Professional Documents
Culture Documents
Daandii Guddinaa
Daandii Guddinaa
January 01/2015
Kaayyoo Kitaabichaa
Namoonni karaa ilma isaa Yesuus Kiristoosin kan qopheesse karaa fayyinaa
beekuudhaan wabii jireenya bara baraa mirkaneeffatan mana Waaqayyoo keessatti
akkamitti guddachuun akka isaaniif ta’u argisiisuun kallattii guddina hafuuraa akka
hubataniif faayidaalee isaa ibsuu fi amantoonni hundumtuu ergamtoota wangeelaa akka
ta’an karaa gochuu danda’amu itti yaadamee kitaaba qophaa’e yommuu ta’u itti
fufiinsaan wangeelatti amananii kan fayyan hundumtuu warra itti aananii amanan
hojjetaa wangeelaa taasisuuf guutummaa humna waldaa kiristaanaa sochoosuun
dhimmanii ciminaan akka hojjetan kaayyodhaan itti yaadamee kitaaba qophaa’e dha.
Gooftaan yeroo gaarii akka isiniif kennu hawwii koo isa guddaa dha.
Waa’ee Kitaabichaa
Barruun kun kitaaba xinsammuu fi hafuuraa ti. Nama daandii jireenyaa dhugaa irra
adeemuuf cimina hafuuraa ni kenna. Akkasumas, warra gara jireenya boqonnaa kanaatti
hin dhufin immoo akka isaan karaa qajeelaa ta’e filatanii jireenya keessa jiran sana
haareffatanii jiraataniif ni waama. Namni kitaaba kana dubbisu hundinuu erga dubbisee
yookiin erga baratee booda jireenya jiraachuun ta’u namoota hin baratin biraan gahuuf
adaraan itti kennameera. Mata duree Daandii Guddinaa jedhu kana jalatti mata duree
xixiqqaan tarreeffamaniiru. Baruumsa kana namni kamiyyuu barachuu ni danda’a.
“Inni karaa qajeelinaa irra hin jirre karaa isaa isa jal’aa haa dhiisu, gara Waaqayyoottis
haa deebi’u.” Namoonni yaada isaanii wajjin walbira qabanii ilaaluu fi wanta isaan
fayyadu baruumsa kana keessaa argachuu danda’u kan jedhu itti yaadamee
qophaa’eera.
Kitaaba mata duree Daandii Guddinaa jedhu kana namni hundinuu dubbisee beekumsa
haaraa fi dabalataa ofii isaatii argatee hiriyoota isaa, maatii isaa, waldaa isaa barsiisuuf
akka of qopheessuuf adaraan itti kennameera.
Seensa
Ati sababa lafa kana irratti uumamteef gahee addaa qabda. Gahee kee utuu hin xumurin,
bakka itti barbaadamteef sana utuu hin gahin akka hin darbineef yeroo hundumaa
jireenya keetiif kunuunsa barbaachisu taasisi! Yeroo siif kenname guutummaatti itti
hojjedhu! Akkasitti galma fiixan bahiinsaaf of qopheessita.
Namni adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin godhatu jireenya ofii isaa irra darbee
dhalootaaf eebba ta’a. Ati biyya lafaa kana irra hamma jiraattutti ofiidhuma keef jiraatta
taanan dogoggortee jirta. Dhaloonni si booda dhufan si ilaalanii waan tokko si irraa
akka barataniif gumaaacha gochuuf dhama’uu qabda. Kunis guyyaa guyyaatti daandii
irra adeemtu qorachuu si barbaachisa. Wanta ati har’a facaaftu boru si’ii fi warra si
booddeetu haammata.
Yaada Gulaaltotaa
“Namoonni karaa online (telegram) tajaajilli kee nutti toleera! Garuu yeroo hunda
online galuu namoota hin dandeenyeef kitaaba bifa PDF tiin utuu nuuf maxxansitee
jechuun yaada naaf dhiheessitan kunoo qindeessee isiniif dhiheesse! Barruun kun
barruu hafuuraa fi xinsammuu kan ta’ee fi isa jalqabaati. Dubbiftoota Daandii
Guddinaa fi milkaa’ina achi keessaa argamu beekuu fi bira gahuu barbaadaniif
dhimmi ni baafti! Yeroo gaarii qabaadhaa!”
Karaa hundumaan isa na gargaare Waaqayyo nan galateeffadha. Namoota kallattii adda
addaatiin na cina dhaabatan Waaqayyo isin haa eebbisu jechuun barbaada. Abbaa koo
Obbo Abarraa Onnataa, akkasumas obboleessa koo Daani’el Abarraa kabajaa jaalala
guddaan isiniif qaba. Hiriyaa koo baay’ee jaaladhu Tahir Jawaro yeroo hundumaa
akkan cimee barreessu yaadan na jajjabeessaa ture Waaqayyo bara kee haa eebbisu
jechuun jaaladha. Akkasumas Abbabuu Badhaadhaa, Caroo Didhaa fi kanneen maqaan
keessan asirratti hin dha’amin hundumtuu Waaqayyo bara keessan haa eebbisu.
Baafata
1. Daandii Guddinaa
1.2.5 Jireenya Gaarii fi Yaada Qajeelaa Qabaachuu (For new life having good idea)
.................................................................................................................................. 4
2.1 Dhaloota Beekumsa Mataa Isaatiin Fiigu Seexannii fi Biyyi Lafaa Isaan
Gufachiisuuf itti Dhiyoo dha. ........................................................................................... 9
5.5.5 Isa lafa irraatiif moo isa waaqa irraatiif cimsitee hojjattaa? .......................... 33
6.2 Har’a kan nuti walii keenyaf gochuu dandeenyu maali? .......................................... 35
Xumura
Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)
Daandii Guddinaa
Namoonni adeemsaaf yommuu karaa irra bu’an kallattiin adeemsa isaanii galma
fiixaan bahiinsa qabu biraan isaan gahuu danda’uu isaa kan ittiin beekan keessaa
tokko dursanii karaa isaanii sakkatta’uu fi mirkaneeffachuu qabu.
Karaan hundi milkaa’aa namatti fakkaateef yookiin immoo mijataa ta’eef irra adeemuun dhumni
isaa kufaatii ta’uu danda’a. Daandiin Guddinaa karaa milkaa’inaa akkasumas sagalee Waaqayyoo
irratti hundoofnee karaa ittiin milkaa’ina jireenyaaf dhugaa wangeelaa ittiin wal hubachiifnuu fi
dubbii jiraataa sagalee Waaqayyoo waliin qayyabannuu fi waliif qoodnu dha.
“Ati warra qajeelotaaf karaa ni tolchita. Daandiin isaan irra adeemanis akka
wal qixxaatu ni goota.” (Isa. 26:7).
Jireenya kee jaaladhu! Yoo har’a cimaa taatee yaaddoo, haala rakkisaa mo’attee darbite guyyaa
borii argita. Abdii kee biras geessa. Dhaloota daandii guddinaa irra adeeman haala rakkisaa
darbanii ce’an haa qabaannu.
Guddinni isa kami dha? Sammuudhaan yookiin yaadan guddachuu, qabeenyaan guddachuu,
hafuuraan guddachuu, fooniin guddachuu. Guddinni kan armaan olii hunduma ta’a. Akkaataa
caalmaatiin yoo ilaalle immoo guddinni akkaataa tattaaffii fi kaka’uumsa qabaniin milkaa’inni
hunda caalu ni argama.
“Wanta hojjatamuun irra jiraatu yeroo isaatti xumuruuf gama keetiin kallattii dandeessu
hundumaan hojjachuuf itti cichuun sirraa eegama.”
“Iddoo kana jiraachuun kee tarii fedha Waaqayyoo ta’uu danda’a wanta hojjachuun siif ta’u
yeroodhaan hojjadhu. Ulfina Waaqayyootiif hojjadhu.”
“Jireenya kee guyyaa guyyaa irratti waaqayyoon affeeri! Ulfina maqaa Waaqayyoo beeksisi!”
Abbaan furmaataa tokko rakkoolee kudhaniif karaa tokko qofaan furmaata itti laata utuu hin ta’in,
rakkina tokko karaa kudhaniin furmaata kan itti laatudha. Kunis taa’anii itti yaaduu fi
karoorsuudhaani. Sammuu ofiitti fayyadamuudhaani. Abbaan furmaataa immoo abbaa yaadaati.
Kanaafuu yeroo hundumaa yaada sammuu kee keessa jiran baasii itti hojjedhu!
Wanta hojjatu hundumaaf itti gaafatamummaa fudhachuun amala nama ogummaa qabu tokkooti.
Wanti hojjannu dudduubni isaa ittiin jiraachuuf (business) ittiin argachuuf qofa ta’uu hin qabu.
Wantoonni itti yaadamuu qaban tokko tokko ni jiru:
Jireenyi nama tajaajiluu maal fakkaachuutu irraa eegama? Namni namoota kaaniif hojjatu yookiin
tajaajilu yaada isaa, karoora isaa, jireenya isaatiin fakkeenya gaarii ta’ee hojjachuutu irra jira.
Jireenya harkaa gara afaanii keessaa bahuudhaan namoota hundumaaf dhimmee yaaduudhaan
namoota hundumaa biratti fudhatamummaa qabaachuu isaa dabaluu danda’uutu irra jiraata.
Mukti jalqaba qajeelee yoo hin guddanne sirreessuun ulfaatadha. Jireenyi nama tokko tokkootis
ganamaan yoo of qajeelche, of ijaare yookiin namoota beektota waliin ta’uun ogummaa horate
malee karaa dheeraa beekumsa malee qaxxaamuruun utuu ija baay’ee godhachuun danda’amu
jiruu hir’uu nama taasisa. Maatiin ijoollee isaanii yommuu guddisan kallattii kamtu gaarii fi karaa
kamtu immoo akka isaan miidhu barsiisuun irra jiraata. "Ati garuu ka’i, seenaa darbe qoradhu,
dhaloota yaadachiisi! Sabni seenaa hin beekne hundeen isaa gadi jabaatee hin dhaabatu, wanta
gaarii hojjachuufis seenaan jalqabaa keessa jiraachuu yoo baate mi’aan isaa itti hin dhaga'amu."
Namoonni seenaa dhugaa waa'ee argama isaanii beekanii jireenya isaanii kallattii gaarii irra
adeemsisuuf ni dhimmu. Seenaa beekuun hubannaa namaaf kenna. Hubannaan wantoota jiruu fi
3 Daandii Guddinaa| (Geetuu Abarraatiin)
Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)
jireenya miidhan irraa nama eega. Isa kaleessaa yaadatanii isa har'aa hojjatu, isa boriif immoo ni
karoorsu.
“Egaa dhaloonni itti aanu isaan kana akka beekutti, warri amma illee hin
dhalatin ka’anii, dabarsanii ijoollee isaaniitti haa himan!” (Far. 78:6)
Wanta gaarii hojjadhe kana irraa dhaloonni waan tokko barachuu danda’u kan jettu seenaa hojjatte
qabdaa laata? Yoo qabaatte Waaqayyotu na gargaare jettee uumaa kee galateeffattee beektaa? Yoo
beekaan wallaalee irra daddarbe eenyutu isa qajeelcha? Amala namootaaf yaaduu fi namootaaf
dhimmu kennaa gaarii ganamaan eenyutu namaaf kenna? Kan jireenya kee eebbisuu, kabajuu
danda’uu fi jireenya kee abaaruu danda’u kennaan sitti kennamee harka kee irra jira. Akkamitti itti
fayyadamaa jirta? Amma jireenyi kee maal fakkaata, maalirra jirta? Bori hoo maalitti akka darbitu
itti yaaddee laata?
Namni hundinuu gaaffii kana anatu gaafatame jedhee itti dhimmee yaadudhaan barbaadee of haa
argatu. Jireenya kee qajeelchitee, gammachuudhaan jiraachuu fi boru ifa guddaatti bahuudhaaf
har’a hojiin ati hojjattu murteessaadha. Of kunuunfadhu, jireenyi kee yoo har’a sitti toluu baate
boru itti fayyadamuudhaaf jiruu fi jireenya kee mararsiifadhu, haala rakkisoo hundumaa bira darbi!
Yeroo hundumaa uumaa keetti hirkadhu!
Har’a nan jiraadha boru hin beeku jettee dhibaa’ummaadhaan hin jiraatin! Dandeettii Waaqayyo
siif kenne hin qusatin! Dandeettii si keessa jiru adda baastee itti hojjachuu qabda!
1.2.5 Jireenya Gaarii fi Yaada Qajeelaa Qabaachuu (For new life having good idea)
Yaada gaarii nama qabu rakkinni addunyaa raasu isa hin sodaachisu.
“Yaada daandii guddinaa irraa si kaachisuu (addaan si baasuu) fi yaada ofittummaa yeroodhaaf si
gargaaree booda si kuffisu adda baafadhu. Yoo hardha miidhamte iyyuu boriin kee ifa akka ta’e
sirriitti yaadadhu! Gammachuu bara baraa kan namaaf laatu dubbii sagalee Waaqayyooti.
Jireenyaan guddina irraa guddinatti darbuuf yaada namni qabu isaaf jiraachuu isaatiin qajeelinaa
fi eebba karaa isaa irra deemuudhaan argamu irraa qooda gaarii qaba. Qoodni isaanii jireenya bara
baraa ti.”
Ati garuu hamma dhumaatti adeemi! Waan hundumaatti gara itti gortu beeki! 2Xim. 4:5
“Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala godhachuunis bu’aa inni namaaf
kennuu dha” (Far. 127:3)
Haalli guddisa daa’immanii yeroo hundumaa cimee itti fufuun kan irra jiraatuu fi jireenya fuuldura
isaanii qajeelchuuf hojii hunduma keessaa hojii olaanaa dha. Daa’immaniif bakka guddaan
kennamee xiyyeeffannoodhaan yoo guddifaman, dhaloota dhufan daandii guddinaa irra
qajeelchuuf sababa jalqabaa ta’u.
Yeroo baay’ee maatiin daa’imman isaanii taphachiisuuf jecha meeshaalee waraanaa kan akka
shugguxii, qawwee itti yoo kennan ni argina. Haalonni akkanaa fi kan kana fakkaatan daa’imni
5 Daandii Guddinaa| (Geetuu Abarraatiin)
Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)
keessa isaatti lolaa fi jibba horatee akka guddatu taasisa. Qooda kanaa immoo wanta gaggaarii
daa’ima barsiisan meeshaalee akka konkolaataa adeemuu fi qubeewwan fi fakkiilee adda addaatiin
si’eessanii itti argisiisanii taphachiisuun barsiisuu. Maatiin haala guddisa daa’immanii irratti
xiyyeeffatanii guddisuu qabu. Daa’imni keenya waan ta’uuf jiru karaa itti argisiisuuf hojii (action)
har’a nuti itti mul’ifnee guddifnu murteessaa dha.
Akkaataa dandeettii daa’immanii fi furdina qaama isaanii too’achuu akka danda’aniif nyaanni
daa’immaniif kennamu murteessaadha. Nyaata kanneen akka muuzii, dinnicha, hanqaaquu, foon
qurxummii sirnaan bilchaate argachuu qabu. Nyaata anniisaa fi haaromsaa of keessaa qaban
soorachuu. Nyaata sasalphaa ta’aniif dandeettii yaaduu dabalan soorachuu. Kanas gama ogeessa
fayyaatiin gorfamuun hojiirra oolchuun ni danda’ama.
Daa’imman haala gaariin guddisuuf gahee isaanii bahuu kan qaban maatii qofa miti. Ollaan, manni
barnootaa daa’immanii fi naannoon akkasumas mootummaan gahee keessaa qaba. Maatiin
daa’ima guddisuuf iddoo olaanaa fi gahee jalqabaa qabu. Gahee kana haala gaariidhaan itti
fufsiisuu fi kallattii barbaachisaa ta’een daa’ima ofii guddisuuf barnoota akkaataa waa’ee
daa’immanii biyyoolessaa fi mirga daa’immanii eeguuf dhaabate UNICEF kennamu hordofuun
baay’ee murteessaa dha.
Dhaabbanni UNICEF akka gorsutti daa’imni keenya sammuu cimaa fi beekumsaan akka
guddatuuf akkuma afaan haasa’uu jalqabuun maatii waliin walitti dhiheenya cimaa horachuutu irra
jira. Waan daa’imni yaadu beekuu baatanis daa’ima haasofsiisanii mallattoo hubatamuu danda’uun
barsiisuun guddisuun maatii irraa eegama.
Irra caalatti haala guddisa daa’immanii keessatti qabxiin cimaan dagatamuu hin qabne, daa’ima
keenya yoomillee sodaachisuun, ifachuun, rukutuu fi akka mufatu gochuun barbaachisaa miti.
Daa’imni yoo balleesse akka balleessaa sanatti hin deebineef maaltu godhamaa?
1. Balleessaa akka ta’e mallattoodhaan akkasumas haasa’a inni beekuu fi hubachuu danda’uun
6 Daandii Guddinaa| (Geetuu Abarraatiin)
Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)
3. Akkaataa dheerina (hojjaa) daa’imaatiin gadi jedhanii balleessaa isaa hubachiisuu fi barsiisuu.
Jireenya gammachuu qabu jiraachuuf jalqaba maddi yookiin burqaan gammachuu maal fa’a akka
ta’an beekuun barbaachisaa dha. Isaanis akka armaan gadiitti haa ilaallu:
keessa isaatti gammachuun yoo dhaga’ame malee humna dhaba. Jireenya isaa akka
abboommii sagalee Waaqayyootti kan qajeelfatu garuu gammachuun isa irraa hin fagaatu.
Hafuurri nagaa fi tasgabbii kennu Waaqa biraa ergamaaf. (Efe. 2:14) Eebbi kan hardhaas
kan dhufus isa keessa jira.” jedha.
“…Wanti kun hundinuu hanga raawwatutti dhaloonni si’anaa kun hin darbu.
Waaqni fi lafti darbuuf jiru, dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu” Jedhe.
Mat. 24:34-35
2.1 Dhaloota Beekumsa Mataa Isaatiin Fiigu Seexannii fi Biyyi Lafaa Isaan
Gufachiisuuf itti Dhiyoo dha.
Wanti nama barbaachisu hangam baay’ee yoo ta’ellee, hundi nama hin fayyadu. Isuma
muraasa kanayyuu argatee kan itti boqotu nama muraasa. Namni isa tokko yoo argate isa
itti aanu argachuuf dhama’a. Argachuu fi dhabuun kun hundi hanga namni lafa kanarra
jiraachuuf umuriin isaa heeyyameef duwwaatti itti fufa. Wangeelli of keessaa kan lafaaf
nu barbaachisu qofa qaba utuu hin ta’in jireenya barabaraa (eternal life) dabalata. Kun kan
dhaloonni bara si’anaa jala sararanii beekuun irra jiruudha.
Wanta guddaa barbaachaaf kan adeemu wanta guddaa argata. Inni yaada doggogoraa,
xinnummaa yookiin obboloota kuffisuuf yaadu garuu hin guddatu. Inni yeroo hundumaa
waan gaarii yaadu, gaarummaatu isa argata. Hamaa kan facaasu, gufuudhuma ofii isaa
kaa’een gufatee ni kufa. Warri yeroo hundumaa fuuldura yaadan barcuma yookiin teessoo
isaanii fuulduratti ilaalu.
Ati isa tokko argattee isa kaan dhabuu keetti gaddita, Inni kan biraa guyyuma tokko ifa
argachuuf utuu barbaaduu carraa kan dhabu meeqatu jira. Naaf darba utuu jedhuu kan hin
darbiniif hafe.
Waan guddaan fuuldura kee utuu jiruu karaa isaa irraa yoo gorte, deebitee isa argachuuf
gatii si baasisuu danda’a, kanaaf:
Adeemsa kee eeggadhu!
Obsa qabaadhu!
Jabaadhuu Waaqayyoon kadhadhu!
Yeroo hundumaa qophaa’oo ta’uutu isaan irra jira. “Nahimiyaan harka tokkoon billaa
harka tokkoon immoo hojii Waaqayyoo hojjatee, mana qulqullummaa xumure. Waaqayyos
ni gargaare.” Amantoonni hojiidhaafis, lola hafuuraatiifis qophaa’oo ta’uun isaan irra
jiraata.
Goota akka Iyyaasuu hanga diina isaa moo’atutti biiftuun akka dhaabbattu godhe. Diina
isaa moo’ate.
Yeroo kana namni kamiyyuu dhimma kamiyyuu irratti ofeeggannoodhaan dammaqee
hojjechuu akka qabu, yerichi hamaa akka ta’e sammuun nama hundumaa haa beeku.
Sodaadhu! Yaa lallabaa! Yaa dhaggeeffataa inni ati har’a lallabde, inni ati har’a dhageesse
kun si irratti hojjata. Ati aangoo arraba kee jala akka jirtus beeki malee ofirratti lallabdee,
namaafis lallabdeerta.
Ofii kee eeggachaa jiraadhu! Jireenya kee hambifachuuf jedhii of qusadhu!
Dhiphina Yesuus siif jedhee dhiphate sanas ilaali.
Hojiin ani hojjadhu Yesuusin hin kabaju taanan du’aadha; akkasumaani.
Dadhabbii waa’ee hin baafne maalifan dadhabaree?
Maaliifan of arguu dadhabee?
10 Daandii Guddinaa| (Geetuu Abarraatiin)
Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)
☞ Jireenyi kee akka fedha Waaqayyootti bara baraan mana isaa keessa akka ta’u
kadhadhu.
ANAAF:
Yeroon kun yeroo itti yaada garaa koo qajeelfadhu naaf haa ta’u!
Yeroon kun yeroo itti qulqullummaan jiraadhu naaf haa ta’u!
Yeroon kun yeroo itti karaa hundumaan of ilaalu naaf haa ta’u!
Yeroon kun yeroo itti akka fedha kootti jiraadhu utuu hin ta’in akka fedha Waaqayyootti
jiraadhu naaf haa ta’u!
Yeroon kun yeroo itti ogummaa jireenyaa baradhu naaf haa ta’u!
Yeroon kun yeroo itti hariiroo koo Waaqayyoo waliin cimsadhu naaf haa ta’u!
Yeroon kun yeroo jijjiiramaa fi guddina hafuuraa adda ta’e jireenya koo irratti argu naaf haa
ta’u!
Anaaf wanti gaariin yeroo kanatti Waaqayyo biraa naaf haa ta’u. Waaqayyo akka fedhaa fi
jaalala keetti jireenya koo isa jijjiirama dheebote gaarummaa na argisiisi!
Akkas jettee yaada kee guutudhaan, garaa kee guutudhaan Waaqayyotti yommuu dhi’aattu
Waaqayyo akkas siin jedha:
“Mucaa koo baay’een si jaaladha. Eenyumtuu akka lubbuun isaa badu hin barbaadu. Kanaafin
lubbuu koo dabarsee qooda ati du’uu qabdu siif du’e. Ba’aa ulfaataa ati baachuu hin dandeenye si
irraa fuudhee baadhee. Ani gatii guddaadhaan si bitadheera. Kunoo barruu harka koo irra jirta. Ani
si hin irraanfadhu!” (Isa. 49:15) jedha.
Waaqayyo warra yeroo isaanii isaaf kennaniif yeroo isaa kenneera. Warra yaadni garaa isaanii
cabettis dhiyoodha. (Far. 34:18)
“Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!
(Qol. 3:2).” Yaadni garaa namaa bakka abjuu fi mul’anni isaa jirutti hidhama. Namni yeroo
hundumaa waa’ee kubbaa miilaa haasa’u, sammuun isaa tapha kubbaa miilaa irratti hidhameera.
Abjuu fi mul’anni kee wanta guddinaaf siif ta’u irra siif bu’e taanan ati gammadi! Yaadni kee
bakka jiru sana inuma geessa. “Wal dhabdee fi waa’ee lolaa, waa’ee ajjeechaa” yeroo hundumaa
namni haasa’u, sammuun isaa lolaa fi oduu lolaatiin rukutameera. Namni kuni carraan isaa lolatti
bobba’uu fi achuma keessatti hamma yeroon isaaf heeyyame dabarsuudha. Namni yeroo
hundumaa waa’ee dubara ishee bareedduu haasa’uu, jaalalli ishee sammuu isaa akka core
dudubbatu isumaan kufa. Wanta keessi garaa isaa guute afaan baasee haasa’a jedhameera mitiiree?
Si garuu gaarummaa fi qajeelummaan yaada sammuu keetii keessa guutee jiraannaan fiixan
bahuumsi keetis abjuudhauma ati qabdu sana ta’a. Ilmi abbaatti baha akkuma jedhame, atis
akkuma mul’ata keetii taata.
“…Argachuu fi dhabuun hanga namni lafa kana irra jiraachuuf umuriin isaa heeyyameefitti ittuma
fufa. Adeemsi jireenyaa dhala namaa garuu hundaa ol kan ta’e argachuu fi dhabuudhaan kan hin
madaalamnedha. Guutuu fi hir’achuun haalotaa adeemsa jireenyaa irratti dhiibbaa fiduu hin qabu.
Namni gooftaa Yesusitti amane jireenya isa lafaatiifis waan isa barbaachisu argachuu qofa qaba
utuu hin ta’in jireenya bara baraa (eternal life) itti dabalee goofticha biraa ni argata. Jireenyi bara
baraa karaa ayyaana Waaqayyootiin namoota isatti amananiif tola kan kennamee dha.
Kophaa kee mootummaa Waaqayyootti galuuf hin tattaaffatin, kiyyoo du’aa jalaa dhaloota
butii baasi!
Kana hin gootu taanan qabeenyi ati kuufatte zeeroodha.
Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan akka joobiraatti baalledhaan ol in ka’u; humni isaaniis ni
haareffama. “Ani iddoo dhaabachuun ta’u irra dhaabbadhee Waaqayyoon nan eeggadha.”
“Isin yeroo kana barsiisota ta’uuf kan maltan turtan; amma garuu dubbii Waaqayyoo
isa gara jalqabaa iyyuu nama hiikee isin barsiisu in barbaachise; qooda nyaata jabaa
nyaachuus warra aannan dhuguun barbaachisu taataniittu. Namni aannaniin jiraatu
immoo mucaa waan ta’eef, akka itti Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa
barsiisu hin hubatu. Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’anii ti; warri kun sammuun
isaanii hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda’u” (Ibr. 5:12-14)
3. Maddoota hinaaffaa
Kaayyoo
Kaayyoo xixiqqaa
Hojiilee guyyaa guyyaa keenya sakkatta’uun yaada hinaaffaa irraa bilisa ta’e gonfachuu fi
ofirratti hojjechuu.
Waa’ee milkaa’ina namoota biroo odeessuu dhiisuudhaan dandeettii ofiitti quba qabuun fiixan
ba’uumsa mataa ofii irratti hojjechuu fi galma gahuu.
Hinaaffaan waldorgomuuf taasifamu namni tokko yookiin hiriyaan kee yoo guddate anis
guddachuun qaba jedhanii xiiqiidhaan ka’uu fi humnaa fi dandeettii ofii irratti hundaa’anii
milkaa’insaaf kan tattaaffataniidha. Barruu kana keessatti bal’inaan kan waliin ilaallu garuu
hinaaffaa guddinaaf waldorgomuuf tattaaffatan utuu hin ta’in gufuu guddina namoota baay’ee
kan ta’ee fi gaarii fakkaatee namoota bebbeekamoo dandeettii ajaa’ibaa qaban baay’ee cabsee
golatti kan deebise hinaaffaa guddina walii jibbuu ti. Hinaaffaa gosa kanaa namoonni jaalatanii
kan walirratti taasisan utuu hin ta’in, jaalala waliif dhabuu irraa kan ka’e, yookiin fedha addaa ofiif
qofa qaban (ofittummaa) irraa ka’uu dhaan kan taasisanii dha. Akka dubbii sagalee Waaqayyoottis
akka seera biyya lafaattis hinaaffaan guddina walii jibbuu kuni waan ta’uu hin qabnedha.
Waa’een hinaaffaa yommuu ka’u jalqaba irratti gara sammuu namoota baay’eetti kan dhufu
irra caalaan yommuu inni tokko hojii tokko hojjechuun itti milkaa’uu eegalu, inni biraanis
hojiidhuma walfakkaataa sanaan milkaa’ina argachuu yeroo barbaaduu fi baay’inaan kutaa
biyya keenyaa keessatti kan mul’atu akka ta’e qofaatti yaadama. Hinaaffaan garuu yaadolee
hammeenyaa adda addaatiin kan walqabatee fi gocha jal’inaa namoonni baay’een utuu hin
hubatin ittiin sakaalamanii milkaa’ina irraa duubatti hafanii dha.
“Gochaaleen adda addaa hinaaffaan walqabatan kan ilmaan namootaa miidhan hawaasa tokko
tokko keessatti darbanii ni mul’atu, kunis qoricha namatti gochuu, ofii bakka gahuu dadhaban
carraa namaatti fayyadamuun bu’aa hin malle argachuu.” Bu’aan karaa kanaan argamu itti fufiinsa
kan hin qabnee fi eebba of keessaa kan hin qabne waan ta’eef boqonnaa namaaf hin laatu.
Bakka hinaaffaan jirutti guddina siif malu guddachuu hin dandeessu. Yaq. 3:16
Hinaaffaan dhortuu beekumsaa ti. Beekumsa qabduun akka hin hojjenne yookiin itti hin
fayyadamne gochuu danda’a.
Bakka hinaaffaan jirutti guddina siif malu guddachuu hin dandeessu. Waan haaraa kalaquufis
humna dhabda. Sababni isaa lafa hinaaffaanii fi ofittummaan jiru, hammacamni, wanti hamaan
hundinuus jira. (Yaq. 3:16) Sammuun namaa nagaa, boqonnaa fi gammachuu yoo qabaate malee
kaka'uumsa qajeelaa ta'een kalaqa addaa uumuuf ni rakkata. Hammacamnii fi yaadni hamaan
xinsammuun namaa guddinaaf akka of hin kakaafne taasisa.
GARUU,…
Hinaaffaan namoota tokko tokko sadarkaa isaan jiran irraa ol isaan guddiseera. Namoonni akkanaa
warreen dafanii abdii hin kutannee fi obsaan warra jiraataniidha. Namoota tokko tokko immoo
cabsee karaatti hambiseera. Warreen kunniin namoota dafanii abdii kutanii fi obsa dhabanii dha.
Hinaaffaan, nama hamachuun, jibbis waanuma tokkoofillee hin barbaachisu; nama hin gargaaru.
Yeroo ofii kanneen irratti balleessuun hin barbachisu. Waa'ee mul'ataa fi adeemsa ofii irratti
mari'achuun yeroo fudhachuun nama milkeessa. Abdii fi wabii guddinaatis.
B. Ofittummaa
D. Hafuura hamaa
Yaadolee maddoota hinaaffaan walqabatanii fi miidhaa isaan geessisan tokko tokkoon tarreessuun
akka armaan gadiitti waliin haa ilaallu:
A. Jaalala waliif dhabuu: Namni tokko nama tokkoof jaalala hin qabu yoo ta’e guddina isaas
hin jaalattuuf. Utuu isaa gadi ta’ee jaalata. Yeroo hundumaa waa’een isaa gaafa ka’u
hammeenya isaa dubbachuuf fiiga. Wanti inni hojjetu kamiyyuu isa gammachiisuu hin
danda’u. Sababni isaa jaalala hin qabuuf yookiin jibbee jira waan ta’eefidha.
Miidhaa isaa: Jaalala waliif dhabuun guddina waliinii karaatti hambisa. Namni yookiin biyyi
kophaa isaa guddatu hin jiru. Milkaa’inaa fi injifannoo dhiyootti galmeessuun danda’amuu fi bira
gahamuu malu fageessa/hambisa. Walirratti ka’uu fi maqaa walii balleessuuf karaa bana.
B. Ofittummaa: Wanti gaggaariin kamiyyuu anuma qofaaf haa ta’u jechuudha. Faayidaa
dhuunfaa ofii qofaaf gulufuun ofittummaa dha. Waa’ee ofii bareechanii dubbatachuu fi hojii
ofii jajachuu jaalachuudha. Waan hundumaa irratti ana malee namni biraa hin jiru jechuu dha.
Wanti hundinuu anuma qofaan qajeelfama jechuu dha. Sababni isaa maqaan kee fi kabajni kee
olaanee akka mul’atu malee kabajaa fi galata nama biraa dhaga’uun waan si aarsufidha. Kuni
hafuura hamaa yaada namaa xureessu dha. Ofittummaa keessa of fayyadeen nama biroos
gargaara jechuun hin jiru. Ergan ofiif fayyadamee waa’ee nama biroo wanti ana dhibu hin jiru
jechuudha. Sababni isaas ofittummaan faayidaa dhuunfaa ofii caalchisuu fi of qofaaf jiraachuu
irratti waan hudaa’uufi. Ofittummaa keessa garaan jaalalaa fi dhiifamaa hin jiru; yoo jiraates
baay’ee gadi bu’aadha. Namoonni akkasii karaa ittiin warra kaan miidhanii bu’aa mataa ofii
qofa barbaadan irratti xiyyeeffatu.
nama galata hin qabne nama taasisa. Ofittummaan fira caalaa diina baay’isa. Namni ofittoon
jireenya gammachiisaa ta’ee fi eebbifamaa jiraachuu hin danda’u. Qooda gaarummaa hammina
keessa namaatti uuma. Hammina yaaduun dhumni isaa kufaatii dha.
C. Bu’aa karaa dalgaa barbaaduu: Bu’aa karaa dalgaa barbaaduu jechuun waan hin qabnee fi
hin dandeenye karaa hamminaatiin hordofuu jechuu dha. Fakkeenyaaf, qo’attee, hojjattee,
barattee milkaa’uu barbaadda utuu hin ta’in carraa nama biroo fayyadamuu (qoricha namatti
gochuun) yookiin malaammaltummaa hojjechuu irratti xiyyeeffachuun sooromuu hawwuu
dha.
Miidhaa isaa: Bu’aa karaa dalgaa barbaaduun har’aaf gaarii fakkaatus itti fufiinsa hin qabu. Karaa
irratti nama gata. Bu’aan karaa dalgaan argamu boqonnaa namaaf hin kennu.
D. Hafuura hamaa: Hamaan akkuma maqaa isaa wanta gaarii ta’een morma. Kanaafuu hinaaffaa
hamma malee yaada namootaa keessa kaa’uudhaan gara walgalaafachuutti fida. Maddi
hinaaffaa karaa namni ofirratti beekuu hin dandeenyeen gaarummaa fakkeessee isaan miidhu
karaa kanaanidha.
A) Dandeettii ofiitti quba qabuu: Dandeettii ofiitti quba qabuu jechuun ani maalin beeka?
Maalin hojjechuu danda’a jechuun of gaafachuu dha. Namni tokko wanti inni nama biroo irraa
barachuu danda’u ni jira. “Sibiilli sibiila ni qara; namnis nama akka isaatii ni qara.” akkuma
jedhamu walirraa barachuun, walirraa muuxannoo fudhachuun gaaridha. Kunis haala fi akkaataa
ta’uun qaba. Ani nama biroo ta’uu hin danda’u, akka nama birootti hojjechuufis miti kanan
uumame dandeettiin ana keessa jiruu fi dandeettiin nama biroo keessa jiru adda adda dha. Kana
jechuun namni dandeettii adda addaa qabatee dhalate. Inni tokko xiyyaara tolchuu yoo danda’e,
inni biroo immoo konkolaataa tolchuuf dandeettii qaba. Inni tokko waan xiyyaara tolcheef anis
dirqama dandeettii koo dhiisee xiyyaara tolchuun qaba jedhee yoon ka’e tokkoffaa, yeroo koon
ofjalaa balleessa. Lammaffaa, namoonni lafa irra adeeman immoo geejjiba dhabu. Namni tokko
akkuma nama biroo irraa barachuu danda’u dandeettii dhoksaa warra kaan irraa adda ta’es qabatee
dhalata. Biyya Itoophiyaa keessatti hojii namni tokko hojjetee itti milkaa’e irratti xiyyeeffachuun
isuma sana hojjechuuf fiiguun waan baay’ateef namoota kalaqaa baay’ee dhabnee jirra. Sababni
isaa jaalala hojii dhabuu, hojii tuffachuu fi kanneen kana fakkaatan kallattiinis ta’ee alkallattiin
yommuu mul’atu ni argina.
– Qulqullummaan maali?
– Qulqullummaan kan akkamiiti?
– Maal irraa qulqullaa’a?
Qulqullummaa yommuu jedhamu, jireenya gadhee ta’e jiraachuu irraa of baraaruun jireenya
qajeelaa fi fayya qabeessaa fi gammachiisaa jiraachuu dha. Namni kamiyyuu lafa kana irra
lubbuudhaan hamma jiraatutti jireenyi isaa karaa gadhee ta’e irra akka deddeebi’u hin barbaadu.
Maarree maaltu jal’inatti nama geessee walirratti ka’uu fidee namni dugda walitti garagalchee?
Obbolee koo namni biyya lafaa buufatee itti tolee qulqullummaatti jiraachuu hin danda’u. Dubbiin
dhugaan hundumaa walitti araarsuu danda’u, sagalee Waaqayyoo dhaga’uu fi akka isaatti
jiraachudha. Qulqullummaan namni hundi barbaaduu fi namatti tolu inni dur ture, inni amma jiru,
darbees bara baraan jiraatu dubbii sagalee Waaqayyoo keessaa argama.
Gammachuu qaba!
Ni milkaa’a!
Kabaja qaba!
Jireenyi itti tola!
Qabxiilee Ijoo
Hinaaffaan gufuu biyyaati: Kunis hojjetaan cimaan akka of danda’ee hojjetee hin jiraanne
hamma taasisutti waan deemuuf nama qabsoo cimaadhaan jabaatetu milkaa’a. lakkoofsi warra
milkaa’an kanaas baay’ee muraasadha. Qabsoo kana sodaachuudhaan gara hojiitti kan hin galle
baay’een jiru.
Namoonni yaada hinaaffaa isa waa’een isaa barreeffama gabaabduu kana keessatti tuqamuuf
yaalame kana irraa yommuu fagaatan waliif yaaduu jalqabu, gara dandeettii dhugaa keessa isaanii
jiruu ilaalu, milkaa’ina barbaadan bira gahu. Sababni isaa yeroo tokkotti sammuun namaa wanta
lama keessummeessuu hin danda’u. Kana jechuun yaada guddinaa fi yaada hamminaa jechuu dha.
Yaada guddinaa filatanii yeroo kennanii irratti hojjechuun kaayyoo fi mul’ata qaban yeroo isa sirrii
ta’etti biraan nama gaha. Waan dubbiftaniif galatoomaa!
Dargaggummaa
Bara dargaggummaatti wantoota ulfaatoo fi mormii gurguddaa keessa darbita.
Yeroo kanatti humna cimaa waan qabduuf wanta barbaadde gochuu akka
dandeessu keessi kee sitti hima. Si kakaasas. Waan hojjettu hundumaaf itti
gaafatamaan garuu suma mataa kee akka ta’e beeki.
Dargaggummaan yeroo itti waan tokko hojjechuudhaaf dandeettii cimaa fi yeroo kaka’uumsa
cimaa qabaniidha. Yeroo kanatti ba’aan jireenyaa baay’een hin jiru.
Barri dargaggummaa bara yartuu dha. Yeroon dargaggummaa yeroo muraasa; dhaabbataa miti, ni
darba. Bara dargaggummaa isa yartuu ta'e kana keessatti isa hin darbine akka fedha Waaqayyootti
jiraatanii, Waaqayyoon isa uumaa ofii ta'e gammachiisanii darbuun hunda caalaa barbachisaa dha.
Bara Waaqayyo namaaf kenne keessattis hojii Waaqayyoo, akkasumas hojiidhuma biyya lafaa
kanaa irratti fooniin ittiin jiraatan dammaqummaa dhaan hojjechuun dargaggoota hundumaa irraa
ni eegama.
Warri baruumsa irra jiran cimsanii qayyabachuu dhaan firii gaarii akka isaan fidan Waaqayyo
isaan irraa barbaada. Waanuma hojjechuun nu irra jiru yeroo Waaqayyo namaaf kenne
keessatti hojjetanii darbuun nama irra jira. Sagaleen Waaqayyoos akkas jedha, "... yeroo isiniif
kenname utuu hin dabarsin ittiin hojjedhaa!" (Efe. 5:16).
Barri dargaggummaa kun yeroo itti waan hunda filatanii dha. Dargaggoonni yeroo itti gaa’ela
filatanii fi eeggannoo cimaa ofiif godhaniidha. Haa ta'u malee dargaggoonni fedhii foonii
raawwachuuf qofa akkuma warri kaan fuudhan itti ariifachuun gaarii miti. Fuudhaa fi heerumni
akka dallaa horii hin jijjiiramu. Har'a ijaaramee bor diigamee kan biraan immoo geeddaramu
miti. Kanaaf dargaggoonni gaa'ela irrattis cimsanii itti yaaduun gaarii ta'a.
Kiristaanonni fakkeenya biyya lafaa kana fudhatanii akka fedha biyya lafaatti jiraachuun isaan
irra hin jiru. Keessumattuu dargaggoonni, Kiristaanonni of eegachuutu isaan irra jira. Barri
kun bara itti Kiristaanonni of eeggachuu dhaan caalaadhumattiyyuu gadi jedhanii uumaa
isaanii barbaaddatanii jiraachuun isaan irra jiruu dha. Barri kun bara itti qaroomina fakkaatee
fashiinin garaagaraa baay'achaa jiruu dha. Dargaggoonni immoo waanuma haaraa dhufutti
gammaduu barbaadu.
Barri dargaggummaa yeroo itti waan nama gammachiisu qofa itti hojjechuu barbaadanii dha.
(Rom. 12:2) Garuu inni amma gammachuu fakkaatu kun yeroo inni itti darbe, gaabbii fi gadda
bara baraa keessa nama buusu dhufuun isaa beekamaa dha.
Barri dargaggummaa bara yartuu dha, dhabbataas miti, ni darba. Inni kun dhugaa akka ta'e
immoo sagaleen Waaqayyoo akka gaariitti nutti hima; "Mucummaanii fi dargagguumman
waan darbaniif..." jedha (Lal. 11:10).
Garuu dargaggoota meeqatu isa kana beeka laata? Namni Waaqayyoo yommuu Waaqayyoon
kadhatu," nuyi ogummaa gaaritti akka galfannutti, ati guyyoota jireenya keenya lakkaa'uu nu
barsiisi!" jedhee kadhate. (Far. 90:12)
Kadhannaan akkasii kun kadhata nama qajeelaati. Nuti hammam akka biyya lafaa kana irra
jiraannu, barri nu hafee jiruus meeqa akka ta'e hin beeknu. Isa kana kan beeku Waaqayyo qofaa
dha.
Wanti nuti gochuu qabnu garuu, baraa fi yeroo nuuf kenname keessatti Waaqayyoon isa nu uume,
isa nu jiraachisu beeknee isa taajajiluu, akkasumas fedha isaa raawwachuu dha.
Kanaaf bara dargaggummaa koo eessatti, maal irrattin dabarsaa jira? Seexannii fi foon akkasumas
biyyi lafaa karaa kamiin dargaggummaa kootti dhimma ba’uu barbaaduu? Yeroo kanatti maal
gochuu na barbaachisa? Jechuun of gaafadhu! Deebii isaa itti jiraadhu!
Dargaggummaa kee Waaqayyoof bitii jiraadhu! Iddoo bilii fi daana’oon nyaachuu hin dandeenye
ol waaqa irratti qabeenya kee kuufadhu! Wanta akkasumaan baduuf kan waa’ee hin baafneef
habadan hin hojjatin! Dargaggeessi jireenya isaa qulqullummaatti eeggachuuf akka dubbii sagalee
Waaqayyootti deddeebi’uu qaba.
Itti gaafatamummaan jireenya kee inni olaanan akkaataa ati jireenya kee itti gaggeessuu qabdu
irratti hundaa’a. Waa’ee jireenya ofii keetiif ejjennoo mataa keetii qajeelaa ta’e qabaachuu qabda.
Itti gaafatamummaa mataa keetii namni kan biraa darbee siif fudhachuu hin danda’u. Abbaa, haati,
firri yookiin namni ati sirriitti jaalattu bakka kee siif bu’uu hin danda’an.
Eebbii fi abaarsi yeroo hundumaa fuuldura kee jira. Wanta filachuun si irra jiraatu adda baafattee
itti adeemuun si harka jira.
Jireenya har’a ati akka itti jiraattuuf siif heeyyamame kana, guyyaa guddaa Waaqayyo dhufu
sanatti akkam akka goote itti gaafatamuuf jirta. Akkamitti akka deddeebitu cimsii of eeggadhu!
“Namni akka gorsa warra jal’ootaatti hin deddeebine, karaa cubbamoonni irra
adeeman irra kan hin ejjenne gammachuu qaba, warra ga’isanii wajjinis tarree kan
hin teenye gammachuu qaba.” (Far. 1:1)
Simbirroota ilaalaa isaan hin haaman, hin dhahanis. Ta’iidhaan uumamani, akka inni isaan
gaggeessettis yaaddoo tokko malee bara isaanii ni jiraatu, Waaqayyo isaan ni jiraachisa.
Nuyi immoo akka bifaa fi fakkaattii isaatti kan uumamne simbirroota bakkee irra guddaa
ni caalla. Jireenya milkaa’ina qabu jiraachuuf:
Karaa fi karoora sirrii qabaachuu,
Filannoo ofii murteessuu danda’uu.
Itti yaadanii hojjachuu, adeemuu fi jiraachuu.
Akka dubbii sagalee Waaqayyootti jiraachuu. Egaa isumaaf jiraachuu yoo ta’e malee
Waaqayyo maal isin irraa barbaadaree? (Kes. 10:12) Karaa isaa milkaa’inni hundinuu ni
argama. Kennaan gaarinii fi eebbi dhugaan abbaa ifaa biraa dhufa.
Kana hundumaa keessatti immoo kan isiniif yaadu waan qabdaniif egaa maalumatti
yaaddoo qabaatturee? (Luq. 12:25-26)
Namni jiraachuuf jedhee wanti inni keessa hin darbine hin jiru. Bu’aa ba’iin jireenyaa kan nama
barsiisan, karaatti kan nama deebisanii fi jireenyumti mataan isaa tattaaffii fi kaka’uumsa keessa
namaatii madduun alatti humna kan hin godhanne ta’uu isaati. Bara jireenya isaa keessatti namni
abdii isaa Waaqayyo irra kaa’ate bu’aa bahii jireenyaa hundumaa keessa darbee mo’icha argata.
Jireenyi bu’aa bahiin hedduun itti baay’atu immoo furmaata haaraa fi mala nama barsiisa.
“Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya
lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo’eera” (Yoh. 16:33)
Far. 90:12 Waggoonni ani jiraadhu hundumtinuu lakkaa’amanii harka waaqayyoo keessa jiru.
Hammam akkan jiraadhus waaqayyo ni beeka. Akkam dafee ariifata yeroon darbuuf, namni wanta
isatti tolee itti gammadu lafa irratti hojjechuuf fiiguun alatti wanti inni gochuu danda’u kan biraa
hin jiru, jedhee dubbate, Solomoon ogeessichi.
Namni waanuma facaase galfata. Gaaris ta’ee hamaas isuma ati yaaddee gootetu deebi’ee sirrattis
ta’a. Itti yaaddee wanta hojjattu hundumaa gochuu qabda. Wanti haaraan namarra hin geenye nurra
hin ga’u. Abaarsa isa dur hojjatamaa dhufetu yeroo karaa sirrii irraa kaachuu jalqabnu nu argata
malee.
Lallaba 11:6 “Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beeknef,
sanyii midhaanii kee ganamaan facaasi! Galgalas harka guutii facaasi! Inni
kuni yookiin inni sun yookiin inni lachanuus in tolu ta’a.”
Ani waan tokko cimsee nan yaada, innis dhaloonni nu booda dhufan dhaaltummaa isa qajeelinaa
fi eebbifamaa ta’e dhaloota bara si’anaa irraa akka dhaalanii ittiin jireenya isaanii daandii guddinaa
irra qajeelfatan nan barbaada. Kunis anaa fi si’i irraa eegama, adaraa nutti kennameedha.
Jireenya jiraannu hundumaa keessatti Waaqayyoof dursa kennuun kaayyoo fi karoora keenya
keessatti Waaqayyo akka qooda fudhatu taasisa. Waaqayyoon yoo affeerte inni ni argama.
Kaayyoo fi karoora kees gara kallattii milkaa’inaatti fida. “Duraan dursitanii yaada keessan
mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaadutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu
hundinuu isiniif in kennama.” (Mat. 6:33)
Maal argaa jirta? Maaltu sitti mul’ataa jira? Fuuldurri kee maal akka ta’e beektaa? Mee akkana
godhi barreeffama gabaabduu ishee barreessii qopheessi! Waa’ee kee, karoora kee! Maaltu beeka
boru akka har’aa ta’uu dhiisuu danda’a. Karoorri keetis fiixan siif baha. Jireenya keetiif karoorri
ati qabdu wantuma jireenya keetiif qofa barbaachisu argachuu qofa ta’uu hin qabu. Akkas yoo ta’e
immoo barreeffamni kuni si hin gargaaru, karooras baasuun siif homaa miti.
1ffaan nama kadhataa: Namni kadhataa nama Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanuu
dha. “Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? YESUS ILMA WAAQAYYOO TA'UU ISAA
NAMA AMANU duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.” (1Yoh. 5:5) Addunyaa kana
jijjiiruu fi mo'u namni danda'u, jalqaba nama jireenya ofii isaa jijjiiree fi of mo'e dha.
Jireenya ofii jijjiiruu jechuun qabeenyan guddachuu, beekamtii addunyaas qabaachuu miti.
Jireenya foonii fi hafuuraatti qulqullummaatti jiraachuu jechuudha. Inni nu waame
qulqulluu akkuma ta'e adeemsa keenya hundumaan qulqulloota ta'uudha! (1Phe. 1:15)
Qulqulloota ta'uun keenya akka ayyaana Waaqayyo nuuf kenneetti gooftaa Yesus
Kristositti amanuudhaan hojii inni fannoo irratti hojjete fayyina tola nuuf kenne sana wajjin
waliif galuu dha. Kanas yommuu goonu wanta cubbuu ta'e irraa fagaachudhaani. (Rom.
6:1-15)
2ffaan nama obsa qabu: “Inni warra OBSAAN waan gaarii hojjechaa, guddina, ulfina
hin darbine, jireenya hin badnes Waaqayyo biraa argachuu barbaadaniif jireenya bara baraa
in kennaaf. Namoota warra ofittoo warra dhugaadhaaf abboomamuu didanii, seera
Waaqayyoo malee jiraachuudhaaf abboomamanitti garuu in dheekkama, isaan in ifatas.”
(Rom. 2:7-8)
Kadhata keef deebii obsaan eeggachuu baattee yoo ariifatte, iddoo kee gadhiifta. Bakka itti
eebbifamuu qabdutti Waaqayyo eebba siif fidee dhufee bakka keetii si dhaba. Namoonni baay’een
kadhatanii iddoo isaaniitii waan deemaniif kadhati baay’een deebii malee hafe fakkaata.
Ani iddoo dhaabatanii eegan irra dhaabadhee nan eega, koobii sana irras
nan ijaajja; kunoo dubbii inni natti dubbatu nan dhaga’a, wanta ani isa
komadheefis waan inni deebisu nan ilaala. Anb. 2:1
Qorataan sammuu namaa inni olaanaan Yesuus kiristoosi. Inni lafee fi ribuu namaa adda
baasee qorachuuf dandeettii qaba.
Ogeessi sammuun dhaloota kanaa maal akka yaadu, maal akka barbaadu, akkamitti akka
guddachuun irra jiru hubachuu danda’u kan barsiisuu fi qajeelchu dubbii sagalee
Waaqayyooti. Har’a gaaffii kana deebisi!
Utuu barataa jirtuu maal yaadda?
Utuu qo’ataa jirtuu maal yaadda?
28 Daandii Guddinaa| (Geetuu Abarraatiin)
Ani garuu jireenya haa qabaataniif dhufeera (Yoh.10:10)
Sammuun namaa “waan tokko hojjachuu hin dadhabu, fedhii dhaba malee.” Wanta fedhii guutuun
hojjachuu barbaaddu tokko hojjachuuf dursitee akka argamtu kan si taasisu, fedhii sammuu keetiti.
Amanamummaa kee ilaalee Waaqayyo waan gaarii siif qopheessa, ka’i mudhii kee
hidhadhuu hamma dhumaatti adeemi! Innis si faana ni ta’a.
Warra jal’oota ilaaltee garaan kee hin raafamin! OBSAAN DANDA’UU keetiif gatiin kee
guddaa ni ta’a.
Ati garuu, hamma dhumaatti adeemi! Waaqayyo immoo ga’aa kee baatee fuuldura kee
jira.
Waaqayyoon Galateeffachuu
Wanti ijaan argamu hundumtuu yeroodhaaf,
Ijaan kan argamus ni quufama.
Kan hin quufamne Yesuus
Simboon isaa,
Ulfinni isaa,
Suurraan isaa,
Wanti hundumtuus
Kan isaa kan ta’e simboo qaba,
Kanaaf yeroo hundumaa warri isa qaban boqonnaa fi gammachuutti qabamanii kan
jiraatanii fi isa galateeffaniif.
Dhaloota Waaqayyoof qofa jiraatu qabaachuu yoo barbaadde waldaan kiristaanaa cimsitee
amantootaa fi warra isa tajaajilaniif Waaqayyoon haa kadhattu. Akkaataa qabannaa
taaajiltootaa fi kunuunsa isaanii irratti hojjechuu qabdi! Tajaajiltoonni waldaa kristaanaa
keessaa faarfataa, lallabaa, raajota, waaqeffattoota, qofa utuu hin ta’n garee hojii waldaa
kristaanaa kamiyyuu irratti bobba’anii kanneen jiraniif, dhaloota haaraa garasii dhufa jiruu
fi warra hin amanne dhugicha beekuun gara gooftaa Yesusitti fiduu irratti cimsitee kadhata
qulqullaa’aa Waaqayyoon kadhachuu qabdi.
Wantoonni fi haalonni yeroodhaaf mul’atan hundinuu gara gaaritti akka jijjiiramu yoo
barbaadde haala ta’uu qabuu fi gooftichatti toluun keessa darbuun si irraa eegama.
Nama Waaqayyoon kadhatu hundumaaf wanti gaariin tokko qophaa’ee jira. Bira
ga’uudhaaf ciminaan kadhata ofii itti fufuu barbaachisa. (Erm. 33:3)
Waaqayyo baay’ee akka si jaalatu beekuu qabda. Isumaaf jiraachuu kee qofa si irraa
barbaada. (Kes. 10:12)
5.5 Jireenya
† Jireenya kee akka barbaadde godhuu ni dandeessaa laata? Itti gaafatamaan jireenya keetii
eenyudha? (Rom. 9:20)
Maalifan jiraadha?
Eenyufan jiraadha?
Hiika jireenyaa barachuun barbaada.
† Amanaan tokko cimsee kan hubachuu qabu erga gooftaa Yesusitti amanee booda jireenyi
isaa fi adeemsi isaa hundinuu jijjiirameera. Inni moofaan darbeera. Jireenya haaraa kana
itti fufee jiraachuu, jireenya eebbifamaa galma qulqullaa’aa qabu jiraachuu kana yeroo
hundumaa fuuldura isaatti ilaalee haalota rakkisoodhaan utuu hin qabamin, harka utuu hin
kennin jiraata.
† Namoota kaayyoo jireenya isaanii dagatanii wanta yeroof mul’atee baduun qabaman waliin
adeemsa isaa hin godhatu. Isaan fedhii foon isaanii gammachiisuuf, garaa ofiif warra
jiraatan, warra biyya lafaatti michoomanii dha. Kaayyoo jireenyaa dagatanii akkasumaan
warra jiraatanii dha.
† Jireenya jiraattu keessatti mudannoo darban yaadadhu! Kanneen biroo ittiin gorsuu
dandeessa. Hambaa jireenyaa dhaloota dhufuuf dabarsitu qopheeffadhu! Seenaan jireenya
keetii fakkeenya gaarii dhaloonni waan tokko irraa baratu qabaachuu qaba. Kana gochuu
kan dandeessu immoo fedhii namummaa keetii isa gaarii fi gadhee adda baafattee yeroo
hundumaa itti yaaduu si barbaachisa.
† Nama yeroo hundumaa ganama hirriibaa dafee ka’uun rakkisu yeroo hundumaa bilbilteefii
kaasuu irra, akkamitti akka karoora isaa faana deemu itti himuu qabda. Sababni isaa namni
kun gaafa ati bilbiluufii dagattu miidhamaa ta’a waan ta’eefidha. Garuu murtoo mataa isaa
kan yeroo hunda hirriibaa isa dammaqsuu danda’u tokko yoo qabaate fayyadamaa ta’a
jechuu dha.
Iddoo deemu hundumaatti wanta isa fayyaduu fi hin fayyadne hundumaa adda baasee
beeka, akeekni jiraachuu isaa maal akka ta’es adda baafata, just what busy today doesn’t
existernal. Wanti har’a nama sardu itti fufee kan jiraachuu danda’u miti. Kan darbee bara
baraan jiraachuu danda’u fi ibiddaan qoramee baqee kan hin gubanne hojii qajeelummaa
fi qulqullummaatti jiraachudha. Wanti busy nama godhu hundinuu yeroo isaa ni darba!
Sadarkaan ati keessa jiraattu kamiyyuu kan lafa kanaa kanuma lafaati! Inni olii garuu
kanuma oliiti.
Fedhii fi yaadni namaa garaagara. Yaadni Waaqayyoo garuu, hamma laftii fi samiin
walirraa fagaatu yaada namootaa irraa fagoodha.
☞ Beekuun kan si barbaachisu jireenya kee akkuma barbaadde gochuu hin dandeessu.
Itti gaafatamaan jireenya keetii si miti, kan si jiraachisuu fi si dhabamsiisuu danda’u
kan jireenya kana siif kenne Yesuusiin maal gochuu akka qabdu gaafachuutu sirra
jira.
☞ Ammas beekuun kan nu barbaachisu yoo jiraate, maaliif akka uumamne, eenyuf
akka jiraannu, itti gaafatamaan jireenya keenyaa eenyu akka ta’e beekuun
barbaachisaa ta’a.
☞ Haala jireenya olka’aa irras yoo jiraanne Yesuus isa lafaa nu kaase dagachuu hin
qabnu.
☞ Jireenya gadadoo keessattis Yesuus kana dagachuu hin qabnu. Iddoo hundumaatti
inni kabajamaadha, cubbuu kan hin qabne Waaqa qulqulluudha.
Barataa afshaalli (gamni) yeroo hundumaa jiruu fi jireenya isaa keessatti taateewwan ta’an
irraa waan haaraa kan baratuudha.
Namni yeroo hundumaa duuba taa’uu jaalatu yeroo hundumaa teessoon isaa duuba akka
jiru ilaala. Namni fuuldura taa’uu jaalatu yeroo hundumaa teesson isaa fuuldura akka jiru
ilaala.
Biyyi lafaa waanuma biyya lafaatiin guutudha, wanti biyya lafaa kana keessa jiru hundi nu hin
fayyadu, filannoodhaan itti fayyadamuu barbaachisa. Ati biyya lafaa kana irra hamma jiraattutti
ofiidhuma keef jiraatta taanan dogoggortee jirta. Dhaloonni si booda dhufan si ilaalanii waan tokko
si irraa akka barataniif karaa kee cimsitee eeggachuu si irra jiraata. Yoos gumaaacha gaarii tokko
kunis fakkeenyummaa gaaridhaan maqaan kee akka dha’amu taasistee jirta jechuu dha. Kunis
guyyaa guyyaatti daandii irra adeemtu qorachuudhaan argama. Wanta ati har’a facaaftu gaaris
hamaas boru warra si booddeetu haammata.
Amma egaa dhaloonni hundumtuu dhoksaa macaafa qulqulluu haa hubataniif ijji isaanii
banameera. Namni jireenya isaa Yesuus duukaa gaggeeffachuu barbaade, dhaloota eebbifame ta’a.
Utuu beekuu irra kan daddarbu garuu, itti in faradama. Namni Waaqayyoon sodaatu bara isaa
keessatti boonee in jiraata.
5.5.5 Isa lafa irraatiif moo isa waaqa irraatiif cimsitee hojjattaa?
Nuti yeroo hundumaa maal yoo goone gooftaa Yesuus nutti gammadaa? Jennee yaada keenyatti
cimsinee of eegganna. Karaa fi wanta Waaqayyo nutti gaddu irra adeemaa jirra moo daandii
keenyaa fi yaada keenya waaqni maal jedha jennee yaadna. Kun yaada gaariidha. Yaaduunis kan
nama irra jiraatu dha.
Gaaffii yeroo hundumaa of gaafachuun jireenya keenya Waaqayyoof binnuudha. Jireenyi namaa
gooftaa Yesus malee hiika hin qabu.
☞ Yaa ilma koo warra nama karaa irraa kaachisan irraa fagaadhu, lafa onaa keessa bakka
wanti namatti kiyyoo uumu hin jirre jiraattee jireenya kee eeggachuu siif wayya.
☞ Warra nama gufachiisaniif wayyoo isaan adabbii dacha ni adabamu. Kitaabni qulqulluun
yommuu dubbatu, “eenyu illee nama gufachiisuu isaa irra dhagaan morma isaatti
hidhamee bishaan qilee keessatti gadi darbatamuu isaaf wayya.” (Mat. 18:6) jedha.
☞ Daandii warra cubbamoonni irra adeeman irra kan hin adeemne inni gammachuu qaba.
(Far. 1:1)
“Egaa karaa Kristos wal gorsuun, jaalala isaatiin wal jajjabeessuun, karaa
hafuura qulqulluu tokkummaa qabaachuun, gara laafinaan namaaf yaaduun
nuuf kennameera.” (Filp. 2:1)
Qabeenyi akka malee kufee fi dagatame dhala namaati. Dhaloota bara si’anaa kana akkamitti
qabachuun akka ta’u yaadan qabuun hunduma caalatti wanta dursi kennamuufii qabu dha.
Qabeenyi guddaan addunyaa kanaa dhala namaati. Dhalli namaa garuu qabeenya addunyaa
ta'ee osoo jiruu addunyaan qabeenya qabdu barbaaduutti yeroo fi bara isaa fixa.
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalate malee.
Addunyaa irratti ba'aa ta'uuf namni dhalate hin jiru. Ba'aa addunyaa irraa kaasuuf dhalata
malee.
Addunyaa kana irratti nama barbaachisaa fi kaayyoof dhalate taatee argamuuf wantoota 4 kana
yaadaa gara fuulduraatti tarkaanfadhu!
Wanti haaraan siin dalagamu immoo gatii si kafalchisuu of keessaa qaba. Maaliif beektaa?
Beektonni yeroo baay'ee akkas jedhu. “Wanta haaraa hojjechuun mataan isaa iyyuu gufuudha”
jedhu.
Qabeenyi biyyi lafaa garmalee dagatte dhala namaa yoo ta'e illee ati gonkuma qabeenya dagatame
taatee hin hafin! Namni Mark jedhamu, dhaabata facebook kan uume ittiin jireenya fooyya’aa
jiraachuufi, wanti inni uume kuni nuuf
“Walitti kan toltan garaas waliif kan laaftan ta’aa! Akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu
keessan isiniif dhiise akkasuma isinis waliif dhiisaa!” (Efe. 4:32) Mootummaa Waaqayyoo,
jireenya bara baraatti wal galchuuf harka walqabannee ka’uuf halkanii fi guyyaa hojjachuu qabna.
Jireenya jiraannun fakkeenya ijoollee waaqayyoo ta’uun mul’achuutu nutti jiraata. “Namoonni isin
ilaalanii jireenya gaarii fi qajeelaa jiraachuu keessan isin irraa baranii ulfina Waaqayyoof haa
kennan malee, wanta hamaa isin irratti arganii maqaa waaqayyoo akka hin arrabsine eeggadhaa!”
Jireenyi jiraannu sa’aa 24 guutuu walitti dhufeenya Kristoos waliin qabnu ibsuutu irra jiraata.
Yeroo hundumaa kan namatti tolu, Abdii guutuus kan anatti horu, Qajeelchaa fi gorsaan kan
akka dubbii sagalee Waaqayyoo hin jiru.
Dubbii sagalee Waaqayyoo nan dubbifadhe, ittis nan boqodhe.
Boqonnaa gaarii isatu namaaf kenna. Isa amanatanii turuunis nama hin yeellasisu.
Hojiin wangeelaa yoomiyyuu haala kam keessattiyyuu kan dhaabatu miti. Gamtaadhaan ni
hojjetama, gareedhaan ta’uudhaan ni hojjetama. Namoota lamaa fi sadiin ni hojjetama.
Dhuunfaadhaan ni hojjetama. Beektotaan ni hojjatama, xiqqaa fi guddaadhaan ni hojjetama.
Darbees bara baraan ni hojjetama. Waaqayyo alfaa fi omeegaadha. Mootummaan Waaqayyo bara
baraan jabaatee itti fufa. Kaayyoo fi karoorri seexanaa dadhabaa adeema. Hojii wangeelaa akka
hojjannuuf itti waamamneerra. Gonkumaa hojii wangeelaa hojjachuutti hin laafnu hin dhiboofnus.
Yommuu abdiin gadi dhumaa adeemu, ani siif jira jedhee bakkatti kan argamu, yeroo
hundumaa kan nama irraa hin fagaanne, jajjabeessaa dhugaan sagalee Waaqayyooti.
Bara koo hundumaa akkan si faarfadhuu fi waa’ee kee dhaloota hundumaatti akkan himu,
sagalee kee afaan koo keessa guutte. Kunis yeroo hundumaa afaan koo keessaa hin dhabamu.
Tuttuqees na yaadachiisa.
Mana mootii biyya lafaa kana keessaa baay’ee kan natti tolu keessa waggaa kuma jiraachuu
irra mana kee (oobdii kee) keessa guyyaa tokko jiraachuu nan foo’adha. “Iddoo biraa guyyaa
kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya. ” (Far. 84:10)
Utuun badee kanaan dura ture, amma booda garuu homaa hin ta’u. “Fedha Waaqayyootiin
baatamee rakkinicha gurguddaa sana utuu hin cabin oofkalee dhufeera.” Egaa, si’achi
jiraadhus, du’us, fedha Waaqayyooti.
Ani borii kootiif hin yaadda’u, “eenyumtuu yaadda’ee rifeensa mataa isaa gurraachessuus,
addeessuus hin danda’u.” Ani kan isaati, akeekni kan isaa qofti akka anarratti ta’un barbaada.
Hin ariifadhu, obseen eega.
Waaqayyo abdii godhannee diina keenya irratti yeroo hundumaa dammaqinaan mormuun nurraa
eegama. Jireenya keenya guyyaa guyyaa ilaallee hawwaa fi jireeya nuti guyyaa guyyaatti jiraannu
hedduu kan nu mudhuksu, kan nu dhadhabsiisu, Nu laaffisu haalli jireenyaa mijachuu dhabuun
jiraachuun isaa waan hin haalamneedha. Kanaaf safarri abdii keenyaa kan hedduu keenyaa
yeroodhaa gara yerootti garaagara. Kaan abdiin keenya amma iyyuu saafela, hoo’aadha, kanaaf
haamilee guddaadhaan ni dhamaana. Kaan keenya immoo suuta suutaan nu harkatti laafee ijji
keenya isa fuula duraa irra isa booda keenyatti dabarsine irra buufatee haala ammaa gaddaa fi
gaabbiin ilaalla ta’a. Kaan keenya immoo muddama jireenyaa of irraa faccisaa abdii jireenyaa
qabnu jabeeffachuuf abdii kutachuu garasitti haala kamiyyuu keessatti warraaqna. Cimnees
hojjanna.
Abdiin nuti qabnu adeemsaa fi bifa jireenya keenyaa tolcha. Haa ta’u malee, garaa garummaan
abdii kun eessaa madda? Deebiin kanaa gabaabatti laphee garaa keenyaa keessaa madda. Namni
qalbii isaa keessatti kan kuufate shaakala jireenyaa, ogummaa fi ilaalcha isaa ala jiraachuu hin
danda’u. Kanaaf abdii dhabuun, mogolee laafuun, ofbooda ilaaluun kan dhufu yeroo sammuun
keenya shaakala jireenyaa keenya irraa kan kuufate milkaa’uu dhabuu keenya nuuf dhugeessu,
yookiin immoo madaala ormaa fi naannoo keenyaa guutuu yoo dhadhabnu, akkasumas dhadhabuu
keenyaa fi haala amma keessa jirru garasitti wanti haaraan akka hin jirre amannee fudhanee dha.
Kaan keenyatti immo shaakalli jireenyaa faallaa kanaa waan nuu dhugeessuuf, ganama gaafa
kaanu nuffii utuu hin ta’in abdiin, gammachuu borii, fuuldura keenya tolfachuuf bobbaana. Ati
har’a abdiin jireenya kee kallattii hundumaan akkami?
Nuti ofii keenyarra darbinee dhalootaaf abdii jireenyaa taana malee, dhibaa’ummaan nu keessatti
argamuu hin qabu. Yoo dhugaan isaaf jiraanne Waaqayyo nu guddisa. Dhalootaaf fakkeenya gaarii
taanee akka jiraannuf keessa keenyatti amanna.
Yeroo tokko tokko haasawa jibbiinsa qomoo wiirtuulee (miidiyaa hawaasaatiin) yommuu
dabarfamu ni argina. Namni dubbii jibbiinsaa labsuun hanga abbaa manaa fi haadha manaa qomoo
adda addaa irraa jaalalaan walitti hidhaman ceepha’ee gara gargar ba’iinsaatti geessutti jibbiinsa
isaa itti fufee argisiisa. Yeroo hundumaa jaalala tolaa yookiin akkasumaan kan nu jaalate jaalala
Waaqayyoo kan sanyii fi qomoo adda hin baafne fakkeenya godhannee jiraachuutu nu irra jiraata
malee yeroo itti yaada hanqina walii lakkoofnee qomoon gargar walqoodnee itti wal komannuu fi
wal hammeessinu qabaachuu hin qabnu.
Namni kamiyyuu bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin kan uumame, nama yaaduu fi hubachuu
danda’uudha.
Walgorfachuun,
Jireenyaa jaalalaa lafa kana irratti walii wajjin jiraachuun ni mala. ni ta’as.
Ilmaa fi intala jaalala Waaqayyoo fakkeenya godhatanii guddatan qabaachuu fi waliin hojjachuu
barbaanna. Sanyiin walqoodunii fi jibbiinsi hamaan badiisa fida. Walii galanii tokko ta’uun garuu
guddinaa fi gammachuu bara baraati. Jaalalli waan hundumaa ni moo’ata, jaalalli danda’aadha,
Namni jaalala of keessaa qabu waan hundumaa obsee bira darba. Kanas barreessuuf kanan dirqame
lammiileen qomoo adda addaa keessaa jaalalaa fi Gaa’elaan walitti hidhaman hanga waliin
jiraachuun isaanii yaaddessaa ta’utti waan irratti haasa’amaa tureefidha.
Xumura
Dhuma irratti wantoota barruu kana irraa barattee fi yaada keen walqabsiiftee karaa kees ilaallattee
bara kana keessatti dhaloota kallattii dhugaa irra dhaabatanii wajjin gonfoo qajeelinaa akka
fudhattu, mootummaa Waaqayyoo keessaa qooda akka qabaattuuf Waaqayyo akka si gargaaruuf
yeroo hundumaa kadhannaa kooti.
Namni adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin godhatu jireenya ofii isaa irra darbee dhalootaaf eebba
ta’a. Dhaloonni bara kanaas mataa isaanii qofaaf jiraachuu irra darbanii dhalootaaf fakkeenya
gaarii ta’uudhaan adeemsa isaanii dubbii Waaqayyoo irratti cimsanii akka dhaabatan nan gorsa.
Ani waan tokko nan yaada, innis dhaloonni nu booda dhufan dhaaltummaa isa qajeelinaa fi
eebbifamaa ta’e dhaloota bara si’anaa irraa akka dhaalanii ittiin jireenya isaanii daandii guddinaa
irra qajeelfatan nan barbaada. Kunis anaa fi si’i irraa eegama, adaraa nutti kennameedha.
Wanta dhageesse, wanta argite hundumaa xiinxali! Yaadan qabi! Wanta siif galee fi waan baratte
dhalootaaf dabarsuu hin dagatin! Waaqayyo bara baraan jireenya kee, haa eebbisu.
Qophiilee bashannansiisoo
Affeerraa faarfannaa
Email1: getuabera041@gmail.com
Phone: +251919872853
Channel1: https://t.me/gaggeessummaa
Channel2: https://t.me/reading_pdf
Channel3: https://t.me/getu_official
Group: https://t.me/daandii_guddinaa
Geetuu Abarraa
Telephone: 0919872853
42