Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 34

2020/2013

DR. MYLES MUNROE


WHY GET MARRIED, ANYWAY?
MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

DURSA

M
addeen burjaaja’insaa addunyaan kun
keessummeessaa jirtu keessaa kan gaa’ilaa isa
hangafaati. Beekanii wallaaluufi beekuu dhabuun
waan kanaaf sababa ta’anis, itti gaafatamummaa booda dhufu jalaa
kan nama oolchu garuu hubannaa sirrii qofa. Barruun gabaabduu
ergaa dheeraa kun, kanaaf fala. Qarlamee itti-seensa gaa’ilaa of
keessatti qabachuun, filannoo sirrii filataaf kenniti. Barruu yerooti;
itti dhiyaadhaa – dubbisaa!

[Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii – Yuunivarsiitii Haramayaatti


barataa saayinsii wal’aansaa (Medicine), Barreessaa kitaaba
“ILAALCHA DHALOOTAA” fi “RAKKINNI HAA
RAKKATUU”] – Gulaalaa barruu kanaa.

Ifargan Guddataa Itichaa [1] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Seensa
arruun kun Afaan Ingiliffaatiin kan qophaa’e Dr. Myles

B Munroetiin yoo ta’u, jechoota mataa isaan gara Afaan


Oromootti hiikee kan qopheesse Ifargan Guddataati.
Yaadotnii fi falaasamoonni barruu kana keessa jiran guutummaan
guutuutti kan Dr. Myles Munroeti.
Kitaaba mata duree “The purpose and power of love & marriage”
kan jedhu jalaa boqonnaa 3ffaa keessatti, “Why get married,
Anyway?” kan jedhu qofa fudhachuun gara Afaan Oromootti hiikee
dubbiftootaaf yoon dhiyeessu gammachuu guddaani.
Yeroo ammaa kanatti hiikaan jaalalaa fi gaa’ilaa dargaggoota
keenya jalaa waan wal dhahee jiru natti fakkaata. Wal dhahee jiras
immoo. Barruun kun garaagarummaa isaanii ibsuun, karaaleen
gaa’ila sirrii ittiin dhaabbatan kam akka ta’ee fi karaaleen gara
gaa’ila dogoggoraatti nama geessan kam fa’aa akka ta’an ibsa.
Hubachiisa: Barruu kana keessatti bakkee danuutti saala dhiiraa
qofarratti xiyyeeffadhee barreessuun danda’a. Haa ta’u malee
barruun sun dhiira qofaan jedhamaa jira miti. Saala ‘dhalaa’ illee
bakka buusuun dubbisaa. Jechoonni kitaaba kana keessa jiran
hunduu saala lameeniifuu wal qixa hojjetu. Barruu kana bifa
PDF’tiin dubbiftootaaf kanan gumaachame yoo ta’u, akkuma isin
gaheen waliif dabarsaa.

Ifargan Guddataa Itichaa [2] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Baafata
DURSA ........................................................................................... 1

Seensa ............................................................................................. 2

HAA TA’UUTII, ATI MAALIIF GAA’ILATTI SEENTAA? ...... 5

SABABOOTA DOGOGGORAA NAMOOTNI ITTIIN GARA


GAA’ILAATTI SEENAN KURNAN............................................ 6

1. To’annoo maatii jalaa bahuuf ............................................... 6

2. Bakka jireenya mijataa hintaane gadhiisuuf ......................... 8

3. Ilaalcha negatiivii ofiif qabuuf ............................................. 9

4. Irra deebiin of ilaaluuf ........................................................ 10

5. Sodaa lafatti hafuu .............................................................. 12

6. Sodaa of danda’uu .............................................................. 14

7. Sodaa nama biroo miidhuu ................................................. 15

8. Nama biroof gorsaa ta’uuf .................................................. 16

9. Sababii walquunnamtii saalaa raawwataniif ...................... 18

10. Sababii isheen ulfoofteef .................................................... 19

Ifargan Guddataa Itichaa [3] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

SABABOOTA SIRRII NAMOOTNI ITTIIN GARA


GAA’ILAATTI SEENAN KURNAN.......................................... 20

1. Akeeka Waaqayyoo waan ta’eef ........................................ 21

2. Jaalala waaqayyoo nama biraatti agarsiisuuf ..................... 22

3. Jaalaala namummaa nama birootti agarsiisuuf ................... 24

4. Fedha walquunnamtii saalaa karaa fedha waaqayyoo ta’een


guuttachuuf ................................................................................ 24

5. Dharraa maatii horachuu ..................................................... 26

6. Walitti hidhamuuf (Companionship) .................................. 27

7. Waanta qaban hundaa waliin qooddachuuf......................... 28

8. Waliin hojjetanii fedhii walii waliif guutuuf ....................... 29

9. Gahumsa walii walii dabaluuf ............................................. 30

10. Guddina afuura walii dabaluuf ............................................ 31

Guduunfaa ................................................................................. 32

Ifargan Guddataa Itichaa [4] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

HAA TA’UUTII, ATI MAALIIF GAA’ILATTI SEENTAA?

amoonni sababii garaagaraatiif gara gaa’ilaatti seenu -


N kaawwan gaarii, kaawwan badoo. Guyyaa har’aa gaa’illi
namoota danuu kan diigamuuf sababii cimdooliin (Couples)
kaayyoo gaa’ilaa yookaan qajeelfamoota gaa’ila milkaa’aa hin
beekneefi. Beekumsatu isaanitti hir’ata. Burjaaja’ummaan
(Confusion) dhaloota ammaa dhimma gaa’ilaa, cimdoonni sababa
dogoggoraan akka walfuudhan taasisa. Sababoonni dogoggoraa
kunneenis sababoota hariiroo fayyaalessaafi fulla’aa ta’e
qabaachuuf gahoo hin taanedha.

Namni kamiyyuu osuu gaaffii “Maaliif?” jettu haqummaafi


ofeeggannoon ofiif hin deebisiin gaa’ilatti seenuu hin qabu.
Xiyyeeffannoon bilchaataafi yaadni gadi fagoon rakkoowwan
gaa’ila boodaa, kanneen akka haamilee cabuu fi gaabbii akka hin
uumamne godha. Maaliif akka gaa’ila dhaabbachuu barbaadde
beekuun murtee gaarii akka murteessituufi murtee badaa akka
balfitu si gargaara.

Ifargan Guddataa Itichaa [5] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Sababni isaayyuu milkaa’inaaf beekumsi baay’ee barbaachisaadha.


Sababoota fayyaaleyyii hin taane, kan namoonni baay’een gaa’ilatti
seenuuf fayyadaman adda baasanii hubachuuf meeshaa nama
fayyadu isa jalqabaati – beekumsi. Sababoota kanneen kudhan akka
armaan gadiitti tarreesseera.

Tarreeffamoonni kunneen tilmaama irratti hundaa’uun kan


barreeffaman osoo hin taane, ragaawwan gaa’ilalee diigaman irraa
walitti qabaman irratti hundaa’uudhaani.

SABABOOTA DOGOGGORAA NAMOOTNI ITTIIN GARA


GAA’ILAATTI SEENAN KURNAN

1. To’annoo maatii jalaa bahuuf

A manuu yookaan amanuu dhiisuu dandeessa; Namootni


murtaawan to’annoo maatii jalaa bahuuf yookaan maatii
isaaniitti dugda galuuf gara gaa’ilaatti seenu. “Waan isaan na ajajan
hunda raawwachuu baay’ee dadhabeera. Isaanittan agarsiisa.
Kanaan booda bakka kana turuu hinqabu.” Jedhu. Seerota maatiin
isaanii baasanitti aaru yookaan qajeelfamoota maatii isaaniitti
mufachuu malu.

Ifargan Guddataa Itichaa [6] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Sababii maatiin isaanii hiriyaa isa/ishee (boyfriend or girlfriend)


fudhachuu dideef maatii isaaniitti aaru. Aariin isaanii kun gara
gowwummaatti isaan dhiibuun, osuu itti hin yaadiin murtee
gowwummaa kan akka gaa’ilatti seenuu akka murteessan isaan
taasisa. Waa’ee gaa’ilaa waanuma tokkollee yoo beekuu
baatanillee, sababa qaxxaamuraa ittiin maatii isaanii jalaa bahan
waan ta’eef, carraa argame sanatti utaalu.

To’annoo maatii jalaa bahuuf gaa’ilatti seenuun sababoota


gaa’ilatti ittiin seenan keessaa isa maraatummaatti fakkeeffamudha.
Gaa’illi kun dhiphina keessatti lafa dhaha. Miironni gaa’ila akkasii
keessaa maddan miirota nagatiivii kanneen akka aarii, wal
baqachuu, wal hadheessuu fi hariiroo fayyaalessa hin taanedha.

Qabiyyeewwan kanneen akka jaalalaa, kutannoo, amanamummaa


raawwatanii dhabamu, yookaan miirawwan nagatiivii armaan oliif
bakka gadhiisu. Namni to’annoo maatii isaa jalaa bahuuf gaa’ilatti
seene, qooddataa gaa’ila isaa akka jaalallee isaatti hin ilaalu. Akka
karaa to’annoo maatii isaa jalaa bahuu qofatti itti fayyadama.
Kunimmoo gaa’ila hundee gadi fagoo qabuufi milkaa’aa
hundeessuuf sababa ta’uu hin danda’u.

Ifargan Guddataa Itichaa [7] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

2. Bakka jireenya mijataa hintaane gadhiisuuf

S ababni kun sababa isa jalqabaa wajjin walfakkaata. Namoonni


tokko tokko mana gammachuu hin qabneefi jireenya ulfaataa
keessatti dhalatanii guddatu. Waanti isaan barbaadan karaa ittiin
mana sana gadhiisanii bahan qofa. Miidhaan qaamaa, jechaafi
saalaa jiraachuu danda’a. Maatiin tokko yookaan lachuu araada
alkoolii yookaan qorichaatiin faalamuu danda’u.

Jireenyi mana sana keessaa aarii, lola, waca, abdii kutachiisaa fi


jibbisiisaa ta’uu danda’a. Sababa kanarraan kan ka’e
dargaggeessi/dargaggeettiin tokko mana sana keessaa baqachuun
yeroo gaa’ilatti seenaan argamu. Kun gowwummaa isa guddaadha.
Bakka jireenyaa mijataa hintaane miliquuf hawwuun gaa’ilaaf
sababa sirrii ta’uu hin danda’u.

Bakka jireenyaa sana dhiiftee bahuun yoo dirqama sitti ta’e, bahiitii
hojii barbaaaddadhu, mana kireeffachuun ofii kee danda’ii
jiraadhu. Namoonni hammi muraasni mana dhiisanii yeroo bahan
waanta yaadan argachuu danda’u. Garuu dhuma irratti sababa
gammachuu dhabuu inni tokko isa kan biraaf osuu jijjiiruu argina.

Ifargan Guddataa Itichaa [8] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

3. Ilaalcha negatiivii ofiif qabuuf


amoonni kaawwan immoo yoon gaa’ilatti seene akkan gatii
N ofiif kennu na taasisa yookaan jireenya kootti hiika kenna
jedhanii yaadu. Ilaalchi isaan ofii isaaniif qaban baay’ee gadi bu’aa
ta’uurraan kan ka’e nama biroo kan akka isaan gatii qaban itti himu,
yookaan sirrii ta’uu isaanii mirkaneessuuf barbaadu. Gaa’illi
kanarratti xiyyeeffachuun uumame, osuu xiqqoo hin turiin rakkoof
saaxilama.

Namni ilaalcha nagatiivii ofiif qabuun gara gaa’ilaatti yemmuu


seenu, gara gaa’ila sanaatti akka nama walakkaa (half) ta’ee seena.
Lameen isaaniiyyuu namoota ilaalcha nagatiiviii ofiif qaban
taanaan, turtii yeroo xiqqoo qofa waliin taasisu.

Gaa’illi fayyaalessi namoota guutuu ta’an lama walitti fiduun


makaa qabiyyee isaarra caalu kan uumudha malee, namoota hanquu
lama kan walitti fidu miti. Namoonni lama kan waa’ee mataa
isaaniif ofitti amanamummaa qabaniifi gatii gaarii ofiif kennan
walitti dhufuun gaa’ila fayyaalessaafi hiika qabeessa ijaaruu
danda’u.

Ifargan Guddataa Itichaa [9] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Gaa’illi rakkoo ilaalcha gadaanaa ofiif qabaachuu hin furu. Gaa’illi


mudaawwan amaloota keenyaa bakkeetti baasuun ilaalcha nuti ofiif
qabnu mul’isa. Ittumaa gara bushaawaatti geessa. Nuti hundi
keenyayyuu miira gatii ofiif kennuu kiristoos keessa taanee haa
barbaadnu. Akka nama waaqayyoon jaalatamee uumamee fi
mootummaa isaaf kaadhimameetti of haa fudhannu. Ati lubbuu
gatii qaalii qabdu, akka fakkii waaqayyootti kan uumamtee fi
Iyyasuus kan siif jedhee lubbuusaa laatedha.

Dhugummaadhaan nuti maatii sanyii warra waaqarraaa akka taane


hubachuun akkaataa nuti itti yaadnu, miireffannuufi raawwannu
murteessa. Inni kun qorsa ilaalcha gadaanaa ofiif qabaachuuti.

4. Irra deebiin of ilaaluuf

S ababni kun sababa isa sadaffaa waliin walitti dhiyaata. Namni


hariiroo kanaan dura keessa turerratti miidhame miirri ofii isaa
fudhachuu gadi bu'uun mukuu badaa keessa isa seensisa. Sababa
kanaan nama jalqaba itti dhufee miiraa gaarii itti agarsiise waliin
gara hariirootti seena. Yeroo kana miidhama isaa fooyyesuuf qofa
abdata osuu hin taane, inni waan tokkollee badii akka hin qabne
akka itti himamu barbaada. Waanti ati gootu marti sirrii akka ta’e

Ifargan Guddataa Itichaa [ 10 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

akka siif mirkanaa’uuf jettee gaa’ilatti hin seeniin – karaan kana


ittiin raawwattu kan biroo danuutu jira. Kun dhimma ilaalcha mataa
ofiitti nu geessa. Sirrii yoo taate siriidha – sirrii miti taanaan sirrii
miti. Gaa’illi isa kanaaf karaa kamiinuu furmaata hin ta’u.

Irra deebiin of ilaaluuf gaa’ilatti seenuuun gaa’ila jaalala irratti


bu’uureffate osuu hintaane of amanuuufi. Shakkii cimaa of
keessatti uumuun of miita. Namni sun miira kee hubachuun
fooyyee xiqqoo siif laata.

Sababa kanaan lamaan keessanuuu jaalala dhugaa dogoggoraa


hubachuun gaa’ilatti seenuuf murteessitu. Haa ta’u malee jaalalli as
keessatti hammatame hin jiru. Siif gaa’illi kun karaa salphaa ittiin
yaadota kee warra si muddan sana keessaa baatuufi sirrii ta’uu kee
of amantudha. Waan kanaaf hin kufiin. Jaalalli akkasii kufaatiitti
dhiyoodha.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 11 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

5. Sodaa lafatti hafuu

S odaan kun saala lameenuu ni miidha. Shamarran garuu dhiira


caala itti miidhamu – keessumaa hammuma umriin isaanii
dabalaa deemu. Addunyaa ammayyoomte keenya keessatti miirri
gatii ofiif kennuu shamarranii gaa’ila, manaa fi maatii irratti kan
xiyyeeffatu dhiiraan caalatti. Shamarran osuu hin heerumiin umriin
isaanii waggaa 30 geenyaan dhiphina keessa seenuu eegalu. Sodaan
humnaa oliis keessa isaanii buufata. “Ani amma maal gochuun
qabaa? Ana malee, hundumtuu gaa’ila dhaabbatee jira. Daree
eebbifamtoota keenyaa keessaa ana qofatu osuu gaa’ila hin
dhaabbatiin jira. Rakkoo akkamiin qabaa?” ofiin jedhu.

Yaada kana sammuutti qabachuun dhiira yeroo jalqabaaf fedhiii


xiqqoo wayii itti agarsiise duukaa qaariti.

Inni isheef nama gaarii ta’uu baatullee – kun ishee hin dhiphisu.
Inni amala badaa jireenyashii balaarra buusu qabaachuu mala –
garuu inni isheetti hin mul’atu. Waanti isheen argitu inni isheef
fedha qabaachuusaa qofa. Inni isheerraa faayidaa argachuuf kan
deemu ta’ullee, waan na jaalatuuf anis nan jaaladha jettee of
amansiifti.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 12 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Yeroo inni gaaffii gaa’ilaa dhiyeessuuf, “Galatoomi Waaqayyo!”


jettee takkaan simatti. Rakkoon inni guddaan garuu waaqayyo
dhimma keessaa qabaachuu dhabuu isaati. Sodaan ishee inni
“Beera dulloomtuu” jedhamuu sun murtoo badaa akka murteessitu
ishee taasisa.

Dhiirris dogoggora walfakkaataa akkasii ni uuma. Sodaa umurii


isaa guutuu qeerroo ta’uu irraa kan ka’e dubartii isaaf hin malle
wajjin gaa’ilatti seena. Sodaan lafatti hafuu dhiiraafi shamarree
danuu, waan osoo obsanii fi amananii waaqayyoon eeganii argatan
isaan dhabsiisa. Yeroo cimdooliin soda lafatti hafuutiif gaa’ilatti
seenaan waantota lamaan keessaa tokko ni uumama. Gaa’illi isaanii
gargar diiggachuu yookaan fedha isaanii malee jireenya
gammachuu hin qabne waliin jiraachuu.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 13 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

6. Sodaa of danda’uu

N amoonni tokko tokko maatii isaaniirratti hirkatanii waan


guddataniif – yeroo ga’eessa ta’anii carraan qofaa bahanii
isaan mudatu nama kan biraa kan irratti hirkatanii jiraatan
barbaadu. Yeroo tokko tokko maatiin daa’imman isaaniif itti
gaafatamummaa guutuu fudhachuun daa’immaan isaanii
hirkattummaa barsiisanii guddisu. Itti yaadaniis ta’uu osoo itti hin
yaadiin, waan hundumaa daa’imman isaaniif hojjechuun – ofii
isaanii akka yaadanii waa raawwatan barsiisuu irraa kufu. Maatiin
tokko tokko ilma/intala isaa hamma dhumaatti “Mucaa koo”
jechuun akka daa’imaatti isaan kunuunsaa hafa. Daa’imni maatii
isaarratti hirkatee guddate qooddataa gaa’ila isaatti hirkatee
kunuunsa walfakkaataa argachuuf jecha gara gaa’ilaatti seena.

Yeroo itti kophaa dhaabbachuun of danda’uun dirqiin itti dhufu,


baay’ee nahu. Sababni isaayyuu muuxannoo waan hin qabneef. Itti
gaafatamummaa kanaan duraa isaan mudatee hin beeknetti gaafa
bahan, baachuu hindanda’an. Namni soda of danda’uu qabu
kamiyyuu gaa’ilatti seenuuf qophaa’aa miti.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 14 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Gaa’illi milkaa’aan haadha manaafi abbaa manaa of danda’uutti


amananiii fi dandeettii isaa qaban gidduutti kan ijaaramudha.

7. Sodaa nama biroo miidhuu

I nni kun yeroo danuu hamma nuti yaadnuun olitti irra deddeebiin
nu mudachuu danda’a. Dargaggeessi tokkoofi dargaggeettiin
tokko yeroo dheeraaf wal beeellamanii wal argaa turan haa jennu.
Isheen waa’ee gaa’ilaa itti kaaftullee inni garuu qophaa’aa miti.
Akka ishee hin jaalanneefi gaa’illi akka deebii hin taane yoo beeke
illee, yoon ishee dhiise maaltu uumama soda jedhu qabaata.
Sababiin isaas irra deddeebiin jechoota akka armaan gadii itti
dubbachaa turteetti ta’a. “Yoo ati na dhiifte, nan du’a”, “Yoo ati na
dhiifte, ofan ajjeesa” fi kanneen kana fakkaatan. Akkaataa kamiin
akka salphaatti ishee dhiisu waan dhabuuf, ishee fuudhuuf
murteessa. Waanti kun dhiibbaa dhiirri tokko durba gaa’ilatti galuu
hin feene irratti godhus illee duubdeebiin ni ibsa.

Sababiin taateen akkasii uumamuuf, namoonni danuun sadarkaa


hariiroo adda baasanii hin beekan. Dhiirri tokko durba tokko
affeerraa laaqanaa taasiseef jechuun isaan gaa’ilatti seenuuf
gahoodha jechuu miti. Hiriyoota jechuu dandeenya.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 15 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Hamma isaan keessaa inni tokko hamma hariiroon isaanii gahuun


olitti dubbisuu eegalutti waanti hunduu gaarii ta’a. Amma isa
tokkotti miirri yakkamtummaa dhagahamutti, inni tokko dhiibbaa
irratti gochuu danda’a.

Karaa kamiinuu gaa’illi soda wayiirratti hundaa’ee dhaabbii jabaa


hin qabaatu. Ssababii nama biroo nan miidha jettee sodaattuuf
gaa’ilatti hin seeniin. Lameen keessaniifuu, gaa’ilatti seentanii
dhukkubbii umurii keessan guutuu dhamdhamuurra, dhukkubbii
yeroo muraasaa fi dhaabbataa hin taane keessa darbuu isiniif
wayya.

8. Nama biroof gorsaa ta’uuf


ababni kun miira maraatummaan na kofalchiisa – garuu kun
S sababii namoonni danuu itti gara gaa’ilaatti seenanidha. Nama
gorsa, beekumsaafi qajeelcha isaanii barbaaduuf miira itti
gaafatamummaatu isaanitti dhagahama. Ofeeggannoo godhi.
Gurbaa! Sababii dargaggeettiin tokko gorsaan akka ishee
deeggartuuf gara kee dhufteef fuudhuu hin qabdu.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 16 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Dargaggeettittii! Sababii dargaggeessi tokko qajeelcha akka


kennituufiif gara jireenya keetti dhufeef inni abbaa manaa kee ta’uu
qaba jechuu miti. Jaalalli gorsitoota waliif ta’uu irratti kan
bu’uureffate miti.

Namoonni yeroo dheeraaf gorsitoota walii ta’uun waliin turan miira


gubaa wayii waliif uummachuun isaanii waan addaa miti.
Namoonni ofeeggannoo hin goone haala salphaan haala kanaan
kufanii of argu. Ogeeyyiin gorsaa dhimma kanarratti ofeeggannoo
guddaa gochuu qabu.

Gaa’illi fayyaalessii ida’ama dhiiraafi dubartii tokkoo


akka maatii walqixaatti, lameen isaaniiyyuu miiraan
bilchaatoofi eenyummaa isaanii, akkasumas ilaalcha
ofiif qaban irratti ofeeggannoo godhaniiti.

Nama yeroo hundumaa gorsa kee barbaadu wajjin gaa’ila yoo


dhaabbatte, yeroo hundumaa boqonnaa waan siif hin kennineef
miirri kee akka dadhabaa deemu taasisa.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 17 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Dandeettii mataa isaatti kan hin amanne qooddataan gaa’ila keetii,


kan waanuma xiqqoo kamiifiyyuu murteen kee akka keessa jiraatu
barbaada. Qooddataa gaa’ila kee kan waanuma kamillee ofiisaatii
yaadee murteessuu hin dandeenye caala si aarsu hin jiru. Kiyyoo
sanaan hin qabamiin. Namni gorsa walitti fufaa barbaadu kamuu
gaa’ilaaf qophii miti.

9. Sababii walquunnamtii saalaa raawwataniif


arsiisa dulloomaa kan, “dhiirri tokkoofi dhalaan tokko yoo
B seeraan wal fuudhuu baatanillee, walquunnamtii saalaa
waliin raawwannaan walfuudhaniiru” jedhu tokkotu ture. Kun
gonkumallee dhugaa ta’uu hin danda’u. Walquunnamtiin saalaa
gaa’ilaaf wabii ta’uu hin danda’u. Walquunnamtiin saalaa
kophaasaa gaa’ila diiguus ta’ee ijaaruu hin danda’u. Akka karoora
waaqayyootti, walquunnamtiin saalaa gaa’ila keessatti qofa kan
eeyyamamudha. Inni gaa’la waan biraarratti hundaa’uun ijaarame
jabeessuu fi mi’eessuuf kan uumamedha.

Walquunnamtiin saalaa gaa’ilaan alaa waanta sirrii hintaane,


xiinsammuu kan hubu, miira kan madeessuu fi cubbuun kan
guutamedha.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 18 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Kanaafuu walquunnamtii saalaa waliin raawwachuun gara


gaa’ilaatti nama seensisuuf sababa gahaa miti. Ofdaangessuun
namoota gaa’ilatti hin seennee fi keesumaa amantootaaf tooftaa isa
qofaa fi qofaadha.

10. Sababii isheen ulfoofteef


lfaa’uun walquunnamtii saalaatiin olitti gaa’ilatti seenuuf
U sababa gahaa ta’uu hin danda’u. Namoota walquunnamtiin
saalaa gaa’ilaaf sababa gahaa miti jedhanii amananiifillee,
ulfaa’uun yeroo ilaalcha addaa kennuufitu jira.

Shakkii tokko malee abbaa mucaa keessatti yaadni wayii lafa


qabatti. Ulfaa’uun ragaa walquunnamtiin saalaa raawwatamuu irraa
kan hafe waan biraa hin qabu. Abbaa mucaafi haadha mucaa
gidduutti walquunnamtiin saalaa raawwatamuu malee, jaalalliifi
kutannoon jiraachuuf ragaa miti. Ulfa gaa’ilaan alaa irratti cubbuu
gaa’ila hin barbaachifnee dabaluun gowwummaa guddaadha.
Dhukkubbiifi miidhaa onnee isaanitti uuma. Keessumaa daa’ima
gidduu isaaniitti uumamteef carraa badaadha.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 19 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Dogoggorri tokko dorgommii jireenyaan ala si taasisuu hin


danda’u. Akkuma walquunnamtii saalaa, ulfaa’uun illee gaa’ilatti
galuuf sababa miti – gaabbiif malee. Yoo nama waliin daa’ima
godhatte waliin gaa’ila uummachuu baattellee, waaqayyo lameen
keessaniifuu simboo fi beekumsa gahaa kan ittiin daa’ima sana
guddiftan isiniif kenna.

SABABOOTA SIRRII NAMOOTNI ITTIIN GARA GAA’ILAATTI


SEENAN KURNAN

A
kkuma sababoota dogoggoraa kanneen adda baafne,
sababoota sirrii ta’an illee adda baafneerra. Sababoonni
kurnan nuti as jalatti tarreessinu qabiyyeewwan adda
bahan osuu hintaane, walitti dabalamuun sababa barbaachisummaa
gaa’ilaa ta’u. Yeroo isaan kunneen gaa’ilatti galuuf sababoota sirrii
ta’an, addaan bahuun kophaa isaa sababa gahaa kan ta’u hin jiru.
Gaa’illi milkaa’aan hundas ta’uu baatu, isaan armaan gadii
baay’inaan of keessaa qaba.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 20 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

1. Akeeka Waaqayyoo waan ta’eef

I nni kun sababoota hundumaa keessaa isa hangafaadha. Gaa’ila


akeekee kan uume waaqayyoodha – eenyumtis illee waaqayyo
caala waa’ee gaa’ilaa hin beeku. Akka amantootaatti
xiyyeeffannoon keenya karaa hundumaan akeeka waaqayyoo
waanta ta’e raawwachuudha. Inni kun qooddataa gaa’ila keenyaa
filachuu dabalata. Sababii hanqina beekumsaatiif yookaan hir’ina
amantiitiif haa ta’uu, amantoonni baay’een jireenya isaanii
keessatti dhimma gaa’ilaa irratti amantoon isaan waaqayyorraa
qaban ulfaataa ta’a.

Cimdooliin warreen gaa’ila waliin dhaabbachuu barbaadan yeroo


bal’aa fudhachuun waliin waaqayyoon kadhachuufi dhimmicha
irratti fedha waaqayyoo barbaaddachuun dirqama. Sababii lachuun
keessan amantoota taataniif qofa isin lameen namoota sirrii waliif
uumamtanidha jechuun hin danda’amu. Baay’ee obsi.
Amanamummaan waaqayyoon amanuun fedha fi akeeka isaa eegi.
Yeroo waaqayyo akka ati gaa’ila dhaabbattuuf si waamutti, inni
nama hariiroo waaqayyoon of keessatti hammate, jaalala hundee
jabaa qabu, jaalala surraa qabuu fi mana waaqayyoon simatu -

Ifargan Guddataa Itichaa [ 21 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

akkasumas, mul’ataa fi kaayyoon kan guutame kan si faana hirmatu


qopheessee siif dhiyeessa. Gaggeeffama isaa yoo eeggatte, inni
nama siif sirrii ta’e yeroo isaatti gara jireenya keetti erga – yeroos
immoo fedha waaqayyoo ta’uusaa adda baafattee beekta.

2. Jaalala waaqayyoo nama biraatti agarsiisuuf

G aa’illi fakkii walitti makaminsa afuuraa fi jaalala abbaa,


ilmaafi hafuura qulqulluu gidduu jiruuti. Akkasumas jaalala
waaqayyo namoota isaaf qabuu fi jaalala kiristoos waldaadhaaf
qabu dhaadhessa. Jaalalli waaqummaa yookaan Aggaappee, jaalala
isa jalqabaa, jaalala dhugaafi jaalala isa jaalalli hundi irraa
maddedha.

Aggaappeen filannoo isa xumuraafi fedha waaqayyoon kan


bu’uureffamedha. Waaqayyo uumaa harkasaa kan taane nuyiin,
jaalala isaaf gahoo kan nu taasisu homaa gochuu baannullee, nu
jaalachuu filate. Phaawuloos – gaggeessaan guddichi waldaalee
durii – “Waaqayyo garuu, otuma nuyi cubbamoota taanee jirruu,
kiristoos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaallatu in
agarsiisa” Rom 5:8 jedhe. Jaalalli waaqayyoo haalarratti kan
hundaa’e miti.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 22 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

God’s love is unconditional.

J
aalalli namootaa illee jaalala aggaappee irraa caaseffama
qooddata. Eega aggaappeen jaalala waaqayyo namoota
hundumaa keessa kaa’e ta’ee, namoonni muuxannoo kana
qooddachuuf gaa’ilatti seenuu hin qaban. Haa ta’u malee, gaa’illi
karaa namoonni jaalala aggaappee kana walitti agarsiisan ta’uuf
ulaagaa guutuu kan qabu miti. Aggaappeen si’eessitoota walitti
makaminsa gaa’ila dhugaa keessaa isa tokko. Yeroo abbaan
manaafi haati manaa ulaagaa haala kamiyyuun ala ta’uun wal
jaalatan, filannoon sun yeroo isaan itti wal jaalachuu dhaabanittillee
keessa isaaniitii dammaqa. Gaa’illi milkaa’aafi fayyaalessi yeroo
kamiyyuu aggaappee irraa eegala. Gosti jaalala inni biroo
kamiyyuu damee jaalala aggaappeeti.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 23 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

3. Jaalaala namummaa nama birootti agarsiisuuf


aalalli saalaa fayyaalessi walitti makaminsa olka’insaafi
J gosoota jaalalaa garaagaraa of keessatti qabachuu qaba. Inni
jalqabaa aggaappeedha - Jaalalli haala maleessaa kan gosoota
jaalala hundaaf madda ta’e. Gaa’illi ibsa jaalala namummaaa
haadha warraafi abbaa warraa gidduu jiru ta’uu qaba. Akkasumas
dharraa sadarkaa waliin boonuufi wal quba qabaachuu nama
kamiifuu hin kennine walitti agarsiisuu qabu.

4. Fedha walquunnamtii saalaa karaa fedha waaqayyoo


ta’een guuttachuuf

D harraan walquunnamtii saalaa waaqayyoon kan kenname


yoo ta’u, karaa fedha waaqayyoon (gaa’ila keessatti) yoo
raawwatame, namootaaf waan gaariidha. Qofaa isaa garuu dharraan
walquunnamtii saalaa gaa’ilaaf sababa gahaa ta’uu hin danda’u.
Sababoota biroo kanneen akka jaalalaafi dharraa jiruu ofii waliin
gaggeeffachuu, waliin qindaa’uun garuu waan jabaafi kaka’umsa
uumamaa ta’a. Jaalalli dhiiraafi dhalaa kan hariiroo dheeraa waliin
qabaachuuf qindaa’uu qabu tokko dharraa saalquunnamtii uumuun
hin oolu.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 24 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Amantoonni warri dhugaadhaan jireenya isaanii kiristoosiin


barbaaduurratti hidhatan garuu dharraa saalquunnamtii isaanii
karaa waaqayyotti toluun qofa bahuu qabu.

Gaa’illi motora waaqayyoon qixeeffame ta’ee karaa ittiin dharraa


saalquunnamtii bahanidha. Dhaamsi phaawuloos amantootaaf
ergaa warra qoromxoos keessatti kaa’e dubbii ogummaa qabdudha.

Qoronxoos 7:1-5, 8-9

“[1]Gaaffiin isin anaaf caftan na gaheera; Waa’ee dhiiraa fi dubartiin walii


wajjin jiraachuu garuu, namni dubartii bira dhaquu yoo dhiise gaariiidha.
[2]Qorama ejjaa ooluudhaaf garuu, dhiirri adduma addaan haadha manaa

ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abbaa manaa ofii isheetii
haa qabaattu. [3]Abbaan manaa jaalaalaan haadha manaa isaa bira haa
gahu, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu. [4]Haati
manaa abbaa manaa ishee malee, dhagna ishee akka jaalatte gochuu hin
dandeessu; abbaan manaas haadha manaa isaa malee dhagna isaa akka
jaallate gochuu hin danda’u. [5]Yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf itti walii
galtan irraa kan hafe, wal bira gahuu wal hin didiinaa; isa booddee of qabuu
dadhabuu keessan irraa kan ka’e immoo, seexanni isin qoruudhaaf karaa
akka hin argannetti, deebitanii wal bira hin geessu. … [8]Warri hin
fuudhiinii fi warri abboonni manaa isaanii irraa du’an akka koo fuudhaa fi
heeruma malee yoo hafan isaaniif ba’eessaa, nan jedha. [9]Of qabuu hin
danda’an yoo ta’e garuu haa fuudhan, haa heerumanis; Kajeellaa fooniitiin
gubachuu irra fuudhuu, heerumuus hin wayya.”

Ifargan Guddataa Itichaa [ 25 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

5. Dharraa maatii horachuu


harraan daa’imman horachuu dharraa waaqayyo keessa
D namootaa kaa’e yoo ta’ellee, qofaasaa gaa’ilatti seenuuf
gahaas miti – sabaaba jalqabaas miti. Gaa’illi gammadoo danuun
kan fedhiin yookaan sababa garaagaraan daa’imman hin qabne
danuutu jiru. Gaa’illi gammachuufi milkaa’aan daa’imman irratti
hin hundaa’u. Daa’imman eebba waaqayyoofi bareechitoota
gaa’ilaati. Cimdoonni warren daa’imman hawwanis waan gaarii
hawwu. Macaafa faarfannaa 127:3-5 irratti, “[3]Elaa ijoolleen
kennaa waaqayyooti, dhala godhachuunis bu’aa inni namaaf
kennudha. [4]Ilmaan dargaggummaadhaan godhatan, akka xiyya

harka jagnaa keessa jiruuti. [5]Namni warra akka xiyya kanaa


guuttate, haa gammadu! Isaan lafa yaa’iitti diinota isaanii
wajjin, yeroo walitti falman hin yeellaasifaman” jedha.

Daa’imman guddisuuf bakki gaariin akka mana waaqayyoo, gaa’ila


harka waaqayyoon ijaaramee hin jiru.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 26 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

6. Walitti hidhamuuf (Companionship)


harraan walitti hidhamuu, sababa quubsaa gaa’ilatti seenuuf
D godhamudha. Namni kamiyyuu hawwii hiriyaa dhuunfaa
isaa qabaachuu qaba. Walitti hidhaminsiifi hiriyummaan gaa’ilaan
alattillee uumamuu kan danda’u yoo ta’u, walitti hidhaminsi abbaa
manaa fi haadha amanaa gidduu jiru daran quubsaadha. Namni
hawaasa walii walii isaatti gammaduuf uumamedha. Waaqayyo
yeroo jalqaba nama uume, uumama jiran hundumaa keessaa
namaaf gargaaraa isa dhugaa kan ta’e argachuu hin dandeenye.

Abbaan manaa haadha manaa isaaf


hiriyaa gaarii ta’uufii qaba; haati manaas akkasuma.

Seera uumamaa 2:21-24

“[21]Waaqayyo gooftaan namichi rafee akka of wallaalu godhe; otoo


namichi rafuu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo isaatti
foon hin guute. [22]Waaqayyo gooftaan lafee cinaacha isa namicha
keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee namichatti hin geesse.
[23]
Namichis, ‘Amma reefuu ta’e; isheen kun lafeen ishee lafee koo
keessaa, foon ishee foon koo irraa fuudhame; isheen kun namatti waan
argamteef, <Namee> jedhamtee haa waamamtu’ jedhe.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 27 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

[24]
Kanaafis, dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa hin dhiisa, haadha
manaa isaattis hin maxxana; isaan lachuu foon tokko hin ta’u.”

Gaa’illi hiriyummaa fi walitti hidhaminsaaf uumame.

7. Waanta qaban hundaa waliin qooddachuuf

H imama durii tokko keessa dhugaa tokkotu jira. Yeroo gadda


keenya waliin qooddannu, gaddi keenya harka walakkaan
nuuf salphata, yeroo gammachuu keenya waliin qooddannu,
gammachuun keenya harka lamaan nuuf dabala. Gaddi, mukuufi
yeroon ulfaata nama ofii kan wajjin qooddatan yoo qabaatan
baay’ee salphata. Gammachuufi kolfi keenya nama ofii waliin yoo
qooddatame dachaan dabala. Jaalalli waaqayyoo inni dhiiraa fi
durba waliin uume, dharraa waan qaban hunda waliin fayyadamuu
isaan keessa kaa’eera – keessumaa hawwii jireenya isaanii isa
ajaa’ibsiisaa fuulduraa waliin qooddachuu.

Gaa’illi dhiiraafi durba bara jireenya isaanii gara fuulduraa


guutummaatti waliin dabarsuu barbaadaniifi waantota akka
jaalalaa, kabajaafi jireenya waliin qooddachuu barbaadaniif fedha
waaqayyoon uumame.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 28 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

8. Waliin hojjetanii fedhii walii waliif guutuuf

J aalalli saalaa haadha manaafi abbaa manaa gidduutti fedhii


walii wal hubachuu keessa isaaniitti uuma. Inni kun kennuu fi
fudhachuu kan lameen isaanii gidduutti miireffannaa guddaa uumu
qaba. Namni kamiyyuu fedhii qaamaa, sammuu, miiraa fi afuuraa
wajjin dhalata. Fedhii nyaataa, dhugaatii, uffannaa fi dawoo; fedhii
nageenya sammuu, fedhii soda kamirraayyuu bilisa ta’uu fa’aa.

Gaa’illi carraa saphuuphawaa kan dhiirrii fi durbi waliin dalaguun


fedhii walii walii isaanii guutuu uuma. Wal wajjin ta’uufi
waaqayyotti amanuun haala ulfaataa isaan quunname kamiyyuu
injifachuu ni danda’u.

Lallaba 4:12

“12Namni tokko nama kophaa adeemu tokko humna caalee yoo


kuffise, warri lama ta’anii adeeman isaan mormuu hin danda’u;
fo’aan dacha sadiin walitti fo’ame dafee hin citu.”

Ifargan Guddataa Itichaa [ 29 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

9. Gahumsa walii walii dabaluuf


urtuun jireenya milkaa’aa hamma yaada ofiin olitti yaaduu fi
F dalaguu barachuun gahumsa ofii guddisanii qullaa ofii
du’uudha. Gaa’ila milkaa’aa keessatti cimdooliin lameenuu wal
jabeessuun gahumsa ofii isa xumuraarra akka gahaniif wal
gargaaru. Dharraan nama jaalattu tokko gargaaruun waan
inni/isheen ta’uu danda’uu/ssuu sababa fayyaalessa gaa’ilaatti
seenuuti.

Gaa’illi dirree itti abbaa manaafi haadha manaan eenyummaa


isaanii, afuura isaanii fi gahumsa isaaniirratti wal deeggaruun gara
sadarkaa itti aanuutti wal ceesisanidha. Gaa’ila keessattii
cimdooliin haamilee waliif ta’uu, waliif kadhachuu, qoranii wal
cimsuu, haala mijataa waliif uumuu fi jireenya wal leenjisu.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 30 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

10.Guddina afuura walii dabaluuf


ababii kennaa waaqayyoo ta’eef, gaa’illi amantootaaf:- dhiirrii
S fi durbi amanamummaan hariiroo waaqayyoon of keessatti
hammate keessa kan jiraatanidha. Inni dhiiraafi isheen durbaa
lachuu jireenya waaqayyoon wajjiniitti akka guddataniif wal
deeggaruu qabu. Waliin waaqayyoon galateeffachuu, waaliin
kadhachuu, barreeffamoota afuuraa waliin dubbisuu fi adeemsa
afuuraa waliif itti gaafatamummaa fudhachuun murteessaadha.

Efeson 5:23 irratti, “Kiristoos mataa waldaa kiristaanaa akka ta’e,


abbaan manaas mataa haadha manaati” jedha. Kanaaf abbaan
manaa guddina afuura maatiif utubaa kaa’uu qaba. Haa ta’u malee
lameen isaaniiyyuu dhimma guddina afuuraa irratti itti
gaafatamummaa fudhachuu danda’uu qabu.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 31 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

Guduunfaa
ababoota dogoggoraa ittiin gara gaa’ilaatti seenan kurnaan

S waanti wal fakkeessu tokko jira. Innis,


xiyyeeffachuu (self-centered) yookaan ofittummaadha
(Selfish). Ofittummaan sababa fayyaalessaa gaa’illi irratti
ofirratti

ijaaramuu danda’u miti. Karaa biraan, sababoota fayyaaleyyii


kurnaan kan wal fakkeessan of qofaarratti kan xiyyeeffatame miti.
Akka waaqayyo jaalala uumetti nama biraaf of kennuu irratti kan
xiyyeeffatedha. Isaan kun riqaa gaa’ila milkaa’aafi gufataa,
gaa’ilaa gammaachiisaafi gaddisiisaa, gaa’ila gaarii fi badaati.

Ifargan Guddataa Itichaa [ 32 ] Barruu Dr. Myles Munroe


MAALIF GA A’ILATTI SEENTAA?

I
fargan Guddataa Itichaa dhalatee kan guddate godina shawaa
lixaa aanaa Tokkee Kuttaayeetti. Yeroo kana yuunivarsiitii
Haramayaatti barataa saayinsii kompiitaraa waggaa 4ffaadha.
Kanaan dura kitaaba kuusaa walaloo “Ee Garam?” jedhu
qopheessuun dubbiftootaaf kan gumaache yoo ta’u, amma
ammaatti yoo hin arganne channel telegram t.me/ifargantech jalaa
argachuu dandeessu. Dabalataan kitaaba xiinsammuu
“Qimmiiddaa” maxxansiisuun dubbiftootaan gahee waan jiruuf
barbaadaatii dubbisaan dhaamsa kiyya. Kunis gumaacha kiyya!

Na quunnamuuf +251-919-77-8608 fayyadamaa

Ifargan Guddataa Itichaa [ 33 ] Barruu Dr. Myles Munroe

You might also like