii gaditti gabbaramaa takkalleen
jiraachuu dhabuu ragaa bahuu, Salaata dhaabuu, Sadaqaa
kannachuu, Boojuu waraanaa irraa tokko shanaffaa
sadaqachuudha.

Waa Afur immoo irraan isin dhoorga. Ad Dubaa irraa dhuguu,


Al Naqir, Al Muzaffat, Al Hantam (maqaa Meeshaalee
Alkoholiin itti oomishamu” jedhaniin (Bukhaarii)

Halkan tokko Nabiyyiin Rabbii (saw) Sahaabota isaa wajjiin


imalaa turan. Karaan waan isaan dadhabsiiseef deemsa

Jemal Sheikh Bakri Page 108


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

dhaabanii akka rafaniif murteessan. Hirriibni isaan injifatee


hanga aduun baatutti rafan.

Isaan irraa jalqaba kan hirriiba irraa dammaqe Abubakri turan,


Isaan itti aanee Umar ni dammaqan. Abubakri Nabiyyii
moggaa taa‟ee hanga Nabiyyiin dammaqutti “Allaahu Akbar,
Allaahu Akbar” jechuu jalqabe.

Nabiyyiin Dammaqanii sahaabota isaanii wajjiin salaata subhii


salaatan. Salaata yeroo raawwatan hiriyaan isaanii tokko akka
isaanii wajjiin hin salaatin hubatan.

“Maaliif Nu wajjiin salaatuu dhabde?” jedhanii gaafatan. “Niin


janaabdawe Bishaanin ittiin dhiqadhu hin arganne” jedheen.

Biyyeedhaan tayammuma godhatee akka salaatu isa ajajan.


Akka ajajametti salaatee deemsa isaanii itti fufan. Osuma karaa
deemaa jiranii dheebuun isaan qabde. Boolla bishaan qabdu
barbaadanii argachuu hin dandeenye.

Imraan bin Huseen (Ra) yeroo dubbatu; “Osoo deemaa jirruu


Intala takka ta gaala yaabbattee Weelkaa lama bishaan guutuun
deemtuun wal afaan dhufne.

“Bishaan eessaa arganna?” jennee gaafanne. “Naannawa kana


bishaan hin jiru.” Nuun jette. “Hangam takka as irraa fagaata?”
jenneen. Ishiinis “Guyyaa tokko guutuu lafa deemamu” nuun
jette. Nutis “Koottu mee gara Ergamaa Allaahaa deemnaa!”
jenneen. Ishiinis “Ergamaan Allaahaa Maali?” nuun jette.1

1 Hin beeytu waaan te‟eefi kan gaafii akkasii gaafatteef

Jemal Sheikh Bakri Page 109


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Iddoo bishaan jiru nuuf himti hawwii jedhuun Ergamaa Rabbii


bira wajjiin dhufne.

Nabiyyiin (saw) Bakka bishaan irraa argannu ni gaafatan.


Waanuma nuuf deebiste isaaniifis deebisteef. San booda An
ilmaan yatiimaatin manatti dhiisee dhufee nin deema jetteen.

Nabiyyiin (saw) Weelkaa bishaanii irraa fuudhanii Maqaa


Rabbii dubbatanii qaqqabatan. San booda Weelkaa san keessaa
gara Koddaalee keenyaatti naquu jalqaban.

Nuti Afurtamninuu dhugnee dheebuu baanee koddaalee


teenyatti erga guuttannee booda kennineef. Weelkaan ishii
hanga duraan qabu caalaa guutee ture.

Nabiyyiin (Saw) “Waan qabdan fidaa” nuun jedhe. Nyaata


jechuu isaaniiti ture. Damucoo biddeenaatii fi Temira walitti
qabnee kannineef. Nabiyyiin (Saw) “Kana maatii keetii geessi.
Bishaan keetis akka sirraa hin hir‟atin hubadhu. Nuti
Rabbumaatu dheebuu nu baase.” Jedhaniin.

Intaltittiin erga Nyaata nurraa fudhattee booda gaala ishii


yaabbattee gara maatii ishii galte. Yeroo gara mana ishii galtu
maatii isiitiin “Kararratti namticha Falaa yookaa akka isaan
jedhaniinitti Nabiyyii tokkoon Walitti dhufnee...” jechuun waan
ishii mudate hunda odeessiteef. Wanni ishii mudate kun waan
isaan ajaa‟ibeef hedduu osoo hin turin Maatiin ishii hundi
Islaamummaa fudhatan. (Bukhaarii fi Muslim) Eeyyen!
Simannaa isaanii kan jalqabaa fi Arjoomina isaaniitu ishii Ajaa’ibe.

Jemal Sheikh Bakri Page 110


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namni tokko gargaarsa qabeenyaa barbaada Nabiyyii Rabbii


(saw) bira dhufe. Nabiyyiinis (saw) ni kennaniif. Gara ummata
isaa deemee “Islaamummaa fudhadhaa Muhammad yoo
kennus akka hiyyummaa ofirratti hin sodaannetti namaaf
kenna.” jedhe

Anas (Ra) kana ilaalchisee yoo dubbatu “Namtichi kan


Nabiyyii bira dhufeef qabeenya Addunyaa barbaadeeti.
Boodarra garuu Amantiin isaa addunyaa fi waan addunyaa irra
jiru hundarra isaaf caaltuu taate” Jedhe. (Muslim)

Yaada…
Ilaalcha nuti nama tokkoof qabaannu irraa dhibbeentaa 70%
kan of keessatti qabatu Walitti dhufeenya jalqabaa irraa kan
fudhanneedha. Kana waan ta‟eef namni tokko yeroo jalqaba
nama tokkoon wal argu akka wilii wal hin arginetti haala
gaariin haa simatuu.

Namoonni akka Albuuda Lafaati…


Walitti dhufeenya Namootaaf qabnu keessatti yoo xiinxalle
Amalli ilma namaa akka gosa biyyeetti garaagara ta‟uu
hubanna. Kan gara laafessaatu jira, Kan mataa jabaatuutu jira,
Akka lafa bishaanitti arjaanis jira, Akka lafa goyduu humaa hin
biqilchinetti qorqodaanis jira.

Mee haa Xiinxalluu… Yeroo lafa adda addaa qaxxaamurru


haala garaagaraatiini. Yeroo lafa goggogaa irra deemnu akka
nama lafa dhoqqee keessa deemutti hin deemnu. Namni tokko

Jemal Sheikh Bakri Page 111


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

lafa goggogaa irra akka fadhetti yoo deemellee lafa dhoqqee


irra suuta of eegaa deema. Amalli ilma namaatis akkanuma.

Nabiyyiin (saw) “Aadam kan Uumame biyyee bakka adda


addaatii fuudhamte irraahi. Kanaafuu ilmaan Aadamis akkuma
gosoota biyyeetti uumaman. Isaan irraa Diimaatu jira, Adii fi
guraachinis ni jira.

Akkasuma isaan irraa gaaritu jira, badaanis ni jira. Ka waa


hunda laaffisee laalus ni jira, kan gaddaa oolus ni jira.” Jedhan
(Abu Daawud, Tirmizii)

Kanaafuu walitti dhufeenya namootaa wajjiin gootu irratti kana


hubannaa keessa galchi. Warreen sitti dhihoo kan akka Abbaa
keetii, Haadha, Jaartii, Ilmaan yoo tahanis.

Warreen sirraa fagoo kan akka Ollaa, Hiriyoota wajjiin


hojjattan, Abbootti Dukkaana ta‟us dhimma olitti kaafne
hubannaa keessa galchuu qabda.

Amaloonni Namootaa Murtee isaan murteeffatan irrattillee


dhiibbaa akka qabu hubachuu hin ooltu. Kana sirritti adda
baafachuuf kanniin asii gadii kana of qoradhu.

Haadha manaa teetii wajjiin xiqqo walitti buutan haa jennuu,


Ergasii hiriyoota kee keessaa Abbaa humnaa kan jettu bira
dhaqiitii “Haati manaa tiyya rakkoo natti uumaa jirti, na hin
kabajju, Maalin godhuu qaba.” Jedhiinii Mari‟adhuun.

Deebiin inni siif kennuu danda‟u tan armaan gadii tana qofa.
“Dubartoota kan hoogganuu dandeessu humnaani. Loliiti

Jemal Sheikh Bakri Page 112


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

sodaachisii jabina kee agarsiisi.” Gorsa akkanaa yoo fudhatte


Ibidda taatee mana kee dheyxee maatii kee facaafta.

Qorannoo kee itti fufi... Hiriyoota kee keessaa gaarii fi hubataa


kan jettu tokko filadhuutii gaafii wal fakkaataa kana isa
gaafadhu. Gorsa armaan gadii kana siif kenna “Obboleessa
kiyya jaalatamaa! Ishiin haadha ijoollee teetiiti, Hiriyaa
jireenyaa teeti, Bultiin rakkoo hin qabne bakkuma takkatti hin
argitu.

Obsiif, Jaarsaaf jaartiin hundi Wal danda‟aniiti malee kan


wanni marti guutameef hin jiru, Suuta jedhii gorsi, wanti hundi
adeemsaan ni sirraawa”

Haalli ilma namaa akkamitti ilaalchaa fi Murtee namaa irratti


dhiibbaa akka uume ilaali. Kanaafi Nabiyyiin Rabbii (Saw) kan
Abbaan Murtii (Qaadiin) dheebuudhaan, beelaan yookaa Mana
fincaanii deemaa akka murtee dabarsu kan dhoorganiif.

Sababni isaa Wantoonni kunniin Dhiibbaa irratti uumanii


Murtee murteeffamuu qabu miidhuutu mala waan te‟eef.

Zabana durii namticha nama ajjeesu tokkootu ture. Namtichi


kun nama tokko, lama yookaa sadii kan ajjeese sitti hin
fakkaatin. Namoota sagaltamii sagal guutuu kan lafarraa fixe
ture.

Namtichi akkamitti akka warra biiluu baasu jalaa bahe an hin


beeku. Tarii namtichi gara jabeessa, humnaan jiraataa namni
tokko sodaaf isatti hin dhihaanne ta‟uu danda‟a.

Jemal Sheikh Bakri Page 113


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yookaa hoggaa nama ajjeese nama jalaa gaara faa keessatti


dhokatee jiraachuu danda‟a. Rabbummaan haa beeku! Dubbiin
ijoon garuu namtichi kun Erga Namoota sagaltamii sagal
lafarraa fixee booda Sammuu isaa keessa Toowbaan dhufte.

Kanaafuu Beekaa addunyaa irra jiru barbaadee maal gochuu


akka qabu gaafachuuf murteesse. Nama Masjiida keessaa hin
baane, Yeroo isaa Rabbiif jecha Booyuudhaan kan dabarsu,
Namticha Monoksee Rabbi gabbaru tokkotti qajeelchan.

Isa bira dhaqee fuul duree isaa dhaabbatee “Namoota


Sagaltamii sagalin ajjeese Rabbiin naaf araaramaa?” jechuun
gaafate.

Raahibticha osoo dogongoraan mixii takka ajjeesee guyyaa


guutuu booyaa oolu kana akkamitti nama namoota sagaltamii
sagal guutuu ajjeese harka bal‟isee qeebala? Monoksichi
(Raahibtichi) hedduu dallanee “Rabbiin siif hin araaramu,
Rabbiin siif hin araaramu!” jedheen.

Deebisaa akkanaa kan deebisu nama beekumsa xiqqaa qabuu fi


kan miira keessa galee murteessu qofa. Namichi nama ajjeesaa
ture sun deebisaa tana yeroo dhaga‟e baay‟ee dallanee gara
jabummaa duraanuu qaba waan ta‟eef Ablee (seyfii) isaa
baafatee Monoksicha bakka hedduu waraanee ajjeesee saffisaan
iddoo san lakkisee bahe.

Yeroo Muraasa booda ammallee waa‟een toowbaa kun isa


yaachise. Beekaa guddaan lafa tanaa eenyu akka te‟e gaafatee
Namoonni gara beekaa guddaa tokkoo qajeelchan. Beekaan

Jemal Sheikh Bakri Page 114


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

sunis nama tasgabbaawaa fi Kan dhugaan Rabbi sodaatu ta‟uu


hubate.

“Namoota Dhibban Ajjeese, Rabbiin naaf araaramaa?”jedhee


gaafate. Beekaan sun dafee “Subhaanallah! Siifi Toowbaa
jidduu maaltu haguuga?” jedheen.

Deebii ajaa‟ibaati! Dhugumattuu toowbaa fi isa jidduu maaltu


haguuga? Rabbiin keenya Samirra jira. Nama dachirra jiru kan
gara Rabbiitti toowbachuu barbaadu ammoo wanni isa
dhoorgu hin jiru.

Beekaan fedhii isaatii fi Miira keessaa bahee Beekumsaa fi


Heera Rabbii irratti hundaa‟ee murteesse. Namticha Nama
dhibba ajjeese saniin “bakki ati jirtu bakka badiiti” jedheen.

Ajaa‟iba! Akkamitti beeke? Kana kan beekeen, heddummina


badii namtichaatii fi Namni isa kana dhaabu jiraachuu dhabuu
ilaaluuni.

Kanarra dhaabbachuun Biyya san keessatti nama ajjeessuu fi


miidhaan gocha baratamaa ta‟uu hubate. Hundaa ol garuu
namoonni namoota miidhaman kanaaf cinqaman hin jiran.

Saniifi “bakki ati jirtu kun bakka badiiti” jedheen. Kana jechuun
biyya tana gad dhiiftee gara biyya akkanaa deemuu qabda
jechuu isaati.

Biyya san warra Rabbi gabbaraniitu jira. Deemii isaanitti


dabalami. Namtichi gara biyya sanii deemaa osoo jiruu

Jemal Sheikh Bakri Page 115


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

karaarratti duuti itti dhuftee du‟e. Malaa‟ikaan Jannataa fi


maleeykaan Ibiddaa lubbuu fuudhuuf dhufan.

Maleeykaan jannataa namtichi kun gara Toowbaa deemaa osoo


jiruu karatti du‟e jedhan. Malaaykaan ibiddaa ammoo kun
namtichi umrii isaa guutuu kheeyrii takka dalagee hin beeku
jedhanii falmuu jalqaban.

Allaahaan (sw) bifa fakkii namaatiin malaaykaa ergee akka


malaaykota lameen walitti araarsu ajaje. Fageenyi magaalaa
lameen jidduu jiru haa safaramuu, san booda gara namtichi itti
dhihaatetti haa murteeffamuu jedheen.

Allahaan Magaalaan inni itti godaanaa jiru akka as dhihaattuu


fi ta inni irraa godaanaa jiru akka irraa fagaattu godhe.
Namticha gara magaalaa gaaritti achi dhihaatee argame.
Malaaykaan jannataa isa fuudhan.

Carraa fokkotaa ta‟ee warreen waa‟ee islaamummaa irratti


murtii kennan baay‟inaan fedhuma dhuunfaa fi miira isaanii
irra dhaabbataniiti.

Ollaa tokko kan yeroo hunda jaartii isaa wajjiin wal rakkisan
tokkon qaba ture. Inumaa guyyaa tokko hedduu wal rakkisuu
irraa kan ka‟e yeroo takka hiikee deebise.
Ammas xiqqo turee hiikee deebise. Yeroon isaan wal argerraa
fokkina hiikkaatii fi itti gaafatamni guddaan ijoollee isaa akka
isarra jiru ittin himaa ture.

Jemal Sheikh Bakri Page 116


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Yeroo tokko qofaatu hafe. Takkittii hafte hiiknaan jaartii tee


siif ta‟uu hin dandeessu. Itti deebitee ishii kan fuudhuu
dandeessu yoo ishiin jaarsa biraa heerumtee baate qofa.
Kanaafuu Rabbi sodaadhu. Maatii kee hin facaasin jechuunin
ture”

Guyyaa tokko cinqamee gara kiyya dhufee Yaa Sheekh!


“Wal lollee turre, Anis yeroo sadaffaatiifis hiikeetin ture.” Naan
jedhe. Garuu kan na ajaa‟ibe kanaa miti. “Yaa Sheekha gaarii,
murtee akkan an ishii deebifadhu naaf hayyamutti na qajeelchi”
naan jechuu isaati malee. Hedduu takkaan rifadhe.

Qajeelfama heeraa irrattillee osoo hin hafin Ilaalchi namoota


hedduu Akkuma uumama isaaniitii fi miira isaanitti wal dhaba.
Namoonni tokko tokko qabeenya ni jaalatan.

Yeroo isaan Abbootii qabeenyaa duratti gad jedhan hin


ajaa‟ibsiifatin. Namoota akkanaa kunniin qabeenya walitti
qabuuf jecha ijoollee isaaniituu kan dagataniidha. Namoota
isaanii gad jiraniif fitinaa meeqatti kan maallaqa itti kennan.

Amala qorqodummaa isaanii irraa kan ka‟e murteen isaan


murteessan ta‟uu Yaanni isaan dhiheessanis akkuma amala
isaanii kana osoo te‟ee waan nama ajaa‟ibuu miti.

Namoota akkanaa kanaa wajjiin walii galuuf yookaa Waan


wahii namni isaan gaafachuu barbaade isaanii wajjiin
haasawuun dura isaan warra maallaqa jaalatan ta‟uu sammuu
isaatitti sirritti himuu qaba. Kun Isaanii wajjiin osoo walitti hin
bu‟in Walitti dhiheenya milkaawaa uumuuf gargaara.

Jemal Sheikh Bakri Page 117


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Fakkeenyi armaan gadii dubbii tana ni mirkaneessa.


Fakkeenyaaf namni tokko hiriyaa isaa kan dur Yuniversitii
wajjiin baratan tokko argee laaqana afeera.

Hiriyoota isaa kan biraalleen akka nyaata kana isaanii wajjiin


nyaataniif isaan afeeruuf isaanitti bilbila. Isaan keessaa kan
onneen isaa jaalala maallaqaatin guutamte tokko akkana jedha.
Sagalee isa bilbileef kana dhagayuu fi hiriyaan isaa dhufuu
kanatti gammadullee, Yaaminsa laaqana irratti nuu wajji
argami jedhu yoo dhaga‟u “Oh! Laaqana kana irratti argamee
abaluun osoon wal argee hedduu na gammachiisa ture.

Ta‟ullee amma hojii hedduun qaba. Yaaboo Salaamtaa itti naaf


dhaami. In Shaa Allah guyyaa biraa wal argina.” Jedhaan.
Amala namticha kanaa yoo ilaalle laaqanarratti wanni argamuu
jibbeef Inninis baasii wal fakkaataa baasee laaqana akkasii
afeeruu waan hin jaalanne qofaafi.

Kanaafuu namoota akkanaa kanaan akkana jedhamaan


“Magaalaa tana keessa hin turu. Har‟uma laaqana booda ni
deema.” Koottu jedhaan. Hiriyaa isaa san arguuf fedha
qaburraa kan ka‟e “Ahaa akkasii edaa” hayyee yoo akkas te‟e
hojii dhiiseetin dhufa.” Jedhaan.

Namoonni tokko tokko ammoo jireenya hawaasummaa isaanii


maatuma isaanii qofa wajjiin kan daangessanis ni jiru.
Namoonni bifa kanaa kun yeroo hunda maatii isaanii wajjiin
yoo dabarsan jaalatan. Maatiin adda bahuu hin danda‟an.

Yeroo muraasaafillee Maatiin addaa baasurraa kan hafe waan


feete gaafachuu dandeessa.

Jemal Sheikh Bakri Page 118


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nama dinqisiisaa jechuun nama onnee nama kamiyyuu


booji‟uu danda‟uudha. Warreen qorqodaa wajjiin yoo jiraate
baasii wantoota barbaachisuu hunda xiqqeessuudhaan onnee
hiriyoota isaa booji‟a.

Namoota qusannaa jaalatanii wajjiin yoo jiraates inninis


qusatuudhaan isaaniin baay‟ee jaalatama. Warreen waan hunda
salphisanii ilaalanii wajjiin yoo jiraates wajjiin koflee wajjiin
qoosee Onnee isaanii too‟ata.

Nabiyyiin (saw) Humna waraanaa hedduu fi hooggantoota


waraanaa hedduu wajjiin yeroo makkaa qabachuuf deemaa
jiran haala isaan agarsiisan ilaali.

Abuu Sufiyaan xiqqo dursee Islaamawee ture. Abbaas


Nabiyyiidhaan (saw) “Yaa Ergamaa Rabbii! Abuu Sufiyaan
nama kabajaaf boona jaalatu. Kanaafuu waan isaan malu
kannaafi.” Jedheen. Isaanis “Namni mana Abuu Sufiyaan seene
hin tuqamu, Namni mana ofii ofitti cufes hin tuqamu, Namni
masjiida seenes hin tuqamu.” Jedhan.

Abuu Sufiyaan gara irraa dhufetti deebi‟uuf lafaa ka‟e.Rasuullis


gara isaa ilaalee yaadate, namni kun nama lola badrii, uhud
akkasuma lola khandaqitti nama qureeyshii kakaasaa turedha.

Hoogganaa yeroo dheeraa hoogganummaan lola keessatti


dabarseedha. Nabiyyiin (Saw) jabina Islaamummaa isa
agarsiisuu waan barbaadaniif “Yaa Abbaas!” jedhan.

Jemal Sheikh Bakri Page 119


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Maal haa isiniif ajajamu yaa Ergamaa Rabbii” jedheen. “hanga


karaa dhooqa dhiphaa san genyutti Abuu Sufiyaan tursiisi,
Waraana Allaahaa Akka arguuf jecha.” Jedhaniin.

Faradoon Waraanaa ni gulufti. Abbaasii fi Abuu sufiyaan


xurree maddii dhooqaa isaanii jiru; hoogganaan murna
waraanaa kan jalqabaa isaan bira tara. Duultonni isa jalaatis
tokko tokkoon dabran.

“Yaa Abbaas Eenyufaadha?” jedheen. Abbaasis


“Suleeymaanota” jedheen. Duuba An suleeymotaa wajjiin
dantaa maaliitin qaba jedhe. Hoggosuma murni waraanaa
lammadaa dhufe. “Eenyufaadha ?” jedhee gaafate.
“Muzeeynota” jechuun deebiseef. “Duuba An Muzeeynotaa
wajjiin dantaa maalitin qaba” jedheen.

Tokkoon tokkoon murni waraanaa yeroo dhufan Abuu


Sufiyaan gaafii wal fakkaataa fi hima wal fakkaataa jechuu ture,
hanga Nabiyyiin (saw) Waraana magariisa Muhaajirootaa fi
ansaarotaan marfamanii isaan bira dabranitti.

Fuulli isaanii meeshaa waraanaatiin haguugamee waan jiruuf


ija isaanii malee wanni takka hin mul‟attu. Subhaanallah!
Kanniin hoo eenyu faadha? Jechuun gaafate Abu Sufiyaan.
“Ergamaa Rabbiiti, Muhaajirootaa fi Ansaarotaa wajjiin.”
Jechuun Abbaas deebiseef. “Kun waraana du‟aati! Wallaahi
namni jara kana of irraa deebisuu danda‟u hin jiru” jedhe.

San booda “Yaa Abul Fadli! Bulchiinsi ilma Obboleessa keetii


babal‟atee jira!” jedhe. Abbaasis “Yaa Abu Sufiyaan kun
sadarkaa Nabiyyummaati!” jedheen. “Dhugumaan

Jemal Sheikh Bakri Page 120


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyummaadha!” jechuun deebiseef. Abuu Sufiyaan


saffisaan deemee akka ummata isaa akeekkachiisu Abbaas isa
gorse.

Abu Sufiyaanis saffisaan gara makkaa deemee sagalee ol


fudhatee lallabuu jalqabe. “Yaa Qureeyshota! Muhammad
Waraana isin ofirraa deebisuu hin dandeenyee wajjiin isinitti
dhufaa jira.

Haa ta‟uu garuu Namni mana Abuu Sufiyaan seene hin


tuqamu” jedhe. Ummanni isaatis “Abaarsi Rabbii sirra haa
jiraatu. Manni kee gaarii maalii qaba jettee nutti himta ?”
jedhaniin.

“Namni mana isaa ofitti cufee taa‟es hin tuqamu. Namni


masjiidatti dheesses hin tuqamu.!” Jedhe. Namoonni garii gara
masjiidatti dheessan, irra guddaan garuu gara mana ofii
deebi‟ee ofitti cufatee taa‟e.

Abu Sufiyaan irratti dhiibbaa gaarii akkanaa uumuu kan


danda‟an Nabiyyiin (saw) nama dinqisiifamaadha. Nama
tokkoo wajjiin haasawuun duratti haalaa fi amala isaa beekuutu
nurraa eeggama. Kunis kan te‟eef haala gaariin walii galuuf nu
gargaara.

Jemal Sheikh Bakri Page 121


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Duula Hudeeybiyyaa
Lola Hudeeybiyyaa Irratti Rasuulli Rabbii (Saw) Muhaajiroota,
Ansaarotaa fi Araboota biraa dabalatee Umraa godhuuf
dhufan. Walumaa galatti lakkoofsi isaanii kuma tokkoo fi
dhibba Afur kan gahu ture.

Nabiyyiin (Saw) Harama (Makkatti) Gorra‟uuf gaala


torbaatama qabatanii akka isiin (makkaan) malutti Ziyaaruuf
makkatti dhihaachaa jiru.

Haa ta‟uu malee yeroo makkaan gahan Qureeyshonni akka


isaan hin seenne dhoorgan. Ta‟ullee Sahaabota isaanii wajjiin
bakka Hudeeybiyaa jedhamtu qubachuuf dirqaman.
Qureeyshonni akka waliif galaniif ergoolee garaagaraa isaanitti
erguu jalqaban.

Namni jalqaba irratti ergame Mikraaz bin Hafs jedhama.


Mikraaz Qureeyshota keessaa nama beellama diiguun
beekkamuu fi nama amanamummaa hin qabne ture.

Nabiyyiin (Saw) yeroo namni kun isatti dhufaa jiraachuu


hubatan “Namni kun Nama beellama diiguu, Hin amanamu”
jedhan. Karuma isaan maluun Lolaaf osoo hin taane Sirna
Umraa godhuuf akka dhufan itti himan.

Nabiyyiin (Saw) Isaa wajjiin walii galtee takkallee hin


mallatteessine. Sababni isaa inni nama Beellama isaa eeguu hin
dandeenye waan te‟eef jecha isaa wajjiin walii galtee
mallatteessuun hin barbaachisu.

Jemal Sheikh Bakri Page 122


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Kanaaf Mikraaz Bu‟aa tokko arguun maletti gara Qureeyshotaa


deebi‟e. itti aansuun Nama Huleeys bin Alqaamaa jedhamu
ergan. Inni hoogganaa gosa Ahaabishi ture. Ahaabiishonni
ummata kabajaa ka‟abaatiif jecha akkasuma Ka‟abaa tajaajiluuf
jecha makka jiraachuu turaniidha.

Nabiyyiin (Saw) Dhufaa jiraachuu isaa yeroo hubatan “Namni


kun nama Wareega beeyladaatiif bakka guddaa qabu.
Beeyladaa qalmaaf finne akka arguuf garana fidaa” jedheen.

Huleeys yeroo beeyladaa qalmaaf dhufte argu garaan isaa


nahee Ummata Umraa qofa godhuu dhufe kana akkamitti
dhoorgina jechuu yaaduun osoo Rasuula hin dubbisin of duuba
deebi‟ee Qureeyshotaaf yaada nahiinsaa dhiheesseef.

Qureeyshoonni taa‟i gad! “Ati Araba baadiyyaa irraa dhufee


maal waa‟ee kanaa beeytaa mitii?” jedhaniin. Al Huleeys
dallanee “Yaa Jam‟aa Qureeyshii! Wallaahi nuti kana irratti
Waan beellama waliif seenne hin qabnu.

Nama mana Allaahaa kabajuuf dhufe maaliif dhoorgitan?


Rabbii lubbuun Huleeys Harka isaa jirtuunin kakadha.
Muhammad Umraa godhuu irraa dhoorguu hin qabdan. Yoo
San diddan gosa tiyya hunda qabadheetin isin irraa baha”
Jedheen.

“Tasgabbaa‟i! Waan Nu ilaalchisu irratti Waan godhuu qabnu


ofiifuu ni beekna” jedhaniin. San booda Qureeyshota keessaa
nama kabajamaadha jedhaniin Urwaa bin Mas‟uud As Saqafii
filatan. Inninis “Yaa Qureeyshota Namoonni isin na dura
Muhammaditti ergitan deebisaa akkamiitiin akka dhufan

Jemal Sheikh Bakri Page 123


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

dhage‟eetin jira. Kanaafuu Isin anaaf akka Abbaati an immoo


akka ilmaa ta‟uu keessan ni beektu” jedheen.

Isaanis “Dhugaa keeti, Waan tokko goote jennee waan si


komannu hin qabnu.” Jedhaniin. Urwaan Ummata isaa biratti
hoogganaa akkaan kabajamaa fi Qaalii ture. Nabiyyii (saw) bira
dhufee “Yaa Muhammad! Namoota dila kana qabattee gara
bakka itti dhalattee dhuftee jirta.

Garuu Qureeyshonni Hayyama isaaniitiin malee akka seenuu


siif hin hayyamne kakatanii jiran. Rabbittin siif kakadha jarri sii
wajjiin jiru kun si ganuu danada‟an.” Jedheen.

Abubakri (Ra) Nabiyyii (saw) duubaan dhaabbataa turan.


Yeroo dubbii tana dhagayan “Nuutu Isaan Ganaa!?” jedhanii
lolan. Urwaan rifateeti akka yeroo duraarra wayyaawe. San
booda kuni eenyu yaa Muhammad? Jedheen. Nabiin
(sallallaahu aleyhi wasallam) “kuni ilma abii quhaafaati”
jedhaniin.

Nabiyyii (saw) Wajjiin Haasawaa; Areeda Isaanii harkisuu


barbaade. Mughiiraa bin Shu‟ubaa As Saqafiin Fuula Isaa
Uffata Sibiilaatiin haguuggatee Nabiyyii (saw) duuba
dhaabbata.

Yeroo Urwaan harka isaa gara Nabiyyiitti (saw) as dhiheesse,


Mughiiraan seeyfiin irraa achi dhoowwa. Urwaan itti deebi‟ee
yeroo harka isaa gara Areeda Nabiyyiitti achi dhiheessu ammas
Mughiiraan Seeyfiin irraa achi deebise.

Jemal Sheikh Bakri Page 124


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yeroo sadaffaa Urwaan harka isaa yeroo itti ol dhiheessu


“Harka kee Ergamaa Rabbii irraa kaafadhu yookaa bakka harki
kee buute dhabda” jedheen. “Ati nama hamaa fi gara jabeessa
akkamiiti? “Yaa Muhammad! Kan akkana godhatu kun hoo
eenyu?” jechuun gaafate.

Nabiyyiin (saw) seeqatanii “Gurbaa obboleettii teetii Mughiiraa


bin Shu‟ubaa As Saqafiidha” jedhaniin. “Kana gootee ati yaa
gantuu! Biyya gantee biyyaa hin baanee; Kaleessuman
gantummaa kee sirraa dhiquu ture ?” jedheen.

Urwaan deemee “Yaa Qureeyshota! Ani Kisra, Qeeysarii fi


Nugusoota hedduun arge, Haa ta‟uu malee kan akka
Muhammad sahaabota isaa biratti kabajamutti, kabajamu argee
hin beeku” jedheen.

Eegasii Suheyli Bin Amrii ergan. Suheyli Ergamaa Rabbii bira


dhufe. Nabiyyiin yeroo Suheeyli argan amma rakkoo tana
furuun ni danda‟ama jedhan.

Walii galteen Hudeeybiyaa ni mallattaawe. Seenaan tun


Akkamitti nabiyyiin (saw) namoota kanniin hunda amala
isaanii irra dhaabbachuudhaan Akka amala isaaniitiin gituttii fi
Akkuma haala isaaniitti isaan simachuu turan nama agarsiisti.

Namoonni seenaa takka yeroo dhagayan deebisaa isaan kennan


irra dhaabbannee Amala isaanii beekuu ni dandeenya. Kun
mudannoo jiruu keenyaa keessatti baay‟inaan mul‟ata.

Bakka namoonni muraasni walitti qabamanitti Seenaa nama


gaddisiistu takka himiitii waan isaan deebisan caqasi.

Jemal Sheikh Bakri Page 125


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Seenaa Wareegama Umar (Ra)


Nin Yaadadha. Guyyaa tokko Khuxbaan godhuu ture. Abuu
Lu‟lu‟u Al Majuusiin Akkamiitti akka Umar bin Khaxxaab (Ra)
ajjeese irraan dubbachaa ture.

Sagalee kiyya ol kaafadheetin “Tasa ol utaalee gara Umaritti


dhihaatee Yeroo sadi waraane. Yeroo jalqabaa qoma isaanii irra
waraanee ka‟ee yeroo lammadaa garaa isaanii keessa waraane.
San booda Humna qabu hunda fayyadamee Gudeeda isaa jala
erga naqee booddee Hanga Mar‟imaan isaa gad ba‟utti keessa
oofe” Jedhe.

Namoonni akkaataa garaagaraatiin akka na dhaggeeffataa jiran


daawwachaatin ture. Gari gariin isaanii akka gochi kun amma
raawwachaa jiruutti ija isaaniillee cufatan. Tokko tokko ammoo
ni booya.

Kanneen biraadhaa ammoo akka Hirriiba gaarii keessa


jiraachaa jiranii fi akka nama sheekko sheekkoo dhaggeeffatutti
fuula isaanii irraa wanti haaraan hin mul‟atu.

Seenaa Wareegama Hamzaa (Ra)


Yoo Seenaa Hamzaa dubbattanis namootuma fakkaataa armaan
olii kana argitan. Hamzaan lola Uhud irratti akkamitti akka
ajjeefame, akkamitti akka garaa isaa bananii Tiruu isaa akka
baasan.

Gurra isaa akkamitti akka muran. Funyaan isaa akkamitti akka


ciran. Hamzaa Duree Shahiidotaa Leenca Rabbii fi Ergamaa
Isaa (saw).

Jemal Sheikh Bakri Page 126


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Kan biraadhaa waan jireenyi na barsiiste Namni osuma hin


yaadin akka tasaa Nama gowwaa fi waan namni jedhu hin
dhageenyeenis walitti ni dhufa. Nama sirritti of ibsuu hin
dandeenye kan dhaggeeffattoota isaatis hin kabjne.

Nin Yaadadha gaaf tokko namni tokko bakka namni walitti


qabametti seenaa abbaa dukkaanaa takka himuu ture. Akkana
jedhe. “Namtichi akkuma harreetti hedduu guddaadha.” San
bira kutee nama isa moggaaa taa‟u tokkotti harka achi laachaa
“Khaaliduma kana fakkaata” jedha.

Khaalid Miskiinticha, akkamitti akka harree wajjiin wal


fakkeesse na hin gaafatinaa. Boqonnaan kun osoo hin
xumuramin dura gaafii murteessaa deebifamuu qabdu
takkaatu jira. Namni tokko nama itti haasawuuf jecha Amala
isaa jijjiiruu ni qabaa? Gaafii jettu. Deebiin “Eeyyen!” Jenna.

Umar (Ra) nama amala Jabeessa qabaachuun beekkamu ture.


Gaaf tokko namni tokko haadha manaa isaa wajjiin wal lolee
akka Umar isa gorsuuf umar bira dhufe.

Yeroo mana isaa dhufee hulaa dhadhawuuf deemu sagalee


isaanii dhaga‟e. Haati manaa (jaartiin) Umar (Ra) Umaritti
lallabdee lolti. Umar (Ra) garuu tasgabbaawee osoo hin
dallanin isitti haasawa.

Namtichi haasawa isaanii dhaga‟ee ajaa‟ibee of duuba


deebi‟uuf murteesse. Haa ta‟uu malee Umar sagalee kottee
namaa waan dhaga‟eef “Maal barbaaddeeti? Seeni” jedhee
gaafate.

Jemal Sheikh Bakri Page 127


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Inninis “Yaa Amiira Mu‟umintootaa! Kanin dhufeef waa‟ee


jaartii tiyyaa si wajjiin haasawuufi. Ta‟ullee Haati manaa
teessan yeroo isinitti lallabdun dhaga‟e” jedheen. Umaris
“Ishiin Haadha manaa tiyya, Nyaata naaf gooti, uffata naaf
miicci, anaa wajjiin rafti duuba an ishiif obsuu hin qabuu?”
jedhaniin.

Rakkoon namoota tokko tokkoo furmaata hin qabdu. kanaafuu


dirqama obsa qabaachuu qabda. Namoonni tokko tokko waa‟ee
lola abbaa isaanii, Hammeenya haadha manaa isaanii fi kkf
natti himu.

Anis waanin furmaata jedhee yaadu nan himaaf. Maloota an


himeef hunda fayyadamee naaf milkaawuu hin dandeenye
jedhee natti hima namni gariin. Duuba Furmaanni maali?
Furmaanni obsa. Amala isaanii fokkotaa gaariin bakka buusuuf
yaali.

Bu’aan….
Amala nama tokkoo beekuun jaalala isaanii argachuuf si
gargaara.

Rifeensa Mu’aawiyaa
Mana baruumsa Sadarkaa Lammaffaa tokko keessatti barsiisaa
tokkootu ture. Guyyaa tokko osoo barsiisaa jiruu barattoonni
barnoota isaanii irratti dantaa dhabummaa fi duubatti akka
hafan hubate.

Kanaafuu barnoota wahii kennuufii barbaade. Guyyoota


muraasaaf yeroo kutaa seene hunda “Barattoota qalamaa fi

Jemal Sheikh Bakri Page 128


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

waraqaa baafadhaa” jechuunii jalqabe. Barattoonnis “Maaliif”


jedhanii gaafatan. “Qormaata tasaa (Quiz) qabdan” jedheen.

Barattoonni gungumuu jalqaban. Barataan qaamaan guddaa


tokko kan jeequmsaan beekkamu isaan keessaa lafaa ka‟ee
“barsiisaa Nuti amma qormaatamuu hin barbaannu,
Qu‟anneetuu hojjachuu dadhabnee, osoo hin qayyabatin
akkamitti deebisuu dandeenya?” jechuun lallabe. Yeroo
barataan lallabee dubbatu barsiisaan dallanee lole.

“Wanni marti yeroo isin barabaaddanitti kan isiniif kennamu


isinitti hin fakkaatin, Isiniif galee? Qormaata qormaatamuu
qabdan yoo isiniif hin taane daree gad dhiistanii bahuu
dandeessan!” jedheen.

Barataan sunis “Atummaan bahi” jedheen. Barsiisaan Dallanee


“Us yaa ka naamusa hin qabne, Guddisaa badduu” jechuun
arrabsuu jalqabe.

Barataan lafaa ka‟ee gochan an as irratti isiniif ibsuu hin


jaalanne raawwate. Dubbiin hooggantoota mana barnootaa bira
dheyxe. Qabxii barataa kanaa Hir‟isuudhaan adabanii saniin
booda akka hojii badaa tokkollee hin hojjannee mana
barnootaatiif mallatteesse.

Namni mana barnootaa san jiru hundi isaanii waan barsiisaa


san irra ge‟e haasawuu jalqaban.
Namni isa arge hundi harka itti laatee hasaasuun itti fufe.
Taateen kun kan isa rakkise barsiisaan mana baruumsaa kana
jijjiirrachuuf dirqamee gara mana baruumsa biraadhaa gale.

Jemal Sheikh Bakri Page 129


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Barsiisaan biraadhaa guyyaa tokko kutaa seenee “Dhiifamaa


Wajjiin! Qormaata tasaa (Quiz) waan qabdaniif Qalamaa fi
Waraqaa teessan baafadhaa” jedheen. Barataan tokko lafaa
ka‟ee “Barsiisaa! Ati yeroo ofiin barbaaddetti nu qormaatuu hin
dandeessu.” Jedheen.

Barsiisaan Abshaala ture, Barsiisaan akka gaaraati, Akka waan


ba‟aan isa hin barbaachisne isa irra ol koraa jirtutti itti
dhaga‟ame. Hamtuu hamtuun deebisuun akka hin
barbaachisne waan beekuuf jecha Barataa san itti seeqaa
“Khaalid! Qormaaticha qormaatamuu hin barbaanne moo?”
jechuun gaafate. “Eeyyee! Hin barbaadu” jedheen.

Sagalee tasgabbooytuudhaan “Nama qormaata hin qoramu


jedhe akka Seera mana barumsaatin ni adabama” jedhee gaafii
tarreessuu jalqabe. “Gaafii lakkoofsa tokko…!”

Gungummiin barataa akkuma itti fufetti jira. “Barsiisaa an siif


hime qormaata kana qoramuu hin barbaadu” jedhe. Barsiisaan
ammallee seeqaatuma “Qormaaticha akka qormaatamtuuf si
hin dirqisiisu! Ati ijoollee waan hin ta‟iniif itti gaafatamummaa
fudhattee dhiisuu dandeessa.” Jedheen.

Barataan Barsiisicha dallansiisuun akka hin dandeenye waan


hubateef of irraa cal‟ise. Qalamaa fi Waraqaa baafatee gaaficha
barreeffachuu jalqabe.

Amala badaa barsiisaa duratti agarsiiseef jecha Qajeelfama


mana baruumsaa waan cabseef disippiliina mana
baruumsaatiin adabame.

Jemal Sheikh Bakri Page 130


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yeroon seenaa tana yaadadhu Namoonni taatee garaagaraa


keessummeessuuf dandeettiin isaan qaban garaagara ta‟uu
hubadheetin ture. Namoonni tokko tokko salphumatti rakkoo
furuu yoo danda‟an namoonni tokko tokko ammoo rakkoo
furra jedhanii rakkoo biraa uuman.

Nama hammeenya yaadu hammeenyaan itti dhihaachuun


ibidda uumuu jechuudha. Ibidda Ibiddaan dhaamsuun immoo
Ibidda dabaluudha. Qabbanaawaas qabbanaan dhaamsuun hin
danda‟amu.

Hariiroon namni tokko nama tokkoo wajjiin godhu akka


rifeensa Mu‟aawiyaa kan rarra‟u ta‟uu qaba. Mu‟aawiyaan Gaaf
tokko Hoggansaaf waggaa digdama khaliifummaaf waggaa
digdama akkamitti turuu dandeesse jedhamee gaafatame.

“Anaa fi Ummata kiyya jidduu rifeensa tokkoon kaa‟e, Fiixa


tokko hoggaan an qabe fiixa kaan ammoo isaantu qaba. Yeroo
isaan harkisan akka rifeensichi hin cinneef an gadin dhiisa.
Yeroo isaan gad dhiisan ammoo an nin qaba.” Jedhee deebiseef.
Mu‟aawiyaa Rabbiin haa rahmatuufii nama akkamitti gamna
ture.

Jaarsaa fi jaartiin “tiyya malee” hin taatu jettu lamaan waliin


jiraachuu hin danda‟an. Hiriyoonni lameen “Tiyya malee”
waliin jedhanis waliin jiraachuun ulfaataadha.

Jemal Sheikh Bakri Page 131


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Mana Hidhaa Keessatti


Nan yaadadha gaaf tokko mana hidhaa tokko keessatti gorsa
kennaatin ture. Mata dureen da‟awaa warra lubbuu namaa
ajjeesan kan ilaallatu ture. Hidhamtoota keessaa tokko na
galatoomfachuuf gara kiyya dhufe.

Inni itti gaafatamaa Hidhamtootaati. Hidhamtoota baay‟ee


maaltu akka isaan ajjeechaa raawwataniif isaan kakaase
gaafadheetin ture.

“Dallansuudha! Wallahi Sheekha Hidhamtoota baay‟een


waanuma xiqqoo irratti dallananii nama ajjeesan” jedhee
naaf deebise. Achumaanuu Jecha Nabii keenyaa jaalatamaa
(saw) yaadadhe.

“Nama jabaa jechuun kan wal‟aansoo qabee injifate osoo hin


ta‟in yeroo dallansuu nama of too‟atuu danda‟eedha”
(Bukhaarii fi Muslim)

Eeyyen! Nama Jabaa jechuun jeynaa fi kan wal‟aansoo injifatee


miti kun yoo jeynummaa yookaa madaala jabeenyaa ta‟e
bineensotaatu ilma namaa irra dandeettii itti qaba.

Haa ta‟uu garuu Jeyna jechuun taatee garaagaraa akkataa


dhufiinsa isaaniitiin kan simatuudha. Jeyna Jechuun jaartii isaa,
Ilmaan Isaa, Hiriyoota isaa fi Hojjachiisa isaa haalaa fi ga‟umsa
gaariin kan qabeedha. “Abbaan murtii tokko osoo beela qabuu
murtee hin kannin” jedha Hadiisni (Abu Daawud)

Nabiyyiin (saw) akkamitti akka nuti Obsa of leenjifnu nu ajajaa


turan. “Obsi gara bal‟inaa wajjiin dhufa.” (Daarul Quxnii).

Jemal Sheikh Bakri Page 132


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namni tokko yeroo jalqaba dallansuu isaa too‟atu Miirri isaa


dhibbeentaa dhibba ta‟uutu mala. Yeroo lammadaa garuu gara
dhibbentaa sagaltamaa irratti gad bu‟a. yeroo sadaffaa ammoo
gara dhibbeentaa saddeettamatti gad bu‟a. Hanga Gara bal‟inni
amala isaaf ta‟utti Dhibbeentaan isaa gad deebi‟a.

Seenaa Dallansuu
Fiixa Seenaa Dallansuu tanarraa…
Magaalaa jiddaa irraa gara kibbaatti km dhibba Sadi fagaattee
kan argamtu Magaalaa Amlaaj jedhamtutti da‟waa osuman
godhuu seenaa waa‟ee dallansuu takkan dhagaye.

Dhaggeeffattoota keeysa gurbaa akka malee dallanu tokkootu


ture. Guyyaa tokko saffisa jiddu galeessaatiin konkolaataa osoo
konkolaachisaa jiruu Namni jarjara (sardama) qabu kan
konkolaataan isa bira dabruu barbaadu tokko duubaan dhufe.

Gurbaan yeroo namtichi isa duuba jiru kun sardama qabaachuu


hubatu saffisa duraanii irraa hirdhisee karaa itti cufuu jalqabe.
Namtichis obsa fixate. Makiinaa gurbaatti hedduu dhihaatee ta
dirqiitti gurbaa dura dabre. Gurbaanis akkamitti na bira dabra
jedhee dallansuun ibidda ta‟e.

Akkasuma ta‟uu wajjiin wanni kanaa gadiituu nama isa


dallansiistu ture. Makiinaa isa dabarte san dhaqqabee dura
dabruuf fiiguu jalqabe. Garuu dhaqqabuu hin dandeenye.
Kilaaksii itti iyyisiisee dhaabi jechuunii jalqabe.

Namtichinis ni dhaabeef. Imaamaa isaa baafatee teessoo irratti


darbee; Leebaa goommaa (spanner) fudhatee makiinaa irraa

Jemal Sheikh Bakri Page 133


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

gad bu‟e. yeroo gara makiinaa deemaa jiru Ibiddaatu irraa


mul‟ata.

Lolaaf nama deemu ta‟uun isaa shakkii hin qabu. Tasa Yeroo
kana makiinaa namticha kaanii keessaa Dargaggeeyyiin Sadi
tan irree gurguddoo tun gad bu‟aa gara isaatti dhufuu jalqaban.

Leebaa goommaa waan harkaa qabuuf lolaaf deemuun isaa ifa.


Yeroo jarri gurguddaan kun itti dhufe ammoo sodaan isa
keessatti uumame. Yeroo kana leebaa goommaa gara samiitti ol
qabee dhiifama leebaa goommaan kun isin irraa waan bu‟eefin
isin dhaabsise jedheen.

Akkasitti irraa fudhatanii makiinaa keessatti darbatanii


makiinaa seenan. Innis harka ol qabee chaw jechuunitti seene.
Bifa saniin lubbuu ofii dhaqqabe.

Walqita ni ta’aa… Dallansuu + Dallansuu = Ibidda

Furtuu Onnee
Tokkoon tokkoon hulaa (balbalaa) qulfii mataa ofii qabdi.
Furtuun qulfii Onnee ilma namaa haala isaanii beekuudha.
Rakkoo isaanii furuu, jidduu isaanitti araara buusuu fi gaarii
isaanii irraa fayyadamuu Akasuma hamtuu isaanii irraa of
eeguudha. Namni tokko amala namootaa beeknaan wantoota
kaan hunda irratti duree ta‟a.

Fakkeenyaaf Abbaa fi Ilma tokko jidduutti lolli uumame haa


jennuu. Sababa kanaaf jecha Abbaan ilma mana isaatii ari‟e.

Jemal Sheikh Bakri Page 134


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Ilmi gara manaa deebi‟uu barbaadullee Abbaan ejjannoo isaa


jijjiiruu hin dandeenye.

Ati isaan lameen walitti araarsuuf isaan jidduu jirta. Abbaaf


waa‟ee kanaa wajjiin kan walqabatu amantirraa waan takka
takka himteefii Sirraa fudhachuu hin dandeenye. Adeemsa
keessa nama haalaan miira keessa seenu ta‟uu hubatte.

Kanaafuu adeemsa jijjiiruu akka qabdu murteeffatta.


“Gurbaa keetiif rifadhu; biyyee gubbaa bulaa jira, halkanii
guyyaa aduun dhawaa jirti, Ati ofii nyaattee osoo dhuuyduu
isa garuu beelti ajjeesaa jirti, Akkamitti garaan si danda‟a
garuu? Yeroo nyaata afaan kaayyattu isa hin yaadattuu? Yeroo
aduu argitu isa hin yaadattuu?

Hin yaadattuu gaafa inni ijoollee; hedduu jaalachuu akka turtee


fi ofitti qabdee akka dhungataa turte? Osoo ati jirtuu ilmi kee
harka nama jala qabatee kadhatee yeroo nyaatu sitti hin
dhaga‟amuu? Jettaan. Abbaan haasawa kanaan injifatamee
akka walitti isaan araarsituuf yeroo haala mijjeessu argita.

Namtichi yoo qorqodaa ta’uu hubatte... akkana jechuunii


dandeessa “Obboleessoo rakkoo biraa of naquu irraa of eegi.
Hin yaadduu gurbaan kee kun yoo beelawe nama wajjiin wal
tumee qabeenya namaa saamee, Kana irraa kan ke‟e manni
murtii akka qabeenya namaa kafaltuuf dirqamaan sirratti
murteessuu danda‟a.

Erga abbaa ta‟uun kee hin oolin badiin inni balleesses sitti
galuun hin oolu. Kanaafuu mucaa kee manatti galfadhu.”

Jemal Sheikh Bakri Page 135


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Abbaan kasaaraa maallaqa isa irraa bahu yaaduun yeroo yaada


kee fudhatu argita.

Yeroo gurbaa dubbiftu ammoo gurbaan nama maallaqa jaalatu


ta‟uu yoo hubatte akkana jechuunii dandeessa “Abbaan kee
hedduu si barbaachisa. Boru fuudhuun kee hin oolu. Eenyuutu
baasii fuudha keetii sirraa cufa? Yoo si dhukkube hoo eenyuutu
si wal‟aana?

Obboleewwan kee kiisha abbaa keetiitii baasii danda‟anii akka


barbaadanitti jiraatan. Ati garuu asii cinqamta. Dhugumatti
Abbaa kee mataa dhungattee yoo dhiifama gaafatte dubbiin ni
qabbanooyti.”

Haaluma wal fakkaatuun jaarsaa fi jaartii walitti araarsuu yoo


barbaadde ga‟uumsa gaarii fayyadamtee akka isaan onnee
isaanii waliif banan goota.

Roga hojii hojjattu irratti hundaa‟ee hayyama boqonnaa


fudhachuu barbaaddee; Itti gaafatamaan kee nama hojii malee
dhimma hawaasummaa keessaa humaa qooda hin qabne ta‟uu
yoo hubatte akkana jechuunii dandeessa “Hamilee fi jabeenya
akkan horadhuuf jecha guyyaa sadiif boqonnaa fudhachuun
barbaada.

Heddumminni hojii akkan hojii tiyya seeraan raawwadhuuf


naaf hayyamuu hin dandeenye. Dhiifama Akkan Haadhaa fi
Abbaa kiyya bira deemee xiqqo boqadhee jajjabinaan hojii
kiyyatti deebi‟uuf hayyama naaf godhi.” Jedhiin.

Jemal Sheikh Bakri Page 136


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Kan dhimma hawaasummaaf bakka qabu keessattuu maatiif


xiyyeeffannoo guddaa kennu ta‟uu yoo hubatte ammoo
“Haadhaa fi Abbaa kiyya laaluufin yeroo boqonnaa barbaada.
Ergan isaan hin argin baay‟ee waanin tureef hedduun isaan
yaade” jedhiin.

Oogummaa armaan olii kana hojirra oolchi yeroo muraasa


booda namoonni naannawa keetii yeroo akkana jedhanii si
haasawan dhageessa “Namni akka isatti nama amansiisuu
danda‟u hin jiru. Nama akka isatti gaafatee dhabuu hin beeyne
hin agarre.”

Bu’aan…
Namni kamiyyuu furtuun Qulfii onneen isaa itti banamtu tan
adda addaa qaba. amala nama tokkoo beekuun ammoo furtuu
onnee isaa tan sirrii adda baafachuuf si gargaara.

Akkaataa Xiinsammuu nama tokkoo hubannaa


keessa galchi
Gammachuu fi gadda keessatti, fayyaa fi dhukkuba keessatti,
Qabeenya qabaachuu fi dhabuu keessatti, tasgabbiin jiraachuu
fi tasgabbii dhabuu keessatti Miirri ilma namaa waldhaba.

Deebiin isaan waan tokkoof kennanis akkaataa isaan itti jiranii


wajjjiin wal fakkaata. Namni tokko yeroo gammachuu qabuu fi
tasgabbii keessa jiru qoosaa jaalachuu danda‟a. yeroo dallane
garuu qoosaa jalachuu dhiisii dhagayuu hin barbaadu.

Jemal Sheikh Bakri Page 137


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Kanaafuu nama gadda keessa jiruu wajjiin qoosuun waan


sirriitii miti. Haa ta‟uu malee nama bashannana irra jiruuf
qoosuu ni dandeessa.

Kan biraa wanni Ibsa dabalataa itti kennuun barbaachisu nama


tokko yeroo itti dhihaatan akkaataa Xiinsammuu, Miiraa fi
haala isaa hubannaa keessa galchuutu barbaachisaadha

Mee intala jaarsa ishii wajjiin wal hiikan tan Haadhaa fi Abbaan
irraa du‟e takka haa yaannuu. Meeshaa ishii walitti qabattee
gara mana obboleessa ishii godaanuuf osoo deemtuu ollaa
ishiitti salaammatuuf gorte.

Akka waan dubbii ishii mudatte kana salphatti ilaaltee of


fakkeessuuf jecha ollaa ishii tanaan “Kaleessa bakka wahii
takkattin si arge” jettiin.

Ollaan ishiitis “Eeyyen! Abbaan mana kiyyaa Hiraata si afeeru


malee naan jedheetin isaa wajjiin baane. San booda chidha
obboleettii tiyyaatiif uffatan uffadhu naaf bite, uffata kanaa
wajjiinis kan deemu faaya mormaatis naaf bite. Osoo agartee
akka itti bareedu, Yeroo gara manaa deebinu ijoolleen teenya
kan mukaayan waan argeef Abbaan isaanii In Shaa Allaah
Sabtii fi Alhada iddoo bashannanaa isin geesseetin isin
bashannansiisa jedheen.”

Miskiintittiin jaarsa wajjiin wal hiikan tun dubbii tana hunda


dhaggeeffattee mana obboleessa ishiitti maaltu akka ishii
mudatu yaaddi. Gaafiin Nama bultiin isaa duraa facaatetti
haasawa akkanaa haasawuun gaariidhaa? Tan jettuudha.

Jemal Sheikh Bakri Page 138


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Miskiintittiin tun hoo kana caalaa akka ishiin haasoftuuf ishiif


ni hayyamtii? Fuul duratti hoo ishii tanaa wajjiin wal arguu ni
barbaaddii? Dhugumatti hin barbaaddu. Inumaa onneen ishii
jibbaa fi biiluun guutama.

Duuba furmaanni hoo maali? Tooftaan deebii ishiif deebisuu


dandeessi turte. “Eeyyee! Dhimma tokko qabna turre. Saniif
jecha baanee turre” jechuudhaan san booda mata duree gara
waan ishiin dhufteetti naannessuun rakkoo ollaa ishii
qooddachuuf yaaluu dandeessi turte.

Fakkeenyaaf:- Barattoota lama kan mana baruumsa sadarkaa


lammaffaa baratan Hiriyoota kan waliif ta‟an, tokkoon isaanii
gosa barnoota hundattuu qabxii ol aanaa yeroo galmeessu, inni
kuun ammoo gosa barnoota gariin qabxiin jalaa xiqqaatte, Osoo
gara Yuniversitii hin seenin hafe.

Barataan cimaan gara Yuniversitii dabre kun hiriyaa isaa kan


hin dabrin kanaaf Qabxii guddoo akka fide, turtii Yuniversitii fi
carraalee fuul dura isa eeggatu itti haasawuun waan sirriitii
miti. Duuba maal godhuu qaba? Waan hiriyaa isaa kana irraa
yaaddoo kaasu barbaadee itti haasawuutu isa irra jiraata.

Barattoonni Yuniversitii baratan baay‟ee akka ta‟an,


Akkasumaa wajjiin irra baay‟een isaanii osoo hin eebbifamin
dura Yuniversitiin akka isaan ariitu fi Warrummaan
Eebbifamanuu carraan hojii argachuu isaanii hedduu xiqqaa
akka ta‟e.

Jemal Sheikh Bakri Page 139


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Waan yaaddoo hiriyaa isaa irraa xiqqeessu haasawuu qaba.


Yoo akkas kan goodhu ta‟e hiriyummaan isaanii bifa gaariin itti
fufuu danada‟a.

Haaluma wal fakkaatuun hiriyoota lamaatu jira haa jennuu.


Lamaan isaanii keessaa tokko Abbaa Sooressa akka barbaadetti
maallaqa itti cabsu qaba. Abbaan gurbaa lammadaa ammoo
wantoota bu‟ura maatii isaa barbaachisu guutuufuu kan
rakkatu ture.

Ilmi dureessaa kun Waa‟ee qabeenya isaanitii fi akka abbaan


isaa maallaqa guddaa isaaf kennu hiriyaa isaa kanatti himuu
hin qabu. Sababnis hiriyaan isaa kun; an carra dhabeessa
jedhee akka of yaadu isa taasisa.

Jireenya isaatti akka gadduuf karaa bana, Kana irraa kan ka‟e
hiriyaa isaa kana irraa fagaatee jiraachuuf murteessuu danda‟a.

Kanaaf Nabiyyiin (Saw) Cinaacha dadhabaa xiinsammuu ilma


namaa hubannaa keessa galchuuf xiyyeeffannoo guddaa
kennaniif. “Nama baras qabe ija itti dhaabdee hin ilaalin” (Ibnu
Majah)

Nama baras qabe qaamni isaa waan jijjiirameef yoo namni


xiyyeeffannoon gara isaa ilaalu akka inni dhukkuba isaa of
irratti yaadatee gaddu isa godha waan te‟eef jecha, kan irraa nu
dhoorganiif.

Nabiyyiin (saw) akkamitti cinaacha dadhabaa namootaa


hubannaa keessa akka galchan haa ilaalluu. Makka too‟achuuf

Jemal Sheikh Bakri Page 140


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

imala irra jiran. Abbaan Abubakrii (Ra) Abuu Quhaafaan


manguddoo ijaan hin agarre turan.

Intala ilma isaatiin “Yaa intala tiyya! Gara gaara Abu Qeysi nu
geessi. Oduu Muhammad gara makkaa dhufaa jira jedhanii
odeessan tana dhugaa ta‟uu ilaallaa” jedheen.

Intalti isaaniitis ni geessiti. Innis akkana jedheen “Waan siif


mul‟atu naaf himi” “Waan gurraattii gara keenyatti dhihaachaa
jirtu takkaatu natti mul‟ata.” Jetteen. Isaanis “Faradoodha”
jedhaniin. Waan gurraattii san dura namni tokko asii fi achi
isaa jedhu natti mul‟ata jetteen.

“warraa faradoo karaa agarsiisuuf itti gaafatamummaan itti


kennamte” jedhaniin. “Amma wanni gugurraattiin san
addaan faffacaatee jirti.” Jetteen. Isaanis “Wallaahi akkas
jechuun faradoon makka seentee jirti jechuudha, Saffisaan gara
manaa nuun deemi. Namni mana ofii cufatee taa‟ee humaa hin
ta‟u jedhee jiraa” jedhaniin.

Gaararraa osoo bu‟aa jiranii waraana muslimootaatiin wal


afaan dhufan. Abubakri abbaa isaanii arganii salaamtaa
jedhaniin. San boodaan harka isaanii qabanii gara Ergamaa
Rabbii (saw) fidan.

Nabiyyiin (saw) yeroo ilaalan Abuu Quhaafaa dullumti isaan


dadhabsiitee jirti. Abubakri Amantii isaa tajaajiluuf waan
manaa baheef jecha abbaa isaatiin erga wal arganii yeroo
dheeraa lakkoofsisee jira.

Jemal Sheikh Bakri Page 141


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Nama akkatti manguddoome kana anaatu dhaqee ziyaaruu


qaba malee maaliif anatti fidda?” Abubakriin jedhan. Dirree
Waraanaa irra akka jiranii fi itti gaafatamaan waraanaa isaan
akka ta‟e Abubakri ni beeka ture.

Akka Hojii hedduu qabanis waan beekaniif yeroo mana Abbaa


isaa kana dhaqan hin qaban ta‟uu hubannaa keessa galchanii
jiran.

Abubakri Nabiyyii (saw) galatoomfatanii “Yaa Ergamaa Rabbii!


Isin dhaquu irra isaan dhufuu wayya jedheetin yaade.”
Jedheen. Nabiyyiin (saw) Abii Quhaafaa fuul duree isaanii
dhaabanii harka isaanii bareedaa onnee isaanii gubbaa kaa‟anii
“Islaamummaa Fudhadhu” jedhaniin.

Fuulli Abuu Quhaafaa ni ife. “Allaaha malee kan haqaan


gabbaramu tokkolleen hin jiru, Muhammad Ergamaa fi
Gabricha Rabbiiti.” Jedhan. Abubakri hedduu gammade.
Nabiyyiin manguddicha xiyyeeffannoon yoo ilaalu rifeensi
isaanii addaatee jira. “Qalama Gurraacha irraa kan hafe,
rifeensa dibaaf” jedhaniin.

Eeyyen! Yeroo namatti dhihaatan Xiinsammuu namootaa


hubannaa keessa galchuu turan. Yeroo makka seenan humna
waraanaa isaanii murna murnaan addaan qooduu jalqaban.
Alaabaa hoogganaa murna tokkoo sahaabticha jeyna Sa‟ad bin
Ubaadaa (Ra)tti kennan.

Alaabaa qabuun kabajaa guddoodha. Nama ishii qabu qofaaf


osoo hin taane hawaasa maraaf ture.

Jemal Sheikh Bakri Page 142


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Sa‟ad Yeroo makkaa fi jiraattota ishii ilaalu akkamitti akka


isaan Nabiyyiin lolaa turan, Akkamitti akka isaan Nabiyyii
rakkisaa turan, akkamitti akka isaan olii gad oofaa turan.

Sumayyaa fi Yaasir akkamitti akka isaan ajjeesan, Bilaalii fi


Khabbaab akkamitti akka isaan garafan yaadate. Akka isaan
adaba fudhachuu qabaniif yaadaa Alaabaa Mirmirsaa Har‟a
guyyaan guyyaa gorraasuuti, dawaa kabaja dhaba keessanii
argachuuf teessan” jedheen.

Kun Qureeyshotaaf waan ulfaataadha. Nu hunda nu fixuu hin


oolu jedhanii rifachuu jalqaban. Dubartiin takka saffisaan gama
Ergamaa Rabbii fiigdee bifa walalootiin akka Sa‟ad dhiiga
lolaasuu irraa dhoorgan isaan kadhatte.

Nabiyyiin (saw) Walaloo ishii dhaggeeffatanii dhimmichi isaan


naasise. Ta‟ullee kabajaa sa‟adiif kenne irraa fuudhee isaan
dallansiisuu hin barbaanne. Alaabaa ilma isaa Qeysi bin
Sa‟aditti akka kennu isaan ajaje.

Yeroo makka seenan Sa‟ad farda gulufsiisaa jiru kan Alaabaa


harkaa hin qabne ta‟uu dubartiin sun agartee hedduu
gammadde.

Sa‟adis Hoogganaa murna waraanaa ta‟uu dhabuun isa hin


dallansiifne. Alaabaa Ilma isaatiif kennee ba‟aa ofirraa buusuu
malee humaa itti hin dhaga‟amne. „Dhagaa tokkoon shimbirroo
lama dhahuu jechuun sun akkana!‟

Jemal Sheikh Bakri Page 143


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nama tokkollee dallansiisuu dhabuuf yaali. Jidduu keessanitti


wal dhabdeen faayidaa yoo jiraattellee Nama hunda haala
gaariin onnee isaanii too‟adhu.

Baramaa…
Qaamaan wal qunnamuu qofa osoo hin taane, Onneen teenya
Wal qunnamuu qabdi.

Xiyyeeffannoo namootaaf kenni


Ilmi namaa uumamaan akka namni gatii isaaf kennu jaalata.
Xiyyeeffannoo namootaa argachuuf jecha goda kaani kaan
yeroo qaqqabatu tanaafi argita.

Akka ati xiyyeeffannoo isaaniif kennituuf yookaa akka isaan


dinqisiifattuuf jecha seenaa gootota isaanii uumuu danda‟an.

Ijoollee teetii wajjillee


Namicha hojjataa oolee bututee gara mana isaa gale tokko haa
ilaalluu. Yeroo gara mana saaloonaa ol seenu Ijoolleen isaa
afranuu kophaa bahanii tattaa‟utti jiran.

Gurbaan jalqabaa kan umriin isaaa kudha tokkoo taa‟ee


Televiziyoona ilaalaa jira. Inni lammaffaa immoo Hiraata isaa
nyaachaa jira. Inni sadaffaa Ashanguulitii isaa wajjiin tapha
hoo‟aa irra jira. Inni Afraffaa immoo hojii manaa hojjachaa jira.
Abbaan sagalee isaa ol fuudhee “Assalaamu Aleykum” isaaniin
jedhe.

Gurbaan tokkoffaa waan televiziyoona keessatti ilaalaa jiruun


qalbiin isaa kuttee waan jirtuuf salaamtaa hin dhagayu. Inni

Jemal Sheikh Bakri Page 144


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

lammaffaa Cal jedhee hiraata isaa nyaachaa jira. Inni sadaffaa


Ashanguullitii wajjiin qabsuma biratti jira.

Inni afraffaa garuu Yeroo dhufaatii abbaa argu kitaaba


dubbisaa jiru haree gara abbaa isaa gammachuun fiigee harka
isaa dhungatee gara kitaaba isatti deebi‟e.

Ijoollee afran irraa abbaa biratti haalaan jaalala guddaa kan


argatu kami jettee yaadda? Deebisaan keenya akka wal
fakkaatu shakkii hin qabu. Gurbaa Afraffaati. Bareedaa waan
ta‟eefi miti, cimaa waan ta‟eefi miti, Waan abbaa isaatiif gatii
kenne qofaafi malee. Namni tokko hanguma nama biraatiif
gatii kennu kabajaa fi jaalalli isaanii isaaf dabalama.

Irra caalaa ilmaan namaa kan ta‟an Nabiyyiin Rabbii (saw)


Wantoota kanniin hubannaa keessa kan galchan turan.
Namoonni Rakkoon isaanii rakkoo Nabiyyii, yaaddoon isaanii
yaaddoo Nabiyyiiti jedhanii akka yaadan godhan.

Khuxbaa Jum’aadhaa addaan mure


Gaaf tokko khuxbaa godhuuf gara minbara isaanii deemaa jiru
namni tokko masjiida seene. Yaa Ergamaa Rabbii! Jedhee; Waan
beekumsa guddaa hin qabneef: amantii isaa irraa isaan
gaafachuu jalqabe. Nabiyyiin (saw) yeroo ilaalan warra
baadiyyaa kan khuxbaan hanga xumuramu taa‟ee eeguu hin
dandeenye ta‟uu hubate. Lammada masjiida dhufuu dhabuu
danda‟a waan ta‟eef dhimmichi namtichaaf akkaan
barbaachisaadha.

Jemal Sheikh Bakri Page 145


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Kanaafi yeroo khuxbaadhaa khuxbaa addaan muree gaafii


gaafate. Nabiyyiin (saw) akka mataa isaanitti osoo hin taane
kan yaadan akka nama isaanitti dhimmametti yaaduu turan.

Minbara isaanii kabajamaa irraa bu‟anii teessoon akka isaaniif


dhufu ajajanii, fuul duree namticha baadiyyaa sanii taa‟anii
hanga namtichi hubatutti gaafii isaa deebisaniif. San booda gara
khuxbaa isaanii deebi‟an.

Hedduu namaaf yaadu turan.! Akkaataa namaa ilaalanii nama


hifachuu hin qaban turan, Simannaa gaarii namaaf qaban turan.
Gaddaa fi gammachuu namaa wajjiin qooddachuu turan.

Seenaa Ka’ab bin Maalik


Xalhaan ka‟abiif akkam akka ta‟e haa ilaalluu. Ka‟ab bin Maalik
(Ra) erga umriin isaa dulloomtee, lafeen isaa laaffattee, ijji isaa
arguu dadhabdee lola ergamaan Rabbii yeroo xumuraatiif
irratti hirmaatan lola tabuuk irraa hafuu isaanii seenaa hin
dagatamneedha. Yaadannoo dargaggummaa isaa akkana
jechuun nu yaadachiisa.

Nabiyyiin (saw) ummanni isaa akka lolaaf qophaawu ajaje.


Hanga humni waraanaa kuma soddoma ga‟utti ummanni
walitti qabamaa jira. Yeroon yeroo bonaa tan gaaddisa arguun
nama yaachise, tan biqiloonni gogee dhume kuduraa fi
muduraan bilchaate, hoo‟i gammoojjii akka malee gubaati.
Imalli fagoodha, diinni jabaadha. Muslimoonni hedduun
galmaawanii jiran. garuu maqaan namoota muraasaa hin
galmooyne.

Jemal Sheikh Bakri Page 146


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Ka‟ab akkana jedha: yeroo sanitti sooressan ture. Gaala laman


qaba ture, humnaanis jabaan ture, boru magaalaa deemeetin
waan lolaaf na barbaachisu bitadhee waraanatti dabalama
jedheetin murteesse.

Borumtaa san magaalaa deemeetin; dhimmi tokko na


qunnamee osoon waan na barbaachisu hin bitatin deebi‟e.
Ammas In Shaa Allah Borun bitadhee deeman jedhe. Ammas
akkas godhuu hin dandeenye. Lubbuun gara kuduraalee
mimmi‟aawoo fi gaaddisatti na jalaa mayxe. achumaan
Waraanni na jalaa yaa‟e.

Yeroon gara magaalaa deemee magaalaa keessa naannawu


namoota munaafiqummaan shakkamanii fi warra Rabbiin
Jihaada akka hafan isaaniif hayyame malee namni tokko hin
jiru. Ka‟ab kophaa isaa Madiinatti hafe.

Nabiyyiin loltoota isaa kuma soddomaa wajjiin gara lola


tabuuk deeman. Warreen walii galtee aqabaa keessatti
argaman keessaa namni hafe yoo jiraate jedhanii adda
baafachuuf barbaadutti seenan.

Achumaan “Ka‟ab bin maalik eessa jira?” jechuun gaafatan.


Namni tokko “Yaa Ergamaa Rabbii! Koota isaa lameentu isa
dhoorge, Mana isaa eeggachaa jira.” Jedheen. Mu‟aaz bin jabal
“Haasawa fokkotaa akkamii haasofta? Wallaahi yaa Ergamaaa
Rabbii Gaarii malee isa irraa argee hin beeku.” jedhe. Ergamaan
Rabbii ni cal‟isan. Ka‟ab itti fufee “Nabiyyiin (saw) lola
xumuree gara madiinaa deebi‟uuf yeroo ka‟u; taatee fokkottuu
tana jalaa akkamitti akkan of baasuu danda‟u yaaduun jalqabe.

Jemal Sheikh Bakri Page 147


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Maatii kiyya keessa nama nama gorsuu danda‟u hunda nan


gaafadhe. Dhugaa dubbachuu malee wanni biraa takkalleen
akka na hin baafne nan hubadhe.”

Nabiyyiin (saw) gara madiinaa yeroo dhufan masjiida


qubatanii raka‟aa lamaan salaatanii gad taa‟an. Namoonni lola
irraa hafan gara nama saddeettamatti kan dhihaatan sababa
lola irraa isaan hambise dhiheessuudhaan Nabiyyii Rabbii
dhiifama gaafatan. Nabiyyiinis keessa isaanii Rabbiif dhiisee
dhiifama isaanii isaan irraa qeebale.

Ka‟ab bin Maalik dhufee salaamtaa jedhe. Nabiyyiin (saw)


kofla aarii of keessaa qabu tokko itti koflan. Ka‟ab fuulduree
isaanii taa‟e. Nabiyyiin (saw) “Maaliif hafte? Waan yaabbattu
hin bitannee?” jedhaniin.

Dhugatti waanin yaabbadhu bitadheetin jira. “Duuba


maaliif hafte?” jedhaniin. “Yaa Ergamaa Rabbii dandeettii
nama amansiisuu nan qaba. Osoo nama biraa te‟ee sababa
dhiheesseetin adaba jalaa of baasa ture.

Ta‟ullee isin gammachiisuuf yoonin kijibe Rabbiin karaa


biraatin akka isin natti dallantan godhuu danda‟a. garuu
yoonin dhugaa dubbadhe akka isin natti dallantan nin beeka.
Ta‟ullee Dhugaa dubbachuu kiyyaaf Rabbiin dhiifama naaf
godha. Yaa Ergamaa Rabbii (saw) Humnaa fi dandeettiis
osuman qabuutin booda aane.” Jedhe

Nabiyyiin (saw) “Dhugaa dubbadhu” jedhaniiti “ Deem hanga


Rabbiin murtii sirrattti dabarsuu eegi” jedhaniin. Ka‟ab miila
isaa harkisaa masjiida keessaa bahe. Miira Sheenaatiin

Jemal Sheikh Bakri Page 148


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

fuudhamee, gaddaan guutamee Rabbiin murtuma akkam


narratti dabrsa jechaa yaaddawaa.

Namoonni muraasni isa jala gad bahanii “Wallaahi sii


kanaan dura badii balleessu arginee hin beeknu, Ati
walaleessaa beekkamaa taatee osoo jirtuu akkamitti ergamaa
Rabbii amansiisuu dadhabde? Osoo sababa wahii tokko
dhiheessiteefii gammadanii Rabbi dhiifama siif gaafatan.
Rabbiinilleen siif araarama ture” jedhaniin.

Ka‟ab Akkana jedha: “Kaka‟uumsa namoonni na keessatti


uuman irraa kan ka‟e Of duuba deebi‟ee Nabiyyiidhaan Kijiba
kiyya jechuunii yaadeetin ture. Haa ta‟uu malee Namni deebiin
akka kiyyaa kannameef ni jiraa? Jedheetin gaafadhe.

Namni lama deebii akka ati kennitee kennanii ajajni siin wal
fakkatu isaanittis dabree jira naan jedhan. Isaan Eenyufaadha?
Jedheetin gaafadhe. Muraaraa bin Rabii‟aa fi Hilaal bin
Umayyaati naan jedhan.

Namoonni kunniin warra lola badrii irratti hirmaate fi namoota


an akka fakkeenyaatti isaan ilaalladhu namoota gaggaarii
turan.

“Wallaahi gara Nabiyyii deebi‟ee kijibee of xiqqeessuu hin


barbaadun” jedhe. San booda haala keessi isaa gaddaan
guutameen gara mana isaa gale. San booda ammas xiqqo osoo
hin turin Nabiyyiin (saw) ajaja namni tokkolleen Akka Ka‟abii
fi hiriyoota isaa hin dubbifne jedhu dabarsan.

Jemal Sheikh Bakri Page 149


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Ka‟ab yeroo dubbatu “Saniin booda Namoonni ilaalchi isaan


duraan nuuf qaban ni jijjiirame. Salphisaniituma nu ilaaluu
jalqaban, Namni tokko nu hin dubbisu, Namni marti akka
waan nu hin beeynee nutti ta‟an. Dachiin nutti dhiphatte.

Hiriyoonni kiyya lameen mana isaanii taa‟anii halkanii


guyyaa booyan. Fuulli isaanii nama argee hin beeku. Akka
monekseetti ibaadaa malee waan biraa quba hin qaban. Ani
dargaggeessa, nu sadeen keessaa anaatu jabaadha (gama
humnaatii/Dargaggummaatii). Masjiida nin dhaqa, magaalaa
nin baha. Haa ta‟uu garuu namni tokkolleen na hin dubbisu.

Masjiida seeneetin Nabiyyii moggaa taa‟ee salaamtaa jedhaan.


Salaamtaa kiyya naaf deebisanii jedheetin ijaan isaan ilaala.
Isaan maddiin taa‟a, Jidduun bir‟adheetin ilaala.

Yeroon an salaata salaatu na ilaalan yeroon an xumuree isaan


ilaale garuu fuula isaanii narraa garagalchu.” Lakkuma
guyyaan dabalaa deemuun rakkoon dabalaa deeme.

Ka‟ab ummata isaa keessatti Kabajamaa fi walaleessaa


beekkamaa ture. Mootoliin biyya biraatuu isa beekan turan.
Walaloon isaa namoota gurguddaa hedduu biratti waan
beekkamtuuf namoonni hedduun isa arguuf hawwuu turan.

Ta‟ullee amma Madiinaa guddoo tana keessaa nama isaan


dubbatu dhabe. Dubbisuu mitii namni ijaan isa ilaaluu hin jiru.
Taatee gaddisiisaatu isa mudate.

Jemal Sheikh Bakri Page 150


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Dhimma hawaasummaa keessaa qoqqobbiin nama irratti


darbamuun qormaata jabaa ture. Qormaanni dabalataa kan
biraa jiddumaan itti dhufe.

Xalayaa Mootii Ghassaan irraa


Gaaf tokko Ka‟ab osoo magaalaa keessa naannawaa jiruu
namtichi kiristaanaa kan biyya sooriyaa irraa dhufe tokko
Ka‟ab gaggaafataa jira. “Eenyuutu Mana ka‟ab bin maalik na
agarsiisa?” jedhee gaggaafata.

Namoonni gara isaatti akeekanii isa agrsiisan. Nama Ajaa‟ibaa


Xalayaa mootii Ghassaan irraa ergamte Ka‟abitti kenne. Ajiib!
Oduun sooriyaa geesse jechuudha. gosoonni ghassaanillee isaaf
rifatan. Haalaan nama ajaa‟iba. Haa jennuutii maal barbaadan
hoo?

Ka‟ab Xalayaa fuudhee dubbise. “Yaa ka‟ab bin maalik!


Hiriyoonni kee akka si lakkisan dhageenyee jirra. Biyya itti
xiqqaatte, salphattee jiraachuu hin qabdu. Gara keenya koottu
nuti si gargaarra.” Jedha. Xalayaa dubbisee yeroo goolabu
“Innaa lillaah! Kaafiroonni na barbaada dhufanii?

Dhugumatti tun qormaata guddoodha.” Jedhee Dafee xalayaa


ergamte ibiddaan gube. waamicha mootichaa wahittuu hin
lakkooyne. Eeyyen gar tokkoon masaraa mootummaa Keessatti
kutaa Villaatu banamee hawwiin isa eega.

Gara kaaniin ammoo ummanni madiinaa hiriyoonnummaan


isaa isa jibbanii jiru. Salaamtaa isaanin jedha, gaafii isaan
gaafata, waa takka deebii hin deebisaniif. Ta‟ullee dhimmi kun
akka inni fuula isaa gara kaafiraa nannessu isa hin goone.

Jemal Sheikh Bakri Page 151


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Sheeyxaanni gabricha fedhii isaa isa godhee injifachuu hin


dandeenye. Xalayichas ibiddaan irraa fixe.

Ka‟ab kophummaan akkuma isa rakkiiseen, Hawaasarraa achi


baafamuun akkuma itti ulfaatetti guyyan ji‟atti jijjiiirame.
Nabiyyiin (saw) dhiifama hin gooneef. Wahyiin dhimma
kanaan wal qabattus hin buune.

Guyyaa Afurtammaffaa irratti ergaan Nabiyyii biraa dhufe


balbala ka‟ab dhadhawe. Ka‟ab dhiifamaatu naaf godhamuu
deema abdii jettuun hulaa irraa bane. Haa ta‟uu malee
“Nabiyyiin (saw) haadha manaa teetirraa akka fagaattu si ajaja”
kan jedhu ture.

Innis “Nin hiika moo akkamiin godha?” jechuun gaafate.


“Hin hiikin… garuu itti hin dhihaatin” jedhame. Haadha
manaa isaatin “Hanga Rabbiin dubbii tanatti murtee kennuu
gara mana keessanii gali” jedheen.

Nabiyyiin (saw) Ergaa tana jara lameenittis erge. Haati manaa


Hilaal bin Umayyaa Rasuula bira dheyxee “Hilaal nama
haalaan manguddoome, Akkan isa tajaajiluuf naaf hayyamaa?”
jettee gaafatte.

Isaanin “Hayyee.. garuu sitti hin dhihaatin” jedhaniin. Isiinis


“Yaa Ergamaa Rabbi! Inni Waa takka sossoohuu fuu hin tolu.
Erga dhimmi kun uumamee jalqabee haalaan waan gaddeef
halkanii guyyaa booyichaan dabarsutti jira.” Jetteen.

Lakkuma guyyaan dabaluun qoqqobbiin hawaasaa kan isa


irrattii godhame kun itti fufuu yeroo hubatu ka‟ab Iimaana isaa

Jemal Sheikh Bakri Page 152


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

qorachuu jalqabe. Muslimoota yoo dubbisuuf yaale isaan garuu


deebisaa hin kennaniif.

Ergamaa Rabbii (saw) salaamtaa ni gaafata garuu deebisaa hin


argatu. Eessa haa deemu? Eenyu wajjiin haa mari‟atu? Ka‟ab
akkana jedha: “Rakkinni kun natti jabaataa dhufnaan gara
naman akkaan jaaladhuu fi ilma Eessuma kiyyaa Ooyruu isaa
masnoottin isa arge. Ol seeneetin salaamtaa jedheen.

Wallaahi salaamtaa tiyya naaf hin deebisne. “Yaa Abuu


Qataadaa Rabbiinin si qabaa! Akkan an Allaahaa fi Ergamaa
isaa Jaaladhu hin beeytuun?” jedheen. Deebii naaf hin
kennine. Ammas irra deebi‟eetin “Abuu Qataadaa akkan an
Allaahaa fi Ergamaa isaa jaaladhu hin beeytuu?” jedheen.

Ammas na jalaa cal‟ise. Yeroo sadaffaaf “Rabbiinin si


kadhadha! Akkan an Allaahaa Fi Ergamaa Isaa jaaladhu hin
beeytuu? Jedheen. “Allaahaa fi Ergamaa Isaatu beeka” naan
jedhe.

Ilmi Eessuma isaa akkasuma namni inni akkaan jaalatu Inni


muslima ta‟uu fi ta‟uu dhabuu isaa sadarkaa dubbachuu hin
dandeenye irra gahuu yeroo hubatu Ka‟ab Waan dhage‟e
kanaaf jecha of qabuu dadhabe.

Ijji isaa imimmaaniin guuttamte. Dallawa irraan utaalee gara


mana isaa deemuudhaan mana isaa keessatti of daangessee
asiif achi ilaalaa ture.

Abshiir tan jettuun jaartiin isaa isa bira hin jirtu, Firri inni
mari‟achiisu hin jiru.

Jemal Sheikh Bakri Page 153


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Erga Nabiyyiin (saw) Namoota sadeen kana irratti qoqqobbii


darbee guyyaan shantam guutee jira. Halkan Shanatamaffaa
irraatti Rabbiin Samii Torban gubbaa Toowbaan isaanii akka
irraa qeebalamte aayata Qur‟aanaa Ergamaa Isaa irratti wahyii
buuse.

Nabiyyiin (saw) Mana Ummu salaamaa jiran. Aayatoota


dhimma kana irratti buufamte qara‟an. “Oduu gammachiistuu
tana ammuma ka‟ab bin maalik itti himnuu?” jechuun isaan
gaafatte. “Namoonni walitti qabamanii dhufanii yeroo hafte
tana akka isin hin rafne isin rakkisu waan te‟eef dhiisaa”
jedhaniin.

Nabiyyiin (saw) Akkuma salaata Subhii salaatanii


raawwataniin Rabbiin Toowbaa jara sadeenii akka qeebale
beeysisan. Namoonni oduu gammachiistuu tana itti himuuf
gara mana Ka‟ab saffisaan ori‟uu jalqaban.

Ka‟ab akkana jedha: “Salaata subhii kanin salaate xaraaraa


mana kiyyaa irratti ture. Akkuma Rabbiin Qur‟aana Isaa
keessatti Ibse sanittin taa‟uu ture.

Lubbuun tiyya na dararutti jirti. Dachummaan bal‟oon tun


dhugumaanuu natti dhiphattee turte. Wanni haalaan nama
yaaddessu garuu haala kanaan an yoonin du‟e isaan ana irratti
salaatuu dhabuu fi isaan yoo du‟an ammoo Namni tokkolleen
kan na hin dubbifne ta‟uu fi du‟us kan ana irratti hin salaanne
ta‟uudha.

Anumaa Haala kana keessa jiru namni tokko gaara Sal‟aa Irraa
sagalee ol fudhatee “Yaa Ka‟ab bin Maalik! Baga Gammadde!”

Jemal Sheikh Bakri Page 154


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

isaa jedhun dhaga‟e. Xumura irrattti Rabbi biraa araaramni


dhufe jechuu hubadheetin Sujuuda Shukrii bu‟e.

Namni tokko farda Yaabbatee gara kiyya saffisaan dhufe. Kan


biraa ammoo Fiixa gaaraa dhaabbatee natti lallaba. Sagaleen
isaa ka fardaa san dura natti dhaga‟amte. Namtichan sagalee
isaa dhaga‟u Xumura irratti yeroo oduu baga gammaddee na
biraan gahu uffata kiyya lameen baaseetin kenneef.

Wallaahi uffata biraa hin qabu lama ta biraa nama irraa


fudhadheetin gara Nabiyyii (saw) deeme. “Namoonni murna
murnaan gara kiyya dhufanii toowbaa kee fudhatama argatee
jira. Baga gammadde” naan jedhan. Yeroon an masjiida ol
seenu Nabiyyiin (saw) sahaabota isaa wajjiin taa‟aa jira.

Wallaahi Xalhaa bin Ubeeydillaah malee kan ol ka‟ee na simate


hin jiru. Ka‟ee natti maramee erga na dhungatee booda deebi‟ee
taa‟e. Wallaahi Simannaa Xalhaa tana yoomuu hin dagadhu.

Gara Nabiyyii deemeetin salaamtaa jedheen. Fuula isaanii irraa


ifaatu mul‟ata. Nabiyyiin (saw) yeroo gammadan fuulli isaanii
akka ji‟aatti ifa.

“Halkan haatee si dhalte irraa jalqabee guyyoota ati dabarsite


hunda guyyaa caaluun baga si gehe naan jedhan.”
Gammachiisni kun isin irraahi moo Rabbi biraahi jechuunin
gaafadhe. “Rabbi biraahi naan jedhanii Aayata san qara‟an”
fuul dura isaanii taa‟eetin “Yaa Ergamaa Rabbii! Waan Rabbiin
toowbaa tiyya narraa qeebaleef qabeenya kiyya hunda bifa
sadaqaatiin Allaaha fi Ergamaa isaatiif nin kennadhan”
jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 155


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Isaanis “Hanga tokko hanbifadhu, kun siif irra caala” naan


jedhan. “Yaa Ergamaa Rabbii Wanni Rabbiin bilisa na baaseef
waanin an dhugaa dubbadheefi, Allaahaan toowbaa tiyya waan
narraa qeebaleef jecha hangan lubbuun jiru Dhugaa malee soba
hin dubbadhu jedheetin beellama lubbuu tiyyaaf seenen”
jedheen.

Eeyyen! Rabbiin Toowbaa Ka‟abii fi Hiriyoota isaa lamaanii


qeebaluuf jechaa aayata armaan gadii tana buuse. “Warreen
sadeen hanga dachiin bal’ina ishii wajjiin isaan irratti
dhiphattee, lubbuun isaaniitis isaan irratti dhiphattee, Rabbi
irraas gara isaatti malee iddoon itti baqatan hin jiruu hanga
mirkaneeffatanitti booda aanfaman irraas (Rabbiin Toowba
Qeebalee jira) san booda akka isaan toowbataniif jecha
toowbaa isaan irraa qeebale. dhugumatti Rabbiin Isaatu
araaramaa, raahamata godhaadha.” (Toowbaa 118)

Seenaa dheertuu tana irraa wanni nuti irratti xiyyeeffanuu


Xalhaan Ol ka‟ee ka‟ab itti maramee dhungatee baga
gammadde jedheenii gad taa‟uun sun hangam akka ka‟ab
irratti dhiibbaa gaarii uumeedha.

Ka‟ab dinqisiifannaan inni Xalhaaf qabu guddaa ta‟uu irraa kan


ka‟e Erga inni du‟ellee yeroo seenaa tana yaadatu “Wallaahi
Waan xalhaan naaf godhe Yoomillee hin dagadhu”
akka inni jedhu isa godhe.
Xalhaan Onnee ka‟ab gammachiisuuf maal godhe? Ga‟umsa
isaa fayyadamee Rakkoo isaa isa wajjiin qooddachuu isaa
ibsuuf

Jemal Sheikh Bakri Page 156


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Gammachuu isaatis gammachuu isaa ta‟uu agarsiisuuf lafaa


ka‟ee dubbisuun sun akka inni onnee Ka‟ab keessaa hin baane
isa taasise.

Namootaaf Cinqamuu fi Quuqama isaaniif qabaachuu


agarsiisuun Onnee Isaanii bana. Yoo Hiriyaan kee qormaata
irra jiraate “Qormaanni akkam ture, Wallaahi si yaadadheetin
du‟aa‟ii siif godhaa ture. Ana Ibraahiimi” Jettee ergaa gabaabaa
(message) yoo ergiteef Kabajaan inni siif qabu kan dabalamu
sitti hin fakkaatuu? Shakkii takka malee siif dabalama.

Hiriyaa kee jalaa abbaan isaa dhukkubee; Abbaa isaa yeroo inni
hospitaala geessee achii yaaddawaa abbaa isaa wal‟aanu jiru
bibilteefii abbaan isaa akkam akka jiru erga gaafattee boodaan
wannin si gargaaru maaltu jira jedhii gaafadhu? Yeroo
barbaaddetti si gargaaruuf qophiidha jedhii itti himi.

Dhugatti si galatoomfata. Ammas ganama bilbiliif “Maatii kee


hoo wanni barbaachisu, kan bitamu maaltu jira naaf himi?”
jedhiin. Si galatoomfata, Du‟aa‟ii siif godha. Kabajaan inni siif
qabu ni dabalti. Hiriyoota kee kan mala akkanaa qaban irraa
fakkeenya fudhadhu.

“Hello! Har‟a bashannanaaf gara Moggaa bishaanii deemuuf


deemna. Akkami nuu wajjiin deemuu ni dandeessaa?” Inninis
“Lakkii! Abbaa kiyya waan haalaan narraa dhukkubuuf
deemuu hin danda‟u.”

Du‟aa‟ii godhuu dhabuu fi haala abbaan isaa keessa jiru


gaafachuu irra dabree “Nin beeka. Isaan hospitaala keessa

Jemal Sheikh Bakri Page 157


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

jiranii mitiiree. Ummaa teetii fi obboleettiin tee isaan bira


jiraannaan gahaadha. Wanni ati gootuuf takkalleen hin jiru.

Garuu yoo sitti tole koottuutii Nuu wajji bashannanii sammuu


tee haaromsitee deebita” jedheenii silkii isaa cufa. Gurbaan kun
dhukkubsachuu abbaa isaa humaa akka isa hin yaachisin
godhee argame.

Duuba hoo hiriyaan isaa kun ilaalcha akkamii akka isaaf


qabaatu tilmaami. Dhugatti nama hiriyaa gadda isaa isaa
wajjiin hin qooddanne kanaaf kabajaan isaa ni hirdhata.

Gaaf tokko guyyoota muraasa anaa Jiddaa taa‟uu jiru, dhimmi


hamaan tokko na mudate. Hojiin baay‟ee natti heddummaatee
ture. Obboleessi kiyya Su‟ud “Rabbiin obsa siif haa kennu,
Gurbaan eessuma keetii Du‟ee jira” jettu Ergaan gabaabaan
(message) natti erge.

Gurbaan Eessuma keenyaa guyyaa lama dura Dhukkuba onnee


wal‟aannachuuf gara jerman kan deemeedha. Anis gara
obboleessa kiyyaa kan ergaa tana natti ergee yeroon bilbilu
yeroo dhihoo booda reeffi isaa akka gara Riyaad Dhufu natti
hime. Du‟aa‟ii godheefi akka Rabbiin isaaf araaramu hawweefi
bilbila koo cufe. Guyyaa lama booda hojiin jiddaa qabu
raawwadhee gara Riyaad deemuuf buufata xayyaaraa deeme.

Achitti dargaggoota muraasaa wajjiin wal arginee yeroo na


argan waan na beekaniif dabaree dabareedhaan salaamtaa naan
jedhanii na dubbisuu jalqaban. Muraasni isaanii akka warra
ammaa kanatti mataa isaanii jala ciratanii jiran.

Jemal Sheikh Bakri Page 158


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Isaanitti qoosuun jalqabe. Jiddumaanuu bilbilli narratti


bilbilame jalaa kaaseetin yeroon xumuru Dargaggeessi tokko
dhufee salaamtaa naan jedhe.

Suufaa fi kofoo uffatee jira. San booda “Akkaataan uffannaa


keetii hedduu bareeda, Misirroo fakkaattee jirtan” jedheen.
Dargaggeesichi sekondii muraasa cal‟iseeti “Waan na beeyte
natti hin fakkaatu, An abaluu ilma abaluuti. Jerman irraa reeffa
abbaa kiyyaa fideetin amma ammoo gara Riyaad deemu jira.”
Naan jedhe.

Akka Barmiila guutuu bishaan qabbanaawaan narratti


naqameetti natti dhaga‟ame. Hedduun gadde. Abbaan isaa
du‟ee inni reeffa qabee dhufe. Ani ammoo nin qoosa, nin kofla.
akkas ta‟uun kiyya Kun hedduu na qaanyesse.

“Dhiifama, Wallaahi si ta‟uu kee hin beeyne. Rabbiin obsa siif


haa kennu, Abbaa keetiis Rabbiin haa araaramuuf” jedheen.

Gurbaa addaan baafachuu waanin hin danda‟iniif anillee hin


jajamu. Sababni isaatis yeroo hunda isumaa uffata aadaa
naannawa sanii Madawwarii fi imaamaa uffatun arga.

Suufaa fi kofoo uffatee dargaggootaa wajjiin isaa buufata


xiyyaaraa jiddaa keessa dhaabbatu yoon argu garuu isa ta‟uu
goonkuma hin beekne.

Namootaaf quuqamuu jechuun miira isaanii isaan wajjiin


qooddachuu jechuudha. Rakkinni isaanii rakkina kee ta‟uu
gammachuun isaanii gammachuu tee ta‟uu agarsiisuu
jechuudha.

Jemal Sheikh Bakri Page 159


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Kanaaf jecha Proffessional Kaampaanonni kutaa walitti


dhufeenya hawaasummaa Salaamtaa fi Kennaa yeroo kan of
keessaa qabu godhan. Yooniif namaaf gatii kennite akkasuma
isaan tajaajilte Onnee isaanii qabuu ni dandeessa. Si jaalatan.

Asirratti fakkeenya jireenyaa isa sirrii ni arganna. Namni tokko


mana namni guute tokko ol seenee yoo teessoo irra taa‟u
dhabee Namni tokko jalaa achi hiiqee “Koottuu Asiin taa‟i”
jedheen. Namni sun isaaf rakkachuu isa agarsiisee jira.

Kun ammoo akka isa jaalatu taasisa. Namni tokko affeerraa


hiraataa irratti argamee Erga nyaata fudhatee booda yeroo inni
teessoo barbaadu namni tokko “Koottu as taa‟i” yoo Jedheen
akka isaaf rakkate agarsiisee jira. Kanaafuu namni tokko gaafa
nama tokkoof akka quuqama qabu agarsiise nama san irraa
jaalala Fudhata.

Nabiyyiin (saw) dhimma kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu


turan. Gaaf tokko miinbara isaanii gubbaa irraa khuxbaa
godhuutti jiru. Warri gammoojjii tokko dhufee gara isaanitti ol
dhihaatee sagalee isaa ol fuudhee “Yaa Ergamaa Rabbii! Ani
amantii tiyya irraa nama humaa hinbeeyne. Mee waa‟ee
amantii tiyyaa na barsiisaa” jedheen.

Miinbara isaanii irraa bu‟anii namticha bira dhufanii hanga


namtichi hubatutti barsiisanii san booda Minbara gubbatti
deebi‟an.

Kun mallattoo Tajaajila namaaf godhamu qabu agarsiisuu


irraahi. Eenyuutu beeka osoo Ergamaan Rabbii (saw) dantaa

Jemal Sheikh Bakri Page 160


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

isaaf dhabanii hanga guyyaa qiyaamatti waan barbaachisu osoo


hin barin hafuu danda‟a.

Yoo nama tokkoo wajjiin salaamtaa waliin jechaa harka wal


fuudhan haga namni sun gad Dhiisutti gad hin dhiisan turan.
Yeroo namni tokko isaan dubbisu fuula isaanii itti deebisanii
waliin haasawuu turan. Jechuun Xiyyeeffannoo guutuun akka
dhagayaniif jecha qaamaa qalbii itti deebisanii nama
dhaggeeffachuu turan.

Muuxannoo…
Akka muuxannoon nuuf himutti namootaaf yoo gatii kennite
akkasumatti quuqama isaaniif qabdu yoo agarsiiste onnee
isaanii ni boojita. Jaalala isaanii ni argatta.

Akka Waan gaarii isaaniif yaaddu isaan


agarsiisi
Onneen tee yoo jaalalaa fi qajeellomminaan guutamte Hariiroo
isaanii wajjiin qabdu maal akka fakkaachuu qabdu oogummaa
kana siif akeeku baratta. Namoonni Jaalala ati isaaniif qabdu
dhandhamu. Isaanis jaalala siif qabanii fi fudhatamummaan
isaanii siif dabaluu jalqaba.

Dubartii dooktaraa takka (Ogeettii fayyaa tan taate), tan


Kilinika dhuunfaa kan yeroo hunda dhukkubsattootaan
guutame tokko qabduutu turte. Dhukkubsattoonni ishii
ilaalanii hin quufan turan. Ishii wajjiin ooluun isaan
gammachiisa. Sababni isaatis hiriyaa isaanii isaanitti fakkatti.

Jemal Sheikh Bakri Page 161


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Doktartittiin (Ogeettiin faayyaa tun) onnee namaa karaa ittiin


boojitu oogummaalee hedduu fayyadamteeti.

Oogummaan tokko: Dhukkubsattuun takka Doktara ishii waa‟ee


dhukkuba ishii irraa gaafachuu barbaaddee yeroo bilbiltu
Barreessituun maqaa ishii gaafattee daqiiqaa shan boodaan
akka deebistee bilbiltu itti himte.

Jiddumaan barreessituun kaardii dhukkabsattuu sanii baastee


dooktartittiif kenniti. Dooktartittiin Odeeffannoo
dhukkubsattuu guutuu dubbisutti seente. Hojii fi maqaa
ijoollee ishiillee osoo hin hafin ni qabatte.

Yeroo dhukkubsattuun bilbiltu Salaamtaa gaarii jetteenii


Waa‟ee dhukkuba ishii, waa‟ee ijoollee ishii, waa‟ee hojii ishii fi
kkf gaafatti.

Yeroo kanatti dhukkubsattuun Dookartittiin waa‟ee ijoollee


ishii, waa‟ee dhukkuba ishii osoo hin hafin waan yaadatteef
jecha haalaan ana jaalatti miirri jedhu ishii keessatti uumame.
Mana ishiin itti hojjatullee hin daganne.

Duuba intalti tun yeroo gargaarsa wal‟aansaa barbaadde hunda


gara Dooktartittii tanaa yoo dhufte maaltu nama ajaa‟iba?
Onnee namootaa booji‟uun hangana akka salphaa ta‟e ilaali.

Jaalala onnee irraa namaaf qabdu namootaaf ibsuun hamtuu


miti. Abbaas ta‟i, Haadhas ta‟i, jaartiis ta‟i, Ilma/intalas ta‟i
yookaa hiriyaa yookaa ollaas ta‟i Miira kee ibsachuu irraa of hin
qusatin.

Jemal Sheikh Bakri Page 162


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Siin jaaladha; Ati anaaf nama addaati Jennee jaalala teenya haa
beeysifnuu. Namtichi nama dilii hojjatu osoo ta‟ellee “Ati bar
naman akkaan jaaladhuu” jedhiin.

Itti hin kijibne. Sababni an akkas jedhuuf kaafiroota


Miliyoonaan lakkaawaman irra isumaatu si biratti
jaalatamaadha. Akkasumaa mitii? Abshaala tahi.

Nin yaadadha gaaf tokko Umraa godhee akkuman Xumureen


Yaa Allah! Irra naaf dabri. Jaalawwan kiyyaa fi ilmaan kiyyaafis
irra dabriif (araaramiif) Walumaa galattuu muslimoota cufa
bakkuma jiranitti isaan tiysi. Injifannoo teetii fi ol aantummaa
isaan gonfachiisi jedheetin du‟aa‟ii godhe.

San boodaan bultiif hooteela tokko keessatti Siree nin qabadhe.


Akkumaan mataa kiyya Boraatii gubbaa kaayyadheen Ergaa
armaan gadii tana moobaayila kiyya irratti barreesse “amma
Akkuman Umraa tiyya raawwadheen namootaan jaaladhu
hundaafuu du‟aa‟ii godheefiin ture.

Isaan keessaa tokko ati waan turteef du‟aa‟iin si hin daganne.


Rabbiin si haa tiysu, kheeyrii si haa qunnamsiisu” Barreeffama
kana nama bilbila kiyya keessa jiru hundaaf nin erge (message
ergeef). Gara nama dhibba shanitti kan dhihaataniif ergaan
tiyya geesse.

Ergaan tun onnee namootaa irrattii dhiibbaa akka an tilmaamee


olii isaan irratti uumte. Deebisaan armaan gadii natti roobuu
jalqabe. “Wallaahi ergaa gabaabaa (message) kee yeroon
dubbisu nin booye. Waan du‟aa‟ii tee keessatti na yaadatteef

Jemal Sheikh Bakri Page 163


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

hedduu galatoomi” kuunis “Rabbiin sirrraa haa qeebalu


wallaahi yoomu si hin dagadhu”

Dabree dabree namoota jaalannu yaadachuu akka qabnu


beekuu qabna. Rakkooleen garaagaraa akka isaan irranfannu
nu godhuu hin qabdu. Kanas karaa adda addaatiin ibsuu
dandeenya. Akka armaan olitti bifa ergaa gabaabaatiin ta‟us
godhuun ni danda‟ama.

Nama Jaalattu tokkoof du‟aa‟ii gootee akkana jechuun ergaa


gabaabaa erguufi dandeessa. “Azaanaa fi Iqaamaa jidduu
du‟aa‟ii godheetin ture.” Yookaa “Guyyaa jum‟aa Du‟aa‟ii
godheetin ture” hanga Niyyaan tee Qulqulluu taatetti iimaana
kee agarsiisuuf yookaa haa anaaf arganiif waan goote hin ta‟u.
kun jaalala gadi fagoo fi wal kabajuu irraa kan dhufeedha.

Nin yaadadha gaaf tokko Gaara Shaaf kan xaa‟ifitti argamu


Wirtuu bashannanaa takka keessatti da‟waan godhaan ture.
Idoon kun bakka dargaggoonni hedduun Itti
bashannananiidha.

Warreen da‟waa kana dhaggeeffatan hedduun isaanii warra


Iimaana qaban fakkaatan. Dargaggoonni hafan ammo
Muuziqaa fi Daansiidhaan Heewasamanii jiran. Ergan Da‟awaa
raawwadhee booda dargaggoonni hangi tokko salaamtaa naan
jechuuf natti dhufan. Isaan keessaa tokko ka rifeensa akka
biratti muratee fi Kofoo namatti maxxantu kan uffates
dargaggoota kanneen keessa jira.

Dhufee salaamtaa naan jedhe. Anis salaamtaa hoo‟ituu ergan


deebiseefi boodaan Da‟awaa kana hordofuu isaatif isa

Jemal Sheikh Bakri Page 164


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

galatoomfadheetin “Fuula Daa‟ii Qabdan” jedheen. Achumaan


seeqee deeme.

Torbee lama booddee dargaggeessi tokko bilbila naaf bilbilee


“Na beeytee? Ani Dargaggeessa Fuula Daa‟ii qabda naan jette
sani. In Shaa Allah Wallaahi fuulduratti daa‟iin ta‟a.” jedhee
fedha keessa isaa jiru natti himuu jalqabe. Ilaali mee namoonni
Jaalala Onnee irraa ka‟ee fi haasawa onnee irraa ka‟eef
akkamitti akka booji‟aman.

Ergamaan Rabbii (saw) Haala isaanii bareedaa sanii fi jaalala


isaanii tan dhugaa san ibsachuun Ga‟umsa isaanii qofaan onnee
namootaa booji‟uu turan. Abubakrii fi Umar (Ra) Sahaabota
hunda irra Caaloo turan. Kheeyrii keessatti Waldorgomuu
turan.

Yeroo hedduu Abubakri, Umar dursuu turan. Umar (Ra)


salaataaf yeroo dursee gara masjiidaa dhufu Abubakri (Ra) isa
dursee achi jira. Umar yeroo hiyyeessa nyaachisuuf ka‟e
Abubakri isa dursee kan nyaachise ta‟uu arga. Umar halkan irra
caalaa Ibaadaan yeroo dabarse ammas Abubakri kanuma isa
caale arga.

Gaaf tokko Rasuulli (saw) Rakkoo muslimoota qabatte takka


salphisuuf jecha sadaqaa walitti qabuu jalqaban. Yeroo sanitti
Umar hedduu dureessa ture kanaafuu Yeroon Abubakri caaluu
qabu amma jedhee yaade.

Gara mana isaa deemee qabeenya isaa guutuu irraa walakkaa


qabee gara Ergamaa Rabbii (saw) fidee kenne. Nabiyyiin (saw)
jalqaba yeroo Qabeenya kana argan umariin maal jedhan?

Jemal Sheikh Bakri Page 165


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Meeqa (Hangami)?” jedhaniin moo Qarshii moo warqiidha


jedhanii gaafatan? Lakkii akkkas hin jenne.

Nabiyyiin (saw) Jecha Umar yoo dhaga‟u Nabiyyiin akka isa


jaalatu isa irraa hubatu isaan jedhan. “Yaa Umar! Maatii keetiif
hoo maal dhiifte?” Umaris “Yaa Ergamaa Rabbii! Maatii
kiyyaaf wanumaan akka kennadhee kanan hambiseef” jedheen.

San booda Umar Nabiyyii moggaa taa‟ee Hawwiin Abubakri


eeguu jalqabe. Abubakri Qabeenya guddaa fidee Nabiyyiitti
kenne. Umar Dhaabbatee Abubakri ilaalaa dorgommicha
dhaggeeffata. Nabiyyiin (saw) Qabeenya kana ilaaluun duratti
“Yaa Abubakri! Maatii keetiif maal dhiifte?” jechuun gaafatan.

Eeyyen! Haalaan Abubakri jaalatan, Maatii isaatis Haalaan


jaalatan. Akka rakkoon isaan mudatu hin barbaadan. “Yaa
Ergamaa Rabbii! Maatii kiyyaaf Allaahaa fi Ergamaa Rabbiitin
dhiiseef” jedhe.

Tokko sadaffaa miti, Tokko lammaffaa miti Qabeenya isaa


guutuu fidee dhufe. Umaris akkana jechuu malee filannoo biraa
hin qabu. “Yoomillee Abubakri caaluu hin danda‟u” Namoonni
Wanni baay‟ee Rasuula (Saw) jaalataniif akka inni isaan jaalatu
waan beekaniifi ture. Yeroo takka Nabiyyiin sahaabota isaa
wajjiin salaata salaataa turan. Salaaticha gabaabsanii
salaachisan.

Salaata salaachisanii yeroo raawwatan sahaabonni salaanni


gabaabbatuu kana akka ajaa‟iban hubatan. Saniif “Salaata
gabaabsuun kiyya kun waan isin ajaa‟ibe natti fakkaata.”
Jedhaniin. “Eeyyen!” jechuun deebisaniif.

Jemal Sheikh Bakri Page 166


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Akkana jechuun isaanis ibsaniif “Daa‟ima booyun dhaga‟e,


Haati isaa na naasifteetin Salaata gabaabse” jedhaniin. Akka itti
isaan namoota jaalachuu turan argitanii? Tajaajila (Simannaa
isaan nama simatan) isaan namaaf godhan irraa Jaalalti
namootaa akka dhufte nu hubachiisa.

Kophaa Keetii Miti...


Miira (fedha) kee ibsadhu. Nama dhugaa ta‟i. “Siin jaaladha, Si
arguufin hawwa, Ati anaaf adda” jedhiin.

Maqaa Isaanii Yaadadhu


Maloota kabajaa namaaf qabaachuu ittiin agarsiiftu keessaa
tokko maqaa isaanii yaadachuudha. Iddoo Wahitti yoo tasa
nama tokkoon walitti dhufte, Baankii ta‟uu danada‟a, Xayyaara
keessatti yookaa Mana Aruuzaatti nama argite tokko Maqaa
isaanii qabadhuutii yeroo biraa yeroo wal argitan Maqaa isaa
yaamtee “Abalu, Akkam jirta?” Yoo jetteen shakkii takka malee
Onnee isaa keessatti jaalalaa fi kabajaa akka Siif qabaatu ni
goota.

Ati maqaa nama tokko qabachuun kabajaa ati isaaf qabdu


agarsiisa. Barsiisaa Maqaa barattoota isaa yaadatuu fi kan hin
yaadanne jidduu garaagarummaa guddaatu jira. “Barataa lafaa
ka‟i” jechuu irra “Abaluu Abaluu lafaa ka‟i” jechuutu caala.

Yeroo bilbila si jalaa kaasan, Kamtu irra si biratti


jaalatamaadha? Nama “Hello, Eenyu” siin jedhuu fi Kan
“Hello Muhammadiyyee, Hello Abu Abdellaah!?” siin jedhu

Jemal Sheikh Bakri Page 167


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

kamitti onneen tee si gammaddi. Shakkii hin qabu yeroo


maqaan kee yaamamu qalbiin das si jetti.

Yeroo hedduu Yeroon da‟awaa godhe boodaan dargaggoonni


hedduun dhufanii salaamtaa naan jedhanii na galatoomfatan.
Anis gaafii kanatti aanu gaafachuun jaaladha.

“Maqaan Kee Eenyu?” Akkan isaan baruu fi isaanitti


dhihaachuu barbaaduu itti agarsiisuuf jecha nama Salaamtaa
naan jedhe hunda gaafii kana nin gaafadha. Isaanis
“Obboleessa kee Ziyaadi, Ilma kee Yaasiri” jechuun naaf
deebisan.

Guyyaa tokko nin yaadadhaa dargaggoonni hedduun nagaya


na gaafatanii erga deemanii booda inni gaafii na gaafatuuf natti
deebi‟ee dhufe. “Yaa Ahmed! Rabbi umrii si haa dheeressun”
jedheen. Hedduu gammadeeti “Alhamdulillaah maqaa kiyya
ni beeyta jechuudhaa?” jechuun na gaafate. Namoonni maqaa
isaaniitiin yaamamuu ni jaalatan.

Poolisoonni biyya kanaa (Saudi Arabiyaa) Baajii maqaa isaanii


qabdu Shamiiza isaanii irratti maxxanfatan. Guyyaa tokko
kaampii waraanaa keessatti ergan da‟awaa godhee booda
Poolisoonni hedduun salaamtaa naan jechuuf gara kiyya
dhufan. Garuu poolisni tokko salaamtaa naan jechuu fedhee
asiif achi deema.

Gara isaatti achi dhihaadheetin Maqaa isaa Shamiiza irraa


dubbisee “Abalu Akkam jirta?” jedhee harka fuudhe. Baay‟ee
gammaduu irraa kan ka‟e fuulli isaa jijjiirame. Fuula

Jemal Sheikh Bakri Page 168


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

gammachuutin “Waaaw Maqaa kiyya akkamitti beeyte?”


jechuun na gaafate.

“Obboleessa kiyya qaalii! Maqaa namoota jaalannuu beekuuf


tattaaffachuu qabnan” jedheen. Namoonni hedduun haala
kanatti ni gammadan, isaanis maqaa namoota biraa yaadachuuf
ni tattaaffatu.

Sababoota namoonni hedduun maqaa namoota beekanii


irraanfataniif baay‟eetu jira. Sababni jalqabaa Namoota wal
baran saniif gatii kennuu dhabuudha. Sababni biraa ammo
hojiilee biraatiin heewasamuu irraa kan ka‟e Yeroo maqaa walii
baran xiyyeeffannoo godhuu dhabuudha. Qabxiin biraa
ilaalcha nama saniif qaban irraa kan ka‟eedha.

Nama tokko yeroo biraa wal hin agarru jechuudhaan maqaa


isaa qabachuun kan hin barbaachisne te‟ee isinitti mul‟atuu
danda‟a. yeroo takka takka ammoo yeroo maqaa isaa siif himu
qajeellotti dhaga‟uu dhabdee Lammada deebitee gaafachuu
sodaachuudha.

Kanniin sababoota maqaa namaa akka hin yaadanne nu


godhan keessaa muraasa.

Tooftaaleen rakkoo maqaa namaa yaadachuu dhabuu of irraa


ittisuuf gargaaran hedduutu jira. Jalqaba irratti maqaa namaa
yaadachuun faayidaa qabaachuu hubachuudha. Daqiiqaa
muraasa booda akka nama maqaa nama barattee kana Eenyu
maqaan isaa jedhamtee gaafatamtutti yaadi.

Jemal Sheikh Bakri Page 169


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Tooftaan biraa yeroo namtichi maqaa isaa siif himu Bifa,


Akkaataa haasawaa, Akkaataa kofla isaa hubadhu. Yeroo isaa
wajjiin haasoftu irra deddeebi‟ii maqaa isaatiin yaami.

Fakkeenyaaf “Akkasumaa mitii Umar?” Na dhageessee Umar?”


Na hubattee mitii Umar?” Kun maqaa namaa qabachuuf
dhimma murteessaadha.

Yoo Qur‟aana kan gad ilaallu taane Rabbiin Nabiyyoota maqaa


isaanii irra deddeebi‟ee dubbata. “Yaa Ibraahim Isaan irraa
fagaadhu...” “Yaa Nuuh! Inni Maatii keetirraahii miti” “Yaa
Daawud! Addunyaa tana irratti Wakiila (bakka bu‟aa) si
goone”

Gabaabumatti…
Maqaa kiyya naaf yaadachuun kabajaa anaaf qabdu na
agarsiisi. Maqaa kiyyaanis na yaami. Akkas yoo goote
dhugumatti sin jaaladha.

Daawwataa fi Dinqisiifataa ta’i


Jireenya keenya keessatti wantoonni goonu baay‟een mataa
keenya qofaaf osoo hin ta‟in namoota biraatiif jecha goona.
Yeroo Cidha yaamamte uffata babbareedaa uffattee deemta.
Kana kan gootuuf xiyyeeffannoo namoota biraa butuuf (Qalbii
fuudhuuf) fi Akkaataa Uffannaa keetiitiin namoota
ajaa‟ibsiisuuf malee ofii jetteetii miti.

Namoonni dhaabbii kee bareedaan yookaa uffata kee


babbareedaa kana yeroo dinqisiifatan arguun si gammachiisa.
Mana kee keessa Saaloona Wanti bareechituuf Faaya adda

Jemal Sheikh Bakri Page 170


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

addaatiin wanti miidheysituuf irra caalatti Akka namni siif


arguuf jecha malee siifii miti.

Sababni isaatis akka saalona bareechuuf rakkattutti mana Ati


yookaa ijoolleen tee raftu bareechuuf yookaa miidheysuuf hin
cinqamtu waan te‟eef.

Yeroo hiriyoota kee hiraata afeertu nyaanni dhihaate akka


qajeellotti qophaawee fi akka yeroo biraa caalaa gosa hedduu
kan of keessaa qabu ta‟uu Sirritti hubatta.

Hiriyoonni ati afeertu ammoo yoo warra akkaan si biratti bakka


guddaa qaban ta‟an kana caalatti Miidheysitee qopheessuuf
rakkatta. Yeroo hedduu namoonni yeroo uffanni keenya
yookaa manni keenya akka bareedu yokaa nyaanni keenya
akka mi‟aawu nuuf himan gammachuu bakka of keenyu hin
qabnu.

Nabiyyiin (saw) akkana jedhan “Akka namni isatti itti dhufuu


barbaadutti namatti haa dhaquu” akkana jechuun Akka namni
osoo akkasitti sitti dhihaatee jaalatutti namatti dhihaadhu
jechuudha.

Hiriyaan kee uffata bareedaa isaa uffatee deemu yoo agarte


dinqisiifadhuuf, Jecha bareedaa isa dhageessisi. “Maa Shaa
Allah! Baay‟ee sirraa bareeda, Har‟a Misirroodhuma Fakkaatte”
jedhiin.

Haaluma wal fakkaatuun namni tokko si ziyaaruuf gara mana


keetii shittoo Urgooytuu godhatee yoo dhufe Dinqisiifatuu fi
faarsuufi Qabda. Sababni isaatis siif jecha godhate waan te‟eef.

Jemal Sheikh Bakri Page 171


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Urgaa ajaa‟ibaati, Shittoon tee hedduu Urgooyti” jettee yoo


dinqisiifatteef Jechoota kee bareedaa kan isa jajjabeessuuf ati
isaan jette kanaaf jecha si dinqisiifata.

Namni tokko yoo hiraata si afeere dinqisiifadhuuf. Sababnis si


gammachiisuuf jecha Haati, Jaartiin, Obboleettii fi Intalli
Kushiinaa (Alawaadaa) keessa olii gad fiigaa turan Waan te‟eef
jecha. Kanaafuu Tattaaffii isaa san dinqisiifachuu kee kan
mul‟isan jechoota bareedaa dhageessisuun dadhabbiin isaa
bilaash akka hin ta‟in ibsiif.

Gara mana hiriyaa keetii tokko yoo ol seentu Meeshaa


babbareedduu fi haarawa yoo agarte Filannoo hiriyaa keetii
dinqisiifachuun Waa‟ee meeshaa sanii yaada gaarii itti himi.

Garuu keessa kuttee akka waan itti hanjamaa jirtuu itti hin
fakkeessin. Sagantaa takka irratti namni tokko haasawa
bareedaa dhiheessuudhaan saganticha kan bareechu yoo te‟e
akkasuma dhaggeeffattoota kan ajaa‟ibsiise yoo te‟e
Galatoomfachuu qabda. Sagantaa booda harka fuutee “Maa
Shaa Allah! Dubbataa ajaa‟ibaati, Haasawa barbaachisaa goote,
Sagantaan kee kanaan Qophiin akkaan hoo‟e” jedhiin.

Yeroo biraatis haasawuma nama kanaa yoo dhaggeeffatte


Yaaduma wal fakkaataa kenniif. Dhugumatti jaalalli siif qabu ni
dabala.

Gurbaa abbaa isaa wajjiin hariiroo bareedaa qabu tokko yoo


agartes; fakkenyaaf kan Uffata haarawa abbaa uffisu, harka
abbaa dhungatee, Kophee isaa dhiheessuuf dinqisiifadhu.

Jemal Sheikh Bakri Page 172


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Galatoomfadhu. Nama uffata haarawa uffate yoo agartes


dinqisiifachuu qabda. Akkataan uffannaa isaa si gammachiisuu
itti himi. Obboleettii tee ziyaaruuf bira dheyxee ilmaan ishii
seeraan guddisaa jiraachuu gaafa hubattu Dinqisiifadhu.

Hiriyaan kee keessummaa keessummeessuu keessatti ga‟umsa


gaarii yoo qabaate Ga‟umsaa fi dandeettii isaa ibsiif. Hojiin isaa
waan onnee tee keessatti uumte Miira dinqisiifannaatiin himiif.

Makiinaa nama tokkoo yaabbattee yoo imalaa jiraatte


Qulqlullinni makiinaa yoo si gammachiise yookaa akkataan
dandeettii Oofinsa konkolaachisaa yoo si ajaa‟ibe faarsi.

Dinqisiifadhu. Makiinaa Qulqulleessuu fi seeraan oofuun waan


haarawaa jechuu dandeessa. Wantoonni kunniin waanuma
namni hundi hojjatu jennuu cal‟isuurra Dinqisiifannaa
ibsachuuf yoo itti fayyadamne Onnee namootaa keessatti miira
gaariitu uumama.

Ani Oogummaa kana namoota hedduu irratti yaaleetin jira.


Manguddoo, dargaggoo, hojjattoota biiroo, Barsiisota, Abbootti
Aangoo irratti dabalatee akka dhiibbaa guddaa uuman
hubadheetin jira.

Namoonni yeroo yaanni akka isaaniif kennamu barbaadantu


jira. Fakkeenyaaf Misirroo tokko erga inni fuudhee torbee tokko
boodaan yoo argite, Nama mana haarawa bite, nama makiinaa
bite, nama ilmoon dhalatteef yoo argite akka baga gammadde
jettuunii Fi Maa shaa Allah akka ati jettuun sirraa barbaada.
Karaa namoonni itti si barbaadaniin argamiifi isaan
gammachiisi.

Jemal Sheikh Bakri Page 173


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Gurbaan Eessuma kiyyaa Abdul majiid barnoota isaa sadarkaa


lammaffaa akkuma xumureen Waraqaalee yuniversitiif
galchuuf akkan isaa wajjiin deemu na gaafate. Ganama
bibileetiifin qophaawii na eegi jedheen.

Yeroo inni makiinaa keessa ol seenu fooleen shittoo akka malee


na seente. Akka waan shittoo xarmuuza tokko guutuu of
irratti cabsee fakkata. Shittoon waan haalaan na ukkaamseef
qilleensa naqachuuf jecha fooddaa makiinaa gadin buuse.

Abdul Majiid Waan hedduutu isa keessaa dhawata.


Sadarkaan barnoota isaa guddatee jira. Koolejjii seenuu
deemus ni yaada. Akkasitti gurbaan fayyaalessi of
babbareechuuf baay‟ee cinqamee jira. Seeqeetin “Maa Shaa
Allah! Shittoon tee numa urgooyti. Itti gaafatamaan
dippaartimantii fooleen kun itti urgooyteetuma
gammachuudhaan “Si Qeeballe” waan siin jedhu natti fakkatan
jedheen. Akka onneen isaa itti gammaddee fi fuulli isaa itti ife
hangan an tilmaamee ol ture.

Hawwii guddaan gara kiyya gara galee “Yaa Abu


Abdurrahmaan Siin galatoomfadha. Wallaahi shittoon tun gatii
guddaan bitamte. Yeroon godhadhu garuu namoonni hedduu
hin hubatan.” Naan jedheeti Imaamatti godhachaa “Wallahi
hedduu Urgooyti” jedhe.

Yeroon tun waggaa kudha shan dura ture. Abdulmajiid


barnoota isaa kan Yuniversitii xumuree hojii qabatee jira.
Yeroo san garuu goonkuma hin dagatu. Yeroo yaadate cufa
kofluu ture.

Jemal Sheikh Bakri Page 174


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Eeyyen! Nama dinqisiifadhu. Miira namootaa qabuu fi jaalala


isaanii argachuun salphaadha. Ta‟ullee tooftaalee murteessoo
kanniin onnee namootaa ittiin argannu kana ni daganna.
Nabiyyiin (saw) abbaa haala gaarii ajaa‟ibaa kan ta‟an
tooftaalee kanneenii fi kan biraallee hojirra oolchuu turan.

Gaafa yeroo jalqaba Islaamummaan dhuftu sababa amantii


isaanii irraa kan ka‟e miidhaan sahaabota irra geenyaan
Sahaabonni gara madiinaa baqatan. Abdurahmaan Bin Owfii
Warreen baqatan irraa tokko ture. Makkatti haalaan dureessa
ta‟ullee gaafa madiinaa dhufu (qabeenyi isaa waan makkatti
hafeef) ni hiyyoome. Humaa hin qabu ture. Rakkoo kana furuuf
jecha Nabiyyiin (saw) furmaata saffisaan akka ta‟uuf jecha
Baqattootaa fi gargaartota isaanii warra madiinaa haada
obbolummaatiin walitti hidhan. Haaluma kanaan
Abdurahmaan bin Awfii fi Sa‟ad bin Rabii‟aa Al Ansaariin
Obboleeyyan ta‟an. Lubbuun isaanii Iftuu Onneen isaanii
qulqulluu turte.

Sa‟ad Abdurahmaaniin “Obboleessa kiyya Kabajamaa! Warra


madiinaa hunda irraa anaatu dureessa. Qabeenya kiyya bakka
lamatti baafnee ati walakkaa fudhatta.”jedheen. “Yoo haadha
manaa barbaaddes haadha manaa laman qaba. Takka siifin
hiika” jedheen Wa‟ada seeneef. Abdurahmaanis “Rabbiin
maatii keetii fi qabeenya kee siif haa barakeessu. Ati karuma
magaalaa na garsiisi”jedheen.

Abdurahmaan qabeenya isaa makkatti dhiisee dhufee


kaafiroonni saamanis Muuxannoo daldalaa bareedaa qaba.
Sa‟ad akkuma gaafatetti magaalaa isa geesse. Abdurahmaan

Jemal Sheikh Bakri Page 175


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Liqiidhaan meeshaa biteetuma hoggasuma gurguree irraa


tirfeeffate. San booda kaappitaala Hojii daldalaa isaa ittiin
sochoosu argate. Osoo baay‟ee hin turin qabeenyi guddateefi
haadha manaa fuudhe. Yeroo Nabiyyii bira dhaqu uffanni isaa
shitto shittoo itti jedhe. Shittoo akkasii baay‟inaan dubaraatu
godhata ture.

Nabiyyiin (saw) carraa onnee namaa itti gammachiisan


argatanii bira hin dabran. Abdurahmaan irratti jijjiirama arganii
jiran. Jijjiirama isaaniitiif xiyyeeffannoo kennuun “Wanni
haarawni maaltu jira” jechuun gaafatan.

Abdurahmaanis gammachuu “Yaa Ergamaa Rabbii intala


ansaara irraa taate takkan fuudhe” jedheen. Yeroo haga kanatti
(saffisaan) akkatti duruu qabeenya guddifatee haadha manaa
fuudhuun kanaaf isa dinqisiifatanii “Mahrii maal kanniteef?”
jechuun gaafate. “Warqiin kenneef” jedheen.

Nabiyyiin (saw) gammachuu isaanii dabaluuf yaadanii


“Hoolaa tokkollee ta‟u Qaliitii fuudhuu kee beeysisi” jedhaniin.
Sargii diggisiitii nullee yaami jechuu isaaniiti.

San booda akka Rabbiin daldala isaa keessa barakaa isaaf kaa‟u
Rabbi kadhataniif. Abdurahmaan san booda waa‟ee jireenya
isaa yoo haasawu “Yeroo saniin booda osoo na agartanii
Dhagaa tokko yoonin ol qabe Qarshii yookaa Warqiitu jalaa
argadhu malee hin oolu” jedhe.

Nabiyyiin (saw) Orma laafoo fi dadhaboofillee osoo hin hafin


daawwataa fi isaaniif yaadaa turan. Akka isaan miira gatii
qabna jedhu keessa jiraatan isaan godhuu turan.

Jemal Sheikh Bakri Page 176


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Osoo xiqqaattellee yaalii isaaniitiif gatii kennuu turan. Yeroo


isaan biraa fagaatan waan gaariin maqaa isaanii dhawanii hojii
isaanii faarsuu turan. Kun ammoo namoonni kuuwwanis hojii
walfakkaataa akka hojjataniif nama jajjabeessa.

Madiinaa keessatti Dubartii gurraattii kheeyrii hojjachuun


beekkamtu takkaatu ture. Yeroo hedduu masjiida qulqulleesiti
turte. Nabiyyiin ishumaa kheeyrii hojjattu arguu turan. Hojii
ishiitis dinqisiifachuu turan. Boodarra garuu ni dhabamte.
Nabiyyiin erga ishii arganii guyyoonni hedduun dabranii jiran.
Sahaabota isaaniitiin dabartiin san eessa deemte jedhanii yoo
gaafatan “Yaa Ergamaa Rabbii! Ni duutee bar” jedhaniin.

“Maaliif hoggas naaf himuu dhabdan ree?” Nama hedduu


beekkamu waan hin ta‟iniif si beeysisuun barbaachisaa te‟ee
nutti hin mul‟anne jedhaniinii Sadarkaa ishii gad xiqqeessuu
barbaadan. “Halkan walakkaa waan duuteef Hirriiba irraa isin
dammaqsuu hin barbaanne” jedhaniin.

Hojii ishiin hojjatteef jecha, aarsaa ishiin kafalteef jecha Osoo


hojiin ishii namoota biratti gatii qabaachuu baattellee Rabbi
biratti gatii guddaa waan qabduuf Nabiyyiin (saw) ishii irratti
salaatuu barbaadan.

Haa ta‟uu malee akkamitti erga ishiin awwaalamtee irratti


salaatuu danda‟u? “Qabrii ishii ana agarsiisaa” jedhaniin.
Sahaabonni gara qabrii ishii geessan. Du‟aa‟ii godhaniif.
“Qabroonni kunniin dukkanaan guutamanii jiran. Ergan an
du‟aa‟ii godheefi garuu Allaahaan isaaniif ibse”jedhan.

Jemal Sheikh Bakri Page 177


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hojiin hiyyeettiin tun hojjette xiqqishoo tanaaf gatii guddaa


kana hoggaa kennameef namoonni argan Miirri akkamii akka
isaanitti dhaga‟amuu danda‟u yaadi. Hojii intalti tun hojjachaa
turte san hojjachuuf fedhiin nama keessatti hin uumamuu?

Akkan gurra keessanitti waa hasaasuuf naaf hayyamaa.


Oogummaaleen akkanaa kun hawaasa keessatti hojii irra hin
oolfanne keessa jiraachaa jirra. Wantoota kanneeniif ati
xiyyeeffannoo kennitee Gaarii isaanii hanga feete haa geessu
yoo dinqisiifatteefi Jechoota lallaafaan yoo isaan faarsitellee
Namoota muraasa gowwaa humaa itti hin fakkaanneef jecha
fedhinnaan kee du‟uu hin qabu.

Dhandhamni deebii gara laafummaa keetiif isaan kennan:


Mi‟aa fi urgaa kan hin qabne jechoota goggogaa fi nuffisiisaan
kan guutame kun akka of duuba si hin deebisne.

Seenaa namoota akka armaan olii kana ibsitu takka isin haa
yaadachiisuu. Gaaf tokko hiriyaan tokko sagantaa Sargii (cidha)
kan namoonni gurguddaan (bebbeekkamoon) irratti hirmaatan
tokko irratti yaamame. Osoo gara cidhaa deemaa jiruu
dukkaana Shittoon irraa gurguramu tokko arginaan itti ol goree
shittoo gaafachuu jalqabe.

Abbaan Dukkaanaa Baga nagayaan dhuftan erga jedheenii


simatee booddee Shittoo qaqqaalii jedhamtu walitti guuree
akka inni keessaa filatuuf Uffata isaa irratti godhuufii jalqabe.

Hiriyaan keenya kun garuu Shittoo baay‟ee erga ofitti godhee


boodaan “Haalaanin si galatoomfadha. Shittoo anaaf goote tana
keessaa takka yoo natti tolte deebi‟uun danda‟a” jedhee bahe.

Jemal Sheikh Bakri Page 178


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Osoo urgaan shittoo tun hin dhumin sagantaa Cidhaa san


dhaqee nama khaalid jedhamu tokko bira taa‟e. Ta‟ullee
Khaalid Shittoodhaaf bakka kannuudhaan yaada isaaf kennuu
hin dandeenye. Hiriyaan keenya kun Ajaa‟ibuudhaan “Shittoon
tun narraa hin urgooytuu sa?” jedhee gaafate. “Eeyyen! Natti
hin urgooytu” jedheen khaalid. “Funyaan kee cufamuu hin
oolu” jedheen. “Osoo funyaan kiyya cufamee ajaa tee tana
dhagayuu hin danda‟u ture.” Deebisaa jettu kenneef.

Beekkamtii…
Namni tokko hanga fedhe milkaawaa yoo te‟ellee ilma namaa
waan te‟eef Jechoonni galateeffannaa isa gammachiisan.

Waan gaarii qofa irratti Komii kenni


Namoonni tokko tokko komii kennuu keessatti hawwii guddaa
qaban. Nama dinqisiifatanii fi faarsanii hin quufan. Ta‟ullee
wanti tokko yoo daangaa dabre Bu‟aa faallaa akka fidu
hubachuun barbaachisaadha.

Waan bareedaa fii gaarii ta‟e, yeroo agarte miira gammachuu


waan si keessatti uumu, Namni ati faarsitu yookaa dinqisiifattu
kunilleen yeroo dinqisiifannaa kee sirraa jaalata jettee yaaddu,
Jechoota faaruu yeroo sirraa eegu qofa dinqisiifachuu fi faarsuu
qabda. Waan yoo namni ati dinqisiifattu kun yeroo ati isa
dinqisiifattu rakkatu, yaaddawu te‟e ija tee irraa garagalchi.

Fakkeenyaaf mana hiriyaa keetii seentee meeshaan mana isaa


kan hedduu dulloomtee fi turte ta‟uu agarte haa jennuu; Gorsa

Jemal Sheikh Bakri Page 179


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

hin barbaachisne kannitee arraba keetin dogongora seentee


hamilee hiriyaa keetii cabsuu irraa of qusadhu.

Maaliif Soofaa haarawa hin bitanne? Minxaafni kee cicciteetii


haarawa biti malee, Qalamni manaa Gad dhiisee jiraa maaliif
haarawa hin dibne, Ampoolii haarawatti jijjiiri.

Obboleessa kiyya qaalii ati Ogeessa Dikooreeshinii of seete


moo? Akkasumaa wajjiinuu waa‟ee meeshaa mana isaa akka
gorsituuf gaafii siif hin dhiheessine. Duuba yoo ofirraa cal‟ifte
maal qaba? Tarii rakkoo hanqina maallaqaatiif jecha ofirraa
jijjiiruu dhabuutu mala.

Waan nama yaachisu namatti gad fuudhee warra nama


yaachisurra namoonni nama jibban hin qaban. Dhimmoota hin
barbaachisne kaastee komii nama irratti kennuu irraa of
qusadhu.

Haaluma wal fakkaatuun namni tokko uffanni inni uffate uffata


ture ta‟uuf jecha yookaa makiinaa isaa waan turteef Gaarii
dubbadhu yookaa Cal‟isi. Mee Seenaa takka haa ilaalluu.

Namni tokko gara mana hiriyaa isaa deemee hiriyaan isaa


daabboo fi Shaayii isaaf dhiheesse. Keessummaan kunis “Waan
daabboon nyaatan naaf fidi jedheen.

Abbaan Manaatis alawaadaa deemee “Wanni daabboon


nyaatan ni jirtii?” jedhee maatii isaa gaafate. “Humaa hin jiru”
jedhaniin. Maallaqa qabu fuudhee dukkaana dhaqee yeroo
gaafatu maallaqni isaa bituu hin dandeenye. Yoo qabdii nutti
kennite malee liqii siif hin kenninu jedhaniin.

Jemal Sheikh Bakri Page 180


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Mana isaa galee meeshaa koddaa Wuduu‟a godhatuun tan


manaa qabu fuudhee qabsiisee waan barbaadu fudhatee gale.
Keessummaan hanga quufutti nyaate... yeroo xumuru “Galanni
Rabbiif haa ga‟u, yeroo beelawnes kan nu nyaachisu, Yeroo
dheebonne kan dheebuu nu baasu fi Waan qabnuun akka of
geenyu kan nu taasise.” Jedhe. Abbaan manaa isaa dubbii tana
jedhu dhaga‟ee baay‟ee gaddee “Waan Rabbiin siif kanneen
osoo kan of geessu ta‟ee Meeshaan (Koddaan) an Wuduu‟aan
godhadhu Qabdii liqii hin ta‟u ture.” Jedheen jedhama.

Haaluma Wal fakkaatuun nama dhukkubsate tokko gaafachuuf


deemte “ah Way Fuulli kee daalachoome, Ijji si diimatte, way
qal‟atte” jetteenii dhukkubsataa hin rifachiisin.goonkuma
akkana hin jedhamu. Yoo dubbachuun kee hin oolle waan
dhukkubsataan akka abdii horatu godhu dhubbadhu. Yookaa
cal‟isi.

Gaaf tokko namni tokko dhukkubsataa tokko gaafatuuf dhaqee


xiqqo bira taa‟ee, Waa‟ee dhukkibichaa gaafachuutti seene
jedhan. Achumaanuu dhukkubsataan dhukkubni isaa akka
hamaa te‟ee fi guyyaa guyyaan akka itti dabalaa jiru itti hime.

Gaafataan yeroo deebisaa tana dhaga‟u “Oh! Abaluu abaluu


kan hiriyaa kiyyaa sun bar… Dhukkubuma akka keetii kanaatu
isa qabee… Dhukkkubni kun hamaadha… Isaahuu osoo hin
tursiisin hoggasuma ajjeese. Namtichi fira keenyaa tokkos
dhukkubuma kanaan qabamee baay‟ee dhukkubsatee du‟e.

Jemal Sheikh Bakri Page 181


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Gurbaa ollaa kiyyaa sanis dhukkubuma kanaatu ajjeese..”


jedhaan. Dhukkubsataan haasawa kana dhaga‟aa jiru maal
akka sammuu isaa keessatti yaadu yaadi?

San booda yeroo taa‟umsa isaa xumratu namtichi ziyaaruuf


dhufe kun yeroo deemsaaf lafaa ka‟u Dhukkubsataan “Mee
gorsa tokko narraa fudhu. Nama dhukkubsatu biratti
goonkuma waa‟een du‟aa hin haasawamu. Adaraa kanaan
booda dhuftee na ziyaaruufillee of hin rakkisin” jedheen
jedhama.

Seenaan biraatis jira. Gaaf tokko manguddittiin takka akka


jabaa dhukkubsattee turte. Manguddittiin hiriyaa isii takka isii
gaafachuuf ijoolleen ishii akka ishii geessaniif dabare dabareen
gaafatti.

Ta‟ullee ijoolleen ishii sababoota garaagaraa dhiheessuudhaan


ishii geessuu hin dandeenye. Xumura irratti ilmaan ishii
keessaa tokko geessee mana dhukkubsattuu ol seensisee
makiinaa keessa taa‟ee ishii eeguu jalqabe.

Manguddittiin akka baay‟ee dhukkubsattee laafte hubatte.


Salaamtaa erga gafattee booda du‟aa‟ii gooteefi kaate. Osuma
mana keessaa gad ba‟aa jirtuu intala dhukkuba haadha ishiitiif
rifattee alaa boyaa jirtuutti dhuftee “Dhufuuf kanin yaade
tureetin jira garuu dhufuu hin dandeenye.

Harmee tee akkaan dhukkuba. Dhukkuba kana irraa waan


haftu natti hin fakkaattu. Kanaafuu ammuma irraa Rabbiin
obsaa fi jajjabina siif haakennun Siin jedha” jetteen.

Jemal Sheikh Bakri Page 182


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Akka namoonni gammadan godhuuf sababa ta‟i malee akka


namoonni gaddaniif sababa ta‟uu irraa of eegi.

Rakkoon…
Komii badduu kennuuf yoo dirqamte fakkeenyaaf uffata nama
tokkoo irratti xurii yoo agarte yookaa namni tokko yoo foolee
fokkotaa sitti shurufkaawe Malaan (Qaruuxummaan)beeysisi.
Qaruuxee fi Nama rahmata qabu ta‟i yeroo waan akkanaa si
mudate.

Waan Sin hin Galchine Hin Seenin


“Nama waan isaan hin geenye seenuu irraa of qusate
Islaamummaan isaa isaaf bareedde.” Ibsa haalaan bareedaati.
Keessattuu afaan Nabiyyii Gaarii fi Qulqulluu sanii irraa yeroo
dubbatamu. Eeyyen! Waan siin hin gayanne keessa seenuu
dhabuun kennaa guddaadha.

Namoota meeqaa meeqa kan dhimma isaaniin hin gayanne


seenanii jeequmsa uuman? Sa‟aa ati harkatti hidhatte yoo arge
“Sa‟aa tana meeqaan bitte?” siin jedha. “Namaatu Kennaa naaf
kenne” yoo jetteen. “Eenyuutu siif kenne?” “Hiriyaa kiyya
tokkootu naaf kenne” yeroo jetteen.

“Hiriyaa kee kan yuniversitiiti moo kan gandaati?” “Hiriyaa


kiyya Kan Yuniversitiiti” hoggaa jettuun “Yoom Siif kenne?”
“Gaafa Yuniversitii jirru naaf kenne” yeroo jetteen “Guyyaa
Eebba keetii siif kenne moo Guyyuma kaani?” Gaafiwwan
baay‟ee waa takka faayidaa hin qabneen afaan si goggoysa.

Jemal Sheikh Bakri Page 183


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Yaa obboleessoo! Waan si hin galchine seentee afaan nan


goggoysin” jechuunii hanga yaaddu takkatti. Inumaa gaafii
fokkottuu namoota duratti si gaafatee si qaanyessa.

Nin yaadadha guyyaa tokko maghriiba salaannee hiriyoota


kiyyaa wajjiin Walitti qabamnee tattaa‟utti jirra. Bilbilli hiriyaa
kiyya kan na moggaa taa‟utti jiruu tokkoo iyye. Haadha manaa
isaatu bilbile “Yaa Harricha! Eessa jirta?”jetteen. Sagalee ol
fudhattee Waan dubbataa jirtuuf sagaleen ishii qajeellotti naaf
dhagayama. “Fayyaan qaba, Rabbiin Si haa tiksu” jedheen.
Mana maatii ishii isii geessuuf beellama seeneefi ture.

Haa ta‟uu malee osoo nuu wajjiin taphachaa jiruu jalaa


orraafate. Haati manaa Waan hedduu dallanteef “Ati Rabbiin si
hin tiksin, ati hiriyoota keetii wajjiin teessee taphatta an ammoo
mana taa‟eetin si eega, Wallaahi ati Doofaadha” Jetteen.

“Rabbiin Sirraa haa jaalatu, Salaata Ishaa‟ii boodan dhufa”


jedheenii bilbila cufate. Waan ishiin dubbattuu fi wanni inni
deebisuuf goonkuma walitti hin dhufu.

Wanni inni kana dalageef Salphina jalaa of baasuuf ta‟uun


hubadhe. Nu Keessaa tokko “Eenyuutu bilbile? Maal barbaada
bilbile? Fuulli kee hoo maaliif jijjiirame?” jedhee wayi gaafataa
jedheetin yaaddawuu jalqabe.

Ta‟ullee Rabbiin rahamateefi namni waan isa hin ilaalchifne


seenee gaafii tana gaafate tokkolleen hin argamne.

Haaluma wal fakkaatuu deemtee dhukkubsataa tokko waa‟ee


dhukkuba isaa gaafattee Gubbumarra “Alhamdulillaah, Waa

Jemal Sheikh Bakri Page 184


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

xiqquma na dhukkuba, Waan guddaa miti” Deebii jettu yoo siif


deebise Akkaa inni guutuutti siif himu barbaaduuf “Ajaa‟iba!
Dhukkubni kee maali siin jedhan? Yaalii akkamiituu siif
godhame? Dawaa (Qoricha) akkamiitu siif kenname?
Jechuudhaan gaafii hunda gaafachuun hin rakkisin.

Nama waan isa hin ilaalchifne seenuu irraa of qusate


Islaamummaan isaa isaaf bareedde. “Kintaaroottu na qabe,
Maarree kiyya keessaatu na madaaye…” akka siin jedhu
barbaaddaa? Yoo inni Duudumatti sitti hime takka takkatti
akka inni himu godhuuf yaaluun hin barbaachisu.

Hoggaan akkas jedhu garuu dhukkubsataa tokko waa‟ee


dhukkuba isaa hin gaafatin jechuu kiyyaa miti. Tokkoon
tokkoon yoo inni fedhii isaatiin sitti hime malee himsiisuuf
rakkisuu hin qabdu.

Kan biraa ammo namni tokko barattoota hedduu keessaa tokko


filee yaamee “Ahmad akkami!? Dabartee?” jedhaan. “Eeyyen”
jechuun deebisaaf Ahmed. “Meeqa Fidde?” jedhaan.

“Firii bareedduutu naaf dhufe” jedhaan Ahamad Duudumatti.


“Meeq?” Jalqaba irratti Namichi kun Ahmadiif dilas mara
rakkatee yoo te‟e kophatti gaafachuu qaba ture.

Yoo ta‟uu baate garuu “Meeqa Fiddee? Yuniversitii si galchaa?


Maaliif qu‟achuu dhabdee?” Gaafilee jettu keessa seenuu hin
qabu. Qajeellotti yaada isaa baruu yoo barbaade kophaa isaa
yaamee Waan barbaade kophatti gaafachuu danda‟a. Kanaafuu
Roga dadhabaa isaa Hawaasa duratti saaxiluun Qajeeluma
miti.

Jemal Sheikh Bakri Page 185


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyiin (saw) akkana jedhanii jiru “Waan isa hin ilaalchisne


namni seenuu dhabe Islaamummaan isaa isaaf bareedde” Of
eeggannoo godhi.. Waan takko Humna isaa malees hin ulfeessin.
Gaafa tokko Gara madiinaa deemeetin Da‟awaalee baay‟ee
godhuun heewasamee ture. Kanaafuu Ijoollee tiyya lameen
Abdurahmaanii fi Ibraahin kan jedhaman Salaata Asrii booda
Akka markaza Hifzii geessee san booda iddoo bashannanaa
geessuuf gurbaa dargaggeessaa tokkoo wajjiin wal dubbanne.

Abdurahmaan Ijoollee waggaa kudhaniiti. Dargaggeessichi


“Maqaan harmee teetii eenyu? Manni keessan Eessa?
Obboleeyyan meeqa qabda? “Abbaan kee Qarshii siif kennaa?”
faa jechuun gaafii hin barbaanne gaafachuu danda‟a jedheetin
sodaadhe.

Kanaafuu gaafii hin barbaachisne Yoo si gaafate “Nama waan


isa hin galchine seenuu dhabe Islaamummaan isaa waa isaa
bareeddee!” jedhiiniin jedheen. Hadiisicha Guutumatti hanga
inni qomatti qabatutti nin qu‟achiise.

Abdurahmaanii fi Obboleessi isaa Dargaggeessichaa wajjiin


makiinaa seenanii imala jalqaban.”Abdurahmaan yeroo saniitti
isaan lachuu hedduu nama kabajanis namaaf rakkatanis.
Dargaggeessichi “Yaa Abdurahmaan! Rabbiin si haa guddisu”
jedheen. Abdurahmaanis “Atilleen Rabbiin si haa guddisu”
jedheen.

Dargaggeessichi ijoollee bashannansiisuu barbaadee “Har‟a


Sheeyni barnoota kennan qabanii?” jechuun gaafate.
Abdurahmaanis Hadiisa san yaadachuuf yaadullee garuu

Jemal Sheikh Bakri Page 186


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

dhuufuufii hin dandeenye. “Waan si hin galchine hin seenin”


jedheen. Bar Wannin si gaafadheef “Sagantaa irraa qooda
fudhachuu barbaadeetii” jedheen. Abdurahmaanis “Waan si
hin ilaalchifne keessa hin seenin” jechuun deebii kenneef.

“Dhiifama! Abdurahmaan An bar wannin si gaafadheef…”


Abdurahmaanis ammallee “Waan si hin galchine keessa hin
seenin” jechuun jecha isaa addaan mure.

Hanga an itti deebi‟utti haaluma kanaan na eegan.


Abdurahmaan Waan te‟e guutuu gammachuun na taphachiise.
Anilleen itti kofleetin yaad rime Hadiisichaa ibseef.

Muuxannoorraa..

Waan Si hin ilaalchifne seenuu dhabuuf mataa keetii wajjiin


qabsaa‟uun Jalqaba irratti dadhabsiisaa fakkaatullee Booda irra
Salphaa te‟ee argita.

Warreen Waan Isaan hin Galchine Seenan


akkamitti of irraa dhoorguu dandeessa?
Mobaayila kee hayyama kee malee fuudhanii Ergaalee
Gabaabaa (Message) takka takkaan warri dubbisus hedduutu
jira. Hiriyaan kiyya tokko Cidha Abbaa Murtii tokko irratti
hirmaatee ture.

Hirmaattonni baay‟een Hayyoota bebbeekkamoo turan.


Hiriyaan kiyya kun Haasawa hoo‟aa irra waan jiruuf Mobaayila
kiisha isaa keessa jirtu taa‟umsa isaatiif waan isaaf hin
mijjaawiniif baasee Xarapheezaa Isa cinaa jirtu gubbaa kaaye.

Jemal Sheikh Bakri Page 187


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hayyuun beekkamaan isa cinaa taa‟aa jiru tokko akkuma


Qoosaatti Mobaayila ol fuudhe. Yeroo Iskiriina ilaalu fuulli
jijjiiramee dafee xarapheezaa gubbatti of irraa deebise. Hiriyaan
kiyya abbaan Mobaayilaa dhimmicha Waan hubateef akka
jabatti kofla irraa of dhoorge.

Akkuma Sagantaa Cidhaa raawwannee baaneen Ammas wal


bira teenyee turre. Hiriyaan kiyya kun Mobaayila isaa Of cinaa
kaayee jira. Akkuma Hayyichi Kabajamaan Godhan sanittin
anis bilbila isaa oli fuudhe.

Iskiriina Yeroon Ilaalu kofluun jalqabe. Maaliifi ni beeytanii?


Namoonni hedduun Walpeeppera Mobaayila isaanii irratti
Ergaa garaagaraa Maxxanfatan. Namoonni tokko tokko maqaa
isaanii, tokko tokko ammoo „Allaha Yaadadhu‟ fi k.k.f irra
kaayatan.

Hiriyaan kiyya kun immoo walpeeppara isaa maal irra akka


kaayyate ni beeytanii? Barreeffama “Bilbila Suuta jedhii bakka
fuutetti deebise, Abbaa Oduu!” jedha.

Namoonni hedduun jireenya Dhuunfaa namoota biraa seenuuf


yeroo yaalan ni argina. Makiinaa Keessa seenaanii Sanduuqa
meeshaa keessa kaawwatamu bananii maaltu akka keessa jiru
daawwatu.

Dubartiin takka Boorsaa dubartii biraa bantee Kuulii fi


Lippistik ol baafti. Namni tokko tokko bilbila siif bilbilee “Eessa
jirta? Jechuun si gaafata. “Xiqqo hojii irran jira” yeroo jettuun
“Eessati?”siin jedha. Bakka akkanaatti yeroo jettuun “Kophaa
keeti moo namaa wajjiin?” jechuun si gaafata.

Jemal Sheikh Bakri Page 188


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namoonni tokko tokko kan yeroo hunda wal arginu yeroo


akkatti nama gaafatan ni argina. Duuba Walitti dhufeenyi
namoota akkanaa wajjiin qabaachuu qabnu akkam ta‟uu qaba?

As irratti Qabxiin barbaachisaan goonkuma dagatamuu hin


qabne Namoota akkasii hanga danda‟ametti irraa fagaachuu
qabna. Yoo akkas gootu namni sitti dallanu jiraachuu dhabuu
adda baafachuu qabda.

Yeroo namoota akkanaa kana irraa fagaachuuf deemtu Walitti


dhufeenya sii fi namoota biraa akka hin miinetti tooftaan ta‟uu
qaba. Akka fedhe ta‟ullee Diina heddummeeffattee Fira dhabuu
waan laaftutti ilaaluun sirra hin jiraatu.

Namoota hamoo akkanaa kana tooftaan itti dhihaannuun yeroo


isaan gaafii nu gaafatan Nutis gaafii gaafatuun yookaa Mata
duree haasawaa jijjiiruun gaafii inni gaafate akka irraanfatu
godhuu qabna.

Fakkeenyaaf namni tokko Mindaan ji‟aan siif kafalamu meeqa?


yoo siin jedhe. Akka qoosaa godhiitii Seeqaa “Maali hojii tana
irra wayyaa naaf agartee na gaafatte moo?” jedhiin. Ammas
“Aay lakkii Siif argee osoo hin taane akkanumattin si
gaafachuu barbaade” yoo siin jedhe.

“Maal Mindaan ammaa waa faayidaa hin qabuu bar Gatiin


Nadaajaa dabaluunuu rakkoo guddoo biraa Uumtee jirti”
jedhiin. “Mindaa fi Gatii Nadaajaa maaltu walitti fide?” yoo siin
jedhe. “Gatii nadaajaatu Gatii waan biraa hunda murteessa.
Sababa kanaatiif Lolli akka ka‟u hin beeytuu?” jedhiin.

Jemal Sheikh Bakri Page 189


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Sababoonni Waraanni (lolli) ka‟uuf Kan biraatuu ni jira.


Fakkeenyaaf Waraanni akkanaa akkanaa sababani inni ke‟eef
kanaafi kanaafi jedhee tokko tokkoon siif tarreessuu danda‟a.

Haala saniin gaafii yeroo jalqabaa dagatee mormiin waa‟ee


Waraanaa fi Nadaajaa irratti taati. Waan ati itti himuu hin
jaalanne keessaa tooftaan baasuu jechuun akkana.

Haaluma wal fakkaatuun Osoo imalaa jirtuu namni tokko


“Eessatti deemta?” Jedhee yoo si gaafate “Maali naa wajjiin
deemuu barbaaddee?” jedhiin. “Lakkii! Bakka ati itti deemtu
beekuuf jedheeti” Yoo siin jedhe. “Yoo Kan anaa wajjiin deemtu
te‟e Tikeeta muradhu. Yaaboo Gatiin tikeetaa akkamitti akka
dabale moo!” jedhiin. Achumaan Mata duree Tikeetaa Seenee
mata duree jalqabaa dagata.

Osoo Rakkoo takkallee Walitti dhufeenya namootaaf qabnu


irratti hin uumin rakkoo tana keessaa karaa salphaan bahuu
dandeenya.

Dhaabi…
Nama waan isa hin ilaalchifne seenu wajjiin yeroo
walqunnamte nama isa irra wayyaa ta‟i. Fedhii isaa yeroo miite
Uraa ittiin isa jalaa baatuun barbaaddadhu.

Jemal Sheikh Bakri Page 190


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Hin Komatin!
Makiinaa kee keessa seenee “Way makiinaan kee dulloomte.”
Mana kee ol seenee “Meeshaan mana keetii akka jirutti tanuma
durii sah?” Haati manaa yeroo dheertuu booda nyaata
qopheessitee yeroo dhiheessitu Nyaata ilaalaa “Yaa Rabbi!
Maaliif Ruuza dalaguu dhabde? Akkasumaa wajjiinuu
soogidda itti guddiste. An goonkuma kana hin nyaadhuutii
kaasi.”

Mana Kuduraa fi Muduraan itti gurgaramu ol seenee


“Maangoon ni jiraa?” jedhee gaafata. Hin jiru. Yeroon kun
yeroo maangoon itti dhufuu miti hoggaa jedhuun “Habhab hoo
ni jiraa? Jedhee gaafata. Isallee fixnee jirra yeroo jedhuun Fuula
jijjiiree “Duuba maal qabdan?Maaliif dukkaana kana cuftanii
hin teenye ree” jedhee biraa baha.

Dukkaana kana irratti kuduraa fi muduraan gosa afurtamaa ol


kan achirra tattaa‟an isatti hin mul‟attu.

Namoonni tokko tokko Komiidhaan akka si dawwakan shakkii


hin qabu. Wannummaan isaan gammachiisu tokkolleen waan
hin jirre namatti fakkeessan. Nyaanni akkaan mimmi‟aawaa
danuun isaaniif kennamu osoo isaanitti hin mul‟atin Waan
dogongoraan nyaata irratti argame dhapii rifeensaa xiqqoshoo
argan.

Fooxaan bareedaan qulqulluun adiin osoo isaanitti hin mul‟atin


dhaphiin xuqaan qalamni irra bu‟e isaanitti mul‟ata. Faayidaan
kitaaba bareedaa tokkoo osoo isaanitti hin mul‟atin Dogongorri
qubee (Typing Error) tokkichi isaanitti mul‟ata.

Jemal Sheikh Bakri Page 191


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yeroo hunda komii waan kennaniif Komii namoota akkanaa


jalaa namni bahu hin jiru. Xiqqoo guddoo irratti yaaduma
isaanii hin dhabdu.

Nama tokko nin yaadadha Baruumsa Sadarkaa lammaffaa fi


Yuniversitii wajjiin xumurre. Hanga ammatti Wal gaggaafanna.
Takkumaatuu isaa komii gaarii kennu argee dhaga‟ee hin
beeku. Gaaf tokko Waa‟ee kitaaba an barreessee tokkon
gaafadhe.

Kitaabni sun kitaaba namoota hedduu biraa dinqisiifannaa


argate akkasuma kitaaba Kooppii Kuma Dhibbaa ol
maxxanfameedha. Sagalee laaftuu takkaan “Eeyye gaariidha.
Garuu Seenaan tokko tokko kan hin barbaachifneetu isa keessa
jira. Akkasuma hammamtaa Qubeellee (font size) hin jaalanne.
Qulqullinni maxxansaatillee bareedaa miti” naan jedhe.

Ammas guyyaa tokko akkaataa namicha khuxbaa guyyaa


jum‟aa godhuu tokkorraan isa gaafadhe. Waanuma tokko kan
gaarii irraa dubbaten dhabe. Akka gaaratti hanga natti ulfaatu
tokkotti haasawa jette jettee natti hime.

An guyyaa san booda yaada tokkollee akka inni naaf kennuuf


gaafadhee hin beeku. Sababnis deebisaa gaarii akka naaf hin
deebisne waanin hubadheefi.

Namoonni tokko tokkos kan wanti hundi akka


fakkeenyummaatti hojjatamtu barbaadanis ni jiru. Haati manaa
isaa Sa‟aa digdamii afur mana qulqulluu gootee dhibbeentaa
100% qulqulleesitee akka eegdu kan barbaadu.

Jemal Sheikh Bakri Page 192


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Guyyaa guutuu ijoollees akka qajeellotti qulqulleessitu


barbaada. Yoo keessummaan itti dhufte nyaanni isaanii
dhihaatu yeroo mara mi‟aawaa ta‟uu qaba jedhee kan yaadu.
Yeroo haadha manaa isaa wajjiin haasawu oduun ishii yeroo
hunda mata duree warra sammuun bilchaatee akka taatu kan
barbaadu.

Ijoollee isaa irraahis waanuma kanaan wal fakkaatu isaan irraa


eega. Waa hunda irratti caalanii akka argaman barbaada.
Hiriyoota isaa wajjiiin yookaa namootuma Karaa irratti ykn
magaalaa keessatti walitti dhufan Wajjiin fi kkf Akkaataa
namatti dhiheenyaa addaa isaan irraa eega. Yoo Ilmaan isaa
xiqquma dogoggoran komii addaan hin cinneen irra
deddeebi‟ee hanga isaan dawwakamanitti komata. Sababa
Waraqaa adii irraa Tuqaa gurraattiin qofti isatti mul‟attuuf
namoonni isatti dhihaachuu hanga jibbanitti.

Hiriyoonni isaanii isaan hin jaalatan, isaanitti dhihaachuu irraa


of qusatan waan te‟eef jecha namoonni akkanaa kun amaluma
uumama isaaniitiin of qixaaxu (adabu).

Subhaanallah! Allaahaan Qur‟aana keessatti


“Yeroo dubbattu jecha gaarii namaan jedhi” osoo jedhuu. Haati
Mu‟umintootaa Aa‟ishaan yeroo amala Nabiyyiin (saw) mana
keessatti qabu irraa gaafatamtu dubbattu “Isaanii guyyaa tokko
nyaata Eeybessu argee hin beekuu, nyaanni isaaniif dhihaate
yoo isaanitti tole ni nyaatan. Yoo Isaanitti toluu baate ni
dhiisan” jette.(Bukhaarii fi Muslim) Dhugumatti Waa
eeybessuu hin jaalatan.

Jemal Sheikh Bakri Page 193


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Anas (Ra) hoggaa dubbatu “Ergamaa Rabbii Waggaa


kudhaniif tajaajilaatin ture. Waanin hojjadherratti guyyaa tokko
“Maaliif akkana goote?” komii jettu naaf kannee hin beeku.
Wallaahi guyyyaa tokko Uff naan jedhanii hin beekan.” Jedhe.
Isaan akkas turan. Nutis akkas ta‟uu qabna.

Yeroon akkana jedhu gorsa namaaf hin kennin yookaa yoo


isaanii badii balleesu argitees cal‟isii ilaali jechuu kiyyaa miti.
Waan namni hojjatu hunda qajeellotti qorattee dogongora jala
hin barbaadin jechuu kiyya. Keessattuu dhimmoota duniyaa
faa dantaa dhabuufii haa barannuu.

Keessummaan tokko sitti dhufee hulaa tee dhadhawe. Baga


nagayaan dhufte jettee saaloona seensiftee Shaayii Qiccee fi
yeroo kennituuf Birciqqoo ilaalee “Maaliif guutuu dhabde?”
siin jedha.

Fidi Siifin guutaa yeroo jettuun “Aay naaf gahaa dhiisi” siin
jedha. Bishaan naaf kenni siin jedhee bishaan kenniteefi yeroo
dhuge “Bishaan baay‟ee hoo‟a” siin jedha.

Koota uffate of irraa baasee “Manni kee haalaan hoo‟a” jedhee


Hiraar si kaaya. Namni kun si hin jibbisiisnee? Yoomuma mana
kiyya kanaa deema jettee akka ati yaaddu hoo si hin
hawwisiifnee? Namoonni komii heddummaate hin jaalatan.

Haa ta‟uu malee yeroo komii kennuun dirqama sirratti ta‟u


mararfannaan komii kee dhiheessi. Komii caalaa akka ilaalchaa
godhii dhiheessiif. Jecha kee haguugiitii al kallattiidhaan komii
kee ibsi.

Jemal Sheikh Bakri Page 194


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyiin (saw) yeroo nama tokko dogongora hojjachuu isaa


hubatan qajeelumaan deemanii nama sanitti hin bu‟an turan.
“Waan akkana akkanaa kan dalaganiif namoonni maal
ta‟aniiti?” jechuu faa turan.

Yeroo wahii takka dargaggoonni sadi akkamitti akka Ergamaan


Rabbii (saw) Rabbi gabbaru baruuf jecha gara madiinaa dhufan.
Ergamaan Rabbii mana keessaatti faa maal akka hojjatan Warra
isaanii gaafatan. Warri isaaniitis Yeroo takka takka ni
soomanan yeroo takka takka ni furan.

Halkanirraaa hanga tokko ni salaatan hanga tokkoa ni rafan


jedhanii itti himan. Dargaggoonnis Walii isaaniitiin Namni
Diliin isaa ta inni dabarse hundi isaaf irra dabramte kan akkatti
Rabbi gabbaru nuti hoo jedhanii isaan sadeenuu murtee mataa
isaanii murteeffatan.

Tokkoffaan akkana jedhe “Ani akka Ibaadaadhaaf yeroo bal‟oo


argadhuuf jaartii osoo hin fuunen hafa. Kophaa tiyyan
jiraadhee Rabbi gabbaruu qaba!” Inni Lammaffaa “Ani
Guyyuu nin soomana” jedhe. Inni Sadaffaa “Ani halkan
guutuu hin rafu, halkan guutuu ibaadaa godhaatin bula” jedhe.

Oduun tun deemtee Nabiyyii (saw) bira Waan geesseef


Miinbara isaanii irratti ol ba‟anii Erga Rabbii isaanii Faarsanii
boodaa “Abalu faan maal ta‟an!?” hin jenne. Inumaa “Warri
akkana akkana jedhu maal ta‟an? Ani Nin salaataa, nin rafa,
Yeroo takka takka nin soomana, Yeroo takka takka nin fura (nin
nyaadha) Jaartiis nin fuudha. Namni Sunnaa kiyya lakkise
ammoo anarraa hin taane”jedhan (Bukhaarii fi Muslim)

Jemal Sheikh Bakri Page 195


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Yeroo biraa Ergamaan Rabbii namoonni hangi tokko yeroo


salaatan gara samii akka ol ilaalan hubatan. Kunimmoo
dogongora. Namni salaataa jiru tokko Adda isaatiin bakka itti
sujuudu qofa ilaaluu qaba.

Kanaaf “Warreen yeroo salaatan gara samii ilaalan maal


ta‟aniit?” jedhan. Yeroo isaan hojii akkasii kana dhiisuu didanii
ol ilaaluu itti fufanis Maqaa isaanii baasanii isaan hin saaxille
“Haa dhiisan yookaa Rabbiin ija isaanii isaan keessaa fuudha”
jedhan. (Bukhaarii)

Bariiraan Gabrittii madiinaa keesssa jiraattu. Gooftaan ishii


akka bilisa ishii baasu gaafannaan yoo maallaqa kanniteef akka
bilisa ishii baasu itti hime. Gargaarsa maallaqaa barbaada
Aa‟ishaa (Ra) Bira Deemte.

Aaa‟ishaan “Yoo barbaadde maallaqa siif kannee akka bilisa


baatu sin godha garuu Amanamummaan kee anaaf ta‟uu kan
danda‟u yoo te‟e” jetteen.

Bariiran gooftaa ishii bira deemtee yoo gaafattu hayyamaa


ta‟uu hin dandeenye. Bu‟aa (tirfii) lama buufachuu barbaade.
Maallaqas fudhatee amanamummaanis akka isumaaf hafu
barbaade.

Aa‟ishaan (Ra) Dhimmicha Nabiyyiif (Saw) himte. Namni innaa


jaalala maallaqa irraa ke‟e Miskiintittii tana bilaash gad dhiisuu
jibbuun kun isaan ajaa‟ibe. Aa‟ishaadhaan “Bitii ti Bilaash gad
dhiisi. Amanamummaan kan hojjatu nama bilisaan gabra gad
dhiiseefi jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 196


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Jechuun erga maallaqa kafaltee boodaan amanamummaan siifi


jechuu isaaniiti. Haal dureelee isaaniitiif hin rakkatin isaan
warra haqa hojjatuu miti.” Jedhaniin.

San booda Miinbara isaan irratti “Abulu maal te‟e?” hin jenne.
“Namoonni maal ta‟aniiti?” Haal duree Kitaaba Allaahaa
keessa hin jirre maaliif namaaf kaayan? Haal duree Kitaaba
Allaahaa keessa hin jirre haal dureen isaa guutamu. Osoo Haal
duree Dhibba tarreesselle.” Jedhan (Bukhaarii fi Muslim)

Eeyyen! Bifa kanaan dubbatan. Ulee isaanii halaalaa mirmirsan.


Haa ta‟uu malee nama tokkoon hin dhawan. Haati manaa tee
yoo mana qulqulleessuu dadhabuu ishii hubatte akkana yoo
jetteen irra siif gaarii “Kaleessa mana hiriyaa kiyyaa deemeetin
ture, Namni hundi Qulqullina mana isaa ni dinqisiifate” Mucaa
kee kan masjiida deemee hin salaanneen “Mucaa warra ollaa
keenyaa kana hedduun dinqisiifadha, guyyaa tokko masjiida
hafee hin beeku.” Jedhiin. Akkana jechuun ati hin deemtuutii
itti yaadi jechuudha.

Namoonni maaliif komii jibban gaafii jettu kaasuu dandeessa.


An deebii itti aantu tanan siif deebisa. Miira dogongoraa waan
isaan keessatti uumuu fi ilmi namaa hundi caalee argamuu
waan jaalatuuf jecha.

Gaafa tokko namni fayyaaleessi tokko beekkamuu barbaade


jedhama. Joogaa magariisa tokkoo fi diimaa tokkotti bishaan
qabbanaawaa guutee karaa namoonni dabraniin gubbaa taa‟e.

Jemal Sheikh Bakri Page 197


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Bishaan qabbanaawaa bilaashitti, Bishaan qabbanaawaa


bilaashitti”2 jechuu jalqabe.

Namni bishaan dheebote dhufanii qicatanii dhugan. Nama


joogaa diimaa ol fuudheen “lafa kaa‟i joogaa magariisa irraa
waraabbadhu” jedhaan. Nama magariisa ol fuudheen ammoo
“Lafa kaa‟i joogaa Diimaa irraa waraabbadhu” jedhaan

“Kanarraa dhugee sanirraa dhugee garaagarummaan maali?”


jedhee nama isa gaafateef “San si hin ilaachisu yoo kan
barbaaddu te‟e kana irraa dhuuydee deemta yookaa dhiiftee
deemuu dandeessa.” Deebii jettu kannaaf. Caalanii mul‟achuu
fi Kabajaa argachuun fedhee ilma namaa kan yeroo hundaati.

Kanniisaa fi Tiitisa…

Akka kanniisaatti kan Mi‟aawaa barbaadee kan biraa dhiisu


ta‟i. akka tiisisa iddoo dhiigni irraa bu‟e madaa qofa barbaadaa
ooluu hin ta‟in.

2
Kafaltii tokko malee koottaa bishaan qabbanaawaa dhugaa jechuu isaati.

Jemal Sheikh Bakri Page 198


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Abbaa Irree Hin ta’in


Garaagarummaa Abboottii sadeen tana jidduu jirtu haa
ilaalluu. Ilmaan Isaanii guyyaa qorumsaatiin isaanii taa‟anii
Televisiona daawwatan argan. Inni Tokkoffaa “Muhammad
Baruumsa kee qu‟adhu” jedaan.

Inni lammaffaa “Majiid! Wallaahi yoo kan baruumsa kee


qu‟achuu dhiiftee tv ilaaluu itti fuftu te‟e sin dhawa. Kanaan
boodallee Waan takka siif hin bitu.”jedhaan. Inni sadaffaanis
“Yaa Saalih! Tv Daawwachuu irra yoo baruumsa kee qu‟atte
irra siif hin wayyuu?!” jedheen.

Abbaan Amala gaarii qabu kami sitti fakkaata? Shakkii takka


malee akka abbaa sadaffaati naan jettu nin beeka. Sababni
isaatis ajaja dhiheesse kana bifa filachiisuutin waan ta‟eef jecha.

Hariiroon ati Haadha manaa keetii wajjiin qabaachuu


qabdulleen kanumaan wal fakkaatuu qaba. “Saaraayyee!
Shaayii nuuf danfisuu ni dandeessaa?” “Yaa Hindii! Yoo
danda‟ame har‟a nyaata daftee osoo naaf dhiheessitee natti tola,
Dafee nyaadheetin dafee gara hojii deemuu waanin
barbaadeef!” Haaluma wal fakkaatuun namni tokko yoo
dogongore inni ofii isaatiif sirreeffatuu barbaadu akka inni
yaadu godhi.

Fakkeenyaaf mucaan kee deddeebiin masjiida irraa kan hafu


ta‟uu yoo hubatte akkana jechuunii dandeessa “Yaa Sa‟ad
Jannata seenuu hin barbaadduu? Ni barbaaddaa mitii?
Kanaafuu salaata kee jabeessuu qabda.”

Jemal Sheikh Bakri Page 199


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Gaaf tokko baadiyyaa Arabaa keessatti intalti takka Ulfa qabdu


da‟uuf cimimmuun qabdee iyyuu jirti. Jaarsi taa‟ee ilmoo isaaf
dhalattu hawwiin eeguu jira. Cinqii hedduu booda dhaltee
hobbaafatte.

Ta‟ullee ilmoon dhalatte Gurraattii taatee dhalatte. Namtichi


mataa isaatis yeroo ilaalu yeroo jaartii isaatis ilaalu isaan
lameenuu diddiimoodha. Gurbaan isaan irraa dhalatame
akkamitti gurraachomaan Shakkiin isatti darbamte.

Sheeyxaannis gurra isaatti akkana jedhee hasaasa “Tarii


mucaan dhalate kun ilma nama biraa ta‟uu danda‟a. Tarii nama
gurraachaa wajjiin sagaggaaltee gurbaa gurraacha kana irraa
dahuu (dhaluu) dandeessi. Tarii..!” jechuun Shakkisiisuu itti
fufe.

Namichi dubbiin tun waan isa dhibdeef jecha gara madiinaa


deemee Nabiyyii (saw) isaanii Sahaabota isaanii wajiin taa‟u
jiran itti dhufe. “Yaa Ergamaa Rabbii! Haati manaa tiyya Mucaa
gurracha dhalte garuu shanyii teenya keessa namni gurraachi
hin jiru” jedheen.

Nabiyyiin (saw) Namni akka hamtuun akkanumatti ragaa


malee nama shakkuu hin qabne, ragaa malee haadha manaa
isaa akka himatuu hin qabne kallattiin itti himuu danda‟anillee
garuu isaan rakkoo tana furuuf tooftaa biraa fayyadaman.

Akka namtichi salphatti rakkoo kana ofumaaf hubatee ofumaaf


deebii itti kennu godhuuf fakkeenya kennuufii barbaadan.
Garuu fakkeenya akkamii haa kennaniif? Fakkeenya

Jemal Sheikh Bakri Page 200


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Mukkeenii moo? Fakkeenya kanniisaa moo? Fakkeenya


Faradoo fi fakkeenya Roomaanotaatii?

Nabiyyiin (saw) Shakkiin sammuu namtichaa keessa


deddeebi‟uudhaan akka isa rakkisaa jirtuu fi nama baadiyyaa
dhufe ta‟uu hubatan. “Gaala ni qabdaa?” jedhaniin. “Eeyyen!”
jechuun deebiseef. “Bifti isaanii tan akkami?” jedhaniin
“Diimtuudha” jedhee deebiseef.

“Gaalli gurrattiin isaan keessa hin jirtuu mitii?” jedheen.


“Eeyyeen! Hin jirtu” jedheen. “Isaan keessa tan bifa booruu
(grey) qabdu hoo hin jirtuu?” jedheen “Ni jirti”jechuun
deebiseef.

“Sun hoo Eessaa dhufe?”jedhaniin. Akkas jechuun Erga


maatiin lameenuu diddiimaa ta‟anii booda bifti biraa hoo
eessaa dhufte jechuu isaaniiti.

Namtichi erga xiqqo yaadee booda “Tarii shanyii irraa dhufuu


danda‟a jedhe. Jechuun shanyii isaanii keessa Gray ni jira
jechuudha. Hanga duraa jara kaan irratti osoo hin mul‟atin
kana keessaan deebi‟e.

San booda Nabiyyiin (Saw) “Tarii gurbaan keessan kan


gurraacha te‟ee dhalateef shanyii teessan dur keessa namni bifa
gurraacha qabu jiraachuu danda‟a” (Muslim)

Namtichi erga xiqqo yaadee boodaan murtee mataa isaa irra


ofumaan gehee gara haadha manaa isaatti deebi‟e. Yeroo wahii
takka Nabiyyiin (Saw) Sahaabota isaaniitiif hojiilee kheeyrii
garaagaraa himuufii turan. “Wal qunnamtiin jaarsaa fi jaartii
jidduutti godhamulleen sadaqaadha” jedhan.

Sahaabonni dubbii tana dhagayan ajaa‟ibanii “Yaa Ergamaa


Rabbii! Namtichi gara jaartii isaa kan deemuuf fedhii isaa

Jemal Sheikh Bakri Page 201


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

bahachuuf ture, duuba akkamitti sawaaba itti argachuu


danda‟a.?” jechuun gaafatan.

Nabiyyiin (saw) karaa isaanuu deebii akka miirri ofumaan


deebii deebifatanitti isaanitti dahagayamuutti deebisaniif. Ibsaa
fi mariin biraa akka isaan hin barbaachifnetti isaan amansiise.
“Osoo karaa haraamiin hojjateehis akka diliitti itti lakkaawamtii
mitii?” jedhaniin. “Eeyyen!” jedhanii deebisaniif. “Karaa
halaaliin yoo godhe itti mindeeffama” jedhaniin.

Yeroo namootaa wajjiin haasawan karaa namni hundi ittiin


walii galu irraa jalqabaniiti gara deebii nama geessan. Gaaf
tokko Nabiyyiin (saw) Sahaabota isaanii nama kuma
tokkoof dhibba Afurii wajjiin gara makkaa imala jalqaban.
Ta‟ullee Qureeyshonni karaa waan itti cufaniif taateen tun
Hudeeybiyyaaf sababa taate.

Nabiyyii (saw) fi Qureeyshota jiddutti Mariin guddaan erga


godhamee boodaan Walii galteerra gahan. Yeroo walii galteen
barreeffamu qureeyshota bakka bu‟ee Suheeyl bin Amriitu ture.
Nabiyyiin (saw) Dhimmoota hedduu irratti Suheeyli wajjiin
waliif galan.

 Muslimoonni osoo Umraa hin goone akka gara madiinaa deebi’an.


 Warra makkaa ta’ee namni tokko nin islaamawa jedhee yoo gara
keessan dhufe Nama san gara makkaatti deebisuu.
 Islaamummaa irraa bahee namni gara Qureeyshota makkaatti dhufe
ammo fudhatama aragachuu kan jedhuu fi waan muslimoota
Xiqqeessu kan fakkaatan walii galtee biraallee of keessaa qaba.

Garuu dhugaan jirtu Qureeyshonni yeroo muslimoota danuu


san argan yeroo barbaadanitti Muslimoonni akka makka
Weeraruu danda‟an Hubatanii jiran. San irraa kan ka‟e
Qureeyshonni walii galteen kun fudhatama ni qabaata jedhanii
hin yaanne turan.

Jemal Sheikh Bakri Page 202


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Walii galtee kana Sahaabonni tokko tokkos itti hin gammanne.


Haa ta‟uu malee akkamitti haa dubbatan? Namni walii galtee
tana mallatteessaa jiru Nama mataa isaa irraa waa takka hin
dubbannene ta‟uu osoo beekanii.

Umar Warreen walii galteen kun isa gammachiisuu dhabe


keessaa tokko ture. Waa dubbachuu barbaadee asiif achi
ilaaluu jalqabe. Boodarra Abubakri bira dhufee Qaruuxee waan
ta‟eef komiin hin jalqabne.

Inumaa Dhimma isaan lameen irratti waliif galan irraa jalqabee


ture. Kanaafuu Abubakriin gaafi gaafatuu itti fufe. Abubakri
ammo “Sirritti! Eeyyen! Dhugaa!” deebii jettu kannaafii turan.

“Yaa Abubakri Isaan ergamaa Rabbiitii mitii?” “Eeyyen!


Ergamaa Rabbiiti!” jedhaniin Abubakri. “Nuti hoo
Muslimootaa mitii?” “Eeyyen! Nutis Muslimoota” jedhaniin
Abubakri “jarri kun hoo kaafirootaa mitii?” “Eeyyen! jarreen
kaafiroota” jechuun deebisaniif “Nuti hoo haqa irra jirraa
mitii?” “Eeyyen!” jechuun deebisaniif. “jarreen kun hoo Baaxila
irra jiranii mitii?” “Eeyyen” jedhanii deebisaniif Abubakri.

“Duuba Amantii teenya irratti hundaa‟ee akkamitti harka


kennina.” Jedhan Umar. Abubakris “Isaan hoo Ergamaa
Rabbiitii mitii?” jedhaniin. “Eeyyen Sirritti! Ergamaa rabbiiti”
jechuun deebisan Umar.

Abubakris “Isaaniif ajajami. Ani Ergamaa Rabbii ta‟uu isaanii


ragaan baha.”jedhan.
Umaris “Anis Ergamaa Rabbii ta‟uu isaanii ragaan baha”
jedhanii deeman. Ta‟ullee of too‟achuu waan hin danda‟iniif
Nabiyyii Bira deemanii akkana jedhaniin.

“Yaa Ergamaa Rabbii! isin Ergamaa Rabbiitii mitii?” “Eyyen!

Jemal Sheikh Bakri Page 203


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

An Ergamaa Rabbiiti” jedhanii deebisaniif. “Nuti hoo


muslimootaa Mitii?” “Eeyyen nutis muslimoot” jedhaniin.
“Jarreen kun hoo kaafirootaa mitii?” “Eeyyen! Kaafiroota”
jedhaniin. “Duuba Amantii teenya irratti Waan isaan jedhan
maaliif deeggarra?” Nabiyyiin (saw) “Ani Gabrichaa fi
Ergamaa Rabbiiti. Ajaja isaa hin cabsu. Inninis (Rabbiin) na hin
dogongorsiisu.” Jedhanii deebisaniif.

Umar of irraa Cal‟ise. Walii galteen ni mallatteeffame.


Muslimoonni gama madiinaa ni debi‟an. Yeroo muraasa
boodaan Qureeyshonni walii galtee ni cabsan. San booda
Nabiyyiin (saw) Makkaan too‟atanii Mana kabajamaa Ka‟abaa
Xaa‟ota irraa qulqulleessan.

Umaris (Ra) Murtee Nabiyyii (saw) diduun isaa dogongora


ta‟uu hubate. “Waanin guyyaa san raawwadhee fi haasawan
guyyaa san dubbadheef jecha hamtuu of irratti sodaadheetin
hedduu soomanee, Sadaqaa kennadhee gabra bilisoomsuu ture
hanga xiqqumallee taatu abdii godhadhutti.” Jedhan.

Nabiyyiin (saw) Nama dinqisiisaa turan. Umarilleen (Ra) nama


dinqisiisaa turan. Oogummaalee akka armaan olii kana irraa
maal baranna?

Gurbaan kee Qur‟aana hin Qara‟u jedhee yoo si rakkisee fi akka


inni Fedhiin qara‟uu jalqabu godhuu yoo barbaadde Qabxii
isin lameenuu irratti waliif galtan irraa jalqabi.

Akkana jechuunii dandeessa “Yaa Ilma kiyya! Akka Allaaha Si


jaalatu hin barbaadduu? Jannata keessatti Sadarkaan kee akka
ol siif fuudhamu hin hawwituu? Shakkii takka malee “Nin
hawwa” siin jedha.

Kanaan booda akkana jechuun gorsa kee bifa filannootiin


dhiheessiif “Yoo akkas te‟e Wirtuu hifzii Qur‟aanaa yoo seente

Jemal Sheikh Bakri Page 204


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

hoo?...” haaluma Wal fakkatuun dubartiin hijaaba uffachuu hin


jaalanne yoo si qunnamte Qabxii sii fi ishiin irratti walii galtani
irraa jalqabii haasawsiisi.

“Ati intala muslimaa tan kheeyrii hojjachuu jaalattu akka taate


nin beeka.”jedhiin. “Eeyyen! Alhamdulillaah” siin jetti. “Ati
intala nagayaa tan Allaaha jaalattuudha” hoggaa ati jettuun
“Eeyyen! Alhamdulillaah” San booda gorsa kee bifa
filannootiin dhiheessuufi dandeessa “Kanaafuu Wa‟ee Hijaabaa
kaanaafis osoo Xiyyeeffannoo guddaa gootee, fedha of
haguuguutillee horattee gaarii ture” Waan namoota irraa
barbaannu milkeessuu kan dandeenyu karaa kanaani.

Balaqqeessa tokko...

Gaagura osoo hin cabsine damma keessaa nyaachuu ni


dandeessa.

Ulee Walakkaa qabadhu.


“Oogummaa barsiisuu filachuu keetiif hedduu si
galatoomfachuun barbaada. Rabbiin ga‟uumsa barsiisuu gaarii
siif kennee jira. Barattoonni kee hedduu si jaalatan.. osoo
orraafattee dhufuu baattee hedduu gaarii ture.”

“Ati Dubartii bareedduudha, Manallee bifa bareedaan too‟atta.


Ijoolleen akka si rakkisan nin beeka. Garuu uffanaa isaanii
irratti osoo xiyyeeffattee hedduu gaarii ture.”

Namoonni gaggaariin hariiroo namootaa wajjiin qaban


keessatti akkana hojjatu. Haasawa akka inni wal madaalu
gochuuf jecha roga bareedaa dura dubbachuudhaan

Jemal Sheikh Bakri Page 205


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

dhaggeeffataan erga gammadee booda waan inni sirreeffachuu


qabu himamaaf.

Nama tokko hoggaa komachuu barbaadde dogongora nama


sanii ibsuun duratti bu‟aa (gaarii) nama sanii dubbadhu. Miirri
akka ati yeroo hunda ilaacha gaarii isaaf qabdu isa keessaatti
akka uumamu godhi.

Dogongora namaa namaaf himuun nama san salphisuu jechuu


miti. Gaarii isaa sitti mul‟atee hamtuun isaa qofti si argamte
jechuu miti.

Faallaa kanaa ta‟ee hojii gaarii isaatiin wajjiin yoo wal bira
qabamte dogongorri isaa hedduu xiqqaa akka tehe akka inni
hubatu godhi.

Nabiyyiin (saw) sahaabonni isaanii hedduu isaan jaalata.


Hariiroo isaanii wajjiin qaban keessatti teeknikoota adda addaa
fayyadamaa turan. Gaaf tokko sahaabota isaanii wajjiin osoo
dhaabbataa jiranii gara samii xiyyeeffannoon ilaaluu jalqaban.
Akka nama waa xiinxaluu yookaa akka nama waa ilaaluutti.

San boodaan “Waqtiin beekumsi nama irraa fuudhamu amma,


hanga wanni takka hin hafnetti” jedhan. Akkas jechuun isaanii
Namoonni Qur‟aana irraa, Barnoota isaa irraa, beekumsa isaa
qulqulluu irraa ni fagaatan. Isa hubachuuf hawwiin isaan
agarsiisan laafaadha jechuu isaaniiti.

“…Yukhtalis.. Isaan irraa ol fuudhama..” jechuudha.


Sahaabtichi dubbii tana dhagaye Ziyaad bil labid al ansaarii
“Yaa Ergamaa Rabbii (Saw) akkamitti nurraa fuudhama, Nuti

Jemal Sheikh Bakri Page 206


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Qur‟aan ni Qaraana, jaartii fi ilmaan keenyas ni barsiifna”


jedheen.

Nabiyyiin (saw) Ziyaad nama amantii isaatiif hawwii guddoo


qabu ta‟uu hubatan. Kanaafuu hubannaa isaa isaaf sirreessuuf
jecha akkana jedhaniin.

“Yaa Ziyaad! Hayyoota Warreen madiinaa roga seeraatii qaban


keessaa tokko akka taate nan beeka jedhaniin. Kun Ziyaadiif
badhaasa guddaadha. Nabiyyiin (saw) fuul duree namootaatti
ati hayyoota seeraa keessaa tokko jedhaniin. Kun roga gaarii
ziyaad qaburraahi fi Fuula ifaadha.

San booda “Toowraatii fi Injiil warra isaan kennamaniif maal


godhe?”jedhaniin (Tirmiizii fi Hakim). Wanni jechuu
barbaadame Qur‟aana qabaachuu qofa osoo hin taane akka
dubbifamuu qabu himuu isaaniiti. Hiikaan isaa beekkame ajajni
isaa hojirra oolfamuudhaatu qabxii barbaaachisaadha.
Nabiyyiin (saw) haala kanaan namootaa wajjiin haasawuu
turan.

Nabiyyiin (saw) gara karaa Allaahaatti nama yaamuuf jecha


gara gosoota Arabaa hedduutti deemanii turan. Akka isaan
gara karaa Allaahaa dhufaniif yaamicha isaa akka awwaataniif
jecha isaan jajjabeessuuf jechoota babbareedaa fayyadamuu
turan.

Gosoota Arabaa Tana keessaa takka Banuu Abdellah


jedhamuun beekamti.Nabiyyiin (saw) yeroo yaamicha isaaniif
godhuu fi ergaa isaanii yeroo itti ergan “Yaa banuu Abdullah!
Rabbiin abboottii keessaniif maqaa bareedaa fileefi jira” jedhan.

Jemal Sheikh Bakri Page 207


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Akkas jechuun isin banuu Abdul Laati yookaa Banuu Abdul


Izzaa irraa hin taane. Inumaa isin Banuu Abdullaahi jedhaniin.
Rabbiif galanni haa ga‟uutii maqaa isaanii keessa kufrummaan
hin jirtu. Kanaafuu gara islaamummaa dhufuu qabdanii jechuu
isaaniiti.

Dhugumatti Ergaa isaanii al kallattiidhaan dabarsanii


dinqisiifannaa isaan keessa jirtu agarsiisuun fi akka namootaaf
gaarii yaadan isaan agarsiisuuf ga‟umsi isaan qaban nama
dinqisiisa. Ergaa kallattii caalaa ergaa al kallattiitu dhiibbaa
guddaa nama irratti uuma.

Khaalid bin Waliid Goota ture. Goota salphaa hin turre. Onnee
guutuun jeyna ture. Nabiyyiin (saw) akka inni Islaamummaa
qabatuuf isaaf hawwuu turan.

Garuu akkamitti? Haala inni nama Lola islaamummaa irratti


godhamu hunda irratti argamuun nama akkaan bololaa ta‟ee
jiruun.

Lola Uhud irratti Injifatamuu Muslimootaatiif sababa guddaa


kan ta‟e isa ture. Yeroo takka Ergamaan Rabbii (saw) gara isaa
ilaalanii “Osoo gama keenya dhufee abbaa fedhee ol kabajaa
guddaa isaaf kennina turre” jedhaniin.

Jechi kun akkamitti khaalid irratti dhiibbaa gaarii akka uume


seenaa jalqaba irraa kaasnee haa ilaalluu. Khaalid hooggantoota
kaafiraa keessaa warreen jajjaboo ta‟an irraa tokko.

Nabiyyiin (saw) hiriyoota isaanii wajjiin gaafa Umraa dhaqan


iddoo Asfa‟aan jedhamtutti Khaalidii fi Hooggantoota

Jemal Sheikh Bakri Page 208


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Qureeyshii kan biraallee argan. Khaalid akka Nabiyyiin yeroo


isatti dhihaate miidhuuf Xiyyaan yookaa seeyfiin diruuf yaadee
eeggachuutti jira.

Nabiyyiin (saw) Sahaabota isaanii wajjiin salaata salaatuuf lafaa


ka‟an. Kun kaalidii fi hiriyoota isaatiif carraa addaati. Haa ta‟uu
malee rakkoon biraa isaan mudatte.

Qophaawinsa khaalid faa kan hubatan Nabiyyiin (saw) Salaata


Asrii salaata yeroo (sodaa) Rakkoon nama mudattee akka
godhamu ajajan.

Akkas jechuun Sahaabota bakka lamatti addaan baasanii.


Gareen takka Nabiyyii wajjiin yeroon salaatan gareen
biraadhaa garuu Akka isaan Eegan godhan.

Dhimmi kun Khaalidii fi hiriyoota isaa isaan dinqisiisee


Khaalid “Namtichi nurraa tikfamee jira” jedhe. Akkas jechuun
isaa namoota akka inni hin miidhamnee isa irraa ittisantu jira
jechuu isaati. Khaalidii fi Hiriyoota isaa irraa fagaachuuf
Nabiyyiin (saw) Sahaabota isaa wajjiin iddoo gad dhiisanii
hudeybiyaa qubatan.

Qureeyshotaa wajjiin walii galtee mallatteessuun waggaa


dhufu akka umraa godhuuf dhufan murteessanii gara madiinaa
deebi‟an.

Khaalid Qureeyshonni yeroo gara yerootti laafaa dhufuu isaanii


hubate. akkana jechuun yaade. Eessan deema? Gara
Najaashiitii? Lakkii, Inni ofiifuu Hordofaa Muhammad ta‟ee
jira. Ammas Hordoftoonni Muhammad Tika isaa jalatti Biyya

Jemal Sheikh Bakri Page 209


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

isaa jiraachaa jiran. Gara Qeeysar? Lakkii amantii tiyya dhiisee


Yahuudaa ta‟ee Ummata Araba hin ta‟inii Wajjiinin jiraadhaa?

Khaalid osuma dhimma kana yaaduu waggaa tokko guutuu


naannawee Muslimoonni Carraan Umraa godhuu isaaniif
argamee gara makkaa dhufan. Nabiyyiin (saw) makka seenan.

Ta‟ullee Muslimoonni yeroo Ihraama godhan Khaalid isaan


ilaaluu waan garaan isaa hin jaalatiniif jecha Guyyoota afran
Nabiyyiin (saw) makka keessa turan kana inni makkaa bahee
kute.

Nabiyyiin (saw) Umraa isaanii irraa raawwannaan


karaawwanii fi manneen makkaa yayyaadachuu jalqaban.
Gooticha san yaadatan. Khaalid bin Walid. Gara Waliid bin
waliid deeman. Obboleessa khaalid bin al waliid waan te‟eef
jecha Muslimootaa wajjiin warreen Umraa godhuuf nabiyyii
wajjiin dhufan keessaa tokko.

Akka Khaalid gara Islaamummaatti dhufuuf jecha karaa al


kallattiin jajjabeessuun Ergaa dabarfachuu barbaadan. Waliidiin
akkana jedhan “Khaalid Eessa jira?” Waliid dubbiin tana isaan
irraa dhaga‟uun isa ajaa‟ibee “Yaa Ergamaa Rabbii! Rabbiin Isa
fida.”3

San booda Nabiyyiin (saw) “Namni akka isaa osoo


Islaamummaa hin fudhanne hafuu hin qabu. Ga‟uumsa isaa
muslimoota miidhuu fi rakkisuuf osoo fayyadamuu baatee

3
Islaamummaa fudhatee nutti dabalamuuf jira jechuu isaati.

Jemal Sheikh Bakri Page 210


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

isaaf gaarii. Yoo kan gara keenya dhufu ta‟e Namoota


kuuwwanii olitti sadarkaa isaaf kennina.” Jedhaniin.

Waliid dubbiin tun isa gammachiiste Makka Keessa Khaalid


iyyaafachuu jalqabe. Ta‟ullee garuu arguu hin dandeenye.
Yeroo gara madiinaa deebi‟uuf jedhan Xalayaa (Ergaa) akkana
jedhu barreesseef.

“Maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan Rahmataa godhaa


ta‟eetiin. Ga‟umsa sammuu keetii waanan beekuuf jecha Ati
Islaamummaa irratti finciluun kee hagas mara nan dinqisiisuu.

Akkamitti namni osoo waan akka Islaamummaa hin hubatin


hafa. Ergamaan Rabbii (saw) Khaalid Eessa jira? jedhee na
gaafate? Anis “Allaahaan gaaf tokko ni fidan” jedheen. “Namni
akka isaa sun osoo Islaamummaa hin hubatin hafuu hin qabu.

Dandeettii isaa Muslimoota miidhuu fi rakkisuu irratti osoo


fayyadamuu baatee isaaf irra gaariidha. Yoo kan gara keenya
dhufu ta‟e Sadrakaa addaa isaaf kennina ture.” Jedhan.
Obboleessa kiyya daddafii Carraalee si dabre hunda dagadhuu
kanatti fayyadami.

Khaalid akkana jedha “Yeroo xalayaan na geessu an deemuuf


murteesseetin ture. Ergamaan Rabbii waa‟ee kiyyaa gaafachuun
isaanii baay‟ee na gammachiise. Fedhiin Islaamummaa
qeebaluu ana keessatti uumame.

Abjuu kiyya keessatti lafa dhiphoo fi gogduu takka keessaa


baheetin gara lafa magariisaa fi bal‟oo takka yeroon deemuun
arge. Lubbuu tiyyaan kun abjuu sirriitin jedhe. Haa ta‟uu garuu

Jemal Sheikh Bakri Page 211


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

gama Ergamaa Rabbii eenyu wajjiin haa deemu? Jedheetin


yaaduu jalqabe.

Safwaan bin Umayyaa argeetin “Yaa Ibnu Wahb! Haalaataa


nuti keessa jirru kana qubuma qabdaa mitii ofii? Nuti akka
ilkaan mangaagaatti matuma keenyaaf wal daakaa (hurreessaa)
jirra.

Karaa biraatiin Muhammad Arabootaa fi Namoota araba hin


ta‟in hunda injifataa jira. Yoo Muhammaditti dabalamnee isa
hordofne kabajaan isaa kabajaa teenya taati.” Jedheen.

Haa ta‟uu garuu Safwaan guutuma guututti yaada kiyya kana


narraa qeebaluu dide. “Yoo Ummanni hundi Isaamawee an
kophaa koo hafeewuu namticha san hin hordofu” naan jedhee
addaan baane. Anis of keessatti“Namni kun Obboleessi isaa fi
Abbaan isaa lola badrii irratti waan jalaa du‟aniif Miidhamee
jiran” jedhe.

Gara Ikrimaa bin Abii Jahl deemeetin Waanumaan Safwaan bin


Umayyaatiif hime kana isaaf hime. Haa ta‟uu malee Deebuman
Safwaan irraa argadhe inninis naaf deebise.

San booda nama tokkoofillee osoon hin himnen iccitiidhaan


gara Muhammad deema jechuun murteesse. Gara mana kiyyaa
deebi‟ee anumaa waan imalaniin qopheeffadhee jiru Usmaan
bin Xalhaatiin walitti dhufne.

“Usmaan hiriyaa kiyya maaliifin Waanin deemuu deemuuf


kana itti hin himne?” jedheetin yaade. Haa ta‟uu malee lola
muslimootaa wajjiin godhame keessatti maatiin isaa irraa

Jemal Sheikh Bakri Page 212


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

du‟anii jiran. San yaadachiisuu hin barbaanne. Amma silaa


bahuufin deemaa itti himus rakkoo hin qabun ofiinin jedhe.

San booda waa‟ee Qureeyshotaa ilaalchisee yaada kiyyan


himeef. “Nuti akka jeedalloo boolla keessatti dhokatteeti.
Bishaan muraasni gara boollaa yoo gad dhiifame Jeedallichi ni
bahan” jedheen.

Hoggasuma yaada kiyya qeebalee anaa wajjiin gara madiinaa


deemuuf murteesse. San booda “Ani Qophaaweetin jira, Har‟a
madiinaa deemuufin deeman”jedheen.

San boodaan iddoo Ya‟ajuuj jedhamtutti akka wal agarruu wal


taanee addaan baane. Yoo inni na dursee achi dhaqe akka
achitti na eegu, yoonin an dursee achi dhaqe ammo akkan
achitti isa eegu beellama waliif seenne.

Qureeyshonni dhimma kana akka dhagayan waanin


sodaadheef halkaniinin mana kiyyaa bahe. Osoo bariin hin
baqaqin dura Usmaan wajjiin bakka Ya‟juuj jedhamtutti walitti
dhufne.

Osuma deemnuu yeroo bakka al- Hada jedhamtu geenyu Amr


bin Aas wajjiin wal agarre. “Karam guluftan?” nuun jedhe. “Ati
hoo maaltu mana keetii si baase?” jenneen. “Isin hoo maaltu
manaa isin baase?” nuun jedhe. “Muhammad hordofuu fi gara
Islaamummaa seenuu barbaanneeti” jenneen.”Anallee
sanumaatu manaa na baase” nuun jedhe.

Jemal Sheikh Bakri Page 213


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Wajjjiin madiinaa deemnee bakka dhagaa qofaa takka qubanne.


Ergamaan Rabbii oduu dhufaatii keenyaa dhagayanii baay‟ee
gammadanii jiru.

Gara Ergamaa Rabbii kanin deeme uffata baay‟ee bareedu


uffadheeti ture. Obboleessa kiyyaa wajjiin karaa irratti wal
agarree “Saffisi” Ergamaan Rabbii dhufaatii kee dhagayanii
hedduu gammadanii Si eegaa jiruu” naan jedhe.

Saffisaan deemuu jalqabne. Nabiyyiin (saw) yeroon fageenyaa


achi ilaalu ni seeqan gara keenyaa dhufaa jiraatus nin arga.
Hangan isaan bira ga‟utti numa seequ.

Yeroo isaan bira dhufee salaamtaa jedhuun Salaamtaa Hoo‟ituu


na jalaa deebisan. “Allah malee kan haqaan gabbaramu hin jiru.
Atis Ergamaa Rabbiitin” jedheen. “Rabbii karaa qajeelaatti si
qajeelcheef galanni haa ga‟u. Akka ati Qaruuxee taate nin
beeka. Qaruuxummaan kee akka karaa gaarii sitti agarsiisu
fedhii kiyya kan yeroo hundaa ture” Naan jedhan.

“Yaa Ergamaa Rabbii! Dhimmaa Isin rakkoo keessa buusuuf


godhamu hunda irratti hirmaadheetin jira. Sababnis ani haqatti
gufuu ta‟uu kiyya. Kanaafuu akka Rabbiin dhiifama naaf
godhu naaf kadhaa”jedheen.

Isaanis “Islaamummaan dilii isaan dura jirtu hunda nama irraa


haqa” jechuun naaf deebisan. “Yaa Ergamaa Rabbii! Akka
akkas naaf ta‟u du‟aa‟ii naaf kadhaa” jedheen. San booda
du‟aa‟ii naaf godhan “Yaa Allah! Akka namni karaa kee
dheessuuf kan sababa ta‟e khaalid bin waliidiif dhiifama
godhi”

Jemal Sheikh Bakri Page 214


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

San booda Khaalid hangafoota muslimaa keessa isa tokko te‟e.


Kan inni Islaamummaa qabate ergaa al kallattii kan Nabiyyiin
(saw) isaaf erganiini. Nabiyyiin (saw) nama nama dinqisiisu!

Nama dukkaana isaa keessatti Sigaaraa gurguru tokko yoo si


qunnamee asirratti yaada kennachuu yoo barbaadde
Qulqullina dukkaanichaatii fi waan gaggaarii biraa
dinqisiifadhuuf. Akka Rabbiin tirfii isaa isaaf dabalus du‟aa‟ii
godhiif. San booda Gabii Halaal argachuun maal akka te‟e
akeekiif.

Yoo akkas goote akka ati bifa jette jetteetiin isa hin hubatinitti si
hubata. Inumaa Ulee kan Qabatte walakkaa ishiiti.

Qaruuxee ta’i. Gaariin isaanii akka hirdhuu isaanii wajjiin yoo


wal bira qabde akka xiqqoo taate beeki.
Waa hunda dura gaarii namni qabu beekuuf yaali. Hanga isaan
ati haqummaa isaan irratti akka qabdu beekanii si jaalatanitti.

Walumaa galatti…

Namoonni akka nuti roga gaarii isaanii irratti xiyyeeffannoo


kenninetti roga dadhabaa isaanirratti xiyyeeffannoo kennuu
dhabuu keenyaa gaafa hubatan gorsa keenya ni dinqisiifatan.

Jemal Sheikh Bakri Page 215


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Dogongora Sirreessuun Salphaadha


Dogongorri namoonni hojjatan wal dhaba. Tokko tokko
guddaadha. Tokko tokko ammo xiqqaadha. Dogongorri waan
fedhe osoo ta‟ellee sirreeffamuu ni danda‟a. guutumaan
guututti bu‟aa dogongorri fide sirreessuun ulfaataa ta‟ullee
hanga tokko sirreessun ni danda‟ama. Namoonni hedduun
ga‟umsa dogongora sirreessuuf qaban waan ofirratti shakkaniif
dogongora sirreessuun ulfaata jedhanii yaadu.

Yeroo tokko tokko karaan nuti dogongora namaa itti hubannu


dogongora gaafa ta‟uutu mul‟ata. Fakkeenyaaf Yoo mucaan
kiyya badii balleesse Nin komadha, Nin salphisa, Sababan ani
badii isaa baay‟ee guddiseef jecha akka inni boolla keessaa
bahuun hin danda‟amnen seene jedhee yaadutti rifachiisna.

Kun ammo akka inni Carraa dogongora sirreeffachuu irraa


abdii muratee dogongora keessatti hafu isa taasisa.

Haati manaa tiyya yookaa hiriyaan kiyya dogongoruu


danda‟an. Garuu akka isaan dogongora isaanii beekanii Karaan
dogongora itti sirreessan jiraachuu hubatan yoonin godhe
dogongora sirreessuun salphaadha.

Sobaa oolurra gara dhugaa dhufuutu irra caalaadha. Kun


adeemsa dogongora sirreessuu irratti faayida qabeessa ta‟uun
isaa ifaadha.

Namtichi tokko gara Rasuulaa (saw) dhufee Imala keessatti


hirmaachuu akka hin dandeenyeef Ahdii kennuu barbaade.
“Ani kanin dhufeen Ahdii kennuufi Maatiin kiyya osoo booyaa
jiraniitin dhiisee dhufe” jedheen. Nabiyyiin (saw) isaaniin hin

Jemal Sheikh Bakri Page 216


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

lolle. Hojii isaa isa irratti hin xiqqeessine, Yaada isaa hin
salphifne.

Namtichi niyyaa gaariin dhufe. Akka nama waan gaarii


hojjatette yaadee ture. Nabiyyiin (saw) dogogongora (badii)
sirreeffachuun salphaa akka taate isa hubachiisan. “Gara isaanii
deebi‟iitii akka isaan boochistetti isaan kofalchiisi” jedhanii.
Raawwiin dhimmichaa kana ture.

Nabiyyiin (saw) osoo namoonni badii hojjataa jiraatanillee


Salphisanii ilaalaniiti akka isaan hojii gaarii hojjatan isaan
jajjabeessan turan.

Taatee fokkottuu takkan isin yaadachiisa. Dhimmi ijoon taatee


tanaa gama xumuraa jiraatullee Qabxiiwwan fayyadoo ta‟an
akka irraa argannuuf jalqabumarraa eegallee haa ilaalluu.

Nabiyyiin (saw) yeroo imalaaf ka‟an hunda Beerran isaaniitiif


Carraa baasaniif (they draw lots). Isaan keessaa tan Carraan
baheef isaanii wajjiin imalti. Lola isaanii fi banuu Muslxaliq
jiddutti godhamuuf deemuuf gaafa qophaayan Carraa darbanii
(baasanii) Carraa san Aaayyo Aa‟ishaan (Ra) argatte.

Kun kan te‟e Erga Ayyanni Qur‟aanaa kan waa‟ee hijaabaa


dubbattu buutee yeroo muraasa booda ture. Howdaj Korteeti
kan Imala san deemaa turte. Yeroo isaan boqotan ishiin
Howdaj4 irraa buuteeti haajaa ishii baatee yeroo isaan deemsaaf
ka‟an itti deebiti.

4
Howdaj Waan akka sanduuqaa tan baalaa gaariin harkiftuudha.

Jemal Sheikh Bakri Page 217


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Waraanni erga xumuramee boodaan Nabiyyiin (saw)


Sahaabotaa wajjiin gara madiinaa imaluu jalqaban. Yeroo
madiinatti dhihaatan bakka takkatti Halkan dabarsuuf jecha
boqatan.

San booda sahaabonni akka ka‟an ajajan. sahaabonni ka‟anii


meeshaa isaanii walitti qabachuu jalqaban. Yeroo kana
Aa‟ishaan (Ra) haajaan ishii qabdee haajaa ba‟uuf kuttee turte.

Akkuma haajaa ishii raawwattee gara gaalaa deebitee howdaj


seenuuf murteessiteen faaya mormaa kan uffattee turte akka
ofirraa hin qabne hubatte. San booda of duuba deebitee
barbaaduu jalqabde.

Barbaaddee waan hin arginiif jecha ni turte. Sahaabonni


Aa‟ishaan (Ra) Howdaj keessa jirti waan itti fakkaateef
Hoowdaj fuudhanii gaala gubbaa kaayanii sossoo‟an.

Waraannis ni sossoo‟e. Barbaadinsa jabaa boodaan Faaya


(Callee Mormaa) Ishii argattee kara waraanni itti boqatetti
deebite.

Aa‟ishaan (Ra) Waan yeroo san ta‟e hoggaa odeessitu akkana


jetti “Iddoo itti boqanne sanitti yeroon deebi‟u namni tokko hin
jiru. Na Dhiisanii deemanii jiran.

An Howdaj keessa jiraachuu dhabuu kiyya yeroo hubatan na


barbaada of duuba waan deebi‟aniif Deddeemee lammada na
dhabuurra jedheetumaan hijaaba kiyyaan ofitti maree taa‟e.

Jemal Sheikh Bakri Page 218


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Achumaan hirriibni na fudhateetin rafe. Osumaan an rafuu


Safwaan bin al mu‟axxal dhufe. Inninis haajumaaf jecha jara
duubatti hafee ture.

Yeroon golgola Waan tureef akkuma nama waa karaa irratti


argetti natti as dhufe. Akkuma na bira geheen na beekee akkana
jedhe “Innaa Lillaah Wa Innaa Ileyhi Raaji‟uun! Warra Ergamaa
Rabbii (saw)!”

Yeroon dubbii tana dhaga‟u hirriibaan dammaqe. San boodaan


fuula kiyya Hijaabaanin haguuggadhe wallahi jecha san malee
isaa jecha takka dubbate hin dhageenye.

Gaala isaa naaf ciibseetin yaabbadhee akka isaan dhaqqabnuuf


saffisaan deemuu jalqabne. Wallahi hanga ganama bakka takka
qubatanitti an isaan keessa jiraachuu dhabuu kiyya hin beeyne.
Ani gaala yaabbadhee inni ammo naan harkisaa isaan bira
geenye.

San booda Warri maqaa namaa balleessu waan jedhan jedhan.


Odeeffannoon Waraana hunda bira yeroo geessu namuu rifate.

Madiinaa akkuma geenyeen baay‟ee na dhukkube. Oduu


narratti deemaa jirtu quba hin qabu. Nabiyyii fi Maatiin kiyya
garuu dhagayanii na dhoksanii jira.

Yeroo baay‟ee gaafa na dhukkube Nabiyyiin (saw) naaf nahu


(rifatu), Rifannoota isaanii ana agarsiisuu turan. Amma garuu
sun hundi hin jiru. Naasuun isaanii narraa fagaattee jirti.
“Intalti san Akkami?” jedhanii Harmee tiyyaa gaafatan.

Jemal Sheikh Bakri Page 219


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Wanni biraa hin jirtu. Akki kun onnee tiyya baay‟ee gaddisiise.
“Yaa Ergamaa Rabbii! Akkan gara mana Harmee tiyyaa deemu
naaf hayyamaa?” jechuunin gaafadhe. “Rakkoo hin qabu” naan
jedhan.

Waan uumame tokko osoon hin barin gara mana harmee


tiyyaatin deeme. Guyyaa digdama boodaan dhukkubni narraa
wayyaawe. Halkan tokko Intala Adaadaa Abubakrii tan taate
Ummu Misxah wajjiin haajaaf gad baane.

Karaa irratti Huccuun ishii isii sakaaltee Misxaan xiqqo malee


kufuuf kaatee “Misxaa Waan hojii teetii siif haa kennu” jette.
“Haasawa fokkotaa akkanaa haasawuun maali? Kan ati
abaarutti jirtu bar nama lola badrii irratti hirmaatee” jedheen.

“Yaa intala Abubakri! Waan inni dubbate hin dhageenyee?


Oduun sin geenyee sa?” naan jette. “Odoo akkamii?” jedheetin
gaafadhe. San booda Waan warri maqaa nama balleessu jedhu
naaf himte. “Dhimmichi kanaa edaa?” jedheen. “Eeyyen! Kana”
naan jette.

Wallaahi mana fincaanii fayyadamuu hin dandeenye. Saniif


saffisaan gara manaatin deebi‟e. daranuu na dhukkube. Hanga
Tiruun tiyya bakka lamatti dhoote jedhee yaadutti booyuu hin
dhiisne.

Harmee tiyyaan “Rabbiin dhiifama siif haa godhu, hanga


namni waan dila kana haasawu maaliif naaf himuu dhabde?”
jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 220


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Isiinis “Yaa Intala tiyya” dhimma kanaaf hin rakkatin. Dubartii


bareedduu takkaatu jira. Jaarsa ishii jaalatu qabdi. Akkasuma
dubartittiin masaanus ni qabdi, Hundi isaanii dogongora
ishiirra barbaadan. Namoonni biraatis sanuma godhan.” Naan
jette.

“Subhaanallah! Namoonni dubbii tanuama haasawaa jiraniin?”


jedheen. Immimmaan kiyya qabachuun dadhadhabe. Hirriibni
na qabuu hin dandeenye. Hanga bari‟utti nan booye”

Aa‟ishaa wanni ishii mudate kana. Umrii Ishii waggaa kudha


shanitti dhimma kanaan kan haasawamte. Sagaggaalummaan
komatamte. Ishiin nama kabajaa fi qaanfii qabu ta‟uu wajjiin
Haadha manaa Nabiyyii (saw) Qulqulluu turte.

Kabajaa fi Ulfinni Ishii irraa fuudhamee hin beeytu. Haa Ta‟uu


malee dhiimmi kun ishii mudatee mana maatii ishii teessee
halkanii guyyaa boochi.

Nabiyyiin (saw) Dhimma Aa‟ishaa kanaa yaada keessa seenani


turan. Jibriil hin dhufne, Qur‟aanni hin buune Kanaaf jecha
dhimmi kun isaan yaachisee jira. Himanni munaafiqoota irraa
dhufu baay‟eedha. Namni hundi Waa‟ee isaaniitii fi Waa‟ee
Aa‟ishaa qofa haasawuu itti fufan.

Yeroo rakkoon kun dheerattu Nabiyyiin (saw) dhimma kana


irratti namoota tasgabbeessuuf murteessan. Allaha Ergaa
faarsan boodaan “Warri dhimma maatii kiyyaa seenee na
rakkisu kun rakkoon isaanii maali?

Jemal Sheikh Bakri Page 221


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Waa‟ee maatii kiyyaa wanni isaan haasawaa jiran soba.


Wallaahi gaarii malee isaan irratti hin argine. Haaluma wal
fakkaatuun waa‟ee nama tokkootis haasawutti jiran. Wallaahi
isarraahis gaarii malee hin agarre. Anaa wajjiin malee kophaa
isaa gara mana isaa galee hin beeku.” Jedhan.

Erga Nabiyyiin (Saw) haasawa kana dubbatanii booda


hoogganaa Al Aws kan ta‟e Sa‟ad bin Mu‟aaz lafaa ka‟ee “Yaa
Ergamaa Rabbii! Warri kun yoo miseensa Shanyii Aws irraa
ta‟an Afaan isaan qabachiifna. Yoo Gosa Khazraj irraa ta‟an
ammo Isin Nu ajajaa Morma Isaanii irraa darbina.” Jedhe.

Hoogganaa Khazraj kan ta‟e Sa‟ad bin Ubaadaa yeroo kana


dhaga‟u lafaa ka‟e. Nama gaarii ta‟ullee waan akkanaa tanaaf ni
moo‟ama ture. “Nin kakadha sobdee jirta.

Mormi isaaniitis hin muramu. Kana kan jetteef jarri sun warra
gosa khazraj ta‟uu waan beeytuufi. Osoo gosa teetirraa ta‟ee
akkana hin jettu turte!” jedheen.

Useyd bin Khudeyris dubbii tana hoggaa dhagayu gama


isaatiin “Nin kakadha, Atuu kijibdee jirta. Wallaahi ni ajjaeefna!
Atuu waan munaafiqa taateef munaafiqaaf falmita!” jedheen.

San booda jechaan wal darbatuun jalqabame. Wal tumuun


dhihaataa jirti. Nabiyyiin (saw) Akkuma Minbara isaanii irra
dhaabatanitti jiran. Akka isaan cal‟isan erga godhanii boodaan
Gara mana isaanii deeman.

Ummata mari‟achiisuun akka furmaata hin qabne hoggaa


hubatan Furmaata argachuuf Maatii isaaniitii fi namoota

Jemal Sheikh Bakri Page 222


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

isaanitti dhihaatan Mari‟achiisuuf murteessan. Aliyyii fi


Usaamaa bin Zeyd Yaaman.

Usaamaan Yaa Ergamaa Rabbii! Warra keessan irraa gaarii


malee agarree hin dhageenye. “Kun hundi maq-Balleessii fi
Soba qofa” jechuun Aa‟ishaa Faarse.

Aliyyi ammoo “Yaa Ergamaa Rabbii! Yoo akkas ta‟uu baattes


Dubartiin lafa guuttee jirti. Bakka ishii ta biraa fuudhuu ni
dandeessan. Haa ta‟uu garuu Gabrittii ishii gaafadhaa. Ishiin
haqa ni baasti.” Jedheen.

Ergamaan Rabbii Bariiraa yaamanii Yaa Bariiraah! Wanni


Aa‟ishaa irratti shakkitu ni jiraa? Jechuudhaan gaafatan.
“Allaaha Nabiyyii godhee isin ergeenin kakadha Ishii irraa
gaarii malee Waanin beeku hin qabu.

Wallah! Goonkuma Waanin ishii irraa shakku takkallee hin


qabu. Ishii ijoollee waan turteef yeroon an daakuu bukeessee
eegi jedheenii biraa deeme ishiin raftee san booda daakuu san
re‟een nyaatti. Saniin Achii waa takka hin beeku” jetteen.

Intalti Siddiq (dhuga dubbataa) ummata kanaa taate. Kan inni


dhalee guddise, haadha mana Irra caalaan ilmaan namaa kan
ta‟an Nabiyyii (saw) kan taate Aa‟ishaan akkamitti Gochaa
fokkotaa akkanaatiin shakkamtee komatamti?

Dhugumatti akkamitti dhimma kanaan shakkamti? Ergamaa


Rabbii biratti irra jaalatamtuu namaa ta‟uu ishiitii wajjiin?
Dhugumatti Ergamaan Rabbii (saw) gaarii malee hin jaalatu.
Allaahaa Mindaa ishii dabaluu fi Beekkamtii ishii guddisuuf
ishii mokkore (qormaate) malee.

Jemal Sheikh Bakri Page 223


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Aa‟ishaan Yaaddoodhaan rakkachuun guyyaa irraa dabalaa


dhufee jira. Waan ishii dhukkubuufi nyaata lagatuu ishiitiif
jecha Siree irraa gad bu‟uu hin dandeessu.

Nabiyyiin (saw) namoota mari‟achiisanii furmaata argachuuf


yaalii godhan. Ta‟ulle hanga lolli uumamutti dhihaatee ture.
Mana keessatti Aliyyii fi Usaamaa Mari‟achiisanis deebii
argachuuf hin milkoofne. Aa‟ishaa Wajjiin fixuu barbaadan.

Ishiinis akkana jetti. Guyyaan san guutuu booyaatin oole.


Rafuus hin dandeenye waan te‟eef guyyoota lamaan itti aananis
bifuma saniinin dabarse. Maatiin kiyya hanga Booyinsan an
walitti dhaabe booyu kana irraa Kaleen tiyya na dhoowuu
sodaatanitti.

Nabiyyiin (saw) Abubakri hayyamsiisanii Aa‟ishaa bira dhufan.


Aa‟ishaan Maatii ishiitii fi intala Ansaaraa takkaa wajjiin jirti.
Erga Haasawni kun dhagaymee boodaan Nabiyyin (saw) yeroo
jalqabaatiif mana Abubakri dhufan. Ji‟a tokko guutuu Aa‟ishaa
Arganii hin beekan. Dhimma Aa‟ishaa kana Ilaalchisee Wahyiin
bu‟es hin jiru.

Aa‟ishaan siree irraa gad hin buune ishii arge. Booyicha Walitti
dhaabdee boochurraa kan ka‟e Akka Shimbirroo xiqqoo
Goflaan irraa fac‟eeti jirti. Ammallee booyaatuma jirti. Intalti
ishii moggaa teessus Wajjiin boochi.

Rasuulli (saw) gad taa‟anii Erga Rabbi faarsan boodaan “Badii


akkanaa, akkanaa hojjatte oduun jeettu na geessee jirti Yaa
Aa‟ishaa!” jechuun badii guddoo balleessuu ishii waan
odeeffamu hunda ishiif himan.

San booda Namni tokko badii fedhe yoo hojjate Toowbaa


godhuun salphaa akka ta‟e ibsuu fi barbaadan. “Yoo ati
qulqulluu taate Rabbiin Qulqullummaa kee ni beeysisa, Yoo

Jemal Sheikh Bakri Page 224


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

badii hojjattee jiraatte ammo gara Allaaha Toowbaa deebi‟i.


Gabrichi Rabbii yoo badii isaa amanee Towbaa deebi‟e
Allaahaan Toowbaa isaa irraa qeebala.” Jechuudhaan
dhimmicha osoo walitti hin makinii fi osoo hin dheeressin
Karaa salphaan ibsaniif.

Aa‟ishaanis akkana jetti“Nabiyyiin (saw) yeroo haasawa


isaanii raawwatan Imimmaan kiyya dhaabbatee maatiin kiyya
akka narraa dubbatan eeguu jalqabe. Garuu isaanakkas hin
goone. Abbaa kiyyaan “Yaa abbaa kiyya! Waan duubbatan
kanaaf deebii kenniifin”jedheen.

Innis “Wallaahi Maal jedhee akkan Nabiyyiif deebii kennu hin


beeku” naan jedhe. Harmee tiyyaanis “Yaa Ummaa! Bakka
tiyya bu‟ii narraa dubbadhu” jedheen. “Wallaahi maal jedhee
akkaan sirraa dubbadhu hin beeku” naan jette.

Wallaahi gaafa san maatiin akka maatii Abubakritti gadde hin


jiru. Isaan lachuu ana bakka bu‟anii waan takka dubbachuu
danda‟uu dhabuu isaanii gaafan yaadadhu daranuu booyuun
jalqabe.

San boodaan “Akka oduu tana dhugoomfattan nin beeka.


Yoonin an qulqulluu isiniin jedhe na hin amantan. Rabbii
guddaan garuu Qulqullina kiyya ni beeka. An badii tana
balleessee yoonin jedhe garuu na amantan. Wallaahi waan
abbaan Yuusuf jedhan kan asii gadii kana malee waanin jedhu
hin qabu jedheetin garagalee ciise.

“Obsa gaarii Obsuu malee filannoo biraa hin qabu. Soba isin
natti himtaniif Rabbi kiyya qofa irraan gargaarsa barbaada.”

Wallaahi akka Rabbiin Qulqullummaa kiyya labsu nin beeka


ture. Garuu Qur‟aana yeroo hunda dubbifamu keessatti waa‟ee
kiyyaa ilaalchisee Aaayata Qur‟aanaa buusa jedhee yaadee hin

Jemal Sheikh Bakri Page 225


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

beeku. Nama Rabbiin Rakkoo isaa Aayata Qur‟aanaatin ibsuun


malu hin turre. Ta‟ullee qulqullummaa kiyyaa Abjumaan Faa
Nabiyyiin (saw) argan tilmaama jedhun qaba ture.

Wallaahi bakka taa‟aa jiranii osoo lafaa ol hin ka‟e haalaataa


duraan yeroo wahyiin itti buufamtu keessa seenan keessa
seenan. Allaahaan wahyii itti buuse.

Wallaahi waan takka hin sodaanne hin rakkanne sababan


qulqullummaa kiyya beekuuf jechuu. Akka Allaaha nan miines
nan beeka.

Gofytaa lubbuun Aa‟ishaa harka jirtuunin kakadha. Yeroo


Ergamaan Rabbiin Wahyii irraa dammaqan Maatiin kiyya
Wanni namni odeessu dhugaa ta‟uu mirkanneessuu danda‟a
jedhanii sodaaf lubbuun isaanii bahutti dhihaatte.

Nabiyyiin (saw) koflaa danfa fuula isaanii irra jiru haqachuu


jalqaban. “Aa‟ishaa Baga Gammadde! Allaahaan
Qulqullummaa kee siif labsee jira” jedhan.

Anis “Alhamdulillaah” jedhe.

Allaahaan Aayatoota Qur‟aanaa Kan Armaan gadii kana buuse.

“Dhugumatti Isaan (Aa‟ishaa irratti) Soba fidan garee isin irraa


ta‟aniidha. Isa isiniif hamtuu hin se‟inaa inumaa inni isiniif irra
caalaadha. Nama isaan irraa te‟e hundaafuu, hamtuu irraa
wantuma inni carraaqqateetu isaaf jira. Isa isaan irraa (soba)
guddaa baadhate immoo adabbii guddaa ta‟etu isaaf jira.”

Nabiyyiin (saw) gara hawaasaa deemanii aayata Qur‟aanaa


Dhimma kanaaf jecha isaan irratti buute tana dubbisanii fi
maqa balleessitootas adaban.

Jemal Sheikh Bakri Page 226


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Namni badii balleesse tokko akka dhukkubsataa Wal‟aansa


barbaadutti ilaaluu qabna. Dhimmicha ulfeessuu, Isaaniin loluu
fi isatti hamaa ta‟uu hin qabnu. Sababni isaa Inni badii
hojjachuu isaatiif ati akka gammadde godhee sadarkaa itti si
yaadu ga‟uu danda‟a.

Dooktarri gaariin kan hanga dhukkubsattoonni ofii yaaddawan


caalaa isaaniif yaaddawuudha.

Nabiyyiin (saw) akkana jedhan “Fakkeenyi anaa fi isinii akka


nama ibidda qabsiiseeti. Korophiisaa fi ilbiisonni fiiganii itti
seenuuti, Namtichi garuu irraa dhoorguuf rakkata. An isin akka
isin ibidda hin seenneefin of duuba isin harkisa, isin garuu na
harkaa baatan.

Ilaalcha…

Yeroo takka takka tooftaan nuti badii itti sirreessuuf yaallu


Badii (dogongora) badii san caalu ta‟ee argama.

Jemal Sheikh Bakri Page 227


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Ilaalcha Biraa
Namoonni akkuma Uumamaa fi dhaabbinaan wal dhaban
Ilaalchaan, yaadaan, akkaataa namatti itti dhihaataniin wal
dhaban. Namni tokko dogongoruu isaa yeroo hubatte
dogongora isaa akka inni sirreessu gorsuuf yaali.

Yoo si dhaggeeffachuu dides akka waan diina keetii gootee hin


yaadin. Waan hunda roga gaarii ishiitiin ilaali.

Hiriyaan kee tokko badii balleessee ati isa gorsinaan si


dhaga‟uu yoo dide hiriyummaa keessan diinummaatti hin
jijjiirin. Yoo xiqqaate akka badii biraa hin daballeef abdii
godhachuudhaan nama isaaf garaa laafu ta‟ii hiriyummaa kee
itti fufi.

Hamtuu takka takka hamtuu caaltuutu jira jedhan mitii ree?


Kanaafuu yoo gaarummaan namatti dhihaatte badii xiqqoo fi
guddoon isaanii si hin dallansiistu. Gammachuun isaan wajjiin
jiraatta.

Aa‟ishaan Hoggaa dubbattu “Nabiyyiin (saw) Dhimma


dhuunfaa isaaniitiif takkaa nama irraa haluu baahachuuf
yaadanii hin beekan, Dhalaa ta‟us hojjattoota takkaa harka
isaaniitiin dhawanii hin beekan Yoo karaa Rabbii keessatti osoo
wal waraananii te‟e malee.

Isaan nama dhuunfatti isaan miidhe kan haluu irraa baafatan


hin qaban yoo isaa ajaja Rabbii cabsu argan malee” jette.
(Muslim)

Jemal Sheikh Bakri Page 228


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyiin (saw) akka dallanuu turan shakkiin hin jiru. Haa


ta‟uu malee dallansuun isaanii Allaaha qofaaf jecha ture.
Dhimma dhuunfaa isaaniitiif hin dallanan. Garaagarummaa
isaan lameenuu hubatuu danda‟uuf jecha fakkeenya armaan
gadii haa ilaallu.

Gurbaan kee xiqqaan ganama tokko gara kee dhufee Mana


baruumsaatiif qarshii lama naaf kenni siin jedhee yeroo kiisha
kee keessa ilaaltu dhibba dhibba qofa qabda.

Kuni Qarshii dhibba. Kanaafuu calleessiitii qarshii lama qofa


irraa fudhadhuu kan hafe guutuu deebisi jettee itti kennite.
Akka inni deebisaa fidee dhufuuf deddeebistee itti dhaamtee
jirta.

Asrii booda yeroo gara manaa deebi‟u hunda balleesee (nyaate)


dhufe. Maal goota? Hangam takka dallanta? Dhahuu
(rukutuu) ni dandeessaa? Kanaan booda akka saantima takka
itti hin kennine murteessuu hoo ni dandeessaa?

Guyyaa biraadhaa ammo Salaata Asrii boodaan gara manaa


yeroo dhuftu gurbaan kee kun Salaata Asrii salaatuu dhiisee
geema taphachu jiraachuu isaa argita.

Akkuma gaafa inni qarshii fixee dhufu dallante sanitti ammas


dallantee moo? Akka dallansuun duraa sun tana irra jabduu
taate nin beeka.

Dallansuun Nabiyyii (saw) garuu Allahaaf qofa kan te‟eedha.


Namoota ni gorsan. Yoo isaan irraa fudhachuu baatanis inni

Jemal Sheikh Bakri Page 229


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

tasgabbaawaadha. Sababni qajeelloon Allaaha bira jiraachuu


waan beekaniif jecha.

Nabiyyiin (saw) Daangaa Sooriyaa kan taate Tabuuk dhufan.


Impaayira Roomaatti (Mamlakaa Roomaanotaatti) yeroo
dhihaatu Dihyaatal Kalbii (Ra) gara Hiraqlaa mootii Roomaa
akka geessuuf Xalayaa Ergaa qabdu itti kennan.

Qeeysar Xalayaa dubbisee akkuma fixeen Qeesotaa fi Miseensa


Maatii Moototaa gara ofitti yaamee Hulaa Cufatee “Akkuma
beeytan namtichi kun nutti dhufee jira.

Qabxiiwwan sadeen armaan gadii keessaa tokko irratti akka


waliif gallu na gaafatee jira” jedheen

1) Amantaa isaa akkan fudhadhu


2) Akka lafa kenninee fi Abbummaan lafaa garuu
keenyuma akka taatu
3) Isaa wajjiin akkan wal waraanu

San booda Hiraqli “Wallaahi yeroo kitaaba keessan dubbiftan


akkuma beeytanitti lafa teenya fudhachuuf taa‟a. Duuba
Amantaa isaa fudhannee yookaa Qabeenya kannineefi lafa
teenya isa jalaa yoo baafne hoo” jedheen.

Qeesonni akka waan amantaa teessan jijjiiraa isaaniin jedhee itti


fakkaatanii iyyuu jalqaban. Gaawanii uffata gubbaa qaban
yaafatanii haran. Innaa jabeenya dallansuu isaaniitiif
hurgufannaa isaanii Uffannii isaan gubbaan darbatan irraa
harame.

Jemal Sheikh Bakri Page 230


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Akka nuti kiristaanummaa lakkifnu yookaa akka warri Hijaaz


ummata baadiyyaa saniif gabra taanu nu gaafachaa
jirtaa?”jedhaniin. Hirqlis rifate. Yaada kana kennuudhaan
rakkoo keessa akka of galche hubate. Sababni qeesonni kun
Hawaasa biratti fudhatamummaa guddaa warra qaban waan
ta‟aniif.

Kanaafuu dhimma kanaaf jecha Roomaanonni hundi akka isa


finciltu isa irratti kaakaasuu isaanii sodaate. Isaan
tasgabbeessuuf jecha “Gaafii kana wannin isin gaafadheef
akkamitti akka isin amantii teessaniif quuqama akka qabdan
isin qoruufi ture” jedheen.

Iyyasuus Nabiyyiin tokko akka isa boodaan dhufu himee waan


jiruuf Hiraqli Nabiyyiin kun akka isa te‟e hubatee jira. Haa
ta‟uu malee tilmaama isaa kana addaan baafachuu barbaade.

Gosa Arabaa tan taate Al Tajiibii keessaa nama tokko yaamsise.


Isaan Araboota amantaa kiristaana hordofan turan.

“Isin keessaa nama akkaan afaan Arabaa dubbachuu danda‟u,


Jechoota isaa kan sirritti yaadatu barbaadiitii Xalayaa
Muhammad naaf ergeef deebii fuudhee haa geessuu” jedheen

Gurbaa gosa Tajiibii irraa te‟e sun deemee banuu tanuukhii


warra Kiristaana Araba irraa ta‟an tokkotti ergaa xalayaa tana
kenne. Waan hiraqli yeroo xalayaa tana itti kennu itti himes
Tanuukhii kanaaf hime.

Jemal Sheikh Bakri Page 231


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Xalayaa tana namticha saniif naa kenni. Yeroo itti kennitu


wantoota sadeen armaan gadii kana qajeellotti adda
baafaadhuu ilaali.”

a) Xalayaa anaaf barreesse maqaa ni dhawaa


b) Yeroo xalayaa tiyya dubbisu Halkan ni dubbataa
c) Gara Dugda isaa maaltu akka jiru ilaali.

Al Tanuukhiin Sooriyaa lakkisee gara tabuuk yeroo dhufu


Nabiyyii (saw) Sahaabota isaa wajjiin isaanii lafa tattaa‟u arge.
Al Tanuukhiin dhufee “Hiriyaan keessan Eessa jira?” jechuun
gaafate. “Hunoo” jedhame. Hanga fuul dura isaa dhaqee gad
taa‟utti deemee bira dhaqee xalayaa Hiraqlaa itti kenne.

Nabiyyiin (saw) irraa fuudhanii of maddii kaayanii “Ati Eessaa


dhufte?” jedhaniin. “Ani obboleessa Tanuukhi” jedheen.
“Islaamawuu ni barbaaddaa?” Karaa Abbaa kee Ibraahim
qabachuu feetaa?” jedhaniin. Nabiyyiin (saw) akka namtichi
kun islaamawuuf hawwii guddaa qaban.

Tanuukhii kana wanni islaamawuu isa dhoorgu takkalleen hin


jirtu yoo ormi isaa waan amantii san hin hordofneef qofa te‟e
malee.

Al Tanuukhiin sagalee tasgabbooytuun “Ani Ergaan dhufe,


Amantii Ummanni kiyya itti amanuttin amana, Hangan
isaanitti deebi‟uu amantii san irraa hin deebi‟u.” jedheen.

Nabiyyiin (saw) dallananii isa irratti rakkoo uumuuf hin yaalle.


Inumaa Seeqanii akkana jedhan “Namoota jaalattu karaa

Jemal Sheikh Bakri Page 232


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

haqaatti qajeelchuu hin dandeessu. Allaaha qofaatu Abbaa


fedhe qajeelcha. Warra qajeelus kan beeku isa qofa” jedhan.

San booda sagalee laaftuun “Yaa Obboleessa Tanuukh Kisraaf


Xalayaa ergeetin Xalayaa san cire. Allaahaan Aangoo isaa ni
balleessa. Mooticha kee kanaafis Xalayaa Ergeetin of biratti
qabe. Jiruu irratti wanti gaariin hanga jirtu namoonni rakkoo
isa irratti uumuun itti fufa.”

Al Tanuukhiin Gaafiwwan Hiraqlaa sadeen of keessatti


yayyaadachuu jalqabee akka ofiin jedhe “Kun Waa sadeen akka
yaadachuu qabu natti himame keessaa takka” akka dagatu
waan sodaateef ni barreeffate.

Eegasii Nabiyyiin (saw) Xalayicha nama isa cinaa jirutti


kennan. Al Tanuukhiin “Isin keessaa namni barreessuu fi
dubbisuu danda‟u kami?” jechuun gaafate. “Mu‟aawiyaa”
Jedhaniin.

Mu‟aawiyaan Xalayicha Dubbisuu jalqabe. Akkana jetti


xalayaan “Jannata warra Rabbi sodaateef qopheeffamte tan
akka dachii fi samiitti guddoo taatetti na yaamte Ibiddi hoo
eessa jirti ree?”

Nabiyyiin Subhaanallah! Guyyaan yoo dhufe halkan Eessa kute


ree? Jedhan. Al Tanuukhiin Wanni Hiraqli akkan qabadhuuf
natti dhaame ta lammadaa tana jechuun yaade.

Yaadannoo jalaa qabate. Mu‟aawiyaan yeroo dubbisee xumuru


Kabajaadhaan Nabiyyiin “Ati Ergaa nama geessuuf dhufe waan
taateef mirga qabda. Wanni bifa kennaatiin nuti asii siif

Jemal Sheikh Bakri Page 233


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

kenninu fudhachuu barbaaddu yoo jiraate siif kennina ture.


Haa ta‟uu malee nuti imaltoota cirracha gubbaa taa‟u jiru”
jedhaniin Al Tanuukhiin.

Akkas jechuun osoo kennaa siif kennee natti tola jechuu


isaaniiti. Haa ta‟uu malee akkuma atuu agartu nuti
keessummaa cirracha gubbaa teessu tan karaa yaatu waan
taaneef humaa hin qabnu.
Usmaan (Ra) lafaa ka‟ee “Yaa Ergamaa Rabbii! Anaatu waan
tokko kannaaf” Jedhee Uffata wahii fidee Al Tanuukhiif kenne.

San booda Nabiyyiin (saw) “Eenyuutu gurbaa kana qubsiisa?”


jedhan. Eenyuutu isa keessummeessa jechuu isaaniiti. “Anaatu
keessummeessa” jedhe ansaartichi tokko.

Al Tanuukhii fi Ansaartichi wal fudhatanii deemuu jalqaban.


Al Tanuukhiin waan Qeeysar sadaffaa irratti itti dhaame
yaadate. Duyda Nabiyyii irratti mallattoo arguu.

Xiqqo akkuma tarkaanfateen tasa “Obboleessa tanuukhii


keenya! Yeroo takka koottu.” Jedhaniin Nabiyyiin (saw). Al
Tanuukhiin dafee dhufee isaan moggaa dhaabbate. Uffata
isaanii of irraa saaqanii duyda isaanii agarsiisaa “Kunoo Waan
ajajamtee Yaadannoo qabadhu” jedhaniin.

Al Tanuukhiin “Yeroo duyda isaanii ilaalu Ceekuu isaanii


gidduutti Mallattoo arge” jechuun himame.

Xiinxala…
Kaayyoon namoonni akka dogongora isaanii hubatan
godhuudha. Dirqama bakka ati jirtutti dogongora isaanii
sirreeffatuu dhabuutu mala. Kanaafuu hin rakkatin.

Jemal Sheikh Bakri Page 234


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nama Dhiiga Si Obaase Aannan Obaasi


Namoonni hedduun akkuma beekkamu haalaataan isaan ittiin
sitti dhihaatan akka isaanitti tolu malee akka sitti toluun akka
hin taane beekuutu sirra jiraata.

Sababa ati seeqinsaan itti dhihaatteef jecha isaanis seeqinsaan


sitti dhihaachuu dhabuutu mala.
Inumaa namani tokko tokko hamtutti yaaduudhaan dallanee
“Maaltu si kofalchiisa?” siin jechuu danda‟a.

Namni ati Kennaa kennituuf hundi godhii ati gooteef naaf


deebisa jettee yaaduu hin qabdu. Inumaa namoonni ati Kennaa
kenniteef walitti qabamanii inni gowwaa fi qabeenya isaa
qusachuu kan hin beeyne jedhanii isaanii si hamatu dhaga‟uu
dandeessa.

Namni ati haala gaariin itti haasoytuu fi dhaaddu hundi tokko


tokkoon isaanii deebisaa wal fakkaataa naaf kennan jettee hin
eegin. Allaahaan ilmaan namaatiif akkuma Rizqii garaagaraa
kenneefitti amala illee kan garaagaraa godhee isaan uume.

Rabbiin ol tehe Qur‟aana isaa keessatti akkamitti akka namaa


wajjiin jiraachuu qabnu akkana jechuun nutti agarsiisa.

“(Hojiin) gaarii fi Hamtuun wal hin Qixxaa‟an, Ishii toltuu


taateen deebisi. Yeroo san inni jidduu keetii fi jidduu isaa
diinummaan jirtu akka jaalalloo firaa ta‟uu (agarta).”

Rakkoon namoota tokko tokkoo furmaata hin qabdu. Warra


akkasii san jijjiiruun ulfaataadha. Ummata akkasii kana gaafa
karaa isaan barbaadaniin imalte qofa isaanitti dhihaachuu

Jemal Sheikh Bakri Page 235


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

qabda. Takkaa obsitee isaan bira turta takkaa walitti dhiistee


deemta.

Yeroo wahii takka namni tokko daldaticha tokkoo wajjiin


imala. daldaltichi kun hojii imala irratti hojjatamu hunda ni
hojjata. Nyaata qopheessuun hiriyaa isaa kan imalaa kana ni
nyaachisa, Ba‟aa gaala irraa ni buusa, ni korsiisa, Hanga
dadhabutti gaalas ni nyaachisa.

Osoo imala irraa deebi‟aa jiranii nyaata isaanii bilcheeffachuuf


iddoo wahii takka qubatan. Namtichi miila diriirfatee gad ciise.
daldaltichi Gaala irraa ba‟aa buusee hiriyaa isaatiin “Hanga ani
foon cicciruu ati ka‟iiti qoraan walitti qabi.” jedheen. “Wallaahi
sa‟aa dheertuu kanaaf imaluun na dadhabsiiseera” jedheen.

Ofumaaf Qoraanis walitti qabee “Hayyee ka‟ii ibidda qabsiisi?”


jechuun gaafate. “Ani yoonin ibiddatti dhihaadhe qaanqeen
ibiddaa narra buuti” jedheen.

Daldaltichi ibiddas ofumaaf qabsiisee “Hayyee foon ciruu na


gargaari?” jechun gaafate. “Billaan harka kiyya na muruu
danda‟a waan ta‟eef haa narraa hafu” jedheen

Daldaltichi ammas ofii isaatiif ciree fixee “Hayyee foon Distiitti


naqii bilcheessi?” jechuun gaafate. “Nyaanni hanga bilchaatutti
taa‟anii eeguun haalaan nama dadhabsiisa dhiisi narraa”
jedheen.

Ammaas Ofumaa bilcheessee akkaan waan dadhabee jiruuf


jecha xiqqo gad ciisee “Hayye minxaafa afiitii Nyaata Distii
keessaa Saanatti naqii nuu fidi” jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 236


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Ani waanin haalaan dadhabeef dandeettiin waan ati jette kana


hojjadhuun hin qabu” jedheen. Daldaltichi ofumaa ka‟ee nyaata
dhiheessee “Hayyee kaatee nyaatuu hoo ni dandeessaa?”
jedheen.

“Wallaahi waa hunda Lakkii jechuun Waan na Qaanfachiiseef


mee amma „hayaa‟ haa jedhuu” jechuudhaan ka‟ee nyaachuu
jalqabe.

Namoonni akkanaa hedduun si mudachuutu mala. Ummata


akkanaa kanaafis hin dallanin. Inumaa gaara jabaa Wanni takka
hin sossoofne tahi. Nabiyyiin (saw) keenya kan nuti itti
hidhannu Miiraan osoo hin taane sababaan namatti dhihaatan.
Badii isaaniitis ni obsaniif. akkasumaa wajjiin haala gaariin
isaan wajjiin jiraatan.

Gaaf tokko Sahaabota isaanii wajjiin osuma taa‟aa jiranii


Gurbaan warra gammoojjii tokko itti dhufee Gumaa dhiigaa
kafaluu waan dadhabeef gargaarsa gaafate.

Namtichi kun Mataa isaa ta‟uu Shanyii isaa irraa ta‟uu


tokkumaatu nama biraa ajjeese. Kanaafuu Maatii namni irraa
du‟eef Gumaa akka kafaluu danda‟uuf Nabiyyiin (saw) akka
isa gargaaraniif barbaadeeti.

Nabiyyiin (saw) hanga tokko kennaniifi “Ani tola sitti oolee?”


jechuun gaafatan. “Tolli ati natti ooltes hin jiru, gaarummaas
waa hin qabdu” jedheen.

Jemal Sheikh Bakri Page 237


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Sahaabonni yeroo dubbii namtichaa dhagayan aaranii dhahuuf


(rukutuuf) lafaa ka‟an. Haa ta‟uu malee Nabiyyiin (saw) isaan
dhoorgan.

Nabiyyiin (saw) gara mana isaanii geessanii “Gara keenya


dhuftee gargaarsa nurra barbaaddee si gargaarre. Atis waan
dubbatte dubbatte.” Jedhaniinii Ammaas Kan duraan kennaniif
irratti dabalanii kennaniif. Irra deebi‟anii ammas “Tola sitti
oolee?” jedhaniin.

“Eeyyeen! Allaahaan Maatii keetii fi Firaa firoo kee cufaaf jazaa


haa kafalu” jedheen gurbaan gammoojjii irraa dhufe. Nabiyyiin
(saw) namtichi gammaduu isaa yeroo argan isaanis ni
gammadan.

Haa ta‟uu malee Sahaabonni isaanii namticha kanaaf miirri


diinummaa isaan keessatti hafuu danda‟a yookaa sahaabaan
tokko yoo namticha kana karatti arge ija diinummaatiin ilaaluu
danda‟a jedhanii sodaatan.

Kanaafuu miira kana onnee isaanii keessaa baasuu barbaadanii


Namtichaan “Gara keenya dhuftee gargaarsa nu gaafattee siif
kennine. Atis waan dubbatte dubbatte.

Sababa kanaaf sahaabonni kiyya sitti dallanan. Gara isaanii


deebinee waan amma jette kana yoo isaaniin jettee Miirri
dallansuu kun onnee isaanii keessaa bahuu danda‟a” jedhaniin.

Qabanii deemanii “Obboleessi keenya kun gara keenya dhufee


gargaarsa nu gaafate nutis isa gargaarree garuu inni waan
jedhe jedhe. Eegasii yaamnee Itti daballeefi innins gammaduu

Jemal Sheikh Bakri Page 238


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

isaa ibsatee jira. Akkasumaamii abalu?”jedhaniin. “Eeyyen!


Allaahaan Maatii fi Firaa firoo keef jazaa haa kafalu.” Jedhe.

Yeroo gara manaa deebi‟uuf ka‟u Nabiyyiin (saw) Sahaabota


isaaniitiif akkamitti onnee namootaa booji‟uun akka danda‟amu
isaan hubachiisuu fi barnoota kannuufi barbaadan.

Kanaafuu “Fakkeenyi anaa fi namticha kanaa akka nama gaalli


isaa jala baqatteeti. Namoonni hangi tokko yeroo jala oriyan
gaalattiin fiiginsa itti fufti.

Dhawaatuma jala fiiganii fiiginsi ishii itti fufe. Kanaan booda


Abbaan gaalattii “Anaafi gaala kiyya waliif nu dhiisaa. Anaatu
amala gaalattii tiyyaa fi maal akka barbaaddu beeka” jedheenii
bubuutuu Timiraa lafaa guuree dura qabee ofitti yaamee
dhuftee Koorichaa irratti hidhee yaabbate. Osoo yeroo san isin
dhiisee namtichi jahannam seena ture.

Akka inni fagaatu kan gootan yoo ta‟e Amantii tana dhiisee
ibidda jahannam seena ture jechuu isaaniiti (Al Bazzaar). Waan
takka hubachuun waan san ni bareecha.

Jerjeruun garuu wahi balleessa malee waan tolchu. “(Hojiin)


gaarii fi Hamtuun wal hin Qixxaa‟an, Ishii toltuu taateen
deebisi. Yeroo san inni jidduu keetii fi jidduu isaa diinummaan
jirtu akka jaalalloo firaa ta‟uu (agarta).”

Nabiyyiin (saw) gaafa makka qabatan Ka‟abaan Naannawanii


Xawaafa godhaa turan. Namtichi ani muslima jedhee sobu
tokko kan Fadlaa bin Umeyr jedhamu isaan duubaan Xawaafa
gochaa Isaan ajjeesuuf haala mijjeeffataa jira.

Jemal Sheikh Bakri Page 239


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Nabiyyiin (saw) dhimmicha hubatanii of duuba garagalanii


“Ati Fadlaadhaa?” jedhaniin. “Eeyyeen! Yaa Ergamaa Rabbii!”
jedheen. “Maal godhuuf yaadde?” jedhaniin. “Waa takkallee!
Zikriin godhuu malee” jedheen.
Seeqanii “Yaa Rabbi naaf araarami” jedhan.

Fadlaan san booda seenaa tana yeroo himu Nabiyyiin Rabbii


(saw) harka isaanii qoma tiyya gubbaa yeroo kaa‟an Onneen
tiyya tasgabboofte. Wallaahi Osoo isaan harka isaanii onnee
tiyya irraa hin kaasin Allaahaan Jaalala isaanii Onnee tiyya
keessatti darbe.

Fadlaan osoo gara manaa deemaa jiruu Jalalloo isaa takka arge.
Ishiinis yeroo isa agartu akka duraan baratte sanitti “Koottu ni
haasawnaa” jechuun yaamte. “lakkii” jechuun deebise. Irra
deebitee “Koottu ni haasawnaa” jetteen.

“Lakkii! Allaahaa fi Ergamaan Rabbii kana irra si dhoorgan.


Muhammadii fi sahaabonni isaa yeroo Injifatanii Xaa‟ota
caccabsan osoo agartee Akka Amantii Allaahaa Shirkii Caaltu
ni mirkaneeffatta turte.” Jedheen. Bifa kanaan Fadlaan
Muslimoota gaggaarii keessaa tokko ta‟uuf ge‟e.

Ergamaan Allaahaa (saw) Namaaf irra dabruudhaan onnee


isaanii booji‟uu ture. Namoota gara jijjiiramaa fi waan gaaritti
fiduuf jecha hamtuu isaan irraa isatti dhuftu ni obsu turan. Abu
Xaalib akka qureeyshonni Nabiyyii (saw) hin miineef tattaaffii
godhaa ture. Haa ta‟uu malee Erga Abuu xaalib du‟ee boodaan
Qureeyshonni Nabiyyii miidhuu itti jabeeysan.

Jemal Sheikh Bakri Page 240


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Kanaaf jecha iddoo itti dheeysu yaadee gara Shanyii Saqiifotaa


deeme gargaarsa isaan irra barbaadaaf jecha, Miidhaa
Qureeyshotaa jalaa bahuufis kologaltummaaf akkasuma Amrii
Rabbiin biraa isaaniif fidee dhufe kana akka isa irraa qeebalan
hawwaa gara Xaa‟iif deeman.

Hooggantoota shanyii saqiif kan ta‟an obboleeyyan sadeenin


wal argan. Isaan ilmaan Amri bin Umeeyriiti. Abdu Yaaliil,
Mas‟uudii fi Habiibi.

Nabiyyiin (saw) akka isaan Diin Islaamaa fudhataniif yaamicha


isaaniif taasise. Akka isa gargaaranii fi akka Diin kana
deeggaran akkasumatti hamtuu fi miidhaa ummata isaa irraa
isaanitti gahu kana akka irraa dhoorgan isaan gaafate. Deebiin
isaanii garuu nama rifachiisa ture.

Inni duraa;- “Yoo dhugumaan Rabbiin kan si ergu te‟e ani


Sitaaraa ka‟abaa nan cira” jedhe. Inni lammadaa “Rabbiin
nama ergu dhabeetuma si ergaa?” Jedheen. Inni Sadaffaa
ammoo “Wallaahi an deebisaa siif hin kennu.

Akkuma jettu kana yoo Ergamaa Rabbii(saw) taate siif deebisaa


kannuun ulfaataadha. Yoo kan Rabbi irratti Sobaa jirtu taate
ammo wilii siin hin dubbadhu.” Jedheen.

Nabiyyiin (saw) Deebiin gurguddaan saqiifotaa isaaniif


deebisan tanaaf jecha dallanaa taa‟umsa isaanii irraa lafaa ol
ka‟an.

Saqiifonnii waan Muhammad itti himu dhaga‟uu didanii ariyan


jechuu yoo qureeyshonni dhaga‟an miidhaan isaanii daran natti

Jemal Sheikh Bakri Page 241


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

jabaatti waan jedhu yaadudhaan sodaan onnee isaanii keessatti


uumame. “Akka fedhe ta‟us haasawa keenya kana akka iccitiitti
naaf qabaa” jedheen.

Garuu isaan akka isaan gaafatan hin goone. Faallaa kanaa


Ummata isaanii kakaasanii akka isaan isa arrabsan, dhagaan isa
tuman godhan. Ergamaan Rabbii (saw) isaan dheefa osoo
fiiguu miilli isaanii kabajamaan hanga dhiigdutti fiigan.

Umrii jiddu galeessaa Waggaa Afurtamii wahi keessa jiran


turan. Erga isaan irraa fagaatan boodaan gaaddisa timiraa
takka argatanii achi jalatti haara baafatan. Yeroo kana
Qureeyshoonni maal akka isa godhuu danda‟an yaaduu turan.
Akkamitti makka haa seenan?

Gara Samii ol ilaalaa “Yaa Allah! Dadhabina humna kiyyaa,


Xiqqeenya Tooftaa kiyyaa, Nama biratti tuffatamuu kiyyaas
Sumattiin himadha. Irra namaaf rifataa warra namaaf rifatuu
kan taate Mootii hundaa Eenyuuf na dhiifta?

Ba‟iidota na jibbaniif moo? Moo diina dhimma kiyya isaan


beeysisite kana? Atummaan natti dallanuu baannaan Dantaa
hin qabu (hin badadu).

Dhiifama keetu irra naaf caala. Nuura kee kan dukkanaan


ibsituunin tikfama. Humnaa fi Dandeettii kee kan Addunyaa
tanaa fi aakhiraa ittiin dhaabdeenin si kadhadha. Humnaa fi
mallilleen yoo siin tahe malee hin jiru.”

Osoo haala kanaan jiruu duumessi dhufee itti naannesse. Yeroo


gara samii ol ilaalu kunoo Jibriil dhufe. Jibriil Nabiyyiin (Saw)

Jemal Sheikh Bakri Page 242


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

“Allaahaan jecha ummani kee siin jedhan dhaga‟ee jira, Deebii


isaaniitis dhagahee jira. Malaaykaa Gaaraa siif ergee waan feete
akka siif godhuuf ajajuu dandeessa.

Osoo Nabiyyiin (saw) Humaa hin dubbatin. Malaaykaan


gaaraa Isaan yaamee “Assalaamu aleeyka Yaa Rasuulallaah…
Yaa Muhammad… Allaahaan Jecha Ummanni kee siin jedhan
dhagahee jira. Ani Malaaykaa gaaraati. Rabbiin kee akka waan
feete na ajajjuuf gara kee na ergee jira.

Ammas Osoo Nabiyyiin (saw) Humaa hin dubbatin yookaa hin


filatin Malaaykaan gaaraa akkana jechuutti seene “Yoo
barbaadde Gaara kana lameenin isaa irratti kombolcha” jedhee
Gaara makkaa kan bitaa fi mirgaan jiru ilaalaa.

Malaaykaan gaaraa ajaja eeggachuu jalqabe. “Inumaa” jedhan


Nabiyyiin (saw) fedhii isaaniitii fi Haluu baafachuu of
dhoorguudhaan “Inumaa Isaaniifin obsa! Allaahaan Duyda
isaanii keessaa Warra Rabbi tokkichummaa isaatiin gabbaran
baasuutu kajeelamaa” jedhan.

Goota ta’i…

Yeroo isaan foon kiyya nyaatan an irraan of qusadha. Yeroo


isaan kabajaa kiyya xiqqeessan, an kabajaa isaanii nan
guddisaaf, Isaan na gargaaruu yoo baatan, an yoo isaan akkan
isaan gargaaruuf na yaaman, saffisaanin awwaadhaaf. Haloo
itti hin qabadhu. Goonni biiluu hin qabatu waan te‟eef.

Jemal Sheikh Bakri Page 243


JIREENYA KEETITTI GAMMADI

Xumura
Kitaaba kana hoggaa dubbistee xumurtu, hedduu jaalachuu keen in
beeka, Osoo itti fufee jettee akka qalbiin si kajeelte nin hubadha.
Kanaafuu anis atummaan hin hifatin malee Yeroo gabaabaa keessatti
“Kutaa lammaffaa” siin dhaqqabuufin jira In Shaa Allah.

Rabbiin hojii tiyya tan fuula isaa ittiin barbaadaaf hojjatamte akka naaf
godhun kadhadh. Akkasuma hojii hawaasa kiyyarratti jijjiirama waaraa
fiddu akka naaf godhu irra deddeebiinin kadhadha.

Obboleewwan kiyya Kitaaba kanarraa erga fayyadamtanii Yaada keessan


Naaf barreessaa, Du’aa’iis Naaf godhaa. Rabbiin Kiyya Yaadaaf Muraada
keessan isiniif haa guutu. Wallaahi Lubburraan isin jaaladha. Isinin
galatoomfadha. Kitaabicha Walitti himaa, Wal beeysisaa, Ergaa isaa
Miidiyaa hawaasarrattis gad dhiisa!

.‫الهم الصلى وسلم وبارك على سيدنا وشفيعنا دمحم‬

Ergaa Keessan kamuu akka na biraan geessaniif

+251915553899

Jemal Sheikh Bakri Page 244

You might also like