Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 22

Yunivarsiitii Jimmaa kollejjii saayinsii Hawaasaafi Humaaniitii Damee

Barnoota Afaan Oromoofi ogbarruu

Koorsii Ijaarsa Barreeffama Afaan Oromoo

(Advanced Afan Oromo Writing skill)

Sagantaa Idilee barattoota Bed fi BA’f qophaa’e

Kan qopheesse: Soofiyaa Huseen

Guraandhala, 27/2015

1
B1. Mee anaan akka nama waan isin jireenya keessan keessatti gootan tokko akka nama hin
beekneetti fudhaatii adeemsa inni keessa darbee bira ga’amu natti himaa/ nabarsiisaa

Seensa

Waan kamiinuu yoo kalaqnu, waan xiqqaa minjaalas ta’e waan guddaa hamma konkolaataa
adeemsi keessa darbamee waan xumuratti argamu bira ga’uuf goonu kan jiruufi kan jiraachuu
qabuudha.

Adeemsa:- xumura beekamaa ta’e tokkorra gahuuf gocha ykn duraa duuba keessa
darbamuu qabuudha. (fkn adeemsa buna danfisuuf keessa darbamu, adeemsa nyaata ancootee
dalaguuf keessa darbamuufi kkf) fudhachuun ni danda’ama.

Adeemsa Barreessuu
Duraa Duuba Barreessuu Barruu

2
1. Barreessuun dura (Prewriting)

Barreessuun dura: kun utuu gara barreessuutti hin seeniin kan ati dursitee
gootu/raawwattu jechuudha. Sadarkaan barreessuun duraa kan barbaachiseef yaada kee
walitti kuusuuf/qabuuf

Kunneenis:

a.Gahee: gahee barruun kee raawwachuu/irratti bu’uureffachuu danda’u kan dafee gara
sammuu kee dhufu maali? (fkn. barataa, barsiisaa, mucaa, dargaggeessa, moo maali?)
kunneen hunduu dhageettii gara garaa qabu.

b. Eenyuuf barreessita: namni ati barreeffamakee barreessituuf eenyu? Barataa kutaa


sadiitii? Ogganaa dinagdeetii? Kam

c. Uunki barreeffam keetii maal fakkaata? Xalayaadhaa? Barruudhaa? Kitaaba


fakkiitii?

d. Mata duree :mata duree akkamiitu sammuu kee keessa deddeebi’a? kun kutaa isa
baay’ee murteessaadha. Hamma mata duree maalii irratti akka barreessitu beektutti irra
deddeebiin dubbisi.

e. Kaayyoo barruu kee : jajjabeessuufii, hubachiisuufii, ibsuufii,


bashannansiisuufiimoo maalifi?

Erga kutaalee olii keessa baateen booda, yaada burqisiisuu eegaluutu


sirraa eegama

Kunis:
Sammuu kee yaachisuun
Gaaffilee gara garaa of-gaafachuun

Maappii kaasuun

Mariin

Barruu bilisaa gochuun

3
B2. Mee jireenya dhala namaa keessatti waanti baay’ee barbaachisaan maali? (gaafa
jalqabaaf barnoota eegaluudhaa,mana jireenyaa ijaarachuu, hojii qabachuu, fuudhaafi
heerumaa, moo maali?) maalif baay’ee barbaachisaa akka ta’e gumee isaa
tarreessimee!....yoo xiqqaate qabxii sadi ................................................................. sadii

2.Qindeessuu/Organizing/
Qinseessuun: baafata gumee hin qindoofnee tarreeffachuudha. Kun barreeffama guutuu
qindeessuuf deemnuu harka baay’eedhaan nuuf salphisa. Keessattuu isa kutaa 1 jalatti a-e
jennee tareessine kaa’uun boca barruun keenya fakkaatuufi hammatu nutti argisiisa

___________ hima ijoo ________________


__________________________________
___________ qaama barruu ____________
__________________________________
___________ hima goolabaa ____________

3 . Barruu Jalqabaa barreessuu/Drafting/


Erga yaada ka’umsaa argattee yaada argattes qindeessiteen booda gara barruu jalqabaa
barreessuutti seenuudha. Gaafa barruu kee jalqabaa barreessitu kanneen gadii yaadatti
qabadhu

o Yeroo jalqabaaf waan ta’eef barruu qulqulluu mudaa hin qabne barreessuuf

hin dhama’iin .
o Kan ati barruu jalqabaa keessatti barreessitu, gumee qindeessuu keessatti
keesse cimsuufi deggeruu akka ta’e hin dagatiin.

4
o Seerlugaafi sirna tuqaaleef hin muddamiin, booda adeemsa keessa sirreessuuf
jirta waan ta’eef

B3 . Mee yaada dura jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisaadha jette gara
keeyyataatti jijjiirii keeyyata jalqabaa (qulqulluu hin taane) barreessi!

4. Irra Deebiifi Gulaallii

 Erga barruu kee jalqabaa barreessiteen booda duubatti deebi’uun qabiyyeenis ta’e
ijaarsaan waan fooyyeffamuu qabu ilaali. Kun sadarkaa irra deebii jedhama.

 Erga irra deebitee qabiyyeefi ijaarsa ilaalteen booda gara gulaallii: sirna tuqaalee,
seerluga, qubeessuu, amaloota barreeffama gaariifi dogoggora caasaa himaafaa
ilaaluudha.

 Irra Deebii Gulaallii

 qabiyyeefi ijaarsa -qubeessuu

 Fkn.yaa’insa himaa - seerluga

 filannoo jechootaa

 qindoomina yaadaa - sirna tuqaalee

 -qub-guddeessaa…

G. Gaafa irra deebituufi gulaaltu gaaffii ofgaafachuu qabdu


 Ijoon barruu kee ni mul’ataa?
 Ijoon barruu qaama waraqaa kee keessatti utubameeraa?
5
 Dubbisaa sirrii mataa keessaa qabdaa?
 Seensi kee yaada dubbisaa hawwachuun gara yaada ijoo barreeffama
keetti nigeessaa?
 Barruun kee bifa qindaa’aafi amansiisaa ta’een guddachaa deemee?
 Hima ijoo keeyyata qaamaa hunda jiraachuu isaanii mirkaneeffadhu
 Waan gochuuf yaadde godheera jettaa?
 Keeyyanni tokko tokko ibsa gadi fagoofi fakkeenya dabalataa ni barbaaduu?
 Jechoota irra deddeebiteettaa?
 Seerluga, sirna tuqaaleefi qubeessuu kee ilaalteettaa?
 Waraqaa kee sagalee olkaasuun dubbisi.
 Dogoggora ykn kutaa/yaada ifaa hin taane argitee?
 Hima ykn yaada waliin hin deemne dhabamsiiftee?
 Cuunfaankee yaada barruu waliigalaa walitti siifqabee?

B4: Adeemsi barreessuu hunduu baay’ee barbaachisoodha; haata’uutii garuu, irra deebiifi
gulaaluun isa baay’ee murteessaafi barbaachisaa irra darbamuu hin qabneedha. Kanaaf, irra
hin darbin; yoo barreessaa gaarii/cimaa jettee of-yaadde illee warri sirra cimoo ofiin jedhanuu
irra ni deebi’u ni gulaalus. Mee ariitiin dubbisii fooyya’iinsaafi jijjiirama barbaachisu godhi.

5. Barreeffama Xumuraa

Egaa, sadarkaalee olii keessa darbee erga as ga’ee barruu xumuraa jedhama. Barruun
xumuraa tokko immoo qajeelfama akkamiifaa eeguu qaba:

1. barruun xumuraa kompuuteraan barraa’uu akka qabu

2. maqaan nama/abbaa barreeffamaa jiraachuu qaba

6
3. barreeffamni kamuu bakka duwwaa ta’e (space),guddinni qubee12(12pt)fi Times New
Roman ta’u akka qabu.
4. waraqaan kamuu waraqaan (hard copy) dhaan galuu akka qabu.

BOQONNAA LAMA

2. KEEYYATA/Paragraph/

Keeyyanni Maali?

Keeyyatni himoota sirnaan walqabatanii yaada ijoo tokko qofarratti


xiyyeeffatuudha.Keeyyatni tokko tokko akka barruu gabaabaatti ilaalamu. Kunis
hima ijoo tokko qabaachuun himoota gargaartuun kan utubamaniidha. Akka
‘Lunsford and Connors’tti keeyyanni garee himootaa ykn hima tokko kan yaada
ijoo ta’e tokko uumuudha. Egaa kana jechuun Keeyyanni garee himootaa ykn hima
tokko ta’ee yaada ijoo tokko kan utubuudha. Isa kanaanis ‘yaada ogganaa/to’ataa’
jechuu dandeenya. Inni kun kan yaada keeyyata keessaa hunda to’atuudha
Yaa’iinsi qajeeltoofi sirnaan ijaaramuun keeyyataa walqabatiinsa jedhamuun
beekama.
o Yaada/ergaa tokko qofaa of keessaa qaba.
o Yaadonni /himoonni/ keeyyata tokko keessatti dhiyaatanwal dhiituu
hin qaban.
o Himoonni hunduu walirratti rarra`anii walqabannaa qabaachuu
qabu.
o Keeyyatichi waadaa hima ijoodhaan dubbistootaaf galmaan ga`uu
qaba
AMALOOTA KEEYYATA GAARII
1. TOKKUMMAA
Ulaagaalee keeyyata gaarii keessaa tokkummaa yaadaa qabaachuun
isa tokko.walfakkaachuu yaadaarratti xiyyeeffata.Keeyyata tokko keessatti
himoonni argaman hunduu yaada tokko qofa ibsuurratti kan xiyyeeffatan ta’uu.
Keeyyata tokkummaa yaadaa qabu keessatti himni ijoo, himoonni callaa himni
goolabaa sagalee tokkoon wal tumsanii yaadahandhuuraa tokko dabarsuu qabu.
Yaaduma tokko ibsuu qabu malee,yaada haaraa hima ijoo keessa hin jirre bifa
kamiinuu keessumessuu hin qaban.Tokkummaa keeyyataa tokko beekuuf

7
qabxiileen armaan gadii murteessoodha.

Ergaan keeyyatichaa tokko qofa ta`uu,himoonni deeggeroo yaada hima ijoo ala
ba`uu dhabuu,seerluga sirrii qabaach,walqabatiinsa/Walta’iin/Walta`iinsi
keeyyataa walitti dhufeenya himoota keeyyata tokko ijaaran gidduu jiru kan
ilaallatu dha.Himoonni keeyyaticha ijaaran walirratti rarra`anii yaadaan kan
waltumsan yoo ta`e Himni inni dura dhufe hima isa itti aanuuf karaa kan banu
akkasumas,himni inni itti aanee dhiyaatu hima dursee dhuferraa yaada kan fudhatu
ta`uu waliin walqabata Walitti hidhata /firoomina himoota keeyyaticha keessatti
argamanii kan ilaallatu dha.Tooftaalee ittiin walqabatiinsa keeyyataa eegnu
Walqabsiistota akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin gargaaramuu- walqabsiistota
haala barbaachisaniin fayyadamuun walta`iinsa himoota keeyyata tokko ijaaranii
eeguun ni danda`ama.Jechootaafi gaaleewwan furtuu ta`an irra deddeebiin
gargaaramuu Bamaqaalee garaagaraa haala barbaachisummaa isaaniin bakka
maqaatti fayyadamuu

3.Guutamummaa/Xumuramummaa/
Waadaa himni ijoo dubbisaadhaaf seene sun odeeffannoo, ragaalee fi fakkeenyota
addaa addaan babal`atee himoota callaadhaan kan ibsame yoo ta`e, keeyyatichi
guutummaa qaba jedhama. Keeyyanni tokkos guutummaa isaa eeggachuuf
odeeffannoo barbaachisaa fi ga`aa ta`e kennuu qabaErgaan barbaadame haala
quubsaa ta`een barreeffamuusaa ilaallata. Hima ijoo dhiyaate himoonni deeggaroo
gadfageenyaan ragaan, fakkeenyaan, haqaan deeggeranii dhiyeessuu kan
ilaallatudha.

Fakkeenyaaf,
Hima ijoo keessatti barreessaan waa`ee faayidaa bosonaa barreessu tokko bosonni
faayidaalee garaagaraa shan kenna jedheebarreessee garuu himoota gargaaroo
dhaan waan inni kaase afur duwwaayoo ta`e keeyyanni kun
guutummaa/xumuramummaa hin qabu jedhama.Sababni isaas, waadaa
dubbisaadhaaf hima ijoo keessatti seene hundabarreessee galmaan waan ga`uu
dadhabeef. Dubbistoonni immoo sammuuisaanii keessatti faayidaaleen bosonaa

8
shaneen kunneen maal maal fa`ijechuudhaan gaafii kaasu.

4. Tartiiba Ijaarsa

Himoonni keeyyata tokkto keessa jiran walduraa duuba isaanii eeganii dhufuu
isaanii kan ilaallatu dha. Yaada kamtuu isa kam dursee akka dhufu yookaan yaada
isa kamtuu jalqabarra dhufa, kamtuummoo itti aansee dhufakan

jedhudha. Yaada kamtuu dhumarra akka dhufu waliin wal qabata. Tartiibni
keeyyata tokko eessaa kaanee akka barreessinu eessattis akka dhaabnu nutti
agarsiisa. artiibni keeyyata tokkoos bakkarratti,gochaarratti, yeroorratti ykn
haalabarbaachisummaa wanta ibsamuu sanarrattihundaa`uu ni danda`a.
Walumaagalatti, yaadonni keeyyata tokko keessattidhiyaatan walborcanii
dhiyaachuu hin qaban. Tartiiba keeyyanni tokko qabaachuu danda`u karaa lamaan
ilaaluu ni dandeenya
1. Tartiiba qabatamaa: kun tartiiba keeyyanni tokko hordofee barreeffamu ta`ee
tartiibolee kan akka gochaa, bakkaa fi yeroo waliin wal qabatani dha. A. Tartiiba
gochaa- kun tartiiba gochi tokko keessa darbamee hojjetamuurratti xiyyeeffachuun
kan barra`u dha.Fkn: Adeemsa itti ittoon hojjetamu yeroo barreessinu tartiiba
qabatamaa dhaan gochoota raawwataman mul`isuu qabna B. Tartiiba bakkaa:
waan tokko yommuu ibsinu kallattii itti argama isaa sirrii ta`een osoo wal keessa
hin makiin haala teechuma isaatiin barreessuu qabna.Tarttibni bakkaa yeroo
baay`ee k an xiyyeeffatu gubbaa gara gadiitti, keessaa alatti, bitaa mirgaatti, bahaa
dhiyatti, kaabaa kibbatti, fi kkf ta`uu danda`a.C. Tartiiba yeroo: waan tokko haala
ta`iinsa yeroo isaarratti hundoofnee yeroo barreessinu kan dhimma itti baanu dha.
Kanas, fagoorraa dhiyootti ykn dhiyoorraa fagoo gargaaramnee barreessuu
dandeenya. Tartiiba yaadaa: kunimmoo dhangala`iinsa yaadaa wajjin
walqabata.Kunis, dimshaasharra gara murtaawaatti ykn murtaawaarra gara
dimshaashaatti akkasumas,salphaarraa gara cimaatti/cimaarraa gara salphaatti
barreeffamuu danda`a

Fakkeenya 1: Faayidaa Bishaanii


Bishaani dhala namaaf faayidaalee kanneen akka dhangaa nyaataa, qulqullinaafi
geejjibaaf oola. Dhangaalee nyaataa dhala namaaf barbaachisan keessa inni

9
hangafaaf tokko bishaani. Kanas dhugoomsuuf ragaan tokko dhangala’aa qaama
dhala namaa keessa jiru keessaa dhibbeentaa 80 ol bishaan akka ta’e barruu
saayinsawwaan ni kaa’a. Kanumaaf nyaata nyaannuunis ta’e bishaan dhugnuun
bishaan argachuun fayyummaa qaama keenyaaf murteessaadha. Faayidaa bishaanii
inni lammataa qulqullina. Dhiqannee balfa ofirraa baasuuf, huccuu miiccannee
nageenya keenya eeggachuuf bishaan isa baay’ee murteessaadha. Faayidaa
bishaanii inni xumuraa dhala namaaf kennu geejjibaaf ooluu isaati. Dhalli namaa
oomisha alaa galfachuufis ta’e kan isaa ala baasuuf, karaa daandiin qilleensaas ta’e
lafarraa hin jirretti deemee bakka garaa isaa gahuuf bishaanni geejjibaan dhala
namaaf oolmaa baay’ee oola. Walumaagalatti, ilmi namaa jireenya isaa lafarraa
kana galmaan ga’achuuf jireenya isaaf, fayyummaa isaaf akkasumas bakka garaa
isaa ga’uufis ta’e waan garaa isaa argachuuf bishaan isa baay’ee murteessaa ta’uu
beeknee eeggannoofi kunuunsa barbaachisu gochuufiin nurraa eegama.

CAASAALEE/QAAMOLEE KEEYYATAA

Keeyyanni tokko qaamolee gurguddoo sadii of keessaa qaba. Isaanis:

Hima ijoo
Himoota callaa
Hima goolabaa
1.HIMA IJOO KEEYYATAA

Yaada dimshaashaa, bu`uuraa, ukkaamamaa keeyyata tokkooti. Yaada too`ataa


keeyyataati. Ergaa keeyyataa of keessatti hammata. Mallattoo barreessaan
dubbisaaf ittiin waadaa seenudha. Yeroo tokko tokko mata duree keeyyataas of
keessatti qabachuu danda`a. Keeyyataaf mata duree barreessuun dirqama waan hin
taaneef, hima ijoo keessatti argamuu/hammatamuu danda`a. Gaaffilee sammuu
dubbisaa keessatti kaasa. Keeyyatichi waa`ee maalirratti akka xiyyeeffatu agarsiisa

Faayidaalee Hima Ijoo keeyyata: Himoota deeggeroo qaama keeyyataa keessatti


dhiyaatan maddisiisuuf karaa bana.Qabiyyee keeyyatichaa akka waliigalaatti kaa`a.

Odeeffannoo qaama keessatti dhiyaatan dubbisaan dursee akka tilmaamu


taasisa.Yaadolee keeyyata sana keessatti hammatamaniifi hin hammatamne baasee
agarsiisa. Keeyyanni seeraafi sinaan ijaarame yaada ijoo ta’e tokkorratti

10
bu’uureffata; innis hima ijooti.yaada keeyyata keessaa hunda kan to’atu
jechuudha. Himni ijoo yeroo baay’ee jalqaba keeyyataatti argama; innis waan lama
of- keessaa qaba: mata durreefi yaada ogganaa/to’ataa ta’eedha.Mata dureen
matima yoo ta’u yaadni to’ataan immoo guutuu keeyyata sanaa keessatti
waan jedhamuufi raawwatu hunda kan to’atuudhaKana jechuun himni ijoo yaada
bu’uuraa keeyyata sanaa kan qabateedha jechuudha kanas karaa sadiin argina:
a.Himni ijoo yaadota haqaa kan walitti qabuudha.

b. Himni ijoo yaadota haqaafi yaada falmisiisoo/ilaalcha falmisiisoo kan


walitti fiduudha.
c. Himni ijoo yaada duraan darbeefi keeyyata kan walitti fiduudha.

Shaakala
Mata-dureewwan armaan gadiirratti mee hima ijoo barreessi:
A) Waan baay’ee jaallattu
B) Waa’ee nama beektu tokkoo
C) Bakka bareedaa ta’e tokko
D) Bu’aafi dhiibbaa miidiyaa hawaasaa
E) Faayidaa dandeetti dubbachuu

HIMOOTA GARGAAROO GUGUDDAA

Himoota qaama keeyyataa ijaaranidha.Yaadota murtaawoo of keessaa qabu.


Gaaffilee sammuu dubbisaa keessatti hima ijoodhaan ka`aniif deebii/ibsa
kennu. Hojiin isaanii inni guddaan ragaa fi fakkeenyota adda addaa hima ijoorratti
hundaa`uu dhaan dhiyeessuudha. Yaada hima ijoo keessatti
ukkaamamee/cuqqaalamee jiru kanneen diiganii, babal`isanii ibsanidha. Fakkeenya
dhiyeessuun, ragaa dhiyeessuun, tartiibaan dhiyeessuun, hiika laachuun, yaada
namoota adda addaa waabeffachuun, muuxannoo dhuunfaan deggeruun, sababaafi
bu`aan, walbira qabuun/waldorgomsiisuun, keeyyata tokko gabbisu/guddisu.
Yaada haaraa hima ijoo keessa hin jirre kaasuu hin danda`an.Yaaduma hima ijoo
keessa jiru qofa diiganii ibsu

11
HIMOOTA/IBSOOTA GARGAAROO XIXIQQOO

Yaadni himoota gargaaroo keessa jiru ifa hin taanee yoo ta`e, babal`achuufi ibsa
barbaada ta`e, caalmaatti ifa taasisuuf dhufu.Yaada tokko sirriitti keessa galanii
diiganii ibsuudhaaf barbaachisu. Hima Goolabaa: keeyyanni tokko tokko hima
goolabaan/ cuunfaan xumurama. Keeyyanni tokko hima goolabaa malee hima
guutuu hinta’u. Himni kun keeyyata tokkoof xumura cimaa ta’e kennuudhaan
xumuramuu keeyyata tokkoo agarsiisa. Himni goolabaa yaadota keeyyata keessaa
guutuu jechaafi kallattii biraan kan cuunfee kaa’uudha. Himni goolabaa yaadota
ijoo keeyyataa ta’an cuunfee dhiyeessuufi yaada xumuraa mata dureefi
keeyyaticharratti kan kennuudha.

Fakkeenyaaf:2

Kaanaadaan sababoota sadiif biyyoota addunyaa kana keessaa filatmtuudha.


Jalqaba, Kaanaadaan kunuunsa nagaa daran gaarii ta’e qabdi. Lamiileen Kaanaadaa
hundinuu carraatajaajila wal’aansaa gatii amansiisaa ta’een ni argatu.Lammaaffaa,
Kaanaadaan barnoota qulqulluu sadarkaa isaa eeggate qabdi. Barattoonni isaanii
barsiisota leenjii gaarii fudhatan irraa waan barataniifi hanga sadarkaa
yuunivarsiitiitti itti fufuuf jajjabina ni argatu. Xumurrratti, Magaalaaleen
Kaanaadaa qulqulluufi sirriitti kan qabamteedha. Magaalaaleen Kaanaadaa,
paarkota hedduufi bakka jireenya uummataaf mijataa ta’an hedduu qabdi.
Walumaagalatti, biyya jireenyaaf mijattuu taateedha.

Fakkeenya:3

Misiroonni durii waaqolii hedduufi waaqeffannaa hedduutti kana amananiif


tokkoon tokkoon isaanii walitti dhufeenyaan lafarratti nagaa buusuuf ga’ee mataa
isaanii ni taphatu. Waaqoliifi waaqeffannaaleen tokko tokko uumuu keessatti
qooda fudhatu. Waaqoliin biroo ammoo waggaa waggaatti nyaata fidu. Kaan kaan
isaanii ammoo eegumsa kan nuuf godhaniif, kaan isaanii du’a booda kunuunsa
godhu. Akkasumas Misiroonni nannoo naannoo isaanii kanneen magaalaalee bakka

12
bu’an, fi waaqolii xixiqqoo kanneen beeladotaafi biqiloota bakka bu’an ni qabu.
Misiroonni durii waqolli kana kabajuufi waaqeeffachuun jireenya sirrii jiraachuuf
barbaachisaadha jedhanii amanu.

Faayidaa hima goolabaa:

Hidhaa keeyyataati

Yaada handhuuraa jechoota birootiin guduunfa.

Yaada handuuraa cimsa


Xumuramuu keeyyata tokkoof jabina kan kennuu dha.
Yaada keeyyata tokko keessatti ibsaman akka waliigalaatti cuunfee
dhiyeessuudhaan dhaggeettiin barreeffamichaa akka dabalu godha. Keeyyanni
tokko yeroo baay`ee karaalee armaan gadii keessaa tokkoon goolabamuu danda`a.

 Yaada keeyyatichaa cuunfee dhiyeessuun,


 Gaaffii nama sissiyeessuu gaafachuun,
 Yaada namoota bebbeekamoo waabeffachuun,
 Dubbisaan murtee mataasaa akka fudhatu yaada dhiyeessuun,
 Jechootaan fakkii wanna ibsamuu sammuu dubbistootaa keessatti kaasuun,
 Hima ijoo jechoota biraadhaan irra deebi`ee ibsuu
Hima Wal-hin Qabanne/Hin Barbaachifne/Unrelated Sentence/

Barreessitootni tokko tokko hima yaada keeyyataa sanaa faana wal hin qabanne
kan yaa’iinsaafi sirnaan deemuu keeyyataatti gufuuta’an barreessu.

 Walqabatiinsaafi yaa’iinsa keeyyataa eeguuf himoota akkasii addabaasanii


beekuun barbaachisaadha.
 Himoonni gargaartuun keeyyata keessatti argaman hundi yaada ijoohima ijoo
kan utuban ta’uu qaba. himni hima ijoo hin utubne hima yaada keeyyataan wal hin
qabanneedha.
Keeyyata Xiinxaluu: kun himoota keeyyata keessatti argaman hunda gahee isaanii
fi dhimma isaan keeyyata sana keessatti barbaachisaniif adda baasanii kaa’uudha.

13
Himoota armaan gadii keeyyata tokko ijaaruu danda’an keessaa kan walii
deemuu hindandeenye filadhu.
A. Namoonni konkolaattota xixiqqoo sababoota garaagaraatiif filatu.
B. Konkolaattonni xixiqqoon bittaadhaaf salphaadha.
C. Konkolaattonni xixiqqoon boba’aa muraasa fayyadamu
D. Konkolaattonni xixiqqoon bakka dhaabbiif nama hin rakkisan
E. Deebii hinqabu.

Himoota yaada ijoo tokkotti naannawan armaan gadii keessaa tokko adda.
Kami?

A. Kallattii mana jireenyaa koo isaa haaraa sababoota hedduufan jaalladha.


B. Ollaa nageenya qabuu waan ta’eef, yakkii kan hinjirreef hinumaayyuu
namoonni tokko tokko balbala isaaniiyyuu hin cufan.
C. Mankuusaaleen, manneen barnootaa, manneen kitaabilee, buufanni
fayyaafi giddugalli dirree taphaa itti dhiheenyaan argamu.
D. Namoota olla dhuguma taanaan nin jibbaa; sababni isaas baay’een isaanii
qofa-jiraattotaaf haala jireenya adda addaa fedhu.
E. Namoonni tokko tokko kallattiin mana itti ijaarratan murteessaadha isa
jedhan sana anis irrattan walii gala.

Keeyyata armaan gadiif hima goolabaa ta’uu danda’a himoota itti


aananii dhufan keessaa fili

Geerarsa Oromoo dhaloota irraa dhalootaatti dabarsuuf tattaaffii gochuun


barbaachisaadha. Kunis kan ta’u sababa addaa addaatiif. Tokkoffaa, aadaa fi
eenyummaa saba tokkoo kan calaqqisiisu waan ta’eef. Lammaffaa, muuxannoo
dhaloota irraa dhalootatti dabarsuuf waan tajaajiluuf. Sadaffaa, gammachuu,
gadda, booreefi hojiif kaka’umsa qabaatan ittiin ibsachuufii dubbiifi yaada
sammuutti qindeessuuf nama gargaaruu irra darbee, ogummaa, gootummaa fi
beekumsi hawaasa tokkoo kan ittiin qeeqamu.

a Geerassi gosoota afoolaa amala walaloo qabaatan keessaa isa tokko.


b. Geerarsi inni hiyyoome hiyyummaa isaa inni hawwe hawwii isaa kan ittiin ibsu
dha.

14
c. Kanaafuu, dhaloonni har’aa kun gosa afoolaa kana kunuunsuu dhaan dhaloota
dhufuuf dabarsuutu irraa eegama.

Gosoota Keeyyataa Afran

1.Keeyyata Addeessaa:Gosti keeyyata kanaa kan beekamaa


ta’eefi yeroo baay’ee argaafi dhageettii akkasumas suuraa waan arginee tokko
dubbisaa keenyatti mul’isuuf yaadnee fayyadamnuudha.Gosti kun kan yaada,
ta’iinsa, raawwii, gocha ta’e tokko irra deebi’uun agarsiifnuudha.Dubbisaa
keenyatti waan nuti isaaniif addeessinuun argaayaadaan arguu, fuunfachuu,
miireffachuu, dhandhamuufi ittidhaga’amuu dandeessisuu qabna.

G. Mee maatii ykn naannoo keessan keessaa nama ykn waan


ajaa’ibsiifattan tokko addeessaa.

2. Keeyyata Seenessaa:

Keeyyatni seenessaan seenaa, muuxannoo, muudannoo, ta’iinsa fi kkf namaaf


seenessa. Miiressuurratti waan xiyyeeffatuuf uumamaan keeyyata addeessaa
fakkaata.Kaayyoon bu’uuraa keeyyata seenessaa duraa duuba dhufiinsa ta’iinsotaa
irra deebiin uumuu isaati. Caacculeen bu’uuraa seenessoon ittiin beekamu:
qooddattoota,duraa duuba uumamaa yeroo, jaargocha fi waliin dubbiidha.

2.Keeyyata Ibsaa/saaxilaa:
Keeyyanni ibsaa barreeffama ibsaati. Ibsuun barreffama addeessaafi seenessaaf
akka ka’umsaati. Gosti keeyyata kanaa yaada ijoo barruu sanaa kan adda
baasee ibsuudha; kanas kan godhuuf barbaachisummaafi maaltus dhufuu
danda’a jedhee waan ibsuuf. Gabaabumatti gosti keeyyata kanaa akka
sababeessaatti ilaalama. Kaayyoon keeyyata kanaa: ibsuu, hiikuu, qoqqooduu,
walfakkeessuufi waldorgomsiisuufi kkf. niif oola.

15
4.Keeyyata Amansiisaa:

Yeroo baay’ee barreeffamni Yuunivarsiitii iddoo guguddaa lamatti xiyyeeffata:


Ibsaafi amansiisaadha. Kaayyoon ijoo keeyyata amansiisaa mirkaneessee
amansiisuudha. Keeyyata amansiisaa keessatti waa lama hojjechuutu sirraa
eegama; innis ibsa gahaa kennuufi amansiisuudha. Kanaaf, keeyyanni kun galma
ofiisaa qofa utuu hin taane galma keeyyata ibsaaf illee ni dhama’a.

Malleen Ijaarsa Keeyyataa


1.Fakkeenya(Exemplification)
Mata-duree barbaanne irratti yemmuu yaada keenya ibsannu, yaada sana cimsuu fi
fudhatama argachiisuuf muuxannoo dhuunfaa keenyaa yookaan kan nama biraatti
gargaaramna.Yaadni keenya sun dhugaa ta’uu isaarratti ragaa quubsaa dhiyeessina.
Fakkeenyawwan haqa yookaan dhahata ta’an kan yaada sana ofkeessatti qabatan
dhiyeessina.

2. Wal-fakkaattii(Analogy)
Inni kun isa yemmuu keeyyata saaxilaa tokko barreessinu waa’ee yaada yookaan
meeshaa barreessaa jiruu sana yaada ykn meeshaa biraatiin walfakkeessinu
dha.Yemmuu mala kana fayyadamnu, yaadni ykn meeshaan nuti walfakkeessinu
sun kan karaa hedduun walfakkeenya qaban ta’uu qabu.Fakkeenyaaf mee keeyyata
armaan gadii kana ilaali xiinxali.
 Jireenyi ilma namaa tapha kubbaa miilaa waliin walfakkaata. Lachanuu
keessatti mo’uuns moaatamuunis ni jira. Warri kubbaa taphatan gareen isaanii
akka mo’atu abdatanii dirree kubbaa miilaa yoo seenaniyyuu dhumarratti garuu
gareen tokko mo’atee inni tokkoommoo kan mo’atamu ta’uun isaa ni beekama.
Jireenya keessattis akkasuma tokko yemmu milkaa’ina argatu tokkommoo
addunyaan kun dugda itti garagalshitee osoo hin milkaa’iiniif hafa. kana irraa kan
ka’e lachuu wal- fakkaatu jechuu ni dandeenya.
3. Waldorgomsiisuu fi walfaallessiisuu
Waa’ee ummata lamaa, bakkeewwan lamaa yookaan yaadolee lamaa yeroo
tokkotti mariyachuu walqabata. Fakkeenyaaf, ummata Oromoofi Soomalee
kallattiiwwan isaan guddina Itoophiyaa keessatti qaban keeyyata saaxilaa tokko

16
barreessuu yoo barbaanne mala kanatti fayyadamna. Waldorgomsiisnifi
walfakkeenya ykn tokkummaa waan tokkoo irratti kan xiyyeeffata. Wal-
faallesiisun immoo garaa garummaa waan tokkoo irra’tti xiyyeeffata. Haala waa’ee
barreessaa jirruu sana irratti hundaa’uudhaan guutumaan guutuutti tokkoo isaanii
irratti kan xiyyeeffannu yoo ta’u, yeroo hedduu garuu lamaan saani walfaana itti
fayyadamna.Walfakkaattii fi malli inni sadaffaan kun xiqqoo walfakkeenya yoo
qabaataniyyuu, irra caalaa, garaagarummaa barbaachisaa ta’e ni qabu.Walfakkaatti
keessatti, waantota baay’ee nu biratti beekaman fudhannee, waantota hedduu hin
beekamnee fi wal xaxaa ta’an wajjiin walbira qabuu dhaan barreessina. Isa kana
keessa’tti garuu wantoota waan hundaan kutaa tokko keessa jiranii fi sadarkaa
tokko irra jiran lama wal-bira qabnee barreessina. Adeemsa keeyyata wal-
dorgomsiisaa fi wal-faallessiisaa barreessuuf hordofamuu qabu
1. Wantoota kutaa tokko keessa jiran wal-dorgomsiisna.
2. Tokkummaa yookaan garaa garummaa akka barbaadaa jirru murteessina.
3. Wantootni lachanuu tokkummas garaa garummaas qabu yoo ta’e, warra
wal- fakki gara tokkotti, warra garaagarummaa immoo gara biraatti walitti qabna.
4. Tokkummaa fi garaa garummaa kana madaaluudhaan, isa kam irratti
xiyyeeffachuu akka qabnu murteessina. Murtee inni dhumaa kun gara hima ijoo
filachuu itti nu geessa. Erga hima ijoo filannee booda keyyaticha barreessuu
eegalla.
4. Hiika (Definition)
Hiika jechaas ta’ee yaadaa ijaaruu keessatti tooftaalee yoo takkaa hubatamuu
qaban 1. Bakka bu’aa yookaan kan hiikaan jecha sanatti dhiyaatu kennuu 2. Hojii
jechichaa ibsuu dha. 3. Hiika dhokataa jechichaa yookaan yaada-rimee sanaa
kennuu dha. Kana keessatti, bakka-buusa (Simile) yookaan akkeessaa (Metaphor)
fayyadamuun hedduu nu gargaara.4. Hiika sababa-qabeessa kennuu dha. 5. Hiika
dheeraa yookaan bal’aa isa warra kanaa olii arfan of keessatti qabate barreessuu fi
kan kana fakkaatani dha.
5. Qoqqooduu(Classification)
Hiruu jechuun labbu-qabeeyyii yookaan lubbu-dhabeeyyii kutaa kutaa isaan itti
ramadaman keessatti toora tooraan sirreessanii kaa’uu jechuu dha. Inni kun
mammaaksa oromooo isa ‘meeshaa walfakkaatu walbira fannisu’ jedhu wajjiin
sirriitti wal-simata.Fakkeenyaaf, daldalaan tokko dunkaana saa keessatti

17
meeshaalee akka bifa bifa isaaniitti hiree kaa’a malee akka fedhetti wal-keessa
make hin naqu. Barreessaan tokkos akkasuma waan gosa gosaan hiramuu qaban
hiree kaa’uu qaba.
6. Sababaaf bu’aa (Cause and Effect)
Yeroo hedduu ta’iinsota barbaachisoo ta’aniif sababni isaan raawwatamaniif maal
akka ta’e barbaaduun keenya hin hafu.Barbaachi kun kan eegalu balaa silaa hafuu
danda’uu garuu kan raawwate, yeroo kaan’mmoo sababoota milkaainaa fi
injifannootti nama geessaniis ni soqna ta’a.Bu’aa tokkoof yemmuu sababa
barbaannu, jalqaba warra dhiyoo ta’an irraa ka’uudhaan gara sababoota fagoo
yookaan dhumaatti deemna.
 Fakkeenyaaf, konkolaachisaan tokko poolisa tiraafiikaan yoo qabame sababni
inni dhiyoon seera tiraafiikaa cabsuu isaa ti. Sababni inni dhumaa garuu
kankolaachisichi barumsa konkolaata ofuu tokkoyyuu kan hin fudhannee fi
beekumsa kan hin qabne yoo ta’u, eeyyama konkolaachisuu kan argates akka
tasaa osoo hin qophaa’iin qormaata fudhatee darbuu dhaani dha.
Yookaani’mmoo namichi ofgataa namaa ta’uus ni danda’a. Sababni fagoo
dhuma kan hin qabne ta’uu ni danda’a. Walumaagalatti, sababaafi bu’aan
gaaffii ‘Maaliif’jedhu deebisa.

7. Xiinxala adeemsaa ( process Analysis)


Malleen kanaa olitti ibsine hunda caalaa kan nu fayyaduu fi kan yeroo hunda itti
fayyadamnu mala xiinxala adeemsaa ti.Malli kun bakka deemnuu fi jiraannu
maratti nu biraa hin hafu. Gara feene’tti yoo naannofne iyyuu numa faana
naanna’a. Fakkeenyaaf, qajeelfamoota adeemsa nyaata mi’aawaa ittiin qopheessan
meeshaa gaarii tokko ittiin hojjetan, iyyata hojii ittiin qopheeffatan, gabaasa
ashuura/qaraxa/ galii motummaa giddu-galeessaaf ittiin dhiyeessan yeroo mara kan
nu mudatani dha.Malli xiinxala adeemsaa bakka lamatti hiramee ilaalmuu ni
danda’a. Isaanis:
1. Qajeelffama salphaa kennuu
2. Odeeffannoo akkaataa wanti tokko itti hojjetamu kennuu
Lachan isaanii iyyuu keessatti tarkaanfiiwwan hordofamu qaban tokko iyyuu osoo
keessaa hin hafiin duraa duuba isaanii eeganii dhiyaachuu qabu.
Shaakala
Adeemsa farsoo naquurratti keeyyata saaxilaa tokko barreessi.

18
3. Barruu Barreessuu/Essay Writing
3.1. Barruun Maali?
Barruun qaama barreeffamaa kuufama keeyyataa kan qabu ta’ee akkuma
keeyyataa yaada ijoo tokko irratti kan xiyyeeffatuudha. Mata dureen barruu kan
keeyyataarra walxaxaa waan ta’eef keeyyata tokko keessatti waa’ee isaa haasa’anii
xumuruun rakkisaadha. Kanaaf, yaadota gooroo gooroo ta’an keeyyata-keeyyatatti
qooduun keeyyata seensaafi goolabaa itti godhanii keeyyattoota kanneenis walitti
hidhuun ibsuu ni danda’ama.Barreeffamni barruu dheerina isaa irraa kan hafe
keeyyata barreessuurra hin ulfaatu haalli qindeessuu isaa immoo kan lachuu wal
fakkaata.Kanaaf, namni keeyyata bareedaa barreessuu danda’e barruu gaarii ta’es
barreessuu ni danda’a.
Qaama Barruu
 Barruun Qaama sadii qaba:
1. Seensa (seensaa barruu)
2. Qaama (qaamaa barruu, yoo xiqqaate tokko yeroo baay’ee garuu lamaafi sanaa
ol) fi
3. Goolaba (goolabaa barruu)
Barruu/Essays
1. SEENSA
Yaada waliigalaa/ijoo barruu/(thesis
Keeyyata statement)
Hima Ijoo 2. QAAMA
a. Hima gargaartuu A. Hima ijoo
b. Hima gargaartuu 1. Hima gargaartuu
2. Hima gargaartuu
3. Hima gargaartuu
(hima goolabaa)
ennu.
Hima Goolabaa B. Hima Ijoo
1. Hima gargaartuu
2. Hima gargaartuu
3. Hima gargaartuu
(hima goolabaa)
3. GOOLABA
Yaada cuunfaa waliigala barruu irra
deebiin kan dhiyeessu; yaada

 Hub. Barruu keessatti qaamni Kutaa isa bal’aadha, as keessatti Yaada


waliigalaa utubuuf himoota gargaatuu hamma fedhe fayyadamuu danda’a.
1. Barruu seensaa

19
Keeyyatni seensaa keeyyata jalqaba barruu irratti argamuudha. Keeyyatni kun
waan lama of keessatti hammata:1. Yaada waliigalaa (general statement) mata
duree barruu akka waliigalaatti beeksisuufi fedhii dubbistootaa harkisuudha.
2. Yaada ijoo(thesis statement) barruuf yaada ijoo jechuun akka hima ijoo
keeyyataati Mata duree gooree ta’e ibsa,t arii mata dureelee birkoo mata duree
guddaa tarreessuu danda’a Duraa duuba ijaarsa barruuf kallattii kaa’uu danda’a
Kun yeroo baay’ee keeyyata seensaa keessatti hima isa xumuraati

2. Barruu gargaartuu (qaama)


Barruudhaaf keeyyata qaamaa jechuun akka keeyyataaf hima/himoota gargaartuu
jechuudha.Bakki kun bakka itti mata duree kee mirkaneessituufi ijaartuudha.
Yommuu keeyyata kee ijaartu kallattii ijaarsaa ta’e (duraa duuba, walfakkeessuufi
walmadaalchisuu, fi kkf) fayyadamuu dandeessa. Barruu keessatti ijaarsi
murteessaan bifa sababeessaa/amansiisummaan yaada barruu kee qooduu
danda’uudha. Kunis mata duree-mata dureetti achiis mata duree birkootti, isa kana
immoo keeyyataan qooddee ibsuu danda’uudha.Sababeessaa yaadota barruu
qoodaa ibsuun adeemsa isa filatamaadha. Keessattuu: sababaafi bu’aaf, gosootaaf,
lafaaf, qulqullinaaf, malootaaf, bu’a qabeessummaafi dhabeessummaaf, kkf.
Himni ijoo keeyyata qaamaa keessa jiran hundi yaada ijoo kan utuban ta’uu qabu.
Himoonni ijoo yaada ijoo keessa kan jiran qabxiilee hunda faana kan walii galan
ta’uutu irra jira; kun hin taane taanaan barruu sana keessatti yaada waldhahaatu
uumama.

3. Barruu Goolabaa
Keeyyatni goolabaa barruudhaaf keeyyata isa xumuraati; kutaasadii qaba:
a. xumuramuu barruu sanaa argisiisa; sanas jechoota mul’istuu xumuraa ta’an
fayyadamuun argisiisa.b. qabxiilee ijoo ta’an dubbistoota yaadachiisuu kanas: mata
dureewwan cuunfuun ,yaada ijoo irra deebi’ee jecha biraan kaa’uu c. dubbistoonni
yaada isaanii xumuraa bakka itti kennaniidha; bakki kun bakka ergaa cimaa, bu’a
qabeessa jettee yaaddu dubbistoota keef itti geessuudha.

20
References

Byrne, D. (1988). Teaching Writing Skills.New Edition. Longman: Longman Group UK


Limited.

Glencoe. (1989).Writer’s Choice. Grammar and Composition.Printed in USA.Guth, Hp.


(The Writer’s Agenda.San Jose State University: Words worthPublishing
Company.Califonia. USA.

Langan, J. (2005). College Writing Skills.Sith Edition. McGraw-Hill.New York:


America.

Raimes, A. (1983). Technique in Teaching Writing. Oxford: Oxford University Press.

Ur, P. (1996). A Course in Language Teaching. Cambridge: Cambridge University


Press.

Atkins J, H. B. and Nuru M. (1996).Skills Development Methodology. Part II. Addis


Ababa: Addis Ababa University Printing Press.

21
22

You might also like